LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • es22 ful. 88-97
  • Fulbaana

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Fulbaana
  • Kitaaba Qulqulluu Guyyaa Guyyaan Qoruu—2022
  • Mata Dureewwan Xixiqqaa
  • Kamisa, Fulbaana 1
  • Jimaata, Fulbaana 2
  • Sanbadduraa, Fulbaana 3
  • Dilbata, Fulbaana 4
  • Wiixata, Fulbaana 5
  • Kibxata, Fulbaana 6
  • Roobii, Fulbaana 7
  • Kamisa, Fulbaana 8
  • Jimaata, Fulbaana 9
  • Sanbadduraa, Fulbaana 10
  • Dilbata, Fulbaana 11
  • Wiixata, Fulbaana 12
  • Kibxata, Fulbaana 13
  • Roobii, Fulbaana 14
  • Kamisa, Fulbaana 15
  • Jimaata, Fulbaana 16
  • Sanbadduraa, Fulbaana 17
  • Dilbata, Fulbaana 18
  • Wiixata, Fulbaana 19
  • Kibxata, Fulbaana 20
  • Roobii, Fulbaana 21
  • Kamisa, Fulbaana 22
  • Jimaata, Fulbaana 23
  • Sanbadduraa, Fulbaana 24
  • Dilbata, Fulbaana 25
  • Wiixata, Fulbaana 26
  • Kibxata, Fulbaana 27
  • Roobii, Fulbaana 28
  • Kamisa, Fulbaana 29
  • Jimaata, Fulbaana 30
Kitaaba Qulqulluu Guyyaa Guyyaan Qoruu—2022
es22 ful. 88-97

Fulbaana

Kamisa, Fulbaana 1

Sana booda ani foon hundumaa irratti hafuura koo nan dhangalaasa.—Yoe. 2:28.

Pheexiros hafuura qulqulluudhaan geggeeffamee raajii Yoʼel yommuu caqasu ibsa kana irraa xinnoo adda taʼetti fayyadameera. (HoE. 2:16, 17) Pheexiros caqasicha yommuu jalqabu jechoota “sana booda” jedhutti fayyadamuu mannaa jechoota, “guyyoota dhumaatti” jedhutti fayyadameera, kunis guyyoota dhumaa sirna Yihudootaa kan argisiisu dha. Yeroo sanatti hafuurri Waaqayyoo “foon kan uffate hunda irratti” ni dhangalaʼa. Kun immoo raajiin Yoʼel raawwatamuu isaa dura yeroo dheeraan akka darbe argisiisa. Hojiin lallabaa balʼinaan babalʼachuu kan jalqabe jaarraa jalqabaatti hafuurri Waaqayyoo karaa dinqisiisaa taʼeen erga dhangalaʼee booda dha. Dhaloota Kiristoos Booda naannoo bara 61⁠tti yeroo Phaawulos ergamaan xalayaa isaa gara Qolosaayisitti barreessu misiraachichi “uumama samiidhaa gad jiru hundatti” akka lallabame dubbachuu dandaʼeera. (Qol. 1:23) Bara Phaawulositti ‘uumama hunda’ kan jedhu kutaawwan addunyaa Phaawulosii fi warri kaan keessa adeemuu dandaʼan kan argisiisu dha. Gargaarsa hafuura Yihowaa isa humna guddaa qabuun hojiin lallabaa yeroo harʼaa “hanga andaara lafaatti” baayʼee babalʼateera.—HoE. 13:47. w20.04 6-7 key. 15-16

Jimaata, Fulbaana 2

Anumti hoolota koo nan barbaada, nan kunuunsas.—His. 34:11.

Yihowaan hoolota tuuta hoolotaa isaa irraa fagaatan kam iyyuu dabalatee hunduma keenya ni jaallata. (Mat. 18:12-14) Waaqayyo hoolota isaa badan akka barbaaduu fi fayyummaa hafuuraa isaanii deebisanii akka argatan akka isaan gargaaru karaa Hisqiʼel raajichaa abdii kenneera. Akkasumas tarkaanfii fudhatu adda baasee kan ibse siʼa taʼu, tarkaanfiin isaa kun, tarkaanfii tikseen Israaʼel yommuu hoolaan tokko badu fudhatuu wajjin wal fakkaata. (His. 34:12-16) Jalqaba, tikseen sun hoolaa sana barbaada, kunis yeroo baayʼee fi carraaqqii hedduu gaafata. Achiis, hoolaa bade sana yommuu argatu deebisee gara tuuta hoolotaatti fida. Kana malees, hoolaan sun madaaʼeera ykn beelaʼeera yoo taʼe, tiksichi hoolaa dadhabe sana jaalalaan deggera, madaa isaa isaaf hidha, ni baata, akkasumas ni soora. Jaarsoliinis tiksee “tuuta hoolota Waaqayyoo” waan taʼaniif, namoota gumii irraa fagaatan kam iyyuu yommuu gargaaran tarkaanfii akkasii fudhachuu qabu. (1 Phe. 5:2, 3) Jaarsoliin isaan barbaadu, gara tuuta hoolotaatti akka deebiʼan isaan gargaaru, akkasumas deggersa hafuuraa barbaachisu isaaniif gochuudhaan jaalala isaanitti argisiisu. w20.06 20 key. 10

Sanbadduraa, Fulbaana 3

[Maasichi] addaatee haamaadhaaf gaʼeera.—Yoh. 4:35.

Yesuus midhaan bilchaatee haamaadhaaf akka gaʼe godhee kan yaade namoonni hedduun akka isa duukaa buʼan waan abdateef turee? Matumaa. Kitaabni Qulqulluun kan isatti amanan namoota muraasa akka taʼan raajii dubbatee ture. (Yoh. 12:37, 38) Kana malees, Yesuus garaa namootaa dubbisuuf dandeettii dinqisiisaa taʼe qaba ture. (Mat. 9:4) Haa taʼu malee, namoota muraasa isatti amanan irratti xiyyeeffateera, akkasumas namoota hundumaatiif hinaaffaadhaan lallabeera. Nuti warri garaa namootaa dubbisuu hin dandeenye immoo naannoo tajaajilaa keenyattis taʼe namootatti murteessuu irraa of qusachuudhaan caalaatti akkana gochuu hin qabnuu? Kanaa mannaa, barattoota taʼuu akka dandaʼan godhaa yaadaa. Wanta Yesuus barattoota isaatiin jedhe yaadadhaa. Midhaanichi bilchaatee haamaadhaaf gaʼeera. Namoonni jijjiiramuu fi barattoota Kiristoos taʼuu dandaʼu. Yihowaan barattoota jijjiiramuu dandaʼan kana akka ‘badhaadhummaatti’ ilaala. (Hag. 2:7) Nutis akkuma Yihowaa fi Yesuus namoota ilaalanitti kan isaan ilaallu yoo taʼe, akkaataa guddinaa isaanii fi wantoota xiyyeeffannaa isaanii harkisan beekuuf yaalii goona. Akka halagaatti utuu hin taʼin, obbolootaa fi obboleettota keenya taʼuu akka dandaʼanitti isaan ilaalla. w20.04 13 key. 18-19

Dilbata, Fulbaana 4

Ani wantan Abbaa koo irraa dhagaʼe hunda waanan isin beeksiseef, michoota jedhee isin waameera.—Yoh. 15:15.

Kitaabni Qulqulluun Yihowaa gammachiisuu yoo barbaanne Yesuusiif jaalala qabaachuu fi jaalala kana eegnee jiraachuu akka qabnu ifatti nu barsiisa. Kanaafuu, michoota Yesuus taʼuuf wantoota gochuu qabnu keessaa tokko Yesuusiin beekuu dha. Wangeelota Maatewos, Maarqos, Luqaasii fi Yohaannis dubbisuudhaan isa beekuu dandeenya. Seenaawwan Kitaaba Qulqulluu waaʼee jireenya Yesuus dubbatan irratti yommuu xiinxallu, gaarummaadhaan namoota qabuu isaatiin kan kaʼe Yesuusiin ni jaallanna, ni kabajnas. Fakkeenyaaf, inni Gooftaa isaanii kan ture taʼus, barattoota isaa akka garbootaatti hin ilaalle. Kanaa mannaa, wanta keessa isaatti itti dhagaʼamuu fi miira isaa isaaniif ibseera. Yesuus yommuu isaan gaddanitti gaddeera, isaan wajjinis booʼeera. (Yoh. 11:32-36) Mormitoonni isaa illee, inni warra ergaa isaa fudhataniif michuu akka ture amananii fudhataniiru. (Mat. 11:19) Akkaataa inni barattoota isaa itti qabe hordofuudhaan fakkeenya Yesuus yoo hordofne, walitti dhufeenyi warra kaanii wajjin qabnu ni fooyyaʼa, caalaatti wanta qabnutti gammannee kan jiraannu taana, akkasumas dinqisiifannaan Kiristoosiif qabnu ni guddata. w20.04 22 key. 9-10

Wiixata, Fulbaana 5

Mootiin [kibbaa] raayyaa waraanaa baayʼee guddaa fi jabaa taʼee wajjin waraanichaaf of ni qopheessa.—Dan. 11:25.

Bara 1870⁠tti Biritaaniyaan addunyaa irratti bulchiinsa hundumaa caalaa humna guddaa qabdu taate; humni waraanaa ishiis hundumaa irra kan caalu ture. Bulchiinsi kun gaanfa xinnoo gaanfota kan biroo sadan, jechuunis Faransaay, Ispeenii fi Neezarlaandiin injifatetti fakkeeffame sana ture. (Dan. 7:7, 8) Yeroo Waraana Addunyaa Tokkoffaattis mootii kibbaa taʼeera. Yeroo kanatti Yuunaayitid Isteetis oof Ameerikaan dinagdeedhaan sadarkaa guddaa irra kan geesse siʼa taʼu, Biritaaniyaa wajjinis michummaa cimaa uumuu jalqabde. Waraana Addunyaa Tokkoffaatti Yuunaayitid Isteetisii fi Biritaaniyaan michoota humna waraanaa guddaa uuman taʼaniiru. Yeroo sanatti Biritaaniyaa fi Yuunaayitid Isteetis Mootummaa Addunyaa Angiloo Ameerikaa taʼaniiru. Akkuma Daaniʼel raajiidhaan dubbatetti mootiin kun, “loltuu sonaan baayʼeedhaa fi jabaa” taʼe walitti qabatee ture. Guutummaa guyyoota dhumaatti, Angiloo Ameerikaan mootii kibbaa taʼee itti fufeera. w20.05 4 key. 7-8

Kibxata, Fulbaana 6

Lageen gara iddoo keessaa yaaʼanitti deebiʼu.—Lal. 1:7.

Bishaan bifa dhangalaʼaatiin argamu lafa irra jiraachuu kan dandaʼe pilaaneetiin keenya aduu irraa fageenya sirrii taʼe irratti waan argamtuufi. Lafti xinnuma gara aduutti dhihaattee jirti utuu taʼee, bishaan ishii irra jiru hundi hurkee dhumuu dandaʼa ture, ishiinis qarsaa baayʼee hoʼituu fi lubbuun irra hin jiraanne taati turte. Lafti xinnuma aduu irraa fagaattee jirti utuu taʼee immoo, bishaan hundi cabbii taʼa, ishiinis guutummaatti geengoo cabbii guddaatti jijjiiramti turte. Yihowaan lafa bakka sirrii taʼe kana irra waan kaaʼeef, marsaan bishaanii lafa irra jiru lubbuu jiraachisuu dandaʼa. Aduun bishaan galaanaa fi lafa irra jiru hoʼisuu fi hurkisiisuudhaan bishaan sun duumessa akka taʼu gooti. Aduun waggaa waggaadhaan bishaan haroowwan lafa irra jiran hunda irra caalu akka hurku gooti. Bishaan kun bokkaa ykn cabbii taʼee buʼuu isaa dura gara guyyaa kudhaniitiif hawaa keessa tura. Bishaanichi yeroo booda gara galaanaatti ykn gara lageenii fi haroowwaniitti deebiʼa; marsaan kunis irra deddeebiʼee dhufa. Marsaan buʼa qabeessaa fi dhaabbataa taʼe kun Yihowaan ogeessaa fi humna qabeessa taʼuu isaa mirkaneessa.—Iyo. 36:27, 28. w20.05 22 key. 6

Roobii, Fulbaana 7

Yommuu hafuurri qulqulluun isin irra buʼu humna ni argattu.—HoE. 1:8.

Yesuus hafuura qulqulluu argachuuf akka kadhannu nu jajjabeesseera. (Luq. 11:9, 13) Yihowaan karaa hafuura isaa ‘humna humna caalu’ nuu kenna. (2 Qor. 4:7) Gargaarsa hafuura Waaqayyootiin rakkina nu irra gaʼuu dandaʼu kam iyyuu moʼuu dandeenya. Hafuurri qulqulluunis tajaajila Waaqayyoo irratti hojii nuuf kenname raawwachuuf nu gargaara. Hafuurri Waaqayyoo dandeettii qabnu nuu fooyyessuu dandaʼa. Itti gaafatamummaa Kiristiyaana taʼuudhaan qabnu raawwachuuf nu dandeessisa. Tajaajila Waaqayyoo irratti buʼaawwan gaggaarii argachuu kan dandeenye hafuurri isaa waan nu gargaareef qofa akka taʼe beekna. Hafuurri Waaqayyoo yaadawwan ykn fedhiiwwan dogoggoraa garaa keenya keessa jiran akkamii iyyuu beekuuf akka nu gargaaru kadhachuudhaan hafuurichaaf bakka guddaa akka kenninu argisiisuu dandeenya. (Far. 139:23, 24) Kadhannaa akkanaa yoo dhiheessine, Yihowaan karaa hafuura isaa yaada ykn fedhii dogoggoraa qabnu akka hubannu nu gargaaruu dandaʼa. Achiis hafuurri Waaqayyoo jabina yaada ykn fedhii kana mormuuf nu gargaaru akka nuu kennu kadhachuu qabna. Akka kanaan wanta Yihowaan hafuura qulqulluu nuu kennuudhaan nu gargaaruu isaa akka dhaabu godhu akkamii iyyuu raawwachuu irraa fagaachuuf murtoo gochuu keenya argisiisna.—Efe. 4:30. w20.05 28-29 key. 10-12

Kamisa, Fulbaana 8

Maqaa kee isaanitti beeksiseera.—Yoh. 17:26.

Maqaa Yihowaatiif yommuu falminu fakkeenya Yesuus Kiristoos hordofna. Yesuus maqaa Abbaa kan isaan beeksise, itti fayyadamuu qofaan utuu hin taʼin, maqaa gaarii Yihowaan qabuuf falmuudhaan ture. Fakkeenyaaf, Fariisota warra karaawwan adda addaatiin Yihowaan hamaa, wanta hedduu kan nama irraa barbaadu, fagoo fi gara jabeessa akka taʼe fakkeessan mormeera. Yesuus namoonni Yihowaan sababa qabeessa, jaalala qabeessaa fi dhiifama kan godhu taʼuu isaa akka hubatan isaan gargaareera. Kana malees, jireenya isaa guyyaa guyyaa keessatti akkaataa inni amalawwan Abbaa isaa guutummaatti calaqqise irraa namoonni Yihowaa akka beekan gargaareera. (Yoh. 14:9) Nutis akkuma Yesuus Yihowaan Waaqa jaalala qabeessaa fi gaarummaa qabu akka taʼe namoota barsiisuudhaan wanta waaʼee isaa beeknu namootatti himuu ni dandeenya. Kana yommuu goonu sobaa fi maqaa balleessuu waaʼee Yihowaa dubbatamu ni fashaleessina. Maqaan isaa sammuu fi garaa namootaa keessatti qulqulluu akka taʼu gochuudhaan maqaa Yihowaa qulqulleessina. Dubbii fi gocha keenyaan Yihowaan dhugumaan amala akkamii akka qabu namootatti argisiisna. Namoonni waaʼee isaa ilaalcha dogoggoraa qaban akka sirreessan isaan gargaaruudhaan maqaa kana himata irraa bilisa goona. w20.06 6 key. 17-18

Jimaata, Fulbaana 9

Egaa wal morkii kakaasuu fi walitti hinaafuudhaan of tuuluu haa dhiisnu.—Gal. 5:26.

Weebsaayitiin hawaasaa kaayyoo gaariidhaaf tajaajiluu dandaʼa; fakkeenyaaf, maatii fi michoota keenyaa wajjin akka wal qunnamnu nu gargaara. Haa taʼu malee, namoonni wantoota tokko tokko weebsaayitii hawaasaa irra kan kaaʼan dinqisiifatamuuf jedhanii akka taʼe hubatteettaa? Ergaan isaan dabarsuu barbaadan “Mee na ilaali” kan jedhu fakkaata. Tokko tokko suuraa isaanii ykn kan warra kaanii ilaalchisee dubbii arrabsoo fi qaanessaa taʼe illee ni barreessu. Kun immoo gad of qabuu fi miira warra kaaniitiif yaaduu Kiristiyaanonni akka horatan jajjabeeffamanii wajjin wal faallessa. (1 Phe. 3:8) Weebsaayitii hawaasaa kan fayyadamtu yoo taʼe akkas jedhii of gaafadhu: ‘Yaanni ani barreessu, suuraan ykn viidiyoon ani kaaʼu warri kaan akkan of jajutti akka yaadan godhaa? Warri kaan akka hinaafan gochaan jira?’ Kiristiyaanonni warra kaan irra akka caalan isaanitti dhagaʼamuu hin qabu. Kanaa mannaa, gorsa Kitaaba Qulqulluu caqasa guyyaa harʼaa irra jiru ni hordofu. Gad of qabuun, of guguddisuu isa hafuura addunyaa taʼeen akka hin qabamne nu gargaara.—1 Yoh. 2:16. w20.07 6 key. 14-15

Sanbadduraa, Fulbaana 10

Ani kanaan dura Waaqayyoon arrabsaa, saba isaa ariʼachaa fi of tuulaa kanan ture taʼus, . . . kana kanan godhe [wallaalummaadhaan] . . . waan taʼeef gara laafina natti argisiiseera.—1 Xim. 1:13.

Phaawulos ergamaan barataa Kiristoos taʼuu isaa dura, dargaggeessa of tuuluu fi duuka buutota Yesuus ariʼatu ture. (HoE. 7:58) Yesuus mataan isaa Phaawulos inni Saaʼol jedhamee beekamu gumii Kiristiyaanaa irra ariʼatama akka hin geessisne isa dhaabsiseera. Yesuus samii irraa Phaawulositti dubbachuudhaan ijji isaa akka jaamu godhe. Phaawulos qaroon isaa akka isaaf deebiʼuuf, namoota ariʼachaa ture irraa gargaarsa gaafachuuf dirqamee ture. Gad of qabuudhaan barataa Anaaniyaas jedhamuu fi qaroon isaa akka isaaf deebiʼu godhe irraa gargaarsa fudhateera. (HoE. 9:3-9, 17, 18) Phaawulos yeroo booda miseensa gumii Kiristiyaanaa beekamaa taʼuu dandaʼeera; garuu barumsa Yesuus karaa gara Damaasqoo geessu irratti isa barsiise matumaa hin irraanfanne. Sana booda Phaawulos gad of qabee jiraateera, gargaarsa obboloonnii fi obboleettonni isaa isaaf godhanis fedhiidhaan fudhateera. “Madda jajjabinaa” akka isaaf turan amanee fudhateera.—Qol. 4:10, 11. w20.07 18 key. 16-17

Dilbata, Fulbaana 11

Abbaan keessan Mootummicha isiniif kennuutti [gammadeera].—Luq. 12:32.

Yihowaan hundumaa kan dandaʼu taʼus, warra kaaniif hamma tokko aangoo kenneera. Fakkeenyaaf, Yesuus Mootii Mootummichaa akka taʼu isa muudeera; namoota 144,000 warra Yesuus wajjin bulchaniifis hamma tokko aangoo ni kenna. Dhugaa dha, Yihowaan Yesuus Mootii fi Luba Ol Aanaa akka taʼu isa leenjiseera. (Ibr. 5:8, 9) Warri Yesuusii wajjin bulchanis hojii isaanii akka raawwatan ni leenjisa, taʼus, hojii kana erga isaaniif kennee booda, waan hundumaa jala deemee hin toʼatu. Kanaa mannaa, fedhii isaa akka raawwatan isaan ni amana. (Mul. 5:10) Abbaan keenya inni samii, inni gargaarsi warra kaanii isa hin barbaachisne, warra kaaniif aangoo kan kennu erga taʼee, nuti hoo kana caalaa gochuu hin qabnuu? Fakkeenyaaf, ati mataa maatii ykn jaarsa gumiidhaa? Warra kaaniif hojii kennuu fi jala deemtee toʼachuu dhiisuudhaan fakkeenya Yihowaa hordofi. Fakkeenya Yihowaa yommuu hordoftu, hojichi akka hojjetamu gochuu qofa utuu hin taʼin, warra kaan leenjisuu fi ofitti amanannaan isaanii akka dabalu gochuu ni dandeessa.—Isa. 41:10. w20.08 9 key. 5-6

Wiixata, Fulbaana 12

Ilmi namaa isa bade barbaaduu fi fayyisuuf dhufe.—Luq. 19:10.

Yihowaan waaʼee hoolota isaa badanii maaltu akka nutti dhagaʼamu barbaada? Yesuus gama kanaan fakkeenya nuuf taʼeera. Yesuus hoolonni Yihowaa hundi Waaqayyo duratti gatii guddaa akka qaban waan beekuuf, ‘hoolonni mana Israaʼelii badan’ hundi gara Yihowaatti akka deebiʼan gargaaruuf wanta isaaf dandaʼame hunda godheera. (Mat. 15:24) Akkasumas Yesuus tiksee gaarii waan taʼeef, hoolonni Yihowaa akka hin badne eeguuf wanta isaaf dandaʼame hunda godheera. (Yoh. 6:39) Phaawulos ergamaan jaarsoliin gumii Efesoon keessa jiran fakkeenya Yesuus akka hordofan isaan gorseera. Phaawulos, ‘Warra dadhaban gargaaraa, akkasumas wanta Gooftaa Yesuus, “Fudhachuu irra kennuutu caalaatti nama gammachiisa” jedhee dubbate sana yaadadhaa’ jedheera. (HoE. 20:17, 35) Jaarsoliin yeroo harʼaa jiran gama kanaan itti gaafatama guddaa akka qaban ifa dha. Jaarsi gumii Saalvaador jedhamuu fi Ispeen jiraatu tokko akkas jedheera: “Yihowaan hoolota isaa badan hangam akka kunuunsu yommuun yaadu, isaan gargaaruuf wanta naaf dandaʼame hunda gochuufan kakaʼa. Tiksee hafuuraa waanan taʼeef, Yihowaan akkan isaan kunuunsu akka barbaadu mirkanaaʼaa dha.” w20.06 23 key. 15-16

Kibxata, Fulbaana 13

Wantoonni duraa sun darbaniiru.—Mul. 21:4.

Yihowaan hanga xumura waggaa kumaa yeroo nuti mudaa kan hin qabne taanutti obsaan eega. Hanga yeroo sanaatti Yihowaan cubbuu keenyaaf dhiifama nuuf gochuuf fedhii qaba. Kanaafuu, nutis wanta gaarii warri kaan qaban irratti xiyyeeffachuu fi obsa isaanitti argisiisuuf sababii gaʼaa qabna. Yesuusii fi maleekonni yeroo lafti jalqaba uumamtetti baayʼee gammadanii turan. Taʼus, lafti namoota mudaa hin qabne, Yihowaa jaallatanii fi isa tajaajilaniin guutamuu ishii arguun hammam akka isaan gammachiisu mee yaadi. Namoonni Kiristoosii wajjin akka bulchaniif lafa irraa gara samii dhaqan, ilmaan namootaa hojii isaanii irraa fayyadamaa akka jiran arguun hammam akka isaan gammachiisu mee yaadi. (Mul. 4:4, 9-11; 5:9, 10) Akkasumas yeroo imimmaan dhiphinaa imimmaan gammachuutiin bakka buʼu, dhukkubni, gaddii fi duuti bara baraaf badu jiraachuun maal akka fakkaatu mee yaadi. Hamma yeroo sanaatti fakkeenya Abbaa kee isa jaalala qabeessa, ogeessaa fi obsa qabeessa taʼee hordofuuf murtoo godhi. Taanaan, qorumsi si mudatu maal iyyuu yoo taʼe, gammachuu kee eegdee jiraachuu ni dandeessa. (Yaq. 1:2-4) Eeyyee, waadaa Yihowaan ‘duʼaa kaʼuun [jira]’ jechuudhaan galeef baayʼee isa galateeffanna!—HoE. 24:15. w20.08 19 key. 18-19

Roobii, Fulbaana 14

Misiraachoon Mootummichaa guutummaa lafaa irratti ni lallabama.—Mat. 24:14.

Kitaabni Qulqulluun kennaa Waaqni jaalalaan kakaʼee nuu kenne dha. Abbaan keenya inni samii ijoollee isaa warra lafa irra jiraniif baayʼee waan yaaduuf namoonni hafuuraan geggeeffamanii kitaaba kana akka barreessan godheera. Yihowaan karaa Kitaaba Qulqulluu gaaffiiwwan hunda caalaa barbaachisoo taʼaniif deebii nuu kenneera; gaaffiiwwan kana keessaa tokko tokko kanatti aansuudhaan ibsamaniiru: Eessaa dhufne? Kaayyoon jireenyaa maali dha? Gara fuulduraatti maaltu raawwatama? Yihowaan ijoolleen isaa hundi deebii gaaffiiwwan kanaa akka beekan barbaada; kanaan kan kaʼes, jaarraawwan hedduudhaaf namoonni Kitaaba Qulqulluu afaan hedduudhaan akka hiikan isaan kakaaseera. Yeroo ammaatti Kitaabni Qulqulluun guutummaatti ykn gartokkoon isaa afaan 3,000 oliin argama! Kitaabni Qulqulluun kitaaba seenaa keessatti baayʼinaan hiikamee fi raabsame dha. Kitaaba Qulqulluu guyyaa guyyaadhaan dubbisuudhaan, barumsa achi keessatti argamu irratti xiinxaluu fi waan baranne hojii irra oolchuuf wanta nuu dandaʼame hunda gochuudhaan dinqisiifannaa kitaabichaaf qabnu argisiisuu dandeenya. Kana malees, ergaa Kitaaba Qulqulluu keessatti argamu namoota hedduutti himuuf wanta dandeenye hunda gochuudhaan dinqisiifannaa Waaqayyoof qabnu argisiisuu dandeenya.—Far. 1:1-3; Mat. 28:19, 20. w20.05 24-25 key. 15-16

Kamisa, Fulbaana 15

Dubbii Yihowaatiin kan kaʼe guyyaa guutuu nan arrabsama, akkasumas natti qoosama.—Er. 20:8.

Ermiyaas raajichi naannoo tajaajilaa baayʼee rakkisaa taʼetti ramadamee ture. Yeroo tokko baayʼee waan abdii kutateef lallabuu dhiisuu barbaadee ture. Garuu lallabuu isaa hin dhaabne. Maaliif? ‘Dubbiin Yihowaa’ Ermiyaas keessatti akka ibiddaa taʼee waan tureef ukkaamsee qabuu hin dandeenye! (Er. 20:9) Nutis sammuu fi garaa keenya Dubbii Waaqayyootiin yommuu guunnu akkuma isaa taana. Sababiin Kitaaba Qulqulluu guyyaa guyyaadhaan dubbisnuu fi irratti xiinxallu inni kan biraan kana dha. Kunis gammachuu keenya ni dabala; tajaajilli keenyas caalaatti buʼaa akka qabaatu godha. (Er. 15:16) Kanaafuu, yommuu abdii kutattu, gargaarsa Yihowaa cimsii kadhadhu. Inni hirʼina, dadhabina ykn dhukkuba kee akka dandamattu si gargaaruu dandaʼa. Naannoo tajaajilaa keetiif ilaalcha madaalamaa akka qabaattu si gargaara. Akkasumas tajaajila keetiif ilaalcha sirrii akka qabaattu si gargaara. Hunda caalaa immoo wanta si yaaddessu hunda abbaa kee isa samiitti himi. Gargaarsa isaatiin qabsoo abdii kutannaa wajjin gootu moʼuu dandeessa. w20.12 27 key. 20-21

Jimaata, Fulbaana 16

Dubartoota maanguddoo akka haadhotaatti, dubartoota umurii dargaggummaa irra jiran akka obboleettotaatti qulqullummaa hundumaatiin gorsi.—1 Xim. 5:1, 2.

Obboleettota tokko tokkoof carraa guddaan obboloota kaanii wajjin itti wal arguu dandaʼan walgaʼii gumii dha. Carraawwan kana isaan simachuuf, isaan wajjin haasaʼuu fi akka isaaniif yaadnu akka hubatan gochuuf itti fayyadamuu barbaanna. Akkuma Yesuus nutis obboleettotaa wajjin yeroo dabarsuuf carraaquu dandeenya. (Luq. 10:38-42) Tarii nyaata salphaa akka nu waliin nyaatan ykn bohaartii tokko irratti akka argaman afeeruu dandeenya. Yommuu akkas goonu haasaan keenya kan nama ijaaru akka taʼu gochuu qabna. (Rom. 1:11, 12) Jaarsoliin ilaalcha Yesuus qabaachuun isaanii barbaachisaa dha. Yesuus qeenxummaan namoota tokko tokkotti ulfaachuu akka dandaʼu beeka ture; taʼus, gaaʼela dhaabbachuun ykn ijoollee godhachuun gammachuu itti fufiinsa qabu argachuuf murteessa akka hin taane ifa godheera. (Luq. 11:27, 28) Kanaa mannaa, gammachuun itti fufiinsa qabu tajaajila Yihowaatiif dursa kennuudhaan argama. (Mat. 19:12) Keessumaa jaarsoliin dubartoota akka obboleettotaa fi haadhota hafuuraa isaaniitti ilaaluu qabu. Jaarsoliin walgaʼii dura ykn walgaʼii booda obboleettota haasofsiisuuf yeroo ramaduu qabu. w20.09 21-22 key. 7-9

Sanbadduraa, Fulbaana 17

Qonnaan bulaan . . . obsee firii . . . isa gatii guddaa qabu ni eeggata. Isinis obsaa.—Yaq. 5:7, 8.

Israaʼel keessatti qonnaan bulaan tokko bokkaan inni duraa walakkaa Onkoloolessaatti roobu erga roobee booda sanyii facaasa, bokkaan inni boodaa walakkaa Eblaatti roobu erga roobee booda immoo ni sassaaba. (Mar. 4:28) Nutis fakkeenya qonnaan bulaa kanaa yoo hordofne ogeessa taana. Taʼus, kana gochuun salphaa taʼuu dhiisuu dandaʼa. Ilmaan namootaa cubbuu dhaalan carraaqqii godhaniif yeruma sana buʼaa argachuu barbaadu. Taʼus, maasii keenya irraa oomisha argachuu yoo barbaanne xiyyeeffannaa wal irraa hin cinne kennuufii, jechuunis qotuu, dhaabuu, aramuu fi bishaan obaasuu qabna. Hojiin barattoota gochuus carraaqqii wal irraa hin cinne gaafata. Namoota barsiisnu keessaa jibba halaalaa fi dantaa dhabummaa aramnee baasuun yeroo gaafata. Obsa qabaachuun keenya yommuu haalli rakkisaan nu mudatutti abdii akka hin kutanne nu gargaara. Yommuu namoonni tokko tokko dhaggeeffachuu fi barachuuf fedhii qabaatanittis obsa qabaachuu qabna. Barataan Kitaaba Qulqulluu tokko amantiidhaan akka guddatu dirqisiisuu hin dandeenyu. Yeroo tokko tokko barattoonni Yesuus illee barumsa inni isaan barsiisu dafanii hin hubatan turan. (Yoh. 14:9) Kanaafuu, nuti akka dhaabnuu fi akka bishaan obaasnu kan guddisu garuu Waaqayyo akka taʼe haa yaadannu.—1 Qor. 3:6. w20.09 11 key. 10-11

Dilbata, Fulbaana 18

Garee qajeelotaa walitti qabamee fi gumii keessatti garaa koo guutuudhaan Yihowaa nan jajadha.—Far. 111:1.

Hundi keenya iyyuu barattoonni keenya guddina godhanii akka cuuphaman barbaanna. Karaa barbaachisaan itti isaan gargaarru keessaa inni tokko walgaʼiiwwan gumii irratti akka argaman jajjabeessuu dha. Yeroo baayʼee barattoonni dafanii walgaʼii hirmaachuu jalqaban saffisaan guddina akka godhan dubbataniiru. Barsiisonni tokko tokko barattoonni isaanii barumsa Kitaaba Qulqulluu walakkaa isaa qoʼannaa isaanii irraa, walakkaa isaa immoo walgaʼii irraa akka argatan isaaniif ibsu. Barataa keessanii wajjin Ibroota 10:24, 25 dubbisaa, akkasumas walgaʼii gumii irratti yoo argame faayidaa inni argatu isaaf ibsaa. Walgaʼii dhiheenyatti gootan irraa yaada barattan tokko miira hoʼaadhaan itti himaa. Kun gumii akka dhufu afeeruu caalaa isa kakaasuu dandaʼa. Wanti barataan keessan walgaʼii jalqaba hirmaatu irratti argu, wanta walgaʼii amantii kam irratti iyyuu arge irra baayʼee caala. (1 Qor. 14:24, 25) Namoota fakkeenya gaarii inni hordofuu dandaʼu isaaf taʼanii fi guddina godhee akka cuuphamu isa gargaaruu dandaʼanii wajjin wal baruu dandaʼa. w20.10 10-11 key. 14-15

Wiixata, Fulbaana 19

Barsiisaan akka [Waaqayyoo] eenyu?—Iyo. 36:22.

Hafuurri qulqulluun wanta Dubbii Waaqayyoo irraa dubbistee fi qoʼatte akka hojii irra oolchitu si gargaara. Akkuma Faarfatichaa, “Ani siif amanamee akkan deddeebiʼutti, yaa Waaqayyo, karaa kee na barsiisi, maqaa kee safeeffachuufis nama garaa tokkichaa na godhi!” jedhii kadhadhu. (Far. 86:11) Nyaata hafuuraa Yihowaan karaa Dubbii isaa fi jaarmiyaa isaa nuuf dhiheessus soorachuu kee itti fufi. Taʼus, galmi kee beekumsa sassaabuu qofa miti. Dhugaan akka si amansiisuu fi jireenya kee keessatti hojii irra oolchuu barbaadda. Hafuurri Yihowaa kana akka gootu si gargaara. Atis obbolootaa fi obboleettota kee jajjabeessuu barbaadda. (Ibr. 10:24, 25) Maaliif? Isaan maatii hafuuraa kee waan taʼaniifi. Hafuurri Waaqayyo Walgaʼiiwwan gumii irratti yaada garaadhaa madde akka kennituu fi yoo kutaa qabaatte immoo wanta dandeessu hunda akka gootu akka si gargaaru kadhadhu. Akkas gochuudhaan, “hoolota” isaanii warra gatii guddaa qaban akka jaallattu Yihowaa fi Ilma isaatti argisiista. (Yoh. 21:15-17) Kanaafuu nyaata hafuuraa filatamaa inni dhiheessu guutummaatti soorachuudhaan Barsiisaa kee Guddicha dhaggeeffadhu. w20.10 24-25 key. 15-17

Kibxata, Fulbaana 20

Hundi isaanii isa dhiisanii baqatan.—Mar. 14:50.

Yesuus ergamoonni isaa yeroo muraasaaf yommuu abdii kutatanitti maal godhe? Yesuus erga duʼaa kaʼee utuma baayʼee hin turin, ‘Hin sodaatinaa! Dhaqaatii [akkan duʼaa kaʼe] obboloota kootti himaa’ jedhee duuka buutota isaa tokko tokkotti himee ture. (Mat. 28:10) Yesuus ergamoota isaatti abdii hin kutanne. Isaan isa dhiisanii kan deeman taʼus, inni amma iyyuu “obboloota koo” jedhee isaan waameera. Yesuus akkuma Yihowaa gara laafessaa fi dhiifama kan godhu ture. (2 Mot. 13:23) Nutis warra tajaajila irratti hirmaachuu dhaabaniif baayʼee yaadna. Isaan obbolootaa fi obboleettota keenya dha, nutis isaan jaallanna! Hojii obboloonni keenya kun kanaan dura jaalalaan kakaʼanii raawwatan ni yaadanna; tarii tokko tokko waggoota kudhaniin lakkaaʼamaniif tajaajilaniiru. (Ibr. 6:10) Dhugumaan isaan ni yaadna! (Luq. 15:4-7) Kanaafuu namoonni karaa hafuuraa qabbanaaʼan walgaʼiiwwan gumii irratti akka argaman jajjabeessaa. Namni qabbanaaʼe tokko yommuu gara Galma Walgaʼii dhufu immoo dursa fudhannee miira hoʼaadhaan isa simachuu qabna. w20.11 6 key. 14-17

Roobii, Fulbaana 21

Wantoota barreeffaman irra hin darbin.—1 Qor. 4:6.

Barattoonni Yaaqoobii fi Yohaannis jedhaman haadha isaanii wajjin gara Yesuus dhaqanii mirga inni kennuuf aangoo hin qabne akka isaaniif kennu yommuu isa gaafatan Yesuus akkamitti deebii akka kenne hubadhaa. Yesuus yeruma sana mamii tokko malee, namoota Mootummicha keessatti mirga isaa fi bitaa isaa taaʼan kan murteessu Abbaa isaa isa samii qofa akka taʼe dubbateera. (Mat. 20:20-23) Yesuus humna isaa akka beeku argisiiseera. Kan gad of qabu ture. Wanta Yihowaan akka raawwatu isa ajaje irra matumaa darbee hin beeku. (Yoh. 12:49) Fakkeenya gaarii Yesuus nuuf taʼe akkamitti hordofuu dandeenya? Gorsa Kitaaba Qulqulluu caqasa guyyaa harʼaa irra jiru hojii irra oolchuudhaan, akkuma Yesuus akka gad of qabnu argisiisna. Kanaafuu, gorsa yommuu gaafatamnu, yaada mataa keenyaa babalʼisuu ykn akkasumaan wanta jalqaba sammuu keenyatti dhufe matumaa dubbachuu hin barbaannu. Kanaa mannaa, gorsa Kitaaba Qulqulluu fi barreeffamoota keenya warra Kitaaba Qulqulluu irratti hundaaʼan keessa jiran irratti akka xiyyeeffatan gochuu qabna. Karaa kanaan humni keenya daangaa akka qabu amannee akka fudhanne argisiisna. Gad of qabuudhaan, ‘ajajawwan qajeeloo’ Isa Hundumaa Dandaʼu sanaatiif beekamtii kennina.—Mul. 15:3, 4. w20.08 11 key. 14-15

Kamisa, Fulbaana 22

Garmalee qajeelaa hin taʼin, garmalees ogeessa hin taʼin. Maaliif badiisa ofitti fidda?—Lal. 7:16.

Michuu kee tokkoof gorsa kennuu akka qabdu yoo sitti dhagaʼame, qabxiiwwan kamfaa sammuutti qabachuu qabda? Michuu keetti dubbachuu kee dura, ‘“Garmalee qajeelaa” of gochaan jiraa?’ jedhii of gaafadhu. Namni garmalee qajeelaa of godhu ulaagaa Yihowaatiin utuu hin taʼin, ulaagaa ofii isaatiin warra kaanitti murteessa, tarii immoo gara laafinas hin qabu taʼa. Erga of qortee booda michuu kee haasofsiisuu akka qabdu yoo hubatte, dogoggora raawwatame adda baasii dubbadhu, akkasumas michuun kee dogoggora isaa akka hubatu gargaaruuf gaaffiiwwan ilaalchaatti fayyadami. Michuun kee si duratti utuu hin taʼin, Yihowaa duratti akka itti gaafatamu yaadachuudhaan, gorsi kennitu Kitaaba Qulqulluu irratti kan hundaaʼe taʼuu isaa mirkaneessi. (Rom. 14:10) Ogummaa Dubbii Waaqayyoo keessa jirutti amanami, akkasumas yeroo nama tokko gorsitu gara laafina argisiisuu irratti fakkeenya Yesuus hordofi. (Fak. 3:5; Mat. 12:20) Maaliif? Sababiin isaas Yihowaan akkaataa nuti warra kaan itti qabnuun nu qaba.—Yaq. 2:13. w20.11 21 key. 13

Jimaata, Fulbaana 23

Wanta alaan mulʼatu ilaaltanii murteessuu dhiisaa; kanaa mannaa murtii qajeelaa murteessaa.—Yoh. 7:24.

Namoonni bifa kee, boca fuula kee ykn guddina qaama kee irratti hundaaʼanii akka sitti murteessan ni barbaaddaa? Akka hin barbaanne beekamaa dha. Maarree Yihowaan wanta namoonni ijaan argan irratti hundaaʼee kan nutti hin murteessine taʼuu isaa beekuun keenya nama hin jajjabeessuu? Fakkeenyaaf, Saamuʼel yommuu ilmaan Issey argetti wanta Yihowaan ilaale hin ilaalle. Yihowaan ilmaan Issey keessaa tokko mootii Israaʼel akka taʼu Saamuʼelitti himee ture. Garuu namni mootii taʼu kun eenyu? Saamuʼel ilma angafaa Isey kan taʼe Eeliyaabiin yommuu argu, “Dhugumaan inni Waaqayyoof dibamu kunoo, fuula isaa dura in ijaajja” jedhe. Eeliyaab mootii fakkaata ture. “Waaqayyo garuu Saamuʼeliin, ‘Ani waanan isa tuffadheef bifa isaa fi dheerina hojjaa isaatii hin ilaalin!’” jedhe. Kana irraa maal baranna? Yihowaan itti fufuudhaan, “Namni fuula ilaala, ani Waaqayyo garuu garaan ilaala” jedhe. (1 Sam. 16:1, 6, 7) Nutis akkaataa obbolootaa fi obboleettota keenya itti qabnu irratti fakkeenya Yihowaa hordofuun keenya gaarii dha. w20.04 14 key. 1; 15 key. 3

Sanbadduraa, Fulbaana 24

Ija keessan ol kaasaa maasicha ilaalaa; midhaan bilchaatee haamaadhaaf gaʼeera.—Yoh. 4:35.

Yesuus maasiiwwan keessa deemaa ture; tarii kun maasii garbuu reefuu guddachaa jiru taʼuu hin oolu. (Yoh. 4:3-6) Midhaan kun gara jiʼa afurii booda haamaadhaaf ni gaʼa. Yesuus, “Ija keessan ol kaasaa maasicha ilaalaa; midhaan bilchaatee haamaadhaaf gaʼeera” jechuudhaan wanta baramaa hin taane tokko dubbate. (Yoh. 4:35, 36) Maal jechuu isaa ture? Haala isaa irraa hubachuun akka dandaʼamutti, Yesuus waaʼee namoota walitti qabuu fakkeenyaan dubbachaa ture. Mee wanta yeroo kanatti taʼe ilaalaa. Walumaa galatti Yihudoonni namoota Samaariyaa ni jibbu turan; taʼus, Yesuus dubartii Samaariyaa tokkoof kan lallabe siʼa taʼu, ishiinis isa dhaggeeffatteetti! Yesuus yeroo waaʼee midhaan “bilchaatee haamaadhaaf gaʼe” sanaa dubbachaa turetti, namoonni Samaariyaa hedduun warri waaʼee Yesuus dubartittii irraa dhagaʼan sun caalaatti isa irraa barachuuf gara isaa dhufaa turan. (Yoh. 4:9, 39-42) Barreeffamni Kitaaba Qulqulluu irratti ibsa kennu tokko seenaa kana ilaalchisee, “Hawwiin namoonni kun qaban . . . akkuma midhaan haamaadhaaf gaʼee taʼuu isaanii kan argisiisu ture” jedheera. w20.04 8 key. 1-2

Dilbata, Fulbaana 25

Jaalalaa fi hojii gaariidhaaf wal kakaasuuf, xiyyeeffannaa waliif haa kenninu.—Ibr. 10:24.

Walgaʼiiwwan keenya tajaajilaaf nu hidhachiisuudhaan akka fakkeenyaatti dandeettii waraana irratti qabnu akka fooyyeffannu nu gargaaru. Fakkeenyaaf, Meeshaalee Barsiisuuf Itti Fayyadamnu sirriitti fayyadamuu baranna. Kanaafuu walgaʼii gumiitiif akka gaariitti qophaaʼi. Akkasumas xiyyeeffannaadhaan dhaggeeffadhu. Walgaʼii booda immoo leenjii argatte hojii irra oolchi. Wantoota kana gochuudhaan “loltuu Kiristoos Yesuus isa gaarii” taata. (2 Xim. 2:3) Kana malees, gargaarsa maleekota miliyoonaan lakkaaʼamanii fi humna cimaa qabanii ni arganna. Mee maleekaan tokko qofti maal gochuu akka dandaʼu yaadi. (Isa. 37:36) Raayyaan maleekotaa guddaan tokko hoo maal gochuu dandaʼa? Namni ykn jinniin kam iyyuu humna waraanaa Yihowaa wajjin wal hin qixxaatan. Yihowaan humna guddaa qaba. Kanaafuu inni nu wajjin jira taanaan mormitoonni keenya hammam illee yoo baayʼatan isaan caalla. (Abo. 6:16) Kun dhugaa taʼuu isaa hin shakkinu. Kanaafuu namni si wajjin hojjetu, si wajjin baratu ykn firri kee Dhugaa Baatuu hin taane tokko wanta dubbatuun ykn wanta godhuun yommuu si sodaachisu yaada kana hin irraanfatin. Waraana kana irratti kophaa kee akka hin taane yaadadhu. Qajeelfama Yihowaa hordofaa jirta. w21.03 29 key. 13-14

Wiixata, Fulbaana 26

Warri duʼan hin kaʼan yoo taʼe, “boru waan duunuuf, haa nyaannu, haa dhugnus.”—1 Qor. 15:32.

Phaawulos ergamaan yaada kana kan fudhate Isaayyaas 22:13, isa ilaalcha Israaʼelootaa ibsu irraa taʼuu dandaʼa. Isaan jaalala Waaqayyoof qaban cimsachuu mannaa, of gammachiisuu irratti xiyyeeffatu turan. Israaʼeloonni kun yaada yeroo ammaattis baramaa taʼee fi yeroo kamitti iyyuu duʼuu waan dandeenyuuf, of haa gammachiisnu jedhu qabu turan. Yihowaan warra duʼan duʼaa akka kaasu beekuun keenya namoota michoota keenya akka taʼan filannu irratti dhiibbaa akka godhu ifa dha. Obboloonni Qorontos jiran namoota duʼaa kaʼuun hin jiru jedhanitti michoomuu irraa of eeggachuu qabu turan. Barumsa kana irraa argannu qabna: Michoota wanta fuulduratti taʼuuf dhimma hin qabnee fi gammachuu argachuu qofa irratti xiyyeeffatanii wajjin yeroo dheeraa yoo dabarsine, dhiibbaa gadhee nu irraan geessisu. Kiristiyaanni dhugaan tokko namoota akkasii wajjin taʼuun isaa ilaalchaa fi amala isaa balleessuu dandaʼa; darbees namoonni kun wantoota Waaqayyo jibbu akka raawwatu isa gochuu dandaʼu. Kanaafuu, Phaawulos, “Gara qalbii keessaniitti deebiʼaa, cubbuu hojjechuu hin amaleeffatinaa” jechuudhaan gorsa cimaa kenneera.—1 Qor. 15:33, 34. w20.12 9 key. 3, 5-6

Kibxata, Fulbaana 27

Mataan dhiira hundumaa Kiristoos, mataan dubartii dhiira, mataan Kiristoos immoo Waaqayyo [dha].—1 Qor. 11:3.

Caqasni kun Yihowaan maatii isaa uumama cufa keessa jiran akkamitti akka gurmeesse ibsa. Matummaan wantoota murteessoo taʼan lama of keessatti qabata; isaanis aangoo fi itti gaafatamummaa dha. “Mataa” kan taʼe ykn aangoo hunda caalu kan qabu Yihowaa dha. Ijoolleen isaa hundi, jechuunis maleekonnis taʼan namoonni immoo akkaataa aangoo isaanii itti fayyadamaniif isa biratti itti gaafatamu. (Rom. 14:10; Efe. 3:14, 15) Yihowaan Yesuusiif gumii irratti aangoo kenneera; taʼus Yesuus akkaataa itti nu qabuuf isa duratti itti gaafatama. (1 Qor. 15:27) Yihowaan abbaa manaatiifis haadha manaa fi ijoollee isaa irratti aangoo kenneera. Maarree mataa maatii gaarii taʼuu barachuu kan dandaʼu akkamitti? Dhiirri tokko mataa maatii gaarii taʼuuf, wanta Yihowaan isa irraa barbaadu hubachuu qaba. Kana malees, Yihowaan matummaa maaliif akka hundeessee fi fakkeenya Yihowaa fi Yesuus akkamitti hordofuu akka dandaʼu beekuu qaba. Dhiirri tokko beekumsa akkasii argachuun maaliif isa barbaachise? Sababiin isaas Yihowaan mataawwan maatiitiif hamma tokko aangoo kenneera; karaa sirrii taʼeen akka itti fayyadamanis isaan irraa eega.—Luq. 12:48b. w21.02 2 key. 1-3

Roobii, Fulbaana 28

Ani Waaqa kee Yihowaa isa wanta si fayyadu si barsiisu [dha].—Isa. 48:17.

Fakkeenya Yihowaa hordofuudhaan wantoota tokko tokko irraanfachuuf filachuun keenya gaarii dha. Fakkeenyaaf, Yihowaan dandeettii yaadachuu mudaa hin qabne kan qabu taʼus, yaada yoo geddaranne dogoggora raawwannuuf dhiifama gochuu fi irraanfachuu filata. (Far. 25:7; 130:3, 4) Nutis yommuu warri kaan dogoggora nu miidhe tokko raawwatanii dhiifama gaafatan akkanuma akka isaaniif goonu barbaada. (Mat. 6:14; Luq. 17:3, 4) Sammuu keenya karaa isa kennaa kana nuu kenneef ulfina fiduun itti fayyadamuudhaan kennaa dinqisiisaa taʼe kana akka dinqisiifannu argisiisuu dandeenya. Namoonni tokko tokko wanta sirrii fi dogoggora taʼe ilaalchisee ulaagaa mataa isaanii baasuudhaan sammuu isaanii kaayyoo ofittummaatiif itti fayyadamuu filataniiru. Haa taʼu malee, kan nu uume Yihowaa waan taʼeef, ulaagaan isaa ulaagaa nuti ofii keenyaaf baasuu dandeenyu kam irra iyyuu akka wayyu eeguun keenya sirrii dha. (Rom. 12:1, 2) Akka ulaagaa isaatti yommuu jiraannu jireenyi keenya nagaa qabaata. (Isa. 48:18) Kana malees, jireenyi keenya kaayyoo qabaata, kaayyoon kunis Uumaa fi Abbaa keenyaaf ulfina fiduu fi isa gammachiisuu dha.—Fak. 27:11. w20.05 23-24 key. 13-14

Kamisa, Fulbaana 29

Hoʼisaa wal jaalladhaa.—Rom. 12:10.

Yeroo harʼaa obbolootaa fi obboleettota keenyaaf jaalala guddaa horachuu kan dandeenyu akkamitti? Namoota hidhata amantii keenyaa taʼan yommuu caalaatti beeknu, isaan hubachuu fi jaalala guddaa isaaniif qabaachuun salphaa nuuf taʼa. Umurii fi akkaataan guddinaa jaalala akka walitti hin argisiisne nu gochuu hin qabu. Yonaataan Daawitiin gara waggaa 30 akka caalu yaadadhaa; taʼus, michummaa cimaa isaa wajjin uumeera. Nama umuriidhaan si caalu ykn sii gad taʼe tokkotti michoomuuf fedhii qabdaa? Akkas gochuudhaan ‘guutummaa waldaa obbolootaatiif jaalala akka qabdu’ argisiista. (1 Phe. 2:17) Namoota amantiidhaan nutti firoomaniif jaalala guddaa qabaanna jechuun, warra gumii keessa jiran hundatti wal qixa dhihaanna jechuudhaa? Lakki, kun waan hin fakkaanne dha. Wantoota wal fakkaatu waan jaallannuuf, warra kaan caalaa namoota tokko tokkotti dhihaachuun dogoggora jechuu miti. Yesuus ergamoota isaa hunda “michoota” jedhee kan waame taʼus, Yohaannisiif jaalala addaa qaba ture. (Yoh. 13:23; 15:15; 20:2) Taʼus, Yohaannisiif hin loogne.—Mar. 10:35-40. w21.01 23 key. 12-13

Jimaata, Fulbaana 30

Isin warra kaan caalaa . . . waaqolii [ni sodaattu].—HoE. 17:22.

Phaawulos ergamaan ergaa isaa akkaataa Yihudoota mana sagadaa keessa turaniif lallabeen namoota Yihudoota hin taanee fi Ateenaa keessa turaniif hin lallabne. Xiyyeeffannaadhaan wanta naannoo isaatti raawwatamu ilaaleera; akkasumas barsiifata amantii isaanii qalbeeffateera. (HoE. 17:23) Itti aansuudhaan, wanta akkaataa waaqeffannaa isaanii fi dhugaa Kitaabota Qulqulluu keessatti argamu wal fakkeessu argachuuf yaaleera. Kanaafuu, Phaawulos akkaataa dhiheenyaa isaa akka haala isaatti jijjiiruuf fedhii qaba ture. Ergaan isaa “Waaqa hin Beekamne” isa isaan waaqeffachuuf yaalan irraa akka dhufe namoota Ateenaatti himeera. Namoonni Yihudoota hin taane Kitaabota Qulqulluu kan hin beekne taʼanis, Phaawulos isaanitti abdii hin kutanne. Kanaa mannaa, midhaan bilchaatee haamaadhaaf gaʼe akka taʼanitti isaan ilaaleera; misiraachicha lallabuufis akkaataa dhiheenyaa isaa irratti sirreeffama godheera. Akkuma Phaawulos, wanta naannoo keessanitti argamu qalbeeffadhaa. Wantoota namoonni naannoo keessanitti argaman itti amanan hubadhaa. Abbaan manichaa mana isaa ykn konkolaataa isaa kan miidhagse akkamitti? Maqaan isaa, akkaataan uffannaa fi miidhaginaa isaa ykn jechoonni inni itti fayyadamu amantiin isaa maal akka taʼe ni ibsaa? w20.04 9-10 key. 7-8

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi