Onkoloolessa
Sanbadduraa, Onkoloolessa 1
“Akka inni isa barsiisuuf, eenyutu yaada Yihowaa beeke?” Nuti garuu yaada Kiristoos qabna.—1 Qor. 2:16.
Yesuusiin caalaatti beekaa yommuu deemnu, akkaataa inni itti yaaduu fi wantoota tokko tokko itti raawwatu hordofna. Akkasumas akkaataa inni itti yaadu caalaatti yommuu beeknuu fi hordofnu, michummaan isaa wajjin qabnu ni cima. Fakkeenya Yesuus hordofuu kan dandeenyu akkamitti? Mee fakkeenya tokko qofa ilaalaa. Yesuus waaʼee of gammachiisuu caalaa waaʼee warra kaan gargaaruu yaada ture. (Mat. 20:28; Rom. 15:1-3) Ilaalcha akkasii waan qabuufis, inni nama fedha ofii aarsaa godhuu fi warra kaaniif dhiifama godhu ture. Wanta namoonni waaʼee isaa dubbataniin salphaatti hin aaru ture. (Yoh. 1:46, 47) Kana malees, dogoggora namoonni kanaan dura raawwatan irratti hundaaʼuudhaan yeroo hunda akkuma sana akka taʼanitti isaan hin ilaalu ture. (1 Xim. 1:12-14) Yesuus, “Isin yoo jaalala waliif qabaattan, namoonni hundi akka isin barattoota koo taatan kanaan ni beeku” jedheera. (Yoh. 13:35) Isinis, “Obbolootaa fi obboleettota koo wajjin nagaa qabaachuuf wantan dandaʼu hunda gochuudhaan fakkeenya Yesuus hordofaan jiraa?” jettanii of gaafachuun keessan gaarii dha. w20.04 24 key. 11
Dilbata, Onkoloolessa 2
Isaan maqaa koo ni qulqulleessu.—Isa. 29:23.
Addunyaa namoota maqaa Yihowaa balleessanii fi isa arrabsaniin guutame keessa kan jiraattu taʼus, dhugaadhaaf falmuu fi waaʼee isaa dubbachuuf, jechuunis Yihowaan qulqulluu, qajeelaa, gaarii fi jaalala qabeessa akka taʼe isaaf falmuu fi dubbachuuf carraa qabda. Bulchiinsa isaa deggeruu ni dandeessa. Bulchiinsi dhugumaan qajeelaa taʼee fi uumama hundumaaf nagaa fi gammachuu fidu kan isaa qofa akka taʼe dubbachuu ni dandeessa. (Far. 37:9, 37; 146:5, 6, 10) Yihowaan uumama cufa bulchuuf mirga waan qabuu fi kunis guutummaatti sirrii waan taʼeef, dhugaa Kitaaba Qulqulluu namoota kaan yommuu barsiisnu, yeroo baayʼee ol aantummaa Waaqayyootiif xiyyeeffannaa guddaa kennina. Haa taʼu malee, seera Waaqayyoo irratti xiyyeeffachuun barbaachisaa taʼus, galmi keenya inni guddaan warri kaan Abbaa keenya Yihowaa akka jaallatanii fi isaaf amanamoo akka taʼan gargaaruu dha. Kanaafuu, qaama maqaa Yihowaa jedhuun bakka buufameef xiyyeeffannaa kennuudhaan, amalawwan Yihowaa warra gaggaarii taʼan cimsinee ibsuun keenya barbaachisaa dha. (Isa. 63:7) Karaa kanaan yommuu barsiisnu, warri kaan Yihowaaf amanamoo taʼuu waan barbaadaniif, akka isa jaallatanii fi akka isaaf ajajaman isaan gargaarra. w20.06 6 key. 16; 7 key. 19
Wiixata, Onkoloolessa 3
Inni namaaf afaan tolche eenyu? . . . Ana Yihowaa mitii?—Bau. 4:11.
Sammuun namaa karaa dinqisiisaa taʼeen kan uumame dha. Yommuu gadameessa haadha kee keessa turtetti, sammuun kee akka itti dursee qophaaʼeen guddachaa ture; daqiiqaa tokko keessattis seelonni sammuu haaraan kumaatamaan lakkaaʼaman uumamaa turan! Namoonni qorannoo geggeessan sammuun nama gaʼeessa taʼe tokkoo tilmaamaan seelota addaa niwuroonii jedhamanii fi gara biliyoona 100 taʼan akka qabu dubbatu. Seelonni kun sammuu keenya isa gara kiilogiraamii 1.5 ulfaatu uumaniiru. Dandeettii dinqisiisaa sammuun keenya qabu keessaa tokko dandeettii dubbachuu ti. Jecha tokko yommuu dubbattutti, sammuun kee sochii maashaalee arraba, qoonqoo, hidhii, mangaagaa fi qoma kee irratti raawwatamanii fi gara 100 taʼan ni qindeessa. Wanti dubbattu akka hubatamuuf maashaaleen kun hundi sirriitti yeroo isaanii eeganii sochoʼuu qabu. Dandeettii afaan adda addaa dubbachuu ilaalchisee qorannoon bara 2019tti baʼe tokko, daaʼimman reefuu dhalatan jechoota tokko tokko hubachuu akka dandaʼan ibseera. Kun wanta namoonni qorannoo geggeessan hedduun itti amanan, jechuunis dandeettii afaan hubachuu fi barachuu qabaannee akka dhalanne ibsu kan deggeru dha. Dhuguma iyyuu, dandeettiin dubbachuu keenya kennaa Waaqayyo biraa argame dha. w20.05 22-23 key. 8-9
Kibxata, Onkoloolessa 4
Inni magaalaa buʼuura dhugaa qabdu, ishii Waaqayyo pilaanii ishii qopheessee fi ijaare sana eeggata ture.—Ibr. 11:10.
Abrahaam jireenya mijataa Ur keessatti jiraachuu dandaʼu fedhiidhaan dhiisee baʼeera. Maaliif? “Magaalaa hundee dhugaa qabu” eeggachaa waan tureefi. (Ibr. 11:8-10, 16) Magaalaan Abrahaam eeggachaa ture Mootummaa Waaqayyoo ti. Mootummaan kun Yesuus Kiristoosii fi Kiristiyaanota dibamoo 144,000 taʼaniin kan hundaaʼe dha. Phaawulos Mootummaa kana “magaalaa Waaqayyo jiraataa, jechuunis Yerusaalem ishii samii” jedhee waameera. (Ibr. 12:22; Mul. 5:8-10; 14:1) Yesuus barattoonni isaa, akkuma fedhiin Waaqayyoo samii irratti raawwatame, lafa irrattis akka raawwatamuuf, Mootummaan kun akka dhufu akka kadhatan barsiiseera. (Mat. 6:10) Abrahaam Mootummaan Waaqayyoo akkamitti akka gurmaaʼu balʼinaan beeka turee? Lakki. Jaarraawwan hedduudhaaf odeeffannoon kun “iccitii qulqulluu” taʼee tureera. (Efe. 1:8-10; Qol. 1:26, 27) Taʼus, Abrahaam sanyii isaa keessaa tokko tokko mootota akka taʼan beekee ture. Yihowaan kana ilaalchisee waadaa isaaf galeera.—Uma. 17:1, 2, 6. w20.08 2-3 key. 2-4
Roobii, Onkoloolessa 5
[Gooftaa] wajjin tokkummaa qabaattanii deddeebiʼuu keessan itti fufaa; . . . isa irratti hidda gad fageeffadhaatii ijaaramaa, amantiittis cimaa.—Qol. 2:6, 7.
Barumsawwan gantootaa irraa fagaachuu qabna. Gumiin Kiristiyaanaa erga hundeeffamee jalqabee, Diyaabilos sammuu tajaajiltoota Waaqayyoo taʼan keessatti shakkii uumuuf gowwoomsitoota hedduutti fayyadamaa jira. Kanaan kan kaʼes, garaa garummaa wanta dhugaa fi soba taʼe gidduu jiru akkamitti akka adda baasnu beekuu nu barbaachisa. Diinonni keenya amanannaa Yihowaa irratti qabnuu fi jaalala obboloota keenyaaf qabnu laaffisuuf intarneetii fi weebsaayitii hawaasaatti fayyadamuuf yaalu taʼa. Qaama olola akkasii duuba jiru yaadachuudhaan, irraa fagaadhaa! (1 Yoh. 4:1, 6; Mul. 12:9) Haleellaa Seexanaa dandamachuuf, amanannaa Yesuusii fi gaʼee inni kaayyoo Waaqayyoo keessatti qabu irratti qabnu cimsachuu qabna. Kana malees, karaa tokkicha Yihowaan yeroo ammaatti itti fayyadamaa jiru irratti amanannaa qabaachuu qabna. (Mat. 24:45-47) Yeroo hundumaa Dubbii Waaqayyoo qoʼachuudhaan amanannaa keenya cimsachuu qabna. Taanaan amantiin keenya akkuma muka hidda isaa baayʼee gadi fageeffatee taʼa. Phaawulos ergamaan yaada caqasa guyyaa harʼaa irra jiru yeroo barreessu wanta kanaa wajjin wal fakkaatu dubbateera. w20.07 23-24 key. 11-12
Kamisa, Onkoloolessa 6
Namni wanta alaan mulʼatu ilaala; Yihowaan garuu garaa namaa ilaala.—1 Sam. 16:7.
Namoota mudaa qaban waan taaneef hundi keenya wanta alaan mulʼatu irratti hundoofnee warra kaanitti murteessuuf ni qoramna. (Yoh. 7:24) Haa taʼu malee, ija keenyaan ilaaluudhaan waaʼee nama tokkoo wanta baayʼee beekuu hin dandeenyu. Kana fakkeenyaan ibsuuf, doktarri dandeettii fi muuxannoo qabu illee ija isaatiin qofa ilaaluudhaan waaʼee nama dhukkubsate tokkoo wanta baayʼee beekuu hin dandaʼu. Seenaa yaalii fayyaa, miira ykn mallattoo nama dhukkubsate sanaa beekuuf xiyyeeffannaadhaan dhaggeeffachuu qaba. Doktarri sun keessa qaama dhukkubsataa sanaa ilaaluuf namni sun raajii akka kaʼu illee ajajuu dandaʼa. Taʼuu baannaan dhukkuba sanaaf yaalii dogoggoraa gochuu dandaʼa. Haaluma wal fakkaatuun, wanta alaan mulʼatu ilaaluudhaan qofa obbolootaa fi obboleettota keenya guutummaatti hubachuu hin dandeenyu. Keessa namummaa isaanii hubachuuf yaalii gochuu qabna. Dhugaa dha, garaa namootaa dubbisuu hin dandeenyu. Haa taʼu malee, Yihowaa fakkaachuuf carraaqqii gochuu dandeenya. Yihowaan warra isa waaqeffatan kan qabu akkamitti? Isaan dhaggeeffata. Akkaataa guddinaa fi haala isaanii tilmaama keessa ni galcha. Akkasumas gara laafina isaanitti argisiisa. w20.04 14-15 key. 1-3
Jimaata, Onkoloolessa 7
Sammuu fayyaa akka [qabdan] karaa argisiisuun [yaadaa].—Rom. 12:3.
Namoonni of tuulan “sammuu fayyaa” waan hin qabneef, amala gad of qabuu horachuu qabna. Namoonni of tuulan falmuu fi iddoo guddaa argachuu jaallatu. Yaannii fi gochi isaanii yeroo baayʼee ofii isaanis taʼe warra kaan akka miidhan taasisa. Ilaalcha isaanii jijjiiruu baannaan, Seexanni sammuu isaanii jaamsuu fi mancaasuu dandaʼa. (2 Qor. 4:4; 11:3) Faallaa kanaatiin immoo, namni gad of qabu tokko sammuu fayyaa qaba. Ofii isaatiif ilaalcha madaalamaa waan qabuuf, warri kaan karaa hedduudhaan akka isa caalan ni hubata. (Filp. 2:3) Akkasumas ‘Waaqayyo warra of tuulan akka mormuu fi warra gad of qabaniif garuu gaarummaa guddaa akka kennu’ beeka. (1 Phe. 5:5) Namoonni sammuu fayyaa qaban Yihowaan akka isaan mormu hin barbaadan. Amala gad of qabuu qabaannee itti fufuuf, gorsa Kitaaba Qulqulluu, “Namummaa moofaa gochawwan isaa hundumaa wajjin of irraa baasaa gataa; akkasumas namummaa haaraa . . . uffadhaa” jedhu hojii irra oolchuu qabna. Fakkeenya Yesuus qoʼachuu fi hamma nuuf dandaʼame dhiheenyatti hordofuuf carraaquu qabna.—Qol. 3:9, 10; 1 Phe. 2:21. w20.07 7 key. 16-17
Sanbadduraa, Onkoloolessa 8
Qaamni utuu tokko ta’ee jiruu kutaa qaamaa hedduu [qaba].—1 Qor. 12:12.
Kutaa gumii Yihowaa taʼuun keenya mirga guddaa dha! Jannata hafuuraa namoota naga qabeeyyii fi gammadoo taʼaniin guutame keessa jirra. Maarree gumii keessatti gaʼee akkamii qabda? Phaawulos ergamaan gumicha qaama namaa wajjin wal bira qabee ibseera. Tokkoon tokkoon nama gumii keessa jiruu immoo kutaawwan qaamaa wajjin wal bira qabee ibseera. (Rom. 12:4-8; 1 Qor. 12:12-27; Efe. 4:16) Fakkeenya Phaawulos irraa barumsi argannu inni tokkoffaan, tokkoon tokkoon keenya maatii Yihowaa keessatti iddoo barbaachisaa qabaachuu keenya dha. Phaawulos fakkeenya isaa akkas jedhee jalqabe: “Akkuma qaamni keenya utuu tokko taʼee jiruu, kutaawwan qaamaa hedduu qabuu fi kutaawwan qaamaa hundis hojii wal fakkaatu hin qabne, nutis hedduu taanee utuu jirruu, tokkummaa Kiristoosii wajjin qabnuun qaama tokko dha; haa taʼu malee, hundi keenya dhuunfaatti kutaa qaama walii ti.” (Rom. 12:4, 5) Ergaan Phaawulos dabarsuu barbaade maal ture? Tokkoon tokkoon keenya gumii keessatti gaʼee gara garaa qabna, taʼus, hundi keenya iyyuu iddoo guddaa qabna. w20.08 20 key. 1-2, 4
Dilbata, Onkoloolessa 9
Yihowaanis, “Akkamitti isa gowwoomsita?” jedhee isa gaafate?—1 Mot. 22:21.
Warra kan taatan, gad of qabuu ilaalchisee fakkeenya Yihowaa akkamitti hordofuu dandeessu? Yeroo sirrii taʼutti, hojiin tokko akkamitti hojjetamuu akka qabu yaada akka kennan ijoollee keessan gaafadhaa. Gaarii yoo taʼe, yaada isaan kennan hordofaa. Yihowaan tajaajiltoonni isaa murtoo inni godhe irratti yommuu gaaffii kaasanittis obsa argisiisuudhaan fakkeenya nuuf taʼa. Murtoo inni Sodoomii fi Gomoraa balleessuuf godhe ilaalchisee Abrahaam yaaddoo qabu yommuu ibsu isa dhaggeeffateera. (Uma. 18:22-33) Kana malees, haadha manaa Abrahaam Saaraa wajjin haala wal qabateen maal akka godhe yaadadhu. Saaraan erga dulloomtee booda akka ulfooftu abdii inni kennetti yommuu ishiin kolfitu hin mufanne ykn hin aarre. (Uma. 18:10-14) Kanaa mannaa, Saaraa ulfinaan qabeera. Warraa fi jaarsolii kan taatan, fakkeenya Yihowaa irraa maal barachuu dandeessu? Namoonni aangoo keessan jala jiran murtoo isin gootan irratti walii galuu yoo didan maal gootu? Yeruma sana tarkaanfiin fudhattan isaan sirreessuu dhaa? Moo ilaalcha isaanii hubachuuf yaaltu? Namoonni aangoo qaban fakkeenya Yihowaa yommuu hordofan, maatiiwwanii fi gumiiwwan akka fayyadaman beekamaa dha. w20.08 10 key. 7-9
Wiixata, Onkoloolessa 10
Humni koo guutuu kan taʼu yeroo ati dadhabdutti dha.—2 Qor. 12:9.
Yeroo saba Yihowaa wajjin wal arguu jalqabnetti, karaa hafuuraa ijoollee akka taanee fi wantoota baayʼee barachuu akka qabnu hubannee warra kaan irraa gargaarsa argachuuf fedhii cimaa qabna turre taʼa. (1 Qor. 3:1, 2) Yeroo ammaatti hoo? Waggoota hedduudhaaf Yihowaa tajaajilaa kan turree fi muuxannoo hedduu kan qabnu yoo taʼe, gargaarsa warri kaanii, keessumaa immoo gargaarsa obboloonni hamma keenya dhugaa keessa hin turre nuuf kennan fudhachuuf fedhii hin qabnu taʼa. Taʼus, Yihowaan nu jajjabeessuuf yeroo baayʼee obbolootaa fi obboleettota keenyatti fayyadama. (Rom. 1:11, 12) Humna Yihowaan kennu argachuu yoo barbaanne dhugaa kana amannee fudhachuu qabna. Milkaaʼinni nama tokkoo jabina qaamaa, sadarkaa barumsaa, qabeenya ykn iddoo hawaasa keessatti qabu irratti utuu hin taʼin, gad of qabuu fi Yihowaatti amanamuu isaa irratti kan hundaaʼe dha. Hundi keenya (1) Yihowaatti amanamuudhaan, (2) fakkeenyota Kitaaba Qulqulluu keessatti ibsaman irraa barachuudhaan, akkasumas (3) gargaarsa obboloonni keenya nuuf godhan fudhachuudhaan gara fuulduraatti deemuu keenya itti haa fufnu! Taanaan, hammam dadhabinni kan nutti dhagaʼamu taʼu illee, Yihowaan cimoo nu taasisa. w20.07 14 key. 2; 19 key. 18-19
Kibxata, Onkoloolessa 11
Akkuma jalqabaa kaasee gochaa turtan [dhimmaa hojjedhaa]; kunis isin dhibaaʼoo akka hin taaneefi; kanaa mannaa, fakkeenya warra amantii fi obsaan abdii sana dhaalanii akka hordoftaniifi.—Ibr. 6:11, 12.
Yeroon obsa qabaachuun nutti ulfaatu tokko yommuu firoottan keenya Dhugaa Baatota hin taaneef lallabnu dha. Gama kanaan qajeelfamni Lallaba 3:1, 7 irratti argamu nu gargaaruu dandaʼa. Caqasichi, “Calluma jechuun yeroo qaba, dubbachuunis yeroo qaba” jedha. Dubbachuun utuu nu hin barbaachisin amalli keenya inni gaariin dhugaa akka baʼu heyyamuu qabna, taʼus, yeroo hundumaa carraa itti waaʼee dhugaa dubbannu argachuuf dammaqoo taʼuu qabna. (1 Phe. 3:1, 2) Hinaaffaadhaan yeroo lallabnuu fi barsiisnutti miseensota maatii keenya dabalatee namoota hundumaatti obsa argisiisuu qabna. Fakkeenya namoota amanamoo Kitaaba Qulqulluu keessatti ibsamanii fi bara keenyatti argamanii irraa obsa barachuu dandeenya. Anbaaqom hamminni akka badu hawwee kan ture taʼus, “Ani iddoo dhaabatanii eegan irra dhaabadhee nan eega” jechuudhaan obsa akka qabu argisiiseera. (An. 2:1) Phaawulos ergamaan tajaajila isaa ‘xumuruuf’ hawwii guddaa qabu ibsee ture. Taʼus, obsaan ‘misiraachicha guutummaatti dhugaa baʼuu’ isaa itti fufeera.—HoE. 20:24. w20.09 11-12 key. 12-14
Roobii, Onkoloolessa 12
[Yesuus] aangoo Waaqayyoo saamuuf, jechuunis Waaqayyoo wajjin qixxee taʼuuf hin yaanne.—Filp. 2:6.
Yesuus inni Yihowaatti aansee aangoo guddaa qabu waaʼee ofii isaa hamma yaaduu qabu caalaa hin yaadne. Tajaajiltoonni Yihowaa gad of qaban, miira jaalalaa jaarmiyaa Waaqayyoo adda baasee beeksisuuf gumaacha godhu. (Luq. 9:48; Yoh. 13:35) Haa taʼu malee, gumii keessa rakkinni tokko akka jiruu fi dhimmichaaf furmaanni akka hin kennamne yoo sitti dhagaʼame hoo? Gungumuu mannaa warra dura buutota taʼan deggeruudhaan akka gad of qabdu argisiisuu dandeessa. (Ibr. 13:17) Kana gochuuf akka si gargaaruuf akkas jedhii of gaafadhu: ‘Rakkoowwan ani arge dhuguma rakkinoota ciccimoo sirreeffamuu qabani dhaa? Kana sirreessuuf yeroo sirriin amma dhaa? Rakkoowwan kana sirreessuuf aangoo qabaa? Tokkummaan akka dagaagu haqaan yaalaan jira moo, of beeksisuuf carraaqqii gochaan jira?’ Yihowaan dandeettii caalaa gad of qabuudhaaf, buʼa qabeessa taʼuu caalaa tokkummaadhaaf iddoo guddaa kenna. Kanaafuu, gad of qabuudhaan Yihowaa tajaajiluuf wanta dandeessu hunda godhi. Akkas gochuudhaan, gumii keessatti tokkummaan akka dagaagu goota.—Efe. 4:2, 3. w20.07 4-5 key. 9-11
Kamisa, Onkoloolessa 13
Yesuus, “Hin sodaatinaa! Dhaqaatii . . . obboloota kootti himaa” . . . isaaniin jedhe.—Mat. 28:10.
Yesuus gargaarsa dubartoonni Waaqayyoof bulanii fi “qabeenya isaaniitiin” isa tajaajilan isaaf godhan dinqisiifateera. (Luq. 8:1-3) Inni mirga kana akka argatan isaaniif heyyamuu qofa utuu hin taʼin, dhugaawwan hafuuraa gad fageenya qabanis isaaniif ibseera. Fakkeenyaaf, akka duʼuu fi akka duʼaa kaʼu isaanitti himeera. (Luq. 24:5-8) Akkuma ergamoota isaatiif godhe dubartoota kanas qorumsa fuulduratti isaan mudatuuf isaan qopheesseera. (Mar. 9:30-32; 10:32-34) Yesuus yommuu qabametti ergamoonni isaa kan baqatan yoo taʼu, dubartoonni isa gargaaraa turan tokko tokko garuu yeroo inni muka dhiphinaa irratti duʼetti isa bira kan turan taʼuun isaa xiyyeeffannaa namaa kan harkisu dha. (Mat. 26:56; Mar. 15:40, 41) Duʼaa kaʼuu isaa jalqaba dhugaa kan baʼan dubartoota Waaqayyoof bulan turan. Yesuus dubartoonni kun duʼaa kaʼuu isaa ergamootatti akka himan isaanitti himee ture. (Mat. 28:5, 9, 10) Dhaloota Kiristoos Booda bara 33 guyyaa Phenxeqosxeetti yommuu hafuurri qulqulluun dhangalaʼe dubartoonnis iddoo sana jiraachuu hin oolan. Kana malees, dandeettii dinqiidhaan afaan haaraa dubbachuu argatanii, akkasumas “hojiiwwan Waaqayyoo warra guguddaa” warra kaanitti himanii taʼuu dandaʼa.—HoE. 1:14; 2:2-4, 11. w20.09 23 key. 11-12
Jimaata, Onkoloolessa 14
Ofii keetii fi barumsa barsiistuuf yeroo hunda xiyyeeffannaa kenni.—1 Xim. 4:16.
Barattoota gochuun hojii lubbuu baraaruu ti. Kana akkamitti beekna? Yesuus ajaja Maatewos 28:19, 20 irra jiru yeroo kennetti, “Dhaqaatii . . . isaan cuuphuudhaan . . . , namoota barattoota godhaa” jedhee ture. Cuuphaan hammam barbaachisaa dha? Ulaagaa warri fayyina argachuu barbaadan guutuu qabani dha. Namni cuuphamuu barbaadu tokko, jireenya bara baraa argachuu kan dandaʼu Yesuus waan nuuf duʼeef qofa akka taʼe amanuu qaba. Pheexiros ergamaan Kiristiyaanota obboloota isaa taʼaniin, ‘Cuuphaan, amma isin fayyisaa jira, kan isin fayyisus karaa duʼaa kaʼuu Yesuus Kiristoosi’ kan jedhe kanaaf ture. (1 Phe. 3:21) Kanaaf, barataa haaraan tokko yommuu cuuphamu jireenya bara baraa argachuuf abdii qabaata. Barattoota gochuuf “ogummaa barsiisuu” keenya guddifachuu qabna. (2 Xim. 4:1, 2) Maaliif? Sababiin isaas Yesuus ajaja, ‘Dhaqaatii barattoota godhaa; isaan barsiisaa’ jedhu nuu kenneera. Phaawulos ergamaan hojichatti “cimi; kana gochuudhaan ofii kees taʼe warra si dhagaʼan ni oolchita” jedheera. w20.10 14 key. 1-2
Sanbadduraa, Onkoloolessa 15
Ammaa jalqabee namoota lubbuudhaan jiran kan qabdu taata.—Luq. 5:10.
Pheexiros namoota qabuu jaallachuu barateera. Akkasumas Pheexiros gargaarsa Yihowaatiin hojii kana irratti baayʼee buʼa qabeessa taʼeera. (HoE. 2:14, 41) Kan lallabnu Yihowaa waan jaallannuufi, hojii kanaaf kan nu kakaasu inni guddaan kana dha. Jaalalli Yihowaadhaaf qabnu miira gaʼumsa akka hin qabne nutti dhagaʼamu kam iyyuu moʼuuf nu gargaara. Yesuus Pheexiros nama akka qabu yommuu isa afeeretti “Hin sodaatin” isaan jedhee ture. (Luq. 5:8-11) Pheexiros yoon barataa taʼe maaltu na mudata sodaan jedhu isa hin toʼanne. Kanaa mannaa, qurxummii Yesuus dinqiidhaan akka qaban isaan gargaareen ajaaʼibsiifamee ture; akkasumas Yesuusii wajjin hojjechuuf gaafatamuun akka isaaf hin malle itti dhagaʼame. Gama biraatiin atis barataa Kiristoos taʼuun maal akka gaafatu yommuu hubattu, kun humna kee ol akka taʼe sitti dhagaʼamuu dandaʼa. Taanaan, jaalala Yihowaa, Yesuusii fi ollaa keetiif qabdu cimsadhu, yoo akkas goote afeerraa Yesuus nama akka qabdu siif dhiheesse fudhachuuf kakaata.—Mat. 22:37, 39; Yoh. 14:15. w20.09 3 key. 4-5
Dilbata, Onkoloolessa 16
Kanaafuu, dhaqaatii . . . namoota barattoota koo godhaa; . . . isaan barsiisaa.—Mat. 28:19, 20.
‘Warra jireenya bara baraa argachuuf kakaʼumsa sirrii qaban’ barbaaduuf yeroo, humnaa fi qabeenya keenya gammachuudhaan kennina. (HoE. 13:48) Kana yommuu goonu fakkeenya Yesuus hordofna. Yesuus akkas jedheera: “Nyaanni koo, fedhii isa na erge sanaa raawwachuu fi hojii isaa xumuruu dha.” (Yoh. 4:34; 17:4) Nutis hawwiin garaa keenyaa kana dha. Hojii imaanaadhaan nutti kenname xumuruu barbaanna. (Yoh. 20:21) Warra qabbanaaʼan dabalatee, warri kaanis hojii kana irratti hamma dhumaatti akka nu waliin itti fufan barbaanna. (Mat. 24:13) Wanti Yesuus akka hojjennu nu ajaje salphaa miti. Taʼus, hojii kana hojjechaa kan jirru kophaa keenya miti. Yesuus nuu wajjin akka taʼu waadaa nuuf galeera. Hojii barattoota gochuu nuuf kenname, ‘Waaqayyoo wajjin hojjechuudhaan,’ akkasumas “Kiristoosii wajjin taanee” raawwanna. (1 Qor. 3:9; 2 Qor. 2:17) Kanaafuu, fiixaan baasuu dandeenya. Hojii kana raawwachuunii fi warri kaanis akkas akka godhan gargaaruun mirga guddaa dha, akkasumas baayʼee nama gammachiisa.—Filp. 4:13. w20.11 7 key. 19-20
Wiixata, Onkoloolessa 17
Yesuusis ogummaa fi qaamaan guddachaa deeme, Waaqayyoo fi namoota duratti fudhatama argachuu isaas itti fufe.—Luq. 2:52.
Yeroo baayʼee filannoon warri godhan ijoollee isaanii irratti dhiibbaa yeroo dheeraaf turu geessisa. Warri murtoo gaarii hin taane yoo godhan, ijoollee isaanii irratti rakkina geessisu. Murtoo gaarii yoo godhan garuu ijoolleen isaanii jireenya gammachiisaa jiraachuuf carraa gaarii akka argatan isaan taasisu. Dhugaa dha, ijoolleenis murtoo gaarii gochuu qabu. Murtoon hunda caaluu fi namni tokko gochuu dandaʼu, Yihowaa Abbaa keenya isa samii isa jaalala qabeessa taʼe tajaajiluu dha. (Far. 73:28) Warri Yesuus, ijoolleen isaanii Yihowaa akka tajaajilan gargaaruuf murteessanii turan, filannoon isaan godhanis Yihowaa tajaajiluun iddoo guddaa akka isaaniif qabu kan argisiisu ture. (Luq. 2:40, 41, 52) Yesuusis filannoo gaarii gaʼee kaayyoo Yihowaa keessatti qabu raawwachuuf isa gargaaru godheera. (Mat. 4:1-10) Yesuus gaarummaa kan qabu, amanamaa fi ija jabeessa taʼee guddateera. Warri Yihowaa jaallatan hundi ilma akkasii qabaachuun koorrii fi gammachuun akka isaanitti dhagaʼamu godha. w20.10 26 key. 1-2
Kibxata, Onkoloolessa 18
Ijji kee kallattiidhaan fuulduratti haa ilaalu.—Fak. 4:25.
Mee haalawwan armaan gadii yaadaa. Obboleettii maanguddoon tokko yeroo gaarii kanaan dura dabarsan yaadaa jiru. Jireenyi isaanii inni ammaa caalaatti rakkisaa taʼus, Yihowaadhaaf wanta dandaʼan hunda gochuu isaanii itti fufaniiru. (1 Qor. 15:58) Guyyaa hundumaa namoota jaallatanii wajjin addunyaa haaraa abdachiifame keessa yommuu jiraatan ija qalbii isaaniitiin ilaalu. Obboleettiin takka immoo miidhaa obboleettii kan biraan ishii irra geessiste yaadatti, taʼus mufachuu dhiisuuf filatti. (Qol. 3:13) Obboleessi tokkos dogoggora kanaan dura raawwate yaadata, taʼus amma amanamaa taʼee itti fufuu irratti xiyyeeffata. (Far. 51:10) Wanti Kiristiyaanota sadan kana wal fakkeessu maali dha? Sadanuu wanta kanaan dura dabarsan ni yaadatu, taʼus, yeroo hundumaa waaʼee wantoota kanaa hin yaadan. Kanaa mannaa, yeroo gara fuulduraa ‘kallattiidhaan fuulduratti ilaalaniiru.’ Yeroo gara fuulduraa ‘kallattiidhaan fuulduratti ilaaluun’ barbaachisaa kan taʼe maaliifi? Akkuma namni tokko yeroo hunda duuba isaa ilaalaa utuu asii fi achi hin jalʼatin deemuu hin dandeenye, nutis duubatti deebinee wanta kanaan dura dabarsine yeroo hunda ni yaadna yoo taʼe, Yihowaa guutummaatti tajaajiluu keenya itti fufuu hin dandeenyu.—Luq. 9:62. w20.11 24 key. 1-3
Roobii, Onkoloolessa 19
Xiyyeeffatee [isa ilaalee] tuffiidhaan isatti qoose.—1 Sam. 17:42.
Goliyaad inni qaamaan loltuu jabaa taʼe Daawitiin akka nama dadhabaatti ilaaleera. Goliyaad guddaa, meeshaa waraanaa sirriitti kan hidhatee fi waraanaaf akka gaariitti kan leenjiʼe ture. Faallaa kanaatiin immoo, Daawit dargaggeessa muuxannoo hin qabnee fi meeshaa waraanaa sirriitti hin hidhanne fakkaata ture. Taʼus, Daawit humna argachuuf Yihowaatti amanameera, diina isaas injifateera. (1 Sam. 17:41-45, 50) Daawit haala rakkisaa kan biraa dadhabbiin akka isatti dhagaʼamu gochuu dandaʼu dandamachuu qaba ture. Daawit, Saaʼol isa Yihowaan mootii Israaʼel akka taʼu muudee ture amanamummaadhaan tajaajileera. Saaʼol Mootichi jalqaba irratti Daawitiin ni kabaja ture. Yeroo booda garuu, of tuulummaan Saaʼol Daawititti akka hinaafu isa taasise. Saaʼol Daawititti kan hammaate taʼuu isaa irra iyyuu, isa ajjeesuuf yaalii godheera. (1 Sam. 18:6-9, 29; 19:9-11) Saaʼol Mootichi, Daawititti kan hammaate taʼus, Daawit mootii Yihowaan muude akka kabaju argisiisuu isaa itti fufeera. (1 Sam. 24:6) Daawit jabina haala rakkisaa isa muudate dandamachuuf isa barbaachisu akka isaaf kennu Yihowaatti amanameera.—Far. 18:1, ibsa jalqaba boqonnaa irra jiru. w20.07 17 key. 11-13
Kamisa, Onkoloolessa 20
Bara dhumaatti mootiin inni kibbaa [mootii kaabaa wajjin] wal ni dhiiba.—Dan. 11:40.
Raajiin waaʼee mootii kaabaa fi mootii kibbaa warra wal morkan lamaanii ibsu harki caalaan isaa raawwatameera; kanaafuu, kutaan raajii kanaa inni hafes akka raawwatamu mirkanaaʼoo taʼuu ni dandeenya. Raajii Daaniʼel boqonnaa 11 irratti galmeeffame hubachuuf, seenaan kun waaʼee bulchitootaa fi mootummoota saba Waaqayyoo irratti kallattiidhaan dhiibbaa geessisaa turanii qofa kan dubbatu taʼuu isaa yaadachuu qabna. Tajaajiltoonni Waaqayyoo uummata addunyaa irratti argamuu wajjin yommuu wal bira qabaman baayʼee xinnoo yoo taʼan iyyuu, yeroo baayʼee taʼeewwan guguddaa addunyaa irratti raawwataman keessatti bakka guddaa qabu. Kun kan taʼe maaliifi? Sababiin isaas Seexannii fi guutummaan sirna isaa kaayyoo tokko kan qabu siʼa taʼu, innis warra Yihowaa fi Yesuusiin tajaajilan balleessuu dha. (Uma. 3:15; Mul. 11:7; 12:17) Dabalataanis, raajiin Daaniʼel barreesse, raajiiwwan Dubbii Waaqayyoo keessatti argaman kaanii wajjin kan wal simu taʼuu qaba. Siruma iyyuu, raajii Daaniʼel sirriitti hubachuu kan dandeenyu, raajii kana kutaawwan Kitaaba Qulqulluu kan biroo wajjin yoo wal bira qabne qofa dha. w20.05 2 key. 1-2
Jimaata, Onkoloolessa 21
Warri duʼan kan kaafaman akkamitti? . . . Qaama akkamii qabaatu?—1 Qor. 15:35.
Duʼa booda wanta isaan mudatu ilaalchisee namoonni hedduun ilaalcha mataa isaanii qabu. Maarree, Kitaabni Qulqulluun maal jedha? Namni tokko yommuu duʼu qaamni isaa ni tortora. Taʼus, qaama isa waan hin jirre irraa uumama cufa uumeef nama sana kaasee qaama mijataa isaaf kennuun salphaa dha. (Uma. 1:1; 2:7) Phaawulos ergamaan Waaqayyo qaamuma duraan ture sana deebisee kaasuun akka isa hin barbaachisne ibsuuf fakkeenya tokko fayyadameera. Mee waaʼee ‘firii tokkoo’ ykn “sanyii” biqiltuu tokkoo yaadi. Sanyiin midhaanii lafa irratti facaafamu tokko ni biqila, achiis biqiltuu haaraa taʼa. Biqiltuu haaraan kun sanyii xinnoo sana irraa guutummaatti adda dha. Phaawulos, Uumaan keenya “akkuma barbaadetti qaama” akka nuuf kennu argisiisuuf fakkeenya kanatti fayyadameera. Phaawulos dabalataanis, “Qaamawwan samii irraa jiru, qaamawwan lafa irraas jiru” jedheera. Maal jechuu isaa ture? Eeyyee, lafa irratti qaama foonii qabna, samii irra kan jiru garuu qaama hafuuraa kan akka maleekonni qabanii ti.—1 Qor. 15:36-41. w20.12 10 key. 7-9
Sanbadduraa, Onkoloolessa 22
Guyyaa guyyaadhaan garaa kootti gaddaa, hamma yoomiittan yaaddoo cimaa qabaadha?—Far. 13:2.
Hundi keenya jireenya tasgabbii fi nagaa qabu jiraachuu barbaanna. Namni kam iyyuu dhiphachuun isa hin gammachiisu. Taʼus, yeroo tokko tokko dhiphinaa wajjin qabsoo yommuu goonutti gaaffii Daawit Mootichi caqasa guyyaa harʼaa irratti gaafatee wajjin wal fakkaatu gaafanna taʼa. Wantoonni nu yaaddessan hedduun jiru. Isaan keessaa tokko tokko akka nu hin mudanne gochuu hin dandeenyu. Fakkeenyaaf, gatiin nyaataa, gatiin uffataa fi manaa waggaa waggaadhaan hammam akka dabalu toʼachuu hin dandeenyu; akkasumas namni nu wajjin hojjetu ykn baratu amanamummaa keenya akka cabsinu ykn wanta naamusaan ala taʼe akka raawwannu hammam irra deddeebiʼee akka nu qoru toʼachuu hin dandeenyu. Dabalataanis yakka naannoo keenyatti raawwatamu hambisuu hin dandeenyu. Haalawwan rakkisoon kun kan nu mudatan, addunyaa namoonni ilaalcha qajeelfama Kitaaba Qulqulluu irratti hundaaʼe hin qabne keessa waan jiraannuufi. Seexanni inni waaqa sirna kanaa taʼe, “yaaddoon sirna kanaa” namoota tokko tokko Yihowaa tajaajiluu akka dhowwu beeka. (Mat. 13:22; 1 Yoh. 5:19) Kanaafuu, addunyaan kun haalawwan nama dhiphisaniin guutamuun isaa nama hin dinqisiisu! w21.01 2 key. 1, 3
Dilbata, Onkoloolessa 23
Namni obboleessa isaa jibbu hundi nama nama ajjeesu dha; namni nama ajjeesu hundi immoo jireenyi bara baraa isa keessa akka hin jiraanne beektu.—1 Yoh. 3:15.
Yohaannis ergamaan obbolootaa fi obboleettota keenya akka hin jibbine nu gorseera. Gorsa kana yoo hordofuu dhiisne, dhiibbaa Seexanaatiif saaxilamna. (1 Yoh. 2:11) Wanti akkasii namoota Dh.K.B. dhuma jaarraa tokkoffaatti turan tokko tokko irra gaʼeera. Seexanni jibba babalʼisuu fi saba Waaqayyoo qoqqooduuf wanta dandaʼe hunda gochaa ture. Yeroo Yohaannis xalayaawwan isaa barreessetti namoonni hafuura akka Seexanaa qaban loʼanii gumii keessa seenanii turan. Fakkeenyaaf, Diyooxiraaxis gumii tokko keessatti wal qoqqoodinsa cimaa uumaa ture. (3 Yoh. 9, 10) Inni bakka buʼoota qaama ol aanaatiif kabaja hin qabu ture. Namoota inni jibbu warra keessummeessan gumiidhaa baasuuf illee yaaleera. Kun of tuulummaa guddaa dha! Seexanni amma iyyuu saba Waaqayyoo qoqqoodee injifachuuf yaalii cimaa gochaa jira. Jibbi akka nu qoqqoodu matumaa heyyamuu hin qabnu. w21.01 11 key. 14
Wiixata, Onkoloolessa 24
Isaan dhugaa baʼanii yeroo xumuran, bineensi . . . sun waraana isaan irratti bana, isaan ni injifata, akkasumas isaan ajjeesa.—Mul. 11:7.
Waraana addunyaa isa tokkoffaatti mootummaan Jarmanii fi mootummaan Biritaaniyaa tajaajiltoota Waaqayyoo warra lola irratti hirmaachuu didan irratti ariʼatama geessisaniiru. Kana malees mootummaan Yuunaayitid Isteetis warra adda durummaadhaan hojii lallabaa geggeessan mana hidhaatti galcheera. Ariʼatamni kun raajiin Mulʼata 11:7-10 irratti argamu raawwii isaa akka argatu godheera. Achiis bara 1930mmanitti, keessumaa yeroo waraana addunyaa lammaffaatti mootiin kaabaa gara laafina tokko malee saba Waaqayyoo irratti miidhaa geessiseera. Yeroo warri Naazii Jarmaniin toʼatanitti Hiitlarii fi duuka buutonni isaa hojii saba Waaqayyoo dhorkaniiru. Mormitoonni kun saba Yihowaa dhibbaan lakkaaʼaman ajjeesaniiru, kumaan kan lakkaaʼaman immoo mana hidhaatti galchaniiru. Mootummaan kaabaa kun bilisummaa tajaajiltoonni Waaqayyoo ifatti maqaa Yihowaa jajachuuf qaban daangessuudhaan ‘mana qulqullummaa xureessuu’ fi ‘aarsaan walitti fufee aarfamu akka balleeffamu’ gochuu dandaʼeera. (Dan. 11:30b, 31a) Geggeessaa isaa kan ture Hiitlar saba Waaqayyoo Jarman keessa jiran akka balleessu illee kakatee ture. w20.05 5-6 key. 12-13
Kibxata, Onkoloolessa 25
Jaalala obbolummaatiin hoʼisaa wal jaalladhaa. Kabaja walii kennuuf dursa fudhadhaa.—Rom. 12:10.
Walii keenyatti jaalala yommuu argisiisnu gumicha miira dorgommii irraa eegna. Teessoo fudhachuuf isa morkachaa akka jirutti ilaaluudhaan, Yonaataan Daawitiin dorgomuuf akka hin yaalle yaadadhaa. (1 Sam. 20:42) Hundi keenya iyyuu fakkeenya Yonaataan hordofuu ni dandeenya. Dandeettii isaaniitiin kan kaʼe, obboloota keessan akka morkattootaatti hin ilaalinaa, kanaa mannaa, “gad of qabuudhaan warri kaan akka isin irra caalan godhaa yaadaa.” (Filp. 2:3) Namni hundi gumii keessatti wanta gumaacha godhu akka qabu yaadatti qabadhaa. Kan gad of qabnu yoo taane amaloota gaarii warri kaan qaban arguu fi fakkeenya amanamummaa isaanii irraa fayyadamuu dandeenya. (1 Qor. 12:21-25) Walii keenyatti jaalala guddaa yommuu argisiisnu tokkummaa saba Waaqayyoo gidduu jiru cimsina. Barattoota Yesuus taʼuu keenya mirkaneessina, kun immoo namoota garaa qajeelaa qaban gara waaqeffannaa dhugaatti harkisa. Hunda caalaa immoo Yihowaa isa, “Abbaa gara laafina guddaa fi Waaqa jajjabina hundaa” taʼeef ulfina fida.— 2 Qor. 1:3. w21.01 24 key. 14; 25 key. 16
Roobii, Onkoloolessa 26
Isin kutaa addunyaa waan hin taaneef, addunyaan isin jibba.—Yoh. 15:19.
Yeroo harʼaattis, namoonni tokko tokko sadarkaan barumsaa keenya gad aanaa akka taʼee fi dadhaboo akka taanetti waan yaadaniif, Dhugaa Baatota Yihowaa hin kabajan, akkasumas nutti qoosu. Maaliif? Sababiin isaas ilaalcha namoonni naannoo keenya jiran qaban waan hin qabneefi. Nuti gad of qabuuf, garraamii taʼuu fi ajajamuuf carraaqqii goona. Faallaa kanaatiin immoo, addunyaan namoota of jajan, of tuulanii fi finciltoota taʼan jajjabeessa. Dabalataanis, siyaasa keessa hin seennu; akkasumas raayyaa waraanaa biyya kamii keessatti iyyuu hin hirmaannu. Addunyaa yeroo harʼaa jiru irraa adda waan taaneef, warra kaan irraa gad aanaa akka taanetti yaadu. (Rom. 12:2) Ilaalchi addunyaan nuuf qabu maal iyyuu yoo taʼe, Yihowaan karaa keenya wantoota baayʼee dinqisiisoo taʼan raawwachaa jira. Inni seenaa ilmaan namootaa keessatti duula hojii lallabaa guddaa taʼe raawwachaa jira. Yeroo harʼaatti addunyaa irratti tajaajiltoonni isaa barruulee baayʼinaan hiikamanii fi raabsaman qopheessaa jiru; akkasumas Kitaaba Qulqulluutti fayyadamanii namoonni miliyoonaan lakkaaʼaman jireenya isaanii akka fooyyessan gargaaraa jiru. Hojiiwwan dinqisiisoo taʼan kana hundumaaf kan galateeffamu Yihowaa dha. w20.07 15 key. 5-6
Kamisa, Onkoloolessa 27
Akkuma Abbaan na ajajettan hojjedha.—Yoh. 14:31.
Yesuus Yihowaadhaaf ni bitama; kana kan godhu garuu dandeettii ykn ogummaa waan hin qabneef miti. Namni tokko akka Yesuus karaa salphaa fi ifa taʼeen barsiisuu kan dandaʼu dandeettii guddaa yoo qabaate qofa dha. (Yoh. 7:45, 46) Yihowaan dandeettii Yesuus akka gaariitti waan beekuuf uumama cufa yommuu uumetti akka isaa wajjin hojjetu isaaf heyyameera. (Fak. 8:30; Ibr. 1:2-4) Yesuus erga duʼaa kaʼee boodas, Yihowaan ‘samii fi lafa irratti aangoo hunda’ isaaf kenneera. (Mat. 28:18) Yesuus ogummaa guddaa kan qabu taʼus, qajeelfama Yihowaatti amanama. Maaliif? Abbaa isaa waan jaallatuufi. Abbaan manaa kana hubachuu qaba. Yihowaan haati manaa abbaa manaa ishiitiif akka bitamtu kan godhe dubartiin dhiiraa gad akka taatetti waan ilaaluuf miti. Yihowaan dhiironnis taʼan dubartoonni Yesuusii wajjin akka bulchan filachuudhaan kana mirkaneesseera. (Gal. 3:26-29) Yihowaan Ilma isaatiif aangoo kennuudhaan amanannaa akka isa irratti qabu argisiiseera. Abbaan manaa ogeessa taʼe tokkos haadha manaa isaatiif hamma tokko aangoo ni kenna. w21.02 11 key. 13-14
Jimaata, Onkoloolessa 28
Warra jabaatanii dhaabbatan gammadoo akka taʼanitti ilaalla.—Yaq. 5:11.
Dubbiin Waaqayyoo daawwitii wajjin wal fakkaata. Wanta fooyyessuu qabnuu fi akkamitti fooyyessuu akka qabnu adda baasnee beekuuf nu gargaara. (Yaq. 1:23-25) Fakkeenyaaf, Dubbii Waaqayyoo erga qoʼannee booda, aarii keenya toʼachuun akka nu barbaachisu hubanna taʼa. Gargaarsa Yihowaatiin yommuu namoonni ykn rakkoowwan nu aarsan nu mudatanitti akkamitti garraamii taʼuu akka dandeenyu barachuu dandeenya. Amma caalaatti sirriitti yaaduu fi murtoo hunda irra wayyu gochuu dandeenya. (Yaq. 3:13) Kanaafuu, Kitaaba Qulqulluu akka gaariitti beekuun keenya baayʼee barbaachisaa dha! Yeroo tokko tokko wanta gochuu hin qabne kan beeknu erga dogoggora raawwannee booda dha. Ogummaa argachuuf karaan hunda irra wayyu milkaaʼinaa fi dogoggora warra kaanii irraa barachuu dha. Yaaqoob fakkeenyota Kitaaba Qulqulluu kanneen akka Abrahaam, Rahaab, Iyyoobii fi Eliyaas irraa akka barannu kan nu jajjabeesse kanaafi. (Yaq. 2:21-26; 5:10, 11, 17, 18) Tajaajiltoonni Yihowaa amanamoo taʼan kunneen, qorumsawwan gammachuu isaan dhabsiisuu dandaʼan dandamataniiru. Fakkeenyi isaanii, nutis gargaarsa Yihowaatiin akkas gochuu akka dandeenyu argisiisa. w21.02 29-30 key. 12-13
Sanbadduraa, Onkoloolessa 29
Mariidhaan karoorri ni milkaaʼa, qajeelfama ogummaa irratti hundaaʼeen waraana kee geggeessi.—Fak. 20:18.
Qoʼannaa Kitaaba Qulqulluu tokko irratti baratichi Dubbii Waaqayyoo akka hubatu adda durummaadhaan kan gargaaru barsiisaa isaa ti. Barsiisaan tokko qoʼannaa tokko irratti akka argamtu yoo si affeere gargaaraa isaa akka taatetti of ilaaluu qabda. Gaʼeen kee isa deeggaruu dha. (Lal. 4:9, 10) Yeroo qoʼannaan geggeeffamutti qoʼannaan sun buʼa qabeessa akka taʼu gargaaruuf maal gochuu dandeessa? Qoʼannaa Kitaaba Qulqulluu sanaaf qophaaʼi. Jalqaba barsiisichi waaʼee baratichaa wantoota muraasa akka sitti himu gaafadhu. Waaʼee barataa kanaa maal beekta? Mata duree kam qoʼattu? Barataan kee mata duree kana irraa maal akka baratu barbaadda? Yeroo qoʼachiisnutti wantin gochuu qabuu fi gochuu hin qabne ykn wantin dubbachuu qabuu fi dubbachuu hin qabne jiraa? Baratichi guddina akka godhu jajjabeessuu kanan dandaʼu akkamitti? Barsiisichi iccitii barataa isaa kam iyyuu sitti himuu akka hin qabne beekamaa dha. Taʼus wanti inni sitti himu si fayyaduu dandaʼa. Qajeelchituun Jooyi jedhamtu akkana jetteetti: “Mariin kun namni anaa wajjin qoʼachiisu sun naman qoʼachiisu sana gargaaruuf fedhii akka qabaatuu fi yeroo qoʼachiisnutti maal akka jedhu yaaduuf isa gargaara.” w21.03 9 key. 5-6
Dilbata, Onkoloolessa 30
Addunyaan yoo isin jibbe, isin jibbuu isaa dura akka na jibbe beektu.—Yoh. 15:18.
Yeroo tokko tokko ulaagaawwan Waaqayyoo warra qajeeloodhaan waan jiraannuuf ni jibbamna. Ulaagaawwan kun ulaagaawwan naamusaa addunyaa warra garmalee mancaʼanii wajjin wal faallessu. Fakkeenyaaf, namoonni yeroo harʼaa jiran hedduun naamusa mancaʼaa namoonni Sodoomii fi Gomoraa warri Waaqayyo balleesse raawwatanii wajjin wal fakkaatu ifatti deggeru! (Yih. 7) Gochawwan kana ilaalchisee ulaagaa Kitaaba Qulqulluu cimsinee waan hordofnuuf namoonni hedduun nutti qoosu, akkasumas ilaalcha dhiphaa akka qabnu godhanii nu ilaalu! (1 Phe. 4:3, 4) Jibbaa fi arrabsoo namoonni nu irraan gaʼan dandamachuuf maaltu nu gargaaruu dandaʼa? Yihowaan akka nu gargaaru amantii cimaa qabaachuu qabna. Akkuma gaachanaa, amantiin keenya “xiyyawwan isa hamaa sanaa warra bobaʼan hunda dhaamsuuf” nu gargaara. (Efe. 6:16) Garuu amantii malees wanti nu barbaachisu jira. Jaalallis nu barbaachisa. Maaliif? Sababiin isaas jaalalli “hin aaru.” Wantoota miidhaa geessisan hunda ni dandaʼa, ni dandamatas. (1 Qor. 13:4-7, 13) Jaalalli Yihowaadhaaf, obboloota keenyaa fi diinota keenyaaf illee qabnu, jibba dandamachuuf nu gargaara. w21.03 21 key. 3-4
Wiixata, Onkoloolessa 31
Aariin bobaa gowwootaa jala waan jiruuf, aariidhaaf hin ariifatin.—Lal. 7:9.
Yeroo tokko tokko jaalala obboloota keenyaaf qabnu wantoota tokko tokko gochuu dhiisuudhaan argisiisna. Fakkeenyaaf, wanta isaan dubbataniin salphaatti hin aarru. Mee jireenya Yesuus lafa irratti dabarse gara dhumaatti wanta raawwatame tokko yaadi. Jireenya argachuuf foon isaa nyaachuu fi dhiiga isaa dhuguu akka qaban barattoota isaatti hime. (Yoh. 6:53-57) Dubbiin kun baayʼee kan nama naasisu waan tureef, barattoonni isaa hedduun isa dhiisan; taʼus michoonni isaa dhugaan isa hin dhiisne. Kanaa mannaa, amanamummaadhaan isatti maxxananiiru. Isaanis wanta Yesuus dubbate hin hubanne, akkasumas bitaa isaanitti galee taʼuu dandaʼa. Taʼus, michoonni Yesuus amanamoon wanti inni dubbate dogoggora jedhanii yaaduudhaan hin mufanne. Kanaa mannaa, inni dhugaa akka dubbatu waan beekaniif isa amananiiru. (Yoh. 6:60, 66-69) Wanta michoonni keenya dubbataniin salphaatti mufachuu dhiisuun keenya baayʼee barbaachisaa dha! Kanaa mannaa, wanta jechuu barbaadan akka nuuf ibsan carraa isaaniif kennina.—Fak. 18:13. w21.01 11 key. 13