LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • es21 ful. 98-108
  • Onkoloolessa

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Onkoloolessa
  • Kitaaba Qulqulluu Guyyaa Guyyaan Qoruu—2021
  • Mata Dureewwan Xixiqqaa
  • Jimaata, Onkoloolessa 1
  • Sanbadduraa, Onkoloolessa 2
  • Dilbata, Onkoloolessa 3
  • Wiixata, Onkoloolessa 4
  • Kibxata, Onkoloolessa 5
  • Roobii, Onkoloolessa 6
  • Kamisa, Onkoloolessa 7
  • Jimaata, Onkoloolessa 8
  • Sanbadduraa, Onkoloolessa 9
  • Dilbata, Onkoloolessa 10
  • Wiixata, Onkoloolessa 11
  • Kibxata, Onkoloolessa 12
  • Roobii, Onkoloolessa 13
  • Kamisa, Onkoloolessa 14
  • Jimaata, Onkoloolessa 15
  • Sanbadduraa, Onkoloolessa 16
  • Dilbata, Onkoloolessa 17
  • Wiixata, Onkoloolessa 18
  • Kibxata, Onkoloolessa 19
  • Roobii, Onkoloolessa 20
  • Kamisa, Onkoloolessa 21
  • Jimaata, Onkoloolessa 22
  • Sanbadduraa, Onkoloolessa 23
  • Dilbata, Onkoloolessa 24
  • Wiixata, Onkoloolessa 25
  • Kibxata, Onkoloolessa 26
  • Roobii, Onkoloolessa 27
  • Kamisa, Onkoloolessa 28
  • Jimaata, Onkoloolessa 29
  • Sanbadduraa, Onkoloolessa 30
  • Dilbata, Onkoloolessa 31
Kitaaba Qulqulluu Guyyaa Guyyaan Qoruu—2021
es21 ful. 98-108

Onkoloolessa

Jimaata, Onkoloolessa 1

Warra garaan isaanii isa biratti guutuu taʼeef jabina isaa argisiisuuf, ijji Yihowaa xiyyeeffannaadhaan guutummaa lafaa ni ilaala.—2 Sen. 16:9.

Yihowaan saba isaa yeroo harʼaa jiraniif eegumsa akka godhu ragaan argisiisu hedduun jira. Mee waaʼee kanaa yaadaa: Kutaa addunyaa hunda irratti dhugaa lallabaa fi barsiisaa jirra. (Mat. 28:19, 20) Kanaan kan kaʼes, hojii Diyaabilos isa hamaa ni saaxilla. Seexanni utuu ni dandaʼa taʼee, hojii keenya hunda akka dhaabsisu hin shakkisiisu; taʼus hin dandeenye. Kanaafuu, hafuurota hamoo garmalee sodaachuun nu hin barbaachisu. Yihowaadhaaf amanamoo yoo taane jinniiwwan miidhaa itti fufiinsa qabu nu irraan geessisuu hin dandaʼan. Haa taʼu malee, hundi keenya hafuurota hamoo mormuu fi Yihowaa amanachuu nu barbaachisa. Kana kan goonu yoo taʼe, eebbawwan hedduu arganna, akkasumas soba Seexanaatiin gowwoomfamuu irraa of eegganna. Kana malees, sodaa jinniiwwaniitiin hin romʼinu. Hunda caalaa immoo, michummaa Yihowaa wajjin qabnu cimsanna. Yaaqoob baratichi, “Diyaabilosiin . . . mormaa, innis isin irraa ni baqata. Gara Waaqayyootti dhihaadhaa, innis isinitti ni dhihaata” jechuudhaan barreesseera.—Yaq. 4:7, 8. w19.04 24 key. 15; 25 key. 18

Sanbadduraa, Onkoloolessa 2

Firiin [gadameessaa] kennaa isaa ti.—Far. 127:3.

Ijoolleen keessan “kennaa Waaqayyo” biraa adaraadhaan isinitti kennamani dha. Adaraa isinitti kenname kana eeguun itti gaafatamummaa keessani dha. Ijoollee keessan miidhaa irraa eeguuf maal gochuu dandeessu? Tokkoffaa, waaʼee yakka raawwatamuu beekumsa gaʼaa qabaadhaa. Waaʼee namoota ijoollee gudeedanii fi ijoollee gowwoomsuuf tooftaa isaan itti fayyadaman beekaa. Haalawwan ykn namoota balaa geessisuu dandaʼan ilaalchisee dammaqoo taʼaa. (Fak. 22:3; 24:3) Yeroo baayʼee miidhaa kana kan geessisan, namoota ijoolleen akka gaariitti beekanii fi ijoolleen amanan akka taʼe yaadadhaa. Lammaffaa, ijoollee keessanii wajjin akka gaariitti waliin dubbadhaa. (Kes. 6:6, 7; Yaq. 1:19) Ijoolleen yeroo baayʼee miidhaa isaan irra gaʼe dubbachuuf sodaachuu ykn fedhii dhabuu akka dandaʼan yaadadhaa. Tarii na hin amanan jedhanii sodaachuu ykn namni yakka raawwate sun akka dhoksan isaan doorsisee taʼuu dandaʼa. Dogoggorri tokko akka raawwatame yoo isinitti dhagaʼame, gaarummaadhaan gaaffiitti fayyadamuudhaan baasanii akka dubbatan godhaa, akkasumas yommuu isaan dubbatan obsaan dhaggeeffadhaa. Sadaffaa, ijoollee keessan barsiisaa. Umurii isaanii tilmaama keessa galchuudhaan waaʼee saalqunnamtii isaan barsiisaa. w19.05 13 key. 19-22

Dilbata, Onkoloolessa 3

Namni garaa isaatti boonu hundi Yihowaa duratti jibbisiisaa dha.—Fak. 16:5.

Yihowaan namoota boonan ykn of gurguddisan kan jibbu maaliifi? Sababiin inni tokko, namoonni garmalee of jaallatanii fi ilaalcha akkasii babalʼisan akkuma Seexanaa kan of gurguddisan waan taʼaniifi. Mee yaadi, Seexanni, Yesuus inni Waaqayyo waan hundumaa uumuuf itti fayyadame, isaaf sagaduu fi isa waaqeffachuu akka qabu yaadee ture. (Mat. 4:8, 9; Qol. 1:15, 16) Namoonni barbaachisummaa ofii isaanii ilaalchisee ilaalcha akkasii qaban, ogummaan addunyaa Waaqayyo biratti gowwummaa akka taʼe mirkaneessu. (1 Qor. 3:19) Haa taʼu malee, Kitaabni Qulqulluun ofii keenyaaf ilaalcha madaalamaa akka qabaannu nu gargaara. Hamma tokko jaalala ofiif qabaachuun sirrii akka taʼe ni dubbata. Yesuus, “Nama akka ofii keetti jaalladhu” jedhee kan ture siʼa taʼu, kunis hamma madaallii isaa hin darbinetti wanta nu barbaachisuuf xiyyeeffannaa kennuu akka qabnu argisiisa. (Mat. 19:19) Haa taʼu malee, Kitaabni Qulqulluun, warra kaan irra caalchisnee akka of ilaallu hin barsiisu. Kanaa mannaa akkas jedha: “Gad of qabuudhaan warri kaan akka isin irra caalan godhaa yaadaa malee, morkiidhaan yookiin of tuulummaadhaan kakaatanii waan tokko illee hin godhinaa.”—Filp. 2:3; Rom. 12:3. w19.05 24 key. 13-14

Wiixata, Onkoloolessa 4

Sammuu keessan haaressuudhaan jijjiiramaa malee, sirni kun dhiibbaa akka isin irratti godhu hin heyyaminaa.—Rom. 12:2.

Mee jalqaba yommuu dhugaa Dubbii Waaqayyoo barattanii fi Yihowaa tajaajiluuf murteessitanitti, jijjiirama gochuun isin barbaachisee ture yaadaa. Baayʼeen keenya, Yihowaa tajaajiluuf jecha wantoota dogoggoraa hojjechuu keenya dhiisnee turre. (1 Qor. 6:9-11) Yihowaan gochawwan gadhee akkasii akka moonu nu gargaaruu isaatti baayʼee galateeffanna! Taʼus, kana booda matumaa jijjiirama gochuun akka nu hin barbaachisne nutti dhagaʼamuu hin qabnu. Cuuphamuu keenya dura cubbuu cimaa hojjechaa turre kan dhiisne taʼus, cubbuu duraan raawwachaa turre kanatti wanta akka deebinu nu qoru kam iyyuu balleessuuf dhimminee hojjechuu qabna. Wantoota lama gochuu qabna. Tokkoffaa, addunyaan kun ‘dhiibbaa akka nu irratti godhu heyyamuu’ dhiisuu qabna. Lammaffaa, sammuu keenya haaressuudhaan ‘jijjiiramuu’ qabna. Jijjiiramni, jijjiirama alaan mulʼatu gochuu caalaa wanta dabalatu qaba. Jijjiiramni kun eenyummaa keenya hunda kan tuqu dha. Sammuu keenya haaressuu, jechuunis keessa keenya, miiraa fi fedhii keenya jijjiiruu nu barbaachisa. w19.06 9 key. 4-6

Kibxata, Onkoloolessa 5

Yaa Yihowaa, ati isa na gargaaruu fi na jajjabeessu dha.—Far. 86:17.

Yeroo gaddinutti, walgaʼiiwwan gumii irratti hirmaachuudhaan jabina keenya deebisnee argachuu dandeenya. Walgaʼiiwwan irratti yommuu argamnu, Yihowaan ‘akka nu gargaaruu fi nu jajjabeessu’ carraa dabalataa isaaf kennina. Yihowaan achitti karaa hafuura qulqulluu, karaa Dubbii isaa fi saba isaa nu jajjabeessa. Walgaʼiiwwan ‘akka wal jajjabeessinuuf’ carraa nuuf banu. (Rom. 1:11, 12) Obboleettiin Soofiyaa jedhamtu tokko akkas jetteetti: “Yihowaa fi obboloonni koo jabaadhee akkan itti fufu na gargaaraniiru. Walgaʼiiwwan gumii wantan hunda caalaa iddoo guddaa kennuufi dha. Tajaajilaa fi walgaʼii gumii irratti dammaqinaan yommuun hirmaadhu, dhiphinaa fi yaaddoo koo caalaatti akkan dandaʼu hubadheera.” Yommuu abdii kutannu, Yihowaan dhiphina keenya gara fuulduraatti bara baraaf akka balleessu abdii nuu kennuu qofa utuu hin taʼin, yeroo ammaattis dhiphina dandamachuuf gargaarsa akka nuuf kennu haa yaadannu. Miira abdii kutachuu akka moonuuf, inni ‘fedhaa fi humna’ nuuf kenna.—Filp. 2:13. w19.06 19 key. 17-18

Roobii, Onkoloolessa 6

Dhaqaatii gara Galiilaa akka dhaqan obboloota kootti himaa; isaan achitti na argu.—Mat. 28:10.

Yesuus erga duʼaa kaʼee booda wanta inni jalqaba raawwate keessaa inni tokko barattoota isaa wajjin walgaʼii gochuu ture. Walgaʼii sana irrattis qajeelfamoota baayʼee barbaachisoo taʼan tokko tokko isaaniif kenne. Walgaʼii Yesuus qindeesse irratti, hojii barbaachisaa yeroo sanatti barattoonni isaa hojjetan isaaniif kenne; kunis hojii yeroo harʼaa nuti hojjennu wajjin wal fakkaata. Yesuus akkana isaaniin jedhe: “Dhaqaatii, . . . saba hundumaa keessaa namoota barattoota godhaa; wanta ani isin ajaje hunda akka eeganis isaan barsiisaa.” (Mat. 28:19, 20) Yesuus duuka buutonni isaa hundi akka lallaban barbaada. Ajaja kana kan kenne ergamoota isaa amanamoo taʼan 11f qofa miti. Waaʼee kanaa mirkanaaʼoo taʼuu kan dandeenyu akkamitti? Gaara Galiilaa keessatti argamu sana irratti barattoota akka godhaniif ajajni yommuu kennamu kan achitti argaman ergamoota qofadhaa? Maleekaan sun dubartoota sanaan “Isin [Galiilaatti] isa ni argitu” akka jedhe yaadadhu. (Mat. 28:7) Kanaafuu, dubartoonni amanamoo taʼanis achitti argamanii taʼuu qaba. w20.01 2-3 key. 1-4

Kamisa, Onkoloolessa 7

Anatu addunyaa keessaa isin filate malee, isin kutaa addunyaa waan hin taaneef, addunyaan isin jibba.—Yoh. 15:19.

Yesuus ariʼatamni akka nu irra gaʼu eeguu kan qabnu maaliif akka taʼe ibseera. Nuti kutaa addunyaa waan hin taaneef, akka jibbamnu dubbatee ture. Ariʼatamni eebba Yihowaa akka dhabne kan argisiisu miti. Kanaa mannaa, wanta sirrii taʼe hojjechaa akka jirru argisiisa! Mormitoonni ilmaan namootaa taʼan, waaqeffannaa Yihowaa Waaqa Hundumaa Dandaʼuu guutummaatti dhaabsisuu hin dandaʼan. Namoonni hedduun kana gochuuf yaalanii utuu isaaniif hin milkaaʼin hafeera. Mee wanta yeroo Waraana Addunyaa Lammaffaatti raawwatame ilaalaa. Yeroo sanatti, mootummoonni biyyoota hedduu saba Waaqayyoo irratti ariʼatama cimaa geessisaniiru. Hojiin Dhugaa Baatota Yihowaa paartii Naazii Jarmaniin qofa utuu hin taʼin, mootummoota akka Awustiraaliyaa, Kaanaadaa fi biyyoota kan birootti dhorkamee ture. Taʼus, wanta raawwatame hubadhaa. Bara 1939 yeroo waraanichi jalqabame addunyaa maratti babalʼistoota 72,475tu jira ture. Gabaasawwan akka argisiisanitti bara 1945 yeroo waraanichi xumurame, eebba Yihowaatiin lakkoofsi babalʼistootaa 156,299 taʼee ture. Lakkoofsi babalʼistootaa dachaa lamaa ol dabaleera! w19.07 9 key. 4-5

Jimaata, Onkoloolessa 8

Jaalala yoo waliif qabaattan, namoonni hundi akka isin barattoota koo taatan kanaan ni beeku.—Yoh. 13:35.

Yeroo ammaatti qoʼannaa Kitaaba Qulqulluu geggeessaa hin jirtan yoo taʼe illee, barattoota gochuu irratti karaawwan kan biraatiin gargaarsa gochuu ni dandeessu. Fakkeenyaaf, namoonni haaraan yeroo gara Galma Walgaʼii dhufan, isaan simachuu fi michuu isaaniif taʼuu ni dandeessu. Akkas gochuudhaan, jaalalli Kiristiyaanota dhugaa taʼuu keenya adda baasee akka beeksisu akka amanan isaan gargaaruu dandeessu. Deebiin isin walgaʼii irratti kennitan gabaabaa taʼu illee, karaa garaadhaa maddee fi kabaja qabuun amantii isaanii akka ibsan isaan barsiisuu dandaʼa. Kana malees, babalʼisaa haaraa tokkoo wajjin tajaajila baʼuudhaan caqasootatti fayyadamee namoota akka barsiisu isa gargaaruu dandeessu. Akkas gochuudhaan fakkeenya Kiristoos akka hordofu isa barsiistu. (Luq. 10:25-28) Kiristiyaanonni hedduun itti gaafatamummaa barbaachisaa taʼe waan qabaniif hojiin itti baayʼata. Taʼus, qoʼannaa Kitaaba Qulqulluu geggeessuuf yeroo ni ramadu; kunis gammachuu guddaa isaaniif argamsiiseera. w19.07 17 key. 11, 13

Sanbadduraa, Onkoloolessa 9

Wantoota na duuba jiran irraanfadhee, wantoota fuula koo dura jiranitti nan hiixadha; galma sana bira gaʼuuf . . . carraaqaan jira.—Filp. 3:13, 14.

Phaawulos ergamaan milkaaʼina kanaan dura argateenis taʼe dogoggora kanaan dura raawwateen yaadni isaa akka hihhiramu hin heyyamne. Siruma iyyuu, ‘wantoota fuula dura jiranitti hiixachuudhaan’ dorgommicha milkaaʼinaan xumuruuf, ‘wantoota duuba jiran irraanfachuun’ barbaachisaa akka taʼe dubbateera. Wantoonni xiyyeeffannaa Phaawulos hihhiruu dandaʼan tokko tokko maalfaa turan? Tokkoffaa, Kiristiyaana taʼuu isaa dura milkaaʼina guddaa argatee ture. Taʼus, wantoota kana ‘akka kosiitti ilaaleera.’ (Filp. 3:3-8) Lammaffaa, balleessaan inni sana dura Kiristiyaanota ariʼachuudhaan raawwate Yihowaa tajaajiluu akka dhaabu isa hin goone. Sadaffaa, tajaajila Yihowaa keessatti wanti inni kanaan dura hojjete ni gaʼa jedhee sababii hin dhiheessine. Phaawulos hidhamee, reebamee, dhagaadhaan tumamee, dooniin inni ittiin deemu jalaa caccabee, akkasumas wanta nyaatuu fi uffatu dhabee kan ture taʼus, tajaajila irratti wanta hedduu raawwateera. (2 Qor. 11:23-27) Phaawulos wanti inni raawwatee fi rakkinni isa irra gaʼe maal iyyuu yoo taʼe, Yihowaa tajaajiluu isaa itti fufuu akka qabu hubatee ture. Nutis akkasuma gochuu qabna. w19.08 3 key. 5

Dilbata, Onkoloolessa 10

Ani akka hoolota yeeyyii gidduu jiraniitti isin nan erga.—Mat. 10:16.

Obboloonnii fi obboleettonni keenya hedduun biyya isaan keessa jiraatanitti ifatti lallabuu ykn manaa gara manaa deemanii tajaajiluu waan hin dandeenyeef karaawwan itti misiraachicha lallaban kan biroo barbaadu. (Mat. 10:17-20) Biyya akkasii keessatti ilaaltuun ol aanaa aanaa tokko babalʼistoonni hundi firoota isaaniitiif, olloota isaaniitiif, warra isaan wajjin barataniif, warra isaan wajjin hojjetanii fi namoota beekaniif akka lallaban yaada dhiheesse. Waggaa lama keessatti lakkoofsi gumiiwwan aanaa sana keessa jiranii baayʼee dabale. Tarii nuti biyya ifatti lallabuun itti dandaʼamu keessa jiraanna taʼa. Taʼus, karaawwan guutummaatti tajaajila irratti hirmaachuuf nu dandeessisan barbaaduudhaan, akkasumas Yihowaan humna gufuu kam iyyuu mooʼuuf nu gargaaru akka nuu kennu amanannaa qabaachuudhaan fakkeenya obbolootaa fi obboleettota mala qabeeyyii taʼan kanaa hordofuu dandeenya. (Filp. 2:13) Yeroo baayʼee murteessaa taʼe kanatti gorsa xalayaa Phaawulos hafuuraan geggeeffamee warra Filiphisiyusiif barreesse irratti argamu hojii irra oolchuuf murtoo haa goonu. Kana kan goonu yoo taʼe, jaalalli keenya ni guddata, akkasumas Yihowaa isa Abbaa jaalala qabeessa taʼeef ulfina fidna. w19.08 13 key. 17-18

Wiixata, Onkoloolessa 11

Ani tajaajiltoonni farda irra yommuu taaʼan, bulchitoonni garuu akkuma tajaajiltootaatti miila isaaniitiin yommuu deeman argeera.—Lal. 10:7.

Nama yeroo hunda warri kaan wanta inni barbaadu akka godhan barbaaduu fi yaada warra kaanii hin dhageenye wajjin taʼuun nu hin gammachiisu. Faallaa kanaatiin garuu obboloota keenya warra ‘miira walii hubatan, jaalala obbolummaa qaban, gara laafina qaban, akkasumas gad of qaban’ wajjin taʼuun baayʼee nu gammachiisa. (1 Phe. 3:8) Namoota akkanaatti kan dhihaannuu fi kan gad of qabnu yoo taʼe, isaanis nutti dhihaachuun isaanii hin oolu. Kana malees, amalli gad of qabuu jireenyi keenya salphaa akka taʼu godha. Yeroo tokko tokko jireenya keenya keessatti wantoota sirrii akka hin taane nutti dhagaʼaman arguu akka dandeenyu beekamaa dha. Namoonni dandeettii guddaa qaban yeroo hunda beekamtii hin argatan. Yeroo tokko tokko immoo namoonni dandeettii guddaa hin qabne caalaatti ulfina argatu. Taʼus, Solomoon haalawwan rakkisoo jireenya keessatti uumamaniin garmalee dhiphachuu mannaa dhugaa jiru amannee fudhachuu akka qabnu hubatee ture. (Lal. 6:9) Kan gad of qabnu yoo taʼe wantoota nuti hin jaallannee fi jireenya keenya keessatti nu mudatan amannee fudhachuun nuuf salphata. w19.09 4-5 key. 9-10

Kibxata, Onkoloolessa 12

Isin abbootiin, . . . adabaa fi gorsa Yihowaatiin [ijoollee keessan] guddisaa.—Efe. 6:4.

Warri hamma tokko aangoo qaban, fakkeenyaaf, abbootiin warra kaan fayyaduuf carraa qabu. Yihowaan abbaan mataa maatii akka taʼu muudeera; kanaaf ijoollee isaa akka leenjisuu fi akka adabu isa irraa eega. (1 Qor. 11:3) Taʼus aangoon abbaan tokko qabu daangaa qaba; kana jechuun akkaataa maatii isaa itti qabu ilaalchisee Yihowaa isa maatiin hundi maqaa irraa argate duratti itti gaafatama jechuu dha. (Efe. 3:14, 15) Abbootiin karaa Waaqayyo gammachiisuun aangoo isaaniitti fayyadamuudhaan Yihowaadhaaf akka bitaman argisiisu. Aangoo Yihowaan isiniif kenne karaa sirrii hin taaneen itti hin fayyadaminaa. Dogoggora keessan amanaa, akkasumas gorsa Kitaaba Qulqulluu irratti hundaaʼee fi warri kaan isiniif kennan fudhadhaa. Akkas yoo gootan maatiin keessan gad of qabuu keessaniif isin kabaju. Maatii keessan wajjin yommuu kadhattan miira isinitti dhagaʼamu Yihowaadhaaf ibsuudhaan gargaarsaa fi qajeelfama isaa hammam akka barbaaddan maatiin keessan akka hubatu godhaa. Hunda caalaa immoo jireenyi keessan Yihowaa tajaajiluu irratti akka xiyyeeffatu godhaa. (Kes. 6:6-9) Fakkeenyi gaariin keessan kennaa guddaa maatii keessaniif kennuu dandeessan keessaa isa hunda irra caalu dha. w19.09 15 key. 8; 17 key. 14; 18 key. 16

Roobii, Onkoloolessa 13

[Maarqos] yoo gara keessan dhufe [isa simadhaa].—Qol. 4:10.

Maarqos warra kaan tajaajiluun isa gammachiisa ture. Yeroo garaa garaatti Phaawulos ergamaa fi Pheexiros ergamaan itti gaafatamummaa isaanii yommuu baʼan tarii wanta qaamaaf isaan barbaachisu isaaniif qopheessuudhaan isaan wajjin tajaajileera. (HoE. 13:2-5; 1 Phe. 5:13) Phaawulos, Maarqos namoota ‘Mootummaa Waaqayyootiif isa wajjin hojjetan’ keessaa tokko akka taʼee fi “madda jajjabinaa guddaa” akka isaaf taʼe ibseera. (Qol. 4:11) Maarqos michoota dhihoo Phaawulos keessaa tokko taʼeera. Fakkeenyaaf, Phaawulos Dh.K.B. naannoo bara 65⁠tti yeroo dhumaatiif Roomaa keessatti yommuu hidhamee turetti xalayaa isaa isa lammaffaa Ximotewosiif barreesseera. Phaawulos xalayaa sana irratti Ximotewos Maarqosiin gara Roomaatti fidee akka dhufu gaafateera. (2 Xim. 4:11) Phaawulos tajaajila Maarqos amanamummaadhaan raawwachaa ture baayʼee akka dinqisiifate hin shakkisiisu; kanaafuu, yeroo baayʼee barbaachisaa taʼe sanatti isa wajjin akka taʼu gaafateera. Maarqos karaa qabatamaa taʼeen Phaawulosiin gargaareera, tarii akkas kan godhe nyaata ykn wantoota xalayaa barreessuuf isa barbaachisan isaaf dhiheessuudhaan taʼuu dandaʼa. Phaawulos deeggarsii fi jajjabinni inni argate guyyoota dhumaa ajjeefamuu isaa dura turanitti jabaatee akka dhaabbatu isa gargaaree taʼuu hin oolu. w20.01 11 key. 12-13

Kamisa, Onkoloolessa 14

Gara koo kottaa.—Mat. 11:28.

Jireenya fedhii ofii aarsaa gochuu fi jabaatanii hojjechuu gaafatu filanneerra. Yesuus ariʼatamni akka nu irra gaʼu akeekkachiiseera. Taʼus, Yihowaan cimina rakkina kam iyyuu keessatti jabaannee dhaabbachuuf nu dandeessisu akka nuuf kennu abdachuu dandeenya. Hammuma jabaannee dhaabbanne ciminni keenya dabalaa deema. (Yaq. 1:2-4) Kana malees Yihowaan wanta nu barbaachisu akka nuuf kennu, Yesuusis akka nu tiksuu fi obboloonni keenya immoo akka nu jajjabeessan eeguu dandeenya. (Mat. 6:31-33; Yoh. 10:14; 1 Tas. 5:11) Dubartiin ‘dhiigni ishii dhangalaʼaa turee’ fi Yesuus fayyise sun guyyaa fayyite sanatti boqonnaa argattee turte. (Luq. 8:43-48) Boqonnaa bara baraa argachuu kan dandeessu garuu barattuu Kiristoos amanamtuu yoo taate qofa dha. Maal waan goote isinitti fakkaata? Waanjoo Yesuus jala galuuf filatteetti yoo taʼe, badhaasa ishiin Yesuus wajjin samii irratti argattu yaaduu dandeessu! Kiristoos duuka buʼuuf jettee aarsaan ishiin kaffalte kam iyyuu eebba kana wajjin wal hin gitu. Abdiin keenya samii irra jiraachuus taʼe lafa irra jiraachuu, affeerraa Yesuus “Gara koo kottaa” jechuudhaan nuuf dhiheesse fudhachuu keenyatti baayʼee galateeffanna! w19.09 25 key. 21-22

Jimaata, Onkoloolessa 15

Manni ogummaadhaan ijaarama, hubannaadhaanis jabaatee dhaabbata.—Fak. 24:3.

Namoonni Daawit wajjin turan namni Israaʼel maqaan isaa Naabaal jedhamuu fi sooressa ture tokko nyaata muraasa akka isaaniif kennu gaafatanii turan. Lafa onaatti hoolota isaa eegaa waan turaniif nyaata akka isaaniif kennu isa gaafachuu akka dandaʼan isaanitti dhagaʼamee ture. Naabaal inni nama ofittoo taʼe garuu waan tokko iyyuu isaaniif kennuu dide. Achiis Daawit baayʼee waan aareef Naabaalii fi dhiirota mana isaa jiran hunda ajjeesuuf yaade. (1 Sam. 25:3-13, 22) Haa taʼu malee, Abigaayil haati manaa Naabaal dubartii akkuma bareedina ishii hubannaa qabdu turte. Ija jabina guddaadhaan miila Daawit irratti kuftee haaloo baʼuudhaan dhiiga dhangalaasee akka itti hin gaafatamne isa kadhatte. Akkasumas dhimma kana Yihowaadhaaf akka inni dhiisu malaan isa gorsite. Jechoonni Abigaayil gad of qabuudhaan dubbattee fi tarkaanfiin ishiin ogummaadhaan fudhatte garaa Daawit tuqe. Daawit Yihowaan akka ishii erges hubatee ture. (1 Sam. 25:23-28, 32-34) Abigaayil amaloota Yihowaan akka ishiitti fayyadamu taasisan horattee turte. Haaluma wal fakkaatuun Yihowaan obboleettonni malaa fi hubannaa qaban maatii isaanii fi warra gumii keessa jiran kaan akka cimsan isaanitti fayyadamuu dandaʼa.—Tit. 2:3-5. w19.10 23 key. 10

Sanbadduraa, Onkoloolessa 16

Yaa saba koo, cubbuu ishii irratti akka hin hirmaannee fi dhaʼichi ishiitti dhufu akka isin irra hin geenyeef ishii keessaa baʼaa.—Mul. 18:4.

Kiristiyaanonni dhugaan hundi karaa kamiin iyyuu amantii sobaa wajjin hariiroo akka hin qabaanne mirkanaaʼoo taʼuu qabu. Barataan Kitaaba Qulqulluu tokko dhugaa barachuu isaa dura miseensa dhaabbata amantii sobaa kan ture taʼuu dandaʼa. Tarii tajaajilaa fi sochiiwwan amantii irratti hirmaachaa ture taʼa. Yookiin immoo dhaabbata sanaaf buusii qarshii gochaa ture taʼa. Barataan Kitaaba Qulqulluu tokko babalʼisaa hin cuuphamne taʼee tajaajiluu isaa dura hariiroo amantii sobaa wajjin qabu hunda addaan kutuu qaba. Xalayaa miseensa amantii sanaa akka hin taane ibsu barreessuu ykn hariiroo waldaa sanaa fi dhaabbata kan biraa kutaa Baabilon Guddittii taʼe kam iyyuu wajjin qabu addaan kutuu qaba. Kiristiyaanni dhugaan tokko hojiin isaa karaa kamiin iyyuu amantii sobaa wajjin walitti dhufeenya akka hin qabaanne mirkanaaʼaa taʼuu qaba. (2 Qor. 6:14-17) Ejjennoo cimaa akkasii kan fudhannu maaliifi? Sababiin isaas, hojiiwwanii fi cubbuu dhaabbileen amantii raawwatanii fi Waaqayyo fuulduratti xuraaʼoo taʼan irratti hirmaachuu hin barbaannu.—Isa. 52:11. w19.10 12 key. 16-17

Dilbata, Onkoloolessa 17

Yihowaan araara qabeessaa fi gara laafessa dha, . . . Inni yeroo hundumaa dogoggora hin funaanu, bara baraafis haaloo qabatee hin turu.—Far. 103:8, 9.

Ermiyaas kitaaba maqaa isaatiin moggaafame barreesseera, akkasumas kitaabota Kitaaba Qulqulluu Mootota 1⁠ffaa fi 2⁠ffaa kan barreesse isa taʼuu hin oolu. Hojiin isaaf kenname kun keessumaa gara laafina Yihowaan ilmaan namootaa cubbamoo taʼanitti argisiise akka hubatu isa taasisee akka ture hin shakkisiisu. Fakkeenyaaf, yommuu Ahaab Mootichi gocha isaa isa hamaa taʼe irraa yaada geddaratetti Yihowaan maatiin isaa hundi yommuu balleeffaman arguu irraa akka isa oolche Ermiyaas beeka ture. (1 Mot. 21:27-29) Haaluma wal fakkaatuun Ermiyaas, Minaaseen Ahaab caalaa wanta Yihowaa aarsu raawwatee akka ture beeka. Taʼus, Minaaseen yaada waan geddarateef Yihowaan dhiifama isaaf godheera. (2 Mot. 21:16, 17; 2 Sen. 33:10-13) Seenaawwan kunneen Ermiyaas obsaa fi gara laafina argisiisuudhaan fakkeenya Waaqayyoo akka hordofu isa gargaaranii taʼuu qaba. Ermiyaas yommuu Baaruk hojii isaa irraa yeroodhaaf yaadni isaa hihhiramee turetti akkamitti akka isa gargaare ilaalaa. Ermiyaas michuu isaatti dafee abdii kutachuu mannaa, ergaa Waaqayyoo isa gaarummaa irratti hundaaʼee fi ifa taʼe itti himuudhaan Baarukiin gargaareera.—Er. 45:1-5. w19.11 6 key. 14-15

Wiixata, Onkoloolessa 18

Waaqayyo jalʼaa miti; inni hojii keessan, akkasumas . . . jaalala maqaa isaatiif argisiistan hin irraanfatu.—Ibr. 6:10.

Kitaaba Lewwootaa keessatti namni Israaʼel tokko “galata galchuuf” qalma araaraa akka dhiheessu hubanna. (Lew. 7:11-13, 16-18) Kana kan godhu dirqama waan qabuuf utuu hin taʼin, akkas gochuu waan barbaadeefi. Akkuma qalmawwan araaraa tajaajilli nuti Yihowaadhaaf dhiheessinus karaa itti waaʼee isaa maaltu akka nutti dhagaʼamu fedhiidhaan ibsinu dha. Garaa keenya guutuudhaan Yihowaa waan jaallannuuf wanta hunda irra caalu isaaf kennina. Yihowaan namoonni miliyoonaan lakkaaʼamanii fi fedhiidhaan isa waaqeffatan jaalala isaafis taʼe karaawwan isaatiif qabaniin kakaʼanii yommuu isa tajaajilan arguun isaa hammam akka isa gammachiisu tilmaamuu dandeessu! Yihowaan gocha keenya qofa utuu hin taʼin kakaʼumsa keenyas akka ilaaluu fi iddoo guddaa akka kennuuf yaadachuun keenya nu jajjabeessa. Fakkeenyaaf, maanguddoo yoo taatee fi kana booda hamma barbaadde hojjechuu yoo hin dandeenye, Yihowaan kana akka hubatu mirkanaaʼaa taʼi. Wanta baayʼee Yihowaadhaaf kennuu akka hin dandeenye sitti dhagaʼama taʼa; taʼus Yihowaan jaalala guddaa ati qabduu fi wanta gochuu dandeessu akka gootu si kakaasu ni arga. Yihowaan wanta hunda irra caaluu fi ati kennuufii dandeessu fudhachuun isa gammachiisa. w19.11 22 key. 9; 23 key. 11-12

Kibxata, Onkoloolessa 19

Kottaa, gara bakka namni hin jirre tokkoo haa dhaqnu; achitti xinnoo boqodhaa.—Mar. 6:31.

Hojii ilaalchisee madaallii keenya eeggachuun barbaachisaa dha. Solomoon Mootichi hafuuraan geggeeffamee, “Wanti hundinuu yeroo qaba” jechuudhaan barreesseera. Kana malees waaʼee dhaabuu, ijaaruu, booʼuu, kolfuu, sirbuu fi wantoota kan biroo caqaseera. (Lal. 3:1-8) Ifatti hubachuun akka dandaʼamutti, hojjechuu fi boqochuun wantoota jireenya keenya keessatti nu barbaachisani dha. Yesuus hojii fi boqonnaadhaaf ilaalcha madaalamaa qaba ture. Yeroo tokko ergamoonni hojii lallabaatii deebiʼaa turan. Hojiidhaan qabamanii waan turaniif “nyaata nyaachuuf illee yeroo hin arganne.” Achiis Yesuus yaada caqasa guyyaa harʼaa irra jiru isaanitti hime. (Mar. 6:30-34) Yesuus innii fi barattoonni isaa yeroo hunda hamma barbaadan boqochuu kan hin dandeenye taʼus, boqonnaan akka isaan barbaachisu beeka ture. Yeroo tokko tokko xinnoo boqochuun ykn sochii guyyaa guyyaa keenya jijjiiruun nu barbaachisa. Qophii Waaqayyo sabni isaa durii torbee torbeedhaan guyyaa Sanbataa akka eeganiif godhe irraa kana hubachuu ni dandeenya. Seera Musee jala jiraachuu baannus, Sanbata ilaalchisee wanta dubbatame irraa barachuudhaan fayyadamuu dandeenya. w19.12 3 key. 6-7

Roobii, Onkoloolessa 20

Matumaa hin yaaddaʼinaa.—Mat. 6:31.

Yihowaan tajaajiltoota isaa warra amanamoo taʼan akka kunuunsu waadaa galeera; waadaa kana raawwachuuf immoo dirqamni akka isa irra jiru itti dhagaʼama. (Far. 31:1-3) Kana malees, Yihowaan warra miseensota maatii isaa taʼan yoo kunuunsuu baate akka gaddinu beeka. Inni wanta karaa qaamaas taʼe karaa hafuuraa nu barbaachisu akka nuuf guutu waadaa nuuf galeera, wanti waadaa kana akka hin raawwanne isa dhoowwuu dandaʼus hin jiru! (Mat. 6:30-33; 24:45) Yihowaan waadaa gale kan eegu maaliif akka taʼe yoo yaadanne rakkinni qarshii yommuu nu mudatu akka inni nu gargaaru mirkanaaʼoo taʼuu dandeenya. Mee fakkeenya Kiristiyaanota jaarraa jalqabaatti jiraatanii haa ilaallu. Gumii Yerusaalem keessa jiru irratti ariʼatamni guddaan yommuu kaʼu ‘ergamoota irraa kan hafe warri kaan hundi ni bittinnaaʼan.’ (HoE. 8:1) Kun immoo rakkinni qarshii akka isaan mudatu godha. Sababiin isaas Kiristiyaanonni manaa fi hojii isaanii dhabanii taʼuu dandaʼa. Taʼus, Yihowaan isaan hin dhiisne; isaanis gammachuu isaanii hin dhabne. (HoE. 8:4; Ibr. 13:5, 6; Yaq. 1:2, 3) Yihowaan Kiristiyaanota amanamoo taʼan kanneen gargaareera; nuunis nu gargaara.—Far. 37:18, 19. w20.01 17-18 key. 14-15

Kamisa, Onkoloolessa 21

Yihowaan . . . isa gad of qabu ni arga.—Far. 138:6.

Daawit hoolota abbaa isaa leencaa fi amaaketa irraa yommuu eegaa turetti, bineensota humna guddaa qaban kana akka injifatu kan isa gargaare Yihowaa akka taʼe hubatee ture. Daawit yeroo Goliyaad isa loltuu cimaa taʼe injifatetti Yihowaan isa qajeelchaa akka ture ifatti hubateera. (1 Sam. 17:37) Akkasumas Saaʼol Mooticha isa hinaafaa ture jalaa yeroo miliqetti kan isa oolche Yihowaa akka taʼe hubatee ture. (Far. 18, ibsa jalqaba boqonnaa irra jiru) Namni kooru tokko wantoota kana ofuma isaatii akka raawwate godhee yaaduu dandaʼa. Daawit garuu nama gad of qabu ture; kanaafuu jireenya isaa keessatti harka Yihowaa arguu dandaʼeera. Barumsa akkamii arganna? Gargaarsa Yihowaa argachuuf kadhachuu caalaa wanta dabalataa gochuu nu barbaachisa. Yoomii fi akkamitti akka inni gargaarsa nuu godhu hubachuuf yaaluu qabna. Humni keenya daangaa akka qabu gad of qabuudhaan amannee kan fudhannu yoo taʼe, Yihowaan wanta nuti gochuu hin dandeenye raawwachuuf akka nu gargaaru ifatti hubachuu dandeenya. Akkasumas gargaarsa Yihowaan nuu godhu yeroo arginu hundatti hariiroon isaa wajjin qabnu caalaatti cimaa deema. w19.12 20 key. 18-19

Jimaata, Onkoloolessa 22

Akkuma abbaan tokko ilma isaa isa jaallatu adabutti, Yihowaanis warra jaallatu ni adaba.—Fak. 3:12.

Yihowaan iddoo guddaa akka nuuf kennu amanuuf sababii hedduu qabna. Inni ofitti nu harkiseera, akkasumas akkaataa itti misiraachichaaf deebii kennine xiyyeeffannaadhaan ilaaleera. (Yoh. 6:44) Isatti dhihaachuu yommuu jalqabnu innis nutti dhihaate. (Yaq. 4:8) Kana malees, Yihowaan nu barsiisuuf yeroo ramaduunii fi carraaqqii gochuun isaa isa biratti gatii guddaa akka qabnu argisiisa. Inni amma namoota akkamii akka taanee fi namoota akkamii taʼuu akka dandeenyus beeka. Akkasumas jaalala nuuf qabuun kakaʼee nu adaba. Kun Yihowaan iddoo guddaa akka nuuf kennu ragaa argisiisu dha. Namoonni tokko tokko Daawit Mootichi gatii kan hin qabne akka taʼetti kan isa ilaalan taʼus, inni garuu Yihowaan akka isa jaallatuu fi akka isa deeggaru beeka ture. Kun immoo ilaalcha Daawit ofii isaatiif qabu irratti dhiibbaa godheera. (2 Sam. 16:5-7) Yeroo dhiphannu ykn rakkinni nu mudatu Yihowaan haala sana kallattii garaa garaatiin akka ilaalluu fi gufuu kam iyyuu moʼuu akka dandeenyu nu gargaara. (Far. 18:27-29) Deeggarsa Yihowaa yoo qabaanne wanti gammachuudhaan akka isa hin tajaajille nu dhowwuu dandaʼu hin jiru.—Rom. 8:31. w20.01 15 key. 7-8

Sanbadduraa, Onkoloolessa 23

Wanta ani isin ajaje hunda akka [eegan] isaan barsiisaa.—Mat. 28:20.

Qoʼannaa Kitaaba Qulqulluu yommuu geggeessitan kadhannaadhaan jalqabaa. Yeroo baayʼee haala dhaabbataa taʼeen qoʼachuu erga jalqabdanii booda, hamma dandaʼametti qoʼannaa Kitaaba Qulqulluu keessan irratti kadhannaa gochuu jalqabuun keessan gaarii dha. Barataan keenya Dubbii Waaqayyoo hubachuu kan dandeenyu gargaarsa hafuura Waaqayyoo yoo arganne qofa akka taʼe akka hubatu gargaaruu qabna. Obboloonni Kitaaba Qulqulluu barsiisan tokko tokko Yaaqoob 1:5 dubbisuudhaan waaʼee kadhannaa kaasu, caqasichi akkana jedha: “Isin keessaa namni kam iyyuu ogummaan yoo isatti hirʼate, inni Waaqayyoon kadhachuu isaa itti haa fufu.” Achiis namni qoʼannaa geggeessu sun akkana jedhee barataa sana gaafata: “Ogummaa argachuu yoo barbaanne maal gochuu qabna?” Barataan sunis Waaqayyoon kadhachuu akka qabnu irratti walii galuun isaa hin oolu. Barataan keessan akkamitti akka kadhatu barsiisaa. Yihowaan kadhannaa inni garaadhaa dhiheessu dhagaʼuu akka barbaadu isaaf mirkaneessaa. Kadhannaa dhuunfaa keenyatti dhiheessinu irratti miira keenya Yihowaatti himuu fi wantoota nama kan biraatti dubbachuu hin barbaanne isatti himuu akka dandeenyu ibsaafii. Yihowaan yaada garaa keenyaa akka beeku yaadadhaa.—Far. 139:2-4. w20.01 2 key. 3; 5 key. 11-12

Dilbata, Onkoloolessa 24

Kun fedhii namichaa yookiin carraaqqii inni godhu irratti utuu hin taʼin, Waaqayyo . . . irratti kan hundaaʼe dha.—Rom. 9:16.

Yeroo itti dibamtoonni filataman Yihowaatu murteessa. (Rom. 8:28-30) Yihowaan dibamtoota filachuu kan jalqabe erga Yesuus duʼaa kaʼee booda dha. Jaarraa jalqabaatti Kiristiyaanonni dhugaan hundi dibamtoota waan turan fakkaata. Jaarraawwan sana booda turanitti namoonni Kiristiyaanota akka taʼan dubbatan baayʼeen isaanii dhugumaan Kiristoos duuka hin buune. Taʼus, Yihowaan yeroo sanatti namoota muraasa Kiristiyaanota dhugaa taʼan dibeera. Isaan akkuma qamadii Yesuus inkirdaada gidduutti akka guddatu dubbate sanaa turan. (Mat. 13:24-30) Guyyoota dhumaattis Yihowaan namoota kutaa 144,000 taʼan filachuu isaa itti fufeera. Kanaafuu, Waaqayyo namoota kana dhumni dhufuu isaa dura filachuuf yoo murteesse, nuti ogummaa isaa irratti gaaffii kaasuu hin qabnu. (Rom. 9:11) Nuti akka hojjettoota Yesuus fakkeenyota isaa keessaa isa tokko irratti dubbatee akka hin taane of eeggachuu qabna. Hojjettoonni sun wanta abbaan maasichaa namoota saʼaatii dhumaa irratti hojjechuu jalqabaniif godhetti gungumanii turan.—Mat. 20:8-15. w20.01 30 key. 14

Wiixata, Onkoloolessa 25

Tajaajiltoonni koo . . . ni ililchu.—Isa. 65:14.

Yihowaan maatiin isaa gammadoo akka taʼan barbaada. Haalawwan rakkisoo taʼan kan nu mudatan taʼus, yeroo ammaatti gammadoo taʼuuf sababii hedduu qabna. Fakkeenyaaf, Abbaan keenya inni samii baayʼee akka nu jaallatu mirkanaaʼoo dha. Dubbii Waaqayyoo ilaalchisee beekumsa sirrii taʼe qabna. (Er. 15:16) Akkasumas nuti kutaa maatii adda taʼee fi namoota Yihowaa, seera isaa fi walii isaanii jaallatan of keessatti qabate tokkoo ti. (Far. 106:4, 5) Gara fuulduraattis jireenyi caalaatti gaarii akka taʼu waan beeknuuf, yeroo hunda gammadoo taanee jiraachuu dandeenya. Yihowaan yeroo dhihootti hammeenya hunda akka balleessuu fi bulchiinsa Mootummaa isaa jalatti lafti gara Jannataatti akka jijjiiramtu beekna. Namoonni duʼanis duʼaa kaʼuudhaan deebiʼanii akka nu wajjin taʼan abdii dinqisiisaa taʼe qabna. (Yoh. 5:28, 29) Kunis baayʼee nama gammachiisa! Hunda caalaa immoo yeroo dhihootti warri samii irra jiranis taʼe lafa irra jiran hundi Abbaa keenya isa jaalala qabeessa taʼeef ulfina, galataa fi waaqeffannaa isaaf malu akka isaaf kennan mirkanaaʼoo dha. w20.02 13 key. 15-16

Kibxata, Onkoloolessa 26

Ani hundumaa caalaa si irratti, eeyyee, si irratti cubbuu hojjedheera.—Far. 51:4.

Cubbuu cimaa hojjetteetta yoo taʼe, dogoggora kee dhoksuuf hin yaalin. Kanaa mannaa, cubbuu kee hunda kadhannaadhaan Yihowaatti himi. Akkas yoo goote, yaaddoo miira balleessaatiin kan kaʼe sitti dhagaʼamu irraa hamma tokko boqonnaa argachuu jalqabda. Michummaa Yihowaa wajjin qabdu deebistee argachuu yoo barbaadde garuu, kadhachuu caalaa wanta dabalataa gochuu si barbaachisa. Adaba fudhachuu si barbaachisa. Yihowaan Naataan raajichi cubbuu Daawit Mootichi Baat-Sheebaa wajjin hojjete akka itti himu yommuu isa ergetti, Daawit sababii hin dhiheessine ykn cubbuu isaa salphisee ilaaluuf hin yaalle. Cubbuu kan hojjete abbaa manaa Baat-Sheebaa qofa irratti utuu hin taʼin, hundumaa caalaa Yihowaa irratti akka taʼe battaluma sanatti amaneera. Daawit adaba Yihowaa fudhateera, Yihowaanis dhiifama isaaf godheera. (2 Sam. 12:10-14) Nutis cubbuu cimaa yoo hojjenne obboloota Yihowaan akka nu tiksaniif muude haasofsiisuu nu barbaachisa. (Yaq. 5:14, 15) Akkasumas sababii dhiheessuu irraa of qusachuu qabna. Adaba nuuf kenname kam iyyuu dafnee kan fudhannuu fi hojii irra kan oolchinu yoo taʼe, nagaa fi gammachuu keenyas dafnee deebisnee arganna. w20.02 24-25 key. 17-18

Roobii, Onkoloolessa 27

Namoonni qooqawwan sabootaa hundumaa keessaa dhufan kudhan uffata nama Yihudii tokkoo . . . cimsanii qabatanii, “Waaqayyo isinii wajjin akka jiru waan dhageenyeef, nuti isinii wajjin deemuu barbaanna” jedhu.—Zak. 8:23.

‘Namoonni kurnan’ sun warra abdii lafa irra bara baraaf jiraachuu qaban argisiisu. Isaan Yihowaan garee dibamtootaa ‘nama Yihudiitti’ fakkeeffame kana akka eebbise beeku, akkasumas isaan wajjin Yihowaa waaqeffachuun kabaja akka taʼe isaanitti dhagaʼama. Namoonni abdii lafa irra jiraachuu qaban maqaa tokkoon tokkoon dibamtoota yeroo harʼaa lafa irra jiranii beekuu kan hin dandeenye taʼus dibamtoota “wajjin deemuu” ni dandaʼu. Akkamitti? Yaadni caqasa guyyaa harʼaa irra jiru deebii kenna. Caqasni Kitaaba Qulqulluu kun waaʼee nama Yihudii tokkoo akka dubbatu hubadhaa. Haa taʼu malee, jechi “isin” jedhu nama tokkoo ol argisiisa. Kana jechuun namni Yihudii kun nama tokko qofa utuu hin taʼin, garee dibamtootaa hunda bakka buʼa jechuu dha. Namoonni hin dibamne warra dibamanii wajjin Yihowaa tajaajilu. Haa taʼu malee, geggeessaan isaanii Yesuus akka taʼe waan beekaniif, warri dibaman geggeessitoota isaanii akka taʼanitti hin ilaalan.—Mat. 23:10. w20.01 26 key. 1-2

Kamisa, Onkoloolessa 28

Jaalala yoo waliif qabaattan, namoonni hundi akka isin barattoota koo taatan kanaan ni beeku.—Yoh. 13:35.

Yesuus barattoonni isaa warri dhugaan jaalala akka isaa kan argisiisan yoo taʼe ifatti adda baafamanii akka beekaman dubbateera. Yaadni kun jaarraa jalqabaatti akkuma dhugaa ture yeroo harʼaas dhugaa dha. Yeroo rakkisaa taʼutti illee wal jaallachuun keenya baayʼee barbaachisaa kan taʼe kanaafi. ‘Obbolootaa fi obboleettota haalli rakkisaan utuma jiruu jaalala walitti argisiisuu isaanii itti fufan irraa maal barachuun dandaʼa?’ jedhaa of gaafadhaa. Mudaa kan qabnu taʼuun keenya cimsinee wal jaallachuun akka nutti ulfaatu godha. Taʼus, fakkeenya Yesuus hordofuuf carraaquu qabna. Yesuus obboleessa nutti gadde tokko wajjin nagaa uumuun barbaachisaa taʼuu isaa barsiiseera. (Mat. 5:23, 24) Waaqayyoon gammachiisuu yoo barbaanne warra kaan wajjin hariiroo gaarii qabaachuu akka qabnu ibseera. Yihowaan obboloota keenya wajjin nagaa uumuuf wanta dandeenyu hunda yommuu goonu ni gammada. Haaloo kan qabannuu fi nagaa uumuuf carraaqqii gochuu kan didnu yoo taʼe waaqeffannaa keenya hin fudhatu.—1 Yoh. 4:20. w20.03 24 key. 1-4

Jimaata, Onkoloolessa 29

Dubbii dhugaa geggeessaa hafuuraatiin dubbatame, dubbii sobaa geggeessaa hafuuraatiin dubbatame irraa . . . gargar baasna.—1 Yoh. 4:6.

Seexanni inni “abbaa sobaa” taʼe, jalqaba seenaa namootaa irraa kaasee namoota gowwoomsaa tureera. (Yoh. 8:44) Sobawwan kana keessaa tokko tokko barumsa sobaa waaʼee duʼaa fi namoonni erga duʼanii booda jiraachuu isaanii itti fufu jedhu dabalatu. Barumsawwan kun aadaawwanii fi gochawwan beekamoo taʼan hedduudhaaf buʼuura taʼaniiru. Namoonni hedduun kan gowwoomfaman maaliifi? Seexanni duʼa ilaalchisee wanta namootatti dhagaʼamu waan beekuuf, isaan gowwoomsuuf miira isaanii kanatti fayyadama. Kan uumamne bara baraaf akka jiraannuuf waan taʼeef, duʼuu hin barbaannu. (Lal. 3:11) Kanaa mannaa, duuti diina keenya akka taʼetti ilaalla. (1 Qor. 15:26) Seexanni carraaqqii hedduu kan godhe taʼus, duʼa ilaalchisee dhugaan jiru dhokatee hin hafne. Dhugaa dubbachuuf, amma yeroo kam iyyuu caalaa, namoonni hedduun haala warri duʼan keessa jiranii fi abdii isaan qaban ilaalchisee wanta Kitaabni Qulqulluun barsiisu beekaniiru, akkasumas labsaa jiru. (Lal. 9:5, 10; HoE. 24:15) Dhugaawwan kun nu jajjabeessuudhaan sodaa fi shakkii hin barbaachisne irraa nu eegu. w19.04 14 key. 1; 15 key. 5-6

Sanbadduraa, Onkoloolessa 30

Baʼaa walii baachuu keessan itti fufaa; karaa kanaan seera Kiristoos ni raawwattu.—Gal. 6:2.

Yihowaan waaqeffatoota isaa ni jaallata. Inni yeroo hundumaa isaan ni jaallata, gara fuulduraattis isaan jaallachuu isaa itti fufa. Yihowaan haqas ni jaallata. (Far. 33:5) Kanaafuu, waaʼee wantoota lamaa mirkanaaʼoo taʼuu dandeenya: (1) Yihowaan yeroo tajaajiltoonni isaa karaa sirrii hin taaneen qabaman ni gadda. (2) Inni sabni isaa haqa akka argatan abdii kenne ni raawwata. Seerri Waaqayyo karaa Musee Israaʼelootaaf kenne jaalala irratti kan hundaaʼe dha. Seerichi namoonni hundi, warri of eeguu hin dandeenye illee haqa akka argatan jajjabeessa. (Kes. 10:18) Seerichi Yihowaan waaqeffattoota isaatiif gad fageenyaan akka yaadu argisiisa. Seerri Musee Dh.K.B. bara 33 yeroo gumiin Kiristiyaanaa hundeeffametti hojii isaa dhaabeera. Haa taʼu malee, Kiristiyaanonni seera jaalala irratti hundaaʼee fi haqa jajjabeessu irraa faayidaa hin argatan jechuu dhaa? Matumaa akkas jechuu miti! Kiristiyaanotaaf seerri haaraan, jechuunis ‘seerri Kiristoos’ kennameera. Yesuus seerawwan waan hundumaatiif taʼan tokko tokkoon barreessee duuka buutota isaatiif hin kennine; haa taʼu malee, akka ittiin jiraataniif qajeelfamoota, ajajawwanii fi dhugaawwan buʼuuraa isaaniif kenneera. ‘Seerri Kiristoos’ wanta Yesuus barsiise hundumaa of keessatti qabata. w19.05 2 key. 1-3

Dilbata, Onkoloolessa 31

[Waaqni] jajjabina hundaa . . . rakkina keenya hundumaa keessatti nu jajjabeessa.—2 Qor. 1:3, 4.

Namoonni uumamaan jajjabinni akka kennamuuf barbaadu; dandeettii dinqisiisaa jajjabina kennuus qabu. Fakkeenyaaf, mucaa xinnoon tokko utuu taphatuu kufee yommuu jilbi isaa madaaʼu booʼaa gara haadha ykn abbaa isaatti fiiga. Warri madaa isaa fayyisuu hin dandaʼan, garuu isa urursuu ni dandaʼu. Maaltu akka isa mudate isa gaafatu, imimmaan isaa irraa haqu, jechoota jaalalaatiin isa sossobu, tarii immoo madaa isaa qoricha dibuu ykn hidhuufii dandaʼu. Utuma baayʼee hin turin, mucichi booʼuu isaa dhiisee gara tapha isaatti illee deebiʼuu dandaʼa. Yeroo booda, madaan isaas ni fayya. Haa taʼu malee, yeroo tokko tokko ijoolleen haala cimaa taʼeen miidhamuu dandaʼu. Tokko tokko miidhaan saalaa isaan irratti raawwatama. Miidhaan saalaa kunis al tokko qofa raawwatamuu ykn waggoota hedduudhaaf itti fufuu dandaʼa taʼa. Kanas taʼe sana, godaannisni miidhaan saalaa miira irratti dhiisee darbu baayʼee cimaa dha. Haalawwan tokko tokko keessatti namni miidhaa kana geessise sun qabamee adabamuu dandaʼa. Karaa kan biraatiin immoo, namni yakka kana raawwate utuu hin adabamin hafuu dandaʼa taʼa. Haa taʼu malee, namni miidhaa kana raawwate battalumatti adabamu illee, miidhaan saalaa kun namni miidhame sun tarii hamma nama gaʼeessa taʼutti illee turuu dandaʼa. w19.05 14 key. 1-2

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi