Caamsaa
Dilbata, Caamsaa 1
Isaaniif bitamuu [isaa] itti fufe.—Luq. 2:51.
Yesuus yeroo ijoollee turetti warra isaatiif ajajamuu filateera. Isaan caalaa akka beeku yaaduudhaan matumaa qajeelfama isaanii fudhachuu didee hin beeku. Yesuus itti gaafatamummaa hangafa taʼuudhaan qabuuf iddoo guddaa akka kenne hin shakkisiisu. Maatii isaa gargaaruu akka dandaʼuuf, abbaa isaa Yoseef irraa ogummaa harkaa barachuuf jabaatee akka hojjete beekamaadha. Warri Yesuus waaʼee dinqiidhaan dhalachuu isaa fi wanta maleekonni Waaqayyoo waaʼee isaa dubbatan isatti himanii taʼuu dandaʼa. (Luq. 2:8-19, 25-38) Yesuus wantuma isatti himame qofaan na gaʼa jedhee hin dhiisne; ofii isaatiinis Kitaaba Qulqulluu qoʼatee ture. Yesuus Dubbii Waaqayyoo akka gaariitti kan baratu akka ture akkamitti beekna? Yeroo ijoollee turetti, barsiisonni Yerusaalem turan, ‘hubannaa fi deebii isaa baayʼee dinqisiifatanii’ kan turan taʼuun isaa kana argisiisa. (Luq. 2:46, 47) Akkasumas, Yesuus yommuu umuriin isaa waggaa 12 turetti Yihowaan Abbaa isaa akka taʼe mirkaneeffatee ture.—Luq. 2:42, 43, 49. w20.10 29-30 key. 13-14
Wiixata, Caamsaa 2
Kiristoos warra duʼan keessaa [kaafameera].—1 Qor. 15:12.
Duʼaa kaʼuu Yesuusitti amanuun abdii keenyaaf murteessaa dha. Phaawulos waaʼee duʼaa kaʼuu barreessuu yeroo jalqabetti dhugaawwan sadii ibseera. Isaanis, (1) “Kiristoos cubbuu keenyaaf ni duʼe.” (2) “Ni awwaalame.” (3) “Akkuma Kitaabonni Qulqulluun jedhan guyyaa sadaffaatti duʼaa ni kaafame.” (1 Qor. 15:3, 4) Duuti, awwaalamuunii fi duʼaa kaʼuun Yesuus nuuf hiika maalii qaba? Isaayyaas raajichi waaʼee Masiihichaa, “Inni biyya warra jiraatoo keessaa balleeffamee,” “hamootaa wajjin iddoon awwaalchaa isaaf ni kenname” jedhee raajii dubbateera. Taʼus wanti raawwatamu kan biraanis jira. Isaayyaas itti dabaluudhaan, “Cubbuu namoota hedduu ni baate” jedheera. Yesuus yeroo furii dhiheessetti kana godheera. (Isa. 53:8, 9, 12; Mat. 20:28; Rom. 5:8) Kanaafuu, duʼuun, awwaalamuunii fi duʼaa kaʼuun Yesuus cubbuu fi duʼa irraa bilisa taanee namoota jaallannuu wajjin deebinee akka wal arginu abdachuuf buʼuura cimaa nuuf taʼa. w20.12 2-3 key. 4-6; 5 key. 11
Kibxata, Caamsaa 3
Eenyu illee foonitti amanamuuf sababii yoo qabaate namni sun ana dha. Namni foonitti amanamuuf sababii akka qabu yaadu kan biraan yoo jiraate ani isa caalaa sababii qaba.—Filp. 3:4.
Phaawulos ergamaan yeroo baayʼee mana sagadaa Yihudootaa keessatti lallaba ture. Fakkeenyaaf, mana sagadaa Tasalonqeetti argamu keessatti, “sanbata sadiif Kitaabota Qulqulluu irraa dubbisee [Yihudootaa] wajjin mariʼate.” (HoE. 17:1, 2) Phaawulos mana sagadaa keessatti miirri tasgabbii isatti dhagaʼamee taʼuu hin oolu. Inni kan guddate amantii Yihudii keessatti ture. (HoE. 26:4, 5) Phaawulos Yihudoota waan hubateef, ija jabinaan isaaniif lallabuu dandaʼeera. (Filp. 3:5) Phaawulos namoonni isa morman waan isa dirqisiisaniif gara Tasalonqeetti, achiis gara Beriyaatti baqatee gara Ateenaa dhaqe. Ammas, “Yihudootaa fi namoota Waaqayyoon waaqeffatan kaanii wajjin mana sagadaa keessatti . . . mariʼachuu jalqabe.” (HoE. 17:17) Yommuu bakka gabaatti lallabaa turetti garuu dhaggeeffattoonni isaa namoota kan biroo turan. Warra isa dhaggeeffachaa turan keessaa falaastonnii fi namoonni Yihudoota hin taane warri ergaa Phaawulos akka ‘barumsa haaraatti’ ilaalan jiru turan. Isaanis, “Ati wantoota gurra keenyaaf keessummaa taʼan dubbachaa jirta” isaan jedhan.—HoE. 17:18-20. w20.04 9 key. 5-6
Roobii, Caamsaa 4
Wanta sirrii taʼe hojjechuu yommuun barbaadu, wanta gadhee hojjechuuf fedhiin [na keessa jira].—Rom. 7:21.
Dadhabina qabdu wajjin qabsoo gochaa jirta taanaan gatii hin qabu jettee hin yaadin. Nu keessaa eenyu iyyuu ofii keenyaan Waaqayyo duratti qajeeloo taʼuu akka hin dandeenye yaadadhu. Hundi keenya karaa furichaa gaarummaa Waaqayyoo isa guddaa argachuun nu barbaachisa. (Efe. 1:7; 1 Yoh. 4:10) Akkasumas obbolootaa fi obboleettota maatii hafuuraa keenya taʼan irraa jajjabina argachuu dandeenya! Isaan yommuu dubbachuu barbaadnu nu dhaggeeffachuu fi nu jajjabeessuu dandaʼu. (Fak. 12:25; 1 Tas. 5:14) Jooyi ishiin abdii kutachuu wajjin qabsooftuu fi Naayijeeriyaa jirtu akkas jetteetti: “Obboloonnii fi obboleettonni koo utuu hin jiran taʼee boolla maaliitu na liqimsa? Isaan Yihowaan kadhannaa kootiif deebii akka kennu ragaa argisiisani dha. Warra garaan isaanii cabe akkamitti akkan jajjabeessu illee isaan irraa baradheera.” Taʼus, obboloonnii fi obboleettonni keenya yeroo jajjabinni nu barbaachisu hunda beekuu dhiisuu akka dandaʼan sammuutti qabachuu qabna. Kanaafuu, obboleessa ykn obboleettii bilchaatoo tokko bira dhaquudhaan dursa fudhannee gargaarsi akka nu barbaachisu isaanitti himuun nu barbaachisuu dandaʼa. w20.12 23-24 key. 7-8
Kamisa, Caamsaa 5
Michoota jedhee isin waameera.—Yoh. 15:15.
Yeroo baayʼee, nama argattan tokkoo wajjin michummaa gaarii uumuuf tarkaanfiin inni jalqabaa nama sanaa wajjin yeroo dabarsuu dha. Yommuu waliin haasoftan, akkasumas yommuu yaadaa fi muuxannoo walitti himtan michoota walii ni taatu. Yommuu Yesuusii wajjin michummaa gaarii uumnutti garuu haalawwan rakkisoon nu mudatu. Isaan keessaa tokko qaamaan Yesuusiin kan hin argine taʼuu keenya dha. Kiristiyaanonni jaarraa jalqabaa hedduun haalli rakkisaan wal fakkaatu isaan mudateera. Taʼus Pheexiros ergamaan, “Isin matumaa isa argitanii kan hin beekne taʼus isa ni jaallattu. Amma isa kan hin argine yoo taʼe illee isatti ni amantu” jedheera. (1 Phe. 1:8) Kanaafuu, Yesuusiin qaamaan utuu hin argin isaa wajjin michummaa cimaa uumuun ni dandaʼama jechuu dha. Kana malees, Yesuusitti dubbachuu hin dandeenyu. Yommuu kadhannu, kallattiidhaan Yihowaatti dubbanna. Maqaa Yesuusiin akka kadhannu beekamaa dha; taʼus, kallattiidhaan isatti hin dubbannu. Siruma iyyuu Yesuus isatti kadhannaa akka dhiheessinu hin barbaadu. Maaliif? Sababiin isaas, kadhannaan bifa waaqeffannaa siʼa taʼu, waaqeffatamuu kan qabu immoo Yihowaa qofa dha. (Mat. 4:10) Haa taʼu malee, jaalala Yesuusiif qabnu ibsuu ni dandeenya. w20.04 20 key. 1-3
Jimaata, Caamsaa 6
[Waaqayyo] isin cimsa, isin jabeessa.—1 Phe. 5:10.
Fiigdonni Giriikii dorgommii irratti hirmaatan rakkoowwan akka dadhabbii fi dhukkubbii jiran dandamachuu qabu turan. Haa taʼu malee, kan amanaman leenjii argatanii fi jabina ofii isaanii irratti qofa ture. Nutis akkuma fiigdota sanaa dorgommii sana irratti akkamitti fiiguu akka qabnu leenjii ni arganna. Haa taʼu malee, nuti warra kallattiidhaan dorgommii fiigichaa irratti hirmaatan irraa karaa itti caallu qabna. Madda humna daangaa hin qabne irraa gargaarsa argachuu dandeenya. Yihowaatti yoo amanamne, inni nu leenjisuuf qofa utuu hin taʼin nu cimsuufis waadaa nuuf galeera! Phaawulos ergamaan rakkoowwan hedduu moʼuu qaba ture. Arrabsoo fi ariʼatama warra kaanii dabalatee, yeroo tokko tokko dadhabaa akka taʼe itti dhagaʼameera, akkasumas ‘qoree foon isaa waraanu’ dandamachuun isa barbaachisee ture. (2 Qor. 12:7) Haa taʼu malee, rakkoowwan kun abdii kutachuuf sababa akka taʼan godhee ilaaluu mannaa, Yihowaatti amanamuuf carraa akka isaaf banan godhee ilaaleera. (2 Qor. 12:9, 10) Phaawulos ilaalcha akkanaa waan qabuuf, Yihowaan rakkoowwan isaa hundumaa irratti isa gargaareera. w20.04 29 key. 13-14
Sanbadduraa, Caamsaa 7
Abbaan . . . yoo isa harkise malee, namni kam iyyuu gara koo dhufuu hin dandaʼu.—Yoh. 6:44.
Yihowaa fi kutaa jaarmiyaa isaa isa samii ‘wajjin hojjechuudhaan’ kennaa ijaan hin argamne arganneerra. (2 Qor. 6:1) Yeroo hojii barattoota gochuu irratti hirmaannu hundumaatti kana gochaa jirra. Phaawulos waaʼee ofii isaa fi waaʼee namoota hojii kana irratti hirmaatanii yommuu dubbatu, “Nuti warra Waaqayyoo wajjin hojjennu dha” jedheera. (1 Qor. 3:9) Tajaajila Kiristiyaanaa irratti yommuu hirmaannu Yesuus wajjinis hojjechaa jirra jechuu dha. Yesuus, “Saba hundumaa keessaa namoota barattoota godhaa” jechuudhaan duuka buutota isaa erga ajajee booda, “Isinii wajjinan jira” jechuu isaa yaadadhaa. (Mat. 28:19, 20) Maleekonni hoo nuu wajjin jiruu? “Misiraachoo bara baraa warra lafa irra jiraataniif” yommuu lallabnutti qajeelfama maleekotaa argachuun eebba guddaa mitii? (Mul. 14:6) Gargaarsa samii irraa argannuun maal raawwachuu dandeenya? Ergaa Mootummichaa yommuu facaasnutti sanyiiwwan tokko tokko garaa ergicha fudhatu irra buʼanii biqilu. (Mat. 13:18, 23) Sanyiiwwan dhugaa kun akka guddatanii fi firii akka godhatan kan godhu eenyu dha? Yesuus kana caqasa guyyaa harʼaa irratti ibseera. w20.05 30 key. 14-15
Dilbata, Caamsaa 8
Sirni kun dhiibbaa akka isin irratti godhu hin heyyaminaa.—Rom. 12:2.
Yeroo ammaatti maatiiwwan miliyoonaan lakkaaʼaman sababa wal hiikuutiin gargar baʼu. Maatiiwwan mana tokko keessa jiraatan illee hariiroo cimaa hin qaban taʼa. Namni waaʼee maatii gorsa kennu tokko, “Haati, abbaa fi ijoolleen xiyyeeffannaa waliif kennuu dhiisanii kompiitara, taableetii, moobaayilii ammayyaa ykn tapha viidiyootiin qabamu. Mana tokko keessa kan jiraatan taʼus, akka gaariitti wal hin beekan” jedheera. Akka namoota addunyaa kana keessa jiran hedduu jaalala kan hin qabne taʼuu hin barbaannu. Kanaa mannaa, miseensota maatii keenyaaf qofa utuu hin taʼin, warra amantiidhaan nutti firoomaniifis jaalala hoʼaa horachuu qabna. (Rom. 12:10) Jaalalli hoʼaan maali dha? Jechoonni kun michummaa cimaa miseensota maatii walitti dhihaatan gidduu jiru argisiisu. Jaalalli obbolootaa fi obboleettota keenya warra maatii hafuuraa keenya taʼaniif qabaachuu qabnu jaalala akkasii ti. Jaalala akkasii yommuu argisiisnu, tokkummaan inni waaqeffannaa dhugaa keessatti barbaachisaa taʼe akka eegamu goona.—Mik. 2:12. w21.01 20 key. 1-2
Wiixata, Caamsaa 9
Maqaa kee akkan sodaadhuuf, garaa koo tokko naaf godhi.—Far. 86:11.
Gareen ispoortii tokkummaa qabu garee tokkummaa hin qabne caalaa carraan milkaaʼina argachuuf qabu balʼaa dha. Yaadni kee, fedhiin kee fi miirri kee Yihowaa tajaajiluu irratti yoo tokko taʼe, garaan kee garee milkaaʼina qabu sanaa wajjin wal fakkaachuu dandaʼa. Seexanni garaa kee hihhiruun akka isa gammachiisu yaadadhu. Inni yaadni kee, fedhiin kee fi miirri kee akka hihhiramuu fi ulaagaa Yihowaa wajjin akka wal faallessu barbaada. Haa taʼu malee, Yihowaa tajaajiluuf garaa guutuu qabaachuun kee barbaachisaa dha. (Mat. 22:36-38) Seexanni garaa kee akka hihhiru matumaa hin heyyamin! Akkuma Daawit, “Maqaa kee safeeffachuufis nama garaa tokkichaa na godhi!” jedhii kadhadhu. Kadhannaa kee wajjin wal simtee jiraachuuf wanta siif dandaʼame hunda godhi. Isa xinnaadhaa kaasee hanga isa guddaatti murtoon guyyaa guyyaadhaan gootu maqaa Yihowaa isa qulqulluudhaaf dinqisiifannaa akka qabdu kan argisiisu akka taʼu murteessi. Kana gochuudhaan akka Dhugaa Baatuu Yihowaa tokkootti maqaan Yihowaa ulfina akka argatu goota. (Fak. 27:11) Akkasumas hundi keenya akkuma Miikiyaas raajichaa, “Bara baraan maqaa Waaqayyo keenya gooftichaatiin in deddeebina” jechuu dandeenya.—Mik. 4:5. w20.06 13 key. 17-18
Kibxata, Caamsaa 10
[Inni] haxaaʼee balleessuu fi namoota hedduu fixuuf aarii guddaadhaan ni baʼa.—Dan. 11:44.
Haleellaan mootiin kaabaa mootummoota addunyaa warra kaanii wajjin godhu kun, Waaqni Hundumaa Dandaʼu waraana Armaagedoon akka banu isa kakaasa. (Mul. 16:14, 16) Yeroo sanatti mootiin kaabaa saboota kutaa Goog isa biyya Maagoog taʼan kaanii wajjin ni balleeffama, “namni isa gargaaru tokko illee isa bira hin jiru.” (Dan. 11:45) Kitaaba Daaniʼel irratti caqasni itti aansee jiru mootiin kaabaa fi michoonni isaa akkamitti akka balleeffaman, akkasumas nuti akkamitti badiisa irraa akka oollu ilaalchisee ibsa balʼaa kenna. (Dan. 12:1) Caqasni kun hiika maalii qaba? Maqaan Mikaaʼel jedhu maqaa kan biraa Yesuus Kiristoos inni Mootii keenya taʼee bulchaa jiru ittiin waamamu dha. Inni bara 1914tti yeroo Mootummaan isaa samii irratti hundeeffame irraa jalqabee saba Waaqayyootiif ‘dhaabbateera.’ Inni dhiheenyattis ‘ni dhaabbata’ ykn waraana Armaagedoonitti tarkaanfii murteessaa taʼe fudhata. Waraanni sun yeroo Daaniʼel seenaa keessatti ‘rakkina argamee hin beekne’ jechuudhaan ibse itti xumuramu taʼa. Raajiin Yohaannis inni kitaaba Mulʼataa irratti galmeeffame yeroo waraana Armaagedoon dura jiru “rakkina guddaa” jechuudhaan ibseera.—Mul. 6:2; 7:14. w20.05 15-16 key. 15-17
Roobii, Caamsaa 11
Yoseef gara Gibxiitti ni geeffame.—Uma. 39:1.
Yoseef yeroo garba turettii fi booda immoo yeroo mana hidhaa galetti, filannoon inni qabu muraasa dha; sochii balʼaa gochuufis bilisummaa hin qabu ture. Madaallii isaa eeggachuu kan dandaʼe akkamitti ree? Wanta gochuu hin dandeenye irratti xiyyeeffachuu mannaa, hojii isaaf kenname hojjechuuf wanta dandaʼe hunda godheera. Yoseef Yihowaa gammachiisuu irratti xiyyeeffateera. Yihowaanis wanta inni hojjetu hundumaatiin isa eebbiseera. (Uma. 39:21-23) Seenaan Yoseef, addunyaan kun hamaa akka taʼee fi namoonni jalʼina haqaa nu irratti raawwachuu akka dandaʼan nu yaadachiisa. Obboleessi ykn obboleettiin tokko illee nu miidhuu dandaʼu. Taʼus, Yihowaan qarsaa keenya ykn iddoo kooluu itti gallu akka taʼetti yoo ilaalle, garmalee hin dhiphannu ykn isa tajaajiluu keenya hin dhiisnu. (Far. 62:6, 7; 1 Phe. 5:10) Yoseef yommuu Yihowaan abjuuwwan kana isatti argisiise umuriin isaa gara waggaa 17 akka tures yaadadhaa. Kanaafuu, Yihowaan tajaajiltoota isaa dargaggoota taʼan irratti amanannaa qaba. Dargaggoonni yeroo harʼaa jiran hedduun Yoseefii wajjin wal fakkaatu. Isaanis Yihowaa irratti amantii qabu. Tokko tokko ejjennoo isaanii laaffisuu waan didaniif, haqa malee hidhamaniiru.—Far. 110:3. w20.12 16 key. 3; 17 key. 5, 7
Kamisa, Caamsaa 12
Ergamoota waamanii erga garafanii booda, maqaa Yesuusiin dubbachuu isaanii akka dhaaban [isaan ajajan].—HoE. 5:40.
Pheexiros ergamaa fi Yohaannis ergamaan, Yesuus duukaa buʼuu isaaniitii fi barumsa isaa warra kaanitti himuu isaaniitiin kan kaʼe ariʼatamni isaan irra gaʼuun isaa akka mirga guddaatti ilaalu turan. (HoE. 4:18-21; 5:27-29, 41, 42) Barattoonni sababii itti qaanaʼan hin qaban turan. Oolee bulee, Kiristiyaanonni jaarraa jalqabaa gad of qaboo taʼan kunneen, wanta mormitoonni isaanii raawwatan kam iyyuu caalaa namootaaf waan gaarii hedduu godhaniiru. Fakkeenyaaf, kitaabonni Kiristiyaanota sana keessaa tokko tokko geggeessaa hafuuraatiin barreessan, namoota miliyoonaan lakkaaʼaman gargaaruu fi abdii akka qabaatan gochuu isaanii itti fufaniiru. Kana malees, Mootummaan isaan waaʼee isaa labsaa turan yeroo ammaatti samii irratti bulchaa kan jiru yeroo taʼu, dhiheenyatti immoo guutummaa ilmaan namootaa irratti bulchuu jalqaba. (Mat. 24:14) Faallaa kanaatiin immoo, humni siyaasaa aangoo guddaa qabuu fi Kiristiyaanota irra ariʼatama geessisaa ture sun guutummaatti balleeffameera; barattoonni amanamoon kunneen garuu yeroo ammaatti samii irratti mootota taʼaniiru. Mormitoonni isaaniis duʼaniiru; duʼaa kaʼuuf carraa yoo argatan illee, Mootummaa Kiristiyaanonni isaan jibbaa turan kunneen labsaa turan jalatti bulu.—Mul. 5:10. w20.07 15 key. 4
Jimaata, Caamsaa 13
[Abrahaam] magaalaa buʼuura dhugaa qabdu, ishii Waaqayyo pilaanii ishii qopheessee fi ijaare sana eeggata ture.—Ibr. 11:10.
Abrahaam waadaa Waaqayyo gale irratti amantii cimaa waan qabuuf, Isa Dibame ykn Masiihicha, Mootii Mootummaa Waaqayyoo taʼu akkuma waan argeetti ilaalee ture. Kanaan kan kaʼes, Yesuus Yihudoota bara isaatti turaniin, “Abrahaam abbaan keessan guyyaa koo arguuf gammachuu guddaadhaan eeggachaa ture, guyyaa koo argees gammadeera” jedheera. (Yoh. 8:56) Ifatti hubachuun akka dandaʼamutti, Abrahaam sanyiiwwan isaa Mootummaa deggersa Yihowaa qabu akka hundeessan beekee ture, akkasumas hamma Yihowaan waadaa kana raawwatutti eeguuf fedhii qaba ture. Abrahaam magaalaa ykn Mootummaa Waaqayyo pilaanii isaa baase eeggachaa akka ture kan argisiise akkamitti? Tokkoffaa, Abrahaam lammii mootummaa lafa irraa kam iyyuu hin taane. Iddoo tokko qofa jiraachuu mannaa bakka tokkoo gara bakka biraatti deemaa jiraateera, akkasumas mootii kam iyyuu hin deggerre. Dabalataanis Abrahaam mootummaa mataa isa hundeessuuf hin yaalle. Kanaa mannaa, Yihowaadhaaf ajajameera; hamma inni waadaa gale raawwatuttis eegeera. Abrahaam akkas gochuudhaan Yihowaa irratti amantii guddaa akka qabu argisiiseera. w20.08 3 key. 4-5
Sanbadduraa, Caamsaa 14
Namni duʼe cubbuu isaa irraa bilisa baʼeera.—Rom. 6:7.
Yihowaan bulchiinsa Kiristoos jalatti namni “na dhukkuba” jedhu tokko illee akka hin jiraanne waadaa galeera. (Isa. 33:24) Kanaaf, warri duʼaa kaʼan qaama fayyaa qabaatanii kaʼu. Haa taʼu malee, yeruma sanatti mudaa kan hin qabne hin taʼan. Yoo akkas taʼan garuu, namoonni isaan jaallatan isaan waan wallaalan fakkaata. Ilmaan namootaa hundi, Bulchiinsa Barkumee Kiristoositti mudaa kan hin qabne kan taʼan irraa jalaan taʼuu hin oolu. Yesuus Mootummicha deebisee Abbaa isaatti kan kennu xumura waggaa kumaatti qofa dha. Yeroo sanatti Mootummichi ilmaan namootaa gonka qabeeyyii gochuu dabalatee, hojii isaa guutummaatti xumura. (1 Qor. 15:24-28; Mul. 20:1-3) Namoota jaallattu deebistee simachuun maal fakkaachuu akka dandaʼu mee yaadi. Gammachuun sitti dhagaʼamu akka boossu moo akka kolfitu si taasisa? Yihowaadhaaf faarfannaa jajannaa faarfachuuf kakaataa? Wanta tokko beekna; Abbaan keenya inni jaalala qabeessii fi Ilmi isaa inni ofittummaa irraa bilisa taʼe duʼaa kaʼuun akka jiraatu waan godhaniif, jaalala guddaa isaaniif qabaanna. w20.08 16-17 key. 9-10
Dilbata, Caamsaa 15
Namni hundi kennaa Waaqayyo biraa argate qaba; inni tokko waan tokko, inni tokko immoo waan kan biraa qaba.—1 Qor. 7:7.
Phaawulos ergamaan Kiristiyaanonni qeenxee taʼanii tajaajiluu dandaʼu yoo taʼe akka yaadan jajjabeesseera. (1 Qor. 7:8, 9) Phaawulos Kiristiyaanota qeenxee akka gad aanootti ilaalee akka hin turre beekamaa dha. Kana malees, Ximotewos inni dargaggeessaa fi qeenxee taʼe hojii barbaachisaa akka hojjetu isa filateera. (Filp. 2:19-22) Kanaafuu, obboleessi tokko gaaʼela godhachuu fi dhiisuu isaa irratti hundaaʼanii gaʼumsa guddaa ykn xinnoo qaba jedhanii yaaduun dogoggora dha. (1 Qor. 7:32-35, 38) Yesuusis taʼe Phaawulos Kiristiyaanonni gaaʼela godhachuu ykn qeenxee taʼanii jiraachuu akka qaban hin barsiisne. Kanaafuu, waaʼee gaaʼela godhachuu fi qeenxee taʼuu maal jechuu dandeenya ree? Masaraan Eegumsaa Onkoloolessa 1, 2012 (Amaariffa) gaaffii kanaaf deebii akkas jedhu kenneera: “Gaaʼellis taʼe qeenxee taʼuun kennaa Waaqayyoo biraa argamani dha jechuun ni dandaʼama. . . . Yihowaan [qeenxee taʼuun] qaaniidhaaf ykn gaddaaf sababa akka taʼutti hin ilaalu.” Kana yaadatti qabachuudhaan, iddoo obboloonnii fi obboleettonni qeenxee taʼan gumii keessatti qaban kabajuu qabna. w20.08 28 key. 8-9
Wiixata, Caamsaa 16
Waaʼee guyyaa sanaa fi saʼaatii sanaa, Abbaa qofa malee kan beeku tokko illee hin jiru.—Mat. 24:36.
Biyyoota tokko tokkotti namoonni misiraachicha yommuu dhagaʼan hawwii guddaadhaan fudhatu. Kun waanuma isaan eegaa turani dha. Biyyoota kaanitti immoo namoonni Waaqayyoofis taʼe Kitaaba Qulqulluudhaaf fedhii guddaa hin qaban. Naannoo keessanitti deebii baramaan namoonni hedduun kennan kan akkamiiti? Deebiin namoonni kennan maal iyyuu yoo taʼe, Yihowaan hanga hojiin lallabaa xumurameera jedhutti akka itti fufnu nu irraa eega. Yeroo Yihowaan murteessetti hojiin lallabaa ni xumurama, akkasumas “dhumni ni dhufa.” (Mat. 24:14) Yesuus taʼeewwanii fi haalawwan guyyoota dhumaa adda baasanii beeksisan, akkasumas duuka buutonni isaa hojii lallabaa akka hin raawwanne yaada isaanii hihhiruu dandaʼan raajii dubbateera. Kanaafuu, barattoonni isaa ‘dammaqanii akka eegan’ isaan gorsee ture. (Mat. 24:42) Yeroo harʼaatti wantoonni namoonni bara Noh akeekkachiisa Noh labsuuf xiyyeeffannaa akka hin kennine yaada isaanii hihhiranii wajjin wal fakkaatan nu mudatu. (Mat. 24:37-39; 2 Phe. 2:5) Kanaafuu, hojii misiraachoo labsuu Yihowaan nuu kenneef dursa kennuu keenya itti fufuu barbaanna. w20.09 8 key. 1-2, 4
Kibxata, Caamsaa 17
Namoonni Kiristoos Yesuusii wajjin tokkummaa qabaachuudhaan Waaqayyoof kan bulan taʼanii jiraachuu barbaadan hundi ni ariʼatamu.—2 Xim. 3:12.
Seexanni, “aarii guddaa” qaba; karaa taʼe tokkoon aarii isaa jalaa ooluu akka dandeenyu kan yaannu yoo taʼe of gowwoomsuu nutti taʼa. (Mul. 12:12) Dhiheenyatti hunda keenya iyyuu qorumsi amantii nu mudata. Addunyaan kun, “rakkinni guddaan jalqaba addunyaatii kaasee hanga harʼaatti taʼee hin beekne” isa mudata. (Mat. 24:21) Yeroo sanatti miseensonni maatii keenya nu irratti kaʼuu fi hojiin keenya dhorkamuu dandaʼa. (Mat. 10:35, 36) Akkuma Aasaa Mootichi godhe gargaarsaa fi eegumsa argachuuf dhuunfaatti Yihowaatti ni amanamnaa laata? (2 Sen. 14:11) Yihowaan gama hafuuraatiin wanta gara fuulduraatti nu mudatuuf nu qopheessaa jira. Inni waaqeffannaa keenyatti jabaannee akka itti fufnuuf, “garbichi amanamaanii fi ogeessi, yeroo sirrii taʼetti nyaata” hafuuraa nama ijaaru akka nuuf dhiheessuuf geggeessaa jira. (Mat. 24:45) Taʼus, gama keenyaan wanta nu irra eegamu gochuu fi Yihowaa irratti amantii hin raafamne qabaachuuf jabaannee hojjechuu qabna.—Ibr. 10:38, 39. w20.09 18 key. 16-18
Roobii, Caamsaa 18
Garaan mootii harka Yihowaa irratti akkuma bishaan yaaʼuu ti. Inni gara barbaadetti isa ni qajeelcha.—Fak. 21:1.
Kaayyoo isaa wajjin kan wal simu yeroo taʼutti, Yihowaan hafuura qulqulluu isaa isa humna guddaa qabutti fayyadamee, namoonni aangoo qaban fedhii isaa akka raawwatan gochuu dandaʼa. Namoonni bishaan jalʼisanii wanta karoorfatan tokko ittiin raawwachuuf boʼoo qotuu dandaʼu. Haaluma wal fakkaatuun, Yihowaanis yaada bulchitootaa kallattii barbaadetti jalʼisee kaayyoo isaa wajjin wal simsiisuuf hafuura isaatti fayyadama. Yeroo akkas taʼutti, namoonni aangoo qaban murtoo saba Waaqayyoo fayyadu gochuuf kakaʼu. (Izraa 7:21, 25, 26 wajjin wal bira qabii ilaali.) Nuti hoo maal gochuu dandeenya? Murtoo jireenyaa fi tajaajila Kiristiyaana keenya tuqu yommuu godhanitti, “moototaa fi warra aangoo qaban hundumaatiif” kadhachuu dandeenya. (1 Xim. 2:1, 2; Nah. 1:11) Akkuma Kiristiyaanonni jaarraa jalqabaa godhan, nutis obbolootaa fi obboleettota keenya mana hidhaa jiraniif cimsinee Waaqayyoon kadhanna.—HoE. 12:5; Ibr. 13:3. w20.11 15 key. 13-14
Kamisa, Caamsaa 19
Saboota hundumaa keessaa namoota barattoota koo godhaa . . . [akkasumas] isaan cuuphaa.—Mat. 28:19.
Barataa haaraa kan qoʼachiise isin yoo taʼe yommuu inni cuuphamu arguun caalaatti akka isin gammachiisu hin shakkisiisu! (1 Tas. 2:19, 20) Barattoonni haaraa cuuphaman warra isaan qoʼachiiseef qofa utuu hin taʼin, guutummaa gumichaatiif “xalayaa deggersaa” akka taʼan argisiisu. (2 Qor. 3:1-3) Waggoottan afur keessatti giddu galaan qoʼattoonni Kitaaba Qulqulluu gara 10,000,000 taʼan jiʼa jiʼaan addunyaa mara irraa gabaasa yommuu godhaman arguun nama gammachiisa. Akkasumas waggoottan kanatti giddu galaan namoonni 280,000 ol taʼan waggaa waggaadhaan cuuphamanii Dhugaa Baatota Yihowaa fi barattoota Yesuus Kiristoos taʼaniiru. Barattoota Kitaaba Qulqulluu miliyoonaan lakkaaʼaman kana keessaa baayʼeen isaanii akka cuuphaman gargaaruu kan dandeenyu akkamitti? Yihowaan namoonni barattoota Kiristoos akka taʼaniif obsaan yeroo fi carraa hamma isaaniif kennetti, guddina godhanii akka cuuphaman gargaaruuf hatattamaan wanta dandeenyu hunda gochuu barbaanna. Yeroon saffisaan dhumaa jira!—1 Qor. 7:29a; 1 Phe. 4:7. w20.10 6 key. 1-2
Jimaata, Caamsaa 20
Waaqayyo warra of tuulan ni morma, warra gad of qabaniif garuu gaarummaa guddaa ni kenna.—Yaq. 4:6.
Saaʼol Mootichi Yihowaadhaaf hin ajajamne. Akkasumas yeroo Saamuʼel raajichi waaʼee dhimma sanaa isa haasofsiisu, Saaʼol dogoggora isaa hin fudhanne. Kanaa mannaa, ajajamuu diduun isaa wanta inni geessisu xiqqeessee ilaaluu fi balleessaa isaa warra kaanitti qabachuudhaan gochi isaa sirrii akka taʼe ibsuuf yaaleera. (1 Sam. 15:13-24) Saaʼol sana duras amala akkasii argisiisee ture. (1 Sam. 13:10-14) Kan nama gaddisiisu garaan isaa of tuulaa akka taʼu heyyame. Inni yaada isaa hin sirreessine, kanaafuu Yihowaan isatti dheekkame, akkasumas isa dhiise. Fakkeenya Saaʼol irraa barachuuf gaaffiiwwan kana of gaafachuun keenya gaarii dha: ‘Kitaaba Qulqulluu irraa gorsa tokko yommuun dubbisu, sirreeffama gochuu dhiisuuf sababa nan dhiheessaa? Wanta ajajamuu diduun geessisu xiqqeesseen ilaalaa? Balleessaan raawwadhe warra kaanitti nan qabadhaa?’ Gaaffiiwwan kana keessaa tokkoof illee deebiin kenninu eeyyee yoo taʼe, yaada keenyaa fi ilaalcha keenya irratti sirreeffama gochuun nu barbaachisa. Taʼuu baannaan, garaan keenya baayʼee of tuulaa waan taʼuuf, Yihowaan akka michuu isaatti nu ilaaluu isaa ni dhiisa. w20.11 20 key. 4-5
Sanbadduraa, Caamsaa 21
Guyyoonni dhiphinaa dhufuu isaanii dura, waggoonni, “Na hin gammachiisan” itti jettu gaʼuu isaanii dura, bara dargaggummaa keetti Uumaa kee isa Guddaa yaadadhu.—Lal. 12:1.
Dargaggootaa, eenyuun akka tajaajiltan murteessaa. Yihowaan eenyu akka taʼe, kaayyoon isaa maal akka dabalatuu fi fedha isaa jireenya keessan keessatti akkamitti akka raawwattan mirkaneeffadhaa. (Rom. 12:2) Taanaan murtoo jireenya keessan keessatti baayʼee barbaachisaa taʼe, jechuunis murtoo Yihowaa tajaajiluu gochuu dandeessu. (Iya. 24:15) Dhaabbataadhaan Kitaaba Qulqulluu yoo dubbistanii fi yoo qoʼattan, jaalalli Yihowaadhaaf qabdan guddachaa deema, amantiin isa irratti qabdanis cimaa deema. Jireenya keessan keessatti fedha Yihowaatiif dursa kennaa. Addunyaan Seexanaa dandeettii keessan faayidaa ofii keessaniitiif yoo fayyadamtan gammadoo akka taatan abdii kenna. Taʼus, namoonni galma foonii irratti xiyyeeffatan, ‘cinqii hedduudhaan’ akka of waraanan beekna. (1 Xim. 6:9, 10) Faallaa kanaatiin, Yihowaa yoo dhaggeeffattanii fi fedha isaaf dursa kennuuf yoo filattan, jireenyi keessan milkaaʼina qabaata, ‘wanti gootanis wal isiniif qixxaata.’—Iya. 1:8. w20.10 30-31 key. 17-18
Dilbata, Caamsaa 22
Misiraachoo Mootummaa Waaqayyoo . . . lallabuun qaba; sababiin isaas, ani kanaafan ergame.—Luq. 4:43.
Jaarraa jalqabaatti ergaan Yesuus lallabe ilmaan namootaa hundumaaf abdii kenneera. Yesuus duuka buutonni isaa hojii inni jalqabe akka itti fufan, jechuunis “hanga andaara lafaatti” dhugaa akka baʼan isaan ajajeera. (HoE. 1:8) Taʼus, hojii kana jabina isaaniitiin akka hin raawwanne beekamaa dha. Hafuura qulqulluu, isa “gargaaraa” taʼee fi Yesuus waadaa isaaniif gale argachuu qabu turan. (Yoh. 14:26; Zak. 4:6) Duuka buutonni Yesuus Dh.K.B. bara 33 guyyaa Phenxeqosxeetti hafuura qulqulluu fudhataniiru. Gargaarsa hafuura kanaatiin yeruma sana lallabuu kan eegalan siʼa taʼu, yeroo gabaabaa keessatti namoonni kumaan lakkaaʼaman misiraachicha fudhataniiru. (HoE. 2:41; 4:4) Yommuu ariʼatamni kaʼetti barattoonni sodaadhaaf harka kennuu mannaa gargaarsa argachuuf gara Waaqayyootti garagalaniiru. “Garboonni kee ija jabina guddaadhaan dubbii kee dubbachuu isaanii akka itti fufan isaan gargaari” jedhanii kadhataniiru. Achiis hafuura qulqulluudhaan guutamanii, ‘dubbii Waaqayyoo ija jabinaan dubbatan.’—HoE. 4:18-20, 29, 31. w20.10 21 key. 4-5
Wiixata, Caamsaa 23
Akkuma Kitaabonni Qulqulluun jedhan, Kiristoos cubbuu keenyaaf ni duʼe; akkasumas . . . duʼaa ni kaafame.—1 Qor. 15:3, 4.
Yihowaan Yesuusiin gara jireenyaatti akka deebise mirkanaaʼoo taʼuu kan dandeenyu maaliifi? Yesuus akka duʼaa kaʼe dhugaa baatonni ijaan argan hedduun ragaa baʼaniiru. (1 Qor. 15:5-7) Dhugaa baatota Phaawulos tarreesse keessaa inni jalqabaa Pheexiros ergamaa (Keefaas) dha. Pheexiros Yesuus isa duʼaa kaʼe akka arge barattoonni hedduunis mirkaneessaniiru. (Luq. 24:33, 34) Dabalataanis, ergamoonni “Kudha Lama” Yesuus erga duʼaa kaʼee booda isa arganiiru. Achiis Kiristoos, “al tokkotti obboloota 500 caalanitti mulʼate”; tarii kun kan taʼe walgaʼii gammachiisaa Galiilaatti godhamee fi Maatewos 28:16-20 irratti ibsametti taʼuu dandaʼa. Kana malees, Yesuus ‘Yaaqoobitti kan mulʼate’ siʼa taʼu, Yaaqoob kun isa karaa haadhaa obboleessa isaa taʼee fi duraan Yesuus Masiihii taʼuu isaa hin amanne taʼuu hin oolu. (Yoh. 7:5) Yaaqoob, Yesuus isa duʼaa kaʼe erga argee booda isatti amaneera. Kan namatti tolu, Dh.K.B. naannoo bara 55 yeroo Phaawulos xalayaa kana barreessetti ragaa baatonni ijaan argan hedduun lubbuudhaan waan jiraniif, namni shakku kam iyyuu ragaa baatota amansiisoo kana gaafachuu dandaʼa ture. w20.12 3 key. 5, 7-8
Kibxata, Caamsaa 24
Siree dhukkubsatee irra ciisu irratti Yihowaan isa kunuunsa.—Far. 41:3.
Yommuu miirri gaariin nutti hin dhagaʼamnetti, keessumaa immoo dhukkuba cimaadhaan qabamnee jirra taanaan, yaada sirrii qabaachuun nutti ulfaachuu dandaʼa. Kanaafuu Yihowaan akka si gargaaru kadhadhu. Yihowaan yeroo ammaatti dinqiidhaan nu fayyisuu baatus nu jajjabeessa, akkasumas cimina jabaannee dhaabachuuf nu gargaaru nuu kennuu dandaʼa. (Far. 94:19) Fakkeenyaaf, hojii mana keessaa ykn waa bituu irratti gargaarsi yommuu nu barbaachisu Kiristiyaanni tokko gara keenya akka dhufu kakaasuu dandaʼa. Obboloonni keenya akka nu wajjin kadhatanis kakaasuu dandaʼa. Yookiin Dubbii isaa keessaa abdii dinqisiisaa waaʼee jireenya addunyaa haaraa isa dhukkubaa fi dhiphina irraa walaba taʼee akka yaadannu gochuudhaan nu jajjabeessuu dandaʼa. (Rom. 15:4) Haa taʼu malee, wanti tajaajila irratti raawwannu akka daangeffame nutti dhagaʼamuu dandaʼa. Obboleettiin Looreel jedhamtu waggaa 37f meeshaa hafuura baafachuuf gargaaru keessa ciisuun ishii barbaachisee ture. Kana malees, kaansariidhaan qabamteetti, yaalii baqaqsanii hodhuu cimaa gooteetti, akkasumas dhukkuba gogaa cimaadhaan qabamteetti. Taʼus, rakkoowwan ciccimoon kun akka hin dubbanne ishii hin taasisne. Ogeeyyii fayyaa fi namoota mana ishii dhufan kaaniif dhugaa baateetti; yoo xinnaate namoonni 17 beekumsa Kitaaba Qulqulluu isa sirrii akka argatanis gargaarteetti! w20.12 24 key. 9; 25 key. 12
Roobii, Caamsaa 25
Yihowaan na cinaa jira; ani hin sodaadhu. Namni maal na gochuu dandaʼa?—Far. 118:6.
Phaawulos ergamaan gargaarsi isa barbaachisee ture. Dhaloota Kiristoos Booda naannoo bara 56tti, namoonni baayʼeen mana qulqullummaa Yerusaalem keessaa lafa irra harkisanii erga isa baasanii booda isa ajjeesuuf yaalanii turan. Guyyaa itti aanutti, yommuu Phaawulos Saanhediriin duratti dhiheeffame, diinonni isaa isa cicciruuf xinnumatu isaan hafe. (HoE. 21:30-32; 22:30; 23:6-10) Yeroo kanatti Phaawulos, ‘Haala rakkisaa kana hamma yoomiittan dandaʼa?’ jedhee yaadee taʼuu dandaʼa. Maarree Phaawulos gargaarsa akkamii argate? Erga qabamee booda galgala itti aanutti, Yesuus “Gooftaan” isa bira dhaabatee, “Hin sodaatin! Akkuma Yerusaalem keessatti guutummaatti waaʼee koo dhugaa baate, Roomaattis dhugaa baʼuu qabda” isaan jedhe. (HoE. 23:11) Kun jajjabina yeroo sirriitti kenname ture. Yesuus Phaawulos Yerusaalemitti dhugaa baʼuu isaatiif isa galateeffateera. Akkasumas nagaadhaan Roomaa gaʼee, achittis akka dhugaa baʼu waadaa isaaf gale. Phaawulos jajjabina kana erga argatee booda, akkuma mucaa bobaa abbaa isaa keessa jiru tokkoo tasgabbiin itti dhagaʼamee taʼuu qaba. w20.11 12 key. 1, 3; 13 key. 4
Kamisa, Caamsaa 26
Abdii jabaa fi amansiisaa . . . kana qabna.—Ibr. 6:19.
Abdiin Mootummichaa, haala rakkisaa ykn nama dhiphisu keessatti ‘akka qofoo doonii lubbuu qabee dhaabuutti’ nu tasgabbeessuu dandaʼa. Gara fuulduraatti wanti nama dhiphisu akka hin jiraanne ilaalchisee abdii Yihowaan kenne irratti xiinxalaa. (Isa. 65:17) Addunyaa haaraa wanta nama dhiphisu tokko illee hin qabne keessa yommuu jiraattan yaadaan ilaalaa. (Mik. 4:4) Waaʼee addunyaa haaraa warra kaanitti yommuu himtanis abdiin keessan ni cima. Lallabuu fi hojii barattoota gochuu irratti hamma dandeessan hirmaadhaa. Yoo akkas gootan, ‘abdicha isa guutummaatti mirkanaaʼaa taʼe hamma dhumaatti qabattanii itti fuftu.’ (Ibr. 6:11) Dhumni sirna kanaa dhihaachaa yommuu adeemutti haalawwan rakkisoon akka dhiphannu nu taasisan dabalataa nu mudatu. Jabina keenyaan utuu hin taʼin, Yihowaa amanachuudhaan rakkoowwan kana dandamachuu fi tasgabbaaʼuu dandeenya. Abdii Yihowaan, ‘Tasgabbaaʼuu fi anatti amanamuudhaan jabina ni argattu’ jechuudhaan kennetti akka amannu gocha keenyaan haa argisiisnu.—Isa. 30:15. w21.01 7 key. 17-18
Jimaata, Caamsaa 27
Yihowaan jaalala guddaa kan qabu . . . dha.—Yaq. 5:11.
Yaaqoob 5:11 jaalala guddaa Yihowaan qabu amala isaa kan biraa akka isatti dhihaannu nu taasisu, jechuunis gara laafina isaa wajjin akka wal qabsiisu hubadhu. (Bau. 34:6) Yihowaan karaawwan gara laafina nutti argisiisu keessaa inni tokko dogoggora raawwanneef dhiifama nuuf gochuu dha. (Far. 51:1) Kitaaba Qulqulluu keessatti gara laafinni dhiifama gochuu caalaa wanta dabalatu hedduu qaba. Gara laafinni miira cimaa nama rakkate tokko yommuu arginu keessa keenyaa madduu fi akka isa gargaarru nu kakaasu dha. Yihowaan fedhii cimaan inni nu gargaaruuf qabu, miira haati tokko mucaa ishiitiif qabdu akka caalu ibseera. (Isa. 49:15) Yommuu rakkannutti gara laafinni Yihowaa akka inni nu gargaaru isa kakaasa. (Far. 37:39; 1 Qor. 10:13) Obboloonnii fi obboleettonni keenya yommuu nu gaddisiisan dhiifama isaaniif gochuu fi haaloo qabachuu dhiisuudhaan gara laafina isaanitti argisiisna. (Efe. 4:32) Haa taʼu malee, karaan obbolootaa fi obboleettota keenyatti gara laafina argisiisnu inni guddaan yommuu rakkatan isaan deggeruu dha. Kanaafuu, fakkeenya Yihowaa isa jaalala guddaa qabuu hordofna.—Efe. 5:1. w21.01 21 key. 5
Sanbadduraa, Caamsaa 28
Kiristoos faana isaa dhiheenyatti akka hordoftan fakkeenya isiniif [taʼeera].—1 Phe. 2:21.
Mataan maatii tokko madaallii isaa eeggachuun isa barbaachisa. Fedhii hafuuraa fi fedhii miiraa maatii isaa guutuu hamma dadhabutti maatii isaa gargaaruuf jecha hojii irratti garmalee xiyyeeffachuu mannaa leenjii kennuu qaba. Yihowaan faayidaa keenyaaf jecha nu leenjisa, nu adabas. (Ibr. 12:7-9) Yesuusis akkuma Abbaa isaa warra aangoo isaa jala jiran jaalalaan leenjiseera. (Yoh. 15:14, 15) Inni gorsa cimaa kan kennu taʼus, gaarummaa qaba ture. (Mat. 20:24-28) Mudaa akka qabnuu fi yeroo baayʼee akka dogoggorru ni hubata. (Mat. 26:41) Mataan maatii fakkeenya Yihowaa fi Yesuus hordofu haati manaa fi ijoolleen isaa mudaa akka qaban ni yaadata. Haadha manaa ykn ijoollee isaatti ‘garmalee hin dheekkamu.’ (Qol. 3:19) Kanaa mannaa, gorsa Galaatiyaa 6:1 irra jiru hojii irra oolcha, akkasumas innis mudaa akka qabu yaadachuudhaan ‘hafuura garraamummaatiin’ isaan sirreessuuf yaala. Akkuma Yesuus karaan barsiisuuf gargaaru inni hunda irra caalu fakkeenya taʼuu akka taʼe ni hubata. w21.02 6-7 key. 16-18
Dilbata, Caamsaa 29
Wanti hafuura baafatu hundi Yaahiin haa jajatu.—Far. 150:6.
Yihowaan furichaan tokkoon tokkoon nama gumii keessa jiruu fi nama Yesuusitti amanu kam iyyuu biteera. (Mar. 10:45; HoE. 20:28; 1 Qor. 15:21, 22) Kanaafuu Yihowaan, Yesuus isa lubbuu isaa furii godhee kenne gumicha irratti mataa akka taʼu muuduun isaa sirrii dha. Yesuus mataa keenya waan taʼeef, seera tokkoon tokkoon keenya, maatiiwwanii fi gumiiwwan eeguu qaban baasuu fi raawwachiisuuf aangoo qaba. (Gal. 6:2) Taʼus, Yesuus seera baasuu caalaa wanta godhu qaba. Tokkoon tokkoon keenya ni soora, ni jaallatas. (Efe. 5:29) Obboleettonni qajeelfama dhiironni akka isaan kunuunsaniif muudaman isaaniif kennan hordofuudhaan, Kiristoosiin akka kabajan argisiisu. Obboloonni obboleettota kabajuu fi ulfina isaaniif kennuudhaan qophii matummaa akka hubatan argisiisu. Warri gumii keessa jiran hundi qophii matummaa yommuu hubatanii fi yommuu kabajan gumichi nagaa argata. Hunda caalaa immoo Abbaan keenya inni samii fi jaalala qabeessa taʼe akka jajamu goona. w21.02 18-19 key. 14-17
Wiixata, Caamsaa 30
Daawit . . . Yihowaa gaafate.—1 Sam. 30:8.
Daawitii fi namoonni isaa yeroo baqattoota turanitti maatii isaanii dhiisanii lola dhaqan. Yeroo kanatti diinonni isaanii dhufanii mana isaanii saamuudhaan maatii isaanii boojiʼanii fudhatan. Daawit loltuu muuxannoo qabu waan taʼeef, salphaatti namoota boojiʼaman sana deebisuu akka dandaʼu isatti dhagaʼamuu dandaʼa ture. Taʼus, Yihowaan qajeelfama akka isaaf kennu gaafate. Daawit “Tuuta weerartootaa kana duukaa buʼuu?” jedhee Yihowaa gaafate. Yihowaanis, Daawit akka isaan duukaa buʼuu fi akka isaaf milkaaʼu itti hime. (1 Sam. 30:7-10) Seenaa kana irraa maal barachuu dandeessu? Isinis murtoo gochuu keessan dura warra kaan gorsa gaafadhaa. Dargaggootaa, waaʼee dhimmichaa warra keessan mariisisaa. Kana malees, jaarsolii muuxannoo qaban haasofsiisuudhaan gorsa gaarii argachuu dandeessu. Yihowaan dhiirota muudaman kana ni amana; isinis isaan amanuu dandeessu. Inni jaarsoliin “kennaa” gumiidhaaf kennaman akka taʼanitti isaan ilaala. (Efe. 4:8) Isinis fakkeenya amantii isaanii yoo hordoftanii fi yaada gaarii isaan isiniif kennan yoo fudhattan murtoo gaarii gochuu dandeessu. w21.03 4-5 key. 10-11
Kibxata, Caamsaa 31
[Wanti] akkamii iyyuu jaalala Waaqayyoo . . . irraa gargar nu baasuu [hin dandaʼu].—Rom. 8:38, 39.
Yesuus wanta baranne hojii irra hin oolchinu taanaan, nama mana isaa cirracha irratti ijaarratee wajjin akka wal fakkaannu ibseera. Namni akkasii jabaatee kan hojjetu taʼus, carraaqqiin isaa gatii hin qabu. Maaliif? Sababiin isaa obomboleettii fi lolaan yommuu manicha rukutu manichi ni jiga. (Mat. 7:24-27) Haaluma wal fakkaatuun, wanta baranne hojii irra hin oolchinu yoo taʼe carraaqqiin keenya gatii hin qabu. Amantiin keenya rakkina ykn ariʼatamaan yommuu qoramutti jabaatee itti fufuu hin dandaʼu. Gama biraatiin immoo yommuu qoʼannuu fi wanta baranne hojii irra yommuu oolchinu, murtoo gaarii goona; caalaatti nagaa qabaannaa, akkasumas amantii cimaa qabaanna. (Isa. 48:17, 18) Yeroo qorumsi nu mudatutti amanamummaa keenya eeguuf kadhannaadhaan Yihowaatti amanamuu fi barsiifata qoʼannaa gaarii qabaachuu qabna. Akkasumas wanti hunda caalaa barbaachisaan gochuu dandeenyu Yihowaadhaaf ulfina fiduu akka taʼe yeroo hundumaa yaadachuu qabna. Yihowaan matumaa akka nu hin dhiisnee fi qaamni kam iyyuu akka inni nu hin jaallanne dhowwuu akka hin dandeenye mirkanaaʼoo taʼuu dandeenya.—Ibr. 13:5, 6. w21.03 15 key. 6; 18 key. 20