Waxabajjii
Roobii, Waxabajjii 1
Misiraachoo Waaqayyoo qofa utuu hin taʼin, lubbuu keenya illee isinii kennuuf murteessinee turre.—1 Tas. 2:8.
Barsiisonni barattoota isaaniitiif dhuunfaatti xiyyeeffannaa guddaa kennuu qabu. Gara fuulduratti obboloota ykn obboleettota hafuuraa keessan akka taʼanitti isaan ilaalaa. Michoota isaanii addunyaa keessa jiran dhiisuu fi Yihowaa tajaajiluuf sirreeffama barbaachisu hundumaa gochuun isaaniif salphaa miti. Barsiisonni buʼa qabeeyyii taʼan barattoota isaanii namoota gumii keessa jiranii fi dhiibbaa gaarii isaan irraan geessisanii wajjin kan wal barsiisan kanaafi. Akka kanaan barattoonni saba Waaqayyoo karaa hafuuraa fi miiraa deggersa isaaniif gochuu dandaʼanii wajjin michoomuu dandaʼu. Barattoonni hundi kutaa gumichaa fi kutaa maatii hafuuraa keenya akka taʼan akka itti dhagaʼamu barbaanna. Obbolummaa Kiristiyaanaa isa hoʼaa fi jaalala qabeessa taʼetti akka dhihaatu barbaanna. Taanaan, namoota Yihowaa akka jaallatu isa hin gargaarree wajjin michummaa cimaa qabu dhaabuun salphaa isaaf taʼa. (Fak. 13:20) Michoonni isaa duraanii yoo isa dhiisan, jaarmiyaa Yihowaa keessaa michoota dhugaa argachuu akka dandaʼu beeka.—Mar. 10:29, 30; 1 Phe. 4:4. w20.10 17 key. 10-11
Kamisa, Waxabajjii 2
Samii fi lafa irratti aangoon hundi anaaf kennameera.—Mat. 28:18.
Yihowaa wajjin walitti dhufeenya gaarii qabaachuu yoo barbaanne michoota Yesuus taʼuu qabna. Maaliif? Mee sababiiwwan lama qofa haa ilaallu. Tokkoffaa, Yesuus barattoota isaatiin, ‘Sababiin isaas, isin waan na jaallattaniif Abbaan ofii isaatiif iyyuu isin ni jaallata’ jedheera. (Yoh. 16:27) Kana malees, “Karaa koo yoo taʼe malee, eenyu iyyuu gara Abbaa dhufuu hin dandaʼu” jedheera. (Yoh. 14:6) Yesuusii wajjin michummaa cimaa utuu hin qabaatin michuu Yihowaa taʼuuf yaaluun balbalaan ala gara gamoo tokkootti seenuuf yaaluu wajjin wal fakkaata. Yesuus, “balbala hoolotaa” akka taʼetti of ibsuudhaan fakkeenya wal fakkaatutti fayyadameera. (Yoh. 10:7) Sababiin inni lammaffaan immoo, Yesuus amalawwan Abbaa isaa guutummaatti calaqqisiiseera. Barattoota isaatiin, “Namni ana arge hundi Abbaas argeera” jedheera. (Yoh. 14:9) Kanaafuu, karaan Yihowaa itti beeknu inni guddaan waaʼee jireenya Yesuus qorachuu dha. Waaʼee Yesuus barachaa yommuu deemnu jaalalli isaaf qabnu ni guddata. Michummaan Yesuusii wajjin qabnu yommuu guddatu immoo, jaalalli Abbaa isaatiif qabnu ni cima. w20.04 21 key. 5-6
Jimaata, Waxabajjii 3
Dadhabinatti . . . guddaa nan gammada. Sababiin isaas, yeroon dadhabu yeroo sanatti humna nan qabaadha.—2 Qor. 12:10.
Siree irra ciistanii ykn wiilcharii irra teessanii jirtuu? Jilbi keessan laafeeraa ykn ijji keessan dadhabeeraa? Maarree, dargaggootaa fi warra fayyaa qaban wajjin fiiguu ni dandeessuu? Eeyyee ni dandeessu! Maanguddoonnii fi obboloonni dhibee fayyaa qaban hedduun daandii jireenyatti geessu irra fiigaa jiru. Hojii kana humna ofii isaaniitiin hojjechuu hin dandaʼan. Kanaa mannaa, walgaʼiiwwan Kiristiyaanaa bilbilaan ykn viidiyoodhaan kallattiidhaan darban dhaggeeffachuudhaan Yihowaa irraa jabina argachuu dandaʼu. Akkasumas, doktarootaaf, narsootaa fi firoottaniif dhugaa baʼuudhaan hojii barattoota gochuu irratti ni hirmaatu. Humni keessan daangeffamuu isaatiin kan kaʼe abdii kutachuudhaan matumaa fiigicha daandii jireenya argamsiisu irra fiiguu akka hin dandeenye gootanii hin yaadinaa. Isatti waan amantaniif, akkasumas waggoota hedduudhaaf jabaattanii waan dhaabbattaniif Yihowaan isin jaallata. Yeroo kam iyyuu caalaa yeroo ammaatti gargaarsi Yihowaa isin barbaachisa; innis isin hin dhiisu. (Far. 9:10) Kanaa mannaa, caalaatti isinitti dhihaata. w20.04 29 key. 16-17
Sanbadduraa, Waxabajjii 4
Misiraachicha namoota kaaniin gaʼuuf, misiraachichaaf jedhee waan hundumaa nan godha.—1 Qor. 9:23.
Nama amantii mataa isaa qabuu wajjin waaʼee maalii mariʼachuu dandeessu? Dhimma irratti walii galuu dandeessan argachuuf yaalaa. Tarii namni sun Waaqa tokko qofa kan waaqeffatu, Yesuus Fayyisaa ilmaan namootaa taʼuu isaa kan amanu ykn kan jiraannu yeroo hamaa dhiheenyatti badu keessa akka taʼe kan amanu taʼuu dandaʼa. Wantoota itti amantanii fi wal isin fakkeessan irratti hundaaʼuudhaan ergaa Kitaaba Qulqulluu karaa nama sana hawwachuu dandaʼuun dhiheessaa. Namoonni wanta amantiin isaanii barsiisu hundumaatti amanu jechuu akka hin taane yaadadhaa. Kanaafuu, amantii namichaa erga beektanii booda illee, wantoota inni dhuunfaatti itti amanu hubachuuf yaalaa. Misiyooniin tokkos namoonni tokko tokko Sillaaseetti akka amanan kan dubbatan taʼus, Abbaan, Ilmii fi hafuurri qulqulluun Waaqa tokkicha akka taʼan dhugumaan kan hin amanne taʼuu isaanii hubateera. “Kana beekuun koo dhimma nama sanaa wajjin irratti walii gallu argachuun caalaatti salphaa akka naaf taʼu godha” jedheera. Kanaafuu, wanta namoonni dhugumaan itti amanan hubachuuf yaalii godhaa. Akkana yoo gootan isinis akkuma Phaawulos ergamaa, “akaakuu namootaa hundaaf waan hundumaa” taʼuu ni dandeessu.—1 Qor. 9:19-22. w20.04 10 key. 9-10
Dilbata, Waxabajjii 5
Yeroo sanatti sabni kee, jechuunis namni kitaabicha keessatti galmeeffame hundi ni oola.—Dan. 12:1.
Daaniʼelii fi Yohaannis namoonni Yihowaa fi Yesuusiin tajaajilan rakkina argamee hin beekne kana irraa akka oolan waan nuu mirkaneessaniif, yeroo gara fuulduraa amanannaadhaan eeggachuu dandeenya. Daaniʼel namoonni badiisa irraa oolan maqaan isaanii ‘macaaficha keessatti akka caafamu’ dubbateera. Maqaan keenya kitaabicha keessatti akka barreeffamu gochuu kan dandeenyu akkamitti? Yesuus isa Hoolaa Waaqayyoo taʼe irratti amantii akka qabnu ifatti argisiisuu qabna. (Yoh. 1:29) Waaqayyoof of murteessuu keenya argisiisuuf cuuphamuun nu barbaachisa. (1 Phe. 3:21) Akkasumas warri kaan waaʼee Yihowaa akka baratan gargaaruuf wanta dandeenyu hunda gochuudhaan Mootummaa Waaqayyoo akka deggerru argisiisuu qabna. Yeroon kun yeroo amanannaa Yihowaa fi jaarmiyaa isaa irratti qabnu itti guddifannu dha. Yeroon kun yeroo Mootummaa Waaqayyoo itti deggerru dha. Akkana yoo goone, yommuu mootiin kaabaa fi mootiin kibbaa Mootummaa Waaqayyootiin balleeffamanitti badiisa irraa ni oolla. w20.05 16 key. 18-19
Wiixata, Waxabajjii 6
Yaa Yihowaa, maqaan kee bara baraaf jabaatee dhaabbata.—Far. 135:13.
Addaamii fi Hewaan maqaa Yihowaas taʼe waaʼee abbaa maqichaa dhugaawwan barbaachisoo taʼan beeku turan. Inni Uumaa isaanii akka taʼe, jireenya akka isaaniif kenne, akkasumas jannata bareedduu bakka jireenya isaanii taatee fi hiriyaa gaaʼelaa mudaa hin qabne akka isaaniif kenne beeku turan. (Uma. 1:26-28; 2:18) Haa taʼu malee, sammuu isaanii isa mudaa hin qabne wantoota Yihowaan isaaniif godhe hundumaa irratti xiinxaluuf itti fayyadamuu isaanii itti fufuu? Jaalalaa fi dinqisiifannaa qaama maqaan kun bakka buʼuuf qaban hoo guddifachuu isaanii itti fufuu? Deebiin gaaffiiwwan kanaa yeroo diinni Waaqayyoo isaan qoretti ifa taʼeera. Seexanni bofatti fayyadamee, “Dhuguma Waaqayyo, ‘Ija mukkeetii iddoo dhaabaa kana keessa jiran hundumaa irraa hin nyaatinaa!’ isiniin jedhee?” jechuudhaan Hewaaniin gaafate. (Uma. 2:16, 17; 3:1) Gaaffiin kun soba dhokataa summii dhokfamee wajjin wal fakkaatu of keessaa qabu ture. Wanti Waaqayyo dubbate muka tokko irraa kan hafe mukeetii hundumaa irraa nyaachuu akka dandaʼan ture. (Uma. 2:9) Seexanni Waaqayyo arjaa akka hin taane fakkeessee ture. Hewaan, ‘Waaqayyo wanta gaarii tokko na jalaa hambiseeraa?’ jettee yaaddee taʼuu dandaʼa. w20.06 3-4 key. 8-9
Kibxata, Waxabajjii 7
Wal dandaʼuu fi tola waliif dhiisuu keessan itti fufaa.—Qol. 3:13.
Dhugaa Baatonni Yihowaa tokko tokko nama hidhata amantii isaanii taʼeen miidhamaniiru. Phaawulos ergamaan yeroo tokko tokko obboleessa ykn obboleettii tokko ‘sababii itti komannu’ qabaachuu akka dandeenyu hubateera. Karaa haqa hin qabneen qabamuu illee ni dandeenya. Yoo of eeggachuu baanne haaloo qabachuu dandeenya. Aariin namni tokko suutuma suuta saba Yihowaa irraa akka fagaatu gochuu dandaʼa. Obboleessi Paabiloo jedhamuu fi Ameerikaa Kibbaa jiraatu balleessaa akka raawwate sobaan waan himatameef, mirga tajaajilaa gumii keessatti qabu ni dhabe. Maal godhe ree? Paabiloon akkas jedheera: “Baayʼeen aare, achiis suutuma suuta gumii irraa nan fagaadhe.” Yookiin namni kanaan dura seera Waaqayyoo cabse tokko qalbiin isaa isa ceephaʼuu fi jaalala Waaqayyoo argachuuf gaʼumsa akka hin qabne akka isatti dhagaʼamu gochuu dandaʼa. Namni kun yaada geddaratee dhiifama kan argate taʼu illee, kana booda saba Waaqayyoo keessaa tokko taʼuuf gaʼumsa akka hin qabne isatti dhagaʼamuu dandaʼa. Waaʼee obbolootaa fi obboleettota haalawwan olitti ilaalle isaan irra gaʼee maaltu sitti dhagaʼama? w20.06 19 key. 6-7
Roobii, Waxabajjii 8
Namni abshaalli balaa ni arga, jalaas ni dhokata.—Fak. 22:3.
Haalawwan nu miidhuu dandaʼan dursinee hubachuu barachuu qabna, akkasumas balaa irraa fagaachuuf tarkaanfii fudhachuu qabna. (Ibr. 5:14) Fakkeenyaaf, bohaartii fi bashannana keenya ogummaadhaan filachuu qabna. Qophiiwwan televizyinii fi fiilmiiwwan yeroo baayʼee gocha naamusaan ala taʼe argisiisu. Gochawwan akkasii Waaqayyoon ni gaddisiisu, miidhaa akka geessisanis hin shakkisiisu. Kanaafuu, bashannanawwan suutuma suuta jaalala Waaqayyoof qabnu nu jalaa xiqqeessan irraa fagaachuu qabna. (Efe. 5:5, 6) Kana malees odeeffannoon sobaa gantoonni obboloota keenyaa fi jaarmiyaa Yihowaa akka shakkinu gochuuf babalʼisan balaa geessisuu akka dandaʼu hubachuu qabna. (1 Xim. 4:1, 7; 2 Xim. 2:16) Odeeffannoon sobaa akkasii kun amantii keenya laaffisuu dandaʼa. Olola akkasiitiin gowwoomfamuu irraa fagaachuu qabna. Maaliif? Sababiin isaas oduuwwan akkasii kun ‘warra sammuun isaanii mancaʼee fi dhugaan irraa fudhatameen’ babalʼatu. Galmi isaanii “mormii kaasuu fi falmii” uumuu dha. (1 Xim. 6:4, 5) Soba isaanii akka amannuu fi obboloota keenya akka shakkinu barbaadu. w20.09 29 key. 13, 15
Kamisa, Waxabajjii 9
Faayidaa mataa [keessanii] utuu hin taʼin, faayidaa nama kan biraa [barbaadaa].—1 Qor. 10:24.
Abbaan manaa fi haati manaa jaalalaa fi kabaja walitti argisiisuu qabu. (Efe. 5:33) Kitaabni Qulqulluun fudhachuu irra kennuu irratti akka xiyyeeffannu nu barsiisa. (HoE. 20:35) Hiriyoonni gaaʼelaa jaalalaa fi kabaja akka walitti argisiisan amala kamtu isaan gargaara? Deebiin isaa gad of qabuu kan jedhu dha. Gad of qabuun hiriyoonni gaaʼelaa Kiristiyaana taʼan hedduun gaaʼela isaanii irraa gammachuu hedduu akka argatan isaan gargaareera. Fakkeenyaaf, abbaan manaa Istiivan jedhamu akkas jedheera: “Kan wal deggertan yoo taʼe, keessumaa yeroo rakkinaatti, walii wajjin hojjettu. ‘Wanti anaaf gaarii taʼe maali dha?’ jettanii yaaduu irra ‘Wanti nuuf gaarii taʼe maali dha?’” jettanii yaaddu. Haati manaa isaa Istiifaaniinis akkasuma ishiitti dhagaʼama. Akkas jetteetti: “Namni kam iyyuu nama yeroo hunda falmuu jaallatuu wajjin jiraachuu hin barbaadu. Yommuu walitti buʼiinsi uumamu rakkinicha adda baasna. Achiis ni kadhanna, qorannaa goona, akkasumas irratti mariʼanna. Rakkinicha hiikuuf carraaqna malee wal falmuuf hin yaallu.” Abbaan manaa fi haati manaa hamma yaaduu qaban caalaa waaʼee ofii isaanii yommuu yaaduu dhiisan, faayidaa guddaa argatu. w20.07 3-4 key. 5-6
Jimaata, Waxabajjii 10
Saba koo keessatti warra hiriyoota koo taʼan hedduu [caalaa] amantii Yihudii keessatti guddina gochaan ture.—Gal. 1:14.
Yihowaa yeroo tajaajiltan jabina ykn dandeettii keessanitti hin amanaminaa. Phaawulos ergamaan nama akka gaariitti barate ture, Gamaaliʼel isa bara sanatti gaggeessaa Yihudootaa baayʼee kabajamaa taʼe irraa barate. (HoE. 5:34; 22:3) Yeroo taʼe tokkotti Phaawulos haawaasa Yihudootaa keessatti nama iddoo guddaa qabu ture. (HoE. 26:4) Taʼus, Phaawulos ofitti hin amanamne. Phaawulos akka ulaagaa addunyaatti wanta cimaa isa taasisu gammachuudhaan dhiiseera. (Filp. 3:8) Phaawulos duuka buutuu Kiristoos taʼuu isaatiin kan kaʼe rakkinni hedduun isa irra gaʼeera. Saba isaatiin jibbameera. (HoE. 23:12-14) Namoota akkuma isaa lammii Roomaa taʼaniin reebameera, akkasumas hidhameera. (HoE. 16:19-24, 37) Kana malees, mudaa akka qabuu fi wanta sirrii taʼe raawwachuun carraaqqii guddaa gochuu akka gaafatu hubatee ture. (Rom. 7:21-25) Taʼus, mormitoonni isaa fi dadhabinni isaa akka isa laaffisu heyyamuu mannaa, ‘dadhabina isaatti guddaa gammada’ ture. Maaliif? Sababiin isaas yeroo dadhabutti humni Waaqayyoo jireenya isaa keessatti akka hojjetu argeera.—2 Qor. 4:7; 12:10. w20.07 16 key. 7-8
Sanbadduraa, Waxabajjii 11
Namni anatti amanu hundi . . . hojii kana irra caalu ni hojjeta.—Yoh. 14:12.
Yeroo harʼaa hojii Mootummicha labsuutiif xiyyeeffannaa guddaa kennuun keenya barbaachisaa dha. Yesuus erga inni duʼee booda hojichi balʼinaan akka raawwatamuu fi yeroo dheeraadhaaf akka itti fufu raajii dubbateera. Erga duʼaa kaʼee booda immoo barattoonni isaa tokko tokko dinqiidhaan qurxummii akka qaban isaan gargaaree ture. Inni haala kana hojiin namoota qabuu isaaniif kenname hojii kam iyyuu caalaa barbaachisaa akka taʼe isaan hubachiisuuf itti fayyadameera. (Yoh. 21:15-17) Yesuus gara samii deemuu isaa yeroo muraasa dura hojiin lallabaa inni jalqabe daangaa Israaʼel irra darbee akka babalʼatu barattoota isaatti himee ture. (HoE. 1:6-8.) Waggoota hedduu booda Yesuus wanta “guyyaa Gooftaatti” raawwatamu mulʼataan Yohaannis ergamaatti beeksiseera. Mulʼata kana keessatti Yohaannis taʼee ajaaʼibsiisaa kana argeera: Qajeelfama maleekotaatiin ‘misiraachoon bara baraa’ “saboota, gosoota, qooqawwanii fi namoota hundumaaf” ni labsama. (Mul. 1:10; 14:6) Yihowaan hojii misiraachoo labsuu yeroo harʼaa addunyaa maratti raawwatamu irratti hanga dhumaatti akka hirmaannu akka barbaadu beekamaa dha. w20.09 9 key. 5
Dilbata, Waxabajjii 12
Abrahaam yeroo qorametti, amantiidhaan Yisihaaqiin aarsaa godhee dhiheessuuf jedhee ture.—Ibr. 11:17.
Maatii Abrahaam keessa rakkinni cimaan jira ture. Saaraan haati manaa isaa ishiin jaallatamtuun dhala hin qabdu turte. Kanaafuu, waggoota kudhaniin lakkaaʼamaniif gaddanii turan. Yeroo booda, Saaraan tajaajiltuun ishii Aggaar Abrahaamii fi ishiidhaaf ijoollee akka deessuuf, Abrahaamiif kennite. Taʼus, Aggaar yommuu Ishmaaʼeliin ulfooftu Saaraa tuffachuu jalqabde. Haalli kun baayʼee ulfaataa waan taʼeef, Saaraan Aggaariin manaa ariite. (Uma. 16:1-6) Yeroo booda Saaraan ulfooftee ilma inni Yisihaaq jedhee moggaase Abrahaamiif deesse. Abrahaam ilmaan isaa lamaanuu Ishmaaʼelii fi Yisihaaqiin ni jaallata ture. Taʼus, Ishmaaʼel Yisihaaq irratti wanta dogoggoraa waan raawwateef, Abrahaam Ishmaaʼelii fi Aggaariin manaa baasuuf dirqame. (Uma. 21:9-14) Yeroo booda Yihowaan, Abrahaam Yisihaaqiin aarsaa godhee akka isaaf dhiheessu gaafate. (Uma. 22:1, 2; Ibr. 11:17-19) Yeroo lamaanitti iyyuu, Abrahaam ilmaan isaa lamaaniif yeroo booda Yihowaan wanta gaarii akka godhu isatti amanamuu qaba ture. w20.08 4 key. 9-10
Wiixata, Waxabajjii 13
Namummaa haaraa isa akka fedhii Waaqayyootti qajeelummaa fi amanamummaa dhugaadhaan uumame uffadhaa.—Efe. 4:24.
Namoonni duʼaa kaʼan, namummaa moofaa of irraa baasanii, ulaagaa Waaqayyoo warra qajeeloo wajjin yommuu wal simanii jiraatan gammachuun hangamii akka isaanitti dhagaʼamu mee yaadi. Warri jijjiirama akkasii godhan Jannata keessa bara baraaf akka jiraatan isaaniif heyyamama. Gama biraatiin immoo, warri Waaqayyo irratti fincilan nageenya Jannataa akka jeeqan isaaniif hin heyyamamu. (Isa. 65:20; Yoh. 5:28, 29) Bulchiinsa Mootummichaa jalatti sabni Waaqayyoo hundi yaadni, “Eebbi Waaqayyoo nama in badhaasa, badhaadhummaattis inni rakkina hin dabalu” jedhuu fi Fakkeenya 10:22 irra jiru dhugaa taʼuu isaa ni hubatu. Gargaarsa hafuura Yihowaatiin, sabni Waaqayyoo karaa hafuuraa badhaadhota taʼu, jechuunis caalaatti Kiristoosiin fakkaachaa deemu, akkasumas mudaa kan hin qabne taʼu. (Yoh. 13:15-17; Efe. 4:23) Guyyuma guyyaadhaan qaamni isaanii cimaa fi nama gaarii taʼaa deemu. Jireenyi yeroo sanaa hangam gammachiisaa taʼa!—Iyo. 33:25. w20.08 17 key. 11-12
Kibxata, Waxabajjii 14
Dhimma ofii keessanii qofa irratti [xiyyeeffachuuf] . . . carraaqqii godhaa.—1 Tas. 4:11.
Kiristiyaanonni qeenxee taʼan tokko tokko gaaʼela utuu hin godhatin kan jiraatan kaayyoodhaan akka taʼe yaadatti qabachuun keenya gaariidha. Kiristiyaanonni qeenxee taʼan kaan garuu gaaʼela godhachuu kan barbaadan taʼus, nama isaaniif taʼu hin arganne. Warri kaan immoo hiriyaa gaaʼelaa isaanii duʼaan dhabaniiru. Kanas taʼe sana, warri gumii keessa jiran, Kiristiyaanonni qeenxeen maaliif akka gaaʼela hin godhanne isaan gaafachuu ykn hiriyaa gaaʼelaa argachuu irratti akka isaan gargaaran dubbachuu qabuu? Utuu isaan gargaarsa nu hin gaafatin, afeerraa akkasii yoo isaaniif dhiheessine, obbolootaa fi obboleettota keenya qeenxee taʼanitti maaltu dhagaʼama? (1 Xim. 5:13) Obboloonnii fi obboleettonni keenya qeenxeen gaaʼela godhachuu isaanii irratti utuu hin taʼin, amala gaarii qaban irratti hundoofnee yoo iddoo isaaniif kennine ni galateeffatu. Isaaniif gadduu mannaa amanamummaa isaanii dinqisiifachuun keenya gaarii dha. Taanaan, obboloonnii fi obboleettonni keenya qeenxee taʼan, “Ati na hin barbaachistu” jechaa akka jirru matumaa isaanitti hin dhagaʼamu. (1 Qor. 12:21) Kanaa mannaa, akka isaan kabajnuu fi iddoo isaan gumii keessatti qabaniif bakka guddaa akka kenninu ni beeku. w20.08 29 key. 10, 14
Roobii, Waxabajjii 15
[Kiristoos] al tokkotti obboloota 500 caalanitti mulʼate.—1 Qor. 15:6.
Booda Yesuus Phaawulos ergamaatti iyyuu mulʼateera. (1 Qor. 15:8) Phaawulos (Saaʼol) yeroo sagalee Yesuus isa duʼaa kaʼe dhagaʼee fi ulfina isaa isa samii mulʼataan argetti gara Damaasqoo deemaa ture. (HoE. 9:3-5) Wanti Phaawulosiin mudate Yesuus duʼaa kaʼuun isaa soba akka hin taane ragaa dabalataa ti. (HoE. 26:12-15) Phaawulos yeroo tokko Kiristiyaanota ariʼachaa waan tureef, ragaa baʼiinsi isaa xiyyeeffannaa namoota tokko tokkoo kan harkisu ture. Phaawulos Yesuus duʼaa akka kaʼe erga mirkanaaʼaa taʼee booda, dhugaa kana warra kaan amansiisuuf carraaqqii cimaa godheera. Yesuus akka duʼee fi akka duʼaa kaʼe dhugaa ibsu babalʼisuuf jecha reebameera, hidhameera, akkasumas balaan doonii isa mudateera. (1 Qor. 15:9-11; 2 Qor. 11:23-27) Phaawulos Yesuus duʼaa akka kaʼe baayʼee mirkanaaʼaa waan taʼeef, amantii isaa kanaaf hamma duʼaatti falmuuf illee qophaaʼaa ture. Ragaan Kiristiyaanonni durii kennan kun Yesuus duʼaa akka kaʼe si hin amansiisnee? Akkasumas amantii duʼaa kaʼuu irratti qabdu siif hin cimsinee? w20.12 3 key. 8-10
Kamisa, Waxabajjii 16
Isin yoo [Yihowaa] barbaaddattan inni isiniif ni argama.—2 Sen. 15:2.
Akkas jennee of gaafachuu dandeenya: ‘Walgaʼii gumii irratti dhaabbataadhaan nan argamaa?’ Walgaʼii jaarmiyaan Yihowaa qopheesse irratti yommuu argamnu, nyaata hafuuraa nu haaromsuu fi jajjabina obbolootaa arganna. (Mat. 11:28) Kana malees akkas jennee of gaafachuu dandeenya: ‘Barsiifata qoʼannaa gaarii qabaa?’ Maatii kee wajjin kan jiraattu yoo taʼe, torban torbaniin waaqeffannaa maatiidhaaf yeroo ni ramaddaa? Yookiin kophaa kee jiraatta yoo taʼe, akkuma maatii kee wajjin jirtuutti waaqeffannaa maatiidhaaf yeroo ni ramaddaa? Kana malees, lallabuu fi hojii barattoota gochuu irratti hamma siif dandaʼame guutummaatti ni hirmaattaa? Gaaffiiwwan akkasii of gaafachuu kan qabnu maaliifi? Kitaabni Qulqulluun Yihowaan yaada keenyaa fi wanta garaa keenya keessa jiru akka qoru dubbata; kanaafuu nutis akkasuma gochuu qabna. (1 Sen. 28:9) Galmawwan keenya, ilaalcha keenya ykn yaada keenya irratti jijjiirama tokko tokko gochuun akka nu irra jiru yoo hubanne, Yihowaan jijjiirama kana gochuuf akka nu gargaaru gaafachuu qabna. Yeroon kun yeroo rakkina fuulduratti nu mudatuuf itti of qopheessinu dha. w20.09 19 key. 19-20
Jimaata, Waxabajjii 17
Isin keessaa namni qabeenya isaa hunda hin dhiisne barataa koo taʼuu [hin dandaʼu].—Luq. 14:33.
Yesuus baasii barataa isaa taʼuun gaafatu fakkeenyaan ibsee ture. Waaʼee nama gamoo ijaaruu barbaade tokkoo fi waaʼee mootii waraana dhaquu barbaade tokkoo dubbateera. Yesuus namni ijaaru sun gamoo sana ijaaree xumuruuf, ‘dura taaʼee qarshii gaʼaa qabaachuu isaa shallaguu’ akka qabuu fi mootichis loltoonni isaa wanta yaadan gochuu akka dandaʼan ‘jalqaba taaʼee gorsa gaafachuu’ akka qabu dubbateera. (Luq. 14:27-32) Haaluma wal fakkaatuun, Yesuus namni barataa isaa taʼuu barbaadu isa duukaa buʼuu jechuun maal jechuu akka taʼe sirriitti itti yaaduu akka qabu beeka ture. Kanaafuu, barattoonni keenya torban torbaniin akka nu wajjin qoʼatan jajjabeessuu qabna. Barsiisota waan taataniif yeroo qoʼannaa geggeessitan hundatti akka gaariitti qophaaʼuu qabdu. Baratichi salphaatti hubachuu fi hojii irra oolchuu akka dandaʼuuf, barataa keessan yaadatti qabachuudhaan barumsicha karaa salphaa fi ifa taʼeen akkamitti dabarsuu akka dandeessan xiinxalaa.—Nah. 8:8; Fak. 15:28a. w20.10 7 key. 5; 8 key. 7
Sanbadduraa, Waxabajjii 18
Kanaafuu, dhaqaatii . . . namoota barattoota koo godhaa, . . . wanta ani isin ajaje hunda akka eeganis isaan barsiisaa.—Mat. 28:19, 20.
Ajajni Yesuus kenne ifa dha. Wantoota inni ajaje namoota barsiisuu qabna. Taʼus, qabxii barbaachisaa tokko dagachuu hin qabnu. Yesuus, ‘Wanta ani isin ajaje hunda isaan barsiisaa’ hin jenne. Kanaa mannaa, ‘wanta ani isin ajaje hunda akka eegan isaan barsiisaa’ jedhe. Qajeelfama Yesuus hojii irra oolchuuf, qoʼattoonni keenya maal akka raawwatan barsiisuu fi akkamitti akka raawwatan isaanitti argisiisuu qabna. (HoE. 8:31) Ajaja tokko ‘eeguu’ jechuun ajaja sana hojii irra oolchuu jechuu dha. Namoota kaan yommuu qoʼachiisnu wanta Waaqayyo nu irraa eegu isaan barsiisna. Taʼus, kana caalaa wanta dabalataa gochuu qabna. Barattoonni Kitaaba Qulqulluu keenya wanta baratan jireenya isaanii guyyaa guyyaa keessatti hojii irra akka oolchan barsiisuu qabna. (Yoh. 14:15; 1 Yoh. 2:3) Barattoonni keenya qajeelfama Kitaaba Qulqulluu mana barumsaatti, bakka hojiitti ykn yeroo bashannanan akkamitti hojii irra akka oolchan fakkeenya taʼuudhaan isaanitti argisiisuu dandeenya. Hafuurri qulqulluun akka isaan geggeessu barattoota keenyaa wajjin Yihowaatti kadhannaa dhiheessuu dandeenya.—Yoh. 16:13. w20.11 2-3 key. 3-5
Dilbata, Waxabajjii 19
“Wantoonni kun hundi humna waraanaatiin yookiin jabina namaatiin utuu hin taʼin, hafuura kootiin raawwatamu” jedha Yihowaan Gooftaan Raayyaa.—Zak. 4:6.
Barattoonni Yesuus haalli rakkisaan isaan mudatee ture. Fakkeenyaaf, koppiiwwan Caaffata Qulqullaaʼoo yeroo sana jiran muraasa turan. Wantoonni yeroo harʼaa qoʼannaadhaaf itti fayyadamnu yeroo sana hin jiran turan. Barattoonni namoota afaan gara garaa hedduu dubbataniif lallabuu qabu turan. Rakkoowwan kun hundi utuma jiranii, barattoonni hinaaffaa qaban kun, hojii waan hin dandaʼamne fakkaatu kana, jechuunis misiraachicha waggoota kudhaniin lakkaaʼaman gidduutti, “uumama samiidhaa gad jiru hundatti” lallabaniiru. (Qol. 1:6, 23) Bara keenyatti, Yihowaan saba isaa geggeessuu fi humna isaaniif kennuu isaa itti fufeera. Dhugaa dha, qajeelfamni kun garri caalaan isaa kan argamu Dubbii Waaqayyoo isa geggeessaa hafuuraatiin barreeffame irraa ti. Dubbii isaa kana keessatti waaʼee tajaajila Yesuus wanta galmeeffamee jiruu fi ajaja duuka buutonni isaa hojii inni jalqabe akka itti fufan kenne arganna. (Mat. 28:19, 20) Yihowaan namoota wal hin caalchisu; misiraachichi, “saboota, gosoota, qooqawwanii fi namoota hundumaaf” akka labsamu raajii dubbateera. (Mul. 14:6, 7) Inni namoonni hundi ergaa Mootummichaa akka dhagaʼan barbaada. w20.10 21 key. 6-8
Wiixata, Waxabajjii 20
Ati warra gad of qaban ni oolchita, ijji kee garuu warra of tuulan ni morma.—2 Sam. 22:28.
Daawit Mootichi nama “seera Yihowaa” jaallatu ture. (Far. 1:1-3) Daawit Yihowaan warra gad of qaban akka oolchuu fi warra of tuulan akka mormu beeka ture. Kanaafuu Daawit seerri Waaqayyoo yaada isaa akka sirreessu heyyameera. Daawit, “Yihowaa isa gorsa naaf kenne nan jajadha. Halkan illee yaanni keessa koo jiru na sirreessa” jedhee barreesseera. (Far. 16:7) Kan gad of qabnu yoo taʼe, yaadni dogoggoraa qabnu gocha dogoggoraa nu raawwachiisuu isaa dura, Dubbiin Waaqayyoo yaada keenya akka sirreessu heyyamna. Dubbiin Waaqayyoo sagalee, “Karichi isa kana. Isa irra deemaa” jedhee nutti dubbatuu wajjin wal fakkaata. Inni yommuu daandicha irraa gara bitaatti ykn gara mirgaatti jalʼannu nu akeekkachiisa. (Isa. 30:21) Yihowaa yommuu dhaggeeffannu karaawwan hedduudhaan faayidaa arganna. (Isa. 48:17) Fakkeenyaaf namni tokko nu sirreessuu isaatiin kan kaʼe qaanii nutti dhagaʼamu hambisna. Akkasumas Yihowaan akka mucaa jaallatamaa tokkootti akka nu qabu waan hubannuuf caalaatti Yihowaatti dhihaanna.—Ibr. 12:7. w20.11 20 key. 6-7
Kibxata, Waxabajjii 21
Waaʼee duʼaa kaʼuu yommuu dhagaʼan isaan keessaa tokko tokko isatti qoosan.—HoE. 17:32.
Ilaalchi akkasii warra Qorontos jiran tokko tokko irratti dhiibbaa godhee taʼuu dandaʼa. (1 Qor. 15:12) Kaan immoo duʼaa kaʼuun fakkeenya akka taʼe, jechuunis namni tokko yeroo cubbuudhaan jiraatutti ‘duʼaa’ akka taʼee fi yeroo Kiristiyaana taʼutti immoo ‘jiraataa’ akka taʼu kan argisiisu akka taʼe yaadu taʼa. Sababiin isaanii maal iyyuu haa taʼu, duʼaa kaʼuutti hin amanan taanaan amantiin isaanii gatii hin qabu. Waaqayyo Yesuusiin duʼaa hin kaasne taanaan furiin hin kaffalamne, akkasumas akkuma cubbamoota taʼanitti jiru. Kanaafuu, warri duʼaa kaʼuutti hin amanne abdii amansiisaa hin qaban. (1 Qor. 15:13-19; Ibr. 9:12, 14) Phaawulos ergamaan, ‘Kiristoos warra duʼan keessaa duʼaa akka kaafame’ ofuma isaatii mirkaneeffateera. Duʼaa kaʼuun kun warra sana dura raawwataman ni caala; sababiin isaas namoonni duʼaa kaafaman sun deebiʼanii duʼaniiru. Phaawulos, Yesuus, “warra duʼan keessaa isa jalqabaa” akka taʼe dubbateera. Uumama hafuuraa taʼee duʼaa kaʼuudhaan isa jalqabaa ti, ilmaan namootaa keessaa gara samii deemuudhaanis isa jalqabaa ti.—1 Qor. 15:20; HoE. 26:23; 1 Phe. 3:18, 22. w20.12 5 key. 11-12
Roobii, Waxabajjii 22
Murtoo ergamoonnii fi jaarsoliin . . . murteessan akka eegan obboloota achi jiranitti himu turan.—HoE. 16:4.
Jaarraa jalqabaatti, qaamni ol aanaan Yerusaalem jiru saba Waaqayyoo gidduu nagaa fi sirni akka jiraatu gochuuf tokkummaadhaan hojjeteera. (HoE. 2:42) Fakkeenyaaf, Dh.K.B. bara 49tti dhimma dhaqna qabaa irratti wal dhabiinsi yeroo uumametti, qaamni ol aanaan qajeelfama hafuura qulqulluutiin dhimmicha irratti mariʼateera. Dhimma kana irratti gumiiwwan ilaalcha gara garaa qabaatanii itti fufaniiru utuu taʼee, hojii lallabaa irratti buʼa qabeeyyii hin taʼan turan. Ergamoonnii fi maanguddoonni Yihudoota taʼanis, aadaan Yihudootaa ykn namoonni aadaa kana babalʼisan dhiibbaa isaan irratti akka godhu hin heyyamne. Kanaa mannaa, qajeelfama argachuuf gara Dubbii Waaqayyoo fi hafuura isaatti garagalaniiru. (HoE. 15:1, 2, 5-20, 28) Buʼaan isaa hoo maal ture? Yihowaan murtoo isaanii waan eebbiseef nagaanii fi tokkummaan akka jiraatu godheera, akkasumas hojiin lallabaa caalaatti babalʼateera. (HoE. 15:30, 31; 16:5) Bara keenyatti, jaarmiyaan Yihowaa saba Yihowaa gidduutti nagaanii fi sirni akka jiraatu gochuuf hojjechaa tureera. w20.10 22-23 key. 11-12
Kamisa, Waxabajjii 23
Ilmi koo Solomoon [isa] Waaqayyo filate . . . dha.—1 Sen. 29:1.
Umurii, fayyaa ykn sababa kan birootiin kan kaʼe mirgawwan tokko tokko nuu kennamuu dhiisuu dandaʼu. Yeroo akkasiitti fakkeenya Daawit Mootichaa irraa barachuu dandeenya. Mana qulqullummaa ijaaruu, isa inni baayʼee barbaadu ijaaruuf akka hin filatamne yommuu isatti himamu, nama Waaqayyo hojichaaf filateef deggersa guutuu kenneera. Daawit pirojektii kanaaf kennaa guddaa illee kenneera. Kun dhuguma iyyuu fakkeenya gaarii hordofuu qabnu dha! (2 Sam. 7:12, 13; 1 Sen. 29:3-5) Huugas inni Faransaayi jiraatu sababa dhibee fayyaatiin kan kaʼe, jaarsa taʼee tajaajiluu kan dhaabe siʼa taʼu, hojii salphaa manatti hojjetamu illee hojjechuu hin dandeenye. Yaada akkas jedhu barreesseera: “Jalqaba irratti baayʼeen abdii kutadhe, gatii akkan hin qabnes natti dhagaʼame. Taʼus booda, humni koo akka daangeffame amanee fudhachuun barbaachisaa akka taʼen hubadhe, akkasumas amma iyyuu tajaajila Yihowaa irratti wantan gochuu dandaʼu raawwachuudhaan gammachuu argachuu dandaʼeera. Akkuma Giidewonii fi namoota isaa dhibba sadan dadhabanii turan sanaa, qabsoo gochuu koo ittan fufa.”—Abo. 8:4. w20.12 25 key. 14-15
Jimaata, Waxabajjii 24
Wal jaallachuu keenya itti haa fufnu.—1 Yoh 4:7.
Yohaannis ergamaan seenaa jireenyaa waaʼee Yesuus barreesse irratti, isa barreessitoonni Wangeelaa sadan walumatti qabaatti barreessan caalaa jechoota ‘jaalalaa’ fi ‘jaallatamuu’ jedhan irra deddeebiʼee fayyadameera. Kitaabonni isaa geggeessaa hafuuraatiin barreeffaman kun jaalalli wanta Kiristiyaanni tokko godhu hunda irratti dhiibbaa gochuu akka qabu ibsu. (1 Yoh. 4:10, 11) Haa taʼu malee, Yohaannis kana barachuuf yeroo isatti fudhateera. Yohaannis dargaggeessa yeroo turetti, jaalala kan argisiise yeroo hunda hin turre. Fakkeenyaaf, yeroo tokko Yesuusii fi barattoonni isaa Yerusaalem deemuuf Samaariyaa keessa darbaa turan. Mandarri Samaariyaa tokko keessummummaa isaan simachuu didan. Yohaannis ibiddi samii irraa buʼee jiraattota mandarichaa hunda akka fixu yaada dhiheesse! (Luq. 9:52-56) Yeroo kan biraatti immoo Yohaannis, Yesuus Mootummaa isaa keessatti iddoo guddaa akka isaaniif kennu innii fi obboleessi isaa Yaaqoob haati isaanii akka isaaniif gaafattu godhanii taʼuu hin oolu. Ergamoonni kaan wanta Yaaqoobii fi Yohaannis godhan yommuu beekan baayʼee aaran! (Mat. 20:20, 21, 24) Yohaannis hirʼina kana hunda qabaatus Yesuus isa jaallateera.—Yoh. 21:7. w21.01 8-9 key. 3-4
Sanbadduraa, Waxabajjii 25
Kiristoos . . . of hin gammachiisne.—Rom. 15:3.
Yihowaan murtoo warra kaan gargaaru godha. Fakkeenyaaf, uumuuf kan murteesse faayidaa ofii isaatiif jedhee utuu hin taʼin, nutis jiraachuutti akka gammadnuuf jedhee ti. Cubbuu keenya haguuguuf Ilma isaa akka kennu qaamni isa dirqisiisuu dandaʼu hin jiru. Aarsaa kana gochuuf fedhiidhaan kan murteesse faayidaa keenyaaf jedhee ti. Yesuusis murtoowwan warra kaan fayyadu godha. Fakkeenyaaf, namoota hedduu barsiisuuf jedhee boqochuu dhiisuuf murteessee ture. (Mar. 6:31-34) Mataa maatii gaariin tokko wanti hunda caalaa ulfaataan inni gochuu qabu, maatii isaatiif murtoo ogummaa irratti hundaaʼe gochuu akka taʼe beeka. Itti gaafatamummaa isaa kanaafis iddoo guddaa kenna. Akkasumaan ykn miiraan kakaʼee murtoo gochuu irraa ni fagaata. Kanaa mannaa, Yihowaan akka isa leenjisu heyyama. (Fak. 2:6, 7) Karaa kanaan waaʼee ofii isaa utuu hin taʼin, faayidaa warra kaanii akka yaadu argisiisa. (Filp. 2:4) Abbaan manaa tokko fakkeenya Yihowaa fi Yesuus yoo hordofe mataa maatii gaarii taʼuu ni dandaʼa. w21.02 7 key. 19-21
Dilbata, Waxabajjii 26
Aasaan wanta Waaqa isaa Yihowaa duratti gaarii fi sirrii taʼe ni raawwate.—2 Sen. 14:2.
Aasaa Mootichi yeroo dargaggeessa turetti nama gad of qabuu fi ija jabeessa ture. Fakkeenyaaf, abbaan isaa Abiyaan erga duʼee booda Aasaan mootii taʼe; achiis waaqolii tolfamoo biyyattii keessa jiran hunda balleessuu jalqabe. Kana malees, “namoonni Yihudaa Waaqa abbootii isaanii kan taʼe Yihowaa akka barbaaddatan, akkasumas Seerichaa fi ajaja isaa akka eegan isaanitti hime.” (2 Sen. 14:1-7) Akkasumas nama Itoophiyaa kan taʼe Zeeraan loltoota 1,000,000 fudhatee Yihudaa yommuu weeraretti, Aasaan akkana jedhee Yihowaa kadhate: “Yaa Yihowaa, warri ati gargaartu hedduu yoo taʼan yookiin humna kan hin qabne yoo taʼan siif jijjiirama hin qabu. Yaa Waaqa keenya Yihowaa, nuti sitti waan amanamneef . . . ati nu gargaari.” Jechoonni namatti tolan kun, Aasaan Yihowaan isas taʼe saba isaa oolchuu akka dandaʼu amanannaa guddaa akka qabu argisiisu. Aasaan Abbaa isaa isa samii amanateera, ‘Yihowaanis warri Itoophiyaa akka moʼaman’ godheera. (2 Sen. 14:8-12) Loltoota 1,000,000 wajjin wal loluun baayʼee nama sodaachisa, taʼus Aasaan Yihowaatti waan amanameef milkaaʼina argachuu dandaʼeera. w21.03 5 key. 12-13
Wiixata, Waxabajjii 27
Hoʼisaa wal jaalladhaa.—Rom. 12:10.
Kitaabni Qulqulluun seenaa namoota utuma mudaa qabanii jaalala guddaa walitti argisiisanii qabateera. Mee fakkeenya Yonaataanii fi Daawit haa ilaallu. Kitaabni Qulqulluun, “Yonaataanii fi Daawit michummaa cimaadhaan walitti maxxanan; Yonaataanis akkuma lubbuu isaatti isa ni jaallate” jedha. (1 Sam. 18:1) Daawit Saaʼolitti aansee mootii akka taʼu dibamee ture. Sana booda Saaʼol Daawititti hinaafuudhaan isa ajjeesuuf yaaleera. Ilmi isaa Yonaataan garuu duula abbaan isaa Daawitiin ajjeesuuf godhe irratti isa hin deggerre. Yonaataanii fi Daawit michuu walii taʼanii itti fufuu fi yeroo hundumaa wal deggeruuf waadaa waliif galaniiru. (1 Sam. 20:42) Yonaataanii fi Daawit michummaa cimaa qabaachuun isaanii kan nama dinqisiisu dha; sababiin isaas wantoonni michoota akka hin taane isaan godhan hedduun jiru turan. Fakkeenyaaf, Yonaataan gara waggaa 30 Daawitiif hangafa ture. Yonaataan nama umuriidhaan isaa gad taʼee fi muuxannoo hin qabne kanaa wajjin wanti wal nu fakkeessu tokko iyyuu hin jiru jedhee yaaduu dandaʼa ture. Taʼus, Yonaataan ilaalcha isaatiinis taʼe, gocha isaatiin Daawit isaa gad akka taʼe hin argisiisne. w21.01 21-22 key. 6-7
Kibxata, Waxabajjii 28
Yaa obboloota koo, yommuu qorumsi adda addaa isin irra gaʼu akka gammachuu guddaatti lakkaaʼaa.—Yaq. 1:2.
Yesuus duuka buutonni isaa gammachuu dhugaa akka argatan waadaa isaaniif galeera. Namoonni isa jaallatan qorumsi akka isaan irra gaʼus akeekkachiiseera. (Mat. 10:22, 23; Luq. 6:20-23) Barattoota Kiristoos taʼuun keenya nu gammachiisa. Taʼus, maatiin keenya yoo nu morman, mootummaa irraa ariʼatamni yoo nu irra gaʼe ykn namoonni wajjin hojjennu ykn wajjin barannu dogoggora akka raawwannu dhiibbaa yoo nu irratti godhan maaltu nutti dhagaʼama? Wantoonni akkasii nu dhiphisuu akka dandaʼan beekamaa dha. Namoonni baayʼeen ariʼatamni wanta gammachuu argamsiisu akka taʼetti hin ilaalan. Taʼus, Dubbiin Waaqayyoo yeroo ariʼatamni nu irra gaʼu akka gammannu nutti hima. Fakkeenyaaf, Yaaqoob yeroo qorumsi nu irra gaʼutti garmalee dhiphachuu mannaa akka gammachuu guddaatti ilaaluu akka qabnu barreesseera. (Yaq. 1:2, 12) Yesuusis yeroo ariʼatamni nu irra gaʼu gammaduu akka qabnu dubbateera. (Mat. 5:11) Yihowaan gorsa Kiristiyaanonni kun yommuu qorumsi isaan mudatutti gammachuu isaanii eeganii itti fufuuf isaan gargaaru isaaniif kennuuf Yaaqoob xalayaa akka isaaniif barreessu isa kakaaseera. w21.02 26 key. 1-2; 27 key. 5
Roobii, Waxabajjii 29
Dubbii gatii hin qabne isa wanta qulqulluu mormu . . . irraa [fagaadhu].—1 Xim. 6:20.
Kiristiyaanonni bara Ximotewos jiraatan mirga Waaqayyoo wajjin hojjechuuf argatan utuu hin dinqisiifatin hafaniiru. Isaanis: Deemaas, Figeelos, Hermogenes, Hemenewoos, Iskindirii fi Filexoosi dha. (1 Xim. 1:19, 20; 2 Xim. 1:15; 2:16-18; 4:10) Namoonni kun hundi yeroo taʼe tokkotti karaa hafuuraa ciccimoo kan turan taʼus, wanta dhugumaan gatii guddaa qabu yaaduu isaanii dhaabaniiru. Seexanni wanta gatii guddaa qabuu fi Yihowaan imaanaadhaan nutti kenne akka dhiisnu gochuuf kan yaalu akkamitti? Malawwan Seexanaa tokko tokko hubadhaa. Seexanni ilaalcha, yaadaa fi amala dhugaa jabeessinee akka hin qabanne nu gochuu dandaʼan akka horannu gochuuf bashannanaa fi miidiyaatti fayyadama. Dhiibbaa hiriyaa ykn ariʼatama fayyadamee nu sodaachisuudhaan lallabuu keenya akka dhaabnu gochuuf yaala. Akkasumas dhugaa akka dhiisnu gochuuf, barumsa gantootaa isa “sobaan ‘beekumsa’ jedhamu” akka dhaggeeffannu nu sossobuuf yaalii godha. Of eeggannoo hin goonu taanaan suutuma suuta dhugaa cimsinee qabachuu dhiisuu dandeenya.—1 Xim. 6:21. w20.09 27 key. 6-8
Kamisa, Waxabajjii 30
Yihowaan gaaffii ani gaarummaa isaa argachuuf dhiheessu ni dhagaʼa; Yihowaan kadhannaa kootiif deebii ni kenna.—Far. 6:9.
Miseensi maatii ykn michuun kee tokko si miidhee beekaa? Taanaan, seenaa Abishaalom isa ilma Daawit Mootichaa taʼee qoruudhaan fayyadamuu dandeessa. (2 Sam. 15:5-14, 31; 18:6-14) Seenicha yaadatti qabachuudhaan dogoggora si irratti raawwatameef miirri akkamii akka sitti dhagaʼamu Yihowaatti himi. (Far. 6:6-8) Itti aansuudhaan wantoonni kun hundi yommuu isa irra gaʼan wanta Daawititti dhagaʼamee taʼuu qabu yaadaan ilaali. Daawit Abishaalomiin ni jaallata, Ahixoofeliinis ni amana ture. Taʼus, michoonni isaa kun lamaanuu isa gananiiru, baayʼee isa miidhaniiru, isa ajjeesuuf illee yaalaniiru. Daawit michoonni isaa kaanis Abishaalomiin deggeru jedhee shakkuudhaan amantaa isaan irratti qabu dhabuu dandaʼa ture. Waaʼee ofii isaa qofa yaaduu fi kophaa isaa biyyattii dhiisee baqachuuf barbaaduu dandaʼa ture. Yookiin guutummaatti abdii kutachuu dandaʼa ture. Kanaa mannaa, gargaarsa argachuuf Yihowaa kadhateera. Kana malees, michoota isaa gargaarsa gaafateera. Murtoo godhe hojii irra oolchuufis dafee tarkaanfii fudhateera. Inni Yihowaatti amanamuu fi michoota isaa amanuu isaa itti fufeera. w21.03 15 key. 7-8; 17 key. 10-11