Fulbaana
Roobii, Fulbaana 1
Abbaan koo hanga ammaatti hojjechaa jira; anis hojjechuu koo ittan fufa.—Yoh. 5:17.
Fakkeenyi Yihowaa fi Yesuus jabaatanii hojjechuudhaan kaaʼan boqochuun akka nu hin barbaachisne kan argisiisudhaa? Lakki. Yihowaan matumaa hin dadhabu; kanaafuu, boqochuun isa hin barbaachisu. Kitaabni Qulqulluun Yihowaan samii fi lafa erga uumee booda akka ‘boqotee fi akka aara galfate’ dubbata. (Bau. 31:17) Haa taʼu malee, kun Yihowaan hojii uumuu dhaabuu isaa fi wanta hojjetetti gammaduu isaa kan argisiisu akka taʼe ifa dha. Yesuusis yeroo lafa irra turetti jabaatee kan hojjetu taʼus, boqochuu fi michoota isaa wajjin nyaachuuf yeroo ni ramada ture. (Mat. 14:13; Luq. 7:34) Kitaabni Qulqulluun sabni Waaqayyoo hojii akka hojjetan jajjabeessa. Tajaajiltoonni isaa dhibaaʼoo taʼuu mannaa jabaatanii kan hojjetan taʼuu qabu. (Fak. 15:19) Tarii wanta maatii keetiif barbaachisu guutuuf hojii ni hojjetta taʼa. Kana malees, barattoonni Kiristoos hundi hojii misiraachicha lallabuu irratti hirmaachuuf itti gaafatamummaa qabu. Taʼus, boqonnaa gaʼaa argachuunis si barbaachisa. w19.12 2 key. 2; 3 key. 4-5
Kamisa, Fulbaana 2
Kiristoos faana isaa dhiheenyatti akka hordoftan fakkeenya isiniif taʼuudhaan isiniif jedhee dhiphateera.—1 Phe. 2:21.
Oduu waaʼee jinniiwwanii dubbatu odeessuu irraa fagaadhaa. Gama kanaan fakkeenya Yesuus nuuf kaaʼe hordofuu barbaanna. Yesuus gara lafaa dhufuu isaa dura samii keessa jiraachaa waan tureef, waaʼee Seexanaa fi jinniiwwanii waan hedduu beeka ture. Haa taʼu malee, wanta hafuuronni hamoon kun raawwatan hin dubbatu ture. Yesuus Seexana beeksisuu utuu hin taʼin, dhugaa baatuu Yihowaa taʼuu barbaada ture. Oduu waaʼee jinniiwwanii ibsu babalʼisuu dhiisuudhaan fakkeenya Yesuus hordofuu dandeenya. Kanaa mannaa, ‘garaan keenya kan guutame dubbii gaariidhaan,’ jechuunis dhugaadhaan akka taʼe wanta dubbannuun ni argisiisna. (Far. 45:1) Hafuurota hamoo garmalee hin sodaatinaa. Addunyaa yeroo harʼaa jiru keessatti wanti hamaan nu irra gaʼuu dandaʼa. Balaan, dhukkubni ykn duuti illee akka tasaa nu mudachuu dandaʼa. Haa taʼu malee, wanta hamaa kana kan geessisan hafuurota hamoo dha jennee yaaduu hin qabnu. Kitaabni Qulqulluun, “yeroonii fi walitti dhufuun” nama kam irra iyyuu gaʼuu akka dandaʼu ibsa. (Lal. 9:11, hiika bara 1899) Yihowaan jinniiwwan caalaa humna guddaa akka qabu argisiiseera. w19.04 23-24 key. 13-14
Jimaata, Fulbaana 3
Abbootiin taayitaa amma jiran aangoo isaanii isa daangaa qabu kan argatan Waaqayyo biraa ti.—Rom. 13:1.
Jaarsoliin, seera mootummaa yakka ijoollee gudeeduu, abbootii taayitaatiif gabaasa gochuu ajaju ni deggeruu? Eeyyee. Biyyoota seerri akkasii jiru keessatti, jaarsoliin seera mootummaa gocha ijoollee gudeeduu gabaasa gochuu ilaalchisee baʼeef ni ajajamu. Seerawwan akkasii seera Waaqayyoo wajjin wal hin faallessan. (HoE. 5:28, 29) Kanaafuu, jaarsoliin yakki ijoollee gudeeduu raawwatamuu isaa yommuu dhagaʼan, seera mootummaa dhimma kana gabaasuu ajaju akkamitti akka hojii irra oolchan yeruma sana qajeelfama gaafachuu qabu. Jaarsoliin, ijoolleen miidhaman, warri isaanii fi namoonni dhimmicha beekan kan biroon, yakka sana abbootii taayitaatiif gabaasuuf bilisummaan isaanitti dhagaʼamuu akka qabu isaaniif mirkaneessuu qabu. Haa taʼu malee, namni yakka kana akka raawwate isaan gabaasa godhan kutaa gumii yoo taʼee fi sana booda dhimmichi hawaasicha keessatti yoo beekame hoo? Kiristiyaanni dhimma kana gabaasa godhe maqaa Waaqayyoo irratti arrabsoo akka fide isatti dhagaʼamuu qabaa? Matumaa. Maqaa Waaqayyoo irratti arrabsoo kan fide nama yakka sana raawwate dha. w19.05 10 key. 13-14
Sanbadduraa, Fulbaana 4
Ogummaan addunyaa kanaa Waaqayyo biratti gowwummaa dha.—1 Qor. 3:19.
Kitaabni Qulqulluun abbaan manaa fi haati manaa walii isaaniis taʼe waadaa gaaʼelaa isaanii akka kabajan ajaja. Kitaabni Qulqulluun, “Dhiirri abbaa isaa fi haadha isaa in dhiisa, haadha manaa isaattis in maxxana; isaan lachanuus foon tokko in taʼu” jechuudhaan, hiriyoonni gaaʼelaa walii wajjin taʼuudhaaf kutannoo cimaa akka qabaatan jajjabeessa. (Uma. 2:24) Faallaa kanaatiin, namoonni ogummaan addunyaa dhiibbaa isaan irratti godhe, hiriyaan gaaʼelaa tokko fedhii ofii isaa irratti xiyyeeffachuu qaba jechuudhaan ilaalcha kana irraa adda taʼe babalʼisu. Kitaabni waaʼee wal hiikuu ibsu tokko, “sirnawwan gaaʼelaa tokko tokko irratti, waadaan gaaʼelaa durii, ‘lamaan keenya iyyuu hamma lubbuudhaan jirrutti’ jedhu waadaa gaaʼelaa, ‘lamaan keenya iyyuu hamma wal jaallannetti’ jedhuun akka bakka buufame” ibseera. Gaaʼelaaf ilaalcha laafaa akkasii qabaachuun, maatiiwwan hedduun akka diigaman godheera, akkasumas miidhaa miiraa hangana hin jedhamne geessiseera. Shakkii tokko malee, ilaalchi gad aanaan addunyaan gaaʼelaaf qabu barumsa gowwummaa ti. w19.05 23 key. 12
Dilbata, Fulbaana 5
Sirni kun dhiibbaa akka isin irratti godhu hin heyyaminaa.—Rom. 12:2.
Phaawulos kan yaaddaʼe, Kiristiyaanonni tokko tokko yaadawwan dogoggoraa fi falaasamni addunyaa Seexanaa dhiibbaa isaan irratti gochaa waan tureef taʼuu dandaʼa. (Efe. 4:17-19) Kun nu keessaa nama kam irra iyyuu gaʼuu dandaʼa. Seexanni inni waaqa sirna kanaa taʼe, malawwan gara garaatti fayyadamee Yihowaa irraa nu garagalchuuf carraaqqii cimaa gochaa jira. Malawwan isaa kana keessaa tokko, iddoo guddaa ykn beekamtii argachuuf fedhii nuti qabaachuu dandeenyu kamitti iyyuu fayyadamuu dha. Akka inni barbaadutti akka yaadnu nu taasisuuf, akkaataa guddinaa, aadaa ykn barumsa fudhanne tokko tokkotti illee fayyadamuu dandaʼa. Wantoota sammuu keenya keessatti “daʼoo jajjabaa” taʼan baasnee gatuu ni dandeenyaa? (2 Qor. 10:4) Deebii Phaawulos kana ilaalchisee kenne hubadhaa: “Nuti yaadawwan dogoggoraa fi wantoota guguddaa beekumsa Waaqayyoo morman hunda garagalchina; akkasumas yaada hunda boojinee Kiristoosiif akka ajajamu goona.” (2 Qor. 10:5) Eeyyee, gargaarsa Yihowaatiin yaadawwan dogoggoraa toʼachuu ni dandeenya. w19.06 8 key. 1-3
Wiixata, Fulbaana 6
Gama kootiin . . . Waaqayyotti dhihaachuun anaaf gaarii dha. . . . Yihowaa Gooftaa Ol Aanaa iddoon kooluu itti galu godhadheera.—Far. 73:28.
Haannaan, Daawitii fi faarfatichi baayʼee gaddanii kan turan taʼu illee, gargaarsa argachuuf Yihowaatti amanamanii turan. Dhiphina isaanii kadhannaa cimaadhaan Yihowaatti himataniiru. Baayʼee kan dhiphatan maaliif akka taʼe ifatti Yihowaatti himaniiru. Akkasumas bakka Yihowaa itti waaqeffatan deemuu isaanii itti fufaniiru. (1 Sam. 1:9, 10; Far. 55:22; 73:17; 122:1) Yihowaan tokkoon tokkoon isaaniitiif gara laafinaan deebii kenneera. Haannaan nagaa sammuu argatteetti. (1 Sam. 1:18) Daawit, “Wanti hamaan nama qajeelaatti in baayʼata, Waaqayyo garuu kana hundumaa keessaa isa in baasa” jechuudhaan barreesseera. (Far. 34:19) Akkasumas faarfatichi yeroo booda, Yihowaan ‘harka isaa mirgaa qabee’ gorsa jaalala irratti hundaaʼeen akka isa geggeesse isatti dhagaʼamee ture. (Far. 73:23, 24) Fakkeenyota kana irraa maal baranna? Yeroo tokko tokko rakkoowwan dhiphina nutti fidan hedduun nu mudatu. Haa taʼu malee, akkaataa Yihowaan warra kaan itti gargaare irratti yoo xiinxalle, kadhannaadhaan yoo isatti amanamnee fi wanta inni nu ajaje hojjechuudhaan yoo isaaf ajajamne dandamachuu ni dandeenya.—Far. 143:1, 4-8. w19.06 17 key. 14-15
Kibxata, Fulbaana 7
Qajeelummaadhaaf jettanii rakkinni yoo isin irra gaʼe illee isin gammadoo dha.—1 Phe. 3:14.
Wanti namoonni dubbatan ykn hojjetan kam iyyuu Dhugaa Baatuu Yihowaa taʼuu keessanitti akka qaanoftan akka isin godhu matumaa hin heyyaminaa. (Mik. 4:5) Wanta Yesuus Yerusaalem keessatti erga ajjeefamee yeroo muraasa booda ergamoonni godhan qoruudhaan sodaa namaa dandamachuu barachuu ni dandeenya. Isaan geggeessitoonni amantii Yihudootaa hangam akka isaan jibban ni beeku turan. (HoE. 5:17, 18, 27, 28) Taʼus, guyyaa hundumaa gara mana qulqullummaa dhaquudhaan barattoota Yesuus taʼuu isaanii ifatti beeksisuu isaanii itti fufanii turan. (HoE. 5:42) Sodaan akka isaan romʼisiisu heyyamuu didaniiru. Nutis bakka hojiitti, mana barumsaattii fi olloota keenya biratti yeroo hundumaa Dhugaa Baatota Yihowaa taʼuu keenya ifatti beeksisuudhaan sodaa namaa qabnu moʼuu ni dandeenya. (HoE. 4:29; Rom. 1:16) Ergamoonni gammadoo kan turan maaliifi? Isaan maaliif akka jibbaman beeku turan, akkasumas fedha Yihowaa raawwachuu isaaniitiin miidhaan isaan irra gaʼuu isaa akka ulfinaatti ilaalu turan. (Luq. 6:23; HoE. 5:41; 1 Phe. 2:19-21) Wanta qajeelaa hojjechuu keenyaan akka jibbamne yommuu hubannu, jibbi namootaa sodaadhaan akka nu laamshessu hin heyyamnu. w19.07 7 key. 19-20
Roobii, Fulbaana 8
Guyyaa Sanbataatti wanta gaarii gochuun seeraan heyyamameera.—Mat. 12:12.
Yesuusii fi duuka buutonni isaa warri Yihudii taʼan Seera Musee jala waan jiraniif guyyaa Sanbataa ni eegu turan. Haa taʼu malee, Yesuus guyyaa Sanbataatti gaarummaa argisiisuunii fi wantoota faayidaa qaban warra kaaniif gochuun akka heyyamame dubbii fi gocha isaatiin argisiiseera. (Mat. 12:9-11) Wantoota gaarii fi faayidaa qaban raawwachuun seera Sanbataa cabsuu akka taʼetti hin ilaalle. Wantoonni Yesuus hojjete Waaqayyo sabni isaa guyyaa Sanbataa akka boqotan kan ajaje maaliif akka taʼe hubachuu isaa kan argisiisu ture. Sabni Waaqayyoo hojii guyyaa guyyaa isaanii irraa waan boqotaniif, wantoota hafuuraa irratti xiyyeeffachuu dandaʼu. Yesuus maatii guyyaa Sanbataa wantoota hafuuraatiif itti fayyadamu keessatti guddate. Wanta Yesuus yeroo magaalaa Naazireet ishii inni itti guddate keessa turetti godhe irraa kana hubachuun ni dandaʼama; seenaan isaa, ‘Akkuma barsiifata isaa guyyaa Sanbataatti mana sagadaa seenee dubbisuuf kaʼee dhaabate’ jedha. (Luq. 4:15-19) Kana malees, barattoonni isaa seera Sanbataatiif kabaja guddaa waan qabaniif, guyyaan Sanbataa hamma darbutti urgooftuu fi dibata reeffa Yesuusiif barbaachisu qopheessuu dhiisaniiru.—Luq. 23:55, 56. w19.12 4 key. 10
Kamisa, Fulbaana 9
Abdii malee . . . jiraachaa turtan.—Efe. 2:12.
Namoota garaa qajeelaa qaban barbaaduu irratti tajaajiltoonni Kiristiyaana taʼan hundi ni hirmaatu. Hojii kana mucaa bade tokko barbaaduu wajjin wal fakkeessuu dandeenya. Akkamitti? Mee seenaa dhugaa waaʼee mucaa waggaa sadii manaa bade tokkoo haa ilaallu. Mucaa kana barbaaduu irratti namoonni gara 500 taʼan hirmaatanii turan. Dhuma irrattis mucaan sun erga badee saʼaatii 20 booda, namni barbaacha kana irratti hirmaachaa ture tokko maasii boqqolloo keessatti isa argate. Taʼus, namni mucaa kana argate kun galateeffatamuu dide. Namichi kun, “Mucaa kana barbaaduu irratti namoonni dhibbaan lakkaaʼaman hirmaataniiru” jedheera. Namoonni hedduun mucaa badee ture kanaa wajjin haala wal fakkaatuun akka badan isaanitti dhagaʼama. Abdii hin qaban, taʼus gargaarsa barbaadu. Namoonni miliyoona saddeetii ol taanu namoota gargaarsi isaan barbaachisu kana barbaaduu irratti hirmaachaa jirra. Tarii isin dhuunfaatti nama Kitaaba Qulqulluu qoʼachiistan hin arganne taʼa. Haa taʼu malee, babalʼistoonni naannoo tajaajilaa keessan keessa tajaajilan kan biroon nama dhugaa Dubbii Waaqayyoo keessa jiru barachuu barbaadu tokko argataniiru taʼa. Obboleessi ykn obboleettiin tokko nama barataa Kiristoos taʼu tokko yommuu argatan, namoonni barbaacha kana irratti hirmaatan hundi gammaduuf sababii gaʼaa qabu. w19.07 16-17 key. 9-10
Jimaata, Fulbaana 10
Galma sana bira gaʼuuf . . . carraaqaan jira.—Filp. 3:14.
Phaawulos ergamaan Kiristiyaanonni Filiphisiyus keessa turan fiigicha isaanii jabinaan fiiguun akka isaan barbaachisu isaan yaadachiiseera. Gumichi erga hundeeffamee kaasee ariʼatamni isa irra gaʼeera. Ariʼatamni kun kan jalqabe, Dh.K.B. naannoo bara 50, yeroo Phaawulosii fi Siilaas afeerrii Waaqayyo ‘gara Maqedooniyaatti akka ceʼan’ isaaniif dhiheesse fudhatanii Filiphisiyus gaʼanitti ture. (HoE. 16:9) Iddoo kanatti dubartii Liidiyaa jedhamtuu fi ‘dhaggeeffachaa turte’ tokko kan argatan siʼa taʼu, ishiinis misiraachicha akka fudhattuuf, ‘Yihowaan garaa ishii akka gaariitti ishiidhaaf baneera.’ (HoE. 16:14) Ishiin yeruma sana maatii ishii wajjin cuuphamte. Taʼus, Seexanni yeruma sana rakkina isaan irratti fiduu jalqabe. Namoonni magaalattii Phaawulosii fi Siilaasiin lafa irra harkisanii bulchitoota magaalattii duratti erga isaan dhiheessanii booda, jeequmsa uumaa akka jiran himata sobaa isaan irratti dhiheessan. Kanaan kan kaʼes, Phaawulosii fi Siilaas ni reebaman, ni hidhaman, akkasumas magaalattii dhiisanii akka deeman isaanitti himame. (HoE. 16:16-40) Maarree abdii kutatanii turanii? Matumaa! Obboloonni gumii haaraa hundeeffame keessa jiran hoo? Isaanis jabaatanii dhaabbachuudhaan fakkeenya gaarii taʼaniiru! Fakkeenya gaarii Phaawulosii fi Siilaas isaaniif taʼan irraa jajjabina guddaa argatanii akka turan hin shakkisiisu. w19.08 2 key. 1-2
Sanbadduraa, Fulbaana 11
Firii [qajeelinaatiin guutamaa].—Filp. 1:11.
‘Firiin qajeelinaa’ kun jaalala Yihowaa fi saba isaatiif qabnu kan dabalatu akka taʼe hin shakkisiisu. Kana malees, waaʼee amantii Yesuus irratti qabnuu fi abdii keenya isa dinqisiisaa warra kaanitti himuu dabalata. Hojii barattoota gochuu isa baayʼee barbaachisaa taʼe kana irratti dammaqinaan yommuu hirmaannu “firii qajeelinaa” godhanna. (Mat. 28:18-20) Haalli keessa jirru maal iyyuu yoo taʼe akka ibsitoota ifaatti ibsuu ni dandeenya. Haala tokko tokko keessatti, wantoonni gufuu fakkaatanii fi misiraachicha akka hin labsine nu dhoowwuu dandaʼan, lallabuuf carraa kan nuu banan taʼuu dandaʼu. Fakkeenyaaf, Phaawulos ergamaan warra Filiphisiyusiif xalayaa kan barreesse Roomaa keessatti hidhamee yeroo turetti dha. Taʼus, funcaan ittiin hidhame warra isa eeganii fi isa gaafachuu dhufaniif lallabuu irraa akka duubatti jedhu isa hin goone. Phaawulos haalawwan akkasii keessatti hinaaffaadhaan lallabeera; kunis obboloonni “dubbii Waaqayyoo sodaa malee dubbachuuf” ija jabina akka qabaatan isaan godheera.—Filp. 1:12-14; 4:22. w19.08 12 key. 15-16
Dilbata, Fulbaana 12
Kanaafuu, yeroon isaa yommuu gaʼu akka ol isin qabuuf, harka Waaqayyoo isa jabaa jalatti gad of qabaa.—1 Phe. 5:6.
Sababiin amala gad of qabuu horachuu itti qabnu inni guddaan amalli kun Yihowaa kan gammachiisu taʼuu isaa ti. Pheexiros ergamaan yaada caqasa guyyaa harʼaa irra jiru yommuu barreessetti kana ifa godheera. Wanta Pheexiros dubbate ilaalchisee kitaabni “Kottuu Ana Duukaa Buʼi” jedhamu boqonnaa 3, keeyyata 23 irratti akkana jedha: “Of gurguddisuun, akkuma summii balaadhaaf nama saaxiluu dandaʼa. Amalli kun namni dandeettii addaa qabu tokko Waaqayyo biratti faayidaa kan hin qabne akka taʼu gochuu dandaʼa. Karaa garabiraammoo, namni dandeettii addaa hin qabne tokko kan gad of deebisu yoo taʼe, Yihowaa biratti faayidaa kan qabu taʼuu dandaʼa. . . . Atis amala gad of deebisuu yoo qabaatte, Waaqni keenya gammachuudhaan si kiisa.” Dhuguma iyyuu, wanti baayʼee gaarii taʼee fi gochuu dandeenyu inni guddaan Yihowaa gammachiisuu dha. (Fak. 23:15) Amala gad of qabuu yommuu horannu Yihowaa gammachiisuu malees eebbawwan hedduu arganna. Amalli gad of qabuu namoonni kaan akka nutti dhihaatan godha. Kana hubachuuf, namoota akkamii wajjin taʼuun akka isin gammachiisu yaadaa.—Mat. 7:12. w19.09 4 key. 8-9
Wiixata, Fulbaana 13
Namni garaa isaatti boonu hundi Yihowaa duratti jibbisiisaa dha.—Fak. 16:5.
Jaarsoliin obbolootaa fi obboleettota gargaaruuf cimanii hojjetu. Akkasumas aangoo isaaniitiin kan kaʼe warra kaan irra akka caalan isaanitti hin dhagaʼamu. Kanaa mannaa, obboloota gumii keessa jiran jaalalaan qabuuf carraaqu. (1 Tas. 2:7, 8) Jaalalli guddaanii fi amalli gad of qabuu isaan qaban akkaataa itti warra kaanitti dubbatan irratti dhiibbaa godha. Jaarsi gumii muuxannoo qabuu fi Andiruu jedhamu akkana jedheera: “Jaarsi tokko gaarummaa fi miira michummaa kan argisiisu yoo taʼe obboloonnii fi obboleettonni deebii gaarii akka kennan hubadheera. Amaloonni kunneen immoo gumichi jaarsolii akka deeggaran isaan kakaasa.” Jaarsi gumii yeroo dheeraadhaaf tajaajilee fi Toonii jedhamus akkana jedheera: “Yeroo hunda gorsa Filiphisiyus 2:3 irratti argamu hojii irra oolchuu fi warri kaan ana irra akka caalanitti isaan ilaaluuf carraaqqiin godha. Kunis warri kaan akka naaf ajajaman isaan dirqisiisuuf akkan hin yaalle na gargaareera.” Jaarsoliin akkuma Yihowaa kan gad of qaban taʼuu qabu. Yihowaan uumama hunda irratti ol aantummaa kan qabu taʼus, “isa gad-deebiʼaa awwaara keessaa” ol kaasuuf “gad jedha.” (Far. 18:35; 113:6, 7, NW) Yihowaan warra kooranii fi warra of tuulan ni jibba. w19.09 16-17 key. 11-12
Kibxata, Fulbaana 14
Waanjoo koo baadhaa.—Mat. 11:29.
Waanjoo Yesuus jalatti boqonnaa argachuuf ilaalcha sirrii qabaachuu qabna. Kan hojjennu hojii Yihowaa waan taʼeef karaa inni barbaaduun hojjechuu qabna. Nuti hojjettoota dha, Yihowaan immoo Gooftaa dha. (Luq. 17:10) Hojii isaa karaa barbaanneen hojjechuuf yoo yaalle, hojichi baayʼee akka nutti ulfaatu gochuu dandeenya. Karaa biraatiin immoo qajeelfama Yihowaa kan hordofnu yoo taʼe, wantoota matumaa hin eegne hojjechuu fi wanta gufuu nutti taʼu kam iyyuu mooʼuu ni dandeenya. Eenyu iyyuu fedhiin Yihowaa akka hin raawwatamne gochuu akka hin dandeenye yaadadhaa! (Rom. 8:31; 1 Yoh. 4:4) Galmi keenya Abbaa keenya Yihowaa isa jaalala qabeessa taʼeef ulfina fiduu dha. Namoonni jaarraa jalqabaatti sassataan ykn ofittummaadhaan kakaʼanii waa argachuu barbaadan gammachuu dhabaniiru, akkasumas waanjoo Yesuus dhiisaniiru. (Yoh. 6:25-27, 51, 60, 66; Filp. 3:18, 19) Faallaa kanaatiin immoo, warri Waaqayyoo fi namootaaf jaalala ofittummaa irraa walaba taʼe qaban abdii Kiristoos wajjin samii irratti tajaajiluu qabaachuudhaan guutummaa jireenya isaanii isa lafaa irratti waanjoo isaa gammachuudhaan baataniiru. Nutis akkuma isaanii kakaʼumsa sirriidhaan waanjoo Yesuus baannee gammachuudhaan jiraachuu dandeenya. w19.09 20 key. 1; 24-25 key. 19-20
Roobii, Fulbaana 15
Dhugaa ni beektu, dhugaanis bilisa isin baasa.—Yoh. 8:32.
Mee barumsawwan sobaa yeroo dheeraadhaaf turan jalaa bilisa baʼuu keetiin eebbawwan argatte yaadi. Bilisummaa akkasii argachuu keenyatti baayʼee gammanna! Gara fuulduraattis bilisummaan guddaan akka dhufu eeguu dandeessa. Yeroo dhihootti, Yesuus amantii sobaa fi bulchiinsa ilmaan namootaa isa mancaʼaa taʼe balleessuuf tarkaanfii murteessaa taʼe fudhata. Waaqayyo “tuuta uummataa guddaa” warra isa tajaajilaniif eegumsa godha, achiis lafa jannata taatu irratti eebba akka argatan godha. (Mul. 7:9, 14) Namoonni hedduun duʼaa kaʼuudhaan miidhaa cubbuun Addaam geessise hunda jalaa bilisa baʼuuf carraa argatu. (HoE. 24:15) Yeroo Bulchiinsa Barkumeetti Yesuusii fi warri isa wajjin bulchan ilmaan namootaa karaa qaamaa fi hafuuraa mudaa kan hin qabne akka taʼan gargaaru. Yeroon haaromsaa fi bilisummaa kun akkuma Iyobeeliyuu Israaʼelootaa taʼa. Kana jechuun namoonni lafa irra jiraatanii fi amanamummaadhaan Yihowaa tajaajilan hundi cubbuu irraa bilisa taʼuudhaan mudaa kan hin qabne taʼu jechuu dha. w19.12 12-13 key. 14-16
Kamisa, Fulbaana 16
Barnaabaas isa gargaare.—HoE. 9:27.
Dhaloota Kiristoos Booda jaarraa jalqabaatti namni arjaan Yoseef (ykn Barnaabaas) jedhamu Yihowaan akka isatti fayyadamu of dhiheessee ture. (HoE. 4:36, 37) Saaʼol gumiiwwan ariʼachaa waan tureef erga Kiristiyaana taʼee booda obboloonni hedduun isatti dhihaachuu sodaatanii turan. Haa taʼu malee, Barnaabaas Saaʼoliin gargaareera. (HoE. 9:21, 26-28) Yeroo booda jaarsoliin Yerusaalem keessa jiran obboloota isaan irraa fagaatanii Anxokiyaa ishii Sooriyaatti argamtu keessa jiraatan jajjabeessuu barbaadan. Maarree eenyu ergan? Kan isaan ergan Barnaabaas waan tureef filannaan isaan godhan sirrii ture! Sababiin isaas seenaan isaa Barnaabaas, “hundi isaanii Gooftaadhaaf amanamoo taʼanii akka jiraatan isaan jajjabeessuu jalqabe” jedha. (HoE. 11:22-24) Haaluma wal fakkaatuun, Yihowaan yeroo harʼaas obboloota keenya akka jajjabeessinu nu gargaaruu dandaʼa. Fakkeenyaaf, warra namoota jaallatan duʼaan dhaban jajjabeessuuf nutti fayyadamuu dandaʼa. Yookiin immoo nama dhukkubsatee fi dhiphate tokko dhaqnee gaafachuudhaan ykn isaaf bilbiluudhaan jechoota gaarummaa argisiisan akka dubbannu nu kakaasuu dandaʼa. Ati hoo Yihowaan akkuma Barnaabaas akka sitti fayyadamu ni heyyamtaa?—1 Tas. 5:14. w19.10 22 key. 8
Jimaata, Fulbaana 17
Namni balleessaadhaaf dhiifama godhu hundi jaalala barbaada, namni dhimma tokko irra deddeebiʼee dubbatu garuu michoota walitti dhihaatan gargar baasa.—Fak. 17:9.
Yeroo tokko tokko michoota keenya wajjin walitti dhihaannee yommuu hojjennu cimina isaanii qofa utuu hin taʼin dadhabina isaaniis ni hubanna. Haala rakkisaa kana dandamachuuf maaltu nu gargaaruu dandaʼa? Dhugaadha, obboloonnii fi obboleettonni keenya mudaa kan hin qabne akka taʼan hin eegnu. Kanaafuu, nama tokko wajjin michummaa erga uumnee booda michummaan keenya akka itti fufu gochuuf cimnee hojjechuu qabna. Michoonni keenya dogoggora yoo raawwatan gaarummaadhaan gorsa Kitaaba Qulqulluu irratti hundaaʼee fi ifa taʼe isaaniif kennuun nu barbaachisuu dandaʼa. (Far. 141:5) Yoo nu miidhan immoo dhiifama isaaniif gochuu qabna. Erga dhiifama isaaniif goonee booda wanta isaan godhanii fi nu aarse sana isaanittis taʼe warra kaanitti dubbachuu irraa of qusachuu qabna. Yeroo rakkisaa taʼe kanatti dadhabina obboloota keenyaa irratti utuu hin taʼin, cimina isaanii irratti xiyyeeffachuun keenya baayʼee barbaachisaa dha. Kana gochuun keenya michummaa isaanii wajjin qabnu nuuf cimsa; yeroo rakkina guddaattis michoonni dhihoon waan nu barbaachisaniif ammuma akkas gochuun keenya barbaachisaa dha. w19.11 6 key. 13, 16
Sanbadduraa, Fulbaana 18
Saboota hundumaa keessaa namoota barattoota koo godhaa; . . . wanta ani isin ajaje hunda akka eeganis isaan barsiisaa.—Mat. 28:19, 20.
Qoʼannaa Kitaaba Qulqulluu yommuu geggeessinu ‘barattoota gochuu fi wanta [Yesuus] ajaje hunda akka eegan isaan barsiisuuf’ hamma dandeenyu carraaquu qabna. Namoonni Yihowaa fi Mootummaa isaa cinaa dhaabbachuun isaanii hammam barbaachisaa akka taʼe akka hubatan isaan gargaaruu qabna. Kana jechuun namoonni wanta baratan hojii irra oolchuudhaan dhugaa kan ofii isaanii akka godhatan, jireenya isaanii Yihowaadhaaf akka murteessanii fi akka cuuphaman kakaasuuf carraaquu qabna jechuu dha. Guyyaa Yihowaa jalaa ooluu kan dandaʼan yoo akkas godhan qofa dha. (1 Phe. 3:21) Yeroon ammaa fi dhuma sirna kanaa gidduu jiru baayʼee xinnoo dha. Kanaafuu, namoota barattoota Kiristoos taʼuuf fedhii akka hin qabne argisiisan wajjin qoʼachuu keenya itti fufuuf yeroo hin qabnu. (1 Qor. 9:26) Hojiin keenya baayʼee ariifachiisaa dha. Yeroon isaa utuu hin darbin namoonni ergaa Mootummichaa dhagaʼuun isaan barbaachisu hedduun jiru. w19.10 11-12 key. 14-15
Dilbata, Fulbaana 19
Inni . . . ixaana sana ibidda Yihowaa dura jiru irra kaaʼa.—Lew. 16:13.
Sabni Israaʼel waggaa waggaadhaan Guyyaa Araaraatti kan walitti qabaman siʼa taʼu, aarsaan horiis ni dhihaata ture. Aarsaawwan dhihaatan kun Israaʼeloonni cubbuu isaanii irraa qulqulleeffamuun akka isaan barbaachisu yaadachuuf isaan gargaareera! Haa taʼu malee, lubni ol aanaan jalqaba ixaana qulqulluu sana of eeggannoodhaan barbadaa ibiddaa sana irratti kan dhangalaasu siʼa taʼu, kutaan sunis urgaa gaariidhaan guutama. Kana irraa maal barachuu dandeenya? Kitaabni Qulqulluun kadhannaa fudhatama qabuu fi waaqeffattoonni Yihowaa amanamoo taʼan dhiheessan ixaana wajjin wal fakkeessa. (Far. 141:2; Mul. 5:8) Lubni ol aanaan ixaana sana Yihowaa duratti kan fidu kabaja guddaadhaan akka taʼe yaadadhu. Haaluma wal fakkaatuun, nutis kadhannaadhaan gara Yihowaatti kan dhihaannu kabaja guddaadhaan taʼuu qaba. Uumaan keenya akkuma mucaan tokko abbaa isaatti dhihaatu, isatti akka dhihaannu nuu heyyamuu isaatti baayʼee dinqisiifanna. (Yaq. 4:8) Yihowaan michoota isaa akka taanetti nu simata. (Far. 25:14, NW) Mirga kana baayʼee waan dinqisiifannuuf gonkumaa isa gaddisiisuu hin barbaannu. w19.11 20-21 key. 3-5
Wiixata, Fulbaana 20
Yaa Yihowaa, hojiiwwan kee akkam baayʼatu! Hunda isaanii ogummaadhaan tolchite. Lafti wanta ati tolchiteen guutamteetti.—Far. 104:24.
Namoonni naannoo kee jiran baayʼeen hojiidhaaf ilaalcha akkamii qabu? Biyyoota hedduu keessatti namoonni yeroo kam iyyuu caalaa yeroo dheeraadhaaf jabaatanii hojjetu. Namoonni garmalee hojjetan yeroo baayʼee boqochuuf, maatii isaanii wajjin yeroo dabarsuuf ykn fedhii hafuuraa isaanii guuttachuuf yeroo hin argatan. (Lal. 2:23) Gama biraatiin immoo namoonni tokko tokko hojjechuu hin jaallatan, akkasumas hojjechuu dhiisuuf sababa barbaadu. (Fak. 26:13, 14) Ilaalcha addunyaa madaalamaa hin taane irraa haala adda taʼeen, Yihowaa fi Yesuus hojiidhaaf ilaalcha akkamii akka qaban mee haa ilaallu. Yihowaan hojii hojjechuu akka jaallatu gaaffii hin qabu. Yesuus, “Abbaan koo hanga ammaatti hojjechaa jira; anis nan hojjedha” jechuudhaan yaada kana ifa godheera. (Yoh. 5:17) Waaqayyo uumamawwan hafuuraa hedduu fi hawaa balʼaa taʼe yommuu uumu wantoota inni hojjete hunda mee yaadi. Kana malees, wantoota babbareedoo Waaqayyo lafa irratti uume ilaaluu dandeenya. w19.12 2 key. 1-2
Kibxata, Fulbaana 21
Ani Daawit . . . isa nama akka garaa koo taʼe argadheera.—HoE. 13:22.
Daawit gara Yihowaatti dhihaachuu kan dandaʼe akkamitti? Uumama irraa waaʼee Yihowaa barateera. Ijoollummaa isaatti hoolota abbaa isaa eegaa manaa alatti saʼaatii hedduu dabarsa ture. Tarii, wantoota Yihowaan uume irratti xiinxaluu kan jalqabe yeroo sanatti taʼuu dandaʼa. Fakkeenyaaf, galgala gara samii yommuu ilaalu urjoota kumaan lakkaaʼaman arguu qofa utuu hin taʼin, waaʼee amaloota qaama isaan uume sanaa hubachuu dandaʼeera. (Far. 19:1, 2) Daawit akkaataa itti ilmaan namootaa uumaman irratti yommuu xiinxalu Yihowaan hammam ogeessa akka taʼe hubachuu dandaʼeera. (Far. 139:14) Wantoota Yihowaan uume irratti yommuu xiinxalu, inni Yihowaa wajjin yeroo wal bira qabamee ilaalamu hammam xinnoo akka taʼe hubateera. (Far. 139:6) Barumsa akkamii arganna? Jireenya guyyaa guyyaa keessan irratti wanta uumamni naannoo keessan jiru, jechuunis biqiltoonni, bineeldonnii fi namoonni waaʼee Yihowaa isin barsiisan irratti xiinxalaa. Akkas yoo gootan guyyaa hunda waaʼee Abbaa keessan isa jaalala qabeessa taʼee caalaatti barattu. (Rom. 1:20) Kana malees, jaalalli isaaf qabdan guyyaa guyyaadhaan caalaatti yommuu guddatu argitu. w19.12 19-20 key. 15-17
Roobii, Fulbaana 22
Museen erga guddatee booda amantiidhaan ilma intala Faraʼoon jedhamee waamamuu dide.—Ibr. 11:24.
Museen wanta barate wajjin haala wal simuun deddeebiʼeera. Umuriin isaa gara waggaa 40 yeroo taʼu, “ilma intala Faraʼoon jedhamee waamamuu” mannaa Ibroota warra saba Waaqayyoo taʼan wajjin taʼuuf filateera. Museen iddoo guddaa qabu dhiiseera. Museen yommuu Israaʼeloota deeggaru Faraʼoon baayʼee akka isatti dheekkamu beeka ture. Faraʼoon mootii humna guddaa qabuu fi akka waaqaatti ilaalamu ture. Kun Museen amantii cimaa akka qabu kan argisiisu dha. Museen Yihowaatti amanameera. Amanannaan akkasii immoo michummaa itti fufiinsa qabu uumuuf buʼuura dha. (Fak. 3:5) Barumsa akkamii arganna? Akkuma Musee hundi keenya murtoo gochuu qabna. Maarree Waaqayyo tajaajiluu fi saba isaa wajjin hariiroo uumuuf ni filannaa? Waaqayyoon tajaajiluuf aarsaa kaffalleerra, akkasumas namoota Yihowaa hin beekne irraa mormiin nu irra gaʼeera taʼa. Haa taʼu malee, Abbaa keenya isa samiitti kan amanamnu yoo taʼe deeggarsa isaa akka argannu mirkanaaʼoo taʼuu ni dandeenya. w19.12 17 key. 5-6
Kamisa, Fulbaana 23
Yihowaan biyyoo lafaa irraa nama tolchee hafuura jireenyaa funyaan isaatti baafate.—Uma. 2:7.
Kan uumamne biyyoo lafaa irraa taʼus biyyoo hammaarraa tokko caalaa gatii guddaa qabna. Mee sababiiwwan Yihowaa biratti gatii guddaa akka qabnu beekuuf nu gargaaran tokko tokko haa ilaallu. Yihowaan ilmaan namootaa kan uume amaloota isaa calaqqisiisuu akka dandaʼan godhee ti. (Uma. 1:27) Kana gochuudhaan uumamawwan lafa irra jiraatan kaan hundaa ol akka taanu, akkasumas lafaa fi bineensota irratti aangoo akka qabaannu nu taasiseera. (Far. 8:4-8) Erga Addaam cubbuu hojjetee booda illee Yihowaan namootaaf iddoo guddaa kennuu isaa itti fufeera. Ilma isaa isa jaalatu cubbuu keenyaaf furii godhee kennuudhaan iddoo guddaa akka nuuf kennu argisiiseera. (1 Yoh. 4:9, 10) Yihowaan furichatti fayyadamuudhaan “qajeelonnis taʼan jalʼoonni” sababii cubbuu Addaamiin duʼan, duʼaa akka kaʼan godha. (HoE. 24:15) Dubbiin isaa haalli fayyaa keenyaa maal iyyuu yoo taʼe, qarshiin nuti qabnu ykn umuriin keenya hammam iyyuu yoo taʼe isa biratti gatii guddaa akka qabnu argisiisa.—HoE. 10:34, 35. w20.01 15 key. 5-6
Jimaata, Fulbaana 24
Dhimma ofii keessanii qofa irratti [xiyyeeffadhaa].—1 Tas. 4:11.
Namni tokko abdii samii maatii isaa irraa dhaaluu hin dandaʼu. Kanaa mannaa Waaqayyo biraa argata. (1 Tas. 2:12) Kanaaf gaaffiiwwan warra kaan miidhuu dandaʼan gaafachuu irraa of qusachuu qabna. Fakkeenyaaf, haati manaa obboleessa dibame tokkoo abbaa manaa ishii malee lafa irra bara baraaf jiraachuu ilaalchisee maaltu akka ishiitti dhagaʼamu hin gaafannu. Addunyaa haaraa keessatti Yihowaan ‘fedha warra lubbuu qaban hundumaa akka quubsu’ mirkanaaʼoo taʼuu dandeenya. (Far. 145:16) Dibamtoonni warra kaan irra akka caalanitti yoo isaan ilaaluu baanne ofii keenyaafis eegumsa arganna. Akkamitti? Kitaabni Qulqulluun dibamtoonni tokko tokko amanamoo taʼanii itti fufuu dhiisuu akka dandaʼan dubbata. (Mat. 25:10-12; 2 Phe. 2:20, 21) ‘Sobaan warra kaan jajuu’ irraa kan of qusannu yoo taʼe, warra dibamtoota ykn beekamoo taʼan ykn yeroo dheeraadhaaf Yihowaa tajaajilan dabalatee matumaa namoota duuka hin buunu. (Yih. 16) Namoonni kun amanamoo utuu hin taʼin yoo hafan ykn gumii yoo dhiisan illee amantiin Yihowaa irratti qabnu hin badu ykn isa tajaajiluu keenya hin dhaabnu. w20.01 29 key. 9-10
Sanbadduraa, Fulbaana 25
Ijoollee jaallatamoo waan taataniif, Waaqayyoon kan fakkaattan taʼaa.—Efe. 5:1.
Nuti “ijoollee jaallatamoo” Yihowaa waan taaneef, isa fakkaachuuf wanta dandeenyu hunda ni goona. Jaalalaa fi gaarummaa yommuu argisiisnu, akkasumas warra kaaniif dhiifama yommuu goonu fakkeenya isaa hordofna. Namoonni Waaqayyoon hin beekne amala keenya isa gaarii taʼe yommuu argan waaʼee isaa caalaatti barachuuf kakaʼuu dandaʼu. (1 Phe. 2:12) Warri Kiristiyaanota taʼan akkaataa itti ijoollee isaanii qaban irratti Yihowaa fakkaachuuf sababii gaʼaa qabu. Kana yommuu godhan ijoolleen isaanii Abbaa keenya isa jaalala qabeessa taʼe wajjin hariiroo dhuunfaa isaanii uumuuf fedhii qabaachuu dandaʼu. Abbaa keenya isa samiitiin ni boonna, warri kaanis waaʼee isaa akka beekan ni barbaanna. Keessa keenyatti akka Daawit Mootichaa isa “Lubbuun koo Waaqayyoon of in jajji” jechuudhaan barreessee nutti dhagaʼama. (Far. 34:2) Ija laafeyyii yoo taane hoo? Ija jabeeyyii taʼuu kan dandeenyu akkamitti? Waaʼee isaa warra kaan yommuu barsiisnu Yihowaan hammam akka gammaduu fi warri kaanis hammam akka fayyadaman yoo yaadne ija jabinni keenya ni dabala. Yihowaan ija jabina nu barbaachisu nuuf kenna. Inni obboloonni keenya jaarraa jalqabaatti turan ija jabeeyyii akka taʼan gargaareera, nuunis nu gargaara.—1 Tas. 2:2. w20.02 11 key. 12-13
Dilbata, Fulbaana 26
Kanaafuu, dhaqaatii . . . namoota barattoota koo godhaa; . . . isaan cuuphaa.—Mat. 28:19.
Namoonni Kitaaba Qulqulluu qoʼatan hedduun guddina gochuudhaan cuuphamaniiru. Haa taʼu malee, namoonni yeroo baayʼee nu wajjin Kitaaba Qulqulluu qoʼatan tokko tokko barattoota taʼuu irraa duubatti waan jedhan fakkaata. Qoʼannaa isaaniitti kan gammadan taʼus, cuuphamuuf guddina hin godhan. Qoʼannaa Kitaaba Qulqulluu kan geggeessitu yoo taʼe, namni qoʼachiistu wanta baratu hojii irra akka oolchuu fi barataa Kiristoos akka taʼu gargaaruu akka barbaaddu hin shakkinu. Yihowaan namoonni jaalala isaaf qabaniin kakaʼanii akka isa tajaajilan barbaada. Kanaafuu, kaayyoon keenya barattoonni keenya Yihowaan dhuunfaatti akka isaaniif yaaduu fi baayʼee akka isaan jaalatu akka hubatan gargaaruu dha. Yihowaan ‘warra abbaa hin qabneef abbaa, haadhotii hiyyeessaafis falmaa’ akka taʼetti akka ilaalan isaan gargaaruu barbaanna. (Far. 68:5) Namoonni ati qoʼachiistu jaalala Waaqayyo isaaniif qabu caalaatti hubachaa yommuu deeman, garaan isaanii tuqamuun isaa hin oolu, akkasumas jaalalli isaan Waaqayyoof qaban ni guddata. Kanaafuu, barattoonni kee Waaqni keenya inni jaalala qabeessa taʼe jireenya bara baraa akka argatan akka barbaaduu fi galma kana irra akka gaʼan isaan gargaaruuf qophaaʼaa taʼuu isaa akka hubatan isaan gargaari. w20.01 3 key. 7-8
Wiixata, Fulbaana 27
Jaalala ati qabdu dhagaʼuu kootiin gammachuu fi jajjabina guddaa argadheera.—Film. 7.
Phaawulos nama gad of qabu waan tureef, michoota isaa irraa jajjabina argachuuf yaaleera, akkasumas argateera. Yeroo dhiphatee turetti jajjabinni warra kaanii akka isa barbaachisu amanee fudhachuu isaatiin kan kaʼe, namoonni kaan nama dadhabaa akka taʼetti na ilaalu jedhee hin dhiphanne. (Qol. 4:7-11) Jajjabinni akka nu barbaachisu gad of qabuudhaan amannee kan fudhannu yoo taʼe, obboloonnii fi obboleettonni keenya deeggarsa nu barbaachisu gammachuudhaan nuuf godhu. Phaawulos Kitaabota Qulqulluu irraa jajjabina argachuu akka dandaʼu beeka ture. (Rom. 15:4) Kana malees, Kitaabonni Qulqulluun ogummaa rakkina kam iyyuu dandamachuuf isa dandeessisu isaaf kennaniiru. (2 Xim. 3:15, 16) Phaawulos Roomaa keessatti siʼa lammaffaadhaaf yommuu hidhamee turetti yeroon itti duʼu akka dhihaate isatti dhagaʼamee ture. Ximotewos ariitiidhaan gara isaa akka dhufuu fi “maraawwan kitaabotaa” akka isaaf fidu gaafatee ture. (2 Xim. 4:6, 7, 9, 13) Maaliif? Sababiin isaas maraawwan kitaabotaa kun kutaa Kitaabota Qulqulluu Afaan Ibrootaa Phaawulos qoʼannaa dhuunfaatiif itti fayyadamuu taʼuu hin oolan. Dubbii Waaqayyoo yeroo hunda qoʼachuudhaan fakkeenya Phaawulos kan hordofnu yoo taʼe, rakkina akkamii keessa iyyuu yoo jiraanne Yihowaan Kitaabota Qulqulluutti fayyadamee nu tasgabbeessa. w20.02 23-24 key. 14-15
Kibxata, Fulbaana 28
Akka isinitti hin murteeffamneef warra kaanitti murteessuu dhiisaa.—Mat. 7:1.
Eliifaaz, Beldaadii fi Zofaar callisanii kan turan akkamitti Iyoobiin gargaaruu akka dandaʼan yaaduuf akka hin taane ifa dha. Kanaa mannaa Iyoob dogoggora taʼe tokko akka raawwate akkamitti mirkaneessuu akka dandaʼan yaadaa turan. Wanta sirrii taʼe muraasa kan dubbatan taʼus, Iyoobii fi Yihowaa ilaalchisee wanti isaan dubbatan baayʼeen isaa gaarummaa kan argisiisu ykn dhugaa hin turre. Gara jabinaan Iyoobitti murteessaniiru. (Iyo. 32:1-3) Maarree Yihowaan maal godhe? Namoota sadan kanatti baayʼee aare. Gowwoota akka taʼan kan dubbate siʼa taʼu, Iyoob akka isaaniif kadhatu akka gaafatan godheera. (Iyo. 42:7-9) Fakkeenya gadhee Eliifaaz, Beldaadii fi Zofaar irraa barumsa hedduu arganna. Tokkoffaa, obboloota keenyatti murteessuu hin qabnu. (Mat. 7:2-5) Kanaa mannaa dubbachuu keenya dura sirriitti isaan dhaggeeffachuu qabna. Haala isaanii hubachuu kan dandeenyu akkas yoo goone qofa dha. (1 Phe. 3:8) Lammaffaa, jechoonni itti fayyadamnu gaarummaa kan qaban taʼuu isaanii fi wanti dubbannu sirrii taʼuu isaa mirkanaaʼoo taʼuu qabna. (Efe. 4:25) Akkasumas sadaffaa, Yihowaan wanta walitti dubbannuuf xiyyeeffannaa guddaa kenna. w20.03 22-23 key. 15-16
Roobii, Fulbaana 29
Yeroo hundumaa . . . kadhadhaa.—Efe. 6:18.
Yeroo baayʼee waaʼee Yihowaa warra kaan yommuu barsiisnu nutis caalaatti isa beekaa deemna. Fakkeenyaaf, Yihowaan namoota garaa qajeelaa qaban akka argannu yommuu nu gargaaru gara laafina inni namootaaf qabu hubanna. (Yoh. 6:44; HoE. 13:48) Namoonni qoʼachiisnu barsiifatawwan gadhee taʼan irraa bilisa yommuu taʼanii fi namummaa haaraa uffachuu akka jalqaban yommuu arginu immoo humna Dubbiin Waaqayyoo qabu hubanna. (Qol. 3:9, 10) Akkasumas namoonni baayʼeen naannoo keenya jiran waaʼee isaa akka baratanii fi akka fayyaniif carraa hedduu akka isaaniif kenne yommuu arginu obsa Waaqayyo qabu hubanna. (Rom. 10:13-15) Haa taʼu malee, Yihowaa kan tajaajille yeroo hammamiitiif iyyuu yoo taʼe, hariiroo isaa wajjin qabnu matumaa akka laayyootti ilaaluu hin qabnu. Karaawwan hariiroo Waaqayyo wajjin qabnuuf iddoo guddaa akka kenninu argisiisuu itti dandeenyu keessaa inni tokko kadhannaadhaan isatti dhihaachuu dha. Hariiroo cimaa uumuuf akka gaariitti waliin haasaʼuun baayʼee barbaachisaa dha. Kanaafuu, yeroo hunda kadhannaadhaan Waaqayyotti dhihaadhu, miira kees isaaf ibsuu hin sodaatin. w19.12 19 key. 11, 13-14
Kamisa, Fulbaana 30
Cubbuun keessan [isiniif dhiifameera].—1 Yoh. 2:12.
Yaadni kun boqonnaa guddaa nuuf argamsiisa! Yesuus Mootii Mootummaa Waaqayyoo waan taʼeef, miidhaa Seexanni fi sirni isaa nu irraan geessise hunda ni balleessa. (Isa. 65:17; 1 Yoh. 3:8; Mul. 21:3, 4) Kun abdii dinqisiisaa nuuf kenna! Kana malees, Yesuus hojii ulfaataa kan nuuf kenne taʼus, inni guyyoota dhumaa sirna kanaa keessatti nu wajjin taʼuudhaan nu gargaara. (Mat. 28:19, 20) Kun ija jabina guddaa nuuf kenna! Boqonnaa, abdii fi ija jabinni, nagaa sammuu qabaachuuf wantoota buʼuura taʼan keessaa tokko tokko dha. Kanaafuu, yeroo qorumsa cimaadhaan raafamtan, nagaa keessan eeggachuu kan dandeessan akkamitti? Wantoota Yesuus raawwate raawwachuudhaan kana gochuu dandeessu. Tokkoffaa, kadhannaa dhiheessaa, akkasumas kadhachuu keessan itti fufaa. Lammaffaa, yeroo ajajamuun ulfaataa taʼutti illee Yihowaadhaaf ajajamaa, akkasumas hinaaffaadhaan lallabaa. Sadaffaa, yeroo qorumsi isin irra gaʼutti, michoonni keessan akka isin gargaaran gaafadhaa. Kana kan gootan taanaan, nagaan Waaqayyoo sammuu fi garaa keessan ni eega. (Filp. 4:6, 7) Kana malees, akkuma Yesuus qorumsa kam iyyuu moʼuu ni dandeessu.—Yoh. 16:33 w19.04 13 key. 16-17