Hagayya
Wiixata, Hagayya 1
Isin ana irraa gargar baatanii matumaa homaa gochuu hin dandeessan.—Yoh. 15:5.
Namoonni aarsaa furii isaa irraa faayidaa argatan warra Yesuusii wajjin michummaa cimaa qaban qofa dha. Yesuus, ‘michoota isaatiif lubbuu isaa dabarsee akka kennu’ dubbateera. (Yoh. 15:13) Namoonni amanamoon Yesuus gara lafaa dhufuu isaa dura jiraatan waaʼee isaa barachuu fi isa jaallachuu qabu. Namoonni akka Abrahaam, Saaraa, Musee fi Rahaab jiran duʼaa ni kaafamu; haa taʼu malee, tajaajiltoonni Yihowaa warri qajeeloo taʼan kun illee jireenya bara baraa argachuuf Yesuusii wajjin michummaa uumuun isaan barbaachisa. (Yoh. 17:3; HoE. 24:15; Ibr. 11:8-12, 24-26, 31) Yesuusii wajjin misiraachoo Mootummichaa labsuu fi barsiisuu irratti hirmaachuudhaan gammachuu arganna. Yesuus yeroo lafa irra turetti barsiisaa jedhamee waamama ture. Gara samiitti erga deebiʼee booda mataa gumii taʼuudhaan hojii lallabuu fi barsiisuu kana geggeessuu isaa itti fufeera. Hamma dandaʼametti namoonni hedduun isaa fi Abbaa isaa akka beekan gargaaruuf carraaqqii gootan ni ilaala, ni dinqisiifatas. Sirumaa, hojii kana raawwachuu kan dandeenyu gargaarsa Yihowaa fi Yesuusiin qofa dha.—Yoh. 15:4. w20.04 22 key. 7-8
Kibxata, Hagayya 2
Mootonni kun lamaan . . . maaddii tokko irra taaʼanii soba walitti dubbatu.—Dan. 11:27.
Maqaawwan “mootummaa kaabaa” fi “mootummaa kibbaa” jedhan, jalqaba irratti humnoota siyaasaa kaabaa fi kibba biyya Israaʼel keessatti argamaniif kan kennaman turan. (Dan. 10:14) Hamma Dh.K.B. bara 33 guyyaa Phenxeqosteetti sabni Israaʼel saba Waaqayyoo turan. Haa taʼu malee, yeroo sanaa jalqabee Yihowaan barattoota Yesuus warra amanamoo taʼan akka saba isaatti akka ilaalu ifa godheera. Kanaafuu, raajiin Daaniʼel boqonnaa 11 irratti caqasame harki caalaan isaa saba Israaʼel utuu hin taʼin duuka buutota Kiristoos kan ilaallatu dha. (HoE. 2:1-4; Rom. 9:6-8; Gal. 6:15, 16) Eenyummaan mootii kaabaa fi mootii kibbaa yeroodhaa gara yerootti jijijjiiramaa tureera. Haa taʼu malee, mootummoonni kun wanti wal isaan fakkeessu jira. Tokkoffaa, mootonni kun saba Waaqayyoo irratti miidhaa guddaa geessisaniiru. Lammaffaa, akkaataa saba Waaqayyoo itti qabaniin Yihowaa isa Waaqa dhugaa taʼe akka jibban argisiisaniiru. Akkasumas sadaffaa, mootonni lamaan aangoodhaaf wal morkatu. w20.05 3 key. 3-4
Roobii, Hagayya 3
Wantan Taʼuu Filadhu Nan Taʼa.—Bau. 3:14.
Yihowaan kaayyoo isaa galmaan gaʼuuf wanta barbaachisu kam iyyuu taʼuudhaan, wantoonni akka taʼan godha. Yihowaan tajaajiltoonni isaa mudaa qabanis isa tajaajiluu fi kaayyoo isaa galmaan gaʼuuf wanta barbaachisu akka taʼan isaan gochuu ni dandaʼa. (Isa. 64:8) Yihowaan karaa kanaan fedhiin isaa akka raawwatamu godha. Kaayyoon isaa akka hin raawwatamne wanti isa dhowwuu dandaʼu tokko illee hin jiru. (Isa. 46:10, 11) Wanta inni raawwatee fi wanta inni akka raawwannu nu taasise irratti xiinxaluudhaan dinqisiifannaa Abbaa keenya isa samiitiif qabnu guddifachuu dandeenya. Fakkeenyaaf, uumama ajaaʼibsiisaa taʼe irratti yommuu xiinxallu, wanta Yihowaan raawwateef, jechuunis wanta inni gara jireenyaatti akka dhufu godheef dinqisiifannaa guddaa qabaanna. (Far. 8:3, 4) Akkasumas fedhii isaa raawwachuu akka dandeenyuuf jecha wanta Yihowaan akka taanu nu taasise irratti yommuu xiinxallu, kabaja isaaf qabnu guddifanna. Dhuguma iyyuu maqaan Yihowaa jedhu baayʼee dinqisiisaa dha! Maqaan kun waaʼee Abbaa keenya wanta hundumaa, wanta inni raawwate hundumaa fi wanta inni gara fuulduraatti raawwatu hundumaa of keessatti qabata.—Far. 89:7, 8. w20.06 9-10 key. 6-7
Kamisa, Hagayya 4
Waaqni . . . namoota hundumaatiif jireenyaa fi hafuura [kenna].—HoE. 17:24, 25.
Oksijiiniin gaazii lubbuu tursuu dandaʼuu fi nutis taane wantoonni lubbu qabeeyyii taʼan tokko tokko itti fayyadamani dha. Uumamawwan lubbu qabeeyyii taʼan waggaa waggaadhaan oksijiinii toonii biliyoona dhibba tokko akka ofitti fudhatan ni tilmaamama. Uumamawwan kun gaazii balfaa kaarboon daayoksaayidii jedhamu of keessaa baasu. Haa taʼu malee, uumamawwan lubbu qabeeyyii taʼan kun matumaa oksijiinii hundumaa fudhatanii hin fixan, hawaan keenyas matumaa gaazii “balfa” kaarboon daayoksaayidiitiin hin ukkaamamu. Maaliif? Sababiin isaas Yihowaan mukeetii guguddaa irraa jalqabee hamma algee baayʼee xixiqqoo taʼaniitti uumeera; isaan immoo kaarboon daayoksaayidii fudhatanii oksijiinii baasu. Marsaan oksijiinii wanta caqasa guyyaa harʼaa irratti barreeffame kan mirkaneessu dha. Dinqisiifannaa pilaaneetii keenya ishii adda taatee fi wanta ishiin nuu kennitu hundumaatiif qabnu guddifachuu kan dandeenyu akkamitti? (Far. 115:16) Karaan inni tokko wantoota Yihowaan uume irratti xiinxaluu dha. Kun immoo wantoota gaggaarii Yihowaan nuu kenneef guyyaa guyyaadhaan akka isa galateeffannu nu kakaasa. Hamma dandaʼametti naannoo jiraannu qulqulluu goonee qabuudhaanis dinqisiifannaa lafaaf qabnu argisiisuu dandeenya. w20.05 22 key. 5, 7
Jimaata, Hagayya 5
Ani maqaa koo isa guddaa isa saboota gidduutti xureeffame . . . dhugumaan nan qulqulleessa.—His. 36:23.
Yihowaan haala rakkisaa Seexanni uume ogummaa, obsaa fi haqaan qabeera. Kana malees, hundumaa akka dandaʼu karaawwan hedduudhaan argisiiseera. Hunda caalaa immoo, jaalalli isaa wanta hojjete hundumaa irratti ifatti mulʼata. (1 Yoh. 4:8) Yihowaan maqaa isaa qulqulleessuuf utuu wal irraa kutin hojjechaa tureera. Seexanni harʼas maqaa Waaqayyoo balleessaa jira. Namoonni Waaqayyo humna qabeessa, haqa qabeessa, ogeessaa fi jaalala qabeessa taʼuu isaa akka shakkan gochuudhaan namoota gowwoomsa. Fakkeenyaaf, Seexanni Yihowaan Uumaa akka hin taane namoota amansiisuuf yaala. Namoonni Waaqayyo akka jiru amananii yoo fudhatan immoo, Seexanni Waaqayyoo fi ulaagaan isaa bilisummaa kan nama dhabsiisuu fi haqa qabeessa akka hin taane isaan amansiisuuf yaala. Seexanni Yihowaan Waaqa gara laafina hin qabnee fi hamaa namoota ibidda qilee keessatti gubu akka taʼe illee namoota barsiisa. Namoonni maqaa balleessuu akkasii yommuu amanan, tarkaanfii itti aanu fudhachuuf, jechuunis bulchiinsa Yihowaa isa qajeelaa fudhachuu diduuf caalaatti kakaʼu. Seexanni guutummaatti hamma injifatamutti, atis Yihowaa irraa akka garagaltu gochuuf ni yaala. Ni milkaaʼaafii ree? w20.06 5 key. 13-15
Sanbadduraa, Hagayya 6
Giriikiin yookiin Yihudiin, dhaqna kan qabate yookiin dhaqna kan hin qabanne, ormi, Iskutees, garbichi yookiin namni bilisa taʼe hin jiru; Kiristoos garuu waan hundumaa ti, hundumaa keessa jiras.—Qol. 3:11.
Gumiiwwan hedduu keessa obboloonnii fi obboleettonni afaan haaraa barachuuf qabsaaʼan jiru. Obboloonni kun yaada isaanii ibsuun isaanitti ulfaachuu dandaʼa. Taʼus, dandeettii isaan afaan kana dubbachuu irratti qaban irra darbinee yoo yaadne, jaalala isaan Yihowaaf qabanii fi fedhii isa tajaajiluuf qaban hubachuu ni dandeenya. Amalawwan gaggaarii qaban kana yoo hubanne, obbolootaa fi obboleettota kanaaf iddoo guddaa kennina, akkasumas ni kabajna. Afaan keenya akka gaariitti waan hin dubbanneef qofa, “Ati na hin barbaachistu” hin jennu. (1 Qor. 12:21) Yihowaan gumii isaa keessatti iddoo nuuf kennuudhaan mirga guddaa nuuf kenneera. Dhiiras taane dubartii, qeenxees taane gaaʼela kan godhanne, maanguddootas taane dargaggoota, afaan tokko akka gaariitti kan dubbannu taanus taʼuu baannus, Yihowaa birattis taʼe walii keenya biratti iddoo guddaa qabna. (Rom. 12:4, 5; Qol. 3:10) Yeroo hunda obbolootaa fi obboleettota keenya jaallachuu fi kabajuuf haa carraaqnu. w20.08 31 key. 20-22
Dilbata, Hagayya 7
Namoonni tokko tokko . . . gara isaa goranii amantoota taʼan.—HoE. 17:34.
Phaawulos ergamaan warri Ateenaa magaalaan isaanii waaqolii tolfamoodhaan, halalummaa fi falaasama namoota Waaqayyotti hin amanneen kan guutamte taʼus isaanitti abdii hin kutanne; arrabsoon isaaniis isaaniif lallabuu akka dhiisu isa hin goone. Phaawulos mataan isaa iyyuu, ‘Waaqayyoon kan arrabsu, saba isaa kan ariʼuu fi kan of tuulu’ kan ture taʼus, Kiristiyaana taʼeera. (1 Xim. 1:13) Yesuus Phaawulos jijjiiramuu akka dandaʼu akkuma hubate, Phaawulosis warri Ateenaa jijjiiramuu akka dandaʼan hubateera. Amanannaan isaa kunis dogoggora hin turre. (HoE. 9:13-15) Jaarraa jalqabaatti namoonni akkaataa guddinaa garaa garaa qaban barattoota Yesuus taʼaniiru. Phaawulos Kiristiyaanota magaalaa Giriikotaa kan taate Qorontos keessatti argamaniif yommuu barreessetti, miseensonni gumii sanaa tokko tokko yeroo taʼe tokkotti yakkamtoota ykn jireenya addaggummaa jibbisiisaa taʼe jiraachaa akka turan dubbateera. Achiis, “Isin keessaa tokko tokkos namoota akkanaa turtan. Haa taʼu malee, . . . dhiqamtanii qulqullooftaniittu” jedheera. (1 Qor. 6:9-11) Utuu isin taʼee namoonni kun jijjiiramuu fi barattoota Yesuus taʼuu akka dandaʼan hubachuu dandeessu turtanii? w20.04 12 key. 15-16
Wiixata, Hagayya 8
Amma na gaʼa! . . . Lubbuu koo fudhadhu.—1 Mot. 19:4.
Jaarsoliin namoota Yihowaa tajaajiluun faayidaa qabaachuu isaa shakkuu jalqabanitti dafanii murteessuu hin qaban. Isaanitti murteessuu mannaa, akkas kan godhanii fi akkasitti kan dubbatan maaliif akka taʼe beekuuf yaaluu qabu. Jaarsoliin jajjabina Kitaaba Qulqulluu irratti hundaaʼe kennuu kan dandaʼan yoo akkas godhan qofa dha. Eliyaas raajichi Iizaabel Mootittii jalaa baqateera. (1 Mot. 19:1-3) Hojiin isaa gatii akka hin qabne isatti dhagaʼamee, akkasumas duʼuu barbaadee ture. (1 Mot. 19:10) Yihowaan Eliyaasitti murteessuu mannaa, inni kophaa isaa akka hin taane, humna Waaqayyoo irratti amanannaa qabaachuu akka dandaʼuu fi amma iyyuu hojiin hojjetu hedduun akka jiru isaaf mirkaneesseera. Yihowaan wanta Eliyaasiin yaaddesse gaarummaadhaan dhaggeeffateera, akkasumas hojii haaraa isaaf kenneera. (1 Mot. 19:11-16, 18) Barumsa akkamii arganna? Hundi keenya keessumaa jaarsoliin hoolota Yihowaa gaarummaadhaan qabuun isaan irra jira. Namni tokko, wanti tokko akka isa aarse yommuu dubbatus taʼe dhiifamni Yihowaa akka isaaf hin malle yommuu ibsu, jechuunis wanta isatti dhagaʼamu yommuu baasee dubbatu, jaarsoliin isa dhaggeeffachuu qabu. Akkas gochuudhaan Yihowaan hoolaa bade sanaaf iddoo guddaa akka kennu isaaf mirkaneessuuf yaalu. w20.06 21-22 key. 13-14
Kibxata, Hagayya 9
Michuu dhugaan yeroo hundumaa jaalala argisiisa.—Fak. 17:17.
Yihowaan miseensota maatii fi michoota keenyaa wajjin taʼuudhaan akka gammadnu godhee nu uume. (Far. 133:1) Yesuus michoota gaarii qaba ture. (Yoh. 15:15) Kitaabni Qulqulluun faayidaa michoota dhugaa qabaachuun qabu ni ibsa. (Fak. 18:24) Kana malees, namoota irraa adda of baasuun gaarii akka hin taane nutti hima. (Fak. 18:1) Namoonni hedduun weebsaayitiin hawaasaa karaa michoota hedduu argachuu fi miira kophummaa hambisuuf gargaaru akka taʼe itti dhagaʼama. Taʼus, mala wal qunnamtii kana fayyadamuu ilaalchisee of eeggachuu qabna. Namoonni wantoota weebsaayitii hawaasaa irra kaaʼaman sakattaʼuudhaan yeroo dheeraa dabarsan dhuma irratti miirri kophummaa itti dhagaʼamuu fi dhiphachuu akka dandaʼan qorannoowwan ni ibsu. Maaliif? Wanti kanaaf sababa taʼuu dandaʼu tokko suuraan namoonni yeroo baayʼee weebsaayitii hawaasaa irra kaaʼan, jireenya isaanii keessaa muraasa qofa, jechuunis suuraa filatamaa ofii isaanii, michoota isaanii fi iddoowwan gammachiisoo daawwatan argisiisan qofa dha. Namni suuraawwan kana ilaalu tokko, jireenyi isaa ykn ishii kan isaanii wajjin yommuu wal bira qabamu, gad aanaa, darbees nuffisiisaa akka taʼe yaaduu dandaʼa. w20.07 5-6 key. 12-13
Roobii, Hagayya 10
Ergamoonnii fi jaarsoliin dhimma kana qoruuf walitti qabaman.—HoE. 15:6.
Masaraan Eegumsaa Onkoloolessa 1, 1988 (Ingiliffa) kana ilaalchisee wanta inni jedhe hubadhu: “Kiristoos qajeelfama Kitaaba Qulqulluu dhimma tokkoo wajjin wal qabate kennuuf ykn murtoo barbaachisaa kam iyyuu gochuuf hafuura qulqulluutiin sammuu jaarsa miseensa qaama jaarsolii taʼe kam iyyuu qajeelchuu akka dandaʼu jaarsoliin ni hubatu. (HoE. 15:7-15) Hafuurri qulqulluun jaarsa tokko qofa utuu hin taʼin, jaarsolii gumii keessa jiran hundumaa gargaara.” Jaarsi obboloota akkuma isaa jaarsolii taʼan kabaju yommuu walgaʼii jaarsolii godhanitti yeroo hunda dursee yaada kennuuf yaalii hin godhu. Innumti qofti hin dubbatu, akkasumas yaanni isaa yeroo hundumaa sirrii akka taʼe isatti hin dhagaʼamu. Kanaa mannaa, ilaalcha isaa gad of qabuudhaan ibsa. Yaada warri kaan kennan xiyyeeffannaadhaan dhaggeeffata. Hunda caalaa immoo qajeelfama Kitaaba Qulqulluu irratti mariʼachuu fi gorsa “garbichi amanamaanii fi ogeessi” kennu hordofuuf fedhii cimaa qaba. (Mat. 24:45-47) Jaarsoliin haala jaalalaa fi kabaja qabu keessatti yommuu mariʼatan, hafuurri Waaqayyoo isaan gidduutti argama, murtoo sirrii akka godhanis isaan gargaara.—Yaq. 3:17, 18. w20.08 27 key. 5-6
Kamisa, Hagayya 11
Hamaa gaariidhaan moʼuu kee itti fufi.—Rom. 12:21.
Diinonni Phaawulos ergamaa isa caalaa humna guddaa qabu turan. Yeroo baayʼee isa reebaniiru, mana hidhaattis isa galchaniiru. Kana malees, Phaawulos namoota michoota isaa taʼuu qabaniin hammeenyi isa irratti raawwatameera. Kiristiyaanonni gumii keessa turan tokko tokko illee isa mormanii turan. (2 Qor. 12:11; Filp. 3:18) Taʼus, Phaawulos warra isa morman hundumaa injifachuu dandaʼeera. Akkamitti? Mormiin jiraatus lallabuu isaa itti fufeera. Obboloonnii fi obboleettonni isaa yeroo isa gaddisiisanitti illee amanamaa isaaniif taʼee itti fufeera. Hunda caalaa immoo, hamma dhuma jireenya isaatti Waaqayyoof amanamaa taʼee jiraateera. (2 Xim. 4:8) Wantoota kana hunda dandamachuu kan dandaʼe qaamaan jabaa waan tureef utuu hin taʼin, Yihowaatti waan amanamuuf ture. Ati hoo arrabsoo ykn ariʼatama si irra gaʼu dandamachuun si barbaachisaa? Galmi kee namoonni waaʼee Kitaaba Qulqulluu akka baratan gargaaruuf carraaquu dha. Gaaffii namoonni gaafataniif Kitaaba Qulqulluutti fayyadamtee deebii kennuudhaan, namoota hammeenya si irratti raawwatan kabajaa fi gaarummaa isaanitti argisiisuudhaan, akkasumas diinota kee illee dabalatee namoota hundaaf gaarii gochuudhaan galma kana irra gaʼuu dandeessa.—Mat. 5:44; 1 Phe. 3:15-17. w20.07 17-18 key. 14-15
Jimaata, Hagayya 12
Gad of qabuun [kee] guddaa na godha.—2 Sam. 22:36.
Yihowaan dhuguma gad of qaba jechuu ni dandeenyaa? Akkuma Daawit olitti dubbate, eeyyee gad of qaba jechuu ni dandeenya. (Far. 18:35) Tarii Daawit guyyaa Saamuʼel raajichi mootii Israaʼel gara fuulduraa dibuuf gara mana abbaa isaa dhufee ture yaadee taʼuu dandaʼa. Daawit ilmaan saddeet keessaa isa xinnaa kan ture taʼus, Saaʼol Mooticha akka bakka buʼu Yihowaan kan filate isa ture. (1 Sam. 16:1, 10-13) Daawit miira faarfataan tokko Yihowaa ilaalchisee, “Gara bantiiwwan waaqaatti, gara lafaattis gad fageessee [“gad jedhee,” NW] in ilaala. Isa gad-deebiʼaa awwaara keessaa ol in kaasa, isa dhabaa ol in fuudha, warra gurguddootaa wajjin, akka taaʼu ni godha” jechuudhaan ibsee wajjin akka walii galu ifa dha. (Far. 113:6-8) Yihowaan akkaataa waaqeffattoota isaa mudaa qaban itti qabuun akka gad of qabu argisiiseera. Inni waaqeffannaa isaaf dhiheessinu fudhachuu qofa utuu hin taʼin, akka michoota isaatti nu ilaala. (Far. 25:14) Isaa wajjin michuu taʼuu akka dandeenyuuf, Yihowaan Ilmi isaa cubbuu keenyaaf aarsaa akka taʼu nuuf kennuudhaan dursa fudhateera. Eeyyee, araaraa fi gara laafina guddaa nutti argisiiseera! w20.08 8 key. 1-3
Sanbadduraa, Hagayya 13
Yihowaan . . . hundumtuu yaada akka [geddaratan] malee, namni tokko illee akka badu [hin barbaadu].—2 Phe. 3:9.
Yihowaan guyyaa fi saʼaatii sirna moofaa kana itti balleessu murteesseera. (Mat. 24:36) Inni obsa dhabee yeroon isaa utuu hin gaʼin tarkaanfii hin fudhatu. Warra duʼan duʼaa kaasuuf hawwii guddaa kan qabu taʼus, obsaan eega. (Iyo. 14:14, 15) Gara jireenyaatti isaan deebisuuf, hanga yeroo sirriin gaʼutti eegaa jira. (Yoh. 5:28) Obsa Yihowaa dinqisiifachuuf sababii gaʼaa qabna. Mee yaadi: Yihowaan obsa argisiisuu isaatiin kan kaʼe, nuun dabalatee namoonni hedduun ‘yaada geddarachuuf’ yeroo argachuu dandaʼaniiru. Yihowaan hamma dandaʼametti namoonni hedduun carraa jireenya bara baraa akka argatan barbaada. Kanaafuu, obsa isaa akka dinqisiifannu haa argisiisnu. Akkamitti? Namoota, “jireenya bara baraa argachuuf kakaʼumsa sirrii qaban” dhimminee barbaaduudhaan, akkasumas Yihowaa akka jaallatanii fi akka isa tajaajilan gargaaruudhaani. (HoE. 13:48) Taanaan, isaanis akkuma keenya obsa Yihowaa irraa ni fayyadamu. w20.08 18 key. 17
Dilbata, Hagayya 14
Yaa Yihowaa, karaa kee na beeksisi; daandii kee na barsiisi.—Far. 25:4.
Wanti barataan tokko qoʼannaa Kitaaba Qulqulluu isaa irraa baratu yaada isaa qofa utuu hin taʼin, garaa isaas hawwachuu qaba. Maaliif? Garaan keenya inni fedhii fi miira keenya of keessatti qabate hojiidhaaf nu kakaasa. Yesuus wantoota hedduu namoota kan barsiise yommuu taʼu, isaanis wanta baratan jaallatanii turan. Haa taʼu malee, namoonni kan isa duukaa buʼan garaa isaaniis waan tuqeef ture. (Luq. 24:15, 27, 32) Barataan keessan Yihowaa akka qaama tokkootti akka ilaalu, jechuunis isaa wajjin hariiroo uumuu fi akka Abbaa, Waaqaa fi Michuu isaatti isa ilaaluu akka dandaʼu hubachuu qaba. (Far. 25:5) Yeroo qoʼattanitti amalawwan Waaqayyoo sirriitti ibsaa. (Bau. 34:5, 6; 1 Phe. 5:6, 7) Mata dureen qoʼattan maal iyyuu yoo taʼe, xiyyeeffannaan baratichaa amalawwan Waaqayyoo warra dinqisiisoo irratti akka taʼu godhaa. Baratichi amalawwan Yihowaa warra gaggaarii, jechuunis jaalala, gaarummaa fi gara laafina isaa akka dinqisiifatu gargaaraa. Yesuus, ‘Waaqa kee Yihowaa jaallachuun’ “ajaja isa hunda irra caaluu fi isa duraa ti” jedheera. (Mat. 22:37, 38) Barataan keessan Waaqayyoof jaalala guddaa akka qabaatu gargaaraa. w20.10 10 key. 12
Wiixata, Hagayya 15
Yesuus, Maartaa fi obboleettii ishii, akkasumas Alaazaariin ni jaallata ture.—Yoh. 11:5.
Yesuus dubartoota hundumaa ulfinaan qaba ture. (Yoh. 4:27) Yesuus dubartoota fedha Abbaa isaa raawwataniif ulfina adda taʼe qaba ture. Hunda caalaa immoo akka obboleettotaatti isaan ilaaleera, akkasumas dhiirota akka kutaa maatii hafuuraa isaatti ilaalu wajjin isaan caqaseera. (Mat. 12:50) Yesuus michuu dhugaa isaaniif taʼeera. Mee michummaa inni Maariyaamii fi Maartaa wajjin qabu haa ilaallu; obboleettonni kun lamaanuu qeenxee taʼuu hin oolan. (Luq. 10:38-42) Yesuus jechaa fi gocha isaatiin bilisummaan akka isaanitti dhagaʼamu akka godhe ifa dha. Maariyaam akka barataa tokkootti miilla isaa jala teessee barachuun ishiitti hin ulfaanne. Maartaan Maariyaam waan ishii hin gargaarreef aartee kan turte siʼa taʼu, wanta ishiitti dhagaʼamu Yesuusitti himuufis bilisummaan ishiitti dhagaʼameera. Haala kana keessatti Yesuus dubartoota kana lamaan karaa hafuuraa gargaaruu dandaʼeera. Yeroo kan biraattis isaan gaafachuudhaan isaaniifis taʼe obboleessa isaanii Alaazaariif akka yaadu argisiiseera. (Yoh. 12:1-3) Kanaafuu, Alaazaar yeroo baayʼee dhukkubsatetti Maariyaamii fi Maartaan Yesuusiin gargaarsa gaafachuu akka dandaʼan beekuun isaanii nama hin dinqisiisu.—Yoh. 11:3. w20.09 20 key. 3; 21 key. 6
Kibxata, Hagayya 16
Mootummaan Waaqayyoo yeruma sana mulʼata jedhanii [yaadan].—Luq. 19:11.
Barattoonni Yesuus Mootummichi “yeruma sana” dhufee cunqursaa Roomaa irraa bilisa akka isaan baasu hawwanii turan. Nutis yeroo Mootummaan Waaqayyoo hammina hundumaa haxaaʼee balleessuu fi addunyaa haaraa qajeelummaan keessa buufate dagaagsu hawwiidhaan eegganna. (2 Phe. 3:13) Taʼus, obsa qabaachuu fi hanga yeroo Yihowaan murteesse gaʼutti eeguu qabna. Yihowaan Noh markaba akka ijaaruu fi ‘qajeelummaa lallabuudhaan’ akka tajaajiluuf yeroo gaʼaa isaaf kennee ture. (2 Phe. 2:5; 1 Phe. 3:20) Yihowaan murtoo inni jiraattota magaalota Sodoomii fi Gomoraa warra hamoo taʼan sana balleessuuf godhe ilaalchisee Abrahaam irra deddeebiʼee yommuu gaaffii isa gaafatetti obsaan dhaggeeffateera. (Uma. 18:20-33) Jaarraawwan hedduudhaaf Yihowaan saba Israaʼel isa amanamaa hin taanetti obsa guddaa argisiiseera. (Nah. 9:30, 31) Yihowaan yeroo harʼaatti warri inni gara ofiitti harkisu hundi ‘yaada akka geddarataniif’ yeroo isaaniif kennuu isaa irraa obsa isaa ni hubanna. (2 Phe. 3:9; Yoh. 6:44; 1 Xim. 2:3, 4) Fakkeenyi Yihowaa lallabuu fi barsiisuu keenya yommuu itti fufnutti obsa qabaachuuf sababii gaarii nuuf taʼa. w20.09 10 key. 8-9
Roobii, Hagayya 17
Duʼaa [kaʼuun jira].—HoE 24:15.
Yihowaan namoota yommuu duʼaa kaasu, yaadannoo isaanii fi amala eenyummaa isaanii adda baasee beeksisu deebisee isaaniif kenna. Kun maal jechuu akka taʼe mee yaadi. Yihowaan baayʼee waan si jaallatuuf, wanta ati yaaddu, wanta sitti dhagaʼamu, wanta dubbattuu fi wanta gootu hunda ni hubata, akkasumas hin irraanfatu. Kanaafuu, yommuu duʼaa si kaasu, yaadannoo kee, ilaalcha kee fi amala eenyummaa kee adda baasu salphaatti siif deebisuu dandaʼa. Daawit Mootichi Yihowaan hunda keenyaaf xiyyeeffannaa guddaa akka kennu hubatee ture. (Far. 139:1-4) Yihowaan hangam akka nu beeku hubachuun keenya dhiibbaa kan nu irratti godhu akkamitti? Yihowaan hangam akka nu beeku yommuu xiinxallu, sodaan nutti dhagaʼamuu hin qabu. Maaliifi? Yihowaan baayʼee akka nuuf yaadu yaadadhu. Amalawwan tokkoon tokkoon keenya adda baasanii beeksisaniif iddoo guddaa kenna. Wantoota jireenya keenya keessatti dabarsinee fi eenyummaa keenya irratti dhiibbaa godhan sirriitti ni hubata. Kun yaada baayʼee nama jajjabeessu dha! Kophaa akka taane matumaa nutti dhagaʼamuu hin qabu. Yihowaan yeroo hundumaa nu wajjin jira, akkasumas nu gargaaruu ni barbaada.—2 Sen. 16:9. w20.08 17 key. 13-14
Kamisa, Hagayya 18
Ani hubannaa siifan kenna, karaa irra deemuu qabdu ilaalchisees qajeelfama siifan kenna.—Far. 32:8.
Yihowaan saba isaa barsiisuun baayʼee isa gammachiisa. Inni akka isa beekan, akka isa jaallatanii fi akka ijoollee isaa jaallatamootti bara baraaf akka jiraatan barbaada. Kun hundi barumsa inni nuu kennuu alatti wanta dandaʼamu miti. (Yoh. 17:3) Yihowaan saba isaa barsiisuuf gumii Kiristiyaanaa jaarraa jalqabaatti fayyadameera. (Qol. 1:9, 10) Hafuurri Qulqulluun inni “gargaaraa” taʼee fi Yesuus waadaa nuuf gales gaʼee guddaa raawwateera. (Yoh. 14:16) Hafuurichi barattoonni Dubbii Waaqayyoo irraa hubannaa gadi fagoo akka argatanii fi akkuma yeroo booda Wangeelota irratti galmaaʼee jiru wantoota hedduu Yesuus dubbatee fi raawwate akka yaadatan isaan gargaareera. Beekumsi kun amantii fi jaalala Kiristiyaanonni jaarraa jalqabaa Waaqayyoo fi Ilma isaaf, akkasumas walii isaaniif qaban cimseera. Yihowaan “bara booddeetti” sabni lafa irraa hundinuu karaa isaa barachuuf gara tulluu isaa isa fakkeenyaan ibsametti akka yaaʼan raajii dubbatee ture. (Isa. 2:2, 3) Raajiin kun yommuu raawwatamu argaa jirra. w20.10 24 key. 14-15
Jimaata, Hagayya 19
Namni hubataan qajeelfama gaarii ni argata.—Fak. 1:5.
Namni tokko gorsa gaarii michuun jaalala qabeessa taʼe isaaf kennu akka hin fudhanne maaltu isa taasisuu dandaʼa? Koora dha. Namoonni koora qaban, namoota, “gurra isaanii isaaniif qirqirsan” barbaadu. Namoonni akkasii, “dhugaa dhaggeeffachuu irraa garagalu.” (2 Xim. 4:3, 4) Waaʼee yaada ofii isaanii fi barbaachisummaa isaanii ilaalcha keessa baʼaa qabu. Haa taʼu malee, Phaawulos ergamaan, “Namni tokko iddoo guddaa utuu hin qabaatin iddoo guddaa akka qabutti yoo of ilaale of gowwoomsaa jira” jedhee barreesseera. (Gal. 6:3) Solomoon Mootichi waaʼee kanaa akka gaariitti ibseera. Akkas jedhee barreesseera: “Mootii maanguddoo gowwaa taʼee fi akeekkachiisa fudhachuuf hubannaa gaʼaa hin qabne mannaa, mucaa hiyyeessa ogeessa taʼe wayya.” (Lal. 4:13) Yeroo Phaawulos ergamaan namoota duratti Pheexiros ergamaa sirreessetti fakkeenya inni nuuf taʼe ilaali. (Gal. 2:11-14) Pheexiros akkaataa Phaawulos itti dubbatee fi iddoo inni dubbachuuf filate irratti xiyyeeffachuudhaan wanta inni dubbatetti aaruu ni dandaʼa ture. Haa taʼu malee, Pheexiros ogeessa ture. Gorsicha fudhateera, Phaawulosittis haaloo hin qabanne. Kanaa mannaa, yeroo booda, Phaawulosiin ‘obboleessa jaallatamaa’ jedheera.—2 Phe. 3:15. w20.11 21 key. 9, 11-12
Sanbadduraa, Hagayya 20
Namoota barattoota koo godhaa; . . . isaan barsiisaa.—Mat. 28:19, 20.
Barattoonni Kitaaba Qulqulluu guddina hafuuraa akka godhan gargaarsa guddaa kan godhu maali dha? Walgaʼiiwwan Kiristiyaanaa irratti argamuu dha. Qajeelfamni Kitaaba Qulqulluu walgaʼii irratti kennamu, beekumsa isaanii guddisa, amantii isaanii cimsa, akkasumas jaalala Waaqayyoof qaban akka guddifatan gargaara. (HoE. 15:30-32) Kana malees, babalʼisaan tokko jaalala Yihowaadhaaf qabu guddifachaa deemuun isaa ajaja Waaqayyoo raawwachuuf akkamitti akka isa kakaase baratichatti himuu dandaʼa. (2 Qor. 7:1; Filp. 4:13) Barattoonni Kitaaba Qulqulluu babalʼistoota amanamoo adda addaa wajjin yommuu wal baran, ajaja Yesuus Waaqayyoo fi namoota akka jaallannu kenne eeguu jechuun maal jechuu akka taʼe fakkeenya isaanii irraa baratu. (Yoh. 13:35; 1Xim. 4:12) Babalʼistoonni, rakkina isaan qabanii wajjin wal fakkaatu akka qaban hubachuu fi barataa Kiristoos taʼuuf jijjiirama akkamii gochuun akka isaan barbaachisu barachuu dandaʼu. (Kes. 30:11) Namni gumii keessa jiru hundi guddina hafuuraa barattoota Kitaaba Qulqulluutiif karaa gara garaa gumaacha gochuu dandaʼa.—Mat. 5:16. w20.11 5 key. 10-12
Dilbata, Hagayya 21
Efesoonitti bineensotaa wajjin waldhaansoo wal [qabeera].—1 Qor. 15:32.
Phaawulos ergamaan tarii bakka bashannanaa Efesoonitti bineensotaa wajjin waldhaansoo akka wal qabe ibsuu isaa taʼuu dandaʼa. (2 Qor. 1:8; 4:10; 11:23) Yookiin immoo Yihudoota isa jibbanii fi namoota kan biroo akka ‘bineensaa’ taʼan caqasuu isaa taʼuu dandaʼa. (HoE. 19:26-34; 1 Qor. 16:9) Sababiin isaa maal iyyuu yoo taʼe, Phaawulos balaa cimaan isa mudatee ture. Taʼus waaʼee gara fuulduraa ilaalcha gaarii qabaachuu isaa itti fufeera. (1 Qor. 15:30, 31; 2 Qor. 4:16-18) Yeroo baayʼee rakkisaa keessa jiraanna. Obboloonni keenya tokko tokko yakki isaan irratti raawwatameera. Kaan immoo bakka waraanni itti godhamu waan jiraataniif miirri tasgabbii isaanitti hin dhagaʼamu. Warri kaan immoo biyya hojiin lallabaa keenya daangeffame ykn dhorkame keessa waan jiraataniif, lubbuu isaanii ykn bilisummaa isaanii balaadhaaf saaxiluudhaan Yihowaa tajaajilu. Taʼus, obboloonnii fi obboleettonni kun hundi Yihowaa waaqeffachuu isaanii itti fufuudhaan fakkeenya nuuf taʼu. Yeroo ammaatti lubbuu isaanii yoo dhaban illee, Yihowaan gara fuulduraatti wanta kana caalu isaanii kennuuf akka waadaa gale waan beekaniif tasgabbii qabu. w20.12 9 key. 3-4
Wiixata, Hagayya 22
Nuti warra Waaqayyoo wajjin hojjennu dha. Isin maasii Waaqayyoo isa misoomaa jiru dha, gamoo Waaqayyoo tis.—1 Qor. 3:9.
Naannoon tajaajilaa kee buʼa qabeessa waan hin fakkaanneef ykn namoonni manatti argaman muraasa waan taʼaniif yeroo taʼe tokkotti abdii kutattee beektaa? Haala akkasii keessatti gammachuu keenya eeggachuu ykn gammachuu keenya guddifachuu kan dandeenyu akkamitti? Tajaajilaaf ilaalcha sirrii qabaachuun keenya barbaachisaa dha. Kana gochuun maal dabalata? Sababiin itti lallabnu maqaan Waaqayyoo fi Mootummaan isaa akka beekamu gochuu akka taʼe yaadadhaa. Yesuus daandii jireenyaa kan argatan namoota muraasa qofa akka taʼan ifa godheera. (Mat. 7:13, 14) Yommuu tajaajillu Yihowaa, Yesuusii fi maleekotaa wajjin hojjechuuf mirga arganna. (Mat. 28:19, 20; Mul. 14:6, 7) Yihowaan warra isa tajaajiluu barbaadan gara ofii isaatti ni harkisa. (Yoh. 6:44) Kanaafuu, namni tokko yeroo taʼe tokkotti ergaa keenya dhaggeeffachuu yoo dide, yeroo itti aanutti yommuu haasofsiisnu dhaggeeffachuu dandaʼa. Obboleettiin Dibooraa jedhamtu, “Abdii kutachuun meeshaa waraanaa cimaa Seexanni itti fayyadamu taʼuu dandaʼa” jetteetti. Taʼus meeshaan Seexanaa Waaqa keenya Yihowaa wajjin wal hin gitu. w20.12 26 key. 18-19; 27 key. 21
Kibxata, Hagayya 23
Wal jaallachuu keenya itti haa fufnu; sababiin isaas, jaalalli Waaqayyo irraa madda.—1 Yoh. 4:7.
Kiristiyaanonni amanamoo taʼan hedduun ofii isaanii fi maatii isaaniitiif wanta barbaachisu dhiheessuuf hojii hojjechuu qabu. Taʼus, babalʼistoonni amanamoon kun karaa dandaʼan hundaan jaarmiyaa Waaqayyoo ni deggeru. Fakkeenyaaf, tokko tokko hojii gargaarsa yeroo balaa irratti hirmaatu, kaan immoo pirojektii ijaarsaa irratti hirmaatu, akkasumas namni hundi hojii addunyaa maraatiif qarshii buusii gochuu ni dandaʼa. Hojiiwwan kana kan hojjetan Waaqayyoo fi namoota waan jaallataniifi. Torban torbaniin walgaʼii irratti argamuu fi hirmaachuudhaan, obbolootaa fi obboleettota keenya akka jaallannu argisiisna. Utuma dadhabnee jirruu illee, walgaʼiiwwan kana irratti ni argamna. Sodaan nutti dhagaʼamus yaada ni kennina. Akkasumas hundi keenya rakkina mataa keenyaa kan qabnu taʼu illee, walgaʼii duraa fi booda warra kaan ni jajjabeessina. (Ibr. 10:24, 25) Obboloonnii fi obboleettonni keenya hojii hojjetaniif baayʼee isaan galateeffanna! w21.01 10 key. 11
Roobii, Hagayya 24
Of tuuluu haa dhiisnu.—Gal. 5:26.
Namoonni of tuulan ofii isaaniitiif faarsamuu waan filataniif, warra kaan galateeffachuun isaanitti ulfaata. Warra kaanii wajjin wal bira of qabuu fi hafuurri wal morkii akka babalʼatu gochuu barbaadu. Namni of tuulu yeroo baayʼee warra kaan leenjisuu fi aangoo isaaniif kennuu mannaa, warri kaan sirriitti hin hojjetan ilaalcha jedhu waan qabuuf, ofii isaatiif hojjechuu akka qabu yaada. Namni of tuulu yeroo baayʼee warra kaan caalaa iddoo guddaa qabaachuu barbaada, warri kaan wanta isa irra wayyu yommuu hojjetanis ni hinaafa. Koora akka qabnu yoo hubanne, amalli gadheen kun nu keessatti akka hidda gad hin fageeffanneef, ‘sammuu keenya haaressuuf’ Yihowaan akka nu gargaaru garaadhaa isa kadhachuu qabna. (Rom. 12:2) Yihowaan fakkeenya nuuf taʼuu isaatiif baayʼee isa galateeffanna. (Far. 18:35) Akkaataa inni tajaajiltoota isaa itti qabe irraa amala gad of qabuu isaa hubanneerra, fakkeenya isaa hordofuus ni barbaanna. Dabalataanis, fakkeenyota gaarii Kitaaba Qulqulluu keessatti argaman, namoonni humna isaanii beekanii fi mirga Waaqayyoo wajjin deddeebiʼuu argatan nuuf taʼan hordofuu barbaanna. Yeroo hundumaa Yihowaadhaaf ulfinaa fi kabaja isaaf malu haa kenninu.—Mul. 4:11. w20.08 13 key. 19-20
Kamisa, Hagayya 25
[Warri gaaʼela godhatan] foon isaaniitti rakkinni ni dhufa.—1 Qor. 7:28.
Gaaʼelli kennaa Waaqayyoo mudaa hin qabne taʼus, namoonni garuu mudaa qabu. (1 Yoh. 1:8) Dubbiin Waaqayyoo rakkina hiriyoota gaaʼelaa mudatu yommuu akeekkachiisu ‘foon isaanitti rakkinni akka dhufu’ kan ibsu kanaafi. Yihowaan Kiristiyaanni abbaa manaa taʼe tokko karaa hafuuraa, karaa miiraa fi karaa foonii maatii isaatiif wanta barbaachisu akka dhiheessu isa irraa eega. (1 Xim. 5:8) Haa taʼu malee, obboleettonni gaaʼela godhatanis guyyaa guyyaadhaan Kitaaba Qulqulluu dubbisuu fi irratti xiinxaluuf, akkasumas garaadhaa Yihowaatti kadhannaa dhiheesuuf yeroo ramaduu qabu. Kana gochuun ulfaataa taʼuu dandaʼa. Haadhotiin manaa hojiin kan isaanitti baayʼatu taʼus yeroo ramaduun isaanii baayʼee barbaachisaa dha. Maaliif? Sababiin isaas, Yihowaan tokkoon tokkoon keenya isaa wajjin hariiroo cimaa akka qabaannuu fi hariiroo kanas eegnee akka itti fufnu barbaada. (HoE. 17:27) Haati manaa tokko abbaa manaa ishii mudaa qabuuf bitamuuf jabaattee hojjechuu akka qabdu beekamaa dha. Haa taʼu malee, abbaa manaa ishiitiif bitamuu kan qabdu maaliif akka taʼe yaada Kitaabni Qulqulluun ibsu yoo hubattee fi amantee yoo fudhatte hojii Yihowaan ishiidhaaf kenne raawwachuun ishiidhaaf salphata. w21.02 8-9 key. 3, 6-7
Jimaata, Hagayya 26
Amantiin keessan inni qoramee ilaalame jabaatanii dhaabbachuu [isiniif argamsiisa].—Yaq. 1:3.
Qorumsi ibidda halbee hojjechuuf gargaaruu wajjin wal fakkaachuu dandaʼa. Yommuu halbeen sun ibiddaan diimeffamee qabbanaaʼu sibiilichi caalaatti cimaa taʼa. Haaluma wal fakkaatuun, yommuu qorumsa dandamannu amantiin keenya caalaatti cimaa taʼa. Yaaqoob, “Karaa hundumaatiin guutuu fi mudaa kan hin qabne akka taataniif, jabaatanii dhaabbachuun hojii isaa fiixaan akka baasu godhaa” jedhee kan barreesse kanaafi. (Yaq. 1:4) Qorumsawwan nu irra gaʼan amantii keenya caalaatti akka nuuf cimsan yommuu hubannu, qorumsawwan sana gammachuudhaan dandamachuu dandeenya. Yaaqoob xalayaa isaa keessatti wantoota gammachuu nu dhabsiisuu dandaʼan tokko tokkos ibseera. Haalli rakkisaan tokko wanta goonu wallaaluu dha. Yeroo qorumsi tokko nu mudatu filannoowwan Yihowaa gammachiisan, obboloota keenya fayyadanii fi amanamummaa keenya eeggannee jiraachuuf nu gargaaran gochuuf gargaarsa isaa gaafachuu barbaanna. (Er. 10:23) Wanta gochuu qabnuu fi namoota nu mormaniif deebii akkamii kennuu akka qabnu beekuuf ogummaan nu barbaachisa. Wanta gochuu qabnu yoo wallaalle abdii kutachuu fi dafnee gammachuu keenya dhabuu dandeenya. w21.02 28 key. 7-9
Sanbadduraa, Hagayya 27
Cimsaa garaadhaa wal jaalladhaa.—1 Phe. 1:22.
Yihowaan gama kanaan fakkeenya nuuf taʼeera. Jaalalli inni nuuf qabu baayʼee guddaa waan taʼeef, nuti isaaf amanamoo yoo taane, hariiroo isaa wajjin qabnu wanti addaan kutuu dandaʼu hin jiru. (Rom. 8:38, 39) Jechi “cimsaa” jedhu carraaqqii cimaa namni tokko jaalala argisiisuuf godhu argisiisa. Yeroo tokko tokko obbolootaa fi obboleettota keenyatti jaalala argisiisuun salphaa miti. Yeroo warri kaan nu aarsan, ‘jaalalaan wal dandaʼuu fi hidhaa nagaa isa tokko godhuun tokkummaa hafuuraa eeguuf carraaqqii cimaa gochuu’ keenya itti fufuu qabna. (Efe. 4:1-3) Dogoggora obboloota keenyaa irratti hin xiyyeeffannu, akkasumas ilaalcha Yihowaan obboloota keenyaaf qabu qabaachuuf carraaqqii cimaa goona. (1 Sam. 16:7; Far. 130:3) Obbolootaa fi obboleettota keenyatti jaalala guddaa argisiisuun yeroo hunda salphaa miti; keessumaa immoo hirʼina isaanii yommuu beeknutti. Haala isaa irraa hubachuun akka dandaʼamutti, Kiristiyaanonni jaarraa jalqabaa Ewodiyaa fi Sinxiikee jedhaman kana gochuun isaanitti ulfaatee ture. Kanaafuu Phaawulos ergamaan, “Gooftaadhaan yaada tokko akka qabaatan” isaan gorseera.—Filp. 4:2, 3. w21.01 22 key. 10-11
Dilbata, Hagayya 28
Yaa dargaggootaa, kanan isiniif barreessu, jaboo waan taatanii fi dubbiin Waaqayyoo isin keessa waan jiraatuuf, akkasumas isa hamaa sana waan mootaniifi.—1 Yoh. 2:14.
Maanguddoonni, isin dhiirota dargaggoota taatanii wajjin “harka wal qabatanii” Yihowaa tajaajiluu dandaʼuu isaanii baayʼee dinqisiifatu! (Sef. 3:9) Hojii isiniif kenname hinaaffaadhaan hojjechuun keessan isaan gammachiisa. Isaan biratti fudhatama argattaniittu. Isin obboloonni dargaggoota taatan, Yihowaan akka isin jaallatuu fi akka isinitti amanamu matumaa hin dagatinaa. Inni guyyoota dhumaatti raayyaan dargaggootaa fedhiidhaan of dhiheessan akka jiraatan raajii dubbateera. (Far. 110:1-3) Yihowaan isinis akka isa jaallattanii fi humna keessan guutuudhaan isa tajaajiluu akka dandeessan beeka. Kanaafuu ofittis taʼe warra kaanitti obsa argisiisaa. Yeroo dogoggora raawwattanitti leenjii fi adaba isiniif kennamu akka Yihowaa biraa dhufetti ilaaluudhaan fudhadhaa. (Ibr. 12:6) Itti gaafatamummaa isinitti kenname kam iyyuu raawwachuuf jabaadhaa hojjedhaa. Hunda caalaa immoo, wanta gootan hundumaan Abbaan keessan inni samii akka isinitti boonu godhaa.—Fak 27:11. w21.03 7 key. 17-18
Wiixata, Hagayya 29
Yeroo rakkinaatti yoo abdii kutatte, humni kee ni xiqqaata.—Fak. 24:10, milj.
Wantoonni hedduun abdii nu kutachiisuu dandaʼu; tokko tokko keessa keenyaa dhufu, kaan immoo alaa nu irra gaʼu. Isaan keessaa tokko tokko cubbuu dhaalle, dadhabina qabnu ykn dhukkuba dha. Akkasumas tajaajila Yihowaa keessatti mirga hawwinu argachuu dhiisuu ykn naannoo tajaajilaa buʼaa hin qabnetti tajaajiluu dabalachuu dandaʼu. Cubbuu dhaallee fi dadhabina keenyaaf salphaadhumatti ilaalcha madaalamaa hin taane qabaachuu dandeenya. Kanaan kan kaʼes, sababa dogoggora keenyaatiin, Yihowaan matumaa addunyaa haaraatti akka nu hin galchine amanuu dandeenya. Ilaalchi akkasii balaa qaba. Kitaabni Qulqulluun Yesuus Kiristoos irraa kan hafe namoonni hundi “cubbuu hojjetaniiru” jedha. (Rom. 3:23) Taʼus, Yihowaan dogoggora keenya irratti hin xiyyeeffatu ykn mudaa kan hin qabne akka taanu nu irraa hin eegu. Kanaa mannaa, inni Abbaa jaalala qabeessa nu gargaaruu barbaadu dha. Dabalataanis inni obsa qabeessa dha. Dadhabina keenyaa fi ilaalcha jalʼaa ofii keenyaaf qabnu moʼuuf hammam akka qabsoofnu ni arga; nu gargaaruufis qophaaʼaa dha.—Rom. 7:18, 19. w20.12 22 key. 1-3
Kibxata, Hagayya 30
Dhuma irrattis yaa obbolootaa, gammaduu keessan, sirreeffama gochuu keessan . . . itti fufaa.—2 Qor. 13:11.
Hundi keenya iyyuu imala irra jirra. Iddoon gaʼuu barbaannu ykn galmi keenya bulchiinsa Yihowaa isa jaalala irratti hundaaʼe jalatti addunyaa haaraa keessa jiraachuu dha. Guyyaa hundumaa daandii gara jireenyaatti geessu irra deemuuf carraaqqii goona. Taʼus akkuma Yesuus jedhe daandiin kun qalʼoo dha, yeroo tokko tokko immoo daandii kana irra deemuun ulfaataa dha. (Mat. 7:13, 14) Mudaa kan qabnu waan taaneef, salphaatti daandii kana irraa jalʼachuu dandeenya. (Gal. 6:1) Daandii qalʼoo kana irra deemuu keenya itti fufuuf yaada, ilaalchaa fi gocha keenya irratti sirreeffama gochuuf fedhii qabaachuu qabna. Phaawulos ergamaan, “sirreeffama gochuu” keenya akka itti fufnu nu jajjabeesseera. Yaada keenyaa fi miira keenya qoruun salphaa miti. Sababiin isaas, garaan keenya inni gantuu taʼe, kallattii kamitti nu geessaa akka jiru hubachuun akka nutti ulfaatu godha. (Er. 17:9) “Sababii sobaa” dhiheessinee of gowwoomsuun salphaa dha. (Yaq. 1:22) Kanaafuu, Dubbii Waaqayyootti fayyadamnee of qoruu qabna. Dubbiin Waaqayyoo keessa keenyatti nama akkamii akka taane jechuunis, “yaadaa fi kaayyoo” garaa keenyaa isa gad fagoo ni mulʼisa.—Ibr. 4:12, 13. w20.11 18 key. 1-3
Roobii, Hagayya 31
Kabaja walii kennuuf dursa fudhadhaa.—Rom. 12:10.
Kan gad of qabnuu fi humna keenya kan beeknu yoo taʼe, gammadoo taʼuun keenya hin oolu. Maaliif? Humni keenya daangaa akka qabu yommuu hubannu, gargaarsa warri kaan nuuf godhaniif ni galateeffanna, akkasumas gammachuudhaan fudhanna. Fakkeenyaaf, haala yeroo Yesuus namoota dhukkuba nadaayiitiin qabaman kudhan fayyisetti ture yaadaa. Dhukkuba hamaa, jechuunis dhukkuba namichi ofuma isaatiin matumaa fayyuu hin dandeenye kana irraa isa fayyisuu isaatiif Yesuusiin galateeffachuuf kan deebiʼe isaan keessaa tokko qofa ture. Namichi gad of qabuu fi humna isaa beeku kun gargaarsa argateef galateeffateera, Waaqayyoofis ulfina kenneera. (Luq. 17:11-19) Namoonni gad of qabanii fi humna isaanii beekan warra kaanii wajjin walii galu, akkasumas carraan isaan michoota dhihoo qabaachuuf qaban balʼaadha. Maaliif? Namoonni kaan amalawwan gaggaarii akka qaban amananii fudhatu, akkasumas amanannaa isaan irratti qabaatu. Namoonni gad of qabanii fi humna isaanii beekan, warri kaan hojii isaaniif kenname hunda irratti yommuu milkaaʼina argatan ni gammadu, isaan galateeffachuu fi isaan kabajuufis yeroo isaanitti hin fudhatu. w20.08 12 key. 17-18