Sadaasa
Kibxata, Sadaasa 1
Namni kam iyyuu odeeffannoo jiru dhagaʼuu isaa dura dhimma tokkoof deebii yoo kenne, gowwummaa fi salphina isatti taʼa.—Fak. 18:13.
Yoonaasiin ilaalchisee wanta hundumaa waan hin beekneef inni nama amanamaa hin taane akka taʼe goonee yaaduu dandeenya. Yoonaas Nanawwee keessatti labsii murtii akka labsuuf Yihowaan kallattiidhaan isa ajajee ture. Inni garuu ajajamuu mannaa, doonii yaabbatee kallattii faallaa taʼeen, ‘fuula Waaqayyoo duraa baqate.’ (Yon. 1:1-3) Utuu isin taatanii Yoonaasiif hojii isaaf kenname akka raawwatu carraa kan biraa isaaf ni kennitu turtanii? Taʼuu dhiisuu dandaʼa. Haa taʼu malee, Yihowaan Yoonaas carraa kan biraa argachuu akka qabu yaadeera. (Yon. 3:1, 2) Yoonaas kadhannaa isaa keessatti dhugumaan nama akkamii akka ture ibseera. (Yon. 2:1, 2, 9) Yoonaas kadhannaawwan hedduu dhiheessee akka ture hin shakkisiisu. Kadhannaawwan kana keessaa tokko inni nama hojii isaaf kenname dhiisee baqate qofa akka hin taane hubachuuf nu gargaara. Jechoonni isaa inni nama gad of qabu, nama galateeffatuu fi Yihowaadhaaf ajajamuuf murtoo godhe akka ture argisiisu. Yihowaan wanta Yoonaas raawwate qofa ilaaluu mannaa, kadhannaa isaatiif deebii kenneera, akkasumas akka raajiitti isatti fayyadamuu isaa itti fufeera! Jaarsoliin hundi gorsa kennuu isaanii dura ‘dubbicha dhagaʼuun’ isaanii baayʼee barbaachisaa dha! w20.04 15 key. 4-6
Roobii, Sadaasa 2
[Phaawulos] Kitaabota Qulqulluu irraa dubbisee isaanii wajjin mariʼate; . . . [akkasumas] ragaa dhiheessee isaaniif ibse.—HoE. 17:2, 3.
Barattoonni jaarraa jalqabaatti turan barumsawwan Kiristiyaanaa fudhataniiru, akkasumas Dubbii Waaqayyoo hubachuuf akka isaan gargaaruuf hafuura qulqulluutti amanamaniiru. Barumsawwan kunneen Kitaaba Qulqulluu irratti kan hundaaʼan akka turan mirkaneeffataniiru. (HoE. 17:11, 12; Ibr. 5:14) Amantiin isaanii miira isaanitti dhagaʼamu irratti kan hundaaʼe miti; Yihowaa kan tajaajilanis namoota hidhata amantii isaanii taʼanii wajjin yeroo dabarsuun waan isaan gammachiisuuf qofa miti. Kanaa mannaa, amantiin isaanii “beekumsa sirrii waaʼee Waaqayyoo ibsu” irratti kan hundaaʼe dha. (Qol. 1:9, 10) Dhugaawwan Dubbii Waaqayyoo hin jijjiiraman. (Far. 119:160) Fakkeenyaaf, namni hidhata amantii keenyaa taʼe yoo nu mufachiise ykn cubbuu cimaa yoo hojjete dhugaawwan kun hin jijjiiraman. Yeroo rakkoon nu mudatuttis hin jijjiiraman. Kanaafuu barumsawwan Kitaaba Qulqulluu sirriitti beekuu fi dhugaa taʼuu isaanii mirkaneeffachuu nu barbaachisa. Akkuma qofoon yeroo obomboleettii cimaan jirutti doonii tokko jabeessee dhaabu, amantiin keenya inni dhugaawwan Kitaaba Qulqulluu irratti hundaaʼes yeroo qorumsaatti jabeessee nu dhaaba. w20.07 9 key. 6-7
Kamisa, Sadaasa 3
Inni . . . namootaaf akka lallabnuu fi guutummaatti dhugaa akka baanu nu ajaje.—HoE. 10:42.
Yesuus wanta obboloota isaa dibamoo taʼaniif goonu akka isaaf gochaa jirrutti ilaala. (Mat. 25:34-40) Hunda caalaa karaan dibamtoota itti gargaaruu dandeenyu, hojii barattoota gochuu ilaalchisee ajaja Yesuus duuka buutonni isaa akka raawwatan kenne irratti guutummaatti hirmaachuudhaani. (Mat. 28:19, 20) Obboloonni Kiristoos duula lallabaa yeroo ammaatti addunyaa maratti balʼinaan hojjetamaa jiru kana raawwachuu kan dandaʼan ‘hoolonni kan biraan’ yoo isaan gargaaran qofa dha. (Yoh. 10:16) Isinis kutaa hoolota kan biraa yoo taatan, yeroo hojii kana irratti hirmaattan hundatti dibamtootaa wajjin qofa utuu hin taʼin Yesuusii wajjin michummaa cimaa akka qabdan argisiistu. Hojii isaan geggeessan kana qabeenya keenyaan deggeruudhaanis michuu Yihowaa fi Yesuus taʼuu ni dandeenya. (Luq. 16:9) Fakkeenyaaf, hojii addunyaa maraatiif buusii gochuu dandeenya; kun immoo hojii misiraachicha lallabuu isa iddoowwan fagootti hojjetamu qarshiidhaan deggeruu, galmawwan waaqeffannaa dhugaa deggeran ijaaruu fi suphuu, akkasumas warra qabeenya isaanii dhabaniif gargaarsa gochuu dabalata. Kana malees, gumii keenya qarshiidhaan gargaaruu fi warra gargaarsi akka isaan barbaachisu beeknu deggeruu dandeenya.—Fak. 19:17. w20.04 24 key. 12-13
Jimaata, Sadaasa 4
Inni Waaqa abbootii isaatiif kabaja hin qabu. . . . Kanaa mannaa, inni waaqa dahoowwaniitiif ulfina ni kenna.—Dan. 11:37, 38.
Akka raawwii raajii kanaatti, mootiin kaabaa, ‘waaqa abboonni isaa waaqeffatan yaadatti hin fudhanne.’ Kana kan godhe akkamitti? Tokkummaan Sooviyeet aangoo isaanii fudhachuuf jecha amantaawwan balleessuuf yaalii godheera. Kaayyoo isaa kana galmaan gaʼuufis bara 1918tti ajaja barumsi Waaqayyo hin jiru jedhu mana barumsaatti akka kennamuuf buʼuura taʼe dabarseera. Mootummaan kaabaa “Waaqayyo tolfamaa ‘Isa masaraa eega’ jedhamuuf ulfina” kan kenne akkamitti? Tokkummaan Sooviyeet bulchiinsa isaa cimsachuuf jecha raayyaa waraanaa isaa ijaaruu fi meeshaawwan waraanaa niwukilarii kumaan lakkaaʼaman oomishuuf qarshii hammana hin jedhamne baaseera. Mootiin kaabaa fi mootiin kibbaa yeroo booda meeshaawwan waraanaa namoota biliyoonaan lakkaaʼaman ajjeesuu dandaʼan walitti qabaniiru! Mootiin kaabaa wanta iddoo guddaan kennamuuf tokko irratti mootii kibbaa deggereera; lamaan isaanii iyyuu, “wanta jibbisiisaa nama rifachiisu [“badiisa geessisu,” NW] sana,” jechuunis Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii “achi in kaaʼu.”—Dan. 11:31. w20.05 6 key. 16-17
Sanbadduraa, Sadaasa 5
Obboleessi kee . . . badee ture, amma garuu deebiʼee argameera.—Luq. 15:32.
Warra qabbanaaʼan barbaaduu irratti eenyufaatu hirmaachuu dandaʼa? Hundi keenya, jechuunis jaarsoliin, qajeelchitoonni, miseensonni maatii fi babalʼistoonni hundi isaan barbaaduu irratti gargaarsa gochuu ni dandaʼu. Michuu ykn fira qabbanaaʼe tokko qabdaa? Manaa gara manaa ykn addabaabayii irratti yeroo tajaajiltu nama qabbanaaʼe tokko argattee beektaa? Namni kun jaarsoliin gumii dhufanii akka isa gaafatan ni barbaada yoo taʼe, teessoo isaa isaaniif kennuu akka dandeessu isaaf ibsi. Jaarsi gumii Toomaas jedhamu akkas jedheera: “Jalqaba, obbolootaa fi obboleettota gara garaa bakka obboloonni kun amma jiraatan beekuu dandaʼan yoo jiraatan nan gaafadha. Yookiin, babalʼistoonni nama gumii irratti hirmaachuu dhiise tokko beeku yoo taʼe isaan nan gaafadha. Booda, obboloota ykn obboleettota qabbanaaʼan yommuun daawwadhu, waaʼee ijoollee isaanii fi firoota isaanii isaan nan gaafadha. Warra qabbanaaʼan keessaa tokko tokko ijoollee isaanii gara gumiitti fidaa kan turan siʼa taʼu, ijoolleen kunis yeroo taʼe tokkotti babalʼistoota turan taʼa. Isaanis gara Yihowaatti akka deebiʼan gargaarsi isaan barbaachisa.” w20.06 24 key. 1; 25 key. 6-7
Dilbata, Sadaasa 6
Hojiiwwan Yaah nan yaadadha; gochawwan kee warra dinqisiisoo bara duriitti raawwatte nan yaadadha.—Far. 77:11.
Uumamawwan lafa irratti argaman hundumaa keessaa, taʼeewwan kanaan dura raawwataman yaadachuu fi gamaaggamuudhaan barumsa naamusaa barachuuf dandeettii kan qaban namoota qofa dha. Kanaan kan kaʼes, amalawwan gaggaarii horachuu, akkasumas yaada keenyaa fi akkaataa jireenyaa keenya jijjiiruu ni dandeenya. (1 Qor. 6:9-11; Qol. 3:9, 10) Garaa garummaa wanta sirrii fi dogoggora taʼe gidduu jiru hubachuuf qalbii keenya leenjisuu dandeenya. (Ibr. 5:14) Jaalala, gara laafinaa fi araara argisiisuu barachuu dandeenya. Akkasumas haqa argisiisuudhaan fakkeenya Yihowaa hordofuu dandeenya. Kennaa dandeettii yaadachuu keenya akka dinqisiifannu karaan itti argisiisnu keessaa inni tokko, yeroowwan kanaan dura Yihowaan itti nu gargaaree fi itti nu jajjabeesse hundumaa yaadachuuf yaaluu dha. Kun immoo inni gara fuulduraattis akka nu gargaaru amanannaa qabnu nuu cimsa. (Far. 77:12; 78:4, 7) Karaan kana gochuu itti dandeenyu kan biraan immoo, wantoota gaggaarii namoonni kaan nuuf godhan yaadachuu fi wanta isaan nuu godhaniif kan galateeffannu taʼuu dha. Namoonni qorannaa godhan akka hubatanitti namoonni galateeffatan caalaatti gammadoo taʼu. w20.05 23 key. 12-13
Wiixata, Sadaasa 7
Maqaa Yihowaa isa ulfina qabeessaa fi sodaachisaa taʼe kana [sodaadhu].—Kes. 28:58.
Museen holqa dhagaa tokko keessa dhokatee, ulfinni Yihowaa yommuu darbu yeroo mulʼataan argetti maaltu isatti dhagaʼamee akka ture yaadi. Tarii kun muudannoo baayʼee dinqisiisaa Yesuus gara lafaa dhufuu isaa dura nama kan biraa kamiin iyyuu mudatee hin beekne taʼuu dandaʼa. Museen jechoota kanatti aananii jiranii fi tarii karaa maleekaa tokkoo dubbatamanii taʼuu dandaʼan dhagaʼeera: “Yihowaa, Yihowaa Waaqa araara qabeessaa fi gara laafessa taʼe, aariidhaaf suuta kan jedhu, jaalalli isaa inni amanamaanii fi dhugaan isaa baayʼee kan taʼe, jaalala amanamaa kumaatamatti kan argisiisu, dogoggora, balleessaa fi cubbuu kan namaaf dhiisu.” (Bau. 33:17-23; 34:5-7) Tarii Museen, maqaa Yihowaatti fayyadamee yaada caqasa guyyaa harʼaa irra jiru yommuu dubbatu muudannoo kana yaadatee taʼuu dandaʼa. Waaʼee maqaa Yihowaa yommuu yaadnu, qaama maqaa kanaan waamamu irratti xiinxaluun keenya gaarii dha. Amalawwan isaa kan akka humna isaa, ogummaa isaa, haqa isaa fi jaalala isaa yaadachuu qabna. Amalawwan kanaa fi kaan irratti xiinxaluun keenya kabaja guddaa akka isaaf qabaannu nu gochuu dandaʼa.—Far. 77:11-15. w20.06 8-9 key. 3-4
Kibxata, Sadaasa 8
Wantoota namoonni si barsiisanii fi akka amantu si gargaaran sanatti cimii itti fufi.—2 Xim. 3:14.
Yesuus barattoonni isaa jaalala waliif qabaniin adda baafamanii akka beekaman dubbateera. (Yoh. 13:34, 35) Haa taʼu malee, amantii cimaa qabaachuuf wanti dabalataa gochuu qabnu jira. Amantiin keenya jaalala sabni Waaqayyoo qabu qofa irratti kan hundaaʼe taʼuu hin qabu. Maaliif? Namni hidhata amantii keenya taʼe tokko, jechuunis jaarsi ykn qajeelchaan tokko cubbuu cimaa hojjete haa jennu. Yookiin obboleessi tokko ykn obboleettiin takka karaa taʼe tokkoon yoo si miidhan hoo? Yookiin immoo namni tokko amantiin keenya dhugaa akka hin taane dubbachuudhaan gantuu taʼuu dandaʼa. Haalawwan akkasii yoo uumaman, gufattee Yihowaa tajaajiluu kee ni dhiistaa? Barumsi argannu kana dha: Amantiin Waaqayyo irratti qabdu hariiroo isaa wajjin qabdu irratti utuu hin taʼin guutummaatti wanta namoonni kaan godhan irratti kan hundaaʼe yoo taʼe cimaa hin taʼu. Yihowaa fi saba isaatiif miirri sitti dhagaʼamu hamma tokko amantii kee guddifachuuf si gargaaruu dandaʼa. Taʼus wanti Kitaabni Qulqulluun waaʼee Yihowaa dubbatu dhugaa taʼuu isaa mirkaneeffachuun kee baayʼee barbaachisaa dha.—Rom. 12:2. w20.07 8 key. 2-3
Roobii, Sadaasa 9
Warra dadhaban [gargaaraa].—HoE. 20:35.
Namoota qabbanaaʼanii fi gara Yihowaatti deebiʼuu barbaadan gargaaruu irratti maleekonni nuu wajjin akka hojjetan muuxannoowwan hedduun ni argisiisu. (Mul. 14:6) Fakkeenyaaf, Silviyoo inni Ikuwaador jiraatu, gargaarsa gara gumiitti deebiʼuuf isa barbaachisu argachuuf cimsee kadhata ture. Achiis utuma inni kadhachaa jiruu bilbilli balbala isaa ni iyye. Jaarsoliin lama balbala isaa dura dhaabatanii turan. Jaarsoliin kun yeroo isaa wajjin dabarsanitti gargaarsa isa barbaachisu isaaf kennuu jalqabuu isaaniitti gammadaniiru. Namoota karaa hafuuraa dadhaboo taʼan gara Yihowaatti akka deebiʼan gargaaruudhaan gammachuu guddaa argachuu dandeenya. Saalvaador inni qajeelchaa taʼee fi warra qabbanaaʼaniif xiyyeeffannaa addaa kennu wanta dubbate hubadhaa: “Yeroo tokko tokko gammachuudhaan kan kaʼe imimmaan koo toʼachuu hin dandaʼu. Yihowaan hoolaa isaa jaallatamaa taʼe tokko addunyaa Seexanaa irraa oolchuu isaa fi anis isaa wajjin hojii kana irratti hirmaachuuf mirga argachuu koo yommuun yaadu baayʼeen gammada.” Saba Yihowaa wajjin walitti qabamuu kee dhaabdeetta yoo taʼe, inni amma iyyuu akka si jaallatu mirkanaaʼaa taʼuu ni dandeessa. Yihowaan akka ati deebitu si eegaa jira, gammachuudhaanis si simata. w20.06 29 key. 16-18
Kamisa, Sadaasa 10
Barsiisaa kee Isa Guddicha ni argita.—Isa. 30:20.
Yihowaan ‘barsiisaan keenya’ inni Guddichi fakkeenyota barumsa irraa argannu Dubbii isaa keessatti nuuf galmeessiseera. (Isa. 30:21) Seenaawwan Kitaaba Qulqulluu waaʼee namoota amalawwan Waaqayyoon gammachiisan argisiisan irratti yommuu xiinxallu barumsa arganna. Akkasumas wanta namoota amalawwan gaggaarii taʼan kana utuu hin argisiisin hafan mudate qoruudhaan barumsa arganna. (Far. 37:37; 1 Qor. 10:11) Wanta Saaʼol Mooticha irra gaʼe irratti xiinxali. Jalqaba irratti dargaggeessa humna isaa beeku ture. Humni isaa daangaa akka qabu hubatee kan ture siʼa taʼu, itti gaafatamummaa dabalataa fudhachuuf illee duubatti jedhee ture. (1 Sam. 9:21; 10:20-22) Taʼus, Saaʼol yeroo booda of tuuluudhaan wanta gochuun isaaf hin heyyamamne raawwateera. Amala gadhee kana mootii taʼee utuma baayʼee turin argisiise. Yeroo tokko Saamuʼel raajicha yommuu eegaa turetti obsa dhabe, akkasumas kana gochuuf aangoo kan hin qabne taʼus aarsaa dhiheesse. Kanaan kan kaʼes, Saaʼol Yihowaa biratti fudhatama dhabe, boodas mirga mootii taʼee itti fufuuf qabu dhabe. (1 Sam. 13:8-14) Fakkeenya akeekkachiisaa kana irraa barachuudhaan of tuulummaa irraa fagaachuun keenya ogeeyyii nu taasisa. w20.08 10 key. 10-11
Jimaata, Sadaasa 11
Warra isin gidduutti . . . karaa Gooftaa isin geggeessan [kabajaa].—1 Tas. 5:12.
Yihowaan karaa Kiristoos gumii isaatiif ‘dhiirota kennaa’ taʼan akka kenne beekamaa dha. (Efe. 4:8) ‘Dhiironni kennaa’ taʼan kun, miseensota Qaama Ol Aanaa, gargaartota Qaama Ol Aanaa, miseensota Koree Waajjira Damee, ilaaltota ol aanaa aanaa, barsiistota manneen barumsaa tiʼookraasii, jaarsolii gumii fi tajaajiltoota gumii dabalatu. Obboloonni kun hundi, hoolota Yihowaa warra gatii guddaa qaban akka kunuunsanii fi gumicha akka jajjabeessaniif hafuura qulqulluudhaan muudamaniiru. (1 Phe. 5:2, 3) Obboloonni itti gaafatamummaa gara garaa akka raawwataniif hafuura qulqulluudhaan muudamu. Akkuma kutaawwan qaamaa garagaraa kan akka harkaa fi miilaa guutummaa qaamaa fayyaduuf hojjetan, obboloonni hafuura qulqulluudhaan muudamanis guutummaa gumii fayyaduuf jabaatanii hojjetu. Ofii isaaniitiif ulfina argachuu hin barbaadan. Kanaa mannaa, obbolootaa fi obboleettota isaanii ijaaruu fi jajjabeessuuf carraaqqii godhu. (1 Tas. 2:6-8) Dhiirota ofittoo hin taanee fi gaʼumsa hafuuraa qaban kanaaf Yihowaa ni galateeffanna! w20.08 21 key. 5-6
Sanbadduraa, Sadaasa 12
Dhaqaatii . . . namoota barattoota koo godhaa.—Mat. 28:19.
Sababiiwwan lallabuuf nu kakaasan keessaa tokko, namoonni kan ‘cunqurfamanii fi kan dagataman,’ akkasumas dhugaa waaʼee Mootummichaa barachuun kan isaan barbaachisu waan taʼeefi. (Mat. 9:36) Yihowaan akaakuun namootaa hundi beekumsa dhugaa isa sirrii akka argatanii fi akka fayyan barbaada. (1 Xim. 2:4) Buʼaa hojiin lallabaa keenya qabu yommuu yaadnu hojii lubbuu baraaruu kana irratti hirmaachuuf kakaana. Lubbuu namootaa ni oolchina. (Rom. 10:13-15; 1 Xim. 4:16) Nutis hojii keenyaaf akka gaariitti hidhachuu nu barbaachisa. Akkasumas meeshaa kanatti akkamitti akka fayyadamnu beekuu qabna. Yesuus barattoota isaatiif qajeelfama ifa taʼe kenneera. Maal qabachuu akka qaban, eessatti akka lallabanii fi maal jechuu akka qaban isaanitti himeera. (Mat. 10:5-7; Luq. 10:1-11) Yeroo harʼaatti, jaarmiyaan Yihowaa Meeshaalee Barsiisuuf Itti Fayyadamnuu fi buʼa qabeessa taʼan nuuf dhiheesseera. Meeshaawwan kanatti akkamitti akka fayyadamnus baranneerra. Leenjiin kun ofitti amanannaa akka qabaannu nu gargaara, akkasumas ogummaa hojii keenya irratti buʼa qabeeyyii taʼuuf nu gargaaru nuuf argamsiisa.—2 Xim. 2:15. w20.09 4 key. 6-7, 10
Dilbata, Sadaasa 13
Ijoolleen koo dhugaa keessa deddeebiʼaa akka jiran dhagaʼuu caalaa wanti gammachuu guddaa naaf argamsiisu hin jiru.—3 Yoh. 4.
Yohaannis ergamaan namoonni inni dhugaa akka beekan gargaare amanamummaadhaan Yihowaa tajaajiluu isaanii akka itti fufan yommuu dhagaʼu hammam gammadee akka ture tilmaamuu dandeessaa? Rakkoowwan hedduun isaan mudataniiru, Yohaannisis amantii Kiristiyaanota amanamoo karaa hafuuraa ijoollee isaa taʼanii cimsuuf carraaqqii guddaa godheera. Haaluma walfakkaatuun, ijoolleen keenyas taʼan namoonni dhugaa akka beekan gargaarre kaan, Yihowaadhaaf yommuu of murteessanii fi isa tajaajiluu isaanii yommuu itti fufan baayʼee gammanna. (3 Yoh. 3) Naannoo Dh.K.B. bara 98tti Yihowaan geggeessaa hafuura isaatiin Yohaannis xalayaawwan sadii akka barreessu isa kakaaseera. Kaayyoon xalayaawwan kanaa, Kiristiyaanonni amanamoon amantii Yesuus irratti qaban eeganii akka jiraatanii fi dhugaa keessa deddeebiʼuu isaanii akka itti fufan jajjabeessuu ture. Dhiibbaan barsiisonni sobaa gumii irratti geessisaa turan Yohaannisiinis yaaddessee ture. (1 Yoh. 2:18, 19, 26) Gantoonni kunneen Waaqayyoon akka beekan kan dubbatan taʼanis, ajajawwan Yihowaa garuu hin eegan turan. w20.07 20 key. 1-3
Wiixata, Sadaasa 14
Waaqayyotti amanaa, anattis amanaa.—Yoh. 14:1.
Ergaa labsinu irratti amantii qabna, kanaafuu hamma nuuf dandaʼame namoota hedduutti himuuf hawwii guddaa qabna. Abdii Dubbii Waaqayyoo keessatti argamu irratti amanannaa qabna. (Far. 119:42; Isa. 40:8) Raajiiwwan Kitaaba Qulqulluu bara keenyatti yommuu raawwataman argineerra. Namoonni gorsa Kitaaba Qulqulluu yommuu hojii irra oolchuu jalqaban jireenyi isaanii gara gaariitti akkamitti akka jijjiiramu argineerra. Ragaan kun ergaan misiraachoo Mootummichaa namoonni hundi dhagaʼuu kan qaban akka taʼe, amanannaa qabnu nuuf cimsa. Yihowaa isa madda ergaa nuti lallabnuu taʼee fi Yesuus Kiristoos isa inni Mootii Mootummichaa godhee muude irrattis amantii qabna. Haalli nu mudatu maal iyyuu yoo taʼe, Yihowaan yeroo hundumaa dahoo fi jabina keenya dha. (Far. 46:1-3) Dabalataanis Yesuus humnaa fi aangoo Yihowaan isaaf kennetti fayyadamee samii keessaa hojii lallabaa kana geggeessaa akka jiru amanannaa qabna. (Mat. 28:18-20) Amantiin, Yihowaan carraaqqii keenya yeroo tokko tokko karaa nuti hin eegneen akka nuuf eebbisu amanannaa qabaachuuf nu gargaara. w20.09 12 key. 15-17
Kibxata, Sadaasa 15
Ishiin wanta gaarii anaaf gooteetti. . . . Ishiin wanta dandeessu gooteetti.—Mar. 14:6, 8.
Yeroo tokko tokko obboleettonni keenya haalli rakkisaan yommuu isaan mudatu namni isaan deggeree dubbatu isaan barbaachisuu dandaʼa. (Isa. 1:17) Fakkeenyaaf, obboleettiin abbaan manaa irraa duʼe ykn wal hiikte tokko namni hojiiwwan abbaan manaa ishii hojjechaa ture tokko tokko ishiidhaaf hojjetu ishii barbaachisuu dandaʼa. Obboleettiin maanguddoon tokko namni ogeeyyii fayyaa haasofsiisuu irratti ishii gargaaru ishii barbaachisuu dandaʼa. Yookiin obboleettii qajeelchituun piroojeektii tiʼookraasii irratti hirmaattu tokko akka qajeelchitoota kaanii yeroo baayʼee tajaajila irratti hirmaachuu dhiisuu ishiitiin kan kaʼe warri kaan yoo ishii ceephaʼan namni ishii deeggaruudhaan ishiidhaaf dubbatu ishii barbaachisa. Mee ammas, fakkeenya Yesuus haa qorru. Yesuus obboleettonni isaa hafuuraa dogoggoraan yommuu hubataman isaan deggeree dubbachuuf dammaqaa ture. Fakkeenyaaf, Maartaan yeroo ishii komattetti Maariyaamiin deggeree dubbateera. (Luq. 10:38-42) Yommuu warri kaan Maariyaam murtoo dogoggoraa akka goote yaaduudhaan ishiitti dheekkamanis Yesuus yeroo lammataatiif ishii deggeree dubbateera. (Mar. 14:3-9) Yesuus kakaʼumsa Maariyaam hubachuudhaan ishii galateeffateera. Akkasumas, “guutummaa addunyaa irratti bakka misiraachoon kun lallabamu hundatti” gochi gaarummaa ishii akka dubbatamu raajii dubbateera. w20.09 24 key. 15-16
Roobii, Sadaasa 16
Ilaaltota ol aanaa taatanii tajaajiluudhaan tuuta hoolota Waaqayyoo warra eegumsa keessan jala jiran tiksaa; kanas dirqamaan utuu hin taʼin, Waaqayyo duratti fedhiidhaan . . . raawwadhaa.—1 Phe. 5:2.
Tikseen gaariin tokko hoolaan tokko baduu akka dandaʼu ni hubata. Kanaafuu, hoolaan tokko yoo tuuta hoolotaa irraa fagaate, tiksichi gara jabinaan isa hin qabu. Mee Yihowaan tajaajiltoota isaa yeroo muraasaaf isa irraa fagaatan tokko tokko yommuu gargaarutti fakkeenya inni nuuf kaaʼe haa ilaallu. Yoonaas raajichi hojii isaaf kenname irraa baqatee ture. Taʼus, Yihowaan Yoonaasitti dafee abdii hin kutanne. Akkuma tiksee gaarii tokkoo, Yihowaan isa oolcheera, akkasumas hojii isaaf kenname akka raawwatuuf jabina isa barbaachisu akka argatu isa gargaareera. (Yon. 2:7; 3:1, 2) Booda, Waaqayyo buqqee hadhooftuu tokkotti fayyadamee Yoonaas gatii tokkoon tokkoon lubbuu namootaa qabu akka hubatu isa gargaareera. (Yon. 4:10, 11) Kana irraa barumsa maalii arganna? Jaarsoliin namoota qabbanaaʼanitti dafanii abdii kutachuu hin qaban. Kanaa mannaa, hoolaan tokko tuuta hoolotaa irraa akka fagaatu kan isa godhe maal akka taʼe hubachuuf yaalii godhu. Hoolaan sun gara Yihowaatti yommuu deebiʼus, jaarsoliin jaalalaa fi xiyyeeffannaa isaaf kennuu isaanii itti fufu. w20.06 20-21 key. 10-12
Kamisa, Sadaasa 17
Gargaarsa muraasa ni argatu.—Dan. 11:34.
Bara 1991tti Tokkummaan Sooviyeet erga kufee booda, sabni Waaqayyoo naannoo balʼaa sana keessa jiraatan ‘xinnoo gargaaramaniiru,’ jechuunis bilisummaa argataniiru. Kanaan kan kaʼes, bilisummaadhaan lallabuu dandaʼaniiru; utuu baayʼee hin turinis lakkoofsi babalʼistoota biyyoota Kooministii duraanii keessa jiraachaa jiranii kumaatama hedduudhaan dabaleera. Suutuma suuta Raashiyaa fi michoonni ishii mootii kaabaa taʼanii kaʼaniiru. Bulchiinsi mootii kaabaa ykn mootii kibbaa taʼu wantoota sadii gochuu qaba, isaanis (1) kallattiidhaan saba Waaqayyoo irratti miidhaa geessisa, (2) diina Yihowaa fi diina saba isaa taʼuu isaa gocha isaatiin argisiisa, akkasumas (3) mootii isa kaan wajjin wal morka. Raashiyaa fi michoonni ishii hojii lallabaa dhorkuu fi obboloota biyyoota isaan toʼatan keessa jiraatanii fi kumaatamaan lakkaaʼaman ariʼachuudhaan kallattiidhaan saba Waaqayyoo irratti dhiibbaa godhaniiru. Gochawwan kun Yihowaa fi saba isaa akka jibban kan argisiisani dha. Akkasumas mootii kibbaa, jechuunis Mootummaa Addunyaa Angiloo Ameerikaa wajjin wal morkachaa turaniiru. w20.05 12 key. 3-4
Jimaata, Sadaasa 18
Barumsa barsiistuuf yeroo hunda xiyyeeffannaa kenni.—1 Xim. 4:16.
Barsiisuun barattoota gochuu wajjin walitti dhufeenya waan qabuuf, akkaataan itti barsiisnu caalaatti gaarii akka taʼu gochuu barbaanna. Namoota miliyoonaan lakkaaʼaman dhaabbataadhaan dhugaa Kitaaba Qulqulluu keessa jiru barsiisaa jirra. Wanta Dubbii Waaqayyoo irraa barsiisnu ni jaallanna. Kanaafuu, waaʼee wanta jaallannu kanaa waan hedduu dubbachuuf qoramuu dandeenya. Taʼus, namni Qoʼannaa Masaraa Eegumsaa geggeessus taʼe, Qoʼannaa Kitaaba Qulqulluu Gumii ykn qoʼannaa Kitaaba Qulqulluu geggeessu baayʼee dubbachuu hin qabu. Barsiisaan tokko Kitaaba Qulqulluu fayyadamee barsiisuuf, of toʼachuu fi waaʼee kutaa Kitaaba Qulqulluu sanaa ykn waaʼee dhimma sanaa wanta beeku hunda ibsuuf yaaluu irraa of qusachuu qaba. (Yoh. 16:12) Mee beekumsa Kitaaba Qulqulluu yeroo cuuphamtetti qabdu, isa amma qabduu wajjin wal bira qabii ilaali. Yeroo sanatti kan hubatte barumsa buʼuuraa qofa taʼuu hin oolu. (Ibr. 6:1) Wanta yeroo ammaa beektu barachuuf waggoota hedduu sitti fudhateera, kanaaf, barataa haaraa tokko waan hundumaa al tokkotti barsiisuuf hin yaaliin. w20.10 14-15 key. 2-4
Sanbadduraa, Sadaasa 19
Kun anaaxicha ilma [Maariyaami].—Mar. 6:3.
Yihowaan Yesuusiif maatii baayʼee gaarii taʼe filateera. (Mat. 1:18-23; Luq. 1:26-38) Jechoonni Maariyaam Kitaaba Qulqulluu keessatti galmeeffamanii jiran, Yihowaa fi Dubbii isaatiif jaalala guddaa akka qabdu argisiisu. (Luq. 1:46-55) Yoseefis qajeelfama Yihowaa hordofuun isaa Waaqayyoon akka sodaatuu fi isa gammachiisuu akka barbaadu argisiisa. (Mat. 1:24) Yihowaan Yesuusiif maatii sooreyyii akka hin filanne hubadhaa. Aarsaan Yoseefii fi Maariyaam erga Yesuus dhalatee booda dhiheessan, hiyyeeyyii akka taʼan argisiisa. (Luq. 2:24) Keessumaa yeroo booda ijoollee torba ykn isaa ol waan godhataniif, qarshii ykn wantoota hedduu hin qaban. (Mat. 13:55, 56) Yihowaan Yesuusiin balaawwan tokko tokko irraa kan eege taʼus, Ilma isaa rakkina hundumaa irraa hin eegne. (Mat. 2:13-15) Fakkeenyaaf, Yesuus firoota jalqaba irratti Masiihii taʼuu isaa hin amanne qaba ture. (Mar. 3:21; Yoh. 7:5) Kana malees, Yesuus duʼa abbaa buddeenaa isaa Yoseef dandamachuun isa barbaachisee taʼuu hin oolu. w20.10 26-27 key. 4-6
Dilbata, Sadaasa 20
Ani matumaa si hin dhiisu, matumaas si hin gatu.—Ibr. 13:5.
Kophaa akka taatee fi rakkoowwan si mudatan keessatti namni si gargaaru akka hin jirre sitti dhagaʼamee beekaa? Tajaajiltoota Yihowaa amanamoo dabalatee namoonni hedduun akkas isaanitti dhagaʼama. (1 Mot. 19:14) Haalli akkasii si mudatee beeka taanaan, waadaa Yihowaan, “Ani matumaa si hin dhiisu, matumaas si hin gatu” jechuudhaan gale yaadadhu. Kanaafuu amanannaadhaan, “Yihowaan gargaaraa koo ti; ani hin sodaadhu” jechuu dandeenya. (Ibr. 13:5, 6) Phaawulos ergamaan jechoota kana Kiristiyaanota Yihudaa jiraniif Dh.K.B. naannoo bara 61tti barreesse. Jechoonni isaa kun yaada faarfatichaa Faarfannaa 118:5-7 irratti argamu nu yaadachiisu. Akkuma faarfatichaa, Phaawulos Yihowaan Gargaaraa isaa akka taʼe muuxannoo ofii isaa irraa hubatee ture. Fakkeenyaaf, xalayaa isaa warra Ibrootaatiif barreessuu isaa waggaa lamaa ol dura, Phaawulos galaana obomboleettiidhaan hunkuramu keessa deemsa balaadhaaf nama saaxilu godhee ture. (HoE. 27:4, 15, 20) Deemsa kana keessattii fi sana dura Yihowaan karaa gara garaatiin Phaawulosiif Gargaaraa taʼuu isaa argisiiseera. w20.11 12 key. 1-2
Wiixata, Sadaasa 21
“Guyyoonni duraanii warra ammaa irra kan wayyan maaliifi?” hin jedhin.—Lal. 7:10.
Jireenyi keenya duraanii akka wayyu yeroo hunda yaaduun ogummaa kan hin taane maaliifi? Yaadni akkasii wantoota gaarii kanaan dura dabarsine qofa akka yaadannu nu taasisa. Fakkeenyaaf, mee Israaʼeloota durii haa ilaallu. Gibxii keessaa erga baʼanii utuu baayʼee hin turin, jireenyi achitti dabarsan hammam ulfaataa akka ture irraanfatan. Kanaa mannaa, nyaata gaarii achitti nyaachaa turan irratti xiyyeeffatan. Akkas jedhan: “Qurxummiin biyya Gibxii keessatti gatii utuu hin kaffalin nyaachaa turre sun, akkasumas buqqeen dheedhii nyaatamu, habaabiin, qullubbii baaroon, qullubbii diimaanii fi qullubbii adiin sun ija keenya dura deema!” (Lak. 11:5) Haa taʼu malee, dhuguma “gatii utuu hin kaffalin” nyaachaa turanii? Lakki. Israaʼeloonni yeroo sana, Gibxiitti garboota taʼanii garmalee cunqurfamaa waan turaniif, gatii guddaa kaffalaniiru. (Bau. 1:13, 14; 3:6-9) Taʼus, booda rakkinoota sana irraanfatanii jireenya isaanii duraa hawwaniiru. Wanta gaarii Yihowaan isaaniif gochaa jiru irratti xiyyeeffachuu mannaa, yeroo gaarii sana dura dabarsan irratti xiyyeeffachuuf filataniiru. Yihowaan ilaalcha isaanii kanatti hin gammadne.—Lak. 11:10. w20.11 25 key. 5-6
Kibxata, Sadaasa 22
Yihowaan warra garaan isaanii cabetti dhihoo dha; warra abdii kutatanis ni oolcha.—Far. 34:18, milj.
Yeroo tokko tokko umuriin keenya gabaabaa akka taʼee fi jireenyi keenya “rakkinaan kan guutame” akka taʼe yaaduu dandeenya. (Iyo. 14:1) Kanaafuu, darbee darbee abdii kutachuun keenya nama hin dinqisiisu. Tajaajiltoonni Yihowaa bara durii jiraatan hedduun akkas isaanitti dhagaʼameera. Tokko tokko duʼuu illee barbaadaniiru. (1 Mot. 19:2-4; Iyo. 3:1-3, 11; 7:15, 16) Taʼus, Waaqni isaanii Yihowaan inni isaan amanatan yeroo hundumaa isaan jajjabeesseera, isaan cimseeras. Seenaan isaanii nu jajjabeessuu fi nu barsiisuuf galmeeffameera. (Rom. 15:4) Yoseef ilma Yaaqoob akka fakkeenyaatti haa ilaallu. Yoseef yeroo gabaabaa gidduutti ilma abbaa isaa biratti jaallatamu taʼuun isaa hafee, abbaa taayitaa mana mootummaa Gibxii Yihowaa hin beekne tokkoof garba taʼe. (Uma. 37:3, 4, 21-28; 39:1) Achiis haati manaa Phoxiifaar na gudeeduuf yaale jettee sobaan isa himatte. Phoxiifaar himaticha sirriitti utuu hin qoratin, Yoseefiin mana hidhaa galche, akkasumas funcaa sibiilaatiin hiisise. (Uma. 39:14-20; Far. 105:17, 18) Kanaafuu, Yoseef abdii kutachuuf sababii qaba ture! w20.12 16-17 key. 1-4
Roobii, Sadaasa 23
Maqaan kee haa qulqullaaʼu.—Mat. 6:9.
Yesuus kadhannaa irratti kun dursi kennamuufii akka qabu dubbateera. Haa taʼu malee, jechoonni Yesuus dubbate hiika maalii qabu? Wanta tokko qulqulleessuu jechuun xurii irraa bilisa gochuu jechuu dha. Taʼus namoonni tokko tokko, ‘Maqaan Yihowaa duruma iyyuu qulqulluu dha mitii?’ jedhanii gaafatu taʼa. Deebii kanaa argachuuf maqaan maal akka dabalatu yaaduu nu barbaachisa. Maqaan tuuta qubeewwan waraqaa irratti barreeffaman ykn afaaniin waamaman caalaa waan dabalatu qaba. Kitaabni Qulqulluun, “Badhaadhummaa guddaa irra, maqaa gaarii wayya” jechuudhaan wanta inni dubbatu hubadhaa. (Fak. 22:1; Lal. 7:1) Maqaan wanta gatii guddaa qabu akkasii kan taʼe maaliifi? Sababiin isaas kun maqaa gaarii namni sun qabu, jechuunis wanta namoonni kaan waaʼee abbaa maqaa sanaa yaadan waan dabalatuufi dha. Kanaafuu, wanti iddoo guddaa qabu akkaataa maqichi itti barreeffamu ykn itti waamamu miti; kanaa mannaa, wanti iddoo guddaa qabu, namoonni kaan maqaa sana yommuu argan ykn dhagaʼan wanta gara sammuu isaaniitti dhufu dha. Namoonni waaʼee Yihowaa yommuu soba dubbatan, warri kaan waaʼee isaa wanta gadhee akka yaadan gochuuf yaalaa jiru. Namoonni wantoota gadhee akkasii yommuu argan Waaqayyoon komachuu fi maqaa isaa balleessuuf kakaʼu. w20.06 2-3 key. 5-7
Kamisa, Sadaasa 24
Ani baayʼee jeeqameera, yaa Yihowaa, kun hamma yoomiitti itti fufa? jedheen si gaafadha.—Far. 6:3.
Dhiibbaa cimaa nu irra gaʼuun kan kaʼe, dhiphinaan liqimfamuu dandeenya. Fakkeenyaaf, wanta nu barbaachisuuf qarshii gaʼaa hin argannu ykn dhukkubsannee hojii irraa hafna, darbees hojii keenya dhabna jennee yaaddofna taʼa. Kana malees, seera Waaqayyoo akka cabsinu yommuu qoramnu, amanamummaa keenya cabsina jennee yaaddaʼuu dandeenya. Seexanni dhiheenyatti warri toʼannaa isaa jala jiran saba Waaqayyoo akka haleelan godha, kanaafuu, yeroo sanatti maal goona jennee yaaddofna taʼa. Akkasumas tarii ‘Waaʼee kanaa hamma tokko yaaddaʼuun koo dogoggoraa?’ jennee gaafanna taʼa. Yesuus duuka buutota isaatiin, “Yaaddaʼuu keessan dhiisaa” akka jedhe beekna. (Mat. 6:25) Kana jechuun maal iyyuu yoo nu mudate, inni matumaa akka hin yaaddofne nu irraa eega jechuudhaa? Lakki. Tajaajiltoonni Yihowaa bara durii iyyuu yaaddaʼanii turan, taʼus Yihowaa biratti fudhatama hin dhabne. (1 Mot. 19:4) Yesuus kana kan dubbate nu jajjabeessuu barbaadee ti. Inni hamma tajaajilli Waaqayyoof dhiheessinu miidhamutti jireenya ammaatiif garmalee akka yaaddofnu hin barbaadu. w21.01 3 key. 4-5
Jimaata, Sadaasa 25
Mataan dubartii dhiira.—1 Qor. 11:3.
Abbaan manaa akkaataa itti maatii isaa qabu irratti Yihowaa fi Yesuus duratti itti gaafatama. (1 Phe. 3:7) Yihowaan maatii isaa uumama cufaa irratti Mataa waan taʼeef, ijoolleen isaa amala akkamii argisiisuu akka qaban seera baasuuf aangoo qaba. Seera baase kanas raawwachiisuu ni dandaʼa. (Isa. 33:22) Yesuusis mataa gumii Kiristiyaanaa waan taʼeef, seera baasuu fi seera baase raawwachiisuuf mirga qaba. (Gal. 6:2; Qol. 1:18-20) Akkuma Yihowaa fi Yesuus mataan maatii Kiristiyaanaa tokkos maatii isaatiif murtoo gochuuf aangoo qaba. (Rom. 7:2; Efe. 6:4) Taʼus aangoon isaa daangaa qaba. Fakkeenyaaf, seerri inni baasu qajeelfama Dubbii Waaqayyoo keessa jiru irratti hundaaʼuu qaba. (Fak. 3:5, 6) Akkasumas mataan maatii tokko warra miseensota maatii isaa hin taaneef seera baasuuf aangoo hin qabu. (Rom. 14:4) Kana malees, ijoolleen isaa guddatanii yommuu manaa baʼan isa kabajuu isaanii kan itti fufan taʼus, sana booda matummaa isaa jala hin jiran.—Mat. 19:5. w21.02 2-3 key. 3-5
Sanbadduraa, Sadaasa 26
Miseensota maatii [keessaniif] wanta barbaachisu [dhiheessaa].—1 Xim. 5:8.
Mataan maatii tokko maatii isaa akka jaallatu karaan itti argisiisu inni tokko wanta maatii isaatiif barbaachisu dhiheessuu dha. Taʼus, wantoonni jireenyaaf barbaachisan fedhii hafuuraa maatii isaa akka hin guutne yaadachuu qaba. (Mat. 5:3) Yesuus yeroo muka dhiphinaa irratti fannifamee duʼuuf jedhetti illee Maariyaam karaa qaamaas taʼe karaa hafuuraa kunuunsi akka ishiidhaaf godhamu barbaadee ture. Yesuus dhiphina cimaa keessa kan ture taʼus, Yohaannis ergamaan Maariyaamiin akka kunuunsu qophii godheera. (Yoh. 19:26, 27) Obboleessi mataa maatii taʼe tokko itti gaafatamummaa hedduu qaba taʼa. Yihowaan akka jajamu gochuuf bakka hojii isaatti dhimmee hojjechuu qaba. (Efe. 6:5, 6; Tit. 2:9, 10) Gumii keessattis warra kaaniif tika gochuu fi dursa fudhatee hojii lallabaa irratti hirmaachuuf itti gaafatamummaa qaba. Haadha manaa fi ijoollee isaa wajjin dhaabbataadhaan Kitaaba Qulqulluu qoʼachuun isaas barbaachisaa dha. Isaan karaa qaamaa, miiraa fi hafuuraa fayyummaa akka qabaataniif carraaqqii inni godhu ni dinqisiifatu.—Efe. 5:28, 29; 6:4. w21.01 12 key. 15, 17
Dilbata, Sadaasa 27
[Haati manaa kaamettiin] sochii maatii ishii ni toʼatti.—Fak. 31:27.
Kitaabni Qulqulluun wantoota haati manaa kaamettii taate tokko hojjettu ni ibsa. Fakkeenyaaf, hojii mana keessatti hojjetamu ni toʼatti, lafa ni bitti, ni gurgurti, akkasumas ni daldalti. (Fak. 31:15, 16, 18) Ishiin garbittii yaada kennuuf mirga hin qabne miti. Kanaa mannaa, abbaan manaa ishii, ishii amana, yaada ishiis ni dhaggeeffata. (Fak. 31:11, 26) Dhiirri tokko haadha manaa isaa karaa kanaan yommuu kabaju isaaf bitamuun ishii gammachiisa. Yesuus wantoota guguddaa kan raawwate taʼus, matummaa Yihowaatiif bitamuu isaatti gad aanaa akka taʼe isatti hin dhagaʼamne. (1 Qor. 15:28; Filp. 2:5, 6) Haaluma wal fakkaatuun, dubartiin dandeettii qabduu fi fakkeenya Yesuus hordoftu abbaa manaa ishiitiif bitamuu ishiitti gad aantuu akka taate ishiitti hin dhagaʼamu. Abbaa manaa ishii kan deggertu waan isa jaallattuuf qofa utuu hin taʼin, adda durummaadhaan Yihowaa waan jaallattuu fi waan kabajjuufi. Haa taʼu malee, haati manaa Kiristiyaana taatee fi abbaa manaa ishiitiif bitamtu tokko, abbaan manaa ishii seera ykn qajeelfama Kitaaba Qulqulluu akka cabsitu yoo ishii gaafate isa hin deggertu. w21.02 11 key. 14-15; 12 key. 19
Wiixata, Sadaasa 28
Rakkinni jabaatanii dhaabbachuu [argamsiisa].—Rom. 5:3.
Tajaajiltoonni Yihowaa jaalalli isaan Waaqayyoof qaban yeroo hundumaa ariʼatama akka dandamatan isaan gargaareera. Fakkeenyaaf, manni murtii ol aanaa Yihudootaa ergamoonni lallabuu akka dhaaban yommuu ajajetti, jaalalli Waaqayyoof qaban, ‘namootaaf ajajamuu irra Waaqayyoof akka bulchaa isaaniitti akka ajajaman’ isaan kakaaseera. (HoE. 5:29; 1 Yoh. 5:3) Jaalalli cimaan akkasii obboloota keenya mootummoota hamoo fi humna cimaa qabaniin ariʼatamaa jiranis amanamoo taʼanii akka jiraatan isaan gargaareera. Abdii kutachuu mannaa jibba addunyaa dandamachuu akka mirga guddaatti ilaalla. (HoE. 5:41; Rom. 5:4, 5) Tarii qorumsi guddaan kan nu mudatu miseensota maatii keenya irraa taʼuu dandaʼa. Yommuu dhugaa barachuu jalqabnu miseensonni maatii keenya tokko tokko akka dogoggorfamne yaaduu dandaʼu. Warri kaan immoo akka maraanne isaanitti dhagaʼamuu dandaʼa. (Maarqos 3:21 wajjin wal bira qabii ilaali.) Garmalee nu mormuu illee ni dandaʼu. Mormiin akkasii nu dinqisiisuu hin qabu. Yesuus, “Namni tokko miseensonni maatii isaa diinota isatti taʼu” jedheera.—Mat. 10:36. w21.03 21 key. 6-7
Kibxata, Sadaasa 29
Namni hundi dhaggeeffachuuf ariifataa, dubbachuuf suuta jedhaa . . . haa taʼu.—Yaq. 1:19.
Babalʼisaan tokko qoʼannaa Kitaaba Qulqulluu yeroo geggeessu akka irratti akka argamtu yoo si affeere barsiisichii fi baratichi yommuu dubbatan xiyyeeffannaadhaan dhaggeeffadhu. Yoo akkas goote yeroo sirrii taʼetti gargaarsa gochuu dandeessa. Dubbachuu kee dura irratti yaaduu akka qabdu beekamaa dha. Fakkeenyaaf, baayʼee dubbachuu, barsiisichi yeroo dubbatutti addaan kutuu ykn dhimma mata durichaa wajjin wal hin qabanne kaasuu hin qabdu. Taʼus yaada gabaabaa kennuu, fakkeenya dubbachuu ykn gaaffii gaafachuudhaan qabxii qoʼatamaa jiru caalaatti ifa gochuu dandeessa. Yeroo tokko tokko yaada kennitu baayʼee akka hin qabne sitti dhagaʼamuu dandaʼa. Haa taʼu malee, baraticha yoo galateeffattee fi akka isaaf yaaddu yoo argisiiste, guddina akka godhu isa gargaaruu irratti gumaacha guddaa gochuu dandeessa. Baraticha akka gargaaru yoo sitti dhagaʼame, dhugaa akkamitti akka baratte, rakkina tokko akkamitti akka dandamattee fi Yihowaan akkamitti akka si gargaare gabaabsitee itti himuu dandeessa. (Far. 78:4, 7) Muuxannoon kee wantuma baratichaaf barbaachisu taʼuu dandaʼa. Amantii isaa kan isaaf cimsu ykn guddina gochuu isaa itti fufee akka cuuphamu kan isa jajjabeessu taʼuu dandaʼa. w21.03 10 key. 9-10
Roobii, Sadaasa 30
Saboota hundumaa keessaa namoota barattoota koo godhaa.—Mat. 28:19.
Milkaaʼina tajaajila irratti argannu kamiif iyyuu galateeffamuu kan qabu eenyu dha? Phaawulos gumii Qorontosiif, “Ani nan dhaabe, Apholos bishaan obaase, kan guddise garuu Waaqayyo dha; kanaaf, ulfina argachuu kan qabu Waaqayyo isa guddisu malee, isa dhaabus taʼe isa bishaan obaasu miti” jedhee yommuu barreessetti gaaffii kanaaf deebii kenneera. (1 Qor. 3:6, 7) Akkuma Phaawulos, nutis milkaaʼina tajaajila irratti argannu kamiif iyyuu yeroo hundumaa Yihowaa galateeffachuu qabna. Waaqayyo, Kiristoosii fi maleekotaa ‘wajjin hojjechuuf’ mirga arganneef dinqisiifannaa qabnu argisiisuu kan dandeenyu akkamitti? (2 Qor. 6:1) Misiraachicha warra kaanitti himuuf carraa arganne hundumaatti fayyadamuudhaan kana gochuu dandeenya. Sanyii dhugaa facaasuu qofa utuu hin taʼin bishaanis obaasuu qabna. Namni tokko fedhii akka qabu yommuu argisiisu, nama sana hordofnee gargaaruuf ykn namni taʼe tokko qoʼannaa Kitaaba Qulqulluu isa jalqabsiisuu yaadatti qabatee akka isa argatu gochuuf qophii gochuu qabna. Yommuu qoʼannaa isaa itti fufu, namichi yaada isaa fi miira isaa irratti jijjiirama akka godhu Yihowaan akkamitti isa gargaaraa akka jiru yommuu arginu ni gammanna. w20.05 30 key. 14, 16-18