LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • es22 ful. 7-17
  • Amajjii

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Amajjii
  • Kitaaba Qulqulluu Guyyaa Guyyaan Qoruu—2022
  • Mata Dureewwan Xixiqqaa
  • Sanbadduraa, Amajjii 1
  • Dilbata, Amajjii 2
  • Wiixata, Amajjii 3
  • Kibxata, Amajjii 4
  • Roobii, Amajjii 5
  • Kamisa, Amajjii 6
  • Jimaata, Amajjii 7
  • Sanbadduraa, Amajjii 8
  • Dilbata, Amajjii 9
  • Wiixata, Amajjii 10
  • Kibxata, Amajjii 11
  • Roobii, Amajjii 12
  • Kamisa, Amajjii 13
  • Jimaata, Amajjii 14
  • Sanbadduraa, Amajjii 15
  • Dilbata, Amajjii 16
  • Wiixata, Amajjii 17
  • Kibxata, Amajjii 18
  • Roobii, Amajjii 19
  • Kamisa, Amajjii 20
  • Jimaata, Amajjii 21
  • Sanbadduraa, Amajjii 22
  • Dilbata, Amajjii 23
  • Wiixata, Amajjii 24
  • Kibxata, Amajjii 25
  • Roobii, Amajjii 26
  • Kamisa, Amajjii 27
  • Jimaata, Amajjii 28
  • Sanbadduraa, Amajjii 29
  • Dilbata, Amajjii 30
  • Wiixata, Amajjii 31
Kitaaba Qulqulluu Guyyaa Guyyaan Qoruu—2022
es22 ful. 7-17

Amajjii

Sanbadduraa, Amajjii 1

Daaʼimummaa keetii jalqabdee Kitaabota Qulqulluu fayyina Kiristoos Yesuusitti amanuudhaan argamuuf ogeessa si gochuu dandaʼan baratteetta.—2 Xim. 3:15.

Amantiin Ximotewos dhugaawwan gara Yihowaatti akka dhihaatu isa gargaaran irratti kan hundaaʼe ture. Atis Kitaaba Qulqulluu qoʼachuu fi wanta Kitaabni Qulqulluun waaʼee Yihowaa barsiisu mirkaneeffachuu qabda. Jalqaba irratti, yoo xinnaate dhugaawwan buʼuuraa sadii mirkaneeffachuu si barbaachisa. Tokkoffaa, Yihowaan Uumaa wantoota hundumaa akka taʼe amanuu qabda. (Bau. 3:14, 15; Ibr. 3:4; Mul. 4:11) Lammaffaa, Kitaabni Qulqulluun ergaa Waaqayyoo isa geggeessaa hafuura qulqulluutiin ilmaan namootaatiif barreeffame taʼuu isaa mirkaneeffachuu qabda. (2 Xim. 3:16, 17) Sadaffaa, Yihowaan tuuta gurmaaʼee geggeessaa Kiristoos jalatti isa waaqeffachaa jiru akka qabuu fi isaanis Dhugaa Baatota Yihowaa akka taʼan mirkaneeffachuun si barbaachisa. (Isa. 43:10-12; Yoh. 14:6; HoE. 15:14) Kana gochuuf garuu waaʼee Kitaaba Qulqulluu wanta hunda beekuu si barbaachisa jechuu miti. Galmi kee “dandeettii yaaduu” keetti fayyadamtee dhugaa akka qabdu amanannaa kee cimsachuu taʼuu qaba.—Rom. 12:1. w20.07 10 key. 8-9

Dilbata, Amajjii 2

Awwaannisoonni sun akka isaan ajjeesan utuu hin taʼin, jiʼa shaniif akka isaan dhiphisan isaaniif heyyamame.—Mul. 9:5.

Raajii kana irratti gurmuun hawaannisaa fuulli isaanii kan namaa fakkaatuu fi mataa isaanii irraa “wanta gonfoo warqii fakkaatu” qaban ibsamaniiru. (Mul. 9:7) Isaan “namoota [diinota Waaqayyoo] chaappaa Waaqayyoo adda isaanii irraa hin qabne” jiʼa shaniif ni dhiphisu, kunis umurii giddu galeessaa hawaannisa tokkoo ti. (Mul. 9:4) Kun tajaajiltoota Yihowaa warra dibamoo sirriitti kan ibsu fakkaata. Isaan sirna hamaa kana irratti murtii Waaqayyoo ija jabinaan kan labsan siʼa taʼu, kun immoo namoota addunyaa kana cinaa dhaabbatan hunda hin gammachiisu. Hawaannisni Yoʼel 2:7-9 irratti ibsame hawaannisa kitaaba Mulʼataa keessatti ibsame wajjin tokko miti jechuu keenyaa? Eeyyee. Kitaaba Qulqulluu keessatti yeroo tokko tokko mallattoon tokko karaa adda taʼeen yommuu hojii irra oolu hiika addaa qabaachuu dandaʼa. Fakkeenyaaf, Mulʼata 5:5 irratti Yesuus ‘Leenca gosa Yihudaa’ jedhamee waamameera, 1 Pheexiros 5:8 irratti immoo Diyaabilos “leenca baroodu” akka taʼetti ibsameera. w20.04 3 key. 8; 5 key. 10

Wiixata, Amajjii 3

Ijji Yihowaa bakka hundumaa jira, namoota hamoos namoota gaariis ni ilaala.—Fak. 15:3.

Aggaar ishiin tajaajiltuu Saaraayi taate Abraamiif akka haadha manaatti erga kennamtee booda gocha gowwummaa raawwatte. Aggaar yommuu ulfooftetti Saaraayi ishii ijoollee hin qabne tuffachuu jalqabde. Haalli isaa hamaa taʼuu isaatiin kan kaʼe Saaraayi Aggaariin manaa ni ariite. (Uma. 16:4-6) Mudaa kan qabnu waan taaneef akka ilaalcha keenyaatti Aggaar dubartii tuffatamtuu wanta ishiidhaaf malu argatte akka taate goonee yaaduu dandeenya. Yihowaan garuu Aggaariin ilaalchisee akkas itti hin dhagaʼamne. Maleekaa isaa gara ishiitti ergeera. Maleekaan sun yommuu ishii argetti ilaalcha ishii akka sirreessitu ishii gargaareera, akkasumas ishii eebbiseera. Aggaaris Yihowaan ishii ilaalaa akka jiruu fi haala ishiin keessa jirtu hundumaa akka beeku itti dhagaʼameera. Aggaar, ‘Waaqa isa na ilaalu’ jettee isa waamuuf kakaateetti. (Uma. 16:7-13) Yihowaan waaʼee Aggaar maal hubateera? Akkaataa guddinaa ishii fi wanta ishiin keessa darbite hundumaa guutummaatti beeka ture. Yihowaan Aggaar Saaraayiin tuffachuu ishii akka laayyootti kan hin ilaalle taʼus, akkaataa guddinaa ishii fi haala ishiin keessa turte tilmaama keessa akka galche mirkanaaʼoo taʼuu dandeenya. w20.04 16 key. 8-9

Kibxata, Amajjii 4

Dorgommicha irratti hamma dhumaatti fiigeera.—2 Xim. 4:7.

Phaawulos ergamaan Kiristiyaanonni dhugaan hundi dorgommii tokko irra akka jiran dubbateera. (Ibr. 12:1) Dargaggootas taane maanguddoota, ciccimoos taane dadhaboo, badhaasa Yihowaan nuuf qopheesse argachuu yoo barbaanne hundi keenya hamma dhumaatti jabaannee dhaabbachuu qabna. (Mat. 24:13) Phaawulos haala gaariidhaan ‘dorgommicha hamma dhumaatti waan fiigeef’ waaʼee kanaa dubbachuuf bilisummaan itti dhagaʼamee ture. (2 Xim. 4:7, 8) Haa taʼu malee, dorgommiin Phaawulos waaʼee isaa dubbate maali dha? Yeroo tokko tokko Phaawulos barumsa barbaachisaa taʼe barsiisuuf taphawwan Giriikii durii keessatti taphatamaa turan akka fakkeenyaatti fayyadameera. (1 Qor. 9:25-27; 2 Xim. 2:5) Yeroo baayʼee jireenya Kiristiyaanotaa fakkeenyaan ibsuuf fiigichatti fayyadameera. (1 Qor. 9:24; Gal. 2:2; Filp. 2:16) Namni tokko “dorgommii” kana keessa kan seenu yeroo Yihowaadhaaf of murteessuu fi cuuphamutti dha. (1 Phe. 3:21) Fiigicha isaa kan xumuru immoo yeroo Yihowaan badhaasa jireenya bara baraa isaaf kennutti dha.—Mat. 25:31-34, 46; 2 Xim. 4:8. w20.04 26 key. 1-3

Roobii, Amajjii 5

Meeshaa waraanaa guutuu isa Waaqayyo biraa argamu fudhadhaa.—Efe. 6:13.

Dubbiin Waaqayyoo, “Gooftaan amanamaa dha; inni isin cimsa, isa hamaa sana irraas isin eega” jedha. (2 Tas. 3:3) Yihowaan kan nu eegu akkamitti? Yihowaan meeshaa waraanaa haleellaa Seexanaa irraa nu eeguu dandaʼu nuuf qopheesseera. (Efe. 6:13-17) Meeshaan waraanaa kun cimaa fi buʼa qabeessa dha. Taʼus, eegumsa kan nuuf godhu meeshaa kana hundumaa yoo uffannee fi of irraa baasuu yoo dhiisne dha. Fakkeenyaaf, qabattoon dhugaa dhugaawwan Dubbii Waaqayyoo keessatti argaman argisiisa. Qabattoo kana hidhachuu kan qabnu maaliifi? Seexanni “abbaa sobaa” waan taʼeefi. (Yoh. 8:44) Inni waggoottan kumaan lakkaaʼamaniif soba dubbachaa fi “guutummaa lafaa” dogoggorsaa tureera. (Mul. 12:9) Taʼus, dhugaawwan Kitaaba Qulqulluu gowwoomfamuu irraa nu eegu. Qabattoo fakkeenyaan ibsame kana akkamitti hidhanna? Kana kan goonu dhugaa waaʼee Waaqayyoo ibsu barachuu, “hafuuraa fi dhugaadhaan” isa waaqeffachuu fi wantoota hundumaan amanamummaadhaan jiraachuudhaani.—Yoh. 4:24; Efe. 4:25; Ibr. 13:18. w21.03 26-27 key. 3-5

Kamisa, Amajjii 6

Inni biyya bareedduu taatetti ni seena.—Dan. 11:41.

Wanti biyya kana hunda caalaa adda ishii godhe bakka waaqeffannaan dhugaa itti geggeeffamu taʼuu ishii ti. Dhaloota Kiristoos Booda bara 33 guyyaa Phenxeqostee irraa jalqabee sabni Yihowaa guutummaa lafaa irratti waan argamaniif, ‘biyyi’ sun biyya kallattiidhaan bakka tokkotti argamtu taʼuu hin dandeessu. Kanaa mannaa, yeroo ammaatti “biyya bareedduu” kan jedhame jannata hafuuraa waaqeffannaa sabni Yihowaa karaa walgaʼii fi tajaajila dirree Yihowaadhaaf dhiheessan dabalatee sochiiwwan isaan godhan kan argisiisu dha. Guyyoota dhumaatti mootiin kaabaa irra deddeebiʼee gara “biyya bareedduu taatetti” seeneera. Fakkeenyaaf, yommuu Naazii Jarmaniin mootii kaabaa taʼetti, keessumaa yeroo waraana addunyaa lammaffaatti mootiin sun saba Waaqayyoo ariʼachuu fi isaan ajjeesuudhaan gara “biyya bareedduu taatetti” seeneera. Waraana Addunyaa Lammaffaa booda yommuu Tokkummaan Sooviyeet mootii kaabaa taʼetti, mootiin sun saba Waaqayyoo ariʼachuu fi mana isaanii irraa fagaatanii akka deeman isaan dirqisiisuudhaan gara “biyya bareedduu taatetti” seeneera. w20.05 13 key. 7-8

Jimaata, Amajjii 7

Warri isa sodaatan Yihowaa wajjin michummaa cimaa qabu, innis kakuu isaa isaan beeksisa.—Far. 25:14.

Mee waaʼee namoota Kiristiyaanummaa dura michoota Waaqayyoo taʼuu dandaʼan tokko tokkoo ilaalaa. Abrahaam nama amantii guddaa akka qabu argisiise dha. Abrahaam erga duʼee waggaa 1,000 booda Yihowaan “michuu koo” jedhee isa waameera. (Isa. 41:8) Kanaafuu, duuti illee Yihowaa michoota isaa irraa addaan baasuu hin dandaʼu. Abrahaam sammuu Yihowaa keessatti jiraataa dha. (Luq. 20:37, 38) Fakkeenyi kan biraan immoo Iyyoobi. Yihowaan samii keessatti gumii maleekotaa duratti waaʼee Iyyoob amantii guutuudhaan dubbateera. Yihowaan Iyyoobiin, “Hirʼina kan hin qabne, nama qajeelaa, nama ana Waaqayyoon sodaatu, waan hamaa irraas goruu dha” jedheera. (Iyo. 1:6-8) Yihowaan Daaniʼel isa biyya waaqoliin ormaa itti waaqeffataman keessatti gara waggaa 80tiif amanamummaadhaan Waaqayyoon tajaajile ilaalchisee hoo maaltu itti dhagaʼamee ture? Maanguddoon kun Waaqayyo duratti “guddaa jaallatamaa” taʼuu isaa maleekonni siʼa sadii isaaf mirkaneessaniiru. (Dan. 9:23; 10:11, 19) Yihowaan guyyaa michoota isaa jaallatamoo warra duʼan itti duʼaa kaasu hawwiidhaan akka eeggatu mirkanaaʼoo taʼuu dandeenya.—Iyo. 14:15. w20.05 26-27 key. 3-4

Sanbadduraa, Amajjii 8

Dambiiwwan kee na barsiisi.—Far. 119:68.

Barataa gaariin tokko waaʼee seerawwan Waaqayyoo barachuu fi dinqisiifachuu illee ni dandaʼa. Taʼus baratichi jaalala isaaf qabuun kakaʼee Yihowaa akka qaama tokkootti ilaalee isaaf ajajamuu ni dandaʼaa? Addaamii fi Hewaan seera Waaqayyoo kan beekan taʼus, qaama Seericha kenne dhugumaan utuu hin jaallatin akka hafan yaadadhaa. (Uma. 3:1-6) Kanaafuu, wanta Waaqayyo isaan irraa barbaaduu fi ulaagaawwan isaa warra qajeeloo barsiisuu caalaa wanti gochuu qabnu jira. Wanti Yihowaan nu irraa barbaaduu fi ulaagaawwan isaa kan nama hawwatanii fi yeroo hunda gaarii kan taʼani dha. (Far. 119:97, 111, 112) Taʼus, barattoonni keenya Yihowaan seerawwan kana kan nuuf kenne jaalalaan kakaʼee taʼuu isaa yoo hubachuu baatan, akkasitti yaaduu dhiisuu dandaʼu. Kanaafuu barattoota keenya akkas jennee gaafachuu dandeenya: “Waaqayyo tajaajiltoonni isaa kana akka godhan ykn akka hin goone kan isaan ajaje maaliif sitti fakkaata? Kun waaʼee isaa maal nutti hima?” Barattoonni keenya waaʼee Yihowaa akka yaadanii fi maqaa isaa isa ulfina qabeessa taʼeef jaalala dhugaa akka qabaatan yoo gargaarre, garaa isaanii tuquun keenya hin oolu. Barattoonni keenya seerawwan sana qofa utuu hin taʼin, qaama seericha kennes ni jaallatu. Amantiidhaan ni guddatu, akkasumas qorumsa akka ibiddaa isaanitti dhufu dandamachuu dandaʼu.—1 Qor. 3:12-15. w20.06 10-11 key. 10-11

Dilbata, Amajjii 9

Dhaggeeffachuuf ariifataa, dubbachuuf suuta jedhaa [taʼaa].—Yaq. 1:19.

Namni tokko karaa hafuuraa fayyuuf yeroo waan isatti fudhatuuf, obsa qabaachuu qabna. Namoonni qabbanaaʼanii turan hedduun, kan deebiʼan jaarsolii fi warri gumii keessa jiran kaan siʼa baayʼee deddeebiʼanii erga isaan gaafatanii booda akka taʼe ni dubbatu. Obboleettiin Naansii jedhamtuu fi Kibba Baha Eeshiyaa jiraattu akkas jetteetti: “Michuun koo gumii keessa jirtu tokko gargaarsa guddaa naaf gooteetti. Ishiin akkuma obboleettii koo angafaatti na jaallatti turte. Yeroo gaarii kanaan dura waliin dabarsine na yaadachiiste. Miira koo yommuun ibsu obsaan na dhaggeeffate, gorsa naaf kennuu irraas dubbatti hin jenne. Ishiin michuu dhugaa yeroo kamitti iyyuu gargaarsa kennuuf qophoofte naaf taatee turte.” Amalli miira namaa hubachuu dibata gaarii wajjin wal fakkaata; miira miidhame fayyisuu ni dandaʼa. Namoonni qabbanaaʼan tokko tokko waggoota hedduu dura nama gumii keessa jiru tokkotti waan mufataniif amma iyyuu miirri isaanii miidhamee jira taʼa. Miirri isaanitti dhagaʼamu kun fedhii gara Yihowaatti deebiʼuuf qaban jalaa ukkaamseera. Tokko tokko jalʼinni isaan irratti raawwatamee akka ture isaanitti dhagaʼama taʼa. Nama isaan dhaggeeffatuu fi miira isaanii isaaniif hubatu barbaadu taʼa. w20.06 26 key. 10-11

Wiixata, Amajjii 10

Isa hamaa sana [mootaniittu].—1 Yoh. 2:14.

Qorumsa si irra gaʼu yommuu dandamattu hundumaatti, wanta sirrii taʼe raawwachuun caalaatti salphaa siif taʼa. Saalqunnamtii ilaalchisee Ilaalchi dogoggoraa addunyaan kun qabu maddi isaa Seexana akka taʼes yaadadhu. Kanaafuu ilaalcha akkasii fudhachuu yommuu diddu, ‘isa hamaa sana moʼaa’ jirta jechuu dha. Yihowaan gocha cubbuu taʼe adda baasee ibsuuf mirga akka qabu amannee fudhanna. Akkasumas cubbuu akka hin raawwanneef wanta nuuf dandaʼame hunda goona. Yommuu cubbuu hojjennutti garuu, dogoggora raawwanne kadhannaadhaan Yihowaatti himanna. (1 Yoh. 1:9) Cubbuu cimaa yoo hojjenne immoo, gargaarsa jaarsolii warra Yihowaan eegumsa akka nuuf godhaniif muude gaafanna. (Yaq. 5:14-16) Haa taʼu malee, dogoggora kanaan dura raawwanneen of ceephaʼuu hin qabnu. Maaliif? Sababiin isaas Abbaan keenya inni jaalala qabeessi cubbuun keenya akka nuuf dhiifamuuf Ilma isaa aarsaa furii godhee nuuf qopheesseera. Yihowaan nama yaada geddarateef dhiifama akka godhu yommuu dubbatu, dhugumaan akka isaaf dhiisu dubbachuu isaa ti. Kanaafuu, wanti qalbii qulqulluudhaan Yihowaa akka hin tajaajille nu dhowwu tokko illee hin jiru.—1 Yoh. 2:1, 2, 12; 3:19, 20. w20.07 22-23 key. 9-10

Kibxata, Amajjii 11

Ati madda jireenyaa ti.—Far. 36:9.

Yihowaan yeroo kophaa isaa itti ture qaba. Haa taʼu malee, kun kophummaan akka isatti dhagaʼamu hin goone. Inni karaa kamiin iyyuu hirʼina hin qabu. Taʼus, Waaqayyo warri kaan jireenyatti akka gammadan barbaade. Achiis Yihowaan jaalalaan kakaʼee uumuu jalqabe. (1 Yoh. 4:19) Jalqaba, Yihowaan Ilma isaa Yesuusiin uume. Achiis, ilma isaa jalqabaa kanatti fayyadamee, uumamawwan hafuuraa yaaduu dandaʼan dabalatee ‘wantoota kaan hunda uume.’ (Qol. 1:16) Yesuus mirga Abbaa isaa wajjin hojjechuuf argatetti gammadeera. (Fak. 8:30) Maleekonni warri ilmaan Waaqayyoo taʼanis gammaduuf sababii qabu turan. Yihowaa fi Yesuus inni Hojjetaa dandeettii qabu taʼe yommuu samii fi lafa uuman ni ilaalu turan. Maarree maleekotatti maaltu dhagaʼame? Yommuu lafti uumamte ‘guddisanii sagalee gammachuu kan dhageessisan’ siʼa taʼu, nama isa uumama isaa isa dhumaa taʼe dabalatee, yeroo inni wantoota kaan hundumaa uumettis gammachuudhaan iyyanii akka turan hin shakkisiisu. (Iyo. 38:7; Fak. 8:31) Uumamawwan kun hundi jaalalaa fi ogummaa Yihowaa mulʼisu.—Far. 104:24; Rom. 1:20. w20.08 14 key. 1-2

Roobii, Amajjii 12

Maqaa kootiin kan kaʼe saboota hundumaa biratti ni jibbamtu.—Mat. 24:9.

Yihowaan, jaallachuu akka dandeenyuu fi jaallatamuu akka barbaannu godhee nu uume. Kanaafuu namni tokko yommuu nu jibbu ni miidhamna, tarii immoo sodaachuu illee ni dandeenya. Obboleessi tokko akkas jedhee barreesseera: “Dhugaa Baatuu Yihowaa taʼuu kootiin loltoonni yommuu na rukutan, na arrabsanii fi na sossodaachisan baayʼeen sodaadhe, akkasumas qaaniin natti dhagaʼame.” Jibbi akkasii kan nama miidhu taʼus, nu dinqisiisuu hin qabu. Yesuus akka jibbamnu dursee dubbateera. Addunyaan duuka buutota Yesuus kan jibbu maaliifi? Nutis akkuma Yesuus ‘kutaa addunyaa waan hin taaneefi.’ (Yoh. 15:17-19) Kanaan kan kaʼes, mootummoota kan kabajnu taʼus, isaaniin ykn mallattoo isaanii hin waaqeffannu. Nuti Yihowaa qofa waaqeffanna. Mirga Yihowaan ilmaan namootaa bulchuuf qabu ni deggerra. Seexannii fi ‘sanyiin’ isaa immoo mirga kana cimsanii mormu. (Uma. 3:1-5, 15) Abdiin ilmaan namootaa Mootummaa Waaqayyoo qofa akka taʼee fi Mootummaan kun mormitoota isaa hunda dhiheenyatti akka balleessu ni labsina. (Dan. 2:44; Mul. 19:19-21) Ergaan kun warra garraamotaaf misiraachoo dha, hamootaaf immoo oduu gaddisiisaa dha. w21.03 20 key. 1-2

Kamisa, Amajjii 13

Nuti kan Waaqayyoo akka taane beekna.—1 Yoh. 5:19.

Yihowaan obboleettotaaf gumii keessatti iddoo ulfina qabeessa kenneera. Dubartoonni kun ogummaa, amantii, hinaaffaa, ija jabina, arjummaa fi hojii gaariidhaan fakkeenya taʼu. (Luq. 8:2, 3; HoE. 16:14, 15; Rom. 16:3, 6; Filp. 4:3; Ibr. 11:11, 31, 35) Maanguddoota hedduu qabachuudhaanis eebbifamneerra. Maanguddoonni kun dhibee fayyaa garagaraa umurii wajjin wal qabatee dhufu waliin walʼaansoo gochaa jiru. Taʼus, maanguddoonni kun hamma isaaniif dandaʼame tajaajila irratti ni hirmaatu, akkasumas warra kaan jajjabeesuu fi leenjisuuf humna qaban hundatti ni fayyadamu! Muuxannoo isaanii irraas ni fayyadamna. Dhuguma iyyuu, Yihowaa birattis taʼe, nu biratti iddoo guddaa qabu. (Fak. 16:31) Mee waaʼee dargaggoota gumii keenya keessa jiraniis yaadaa. Dargaggoonni kun addunyaa Seexanni toʼatuu fi falaasama isaa isa hamaadhaan guutame keessatti yommuu guddatan haalawwan rakkisoo hedduun isaan mudatu. Taʼus, dargaggoonni keenya walgaʼii irratti yommuu yaada kennan, tajaajila irratti yommuu hirmaatanii fi ija jabinaan amantii isaaniitiif yommuu falman hundi keenya ni jajjabaanna. Eeyyee, isin dargaggoonni gumii Yihowaa keessatti iddoo guddaa qabdu!—Far. 8:2. w20.08 21-22 key. 9-11

Jimaata, Amajjii 14

Ani akka hoolota yeeyyii gidduu jiraniitti isin nan erga.—Mat. 10:16.

Yommuu lallabuu jalqabnuu fi Dhugaa Baatota Yihowaa taʼuu keenya beeksisnu, maatii keenya irraa mormiin akka “obomboleettii” nu mudachuu, akkasumas namoonni nu beekan nutti qoosuu fi ergaa keenya fudhachuu dhiisuu dandaʼu. Maarree ija jabina kee guddifachuu kan dandeessu akkamitti? Tokkoffaa, Yesuus samii irraa hojii kana geggeessuu isaa akka itti fufe mirkanaaʼaa taʼi. (Yoh. 16:33; Mul. 14:14-16) Itti aansuudhaan waadaa Yihowaan si kunuunsuuf gale irratti amantii qabdu cimsadhu. (Mat. 6:32-34) Amantiin kee yommuu cimaa deemu ija jabinni kees dabalaa deema. Dhugaa Baatota Yihowaa wajjin qoʼachuu fi walgaʼii isaanii irratti argamuu akka jalqabde, yommuu namoota beektuu fi maatii keetti himte amantii guddaa akka qabdu argisiisteetta. Ulaagaawwan Yihowaa warra qajeeloo wajjin wal simtee jiraachuuf amala kee fi jireenya kee irratti jijjiirama guddaa akka goote hin shakkisiisu. Kanaafis amantii fi ija jabinni si barbaachiseera. Ija jabina kee guddifachuu yommuu itti fuftu, ‘Waaqayyo gooftaan kee iddoo ati dhaqxu hundumaatti akka si wajjin taʼu’ mirkanaaʼaa taʼuu dandeessa.—Iya. 1:7-9. w20.09 5 key. 11-12

Sanbadduraa, Amajjii 15

Yihowaan boqonnaa [isaaf kenne].—2 Sen. 14:6.

Aasaa Mootichi guutummaatti Yihowaatti amanamee deddeebiʼuu irratti fakkeenya gaarii nuuf taʼa. Inni yeroo gaarii hin taanetti qofa utuu hin taʼin, yeroo nagaattis Yihowaa tajaajileera. Jalqabumaa kaasee, ‘Aasaan garaa isaa guutuu Waaqayyoof of kennee ture.’ (1 Mot. 15:14) Karaan kana gochuu isaa itti argisiise inni tokko waaqeffannaa sobaa guutummaatti Yihudaa keessaa balleessuudhaani. Kitaabni Qulqulluun, “Inni iddoo aarsaa isa kan waaqayyolii ormaa fi iddoowwan sagadaa warra ol kaʼoo in diigsise, utuboota dhagaa qulqullaaʼootti ilaalaman in caccabse, mukkeetii qiqqirixamanii waaqayyittii tolfamtuuf dhadhaabamanis in jijjigse” jedha. (2 Sen. 14:3, 5) Inni akkoo isaa Maʼakaa iddoo ulfinaa mootummaa isaa keessatti qabdu irraa ishii buuseera. Maaliif? Sababiin isaas ishiin namoonni waaqa tolfamaa akka waaqeffatan jajjabeessiti turte. (1 Mot. 15:11-13) Aasaan waaqeffannaa sobaa haxaaʼee balleessuu caalaa wanta godhe qaba. Waaqeffannaa qulqulluu babalʼisuudhaan mootummaan Yihudaa gara Yihowaatti akka deebiʼu gargaareera. Yihowaanis yeroo nagaa isaaniif kennuudhaan Aasaa fi Israaʼeloota eebbiseera. Yeroo bulchiinsa Aasaatti waggaa kudhaniif ‘biyyichi nagaa argateera.’—2 Sen. 14:1, 4, 6. w20.09 14 key. 2-3

Dilbata, Amajjii 16

Yaa Ximotewos, . . . wanta imaanaadhaan sitti kenname jabeessii eegi.—1 Xim. 6:20.

Yeroo baayʼee wantoota gatii guddaa nuuf qaban warri kaan akka nuuf eegan isaanitti kennanna. Fakkeenyaaf, qarshii keenya mana baankii kaaʼachuu dandeenya. Yommuu akkas goonu qarshiin keenya akka eegumsa argatuu fi akka hin badne ykn hin hatamne amanna. Phaawulos ergamaan, Ximotewos wanta gatii guddaa qabu, jechuunis kaayyoo Waaqayyo ilmaan namootaatiif qabu ilaalchisee beekumsa sirrii akka argate isa yaadachiiseera. Akkasumas Ximotewos ‘dubbicha akka lallabuu’ fi “hojii namni lallabaa wangeelaa taʼe hojjetu” akka hojjetu imaanaadhaan isatti kennameera. (2 Xim. 4:2, 5) Phaawulos, Ximotewos wanta imaanaadhaan isatti kenname akka eegu isa jajjabeesseera. Akkuma Ximotewos nutis wantoonni gatii guddaa qaban imaanaadhaan nutti kennamaniiru. Yihowaan waaʼee dhugaawwan gatii guddaa qabanii fi Dubbii isaa keessatti argamanii beekumsa sirrii nuuf kenneera. Dhugaawwan kun Yihowaa wajjin akkamitti hariiroo gaarii akka qabaannu waan nu barsiisanii fi jireenya keenya keessatti wanti gammachuu dhugaa nuuf argamsiisu maal akka taʼe waan ibsaniif gatii guddaa qabu. Dhugaawwan kana fudhannee yommuu ittiin jiraannu barumsawwan sobaa fi gochawwan naamusaan ala taʼan irraa bilisa nu baasu.—1 Qor. 6:9-11. w20.09 26 key. 1-3

Wiixata, Amajjii 17

Nuti isiniif jennee akkamitti gidduu keessan akka jiraanne beektu.—1 Tas. 1:5.

Barataan kee dhugaa Kitaaba Qulqulluu keessa jiru ilaalchisee miira hoʼaa ati qabduu fi amanannaa kee arguun isaa barbaachisaa dha. Taanaan wanta barachaa jiru caalaatti jaallachuun isaa hin oolu. Barbaachisaa yoo taʼe, qajeelfama Kitaaba Qulqulluutiin jiraachuun akkamitti akka si gargaare itti himi. Yoo akkas goote, Kitaabni Qulqulluun qajeelfama hojii irra ooluu fi isas fayyadu akka qabu ni hubata. Yeroo qoʼattanitti, waaʼee namoota haala rakkisaa baratichi keessa jiruu wajjin wal fakkaatu isaan mudatee turee fi moʼuu dandaʼan itti himi. Namni gumii keessan jiruu fi baratichi fakkeenya isaa irraa fayyadamuu dandaʼu qoʼannaa keessan irratti akka argamu godhi. Barataan kee qajeelfama Kitaaba Qulqulluu jireenya isaa keessatti hojii irra oolchuun ogummaa taʼuu isaa akka hubatu isa gargaari. Baratichi gaaʼela kan qabu yoo taʼe, hiriyaan gaaʼelaa isaa qoʼachaa jirtii? Qoʼachaa hin jirtu yoo taʼe, qoʼannaa gootan irratti akka argamtu afeeri. Barataan kee wanta barachaa jiru maatii isaa fi michoota isaatti akka himu jajjabeessi.—Yoh 1:40-45. w20.10 16 key. 7-9

Kibxata, Amajjii 18

Isaaniinis garaa ijoollee keetii keessatti boci.—Kes. 6:7.

Warri Yesuus qajeelfama Yihowaan warraaf kenne hordofuudhaan, Yesuus surraa Yihowaa argatee akka guddatu gargaaraniiru. (Kes. 6:6, 7) Yoseefii fi Maariyaam Yihowaadhaaf jaalala guddaa qabu turan, ijoolleen isaaniis jaalala akkasii akka horatan jajjabeessuuf dursa kennaniiru. Yoseefii fi Maariyaam akka maatiitti barsiifata hafuuraa gaarii qabaachuuf filataniiru. Mana sagadaa Naazireet jiru torban torbaniin dhaqaa akka turan, akkasumas waggaa waggaadhaan Ayyaana Faasikaatiif Yerusaalem dhaqaa akka turan hin shakkisiisu. (Luq. 2:41; 4:16) Imala Yerusaalemitti godhan kana irratti Yesuusii fi quxusuuwwan isaa seenaa saba Yihowaa barsiisuuf itti fayyadamanii, tarii immoo achumaan iddoowwan Kitaaba Qulqulluu irratti ibsaman daawwatanii taʼuu dandaʼa. Lakkoofsi maatii isaanii yommuu dabalaa deemu, Yoseefii fi Maariyaam barsiifata hafuuraa gaarii qaban eeganii itti fufuun isaanitti ulfaatee taʼuu dandaʼa. Taʼus, kana gochuun isaanii isaan kiiseera. Waaqeffannaa Yihowaatiif waan dursa kennaniif maatichi hariiroo Yihowaa wajjin qabu eegee jiraateera. w20.10 28 key. 8-9

Roobii, Amajjii 19

Izraan Seera Yihowaa qorachuu fi . . . dambiiwwan . . . isaa . . . barsiisuuf garaa isaa qopheeffatee ture.—Iz. 7:10.

Qoʼannaa Kitaaba Qulqulluu tokko irratti yoo affeeramte barumsa qoʼatamu sana dursitee qophaaʼuun kee gaarii dha. Obboleessi Dooriin jedhamuu fi qajeelchaa addaa taʼe akkana jedheera: “Namoonni anaa wajjin qoʼachiisan qoʼannaa sanaaf qophaaʼuun isaanii na gammachiisa. Kun yaada gaarii kennuuf isaan gargaara.” Kana malees baratichi lamaan keessan iyyuu sirriitti akka qophooftan hubachuun isaa hin oolu; kun immoo fakkeenya gaarii isaaf taʼa. Barumsicha guutummaatti qophaaʼuu yoo hin dandeenye illee, yoo xinnaate qabxiiwwan ijoo taʼan hubachuuf yeroo ramadaa. Kadhannaan qoʼannaa tokko irratti wanta bakki guddaan kennamuuf waan taʼeef akka kadhattan yoo gaafatamtan maal jettanii akka kadhattan dursaa irratti yaadaa. Akkas yoo gootan kadhannaan keessan buʼa qabeessa taʼuu dandaʼa. (Far. 141:2) Haanaayeen ishiin Jaappaan jiraattu kadhannaa obboleettiin qoʼannaa ishii irratti argamte dhiheessite hin irraanfattu. Akkana jetteetti: “Yihowaa wajjin michummaa cimaa akka qabdu hubadheen ture. Anis akka ishii taʼuun barbaade. Kadhannaa ishii keessatti maqaa koo caqasuun ishiis akkan jaallatamu akka natti dhagaʼamu godheera.” w21.03 9-10 key. 7-8

Kamisa, Amajjii 20

Hin sodaatin! . . . Roomaattis dhugaa baʼuu qabda.—HoE. 23:11.

Yesuus, Phaawulos ergamaan akka Roomaa gaʼu isaaf mirkaneessee ture. Haa taʼu malee, Yihudoonni Yerusaalem jiran tokko tokko dhokatanii isa reebuu fi isa ajjeesuuf karoorfatanii turan. Ajajaan loltootaa Roomaa Qalaawudewos Liisiyaas waaʼee karoora isaanii yommuu beeku, Phaawulosiin oolche. Achiis yeruma sana Qalaawudewos, Phaawulosiin loltoota hedduudhaan eegsisee gara Qisaariyaatti isa erge. Achittis Bulchaan Feeliksi jedhamu Phaawulos, “mana mootummaa Heroodis keessatti akka eegamu” ajaje. Iddoo kanatti Yihudoonni Phaawulosiin ajjeesuu barbaadan isa argachuu hin dandaʼan. (HoE. 23:12-35) Haa taʼu malee, Feesxos inni “Yihudoota biratti jaallatamuu” barbaadu, Feeliksiin bakka buʼuudhaan bulchaa taʼee ture. Innis, “Gara Yerusaalemitti ol baatee . . . achitti na duratti murtii argachuu barbaaddaa?” jedhee Phaawulosiin gaafate. Phaawulos Yerusaalemitti ajjeefamuu akka dandaʼu hubatee ture. Kanaafuu, “Ani Qeesaaritti ol iyyadheera!” jedhe. Feesxosis Phaawulosiin, “Qeesaaritti waan ol iyyatteef, gara Qeesaar ni dhaqxa” jedhe. Yeroo booda, Phaawulos fagaatee deemuudhaan Roomaa bakka Yihudoota isa ajjeesuu barbaadan irraa fagoo taʼe dhaqa.—HoE. 25:6-12. w20.11 13 key. 4; 14 key. 8-10

Jimaata, Amajjii 21

Garaan keenya nutti [murteessa].—1 Yoh. 3:20.

Hundi keenya iyyuu yeroo tokko tokko miirri balleessaa nutti dhagaʼama. Fakkeenyaaf, namoonni tokko tokko dhugaa barachuu isaanii dura wantoota raawwataniin kan kaʼe miirri balleessaa isaanitti dhagaʼama. Kaan immoo erga cuuphamanii booda wantoota raawwataniin kan kaʼe miirri balleessaa isaanitti dhagaʼama. (Rom. 3:23) Dhugaa dha, wanta sirrii raawwachuu barbaanna. Taʼus, “hundi keenya yeroo baayʼee ni gufanna.” (Yaq. 3:2; Rom. 7:21-23) Miirri balleessaa nutti dhagaʼamuun isaa kan nu hin gammachiisne taʼus, faayidaa tokko tokko qaba. Maaliifi? Sababiin isaas miirri balleessaa daandii keenya akka sirreessinu nu kakaasa, akkasumas dogoggora keenya irra deebiʼuu dhiisuuf akka murteessinu nu gargaara. (Ibr. 12:12, 13) Gama biraatiin immoo, miirri balleessaa guddaan nutti dhagaʼamuu, jechuunis yaada erga geddarannee fi Yihowaan dhiifama erga nuuf godhee booda illee miirri balleessaa nutti dhagaʼamuu isaa itti fufuu dandaʼa. Miirri balleessaa akkasii miidhaa geessisuu dandaʼa. (Far. 31:10; 38:3, 4) Miira balleessaa guddaa akkasii irraa of eeggachuun keenya barbaachisaa dha. Hunda caalaa immoo, Yihowaan erga dhiifama nuuf godhee booda illee, ofii keenyatti kan abdii kutannu yoo taʼe, Seexanni hammam akka gammadu yaadaa!—2 Qorontos 2:5-7, 11 wajjin wal bira qabii ilaali. w20.11 27 key. 12-13

Sanbadduraa, Amajjii 22

Dhuguma iyyuu, garaa koo qulqulluu kanan godhe, harka koos qulqullummaadhaan kanan dhiqadhe akkanumaan ture.—Far. 73:13.

Faarfatichi gosa Leewwii taʼe kun namoota hamoo fi of tuulanitti hinaafuu jalqabee ture; taʼus kan hinaafe hammina isaanitti utuu hin taʼin, badhaadhota taʼuu isaaniitti ture. (Far. 73:2-9, 11-14) Isaan waan hundumaa, jechuunis qabeenya, jireenya gaarii yaaddoo irraa bilisa taʼe waan qaban fakkaatu turan. Leewwichi wantoota tokko tokko akka Yihowaan ilaalutti ilaaluu qaba ture. Yommuu akkas godhu deebisee nagaa fi gammachuu argateera. Inni, “Lafa irrattis [Yihowaa] malee homaa hin barbaadu” jedheera. (Far. 73:25) Haaluma wal fakkaatuun, nutis namoota hamoo badhaadhota fakkaatanitti matumaa hinaafuu hin qabnu. Gammachuun isaanii irra keessa kan taʼee fi yeroo muraasaaf qofa kan turu dha. (Lal. 8:12, 13) Isaanitti hinaafuu jechuun abdii of kutachiisuu fi badiisa hafuuraa ofitti fiduu jechuu dha. Kanaafuu, hamoonni milkaaʼina kan argatan fakkaachuu isaanitti kan hinaaftu yoo taʼe, wanta Leewwichi godhe raawwadhu. Gorsa Waaqayyoo isa jaalala irratti hundaaʼe hordofi, akkasumas namoota fedhii Yihowaa raawwatan kaanitti michoomi. Wanta kam iyyuu caalaa yommuu Yihowaa jaallattu gammachuu dhugaa argatta. Daandii “jireenya isa dhugaa” irra deemuu kees itti fufta.—1 Xim. 6:19. w20.12 19-20 key. 14-16

Dilbata, Amajjii 23

Kadhachuu akka qabnu kan beeknu taʼus maal jennee akka kadhannu hin beeknu; taʼus, yommuu jechaan ibsuu dadhabnee aadnu hafuurichi iyyuu nuuf kadhata.—Rom. 8:26.

Kadhannaan yaaddoo keessan Yihowaa irratti gatuuf dhiheessitan, galateeffannaas akka dabalatu godhaa. Haalli keessa jirru yeroo ulfaataa taʼutti illee, eebbawwan arganne yaadachuun gaarii dha. Yeroo tokko tokko miira keessan ibsuuf jechoota sirrii yoo dhabdan, Yihowaan kadhannaawwan salphaa kan akka ‘maaloo na gargaari!’ jedhaniif illee deebii akka kennu yaadadhaa. (2 Sen. 18:31) Ogummaa keessanitti utuu hin taʼin, kan Yihowaatti amanamaa. Dhaloota Kiristoos Dura jaarraa 18⁠ffaatti sabni Yihudaa Asoorotaan doorsifamanii turan. Waanjoo Asoorotaa jala galuu irraa ooluuf, Gibxii ishii Yihowaa hin waaqeffannetti garagalan. (Isa. 30:1, 2) Yihowaan daandiin dogoggoraa isaan hordofan badiisa akka geessisu isaan akeekkachiisee ture. (Isa. 30:7, 12, 13) Yihowaan nageenya dhugaa kan argatan akkamitti akka taʼe karaa Isaayyaas isaanitti hime. ‘Tasgabbaaʼuu fi anatti amanamuudhaan jabina ni argattu’ jedheera.—Isa. 30:15b. w21.01 3-4 key. 8-9

Wiixata, Amajjii 24

Lakkoofsa warra chaappaan itti godhame sanaa nan dhagaʼe; lakkoofsi isaanii 144,000 [ture].—Mul. 7:4.

Kiristiyaanonni dibamoon obboloota Kiristoos taʼan, isaa wajjin samii irratti moototaa fi luboota taʼuudhaan amanamummaa isaaniitiif badhaasa argatu. (Mul. 20:6) Miseensonni maatii Waaqayyoo warri samii hundi dibamtoonni 144,000 badhaasa isaanii isa samii yommuu fudhatan arguuf hawwiidhaan eegu. Yohaannis ergamaan waaʼee warra 144,000 moototaa fi luboota taʼanii erga dubbatee booda, ‘tuuta uummataa guddaa’ Armaagedoon irraa oolan arge. Tuuta warra jalqabaa irraa haala adda taʼeen tuutni warri lammaffaan baayʼee guddaa siʼa taʼan, lakkoofsi isaanii hin murtoofne. (Mul. 7:9, 10) Isaan ‘uffata aʼadii uffataniiru,’ kunis “xurii” addunyaa Seexanaa irraa akka of eeganii fi Waaqayyoo fi Kiristoosiif amanamoo taʼanii akka jiraatan argisiisa. (Yaq. 1:27) Wanta Yihowaa fi Yesuus inni Hoolaa Waaqayyoo taʼe isaaniif godhaniin kan kaʼe waan fayyaniif ni iyyu. Akkasumas damee muka meexxii Yesuus isa Yihowaan Mootii godhee muude gammachuudhaan fudhachuu isaanii argisiisu qabataniiru.—Yohaannis 12:12, 13 wajjin wal bira qabii ilaali. w21.01 15 key. 6-7

Kibxata, Amajjii 25

Gad of qabuun [kee] guddaa na godha.—2 Sam. 22:36.

Dhiirri tokko akkaataa Yihowaa fi Yesuus matummaa isaanii itti fayyadaman hordofuudhaan mataa maatii gaarii taʼuu barachuu dandaʼa. Mee gad of qabuu akka fakkeenyaatti fudhadhaa. Yihowaan hundumaa caalaa ogeessa dha. Taʼus yaada tajaajiltoota isaa ni dhaggeeffata. (Uma. 18:23, 24, 32) Yihowaan gonka qabeessa taʼus, nuti yeroo ammaatti gonka qabeeyyii akka taanu nu irraa hin eegu. Kanaa mannaa, ilmaan namootaa mudaa qabanii fi isa tajaajilan milkaaʼina akka argatan isaan gargaara. (Far. 113:6, 7) Siruma iyyuu Kitaabni Qulqulluun Yihowaan “gargaaraa” akka taʼe ibsa. (Far. 27:9; Ibr. 13:6) Daawit Mootichi hojii guddaa isaaf kenname raawwachuu kan dandaʼe Yihowaan kan gad of qabu waan taʼeef akka taʼe ibseera. Mee fakkeenya Yesuus haa ilaallu. Barattoota isaatiif Gooftaa isaanii taʼus miilla isaanii dhiqeera. Yesuus iyyuu, “Akkuma ani isiniif godhe, isinis akkanuma akka gootan ani fakkeenya isiniif taʼeera” jedheera. (Yoh. 13:12-17) Yesuus aangoo guddaa kan qabu taʼus, warri kaan akka isa tajaajilan hin eegne. Kanaa mannaa, warra kaan tajaajileera.—Mat. 20:28. w21.02 3-4 key. 8-10

Roobii, Amajjii 26

Ulfinni dargaggootaa jabina isaanii ti.—Fak. 20:29.

Obboloonni dargaggoota taatan gumii keessatti gargaarsa guddaa gochuu dandeessu. Baayʼeen keessan jabinaa fi humna guddaa qabdu. Kanaafuu obbolootaa fi obboleettota gumii keessan jiraniif gargaarsa guddaa gochuu dandeessu. Tarii tajaajilaa gumii taatanii tajaajiluu barbaaddu taʼa. Haa taʼu malee, warri kaan itti gaafatamummaa guddaa fudhachuuf ijoollee akka taatanitti ykn muuxannoo akka hin qabnetti akka isin ilaalan isinitti dhagaʼama taʼa. Taʼus ijoollee yoo taatan illee, amanannaa fi kabaja warra gumii keessa jiranii argachuuf wantoonni ammuma gochuu dandeessan tokko tokko jiru. Dargaggootaa, dandeettii warra gumii keessa jiran gargaaruuf isin dandeessisu qabduu? Baayʼeen keessan dandeettii akkasii qabdu. Fakkeenyaaf, obboloonni maanguddoo taʼan tokko tokko qoʼannaa dhuunfaa fi walgaʼiidhaaf taableetii fi meeshaalee elektiroonikii isaaniitti akkamitti akka fayyadaman yommuu isaanitti argisiistan baayʼee dinqisiifatu. Beekumsi waaʼee meeshaalee kanneenii qabdan maanguddoota akkasiitiif faayidaa guddaa argamsiisuu dandaʼa. Wanta gootan hundumaan Abbaan keessan inni samii akka isinitti boonu godhaa. w21.03 2 key. 1, 3; 7 key. 18

Kamisa, Amajjii 27

Namni hundi baʼaa ofii isaa baata.—Gal. 6:5.

Haati manaa tokko abbaa manaa ishii caalaa kan baratte yoo taate illee waaqeffannaa maatii fi sochiiwwan tiʼookraasii kan biroo irratti dursa fudhachuu kan qabu isa dha. (Efe. 6:4) Haati manaa tokko abbaa manaa ishiitiif bitamuu kan qabdu taʼus, fayyummaa hafuuraa ishiitiif ishumatu itti gaafatama. Kanaafuu, qoʼannaa dhuunfaa gochuu fi xiinxaluudhaaf yeroo ramaduu qabdi. Kana gochuun ishii jaalalaa fi kabaja Yihowaadhaaf qabdu eeggachuu fi abbaa manaa ishiitiif gammachuudhaan bitamuuf ishii gargaara. Haadholiin manaa jaalala Yihowaadhaaf qabaniin kakaʼanii abbootii manaa isaaniitiif bitaman, warra qophii matummaa Yihowaan godheef kabaja hin qabne caalaa gammachuu qabu. Isaan dargaggootaafis taʼe shamarraniif fakkeenya gaarii taʼu. Maatii keessatti qofa utuu hin taʼin, gumii keessattis jaalallii fi nagaan akka jiraatu godhu. (Tit. 2:3-5) Yeroo harʼaatti namoota amanamummaadhaan Yihowaa tajaajilan keessaa garri caalaan dubartoota dha.—Far. 68:11. w21.02 13 key. 21-23

Jimaata, Amajjii 28

Waaqayyotti dhihaadhaa, innis isinitti ni dhihaata.—Yaq. 4:8.

Phaawulos ergamaan ija jabina qabaachuu fi jabaatee dhaabbachuudhaan fakkeenya guddaa nuuf taʼa. Taʼus yeroo itti dadhabe qaba ture. Haa taʼu malee, Yihowaan jabina isa barbaachisu akka isaaf kennu waan isatti amanameef jabaatee dhaabbachuu dandaʼeera. (2 Qor. 12:8-10; Filp. 4:13) Gad of qabuudhaan gargaarsi Yihowaa akka nu barbaachisu yoo amanne, ciminaa fi ija jabina akkasii qabaachuu dandeenya. (Yaq. 4:10) Qorumsi kan nu irra gaʼu Yihowaan nu adabaa waan jiruuf akka hin taane mirkanaaʼoo taʼuu dandeenya. Yaaqoob baratichi akkana jechuudhaan kana nuu mirkaneesseera: “Namni kam iyyuu yommuu qoramu, ‘Waaqayyotu na qoraa jira’ hin jedhin. Sababiin isaas, Waaqayyo wanta hamaadhaan qoramuu hin dandaʼu; ofii isaatiis nama kam iyyuu hin qoru.” (Yaq. 1:13) Dhugaa kana yoo amanne, gara Abbaa keenya isa samii isa jaalala qabeessa taʼetti caalaatti dhihaanna. Yihowaan ‘hin jijijjiiramu ykn hin gegeddaramu.’ (Yaq. 1:17) Inni Kiristiyaanota jaarraa jalqabaa qorumsi isaan irra gaʼe gargaareera; nuunis yeroo harʼaatti nu gargaara. Yihowaan ogummaa, amantii fi ija jabina argachuuf akka isin gargaaru cimsaa kadhadhaa. Inni kadhannaa keessaniif deebii ni kenna. w21.02 31 key. 19-21

Sanbadduraa, Amajjii 29

Akkuma sibiilli sibiila qaru namnis michuu isaa ni qara.—Fak. 27:17.

Barataan Kitaaba Qulqulluu keessan walgaʼii gumii irratti yommuu argamu akka isaaf yaaddan argisiisuudhaan isa jajjabeessuu dandeessu. (Filp. 2:4) Dhimma dhuunfaa isaa keessa utuu hin seenin jijjiirama gaarii inni godheef isa galateeffachuu dandeessu; akkasumas waaʼee qoʼannaa isaa, waaʼee maatii isaa fi waaʼee hojii isaa isa gaafachuu dandeessu. Marii akkasii gochuun keessan caalaatti walitti isin dhiheessuu dandaʼa. Michuu barataa sanaa yoo taatan guddina godhee akka cuuphamu isa gargaaruu dandeessu. Baratichi guddina gochuu fi jijjiirama gochuu isaa yommuu itti fufu miseensa gumii akka taʼe akka isatti dhagaʼamu gargaaraa. Mana keessanitti isa simachuudhaan akkas gochuu dandeessu. (Ibr. 13:2) Barataan sun babalʼisaa yoo taʼe isinii wajjin akka tajaajilu isa affeeruu dandeessu. Babalʼisaan Jiyoogoo jedhamuu fi Biraaziil jiraatu akkana jedheera: “Obboloonni hedduun isaanii wajjin tajaajila akkan baʼu na affeeru turan. Kunis akka gaariitti isaan beekuuf carraa namaaf bana. Kana gochuu kootiin wanta baayʼee baradheera; Yihowaa fi Yesuusittis caalaatti dhihaachuu dandaʼeera.” w21.03 12 key. 15-16

Dilbata, Amajjii 30

Eenyuuf iyyuu hamaa hamaadhaan hin deebisinaa.—Rom. 12:17.

Yesuus duuka buutonni isaa diinota isaanii akka jaallatan isaanitti himeera. (Mat. 5:44, 45) Kana gochuun salphaa dhaa? Matumaa! Taʼus, gargaarsa hafuura Waaqayyootiin ni dandaʼama. Firiin hafuura Waaqayyoo jaalala, obsa, gaarummaa, garraamummaa fi of toʼachuu of keessatti qabata. (Gal. 5:22, 23) Amalawwan kun jibba dandamachuuf nu gargaaru. Abbaa manaa, haadha manaa, ijoollee ykn ollaan Dhugaa Baatuu taʼe tokko amalawwan Waaqayyoo akkasii argisiisuu isaaniitiin kan kaʼe mormitoonni hedduun yaada isaanii jijjiiraniiru. Mormitoonni hedduun obbolootaa fi obboleettota keenya jaallatamoo illee taʼaniiru. Namoota Yihowaa tajaajiluu keetiin si jibban jaallachuun sitti ulfaata yoo taʼe, Yihowaan hafuura qulqulluu akka siif kennu kadhadhu. (Luq. 11:13) Daandiin Waaqayyoo yeroo hundumaa isa hunda irra caalu akka taʼe mirkanaaʼaa taʼi. (Fak. 3:5-7) Jibbi humna guddaa qabaachuu fi miidhaa geessisuu dandaʼa, taʼus jaalalli isa caalaa cimaa dha. Jaalalli garaa moʼachuu dandaʼa. Garaa Yihowaas ni gammachiisa. Taʼus, mormitoonni nu jibbuu isaanii yoo itti fufan illee gammachuu qabaachuu ni dandeenya. w21.03 23 key. 13; 24 key. 15, 17

Wiixata, Amajjii 31

Sabni jabaa fi lakkoofsi isaa hammana hin jedhamne tokko biyya koo irratti dhufeera.—Yoe. 1:6.

Raajiin Yoʼel waaʼee haleellaa waraanaa tokkoo akka dubbatu hubanna. (Yoe. 2:1, 8, 11) Yihowaan Israaʼeloota hin ajajamne adabuuf ‘loltoota jajjaboo’ (loltoota Baabilonitti) akka fayyadamu dubbateera. (Yoe. 2:25) Baabilononni kallattii kaabaatiin Israaʼeloota waan weeraraniif humni waraanaa kun “isa kaabaa” jedhamuun isaa sirrii dha. (Yoe. 2:20) Humni waraanaa kun gurmuu hawaannisaa sirriitti qindaaʼanii wajjin wal fakkeeffameera. Yoʼel isaan ilaalchisee akkana jedheera: “Tokkon tokkon [loltootaa] karaadhuma isaanii irra adeemu. . . . Fiiganii mandarattii irra in baʼu, . . . manneetii in yaabbatu, akka hattuus qaawwa manaatiin ol in lixu.” (Yoe. 2:8, 9) Haala sana yaadaan ilaaluu dandeessuu? Bakka hunda loltoonni jiru. Bakki itti dhokatanis hin jiru. Goraadee Baabilonotaa jalaa namni tokko illee miliquu hin dandaʼu! Baabilononni (ykn Kaladoonni) Dh.K.D. bara 607⁠tti akkuma hawaannisootaa magaalaa Yerusaalem weeraran. Kitaabni Qulqulluun akkana jechuudhaan gabaasa: ‘Mootiin Baabilon ijoollota dhiiraa fi ijoollota durbaa, warra dulloomanii fi warra lafa guuran hundumaaf garaa hin laafne.’—2 Sen. 36:17. w20.04 5 key. 11-12

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi