LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • es21 ful. 57-67
  • Waxabajjii

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Waxabajjii
  • Kitaaba Qulqulluu Guyyaa Guyyaan Qoruu—2021
  • Mata Dureewwan Xixiqqaa
  • Kibxata, Waxabajjii 1
  • Roobii, Waxabajjii 2
  • Kamisa, Waxabajjii 3
  • Jimaata, Waxabajjii 4
  • Sanbadduraa, Waxabajjii 5
  • Dilbata, Waxabajjii 6
  • Wiixata, Waxabajjii 7
  • Kibxata, Waxabajjii 8
  • Roobii, Waxabajjii 9
  • Kamisa, Waxabajjii 10
  • Jimaata, Waxabajjii 11
  • Sanbadduraa, Waxabajjii 12
  • Dilbata, Waxabajjii 13
  • Wiixata, Waxabajjii 14
  • Kibxata, Waxabajjii 15
  • Roobii, Waxabajjii 16
  • Kamisa, Waxabajjii 17
  • Jimaata, Waxabajjii 18
  • Sanbadduraa, Waxabajjii 19
  • Dilbata, Waxabajjii 20
  • Wiixata, Waxabajjii 21
  • Kibxata, Waxabajjii 22
  • Roobii, Waxabajjii 23
  • Kamisa, Waxabajjii 24
  • Jimaata, Waxabajjii 25
  • Sanbadduraa, Waxabajjii 26
  • Dilbata, Waxabajjii 27
  • Wiixata, Waxabajjii 28
  • Kibxata, Waxabajjii 29
  • Roobii, Waxabajjii 30
Kitaaba Qulqulluu Guyyaa Guyyaan Qoruu—2021
es21 ful. 57-67

Waxabajjii

Kibxata, Waxabajjii 1

Masaanuun ishii ishii aarsuudhaaf yeroo hundumaa ishii tuttuqxi turte.—1 Sam. 1:6.

Haati Saamuʼel raajichaa Haannaan rakkoowwan ulfaataa taʼan tokko tokko dandamachuun ishii barbaachisee ture. Ishiin waggoota hedduudhaaf ijoollee godhachuu hin dandeenye. (1 Sam. 1:2) Akka aadaa Israaʼelootaatti dubartii dhabduun akka abaaramtetti ilaalamti turte. Kun immoo Haannaa baayʼee qaanessee ture. (Uma. 30:1, 2) Wanti Haannaatti jireenyi akka ulfaatu godhe inni kan biraan immoo abbaan manaa ishii haadha manaa kan biraa Phiniinaa jedhamtuu fi ijoollee isaaf deesse qabaachuu isaa ti; ishiinis Haannaa aarsuuf ishii tuttuqxi turte. Haannaan haala ulfaataa kana dandamachuu hin dandeenye. ‘Hamma boossee midhaan lagattutti’ baayʼee aartee turte. Akkasumas garaa ishiitti “guddaa gadditee” turte. (1 Sam. 1:7, 10) Maarree Haannaan jajjabina kan argatte akkamitti? Haannaan kadhannaadhaan miira ishii Yihowaadhaaf ibsiteetti. Kadhannaa erga dhiheessitee booda immoo haala keessa jirtu Elii isa Luba Ol Aanaa turetti himteetti. Innis, “Nagaadhaan dhaqi! Waaqayyo inni kan Israaʼel waan ati isa kadhatte siif haa kennu” ishiidhaan jedhe. Buʼaan isaa hoo maal ture? Haannaan, “karaa ishee irra in buute; nyaatas in nyaattee, deebitees nyaara hin guurre.” (1 Sam. 1:17, 18) Kadhannaan nagaa ishii deebistee akka argattu ishii gargaareera. w20.02 21 key. 4-5

Roobii, Waxabajjii 2

Nama hundumaatiif akkamitti deebii kennuu akka qabdan akka beektaniif, dubbiin keessan yeroo hunda gurratti kan toluu fi soogiddaan kan miʼeeffame haa taʼu.—Qol. 4:6.

Yihowaan dhiheenyatti sirna kana ni balleessa. Haa taʼu malee namoota “jireenya bara baraa argachuuf kakaʼumsa sirrii qaban” qofatu badiisa kana irraa oola. (HoE. 13:48) Kanaaf firoonni keenyas nuu wajjin Yihowaa akka tajaajilan barbaaduun keenya waanuma jiru dha. Yihowaan inni Abbaa keenya jaalala qabeessa taʼe, ‘hundumtuu yaada akka geddaratan malee, namni tokko illee akka badu hin barbaadu.’ (2 Phe. 3:9) Ergaa fayyinaa kana namootatti himuuf karaan sirrii taʼee fi karaan dogoggora taʼe akka jiru yaadachuu qabna. Namoota hin beekneef yommuu lallabnu mala qabeeyyii kan taanu taʼus, firoota keenyaaf yeroo lallabnu garuu of eeggannoo akkasii hin goonu taʼa. Hedduun keenya yommuu yeroo jalqabaatiif firoota keenyaaf dhugaa baʼuuf yaalii itti goone yommuu yaadannu ni gaabbina taʼa; karaa biraatiin utuu dhugaa isaaniif lallabneerra taʼee jennee hawwina taʼa. Firoottan keenya yommuu haasofsiisnu gorsa Phaawulos ergamaa caqasa guyyaa harʼaa irra jiru yaadachuun keenya gaarii dha. Taʼuu baannaan garuu, firoonni keenya akka nu dhaggeeffatan gargaaruu mannaa isaan mufachiisuu dandeenya. w19.08 14-15 key. 3-5

Kamisa, Waxabajjii 3

Kiristoos faana isaa dhiheenyatti akka hordoftan fakkeenya isiniif [taʼeera].—1 Phe. 2:21.

Ilma ilaalchisee dhugaawwan armaan gadii yommuu baratte maaltu sitti dhagaʼame? Yesuus uumama cufa keessatti qaama sadarkaa lammaffaa qabu dha. Inni Furii keenya dha. Fedhii isaatiin lubbuu isaa nuuf kenneera. Furicha irratti amantii akka qabnu gocha keenyaan yommuu argisiisnu, cubbuun keenya nuuf dhiifama, Waaqayyoo wajjin walitti dhufeenya gaarii qabaanna, akkasumas jireenya bara baraa ni arganna. (Yoh. 3:16) Yesuus Luba Ol Aanaa keenya dha. Inni furicha irraa akka fayyadamnuu fi Waaqayyoo wajjin walitti dhufeenya gaarii akka qabaannu nu gargaaruu barbaada. (Ibr. 4:15; 7:24, 25) Mootii Mootummaa Waaqayyoo waan taʼeef, Yihowaan karaa isaa maqaa isaa ni qulqulleessa, hammina ni balleessa, akkasumas Jannata dhufu keessatti eebbawwan bara baraa ni fida. (Mat. 6:9, 10; Mul. 11:15) Yesuus fakkeenya keenya dha. Fedhii Waaqayyoo raawwachuuf guutummaatti of kennuudhaan fakkeenya nuuf taʼeera. (Yoh. 4:34) Yesuusiin ilaalchisee wanta Kitaabni Qulqulluun barsiisu yommuu fudhattu, Ilma Waaqayyoo isa jaallatamaa jaallachuu jalqabda. Jaalalli kun immoo akkuma Yesuus jireenya kee fedhii Waaqayyoo raawwachuuf akka itti fayyadamtu si kakaasa. w20.03 10 key. 12-13

Jimaata, Waxabajjii 4

Yeroo hundumaa kadhadhaa.—1 Tas. 5:17.

Yesuus jireenya lafa irratti dabarse keessaa guyyaa isa dhumaatti irra deddeebiʼee kadhateera. Yaadannoo duʼa isaa yommuu hundeessetti maxinoodhaaf kadhateera, wayiniidhaafis kadhateera. (1 Qor. 11:23-25) Bakka Ayyaana Yaadannoo itti kabajanii adeemuu isaanii dura barattoota isaa wajjin kadhateera. (Yoh. 17:1-26) Galgala sana innii fi barattoonni isaa Gaara Ejersaa irra yommuu gaʼan irra deddeebiʼee kadhateera. (Mat. 26:36-39, 42, 44) Jechoonni Yesuus duʼuu isaa yeroo muraasa dura dubbates kadhannaa turan. (Luq. 23:46) Yesuus wantoota gurguddaa guyyaa sanatti isa mudatan hundumaa ilaalchisee Yihowaatti kadhannaa dhiheesseera. Sababiin Yesuus qorumsa dandamachuu itti dandaʼe tokko kadhannaadhaan Abbaa isaatti dhihaachuu isaa ture. Faallaa kanaatiin immoo, ergamoonni halkan sana kadhachuu isaanii utuu itti hin fufin hafaniiru. Kanaan kan kaʼes, yeroo qorumsi isaan irra gaʼutti ija jabina dhabaniiru. (Mat. 26:40, 41, 43, 45, 56) Yommuu qorumsi nu irra gaʼu amanamoo taanee itti fufuu kan dandeenyu, fakkeenya Yesuus hordofuudhaan, ‘yeroo hunda yoo kadhanne’ qofa dha. w19.04 9 key. 4-5

Sanbadduraa, Waxabajjii 5

Ani Yihowaa dha; ani hin jijjiiramu.—Mil. 3:6.

Yihowaan gocha hafuurota hamoo ni jibba! Yihowaan Israaʼelootaan akkas jedheera: “Namni ilma isaa yookiis intala isaa aarsaa gubamuuf dhiʼeessu, namni hooda dubbatu, namni duumessa ilaalee ayyaana hedu, beekaan, namni qoricha namatti godhus tokko illee si keessatti hin argamin! Namni nama dawweessu, namni ekeraa dubbisu, qaalluun yookiis namni warra duʼan waamu si keessatti hin argamin! Eenyu illee kana yoo godhe Waaqayyo duratti ciiggaʼamaa in taʼa.” (Kes. 18:10-12) Kiristiyaanonni kan jiran Seera Yihowaan Israaʼelootaaf kenne jala miti. Haa taʼu malee, miirri inni gocha hafuurota hamootiif qabu akka hin jijjiiramne ni beekna. Yihowaan, Seexanni namoota miidhuuf gocha kanatti akka fayyadamu waan beekuuf, gocha hafuurota hamoo ilaalchisee akeekkachiisa kenneera. Seexanni, soba warri duʼan bakka kan biraa jiraachaa jiru jedhu dabalatee, gocha hafuurota hamoo, soba babalʼisuuf itti fayyadama. (Lal. 9:5) Kana malees Seexanni, gocha hafuurota hamoo, namoota sodaachisuu fi Yihowaa irraa garagalchuuf itti fayyadama. Kaayyoon isaa namoonni gocha hafuurota hamoo raawwatan, Yihowaa mannaa, hafuurota hamoo akka amanatan gochuu dha. w19.04 21 key. 5-6

Dilbata, Waxabajjii 6

Wanta gadhee yoo hojjette sodaadhu.—Rom. 13:4.

Ijoollee gudeeduun cubbuu cimaa dha. Namni ijoollee gudeedu tokko karaawwan hedduudhaan daaʼima sana irraan miidhaa guddaa geessisa. Isatti ykn ishiitti nageenyi akka hin dhagaʼamne gochuudhaan, amanannaa isaan warra kaan irratti qaban jalaa balleessa. Ijoolleen gocha hamminaa akkasii irraa eegumsa argachuu kan qaban siʼa taʼu, ijoolleen gochi akkasii isaan irratti raawwatame immoo jajjabinaa fi gargaarsa argachuu qabu. (1 Tas. 5:14) Namni gumii keessa jiruu fi yakka saalqunnamtii ijoollee irratti raawwate tokko, gumii irratti arrabsoo fida. (Mat. 5:16; 1 Phe. 2:12) Namoonni yaada geddarachuu diduudhaan cubbuu raawwachuu isaanii itti fufanii fi maqaa gaarii gumichi qabu irratti arrabsoo fidan gidduu keenya akka jiraatan callisnee hin ilaallu. Namni gumii keessa jiru tokko seera yakkaa kan akka ijoollee gudeeduu cabsuudhaan yoo yakka raawwate, abbootii taayitaa irratti cubbuu raawwachaa jira jechuu dha. (Hojii Ergamootaa 25:8 wajjin wal bira qabii ilaali.) Jaarsoliin seera biyyichaa raawwachiisuuf aangoo kan hin qabne taʼanis, namni ijoollee gudeeduudhaan yakka raawwate tokko adaba isaaf malu akka hin arganne hin dhoksan. w19.05 9 key. 4-7

Wiixata, Waxabajjii 7

Ogummaan addunyaa kanaa Waaqayyo biratti gowwummaa dha.—1 Qor. 3:19.

Yihowaan Barsiisaa keenya Guddicha waan taʼeef, rakkina nu mudatu kam iyyuu dandamachuu ni dandeenya. (Isa. 30:20, 21) Dubbiin Isaa, ‘hojii gaarii hundumaaf akka gaariitti hidhachuudhaan guutummaatti qophaaʼuuf’ wanta nu barbaachisu hundumaa nuuf kenna. (2 Xim. 3:17) Barumsa Kitaaba Qulqulluutiin yommuu jiraannutti, namoota ‘ogummaa addunyaa kanaa’ babalʼisan caalaa ogeeyyii taana. (Far. 119:97-100) Kan nama gaddisiisu garuu, ogummaan addunyaa yeroo baayʼee fedhii foonii keenya hawwata. Kanaafuu, akka namoota kutaa addunyaa taʼanitti akka yaadnuu fi hojjennu dhiibbaa nu irra gaʼu dandamachuun ulfaataa nutti taʼuu dandaʼa. Kitaabni Qulqulluu, ‘Namni kam iyyuu, akka aadaa namootaatti, falaasamaa fi gowwoomsaa homaa of keessaa hin qabneen boojiʼee akka isin hin fudhanne of eeggadhaa’ jechuun isaa sirrii dha. (Qol. 2:8) Akkuma Kitaabni Qulqulluun guyyoota dhumaa ilaalchisee dubbate namoonni akka malee, “wanta isaan gammachiisu kan jaallatan” taʼaniiru. (2 Xim. 3:4) Dhukkuboonni wal qunnamtii saalaatiin daddarban kan akka EEDSII babalʼachuun isaanii, wantoota ogummaan addunyaa gowwummaa akka taʼan argisiisan keessaa tokko qofa dha.—2 Phe. 2:19. w19.05 21 key. 1-2; 22 key. 4-5

Kibxata, Waxabajjii 8

Malawwan haxxummaa Diyaabilos [mormuudhaan dhaabbadhaa].—Efe. 6:11.

Seexanni, Israaʼeloonni sooromuu yoo barbaadan aadaa ollaawwan isaanii warra Yihowaa hin waaqeffannee raawwachuu akka qaban isaan amansiisuudhaan isaan gowwoomse. Ollaawwan isaanii kun, waaqoliin isaanii tarkaanfii akka fudhatanii fi bokkaa akka roobsaniif sirna amantii tokko tokko raawwachuun akka barbaachisu amanu turan. Namoonni Yihowaa irratti amantii hin qabne hongee yeroo dheeraaf turu hambisuun kan dandaʼamu karaa kana qofa akka taʼe waan amananiif, waaqa sobaa Baʼaal kabajuuf sirna amantii kana raawwatan. Seexanni gocha naamusaan ala taʼe akka raawwatanis hawwii isaanii kakaase. Saboonni Yihowaa hin waaqeffanne, waaqolii isaanii kan waaqeffatan gocha naamusaan ala taʼe irratti hirmaachuudhaan ture. Waaqeffannaan naamusaan ala taʼe kun, ejja dubartoonnii fi dhiironni mana qulqullummaatti raawwatan dabalata. Saalqunnamtiin saala wal fakkaatu gidduutti raawwatamuu fi saalqunnamtiin naamusaan ala taʼe kan biraan callisamee ilaalamuu malees fudhatama kan qabu taʼee ture. (Kes. 23:17, 18; 1 Mot. 14:24) Namoonni waaqolii sobaa waaqeffatan kun, sirni amantii isaanii waaqoliin lafichi oomisha hedduu akka kennu akka godhan isaan kakaasa jedhanii amanu. Israaʼeloonni hedduun saalqunnamtii sirna waaqeffannaa irratti raawwatamu kanaan harkifamuudhaan waaqolii sobaa tajaajiluu filataniiru. w19.06 2 key. 3; 4 key. 7-8

Roobii, Waxabajjii 9

Waaqayyo jalʼaa miti; inni hojii keessan, akkasumas . . . jaalala maqaa isaatiif argisiistan hin irraanfatu.—Ibr. 6:10.

Obboloota Betʼelitti tajaajilan dabalatee tajaajiltoota yeroo guutuu hedduudhaaf ramaddii haaraan kennameera. Obboloonnii fi obboleettonni amanamoon kun hojii baayʼee jaallatan kana dhiisuun isaanitti ulfaachuu dandaʼa. Isaan keessaa tokko yoo taatan, jijjiirama kana dandamachuuf maaltu isin gargaaruu dandaʼa? Guyyaa guyyaadhaan Kitaaba Qulqulluu dubbisuu fi irratti xiinxaluudhaan Yihowaatti maxxanaa jiraadhaa. Akkasumas gumii keessan isa haaraa keessatti misiraachicha lallabuu irratti hirmaachuuf wanta dandeessan hunda gochuu keessan itti fufaa. Yihowaan, namoota hamma kanaan duraa taʼuu baatus amanamummaadhaan isa tajaajiluu isaanii itti fufan hin irraanfatu. Jireenya keessan salphaa godhaa. Yaaddoon addunyaa Seexanaa sochii hafuuraa keessan akka ‘hudhu’ hin heyyaminaa. (Mat. 13:22) Dhiibbaa sirna Seexanaa keessatti qabeenya akka kuufattaniif addunyaa kana irraa, michoota keessan irraa ykn firoota keessan irraa isin irra gaʼuuf hin moʼaminaa. (1 Yoh. 2:15-17) Yihowaa isa “yeroo gargaarsi nu barbaachisutti” karaa hafuuraa fi karaa miiraa dabalatee wanta jireenyaaf nu barbaachisu nuu kennuuf waadaa galetti amanamaa.—Ibr. 4:16; 13:5, 6. w19.08 20 key. 4; 21-22 key. 7-8

Kamisa, Waxabajjii 10

Baʼaa kee Yihowaa irratti gati, innis si deggera.—Far. 55:22.

Haala nama dhiphisu keessa jirtaa? Yihowaan gama miiraatiin qabsoo nuti keessa jirru akka hubatu beekuun baayʼee nama jajjabeessa. Inni humni keenya daangaa akka qabu, darbees wanta nuti yaadnuu fi miira keenya beeka. (Far. 103:14; 139:3, 4) Yihowaatti yoo amananne, rakkoowwan akka dhiphannu nu taasisan dandamachuuf nu gargaara. Dhiphinni yaada dogoggoraa akka qabaannu gochuudhaan abdii nu kutachiisuu dandaʼa. Haalli akkasii yoo isin mudate, Yihowaan dhiphina keessan dandamachuuf akka isin gargaaru yaadadhaa. Kan isin gargaaru akkamitti? Wanta isin yaaddessu akka isatti himattan isin afeera. Inni wawwaannaa isin gargaarsa argachuuf dhiheessitaniif deebii ni kenna. (Far. 5:3; 1 Phe. 5:7) Kanaafuu, rakkoowwan isin mudatan ilaalchisee irra deddeebiʼaa Yihowaa kadhadhaa. Inni kallattiidhaan isinitti hin dubbatu; kanaa mannaa, karaa Dubbii isaa Kitaaba Qulqulluu fi karaa jaarmiyaa isaa isinitti dubbata. Seenaan Kitaaba Qulqulluu dubbistan isin jajjabeessuu fi abdii isiniif kennuu ni dandaʼa. Kana malees, obboloonnii fi obboleettonni keessan isin jajjabeessuu dandaʼu.—Rom. 15:4; Ibr. 10:24, 25. w19.06 16 key. 7-8

Jimaata, Waxabajjii 11

Maqaa kootiin kan kaʼe saboota hundumaa biratti ni jibbamtu.—Mat. 24:9.

Yeroo ariʼatamni isin irra gaʼu, gara Yihowaatti kadhannaa dhiheessaa; wanta ‘garaa keessanii Waaqayyo duratti gad jijjigsuudhaan’ sodaa fi yaaddoo keessan Abbaa keessan isa jaalala qabeessa taʼetti himadhaa. (Faru. 2:19) Haala kanaan cimsitanii yoo kadhattan, caalaatti Yihowaatti akka dhihaattan isinitti dhagaʼama. (Rom. 8:38, 39) Eebbawwan Mootummaan Waaqayyoo akka fidu abdachiifaman akka raawwataman mirkanaaʼoo taʼaa. (Lak. 23:19) Amantiin abdiiwwan kana irratti qabdan laafaa yoo taʼe, Seexannii fi bakka buutonni isaa isin sodaachisuun salphaa isaaniif taʼa. (Fak. 24:10; Ibr. 2:15) Abdiiwwan Mootummaa Waaqayyoo ilaalchisee kennamanii fi sababiiwwan abdiiwwan kun akka raawwataman mirkanaaʼoo taʼuuf isin dandeessisan qorachuuf galma baafadhaa. Kana gochuun kan isin gargaaru akkamitti? Mee fakkeenya Istaanlii Joonsi isa sababii amantii isaatiif waggaa torbaaf hidhamee ture ilaalaa. Amanamummaadhaan jabaatee akka dhaabatu kan isa gargaare maal ture? Akkas jedheera: “Beekumsa waaʼee Mootummaa Waaqayyootiin waanan cimeef, waaʼee isaas mirkanaaʼaa waanan taʼeef, yeroo muraasaaf illee shakkee hin beeku, ejjennoo koo hin laaffisne.” Isinis abdiiwwan Waaqayyoo irratti amantii cimaa yoo qabaattan, caalaatti Yihowaatti dhihaattu, akkasumas sodaadhaan hin moʼamtan.—Fak. 3:25, 26. w19.07 2 key. 1; 3 key. 6-7

Sanbadduraa, Waxabajjii 12

Magaalaa yookiin ganda kamitti iyyuu yommuu seentan, nama isaaf malu barbaadaa; hamma bakka sanaa deemtanittis achuma turaa.—Mat. 10:11.

Hojiin barattoota gochuu baayʼee barbaachisaa kan taʼe maaliifi? Sababiin isaas michuu Waaqayyoo taʼuu kan dandaʼan barattoota Kiristoos qofa waan taʼaniifi dha. Dabalataanis, namoonni fakkeenya Kiristoos hordofan, yeroo ammaatti jireenya fooyyaʼaa kan jiraatan siʼa taʼu, gara fuulduraatti immoo jireenya dhuma hin qabne argachuuf abdii qabaatu. (Yoh. 14:6; 17:3) Ifatti hubachuun akka dandaʼamutti, Yesuus itti gaafatamummaa barbaachisaa taʼe kana nuuf kenneera; haa taʼu malee, hojii kana kan hojjennu kophaa keenya miti. Phaawulos ergamaan ofii isaa fi namoota isaa wajjin hojjetan tokko tokko ilaalchisee, “Nuti warra Waaqayyoo wajjin hojjennu dha” jechuudhaan barreesseera. (1 Qor. 3:9) Yihowaa fi Kiristoos ilmaan namootaa mudaa qabaniif mirga guddaa kennaniiru! Kana malees, hojiin barattoota gochuu gammachuu guddaa nuuf argamsiisa. Namoota garaa qajeelaa qaban argachuuf yommuu ‘barbaadnu’ barattoota gochuu irratti tarkaanfii isa jalqabaa fudhanna. Namoota argannu hundumaaf dhugaa baʼuudhaan Dhugaa Baatota Yihowaa taʼuu keenya mirkaneessina. Ajaja Yesuus akka lallabnu nuuf kenne hordofuudhaan Kiristiyaanota dhugaa taʼuu keenya beeksisna. w19.07 15 key. 3-5

Dilbata, Waxabajjii 13

Akkuma maallaqni eegumsa argamsiisu, ogummaanis eegumsa argamsiisa; caalmaan beekumsaa fi ogummaa garuu nama isaan argate lubbuudhaan jiraachisuu isaanii ti.—Lal. 7:12.

Namoonni hedduun jalqaba irratti ogummaa gaariin Kitaaba Qulqulluu keessa jiru xiyyeeffannaa isaanii harkiseera. Niwuu Yoorki keessatti obboleettiin namoota Afaan Chaayinaa Mandaariin jedhamu dubbatan haasofsiiste tokko akkas jetteetti: “Namootaaf xiyyeeffannaa kennuu fi isaan dhaggeeffachuuf yaaliin godha. Biyya alaatii kan dhufan dhiheenya akka taʼe yoon hubadhe akkas jedheen gaafadha: ‘Akkam itti baraa jirtaa? Hojii argatteettaa? Namoonni akka gaariitti isin simachaa jiruu?’” Kun yeroo tokko tokko barumsa Kitaaba Qulqulluu beeksisuuf karaa bana. Obboleettiin kun yeroo sirrii taʼutti akkana jetti: “Namootaa wajjin hariiroo gaarii uumuuf wanti baayʼee barbaachisaa taʼe maal sitti fakkaata? Kitaaba Qulqulluu keessaa fakkeenya tokko sitti argisiisuu nan dandaʼaa? Akkas jedha: ‘Lola kaasuun akkuma hidha bishaanii cabsuu ti; lolli kaʼuu isaa dura bakka sanaa deemi!’ Gorsi kun warra kaanii wajjin nagaadhaan jiraachuuf kan nu gargaaru sitti fakkaataa?” (Fak. 17:14, NW) Mareen akkasii namoota deddeebiin gaaffii akka isaaniif godhamu barbaadan adda baasnee beekuuf nu gargaaruu dandaʼa. w19.07 23 key. 13

Wiixata, Waxabajjii 14

Namni yeroo kufutti nama gargaaree ol isa kaasu hin qabne akkam taʼa?—Lal. 4:10.

Namoonni ramaddii haaraan isaaniif kenname caalaatti haala isaanii hubachuuf akka yaaltan barbaadu. Tarii rakkina fayyaa ofii isaanii ykn firoota isaanii wajjin walʼaansoo gochaa jiru taʼa. Yookiin immoo nama jaallatan duʼaan dhabuu isaaniitiin kan kaʼe gaddi isaanitti dhagaʼamee taʼuu dandaʼa. Waaʼee kanaa dubbachuu baatanis, michoota ramaddii isaanii isa duraanii irratti horatan yaaduu isaaniitiin kan kaʼe gaddi isaanitti dhagaʼamuu dandaʼa. Miira cimaa fi nama burjaajessu akkasii dandamachuuf yeroon isaan barbaachisa. Deeggarsii fi fakkeenyi keessan haala haaraatti akka baran isaan gargaaruu dandaʼa. Obboleettiin waggoota hedduudhaaf biyya alaatti tajaajilaa turte akkana jetteetti: “Ramaddii koo isa kanaan duraa irratti guyyaa guyyaadhaan qoʼannaa Kitaaba Qulqulluu nan geggeessan ture. Amma garuu tajaajila irratti carraa Kitaaba Qulqulluu baasanii dubbisuu fi viidiyoo argisiisuu argachuun illee ulfaataa dha. Obboloonnii fi obboleettonni gumii koo isa haaraa keessa jiran garuu deddeebii gaaffii fi qoʼannaa isaanii irratti akkan argamu na affeeran. Kun caalaatti ilaalcha sirrii akkan qabaadhu na gargaareera. Naannoo haaraa kanatti marii jalqabsiisuun akkamitti akka dandaʼamu baradheera. Wantoonni kun hundi gammachuu koo deebisee akkan argadhu na gargaaraniiru.” w19.08 22 key. 10; 24 key. 13-14

Kibxata, Waxabajjii 15

Gooftaadhaan yaada tokko akka qabaatan Ewodiyaa fi Sinxiikee nan gorsa.—Filp. 4:2.

Akkuma Ewodiyaa fi Sinxiikee, nutis hirʼina warra kaanii irratti xiyyeeffachuun jaalala waliif qabnu akka hin guddifanne gufuu nutti taʼuu dandaʼa. Hundi keenya iyyuu guyyaa guyyaadhaan dogoggora ni raawwanna. Hirʼina warra kaanii irratti xiyyeeffachuu keenya yoo itti fufne, jaalalli isaaniif qabnu ni qabbanaaʼa. Fakkeenyaaf, obboleessi tokko Galma Walgaʼii qulqulleessuu irratti nu gargaaruu yoo irraanfate aaruu dandeenya. Waaʼee dogoggora obboleessi keenya hojjetee hunda yaaduu yoo jalqabne immoo aariin keenya dabaluu fi jaalalli isaaf qabnu hirʼachuu dandaʼa. Haalli akkanaa isin mudateera yoo taʼe dhugaa kanatti aanee jiru irratti xiinxaluun keessan gaarii dha: Yihowaan hirʼina keenyas taʼe kan obboleessa keenyaa ni arga. Haa taʼu malee, hirʼina kan qabnu taanus Yihowaan nus taʼe obboleessa keenya ni jaallata. Kanaaf, fakkeenya jaalala Yihowaa hordofuu fi amaloota gaarii obboloonni keenya qaban irratti xiyyeeffachuu keenya itti fufuu qabna. Obboloota keenya jaallachuuf cimnee yommuu hojjennu caalaatti tokkummaa qabaanna.—Filp. 2:1, 2. w19.08 9-10 key. 7-8

Roobii, Waxabajjii 16

Yihowaan . . . isa gad of qabu ni arga.—Far. 138:6.

Yihowaan namoota gad of qaban ni jaallata. Isa wajjin hariiroo gaarii fi cimaa qabaachuu kan dandaʼan namoota dhugumaan gad of qaban qofa dha. Gama biraatiin immoo, “warra of gurguddisan . . . inni fagootti in beeka.” Hundi keenya iyyuu Yihowaa gammachiisuu fi akka inni nutti dhihaatu barbaanna. Kanaaf, amala gad of qabuu akkamitti horachuu akka dandeenyu barachuuf sababii gaarii qabna. Namni gad of qabu tokko warra kaan irra akka caalu itti hin dhagaʼamu, akkasumas hin kooru. Kitaabni Qulqulluun akka argisiisutti namni gad of qabu hariiroo Yihowaa fi namoota kaan wajjin qabuuf ilaalcha sirrii qabaata. Kana malees, namni kam iyyuu karaa taʼe tokkoon isa irra akka caalu amanee fudhata. (Filp. 2:3, 4) Namoonni tokko tokko kan gad of qaban fakkaatu. Tarii, uumama isaaniitiin ija laafeyyii taʼuu dandaʼu. Yookiin immoo, aadaa fi akkaataa guddinaa isaaniitiin kan kaʼe warra kaan ni kabaju, akkasumas amala gaarii qabu taʼa. Haa taʼu malee, baayʼee kan of tuulan taʼuu dandaʼu. Oolee bulee garuu, eenyummaan isaanii inni dhugaan mulʼachuun isaa hin oolu.—Luq. 6:45. w19.09 2 key. 1, 3-4

Kamisa, Waxabajjii 17

Warra . . . misiraachoo waaʼee Gooftaa keenya Yesuus ibsuuf hin ajajamne irratti haaloo ni baʼa.—2 Tas. 1:8.

‘Misiraachoon waaʼee Gooftaa keenya Yesuus ibsu’ dhugaawwan Yesuus barsiise hunda dabalata. Misiraachicha jireenya keenya keessatti hojii irra oolchuudhaan akka isaaf ajajamnu argisiisuu dandeenya. Kunis Mootummichaaf dursa kennuu, ulaagaawwan qajeelinaa Waaqayyootiin jiraachuu fi waaʼee Mootummaa Waaqayyoo labsuu dabalata. (Mat. 6:33; 24:14) Kana malees, obboloonni Kiristoos warri dibamoon itti gaafatamummaa guddaa isaan qaban yommuu baʼanitti isaan deeggaruus ni dabalata. (Mat. 25:31-40) Yeroo dhihootti gaarummaa warri “hoolota kan biraa” taʼan isaanitti argisiisaniif gatii isaanii isaaniif ni deebisu. (Yoh. 10:16) Akkamitti? Waraanni Armaagedoon jalqabuu isaa dura warri miseensa 144,000 taʼan hundi qaama hafuuraa hin duune qabaatanii duʼaa kaʼuudhaan gara samii deemu. Achiis kutaa raayyaa samii taʼuudhaan Goog ni balleessu, akkasumas saba Yihowaa “tuuta uummataa guddaa” taʼaniif eegumsa godhu. (Mul. 2:26, 27; 7:9, 10) Eeyyee, tuutni uummataa guddaan, tajaajiltoonni Yihowaa warri dibamoon lafa irra utuu jiranii isaan deeggaruu dandaʼuun isaanii baayʼee isaan gammachiisa! w19.09 12-13 key. 16-18

Jimaata, Waxabajjii 18

Boqonnaa ni argattu.—Mat. 11:29.

Hojiin Yesuus nuuf kenne boqonnaa nuuf argamsiisa kan jennu maaliifi? Ilaaltota ol aanaa gaarii waan qabnuufi dha. Ilaaltuu Ol Aanaa keenya isa hunda caalu kan taʼe Yihowaan, gooftaa gara jabeessa tajaajiltoota isaa hin galateeffanne miti. Inni hojii nuti hojjennu ni dinqisiifata. (Ibr. 6:10) Akkasumas humna itti gaafatamummaa keenya baʼuuf nu barbaachisu nuuf kenna. (2 Qor. 4:7; Gal. 6:5, milj.) Yesuus inni Mootii keenya taʼe warra kaan akkamitti qabuu akka qabnu ilaalchisee fakkeenya gaarii nuuf taʼeera. (Yoh. 13:15) Jaarsoliin nu tiksanis fakkeenya Yesuus isa “tiksee hoolotaa isa guddaa” taʼee hordofuuf yaalii godhu. (Ibr. 13:20; 1 Phe. 5:2) Yommuu nu barsiisanii fi eegumsa nuuf godhan, gaarummaa argisiisuuf, nu jajjabeessuu fi ija jabeeyyii taʼuuf carraaqu. Kana malees, michoota gaarii qabna. Namoonni akka keenyaa michoota jaalala qabeeyyii taʼanii fi hojii gaarii qaban hin jiran. Mee yaadaa: Namoota naamusa gaarii kan qaban taʼanis warra kaan irra akka caalan isaanitti hin dhagaʼamne wajjin hojjechuuf mirga arganneerra. Isaan warri kaan isaan irra akka caalan yaadu. Warra isaan wajjin hojjennu akka taanetti qofa utuu hin taʼin, akka michoota isaaniitti nu ilaalu. Kana malees, jaalalli isaan nuuf qaban cimaa waan taʼeef, lubbuu isaanii illee dabarsanii nuu kennuuf fedhii qabu. w19.09 20 key. 1; 23 key. 12-14

Sanbadduraa, Waxabajjii 19

Isin . . . dukkana keessa waan hin jirreef, guyyaan sun akka hattuu itti bariʼeetti tasa isin irra hin gaʼu.—1 Tas. 5:4.

Phaawulos gorsa kenne irratti waaʼee ‘guyyaa Yihowaa’ dubbateera. (1 Tas. 5:1-6) Caqasa kana irratti guyyaan Yihowaa yeroo badiisa “Baabilon Guddittii” ishii amantii sobaa addunyaa irra jiran hunda argisiistu irra gaʼuu kaasee hanga Armaagedoonitti jiru argisiisa. (Mul. 16:14, 16; 17:5) Gorsi Phaawulos kenne ‘guyyaa Yihowaatiif’ qophaaʼuuf maal gochuu akka qabnu nutti hima. “Akka warri kaan godhan rafuu” hin qabnu. Kanaa mannaa ‘dammaqinaan jiraachuu’ qabna. Fakkeenyaaf, dhimmoota siyaasaa addunyaa keessa matumaa akka hin galle of eeggannoo gochuu qabna. Dhimmoota akkasii keessa kan seennu yoo taʼe “kutaa addunyaa” taʼuu dandeenya. (Yoh. 15:19) Nageenya addunyaatiif abdiin jiru Mootummaa Waaqayyoo qofa akka taʼe beekna. Ofii keenyaa dammaqinaan jiraachuu malees warri kaan waaʼee wantoota addunyaa irratti raawwatamanii fi Kitaabni Qulqulluun raajiidhaan dubbatuu akka baratan gargaaruu barbaanna. Rakkinni guddaan erga jalqabee booda namoonni gara Yihowaatti deebiʼuuf yeroo akka hin qabaanne haa yaadannu. Hojiin lallabaa keenyas baayʼee ariifachiisaa kan taʼe kanaafi! w19.10 8 key. 3; 9 key. 5-6

Dilbata, Waxabajjii 20

Maraa kitaabaa tokko fudhadhuutii dubbii ani . . . Israaʼel, [akkasumas] Yihudaa . . . irratti dubbadhe hundumaa achi irratti barreessi.—Er. 36:2.

Maraa kitaabaa sana barreessanii erga xumuranii booda, Ermiyaas michuun isaa Baaruk waaʼee ergaa sanaa namootatti akka himu isa amanuu qaba ture. (Er. 36:5, 6) Baaruk hojii balaa guddaa geessisuu dandaʼu kana ija jabinaan raawwateera. Baaruk gara mooraa mana qulqullummaa deemee wanta akka hojjetu ajajamee ture yommuu raawwatu Ermiyaas hammam isatti gammadee akka ture tilmaamuu dandeessuu? (Er. 36:8-10) Bulchitoonni Yihudaa wanta Baaruk godhe yommuu dhagaʼan, sagalee isaa ol kaasee maraa kitaabaa sana irraa akka isaaniif dubbisu isa ajajan. (Er. 36:14, 15) Achiis wanta Ermiyaas dubbate Yehoyaaqiim Mootichatti himuuf murteessan. Yehoyaaqiim Mootichi wanta Ermiyaas barreesse yommuu dhagaʼu ni aare, achiis maraa kitaabaa sana ni gube, akkasumas Ermiyaasii fi Baaruk akka hidhaman ajaje. Haa taʼu malee, Ermiyaas maraa kitaabaa kan biraa fudhatee Baarukiif kennuudhaan ergaa Yihowaa kan isatti hime siʼa taʼu, Baarukis akkuma ‘macaafa maramu isa Yehoyaaqiim mootiin Yihudaa gube sana’ irra turetti ni barreesse.—Er. 36:26-28, 32. w19.11 3-4 key. 4-6

Wiixata, Waxabajjii 21

Waaqayyo . . . fedhii fi humna hojiidhaaf isin barbaachisu isiniif kennuudhaan isin jabeessa.—Filp. 2:13.

Yihowaan kaayyoo isaa galmaan gaʼuuf wanta barbaachisu hunda taʼuu ni dandaʼa. Fakkeenyaaf, Yihowaan Barsiisaa, Madda Jajjabinaa fi Labsaa Wangeelaa taʼuu dandaʼeera. Kunneen wantoota hedduu Yihowaan taʼuu dandaʼu keessaa muraasa isaanii ti. (Isa. 48:17; 2 Qor. 7:6; Gal. 3:8) Taʼus, yeroo baayʼee kaayyoo isaa raawwachuuf ilmaan namootaatti ni fayyadama. (Mat. 24:14; 28:19, 20; 2 Qor. 1:3, 4) Kana malees, Yihowaan fedha isaa raawwachuuf wanta barbaachisu hunda taʼuu akka dandeenyuuf ogummaa fi cimina nu barbaachisu hunda keenyaaf kennuu dandaʼa. Hayyoonni tokko tokko akka jedhanitti hiikaan maqaa Yihowaas kana dha. Hundi keenya Yihowaan akka nutti fayyadamu barbaanna, taʼus namoonni tokko tokko Yihowaan isaanitti fayyadamuu isaa ni shakku taʼa. Maaliif? Sababiin isaas umurii isaaniitiin, haala keessa jiraniin ykn dandeettii isaaniitiin kan kaʼe hamma barbaadan hojjechuu akka hin dandeenye isaanitti dhagaʼama. Gama biraatiin immoo namoonni tokko tokko wanti gochaa jiran gaʼaa akka taʼee fi wanta dabalataa gochuun akka isaan hin barbaachisne isaanitti dhagaʼama. w19.10 20 key. 1-2

Kibxata, Waxabajjii 22

Jaalalli maallaqaa hundee wantoota miidhaa geessisan hundumaa ti.—1 Xim. 6:10.

Jaalalli qabeenyaa xiyyeeffannaan keenya akka hihhiramuu fi gaachana amantii keenya akka dagannu nu gochuu dandaʼa. Phaawulos ergamaan akkana jedheera: “Namni loltuu taʼee tajaajilu kam iyyuu isa loltuu godhee isa galmeesse biratti fudhatama argachuu waan barbaaduuf, buʼaa argachuuf jedhee hojii daldalaa keessa hin seenu.” (2 Xim. 2:4) Loltoonni Roomaa hojii daldalaa kam iyyuu keessa akka seenan isaaniif hin heyyamamu ture. Nutis akkuma loltuu gaarii taʼe tokkoo, galma keenya isa guddaa irraa xiyyeeffannaan keenya akka hihhiramu hin barbaannu. Galmi keenyas Yihowaa fi Yesuus warra Ajajjoota keenya taʼan biratti fudhatama argachuu dha. Kunis wanta addunyaan Seexanaa dhiheessu hunda argachuu caalaa gatii guddaa kan qabu akka taʼetti ilaalla. Yihowaa tajaajiluuf, gaachana amantii keenya eeggachuuf, akkasumas meeshaan waraanaa hafuuraa keenya kaan haala gaarii irra akka jiraatu gochuuf yeroo fi humna nu barbaachisu akka qabnu mirkanaaʼoo taʼuu qabna. Yeroo hunda dammaqoo taʼuu qabna. Maaliif? Phaawulos ergamaan “warri sooressa taʼuuf kutatanii kaʼan” ‘daandii amantii irraa akka maqan’ akeekkachiiseera.—1 Xim. 6:9, 10. w19.11 17 key. 12, 14-15

Roobii, Waxabajjii 23

Badiisni tasaa yeruma sana isaan irra gaʼa.—1 Tas. 5:3.

“Guyyaan Yihowaa” dhufuu isaa dura labsiin, “Nagaa dha, tasgabbii dhas!” jedhu ni labsama. (1 Tas. 5:1-6) Tokkoffaa Tasalonqee 5:2, irratti ‘guyyaa Yihowaa’ kan jedhame “rakkina guddaa” argisiisa. (Mul. 7:14) Yeroo itti rakkinni guddaan kun jalqabuuf jedhu akkamitti beekna? Kitaabni Qulqulluun labsiin baayʼee hin baramne tokko akka jiru dubbata. Labsiin kun mallattoo rakkinni guddaan akka jalqabu argisiisu dha. Kunis labsii, “Nagaa dha, tasgabbii dhas!” jedhuu fi raajiidhaan dubbatame dha. Geggeessitoonni amantii hoo labsii kana irratti ni hirmaatuu laata? Tarii hirmaachuu dandaʼu. Kanas taʼee sana, labsiin kun soba jinniiwwan babalʼisan kan biraa dha. Haa taʼu malee, seenaa ilmaan namootaa keessatti rakkinni guddaa taʼe jalqabuu isaa dura sobni kun namoonni miirri nageenyaa akka itti dhagaʼamu waan godhuuf miidhaa guddaa kan geessisu dha. Eeyyee, “akkuma ciniinsuun dubartii ulfaa qabu, badiisni itti hin yaadamne battaluma sanatti isaan irra gaʼa.” Waaʼee tajaajiltoota Yihowaa warra amanamoo taʼanii hoo maal jechuutu dandaʼama? Guyyaan Yihowaa akka tasaa jalqabuun isaa isaan dinqisiisuu kan dandaʼu taʼus, guyyaa sanaaf qophaaʼaniiru. w19.09 9 key. 7-8

Kamisa, Waxabajjii 24

Wanti hundi yeroo isaaf murteeffame qaba, . . . barbaaduun yeroo qaba, akka badetti yaadanii dhiisuunis yeroo qaba.—Lal. 3:1, 6.

Yeroo murtoo gootu galma ifa taʼe qabaadhu. Galma ifa taʼe qabaannaan wanta jalqabde fiixaan baasuun siif salphata. Fakkeenyaaf, yeroo hunda Kitaaba Qulqulluu dubbisuuf murteessiteetta taʼa. Haa taʼu malee, sagantaa ifa taʼe yoo hin qabaanne, galma kee kana irra gaʼuu dhiisuu dandeessa. Yookiin immoo jaarsoliin gumii tokko keessa jiran obbolootaa fi obboleettota caalaatti karaa hafuuraa tiksuuf murteessaniiru taʼa; yeroo muraasa booda garuu murtoo kana utuu hin raawwatin hafan. Obboloonni kun milkaaʼina argachuuf gaaffiiwwan kanatti aananii jiran of gaafachuu dandaʼu: “Obbolootaa fi obboleettota hojii tiksummaa kana irraa caalaatti fayyadaman adda baasnerraa? Yeroo itti dhaqnee isaan gaafannu hoo murteessineerraa?” Kana malees dhugaa jiru amanii fudhadhu. Hundi keenya iyyuu yeroo, qabeenya ykn humna wanta barbaannu hunda gochuuf nu dandeessisu hin qabnu. Kanaafuu dhugaa jiru amanii fudhadhu, akkasumas sababa qabeessa taʼi. Yeroo barbaachisaa taʼutti murtoo humna keetii ol taʼe tokko jijjiiruun si barbaachisuu dandaʼa. w19.11 29 key. 11-12

Jimaata, Waxabajjii 25

Warri kun warra rakkina guddaa keessaa dhufani dha; isaan uffata isaanii dhiiga Hoolichaatiin miiccatanii addeeffataniiru.—Mul. 7:14.

Raajiin waaʼee jireenya lafa irraa ibsu tokko Isaayaas 65:21-23 irratti argama. Haa taʼu malee, yeroo sana hojii utuu hin hojjetin jiraanna jechuu miti. Kanaa mannaa, Kitaabni Qulqulluun yeroo sana sabni Waaqayyoo hojiiwwan faayidaa qabanii fi gammachiisaa taʼan akka hojjetan dubbata. Yeroon sun yommuu xumuramu “uumamni mataan isaas garbummaa tortoruu jalaa bilisa baʼee, bilisummaa ijoollee Waaqayyoo isa ulfina qabeessa akka argatu” mirkanaaʼoo taʼuu dandeenya. (Rom. 8:21) Yihowaan akkuma Israaʼeloonni yeroo itti hojjetanii fi boqotan akka qabaataniif qophii isaanii godhe yeroo Bulchiinsa Barkumee Kiristoosittis saba isaatiif akkasuma godha. Yeroon sochiiwwan hafuuraa itti raawwannus akka jiraatu hin shakkisiisu. Yeroo harʼaatti Waaqayyoon waaqeffachuun gammachuu argachuuf baayʼee barbaachisaa akkuma taʼe, addunyaa haaraa keessattis akkasuma taʼa. Yeroo Bulchiinsa Barkumee Kiristoositti hundi keenya hojii gammachiisaa waan qabaannuuf, akkasumas Waaqayyoon waan tajaajilluuf ilmaan namootaa amanamoo taʼan hundi gammachuu ni qabaatu. w19.12 12 key. 15; 13 key. 17-18

Sanbadduraa, Waxabajjii 26

Dubbiin . . . kun garaa kee keessa haa taaʼu; isaaniinis garaa ijoollee keetii keessatti boci.—Kes. 6:6, 7.

‘Bocuu’ jechuun “barsiisuu fi yeroo baayʼee irra deddeebiʼuudhaan yaadachiisuu” jechuu dha. Kana gochuuf immoo warri yeroo hunda ijoollee isaanii xixinnoo taʼan wajjin yeroo dabarsuun isaan barbaachisa. Yeroo tokko tokko ijoolleedhaaf qajeelfamoota irra deddeebiʼuun abdii kan nama kutachiisu fakkaachuu dandaʼa. Haa taʼu malee warri, kun karaa ijoolleen isaanii Dubbii Waaqayyoo akka hubatanii fi hojii irra oolchan itti gargaaran akka taʼetti ilaaluuf carraaqu. Kanaafuu ijoollee keessan sirriitti beekaa. Faarfannaan 127 ijoollee xiyya wajjin wal fakkeessa. (Far. 127:4) Akkuma xiyyawwan wantoota garaa garaa irraa hojjetamanii fi hammi isaaniis adda adda taʼe ijoolleen hundis garaa gara. Kanaafuu warri tokkoon tokkoon ijoollee isaanii akkamitti akka leenjisan murteessuun isaan barbaachisa. Abbaan manaa fi haati manaa Israaʼel harʼaa keessa jiraatanii fi ijoolleen isaanii Yihowaa akka tajaajilan godhanii milkaaʼinaan guddisan tokko wanta isaan gargaare yommuu ibsan, “Tokkoon tokkoon isaanii kopha kophaatti Kitaaba Qulqulluu qoʼachiisna” jechuudhaan dubbataniiru. Dhugaa dha, mataan maatii hundi karaa kanaan qoʼachiisuun barbaachisaa taʼuu isaa ykn kan dandaʼamu taʼuu isaa murteessuu qaba. w19.12 26-27 key. 18-20

Dilbata, Waxabajjii 27

Wanta namoonni akka isiniif godhan barbaaddan hundumaa, isinis isaaniif godhaa.—Mat. 7:12.

Rakkina keessa yommuu darbinu namoota karaa qabatamaa taʼeen deeggarsa nuuf godhan baayʼee dinqisiifanna. Raayaan inni abbaa isaa balaa gaddisiisaa taʼeen duʼaan dhabe akkana jedheera: “Yeroo dhiphattanitti wantoota baayʼee guyyaa guyyaadhaan raawwataman hojjechuun waan hin dandaʼamne fakkaata. Namni tokko baayʼee xinnoo yoo taʼe illee wanta isin gargaaru tokko yommuu isinii godhu baayʼee jajjabaattu.” Gochi gaarummaa salphaa taʼee fi isin raawwattan warra kaan hammam akka jajjabeessuu dandaʼu akka salphaatti hin ilaalinaa. Maarqos barataan inni jaarraa tokkoffaatti jiraate Kiristiyaana hojiin itti baayʼatu ture. Taʼus, Maarqos Phaawulos ergamaa jajjabeessuuf yeroo ramadeera, Phaawulosis gargaarsa Maarqos gaafachuun isatti hin ulfaanne. Angeelaan ishiin miseensi maatii ishii ajjeefame warri kaan fedhiidhaan ishii jajjabeessuu isaaniitiif ni galateeffatti. Akkana jetteetti: “Michoonni keessan garaadhaa isin gargaaruu yommuu barbaadan salphaatti isaanitti haasaʼuu dandeessu. Isaan gargaarsa gochuu irraa duubatti waan jedhan hin fakkaatan.” Hundi keenya, ‘Obboloota koo karaa qabatamaa taʼeen jajjabeessuuf fedhii qabaachuudhaanan beekamaa?’ jennee of gaafachuu dandeenya. w20.01 11-12 key. 14-16

Wiixata, Waxabajjii 28

Namni utuu isaaf hin malin, maxinoo Gooftaa nyaatu yookiin xoofoo Gooftaa dhugu kam iyyuu . . . yakkamaa taʼa.—1 Qor. 11:27.

Namni dibame tokko Ayyaana Yaadannoo irratti “utuu isaaf hin malin” maxinoo fi wayinicha irraa hirmaachuu kan dandaʼu akkamitti? Kana kan godhu ulaagaa Yihowaan qajeelinaaf baase wajjin haala wal simuun utuu hin jiraatin maxinoo sana yoo nyaatee fi wayinii sana yoo dhuge dha. (Ibr. 6:4-6; 10:26-29) Namoonni dibaman “badhaasa Waaqayyoo waamicha isa olii, karaa Kiristoos Yesuus kennamu” argachuu yoo barbaadan amanamoo taʼanii jiraachuu akka qaban beeku. (Filp. 3:13-16) Hafuurri Yihowaa tajaajiltoonni isaa kan kooran utuu hin taʼin kan gad of qaban akka taʼan gargaara. (Efe. 4:1-3; Qol. 3:10, 12) Kanaafuu, dibamtoonni warra kaan irra akka caalan isaanitti hin dhagaʼamu. Yihowaan tajaajiltoota isaa kaan caalaa dibamtootaaf hafuura qulqulluu kenneera jechuu akka hin taane beeku. Warra kaan caalaa dhugaawwan Kitaaba Qulqulluu ilaalchisee hubannaa gadi fageenya qabu akka qaban isaanitti hin dhagaʼamu. Akkasumas namni tokko akka dibamee fi Ayyaana Yaadannoo irratti maxinoo fi wayinii sana irraa hirmaachuu akka jalqabu matumaa itti hin himan. Kanaa mannaa, namoonni gara samii akka deeman kan affeeru Yihowaa qofa akka taʼe gad of qabuudhaan amananii fudhatu. w20.01 27-28 key. 4-5

Kibxata, Waxabajjii 29

Waaqayyotti dhihaadhaa, innis isinitti ni dhihaata.—Yaq. 4:8.

Yihowaan akka isatti dhihaannuu fi akka isa haasofsiisnu barbaada. Inni ‘kadhannaatti akka jabaannu’ nu jajjabeesseera, yeroo hundas nu dhagaʼa. (Rom. 12:12) Yihowaan kadhannaa keenya dhagaʼuuf matumaa yeroo dhabee ykn dadhabee hin beeku. Nutis Dubbii isaa fi barreeffamoota Kitaaba Qulqulluu hubachuuf nu gargaaran dubbisuudhaan isa dhaggeeffanna. Akkasumas walgaʼiiwwan Kiristiyaanaa irratti sirriitti hordofuudhaan isa dhaggeeffachuu dandeenya. Yeroo hunda Yihowaa wajjin haasaʼuun keenya isatti dhihaachuuf nu gargaara. Yihowaan yaadaa fi miira keenya kadhannaadhaan akka isaaf ibsinu barbaada. (Far. 62:8) Akkana jennee of gaafachuun keenya gaarii dha: ‘Yommuun kadhadhu wantuma tokkon irra deddeebiʼee dubbadha moo wanta garaa koo keessa jirun Yihowaatti hima?’ Yihowaa baayʼee akka jaallattuu fi hariiroon isa wajjin qabdu cimaa taʼee akka itti fufu gochuu akka barbaaddu beekamaa dha. Kana gochuuf immoo yeroo hunda isa wajjin haasaʼuu qabda. Iccitii kee isatti himadhu. Wanta si gammachiisee fi si gaddisiise itti himi. Gargaarsa argachuuf isa gaafachuu akka dandeessu mirkanaaʼaa taʼi. w20.02 9 key. 4-5

Roobii, Waxabajjii 30

Ilaaltota ol aanaa taatanii tajaajiluudhaan tuuta hoolota Waaqayyoo warra eegumsa keessan jala jiran tiksaa.—1 Phe. 5:2.

Yihowaan jaarsoliin saba isaa akka tiksaniif itti gaafatamummaa guddaa isaanitti kenneera. Jaarsoliin Nahimiyaan saba Yihowaa akkamitti akka qabe qoruudhaan wanta baayʼee barachuu dandaʼu. Nahimiyaan bulchaa Yihudaa waan tureef aangoo guddaa qaba ture. (Nah. 1:11; 2:7, 8; 5:14) Mee haalawwan rakkisaa Nahimiyaa mudatan tokko tokko yaadaa. Sabichi mana qulqullummaa akka xureessee fi akka Seerichi ajajutti Lewwootaaf deeggarsa barbaachisaa taʼe gochaa akka hin jirre hubatee ture. Yihudoonni seera Sanbataa cabsanii turan, akkasumas dhiironni tokko tokko dubartoota biyya ormaa fuudhanii turan. Nahimiyaan haala rakkisaa kanaaf furmaata kennuun isa barbaachisa ture. (Nah. 13:4-30) Nahimiyaan sabni Waaqayyoo ulaagaalee mataa isaa akka hordofan dirqisiisuudhaan aangoo isaatti karaa sirrii hin taaneen itti hin fayyadamne. Kanaa mannaa, kadhannaa garaadhaa madde dhiheessuudhaan qajeelfama Yihowaa argachuuf carraaqqii godheera, akkasumas Seera Yihowaa sabicha barsiiseera. (Nah. 1:4-10; 13:1-3) Kana malees Nahimiyaan gad of qabuudhaan hojii dallaa Yerusaalem deebisanii ijaaruu irratti illee obboloota isaa wajjin hirmaateera.—Nah. 4:15. w19.09 16 key. 9-10

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi