LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • scl ful. 108-109
  • Qoʼannaa

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Qoʼannaa
  • Caqasoota Jireenya Kiristiyaanaatiif Taʼan
Caqasoota Jireenya Kiristiyaanaatiif Taʼan
scl ful. 108-109

Qoʼannaa

Kiristiyaanni tokko dhaabbataadhaan Dubbii Waaqayyoo qoʼachuu kan qabu maaliifi?

Fr 1:1-3; Fak 18:15; 1Xi 4:6; 2Xi 2:15

Dabalataanis HoE 17:11 ilaali

  • Seenaa Kitaaba Qulqulluu si gargaaru:

    • Fr 119:97-101—Barreessaan faarfannaa kanaa jaalala seera Waaqayyootiif qabu ibseera, akkasumas jireenyasaa keessatti hojiirra oolchuun faayidaa akka qabu barreesseera

    • Dan 9:1-3, milj.—Daaniʼel raajichi qoʼannaa kitaabota qulqulluurratti godheen waggoonni 70n boojuudhaan itti turan xumuramuu jala akka gaʼan hubatee ture

Beekumsa horachuu keenya itti fufuu kan qabnu maaliifi?

Ibr 6:1-3; 2Ph 3:18

  • Seenaa Kitaaba Qulqulluu si gargaaru:

    • Fak 4:18—Akkuma ifni ganamaa caalaatti ifaa deemu, hubannaan namni hafuuraa tokko dhugaa Kitaaba Qulqulluurratti qabu yeroo Yihowaan irraa jalaan beeksisu caalaatti isaaf ifaa deema

    • Mat 24:45-47—Yesuus guyyoota dhumaatti nyaata hafuuraa yeroo isaatti akka dhiheessuuf ‘garbicha amanamaa fi ogeessa’ akka muudu dubbateera

Ogummaa kitaabota falaastonni barreessan keessa jiru caalaa, ogummaa Kitaaba Qulqulluutiif bakka guddaa kennuu kan qabnu maaliifi?

Lal 12:11-13; 1Qo 3:19; 1Xi 6:20, 21; 2Ph 1:19-21

Yihowaan namoota garaadhaa Kitaaba Qulqulluu qoʼataniif maal kennuuf waadaa galeera?

Fak 2:4-6; 9:10; Yoh 6:45

Qoʼannaa dhuunfaa Kitaaba Qulqulluu keenyaa irraa fayyadamuuf, maal argachuuf kadhachuu qabna?

Luq 11:13; 1Qo 2:10; Yaq 1:5

Dabalataanis Fr 119:66 ilaali

Nyaata hafuuraa karaa ‘garbicha amanamaa fi ogeessaa’ dhihaaturraa guutummaatti fayyadamuu kan qabnu maaliifi?

Mat 24:45-47

Dabalataanis Mat 4:4; 1Xi 4:15 ilaali

Wantoota xixinnoodhaaf xiyyeeffannaa kennuu dabalatee, wanta Kitaabni Qulqulluun barsiisu sirriitti beekuuf carraaquu kan qabnu maaliifi?

Flp 1:9, 10; Qol 1:9, 10

Ogummaa fi hubannaa argachuun keenya hangam barbaachisaadha?

Fak 4:7; Lal 7:25

Suuta jennee dubbisuu fi wanta dubbisne irratti sirriitti yaaduu kan qabnu maaliifi?

Iya 1:8; Fr 1:2

Dubbii Waaqayyoo jireenya keenya keessatti akkamitti akka hojiirra oolchinu irratti yaaduu kan qabnu maaliifi?

Rom 15:4; 1Qo 10:11; 2Xi 3:16, 17; Yaq 1:22-25

Wanta baranne akkaataa warra kaaniif itti hirru irratti xiinxaluu kan qabnu maaliifi?

Fak 15:28; 1Ph 3:15

Dhugaawwan barbaachisoo taʼan irra deddeebinee qoʼachuun keenya nu gargaaruu kan dandaʼu akkamitti?

2Ph 1:13; 3:1, 2

  • Seenaa Kitaaba Qulqulluu si gargaaru:

    • Kes 6:6, 7; 11:18-20—Yihowaan, warri irra deddeebiʼanii barsiisuudhaan dubbii isaa garaa ijoollee isaanii keessatti akka bocan isaan ajajeera

Maatiidhaan taʼanii Dubbii Waaqayyoo irratti mariʼachuun faayidaawwan akkamii qaba?

Efe 6:4

  • Seenaa Kitaaba Qulqulluu si gargaaru:

    • Uma 18:17-19—Yihowaan, Abrahaam maatiin isaa Yihowaadhaaf akka ajajamanii fi wanta sirrii akka raawwatan akka isaan barsiisu barbaadee ture

    • Fr 78:5-7—Israaʼel keessatti dhaloonni itti aanu Yihowaa akka amanatuuf, dhaloonni hundi ijoollee isaanii waaʼee Yihowaa akka barsiisan irraa eegama ture

Walgaʼii gumiirratti waliin qoʼachuun kan nu fayyadu akkamitti?

Ibr 10:25

Dabalataanis Fak 18:1 ilaali

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi