LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • es21 ful. 118-128
  • Muddee

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Muddee
  • Kitaaba Qulqulluu Guyyaa Guyyaan Qoruu—2021
  • Mata Dureewwan Xixiqqaa
  • Roobii, Muddee 1
  • Kamisa, Muddee 2
  • Jimaata, Muddee 3
  • Sanbadduraa, Muddee 4
  • Dilbata, Muddee 5
  • Wiixata, Muddee 6
  • Kibxata, Muddee 7
  • Roobii, Muddee 8
  • Kamisa, Muddee 9
  • Jimaata, Muddee 10
  • Sanbadduraa, Muddee 11
  • Dilbata, Muddee 12
  • Wiixata, Muddee 13
  • Kibxata, Muddee 14
  • Roobii, Muddee 15
  • Kamisa, Muddee 16
  • Jimaata, Muddee 17
  • Sanbadduraa, Muddee 18
  • Dilbata, Muddee 19
  • Wiixata, Muddee 20
  • Kibxata, Muddee 21
  • Roobii, Muddee 22
  • Kamisa, Muddee 23
  • Jimaata, Muddee 24
  • Sanbadduraa, Muddee 25
  • Dilbata, Muddee 26
  • Wiixata, Muddee 27
  • Kibxata, Muddee 28
  • Roobii, Muddee 29
  • Kamisa, Muddee 30
  • Jimaata, Muddee 31
Kitaaba Qulqulluu Guyyaa Guyyaan Qoruu—2021
es21 ful. 118-128

Muddee

Roobii, Muddee 1

Calluma jechuun yeroo qaba.—Lal. 3:7.

Arraba keenya yoo toʼachuu baanne miidhaa hedduu geessisuu dandaʼa. Fakkeenyaaf, nama biyya hojiin keenya itti dhorkame keessa jiraatu tokko wajjin yoo wal argitan hojiin keenya biyya sanatti akkamitti hojjetamaa akka jiru ilaalchisee odeeffannoo balʼaa taʼe akka isinii kennu gaafachuuf ni qoramtuu? Dhugaa dha, gaaffii akkasii kan gaafattan isaan miidhuu barbaaddanii miti. Obboloota keenya ni jaallanna, akkasumas waaʼee wantoota isaan irra gaʼaa jiranii ni yaanna. Kana malees yeroo isaaniif kadhannu waaʼee isaanii adda baasnee caqasuu barbaanna. Haa taʼu malee, kun yeroo itti arraba keenya toʼachuudhaan dubbachuu irraa of qusachuu qabnu dha. Nama odeeffannoo iccitii taʼe qabu tokko irratti dhiibbaa kan goonu yoo taʼe, nama sanaafis taʼe obbolootaa fi obboleettota waaʼee sochii isaanii akka hin dubbanne isa amananiif jaalala akka hin qabne argisiisna. Hundi keenya iyyuu obbolootaa fi obboleettota keenya biyya hojiin keenya itti dhorkame keessa jiraatan irratti rakkina dabaluu akka hin barbaanne beekamaa dha. Haaluma wal fakkaatuun obboleessi ykn obboleettiin biyya akkasii keessatti tajaajilan Dhugaa Baatonni biyya sana jiraatan tajaajila ykn sochiiwwan Kiristiyaanaa isaanii akkamitti akka geggeessan ilaalchisee odeeffannoo balʼaa taʼe kennuu hin barbaadan. w20.03 21 key. 11-12

Kamisa, Muddee 2

Isin matumaa hin duutan.—Uma. 3:4.

Kaayyoon Waaqayyoo namoonni akka duʼan hin turre. Haa taʼu malee, Addaamii fi Hewaan bara baraaf jiraachuuf, ajaja salphaa Yihowaan isaaniif kenne kana eeguu qabu turan: “Ija mukicha nyaatanii hamaa fi gaarii ittiin beekan sana irraa . . . hin nyaatin! Gaafa isa irraa nyaatte garuu dhuguma in duuta.” (Uma. 2:16, 17) Seexanni rakkina kan uume yeroo kanatti ture. Bofa tokkotti fayyadamee yaada caqasa guyyaa harʼaa irra jiru Hewaanitti dubbate. Kan nama gaddisiisu, ishiin soba kana amanuudhaan firii sana nyaatte. Booda abbaan manaa ishiis firii sana ni nyaate. (Uma. 3:6) Cubbuu fi duuti karaa kanaan maatii ilmaan namootaatti dhufe. (Rom. 5:12) Addaamii fi Hewaan akkuma Waaqayyo dubbate ni duʼan. Taʼus, Seexanni waaʼee duʼaa soba dubbachuu isaa hin dhiisne. Booda, yeroo taʼe tokkotti, sobawwan kan biroo beeksisuu jalqabe. Sobawwan kana keessaa inni tokko, qaamni namaa yommuu duʼu hafuurri namichaa tarii addunyaa hafuuraa keessa jiraachuu isaa itti fufa kan jedhu dha. Sobni kun bifa gara garaatiin hanga harʼaatti namoota hedduu gowwoomsaa jira.—1 Xim. 4:1. w19.04 14-15 key. 3-4

Jimaata, Muddee 3

Yeroon ijoollee turetti, akka ijoolleetti nan dubbadha, akka ijoolleetti nan yaada, akka ijoolleetti nan xiinxalan ture.—1 Qor. 13:11.

Ijoolleen dandeettiin isaan waa yaaduuf, gargar baasuu ykn hubachuu fi balaa irraa fagaachuuf qaban guutummaatti hin guddanne. Kanaafuu, namni miidhaa saalaa geessisu tokko salphaatti isaan gowwoomsuu dandaʼa. Namoonni miidhaa saalaa geessisan wanta raawwatameef kan itti gaafatamu ijoollee sana akka taʼan, miidhaan sun iccitiidhaan qabamuu akka qabu, gocha sana yoo dubbatan namni isaan dhagaʼu ykn isaaniif yaadu akka hin jirre ykn saalqunnamtiin nama gaʼeessa taʼee fi ijoollee gidduutti raawwatamu karaa sirrii jaalalli itti ibsamu akka taʼe dubbachuudhaan soba hadhaaʼaa taʼe ijoollee barsiisu. Sobawwan akkasii dandeettii mucaan sun waa yaaduu fi dhugaa hubachuuf qabu waggoota hedduudhaaf jalʼisuu dandaʼu. Ijoolleen akkasii ijoollummaa isaaniitii kaasanii waaʼee ofii isaanii yommuu yaadan hirʼina akka qaban, xuraaʼoo akka taʼanii fi jaallatamuu ykn jajjabina argachuun akka isaaniif hin malle godhanii yaaduu dandaʼu. Kanaafuu, miidhaan saalaa hubaatii yeroo dheeraadhaaf turu geessisuu kan dandaʼu taʼuun isaa nama hin dinqisiisu. Guyyoota dhumaa yeroo namoonni ‘jaalala hin qabne,’ ‘namoonni hamoonnii fi fakkeessitoonni isa gadhee irraa gara isa caalaa gadhee taʼeetti deeman’ keessa jiraachaa jirra.—2 Xim. 3:1-5, 13. w19.05 15 key. 7-8

Sanbadduraa, Muddee 4

Karaa kanaan seera Kiristoos ni raawwattu.—Gal. 6:2.

Yesuus kan barsiise karaawwan kamiin ture? Tokkoffaa, dubbii isaatiin namoota barsiiseera. Wantoonni inni dubbate, waaʼee Waaqayyoo dhugaa isaa waan ibsaniif, kaayyoo jireenyaa isa dhugaa waan barsiisanii fi rakkoowwan ilmaan namootaa hundaaf furmaata kan kennu Mootummaa Waaqayyoo akka taʼe waan argisiisaniif humna qabu turan. (Luq. 24:19) Yesuus fakkeenya taʼuudhaanis barsiiseera. Akkaataa itti jiraateen, duuka buutonni isaa akkamitti jiraachuu akka qaban isaanitti argisiiseera. (Yoh. 13:15) Yesuus kan barsiise yoom ture? Yeroo tajaajila isaa isa lafa irraa raawwachaa turetti barsiiseera. (Mat. 4:23) Erga duʼaa kaʼee yeroo muraasa boodas duuka buutota isaa barsiiseera. Fakkeenyaaf, barattoota tarii 500 ol taʼanitti mulʼachuudhaan, ‘barattoota akka godhan’ ajaja isaaniif kenneera. (Mat. 28:19, 20; 1 Qor. 15:6) Yesuus mataa gumii Kiristiyaanaa waan taʼeef, erga gara samiitti deebiʼee boodas barattoota isaatiif qajeelfama kennuu isaa itti fufeera. Fakkeenyaaf, Dh.K.B. naannoo bara 96⁠tti Yohaannis ergamaan Kiristiyaanota dibamoodhaaf jajjabinaa fi gorsa akka kennu isa ajajeera.—Qol. 1:18; Mul. 1:1. w19.05 3 key. 4-5

Dilbata, Muddee 5

Wantoota caalaatti barbaachisoo taʼan adda [baasaa beekaa].—Filp. 1:10.

Yeroo harʼaa, namoonni baayʼeen wanta ittiin jiraatan argachuuf carraaqqii cimaa gochuu isaan gaafata. Obboloonni keenya hedduun wantoota maatii isaaniitiif barbaachisan dhiheessuuf jecha saʼaatii dheeraa hojjetu. Namoonni hedduun kaan immoo, guyyaa hojiitti gara hojii isaanii deemuu fi deebiʼuuf jecha saʼaatii dheeraa dabarsu. Namoonni baayʼeen wanta jireenyaaf isaan barbaachisu argachuuf hojii humnaa ulfaataa taʼe hojjetu. Obboloonnii fi obboleettonni jabaatanii hojjetan kun, hojii guyyaa sana hojjetan erga xumuranii booda baayʼee dadhabu. Kanaafuu, qoʼachuuf fedhii hin qabaatan. Haa taʼu malee, Dubbii Waaqayyoo fi barreeffamoota Kiristiyaanaa keenya sirriitti qoʼachuuf yeroo ramaduu qabna. Yihowaa wajjin hariiroo qabaachuu fi jireenya bara baraa argachuun keenya kan hundaaʼe kana irratti dha! (1 Xim. 4:15) Namoonni tokko tokko yommuu tasgabbiin jiruu fi hirriba booda sammuun isaanii haareffamu, guyyaa hunda ganama bariidhaan kaʼanii qoʼannaa godhu. Warri kaan immoo galgala yommuu tasgabbaaʼu nyaata hafuuraa soorachuu fi irratti xiinxaluuf daqiiqaa muraasa ramadaniiru. w19.05 26 key. 1-2

Wiixata, Muddee 6

Sammuu keessan haaressuudhaan jijjiiramaa malee, sirni kun dhiibbaa akka isin irratti godhu hin heyyaminaa.—Rom. 12:2.

Jijjiiramni akkasii yeroo gabaabaa keessatti kan taʼu ykn carraaqqii utuu hin godhin kan argamu miti. Waggoota hedduudhaaf ‘wanta dandeenye hunda’ gochuuf carraaqqii gochuu nu gaafachuu dandaʼa. (2 Phe. 1:5) Keessa namummaa keenyaa jijjiiruuf carraaqqii cimaa gochuu qabna. Kadhannaan tarkaanfii isa jalqabaa barbaachisaa taʼe dha. Akkuma Faarfatichaa, “Garaa qullaaʼaa anaaf uumi, yaa Waaqayyo! Hafuura dhaabbataas ana keessatti haaressi!” jennee kadhachuu nu barbaachisa. (Far. 51:10) Humna sammuu keenya hojjechiisu jijjiiruun barbaachisaa taʼuu isaa amannee fudhachuu fi gargaarsa Yihowaa gaafachuu qabna. Xiinxaluun tarkaanfii barbaachisaa isa lammaffaa dha. Dubbii Waaqayyoo guyyaa guyyaadhaan yommuu dubbisnu, yaada ykn miira keenya isa jijjiiruun nu barbaachisu yeroo fudhannee xiinxaluu ykn gad fageenyaan irratti yaaduu nu barbaachisa. (Far. 119:59; Ibr. 4:12; Yaq. 1:25) Yaadaa fi miira keenya falaasamni namootaa dhiibbaa irratti godhee taʼuu dandaʼu adda baasnee hubachuu qabna. Dadhabina keenya haqaan amannee fudhachuu fi balleessuuf jabaannee hojjechuu qabna. w19.06 8 key. 1; 10 key. 10; 12 key. 11-12

Kibxata, Muddee 7

Yeroo keessan akka gaariitti itti fayyadamaa.—Efe. 5:16.

Yommuu murtoo gootu yeroo itti murtoo kee hojii irra oolchitu filadhu, akkasumas yeroo sana hin jijjiirin. Haalli akkasii dhufuu dhiisuu waan dandaʼuuf, tarkaanfii fudhachuuf haala mijataa taʼe hin eegin. (Lal. 11:4) Wantoonni baayʼee barbaachisoo hin taane yeroo kee akka fudhatanii fi humna wantoota caalaatti barbaachisoo taʼaniif si barbaachisu akka si jalaa fixan hin heyyamin. (Filp. 1:10) Yoo dandaʼame yeroo namoonni kaan baayʼee si hin jeeqne filadhu. Wantoota tokko tokko irratti xiyyeeffachuuf yeroon akka si barbaachisu warra kaanitti himi. Bilbila kee cufuu fi iimeelii siif ergamu ykn weebsaayitii hawaasaa yeroo booda ilaaluu akka dandeessu hin irraanfatin. Buʼaan murtoo keetii xumura adeemsa tokkoo wajjin wal fakkaachuu dandaʼa. Xumura adeemsa sanaa irra gaʼuu yoo barbaadde karaan isaa yoo cufame iyyuu karaa kee jijjiiruudhaan adeemsa kee itti fufuu qabda. Haaluma wal fakkaatuun, buʼaa murtoo keenyaa irratti kan xiyyeeffannu yoo taʼe, yommuu wanti nu gufachiisu nu mudatu ykn karaa kan biraatiin deemuun nu barbaachisutti salphaatti abdii hin kutannu.—Gal. 6:9. w19.11 30 key. 17-18

Roobii, Muddee 8

Dubbiin Waaqayyoo . . . yaadaa fi kaayyoo garaa [namaa] hubachuu dandaʼa.—Ibr. 4:12.

Yommuu cuuphamuuf murteessitu sababni kee maal taʼuu qaba? Of eeggannoodhaan Kitaaba Qulqulluu waan qoratteef, waaʼee Yihowaa, jechuunis waaʼee amalawwan isaa fi waaʼee daandiiwwan isaa wanta hedduu baratteetta. Wanti waaʼee isaa baratte kunis garaa kee tuquudhaan baayʼee akka isa jaallattu si kakaaseera. Kanaafuu, sababiin cuuphamuuf akka murteessitu si kakaase inni guddaan jaalala Yihowaadhaaf qabdu taʼuu qaba. Dhugaawwan Kitaaba Qulqulluu amantee fudhattes cuuphamuuf akka murteessitu si gargaaraniiru. Yesuus barattoota akka goonu yommuu nu ajajetti maal akka jedhe hubadhu. (Mat. 28:19, 20) Akka Yesuus dubbatetti namoonni cuuphaman, “maqaa Abbaatiin, maqaa Ilmaa fi maqaa hafuura qulqulluutiin” kana gochuu qabu. Kana jechuun maal jechuu dha? Dhugaawwan Kitaaba Qulqulluu waaʼee Yihowaa, waaʼee Ilma isaa Yesuusii fi waaʼee hafuura qulqulluu dubbatan garaa kee guutuudhaan amanuu qabda jechuu isaa ture. Dhugaawwan kun humna guddaa kan qabanii fi garaa kee tuquu kan dandaʼani dha. w20.03 9 key. 8-9

Kamisa, Muddee 9

Warra seeraan ala deddeebiʼan [akeekkachiisaa], . . . warra dadhaban [deggeraa], hundumaattis obsa [argisiisaa].—1 Tas. 5:14.

Yihowaan maleekota kan erge Looxiin akka akeekkachiisan qofa utuu hin taʼin, balaa Sodoom irratti dhufu irraa akka ooluuf akka isa gargaaraniif ture. (Uma. 19:12-14, 17) Haaluma wal fakkaatuun, nutis obboleessi keenya tokko gara rakkinaatti deemaa akka jiru yoo argine isa akeekkachiisuu nu barbaachisa taʼa. Gorsa Kitaaba Qulqulluu isaaf kennine dafee hojii irra kan hin oolchine yoo taʼe illee, obsa argisiisuu nu barbaachisa. Akka maleekota lamaan sanaa taʼaa. Obboleessa keenyatti abdii kutachuu fi isa irraa fagaachuu mannaa, karaa qabatamaa itti isa gargaaruu dandeenyu barbaaduu qabna. (1 Yoh. 3:18) Akka fakkeenyaatti, harka isaa qabnee gorsa gaarii isaaf kenname akka hojii irra oolchu isa gargaaruu nu barbaachisa. Yihowaan dogoggora Loox irratti xiyyeeffachuu ni dandaʼa ture. Kanaa mannaa, yeroo booda, Pheexiros ergamaan Loox nama qajeelaa akka taʼe akka barreessu hafuuraan isa geggeesseera. (Far. 130:3) Akkaataa Yihowaan Looxiin itti ilaale hordofuu ni dandeenyaa? Amala gaarii obboloonnii fi obboleettonni keenya qaban irratti yoo xiyyeeffanne, caalaatti obsa qabeeyyii taana. Isaanis gorsa nuti isaaniif kenninu fudhachuuf caalaatti fedhii qabaatu. w19.06 21 key. 6-7

Jimaata, Muddee 10

Namni hundi baʼaa ofii isaa baata.—Gal. 6:5.

Mootummaan biyya isin keessa jiraattanii waaqeffannaa keenya yoo dhorke, biyya bilisummaadhaan Yihowaa tajaajiluu itti dandeessanitti galuun sirrii taʼuu fi dhiisuun isaa gaaffii isinitti taʼuu dandaʼa. Kun murtoo dhuunfaa waan taʼeef, namni kam iyyuu murtoo akkasii isiniif gochuu hin dandaʼu. Namoonni tokko tokko Kiristiyaanonni jaarraa jalqabaa yeroo ariʼatamanitti wanta isaan godhan qoruun gaarii taʼee argataniiru. Barattoonni Yerusaalem keessa turan gara guutummaa Yihudaa fi Samaariyaatti, akkasumas hamma Fiinqee, Qophirosii fi Anxokiyaatti deemaniiru. (Mat. 10:23; HoE. 8:1; 11:19) Ariʼatamni kan biraan Kiristiyaanota jaarraa jalqabaa irra erga gaʼee booda, Phaawulos ergamaan bakka hojiin lallabaa itti dhorkame sana deemuu dhiisuuf murteessee ture. (HoE. 14:19-23) Seenaa kana irraa maal baranna? Biyya kan biraa deemuu ilaalchisee tokkoon tokkoon mataa maatii murtoo dhuunfaa gochuu qaba. Murtoo gochuu isaa dura, kadhannaa fi of eeggannoodhaan haala maatii isaa qoruu, akkasumas biyya kan biraa deemuun isaa miidhaa fi buʼaa inni qabu irratti yaaduu qaba. Murtoo isaan godhaniif warra kaanitti murteessuu hin qabnu. w19.07 10 key. 8-9

Sanbadduraa, Muddee 11

Jireenya bara baraa argachuu akka dandaʼaniif, si Waaqa dhugaa isa tokkichaa fi Yesuus Kiristoos isa ati ergite sana beekuu qabu.—Yoh. 17:3.

Yesuus, “Dhaqaatii . . . saba hundumaa keessaa namoota barattoota godhaa” nuun jedheera. (Mat. 28:19) Barataa tokko Yesuus barattoota isaa irraa maal akka barbaadu barsiisuu malees, akka Kiristiyaana dhugaatti jiraachuu kan dandaʼu akkamitti akka taʼe akka beeku gargaaruu qabna. Dhugaawwan Kitaaba Qulqulluu barate hojii irra oolchuuf yommuu inni qabsoo godhu isa gargaaruu qabna. Barattoonni tokko tokko yaadaa fi barsiifata isaanii jiʼoota muraasa gidduutti jijjiiruu dandaʼaniiru. Warri kaan garuu yeroo dheeraa isaanitti fudhateera. Muuxannoon misiyoonii Peeruu keessa jiraatu tokkoo faayidaa obsa argisiisuun qabu ibsa. Misiyooniin kun akkas jedheera: “Barataa Kitaaba Qulqulluu Raawul jedhamu wajjin kitaabota lama qoʼanneerra. Haa taʼu malee, inni amma iyyuu rakkoowwan ciccimoo taʼan isa mudatu turan. Gaaʼelli isaa jeeqamaa dha, dubbii gadhee dubbata, akkasumas amala isaatiin kan kaʼe ijoolleen isaa isa hin kabajan turan. Taʼus, inni yeroo hundumaa walgaʼii irratti waan argamuuf, isaa fi maatii isaa gargaaruuf deddeebiʼee gaafachuu koo ittan fufe. Isaa wajjin wal arginee waggaa sadii ol booda cuuphamuuf gaʼeessa taʼeera.” w19.07 15 key. 3; 19 key. 15-17

Dilbata, Muddee 12

Carraaqqii guddaa godhaa.—Luq. 13:24.

Phaawulos yeroo warra Filiphisiiyusiif barreessetti akkamitti dhamaʼaa akka ture yaadaa. Roomaatti mana isaa keessatti hidhamee ture. Bilisummaan inni lallabuuf qabu daangeffamee ture. Taʼus, namoota isa gaafachuu dhufaniif dhugaa baʼa, akkasumas gumiiwwan fagoo jiraniif xalayaa barreessa ture. Phaawulos akkuma Kiristoos hanga dhumaatti dhamaʼuu akka qabu beekee ture. Inni jireenya Kiristiyaanaa dorgommii fiigichaa wajjin wal bira qabee kan ibse kanaaf ture. (1 Qor. 9:24-27) Namni dorgommii fiigichaa irra jiru tokko wantoota yaada isaa hihhiran irraa fagaachuuf sarara dhumaa irratti xiyyeeffata. Fakkeenyaaf, yeroo harʼaa namoonni dorgommii fiigichaa magaalaa irratti hirmaatan daandii qarqara isaatti suuqiiwwanii fi wantoota xiyyeeffannaa namaa hihhiran qaban irra fiigu. Namni dorgommii fiigichaa akkasii irra jiru tokko miʼoota suuqii keessatti fannifaman ilaaluuf ni dhaabbata jettanii yaadduu? Dorgommicha moʼachuu kan barbaadu taanaan akkas hin godhu! Nutis dorgommii jireenyaaf goonu irratti wantoota yaada namaa hihhiran irraa fagaachuu qabna. Akkuma Phaawulos galma keenya irratti xiyyeeffachuuf dhamaʼuu keenya yoo itti fufne badhaasicha ni arganna! w19.08 3 key. 4; 4 key. 7

Wiixata, Muddee 13

Ofii keetii fi barumsa barsiistuuf yeroo hunda xiyyeeffannaa kenni. . . . Kana yoo goote ofis taʼe warra si dhagaʼan ni oolchita.—1 Xim. 4:16.

Waaqayyoof ajajamuuf yeroo murteessinetti jireenyaa fi amantii keenya irratti jijjiirama gooneerra; jijjiiramawwan kana fudhachuun immoo firoota keenyatti ulfaachuu dandaʼa. Yeroo baayʼee wanti isaan jalqaba irratti hubatan nuti ayyaanota isaan wajjin kabajuu fi dhimmoota siyaasaa irratti hirmaachuu akka dhiisne dha. Firoonni keenya tokko tokko jalqaba irratti nutti aaruu dandaʼu. (Mat. 10:35, 36) Taʼus isaan matumaa jijjiiramuu hin dandaʼan jennee yaaduu hin qabnu. Waaʼee amantii keenyaa akka hubatan gargaaruu yoo dhiisne jireenyi bara baraa akka isaaniif hin malle isaaniitti murteessaa jirra jechuu dha. Haa taʼu malee, Yihowaan warra kaaniitti akka murteessinu nuuf hin heyyamne; kanaa mannaa hojii kana kan kenne Yesuusiifi. (Yoh. 5:22) Obsa yoo qabaanne firoonni keenya yeroo booda ergaa keenya dhagaʼuuf fedhii qabaachuu dandaʼu. Rakkoowwan dandamachuu kan qabnu taʼu illee, gaarummaa qabaachuu qabna, garuu immoo firoonni keenya murtoo keenya akka nu jijjiirsisan heyyamuu hin qabnu. (1 Qor. 4:12b) Firoonni keenya Yihowaa tajaajiluudhaaf hammam iddoo guddaa akka kenninu guutummaatti hamma hubatanitti yeroo isaanitti fudhachuu dandaʼa. w19.08 17 key. 10, 13; 18 key. 14

Kibxata, Muddee 14

Karaa isa humna naaf kennu sanaatiin jabina waan hundumaatiif na barbaachisu qaba.—Filp. 4:13.

“Waaʼee rakkina ani keessa darbee yommuun yaadu, humna kootiin qofa rakkina sana akkan hin dandamanne beeka.” Ati akkas jettee beektaa? Baayʼeen keenya akkas jennee beekna. Tarii akkas kan jette, dhibee fayyaa cimaa taʼe ykn gadda nama jaalattu duʼaan dhabuu keetiin si irra gaʼe akkamitti akka dandamatte erga yaaddee booda taʼuu dandaʼa. Duubatti deebitee yeroo yaaddu guyyaa hunda jabaattee dhaabbachuu kan dandeesse, Yihowaan karaa hafuura qulqulluu ‘humna humna caalu’ waan siif kenneef akka taʼe sitti dhagaʼama. (2 Qor. 4:7-9) Akkasumas dhiibbaa addunyaa hamaan kun nu irraan gaʼu dandamachuuf gargaarsi hafuura qulqulluu nu barbaachisa. (1 Yoh. 5:19) Dabalataanis, “humnoota hafuurota hamoo” wajjin qabsoo gochuu nu barbaachisa. (Efe. 6:12) Hafuurri qulqulluun humna ykn cimina utuma rakkinni jiruu itti gaafatamummaa keenya raawwachuuf nu dandeessisu nuuf kennuudhaan nu gargaara. Phaawulos ergamaan utuma rakkinni jiruu, hojjechuu isaa kan itti fufee fi tajaajila isaa raawwachuu kan dandaʼe ‘humna Kiristoositti’ waan amanameef akka taʼe isatti dhagaʼamee ture.—2 Qor. 12:9. w19.11 8 key. 1-3

Roobii, Muddee 15

Namni ana arge hundi Abbaas argeera.—Yoh. 14:9.

Kitaabni wanta Yesuus siif godhe sirriitti ibsu Kitaaba Qulqulluu qofa dha. Yesuusiin jaallachuu baradhu. Yesuusiin kan jaallattu yoo taʼe, jaalalli Yihowaadhaaf qabdus ni guddata. Maaliif? Sababiin isaas Yesuus amaloota Abbaa isaa guutummaatti calaqqisiiseera. Kanaafuu, waaʼee Yesuus hammuma barachaa deemtu caalaatti waaʼee Yihowaa hubachuu fi isa dinqisiifachuu dandeessa. Yesuus namoota warra kaan biratti tuffatamanitti, jechuunis hiyyeeyyiitti, warra dhukkubsatanittii fi dadhaboo taʼanitti akkamitti gara laafina akka argisiise mee yaadi. Akkasumas gorsa hojii irra ooluu dandaʼuu fi inni siif kenne, isa dhaggeeffachuu keetiin immoo jireenyi kee akkamitti akka fooyyaʼe yaadi. (Mat. 5:1-11; 7:24-27) Aarsaa Yesuus dhiifama cubbuu akka argannuuf kaffale irratti gadi fageenyaan yommuu yaaddu jaalalli ati isaaf qabdu guddachuun isaa hin oolu. (Mat. 20:28) Yesuus siif jedhee duʼuuf fedhii qabaachuu isaa yommuu hubattu yaada geeddarachuu fi dhiifama Yihowaa argachuuf kakaata. (HoE. 3:19, 20; 1 Yoh. 1:9) Yesuusii fi Yihowaadhaaf jaalala yommuu horattu namoota miira akkasii qaban wajjin taʼuuf fedhii qabaatta. w20.03 5-6 key. 10-12

Kamisa, Muddee 16

Yihowaan guddaa taʼus, isa gad of qabu ni arga.—Far. 138:6.

Kiristiyaanni tokko hojii tokko tokkoof caalaatti gaʼumsa kan qabu isa akka taʼe yaaduu jalqabuu dandaʼa. Yookiin immoo haati manaa Kiristiyaana taate takka, ‘Abbaan manaa koo warra kaan caalaa gaʼumsa qaba’ jettee yaaddi taʼa! Haa taʼu malee, dhugumaan kan gad of qabnu yoo taane amala of tuulummaa akkasii irraa ni fagaanna. Yommuu warri kaan mirga tajaajilaa argatan karaa itti Museen deebii kenne irraa barumsa gaarii argachuu dandeenya. Museen itti gaafatamummaa saba Israaʼel akka geggeessuuf isaa kennameef iddoo guddaa kenna ture. Maarree, Yihowaan warri kaan Musee wajjin akka tajaajilan yommuu heyyametti deebii akkamii kenne? Inni hin hinaafne. (Lak. 11:24-29) Kanaa mannaa gad of qabuudhaan hojii murtii kennuu irratti warri kaan akka isa gargaaran heyyameera. (Bau. 18:13-24) Kana jechuun, Israaʼeloonni namoota dabalataa murtii isaaniif kennan waan argataniif, murtii argachuuf yeroo dheeraa eeguun isaan hin barbaachisu jechuu dha. Kunis, Museen nageenya warra kaanii caalaa mirga isaatiif dursa akka hin kennine argisiisa. Kun nuuf fakkeenya gaarii dha mitii? Yihowaan caalaatti akka nutti fayyadamu yoo barbaanne amalli gad of qabuu keenya dandeettii keenya caaluu akka qabu yaadachuu qabna. w19.09 5-6 key. 13-14

Jimaata, Muddee 17

Yihowaan warra amanamoo taʼan ni eega.—Far. 31:23.

Saboonni Baabilon Guddittii balleessuuf sababii akkamii akka dhiheessan hin beeknu. Tarii amantiiwwan addunyaa irra jiran nageenyaaf gufuu akka taʼanii fi yeroo hunda siyaasa keessa akka galan dubbachuu dandaʼu. Yookiin immoo dhaabbileen amantii kun maallaqaa fi qabeenya hedduu akka kuufatan dubbatu taʼa. (Mul. 18:3, 7) Kana jechuun garuu miseensonni amantiiwwan kanaa hundi ni balleeffamu jechuu miti jedhanii yaaduun sirrii dha. Kanaa mannaa, saboonni dhaabbilee amantii waan balleessan fakkaata. Dhaabbileen kun erga badanii booda warri miseensota dhaabbilee kanaa turan geggeessitoonni amantii isaanii waadaa galan akka isaaniif hin raawwanne ni hubatu; dhaabbilee kanneen irraa fagaachuuf yaaluun isaaniis hin oolu. Badiisni Baabilon Guddittii yeroo dheeraa hin fudhatu. (Mul. 18:10, 21) Yihowaan “warra filateef jedhee,” akkasumas amantii dhugaa oolchuuf jecha ‘guyyoota sana akka gabaabsu’ waadaa galeera.—Mar. 13:19, 20. w19.10 15 key. 4-5

Sanbadduraa, Muddee 18

Dubartoonni umurii dargaggummaa irra jiran . . . ijoollee isaanii akka jaallatan [gorsaa].—Tit. 2:4.

Haadholiin, kan guddattan maatii aarii isaanii toʼachuu hin dandeenyee fi ijoollee isaanitti dheekkaman keessatti taʼuu dandaʼa. Kanaafuu, kun karaa sirrii ijoollee itti guddisan akka taʼetti yaaddu taʼa. Waaʼee ulaagaawwan Yihowaa erga barattanii booda illee keessumaa yeroo isin dadhabdanitti ijoolleen keessan naamusa gaarii hin taane yoo argisiisan tasgabbaaʼuunii fi obsa qabaachuun isinitti ulfaachuu dandaʼa. (Efe. 4:31) Yeroo akkasiitti, Yihowaan akka isin gargaaru kadhachuun baayʼee barbaachisaa dha. (Far. 37:5) Haadholiin tokko tokko immoo jaalala ijoollee isaaniitiif qaban ibsuun isaanitti ulfaachuu dandaʼa. Tarii maatii warri ijoollee isaanii wajjin hariiroo cimaa hin qabne keessatti waan guddataniif taʼuu dandaʼa. Haala kanaan kan guddattan yoo taʼe, dogoggora warra keessanii irra deebiʼuu hin qabdan. Haati fedha Yihowaatiif bitamtu takka, jaalala ijoollee ishiitiif qabdu ibsuu akkamitti akka dandeessu barachuun ishii barbaachisa taʼa. Jijjiirama gochuun ishiitti ulfaachuu dandaʼa taʼa. Taʼus jijjiirama kana gochuun ni dandaʼama, kunis ishiis taʼe maatii ishii ni fayyada. w19.09 18-19 key. 19-20

Dilbata, Muddee 19

Namni gooftolii lamaaf garbicha taʼuu dandaʼu hin jiru.—Mat. 6:24.

Namni Yihowaa waaqeffachaa qabeenya addunyaa kanaa argachuuf yeroo dheeraa dabarsuu fi carraaqqii godhu tokko gooftaa lama tajaajiluuf yaalaa jira jechuun ni dandaʼama. Namni akkasii Yihowaa qofa waaqeffachaa hin jiru. Dhaloota Kiristoos Booda dhuma jaarraa jalqabaatti miseensonni gumii magaalaa Lodooqiyaa keessa jiran, “Ani sooressa dha, qabeenya hedduus qaba, wanti tokko illee matumaa na hin barbaachisu” jedhanii of jaju turan. Yihowaa fi Yesuus duratti garuu, “deegaa, rakkataa, hiyyeessa, jaamaa fi qullaa” turan. Yesuus kan isaan gorse sooressa waan turaniif utuu hin taʼin, jaalalli qabeenyaaf qaban hariiroo Yihowaa wajjin qaban waan miidheef ture. (Mul. 3:14-17) Jaalalli qarshii keessa keenyatti guddachaa akka jiru yoo hubanne ilaalcha keenya sirreessuuf dafnee tarkaanfii fudhachuu qabna. (1 Xim. 6:7, 8) Taʼuu baannaan garuu, garaan keenya hiramuu dandaʼa, akkasumas Yihowaan waaqeffannaa keenya hin fudhatu. Sababiin isaas inni ‘Waaqa hinaafaa dha.’—Kes. 4:24. w19.10 27 key. 5-6

Wiixata, Muddee 20

Namootatu ergaa Waaqayyo biraa dhufe hafuura qulqulluudhaan geggeeffamee dubbate.—2 Phe. 1:21.

Jechi Afaan Giriikii “geggeeffamee” jedhamee hiikame kallattiidhaan yeroo hiikamu “oofamee” jechuu dha. Barreessaa kitaaba Hojii Ergamootaa kan taʼe Luqaasis doonii qilleensaan ‘oofamu’ ibsuuf jecha Afaan Giriikii wal fakkaatutti fayyadameera. (HoE. 27:15) Hayyuun Kitaaba Qulqulluu tokko akka ibsetti Pheexiros ergamaan barreessitoonni Kitaaba Qulqulluu akka ‘oofaman’ yommuu barreessu “fakkeenya galaana irraa dinqisiisaa taʼetti” fayyadameera. Pheexiros, akkuma dooniin tokko adeemsa isaa xumuruuf qilleensaan oofamu, raajonnii fi barreessitoonni Kitaaba Qulqulluus hojii isaanii raawwachuuf hafuura qulqulluudhaan akka oofaman dubbateera. Hayyuun olitti ibsame kun namoonni Kitaaba Qulqulluu barreessan akkuma doonii “sharaan isaa diriiree” akka taʼan dubbateera. Yihowaan gama isaatiin wanta gochuun isa barbaachisu godheera. Inni “qilleensicha” ykn hafuura qulqulluu kenneera. Barreessitoonni Kitaaba Qulqulluus gama isaaniitiin wanta isaan irraa eegamu godhaniiru. Qajeelfama hafuurri sun isaaniif kennu wajjin haala wal simuun hojjetaniiru. Yeroo harʼaas akkuma qilleensa gaarii galaana bubbee cimaa qabu irratti qilleensaʼuu, hafuurri qulqulluunis rakkinoota akka bubbee cimaa taʼan keessa darbinee addunyaa haaraa Waaqayyo abdachiisetti galuuf fuulduratti akka deemnu nu gargaara. w19.11 9 key. 7-9

Kibxata, Muddee 21

Guyyaa dhiphinaatti yoo abdii kutatte, humni kee ni xiqqaata.—Fak. 24:10.

Yeroo tokko tokko abdii kutachuu dandeenya. Taʼus, rakkoowwan keenya ilaalcha keenya akka toʼatan heyyamuu hin qabnu. Ilaalcha keenya akka toʼatan kan heyyamnu yoo taʼe, abdiiwwan dinqisisoo Yihowaan nuu kenne dagachuu dandeenya. (Mul. 21:3, 4) Miirri abdii kutachuu cimina keenya laaffisuu fi akka harka kenninu nu gochuu dandaʼa. Mee obboleettiin Yunaayitid Isteetis keessa jiraattu takka abbaa manaa ishii baayʼee dhukkubsateef kunuunsa gochaa yeroo jirtutti amantii ishii akkamitti akka eeggatte haa ilaallu. Akkana jettee barreessiteetti: “Yeroo tokko tokko haalli keenya kan nama dhiphisuu fi abdii kan nama kutachiisu dha; haa taʼu malee, abdii qabna. Wantoota Yihowaan amantii keenya cimsuuf, akkasumas nu jajjabeessuuf nuu kenne hundaaf baayʼeen galateeffadha. Dhuguma iyyuu, gorsii fi jajjabinni akkasii nu barbaachisa. Yihowaa tajaajiluu keenya akka itti fufnuu fi rakkoowwan nu irra gaʼan dandamachuuf nu gargaareera.” Wanta obboleettiin tun dubbatte irraa miira abdii kutachuu mooʼuu akka dandeenyu baranna. Akkamitti? Rakkoowwan isin irra gaʼan akka qorumsa Seexanaatti ilaalaa. Yihowaan akka isin jajjabeessu amanannaa qabaadhaa. Akkasumas nyaata hafuuraa inni dhiheessuuf dinqisiifannaa qabaadhaa. w19.11 16 key. 9-10

Roobii, Muddee 22

Namni amanamaan . . . iccitii eega.—Fak. 11:13.

Keessumaa jaarsoliin dhugaa buʼuuraa Kitaaba Qulqulluu kana irra jiru hojii irra oolchuu qabu. Jaarsi tokko “dhoksaa” ykn iccitii warra gumii keessa jiranii baasuu akka hin qabne ni hubata. Akkas yoo godhe amanannaa isaanii dhabuu fi maqaan isaa baduu dandaʼa. Obboloonni gumii keessatti itti gaafatamummaa qaban “arraba lamaan kan hin dubbanne” ykn kan nama hin dogoggorsine taʼuu qabu. (1 Xim. 3:8; milj.) Kana jechuun warra kaan gowwoomsuu ykn hamachuu hin qaban jechuu dha. Abbaan manaa tokko haadha manaa isaa kan jaallatu yoo taʼe odeeffannoo beekuun ishii hin barbaachisne ishiitti hin himu. Haati manaa takkas waaʼee dhimmoota iccitii taʼanii akka dubbatu dhiibbaa isa irratti gochuu dhiisuudhaan abbaan manaa ishii maqaa gaarii akka qabaatu isa gargaaruu dandeessi. Haati manaa gorsa kana yommuu hojii irra oolchitu abbaa manaa ishii deeggaruu qofa utuu hin taʼin, warra iccitii isaanii isatti himataniif kabaja akka qabdu argisiisti. Hunda caalaa immoo nagaa fi tokkummaa gumiitiif gumaacha gochaa waan jirtuuf Yihowaa ni gammachiisti.—Rom. 14:19. w20.03 22 key. 13-14

Kamisa, Muddee 23

Yihowaan . . . isinitti ni mulʼata.—Lew. 9:4.

Dhaloota Kiristoos Dura bara 1512⁠tti yeroo godoo qulqullaaʼaan Tulluu Siinaa jalatti dhaabbatu, Museen sirna Aaronii fi ilmaan isaa luboota akka taʼan muuduuf godhamu geggeessaa ture. (Bau. 40:17; Lew. 9:1-5) Yihowaan luboonni haaraan muudaman kun isa biratti fudhatama akka argatan kan argisiise akkamitti? Aaronii fi Museen sabicha yommuu eebbisan Yihowaan ibiddi aarsaa iddoo aarsaa irra jiru sana guutummaatti akka fixu ykn akka nyaatu godhe. (Lew. 9:23, 24) Yeroo lubni ol aanaan muudametti ibiddi samii irraa dhufuun isaa maal argisiisa? Yihowaan ibidda erguun isaa lubummaa Aaronii fi ilmaan isaa guutummaatti akka deeggaru argisiisa. Israaʼeloonni ragaa ifa taʼee fi Yihowaan luboota kana gargaaraa akka jiru argisiisu yommuu argan guutummaatti isaan deeggaruuf sababii gaʼaa qabaatu. Kun nuuf ni hojjetaa? Eeyyee! Sababiin isaas, lubummaan Israaʼel keessa ture lubummaa isa caalaa guddaa taʼeef gaaddidduu dha. Kiristoos inni Luba Ol Aanaa guddaa taʼe luboota mootii 144,000 taʼanii fi isa wajjin samii keessatti tajaajilan qaba. (Ibr. 4:14; 8:3-5; 10:1) Yihowaan yeroo harʼaatti shakkii tokko malee jaarmiyaa isaa geggeessaa fi arjummaadhaan eebbisaa jira. w19.11 23 key. 13; 24 key. 14, 16

Jimaata, Muddee 24

Isin keessaa nama tokko illee baasii hedduu baasisuudhaan baʼaa akka isinitti hin taaneef, halkanii fi guyyaa . . . hojjenna turre.—2 Tas. 3:8.

Phaawulos ergamaan Qorontos keessa yommuu turetti Aqiilaa fi Phirisqillaa bira taaʼee “isaanii wajjin hojjeta ture; hojiin isaaniis dunkaana hodhuu ture.” Phaawulos “halkanii fi guyyaa” hojjechaa ture jechuun utuu hin boqotin hojjeta jechuu miti. Guyyaa akka Sanbataatti hojii dunkaana hodhuu irraa ni boqota ture. Guyyaan kun Yihudoota akkuma isaa gaafa Sanbataa hin hojjenneef dhugaa baʼuuf carraa isaaf baneera. (HoE. 13:14-16, 42-44; 16:13; 18:1-4) Phaawulos hojii dhuunfaa hojjechuun kan isa barbaachise taʼus, “hojii qulqulluu misiraachoo Waaqayyoo” lallabuu irratti yeroo hunda ni hirmaata ture. (Rom. 15:16; 2 Qor. 11:23) Warri kaanis akkas akka godhan jajjabeesseera. Kanaan kan kaʼes, Aqiilaa fi Phirisqillaan warra isa “wajjin hojii Kiristoos Yesuus hojjetan” akka taʼan dubbateera. (Rom. 12:11; 16:3) Phaawulos warri Qorontos ‘hojiin Gooftaa kan isaaniif baayʼatu akka taʼan’ isaan jajjabeesseera. (1 Qor. 15:58; 2 Qor. 9:8) Yihowaan, Phaawulos hafuura qulqulluudhaan geggeeffamee, “Namni hojjechuu hin barbaanne hundi hin nyaatin” jedhee akka barreessu isa kakaaseera.—2 Tas. 3:10. w19.12 5 key. 12-13

Sanbadduraa, Muddee 25

Ijoolleen dhaala Yihowaa biraa argamani dha.—Far. 127:3.

Yihowaan abbaa manaa fi haadha manaa jalqabaa kan uume ijoollee godhachuuf fedhii akka qabaatan godhee ti. Abbaan manaa fi haati manaa tokko ijoollee godhachuu fi dhiisuu isaanii, akkasumas yoom akka godhatan murteessuu qabuu? Aadaawwan tokko tokko keessatti hiriyoonni gaaʼelaa haaraan dafanii ijoollee akka godhatan isaan irraa eegama. Maatiin isaanii fi namoonni kaan barsiifata kana akka hordofan dhiibbaa isaan irraan gaʼuu illee ni dandaʼu. Obboleessi Jeetiroo jedhamuu fi Eeshiyaa jiraatu akkana jedheera: “Gumii keessatti obboloonni ijoollee qaban tokko tokko hiriyoonni gaaʼelaa ijoollee hin qabne ijoollee akka godhatan dhiibbaa isaan irratti godhu.” Obboleessi kan biraan Jeefrii jedhamuu fi Eeshiyaa jiraatus akkana jedheera: “Namoonni tokko tokko hiriyoonni gaaʼelaa ijoollee hin qabne yeroo dullooman namni isaan kunuunsu akka hin jirre isaanitti himu.” Haa taʼu malee, hiriyoonni gaaʼelaa hundi ijoollee godhachuu fi dhiisuuf ofuma isaaniitii murteessuu qabu. Kun murtoo fi itti gaafatamummaa isaanii ti. (Gal. 6:5, milj.) Dhugaadha, michoonnii fi maatiin, hiriyoonni gaaʼelaa haaraan akka gammadan barbaadu. Haa taʼu malee, ijoollee godhachuu fi dhiisuu isaanii kan murteessan hiriyootuma gaaʼelaa sana akka taʼan yaadachuun isaanii barbaachisaa dha.—1 Tas. 4:11. w19.12 22 key. 1-3

Dilbata, Muddee 26

Egaa, isin akkana jedhaa kadhadhaa: “Yaa Abbaa keenya.”—Mat. 6:9.

Waaqayyoon akka Abbaa keetti ilaaluun sitti ulfaataa? Namoonni tokko tokko Yihowaa wajjin yommuu wal bira qabaman baayʼee xinnoo fi homaatti iyyuu kan hin lakkaaʼamne akka taʼan isaanitti dhagaʼama taʼa. Waaqni Hundumaa Dandaʼu dhuunfaatti akka isaaniif yaadu ni shakku. Haa taʼu malee, Abbaan keenya inni jaalala qabeessa taʼe akkas akka nutti dhagaʼamu hin barbaadu. Inni jireenya nuuf kenneera, isa wajjinis hariiroo akka qabaannu barbaada. Phaawulos ergamaan namoota Ateenaa keessatti isa dhaggeeffachaa turaniif dhugaa kana erga ibsee booda, Yihowaan “tokkoon tokkoon keenya irraa fagoo” akka hin taane dubbateera. (HoE. 17:24-29) Waaqayyo akkuma mucaan tokko warra isaa jaalala qabeeyyii taʼanii fi isaaf yaadan haasofsiisu, tokkoon tokkoon keenyas akka isa haasofsiisnu barbaada. Warri kaan immoo abbaan isaanii jaalalaa fi gaarummaa waan isaanitti hin argisiisneef, Yihowaa akka Abbaa isaaniitti ilaaluun isaanitti ulfaata. Obboleettiin takka akkana jetteetti: “Abbaan koo dubbii nama miidhu natti dubbata ture. Jalqaba Kitaaba Qulqulluu qoʼachuu yommuun eegalu Abbaa keenya isa samiitti dhihaachuun natti ulfaatee ture.” Ati hoo miirri akkasii sitti dhagaʼamaa? Taanaan atis Yihowaa Abbaa hunda irra caalu akka taʼetti ilaaluu akka dandeessu mirkanaaʼaa taʼi. w20.02 3 key. 4-5

Wiixata, Muddee 27

Yommuu humni koo dhumu na hin dhiisin.—Far. 71:9.

Yommuu dulloomnutti dandeettiin keenya kan daangeffame ykn wanti nuti goonu xinnoo akka taʼe kan nutti dhagaʼamu taʼus, Yihowaan wanta tajaajila isaa keessatti goonu kamiif iyyuu iddoo guddaa akka kennu Yesuus nu barsiiseera. (Far. 92:12-15; Luq. 21:2-4) Kanaafuu, wanta gochuu dandeessu irratti xiyyeeffadhu. Fakkeenyaaf, waaʼee Yihowaa dubbachuu, obboloota keetiif kadhachuu fi warri kaan amanamoo taʼanii akka jiraatan jajjabeessuu dandeessa. Yihowaan wanta ati raawwattuun utuu hin taʼin, isaaf ajajamuuf fedhii qabaachuu keetiin kan kaʼe isa wajjin akka hojjettutti si ilaala. (1 Qor. 3:5-9) Yihowaa isa Waaqa warra isa tajaajilaniif iddoo guddaa kennu waaqeffachuu keenyatti baayʼee galateeffanna. Inni fedha isaa akka raawwannu godhee nu uume, waaqeffannaa dhugaan immoo jireenyi keenya gammachuu akka qabaatu taasisa. (Mul. 4:11) Addunyaan kun gatii kan hin qabne akka taanetti kan nu ilaalu taʼus, Yihowaan garuu nutti hin qaanaʼu. (Ibr. 11:16, 38) Sababii dhukkubaatiin, rakkina qarshiitiin ykn dullumaatiin kan kaʼe yommuu abdii kutannu jaalala Abbaa keenya isa samii irraa homtuu gargar nu baasuu akka hin dandeenye haa yaadannu.—Rom. 8:38, 39. w20.01 18 key. 16; 19 key. 18-19

Kibxata, Muddee 28

Yaa Waaqayyo, garaa qulqulluu na keessatti uumi, hafuura haaraa cimaa taʼes na keessa kaaʼi.—Far. 51:10.

Amala gad of qabuu fi waan qabnutti gammaduu horachuudhaan hinaaffaa irraa fagaachuu dandeenya. Garaan keenya amaloota gaggaarii kanaan yommuu guutamu hinaaffaan bakka itti guddatu hin argatu. Amalli gad of qabuu waaʼee keenya garmalee akka hin yaanne nu gargaara. Namni gad of qabu tokko warra kaan caalaa waa argachuun akka isaaf malu itti hin dhagaʼamu. (Gal. 6:3, 4) Namni waan qabutti gammadu immoo wanti argate akka isa gaʼu isatti dhagaʼama, akkasumas warra kaan wajjin of hin madaalchisu. (1 Xim. 6:7, 8) Namni gad of qabuu fi waan qabutti gammadu, namni tokko wanta gaarii taʼe argachuu isaa yommuu argu ni gammada. Amala hinaaffaa irraa fagaachuuf, akkasumas amala gad of qabuu fi waan qabnutti gammannee jiraachuu horachuuf gargaarsi hafuura Waaqayyoo nu barbaachisa. (Gal. 5:16; Filp. 2:3, 4) Hafuurri Yihowaa yaada keessa keenya jiruu fi kakaʼumsa keenya qoruuf nu gargaara. Gargaarsa Waaqayyootiin yaadaa fi miira miidhaa geessisu, kan nama ijaaruun bakka buusuu dandeenya.—Far. 26:2. w20.02 15 key. 8-9

Roobii, Muddee 29

Ofii keetii fi barumsa barsiistuuf yeroo hunda xiyyeeffannaa kenni.—1 Xim. 4:16.

Of murteessuun kakuu galuu akka taʼee fi Yihowaan kakuu kana akka eegdu kan si irraa barbaadu taʼuu isaa yaadadhu. Gumii kee wajjin walitti dhufeenya gaarii qabaadhu. Obboloonnii fi obboleettonni gumii keessatti argaman maatii hafuuraa kee ti. Yeroo hunda walgaʼiiwwan irratti argamuudhaan, hariiroo isaanii wajjin qabdu ni cimsatta. Guyyaa guyyaadhaan Dubbii Waaqayyoo dubbisi, irrattis xiinxali. (Far. 1:1, 2) Wanta dubbiste irratti gad fageenyaan xiinxaluuf yeroo ramadi. Sana booda dubbichi garaa kee ni tuqa. ‘Yeroo hunda kadhadhu.’ (Mat. 26:41) Kadhannaan garaadhaa dhiheessitu caalaatti gara Yihowaatti si dhiheessa. ‘Hundumaa dura mootummicha barbaaduu kee itti fufi.’ (Mat. 6:33) Jireenya kee keessatti hojii lallabaatiif dursa kennuudhaan kana gochuu ni dandeessa. Yeroo hunda tajaajila irratti hirmaachuudhaan, amantii cimaa qabaattee jiraachuu dandeessa. Rakkinni addunyaa moofaa kana keessatti nu irra gaʼu kam iyyuu “yeroo muraasaaf kan turuu fi salphaa” dha. (2 Qor. 4:17) Haala kana irraa adda taʼeen, of murteessuu fi cuuphamuun kee yeroo ammaatti jireenya gammachuu qabu akka jiraattu, gara fuulduraatti immoo “jireenya isa dhugaa” akka argattu karaa siif bana. Kun wanta aarsaan kaffalamuufii qabudhaa? Eeyyee!—1 Xim. 6:19. w20.03 13 key. 19-21

Kamisa, Muddee 30

Yeroon hafe gabaabaa [dha].—1 Qor. 7:29.

Barataan Kitaaba Qulqulluu kee jireenya isaa keessatti jijjiirama gochaa hin jiru yoo taʼe, yeroo taʼe tokkotti ‘Qoʼannaa keenya dhaabuun qabaa?’ jettee of gaafachuu dandeessa. Murtoo kana gochuu kee dura akkana jedhii of gaafadhu: ‘Barataan koo akka haala isaatti saffisa sirrii taʼeen guddina gochaa jiraa?’ ‘Wantoota barate “eeguu” ykn hojii irra oolchuu jalqabeeraa?’ (Mat. 28:20) Kan nama gaddisiisu garuu, barattoonni tokko tokko Israaʼeloota bara Hisqiʼel turan wajjin wal fakkaatu. Yihowaan Israaʼeloota yeroo sana turan ilaalchisee Hisqiʼeliin akkana jedhee ture: “Ati kunoo, isaan biratti akka nama sagalee miidhagaadhaan weedduu jaalalaa weeddisuu fi akka nama miʼa faarfannaatiin baʼeessa godhee sagalee dhageessisuu ti; isaan dubbii kee in dhagaʼu, garuu isa hojii irra hin oolchan.” (His. 33:32) Nama qoʼachiisnu tokkotti isa qoʼachiisuu akka dhaabnu itti himuun nutti ulfaachuu dandaʼa. Haa taʼu malee, ‘yeroon hafe gabaabaa dha.’ Nama guddina hin goone tokko qoʼachiisuudhaan yeroo keenya gubuu mannaa, warra ‘jireenya bara baraa argachuuf kakaʼumsa sirrii akka qaban’ argisiisan barbaaduu qabna.—HoE. 13:48. w20.01 6 key. 17; 7 key. 20

Jimaata, Muddee 31

Mootummaan kee haa dhufu. Fedhiin kee akkuma samii irratti taʼaa jiru, lafa irrattis haa taʼu.—Mat. 6:10.

Sabni Kiristiyaanaa akka walii galaatti dhugaa Kitaaba Qulqulluu ilmaan namootaa ajajamoo taʼan gaaf tokko lafa irra bara baraaf akka jiraatan ibsu hin barsiistu. (2 Qor. 4:3, 4) Yeroo harʼaa, dhaabbileen amantii Saba Kiristiyaanaa keessa jiran hedduun namoonni gaariin hundi yommuu duʼan gara samii akka deeman barsiisu. Wanti tuutni xinnoon Barattoota Kitaaba Qulqulluu jedhamanii fi bara 1879 eegalanii Masaraa Eegumsaa maxxansuu jalqaban barsiisan garuu kana irraa adda ture. Waaqayyo Jannata deebisee akka hundeessuu fi ilmaan namootaa miliyoonaan lakkaaʼamanii fi ajajamoo taʼan samii irra utuu hin taʼin asuma lafa irra akka jiraatan hubatanii turan. Haa taʼu malee, ilmaan namootaa ajajamoo taʼan kun eenyufaa akka taʼan sirriitti hubachuuf yeroo isaanitti fudhatee ture. Dhugaadha, Barattoonni Kitaaba Qulqulluu namoonni muraasni “lafa irraa bitaman” samii irratti Yesuus wajjin akka bulchanis Kitaaba Qulqulluu irraa hubatanii turan. (Mul. 14:3) Tuutni kun lakkoofsi isaanii 144,000 siʼa taʼu, Kiristiyaanota of murteessanii fi hinaaffaa qaban, akkasumas yommuu lafa irra turanitti amanamummaadhaan Waaqayyoon tajaajilan kan of keessatti qabate dha. w19.09 27 key. 4-5

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi