LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • scl ful. 3-5
  • Seensa

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Seensa
  • Caqasoota Jireenya Kiristiyaanaatiif Taʼan
Caqasoota Jireenya Kiristiyaanaatiif Taʼan
scl ful. 3-5

Seensa

Kitaabni Caqasoota Jireenya Kiristiyaanaatiif Taʼan jedhamu kun, caqasootaa fi seenaawwan Kitaaba Qulqulluu rakkoowwan jireenya kee keessatti si mudatan moʼuuf si gargaaran salphaatti argachuuf si gargaara. Akkasumas caqasoota Kitaaba Qulqulluu warra kaan jajjabeessuu fi murtoo Yihowaaf ulfina fidu akka murteessan gargaaruuf si dandeessisan argachuuf si gargaara. Mata duree barbaaddu tokko erga filattee booda gaaffiiwwanii fi seenaawwan Kitaaba Qulqulluu gabaabfamanii kaaʼamanitti fayyadamuudhaan qorannaa gochuu dandeessa. (Mataduree,Saanduqa “Kitaaba Kanatti Akkamitti Fayyadamuu Dandeessa?” jedhu ilaali.) Kitaaba kanatti yommuu fayyadamtu, Dubbii Waaqayyoorraa gorsa, qajeelfamaa fi jajjabina si barbaachisu argatta. Akkasumas, qajeelfamoota Kitaaba Qulqulluu namoota kaan karaa hafuuraa jajjabeessuuf, rakkoowwan isaanii furuuf, gorsaa fi jajjabina isaaniif kennuuf si gargaaran irraa argatta.

Kitaaba Kanatti Akkamitti Fayyadamuu Dandeessa?

Mata duree tokko argachuuf, barbaadi isa jedhutti fayyadamuu ykn kutaawwan tarreeffaman keessaa barbaaduu dandeessa. Barreeffamni Caqasoota Jireenya Kiristiyaanaatiif Taʼan jedhamu kun, kutaawwan gurguddaa torbatti qoqqoodameera. Isaanis Rakkoo, Gocha, Gumii, Jireenya, Maatii, Yihowaatti Dhihaachuu fi Amaladha. Mata dureewwan hedduun kutaawwan kana keessaa tokkoon isaanii jalatti tarreeffamaniiru. Kutaa barbaaddu filadhuutii mata dureewwan jalatti tarreeffaman ilaali. Kutaan mata duree ati barbaaddu qabate isa kam akka taʼe yoo beekuu baatte garuu, Hunda isa jedhu tuquudhaan mata dureewwan tarreeffaman keessaa isa barbaaddu filachuu dandeessa. Mata dureewwan hunda jala mata dureewwan xixiqqaan jiru. Tokko tokko bifa himaatiin, kaanimmoo bifa gaaffiitiin kaaʼamaniiru. Caqasoota gurraacheffamanii barreeffamanii fi mata dureewwan xixiqqaatti aananii jiran yommuu dubbistu, yaada barreeffamee jiru akkamitti akka deggeran ykn gaaffii kaʼeef deebii akkamii akka kennan hubachuuf sirriitti irratti xiinxali. Yeroo tokko tokko yaada barbaadaa jirtu daftee argachuu akka dandeessuuf, mata dureen tokko kutaawwan xixiqqaatti hihiramee arguu dandeessa. Yeroo tokko tokkommoo, “Dabalataanis . . . ilaali” jechuudhaan caqasoota dabalataa akka ilaaltu si affeera. Kunimmoo, yaadawwan mata durichaa wajjin wal qabatan argachuuf si gargaara. Kana malees, iddoowwan hedduutti “Seenaa Kitaaba Qulqulluu si gargaaru” argachuu dandeessa. Yaadni caqasichatti aanee jiru qabxii ijoo ykn barumsa caqasichaa qabatee jira. Himni kun caqasicha yommuu dubbistu yaada irratti xiyyeeffachuu qabdu hubachuuf si gargaara.

Barreeffamni kun caqasoota mata duree tokkoo wajjin wal qabatan hunda hin tarreessu. Taʼus caqasoota caalaatti si fayyadan argachuuf si gargaara; sana booda yoo barbaadde meeshaalee qorannaa kaan fayyadamuu ni dandeessa. (Fak 2:1-6) Gadi fageenyaan qorachuuf, caqasoota wal fakkaatanitti fayyadami. Waaʼee caqasa tokkoo caalaatti baruu fi akkaataa itti hojiirra oolchuu dandeessu beekuuf Barreeffama Qorannaa Dhugaa Baatota Yihowaa Gargaaruuf Qophaaʼetti fayyadami. Dhugaawwan Kitaaba Qulqulluu ilaalchisee hubannaa sirrii qabaachuuf barreeffamoota dhiheenyatti maxxanfamanitti fayyadami.

Barreeffamni Caqasoota Jireenya Kiristiyaanaatiif Taʼan jedhamu kun ogummaa, beekumsaa fi hubannaa Kitaaba Qulqulluu argachuuf akka si gargaaru hawwina. Barreeffama kanatti yeroo fayyadamtu, “Dubbiin Waaqayyoo jiraataa fi humna qabeessa” akka taʼe caalaatti amanta. —Ibr 4:12.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi