LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • es22 ful. 17-26
  • Guraandhala

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Guraandhala
  • Kitaaba Qulqulluu Guyyaa Guyyaan Qoruu—2022
  • Mata Dureewwan Xixiqqaa
  • Kibxata, Guraandhala 1
  • Roobii, Guraandhala 2
  • Kamisa, Guraandhala 3
  • Jimaata, Guraandhala 4
  • Sanbadduraa, Guraandhala 5
  • Dilbata, Guraandhala 6
  • Wiixata, Guraandhala 7
  • Kibxata, Guraandhala 8
  • Roobii, Guraandhala 9
  • Kamisa, Guraandhala 10
  • Jimaata, Guraandhala 11
  • Sanbadduraa, Guraandhala 12
  • Dilbata, Guraandhala 13
  • Wiixata, Guraandhala 14
  • Kibxata, Guraandhala 15
  • Roobii, Guraandhala 16
  • Kamisa, Guraandhala 17
  • Jimaata, Guraandhala 18
  • Sanbadduraa, Guraandhala 19
  • Dilbata, Guraandhala 20
  • Wiixata, Guraandhala 21
  • Kibxata, Guraandhala 22
  • Roobii, Guraandhala 23
  • Kamisa, Guraandhala 24
  • Jimaata, Guraandhala 25
  • Sanbadduraa, Guraandhala 26
  • Dilbata, Guraandhala 27
  • Wiixata, Guraandhala 28
Kitaaba Qulqulluu Guyyaa Guyyaan Qoruu—2022
es22 ful. 17-26

Guraandhala

Kibxata, Guraandhala 1

Gad of qabuudhaan warri kaan akka isin irra caalan godhaa yaadaa.—Filp. 2:3.

Obbolootaa fi obboleettota keessan caalaatti beekaa. Walgaʼii duraa fi booda isaanii wajjin haasaʼaa, waliin tajaajilaa, akkasumas kan dandaʼamu taanaan nyaata isaan afeeraa. Akkana yoo gootan, obboleettiin namatti hin dhihaanne fakkaattu takka ija laafettii taʼuu ishii, obboleessi qabeenya akka jaallatu gootanii yaaddan tokko nama keessummaa simatu taʼuu isaa ykn maatiin barfatee gara gumii dhufu tokko mormiin irra gaʼaa kan jiru taʼuu isaa ni hubattu taʼa. (Iyo. 6:29) Dhugaa dha, ‘dhimma namoota kaanii keessa galuu’ hin qabnu. (1 Xim. 5:13) Haa taʼu malee, waaʼee obboloota keenyaa wantoota tokko tokko beekuu fi haalawwan amala isaanii irratti dhiibbaa godhan hubachuun keenya gaarii dha. Akkaataa guddinaa Kiristiyaana isin aarsu tokkoo yommuu beektan, nama sanaaf gadduun keessan hin oolu. Akka gaariitti obboloota keessan beekuun carraaqqii gochuu gaafata. Taʼus, garaa keessan balʼistanii banuuf gorsa Kitaaba Qulqulluu yoo hordoftan, Yihowaa isa ‘akaakuu namoota hundumaa’ jaallatu fakkaattu.—1 Xim. 2:3, 4; 2 Qor. 6:11-13. w20.04 16-17 key. 10-12

Roobii, Guraandhala 2

Nama michoota isaatiif lubbuu isaa dabarsee kennu caalaa, eenyu iyyuu jaalala guddaa qabaachuu hin dandaʼu.—Yoh. 15:13.

Yesuus galgala duʼuu isaa dura turetti, barattoonni isaa akka wal jaallatan isaan yaadachiisee ture. Jaalalli fedhii ofii aarsaa godhu, tokkummaa akka qabaatanii fi jibba addunyaa akka dandamatan akka isaan gargaaru beeka ture. Mee fakkeenya gumii Tasalonqee haa ilaallu. Gumiin kun yeroo hundeeffamee kaasee miseensonni isaa ariʼatamaa turaniiru. Taʼus, obboloonni achi jiran, amanamummaa fi jaalala argisiisuu irratti fakkeenya taʼu turan. (1 Tas. 1:3, 6, 7) Haa taʼu malee, Phaawulos jaalala argisiisuu isaanii akka itti fufanii fi kanas “guutummaatti” akka godhan isaan jajjabeesseera. (1 Tas. 4:9, 10) Jaalalli warra dhiphatan akka jajjabeessanii fi warra dadhaboo akka deggeran isaan kakaasa. (1 Tas. 5:14) Isaan gorsa Phaawulos isaaniif kenne hordofaniiru, sababiin isaas xalayaa isaa isa lammaffaa waggaa tokko booda barreesse irratti, ‘Jaalalli tokkoon tokkoon keessan waliif qabdan dabalaa jira’ jedheera. (2 Tas. 1:3-5) Jaalalli isaanii rakkinaa fi ariʼatama dandamachuuf isaan gargaareera. w21.03 22 key. 11

Kamisa, Guraandhala 3

Dorgommii fiigichaa nu dura jiru jabinaan haa fiignu.—Ibr. 12:1.

Badhaasa jireenya bara baraa argachuu yoo barbaanne, daandii ykn jireenya Kiristiyaanummaa hordofuu qabna. (HoE. 20:24; 1 Phe. 2:21) Haa taʼu malee, Seexannii fi warri fakkeenya isaa hordofan filannoo kan biraa akka goonu, jechuunis ‘isaanii wajjin akka fiignu’ barbaadu. (1 Phe. 4:4) Daandii jireenyaa nuti hordofnutti ni qoosu, akkasumas daandiin isaan irra deeman gaarii akka taʼee fi gara bilisummaatti akka geessu dubbatu. Haa taʼu malee, kun soba dha. (2 Phe. 2:19) Dhuguma iyyuu daandii sirrii irra deemnu filachuun keenya baayʼee barbaachisaa dha! Seexanni hundi keenya daandii dhiphaa “gara jireenyaatti geessu” irra fiiguu keenya dhiisnee, gara daandii balʼaa namoonni addunyaa kanaa hedduun irra deemanitti akka ceenu barbaada. Daandiin kun daandii namoonni hedduun filatanii fi irra deemuuf salphaa taʼe dha. Haa taʼu malee, ‘gara badiisaatti geessa.’ (Mat. 7:13, 14) Daandii isa sirrii taʼe hordofuu fi akka irraa hin gorreef Yihowaatti amanamuu fi isa dhagaʼuu qabna. w20.04 26 key. 1; 27 key. 5, 7

Jimaata, Guraandhala 4

Wawwaannaan, kadhannaan, warra kaaniif kadhachuun . . . akka dhihaatu nan gorsa; [kunis] guutummaatti Waaqayyoof [buluudhaan] jireenya tasgabbii fi gabii qabu akka [jiraannuufi].—1 Xim. 2:1, 2.

Waggoota dhihoodhaa asitti Raashiyaanii fi michoonni ishii gara “biyya bareedduu taatetti” seenaniiru. (Dan. 11:41) Akkamitti? Bara 2017⁠tti mootiin kaabaa amma jiru kun hojii Dhugaa Baatota Yihowaa dhorkeera, akkasumas obbolootaa fi obboleettota keenya tokko tokko mana hidhaatti galcheera. Hiika Addunyaa Haaraa dabalatee barreeffamoota keenya dhorkeera. Kana malees waajjira damee keenya isa Raashiyaatti argamu, Galmawwan Walgaʼii keenyaa fi Galmawwan Walgaʼii Guguddaa keenya fudhateera. Tarkaanfiiwwan kana booda, bara 2018⁠tti Qaamni Ol Aanaan, Raashiyaa fi michoonni ishii mootii kaabaa akka taʼan ibse. Haa taʼu malee, sabni Yihowaa yommuu ariʼatamni cimaan isaan irra gaʼutti illee mootummaa kam iyyuu loluuf ykn garagalchuuf yaalii hin godhan. Kanaa mannaa, keessumaa yommuu isaan murtoo bilisummaa waaqeffannaa keenyaa tuquu dandaʼu godhanitti “warra aangoo qaban hundaaf” akka kadhannu gorsa Kitaabni Qulqulluun nuu kennu ni hordofna. w20.05 14 key. 9

Sanbadduraa, Guraandhala 5

Ofii keetii fi barumsa barsiistuuf yeroo hunda xiyyeeffannaa kenni.—1 Xim. 4:16.

Warra kan taatan, ijoolleen keessan dhugaa akka qabatan mirkanaaʼoo akka taʼaniif, Waaqayyoo wajjin hariiroo dhuunfaa qabaachuu fi wanti Kitaabni Qulqulluun barsiisu dhugaa taʼuu isaa mirkaneeffachuun isaan barbaachisa. Ijoollee keessan dhugaa waaʼee Waaqayyoo barsiisuuf, barattoota Kitaaba Qulqulluu gaarii taʼuudhaan fakkeenya isaaniif taʼuu qabdu. Wanta barattan irratti xiinxaluuf yeroo ramaduu qabdu. Taanaan ijoolleen keessanis akkasuma akka godhan isaan barsiisuu dandeessu. Akkuma barataa Kitaaba Qulqulluu keessan kaan barsiistan, ijoolleen keessanis meeshaalee Kitaaba Qulqulluu qoʼachuuf gargaaranitti akka fayyadaman barsiisuu qabdu. Akkas gochuudhaan, ijoolleen keessan Yihowaa fi karaa inni ‘garbicha amanamaa fi ogeessatti’ fayyadamee nyaata hafuuraa itti dhiheessu akka dinqisiifatan gargaartu. (Mat. 24:45-47) Ijoollee keessan dhugaawwan buʼuuraa Kitaaba Qulqulluu qofa barsiisuun gaʼaa akka taʼe isinitti dhagaʼamuu hin qabu. Hamma umurii fi dandeettiin isaanii isaaniif heyyamu, “wantoota Waaqayyoo warra gad fagoo taʼan” isaan barsiisuudhaan amantii cimaa akka qabaatan gargaaraa.—1 Qor. 2:10. w20.07 10-11 key. 10, 12-13

Dilbata, Guraandhala 6

Yihowaan nama jalʼaa ni jibba, warra qajeelota taʼanii wajjin garuu michummaa cimaa qaba.—Fak. 3:32.

Yeroo ammaatti namoonni mudaa qaban meeqa Yihowaa wajjin michummaa uumuu dandaʼaniiru? Namoonni miliyoonaan lakkaaʼaman kana gochuu dandaʼaniiru. Namoonni kun michummaa kana uumuu kan dandaʼan aarsaa furii Yesuus irratti amantii waan qabaniifi. Yihowaan kana irratti hundaaʼuudhaan akka isaaf of murteessinuu fi akka cuuphamnu gaarummaadhaan nuuf heyyama. Tarkaanfiiwwan barbaachisoo taʼan kana yommuu fudhannu, Kiristiyaanota miliyoonaan lakkaaʼamanii fi of murteessuu fi cuuphamuudhaan qaama uumama cufa keessatti hunda irra caaluu wajjin “michummaa cimaa” uuman keessaa tokko taana! Michummaa Waaqayyoo wajjin qabnuuf iddoo guddaa akka kenninu argisiisuu kan dandeenyu akkamitti? Akkuma Abrahaamii fi Iyoob warra waggoota dhibbaa oliif Waaqayyoof amanamoo taʼanii jiraataniitti, nutis sirna moofaa kana keessatti yeroo hammamiitiif iyyuu Yihowaa kan tajaajille yoo taʼe amanamoo taanee jiraachuu qabna. Akkuma Daaniʼel, nutis lubbuu keenya caalaa walitti dhufeenya Waaqayyoo wajjin qabnuuf iddoo guddaa kennuu qabna. (Dan. 6:7, 10, 16, 22) Gargaarsa Yihowaatiin, rakkoowwan nu mudatan akkamii iyyuu moʼuu fi michummaa cimaa isaa wajjin qabnu eegnee jiraachuu dandeenya.—Filp. 4:13. w20.05 27 key. 5-6

Wiixata, Guraandhala 7

Garaa koo tokko naaf godhi.—Far. 86:11.

Daawit Mootichi yeroo tokko haati manaa nama kan biraa utuu dhagna dhiqattuu arge. Daawit seera Yihowaa isa, ‘Haadha manaa namaa hin hawwin’ jedhu beeka ture. (Bau. 20:17) Taʼus, ilaaluu isaa akka itti fufe haala isaa irraa hubachuun ni dandaʼama. Garaan isaa fedhii dubartii Baat Sheebaa jedhamtuuf qabuu fi fedhii Yihowaa gammachiisuuf qabu gidduutti hihhiramee ture. Daawit yeroo dheeraadhaaf Yihowaa jaallachaa fi isa sodaachaa kan ture taʼus, fedhii ofittummaatiif moʼameera. Yeroo sanatti Daawit daandii dogoggoraa hordofeera. Maqaa Yihowaa irratti arrabsoo fideera. Kana malees, maatii ofii isaa dabalatee, namoota qulqulluu taʼan kaan irratti miidhaa cimaa fideera. (2 Sam. 11:1-5, 14-17; 12:7-12) Yihowaan Daawitiin kan adabe taʼus, booda hariiroo Yihowaa wajjin qabu haaromseera. (2 Sam. 12:13; Far. 51:2-4, 17) Daawit dhiphinaa fi rakkina yeroo garaan isaa akka hihhiramu heyyametti isa irra gaʼe yaadatee ture. Jechoonni isaa warri Faarfannaa 86:11 irra jiran, “Garaa hin hihhiramne naaf kenni” jedhamanii hiikamuus ni dandaʼu. Yihowaan Daawit garaan isaa guutuu ykn kan hin hihhiramne akka godhu isa gargaareeraa? Eeyyee, sababiin isaas, Yihowaan yeroo booda waaʼee Daawit yommuu dubbatu, nama ‘garaa isaa guutummaatti Waaqayyoof kenne’ akka taʼe ibseera.—1 Mot. 11:4; 15:3. w20.06 11 key. 12-13

Kibxata, Guraandhala 8

Funyoo jaalalaatiin isaan harkisuu koo ittuman fufe.—Hos. 11:4.

Kitaabni Qulqulluun jaalala Yihowaan saba isaatiif qabu hidhaa ykn wadarootti fakkeessa. Jaalalli Waaqayyoo wadarootti kan fakkeeffamu akkamitti? Mee fakkeenya kana ilaali: Galaana hunkuramu keessa akka jirtuu fi namni tokko uffata bishaanichaan akka hin nyaatamne si oolchu akka siif darbate godhii yaadi. Kun walʼaansoo ati bishaanichaan akka hin liqimfamne gootu waan sii salphisuu dandaʼuuf, gargaarsa kana akka dinqisiifattu hin shakkisiisu. Taʼus, lubbuudhaan itti fufuuf uffata sana qabaachuun kee qofti gaʼaa miti. Bishaanichi qorraa waan taʼeef, bidiruu lubbuu baraaru bira yoo geesse malee ooluu hin dandeessu. Namni wadaroo siif darbatee gara bidiruu sanaatti si harkisu si barbaachisa. Akkuma caqasa guyyaa harʼaa irratti ibsame, Yihowaan Israaʼeloota isa irraa fagaatan jaalalaan akka ‘isaan harkise’ dubbateera. Waaqayyo harʼas namoota isa tajaajiluu dhaabanii fi rakkoowwanii fi yaaddoodhaan moʼaman ilaalchisee akkasuma isatti dhagaʼama. Inni akka isaan jaallatuu fi gara ofii isaatti isaan harkisuu akka barbaadu akka hubatan barbaada. Yihowaan jaalala isaa kana isaaniif ibsuuf sitti fayyadamuu dandaʼa. Namoonni qabbanaaʼan Yihowaan akka isaan jaallatuu fi nutis akka isaan jaallannu isaaniif mirkaneessuun barbaachisaa dha. w20.06 27 key. 12-13

Roobii, Guraandhala 9

Namni qorumsa keessatti jabaatee dhaabbachuu isaa itti fufu gammadaa dha.—Yaq. 1:12.

Yommuu Isxifaanos ajjeefametti Kiristiyaanonni hedduun Yerusaalem keessaa baqachuudhaan “naannoowwan Yihudaa fi Samaariyaa hundumaa keessa bittinnaaʼan,” yeroo boodas hanga Qophrosii fi Anxokiyaatti baayʼee fagaatanii deemaniiru. (HoE. 7:58–8:1; 11:19) Kiristiyaanota kana irra rakkoowwan hedduun gaʼanii turan. Taʼus, bakka dhaqan hundumaatti misiraachicha hinaaffaadhaan waan lallabaniif, guutummaa Bulchiinsa Roomaatti gumiiwwan hedduun hundeeffamaniiru. (1 Phe. 1:1) Taʼus, amma iyyuu rakkoowwan hedduutu isaan eeggata ture. Fakkeenyaaf, Dh.K.B. naannoo bara 50⁠tti, Mootii Moototaa Roomaa kan taʼe Qalaawudewos Yihudoonni hundi Roomaadhaa akka baʼan ajajee ture. Kanaafuu Yihudoonni Kiristiyaanota taʼan qeʼee isaanii dhiisanii bakka biraa deemuuf dirqamanii turan. (HoE. 18:1-3) Dhaloota Kiristoos Booda naannoo bara 61⁠tti immoo Phaawulos ergamaan obboloonni isaa uummata duratti akka arrabsaman, akka hidhamanii fi qabeenyi isaanii akka saamame barreesseera. (Ibr. 10:32-34) Kana malees akkuma warra kaanii Kiristiyaanonni tokko tokko hiyyoomaniiru, akkasumas dhukkubsataniiru.—Rom. 15:26; Filp. 2:25-27. w21.02 26-27 key. 2-4

Kamisa, Guraandhala 10

Diyaabilos yeroo gabaabduu akka qabu waan beekeef, aarii guddaadhaan gara keessanitti gad buʼeera.—Mul. 12:12.

Amantii keenya cimsachuuf yoo jabaannee hojjenne, Seexannis taʼe deggertoonni isaa dhugaa keessa akka hin deddeebine nu dhowwuu hin dandaʼan. (2 Yoh. 8, 9) Addunyaan akka nu jibbu eeguu qabna. (1 Yoh. 3:13) Yohaannis, ‘guutummaan addunyaa humna isa hamaa sana jala akka jiru’ nu yaadachiisa. (1 Yoh. 5:19) Dhumni sirna kanaa yommuu dhihaachaa deemutti, aariin Seexanaas ittuma dabalaa deema. Seexanni haleellaawwan baayʼee dhokatoo taʼanitti fayyadama, isaanis gochi naamusaan ala taʼe akka nu hawwatu taasisuu fi soba gantoonni dubbatani dha. Kana malees, humnaan tarkaanfii ni fudhata. Seexanni hojii lallabaa keenya dhaabsisuuf ykn amantii keenya laaffisuuf yaalii gochuuf yeroon gabaabaan qofti akka isa hafe beeka. Kanaaf, hojiin keenya biyyoota hedduu keessatti daangeffamuun isaa ykn dhorkamuun isaa nu hin dinqisiisu. Haa taʼu malee, obboloonnii fi obboleettonni biyyoota kanneen keessa jiran jabaatanii dhaabbachaa jiru. Inni hamaan maal iyyuu kan nutti darbatu taʼus, injifachuu akka dandeenyu mirkaneessaa jiru! w20.07 24 key. 12-13

Jimaata, Guraandhala 11

Kennaan Waaqayyo kennu . . . karaa Gooftaa keenya Kiristoos Yesuus jireenya bara baraa ti.—Rom. 6:23.

Yihowaan maatiin ilmaan namootaa lafa bareedduu inni uume irra bara baraaf akka jiraatan yaadee ture. Haa taʼu malee, Addaamii fi Hewaan Abbaa isaanii isa jaalala qabeessa irratti yeroo fincila kaasanitti cubbuu fi duuti nama hundumaa waliin gaʼe. (Rom. 5:12) Yihowaan yeroo kanatti maal godhe? Yeruma sana, ilmaan namootaa akkamitti akka oolchu ifa godhe. (Uma. 3:15) Yihowaan furii ijoollee Addaamii fi Hewaan cubbuu fi duʼa irraa bilisa baasu dhiheessuuf qophii godhe. Haala kanaan, Yihowaan tokkoon tokkoon namaa isa tajaajiluu fi jireenya bara baraa argachuuf akka filatu isaaf heyyamuu dandaʼa. (Yoh. 3:16; 1 Qor. 15:21, 22) Yihowaan namoota miliyoona hedduutti lakkaaʼaman karaa ilma isaa yommuu duʼaa kaasu, hundi isaanii al tokkotti gara jireenyatti hin deebiʼan jennee yaaduu dandeenya. Maaliif? Namoonni hedduun al tokkotti lafa irratti argamuun isaanii burjaajaʼiinsa uumuu waan dandaʼuufi. Kana malees, Yihowaan matumaa wanta kam iyyuu karaa qindoomina hin qabneen hin hojjetu. Inni nageenyi akka dagaaguuf qindoominni jiraachuu akka qabu beeka.—1 Qor. 14:33. w20.08 14 key. 3; 15 key. 5

Sanbadduraa, Guraandhala 12

Ofii keetii fi barumsa barsiistuuf yeroo hunda xiyyeeffannaa kenni.—1 Xim. 4:16.

Barataan tokko kaayyoon inni Kitaaba Qulqulluu itti qoʼatu Dhugaa Baatuu taʼee Yihowaa tajaajiluu akka jalqabu isa gargaaruu akka taʼe hubachuu qaba. Barataan Kitaaba Qulqulluu tokko sadarkaa sadarkaadhaan galma cuuphamuu bira gaʼuu dandaʼa. Baratichi jalqaba Yihowaa beeka, akkasumas isa jaallata, achiis amantii isa irratti qabaata. (Yoh. 3:16; 17:3) Sana booda Yihowaa wajjin hariiroo uuma, akkasumas gumii wajjin michummaa qabaata. (Ibr. 10:24, 25; Yaq. 4:8) Yeroo boodas gochawwan gadhee taʼan dhiisuudhaan cubbuu isaa irraa yaada geddarata. (HoE. 3:19) Akkasumas amantiin isaa dhugaa warra kaanitti akka himu isa kakaasa. (2 Qor. 4:13) Achiis Yihowaadhaaf of murteessa, of murteessuu isaas cuuphamuudhaan argisiisa. (1 Phe. 3:21; 4:2) Guyyaan kun hundumaaf guyyaa gammachiisaa dha! Baratichi galma isaa irra gaʼuuf tarkaanfii yommuu fudhatu hundatti, garaadhaa isa galateeffadhaa, akkasumas kallattii sirrii taʼeen guddachuu isaa akka itti fufu jajjabeessaa. w20.10 17-18 key. 12-13

Dilbata, Guraandhala 13

Miilli, “Ani harka waan hin taaneef, kutaa qaamaa miti” yoo jedhe, kana jechuun isaa kutaa qaamaa akka hin taane isa hin godhu.—1 Qor. 12:15.

Namoota gumii keessa jiran kaanii wajjin wal bira kan of qabdu yoo taʼe, faayidaan gumichaaf qabdu sitti mulʼachuu dhiisuu dandaʼa. Warri gumii keessa jiran tokko tokko barsiisuu irratti kennaa kan qaban, akka gaariitti kan qindeessan ykn tiksitoota ogeeyyii taʼuu dandaʼu. Tarii ati kennaawwan kana hamma isaanii akka hin qabne sitti dhagaʼamuu dandaʼa. Kun nama gad of qabduu fi iddoo kee beektu akka taate argisiisa. (Filp. 2:3) Haa taʼu malee, of eeggadhu. Yeroo hunda namoota dandeettii guddaa qabanii wajjin wal bira kan of qabdu yoo taʼe, ofitti abdii kutachuu dandeessa. Akkuma Phaawulos ergamaan dubbate gumii keessatti matumaa iddoo akka hin qabne sitti dhagaʼamuu illee ni dandaʼa. Yihowaan Kiristiyaanota jaarraa jalqabaatti turan tokko tokkoof kennaa hafuura qulqulluu dinqiidhaan kennee kan ture taʼus, Kiristiyaanonni hundi kennaa wal fakkaatu hin arganne turan. (1 Qor. 12:4-11) Taʼus, tokkoon tokkoon Kiristiyaanaa gatii guddaa qaba ture. Yeroo harʼaa kennaa hafuura qulqulluu dinqiidhaan hin argannu. Taʼus dhugaan buʼuuraa kun harʼas ni hojjeta. Hundi keenya dandeettii wal fakkaatu qabaachuu dhiisuu dandeenya, taʼus, hundi keenya Yihowaa biratti iddoo guddaa qabna. w20.08 22-23 key. 13-15

Wiixata, Guraandhala 14

Yihowaan na cinaa jira; ani hin sodaadhu.—Far. 118:6.

Ija jabina argachuuf yommuu kadhattu, Yihowaan kadhannaa keetiif deebii ni kenna, matumaas si hin dhiisu. (HoE. 4:29, 31) Inni yeroo gargaarsi si barbaachisu hundumaatti si wajjin jira. Rakkinoota akka mootuu fi jabina jireenya kee keessatti jijjiirama akka gootu si gargaaran akkamitti akka siif kenne yaaduu dandeessa. Inni sabni isaa Galaana Diimaa keessa akka darbu gargaare, duuka buutuu Kiristoos akka taatu si gargaaruu ni dandaʼa. (Bau. 14:13) Atis akkuma Faarfaticha yaada caqasa guyyaa harʼaa irratti argamu dubbatee amanannaa qabaadhu. Yihowaan babalʼistoonni haaraanis ija jabeeyyii akka taʼan gargaaruu dandaʼa. Mee muuxannoo obboleettii Tomooyoo jedhamtuu yaadi. Manaa gara manaa lallabuu yeroo jalqabdetti, haati manaa jalqaba haasofsiiste, “Ani Dhugaa Baatota Yihowaa wajjin dubbachuu hin barbaadu” jechuudhaan iyyitee balbala ishiitti cufte. Tomooyoon ija jabinaan michuu ishiitiin akkas jette: “Wanta ishiin jette dhageessee? Utuma ani homaa hin dubbatin Dhugaa Baatuu Yihowaa taʼuu koo beekte. Baayʼeen gammade!” Tomooyoon yeroo ammaa qajeelchaa yeroo hundaa taatee tajaajilaa jirti. w20.09 6 key. 13-14

Kibxata, Guraandhala 15

Aasaan wanta Waaqa isaa Yihowaa duratti gaarii fi sirrii taʼe ni raawwate.—2 Sen. 14:2.

Aasaan, “naannoo [isaanii] hundumaatti boqonnaa” kan isaaniif kenne Yihowaa akka taʼe sabichatti himeera. (2 Sen. 14:6, 7) Inni yeroon nagaa kun yeroo itti bashannanan akka taʼe itti hin dhagaʼamne. Kanaa mannaa magaalota, dallaawwan, masaraawwanii fi karrawwan ijaaruu jalqabeera. Namoota Yihudaatiin, ‘Biyyichi harka keenya jala jira’ jedheera. Aasaan maal jechuu isaa ture? Sabichi biyya Waaqayyo isaaniif kenne keessa bilisummaadhaan deemuu fi mormii diinotaa malee ijaaruu akka dandaʼan dubbachuu isaa ture. Kanaafuu, sabichi yeroo nagaa kanatti akka fayyadaman isaan gorseera. Kana malees, Aasaan yeroo nagaa kana humna waraanaa isaa cimsuuf itti fayyadameera. (2 Sen. 14:8) Akkas gochuun isaa Yihowaatti akka hin amanamne kan argisiisudhaa? Lakki. Kanaa mannaa, Aasaan mootii waan taʼeef, rakkina gara fuulduraatti sabicha mudachuu dandaʼuuf isaan qopheessuun hojii isaa akka taʼe beeka ture. Aasaan yeroon nagaa Yihudaa keessa jiru yeroo hundumaaf itti fufuu dhiisuu akka dandaʼu beeka ture. Kunis dhugaa taʼuun isaa mirkanaaʼeera. w20.09 15 key. 4-5

Roobii, Guraandhala 16

Wantoota barreeffaman irra hin darbin.—1 Qor. 4:6.

Jaarsi tokko garaa qulqulluudhaan kakaʼee, seera hoolota Waaqayyoo akka eegu isatti dhagaʼamu baasuu akka qabu isatti dhagaʼamuu dandaʼa. Haa taʼu malee, gaʼee jaarsa tokkoo fi mataa maatii tokkoo gidduu garaagarummaa guddaan jira. Fakkeenyaaf, Yihowaan jaarsoliin akka abbootii murtiitti akka tajaajilan isaan muudeera, akkasumas cubbamoota yaada hin geddaranne gumii keessaa akka baasan itti gaafatamummaa isaaniif kenneera. (1 Qor. 5:11-13) Gama biraatiin immoo Yihowaan mataawwan maatiitiif aangoo jaarsolii gumiitiif hin kennamne tokko tokko kenneera. Fakkeenyaaf, mataan maatii tokko maatii isaatiif seera akka baasuu fi seericha akka raawwachiisu aangoo isaaf kenneera. (Rom. 7:2) Mataan maatii tokko ijoolleen isaa galgala saʼaatii meeqatti akka manatti galan murteessuuf aangoo qaba. Ijoolleen isaa seera kana utuu hin kabajin yoo hafan isaan adabuufis aangoo qaba. (Efe. 6:1) Dhugaa dha, mataan maatii jaalala qabeessa taʼe tokko, maatii isaatiif seera baasuu isaa dura, isaan lamaan “foon tokko” waan taʼaniif haadha manaa isaa ni mariisisa.—Mat. 19:6. w21.02 16-18 key. 10-13

Kamisa, Guraandhala 17

[Ogummaan] elellaa caalaa gatii guddaa qabdi; wanti ati hawwitu kam iyyuu ishiidhaan qixxaachuu hin dandaʼu.—Fak. 3:15.

Sababiiwwan dhugaawwan Dubbii Waaqayyoo keessatti argaman gatii guddaa itti qabaatan keessaa tokko, Yihowaan dhugaawwan kana namoota gad of qabanii fi ‘kakaʼumsa sirrii qabaniif’ qofa kan ibsu taʼuu isaa ti. (HoE. 13:48) Namoonni akkasii karaa Waaqayyo yeroo harʼaatti dhugaawwan kana barsiisuuf itti fayyadamu ni fudhatu. (Mat. 11:25; 24:45) Dhugaawwan kana ofuma keenyaan barachuu hin dandeenyu; wanti akka dhugaawwan kanaa gatii guddaa qabu kan biraanis hin jiru. (Fak. 3:13) Dabalataanis Yihowaan waaʼee ofii isaa fi waaʼee kaayyoo isaa dhugaa jiru warra kaan akka barsiisnu mirga nuuf kenneera. (Mat. 24:14) Ergaan nuti labsinu namoonni kutaa maatii Yihowaa akka taʼan waan gargaaruu fi jireenya bara baraa akka argatan carraa waan isaaniif banuuf gatii guddaa qaba. (1 Xim. 4:16) Hirmaannaan tajaajila irratti goonu guddaas taʼe xinnoo hojii baayʼee barbaachisaa taʼee fi yeroo harʼaatti hojjetamu deggeraa jirra. (1 Xim. 2:3, 4) Waaqayyoo wajjin hojjechuun mirga guddaa dha!—1 Qor. 3:9. w20.09 26-27 key. 4-5

Jimaata, Guraandhala 18

Achitti obboloota kan arganne yeroo taʼu, . . . [isaanis] isaanii wajjin akka turru nu kadhatan.—HoE. 28:14.

Phaawulos gara Roomaatti imalaa yeroo turetti, gargaarsa Yihowaan karaa obboloota isaa isaaf godhu yeroo baayʼee argateera. Fakkeenyaaf, obboloonni amanamoon lama, jechuunis Arisxaarkosii fi Luqaas, Phaawulosii wajjin Roomaa deemuuf murteessanii turan. Namoonni kun nagaadhaan Roomaa akka gaʼan Yesuus tokkoo isaaniitiif illee waadaa akka gale wanti argisiisu jiraachuu baatus, Phaawulosii wajjin deemuuf lubbuu isaanii balaadhaaf saaxilanii turan. Lubbuudhaan akka oolan kan baran deemsa rakkisaa erga godhanii booda ture. Buufata doonii Siidoon yommuu gaʼan Yuuliyoos, Phaawulos, “gara michoota isaa dhaqee gargaarsa akka argatu isaaf heyyamee” ture. (HoE. 27:1-3) Boodas magaalaa Photiyoliitti, Phaawulosii fi michoonni isaa, ‘obboloota kan argatan yeroo taʼu, isaanis guyyaa torbaaf isaanii wajjin akka turan isaan kadhataniiru.’ Kiristiyaanonni iddoowwan kana jiran Phaawulosii fi michoota isaatiif wanta barbaachisu yommuu godhanitti, Phaawulos warra isa keessumsiisan kanatti muuxannoo nama jajjabeessu himuudhaan gammachuu guddaa isaaniif argamsiisee taʼuu qaba.—Hojii Ergamootaa 15:2, 3 wajjin wal bira qabii ilaali. w20.11 15-16 key. 15-17

Sanbadduraa, Guraandhala 19

Waaqayyoof buluun . . . jireenya ammaatiifis taʼe jireenya isa dhufuuf abdii [qaba].—1 Xim. 4:8.

Warra kan taatan, Yihowaa garaadhaa akka jaallattan, jechaa fi gocha keessaniin ijoollee keessan barsiisaa. Kennaa guddaan isaaniif kennuu dandeessan Yihowaa akka jaallatan isaan gargaaruu akka taʼe hubadhaa. Barumsa guddaa isaanii kennuu dandeessan keessaa tokko barsiifata qoʼannaa, kadhannaa, walgaʼiiwwanii fi tajaajila irratti hirmaachuu qaban eeganii akka itti fufan isaan barsiisuu dha. (1 Xim. 6:6) Dhugaa dha, wanta jireenyaaf barbaachisus ijoollee keessaniif kennuu qabdu. (1 Xim. 5:8) Taʼus, badiisa sirna moofaa kana irraa oolanii addunyaa haaraa Waaqayyootti akka galan kan gargaaru, qabeenya isaan qaban utuu hin taʼin, hariiroo gaarii ijoolleen keessan Yihowaa waliin qaban akka taʼe yaadadhaa. (His. 7:19) Warri Kiristiyaana taʼan hedduun maatii isaaniitiif jedhanii filannoo hafuuraa gaarii akka godhan arguun baayʼee nama gammachiisa! Ijoolleen maatii akkasii keessatti guddatan yeroo baayʼee barsiifata gaarii baratan eeganii itti fufu, kana gochuu isaaniitiinis matumaa hin gaabban.—Fak. 10:22. w20.10 28-29 key. 10-11

Dilbata, Guraandhala 20

Matumaa wanti kun si irra hin gaʼu.—Mat. 16:22.

Pheexiros ergamaan yeroo itti wanta booda itti gaabbu dubbate ykn godhe qaba ture. Fakkeenyaaf, Yesuus rakkinni akka isa irra gaʼu yommuu ergamoota isaatti dubbatu, Pheexiros yaada olitti ibsame dubbachuudhaan isatti dheekkameera. (Mat. 16:21-23) Yeroo kanatti Yesuus Pheexirosiin sirreesseera. Yeroo gareen namootaa tokko Yesuusiin qabuu dhufanitti Pheexiros ariitiidhaan tarkaanfii fudhatee, gurra garbicha luba ol aanaa tokkoo kuteera. (Yoh. 18:10, 11) Yesuus ammas isa sirreesseera. Dabalataanis Pheexiros ergamoonni kaan yoo duubatti jedhan illee, inni matumaa akka isa hin dhiisne of tuuluudhaan dubbateera. (Mat. 26:33) Haa taʼu malee, of tuulummaan isaa kun sodaa namaatiin akka moʼamu kan godhe siʼa taʼu, Pheexiros Gooftaa isaa siʼa sadii ganeera. Pheexiros baayʼee waan abdii kutateef, “gad baʼee hirqinfatee booʼe.” (Mat. 26:69-75) Inni Yesuus dhiifama naaf godhaa laata jedhee yaadee taʼuu dandaʼa. Taʼus, Pheexiros miirri abdii kutachuu akka isa liqimsu hin heyyamne. Erga gufatee booda kan bayyanate siʼa taʼu, yeroo booda ergamoota kaanii wajjin akka ture ibsameera.—Yoh. 21:1-3; HoE. 1:15, 16. w20.12 20 key. 17-18

Wiixata, Guraandhala 21

Isin abbootiin manaa, beekumsaan isaanii wajjin jiraachuu keessan itti fufaa. . . . Dubartoota warra isin caalaa akka qodaa cabuu taʼan kabajaa.—1 Phe. 3:7.

Mataan maatii tokko karaawwan hedduudhaan amala gad of qabuu argisiisuu dandaʼa. Fakkeenyaaf, haati manaa isaa fi ijoolleen isaa mudaa kan hin qabne akka taʼan hin eegu. Miseensonni maatii isaa yaada isaa irratti yommuu walii hin galletti illee yaada isaanii ni dhaggeeffata, akkasumas tilmaama keessa ni galcha. Dabalataanis abbaan manaa gad of qabu, hawaasa inni keessa jiraatu keessatti hojii dubartii akka taʼetti kan ilaalamu taʼus, hojii mana keessaa hojjechuuf fedhii qaba. Kun ulfaataa taʼuu dandaʼa. Maaliif? Obboleettiin Raasheel jedhamtu akkas jetteetti: “Bakka ani guddadhetti abbaan manaa qodaa dhiquu ykn mana qulqulleessuu haadha manaa isaa yoo gargaare firoonnii fi olloonni isaa dhiira akka hin taanetti isa ilaalu. Haadha manaa isaa ajajuu akka hin dandeenye godhanii yaadu.” Bakka isin jiraattanitti amalli akkasii baramaa yoo taʼe, hojii garbootaa akka taʼetti kan ilaalamu taʼus, Yesuus miilla barattoota isaa akka dhiqe yaadadhaa. Abbaan manaa gaariin tokko warri kaan inni cimaa ykn barbaachisaa akka taʼetti akka isa ilaalan gochuu hin barbaadu. Kanaa mannaa, haati manaa fi ijoolleen isaa gammadoo akka taʼan gochuu barbaada. w21.02 2 key. 3; 4 key. 11

Kibxata, Guraandhala 22

Waan tokko nan godha: Wantoota na duuba jiran irraanfadhee, wantoota fuula koo dura jiranitti nan hiixadha; galma sana bira gaʼuuf . . . carraaqaan jira.—Filp. 3:13, 14.

Yaadannoo gaariin eebba Yihowaa biraa argamu dha; taʼus, jireenyi kanaan dura dabarsine hammam iyyuu gaarii yoo taʼe, jireenyi addunyaa haaraa keessatti jiraannu caalaatti gaarii taʼa. Warri kaan nu miidhuu dandaʼu, taʼus dhiifama gochuuf yoo filanne Yihowaa tajaajiluu irratti xiyyeeffachuu dandeenya. Miirri balleessaa guddaan, gammachuudhaan Yihowaa akka hin tajaajille nu taasisuu dandaʼa. Taʼus, akkuma Phaawulos ergamaa Yihowaan dhiifama akka nuuf godhe amanuu qabna. (1 Xim. 1:12-15) Abdii bara baraaf jiraachuu qabna. Addunyaa haaraa keessatti wanta kanaan dura hojjenne yaadannee hin gaddinu. Kitaabni Qulqulluun yeroo sana ilaalchisee, “Wantoonni duraanii hin yaadataman” jedha. (Isa. 65:17) Mee yaadi: Nu keessaa tokko tokko hamma dullumaatti Yihowaa tajaajilaa turreerra, addunyaa haaraa keessatti garuu deebinee dargaggoota taana. (Iyo. 33:25) Kanaafuu, wanta kanaan dura dabarsine irratti xiyyeeffachuu dhiisuuf haa murteessinu. Kanaa mannaa, addunyaa haaraa irratti haa xiyyeeffannu, akkasumas achi jiraachuuf amma wanta nuuf dandaʼame hunda haa goonu! w20.11 24 key. 4; 29 key. 18-19

Roobii, Guraandhala 23

[Tuuta] uummataa guddaa [nan arge] . . . Isaan . . . sagalee guddaadhaan, “Fayyina kan arganne, Waaqa [keenyaa] . . . fi Hoolicha irraa ti” jedhanii iyyu turan.—Mul. 7:9, 10.

Gara fuulduraatti maaltu nu eeggata? Yeroo rakkina guddaatti Yihowaan karaawwan dinqisiisoo lamaan nu oolcha. Tokkoffaa, mootummoonni lafaa Baabilon Guddittii ishii bulchiinsa amantii sobaa taate akka balleessan yommuu godhutti tajaajiltoota isaa amanamoo ni oolcha. (Mul. 17:16-18; 18:2, 4) Achiis Armaagedoonitti warra addunyaa Seexanaa irraa hafan yommuu balleessu saba isaa ni oolcha. (Mul. 16:14, 16) Yihowaatti maxxannee yommuu jiraannu Seexanni miidhaa itti fufiinsa qabu nu irraan geessisuu hin dandaʼu. Kanaa mannaa miidhaan itti fufiinsa qabu isuma irra gaʼa. (Rom. 16:20) Kanaafuu meeshaa waraanaa guutuu uffadhaa, itti fayyadamuu keessanis itti fufaa! Waraanicha irratti kophaa keessan hirmaachuuf hin yaalinaa. Obbolootaa fi obboleettota keessan deggeraa. Akkasumas qajeelfama Yihowaan isiniif kennu hordofaa. Taanaan Abbaan keessan inni samii jaalala qabeessa taʼe akka isin cimsuu fi isin eegu mirkanaaʼoo taʼuu dandeessu.—Isa. 41:10. w21.03 30 key. 16-17

Kamisa, Guraandhala 24

Tasgabbaaʼuu fi anatti [amanamuudhaan] jabina ni argattu.—Isa. 30:15.

Yihowaa akka amanannu akkamitti argisiisuu dandeenya? Qajeelfama inni nuuf kennu hojii irra oolchuudhaani. Kitaabni Qulqulluun seenaawwan hedduu faayidaa tasgabbaaʼuu fi Yihowaatti amanamuun qabu ibsan qabateera. Seenaawwan kana yommuu qoʼattan, tajaajiltoonni Yihowaa utuma mormii cimaan isaan irra gaʼuu akka tasgabbaaʼan maaltu akka isaan gargaare hubadhaa. Fakkeenyaaf, manni murtii ol aanaa Yihudootaa lallabuu akka dhaaban yommuu isaan ajajetti ergamoonni hin sodaanne. Kanaa mannaa ija jabinaan, “Nuti namootaaf ajajamuu irra Waaqayyoof akka bulchaa keenyaatti ajajamuu qabna” jedhaniiru. (HoE. 5:29) Ergamoonni erga garafamanii booda illee hin sodaanne. Maaliif? Yihowaan akka isaan deggeru waan beekaniif ture. Inni isaanitti gammadeera. Kanaafuu, misiraachicha lallabuu isaanii itti fufaniiru. (HoE. 5:40-42) Haaluma kana fakkaatuun, Isxifaanos baratichis yommuu ajjeefamuuf jedhetti, nagaa fi tasgabbii guddaa qabaachuu isaatiin kan kaʼe, fuulli isaa “akka fuula maleekaa” taʼee ture. (HoE. 6:12-15) Maaliif? Yihowaa biratti fudhatama akka argate mirkanaaʼaa waan tureefi. w21.01 4 key. 10-11

Jimaata, Guraandhala 25

Isaan uffata isaanii dhiiga Hoolichaatiin miiccatanii addeeffataniiru.—Mul. 7:14.

Kun, qalbii qulqulluu akka qabanii fi Yihowaa duratti qajeeloo akka taʼan argisiisa. (Isa. 1:18) Isaan Kiristiyaanota of murteessanii cuuphaman, aarsaa Yesuus irratti amantii cimaa qabanii fi Yihowaa wajjin hariiroo qabani dha. (Yoh. 3:36; 1 Phe. 3:21) Kanaafuu, mana qulqullummaa hafuuraa mooraa isa lafa irraa keessatti teessoo Waaqayyo dura dhaabatanii ‘halkanii fi guyyaa tajaajila qulqulluu’ dhiheessuuf gaʼumsa qabu. (Mul. 7:15) Yeroo ammaa illee fedhii Mootummichaa kan ofii isaanii dursuudhaan hojii lallabuu fi barattoota gochuu gara caalaa isaa raawwachaa jiru. (Mat. 6:33; 24:14; 28:19, 20) Tuutni uummataa guddaan rakkina guddaa irraa oolan Waaqayyo akka isaan kunuunsu beeku; sababiin isaas, ‘inni teessicha irra taaʼe sun dunkaana isaa isaan irra ni diriirsa.’ Achiis waadaan hoolonni kan biroon eegaa turan guutummaatti raawwatama: “[Waaqayyo] imimmaan hundumaa ija isaanii irraa ni haqa.”—Mul. 21:3, 4. w21.01 16 key. 9-10

Sanbadduraa, Guraandhala 26

Ani hafuura koo foon kan taʼe hunda irratti nan dhangalaasa; ijoolleen dhiiraa fi ijoolleen durbaa keessan raajii ni dubbatu.—HoE. 2:17.

Miseensa maatii Yihowaa taʼuu keenyatti baayʼee gammanna, akkasumas hundi keenya qophii Yihowaan matummaadhaaf godhe kabajuuf wanta dandeenye hunda ni goona. Kitaabni Qulqulluun Yihowaan dubartootaafis taʼe dhiirotaaf iddoo guddaa akka kennu argisiisa. Fakkeenyaaf, jaarraa jalqabaatti Yihowaan dhiirotaafis taʼe dubartootaaf hafuura qulqulluu akka kenne ni ibsa. Akkasumas afaan adda addaa dubbachuu dabalatee dinqiiwwan akka raawwatan humna isaaniif kennee ture. (HoE. 2:1-4, 15-18) Lamaan isaanii iyyuu Kiristoosii wajjin akka bulchaniif hafuura qulqulluudhaan dibamanii turan. (Gal. 3:26-29) Dubartoonnis taʼan dhiironni badhaasa bara baraaf lafarra jiraachuu argatu. (Mul. 7:9, 10, 13-15) Akkasumas Dubartoonnis taʼan dhiironni misiraachicha lallabuu fi barsiisuuf mirga argataniiru. (Mat. 28:19, 20) Kitaabni Hojii Ergamootaa obboleettiin Phirisqillaa jedhamtu abbaa manaa ishii Aqiilaa wajjin nama sirriitti baratee fi Apholos jedhamuuf dhugaa sirriitti ibsuu irratti gargaarsa akka goote dubbata.—HoE. 18:24-26. w21.02 14 key. 1, 4

Dilbata, Guraandhala 27

Ofii keessaniifis taʼe guutummaa tuuta hoolotaatiif xiyyeeffannaa kennaa . . . Gumii Waaqayyoo [tiksee taʼaa eegaa].—HoE. 20:28.

Jaarsoliin babalʼistoonni qoʼannaa geggeessuu dabalatee tajaajila isaanii irratti buʼa qabeeyyii akka taʼan gargaaruuf itti gaafatamummaa guddaa qabdu. Namni tokko bakka isin jirtanitti qoʼannaa geggeessuun kan isa qaanessu yoo taʼe, qoʼannaa sana geggeessuu akka dandeessan itti himaa. Jaarsoliin barsiisota jajjabeessuuf wanta hedduu gochuu dandaʼu. (1 Tas. 5:11) Yeroo ammaatti qoʼannaa geggeessaa kan hin jirre taanus, namni tokko karaa hafuuraa akka guddatu gargaaruu dandeenya. Yommuu qoʼannaan geggeeffamu baayʼee utuu hin dubbatin yaadawwan gaggaarii kennuudhaan barsiisicha gargaaruu dandeenya. Yeroo barattoonni gara Galma Walgaʼii dhufan michoota isaanii taʼuu fi fakkeenya gaarii isaaniif taʼuu dandeenya. Jaarsoliinis barattootaaf yeroo ramaduudhaan, akkasumas barsiisota leenjisuu fi isaan galateeffachuudhaan isaan jajjabeessuu dandaʼu. Dhuguma iyyuu namni tokko Abbaa keenya Yihowaa akka jaallatuu fi akka isa tajaajilu gargaaruu irratti gumaacha xinnoo illee akka goone beekuun keenya gammachuu guddaa nuuf argamsiisa. w21.03 13 key. 18-19

Wiixata, Guraandhala 28

Warri isa sodaatan Yihowaa wajjin michummaa cimaa qabu.—Far. 25:14.

Daawit jireenya isaa keessatti nama itti gaafatamummaan isatti dhagaʼamuu fi hojii isaaf kenname fiixaan baasu akka taʼe mirkaneesseera. Fakkeenyaaf, yeroo ijoollee turetti, hoolota abbaa isaa dammaqinaan eegaa ture. Hojiin kun balaadhaaf kan isa saaxilu ture. Daawit yeroo booda Saaʼol Mootichaan akkana jedhee ture: “Ani tajaajilaan kee yommuun hoolota abbaa koo tiksaa turetti, leencis taʼe amaakenni dhufee tuuta hoolotaa keessaa tokko fudhatee deema ture. Anis isa duukaa buʼee rukutee hoolicha afaan isaatii nan buusan ture.” (1 Sam. 17:34, 35) Daawit hoolota isaatiif eegumsa gochuu akka qabu beeka ture. Obboloonni dargaggoota taʼan hojii isaaniif kenname kam iyyuu jabaatanii hojjechuudhaan fakkeenya Daawit hordofuu dandaʼu. Daawit Yihowaa wajjin michummaa cimaa uumeera. Michummaan kun ija jabina ykn dandeettii baganaa taphachuu Daawit qabu caalaa baayʼee barbaachisaa ture. Yihowaan Daawitiif Waaqa qofa utuu hin taʼin, Michuu baayʼee isatti dhihaatu ture. Obboloonni dargaggoota taatan, wanti baayʼee barbaachisaan gochuu dandeessan hariiroo Abbaa keessan isa samii wajjin qabdan cimsachuu dha. w21.03 3 key. 4-5

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi