Sadaasa
Wiixata, Sadaasa 1
Warri kaan akka isin irra caalan godhaa yaadaa.—Filp. 2:3.
Yeroo harʼaa namoonni ogeeyyii akka taʼanitti ilaalaman, iddoo guddaa ofiif kennuu ilaalchisee gorsa Kitaaba Qulqulluu ni ceephaʼu. Namoonni kaan akka nu caalan goonee ilaaluun, warri kaan akka nutti fayyadaman waan godhuuf, miidhaa nu irraan geessisa jedhu. Haa taʼu malee, dhugumaan ofiif qofa yaaduu ilaalchisee yaadni addunyaan Seexanaa babalʼisu firii akkamii argamsiiseera? Namoonni ofittoo taʼan gammachuu qabuu? Maatiin isaanii hoo gammachuu fi michoota dhugaa qabuu? Waaqayyoo wajjin hariiroo cimaa qabuu? Wanta hubatte irraa kaʼuudhaan firii gaarii kan argamsiisu isa kami? Ogummaa addunyaa hordofuu moo, ogummaa Dubbii Waaqayyoo keessa jiru hordofuu dha? (1 Qor. 3:19) Namoonni gorsa namoota addunyaan ogeeyyii akka taʼanitti isaan ilaalu hordofan, lamaanuu karaa irraa badanii utuu jiranii, tuuristii namuma akka isaa tuuristii taʼe karaa gaafatu wajjin wal fakkaatu. Yesuus namoota “ogeeyyii” bara isaatti turan ilaalchisee, “Isaan jaamota, jaamotatti karaa argisiisani dha. Kanaaf, jaamaan jaamaatti karaa yoo argisiise lamaan isaanii iyyuu boolla keessa buʼu” jedhee ture. (Mat. 15:14) Dhuguma iyyuu, ogummaan addunyaa kanaa Waaqayyo duratti gowwummaa dha. w19.05 24-25 key. 14-16
Kibxata, Sadaasa 2
[Isaan] warra isaaf filataman . . . walitti ni qabu.—Mat. 24:31.
Waggoota dhihoodhaa asitti lakkoofsi namoota Ayyaana Yaadannoo irratti maxinoo fi wayinii irraa hirmaatanii dabalaa dhufeera. Maarree kun nu yaaddessuu qabaa? Lakki. “Yihowaan warra kan isaa taʼan ni beeka.” (2 Xim. 2:19) Yihowaa irraa haala adda taʼeen, obboloonni namoota Ayyaana Yaadannoo irratti maxinoo fi wayinii irraa hirmaatan lakkaaʼan dhugumaan eenyu akka dibame hin beekan. Kanaafuu, lakkoofsi kun warra dibamtoota akka taʼan yaadan, garuu immoo dibamtoota hin taanes ni dabalata jechuu dha. Fakkeenyaaf, namoonni maxinoo fi wayinicha irraa hirmaachaa turan tokko tokko yeroo booda dhaabaniiru. Warri kaan immoo Kiristoos wajjin samii irratti akka bulchan kan amanan rakkina sammuu ykn miiraa waan qabaniif taʼuu dandaʼa. Ifatti hubachuun akka dandaʼamutti, lafa irratti dibamtoonni meeqa akka hafan sirriitti beekuu hin dandeenyu. Yesuus gara samiitti isaan fudhachuuf yeroo dhufu dibamtoonni kutaalee addunyaa hedduutti ni argamu. Kitaabni Qulqulluun guyyoota dhumaatti lakkoofsi dibamtoota lafa irratti hafanii xinnoo akka taʼu dubbata. (Mul. 12:17) Haa taʼu malee, yommuu rakkinni guddaan jalqabu lakkoofsi dibamtoota lafa irratti hafanii meeqa akka taʼu hin dubbatu. w20.01 29-30 key. 11-13
Roobii, Sadaasa 3
Waaqayyo Ilma isaa isa tokkicha hamma kennutti addunyaa kana baayʼee jaallateera.—Yoh. 3:16.
Yesuus seenaa waaʼee ilma badee ibsu irratti Yihowaan ijoollee isaa hammam akka jaallatu fakkeenyaan ibseera. (Luq. 15:11-32) Abbaan fakkeenyicha irratti ibsame sun ilmi isaa akka deebiʼu abdachuu isaa hin dhiisne ture. Mucaan sun yommuu gara manaatti deebiʼu abbaan isaa gammachuudhaan isa simateera. Yihowaa irraa yoo fagaanne, garuu immoo deebinee yaada yoo jijjiirranne Yihowaan inni Abbaa jaalala qabeessa taʼe nu simachuu akka barbaaduu fi qophaaʼaa akka taʼe mirkanaaʼoo taʼuu dandeenya. Abbaan keenya miidhaa sababii Addaamiin gaʼe hunda ni sirreessa. Addaam cubbuu erga hojjetee booda Yihowaan Ilma isaa wajjin samii irratti moototaa fi luboota taʼanii akka tajaajilaniif ilmaan namootaa keessaa namoota 144,000 taʼan filachuuf murteesseera. Addunyaa haaraa keessatti Yesuusii fi warri isa wajjin bulchan ilmaan namootaa ajajamoo taʼan cubbuu irraa bilisa akka taʼan gargaaru. Qorumsa isa xumuraa erga darbanii booda Waaqayyo jireenya bara baraa isaaniif kenna. Abbaan keenya lafti dhiirotaa fi dubartoota mudaa hin qabneen guutamtee yommuu argu baayʼee gammada. Yeroon sun yeroo baayʼee nama gammachiisu taʼa! w20.02 6-7 key. 17-19
Kamisa, Sadaasa 4
Humna sammuu keessan hojjechiisuun haareffamuu keessan itti fufaa.—Efe. 4:23.
Hundi keenya, ‘Kiristiyaana taʼuuf jecha jijjiiramni ani godhe kan alaan mulʼatu qofa moo dhugumaan keessi namummaa koo Kiristiyaana taʼeera?’ jennee of gaafachuu qabna. Garaagarummaa kanaa hubachuun barbaachisaa dha. Yesuus yaada Maatewos 12:43-45 irratti dubbate irratti maal gochuun barbaachisaa akka taʼe ibseera. Jechoonni Yesuus dubbate kun barumsa guddaa of keessaa qabu. Kunis, yaada dogoggoraa balleessuu qofti gaʼaa miti; iddoo duwwaa taʼe sana yaada Waaqayyootiin guutuu qabna. Eenyummaa keenya isa keessaa jijjiiruun ni dandaʼamaa? Dubbiin Waaqayyoo, “Namummaa haaraa isa fedhii Waaqayyoo wajjin haala wal simuun qajeelummaa fi amanamummaa dhugaadhaan uumame uffachuu qabdu” jechuudhaan deebii kenna. (Efe. 4:24) Eeyyee, keessa namummaa keenya jijjiiruun ni dandaʼama; taʼus, kana gochuun salphaa miti. Fedhii dogoggoraa dandamachuu fi wanta dogoggoraa hojjechuu dhiisuun qofti gaʼaa miti. ‘Humna sammuu keenya hojjechiisu’ jijjiiruu nu barbaachisa. Kunis fedhii keenya, amala keenyaa fi sababii wanta tokko raawwachuuf nu kakaasu jijjiiruu dabalata. Kun immoo carraaqqii itti fufiinsa qabu gochuu gaafata. w19.06 9-10 key. 6-7
Jimaata, Sadaasa 5
Nuti bakka kana balleessuuf jenna.—Uma. 19:13.
Yihowaan Looxii fi maatii isaa akka oolchaniif gara laafinaan kakaʼee maleekota ergeera. Haa taʼu malee, Loox “qaqqabachaa ture.” Kanaafuu, maleekonni sun harka isaa qabanii innii fi maatiin isaa magaalicha keessaa akka baqatan isaan gargaaruuf dirqaman. (Uma. 19:15, 16) Achiis maleekonni sun naannoo tullootaatti akka baqatu isatti himan. Taʼus, Loox Yihowaadhaaf ajajamuu mannaa, gara magaalaa dhiheenya sana jiruutti deemuuf gaafate. (Uma. 19:17-20) Yihowaan obsaan kan isa dhaggeeffate siʼa taʼu, Loox gara magaalichaa akka deemu isaaf heyyame. Loox booda bakka sana jiraachuu waan sodaateef, bakka Yihowaan duraan itti hime, jechuunis naannoo tullootaa dhaqee jiraateera. (Uma. 19:30) Yihowaan obsa guddaa argisiiseera! Akkuma Loox miseensi maatii hafuuraa keenya tokko murtoo dogoggoraa gochuudhaan rakkina cimaadhaaf of saaxiluu dandaʼa. Wanti akkasii yoo uumame maal goona? Waanuma facaase haammachaa akka jiru dubbachuudhaaf qoramuu dandeenya, kunis dhugaa dha. (Gal. 6:7) Haa taʼu malee, wanta kana irra wayyu gochuu ni dandeenya. Karaa Yihowaan Looxiin itti gargaare hordofuu ni dandeenya. w19.06 20-21 key. 3-5
Sanbadduraa, Sadaasa 6
Yihowaan gargaaraa koo ti; ani hin sodaadhu.—Ibr. 13:6.
Diinonni keenya waaqeffannaa keenya yommuu dhorkan, sodaannee Yihowaa tajaajiluu keenya akka dhiisnu abdatu. Dhorkaa dabalatee, oduu sobaa babalʼisuu, poolisoonni mana keenya akka sakattaʼan erguu, mana murtiitti nu dhiheessuu ykn nu keessaa tokko tokko hidhuu illee ni dandaʼu. Nu keessaa namoota muraasa mana hidhaatti galchuu waan dandaʼaniif, sodaadhaan akka moʼamnu abdatu. Garaa keenya keessatti sodaa akka uuman yoo isaaniif heyyamne, nuti iyyuu ofuma keenyaaf waaqeffannaa keenya of “dhorkuu” jalqabuu dandeenya. Nuti akka namoota Lewwoota 26:36, 37 irratti ibsamanii taʼuu hin barbaannu. Sodaan sochii hafuuraa keenya akka hirʼisnu ykn akka dhaabnu akka nu godhu hin heyyamnu. Guutummaatti Yihowaa waan amanannuuf, sodaadhaan hin raafamnu. (Isa. 28:16) Kadhannaadhaan qajeelfama Yihowaa argachuuf yaalii goona. Deggersa Yihowaa kan qabnu yoo taʼe, mootummaan namootaa humna guddaa qabu illee, amanamummaadhaan Waaqayyoon akka hin waaqeffanne nu dhorkuu akka hin dandeenye beekna. Mormiin nu sodaachisuu mannaa, caalaatti Yihowaa akka tajaajillu nu kakaasuu dandaʼa. w19.07 9-10 key. 6-7
Dilbata, Sadaasa 7
Dubbicha lallabi.—2 Xim. 4:2.
Tajaajilli keessan buʼaa kan hin qabne yoo fakkaate illee, namoota barattoota taʼuu dandaʼan abdii kutattanii barbaaduu keessan hin dhiisinaa. Yesuus barattoota gochuu qurxummii qabuu wajjin akka wal fakkeesse yaadadhaa. Namoonni qurxummii qaban qurxummii tokko illee utuu hin qabin saʼaatii hedduu dabarsuu dandaʼu. Yeroo baayʼee dhiisifatanii ykn ganamaan kaʼanii hojjetu, yeroo tokko tokko immoo fagaatanii deemuun isaan barbaachisuu dandaʼa. (Luq. 5:5) Haaluma wal fakkaatuun, Kiristiyaanonni tokko tokko yeroo gara garaa fi bakka gara garaatti namoota dhugaa beekuu barbaadan “argachuuf” saʼaatii dheeraa dabarsu. Maaliif? Carraa namoota dabalataa argachuu itti dandaʼan balʼifachuufi. Namoonni carraaqqii dabalataa godhan, yeroo baayʼee namoota ergaa keenya fudhachuuf fedhii qaban argachuudhaan eebba argatu. Guyyaa keessaa yeroo ykn iddoo namoota argachuu itti dandeessanitti lallabuuf yaalii gochuu ni dandeessuu? Kitaaba Qulqulluu qoʼachiisuun obsa kan gaafatu maaliifi? Sababiin inni tokko baratichi barumsa Kitaaba Qulqulluu keessa jiru akka beekuu fi akka jaallatu gargaaruu caalaa wanti gochuun nu barbaachisu waan jiruufi. Baratichi Yihowaa isa Abbaa Barruu Kitaaba Qulqulluu taʼe akka beekuu fi akka jaallatu gargaaruu nu barbaachisa. w19.07 18-19 key. 14-15
Wiixata, Sadaasa 8
Wantoota na duuba jiran [nan irraanfadha].—Filp. 3:13.
Nu keessaa tokko tokko cubbuu kanaan dura raawwanneen kan kaʼe miira balleessaa nutti dhagaʼamu moʼuun nu barbaachisuu dandaʼa. Taanaan, aarsaa furii Kiristoos irratti xiyyeeffachuudhaan qoʼannaa dhuunfaa gochuu maaliif hin jalqabdan? Dhimma kana irratti qoʼannaa yoo goone, yoo xiinxallee fi yoo kadhanne, miira balleessaa barbaachisaa hin taane kana hirʼisuuf wantoota hedduu raawwachuu dandeenya. Cubbuu Yihowaan dhiifama nuuf godheef of adabuu keenya dhaabuu illee ni dandeenya taʼa. Barumsa kan biraa Phaawulos irraa argachuu dandeenyus haa ilaallu. Namoonni tokko tokko tajaajila Mootummichaa irratti caalaatti hirmaachuuf jecha hojii galii guddaa isaaniif argamsiisu dhiisaniiru taʼa. Taanaan, qabeenya argachuu dandeenyu hawwuu dhiisuudhaan, wantoota duuba keenya jiran irraanfachuu ni dandeenyaa? (Lak. 11:4-6; Lal. 7:10) ‘Wantoota duuba keenya jiran’ kan jedhaman wantoota kanaan dura raawwanne ykn qorumsa kanaan dura dandamanne dabalachuu dandaʼu. Dhugaa dha, akkaataa Yihowaan waggoottan darbanitti itti nu eebbisee fi nu deggere yaaduun caalaatti Abbaa keenyatti akka dhihaannu nu taasisuu dandaʼa. Haa taʼu malee, wanti tajaajila Yihowaa keessatti raawwanne gaʼaa akka taʼe matumaa yaaduu hin qabnu.—1 Qor. 15:58. w19.08 3 key. 5-6
Kibxata, Sadaasa 9
Yeroo hundumaa kadhadhaa.—1 Tas. 5:17.
Bakki jirru eessa iyyuu yoo taʼe yeroo kamitti iyyuu karaa kabaja qabuun Waaqa keenyatti dhihaachuu dandeenya. Inni kadhannaa keenya dhagaʼuuf matumaa yeroo hin dhabu; kanaa mannaa yeroo hunda xiyyeeffannaadhaan nu dhaggeeffata. Yihowaan kadhannaa keenya akka dhagaʼu yommuu hubannu caalaatti isa jaallanna. Faarfatichi, “Waaqayyo sagalee koo . . . waan dhagaʼeef, ani isa nan jaalladha” jechuudhaan dubbateera. (Far. 116:1) Abbaan keenya kadhannaa keenya dhagaʼuu qofa utuu hin taʼin deebiis nuuf kenna. Yohaannis ergamaan, “Wanti kadhannu maal iyyuu yoo taʼe, akka fedhii [Waaqayyootti] yoo kadhanne inni nu dhagaʼa” jechuudhaan kana nuuf mirkaneesseera. (1 Yoh. 5:14, 15) Dhugaa dha, Yihowaan karaa nuti eegneen kadhannaa keenyaaf deebii kennuu dhiisuu dandaʼa. Inni wanta nuuf gaarii taʼe waan beekuuf, yeroo tokko tokko deebii nuuf hin kennu, yookiin immoo akka eeggannu barbaada. (2 Qor. 12:7-9) Yihowaan wanta nu barbaachisu nuuf kenna. Inni wanta abbootiin hundi akka godhan barbaadu ni godha. (1 Xim. 5:8) Yihowaan wanta jireenyaaf isaan barbaachisu ijoollee isaatiif ni kenna. Inni wanta nyaannu, wanta uffannu ykn mana keessa jiraannu ilaalchisee akka yaaddofnu hin barbaadu. (Mat. 6:32, 33; 7:11) Akkuma warra jaalala qabeeyyii taʼan tokkoo, wantoota gara fuulduraatti nu barbaachisan hunda akka argannu qophii nuuf godheera. w20.02 5 key. 10-12
Roobii, Sadaasa 10
Isaan . . . tuuta [tokko] ni taʼu; tikseen isaaniis tokko ni taʼa.—Yoh. 10:16.
Namoonni abdii samii irra jiraachuu qaban hundi kutaa ‘garbicha amanamaa fi ogeessaa’ miti. (Mat. 24:45-47) Akkuma jaarraa jalqabaa, Yihowaa fi Yesuus namoota hedduu sooruuf ykn barsiisuuf obboloota muraasatti fayyadamu. Jaarraa jalqabaatti Kitaaba Qulqulluu Afaan Giriikii kan barreessan Kiristiyaanota dibamoo muraasa qofa turan. Yeroo harʼaas saba Waaqayyootiif “yeroo sirrii taʼetti nyaata” dhiheessuuf itti gaafatamummaa kan qaban Kiristiyaanota dibamoo muraasa qofa dha. Yihowaan sabni isaa baayʼeen lafa irratti jireenya bara baraa akka argatan, warri lakkoofsi isaanii muraasa taʼee fi Yesuus wajjin bulchan immoo samii irra akka jiraatan murteesseera. Yihowaan tajaajiltoota isaa hunda, jechuunis nama “Yihudii” sanas taʼe ‘namoota kurnan’ ni badhaasa; akkasumas gareen lamaanuu seera wal fakkaatuuf akka ajajamanii fi amanamoo taʼanii akka jiraatan isaan irraa eega. (Zak. 8:23) Hundi isaanii kan gad of qaban taʼanii itti fufuu qabu. Akkasumas hundi isaanii waliin taʼanii isa tajaajiluu fi tokkummaa qabaachuu qabu. Nageenyi gumii keessa akka jiraatu gochuufis hundi isaanii hojjechuu qabu. Dhumni sirna kanaa dhihaachaa yommuu jiru kanatti hundi keenya Yihowaa tajaajiluu fi “tuuta tokko” taanee Kiristoos duuka buʼuu keenya itti haa fufnu. w20.01 31 key. 15-16
Kamisa, Sadaasa 11
Dubbichaaf kan hin ajajamne yoo jiraatan, dubbii malee . . . akka moʼamaniifi; kan moʼamanis amala keessan isa qulqulluu fi ulfina guddaa isin argisiistan yommuu ilaalanitti dha.—1 Phe. 3:1, 2.
Firoonni keenya misiraachicha akka fudhatan isaan dirqisiisuu hin dandeenyu; taʼus waaʼee ergaa Kitaaba Qulqulluu akka yaadanii fi akka fudhatan isaan jajjabeessuu ni dandeenya. (2 Xim. 3:14, 15) Fakkeenya gaarii taʼuuf carraaqaa. Yeroo baayʼee wanta dubbannu caalaa wanti raawwannu firoota keenya irratti dhiibbaa guddaa geessisuu dandaʼa. Firoota keessan gargaaruuf carraaquu keessan itti fufaa. Gama kanaan Yihowaan fakkeenya nuuf taʼa. Namoonni misiraachicha akka fudhatanii fi jireenya akka argataniif “siʼa baayʼee” carraa isaaniif kenneera. (Er. 44:4) Phaawulos ergamaanis, Ximotewos namoota kaan gargaaruu isaa akka itti fufu itti himeera. Maaliif? Kana gochuun isaa ofii isaas taʼe namoota isa dhagaʼan oolchuu waan dandaʼuufi. (1 Xim. 4:16) Firoota keenya waan jaallannuuf, dhugaa Dubbii Waaqayyoo keessatti argamu akka beekan barbaanna. w19.08 14 key. 2; 16-17 key. 8-9
Jimaata, Sadaasa 12
Jaalala dhokfame irra ifannaa ifatti kenname wayya.—Fak. 27:5.
Namni tokko nu gorsuuf carraaqqii yoo godhe, hamma yaadne caalaa dogoggora cimaa raawwannee taʼuu akka dandaʼu yaadachuu qabna. Yeroo akkasiitti jalqaba irratti gorsa sana fudhachuu hin barbaannu taʼa. Tarii nama gorsa nuuf kenne sana ykn akkaataa inni gorsa itti nuuf kenne qeequu dandeenya. Haa taʼu malee, kan gad of qabnu yoo taʼe, ilaalcha madaalamaa qabaachuuf carraaqna. Namni gad of qabu tokko gorsa isaaf kennamu ni dinqisiifata. Kana fakkeenyaan ibsuuf, walgaʼii gumii irra jirta haa jennu. Obboloota hedduu wajjin erga haasoftee booda, obboloota keessaa inni tokko kophaatti si waamee ilkaan kee irratti nyaanni xinnoon akka hafe sitti hime. Yeroo kanatti akka qaanoftu beekamaa dha. Haa taʼu malee, obboleessi sun sitti himuu isaatiif isa hin galateeffattuu? Namni tokko dursee utuu natti himeera taʼee jettee yaaduun kee hin oolu! Haaluma wal fakkaatuun, obboloota keenya warra yeroo gorsi nu barbaachisutti ija jabinaan nu gorsan gad of qabuudhaan galateeffachuu qabna. Nama sana akka diina keenyaatti utuu hin taʼin akka michuu keenyaatti ilaalla.—Fak. 27:6; Gal. 4:16. w19.09 5 key. 11-12
Sanbadduraa, Sadaasa 13
Yaa ilma koo, ajaja abbaa keetii eegi, barumsa haadha teetiis hin dhiisin.—Fak. 6:20.
Yihowaan maatii keessatti haadhaaf itti gaafatamummaa guddaa kenneera; akkasumas haati ijoollee ishii irratti hamma tokko aangoo akka qabaattu godheera. Wanti haati takka raawwattuu fi dubbattu jireenya ijoollee ishii irratti dhiibbaa guddaa gochuu dandaʼa. (Fak. 22:6) Mee wanta haadholiin, Maariyaam ishii haadha Yesuus taate irraa barachuu dandaʼan hubadhaa. Maariyaam Kitaaba Qulqulluu akka gaariitti beekti turte. Yihowaadhaaf kabaja guddaa kan qabdu taʼuu ishii irra iyyuu, isa wajjin hariiroo dhuunfaa cimaa taʼe qabdi turte. Guutummaa jireenya ishii kan jijjiiru taʼus, qajeelfama Yihowaatiif bitamuuf fedhii qabdi turte. (Luq. 1:35-38, 46-55) Haadholiin karaa hedduudhaan fakkeenya Maariyaam hordofuu dandeessu. Akkamitti? Tokkoffaa, dhuunfaatti qoʼachuu fi kadhachuudhaan michummaan Yihowaa wajjin qabdan cimee akka itti fufu gochuu qabdu. Lammaffaa, Yihowaa gammachiisuuf jireenya keessan keessatti jijjiirama gochuuf fedhii qabaachuu qabdu. w19.09 18 key. 17-19
Dilbata, Sadaasa 14
Kunoo, [tuuta] uummataa guddaa.—Mul. 7:9.
Yohaannis ergamaan mulʼata dinqisiisaa waaʼee gara fuulduraa dubbatu tokko arge. Mulʼata kana keessatti maleekaan tokko hamma tuuta garboota Waaqayyoo tokkotti chaappaan dhumaa godhamutti qilleensota rakkina guddaa geessisan qabanii akka turan maleekota kan biroo afuritti himeera. (Mul. 7:1-3) Tuutni kun warra Yesuus wajjin samii irratti bulchanii fi lakkoofsi isaanii 144,000 taʼu kan of keessatti qabate dha. (Luq. 12:32; Mul. 7:4) Achiis Yohaannis tuuta kan biraa baayʼee guddaa taʼe tokko caqasuudhaan jecha “Kunoo” jedhuu fi tarii wanti inni arge akka isa dinqisiise argisiisu dubbate. Yohaannis maal arge? “Tuuta uummataa guddaa eenyu illee lakkaaʼuu hin dandeenyee fi saba hundumaa keessaa, gosa hundumaa keessaa, nama hundumaa keessaa fi qooqa hundumaa keessaa dhufan, . . . teessichaa fi Hoolicha dura dhaabatanii turan” arge. (Mul. 7:9-14) Yohaannis gara fuulduraatti namoonni baayʼeen karaa sirrii taʼeen Waaqayyoon akka waaqeffatan beekuun isaa hammam akka isa gammachiise tilmaamuu dandeessu! Mulʼanni kun amantii Yohaannis cimsee akka ture hin shakkisiisu. Nutis yeroo itti mulʼanni kun raawwatamaa jiru keessa waan jiraannuuf mulʼanni kun amantii keenya caalaatti cimsuu qaba. Namoonni miliyoonaan lakkaaʼamanii fi rakkina guddaa jalaa oolanii bara baraaf lafa irra jiraachuuf abdii qaban yommuu walitti qabaman argaa jirra. w19.09 26 key. 2-3
Wiixata, Sadaasa 15
Badiisni tasaa yeruma sana isaan irra gaʼa; isaan matumaa jalaa hin miliqan.—1 Tas. 5:3.
Geggeessitoonni addunyaa labsii “Nagaa dha, tasgabbii dhas” jedhuu fi yeroo dheeraadhaaf eegamaa ture yommuu labsan yaadaan ilaali. Addunyaan kun matumaa nageenya akkasii argatee hin beeku jedhanii of jaju taʼa. Nutis haalli addunyaa kanaa toʼannoo isaanii jala akka gale goonee akka yaannu barbaadu. Taʼus, wanta itti aansee taʼu matumaa toʼachuu hin dandaʼan! ‘Baabilon Guddittiin’ ni balleeffamti! (Mul. 17:5, 15-18) “Waaqayyo yaada isaa akka raawwataniif garaa isaanii keessa [kaaʼa].” Yaadni kun maali dha? Saba Kiristiyaanaa dabalatee amantiiwwan sobaa addunyaa irra jiran hunda balleessuu dha. Waaqayyo yaada isaa garaa ‘bineensa diimaa dhiiga fakkaatuu’ fi “gaanfa kudhan” qabuu keessa kaaʼa. Gaanfonni kurnan kun humnoota siyaasaa ‘bineensa’ sana jechuunis Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii deeggaran hunda argisiisu. (Mul. 17:3, 11-13; 18:8) Humnoonni siyaasaa kun amantii sobaatti garagaluun isaanii mallattoo rakkinni guddaan akka jalqabe argisiisu taʼa. Kun taʼee sodaachisaa akka tasaa raawwatamuu fi namoota lafa irra jiraatan hunda irratti dhiibbaa geessisu dha. w19.10 14 key. 1, 3
Kibxata, Sadaasa 16
Diyooxiraaxis inni isaan gidduutti dura buʼaa taʼuu barbaadu waan tokko illee kabajaan nu irraa hin fudhatu.—3 Yoh. 9.
Jaarraa jalqabaatti Diyooxiraaxis warra gumii Kiristiyaanaa keessatti dursa fudhatanii geggeessanitti hinaafee ture. Inni miseensota gumii gidduutti “dura buʼaa taʼuu” waan barbaadeef, Yohaannis ergamaa fi obboloota itti gaafatamummaa qaban kaan ilaalchisee dubbii hamaa babalʼisa ture. (3 Yoh. 10) Nuti wanta Diyooxiraaxis godhe gochuu baannus Kiristiyaana mirga nuti argachuu barbaannu argate tokkotti hinaafuu jalqabuu dandeenya; keessumaa immoo itti gaafatamummaa sana fudhachuuf gaʼumsa akka qabnu kan nutti dhagaʼamu yoo taʼe hinaafuu dandeenya. Hinaaffaan akkuma aramaa summii qabuu ti. Sanyiin hinaaffaa garaa keenya keessatti hidda erga godhatee booda balleessuun ulfaataa taʼuu dandaʼa. Miirri gaarii hin taane kan akka kooruu fi ofittummaa jiran hinaaffaan akka guddatu gochuu dandaʼu. Hinaaffaan amaloonni gaggaariin kan akka jaalalaa, gara laafinaa fi gaarummaa akka hin guddanne hudhuu dandaʼa. Amalli hinaaffaa keessa keenyatti biqiluu akka jalqabe yommuu hubannu dafnee garaa keenya keessaa buqqisuu qabna. w20.02 15 key. 6-7
Roobii, Sadaasa 17
Qoreen foon koo waraanu naaf kennameera.—2 Qor. 12:7.
Phaawulos ergamaan rakkinni dhuunfaa nama dhukkubsu tokko akka isa muudate dubbachaa jira. Phaawulos rakkinni kun “maleekaa Seexanaa” yeroo hunda isa “kabalu” (“reebu,” milj.) akka taʼe dubbateera. Rakkina Phaawulos isa akka qoree foon isaa waraanuu taʼe kana kallattiidhaan kan itti fide Seexana ykn jinniiwwan taʼuu dhiisuu dandaʼu. Haa taʼu malee, hafuuronni hamoon kun “qoree” sana yommuu argan qaama isaatti dhiibuu, jechuunis dhukkubbii isaa dabaluu barbaadanii taʼuu dandaʼa. Maarree, Phaawulos maal godhe? Jalqaba irratti Phaawulos ‘qoreen’ sun akka isa irraa fuudhamu barbaadee ture. Phaawulos, “Akka ana irraa fuudhamuuf siʼa sadii Gooftaa [Yihowaa] kadhadheen ture” jedheera. Phaawulos kadhannaa kan dhiheesse taʼus, qoreen foon isaa waraanu kun isa irraa hin fuudhamne. Maarree, kana jechuun Yihowaan kadhannaa Phaawulosiif deebii hin kennine jechuudhaa? Lakki. Deebii isaaf kenneera. Yihowaan rakkinicha kan hin balleessine taʼus, humna jabaatee dhaabbachuuf isa dandeessisu isaaf kenneera. Yihowaan, “Humni koo guutuu kan taʼu yeroo ati dadhabdutti dha” isaan jedheera. (2 Qor. 12:8, 9) Kanaaf, Phaawulos gargaarsa Waaqayyootiin gammachuu isaa fi nagaa isaa eegee jiraachuu dandaʼeera!—Filp. 4:4-7. w19.11 9 key. 4-5
Kamisa, Sadaasa 18
Yihowaan Waaqa guutummaatti akka isaaf bulan [barbaadu dha].—Naho. 1:2.
Yihowaan Uumaa keenyaa fi jireenya kan nuuf kenne waan taʼeef isa qofa waaqeffachuun keenya kan isaaf malu dha. (Mul. 4:11) Haa taʼu malee, balaan irraa of eeggachuu qabnu tokko jira. Yihowaa kan jaallannuu fi kan kabajnu taʼus, waaqeffannaa isa qofaaf malu utuu isaaf hin dhiheessin hafuu dandeenya. Kitaaba Qulqulluu keessatti Yihowaadhaaf jaalala cimaa qabachuun isa qofa waaqeffachuu wajjin kan wal qabate dha. Kanaafuu, qaamni ykn wanti kam iyyuu garaa keenya keessatti iddoo isaa akka fudhatu hin heyyamnu. (Bau. 34:14) Jaalalli Yihowaadhaaf qabnu wanta ragaa hin qabne irratti kan hundaaʼe miti. Akkas kan jennu maaliifi? Sababiin isaas jaalalli isaaf qabnu dhugaawwan waaʼee isaa baranne irratti kan hundaaʼe dha. Amaloota isaa warra gaggaarii taʼan ni dinqisiifanna. Wanta inni jaallatuu fi jibbu beekna; wanta inni jaallatu ni jaallanna, wanta inni jibbu immoo ni jibbina. Kaayyoo inni nuuf qabu ni hubanna, akkasumas ni deeggarra. Michoota isaa akka taanuuf carraa nuu kennuun isaa ulfina guddaa akka taʼe nutti dhagaʼama. (Far. 25:14, NW) Wanti Uumaa keenya ilaalchisee baranne hundi isatti akka dhihaannu nu taasisa.—Yaq. 4:8. w19.10 26 key. 1-3
Jimaata, Sadaasa 19
Michuu dhugaan yeroo hundumaa jaalala argisiisa, inni obboleessa yeroo dhiphinaatiif dhalate dha.—Fak. 17:17.
Yeroo harʼaatti rakkinni adda addaa obbolootaa fi obboleettota keenya irra gaʼaa jira. Fakkeenyaaf, obboloonni hedduun balaa uumamaatiin ykn balaa nam-tolcheetiin rakkachaa jiru. Yeroo balaawwan akkasii uumaman muraasni keenya obboloota keenya kana mana keenyatti simachuu dandeenya taʼa. Warri kaan immoo qarshiidhaan gargaaruu dandaʼu. Taʼus, hundi keenya Yihowaan obboloota keenya akka gargaaru kadhachuu dandeenya. Obboleessi tokko ykn obboleettiin takka abdii akka kutatan yoo hubanne, maal jechuu ykn maal gochuu akka qabnu hin beeknu taʼa. Haa taʼu malee, hundi keenya gargaarsa gochuu ni dandeenya. Fakkeenyaaf, michoota keenya wajjin yeroo dabarsuu dandeenya. Yeroo isaan dubbatan gaarummaadhaan isaan dhaggeeffachuu dandeenya. Akkasumas caqasa Kitaaba Qulqulluu nama jajjabeessuu fi jaallannu isaanitti himuu dandeenya. (Isa. 50:4) Wanti caalaatti iddoo guddaan kennamuuf yeroo michoonni keenya nu barbaadanitti isaanii wajjin taʼuu keenya dha. Obbolootaa fi obboleettota keenya wajjin hariiroo cimaa uumuu fi michummaa keenya eegnee itti fufuuf murtoo gochuu qabna. Michummaan kun hamma dhuma sirna kanaatti qofa utuu hin taʼin bara baraaf itti fufa! w19.11 7 key. 18-19
Sanbadduraa, Sadaasa 20
Seerri aarsaa gamtaa namni tokko Yihowaadhaaf dhiheessuu isa kana dha.—Lew. 7:11.
Aarsaan kun kennaa namichi sun Waaqa isaa Yihowaa waan jaallatuuf fedhiidhaan dhiheessu dha. Namni aarsaa kana dhiheessu, maatiin isaa fi luboonni foon beeyilada aarsaa taʼe sanaa ni nyaatu. Haa taʼu malee, kutaa qaama beeyilada aarsaa taʼee dhiheeffamu sanaa keessaa tokko tokko Yihowaa qofaaf dhihaata ture. Yihowaa qofaaf kan dhihaatan kutaa qaamaa kamfaa dha? Yihowaan coomni kutaa qaama beeyiladootaa keessaa isa hunda irra caalu akka taʼetti ilaala. Kana malees, kalee dabalatee kutaan qaama beeyiladootaa tokko tokko gatii guddaa akka qaban dubbateera. (Lew. 3:6, 12, 14-16) Kanaaf, keessumaa yommuu Israaʼeloonni fedhiidhaan kutaalee qaamaa kanaa fi cooma isaaf dhiheessan Yihowaan baayʼee gammada ture. Namni Israaʼel aarsaa akkasii dhiheessu tokko wanta hunda irra caalu Waaqayyoof dhiheessuu akka barbaadu argisiisa. Haaluma wal fakkaatuun, Yesuus jaalalaan kakaʼee garaa guutuudhaan isa tajaajiluudhaan Yihowaadhaaf wanta hunda irra caalu fedhiidhaan kenneera. (Yoh. 14:31) Yesuus fedha Waaqayyoo raawwachuun isa gammachiisa. (Far. 40:8) Yihowaan Yesuus fedhiidhaan yommuu isa tajaajilu arguu isaatti baayʼee gammadee taʼuu qaba! w19.11 22-23 key. 9-10
Dilbata, Sadaasa 21
Guyyaan torbaffaan . . . sanbata guutummaatti itti boqotamu dha. Guyyaan kun Yihowaadhaaf qulqulluu dha.—Bau. 31:15.
Dubbiin Waaqayyoo, Waaqayyo “guyyaa” jaʼaaf erga uumee booda hojii uumuu lafa irratti hojjechaa ture akka dhaabe dubbata. (Uma. 2:2) Taʼus, Yihowaan hojii hojjechuu ni jaallata, akkasumas karaawwan kan birootiin ammas “hojjechaa jira.” (Yoh. 5:17) Qophiin guyyaa Sanbataa, guyyaa Yihowaan itti boqotee fi Seera Uumamaa keessatti ibsame wajjin wal fakkaata. Waaqayyo Sanbanni mallattoo isaa fi saba Israaʼel gidduu jiru akka taʼe dubbateera. (Bau. 31:12-14) Seerri guyyaa sana hojjechuu dhoorku ijoollee, garbootaa fi beeyiladoota dabalatee namoota hundaaf ni hojjeta. (Bau. 20:10) Guyyaan kun namoonni wantoota hafuuraatiif caalaatti xiyyeeffannaa akka kennan isaan gargaara ture. Geggeessitoonni amantii bara Yesuus turan hedduun guyyaa Sanbataa ilaalchisee seerawwan asii fi achi nama hin jechisiisne baasanii turan. Geggeessitoonni amantii kun guyyaa Sanbataatti asheeta cirachuun ykn nama dhukkubsate fayyisuun illee seeraan ala akka taʼe dubbatu turan. (Mar. 2:23-27; 3:2-5) Yesuus ilaalchi akkasii ilaalcha Waaqayyoo akka hin calaqqisiisne namoota isa dhaggeeffachaa turaniif ifa godheera. w19.12 3-4 key. 8-9
Wiixata, Sadaasa 22
Ijoollee jaallatamoo waan taataniif, Waaqayyoon kan fakkaattan taʼaa.—Efe. 5:1.
Waaʼee amaloota Yihowaa caalaatti barachaa yommuu adeemnu caalaatti isa fakkaachuu dandeenya. Daawit Abbaa isaa isa samii sirriitti waan beekuuf walitti dhufeenya warra kaanii wajjin qabu irratti isa fakkaachuu dandaʼeera. Daawit Yihowaa wajjin hariiroo gaarii akkasii waan qabuuf, mootota Israaʼel baayʼee jaallataman keessaa tokko taʼuu dandaʼeera; akkasumas Yihowaan mootota Israaʼel kan birootiif akka fakkeenyaatti itti fayyadameera. (1 Mot. 15:11; 2 Mot. 14:1-3) Barumsa akkamii arganna? ‘Waaqayyoon kan fakkaannu’ taʼuu qabna. Amaloota Waaqayyoo yommuu calaqqisiisnu ijoollee isaa akka taane argisiisna. (Efe. 4:24) Waaʼee Yihowaa barachuu gonkumaa dhaabuu hin qabnu. (Lal. 3:11) Wanti guddaan waaʼee Yihowaa hammam beekna kan jedhu utuu hin taʼin, wanta beeknu hammam hojii irra oolchina kan jedhu dha. Wanta baranne hojii irra kan oolchinuu fi Abbaa keenya isa jaalala qabeessa taʼe fakkaachuuf kan carraaqnu yoo taʼe, inni nutti dhihaachuu isaa itti fufa. (Yaq. 4:8) Yihowaan karaa Dubbii isaa warra isa barbaadan matumaa akka hin dhiisne nuuf mirkaneesseera. w19.12 20 key. 20; 21 key. 21, 23
Kibxata, Sadaasa 23
Garaan namaa wanta kam iyyuu caalaa gantuu dha.—Er. 17:9.
Yaaqoob ijoollee isaa hunda ni jaallata, Yoseef isa umuriin isaa waggaa 17 taʼeef garuu jaalala adda taʼe qaba. Maarree obboloota Yoseefitti maaltu dhagaʼame? Isaan isatti ni hinaafan, kanaan kan kaʼes isa jibbuu jalqaban. Kanaaf, isaan Yoseefiin garbummaatti gurguran, akkasumas bineensi tokko ilma isaa akka ajjeese dubbachuudhaan abbaa isaanii soban. Hinaaffaan nageenya maatichaa akka booressanii fi abbaa isaanii baayʼee akka gaddisiisan isaan taasiseera. (Uma. 37:3, 4, 27-34) Hinaaffaan “hojiiwwan foonii” duʼa geessisuu dandaʼanii fi namni tokko Mootummaa Waaqayyoo akka hin dhaalle taasisan keessaa tokko akka taʼe ibsameera. (Gal. 5:19-21) Hinaaffaan yeroo baayʼee hundee firiiwwan summaaʼaa kan akka diinummaa, lolaa fi dheekkamsaa ti. Fakkeenyi obboloota Yoseef hinaaffaan hariiroo namoota gidduu jiru hammam miidhuu akka dandaʼuu fi nagaa maatii jeequu akka dandaʼu argisiisa. Wanta obboloonni Yoseef godhan gochuu baannus hundi keenya cubbuu fi garaa jalʼaa taʼe qabna. Kanaafuu, yeroo tokko tokko miira hinaaffaa wajjin walʼaansoo gochuun keenya nama hin dinqisiisu. w20.02 14 key. 1-3
Roobii, Sadaasa 24
Gad of qabuudhaan warri kaan akka isin irra caalan godhaa yaadaa.—Filp. 2:3.
Yeroo tokko Yihowaan hafuura qulqulluu isaa hamma tokko Musee irraa fuudhee maanguddoota Israaʼelootaa warra dunkaana walgaʼii bira dhaabbataniif kennee ture. Achiis utuma baayʼee hin turin Museen maanguddoonni dunkaana walgaʼii sana bira hin turre lama hafuura qulqulluu akka argatanii fi akka raajotaa taʼuu akka jalqaban dhagaʼe. Museen yommuu Iyaasuun maanguddoota lamaan kana akka dhoowwu isa gaafatetti maal godhe ree? Museen namoonni lamaan kun Yihowaa biraa xiyyeeffannaa argachuu isaaniitti hin hinaafne. Kanaa mannaa gad of qabuudhaan mirga isaan argatanitti isaan wajjin gammadeera. (Lak. 11:24-29) Musee irraa barumsa akkamii arganna? Jaarsa gumii yoo taate itti gaafatamummaa gumii ati qabduu fi baayʼee jaallattu tokko akka raawwatuuf nama tokko akka leenjistu gaafatamtee beektaa? Akkuma Musee kan gad of qabdu yoo taate, obboleessi kan biraan yeroo booda itti gaafatamummaa kana fudhachuu akka dandaʼuuf akka isa leenjistu yoo gaafatamte hin mufattu. Kanaa mannaa, obboleessa kee gargaaruun si gammachiisa. w20.02 15 key. 9; 17 key. 10-11
Kamisa, Sadaasa 25
Yaaddoon garaa namaa keessa jiru gad isa qaba, dubbii gaariin garuu isa gammachiisa.—Fak. 12:25.
Dhukkubni miira keenya miidhuu fi kana booda eenyu iyyuu fayyaduu akka hin dandeenye akka nutti dhagaʼamu gochuu dandaʼa. Namoonni humni keenya akka daangeffame yommuu hubatan ykn gargaarsa argachuuf warra kaanitti hirkachuun yommuu nu barbaachisu qaanaʼuu dandeenya. Warri kaan waaʼee dhukkuba keenyaa yommuu hin hubannetti illee dandeettiin keenya daangeffamuu isaatiin kan kaʼe qaanii nutti dhagaʼamu wajjin walʼaansoo goona taʼa. Yeroo rakkisaa akkasiitti Yihowaan ol nu qaba. Akkamitti? Yihowaan Kitaaba Qulqulluu keessatti jechoota gaggaarii yoo dhukkubsanne illee, isa biratti iddoo guddaa akka qabnu nu yaadachiisan nuuf kaaʼeera. (Far. 31:19; 41:3) Jechoota geggeessaa hafuuraatiin barreeffaman kanaan, Yihowaan miira gadhee sababii dhukkuba keenyaatiin kan kaʼe nutti dhagaʼamu akka dandamannu nu gargaara. Yihowaan haala keessa jirtu akka beeku mirkanaaʼaa taʼi. Haala keessa jirtuuf ilaalcha gaarii qabaachuuf akka si gargaaru isa kadhadhu. Achiis ergaa nama jajjabeessuu fi Yihowaan siif kaaʼe Kitaaba Qulqulluu keessaa argachuuf carraaqqii godhi. Caqasoota Yihowaan tajaajiltoota isaatiif hammam iddoo guddaa akka kennu ibsan irratti xiyyeeffadhu. Kana yommuu gootu, Yihowaan warra amanamummaadhaan isa tajaajilaniif gaarii taʼuu isaa hubatta.—Far. 84:11. w20.01 15-16 key. 9-10; 17 key. 12
Jimaata, Sadaasa 26
Fakkeenya warra wanta gaarii hojjetanii hordofi malee, fakkeenya warra wanta gadhee hojjetanii hin hordofin.—3 Yoh. 11.
Yisihaaq nama sooressa waan tureef warri Filiisxiyaa qabeenya inni qabutti ni hinaafan. (Uma. 26:12-14) Achiis boolla bishaanii inni beeyiladoota isaa keessaa obaasu biyyoo itti guutanii jalaa duuchan. (Uma. 26:15, 16, 27) Yeroo harʼaas namoonni tokko tokko akkuma warra Filiisxiyaa namoota isaan caalaa qabeenya qabanitti ni hinaafu. Wanta warri kaan qaban hawwuu qofa utuu hin taʼin isaan irraa fudhachuu barbaadu. Geggeessitoonni amantii Yihudii Yesuus namoota hedduu biratti baayʼee waan jaallatameef isatti hinaafanii turan. (Mat. 7:28, 29) Yesuus bakka buʼaa Waaqayyoo taʼuu isaa irra iyyuu dhugaa barsiiseera. Taʼus, geggeessitoonni amantii kun maqaa gaarii inni qabu balleessuuf waaʼee isaa soba babalʼisaniiru. (Mar. 15:10; Yoh. 11:47, 48; 12:12, 13, 19) Seenaa kana irraa barumsa akeekkachiisa nuu taʼu akkamii argachuu dandeenya? Namoota amaloota gumii keessatti akka jaallataman isaan taasisu qabanitti hinaafuu irraa fagaachuu qabna. Kanaa mannaa fakkeenya isaanii hordofuuf carraaquu qabna.—1 Qor. 11:1. w20.02 15 key. 4-5
Sanbadduraa, Sadaasa 27
Namni sun ni ajjeefama.—As. 4:11.
Waggoota 2,500 dura Faares keessa jiraachaa akka jirtuu fi dhimma tokko ilaalchisee mootii biyyattii haasofsiisuu barbaadde haa jennu. Mooticha haasofsiisuu kee dura garuu heyyama isaa argachuu qabda. Heyyama isaa utuu hin argatin isa haasofsiisuuf yoo yaalte lubbuu kee dhabuu dandeessa! Yihowaan akka mootii Faares kanaa waan hin taaneef baayʼee galateeffanna! Yihowaan yeroo kamitti iyyuu nu simata. Inni isatti dhihaachuuf bilisummaan akka nutti dhagaʼamu barbaada. Fakkeenyaaf, Yihowaan maqaawwan ulfinaa guguddaa kan akka Uumaa Guddicha, Hundumaa kan Dandaʼuu fi Gooftaa Ol Aanaa jedhamaniin kan waamame taʼus, jecha jaalala argisiisuu fi “Abbaa” jedhuun akka isa waamnu nu affeereera. (Mat. 6:9) Yihowaan baayʼee akka isatti dhihaannu kan barbaadu taʼuun isaa nu gammachiisa. Yihowaan Madda jireenya keenyaa waan taʼeef “Abbaa” jennee isa waamuun keenya sirrii dha. (Far. 36:9) Inni Abbaa keenya waan taʼeef isaa ajajamuuf dirqamni nu irra jira. Wanta inni nu irraa barbaadu yommuu raawwannu eebbawwan dinqisiisoo taʼan arganna. (Ibr. 12:9) Eebbawwan kunneenis samii irratti ykn lafa irratti jireenya bara baraa argachuu dabalata. w20.02 2 key. 1-3
Dilbata, Sadaasa 28
Barattoota koo godhaa.—Mat. 28:19.
Kaayyoon keenya barataan Kitaaba Qulqulluu keenya karaa hafuuraa akka guddatu gargaaruu dha. (Efe. 4:13) Namni tokko nu wajjin Kitaaba Qulqulluu qoʼachuuf yommuu walii galu adda durummaadhaan qoʼannaan sun dhuunfaatti akkamitti akka isa fayyadu irratti xiyyeeffata taʼa. Jaalalli inni Yihowaadhaaf qabu yommuu guddatu garuu, obboloota gumii keessa jiran dabalatee warra kaan gargaaruu kan dandaʼu akkamitti akka taʼe yaaduu jalqabuun isaa hin oolu. (Mat. 22:37-39) Yeroo sirrii taʼetti hojii Mootummichaa qarshiidhaan deeggaruuf mirga akka qabnu caqasuu irraa duubatti hin jedhin. Barataan Kitaaba Qulqulluu kee yommuu rakkinni isa mudatu maal gochuu akka qabu barsiisi. Fakkeenyaaf, barataan kee inni babalʼisaa hin cuuphamne taʼe, nama gumii keessa jiru tokkotti akka mufate sitti hime haa jennu. Dogoggorri kan eenyuu akka taʼe dubbachuu mannaa, wanta inni gochuu qabuu fi Kitaabni Qulqulluun jedhu isaaf ibsi. Obboleessa sanaaf dhiifama gochuu fi dhimmicha irraanfachuu dandaʼa. Kana gochuu yoo hin dandeenye immoo, ‘obboleessa sana deebisee argachuuf’ gaarummaa fi jaalalaan isa haasofsiisuu qaba. (Maatewos 18:15 wajjin wal bira qabii ilaali.) Barataan kee wanta dubbatu akka qophaaʼu gargaari. w20.01 5-6 key. 14-15
Wiixata, Sadaasa 29
Cubbuu koo sitti nan himadhe; dogoggora koo hin dhoksine. . . . Atis dogoggora koo fi cubbuu koo naaf dhiiste.—Far. 32:5.
Dhiifama argachuuf kan kadhannu, adaba kan fudhannuu fi dogoggora keenya irra deebiʼuu dhiisuuf cimnee kan hojjennu yoo taʼe, Yihowaan dhiifama nuu gochuu isaa akka dinqisiifannu argisiisna. Tarkaanfiiwwan kanneen yommuu fudhannu nagaa keenya deebisnee arganna. “Waaqayyo warra garaan isaanii cabetti dhiʼoo” akka taʼee fi ‘warra yaadni isaanii caccabee bullaaʼe akka fayyisu’ beekuun baayʼee nama jajjabeessa. (Far. 34:18) Guyyoonni dhumaa kun xumuramaa yommuu jiran kanatti wantoonni nama yaaddessan dabaluun isaanii hin oolu. Wanti si yaaddessu yommuu si mudatu utuu hin turin gargaarsa Yihowaa argachuuf yaali. Kitaaba Qulqulluu dhimmii qoʼadhu. Fakkeenya Haannaa, Phaawulos ergamaa fi Daawit Mootichaa irraa baradhu. Abbaan kee inni samii wanta si yaaddesse adda baastee beekuuf akka si gargaaru gaafadhu. (Far. 139:23) Keessumaa wantoota baʼaa sitti taʼanii fi toʼannaa keetii ala taʼan akka inni siif baatu isaaf heyyami. Akkas kan gootu yoo taʼe akka faarfaticha isa “Yaaddoon yeroo na liqimsetti, ati na jajjabeessite, na tasgabbeessites” jechuudhaan Yihowaadhaaf faarfatee taʼuu dandeessa.—Far. 94:19, NW. w20.02 24 key. 17; 25 key. 20-21
Kibxata, Sadaasa 30
Kitaabonni Qulqulluun hundi geggeessaa hafuura Waaqayyootiin [barreeffaman].—2 Xim. 3:16.
Jechi Afaan Giriikii “geggeessaa hafuura Waaqayyootiin” jedhamee hiikame kallattiidhaan “kan Waaqayyo hafuura itti baafate” jechuu dha. Waaqayyo yaada isaa sammuu namoota Kitaaba Qulqulluu barreessanii keessa kaaʼuuf hafuura isaatti fayyadameera. Kanaaf, Kitaaba Qulqulluu yeroo dubbisnuu fi wanta dubbisne irratti yommuu xiinxallu, qajeelfamni Waaqayyoo sammuu fi garaa keenya seena. Yaadawwan geggeessaa hafuura qulqulluutiin barreeffaman kun, jireenya keenya fedha Waaqayyoo wajjin wal simsiisuuf nu kakaasu. (Ibr. 4:12) Haa taʼu malee, hafuura qulqulluu irraa guutummaatti fayyadamuuf yeroo hunda Kitaaba Qulqulluu qoʼachuuf, akkasumas wanta dubbisne irratti gadi fageenyaan xiinxaluuf yeroo ramaduu qabna. Akkas kan goonu yoo taʼe, Dubbiin Waaqayyoo wanta dubbannuu fi raawwannu hunda irratti dhiibbaa qabaata. Kana malees, warra kaanii wajjin Waaqayyoon waaqeffachuu qabna. (Far. 22:22) Walgaʼiiwwan keenya bakka hafuurri Yihowaa itti argamu dha. (Mul. 2:29) Yommuu obbolootaa fi obboleettota keenya wajjin waaqeffannaadhaaf walitti qabamnu, hafuura qulqulluu argachuudhaaf ni kadhanna, faarfannaawwan Mootummichaa Dubbii Waaqayyoo irratti hundaaʼan faarfanna, akkasumas qajeelfama Kitaaba Qulqulluu irratti hundaaʼee fi obboloonni hafuura qulqulluudhaan muudaman kennan dhaggeeffanna. Haa taʼu malee, hafuura qulqulluu irraa guutummaatti fayyadamuuf sirriitti qophoofnee walgaʼii irratti hirmaannaa gochuu qabna. w19.11 11 key. 13-14