LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • es21 ful. 67-77
  • Adoolessa

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Adoolessa
  • Kitaaba Qulqulluu Guyyaa Guyyaan Qoruu—2021
  • Mata Dureewwan Xixiqqaa
  • Kamisa, Adoolessa 1
  • Jimaata, Adoolessa 2
  • Sanbadduraa, Adoolessa 3
  • Dilbata, Adoolessa 4
  • Wiixata, Adoolessa 5
  • Kibxata, Adoolessa 6
  • Roobii, Adoolessa 7
  • Kamisa, Adoolessa 8
  • Jimaata, Adoolessa 9
  • Sanbadduraa, Adoolessa 10
  • Dilbata, Adoolessa 11
  • Wiixata, Adoolessa 12
  • Kibxata, Adoolessa 13
  • Roobii, Adoolessa 14
  • Kamisa, Adoolessa 15
  • Jimaata, Adoolessa 16
  • Sanbadduraa, Adoolessa 17
  • Dilbata, Adoolessa 18
  • Wiixata, Adoolessa 19
  • Kibxata, Adoolessa 20
  • Roobii, Adoolessa 21
  • Kamisa, Adoolessa 22
  • Jimaata, Adoolessa 23
  • Sanbadduraa, Adoolessa 24
  • Dilbata, Adoolessa 25
  • Wiixata, Adoolessa 26
  • Kibxata, Adoolessa 27
  • Roobii, Adoolessa 28
  • Kamisa, Adoolessa 29
  • Jimaata, Adoolessa 30
  • Sanbadduraa, Adoolessa 31
Kitaaba Qulqulluu Guyyaa Guyyaan Qoruu—2021
es21 ful. 67-77

Adoolessa

Kamisa, Adoolessa 1

Iyyannoon keessan Waaqayyo biratti akka beekamu godhaa.—Filp. 4:6.

Warri kaan karaa nama miidhuun yommuu nutti dubbatanii fi wanta sirrii hin taane yommuu raawwatan yaaddoon nutti dhagaʼamuu dandaʼa. Keessumaa namni nu miidhe michuu baayʼee nutti dhihaatu ykn fira keenya yoo taʼe kun baayʼee nu yaaddessuu dandaʼa. Haannaa ishii Kitaaba Qulqulluu keessatti ibsamtee fi masaanuun ishii garmalee ishii dhiphisaa turte irraa barumsa hedduu arganna. (1 Sam. 1:12) Nutis akkuma Haannaa yeroo dheeraa fudhannee wanta nu yaaddessee fi nu sodaachise Yihowaatti himuu dandeenya. Wanta hunda karaa mudaa hin qabneen ykn karaa nama hawwatuun dubbachuun nu hin barbaachisu. Yeroo tokko tokko waaʼee dhiphina keenyaa Yihowaatti yommuu himnu booʼuu illee ni dandeenya. Taʼus, Yihowaan kadhannaa keenya dhaggeeffachuun matumaa isa hin dadhabsiisu. Waaʼee rakkoowwan keenyaa kadhachuu qofa utuu hin taʼin, gorsa Filiphisiyus 4:6, 7 irra jirus yaadachuu qabna. Phaawulos ergamaan kadhannaa galataa dhiheessuu akka qabnu adda baasee caqaseera. Kennaa jireenyaa inni nuu kenneef, hojiiwwan uumamaa isaatiif, jaalala isaa isa amanamaadhaaf, akkasumas abdii dinqisiisaa nuu kenneef dabalatee Yihowaa galateeffachuuf sababii hedduu qabna. w20.02 21 key. 3; 22 key. 6

Jimaata, Adoolessa 2

[Dubbachuun] yeroo qaba.—Lal. 3:7.

Dandeettiin dubbachuu kennaa Yihowaa irraa argame dha. (Bau. 4:10, 11; Mul. 4:11) Yihowaan Dubbii isaatti fayyadamee kennaa kana karaa sirrii taʼeen akkamitti itti fayyadamuu akka dandeenyu akka hubannu nu gargaara. Waaʼee Yihowaa fi waaʼee Mootummichaa dubbachuuf yeroo hunda qophaaʼoo taʼuu qabna. (Mat. 24:14; Rom. 10:14) Kana gochuudhaan fakkeenya Yesuus hordofna. Sababii itti Yesuus gara lafaa dhufe keessaa inni guddaan dhugaa waaʼee Abbaa isaa namootatti himuufi. (Yoh. 18:37) Haa taʼu malee, akkaataan itti dubbannus barbaachisaa taʼuu isaa yaadachuu qabna. Kanaafuu, waaʼee Yihowaa warra kaanitti yommuu dubbannu “garraamummaa fi ulfina guddaadhaan” taʼuu qaba, akkasumas miiraa fi amantii warra kaaniitiif akka yaannu argisiisuu qabna. (1 Phe. 3:15) Akkas kan goonu yoo taʼe nama sanatti dubbachuu qofa utuu hin taʼin isa barsiisuu fi tarii immoo garaa isaa tuquu dandeenya. Jaarsoliin obboleessi tokko ykn obboleettiin takka gorsi akka isaan barbaachisu yoo hubatan dubbachuu irraa duubatti jechuu hin qaban. Dhugaa dha, nama sana utuu hin barbaachisin akka hin qaanessineef dubbachuuf yeroo sirrii taʼe filatu. w20.03 18-19 key. 2-4

Sanbadduraa, Adoolessa 3

Yeroo [hunda] kadhadhaa.—Mat. 26:41.

Waaʼee maalii kadhachuu dandeenya? Yihowaan ‘amantii keenya akka nuuf guddisu’ kadhachuu dandeenya. (Luq. 17:5; Yoh. 14:1) Seexanni namoota duuka buutota Yesuus taʼan hundumaa waan qoruuf amantii qabaachuun nu barbaachisa. (Luq. 22:31) Yeroo rakkinni walitti aansee nu irra gaʼutti illee, amantiin nagaa keenya eegnee itti fufuuf kan nu gargaaru akkamitti? Qorumsa nu mudate moʼuuf wanta dandeenye hunda erga goonee booda, Yihowaan akka nu gargaaru amantiin isa irratti qabnu, inni yeroo sirrii taʼetti furmaata gaarii akka nuu kennu hubachuuf nu gargaara. Inni dhimma tokkoof nu caalaa furmaata kennuu akka dandaʼu amanannaa waan qabnuuf, nagaa sammuu fi nagaa garaa qabna. (1 Phe. 5:6, 7) Qorumsi akkamii iyyuu yoo nu irra gaʼe, kadhannaan nagaa keenya eeggachuuf nu gargaara. Mee fakkeenya jaarsa gumii amanamaa umurii waggoota 80mmanii keessatti argamuu fi Roobart jedhamuu ilaali. Akkas jedheera: “Gorsi Filiphisiyus 4:6, 7 irratti argamu qorumsawwan hedduu jireenya koo keessatti na mudatan dandamachuuf na gargaareera. Qarshii wajjin haala wal qabateen rakkoowwan hedduun qaba ture. Mirgan jaarsa taʼee tajaajiluuf argadhes yeroo muraasaaf dhabeen ture.” Roobart nagaa isaa akka eeggatu kan isa gargaare maal ture? Akkas jedheera: “Yommuu dhiphinni natti dhagaʼamuu jalqabu yeruma sana nan kadhadha. Caalaatti irra deddeebiʼee fi cimsee yommuun kadhadhu, caalaatti nagaa akkan argadhu nan amana.” w19.04 9-10 key. 5-7

Dilbata, Adoolessa 4

Ani hundumaa caalaa si irratti, eeyyee, si irratti cubbuu hojjedheera.—Far. 51:4.

Ijoollee gudeeduun cubbuu Waaqayyo irratti raawwatamu dha. Namni tokko nama kan biraa irratti cubbuu yommuu raawwatu Yihowaa irrattis cubbuu raawwata. Mee Seera Waaqayyo Israaʼelootaaf kenne keessaa fakkeenya tokko haa ilaallu. Seerichi namni ollaa isaa saame ykn gowwoomse tokko ‘Waaqayyotti balleessee akka yakke’ dubbata. (Lew. 6:2-4) Kana irraa ifatti hubachuun akka dandaʼamutti, namni kutaa gumii taʼee fi ijoollee gudeede tokkos, nageenya mucaa sanaa ykn ishii isaan jalaa saamuudhaan Waaqayyo irratti yakka raawwata. Namni miidhaa geessise sun maqaa Yihowaa irratti arrabsoo guddaa fida. Kanaan kan kaʼes, ijoollee gudeeduun cubbuu cimaa Waaqayyo irratti raawwatamu waan taʼeef, balaaleffatamuu qaba. Mata dureewwan Masaraa Eegumsaa fi Dammaqaa! irratti baʼan, namoonni yakki saalqunnamtii isaan irratti raawwatame, dhiphina miiraa akkamitti akka dandamatan, warri kaan isaan gargaaruu fi jajjabeessuu kan dandaʼan akkamitti akka taʼee fi warri ijoollee isaanii eeguu kan dandaʼan akkamitti akka taʼe ibsaniiru. Jaarsoliin yakka ijoollee gudeeduutiif akkamitti furmaata akka kennan leenjii Kitaaba Qulqulluu gad fageenya qabu fudhataniiru. Gumiiwwan yakka ijoollee gudeeduutiif akkamitti furmaata akka kennan ilaalchisee jaarmiyichi qorannoo gochuu isaa itti fufeera. w19.05 9 key. 8-9

Wiixata, Adoolessa 5

Isaan waaʼee warra lubbuudhaan jiranii warra duʼan gaafachuu qabuu?—Isa. 8:19.

Dubbiin Waaqayyoo akkuma goraadee qara qabuu ti; soba Seexanni babalʼisu kutuu ni dandaʼa. (Efe. 6:17) Fakkeenyaaf, Dubbiin Waaqayyoo soba warri duʼan namoota jiranii wajjin walitti dubbachuu dandaʼu jedhu ni saaxila. (Far. 146:4) Akkasumas waaʼee gara fuulduraa raajii dhugaa dubbachuu kan dandaʼu Yihowaa qofa akka taʼe nu yaadachiisa. (Isa. 45:21; 46:10) Dubbii Waaqayyoo yeroo hunda kan dubbisnuu fi kan irratti xiinxallu yoo taʼe, soba hafuuronni hamoon akka amannu barbaadan irraa fagaachuu fi jibbuuf qophaaʼoo taana. Kanaaf, wanta gocha hafuurota hamoo wajjin wal qabate kam iyyuu raawwachuu irraa fagaadhaa. Kiristiyaanota dhugaa waan taaneef, gocha hafuurota hamoo gosa kam iyyuu matumaa hin raawwannu. Fakkeenyaaf, nama ekeraa dubbisu hin gaafannu ykn karaa kan biraa kamiin iyyuu namoota duʼanii wajjin walitti dubbachuuf hin yaallu. Aadaa awwaalchaa, warri duʼan bakka kan biraa jiraachaa jiru amantii jedhu irratti hundaaʼe irratti hin hirmaannu. Akkasumas waaʼee gara fuulduraa beekuuf, urjii lakkaaʼuutti ykn hooda dubbachuutti hin fayyadamnu. Gochawwan akkasii hundi garmalee hamoo akka taʼanii fi Seexanaa fi jinniiwwanii wajjin akka wal qunnamnu akka nu taasisan ni beekna. w19.04 21-22 key. 8-9

Kibxata, Adoolessa 6

Waaqayyo . . . akka hawwii garaa isaaniitti, xuraaʼummaatti dabarsee isaan kenne.—Rom. 1:24.

Namoonni ogummaa addunyaa kanaa hordofan, ulaagaawwan naamusaa Kitaaba Qulqulluu haala qabatamaa taʼe irratti kan hundaaʼan miti jechuudhaan ceephaʼu. Namoonni akkasii, ‘Waaqayyo fedhii saalqunnamtii akka qabaannu godhee erga nu uumee booda, fedhii kana akka toʼannu kan nu ajaju maaliifi?’ jedhanii gaafatu taʼa. Gaaffiin akkasii amantii dogoggoraa, namoonni wanta isaanitti dhagaʼamu hundumaa raawwachuu qabu jedhu irratti kan hundaaʼe dha. Haa taʼu malee, Kitaabni Qulqulluun wanta kana irraa adda taʼe dubbata. Fedhiiwwan sirrii hin taane toʼachuuf filachuu akka dandeenyu barsiisuudhaan nu kabaja. (Qol. 3:5) Dabalataanis, Yihowaan qophii gaaʼelaa nuuf godheera; qophiin kunis fedhii saalqunnamtii karaa kabaja qabuun guuttachuuf dandeessisa. (1 Qor. 7:8, 9) Ogummaa addunyaa kanaa irraa haala adda taʼeen, Kitaabni Qulqulluun saalqunnamtii ilaalchisee ilaalcha sirrii taʼe jajjabeessa. Saalqunnamtiin madda gammachuu taʼuu akka dandaʼu dubbata. (Fak. 5:18, 19) Haa taʼu malee, Kitaabni Qulqulluun, “Isin keessaa tokkoon tokkoon namaa qulqullummaa fi ulfinaan akkamitti qaama isaa akka toʼatu beekuu qaba; kunis . . . sassataa fi fedha saalqunnamtii toʼannaa hin qabneen hin taʼin” jedha.—1 Tas. 4:4, 5. w19.05 22-23 key. 7-9

Roobii, Adoolessa 7

Ati akkuma bubbeetti isaanitti ni dhufta; ati, loltoonni kee hundii fi namoonni hedduun sii wajjin jiran [ni dhuftu].—His. 38:9.

Waaqayyo saboonni tajaajiltoota isaa akka balleessan hin heyyamu. Sabni isaa maqaa isaa baachuu isaaniitti ni boonu, akkasumas ajaja Baabilon Guddittii keessaa akka baʼaniif isaanii kennameef ajajamaniiru. (HoE. 15:16, 17; Mul. 18:4) Warri kaanis ishii keessaa akka baʼan gargaaruuf cimanii hojjetu. Kanaaf, “dhaʼichi ishii irra gaʼu” tajaajiltoota Yihowaa ‘irra hin gaʼu.’ Taʼus, amantiin isaanii ni qorama. (His. 38:2, 8) Amantiin sobaa hundi erga badee booda sabni Waaqayyoo muka obomboleettii cimaa irraa hafee kophaa dhaabbatu fakkaatanii mulʼatu. Kun Seexana baayʼee akka aarsu beekamaa dha. Innis olola jinniiwwaniitti, jechuunis ‘jechoota xuraaʼoo geggeessaa hafuuraatiin dubbatamanitti’ fayyadamee saboonni wal taʼiinsa uumanii tajaajiltoota Yihowaa irratti akka kaʼan gochuudhaan aarii isaa kana baʼa. (Mul. 16:13, 14) Wal taʼiinsi kun, “Goog isa biyya Maagoog” jedhama. Saboonni haleellaa geessisuu yommuu jalqaban waraanni Armaagedoon ni jalqaba jechuu dha.—Mul. 16:16. w19.09 11 key. 12-13

Kamisa, Adoolessa 8

Yaanni namoota ogeeyyii taʼanii gatii [hin qabu].—1 Qor. 3:20.

Bara Israaʼeloota duriitti, Seexanni gocha naamusaan ala taʼe babalʼisuuf amantii sobaatti fayyadama ture. Yeroo harʼaas akkasuma godha. Amantiin sobaa gocha naamusaan ala taʼe callisee ilaala, darbees ni jajjabeessa. Kanaan kan kaʼes, namoonni Waaqayyoon akka tajaajilan dubbatan hedduun ulaagaa naamusaa ifa taʼe eeguu dhiisaniiru. Phaawulos ergamaan xalayaa warra Roomaatiif barreesse irratti kun maal akka geessise ibseera. (Rom. 1:28-31) “Wantoota sirrii hin taane” kan jedhaman saalqunnamtii gosa hundumaa fi saalqunnamtii saala wal fakkaataa gidduutti godhamu dabalatu. (Rom. 1:24-27, 32; Mul. 2:20) Barumsa Kitaaba Qulqulluu isa ifa taʼe jabeessinee qabachuun keenya baayʼee barbaachisaa mitii? Falaasamni namootaa ulaagaa qajeelummaa Yihowaa ni tuffata ykn ni faallessa. Namoonni firii hafuura Waaqayyoo akka horatan utuu hin taʼin, “hojiiwwan foonii” akka hojjetan jajjabeessa. (Gal. 5:19-23) Barumsi akkasii kooraa fi of tuulummaa kan jajjabeessu siʼa taʼu, kunis namoonni, “kan of jaallatan” akka taʼan godheera. (2 Xim. 3:2-4) Amalawwan kun, amala garraamummaa fi gad of qabuu isa tajaajiltoonni Waaqayyoo akka horatan jajjabeeffamanii wajjin wal faallessu.—2 Sam. 22:28. w19.06 5-6 key. 12-14

Jimaata, Adoolessa 9

Michuu dhugaan yeroo hundumaa jaalala argisiisa, inni obboleessa yeroo dhiphinaatiif dhalate dha.—Fak. 17:17.

Eliyaas Yihowaa kan tajaajile yeroo rakkisaa keessatti waan tureef, rakkoowwan ciccimoon isa mudataniiru. Yihowaan Eliyaas bakka buʼaa isaa godhee Elsaaʼiin akka muudu yommuu isatti himetti, michuu baayʼee isa barbaachisuu fi dhiphina isaa akka dandaʼu isa gargaaru isaaf kenneera. Haaluma wal fakkaatuun, nutis wanta nutti dhagaʼamu michuu keenya amanamaa taʼe tokkotti yommuu himannu, inni ykn ishiin dhiphina keenya dandamachuuf nu gargaaruu dandaʼu. (2 Mot. 2:2) Nama rakkina kee itti himattu hin qabdu yoo taʼe, Yihowaan Kiristiyaana gaʼeessa taʼee fi gama miiraatiin gargaarsa siif gochuu dandaʼu argachuuf akka si gargaaru kadhadhu. Yihowaan Eliyaas dhiphina akka dandamatuu fi waggoota hedduudhaaf amanamummaadhaan akka tajaajilu isa gargaareera. Muuxannoon Eliyaas abdii nuuf kenna. Yeroo dheeraadhaaf haala dhiphisaa qaamaa fi miira keenya miidhu keessa jiraachuu dandeenya. Taʼus, Yihowaatti yoo amanamne, isa tajaajiluu keenya akka itti fufnuuf humna nu gargaaru nuuf kenna.—Isa. 40:28, 29. w19.06 15 key. 4; 16 key. 9-10

Sanbadduraa, Adoolessa 10

Namoota sodaachuun kiyyoo dha, namni Yihowaatti amanamu garuu eegumsa argata.—Fak. 29:25.

Yeroo ammaatti misiraachoo Mootummaa Waaqayyoo namootaaf lallabuudhaan ija jabina keenya guddifachuu dandeenya. Maaliif? Sababiin isaas lallabni Yihowaatti akka amanamnu nu barsiisa, akkasumas sodaa namaa nu keessa jiru kam iyyuu moʼuuf nu gargaara. Akkuma maashaaleen keenya yommuu sochii qaamaa goonu ciman, manaa gara manaatti, bakka namoonni hedduun jiranitti, karaa al idilee taʼee fi naannoo daldalaatti yommuu lallabnu ija jabinni keenya ni cima. Yeroo ammaatti ija jabina lallabuuf nu barbaachisu yoo guddifanne, hojiin keenya yoo dhorkame illee lallabuu keenya itti fufuuf qophaaʼoo taana. (1 Tas. 2:1, 2) Fakkeenya ija jabinaa obboleettiin amanamtuu taate tokko argisiiste irraa barumsa hedduu argachuu dandeenya. Naansii Yuun meetira 1.5 caalaa kan hin dheeranne taatus, salphaatti kan sodaattu hin turre. Ishiin misiraachoo Mootummaa Waaqayyoo lallabuu ishii dhaabuu diddee turte. Kanaan kan kaʼes, biyya Kooministii Chaayinaa keessatti gara waggaa 20tiif hidhamte. Abbootiin taayitaa ishii qoran ishiin biyya isaanii keessatti “nama mata jabina guddaa qabdu” akka taate dubbatanii turan. w19.07 5 key. 13-14

Dilbata, Adoolessa 11

Kanaafuu, dhaqaatii saboota hundumaa keessaa namoota barattoota koo godhaa.—Mat. 28:19.

Namoonni tokko tokko dhugaa Kitaaba Qulqulluu barachuudhaaf fedhii guddaa qabu, taʼus namoonni hedduun jalqaba irratti dantaa kan hin qabne fakkaachuu dandaʼu. Fedhii isaanii kakaasuun nu barbaachisuu dandaʼa. Tajaajila irratti milkaaʼina argachuudhaaf akka gaariitti qophaaʼuu qabna. Mata dureewwan xiyyeeffannaa namoota argattanii harkisuu dandaʼan filadhaa. Achiis mata dureewwan sana akkamitti akka beeksistan karoorfadhaa. Fakkeenyaaf nama tokko akkas jettanii gaafachuu dandeessu: “Dhimma tokko irratti ilaalcha ati qabdu si gaafachuu nan dandaʼaa? Rakkoowwan yeroo harʼaa nu irra gaʼan hedduun, namoota addunyaa mara irra jiran irras ni gaʼu. Rakkoowwan addunyaa furuuf, mootummaan addunyaa tokko ni barbaachisa jettee yaaddaa?” Sana booda, Daaniʼel 2:44 irratti wajjin mariʼachuu dandeessu. Yookiin ollaa keessan tokkoon akkas jechuu dandeessu: “Ijoollee amala gaarii qaban guddisuuf wanti hunda caalaa barbaachisu maal sitti fakkaata? Ilaalcha ati qabdu utuun beekee natti tola.” Sana booda, Keessa Deebii 6:6, 7 irratti wajjin mariʼadhaa. Namoonni barattoota Kiristoos akka taʼan yommuu gargaarrutti gammachuu guddaa akka argannu homaa hin shakkisiisu. w19.07 15 key. 4, 6-7

Wiixata, Adoolessa 12

Namni tokko waaqolii tolfachuu ni dandaʼaa? Wantoonni inni tolfatu dhugumaan waaqolii miti.—Er. 16:20.

Obboleessi Baha Fagoo keessatti namoota Waaqayyotti akka hin amanne dubbataniif lallabuu irratti muuxannoo guddaa qabu tokko akkas jedheera: “Keessumaa bakka kanatti, namni tokko ‘Waaqayyotti hin amanu’ yommuu jedhu, waaqayyolii namoonni naannoo sanaa waaqeffatan hin waaqeffadhu jechuu isaa ti. Kanaafuu, waaqayyolii hedduun namootaan kan hojjetamanii fi dhugumaan kan jiran akka hin taane irrattan walii gala. Yeroo hedduu Ermiyaas 16:20 ergan isaaniif dubbisee booda akkas jedheen gaafadha: ‘Waaqa dhugumaan jiruu fi waaqayyolii namootaan tolfaman akkamitti adda baasuu dandeenya?’ Xiyyeeffannaadhaan ergan dhaggeeffadhee booda Isaayaas 41:23 isa, ‘Nuyi waaqayyolii taʼuu keessan akka beeknutti, mee wanta kana booddeedhaan dhufuuf jiru nutti himaa!’ jedhun dubbisaaf. Sana booda, Yihowaan waaʼee gara fuulduraa akkamitti akka dubbate fakkeenya argisiisu tokkon itti argisiisa.” Obboleessi kan biraan tokkos akkas jedheera: “Kitaabni Qulqulluun ogummaa qabaachuu isaa, raajiiwwan Kitaaba Qulqulluu raawwatamanii fi seerawwan uumama cufa toʼatan ilaalchisee yaadawwan fakkeenya taʼan isaanitti nan argisiisa. Achiis wantoonni kun hundi Uumaan jiraataa fi ogeessa taʼe jiraachuu isaa kan argisiisan akkamitti akka taʼe isaanittan argisiisa. Namni tokko Waaqayyo jiraachuu dandaʼa yaada jedhu yommuu fudhatu, Kitaabni Qulqulluu waaʼee Yihowaa maal akka dubbatu isatti argisiisuun jalqaba.” w19.07 23-24 key. 14-15

Kibxata, Adoolessa 13

Wantoota caalaatti barbaachisoo taʼan adda [baasaa beekaa].—Filp. 1:10.

Wantoonni barbaachisoo taʼan kun, maqaan Yihowaa qulqulleeffamuu isaa, kaayyoon isaa raawwatamuu isaa, akkasumas nagaa fi tokkummaa gumii kan dabalatu dha. (Mat. 6:9, 10; Yoh. 13:35) Wantoonni kunneen jireenya keenya keessatti caalaatti barbaachisoo akka taʼan kan goonu yoo taʼe, Yihowaa akka jaallannu mirkaneessina. Kana malees Phaawulos ergamaan “mudaa kan hin qabne” taʼuu akka qabnu dubbateera. Kana jechuun garuu guutummaatti mudaa kan hin qabne taana jechuu miti. Haa taʼu malee, jaalala keenya guddifachuu fi wantoota caalaatti barbaachisoo taʼan adda baasnee beekuuf wanta dandeenyu hunda kan goonu yoo taʼe, Yihowaan mudaa kan hin qabne akka taanetti nu ilaala. Karaan itti jaalala keenya argisiisnu inni tokko, warra kaan gufachiisuu irraa fagaachuuf wanta nuuf dandaʼame hunda gochuu dha. Qajeelfamni warra kaan akka hin gufachiisneef nuu kenname akeekkachiisa cimaa dha. Nama tokko gufachiisuu kan dandeenyu akkamitti? Bashannana, akkaataa uffannaa ykn gosa hojii filannuun illee warra kaan gufachiisuu dandeenya. Tarii wanti nuti goone dogoggora taʼuu dhiisuu dandaʼa. Taʼus, filannoon keenya qalbii nama tokkoo kan jeequu fi kan isa gufachiisu yoo taʼe kun dhimma cimaa dha.—Mat. 18:6. w19.08 10 key. 9-11

Roobii, Adoolessa 14

Warri kun warra rakkina guddaa keessaa dhufani dha; isaan uffata isaanii dhiiga Hoolichaatiin miiccatanii addeeffataniiru.—Mul. 7:14.

Bara 1935 kaasee, Dhugaa Baatonni Yihowaa tuutni uummataa guddaan Yohaannis mulʼataan arge Kiristiyaanota amanamoo abdii bara baraaf lafa irra jiraachuu qaban akka taʼan hubataniiru. (Mul. 7:9, 10) Tuutni uummataa guddaan, rakkina guddaa jalaa ooluuf, Bulchiinsi Barkumee jalqabuu isaa dura waaʼee Yihowaa barachuu qabu. ‘Wantoota taʼuun isaanii hin oolle kana hunda jalaa baʼuuf’ Bulchiinsi Barkumee Kiristoos jalqabuu isaa dura amantii cimaa akka qaban argisiisuun isaan barbaachisa. (Luq. 21:34-36) Tuutni uummataa guddaan abdii isaaniitti ni gammadu. Samii irrattis taʼe lafa irratti waaqeffattoonni isaa amanamoon bakka itti isa tajaajilan kan murteessu Yihowaa akka taʼe ni hubatu. Dibamtoonnii fi tuutni uummataa guddaan badhaasa isaanii argachuu kan dandaʼan gaarummaa guddaa Yihowaa karaa aarsaa furii Yesuus Kiristoosiin ibsameen qofa akka taʼe beeku.—Rom. 3:24. w19.09 28 key. 10; 29 key. 12-13

Kamisa, Adoolessa 15

Gammachuun Yihowaa jabina [keessani].—Nah. 8:10, milj.

Ramaddiin keessan haaraa dhaa? Taanaan milkaaʼina akka isiniif argamsiisu godhaa. Ramaddii keessan isa kanaan duraa irratti wanta dogoggora taʼe akka raawwattanii fi amma baayʼee akka hin fayyadne gootanii hin yaadinaa. Karaawwan hedduu Yihowaan yeroo ammaatti isin gargaaraa jiru yaadaa, akkasumas lallabuu keessan itti fufaa. Fakkeenya Kiristiyaanota amanamoo jaarraa jalqabaa hordofaa. Isaan bakka deeman hundatti, ‘guutummaa biyyichaa keessa naannaʼanii dubbii Waaqayyoo lallabu’ turan. (HoE. 8:1, 4) Carraaqqiin isin lallabuu keessan itti fufuudhaan gootan buʼaawwan gaarii argamsiisuu dandaʼa. Fakkeenyaaf, qajeelchitoonni biyya tokkoo ariʼaman gara biyya ollaa afaan isaaniitiin gargaarsi barbaachisu deeman. Achiis jiʼoota muraasa keessatti garee haaraan saffisaan guddachaa jiru ni hundeeffame. Gammachuu guddaa kan nuuf argamsiisu hariiroo Yihowaa wajjin qabnu taʼuu qaba. Kanaafuu, gammachuu qabaachuu yoo barbaanne, Yihowaatti maxxannee jiraachuu, akkasumas ogummaa, qajeelfamaa fi deeggarsa argachuuf isatti amanamuu qabna. Ramaddii keessan isa duraanii kan jaallattan namoota achi jiran gargaaruuf wanta dandeessan hunda waan gootaniif akka taʼe yaadadhaa. Ramaddii keessan isa haaraa irratti xiyyeeffadhaa, akkasumas Yihowaan ramaddii kanas akka jaallattan akkamitti akka isin gargaaru ilaalaa.—Lal. 7:10. w19.08 24-25 key. 15-16

Jimaata, Adoolessa 16

[Abbaadhaaf] fedhiidhaan [bitamuun] keenya caalaatti barbaachisaa mitii?—Ibr. 12:9.

Yihowaan Uumaa keenya waan taʼeef isaaf bitamuu qabna. Inni uumamawwan isaatiif ulaagaa baasuuf mirga qaba. (Mul. 4:11) Taʼus, sababii itti isaaf ajajamnu kan biraas qabna; akkaataan inni itti bulchu hunda irra kan wayyu dha. Guutummaa seenaa ilmaan namootaa keessatti bulchitoonni hedduun warra kaan irratti hamma tokko humnaa fi aangoo qabaachaa turaniiru. Yihowaan bulchitoota kana wajjin yeroo wal bira qabamu hundumaa caalaa Bulchaa ogeessaa fi baayʼee jaalala qabeessa, akkasumas araara qabeessaa fi gara laafessa taʼe dha. (Bau. 34:6; Rom. 16:27; 1 Yoh. 4:8) Karaa hundumaan isaaf ajajamuuf wanta dandeenyu hunda gochuudhaan, akkasumas dhiibbaa hubannaa mataa keenyaatti akka amanamnuuf nu irra gaʼu dandamachuudhaan Yihowaadhaaf bitamna. (Fak. 3:5) Waaʼee amalawwan isaa warra gaggaarii taʼanii barachaa yommuu deemnu Yihowaadhaaf bitamuun nuuf salphachaa deema. Maaliif? Sababiin isaas amaloonni kun wantoota inni raawwate hunda irratti calaqqisiifamaniiru. (Far. 145:9) Waaʼee Yihowaa hammuma barachaa deemnu jaalalli isaaf qabnu caalaatti dabalaa deemna. Yihowaa kan jaallannu yoo taʼe immoo, seerawwan hedduu wanta gochuu qabnuu fi hin qabne nutti himan hin barbaannu. w19.09 14 key. 1, 3

Sanbadduraa, Adoolessa 17

Waanjoon koo nama hin quuqu; baʼaan koos salphaa dha.—Mat. 11:30.

Seexanni baʼaa namoonni baachuu hin dandeenye isaanitti feʼa. Fakkeenyaaf, Yihowaan cubbuu keenyaaf dhiifama akka nuuf hin goonee fi akka nu hin jaallanne nu amansiisuu barbaada. Kun soba cimaa namoonni akka abdii kutatan taasisu dha. (Yoh. 8:44) Gara Kiristoos yommuu dhufnu cubbuu keenyaaf dhiifama arganna. (Mat. 11:28) Akkasumas Yihowaan hunda keenya baayʼee jaallata. (Rom. 8:32, 38, 39) Baʼaan Yesuus akka baannu nu gaafate, baʼaawwan kan biroo baachuu qabnu irraa adda dha. Fakkeenyaaf, namoonni hedduun hojii hojjechaa oolanii galgala yommuu galan, baayʼee akka dadhaban qofa utuu hin taʼin, gammachuu akka hin qabne isaanitti dhagaʼama. Faallaa kanaatiin, Yihowaa fi Yesuusiin tajaajiluudhaan yeroo keenya erga dabarsinee booda gammachuu guddaatu nutti dhagaʼama. Guyyaa waan dadhabnuuf, galgala walgaʼii gumii irratti argamuuf of dirqisiisuun nu barbaachisuu dandaʼa. Taʼus, yeroo baayʼee boqonnaa argannee, akkasumas jajjabaannee manatti deebina. Haaluma wal fakkaatuun, lallabuu fi qoʼannaa Kitaaba Qulqulluu dhuunfaa gochuuf carraaqqii yommuu goonu, eebbi argannu humna baasnu irra ni caala! w19.09 20 key. 1; 23-24 key. 15-16

Dilbata, Adoolessa 18

Guyyaan Yihowaa akkuma hattuun halkaniin dhufutti [dhufa].—1 Tas. 5:2.

Yihowaan “guyyaan” isaa jalqabuu isaa dura yeroo muraasa hafe kanatti hojii lallabaatiin akka qabamnu nu irraa eega. ‘Hojiin Gooftaa kan nuuf baayʼatu taʼuu’ keenya mirkanaaʼoo taʼuu nu barbaachisa. (1 Qor. 15:58) Yesuus waaʼee wantoota guguddaa guyyoota dhumaatti raawwatamanii yeroo dubbatetti akkana jedheera: “Kana malees, jalqaba saba hundumaatiif misiraachoon lallabamuu qaba.” (Mar. 13:4, 8, 10; Mat. 24:14) Mee yaadi: Yeroo gara tajaajilaa deemtu hundatti raajii Kitaaba Qulqulluu kana raawwachuu irratti gumaacha gochaa jirta! Waggaa waggaadhaan namoonni baayʼeen misiraachoo Mootummichaa dhagaʼaa jiru. Fakkeenyaaf, guyyoota dhumaa kanatti lakkoofsi labsitoota Mootummichaa addunyaa maratti argamanii akkamitti akka dabale mee yaadaa. Bara 1914⁠tti biyyoota 43 keessa babalʼistoota 5,155tu jira ture. Yeroo harʼaa garuu biyyoota 240 keessa babalʼistoota gara miliyoona 8.5tu jira. Taʼus, hojiin keenya ammas hin xumuramne. Rakkina ilmaan namootaa hundaaf furmaata kan fidu Mootummaa Waaqayyoo qofa taʼuu isaa labsuu keenya itti fufuu qabna.—Far. 145:11-13. w19.10 8 key. 3; 9-10 key. 7-8

Wiixata, Adoolessa 19

Isin karaa hundumaan arjummaadhaan akka kennitaniif, Waaqayyo karaa hundumaan isin eebbisa; kunis namoonni karaa keenya Waaqayyoon akka galateeffatan kakaasa.—2 Qor. 9:11.

Yihowaan Daawit Mooticha gargaaruuf Baarzilaayitti fayyadameera. Daawitii fi namoonni isa wajjin jiran Abiishaalom ilma Daawit jalaa yeroo baqachaa turanitti, ‘beelaʼanii, dadhabanii, akkasumas dheebotanii’ (NW) turan. Baarzilaayi inni yeroo kanatti maanguddoo ture namoota kan biraa wajjin taʼee Daawitii fi warra isa wajjin jiran gargaaruuf jecha lubbuu isaa balaadhaaf saaxileera. Baarzilaayi waan dulloomeef Yihowaan kana booda akka isatti hin fayyadamne isatti hin dhagaʼamne. Kanaa mannaa tajaajiltoota Waaqayyoo warra gargaarsi isaan barbaachisu gargaaruuf arjummaadhaan wanta qabutti fayyadameera. (2 Sam. 17:27-29) Kana irraa maal baranna? Umuriin keenya hammam iyyuu yoo taʼe Yihowaan obboloota naannoo keenyattis taʼe biyya kan biraatti argamanii fi wantoota buʼuuraa dhaban gargaaruuf nutti fayyadamuu dandaʼa. (Fak. 3:27, 28; 19:17) Kallattiidhaan isaan gargaaruu kan hin dandeenye taʼus, hojii addunyaa maraatiif buusii gochuu dandeenya; buusiin nuti goonus yeroo fi bakka barbaachisutti gargaarsa gochuuf oola.—2 Qor. 8:14, 15. w19.10 21 key. 6

Kibxata, Adoolessa 20

Hiriyoonni wal balleessuuf qophaaʼan jiru, garuu michuun obboleessa caalaa namatti maxxanu jira.—Fak. 18:24.

Kanaan dura namni tokko nu miidheera yoo taʼe miira keenya warra kaaniif ibsuun nutti ulfaachuu dandaʼa. (Fak. 18:19) Yookiin immoo warra kaanii wajjin hariiroo cimaa uumuuf yeroo fi humna akka hin qabne nutti dhagaʼama taʼa. Taʼus, abdii kutachuu hin qabnu. Obboloonni keenya yeroo rakkinaatti nu cinaa akka dhaabbatan yoo barbaanne, ammuma michummaa cimaa isaanii wajjin uumuu qabna. Karaa guddaan kana gochuu itti dandeenyu inni tokko immoo wanta yaadnuu fi nutti dhagaʼamu isaanitti himuu dha. (1 Phe. 1:22) Yesuus michoota isaa wajjin ifatti haasaʼuudhaan akka isaan amanu argisiiseera. (Yoh. 15:15) Nutis wanta nu gammachiise, nu yaaddessee fi nu aarse warra kaanitti himuudhaan fakkeenya isaa hordofuu dandeenya. Namni kan biraa yommuu si haasofsiisu xiyyeeffannaadhaan dhaggeeffadhu, kunis yaada, miiraa fi galma wal fakkaatu akka qabdan hubachuuf si gargaaruu dandaʼa. Atis warra kaanii wajjin ifatti haasaʼuuf dursa kan fudhattu yoo taʼe, michummaan isaanii wajjin qabdu guddachuun isaa hin oolu.—Fak. 27:9. w19.11 4 key. 8-9

Roobii, Adoolessa 21

Yihowaan Gooftaa Ol Aanaan akkana jedha.—His. 2:4.

Yeroo rakkina guddaatti ergaan nuti labsinu jijjiiramuun isaa hin oolu. Yeroo ammaatti misiraachoo Mootummichaa lallabaa jirra, akkasumas barattoota gochuuf carraaqqii gochaa jirra. Haa taʼu malee, yeroo sanatti ergaa cimaa akka cabbii guguddaa taʼe labsuu dandeenya. (Mul. 16:21) Tarii addunyaan Seexanaa yeroo dhihootti guutummaatti akka badu labsina taʼa. Ergaan keenya maal akka taʼee fi akkamitti akka labsinu yeroo sana kan hubannu taʼa. Malawwan waggoota dhibba tokkoo oliif tajaajila keenya raawwachuuf itti fayyadamaa turretti ni fayyadamnaa laata? Moo malawwan kan biraatti fayyadamna? Kun yeroon isaa yommuu gaʼu kan arginu taʼa. Kanas taʼe sana, ija jabinaan ergaa murtii Yihowaa labsuuf mirga waan argannu fakkaata! (His. 2:3-5) Ergaan keenya saboota waan aarsuuf guutummaatti cal nu jechisiisuuf yaaluun isaanii hin oolu. Yeroo ammaatti tajaajila keenya irratti deeggarsa Yihowaa argachuuf akkuma isatti amanamnu, yeroo sanattis deeggarsa isaa ni barbaanna. Waaqni keenya humna fedhii isaa raawwachuuf nu barbaachisu akka nuuf kennu mirkanaaʼoo taʼuu dandeenya.—Mik. 3:8. w19.10 16 key. 8-9

Kamisa, Adoolessa 22

Namoonni tokko tokko . . . daandii amantii irraa goraniiru.—1 Xim. 6:10.

Jechi ‘goruu’ jedhu qabeenya hin barbaachisne argachuuf yaaluudhaan xiyyeeffannaan keenya hihhiramuu akka dandaʼu argisiisa. Achiis ‘hawwii hedduu faayidaa hin qabnee fi miidhaa geessisaniif’ garaa keenya saaxiluu dandeenya. (1 Xim. 6:9) Fedhiiwwan kun garaa keenya keessa akka seenan heyyamuu mannaa meeshaalee waraanaa nu miidhuu dandaʼan akka taʼanitti isaan ilaaluu qabna. Mee qarshii wantoota hedduu bituuf nu dandeessisu qabna haa jennu. Wanta barbaanne, garuu immoo dhugumaan nu hin barbaachisne tokko utuu binnee dogoggora raawwachaa jirra jechuudhaa? Akkas jechuu miti. Mee gaaffiiwwan kanneen irratti yaadi: Wanta tokko bituu kan dandeenyu taʼus, yeroo fi humna wanta sanatti fayyadamuu fi suphuuf nu barbaachisu qabnaa? Qabeenya keenya garmalee jaallachuu yoo jalqabne hoo? Jaalalli qabeenyaaf qabnu akkuma dargaggeessa affeerraa Yesuus tajaajila inni Waaqayyoof dhiheessu akka balʼifatuuf isaaf dhiheesse hin fudhanne sanaa akka taanu nu gochuu hin dandaʼuu? (Mar. 10:17-22) Jireenya salphaa jiraachuun, akkasumas yeroo fi humna keenya isa gatii guddaa qabu, fedha Yihowaa raawwachuuf itti fayyadamuun keenya baayʼee barbaachisaa dha! w19.11 17-18 key. 15-16

Jimaata, Adoolessa 23

Karoorri nama dhimmee hojjetuu gara milkaaʼinaatti geessa.—Fak. 21:5.

Waaqayyo ‘hojiidhaaf akka kakaatu humna sii kennuu’ fi murtoo goote akka hojii irra oolchitu si gargaaruu dandaʼa. (Filp. 2:13) Humna tarkaanfii fudhachuuf si dandeessisu argachuuf kadhadhu. Humna si barbaachisu argachuuf Yihowaan hafuura qulqulluu isaa akka sii kennu kadhadhu. Kadhannaan kee deebii utuu hin argatin akka ture yoo sitti dhagaʼame illee kadhachuu kee itti fufi. Akkuma Yesuus jedhe, ‘kadhachuu kee itti fufi, [hafuurri qulqulluun] siif kennama.’ (Luq. 11:9, 13) Akkasumas karoora baafadhu. Hojii jalqabde kam iyyuu fiixaan baasuuf karoora baafachuun si barbaachisa. Achiis karoora sana wajjin haala wal simuun hojjechuu qabda. Haaluma wal fakkaatuun, murtoo tokko yommuu gootu murtoo sana hojii irra oolchuuf tarkaanfiiwwan fudhachuuf yaadde barreessi. Hojiiwwan guguddaa taʼan bakka xixinnootti qoqqooddee hojjechuun kee hammam akka hojjette gamaaggamuuf si gargaaruu dandaʼa. Phaawulos ergamaan warri Qorontos hamma inni isaan bira dhaqutti eeguu fi yeroo inni isaan bira dhufutti buusii walitti qabuu mannaa, “guyyaa jalqaba torbaniitti” buusii isaanii adda baasanii akka kaaʼan isaan jajjabeesseera. (1 Qor. 16:2) Kana malees, hojiiwwan guguddaa taʼan bakka xixinnootti qoqqooddee hojjechuun miira hojiiwwan sana hojjechuu akka hin dandeenye sitti dhagaʼamu irraa si eeguu dandaʼa. w19.11 29 key. 13-14

Sanbadduraa, Adoolessa 24

Warri maqaa kee beekan sitti amanamu; yaa Yihowaa, ati warra si barbaaddatan matumaa hin dhiistu.—Far. 9:10.

Namni tokko maqaa Waaqayyoo fi wantoota inni dubbate ykn raawwate tokko tokko kan beeku yoo taʼe, namni sun waaʼee Yihowaa beeka jennee dubbanna taʼa. Haa taʼu malee, Yihowaa sirriitti beekuun kana caalaa wanta dabalatu qaba. Waaʼee Yihowaa fi amalawwan isaa warra dinqisiisoo taʼanii yeroo fudhannee barachuu nu barbaachisa. Wanta tokko dubbachuu fi raawwachuuf maaltu akka isa kakaase hubachuu kan jalqabnu yoo akkas goone qofa dha. Kunis ilaalchi keenya, murtoowwan keenyaa fi gochawwan keenya isa biratti fudhatama qabaachuu fi dhiisuu isaanii hubachuuf nu gargaara. Wanta Yihowaan akka goonu barbaadu erga hubannee booda, wanta sana raawwachuu qabna. Namoonni tokko tokko Yihowaa tajaajiluu barbaaduu keenyaaf nutti qoosuu fi saba isaa wajjin hariiroo uumuu yommuu jalqabnu immoo caalaatti nu mormuu dandaʼu. Taʼus, Yihowaatti kan amanamnu yoo taʼe inni matumaa nu hin dhiisu. Akkas yoo goone Waaqayyo wajjin michummaa jireenya keenya guutuu turuu dandaʼu uumuuf buʼuura kaaʼaa jirra jechuu dha. Hamma kana Yihowaa sirriitti beekuu ni dandeenyaa? Eeyyee ni dandeenya! w19.12 16-17 key. 3-4

Dilbata, Adoolessa 25

Ijoolleen dhaala Yihowaa biraa argamani dha.—Far. 127:3.

Yeroo tokko tokko warri, haalawwan rakkisoon isaan mudatan humna isaaniitii ol akka taʼan isaanitti dhagaʼama taʼa; taʼus ijoolleen kennaa Yihowaa ti. Inni yeroo hunda isaan gargaaruuf qophaaʼaa dha. Kadhannaa warri dhiheessan fedhiidhaan dhaggeeffata. Kitaaba Qulqulluutti, barreeffamoota keenyatti, fakkeenya warra muuxannoo qabanii fi gumii keessa jiraniitti, akkasumas gorsa isaan kennanitti fayyadamuudhaan kadhannaa isaaniitiif deebii kenna. Namoonni tokko tokko mucaa tokko guddisuun waggaa 20 fudhata jedhu, taʼus warri yeroo hundumaa warra taʼuu isaanii itti fufu. Wantoota gaggaarii warri ijoollee isaaniitiif kennuu dandaʼan keessaa jaalala, yeroo fi leenjii Kitaaba Qulqulluu irratti hundaaʼe caqasuun ni dandaʼama. Ijoolleen hundi leenjii isaanii kennamuuf deebii garaa garaa kennuu dandaʼu. Haa taʼu malee, namoonni warra Yihowaa jaallataniin guddatan baayʼeen isaanii akka obboleettii Joʼaanaa Maaʼii jedhamtuu fi Eeshiyaa keessa jiraattuu isaanitti dhagaʼama. Akkana jetteetti: “Warri koo waan na adabanii fi Yihowaa akkan jaalladhu waan na barsiisaniif baayʼeen galateeffadha. Isaan jireenya qofa utuu hin taʼin jireenya hiika qabu naaf kennaniiru.” (Fak. 23:24, 25) Kiristiyaanonni miliyoonaan lakkaaʼamanis miira kanaa wajjin wal fakkaatu qabu. w19.12 27 key. 21-22

Wiixata, Adoolessa 26

Jajjabina isa irraa argannuun warra rakkina akkamii iyyuu keessa jiran jajjabeessuu [dandeenya].—2 Qor. 1:4.

Obbolootaa fi obboleettota jajjabinni isaan barbaachisu argachuuf fagoo deemuun nu hin barbaachisu. Sodaan kan nutti dhagaʼamu taʼus karaawwan ittiin warra kaan gargaarru barbaaduuf dursa fudhachuu qabna. Fakkeenyaaf, nama haala rakkisaa keessa jiru tokkotti maal dubbachuu ykn maal isaaf gochuu akka qabnu beekuu dhiisuun keenya nu sodaachisa taʼa. Taʼus warra kaaniif akka yaannu kan argisiisnu yoo taʼe, jajjabina kennuu irratti buʼa qabeeyyii taʼuu dandeenya. Dhuma sirna kanaatti dhihaachaa yommuu jirru kanatti haalli addunyaa hammaachuun isaa fi jireenyi caalaatti ulfaachaa deemuun isaa hin oolu. (2 Xim. 3:13) Kana malees mudaa kan qabnu waan taaneef, akkasumas dogoggora waan raawwannuuf jajjabina barbaaduu keenya itti fufna. Phaawulos ergamaan obboloota isaa irraa jajjabina waan argateef, hamma dhuma jireenya isaatti amanamummaadhaan jabaatee dhaabbachuu dandaʼeera. Nutis fakkeenya isaanii hordofuudhaan obboloonnii fi obboleettonni keenya amantii isaanitti akka ciman gargaaruu dandeenya.—1 Tas. 3:2, 3. w20.01 12-13 key. 17-19

Kibxata, Adoolessa 27

Warra ergamoota . . . ofiin jedhan [qorteetta].—Mul. 2:2.

Dibamtoonni warri kaan karaa adda taʼeen akka isaan ilaalan hin eegan. (Filp. 2:2, 3) Yihowaan yommuu isaan muudu namoonni hundi waaʼee kanaa akka beekan akka hin goone beeku. Kanaafuu, namni dibame tokko namoonni tokko tokko dibamuu isaa dafanii amanuu yoo baatan kun isa dinqisiisuu hin qabu. Kitaabni Qulqulluun nama Waaqayyo itti gaafatamummaa addaa akka isaaf kenne dubbate tokko dafnee amanuu akka hin qabne kan dubbatu taʼuu isaa beeka. Kiristiyaanni dibame tokko nama tokko wajjin yeroo jalqabaatiif yommuu wal argu dibamaa taʼuu isaa dubbachuudhaan xiyyeeffannaa warra kaanii ofitti harkisuu hin barbaadu. Akkasumas waaʼee kanaa dubbachuudhaan of hin jaju. (1 Qor. 4:7, 8) Kiristiyaanonni dibamoon waaʼee dibamuu isaanii mariʼachuuf ykn garee qoʼannaa Kitaaba Qulqulluu dhuunfaa hundeessuuf jecha dibamtoota kan biroo barbaaduuf hin yaalan. (Gal. 1:15-17) Dibamtoonni wantoota kana yoo godhan gumichi tokkummaa hin qabaatu. Kana malees hafuura qulqulluu isa sabni Waaqayyoo nagaa fi tokkummaa akka qabaatan godhe mormu.—Rom. 16:17, 18. w20.01 28 key. 6-7

Roobii, Adoolessa 28

Wantoonni kun taʼuu yommuu jalqaban, fayyinni keessan waan dhihaateef, kaʼaa dhaabbadhaa, mataa keessanis ol qabadhaa.—Luq. 21:28.

Oolee bulee namoonni amantiin isaanii balleeffame amantiin Dhugaa Baatota Yihowaa ammas jiraachuun isaa isaan aarsuu dandaʼa. Kun immoo miidiyaalee hawaasaa irratti dabalatee jeequmsa akkamii akka inni uumuu dandaʼu tilmaamuu dandeenya. Saboonnii fi Seexanni inni geggeessaa isaanii taʼe amantiin hin balleeffamne keenya qofa waan taʼeef nu jibbu. Isaan kaayyoo amantii hunda lafa irraa balleessuuf qaban galmaan hin geenye. Kanaaf, nuti xiyyeeffannaa isaanii keessa galla. Yeroo kanatti saboonni Goog isa biyya Maagoog taʼu jechuu dha. Humna qaban hundatti fayyadamuudhaan saba Yihowaa irratti haleellaa cimaa geessisuuf tokkummaa uumu. (His. 38:2, 14-16) Wantoota raawwataman hunda sirriitti waan hin beekneef waaʼee kanaa yaaduun keenya hamma tokko nu sodaachisuu dandaʼa. Taʼus, waaʼee wanta tokkoo mirkanaaʼoo dha: Rakkina guddaa sodaachuun nu hin barbaachisu. Yihowaan qajeelfama lubbuu keenya oolchu nuuf kenna.—Far. 34:19. w19.10 16-17 key. 10-11

Kamisa, Adoolessa 29

Yaa Waaqa koo Yihowaa, ati wantoota dinqisiisoo hedduu nuuf gooteetta, yaadawwan nuuf qabdus hedduu dha.—Far. 40:5.

Miira dinqisiifannaa qabaachuu caalaa wanta dabalataa gochuu qabna; dinqisiifannaa Yihowaadhaaf qabnu dubbii fi gocha keenyaan isaaf ibsina. Kunis namoota hedduu yeroo harʼaa jiran irraa adda nu taasisa. Namoonni yeroo harʼaa jiran hedduun wanta Waaqayyo isaanii godhe hundaaf hin galateeffatan. Wantoota “guyyoota dhumaa” keessa jiraachaa akka jirru argisiisan keessaa inni tokko namoonni kan hin galateeffanne taʼuu isaanii ti. (2 Xim. 3:1, 2) Nuti garuu amala akkasii qabaachuu hin barbaannu! Yihowaan ijoolleen isaa hundi michoota walii akka taʼan barbaada. Jaalalli walii keenyaaf qabnu kun immoo Kiristiyaanota dhugaa taʼuu keenya kan argisiisu dha. (Yoh. 13:35) Yaada faarfatichi akkana jechuudhaan barreesse irratti walii galla: “Obboloonni walii wajjin jiraachuun, attam gaarii dha, attam namatti tolas!” (Far. 133:1) Obbolootaa fi obboleettota keenya yommuu jaallannu Yihowaa akka jaallannu argisiisna. (1 Yoh. 4:20) Kutaa maatii obbolootaa fi obboleettota ‘garaa waliif laafanii fi gaarummaa walitti argisiisanii’ taʼuun baayʼee nama gammachiisa.—Efe. 4:32. w20.02 9 key. 6-7

Jimaata, Adoolessa 30

[Yihowaan] Haannaa [ni yaadate].—1 Sam. 2:21.

Wanti Haannaa yaaddessee ture battalumatti hin badne. Ishiin ammas Phiniinaa wajjin mana tokko keessa jiraachuu qabdi turte. Kana malees, Kitaabni Qulqulluun ilaalchi Phiniinaa akka jijjiirame hin dubbatu. Kanaafuu, Haannaan jechoota nama miidhanii fi masaanuun ishii dubbattu dandamachuu ishii itti fuftee taʼuu hin oolu. Haa taʼu malee, Haannaan nagaa ishii deebistee argachuu fi eegdee jiraachuu dandeesseetti. Haannaan dhimmicha Yihowaatti erga himtee booda, waaʼee isaa dhiphachuu dhiisteetti. Yihowaan akka ishii jajjabeessuu fi ishii tasgabbeessu heyyamtee turte. Yeroo muraasa booda Haannaan ijoollee godhachuudhaan eebbifamteetti! (1 Sam. 1:2, 6, 7, 17-20) Rakkinni nu mudate yoo itti fufe illee nagaa keenya deebisnee argachuu dandeenya. Cimsinee kan kadhannuu fi yeroo hunda walgaʼiiwwan gumii irratti kan argamnu taʼus rakkoowwan tokko tokko itti fufuu dandaʼu. Taʼus, Yihowaan garaa keenya isa dhiphate akka hin tasgabbeessine wanti isa dhoowwuu dandaʼu akka hin jirre fakkeenya Haannaa irraa barachuu dandeenya. Yihowaan matumaa nu hin irraanfatu, oolee bulee amanamummaa keenyaaf nu badhaasa.—Ibr. 11:6. w20.02 22 key. 9-10

Sanbadduraa, Adoolessa 31

Nama ogeessa barsiisi, innis caalaatti ogeessa taʼa.—Fak. 9:9.

Jaarsoliin dhugaawwan buʼuuraa Kitaaba Qulqulluu warri kaan tarkaanfii ogummaa irratti hundaaʼe akka fudhatan isaan gargaaru dubbachuu irraa duubatti hin jedhan. Yeroo barbaachisaa taʼutti dubbachuun keenya baayʼee barbaachisaa kan taʼe maaliifi? Mee fakkeenya Elii haa ilaallu. Eliin inni Luba Ol Aanaa ture ijoollee dhiiraa baayʼee jaallatu lama qaba ture. Haa taʼu malee, ijoolleen kun Yihowaadhaaf kabaja hin qaban. Itti gaafatamummaa guddaa godoo qulqullaaʼaa keessatti luboota taʼanii tajaajiluu qabu turan. Taʼus, aangoo isaanii karaa sirrii hin taaneen itti fayyadamaniiru, kennaawwan Yihowaadhaaf dhihaataniif tuffii guddaa akka qaban argisiisaniiru, akkasumas ifatti saalqunnamtii raawwatu turan. (1 Sam. 2:12-17, 22) Akka Seera Museetti ijoolleen Elii ajjeefamuu qabu turan; Eliin garuu garraamummaadhaan isaan ifachuu malee homaa kan hin goone taʼuu isaa irra iyyuu, godoo qulqullaaʼaa keessatti tajaajiluu isaanii akka itti fufan isaaniif heyyamee ture. (Kes. 21:18-21) Yihowaan akkaataa Eliin dhimma kana itti qabe akkamitti ilaale? Eliidhaan akkana jedheera: “Maaliif ana caalaa [ilmaan keetiif] ulfina kennite?” Achiis Yihowaan namoota hamoo kana lamaan ajjeesuuf murteesse.—1 Sam. 2:29, 34. w20.03 19 key. 4-5

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi