LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • es22 ful. 26-36
  • Bitootessa

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Bitootessa
  • Kitaaba Qulqulluu Guyyaa Guyyaan Qoruu—2022
  • Mata Dureewwan Xixiqqaa
  • Kibxata, Bitootessa 1
  • Roobii, Bitootessa 2
  • Kamisa, Bitootessa 3
  • Jimaata, Bitootessa 4
  • Sanbadduraa, Bitootessa 5
  • Dilbata, Bitootessa 6
  • Wiixata, Bitootessa 7
  • Kibxata, Bitootessa 8
  • Roobii, Bitootessa 9
  • Kamisa, Bitootessa 10
  • Jimaata, Bitootessa 11
  • Sanbadduraa, Bitootessa 12
  • Dilbata, Bitootessa 13
  • Wiixata, Bitootessa 14
  • Kibxata, Bitootessa 15
  • Roobii, Bitootessa 16
  • Kamisa, Bitootessa 17
  • Jimaata, Bitootessa 18
  • Sanbadduraa, Bitootessa 19
  • Dilbata, Bitootessa 20
  • Wiixata, Bitootessa 21
  • Kibxata, Bitootessa 22
  • Roobii, Bitootessa 23
  • Kamisa, Bitootessa 24
  • Jimaata, Bitootessa 25
  • Sanbadduraa, Bitootessa 26
  • Dilbata, Bitootessa 27
  • Wiixata, Bitootessa 28
  • Kibxata, Bitootessa 29
  • Roobii, Bitootessa 30
  • Kamisa, Bitootessa 31
Kitaaba Qulqulluu Guyyaa Guyyaan Qoruu—2022
es22 ful. 26-36

Bitootessa

Kibxata, Bitootessa 1

Yommuu namoonni isin jibban . . . gammadaa.—Luq. 6:22.

Jibbamuu hin barbaannu. Amantii keenyaan kan kaʼe ariʼatamni nu irra gaʼuun isaa nu hin gammachiisu. Maarree yommuu jibbamnu kan gammannu maaliifi? Mee sababiiwwan sadii haa ilaallu. Tokkoffaa, yommuu jibba dandamannu Waaqayyo biratti fudhatama arganna. (1 Phe. 4:13, 14) Lammaffaa, amantiin keenya ni qulqullaaʼa, caalaattis cimaa taʼa. (1 Phe. 1:7) Akkasumas sadaffaa, badhaasa gatii guddaa qabu, jechuunis jireenya bara baraa arganna. (Rom. 2:6, 7) Yesuus erga duʼaa kaʼee yeroo muraasa booda, ergamoonni gammachuu inni waaʼee isaa dubbate sana argataniiru. Erga garafamanii fi lallabuu akka dhaaban itti himamee booda gammadanii turan. Maaliif? “Maqaa [Yesuusiif] jedhanii salphifamuu akka ulfinaatti lakkaaʼanii” waan turaniifi. (HoE. 5:40-42) Jaalalli isaan Gooftaa isaaniitiif qaban, sodaa isaan jibba diinota isaaniitiif qaban irra ni caala ture. Akkasumas misiraachicha “utuu wal irraa hin kutin” lallabuudhaan jaalala isaanii argisiisaniiru. Obboloonni keenya yeroo harʼaa jiran hedduun utuma rakkoowwan isaan mudatanii amanamummaadhaan tajaajilaa jiru. Isaan Yihowaan hojii isaanii fi jaalala isaan maqaa isaatiif argisiisan akka hin irraanfanne beeku. w21.03 25 key. 18-19

Roobii, Bitootessa 2

Inni garaa ilmaan namootaa keessa bara baraaf jiraachuu kaaʼeera.—Lal. 3:11.

Kiristiyaanonni dibamoon abdii samii qabaatanii hin dhalanne. Abdii kana Waaqayyotu isaaniif kenna. Waaʼee abdii isaanii ni yaadu, ni kadhatu, badhaasa isaanii isa samii argachuufis hawwii guddaa qabu. Samii irratti qaamni isaanii maal fakkaachuu akka dandaʼu hin beekan. (Filp. 3:20, 21; 1 Yoh. 3:2) Taʼus Mootummaa samii keessatti iddoo isaaniif qophaaʼe fudhachuuf ni hawwu. Hoolonni kan biroon abdii bara baraaf lafa irra jiraachuu namoonni uumamaan qaban argachuuf hawwu. Guutummaa lafaa gara jannataatti jijjiiruu irratti yeroo gargaarsa godhan hawwiidhaan eeggatu. Yeroo mana ijaarratan, biqiltuu dhaabbatanii fi ijoollee fayya buleeyyii guddifatan hawwii guddaadhaan eeggatu. (Isa. 65:21-23) Iddoo gara garaa deemanii gaarreen, bosonaa fi galaana yommuu ilaalan, akkasumas wantoota Yihowaan uume yommuu qoratan abdiidhaan eeggatu. Hunda caalaa immoo hariiroon Yihowaa waliin qaban caalaatti guddachaa akka deemu beekuun baayʼee isaan gammachiisa. w21.01 18-19 key. 17-18

Kamisa, Bitootessa 3

Mana Waaqa dhugaa ni gube . . . wantoota gatii guddaa qaban hundumaas ni balleesse.—2 Sen. 36:19.

Baabilononni biyyattii weeraranii erga balleessanii booda namoonni biyyicha ilaalchisee, “Harka warra Baabilonitti kennameera, oneera, namni, horiinis keessa hin jiru” jechuu malee wanta biraa dubbachuu hin dandaʼan. (Er. 32:43) Yoʼel raajii kana erga dubbatee gara waggaa 200 booda Yihowaan Ermiyaasitti fayyadamee waaʼee haleellaa kanaa raajii tokko dubbateera. Weerartoonni sun Israaʼeloota gochawwan hamoo taʼan irratti hirmaatan of eeggannoodhaan akka barbaadanii fi hunda isaanii akka qaban dubbateera. “Waaqayyo, ‘Kunoo, akka qurxummiitti jara kana akka qabaniif qurxummi-qabduu baayʼee waamee nan fida; kana booddee immoo adamsitoota warra tulluu hundumaa fi gaara hundumaa irra, holqa dhagaa hundumaa keessas isaan adamsan isaanitti nan erga. Isaan wanta jibbisiisaa akka raqaatiin biyya koo waan xureessaniif . . . dachaa lama isaan nan adaba’ jedhe.” Galaannis taʼe bosonni weerara Baabilonotaa jalaa Israaʼeloota yaada hin geeddaranne dhoksuu hin dandaʼu.—Er. 16:16, 18. w20.04 5 key. 12-13

Jimaata, Bitootessa 4

[Loox ni mame].—Uma. 19:16.

Loox yeroo baayʼee murteessaa taʼe tokkotti, qajeelfama Yihowaatiif dafee utuu hin ajajamin hafeera. Tarii Loox dantaa kan hin qabne darbees kan hin ajajamne akka taʼe goonee yaanna taʼa. Haa taʼu malee, Yihowaan isatti abdii hin kutanne. Kanaa mannaa, “Gara laafina Yihowaan isaaf qabuun kan kaʼe” maleekonni sun harka maatii isaa qabanii magaalattii keessaa gad isaan baasan. (Uma. 19:15, 16) Yihowaan Looxitti gara laafina kan argisiise sababa tokko tokko waan qabuuf taʼuu dandaʼa. Tarii Loox mana isaa gadhiisee baʼuuf kan mame namoota magaalattiidhaa alatti argaman waan sodaateef taʼuu dandaʼa. Kana malees, balaawwan kan biroon jiru turan. Tarii Loox mootota lamaan warra sulula tokko biratti boollawwan reenjii keessatti kufanis beekuu hin oolu. (Uma. 14:8-12) Loox abbaa manaa fi abbaa ijoollee waan taʼeef, waaʼee maatii isaa yaaddaʼee taʼuu qaba. Kana malees Loox sooressa waan tureef, Sodoom keessaa mana gaarii qabaachuu hin oolu. (Uma. 13:5, 6) Dhugaa dha, wantoota kana keessaa tokko illee Loox yeruma sana Yihowaadhaaf ajajamuu dhiisuuf sababa taʼuu hin dandaʼu. Haa taʼu malee, Yihowaan dogoggora Loox irratti qofa hin xiyyeeffanne, kanaa mannaa, akka ‘nama qajeelaatti’ isa ilaaleera.—2 Phe. 2:7, 8. w20.04 17-18 key. 13-14

Sanbadduraa, Bitootessa 5

Tuutni dargaggoota keetii akka fixeensa barraaqa buʼuu ti.—Far. 110:3.

Dargaggootaa, namoonni ijoollummaa keessanii kaasanii isin beekan akka nama guddaatti isin ilaaluuf yeroo isaanitti fudhata taʼa. Haa taʼu malee, Yihowaan wanta alaan mulʼatu qofa akka hin ilaalle mirkanaaʼoo taʼuu dandeessu. Inni eenyummaa keessanii fi wanta gochuu dandeessan beeka. (1 Sam. 16:7) Kanaafuu hariiroo Waaqayyoo wajjin qabdan cimsadhaa. Daawit wantoota Yihowaan uume ilaaluudhaan akkas gochuu dandaʼeera. Uumamawwan kun waaʼee Uumaa maal akka isa barsiisan irratti xiinxaleera. (Far. 8:3, 4; 139:14; Rom. 1:20) Wanti gochuu dandeessan kan biraan immoo, jabina isin barbaachisu akka isiniif kennu Yihowaa kadhachuu dha. Fakkeenyaaf, ijoolleen isinii wajjin baratan tokko tokko Dhugaa Baatota Yihowaa taʼuu keessaniin isinitti qoosuu? Taanaan, Yihowaan rakkina kana dandamachuuf akka isin gargaaru kadhadhaa. Gorsa gaarii Dubbii isaa, barreeffamootaa fi viidiyoowwan Kitaaba Qulqulluu irratti hundaaʼan irraa argattanis hojii irra oolchaa. Yihowaan rakkina sana dandamachuuf akka isin gargaare yommuu hubattan hundatti, amanannaan isa irratti qabdan ni guddata. Kana malees, warri kaan Yihowaa akka amanattan yommuu argan, isaanis amanannaa isin irratti qabaatu. w21.03 4 key. 7

Dilbata, Bitootessa 6

Kadhannaan qajeelotaa . . . [Yihowaa ni] gammachiisa.—Fak. 15:8.

Michoonni walitti dhihaatan yaada isaanii fi miira isaanii waliif ni ibsu. Kun michummaa Yihowaa wajjin qabnuu wajjin haala wal qabateen ni hojjetaa? Eeyyee! Yihowaan karaa Dubbii isaa nutti dubbata, achi keessattis yaada isaa fi miira isaa nuuf ibseera. Nutis kadhannaadhaan isatti dubbanna, akkasumas yaada keenya isa dhokataa fi miira keessa keenya jiru isaaf ibsuu dandeenya. Yihowaan Michuu jaalala qabeessa waan taʼeef, kadhannaa keenya dhagaʼuu qofa utuu hin taʼin deebiis nuu kenna. Yeroo tokko tokko dafnee deebii arganna. Yeroo tokko tokko immoo waaʼee dhimma tokkoo kadhachuu keenya itti fufuu qabna taʼa. Haa taʼu malee, yeroo sirrii taʼettii fi karaa hunda irra caaluun kadhannaa keenyaaf deebii akka argannu mirkanaaʼoo taʼuu dandeenya. Dhugaa dha, deebiin Waaqayyo nuuf kennu isa nuti eegne irraa adda taʼuu dandaʼa. Fakkeenyaaf, rakkina tokko nuu balleessuu mannaa, ogummaa fi jabina ‘jabaannee dhaabbachuuf’ nu dandeessisu nuu kennuu dandaʼa. (1 Qor. 10:13) Kennaa kadhannaa isa gatiidhaan hin shallagamneef dinqisiifannaa qabnu argisiisuu kan dandeenyu akkamitti? Karaan inni tokko gorsa Waaqayyoo isa, “Utuu gargar hin kutin kadhadhaa” jedhu hojii irra oolchuudhaani.—1 Tas. 5:17. w20.05 27-28 key. 7-8

Wiixata, Bitootessa 7

Namni hanga dhumaatti jabaatee dhaabbatu . . . ni fayya.—Mat. 24:13.

Morkattoonni dorgommii fiigicha dheeraa irratti hirmaatan akka hin gufannetti daandii fuuldura isaanii dura jiru irratti xiyyeeffatu. Haa taʼu malee, akkuma tasaa warri isaan wajjin fiigan isaan gufachiisuu ykn boolla keessa galuu dandaʼu. Yoo kufan ammas kaʼanii fiiguu isaanii itti fufu. Namoonni kun adda durummaadhaan kan xiyyeeffatan wanta isaan gufachiise irratti utuu hin taʼin, sarara xumuraa fi badhaasa moʼachuuf hawwatan irratti dha. Dorgommii fiigichaa keenya irratti, wanta dubbannuu fi wanta goonuun dogoggora raawwachuudhaan yeroo baayʼee gufachuu dandeenya. Yookiin warri nu wajjin fiigan dogoggora nu miidhu raawwachuu dandaʼu. Kun wanta eegamu dha. Hundi keenya mudaa qabna; akkasumas hundi keenya daandii jireenyatti geessuu fi dhiphaa taʼe irra fiigaa jirra. Kanaan kan kaʼes, darbee darbee walitti buʼuun keenya hin oolu. (Qol. 3:13) Haa taʼu malee, wanta nu gufachiise irratti utuu hin taʼin, badhaasa fuula keenya dura jiru irratti haa xiyyeeffannu, akkasumas kaanee fiiguu keenya itti haa fufnu. Aarree fi mufannee Yihowaa tajaajiluu keenya itti fufuu yoo dhiisne sarara isa xumuraa bira hin geenyu, badhaasichas hin argannu. Kana malees, warra jireenya argachuuf daandii isa dhiphaa irra fiiguuf yaalii godhan gufachiisuun keenya hin oolu. w20.04 26 key. 1; 28 key. 8-9

Kibxata, Bitootessa 8

Mootummaan kun . . . mootummoota kana hundumaa caccabsee ni balleessa.—Dan. 2:44.

Daaniʼel raajichi mootummoota namootaa duraa duubaan kaʼanii fi saba Waaqayyoo irratti dhiibbaa guddaa geessisan ibseera. Mootummoonni kun akka kutaa garaa garaa fakkii sibiilaa guddaa tokkootti ibsamaniiru. Mootummoota namaa warra duraa duubaan kaʼan sana keessaa inni dhumaa miila fakkii sanaa isa sibiila dhoqqee supheetiin makame irraa tolfametti fakkeeffameera. Miilli sun Mootummaa Addunyaa Angiloo Ameerikaa argisiisa. Raajiin kun yommuu Mootummaan Waaqayyoo mootummoota namaa rukutee balleessutti mootummaan kun bulchaa akka jiru argisiisa. Yohaannis ergamaanis mootummoota addunyaa duraa duubaan kaʼanii fi saba Waaqayyoo irratti dhiibbaa guddaa geessisanii turan ibseera. Yohaannis mootummoota kana bineensa mataa torba qabutti fakkeesseera. Mataa torbaffaan bineensa sanaa Mootummaa Addunyaa Angiloo Ameerikaa argisiisa. Bineensi sun sana booda mataa kan biraa waan hin biqilchineef, yaada kana hubachuun keenya barbaachisaa dha. Kiristoosii fi humnoonni isaa warri samii keessa jiran mataa torbaffaa kanaa fi bineensicha yommuu balleessanitti mataa torbaffaan kun bulchuu irratti argama.—Mul. 13:1, 2; 17:13, 14. w20.05 14 key. 11-12

Roobii, Bitootessa 9

Waaqayyo jaalala.—1 Yoh. 4:8.

Yaadni gabaabaan kun dhugaa guddaa tokko nu yaadachiisa: Waaqayyo inni Madda jireenyaa taʼe, madda jaalalaatis. Yihowaan nu jaallata! Jaalalli isaa nageenyaa fi gammachuu akka qabnu, akkasumas wanta nu barbaachisu akka arganne akka nutti dhagaʼamu godha. Jaalala argisiisuun Kiristiyaanotaaf wanta filannaadhaaf dhiifame miti. Kana gochuun ajaja dha. (Mat. 22:37-40) Yommuu Yihowaa akka gaariitti beeknu, ajaja isa jalqabaa hojii irra oolchuun salphaa nuuf taʼa. Kana malees, Yihowaan mudaa hin qabu; inni nuuf ni yaada, akkasumas gaarummaa nutti argisiisa. Taʼus, ajaja isa lammaffaa hojii irra oolchuun nutti ulfaachuu dandaʼa. Maaliif? Obboloonnii fi obboleettonni keenya warri baayʼee nutti dhihaatan mudaa qabu. Yeroo tokko tokko wanta jaalalaa fi gaarummaa akka isaan hin qabne nutti dhagaʼamu dubbachuu ykn gochuu dandaʼu. Yihowaan kun akka nu mudatu waan beekuuf, barreessitoonni Kitaaba Qulqulluu tokko tokko jaalala walitti argisiisuu kan qabnu maaliif akka taʼee fi akkamitti akka taʼe gorsa ifa taʼe akka barreessan hafuura isaatiin isaan geggeesseera. Isaan keessaa tokko Yohaannis ergamaa dha.—1 Yoh. 3:11, 12. w21.01 8 key. 1-2

Kamisa, Bitootessa 10

Seexanaan [hin gowwoomfaminaa].—2 Qor. 2:11.

Yihowaa tajaajiluu kan jalqabne dhiheenyas taʼe waggoota hedduudhaaf tajaajilaa kan turre, akkas jennee of gaafachuu qabna: “Yaalii Seexanni garaa koo hihhiruuf godhu mormaan jiraa?” Fakkeenyaaf, televizyinii ykn Intarneetii irratti fakkii fedhii saalqunnamtii kakaasuu dandaʼu tokko yoo argite maal goota? Fakkichi ykn fiilmichi kallattiidhaan poornoogiraafii miti jedhanii sababii dhiheessuun salphaa taʼuu dandaʼa. Haa taʼu malee, wanta Seexanni garaa kee hihhiruuf itti fayyadamu taʼuu dandaʼaa laata? Fakkichi sibiila xinnoo namni tokko muka guddaa baqaqsuuf itti fayyadamuu wajjin wal fakkaachuu dandaʼa. Jalqaba qara sibiilichaa isa haphii mukichatti galcha. Achiis sibiilicha irra deddeebiʼee yommuu itti rukutu, mukichi gargar baqaqa. Fakkiin fedhii saalqunnamtii kakaasu tokko kutaa sibiilichaa isa haphii wajjin wal fakkaachuu dandaʼaa? Wanti xinnoon miidhaa kan hin qabne fakkaatuun jalqabame, namni tokko hatattamaan cubbuu cimaa garaa isaa hihhiruu fi amanamummaa isaa cabsu raawwachuutti geessuu dandaʼa. Kanaafuu, wanti sirrii hin taane akkamii iyyuu garaa keetti akka seenu hin heyyamin. Maqaa Yihowaa akka sodaattuuf garaan kee akka hin hihhiramne eeguu kee itti fufi! w20.06 11-12 key. 14-15

Jimaata, Bitootessa 11

Dadhabina warra jaboo hin taanee baachuu qabna.—Rom. 15:1.

Namoota qabbanaaʼaniif deggersa itti fufiinsa qabu isaaniif gochuu qabna. Akkuma ilma badee fi fakkeenya Yesuus keessatti ibsame sanaa miirri isaanii baayʼee miidhamee taʼuu dandaʼa. (Luq. 15:17-24) Akkasumas wanta addunyaa Seexanaa keessatti isaan mudateen kan kaʼe karaa hafuuraa baayʼee laafanii taʼuu dandaʼa. Amantii Yihowaa irratti qaban deebisanii akka jabeeffatan isaan gargaaruu nu barbaachisa. Yesuus fakkeenya waaʼee hoolaa badee ibsu keessatti, tikseen sun hoolaa sana gateettii isaa irra kaaʼuudhaan akkamitti baatee gara tuuta hoolotaatti akka deebise ibseera. Tikseen sun hoolaa bade sana barbaaduudhaan saʼaatii hedduu dabarseera, akkasumas humna hedduu fixeera. Taʼus, hoolaan sun ofuma isaatiin deebiʼuuf humna waan hin qabneef, isa baatee gara tuuta hoolotaatti deebisuu akka qabu hubateera. (Luq. 15:4, 5) Namoonni qabbanaaʼan dadhabina isaanii akka moʼaniif, yeroo fi humna hedduu aarsaa gochuu nu barbaachisuu dandaʼa. Taʼus, gargaarsa hafuura Yihowaa, Dubbii isaa fi barreeffamoota karaa gumii argannuun, karaa hafuuraa deebiʼanii akka ciman isaan gargaaruu dandeenya. Kanaafuu, nama qabbanaaʼe tokko akka qoʼachiistu yoo gaafatamte, mirga kana gammachuudhaan fudhachuu qabda. w20.06 28 key. 14-15

Sanbadduraa, Bitootessa 12

Jaalala yoo waliif qabaattan, namoonni hundi akka isin barattoota koo taatan kanaan ni beeku.—Yoh. 13:35.

Hundi keenya mallattoo Kiristiyaanota dhugaa adda baasee beeksisu, jechuunis jaalala argisiisuu qabna. Taʼus “beekumsa sirrii fi hubannaa guutuu” qabaachuus nu barbaachisa. (Filp. 1:9) Taʼuu baannaan garuu, gantoota dabalatee “qilleensa barumsaa hundaan, mala gowwoomsaa namootaatiin” fudhatamuu dandeenya. (Efe. 4:14) Barattoonni Dh.K.B. jaarraa jalqabaatti turan hedduun Yesuus duukaa buʼuu yommuu dhaabanitti, Pheexiros ergamaan Yesuus “dubbii jireenya bara baraa” akka qabu amanannaa cimaa qabu ibseera. (Yoh. 6:67, 68) Pheexiros yeroo sanatti dubbii sana guutummaatti hubachuu baatus, dhugaa waaʼee Kiristoos ibsu waan hubateef amanamaa taʼee jiraateera. Isinis amanannaa wanta Kitaabni Qulqulluun barsiisu irratti qabdan cimsachuu dandeessu. Akkas yoo gootan, wanti kam iyyuu yoo isin mudate amantiin keessan cimaa taʼee itti fufa, warri kaanis amantii isaanii akka cimsatan gargaaruu dandeessu.—2 Yoh. 1, 2. w20.07 8 key. 2; 13 key. 18

Dilbata, Bitootessa 13

Yaa ijoolle, dubbiidhaan yookiin afaaniin utuu hin taʼin, hojii fi dhugaadhaan wal haa jaallannu.—1 Yoh. 3:18.

Obboloonnii fi obboleettonni keenya dhugaa keessa jiraachuu isaanii akka itti fufan gargaaruuf, gara laafina isaanitti argisiisuu qabna. (1 Yoh. 3:10, 11, 16, 17) Yeroo haalli isaa gaarii taʼutti qofa utuu hin taʼin, yeroo rakkinni uumamuttis wal jaallachuu qabna. Fakkeenyaaf, nama nama jaallatu duʼaan dhabee fi jajjabinni isa barbaachisu ykn karaa qabatamaa taʼeen gargaarsi isa barbaachisu beektaa? Yookiin waaʼee obboloota balaa uumamaatiin qabeenya isaanii dhabanii fi Galma Walgaʼii isaanii ykn mana isaanii deebisanii ijaaruuf gargaarsi isaan barbaachisu hoo dhageesseettaa? Wanta dubbannuun qofa utuu hin taʼin, hunda caalaa gocha keenyaan jaalallii fi gara laafinni obboloota keenyaaf qabnu hammam cimaa akka taʼe argisiisna. Yeroo jaalala walitti argisiisnu fakkeenya Abbaa keenya isa jaalala qabeessa taʼee hordofna. (1 Yoh. 4:7, 8) Karaa guddaan jaalala walitti argisiisnu tokko dhiifama waliif gochuu dha. Fakkeenyaaf, namni tokko nu miidha taʼa, achiis dhiifama nu gaafata taʼa. Dhiifama isaaf gochuu fi dogoggora inni raawwate irraanfachuudhaan jaalala argisiisuu dandeenya.—Qol. 3:13. w20.07 24 key. 14-15

Wiixata, Bitootessa 14

Qajeelonnis taʼan jalʼoonni duʼaa [ni kaafamu].—HoE. 24:15.

Akkuma yeroo harʼaa yommuu Kitaaba Qulqulluu qoʼachiisnu goonu, namoota duʼaa kaʼan hundumaaf barumsa wal fakkaatu kenninaa? Namoonni duʼaa kaʼan kun warra isaan booda duʼaa kaʼan akka barsiisaniif gumiiwwanitti ramadamanii leenjii akka argatan ni godhamaa? Kana yommuu yeroon isaa gaʼu argina. Taʼus, dhuma Bulchiinsa Barkumee Kiristoositti ‘lafti beekumsa Waaqayyootiin akka guutamtu’ ni beekna. (Isa. 11:9) Dhuguma iyyuu waggaan kumni kun yeroo baayʼee gammachiisaa hojii hedduu itti hojjennu dha! Yeroo Bulchiinsa Barkumee Kiristoositti ijoolleen Yihowaa warri lafa irraa hundi isa gammachiisuuf jijjiirama gochuu qabu. Kanaaf, isaan namoonni duʼaa kaʼan, fedha cubbuu raawwachuu akka dandamatanii fi akka ulaagaa Yihowaatti jiraachuu akka dandaʼan yommuu gargaaranitti hundi isaanii miira namaa akka hubatan ni argisiisu. (1 Phe. 3:8) Namoonni duʼaa kaʼan kunis, saba Yihowaa warra gad of qabanii fi akkuma isaanii ‘fayyina isaanii mirkaneessuuf carraaqqii cimaa godhanitti’ akka dhihaatan hin shakkisiisu.—Filp. 2:12. w20.08 16 key. 6-7

Kibxata, Bitootessa 15

Namni hundi hojii ofii isaa haa qoru; . . . nama kan biraa wajjin . . . wal bira of hin qabin.—Gal. 6:4.

Gorsa Phaawulos ergamaan geggeessaa hafuuraatiin barreesse hordofuudhaan gocha keenya yoo qorre, kennaa fi dandeettii addaa akka qabnu hubachuu dandeenya. Fakkeenyaaf, jaarsi tokko waltajjii irraa akka gaariitti haasaa kennuu hin dandaʼu taʼa, hojii barattoota gochuu irratti garuu buʼa qabeessa taʼuu dandaʼa. Yookiin akka jaarsolii gumii isaa keessa jiran tokko tokkoo akka gaariitti kan gurmaaʼe taʼuu dhiisuu dandaʼa, haa taʼu malee, tiksee jaalala qabeessa babalʼistoonni gorsa Kitaaba Qulqulluu argachuuf bilisaan itti dhihaatan taʼuu dandaʼa. Yookiin keessummaa simachuudhaan kan beekamu taʼuu dandaʼa. (Ibr. 13:2, 16) Jabinaa fi kennaa keenya sirriitti yommuu hubannu, wanta gumichaaf gumaacha goonu akka qabnu waan beeknuuf, miirri gaariin nutti dhagaʼamuu dandaʼa. Akkasumas carraan obboloota kennaa nuti qabnu irraa adda taʼe qabanitti hinaafuuf qabnu ni hirʼata. Iddoon gumii keessatti qabnu maal iyyuu yoo taʼe, hundi keenya tajaajila keenya fooyyeffachuu fi dandeettii keenya guddifachuuf fedhii qabaachuu qabna. w20.08 24 key. 16-18

Roobii, Bitootessa 16

[Tuuta] uummataa [guddaa] eenyu iyyuu lakkaaʼuu hin dandeenye [nan arge].—Mul. 7:9.

Walgaʼii koonyaa bara 1935 Waashingitan Dii.Sii. Yuunaayitid Isteetisitti godhame irratti Jooseef Raazarfoordi haasaa seena qabeessa mata dureen isaa ‘Tuuta Uummataa Guddaa’ jedhu dhiheessee ture. Obboleessi keenya Raazarfoordi haasaa kenne irratti “tuutni uummataa baayʼeen” (Kiingi Jamsi Varzyin) ykn “tuutni uummataa guddaan” Mulʼata 7:9 irratti ibsaman eenyu akka taʼan ifa godhe. Hanga yeroo sanaatti, Barattoonni Kitaaba Qulqulluu tuutni uummataa guddaan namoota gara samii dhaqan, garuu immoo hamma dibamtootaa amanamoo hin taane akka taʼanitti yaadu turan. Obboleessi keenya Raazarfoordi tuutni uummataa guddaan jireenya samiitiif akka hin filatamne, kanaa mannaa, hoolota kan biroo warra “rakkina guddaa” irraa oolanii bara baraaf lafa irra jiraatan akka taʼan ibse. (Mul. 7:14) Yesuus abdii akkas jedhu kenneera: “Ani, hoolota kan biroo gola kana keessaa hin taane qaba; isaaniinis fiduun qaba, isaan sagalee koo ni dhagaʼu, tuuta tokkos ni taʼu; tikseen isaaniis tokko ni taʼa.” (Yoh. 10:16) Warri hoolotatti fakkeeffaman kun Dhugaa Baatota Yihowaa amanamoo Jannata keessa bara baraaf lafa irra jiraachuuf abdii qabani dha.—Mat. 25:31-33, 46. w21.01 14 key. 1-2

Kamisa, Bitootessa 17

Maqaa kootiin kan kaʼe nama hundumaa biratti ni jibbamtu; namni hanga dhumaatti jabaatee dhaabbatu garuu ni fayya.—Mat. 10:22.

Jabaannee dhaabbachuu fi hojii lallabaa keenya xumuruu yoo barbaanne of toʼachuu nu barbaachisa. (Mat. 28:19, 20) Amalli of toʼachuu dhaalaan kan argamu miti. Yeroo baayʼee wanta tokko karaa salphaa taʼeen raawwachuu filanna. Kanaafuu, wantoota ulfaataa taʼan raawwachuu akka dandeenyu of leenjisuuf gargaarsi nu barbaachisa. Yihowaanis karaa hafuura qulqulluu gargaarsa kana nuu kenna. (Gal. 5:22, 23) Phaawulos ergamaan nama of toʼatu ture. Taʼus, wanta sirrii taʼe raawwachuuf, qaama isaa ‘haleeluu’ isa barbaachisee akka ture amaneera. (1 Qor. 9:25-27) Warri kaanis akka of toʼatanii fi wantoota hunda, ‘haala gaarii taʼee fi karaa seera qabuun’ akka raawwatan isaan gorseera. (1 Qor. 14:40) Nutis barsiifata hafuuraa gaarii isa hojii lallabaa irratti yeroo hunda hirmaachuu dabalatu qabaachuuf of toʼachuu qabna.—HoE. 2:46. w20.09 6 key. 15-17

Jimaata, Bitootessa 18

Jalqaba saba hundumaatiif misiraachoon lallabamuu qaba.—Mar. 13:10.

Yeroo harʼaa biyyoota hedduu keessatti bilisummaadhaan lallabuu ni dandeenya. Biyya bilisummaadhaan waaqeffachuun dandaʼamu keessa jiraattaa? Taanaan ‘Bilisummaa kana akkamittan itti fayyadamaa jira?’ jedhii of gaafadhu. Guyyoota dhumaa dinqisiisoo taʼan kanatti jaarmiyaan Yihowaa duula lallabuu fi barsiisuu guddaa addunyaa irratti taʼee hin beekne geggeessaa jira. Saba Yihowaatiif carraawwan hedduun banamaniiru. Yeroo nagaatti akka gaariitti fayyadamuu kan dandeessu akkamitti? (2 Xim. 4:2) Ati ykn miseensi maatii kee tokko hirmaannaa tajaajila irratti gootan dabaluu, tarii immoo qajeelchaa taatanii tajaajiluu ni dandeessu yoo taʼe maaliif haala keessan hin qortan? Amma yeroo itti qabeenya nu wajjin rakkina guddaa darbuu hin dandeenye walitti qabannu miti. (Fak. 11:4; Mat. 6:31-33; 1 Yoh. 2:15-17) Babalʼistoonni hedduun lallabuu fi barsiisuuf akka isaan gargaaruuf afaan haaraa barataniiru. Jaarmiyaan Waaqayyoo barreeffamoota Kitaaba Qulqulluu irratti hundaaʼanii fi afaanota 1,000 ol taʼuun hiikaman qopheessuudhaan isaan gargaara. w20.09 16 key. 9-11

Sanbadduraa, Bitootessa 19

Waraana isa gaarii sana irratti hirmaachuu kee [itti fufi].—1 Xim. 1:18.

Loltuu gaariin tokko amanamaa dha. Nama jaallatu tokko ykn wanta iddoo guddaa kennuuf tokko eeguuf jabaatee lola. Phaawulos, Ximotewos Waaqayyoof akka bulu, jechuunis Waaqayyoof amanamummaa cimaa akka qabaatu isa gorseera. (1 Xim. 4:7) Jaalalli keenya yommuu guddatuu fi caalaatti Waaqayyoof kan bulle yommuu taanu, fedhiin dhugaa cimsinee qabachuuf qabnu ni dabala. (1 Xim. 4:8-10; 6:6) Akkasumas loltuun gaarii taʼe tokko hojii isaatiif gaʼumsa qabaatee itti fufuuf of leenjisuu qaba. Ximotewos gorsa Phaawulos fedhii dogoggoraa irraa akka baqatu, amalawwan Waaqayyoo akka horatuu fi obboloota isaa wajjin yeroo akka dabarsu isaaf kenne waan hordofeef karaa hafuuraa cimaa taʼee itti fufeera. (2 Xim. 2:22) Kana gochuun of leenjisuu gaafata. Waraana fedhii foonii keenyaa wajjin goonu moʼuudhaaf of leenjisuu nu barbaachisa. (Rom. 7:21-25) Dabalataanis namummaa moofaa of irraa baasnee namummaa haaraa uffachuuf hojjechuu keenya itti fufuuf of leenjisuu qabna. (Efe. 4:22, 24) Galgala yommuu dadhabnutti walgaʼii irratti argamuuf of dirqisiisuun nu barbaachisuu dandaʼa.—Ibr. 10:24, 25. w20.09 28 key. 9-11

Dilbata, Bitootessa 20

Yeroo hundumaa, hamma dhumaatti, dambiiwwan keetiif ajajamuuf kutadheera.—Far. 119:112.

Barataan tokko guddina gochuudhaan of murteessee akka cuuphamu yommuu gargaarrutti obsa qabaachuu qabna. Taʼus, yeroo taʼe tokkotti Yihowaa tajaajiluuf fedha qabaachuu isaa beekuun nu irra jira. Baratichi ajaja Yesuus hojii irra oolchuuf yaalaa akka jiru wanta argisiisu hubattaniittuu? Moo Kitaaba Qulqulluu irraa waanuma xiyyeeffannaa isaa harkisu qofa barachuu barbaada? Guddina barataan kee gochaa jiru yeroo yerootti gamaaggami. Fakkeenyaaf, Yihowaa ilaalchisee wanta isatti dhagaʼamu ni ibsaa? Yihowaatti kadhannaa ni dhiheessaa? (Far. 116:1, 2) Kitaaba Qulqulluu dubbisuun isa gammachiisaa? (Far. 119:97) Dhaabbataadhaan walgaʼii irratti ni argamaa? (Far. 22:22) Jireenya isaa keessatti jijjiirama tokko tokko godheeraa? Wanta baratu maatii fi michoota isaatti himuu jalqabeeraa? (Far. 9:1) Hunda caalaa immoo Dhugaa Baatota Yihowaa keessaa tokko taʼuu ni barbaadaa? (Far. 40:8) Baratichi wantoota kana keessaa tokkoon illee guddina gochaa hin jiru yoo taʼe, kana kan hin goone maaliif akka taʼe tooftaadhaan hubachuuf yaalaa, achiis gaarummaadhaan garuu immoo ifatti irratti mariʼadhaa. w20.10 18 key. 14-15

Wiixata, Bitootessa 21

Inni na erge sun anaa wajjin jira; ani yeroo hundumaa wanta isa gammachiisu waanan godhuuf, inni kophaatti na hin dhiisu.—Yoh. 8:29.

Abbaan Yesuus inni samii yeroo hundumaa filannoo gaarii godha; maatiin Yesuus warri lafa irraas filannoo ogummaa irratti hundaaʼe godhaniiru. Haa taʼu malee, Yesuusis yommuu guddatu filannoo mataa isaa gochuu qaba ture. (Gal. 6:5) Inni akkuma hunda keenyaa mirga filannaa qaba. Fedha ofii isaatiif dursa kennuuf filachuu ni dandaʼa ture. Taʼus, hariiroo gaarii Yihowaa wajjin qabu eegee itti fufuuf filateera. Yesuus gaʼee kaayyoo Yihowaa keessatti qabu yommuu baratetti fedha Waaqayyoo raawwachuuf filateera. (Yoh. 6:38) Namoonni hedduun akka isa jibban beekee waan tureef, kana yaaduun baayʼee isa dhiphisuu dandaʼa ture. Taʼus, Yihowaadhaaf bitamuu filateera. Yesuus Dh.K.B. bara 29⁠tti yommuu cuuphame xiyyeeffannaan isaa inni guddaan fedha Yihowaa raawwachuu taʼeera. (Ibr. 10:5-7) Yeroo muka dhiphinaa irratti duʼetti illee, fedha abbaa isaa raawwachuu itti fufeera.—Yoh. 19:30. w20.10 29 key. 12; 30 key. 15

Kibxata, Bitootessa 22

Ani matumaa si hin dhiisu, matumaas si hin gatu.—Ibr. 13:5.

Gumii keessan keessaa obbolootaa fi obboleettota dhukkubaan ykn haala rakkisaa kan biraatiin, dhiphachaa jiran beektuu? Tarii immoo namoonni kun kan dhiphatan nama jaallatan duʼaan waan dhabaniif taʼuu dandaʼa. Nama gargaarsi barbaachisu tokko kan beeknu yoo taʼe, dubbii gaarummaa qabu dubbachuuf ykn gocha gaarummaa raawwachuuf akka nu gargaaru Yihowaa gaafachuu dandeenya. Jechii fi gochi keenya jajjabina obboleessa ykn obboleettii keenyaaf barbaachisu taʼuu dandaʼa. (1 Phe. 4:10) Yihowaan waan nu wajjin jiruuf jajjabina akka argannus beekna. Inni karaa Yesuusii fi maleekota isaa gargaarsa nuuf kenna. Akkasumas kaayyoo isaa wajjin kan wal simu yoo taʼe, Yihowaan namoota aangoo qabanitti fayyadamee gargaarsa nuuf gochuu dandaʼa. Kana malees, akkuma baayʼeen keenya dhuunfaatti hubanne, Yihowaan obbolootaa fi obboleettota keenya akka gargaaraniif hafuura isaatti fayyadamee garaa tajaajiltoota isaa kakaasuu dandaʼa. Kanaafuu, akkuma Phaawulos ergamaa amanannaadhaan, “Yihowaan gargaaraa koo ti; ani hin sodaadhu. Namni maal na gochuu dandaʼa?” jechuuf sababii quubsaa qabna.—Ibr. 13:6. w20.11 17 key. 19-20

Roobii, Bitootessa 23

Tasgabbaaʼuu fi anatti amanamuudhaanis jabina ni argattu.—Isa. 30:15.

Ergamoonni, Yihowaan isaanii wajjin akka jiru ragaa ifa taʼe qabu turan. Inni dinqiiwwan akka raawwatan humna isaaniif kennee ture. (HoE. 5:12-16; 6:8) Yeroo harʼaa Yihowaan dinqii akka raawwannu humna nuuf hin kennu. Taʼus, qajeelummaadhaaf jennee yommuu rakkinni nu irra gaʼu, akka nutti gammaduu fi hafuuraa isaa akka nuuf kennu karaa Dubbii isaa jaalalaan nuuf mirkaneesseera. (1 Phe. 3:14; 4:14) Kanaafuu, gara fuulduraatti ariʼatamni yoo nu irra gaʼe maal goona jennee sodaachuu hin qabnu. Kanaa mannaa, Yihowaan akka nu gargaaruu fi akka nu oolchu amanannaa qabnu cimsachuuf wanta dandeenyu hunda gochuu qabna. Waadaa Yesuus, “Ani dubbii fi ogummaa mormitoonni keessan hundi dura dhaabbachuu yookiin falmuu hin dandeenye isiniif nan kenna” jechuudhaan galetti amanamuu qabna. Yesuus, “Jabaattanii dhaabbachuudhaan lubbuu keessan ni oolfattu” jechuudhaan abdii nuuf kenneera. (Luq. 21:12-19) Yihowaan waaʼee tajaajiltoota isaa amanamummaadhaan duʼanii wantoota xixinnoo illee akka yaadatu matumaa hin irraanfatinaa. Beekumsa akkasii waan qabuuf duʼaa isaan ni kaasa. w21.01 4 key. 12

Kamisa, Bitootessa 24

Qajeelonnis taʼan jalʼoonni duʼaa akka kaafaman Waaqayyoon nan abdadha.—HoE. 24:15.

Waaʼee abdii duʼaa kaʼuu dubbachuu irratti Phaawulos ergamaan nama jalqabaa miti. Iyyoob inni abbaa amantii taʼes dubbateera. Iyyoob Waaqayyo akka isa yaadatuu fi gara jireenyaatti akka isa deebisu mirkanaaʼaa ture. (Iyo. 14:7-10, 12-15) ‘Duʼaa kaʼuun warra duʼanii’ Kiristiyaanota hundaaf “buʼuura” ykn “barumsa jalqabaa” keessaa tokko dha. (Ibr. 6:1, 2) Ibsi Phaawulos waaʼee duʼaa kaʼuu kenne 1 Qorontos boqonnaa 15 irratti argama. Wanti inni barreesse Kiristiyaanota jaarraa jalqabaa jajjabeessee taʼuu qaba. Boqonnaan kun nuunis nu jajjabeessuu fi abdii keenya yeroo dheeraaf eeggachaa turre nuu cimsuu dandaʼa. Duʼaa kaʼuun Yesuus Kiristoos, namoonni jaallannu yoo duʼan duʼaa kaʼuun akka jiru nuuf mirkaneessa. Duʼaa kaʼuun Yesuus “misiraachoo” Phaawulos warra Qorontosiif labse keessaa tokko ture. (1 Qor. 15:1, 2) Phaawulos, Kiristiyaanni tokko duʼaa kaʼuu kanatti hin amanu yoo taʼe, amantiin isaa gatii akka hin qabne dubbateera.—1 Qor. 15:17. w20.12 2 key. 2-4

Jimaata, Bitootessa 25

Pheexirosis, [wanta] Yesuus . . . jedhee . . . ture yaadate. Achiis gad baʼee hirqinfatee booʼe.—Mat. 26:75.

Pheexiros ergamaan akka bayyanatu wanti isa gargaare maal ture? Pheexiros amantiin isaa akka hin badne Yesuus sana dura isaaf kadhatee ture. Yihowaan kadhannaa garaadhaa madde kanaaf deebii kenneera. Boodas, Yesuus dhuunfaatti Pheexirositti mulʼateera; kana kan godhes isa jajjabeessuuf akka taʼe hin shakkisiisu. (Luq. 22:32; 24:33, 34; 1 Qor. 15:5) Ergamoonni halkan guutuu qurxummii qabuuf yaalii godhanii erga dhabanii booda, Yesuus isaanitti mulʼateera. Yeroo kanatti Yesuus jaalala isaa akka isaaf ibsu Pheexirosiif carraa kenneera. Yesuus michuu isaa jaallatamaa kanaaf dhiifama godheera, hojii dabalataas isaaf kenneera. (Yoh. 21:15-17) Akkaataan Yesuus Pheexirosiin itti qabe Yesuus gara laafessa akka taʼee fi amala Abbaa isaa guutummaatti akka calaqqisiisu argisiisa. Kanaafuu yommuu dogoggora raawwannu, abdii akka hin qabne goonee ofitti murteessuu hin qabnu. Seexanni ilaalcha akkasii akka qabaannu akka barbaadu yaadachuu qabna. Kanaa mannaa, ofii keenyas taʼe namoota cubbuu nu irratti hojjetan, akka Abbaan keenya inni samii gara laafessaa fi jaalala qabeessa taʼe ilaalutti ilaaluuf haa yaallu.—Far. 103:13, 14. w20.12 20-21 key. 17-19

Sanbadduraa, Bitootessa 26

Ani sodaa maleen jiraadha.—Far. 27:3.

Muuxannoo namoota utuu hin tasgabbaaʼinii fi Yihowaatti hin amanamin hafan irraa barachuu dandeenya. Fakkeenyota gaarii hin taane kana qoʼachuun keenya dogoggora wal fakkaatu raawwachuu irraa nu eega. Fakkeenyaaf, Aasaa Mootichi bulchiinsa isaa gara jalqabaatti rakkinni yommuu isa mudatu Yihowaatti amanameera. Booda garuu, gargaarsaaf Yihowaatti garagaluu mannaa dhimmicha ofuma isaatiin furuuf filateera. (2 Sen. 16:1-3, 12) Irra keessa yommuu ilaalamu, Aasaan Israaʼeliin loluuf Sooriyaa gargaarsa gaafachuun isaa gaarii fakkaata. Taʼus, milkaaʼinni inni argate yeroo muraasaaf qofa kan ture dha. Yihowaan karaa raajii tokkoo akkas jedheera: “Ati Waaqa kee Yihowaatti amanamuu dhiistee, mootii Sooriyaatti waan amanamteef, raayyaan waraanaa mootii Sooriyaa si harkaa miliqeera.” (2 Sen. 16:7) Nutis wantoota tokko tokko ofuma keenyaan raawwachuu akka dandeenyu baayʼee ofitti amanamuudhaan, Yihowaan karaa Dubbii isaa qajeelfama akka nuuf kennu gaafachuu akka hin dhiisne of eeggachuu qabna. Yeroo haalli ariifachiisaan nu mudatutti illee, tasgabbiidhaan Yihowaatti amanamuu qabna; inni milkaaʼina akka argannu nu gargaara. w21.01 6 key. 13-15

Dilbata, Bitootessa 27

Isaan kana booda hin beelaʼan.—Mul. 7:16.

Yeroo ammaatti, sabni Yihowaa tokko tokko haala dinagdee rakkisaa taʼeen ykn jeequmsa uummataa fi waraanaan kan kaʼe beelaan rakkachaa jiru. Kaan immoo sababa amantii isaaniitiin hidhamaniiru. Taʼus, tuutni uummataa guddaan, badiisa sirna kanaa irraa oolanii yeroo hundumaa nyaata foonii fi nyaata hafuuraa hedduu akka argatan beekuun isaan gammachiisa. Sirni Seexanaa yommuu balleeffamutti, tuutni uummataa guddaan ‘hoʼa cimaa’ aarii Yihowaa isa inni saboota irratti dhangalaasu irraa ni oolu. Rakkinni guddaan erga xumuramee booda, Yesuus warra lafa irratti hafan, gara “bishaan jireenya” bara baraatti geessa. (Mul. 7:17) Mee yaadi: Tuutni uummataa guddaan abdii dinqisiisaa qabu. Namoota biliyoonaan lakkaaʼamanii fi lubbuudhaan jiran keessaa isaan matumaa hin duʼan! (Yoh. 11:26) Hoolonni kan biroon abdii dinqisiisaa Yihowaa fi Yesuusiin akka galateeffatan isaan taasisu qabu! w21.01 17 key. 11-12

Wiixata, Bitootessa 28

Gooftaan amanamaa dha; inni isin cimsa, isin . . . [eegas].—2 Tas. 3:3.

Yesuus galgala dhumaa nama taʼee lafa irratti dabarsetti rakkina barattoota isaa mudachuu dandaʼu yaadaa ture. Yesuus jaalala michoota isaatiif qabuun kakaʼee ‘isa hamaa sana irraa akka isaan eegu’ Abbaa isaa kadhatee ture. (Yoh. 17:14, 15) Gara samiitti erga deebiʼee booda Seexanni nama Yihowaa tajaajiluu barbaadu kam irratti iyyuu waraana banuu akka itti fufu beeka ture. Kanaafuu, sabni Yihowaa eegumsi akka isaan barbaachisu ifa dha. Yeroo ammaatti yeroo kam iyyuu caalaa eegumsi Yihowaa nu barbaachisa. Seexanni “aarii guddaadhaan” samii irraa gad darbatameera. (Mul. 12:12) Namoonni nu ariʼatan tokko tokko ‘Waaqayyoof tajaajila qulqulluu akka dhiheessanitti’ akka yaadan isaan amansiiseera. (Yoh. 16:2) Namoonni Waaqayyotti hin amanne kaan immoo, addunyaa irraa adda waan taaneef nu ariʼatu. Sababiin itti ariʼatamnu maal iyyuu yoo taʼe sodaachuu hin qabnu. Maaliif? Deebiin isaa caqasa guyyaa harʼaa irratti ibsameera. w21.03 26 key. 1, 3

Kibxata, Bitootessa 29

[Wanti] akkamii iyyuu jaalala Waaqayyoo isa karaa Gooftaa keenya Kiristoos Yesuus ibsame irraa gargar nu baasuu [hin dandaʼu].—Rom. 8:39.

Yihowaan waan hundumaa kan raawwatu jaalalaan kakaʼee ti. Jaalalaan kakaʼee wanta nu barbaachisu nuuf guuta. Inni jaalalaan kakaʼee furii nuu qopheesseera. Yesuusis baayʼee waan nu jaallatuuf lubbuu isaa nuu kenneera. (Yoh. 3:16; 15:13) Jaalala Yihowaa fi Yesuus warra isaaniif amanamoo taʼaniif qaban wanti balleessuu dandaʼu tokko illee hin jiru. (Yoh. 13:1; Rom. 8:35) Haaluma wal fakkaatuun, mataan maatii tokko waan hundumaa jaalalaan kakaʼee gochuu qaba. Kun baayʼee barbaachisaa kan taʼe maaliifi? Yohaannis ergamaan, “Namni obboleessa isaa [ykn maatii isaa] isa ijaan argu hin jaallanne, Waaqayyo isa ijaan hin argine jaallachuu hin dandaʼu” jechuudhaan deebii isaa kenneera. (1 Yoh. 4:11, 20) Keessumaa dhiirri maatii isaa jaallatuu fi fakkeenya Yihowaa fi Yesuus hordofuu barbaadu tokko wanta karaa hafuuraa, miiraa fi qaamaa maatii isaatiif barbaachisu ni guuta. (1 Xim. 5:8) Ijoollee isaa ni leenjisa, adabas isaaniif ni kenna. Murtoo Yihowaadhaaf ulfina fiduu fi maatii isaa fayyadu akkamitti akka godhu barachuu isaas itti fufa. w21.02 5 key. 12-13

Roobii, Bitootessa 30

Baʼaa kee Yihowaa irratti gati, innis si deggera.—Far. 55:22.

Abbaan keenya inni samii jaalala qabeessa taʼe, wanta kanaan dura dabarsinee fi ilaalchi dogoggoraa ofiif qabnu hangam dhiibbaa akka nu irratti godhe beeka. Taʼus, inni wanta gaarii garaa keenya keessa jiru, jechuunis amalawwan nuti qabaachuu keenya hin beeknes ni ilaala. (1 Yoh. 3:19, 20) Namni barsiifata gadhee hidda gad fageeffate moʼuuf qabsaaʼu tokko irra deebiʼee dogoggoruu fi ofitti abdii kutachuu dandaʼa. Dhugaa dha, yeroo cubbuu hojjennu hamma tokko miirri balleessaa nutti dhagaʼamuun isaa sirrii dha. (2 Qor. 7:10) Taʼus, hamma yaaduu qabnu irra darbinee, ‘Kana booda gatii hin qabu. Yihowaan matumaa dhiifama naaf hin godhu’ jennee yaaduudhaan ofitti murteessuu hin qabnu. Ilaalchi akkasii dhugaa irratti kan hundaaʼe waan hin taaneef, Yihowaa tajaajiluu akka dhaabnu nu taasisuu dandaʼa. Abdii kutachuu mannaa, kadhannaadhaan Yihowaatti dhihaachuu fi gara laafina isaa barbaaduudhaan ‘rakkina uumameef furmaata’ kennuu qabna. (Isa. 1:18) Inni garaadhaa yaada geddarachuu keessan yommuu ilaalu dhiifama isiniif godha. Dabalataanis jaarsolii haasofsiisaa. Isaan karaa hafuuraa deebitanii akka bayyanattan obsaan isin gargaaru.—Yaq. 5:14, 15. w20.12 23 key. 5-6

Kamisa, Bitootessa 31

Dubartoota maanguddoo akka haadhotaatti, dubartoota umurii dargaggummaa irra jiran akka obboleettotaatti [qabi].—1 Xim. 5:2.

Yesuus dubartoota kabajeera. Inni fakkeenya Fariisota warra dubartoota dhiiraa gadi akka taʼanitti ilaalanii hin hordofne. Isaan namoota duratti dubartootaa wajjin hin dubbatan, waaʼee Kitaaba Qulqulluus isaanii wajjin hin mariʼatan. Yesuus garuu maree hafuuraa balʼaa barattoota isaa kaanii wajjin godhe irratti dubartoonnis akka argaman godheera. (Luq. 10:38, 39, 42) Deemsa lallabaa isaa irrattis dubartoonni akka isaa wajjin taʼan godheera. (Luq. 8:1-3) Akkasumas duʼaa kaʼuu isaa ergamootatti akka himan mirga isaaniif kenneera. (Yoh. 20:16-18) Phaawulos ergamaan Ximotewos dubartoota akka kabaju isa hubachiiseera. Jalqaba “Kitaabota Qulqulluu” kan isa barsiisan haadha isaa fi akkoo isaa akka taʼan ibseera. (2 Xim. 1:5; 3:14, 15) Phaawulos xalayaa warra Roomaatiif barreesse irratti obboleettota maqaa isaanii dhaʼee nagaa isaaniif dhaameera. Wanta obboleettonni hojjetan hubachuu qofa utuu hin taʼin, wanta isaan hojjetaniifis isaan dinqisiifateera.—Rom. 16:1-4, 6, 12; Filp. 4:3. w21.02 15 key. 5-6

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi