LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • es22 ful. 37-46
  • Ebla

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Ebla
  • Kitaaba Qulqulluu Guyyaa Guyyaan Qoruu—2022
  • Mata Dureewwan Xixiqqaa
  • Jimaata, Ebla 1
  • Sanbadduraa, Ebla 2
  • Dilbata, Ebla 3
  • Wiixata, Ebla 4
  • Kibxata, Ebla 5
  • Roobii, Ebla 6
  • Kamisa, Ebla 7
  • Jimaata, Ebla 8
  • Sanbadduraa, Ebla 9
  • Dilbata, Ebla 10
  • Wiixata, Ebla 11
  • Kibxata, Ebla 12
  • Roobii, Ebla 13
  • Kamisa, Ebla 14
  • GUYYAA AYYAANA YAADANNOO
    Erga Biiftuun Lixxee Booda
    Jimaata, Ebla 15
  • Sanbadduraa, Ebla 16
  • Dilbata, Ebla 17
  • Wiixata, Ebla 18
  • Kibxata, Ebla 19
  • Roobii, Ebla 20
  • Kamisa, Ebla 21
  • Jimaata, Ebla 22
  • Sanbadduraa, Ebla 23
  • Dilbata, Ebla 24
  • Wiixata, Ebla 25
  • Kibxata, Ebla 26
  • Roobii, Ebla 27
  • Kamisa, Ebla 28
  • Jimaata, Ebla 29
  • Sanbadduraa, Ebla 30
Kitaaba Qulqulluu Guyyaa Guyyaan Qoruu—2022
es22 ful. 37-46

Ebla

Jimaata, Ebla 1

Wantoonni dursanii barreeffaman hundi barumsa akka irraa argannuuf barreeffaman.—Rom. 15:4.

Rakkinni cimaan si irra gaʼaa jiraa? Tarii namni gumii keessa jiru tokko si miidheera taʼa. (Yaq. 3:2) Yookiin namni si waliin hojjetu ykn si wajjin baratu tokko Yihowaa tajaajiluu keetti sitti qoosaa jira taʼa. (1 Phe. 4:3, 4) Yookiin miseensi maatii kee tokko walgaʼii irratti akka hin argamne ykn waaʼee amantii kee namootatti akka hin himne si dhowwuuf yaalaa jira taʼa. (Mat. 10:35, 36) Qorumsichi baayʼee ulfaataa yoo taʼe Yihowaa tajaajiluu dhiisuun kee gaarii akka taʼe sitti dhagaʼamuu dandaʼa. Taʼus, rakkinni si mudate maal iyyuu yoo taʼe, Yihowaan ogummaa murtoo gaarii gochuu fi jabina rakkinicha dandamachuuf si gargaaru akka siif kennu mirkanaaʼaa taʼuu dandeessa. Yihowaan namoonni mudaa qaban, rakkina isaan mudate akkamitti akka dandamatan Dubbii isaa keessatti akka gaariitti akka galmaaʼu godheera. Maaliif? Barumsa irraa argachuu akka dandeenyuufi. Yihowaan Phaawulos ergamaan geggeessaa hafuuraatiin kana akka barreessu isa kakaaseera. Seenaawwan kana dubbisuun keenya jajjabinaa fi abdii nuuf argamsiisuu dandaʼu. Faayidaa argachuuf garuu dubbisuu caalaa wanti gochuu qabnu jira. Kitaabni Qulqulluun yaada keenya akka bocuu fi garaa keenya akka tuqu heyyamuu qabna. w21.03 14 key. 1-2

Sanbadduraa, Ebla 2

Maasicha ilaalaa; inni addaatee haamaadhaaf gaʼeera.—Yoh. 4:35.

Isin hoo namoota misiraachicha lallabdaniif akkuma midhaan bilchaatee haamaadhaaf gaʼeetti isaan ilaaltuu? Taanaan wantoota sadii ni raawwattu. Tokkoffaa, caalaatti miira ariitiitiin ni lallabdu. Waqtiin makaraa murtaaʼaa dha; yeroo balleessuu hin qabnu. Lammaffaa, namoota misiraachicha fudhatan yommuu argitan ni gammaddu. Kitaabni Qulqulluun, ‘namoonni yeroo makaraatti akka gammadan’ dubbata. (Isa. 9:3) Akkasumas sadaffaa, namni hundi barataa Yesuus taʼuu akka dandaʼu gootanii yaaddu; kanaafuu akkaataa dhiheenyaa keessan karaa fedhii nama sanaa hawwatuun ni jijijjiirtu. Tarii duuka buutonni Yesuus tokko tokko namoonni Samaariyaa matumaa duuka buutota Yesuus hin taʼan jedhanii yaadanii taʼuu dandaʼa; inni garuu akkana jedhee hin yaanne. Kanaa mannaa, barattoota isaa taʼuu akka dandaʼan godhee yaadeera. Nutis namoonni naannoo tajaajilaa keenya keessa jiran barattoota Kiristoos taʼuu akka dandaʼan goonee yaaduu nu barbaachisa. Phaawulos ergamaan gama kanaan fakkeenya gaarii nuuf taʼa. Phaawulos waaʼee amantii namoota lallabeef sanaas taʼe fedhii isaanii hubateera, barattoota Yesuus taʼuu akka dandaʼanis yaadeera. w20.04 8-9 key. 3-4

Dilbata, Ebla 3

Yihowaan Awwaalaa fi iddoo badiisaa guutummaatti ni arga. Garaa namootaa immoo caalaatti ni arga!—Fak. 15:11.

Gocha nama tokkoo irratti hundooftanii murteessuu mannaa, namichi maaltu akka itti dhagaʼamu hubachuuf wanta isiniif dandaʼame hunda godhaa. Qaamni guutummaatti nu hubatu Yihowaa qofa dha. Kanaafuu, wanta inni ilaalu warra kaan keessatti ilaaluuf, akkasumas akkamitti gara laafina isaanitti argisiisuu akka dandeessan hubachuuf akka isin gargaaru isa gaafadhaa. Obbolootaa fi obboleettota gara laafina itti argisiisuu qabdan filachuu hin dandeessan. Hundi isaanii rakkoowwan Yoonaas, Eliyaas, Aggaarii fi Loox wajjin wal fakkaatu isaan mudateera. Haalawwan tokko tokko keessatti ofuma isaaniitii rakkina ofitti fidaniiru. Dhugaa dubbachuuf, hundi keenya iyyuu yeroo taʼe tokkotti akkas gooneerra. Kanaafuu, Yihowaan miira walii akka hubannu nu gaafachuun isaa sirrii dha. (1 Phe. 3:8) Yihowaadhaaf yommuu ajajamnu maatii keenya isa dinqisiisaa fi balʼaa taʼe gidduutti tokkummaan akka cimu gumaacha goona. Kanaafuu, obbolootaa fi obboleettota keenya dhaggeeffachuuf, irraa barachuu fi gara laafina itti argisiisuuf murtoo haa goonu. w20.04 18-19 key. 15-17

Wiixata, Ebla 4

Kiristoos faana isaa dhiheenyatti akka hordoftan fakkeenya isiniif taʼuudhaan isiniif jedhee dhiphateera.—1 Phe. 2:21.

Yesuus Yihowaadhaaf ajajamuudhaan fakkeenya guddaa nuuf taʼa. Kanaaf karaan Yihowaadhaaf ajajamuu itti dandeenyu keessaa inni guddaan, hamma nuuf dandaʼame faana Yesuus dhiheenyatti hordofuu dha. (Yoh. 8:29) Dhugaa keessa deddeebiʼuu keenya itti fufuuf, Yihowaan Waaqa dhugaa taʼuu isaa, wanti inni Kitaaba Qulqulluu isa Dubbii isaa taʼe keessatti nutti himu hundis dhugaa taʼuu isaa of amansiisuu qabna. Kana malees, Yesuus Masiihiicha abdachiifame taʼuu isaa of amansiisuu qabna. Namoonni yeroo harʼaa jiran hedduun Yesuus Mootii Mootummaa Waaqayyoo taʼuu isaa ni shakku. Yohaannis ‘dogoggorsitoonni hedduun’ namoota dhugaa waaʼee Yihowaa fi Yesuus dubbatuuf falmuu hin dandeenye gowwoomsuu akka dandaʼan akeekkachiiseera. (2 Yoh. 7-11) Yohaannis, “Yesuus, Kiristoos taʼuu isaa kan ganu malee sobduun eenyu?” jedhee barreesseera. (1 Yoh. 2:22) Karaan gowwoomfamuu irraa ooluu itti dandeenyu Dubbii Waaqayyoo qoʼachuudhaan qofa dha. Akkas yoo goone qofa Yihowaa fi Yesuusiin beekuu dandeenya. (Yoh. 17:3) Akkasumas dhugaa akka qabnu of amansiisuu kan dandeenyu akkas yoo goone qofa dha. w20.07 21 key. 4-5

Kibxata, Ebla 5

Wanta nama gufachiisu . . . obboleessa keenya dura kaaʼuu dhiisuuf haa murteessinu.—Rom. 14:13.

Karaan warra nu wajjin fiiganitti ‘gufuu’ taʼuu irraa itti of qusannu keessaa inni tokko, mirga keenyatti cichuu mannaa hamma dandaʼametti filannaa isaanii tole jennee fudhachuu dha. (Rom. 14:19-21; 1 Qor. 8:9, 13) Karaa barbaachisaa taʼe kanaan, warra kallattiidhaan dorgommii fiigichaa irratti hirmaatanii fi wal morkachuudhaan badhaasicha ofii isaaniitiif qofa argachuuf yaalii godhan irraa adda taʼuu keenya argisiisna. Fiigdonni kun adda durummaadhaan waaʼee fedhii ofii isaanii qofa yaadu. Kanaafuu, isaan fuuldura taʼuuf jecha warra kaan dhiibanii darbuuf yaalii godhu. Kana irraa haala faallaa taʼeen, nuti wal hin dorgomnu. (Gal. 5:26; 6:4) Galmi keenya hamma dandaʼametti namoonni hedduun nu wajjin sarara xumuraa sana akka darbanii fi badhaasa jireenyaa sana akka argatan gargaaruu dha. Kanaafuu, gorsa geggeessaa hafuura qulqulluutiin barreeffamee fi “Faayidaa warra kaaniis yaadaa malee, faayidaa ofii keessanii qofa hin yaadinaa” jedhu hojii irra oolchuuf carraaqqii goona. (Filp. 2:4) Yihowaan gaarummaadhaan kakaʼee sabni isaa dorgommii fiigichaa godhan sana xumuruudhaan badhaasicha akka argatan, jechuunis samii irratti ykn lafa jannata taatu irratti jireenya bara baraa akka argatan waadaa isaaniif galeera. w20.04 28 key. 10; 29 key. 12

Roobii, Ebla 6

Warri kun warra rakkina guddaa keessaa dhufani dha.—Mul. 7:14.

Kiristiyaanonni miliyoonaan lakkaaʼaman ‘rakkina guddaa keessa darbanii’ addunyaa haaraa keessa jiraatu. Warri lafa irratti oolan kun injifannoo duʼa irratti argamu kan biraatiif ragaa taʼu; namoonni biliyoonaan lakkaaʼamanii fi kanaan dura duʼan yommuu duʼaa kaʼan ni argu. Yommuu injifannoon kun argamu gammachuun akkamii akka argamu mee yaadi! (HoE. 24:15) Namoonni Yihowaaf guutummaatti amanamoo taʼan hundi duʼa dhaalan irratti illee injifannoo argatu. Akkasumas bara baraaf jiraachuu dandaʼu. Kiristiyaanni yeroo harʼaa jiru kam iyyuu duʼaa kaʼuu ilaalchisee yaada Phaawulos warra Qorontosiif barreesseef dinqisiifannaa qabaachuu qaba. Gorsa Phaawulos ‘hojii Gooftaa’ irratti guutummaatti akka hirmaannuuf nuu kenne akka fudhannu argisiisuuf sababii gaʼaa qabna. (1 Qor. 15:58) Hojii kana irratti amanamummaa fi dammaqinaan yoo hirmaanne jireenya gammachuudhaan guutame argachuuf hawwiidhaan eeggachuu dandeenya. Yeroon gara fuulduraa kun wanta nuti yaaduu dandeenyu kam irra iyyuu ni caala. Akkasumas gooftaa wajjin haala wal qabateen dadhabbiin keenya gatii kan hin qabne akka hin taane nuuf mirkaneessa. w20.12 13 key. 16-17

Kamisa, Ebla 7

Raayyaan isaanii, isa farda irra taaʼee fi raayyaa isaa irratti waraana banuuf walitti qabaman.—Mul. 19:19.

Raajiiwwan Hisqiʼel 38:10-23; Daaniʼel 2:43-45; 11:44–12:1; fi Mulʼata 16:13-16, 21 irratti argaman waaʼee yeroo wal fakkaatuu fi taʼee wal fakkaatu tokkoo kan ibsan fakkaata. Kun dhugaa yoo taʼe immoo wantoonni armaan gadii ni raawwatamu jennee yaanna. Rakkinni guddaan erga jalqabee yeroo muraasa booda ‘mootonni guutummaa lafaa’ sabootaa wajjin tokkummaa uumu. (Mul. 16:13, 14) Kitaabni Qulqulluun tokkummaa sabootaa kana “Goog isa biyya Maagoog” jedhee waama. (His. 38:2) Tokkummaan sabootaa kun saba Waaqayyoo hundumaa irratti haleellaa bana, guutummaatti isaan balleessuufis yaalii godha. Yeroo kana ilaalchisee Yohaannis ergamaan cabbiin akka malee guddaa taʼe diinota saba Waaqayyoo irratti yommuu roobu arguu isaa dubbateera. Cabbiin fakkeenyaan ibsame kun, tarii ergaa murtii cimaa taʼee fi sabni Yihowaa labsan Goog inni biyya Maagoog saba Waaqayyoo haxaaʼee lafa irraa balleessuuf yaaduudhaan isaan irratti haleellaa akka banu isa kakaasu taʼuu dandaʼa.—Mul. 16:21. w20.05 15 key. 13-14

Jimaata, Ebla 8

Isin hamoota taatanii utuu jirtanii ijoollee keessaniif kennaa gaarii kennuu erga beektanii, Abbaan keessan inni samii immoo warra isa kadhataniif hafuura qulqulluu caalchisee hin kennuu ree?—Luq. 11:13.

Humni Waaqayyoo inni hojii irra jiru kennaa bakka guddaa kennuufii qabnu dha. Wanta hafuurri qulqulluun bara keenyatti raawwate irratti yaaduudhaan, dinqisiifannaa hafuurichaaf qabnu guddifachuu dandeenya. Yesuus gara samiitti ol baʼuu isaa dura, barattoota isaatiin, “Yommuu hafuura qulqulluu fudhattan humna ni argattu; . . . hanga andaara lafaatti dhugaa baatota koo ni taatu” jedheera. (HoE. 1:8) Gargaarsa hafuura qulqulluutiin waaqeffattoonni Yihowaa gara miliyoona saddeetii fi walakkaa taʼan addunyaa mara irraa walitti qabamaniiru. Kana malees, hafuurri qulqulluun amalawwan gaggaarii kanneen akka jaalalaa, gammachuu, nagaa, obsa, gaarummaa, dansummaa, amantii, garraamummaa fi of toʼachuu jiran akka horannu waan nu gargaaruuf jannata hafuuraatti ni gammanna. Amalawwan kun ‘firii hafuuraa’ ti. (Gal. 5:22, 23) Dhuguma iyyuu hafuurri qulqulluun kennaa gatii guddaa qabu dha! w20.05 28 key. 10; 29 key. 13

Sanbadduraa, Ebla 9

Akkuma duuti karaa nama tokkoo dhufe, duʼaa kaʼuun warra duʼaniis karaa nama tokkoo dhufa.—1 Qor. 15:21.

Sababiiwwan hedduudhaan kan kaʼe, namoonni warra duʼaa kaʼan simatan, namoota jaallatan adda baasanii beekuu ni dandaʼu jennee yaaduu dandeenya. Fakkeenyaaf, duʼaa kaʼuu kanaan dura raawwatame irraa kaʼuudhaan, Yihowaan deebisee kan isaan uumu, namoonni duʼuu isaanii yeroo muraasa dura, bifa qaban, akkaataa itti dubbatanii fi akkaataa itti yaadan deebisanii akka qabaatan godhee ti. Yesuus duʼa hirribaa wajjin duʼaa kaʼuu immoo hirribaa kaʼuu wajjin akka wal fakkeesse yaadadhu. (Mat. 9:18, 24; Yoh. 11:11-13) Namoonni yeroo hirribaa kaʼan bifti isaanii fi akkaataan itti dubbatan isuma rafuu isaanii dura ture dha, wanti sammuu isaanii keessa jirus isuma duraanii ti. Mee fakkeenya Alaazaar haa ilaallu. Guyyaa afuriif duʼee waan tureef, qaamni isaa tortoruu jalqabee ture. Taʼus, yeroo Yesuus duʼaa isa kaasetti, obboleettonni isaa yeruma sana isa beekanii kan turan siʼa taʼu, Alaazaaris isaan yaadatee akka ture hin shakkisiisu.—Yoh. 11:38-44; 12:1, 2. w20.08 14 key. 3; 16 key. 8

Dilbata, Ebla 10

Fayyina kan arganne, Waaqa keenya isa teessoo irra taaʼee fi Hoolicha irraa ti.—Mul. 7:10.

Dibamtoonnii fi hoolonni kan biroon gatiin isaan Waaqayyo biratti qaban wal hin caalu. Gareen lamaanuu isa biratti iddoo guddaa qabu. Dibamtootas taʼe hoolota kan biroo bituuf gatiin inni kaffale wal fakkaataa siʼa taʼu, innis jireenya Ilma isaa isa jaallatamaa dha. Garaagarummaan garee kana lamaanii abdii gara garaa qabaachuu isaanii ti. Gareen lamaanuu Waaqayyoo fi Kiristoosiif amanamoo taʼuu qabu. (Far. 31:23) Kana malees, hafuurri Waaqayyoo hunda keenya irratti iyyuu qixxee akka hojjetu yaadadhaa. Kana jechuun Yihowaan tokkoon tokkoon keenyaaf hafuura isaa akkuma barbaachisutti kenna jechuu dha. Yihowaan tajaajiltoota isaa of murteessan hundaaf abdii dinqisiisaa kenneera. (Er. 29:11) Ayyaanni Yaadannoo duʼa Kiristoos hundi keenya wanta Waaqayyoo fi Kiristoos jireenya bara baraa akka argannu nuu godhaniif, isaan jajachuuf carraa guddaa nuuf bana. Ayyaanni Yaadannoo qophii addaa Kiristiyaanonni dhugaan irratti argamuu qabani dha. w21.01 18 key. 16; 19 key. 19

Wiixata, Ebla 11

Kana yeroo hundumaa . . . godhaa.—1 Qor. 11:25.

Namoonni Ayyaana Yaadannoo irratti argaman hedduun isaanii abdii lafa irra jiraachuu qabu. Kanaafuu, irratti kan argaman maaliifi ree? Sababiin isaan itti argaman sababii namoonni cidha gaaʼelaa michuu isaanii irratti argamanii wajjin tokko dha. Hiriyoota gaaʼelaa sana akka jaallatanii fi akka deggeran argisiisuufi. Haaluma wal fakkaatuun, hoolonni kan biroon Ayyaana Yaadannoo irratti kan argaman Kiristoosii fi dibamtoota akka jaallatanii fi akka deggeran argisiisuufi. Dabalataanis, hoolonni kan biroon ayyaanicha irratti kan argaman, aarsaa Yesuus isa lafa irra bara baraaf akka jiraatan carraa isaaniif baneef galateeffannaa qaban argisiisuufi. Sababii barbaachisaa kan biraan hoolonni kan biroon Ayyaana Yaadannoo irratti argaman ajaja Yesuusiif akka ajajaman argisiisuufi. Yesuus ergamoota isaa amanamoo wajjin irbaata addaa kana yeroo hundeessetti, “Kana yeroo hundumaa yaadannoo kootiif godhaa” isaaniin jedheera. (1 Qor. 11:23-26) Kanaafuu, hamma dibamtoonni tokko tokko lafa irra jiranitti Irbaata Gooftaa kabajuu isaanii itti fufu. w21.01 17-18 key. 13-14

Dubbisa Kitaaba Qulqulluu tibba Ayyaana Yaadannoo: (Wantoota Niisaan 9 guyyaa raawwataman) Yohaannis 12:12-19; Maarqos 11:1-11

Kibxata, Ebla 12

Nuu wajjin haala wal qabateen jaalalli Waaqayyoo karaa kanaan mulʼateera: Nuti karaa isaa jireenya akka argannuuf, Waaqayyo Ilma isaa isa tokkicha gara addunyaatti erge.—1 Yoh. 4:9.

Jaalalli keenya kan dhugaa akka taʼuuf gochaan deggeramuu qaba. (Yaaqoob 2:17, 26 wajjin wal bira qabii ilaali.) Fakkeenyaaf, Yihowaan nu jaallata. (1 Yoh. 4:19) Jaalala isaa kanas jechoota gaggaarii Kitaaba Qulqulluu keessa jiraniin nuuf ibseera. (Far. 25:10; Rom. 8:38, 39) Taʼus, Waaqayyo akka nu jaallatu kan argisiise wanta dubbateen qofa utuu hin taʼin, wanta raawwateenis akka taʼe mirkanaaʼoo taaneerra. Yihowaan Ilmi isaa nuuf jedhee akka dhiphatuu fi akka duʼu heyyameera. (Yoh. 3:16) Kanaafuu, Yihowaan dhugumaan akka nu jaallatu wanti nu shakkisiisu jiraa? Yihowaa fi Yesuusiin akka jaallannu isaaniif ajajamuudhaan argisiisuu dandeenya. (Yoh. 14:15; 1 Yoh. 5:3) Yesuus akka wal jaallannu nu ajajeera. (Yoh. 13:34, 35) Obbolootaa fi obboleettota keenya akka jaallannu wanta dubbannuun qofa utuu hin taʼin, wanta goonuunis argisiisuu qabna.—1 Yoh. 3:18. w21.01 9 key. 6; 10 key. 8

Dubbisa Kitaaba Qulqulluu tibba Ayyaana Yaadannoo: (Wantoota Niisaan 10 guyyaa raawwataman) Yohaannis 12:20-50

Roobii, Ebla 13

Michoota jedhee isin waameera.—Yoh. 15:15.

Warri hafuura qulqulluudhaan dibaman dhaaltota Mootummaa Waaqayyoo taʼanii tajaajiluudhaan bara baraaf Yesuusii wajjin taʼuuf abdii qabu. Isaan isa arguu, isaa wajjin dubbachuu, akkasumas isaa wajjin yeroo dabarsuudhaan Kiristoosii wajjin ni taʼu. (Yoh. 14:2, 3) Warri lafa irra jiraachuuf abdii qabanis jaalalaa fi xiyyeeffannaa Yesuus ni argatu. Isaan Yesuusiin kan hin argine taʼus jireenya Yihowaa fi Yesuus isaaniif qopheessanitti yommuu gammadan walitti dhufeenyi isa wajjin qaban yeroo kam iyyuu caalaa ni cima. (Isa. 9:6, 7) Affeerrii Yesuus michoota isaa akka taanu nuu dhiheesse yommuu fudhannu eebbawwan hedduu arganna. Fakkeenyaaf, jaalalaa fi gargaarsa inni yeroo ammaatti nuu godhu irraa faayidaa arganna. Bara baraaf jiraachuuf carraa arganneerra. Hundumaa caalaa immoo, michummaan Yesuusii wajjin qabnu qabeenya hunda irra caalu jechuunis, Abbaa isaa Yihowaa wajjin dhuunfaatti michummaa cimaa akka qabaannu nu gargaara. Dhuguma iyyuu, michoota Yesuus taʼuun keenya mirga guddaa dha! w20.04 25 key. 15-16

Dubbisa Kitaaba Qulqulluu tibba Ayyaana Yaadannoo: (Wantoota Niisaan 11 guyyaa raawwataman) Luqaas 21:1-36

Kamisa, Ebla 14

Hundi isaanii karaa Kiristoos ni jiraachifamu.—1 Qor. 15:22.

Xalayaan Phaawulos ergamaa kan barreeffame Kiristiyaanota dibamoo Qorontos jiranii fi jireenya samiitiif duʼaa kaafamaniif ture. Kiristiyaanonni kun ‘warra tokkummaa Kiristoos Yesuusii wajjin qabaniin qulqulleeffamanii fi qulqulloota taʼuuf waamaman’ turan. Phaawulos, ‘warra Kiristoosii wajjin utuma tokkummaa qabanii duʼanis’ caqaseera. (1 Qor. 1:2; 15:18; 2 Qor. 5:17) Phaawulos xalayaa geggeessaa hafuuraatiin barreesse kan biraa irratti, warri ‘duʼa akka [Yesuus] duʼuudhaan isaa wajjin tokkummaa qabaatan, duʼaa kaʼuu akka isaa argachuudhaan isaa wajjin tokkummaa akka qabaatan’ ibseera. (Rom. 6:3-5) Yesuus qaama hafuuraa taʼee duʼaa kaʼeera, akkasumas gara samii deemeera. Kiristiyaanonni dibamoon ‘Kiristoos wajjin tokkummaa qaban’ hundis mirga kana argatu. Phaawulos, Kiristoos “warra duʼan keessaa isa jalqabaa taʼee” akka kaʼe barreesseera. (1 Qor. 15:20) Yesuus qaama hafuuraa taʼee duʼaa kaʼuu fi jireenya bara baraa argachuudhaan isa jalqabaa ti. w20.12 5-6 key. 15-16

Dubbisa Kitaaba Qulqulluu tibba Ayyaana Yaadannoo: (Wantoota Niisaan 12 guyyaa raawwataman) Maatewos 26:1-5, 14-16; Luqaas 22:1-6

GUYYAA AYYAANA YAADANNOO
Erga Biiftuun Lixxee Booda
Jimaata, Ebla 15

Yeroo hunda Gooftaa wajjin ni jiraanna.—1 Tas. 4:17.

Yeroo harʼaatti dibamtoonni jireenya isaanii isa lafa irraa xumuran yeruma sana jireenya samiitiif duʼaa kaʼu. Yaadni Phaawulos ergamaan 1 Qorontos 15:51, 52 irra jiru kana mirkaneessa. Obboloonni Kiristoos kun yommuu duʼaa kaafaman, gammachuu guutuu argatu. Kitaabni Qulqulluun warri ‘liphsuu ijaatti’ jijjiiraman samiitti maal akka hojjetan ni dubbata. Yesuus akkas isaaniin jedheera: “Ani isa injifatuu fi hojii koo hamma dhumaatti hojjetuuf, saboota irratti aangoo nan kennaaf; inni saboonni akka qodaa supheetti akka caccabaniif ulee sibiilaatiin isaan ni tiksa; kunis akkuma ani Abbaa koo irraa aangoo fudhadhetti dha.”—Mul. 2:26, 27. w20.12 12 key. 14-15

Dubbisa Kitaaba Qulqulluu tibba Ayyaana Yaadannoo: (Wantoota Niisaan 13 guyyaa raawwataman) Maatewos 26:17-19; Maarqos 14:12-16; Luqaas 22:7-13 (Wantoota Niisaan 14 erga biiftuun lixxee booda raawwataman) Yohaannis 13:1-5; 14:1-3

Sanbadduraa, Ebla 16

Kiristoos . . . duʼaa kaafameera.—1 Qor. 15:20.

Phaawulos ergamaan, Yesuusiin ‘firii jalqabaa’ jedhee waamuudhaan isa booda warri jireenya samiitiif duʼaa kaafaman akka jiran argisiiseera. Ergamoonni fi namoonni kaan ‘Kiristoosii wajjin tokkummaa qaban’ Yesuusitti aansee duʼaa kaafamu. (1 Qor. 15:18) Yeroon isaa yommuu gaʼu, duʼaa kaʼuu isa kan Yesuus wajjin wal fakkaatu argatu. Phaawulos yommuu xalayaa isaa warra Qorontosiif barreessetti duʼaa kaʼuun warra ‘Kiristoosii wajjin tokkummaa qabanii’ hin jalqabne ture. Kanaa mannaa, Phaawulos, “hundi isaanii dabaree isaaniitiin duʼaa kaafamu: Inni jalqabaa Kiristoosi; achiis yeroo inni argamutti warra kan Kiristoos taʼantu kaafama” jechuudhaan gara fuulduraatti akka raawwatamu argisiiseera. (1 Qor. 15:23; 1 Tas. 4:15, 16) Yeroo harʼaa ‘argamuu’ Kiristoos ilaalchisee yeroo raajiidhaan dubbatame keessa jiraanna. Ergamoonnii fi Kiristiyaanonni dibamoo kan biroon duʼan badhaasa isaanii isa samii argachuu fi ‘duʼaa kaʼuu akka [Yesuus] argatanii isaa wajjin tokkummaa qabaachuuf’ hamma argama isaatti eeggachuu qabu turan.—Rom. 6:5. w20.12 5 key. 12; 6 key. 16-17

Dubbisa Kitaaba Qulqulluu tibba Ayyaana Yaadannoo: (Wantoota Niisaan 14 guyyaa raawwataman) Yohaannis 19:1-42

Dilbata, Ebla 17

Qaama tortorutu facaafama, qaama hin tortorretu kaafama.—1 Qor. 15:42.

Phaawulos ergamaan waaʼee nama qaama samiitiin, jechuunis ‘qaama hafuuraatiin’ duʼaa kaafamee dubbachaa jira. (1 Qor. 15:43, 44) Yesuus yommuu lafa irra jiraachaa turetti qaama foonii qaba ture. Yommuu duʼaa kaʼetti garuu, “hafuura jireenya kennu” taʼee gara samiitti deebiʼeera. Kiristiyaanonni dibamoonis, qaama samii irra jiraachuu dandaʼu qabaatanii duʼaa kaafamu. Phaawulos akkas jedhee ibseera: “Akkuma bifa isa biyyoo irraa tolfame sanaa uffanne, bifa isa samii irraa taʼe sanaas ni uffanna.” (1 Qor. 15:45-49) Yesuus qaama namaatiin akka duʼaa hin kaane hubadhaa. Phaawulos sababii isaa yommuu ibsu, “Foonii fi dhiigni Mootummaa Waaqayyoo dhaaluu hin dandaʼu” jedheera. (1 Qor. 15:50) Ergamoonnii fi dibamtoonni kaan qaama foonii fi dhiigaa isa tortoruun samii irra jiraachuuf duʼaa hin kaafaman. w20.12 10-11 key. 10-12

Dubbisa Kitaaba Qulqulluu tibba Ayyaana Yaadannoo: (Wantoota Niisaan 15 guyyaa raawwataman) Maatewos 27:62-66 (Wantoota Niisaan 16 erga biiftuun lixxee booda raawwataman) Yohaannis 20:1

Wiixata, Ebla 18

Yaa duʼaa, injifannoon kee meerre? Yaa duʼaa, ilkeen kee meerre?—1 Qor. 15:55.

Waaqayyo jaarraa jalqabaatti barattoonni Yesuus tokko tokko waaʼee duʼaa kaʼuu samii akka barreessan hafuuraan isaan geggeessee ture. Yohaannis ergamaan, “Nuti amma ijoollee Waaqayyoo ti; taʼus, gara fuulduraatti maal akka taanu amma iyyuu hin mulʼifamne. Yommuu inni mulʼifamu akka isaa akka taanu beekna” jechuudhaan ibseera. (1 Yoh. 3:2) Kanaafuu Kiristiyaanonni dibamoon yeroo qaama hafuuraatiin jireenya samiitiif duʼaa kaʼan maal akka taʼan hin beekan. Taʼus, yommuu badhaasa isaanii fudhatan Yihowaa ni argu. Kitaabni Qulqulluun waaʼee kanaa odeeffannoo tokko tokko kenneera. Yeroo Kiristoos ‘bulchiinsa hunda, akkasumas aangoo fi humna hundumaa balleessutti’ dibamtoonni isaa wajjin taʼu. Kun immoo ‘diina isa dhumaa kan taʼe duʼa’ balleessuus ni dabalata. Dhuma irratti Yesuus warra isaa wajjin bulchan faana taʼuudhaan, ofii isaa dabalatee wantoonni hundi Yihowaadhaaf akka bitaman godha. (1 Qor. 15:24-28) Dhuguma iyyuu kun yeroo baayʼee gammachiisaa dha! w20.12 8 key. 2

Dubbisa Kitaaba Qulqulluu tibba Ayyaana Yaadannoo: (Wantoota Niisaan 16 guyyaa raawwataman) Yohaannis 20:2-18

Kibxata, Ebla 19

Qajeelonnis taʼan jalʼoonni duʼaa akka kaafaman . . . nan abdadha.—HoE. 24:15.

Kiristiyaanonni amanamoon abdii Kiristoosii wajjin samii irra jiraachuu hin qabne hundis abdii duʼaa kaʼuu qabu. Kitaabni Qulqulluun Phaawulos ergamaanii fi warri samii dhaqan kaan “duʼaa kaʼuu isa jalqabaa” irratti akka hirmaatan dubbata. (Filp. 3:11) Kun isa booda duʼaa kaʼuu kan biraan akka jiru kan argisiisu mitii? Kun yaada Iyyoob waaʼee egeree isaa ilaalchisee dubbatee wajjin wal sima. (Iyo. 14:15) ‘Yeroo inni argamutti, warri kan Kiristoos taʼan’ yommuu Yesuus mootummoota hunda, aangoo fi humna hunda balleessu samii irratti isaa wajjin taʼu. ‘Diinni inni dhumaa duuti’ illee ni balleeffama. Sana booda warri jireenya samiitiif duʼaa kaafaman hundi matumaa hin duʼan. (1 Qor. 15:23-26) Namoonni abdii lafa irra jiraachuu qaban yaada Phaawulos caqasa guyyaa harʼaa irratti dubbate irratti hundaaʼuudhaan abdii qabaachuu dandaʼu. Kana irraa ifatti hubachuun akka dandaʼamutti, namni jalʼaan kam iyyuu samii dhaaluu hin dandaʼu, kanaafuu jechoonni kun duʼaa kaʼuu fuulduratti lafa irratti taʼu argisiisu. w20.12 6-7 key. 18-19

Roobii, Ebla 20

[Kiristoos na jaallateera, akkasumas] anaaf jedhee dabarsee of [kenneera].—Gal. 2:20.

Tarii, ‘Yihowaan dhiifama akka naaf godhe akkamittan mirkanaaʼaa taʼuu dandaʼa?’ jennee gaafanna taʼa. Gaaffii akkasii gaafachuun kee iyyuu Yihowaan dhiifama siif gochuu akka dandaʼu argisiisa. Waggoota kudhaniin lakkaaʼaman dura Masaraan Eegumsaa akkas jedhee ture: “Sababa jireenya keenya duraaniitiin, barsiifatawwan hamma nuti yaadnu caalaa hidda gad fageeffataniin yeroo baayʼee gufannee fi kufnee taʼuu dandaʼa. . . . Cubbuu dhiifama hin qabne akka raawwattan gootanii hin yaadinaa. Seexanni akkasitti akka yaaddan barbaada. Ofitti gadduu fi aaruun keessan iyyuu baayʼee fagaattanii akka hin deemne kan argisiisu dha. Gad of qabaa, akkasumas dhiifama Yihowaa argachuuf, qalbii qulqulluu qabaachuu fi dogoggora raawwachuu keessan dhaabuuf akka isin gargaaru kadhachuu keessan itti fufaa.” Phaawulos ergamaan Kiristiyaana taʼuu isaa dura cubbuu cimaa hedduu hojjeteera. Phaawulos wanta duraan hojjete ni yaadata ture. (1 Xim. 1:12-15) Taʼus, furichi kennaa dhuunfaatti isaaf kenname akka taʼetti ilaaleera. Phaawulos miira balleessaa itti dhagaʼamu irratti yaaduu dhiisuudhaan, sana booda wanta hunda caalu Yihowaadhaaf kennuu irratti xiyyeeffateera. w20.11 27 key. 14; 29 key. 17

Kamisa, Ebla 21

Isin keessaa namni kam iyyuu ogummaan yoo isatti hirʼate, Waaqa kadhachuu isaa itti haa fufu; sababiin isaas, inni utuu hin ceephaʼin nama hundumaatiif arjummaadhaan ni kenna, isaafis ni kennama.—Yaq. 1:5.

Seexanni dogoggora akka raawwannu nu gochuuf wantoota nu qoran hedduu nuuf dhiheessa. Yeroo kanatti maal goona? Wantoonni kun baayʼee gadhee miti jedhanii yaaduun salphaa dha. Fakkeenyaaf, akkas jennee sababii dhiheessuu dandeenya taʼa: ‘Kana gochuu kootti gumiidhaa hin baafamu, kanaafuu, kun dhimma cimaa miti.’ Sababiin akkasii baayʼee dogoggora dha. Gaaffiiwwan akka armaan gadii of gaafachuun keenya gaarii dha: ‘Seexanni wanta kanatti fayyadamee garaa koo hihhiruuf yaalaa jiraa? Fedhii dogoggoraatiif yoon moʼame maqaa Yihowaa irratti arrabsoo nan fidaa? Gochi kun gara Waaqa kootti na dhiheessa moo isa irraa na fageessa?’ Gaaffiiwwan akkasii irratti xiinxali. Utuu of hin gowwoomsin, ogummaa gaaffiiwwan kanaaf haqaan deebii kennuuf si gargaaru argachuuf kadhadhu. Kana gochuun eegumsa dhugaa argamsiisa. Akkuma Yesuus yommuu “Seexana nana na duraa deemi!” jedhetti godhe, kana gochuun kee ciminaan qorumsa mormuuf si gargaaruu dandaʼa. (Mat. 4:10) Garaan hihhirame faayidaa akka hin qabne yaadadhaa. w20.06 12-13 key. 16-17

Jimaata, Ebla 22

Namni isin gidduu jiru hundi . . . sammuu fayyaa akka qabu karaa argisiisuun akka yaadu malee, hamma yaaduu qabu caalaa waaʼee ofii isaa akka hin yaanne . . . isinan gorsa.—Rom. 12:3.

Yihowaan yeroo hunda wanta hunda caalaa gaarii nuuf taʼe akka beeku hubachuudhaan, gad of qabnee ulaagaa isaatiif bitamna. (Efe. 4:22-24) Gad of qabuun fedhii Yihowaa kan ofii keenyaa akka caalchisnuu fi warri kaan akka nu caalan goonee akka yaadnu nu kakaasa. Kanaan kan kaʼes, Yihowaa fi namoota hidhata amantii keenyaa wajjin hariiroo gaarii qabaanna. (Filp. 2:3) Of eeggannoo gochuu baannaan garuu, namoonni of tuuloo fi ofittoon sirna Seexanaa keessa jiran dhiibbaa nu irratti gochuu dandaʼu. Kiristiyaanota Dh.K.B. jaarraa jalqabaatti turan tokko tokko irra balaan akkasii gaʼee taʼuu dandaʼa; kanaafuu, Phaawulos ergamaan, “Namni isin gidduu jiru hundi . . . sammuu fayyaa akka qabu karaa argisiisuun akka yaadu malee, hamma yaaduu qabu caalaa darbee waaʼee ofii isaa akka hin yaadne . . . isin nan gorsa” jedhee warra Roomaatiif barreesseera. Phaawulos waaʼee ofii keenyaa hamma tokko yaaduun sirrii akka taʼe dubbateera. Haa taʼu malee, gad of qabuun ofii keenyaaf ilaalcha madaalamaa qabaachuu fi hamma yaaduu qabnu caalaa waaʼee ofii keenyaa akka hin yaadne nu gargaara. w20.07 2 key. 1-2

Sanbadduraa, Ebla 23

Wanti biyyattii jeequ hin jiru ture; waraannis isa irratti hin banamne.—2 Sen. 14:6.

Bara Aasaa Mootichaatti yeroon nagaa yeroo booda itti hin fufne. Raayyaan waraanaa guddaa miliyoona tokko taʼan Itoophiyaadhaa dhufan. Zaaraa inni ajajaa waraanaa taʼee fi loltoonni isaa, Yihudaa akka injifatan mirkanaaʼoo turan. Taʼus, Aasaan lakkoofsatti utuu hin taʼin, Waaqa isaa Yihowaatti amanamee ture. Aasaan “Yaa Waaqayyo gooftaa keenyaa, nuyi si amanannee maqaa keetiin loltoota sonaan baayʼatan kana loluudhaaf baaneerra ati nu gargaari!” jedhee kadhateera. (2 Sen. 14:11) Raayyaan Itoophiyaa, loltoota Aasaa gara dachaatiin kan caalu taʼus, Aasaan Yihowaan humna guddaa akka qabuu fi saba isaa gargaaruu akka dandaʼu beeka ture. Yihowaanis isa hin qaanessine; raayyaan Itoophiyaa garuu injifatameera. (2 Sen. 14:8-13) Yeroon gara fuulduraa tokkoon tokkoon keenyatti maal fidee akka dhufu gad fageenyaan beekuu baannus, nagaan sabni Waaqayyoo yeroo ammaa argatee jiru yeroo muraasaaf qofa akka turu beekna. Yesuus barattoota isaatiin, guyyoota dhumaatti, “saba hundumaa biratti kan jibbamtan taatu” jechuudhaan akka dubbate yaadadhu.—Mat. 24:9. w20.09 17-18 key. 14-16

Dilbata, Ebla 24

Arrabsootti . . . guddaa nan gammada.—2 Qor. 12:10.

Eenyu iyyuu arrabsamuu hin barbaadu. Haa taʼu malee, diinonni keenya yoo nu arrabsanii fi nutis wanti isaan jedhan garmalee kan nu dhiphisu yoo taʼe, abdii nu kutachiisuu dandaʼa. (Fak. 24:10) Maarree, arrabsoo mormitoota keenyaa akkamitti ilaaluu qabna? Akkuma Phaawulos ergamaa nutis ‘arrabsootti guddaa gammanna.’ Maaliif? Sababiin isaas arrabsamuunii fi mormiin nu irra gaʼuun isaa, barattoota Yesuus warra dhugaa taʼuu keenya argisiisa. (1 Phe. 4:14) Yesuus duuka buutota isaa irra ariʼatamni akka gaʼu dubbateera. (Yoh. 15:18-20) Kun Kiristiyaanota jaarraa jalqabaa irra gaʼeera. Bara sanatti, namoonni aadaan Giriikii dhiibbaa isaan irratti godhe Kiristiyaanonni kan hin barannee fi dadhaboo akka taʼanitti isaan ilaalu turan. Kiristiyaanonni Yihudoota biratti akkuma Pheexirosii fi Yohaannis ergamaa “namoota hin barannee fi iddoo guddaa hin qabne” akka taʼanitti ilaalamu turan. (HoE. 4:13) Namoonni hedduun Kiristiyaanonni dadhaboo fi diinota isaanii of irraa ittisuuf humna kan hin qabne akka taʼan godhanii yaadu. Kiristiyaanonni jaarraa jalqabaa kunneen ilaalchi dogoggoraa mormitoonni isaanii isaaniif qaban akka isaan dhaabsisu heyyamaniiruu? Matumaa. w20.07 14-15 key. 3-4

Wiixata, Ebla 25

Wal jaallachuu keenya itti haa fufnu; sababiin isaas, jaalalli Waaqayyo irraa madda; namni jaalala qabu hundi Waaqayyo irraa kan dhalate yeroo taʼu, Waaqayyoon ni beeka.—1 Yoh. 4:7.

Yohaannis ergamaan nageenyi hafuuraa obboloota isaa baayʼee isa yaaddessee ture, kanas gorsa xalayaawwan geggeessaa hafuuraatiin barreesse irratti kenne irraa ifatti hubachuun ni dandaʼama. Dhiiroonnii fi dubartoonni akka isaa taʼan Kiristoosii wajjin bulchuuf akka dibaman beekuun baayʼee nama jajjabeessa! (1 Yoh. 2:27) Gorsa inni kenne yaadatti haa qabannu. Dhugaa keessa deddeebiʼuu fi kallattii jireenyaa keenya hundaan Yihowaadhaaf ajajamuuf haa murteessinu. Dubbii isaa qoʼadhaa, akkasumas isatti amanamaa. Yesuus irratti amantii cimaa qabaadhaa. Falaasama namootaa fi barumsawwan gantootaa irraa fagaadhaa. Dhiibbaa jireenya bifa lama jiraachuu fi cubbuu akka raawwattan isin irra gaʼu dandamadhaa. Ulaagaalee naamusaa Yihowaa warra hunda irra caalanii wajjin wal simaa jiraadhaa. Warra nu mufachiisaniif dhiifama gochuu fi warra rakkatan gargaaruudhaan, obboloonni keenya cimoo taʼanii akka jiraatan haa gargaarru. Akkas taanaan, haala akkamii wajjin iyyuu walʼaansoo kan goonu taʼus, dhugaa keessa deddeebiʼuu keenya itti fufna. w20.07 24-25 key. 15-17

Kibxata, Ebla 26

Waaqayyo akkuma barbaadetti kutaa qaamaa hundumaaf iddoo iddoo isaanii isaaniif kenneera.—1 Qor. 12:18.

Yihowaan jaalalaan kakaʼee tokkoon tokkoon tajaajiltoota isaa amanamoo taʼaniif gumii isaa keessatti iddoo kenneera. Gaʼee gara garaa kan qabnu taʼus, hundi keenya iyyuu gatii guddaa qabna, akkasumas walii keenyaaf ni barbaachisna. Phaawulos ergamaan nu keessaa namni kam iyyuu tajaajilaa Yihowaa isa kan biraatiin, “Ati na hin barbaachistu” akka hin jenne addeesseera. (1 Qor. 12:21) Gumichi nagaadhaan sochii akka godhu yoo barbaanne, walii keenyaaf iddoo guddaa kennuu fi waliin hojjechuu qabna. (Efe. 4:16) Tokkummaadhaan yommuu waliin hojjennu, gumichi ni dagaaga, akkasumas jaalalaan ijaaramaa deema. Jaarsoliin gumii keessa jiran hundi hafuura Yihowaatiin muudamu. Taʼus, tokkoon tokkoon isaanii kennaa fi dandeettiin isaan qaban garaa gara dha. (1 Qor. 12:17) Tokko tokko dhiheenyatti kan muudamanii fi hamma tokko muuxannoo kan hin qabne taʼuu dandaʼu. Warri kaan immoo sababa umurii fi fayyaa isaaniitiin waan hedduu hojjechuu hin dandaʼan. Taʼus, jaarsi tokko jaarsa kan biraa kamiin iyyuu, “Ati na hin barbaachistu” jechuu hin qabu. Kanaa mannaa tokkoon tokkoon jaarsaa gorsa Phaawulos isa Roomaa 12:10 irra jiru hordofuu qaba. w20.08 26 key. 1-2; 27 key. 4

Roobii, Ebla 27

Doʼiin addunyaa kanaa jijjiiramaa jira.—1 Qor. 7:31.

Yihowaan kutaa jaarmiyaa isaa isa lafa irraatti fayyadamee daandii jireenyaa irra nu qajeelcha. Barumsa buʼuuraa ykn amala keenya ilaalchisee qajeelfama Kitaaba Qulqulluu irratti hundaaʼee nuuf kennamu fedhiidhaan akka hordofnu beekamaa dha. Haa taʼu malee, Galma Walgaʼii itti walitti qabamnu gurguruu dabalatee jaarmiyaan Waaqayyoo jijjiirama kallattii jireenya keenyaa kan biroo tuqu yommuu godhu maal goona? Yihowaadhaaf hojjechaa akka jirruu fi innis jaarmiyaa isaa geggeessaa akka jiru kan yaadannu yoo taʼe, gammachuu keenya eegnee jiraanna. (Qol. 3:23, 24) Daawit Mootichi ijaarsa mana qulqullummaatiif buusii gochuudhaan fakkeenya gaarii taʼeera. Akkas jedheera: “Kennaawwan fedhiidhaan kennaman akkanaa kennuudhaaf anis taʼe sabni koo eenyu? Wanti hundi si irraa argame; nutis wantuma harka kee irraa arganne siif kennine.” (1 Sen. 29:14) Nutis yommuu qarshii buusii goonu, wantuma harka isaa irraa arganne isaaf kennina. Taʼus, Yihowaan hojii inni barbaadu hojjechuuf yeroo, humnaa fi qabeenya keenya yommuu kenninu ni dinqisiifata.—2 Qor. 9:7. w20.11 22-23 key. 14-16

Kamisa, Ebla 28

Namni duumessa [ilaalu] hin haammatu.—Lal. 11:4.

Nuti Dhugaa Baatonni Yihowaa, milkaaʼina keenya baayʼina namoota gara jaarmiyaa Waaqayyootti fidneen hin madaallu. (Luq. 8:11-15) Misiraachoo labsuu fi warra kaan barsiisuu keenya jabaannee hamma itti fufnetti, Yihowaan milkaaʼina akka argannetti nu ilaala. Maaliifi? Sababiin isaas Yihowaa fi Ilma isaatiif ajajamaa jirra. (Mar. 13:10; HoE. 5:28, 29) Yeroo ammaatti lallabuuf sababii dabalataa qabna; innis, dhumni sirna kanaa saffisaan dhihaachuu isaati! Yeroon hojii lubbuu baraaruu kana irratti itti hirmaannu baayʼee gabaabbateera. Kanaafuu, duubatti hin harkifatin ykn hojii baayʼee barbaachisaa kana irratti hirmaachuuf yeroo mijataa eeguu akka qabdu sitti hin dhagaʼamin. Kakaʼumsa kee cimsachuuf, beekumsa Kitaaba Qulqulluu kee guddifachuuf, ija jabina kee cimsachuu fi of toʼachuu horachuuf ammuma tarkaanfii fudhadhu. Namoota miliyoona saddeetii ol taʼanii fi akka qurxummiitti namoota qabanii wajjin hojjedhu, taanaan atis gammachuu Yihowaa dhandhamuu dandeessa. (Nah. 8:10; Luq. 5:10) Guutummaatti hojii kana irratti hirmaachuu fi yommuu hojiin kun xumuramu arguuf kutadhu. w20.09 7 key. 18-20

Jimaata, Ebla 29

Wanta imaanaadhaan sitti kenname jabeessii eegi.—1 Xim. 6:20.

Fedhiin qabeenya dabalataa argachuu xiyyeeffannaa keenya akka hin hihhirre gochuu qabna. “Humni qabeenyi gowwoomsuuf qabu” jaalala Yihowaadhaaf qabnu, dinqisiifannaa Dubbii Waaqayyootiif qabnuu fi fedhii dubbicha warra kaaniif hiruuf qabnu hudhuu dandaʼa. (Mat. 13:22) Wantoota Yihowaan imaanaadhaan nuuf kenne eeguuf, yommuu balaan akka jiru hubannu hatattamaan tarkaanfii fudhachuu qabna. Yommuu Intarneetii fayyadamnu ykn fiilmii ykn sagantaa televizyinii tokko ilaallu wanti naamusaan ala taʼe, gochi hammeenya argisiisu ykn wanti yaada gantootaa qabate yoo nu mudate akkamitti jalaa “baʼuu” akka dandeenyu dursinee qophaaʼuu qabna. Wanta nu mudachuu dandaʼuuf dursinee yoo qophoofne, balaa hafuuraa jalaa baʼuuf dafnee tarkaanfii fudhachuu fi Yihowaa duratti qulqulluu taanee itti fufuu dandeenya. (Far. 101:3; 1 Xim. 4:12) Wantoota Yihowaan nuuf kenne, jechuunis dhugaawwan Kitaaba Qulqulluu gatii guddaa qabanii fi mirga dhugaawwan kana warra kaan barsiisuuf arganne eeguu qabna. Yommuu akkas goonu qalbii qulqulluu, jireenya hiika qabuu fi gammachuu warri kaan Yihowaa akka beekan gargaaruudhaan argamu qabaachuu dandeenya. w20.09 30 key. 16-19

Sanbadduraa, Ebla 30

[Ati] ijuma keetiin Barsiisaa kee Isa Guddicha ni argita.—Isa. 30:20.

Cuuphamteettaa? Taanaan amantii Yihowaa irratti qabduu fi fedhii jaarmiyaa isaa wajjin tajaajiluuf qabdu namoota duratti argisiisteetta. Yeroo harʼaa Yihowaan karaa amala isaa, kaayyoo isaa fi ulaagaa isaa calaqqisiisuun jaarmiyaa isaa geggeessaa jira. Mee amma amalawwan Yihowaa jaarmiyaa isaa irratti mulʼatan sadii hubadhu. Tokkoffaa, ‘Waaqayyo namoota wal hin caalchisu.’ (HoE. 10:34) Jaalalli, Yihowaan Ilma isaa “namoota hundumaatiif furii” godhee akka kennu isa kakaaseera. (1 Xim. 2:6; Yoh. 3:16) Yihowaan sabni isaa warra dhaggeeffachuuf fedhii qaban hundaaf misiraachoo akka lallaban gochaa jira, kun immoo namoonni hedduun furicha irraa akka fayyadaman gargaara. Lammaffaa, Yihowaan Waaqa nagaa fi seera qabeessa dha. (1 Qor. 14:33, 40) Kanaafuu, waaqeffattoonni isaa karaa nagaa fi seera qabuun isa tajaajilu jennee eeguu dandeenya. Sadaffaa, Yihowaan “Barsiisaa [Guddicha]” dha. (Isa. 30:21) Kanaaf, jaarmiyaan isaa gumii keessattis taʼe, tajaajila irratti Dubbii isaa isa geggeessaa hafuuraatiin barreeffame barsiisuu irratti xiyyeeffata. w20.10 20 key. 1-3

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi