LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • es22 ful. 67-77
  • Adoolessa

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Adoolessa
  • Kitaaba Qulqulluu Guyyaa Guyyaan Qoruu—2022
  • Mata Dureewwan Xixiqqaa
  • Jimaata, Adoolessa 1
  • Sanbadduraa, Adoolessa 2
  • Dilbata, Adoolessa 3
  • Wiixata, Adoolessa 4
  • Kibxata, Adoolessa 5
  • Roobii, Adoolessa 6
  • Kamisa, Adoolessa 7
  • Jimaata, Adoolessa 8
  • Sanbadduraa, Adoolessa 9
  • Dilbata, Adoolessa 10
  • Wiixata, Adoolessa 11
  • Kibxata, Adoolessa 12
  • Roobii, Adoolessa 13
  • Kamisa, Adoolessa 14
  • Jimaata, Adoolessa 15
  • Sanbadduraa, Adoolessa 16
  • Dilbata, Adoolessa 17
  • Wiixata, Adoolessa 18
  • Kibxata, Adoolessa 19
  • Roobii, Adoolessa 20
  • Kamisa, Adoolessa 21
  • Jimaata, Adoolessa 22
  • Sanbadduraa, Adoolessa 23
  • Dilbata, Adoolessa 24
  • Wiixata, Adoolessa 25
  • Kibxata, Adoolessa 26
  • Roobii, Adoolessa 27
  • Kamisa, Adoolessa 28
  • Jimaata, Adoolessa 29
  • Sanbadduraa, Adoolessa 30
  • Dilbata, Adoolessa 31
Kitaaba Qulqulluu Guyyaa Guyyaan Qoruu—2022
es22 ful. 67-77

Adoolessa

Jimaata, Adoolessa 1

Samii fi lafa irratti aangoon hundi anaaf kennameera.—Mat. 28:18.

Kadhannaan keenya akka dhagaʼamuuf Yesuusii wajjin michummaa qabaachuu qabna. Kun immoo, xumura kadhannaa keenya irratti barsiifataan jecha, “maqaa Yesuusiin” jedhu itti dabaluu caalaa wanta gaafatu qaba. Yihowaan kadhannaa keenya dhagaʼuuf akkamitti Yesuusitti akka fayyadamu hubachuu qabna. Yesuus barattoota isaatiin, “Wanta isin maqaa kootiin kadhattan hunda ani isiniif nan raawwadha” jedheera. (Yoh. 14:13) Kadhannaa keenya kan dhagaʼuu fi kan deebisu Yihowaa taʼus, murtoo isaa akka raawwachiisu Yesuusiif aangoo kenneera. Kanaafuu, Yihowaan kadhannaa keenyaaf deebii kennuu isaa dura, gorsa Yesuus kenne hojii irra oolchuu fi dhiisuu keenya ni ilaala. Fakkeenyaaf Yesuus, “Cubbuu namoonni isin irratti hojjetaniif dhiifama yoo isaaniif gootan, Abbaan keessan inni samii irraas dhiifama isiniif godha; cubbuu namoonni isin irratti hojjetaniif dhiifama isaaniif hin gootan taanaan garuu, Abbaan keessanis cubbuu keessan isiniif hin dhiisu” jedheera. (Mat. 6:14, 15) Maarree akkuma Yihowaa fi Yesuus gaarummaadhaan nu qabanitti nutis warra kaan gaarummaadhaan qabuun keenya barbaachisaa mitii? w20.04 21 key. 6

Sanbadduraa, Adoolessa 2

Misiraachoo isiniif labsaa kan jirru, isin wantoota gatii hin qabne kana dhiistanii gara Waaqa [jiraataatti akka deebitaniifi].—HoE. 14:15.

Phaawulos ergamaan wantoota dhaggeeffattoota isaa hawwatan hubateera, akkaataa dhiheenyaa isaas akka haala isaatti jijjiireera. Fakkeenyaaf, namoonni hedduun inni Lisxiraa keessatti itti dubbachaa ture waaʼee Kitaabota Qulqulluu beekumsa xiqqoo kan qaban ykn homaa kan hin beekne turan. Kanaan kan kaʼes, Phaawulos karaa isaan hubachuu dandaʼaniin isaanitti dubbateera. Waaʼee waqtiilee firii qabanii fi dandeettii jireenyatti gammaduu dubbateera. Jechootaa fi fakkeenyota dhaggeeffattoonni isaa salphaatti hubachuu dandaʼanitti fayyadameera. Fedhii namoota naannoo tajaajilaa keessan keessa jiranii beekuuf hubannaa qabaadhaa, akkaataa dhiheenyaa keessanis akka haala isaatti jijjiiraa. Yommuu gara nama tokkoo ykn gara mana isaa dhaqxan, wanti xiyyeeffannaa nama sanaa hawwatu maal akka taʼe beekuu kan dandeessan akkamitti? Wanta naannoo keessanitti argamu qalbeeffadhaa. Tarii namni sun biqiltuu kunuunsaa, kitaaba dubbisaa, konkolaataa suphaa ykn hojii taʼe tokko hojjechaa jira taʼa. Haalli isaa mijataa yoo taʼe, maree jalqabuuf wanta inni gochaa jirutti maaliif hin fayyadamtan? (Yoh. 4:7) Uffannaan nama tokkoo illee waaʼee isaa wanta ibsu qaba; tarii lammummaa isaa, hojii isaa ykn garee ispoortii inni jaallatu kan argisiisu taʼuu dandaʼa. w20.04 11 key. 11-12

Dilbata, Adoolessa 3

[Waaqayyo] isiniif waan yaaduuf, yaaddoo keessan hundumaa isa irratti gataa.—1 Phe. 5:7.

Obboloonnii fi obboleettonni tokko tokko dhiphina cimaa isaan irra gaʼuun kan kaʼe namoota kaan biratti baayʼee kan sodaatanii fi ija laafeyyii akka taʼan isaanitti dhagaʼama. Namoota hedduu gidduutti argamuun kan isaanitti ulfaatu taʼus, walgaʼiiwwan gumii, aanaa fi naannoo irratti argamuu isaanii itti fufu. Nama hin beeknetti dubbachuun kan isaanitti ulfaatu taʼus, tajaajila irratti warra kaanitti ni dubbatu. Atis akkas sitti dhagaʼama taanaan, akkas kan itti dhagaʼamu si qofa akka hin taane mirkanaaʼaa taʼi. Namoonni hedduun haala akkasii wajjin walʼaansoo godhu. Yihowaan carraaqqii lubbuu keessan guutuudhaan gootanitti akka gammadu yaadadhaa. Abdii kutachuu dhiisuun keessan inni isin eebbisaa fi jabina isin barbaachisu isiniif kennaa akka jiru mirkaneessa. (Filp. 4:6, 7) Dhibee qaamaa fi sammuu dandamattanii Yihowaa tajaajilaa jirtu taanaan, isa gammachiisaa akka jirtan mirkanaaʼoo taʼuu dandeessu. Hedduun keenya dhibee fayyaa kan qabnu taanus, jabaannee dhaabbachaa jirra. (2 Qor. 4:16) Hundi keenya gargaarsa Yihowaatiin dorgommii sana hamma dhumaatti fiiguu ni dandeenya! w20.04 31 key. 20-21

Wiixata, Adoolessa 4

Amalawwan isaa warri ijaan hin argamne . . . wantoota uumaman irraa ifatti hubachuun ni dandaʼama.—Rom. 1:20.

Akkaataa inni lafa ishii iddoo jireenyaa keenya taate itti tolche irraa ogummaa Waaqayyoo ifatti hubachuun ni dandaʼama. (Ibr. 3:4) Pilaaneetonni naannoo aduutti marsan kan biroon kan jiran taʼus, lafti jireenyi akka itti fufu gochuuf haala mijataa taʼe waan qabduuf warra kaan irraa adda dha. Karaawwan tokko tokkoon, lafti bidiruu galaana guddaa irra bololiʼaa jirtuu wajjin wal fakkaatti. Haa taʼu malee, bidiruu nam tolchee namootaan guutamtee fi lafa keenya gidduu garaa garummaa hedduun jira. Fakkeenyaaf, namoonni bidiruu irra jiran oksijiinii, nyaataa fi bishaan ofii isaaniitii qopheeffatu utuu taʼee, akkasumas balfaa isaanii galaana keessatti gatuu hin dandaʼan utuu taʼee yeroo hammamiitiif lubbuudhaan jiraachuu dandaʼu? Namoonni bidiruu sana keessa jiran utuma baayʼee hin turin ni duʼu. Kana irraa haala faallaa taʼeen, lafti uumamawwan lubbu qabeeyyii biliyoonaan lakkaaʼaman ni jiraachifti. Oksijiinii, nyaataa fi bishaan nu barbaachisu hundumaa nuu qopheessiti, wantoonni barbaachisoo taʼan kunis nu jalaa hin dhuman. Balfawwan ishii lafuma irratti kan hafan taʼus lafti bareedduu fi bakka jireenyaaf mijattu taatee itti fufteetti. Kun taʼuu kan dandaʼe akkamitti? Yihowaan lafa kan uume balfawwan kana wantoota gaggaariitti jijjiiruu akka dandeessu godhee ti. w20.05 20 key. 3-4

Kibxata, Adoolessa 5

Isin matumaa hin duutan.—Uma. 3:4.

Seexanni Yihowaan sobduu akka taʼe Hewaanitti himuudhaan kallattiidhaan maqaa Waaqayyoo balleesseera. Karaa kanaan Seexanni Diyaabilos ykn maqaa balleessituu taʼe. Hewaan guutummaatti gowwoomte; ishiin Seexana amante. (1 Xim. 2:14) Ishiin Yihowaa caalaa isa amante. Kunis Hewaan murtoo baayʼee gadhee taʼe akka gootu salphaa ishiidhaaf godheera. Yihowaadhaaf ajajamuu diduuf murteessite. Firii Yihowaan akka hin nyaanne ishii dhowwe nyaachuu jalqabde. Sana booda Addaamiifis ni kennite. (Uma. 3:6) Hewaan Seexanaaf deebii akkamii kennuu qabdi turte? Mee akkas akka jette godhii yaadi: “Ati eenyu akka taate hin beeku, taʼus ani Abbaa koo, Yihowaa beeka, akkasumas isa nan jaalladha, isa nan amanas. Wanta qabnu hundumaa anaa fi Addaamiif kan kenne isa dha. Ati waaʼee isaa wanta gadhee akkamii iyyuu dubbachuuf akkamitti ija jabaatte? Ana duraa deemi!” Yihowaan jechoota amanamummaa argisiisan akkasii intala jaallatamtuu irraa utuu dhagaʼeera taʼee hammam gammada ture! (Fak. 27:11) Taʼus, Hewaan Yihowaadhaaf jaalala amanamaa hin qabdu turte; Addaamis amanamaa hin turre. Addaamii fi Hewaan Abbaa isaaniitiif jaalala akkasii dhabuu isaaniitiin kan kaʼe maqaan isaa akka hin balleeffamne utuu isaaf hin falmin hafaniiru. w20.06 4 key. 10-11

Roobii, Adoolessa 6

Dubartoonni misiraachicha labsan raayyaa guddaa dha.—Far. 68:11.

Obboleettonni keenya wanta tajaajila Yihowaa keessatti raawwatan hundaaf galateeffamuun isaaniif mala. Tajaajilli kun gamoowwan ijaaruu fi suphuu, gareewwan afaan biyya alaatiin geggeeffaman deggeruu, akkasumas Betʼelitti fedhaan tajaajiluu dabalata. Obboleettonni hojii gargaarsaa yeroo balaatti hojjetamu irratti deggersa godhu, barreeffamoota keenya hiikuu irratti gargaaru, akkasumas qajeelchitootaa fi misiyoonota taʼanii tajaajilu. Dabalataanis haadhotiin manaa abbootiin manaa isaanii itti gaafatamummaa guddaa gumii fi jaarmiyicha keessatti qaban akka raawwatan isaan gargaaru. Obboloonni itti gaafatamummaa qaban utuu deggersa haadhotii manaa isaanii hin qaban taʼee, guutummaatti ‘dhiirota kennaman’ taʼanii tajaajiluu hin dandaʼan turan. (Efe. 4:8) Jaarsolii ogeeyyiin obboleettonni hojjettoota “macca guddaa” ykn raayyaa guddaa fedhiidhaan hojjetanii fi misiraachoo labsuu irratti dandeettii guddaa qaban akka taʼan ni hubatu. Kana malees, jaarsoliin obboleettonni amanamoo fi bilchaatoo taʼan obboleettonni dargaggeeyyiin rakkina akka dandamatan gargaaruu irratti buʼa qabeeyyii akka taʼan ni hubatu. (Tit. 2:3-5) Eeyyee, obboleettonni keenya dinqisiifamuun isaaniif mala! w20.09 23 key. 13-14

Kamisa, Adoolessa 7

Abbaan koo inni samii warra xixinnoo kana keessaa tokko illee akka badu hin barbaadu.—Mat. 18:14.

Yihowaan namoota kanaan dura isa tajaajilaa turanii fi yeroo muraasaaf saba isaa wajjin walitti qabamuu dhiisan hin irraanfatu; akkasumas hojii isaan tajaajila isaa irratti raawwatan hin irraanfatu. (Ibr. 6:10) Isaayyaas raajichi fakkeenya gaarii akkaataa Yihowaan saba isaa itti kunuunsu argisiisu galmeesseera. Isaayyaas, “Inni akka tikseetti hoolota isaa in tiksa, ilmoolees harka isaatiin walitti in sassaaba, kaasuutti isaan in baata” jedhee barreesseera. (Isa. 40:11) Yommuu hoolota isaa keessaa tokko tuuta hoolotaa irraa fagaatu, Tiksee Guddichatti maaltu dhagaʼama? Yesuus yommuu barattoota isaa gaaffii kana gaafatetti miira Yihowaa ibseera: “Maal isinitti fakkaata? Namni tokko hoolota 100 yoo qabaatee fi isaan keessaa hoolaan tokko yoo jalaa badde, hoolota 99 sana gaara irratti dhiisee ishii jalaa badde sana barbaacha hin deemuu? Dhuguman isiniin jedha, yoo ishii argate hoolota 99n warra hin badne sana caalaa ishiitti guddaa gammada.”—Mat. 18:12, 13. w20.06 19-20 key. 8-9

Jimaata, Adoolessa 8

Namni ilaaltuu ol aanaa taʼuuf carraaqu hojii gaarii hawwa.—1 Xim. 3:1.

Karaa dandeenyu kamiin iyyuu Yihowaa tajaajiluu akka mirgaatti ilaalla. (Far. 27:4; 84:10) Obboleessi tokko mirga tajaajilaa addaatiif yoo of dhiheessuu dandaʼe kun isa galateeffachiisa. Haa taʼu malee, itti gaafatama sana yommuu fudhatu, waaʼee ofii isaa hamma yaaduu qabu caalaa yaaduu hin qabu. (Luq. 17:7-10) Galmi isaa gad of qabuudhaan warra kaan tajaajiluu taʼuu qaba. (2 Qor. 12:15) Kitaabni Qulqulluun fakkeenya akeekkachiisaa namoota waaʼee ofii isaanii hamma yaaduu qaban caalaa yaadanii ibsu qabateera. Diyooxiraaxis of guguddisuudhaan gumicha keessatti “dura buʼaa” taʼuuf yaalee ture. (3 Yoh. 9) Uziyaan of tuulummaadhaan hojii Yihowaan akka inni hojjetu isa hin ramadne hojjechuuf yaalee ture. (2 Sen. 26:16-21) Abiishaalom mootii taʼuu waan barbaadeef, haxxummaadhaan deggersa sabichaa argachuuf yaalee ture. (2 Sam. 15:2-6) Akkuma seenaawwan kun ifatti argisiisanitti, Yihowaan namoota ulfina ofii isaanii barbaadan kanatti hin gammanne. (Fak. 25:27) Oolee bulee, of tuulummaa fi iddoo guddaa barbaaduun badiisa geessisa.—Fak. 16:18. w20.07 4 key. 7-8

Sanbadduraa, Adoolessa 9

Namni hundi baʼaa ofii isaa baata.—Gal. 6:5.

Maatiiwwan Kiristiyaanaa tokko tokko koolu galtoota taʼuuf ykn hojii argachuuf biyya kan biraatti galaniiru. Haala akkasii keessatti ijoolleen isaanii afaan hojii biyya amma keessa jiraataniin baratu taʼa. Warris hojii argachuuf afaan kana barachuun isaan barbaachisuu dandaʼa. Gumiin ykn tuutni afaan isaaniitiin geggeeffamu jira yoo taʼe hoo? Maatiin kun gumii kam irratti hirmaachuu qabu? Gumii afaan biyya sanaa itti dubbatamu moo gumii afaan isaanii itti dubbatamu irratti hirmaachuu qabu? Mataan maatii maatiin isaa gumii isa kam irratti hirmaachuu akka qabu murteessuu qaba. Kun dhimma dhuunfaa waan taʼeef, wanta maatii isaatiif caalaatti gaarii taʼe tilmaama keessa galchuu qaba. Murtoo mataan maatichaa godhu kabajuu nu barbaachisa. Murtoo akkamii iyyuu yoo godhe, murtoo isaa fudhannee maaticha simachuu fi jaalala isaanitti argisiisuu qabna.—Rom. 15:7. w20.08 30 key. 17-18

Dilbata, Adoolessa 10

Waaqayyo . . . wantoota addunyaa dadhaboo taʼan filate.—1 Qor. 1:27.

Yihowaa biraa humna argachuu yoo barbaanne, ciminni qaamaa, sadarkaan barumsaa, akkaataan guddinaa ykn qabeenyi keenya isa biratti iddoo guddaa akka qabu goonee yaaduu hin qabnu. Wantoonni kunneen Yihowaa biratti fudhatama argachuuf wanta nu barbaachisan miti. Sabni Waaqayyoo baayʼeen isaanii iyyuu ‘warra akka ilaalcha namootaatti ogeeyyii taʼan keessaa, namoota jajjaboo taʼan hedduu fi namoota maatii beekamoo taʼan keessaa kan dhalatan’ miti. (1 Qor. 1:26) Atis wantoota kana hin qabdu yoo taʼe iyyuu, Yihowaa tajaajiluu ni dandeessa. Kanaafuu, carraa humni Yihowaa karaa kee yommuu hojjetu arguuf si dandeessisu akka taʼetti ilaali. Fakkeenyaaf, namoota amantii kee akka shakkitu gochuuf yaalaniin sodaan yoo sitti dhagaʼame, Yihowaan ija jabina amantii keetiif falmuuf si gargaaru akka siif kennu kadhadhu. (Efe. 6:19, 20) Dhibee fayyaa cimaa taʼe wajjin qabsoo gochaa jirta yoo taʼes, humna hamma dandeessu tajaajila Yihowaa irratti hirmaachuuf si gargaaru akka siif kennu isa kadhadhu. Gargaarsa Yihowaan siif godhu yommuu argitu hundatti, amantiin kee dabala deema, atis caalaatti cimaa taata. w20.07 16 key. 9

Wiixata, Adoolessa 11

Hundumaa dura Mootummicha [barbaadaa].—Mat. 6:33.

Mootummichaaf, jireenya keenya keessatti dursa kan kenninu yoo taʼe, fakkeenya Abrahaam isa Waaqayyoon gammachiisuuf aarsaa kaffale sanaa hordofuu qabna. (Mar. 10:28-30; Ibr. 11:8-10) Jireenyi keessan rakkina irraa bilisa akka taʼu hin eeginaa. Warri jireenya isaanii guutuu Yihowaa tajaajiluuf murteessan illee, rakkinni isaan mudata. (Yaq. 1:2; 1 Phe. 5:9) Yeroo harʼaa, yeroo kam iyyuu caalaa gara fuulduraa irratti xiyyeeffachuuf sababa gaʼaa qabna. Haalawwan addunyaa, kutaa xumuraa guyyoota dhumaa sirna kanaa keessa akka jirru ifatti argisiisu. Eebbawwan hedduu bulchiinsa Mootummichaa jalatti argannu keessaa inni tokko namoonni jaallannu yommuu duʼaa kaʼan arguu dha. Yeroo sanatti Yihowaan Abrahaamii fi maatii isaa gara jireenyaatti deebisuudhaan, amantii fi obsa inni argisiiseef isa badhaasa. Atoo isaan simachuuf achitti ni argamtaa? Akka Abrahaam Mootummaa Waaqayyootiif aarsaa gochuuf fedhii yoo qabaatte, utuma rakkinni si irra gaʼuu amantii kee yoo eeggattee fi obsaan Yihowaa eeggachuu yoo baratte achitti argamuu ni dandeessa.—Mik. 7:7. w20.08 5-6 key. 13-14; 7 key. 17

Kibxata, Adoolessa 12

Hanga duʼaatti amanamaa taʼuu kee argisiisi; anis gonfoo jireenyaa siif nan kenna.—Mul. 2:10.

Diinonni yoo nu ajjeesan, Yihowaan jireenya keenya deebisee akka nuuf kennu beekna. Wanti isaan godhan kam iyyuu hariiroo Yihowaa wajjin qabnu addaan kutuu akka hin dandeenye mirkanaaʼoo dha. (Rom. 8:35-39) Yihowaan abdii duʼaa kaʼuu nuu kennuudhaan ogummaa guddaa akka qabu argisiiseera! Akkasumas abdii kanaan meeshaa Seexanaa isa cimaa taʼe isa hiikkachiiseera, nuun immoo ija jabina laafuu hin dandeenye nu hidhachiiseera. Diinonni akka si ajjeesan yoo si doorsisan, Yihowaan duʼaa akka si kaasu amanannaa qabdaa? Yeroo sanatti isatti amanamuu fi dhiisuu kee akkamitti beekta? Karaan kana itti beektu tokko, ‘Murtoo xixinnoon ani guyyaa guyyaatti godhu, Yihowaatti akkan amanamu argisiisaa?’ jettee of gaafachuu dha. (Luq. 16:10) Gaaffiin kan biraan immoo, ‘Akkaataan yeroo fi qarshii koo itti fayyadamu, Mootummaa Yihowaatiif dursa yoon kenne, inni wanta jireenyaaf na barbaachisu akka naaf guutu abdii inni kennetti akkan amanamu ni argisiisaa?’ kan jedhu taʼuu dandaʼa. (Mat. 6:31-33) Deebiin gaaffiiwwan kanaa eeyyee taanaan, Yihowaatti akka amanamtu mirkanaaʼaa taʼuu dandeessa, akkasumas qorumsa fuulduratti si mudatu kam iyyuu moʼuuf qophaaʼaa taata.—Fak. 3:5, 6. w20.08 17-18 key. 15-16

Roobii, Adoolessa 13

Dubbii dhugaa sirriitti barsiisuudhaan akka hojjetaa waan itti qaanaʼu tokko illee hin qabneetti, Waaqayyo duratti fudhatama kan qabu gootee of dhiheessuuf wanta sii dandaʼame hunda godhi.—2 Xim. 2:15.

Dubbii Waaqayyootti sirriitti akkamitti akka fayyadamnu barachuu qabna. Beekumsawwan kana keessaa tokko tokko walgaʼiiwwan keenya irratti baranna. Haa taʼu malee, dhugaawwan Kitaaba Qulqulluu gatii guddaa akka qaban warra kaan amansiisuu yoo barbaanne, qoʼannaa Kitaaba Qulqulluu dhaabbataa qabaachuu qabna. Amantii keenya cimsachuuf Dubbii Waaqayyootti fayyadamuu qabna. Kun immoo akkasumaan Kitaaba Qulqulluu dubbisuu caalaa wanta dabalatu qaba. Kana gochuun wanta dubbisne irratti xiinxaluu, akkasumas sirriitti hubachuu fi wanta baranne hojii irra oolchuudhaaf barreeffamoota keenya irratti qorannaa gochuu gaafata. (1 Xim. 4:13-15) Taanaan, warra kaan barsiisuuf Dubbii Waaqayyootti fayyadamuu ni dandeenya. Kunis caqasa Kitaaba Qulqulluu tokko dubbisuu caalaa wanta dabalatu qaba. Namoonni nu dhaggeeffatan caqasicha akka hubatanii fi akkamitti akka hojii irra oolchan akka beekan isaan gargaaruu barbaanna. Sagantaa qoʼannaa Kitaaba Qulqulluu dhaabbataa taʼe qabaachuudhaan dandeettii Dubbii Waaqayyoo warra kaan barsiisuuf qabnu fooyyeffachuu dandeenya.—2 Xim. 3:16, 17. w20.09 28 key. 12

Kamisa, Adoolessa 14

Akka hin dadhabnee fi akka abdii hin kutanneef, [Yesuusiin] . . . akka gaariitti yaadaa.—Ibr. 12:3.

Wantoota Yihowaan nu gargaaruuf nuu godhe hundumaa irratti yoo xiinxalle hojii lallabaatiif dursa kennuu keenya itti fufuu dandeenya. Fakkeenyaaf, barreeffamoota maxxanfamanii fi warra bifa elektiroonikiitiin qophaaʼaniin, oodiyoo fi viidiyoo waraabamaniin, akkasumas biroodikaastii karaa intarneetii darbuun nyaata hafuuraa hedduu nuu dhiheessaa jira. Mee yaadi: Weebsaayitii keenya irratti afaanota 1,000 oliin odeeffannoo argachuun ni dandaʼama! (Mat. 24:45-47) Karaa kan biraan lallabaaf dursa kennuu keenya itti fufuu dandeenyu fakkeenya Yesuus hordofuu dha. Yesuus wanti kam iyyuu dhugaadhaaf dhugaa baʼuu irraa xiyyeeffannaa isaa akka fudhatu hin heyyamne. (Yoh. 18:37) Yesuus yommuu Seexanni “mootummoota addunyaa hundumaa fi ulfina isaanii” isaaf dhiheessetti fudhachuuf hin qoramne; yommuu warri kaan mootii isa gochuu barbaadanittis tole hin jenne. (Mat. 4:8, 9; Yoh. 6:15) Yesuus hawwiin qabeenyaa dhiibbaa isa irratti hin goone, mormii cimaan yommuu isa irra gaʼus hin moʼamne. (Luq. 9:58; Yoh. 8:59) Qorumsi amantii yommuu nu mudatutti gorsa Phaawulos ergamaan caqasa guyyaa harʼaa irratti kenne yoo yaadanne lallabaaf dursa kennuu keenya itti fufuu dandeenya. w20.09 9-10 key. 6-7

Jimaata, Adoolessa 15

Akkuma ani fakkeenya Kiristoos hordofu, isinis fakkeenya koo hordofaa.—1 Qor. 11:1.

Obboleettota hedduu jabaatanii hojjetan qabaachuu keenyatti baayʼee gammanna. Walgaʼiiwwan gumii irratti ni hirmaatu, misiraachichas ni labsu. Tokko tokko immoo galma walgaʼii suphuu irratti ni hirmaatu, akkasumas obbolootaa fi obboleettotaaf dhuunfaatti xiyyeeffannaa kennu. Taʼus, haalli rakkisaan isaan mudata. Obboleettonni tokko tokko warra isaanii maanguddoo taʼaniif kunuunsa godhu. Kaan immoo maatii isaanii irraa mormiin isaan irra gaʼa. Kaanis haadha qeentee waan taʼaniif, ijoollee isaaniif wanta barbaachisu dhiheessuuf jabaatanii hojjetu. Obboleettota deggeruu irratti xiyyeeffachuu kan qabnu maaliifi? Addunyaan yeroo baayʼee dubartootaaf ulfina isaaniif malu waan isaaniif hin kennineefi. Dabalataanis, Kitaabni Qulqulluun akka isaan deggerru nu jajjabeessa. Fakkeenyaaf, Phaawulos ergamaan gumiin Roomaa Feebaniin akka simatuu fi ‘gargaarsa barbaachisu hunda akka ishiidhaaf godhu gaafatee’ ture. (Rom. 16:1, 2) Phaawulos garee namootaa dubartoota gadi aansee ilaalu keessa ture. Kiristiyaana erga taʼee booda garuu, fakkeenya Yesuus hordofuudhaan dubartoota ulfinaa fi gaarummaadhaan qabeera. w20.09 20 key. 1-2

Sanbadduraa, Adoolessa 16

Namoota barattoota koo godhaa; . . . wanta ani isin ajaje hunda akka eeganis isaan barsiisaa.—Mat. 28:19, 20.

Barattoonni Kitaaba Qulqulluu keenya fedhii misiraachicha warra kaanitti himuuf qaban akka guddifatan gargaaruuf gaaffiiwwan armaan gadii isaan gaafachuu dandeenya: “Ergaa Mootummichaa fudhachuun kee jireenya kee gara gaariitti kan jijjiire akkamitti? Warri kaan ergaa kana dhagaʼuun akka isaan barbaachisu sitti dhagaʼamaa? Isaan gargaaruuf maal gochuu dandeessa?” (Fak. 3:27; Mat. 9:37, 38) Yesuus, ajaja inni kenne “hunda akka eegan” warra kaan akka barsiisnu nu ajajuu isaa sammuutti qabachuu qabna. Kun ajajawwan guguddaa lamaan, jechuunis Waaqayyoo fi namoota jaallachuu kan dabalatu siʼa taʼu, lamaanuu hojii lallabaa fi barattoota gochuu wajjin walitti dhufeenya cimaa qabu. (Mat. 22:37-39) Hojii lallabaa irratti akka hirmaannu wanti nu kakaasu inni guddaan iyyuu jaalala dha. Barattoonni Kitaaba Qulqulluu tokko tokko hojii lallabaa irratti hirmaachuu yaaduun isaan sodaachisuu akka dandaʼu ifa dha. Taʼus, barattoonni akkasii gargaarsa Yihowaatiin suutuma suuta sodaa namaa moʼuu akka dandaʼan isaaniif mirkaneessuu dandeenya.—Far. 18:1-3; Fak. 29:25. w20.11 3 key. 6-8

Dilbata, Adoolessa 17

Isiniif kadhachuu matumaa . . . hin dhiisne.—Qol. 1:9.

Yeroo Kitaaba Qulqulluu qoʼachiisuuf qophooftanitti, waaʼee baratichaa fi wanta isa barbaachisu ilaalchisee Yihowaatti kadhannaa dhiheessaa. Karaa garaa namichaa tuquun Kitaaba Qulqulluu irraa barsiisuuf akka isin gargaaru Yihowaa gaafadhaa. Galmi keessan baratichi guddina godhee akka cuuphamu gargaaruu akka taʼe yaadadhaa. Baratichis Yihowaa wajjin walitti dubbachuu qaba. Akkamitti? Yihowaa dhaggeeffachuu fi isatti dubbachuudhaani. Guyyaa guyyaadhaan Kitaaba Qulqulluu dubbisuudhaan Waaqayyoon dhaggeeffachuu dandaʼa. (Iya. 1:8; Far. 1:1-3) Guyyaa guyyaan kadhachuudhaan Yihowaatti akka dubbatu jajjabeessaa. Kanaaf, jalqabaa fi xumura qoʼannaa keessaniitti kadhannaa garaadhaa madde dhiheessaa, akkasumas kadhannaa kana irratti waaʼee barataa keessanii ibsaa. Baratichi kadhannaa keessan yommuu dhagaʼu, kadhannaa garaadhaa madde akkamitti akka dhiheessuu fi maqaa Yesuus Kiristoosiin gara Yihowaatti dhiheessuu akka qabu barata. (Mat. 6:9; Yoh. 15:16) Barataan keessan guyyaa guyyaan Kitaaba Qulqulluu dubbisuun (Yihowaa dhaggeeffachuun), akkasumas kadhachuun (Yihowaatti dubbachuun) isaa caalaatti Waaqayyotti dhihaachuuf akkamitti akka isa gargaaru yaadaa!—Yaq. 4:8. w20.10 8 key. 8; 9 key. 10-11

Wiixata, Adoolessa 18

Hidhaa nagaa isa tokko godhuun tokkummaa hafuuraa [eegaa].—Efe. 4:3.

Sirnii fi nagaan Kiristiyaanota jaarraa jalqabaa gidduu ture, yeroo harʼaattis jaarmiyaa Yihowaa keessatti mulʼachaa jira. (HoE. 16:4, 5) Fakkeenyaan ibsuuf: Gumii kan biraa ykn biyya kan biraa illee deemtee Qoʼannaa Masaraa Eegumsaa yoo hirmaatte, qoʼannaan kun akkamitti akka gaggeeffamuu fi mata dureen qoʼatamu isa kam akka taʼe beekuu dandeessa. Yeruma sana, akka waan gumii kee keessa jirtutti sitti dhagaʼama! Tokkummaa akkasii argamsiisuu kan dandaʼu hafuura Waaqayyoo qofa dha. (Sef. 3:9) Maal gochuu dandeessa? Akkas jedhii of gaafadhu: ‘Gumii keessatti nagaa fi tokkummaan akka dagaagu gochaan jiraa? Warra dura buutota taʼaniif nan ajajamaa? Keessumaa gumii keessatti itti gaafatamummaa kanan qabu yoo taʼe, warri kaan amantii na irratti gatuu dandaʼuu? Saʼaatii nan kabajaa? Warra kaan gargaaruu fi isaan tajaajiluuf hoo nan hawwaa?’ (Yaq. 3:17) Karaa taʼe tokkoon qaawwi akka jiru yoo hubatte, fooyyaʼiinsa gochuuf hafuurri qulqulluun akka si gargaaru kadhadhu. Hafuurichi eenyummaa kee fi gocha kee irratti caalaatti dhiibbaa akka godhu yoo heyyamte, obboloonnii fi obboleettonni caalaatti si jaallattu, akkasumas iddoo siif kennu. w20.10 23 key. 12-13

Kibxata, Adoolessa 19

Dubbicha hojii irra kan oolchitan taʼaa malee, [kan dhageessan qofa] hin taʼinaa.—Yaq. 1:22.

Dubbiin Waaqayyoo akka daawwitii nuuf taʼuu dandaʼa. (Yaq. 1:23-25) Baayʼeen keenya ganama ganama manaa baʼuu keenya dura daawwitii ni ilaalla. Akkas gochuudhaan warri kaan nu ilaaluu isaanii dura sirreeffama gochuun nu barbaachisa yoo taʼe arguu dandeenya. Haaluma wal fakkaatuun, guyyaa guyyaadhaan Kitaaba Qulqulluu yommuu dubbisnu, karaawwan yaadaa fi ilaalcha keenya sirreessuun itti nu barbaachisu argina. Namoonni baayʼeen manaa baʼuu isaanii dura caqasa guyyaa dubbisuun gaarii taʼee argataniiru. Wanti dubbisan yaada isaanii irratti dhiibbaa akka godhu heyyamu. Achiis guyyaa guutuu gorsa Dubbii Waaqayyoo irraa argatan karaa itti hojii irra oolchan barbaadu. Dabalataanis, barsiifata qoʼannaa guyyaa guyyaadhaan Kitaaba Qulqulluu dubbisuu fi wanta dubbisne irratti xiinxaluu dabalatu qabaachuu qabna. Kun salphaa fakkaachuu dandaʼa, taʼus, daandii jireenyaa qalʼoo irra imaluu keenya itti fufuuf wantoota baayʼee barbaachisoo gochuu dandeenyuu fi nu gargaaran keessaa isa tokko dha. Dubbiin Waaqayyoo akka meeshaa raajii kaasuutti keessa keenyatti nama akkamii akka taane hubachuuf nu gargaara. Taʼus, gorsa Kitaaba Qulqulluu irraa argannu ykn namoonni Waaqayyoon muudaman nuuf kennan irraa fayyadamuu yoo barbaanne gad of qabuu qabna. w20.11 18 key. 3; 20 key. 8

Roobii, Adoolessa 20

Gumiiwwan amantiitti cimaa fi guyyuma guyyaadhaan lakkoofsaan dabalaa deeman.—HoE. 16:5.

Kiristiyaanonni jaarraa jalqabaa yeroo baayʼee kan ariʼataman taʼus, yeroo itti nagaa argatan qabu. Barattoonni carraa kanatti kan fayyadaman akkamitti? Dhiironnii fi dubartoonni amanamoon kun misiraachoo utuu addaan hin kutin lallabaniiru. Seenaan Hojii Ergamootaa irratti argamu, “sodaa Yihowaatiin deddeebiʼaa” akka turan dubbata. Misiraachoo labsuu isaanii itti fufaniiru, kanaan kan kaʼes, ‘lakkoofsaan dabalaa deemaniiru.’ Yihowaanis hojii lallabaa isaan yeroo nagaatti hinaaffaadhaan hojjetan eebbiseera. (HoE. 9:26-31) Barattoonni jaarraa jalqabaa carraa argamu hundumaa misiraachoo babalʼisuuf itti fayyadamaniiru. Fakkeenyaaf, Phaawulos ergamaan yommuu Efesoonitti balballi guddaan akka isaaf baname hubatetti, carraa kana magaalaa sanatti labsuu fi barattoota gochuuf itti fayyadameera. (1 Qor. 16:8, 9) Barattoonni “misiraachoo dubbii Yihowaa” labsuuf carraaqqii cimaa godhaniiru. (HoE. 15:30-35) Maarree buʼaa akkamiitu argame? Caqasni guyyaa harʼaa buʼaan isaa maal akka taʼe nutti hima. w20.09 16 key. 6-8

Kamisa, Adoolessa 21

Duuti karaa nama tokkoo dhufe.—1 Qor. 15:21.

Addaam yeroo cubbuu hojjetetti ofii isaattis taʼe sanyiiwwan isaatti badiisa fideera. Miidhaan ajajamuu diduun geessisu amma iyyuu nu irra gaʼaa jira. Haa taʼu malee, Waaqayyo Ilma isaa duʼaa kaasuu isaatiin buʼaan argamu kana irraa baayʼee adda dha. “Duʼaa kaʼuun warra duʼaniis karaa nama tokkoo dhufa” innis Yesuusi. Phaawulos ergamaan, “Akkuma hundi isaanii karaa Addaam duʼan, hundi isaanii karaa Kiristoos ni jiraachifamu” jedhee ragaa dhiheesseera. (1 Qor. 15:22) Phaawulos, “hundi isaanii karaa Addaam duʼan” yommuu jedhu maal jechuu isaa ti? Phaawulos sanyiiwwan Addaam warra isa irraa cubbuu fi mudaa dhaaluu isaaniitiin kan kaʼe duʼan yaadatti qabatee ture. (Rom. 5:12) Addaam warra ‘jiraachifaman’ keessaa tokko miti. Addaam mudaa kan hin qabne taʼee utuu jiruu fedha isaatiin Waaqayyoof ajajamuu waan dideef furii Yesuus irraa hin fayyadamu. Wanti Addaam irra gaʼe, wanta gara fuulduraatti warra “Ilmi namaa” “reʼoota” akka taʼan itti murteessu irra gaʼu, jechuunis “badiisa bara baraa” wajjin tokko dha.—Mat. 25:31-33, 46; Ibr. 5:9. w20.12 5 key. 13-14

Jimaata, Adoolessa 22

Yihowaan . . . isa gad of qabu ni arga.—Far. 138:6.

Mirga tajaajilaa tokko hin arganne yoo taʼe fakkeenya maleekota amanamoo irratti yaaduun keenya gaarii dha. Bara bulchiinsa Ahaab Mootichaatti, Yihowaan maleekonni mala mootii hamaa kana ittiin gowwoomsan akka dhiheessan isaan afeeree ture. Maleekonni tokko tokko yaada dhiheessanii turan. Taʼus Waaqayyo maleekaa tokko filachuudhaan yaadni inni dhiheesse milkaaʼina akka argatu itti hime. (1 Mot. 22:19-22) Maleekonni amanamoon kaan, ‘Yaada dhiheessuuf ofumaan yeroo koo balleesse’ jedhanii abdii kutataniiruu? Akkas akka godhan amanuuf sababa hin qabnu. Maleekonni dhugumaan gad of qabu, akkasumas ulfinni hundi Yihowaadhaaf akka kennamu barbaadu. (Abo. 13:16-18; Mul. 19:10) Mirga maqaa Waaqayyootiin waamamuu fi Mootummaa isaa labsuuf arganne yaadadhaa. Wanti Waaqayyo biratti iddoo guddaa akka qabaannu godhu itti gaafatamummaa keenya miti. Yihowaa fi obboloota keenya biratti akka jaallatamnu kan godhu humna keenya beekuu fi gad of qabuu dha. Kanaafuu, Yihowaan humna kee beekuu fi gad of qabuuf akka si gargaaru cimsii kadhadhu. Akkasumas humna ofii beekuu fi gad of qabuu irratti fakkeenyota gaarii hedduu Kitaaba Qulqulluu keessatti argaman irratti xiinxali. Karaa dandeessu hundumaan fedhiidhaan obboloota kee tajaajili.—1 Phe. 5:5. w20.12 26 key. 16-17

Sanbadduraa, Adoolessa 23

Baarmeexaa sibiilaa fayyinaa fi goraadee hafuuraa isa dubbii Waaqayyoo taʼe fudhadhaa.—Efe. 6:17.

Baarmeexaan sibiilaa fayyinaa abdii Yihowaan nuuf kenne dha. Abdiin kun abdii inni duʼa irraa akka nu oolchuu fi warra fedha isaa raawwatan hunda akka badhaasu nuuf kenne dha. (1 Tas. 5:8; 1 Xim. 4:10; Tit. 1:1, 2) Abdiin fayyinaa dandeettii yaaduu keenyaaf eegumsa godha. Abdiin kun waadaa Waaqayyo nuuf gale irratti akka xiyyeeffannuu fi rakkinaaf ilaalcha sirrii akka qabaannu nu gargaara. Baarmeexaa sibiilaa kan kaaʼannu yaadawwan keenya yaada Waaqayyoo wajjin wal simsiisuudhaani. Fakkeenyaaf, abdii keenya qabeenya isa amansiisaa hin taane irra utuu hin taʼin, Waaqayyo irra kaaʼanna. (Far. 26:2; 104:34; 1 Xim. 6:17) Goraadeen hafuuraa Kitaaba Qulqulluu isa Dubbii Waaqayyoo taʼe dha. Goraadeen kun gowwoomsaa fi namoota garbummaa barumsa sobaa fi barsiifata hamaa jala jiran bilisa baasuuf humna qaba. (2 Qor. 10:4, 5; 2 Xim. 3:16, 17; Ibr. 4:12) Qoʼannaa dhuunfaa gochuu fi leenjii jaarmiyaan Waaqayyoo nuuf kennu fudhachuudhaan goraadee kanatti akka gaariitti fayyadamuu baranna.—2 Xim. 2:15. w21.03 27 key. 4; 29 key. 10-11

Dilbata, Adoolessa 24

Waaʼee Waaqayyoo dubbachuu fi waaʼee Yesuus dhugaa baʼuu kootiin kan kaʼe odola Phaaximos jedhamtu keessan ture.—Mul. 1:9.

Yohaannis ergamaan waaʼee Yesuus lallabuu isaatiin hidhamee yeroo turetti illee, warra kaaniif akka yaadu argisiiseera. Fakkeenyaaf, mulʼata arge barreesseera. “Wanta dhiheenyatti taʼuu qabu” akka beekaniifis gumiiwwaniif ergeera. (Mul. 1:1) Achiis Yohaannis Wangeela isaa waaʼee jireenyaa fi tajaajila Yesuus ibsu kan barreesse siʼa taʼu, kana kan godhes, erga Phaaximosii gadhiifamee taʼuu hin oolu. Dabalataanis obbolootaa fi obboleettota isaa jajjabeessuu fi cimsuuf xalayaawwan sadii barreesseera. Atis jireenya fedhii ofii aarsaa gochuu Yohaannis jiraate hordofuu fi namoota akka jaallattu wanta jireenya keetiin raawwachuuf filattuun argisiisuu dandeessa. Sirni Seexanaa qarshii ykn beekamtii argachuuf yaaluudhaan yeroo fi humna kee hunda ofii keetiif akka itti fayyadamtu barbaada. Faallaa kanaatiin, addunyaa maratti labsitoonni Mootummichaa fedhii isaanii aarsaa godhan, hamma dandaʼan misiraachicha lallabuu fi namoonni gara Yihowaatti akka dhihaatan gargaaruudhaan yeroo dheeraa dabarsu. w21.01 10 key. 9-10

Wiixata, Adoolessa 25

[Yonaataan] akkuma lubbuu isaatti isa ni jaallate.—1 Sam. 18:1.

Yonaataan Daawititti hinaafuu ni dandaʼa ture. Inni ilma Saaʼol mootichaa waan taʼeef itti aansee mootii taʼuuf mirga akka qabu yaaduu dandaʼa ture. (1 Sam. 20:31) Haa taʼu malee, Yonaataan nama gad of qabuu fi Yihowaadhaaf amanamu ture. Kanaafuu filannoo Yihowaan Daawit itti aansee mootii akka taʼu godhe guutummaatti deggereera. Kana malees, akkas gochuun isaa Saaʼoliin baayʼee kan aarse taʼu illee, Daawitiifis amanamaa ture. (1 Sam. 20:32-34) Yonaataan Daawitiif jaalala guddaa waan qabuuf morkataa isaa akka taʼetti isa hin ilaalle. Yonaataan xiyya darbachuutti ogummaa kan qabuu fi loltuu onnataa ture. Innii fi abbaan isaa Saaʼol ‘risaa caalaa saffisoo, leenca caalaas jajjaboo’ taʼuudhaan beekamu turan. (2 Sam. 1:22, 23) Kanaafuu, Yonaataan waaʼee gootummaa isaa of jajuu ni dandaʼa ture. Taʼus, Yonaataan nama morkatu ykn haaloo qabatu hin turre. Faallaa kanaatiin, Daawit onnataa fi Yihowaatti kan amanamu taʼuu isaatiif Yonaataan isa dinqisiifateera. Yonaataan, Daawitiin akka lubbuu isaatti jaallachuu kan jalqabe iyyuu erga inni Goliyaadiin ajjeesee booda ture. w21.01 21 key. 6; 22 key. 8-9

Kibxata, Adoolessa 26

Mataan dubartii dhiira.—1 Qor. 11:3.

Kiristiyaanonni hundi matummaa Yesuus isa mudaa hin qabne jala jiru. Taʼus, dubartiin Kiristiyaanni tokko yommuu heerumtu matummaa nama mudaa qabuu jala taati. Kun rakkina uumuu dandaʼa. Kanaafuu yeroo hiriyaa gaaʼelaa filattu akkas jettee of gaafachuun ishii gaarii dha: ‘Obboleessi kun mataa maatii gaarii taʼa akkan jedhu wanti na godhe maali dha? Sochiiwwan hafuuraa jireenya isaa keessatti iddoo guddaa qabuu? Taʼuu baannaan erga gaaʼela godhannee booda mataa maatii hafuuraa gaarii taʼuu dandaʼa akkan jedhu wanti na taasisu maali dha?’ Dhugaa dha, obboleettiin tokko akkas jettee of gaafachuun ishiis gaarii dha: ‘Amalawwan gaaʼela keenyaaf buʼaa argamsiisan akkamiin qaba? Ani nama obsa qabuu fi arjaadhaa? Yihowaa wajjin hariiroo cimaa qabaa?’ (Lal. 4:9, 12) Gammachuun haati manaa tokko gaaʼela ishii irraa argattu, hamma tokko murtoowwan gaaʼela godhachuu ishii dura gootu tokko tokko irratti kan hundaaʼe dha. Obboleettonni keenya miliyoonaan lakkaaʼaman abbootii manaa isaaniitiif bitamuu irratti fakkeenya hunda caalu nuuf taʼu. Kanaafis galateeffamuu qabu! w21.02 8 key. 1-2

Roobii, Adoolessa 27

Gara Maqedooniyaatti ceʼiitii nu gargaari.—HoE. 16:9.

Waggoottan dhihoodhaa asitti babalʼistoonni hedduun tajaajila isaanii balʼifachuu fi gumii babalʼistoonni Mootummichaa caalaatti barbaachisan keessatti tajaajiluuf jecha afaan kan biraa barachuuf galma baafataniiru. Kun murtoo dhuunfaa Kiristiyaanonni kun fedhii Mootummichaa babalʼisuuf godhani dha. Afaan haaraa akka gaariitti dubbachuun waggoota hedduu isaanitti fudhachuu kan dandaʼu taʼus, gumiidhaaf gargaarsa hedduu godhu. Amalli isaanii inni gaariinii fi muuxannoon isaanii gumicha ni jabeessa. Obbolootaa fi obboleettota fedhii isaanii aarsaa godhan kanaaf iddoo guddaa kennina! Qaamni jaarsolii obboleessi tokko afaan gumichi ittiin geggeeffamu akka gaariitti dubbachuu waan hin dandeenyeef qofa jaarsa ykn tajaajilaa gumii akka taʼu yaada dhiheessuu irraa duubatti jechuu hin qabu. Jaarsoliin obboleessa tokko madaaluu kan qaban afaan gumichi ittiin geggeeffamu akka gaariitti dubbachuu isaa irratti hundaaʼanii utuu hin taʼin, ulaagaa Kitaaba Qulqulluu jaarsolii fi tajaajiltoota gumii ilaallatu irratti hundaaʼanii taʼuu qaba.—1 Xim. 3:1-10, 12, 13; Tit. 1:5-9. w20.08 30 key. 15-16

Kamisa, Adoolessa 28

Yaa obboloota koo, yommuu qorumsi adda addaa isin irra gaʼu akka gammachuu guddaatti lakkaaʼaa.—Yaq. 1:2.

Namoonni gammadoo taʼuu kan dandaʼan fayya buleeyyii yoo taʼan, maallaqa hedduu yoo qabaatanii fi maatii gammachuu qabu yoo qabaatan qofa akka taʼe yaadu. Gammachuun Yaaqoob waaʼee isaa barreesse garuu kutaa firii hafuura Waaqayyoo waan taʼeef haala namni tokko keessa jiru irratti kan hundaaʼe miti. (Gal. 5:22) Kiristiyaanni tokko Yihowaa gammachiisaa akka jiruu fi fakkeenya Yesuus hordofaa akka jiru beekuun isaa gammachuu guddaa isaaf argamsiisa. (Luq. 6:22, 23; Qol. 1:10, 11) Gammachuun keenya ibidda faanosii keessaa ifuu wajjin wal fakkaachuu dandaʼa; faanosiin sun ibiddichi qilleensaa fi rooba irraa eegumsa akka argatu waan godhuuf bobaʼuu isaa itti fufa. Nutis jireenya keenya keessatti wanti akkamii iyyuu yoo nu mudate, gammadoo taanee itti fufuu dandeenya. Yeroo dhukkubsannuttis taʼe qarshii gaʼaa hin qabaannetti illee gammachuu keenya hin dhabnu. Akkasumas gammachuun keenya yeroo miseensonni maatii keenya ykn warri kaan nutti qoosanitti hin badu. Kanaa mannaa yeroo namoonni gammachuu keenya nu dhabsiisuuf yaalan hundatti caalaatti dabalaa deema. Qorumsi sababii amantii keenyaan nu irra gaʼu barattoota Kiristoos warra dhugaa taʼuu keenya mirkaneessa. (Mat. 10:22; 24:9; Yoh. 15:20) Yaaqoobis yaada caqasa guyyaa harʼaa irratti argamu kan barreesse kanaafi. w21.02 28 key. 6

Jimaata, Adoolessa 29

Dubbii gaariin . . . [garaa nama] gammachiisa.—Fak. 12:25.

Kutaa Kitaaba Qulqulluu tasgabbaaʼuu fi Yihowaatti amanamuudhaan jabina argachuu akka dandeenyu ibsu yommuu dubbistan, caqasoota ijoo muraasa yaadatti qabachuuf yaalaa. Sagalee ol kaastanii dubbisuun ykn barreeffattanii yeroo baayʼee irra deebitanii ilaaluun isin gargaaruu dandaʼa. Iyyaasuun ogummaadhaan akka deddeebiʼuuf, kitaaba Seerichaa dhaabbataadhaan sagalee gad qabee akka dubbisu ajajamee ture. Kana malees, wanti inni Seericha irraa dubbise, sodaachuu mannaa ija jabinaan saba Waaqayyoo akka geggeessu isa gargaaree taʼuu qaba. (Iya. 1:8, 9) Jechoonni Kitaaba Qulqulluu hedduun haala akka dhiphannu ykn akka sodaannu nu gochuu dandaʼan keessatti sammuu fi garaan keenya nagaa akka argatu gochuu dandaʼu. (Far. 27:1-3; Fak. 3:25, 26) Walgaʼii irratti barumsa waltajjii irraa darbu, yaada obboloonni kennanii fi haasaa gaarii obbolootaa fi obboleettota keenyaa wajjin goonu irraa ni fayyadamna. (Ibr. 10:24, 25) Kana malees, michuu keenya amanamaa gumii keessa jirutti miira keenya yommuu himnu jajjabina guddaa argachuu dandeenya. w21.01 6 key. 15-16

Sanbadduraa, Adoolessa 30

Warra amanamoo taʼaniif . . . fakkeenya taʼi.—1 Xim. 4:12.

Yommuu cuuphamtanitti Yihowaa irratti amantii fi amanannaa guddaa akka qabdan argisiistaniittu. Yihowaanis miseensa maatii isaa akka taatan gammachuudhaan isin simateera. Wanti amma gochuun isin barbaachisu Yihowaatti amanamuu keessan itti fufuu dha. Murtoowwan jireenya keessan irratti jijjiirama fidan yommuu gootanitti Yihowaatti amanamuun salphaa dha; taʼus, murtoowwan kaan yommuu gootanitti hoo? Bashannana, hojii fi galma keessan dabalatee, murtoo yommuu gootan Yihowaa amanachuun keessan baayʼee barbaachisaa dha! Ogummaa keessanitti hin amanaminaa. Kanaa mannaa, qajeelfamawwan Kitaaba Qulqulluu murtoo gochuuf isin gargaaran argachuuf carraaqaa; achiis qajeelfama sana hojii irra oolchaa. (Fak. 3:5, 6) Akkas yoo gootan, Yihowaa gammachiisuu dandeessu, obboloota gumii keessa jiran irraas kabaja argachuu dandeessu. Akkuma hunda keenyaa mudaa kan qabdan waan taataniif yeroo tokko tokko dogoggora akka raawwattan beekamaa dha. Taʼus, kun Yihowaa tajaajiluuf wanta dandeessan hunda akka hin goone gufuu isinitti taʼuu hin qabu. w21.03 6 key. 14-15

Dilbata, Adoolessa 31

[Ani] afaan leencaa keessaa ooleera.—2 Xim. 4:17.

Miseensota maatii kee irraa ariʼatamni si irra gaʼaa jiraa? Yookiin biyya hojiin Dhugaa Baatota Yihowaa baayʼee daangeffame ykn dhowwame keessa jiraattaa? Taanaan, 2 Ximotewos 1:12-16 fi 4:6-11, 17-22 dubbisuudhaan jajjabina argachuu dandeessa. Phaawulos ergamaan kutaa Kitaaba Qulqulluu kana kan barreesse yeroo mana hidhaa turetti dha. Seenaawwan kana dubbisuu jalqabuu kee dura waaʼee rakkina kee fi miira rakkinichi sitti uume Yihowaatti himi. Adda baasii dubbadhu. Achiis seenaa waaʼee qorumsa Phaawulos ibsu yommuu dubbistu, haala si mudate keessatti qajeelfama hojii irra oolchuu dandeessu beekuuf akka si gargaaru Yihowaa kadhadhu. Phaawulos Kiristiyaana taʼuu isaatiin ariʼatama isa irra gaʼu dandamachuu akka qabu Yihowaan isatti himee ture. (HoE. 21:11-13) Maarree Yihowaan kan isa gargaare akkamitti? Kadhannaa Phaawulosiif deebii kenneera, yeroo booda immoo humna isaaf kenneera. Phaawulos badhaasa argachuuf jabaatee hojjete sana akka argatu isaaf mirkaneeffameera. Dabalataanis Yihowaan, michoonni isaa amanamoon gargaarsa qabatamaa akka isaaf godhan isaan kakaaseera. w21.03 18 key. 14-15, 19

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi