Muddee
Kamisa, Muddee 1
Namni shakku akka dambalii galaanaa qilleensaan oofamuu fi asii fi achi darbatamuu ti.—Yaq. 1:6.
Yeroo tokko tokko wanta Dubbii Waaqayyoo keessatti ibsame tokko hubachuun nutti ulfaata taʼa. Yookiin immoo Yihowaan karaa nuti yaanneen kadhannaa keenyaaf deebii hin kennine taʼa. Kunis shakkiin akka nutti uumamu gochuu dandaʼa. Shakkii nu keessatti uumame calluma jennee kan bira darbinu yoo taʼe, amantii keenya laaffisuu fi hariiroo Yihowaa wajjin qabnu nu jalaa balleessuu dandaʼa. (Yaq. 1:7, 8) Akkasumas abdii keenya irratti akka hin xiyyeeffanne illee nu gochuu dandaʼa. Phaawulos ergamaan abdii keenya qofoo doonii wajjin wal bira qabee ibseera. (Ibr. 6:19) Qofoon yeroo obomboleettiin kaʼutti dooniin tokko akka hin raafamnee fi qarsaatti akka hin rukutamne godha. Haa taʼu malee, qofoon faayidaa qabaachuu kan dandaʼu funcaan, qofoo sanaa fi doonicha walitti hidhee jiru yoo hin cinne qofa dha. Akkuma ligidni funcaa qofoo doonii laaffisu, shakkiinis amantii keenya laaffisuu dandaʼa. Namni shakkii qabu tokko yommuu mormiin isa irra gaʼu amantii waadaa Yihowaan gale irratti qabu dhabuu dandaʼa. Amantii keenya yoo dhabne immoo abdii keenyas ni dhabna. Namni haala akkasii keessa jiru gammachuu qabaachuu dhiisuu dandaʼa. w21.02 30 key. 14-15
Jimaata, Muddee 2
Abrahaam Yihowaatti amane.—Yaq. 2:23.
Abrahaam yeroo innii fi maatiin isaa Uriin dhiisanii baʼan umuriin isaa 70 ol taʼuu hin oolu. (Uma. 11:31–12:4) Gara waggaa dhibbaatiif immoo biyya Kanaʼaan keessa asii fi achi deemaa dunkaana keessa jiraate. Abrahaam umurii isaa waggaa 175tti duʼe. (Uma. 25:7) Taʼus, waadaa Yihowaan biyya inni keessa adeemaa ture sanyii isaatiif kennuuf gale yommuu raawwatamu hin argine. Kana malees, magaalichi, jechuunis Mootummaan Waaqayyoo yommuu hundeeffamu hin argine. Taʼus, Abrahaam ‘bara quufee akka duʼe’ ibsameera. (Uma. 25:8) Rakkoowwan kun hundi kan isa irra gaʼan taʼus, Abrahaam amantii cimaa qabaatee jiraateera, akkasumas gammachuudhaan Yihowaa eeggateera. Kana hundumaa dandaʼee kan jiraate maaliif? Guutummaa jireenya isaa hundatti Yihowaan eegumsa waan isaaf godhee fi akka michuu isaatti waan isa kunuunseef ture. (Uma. 15:1; Isa. 41:8; Yaq. 2:22) Nutis akkuma Abrahaam magaalaa hundee dhugaa qabdu eeggachaa jirra. (Ibr. 11:10) Taʼus, magaalichi gara fuulduraatti yommuu ijaaramu arguuf miti. Mootummaan Waaqayyoo bara 1914tti kan hundeeffame siʼa taʼu, samii guutummaatti toʼateera. (Mul. 12:7-10) Haa taʼu malee, yommuu inni guutummaatti lafa toʼatu eeggachaa jirra. w20.08 4-5 key. 11-12
Sanbadduraa, Muddee 3
Yaanni garaa namaa keessa jiru akka bishaan gad fagoo ti, namni hubataan garuu achi keessaa waraabee ni baasa.—Fak. 20:5.
Xiyyeeffannaadhaan warra kaan dhaggeeffachuuf kan gad of qabnuu fi obsa qabeeyyii taʼuun nu barbaachisa. Yoo xinnaate sababii sadiin kan kaʼe kana gochuuf carraaquun keenya sirrii dha. Tokkoffaa, jarjarree waaʼee namootaa murtoo dogoggoraa irra gaʼuuf carraan qabnu ni xiqqaata. Lammaffaa, miiraa fi kakaʼumsa obboleessa keenyaa hubachuu ni dandeenya; kun immoo caalaatti akka isaaf gaddinu nu gargaara. Sadaffaan immoo namni sun waaʼee ofii isaa wanta tokko akka baratu isa gargaaruu dandeenya. Yeroo tokko tokko miira keenya dubbiidhaan hamma ibsinutti dhugumaan wanta nutti dhagaʼamu hubachuu hin dandeenyu. Obboloonnii fi obboleettonni keenya tokko tokko akkaataa guddinaa, aadaa ykn amala isaaniitiin kan kaʼe waaʼee miira isaanii dubbachuun isaan rakkisa. Obboloonnii fi obboleettonni keenya sodaa malee nuu wajjin dubbachuun yeroo isaanitti fudhachuu dandaʼa; haa taʼu malee, miira isaanii isa dhugaa hubachuu kan dandeenyu akkana yoo godhan qofa dha. Obsa argisiisuudhaan fakkeenya Yihowaa kan hordofnu yoo taʼe, akka nu amanan gochuu dandeenya. Achiis miira isaanii ibsuuf yommuu qophaaʼanitti, xiyyeeffannaadhaan isaan dhaggeeffachuu qabna. w20.04 15-16 key. 6-7
Dilbata, Muddee 4
Namoota lubbuudhaan jiran kan qabdu taata.—Luq. 5:10.
Qurxummiin yeroo baayʼee iddoo bishaan isaa isaaniif mijatuu fi nyaata baayʼee argatanitti argamu. Namni qurxummii qabu tokko saʼaatiin inni qurxummii qabuuf itti deemu jijjiirama ni fidaa? Dhugaa Baatuun odoola Paasifiik jiraatu yommuu misiyooniin tokko qurxummii akka isaa wajjin qabu afeeretti yeroo gaarii qurxummii itti qaban ilaalchisee wanta inni jedhe haa ilaallu. Misiyooniin kun “Bor ganama saʼaatii saditti wal argina” isaan jedhe. Obboleessichis deebisee, “Siif hin galle jechuu dha. Qurxummii qabuu kan deemnu yeroo isaan argamanitti malee yeroo nuuf mijatutti miti” jedhe. Haaluma wal fakkaatuun, warri jaarraa tokkoffaatti namoota akka qurxummiitti qaban, iddoo “qurxummiin” sun argamuu fi yeroo inni argamuu dandaʼutti dhaqu turan. Fakkeenyaaf, duuka buutonni Yesuus mana qulqullummaa fi mana sagadaatti, akkasumas manaa gara manaa fi iddoo gabaatti lallabaniiru. (HoE. 5:42; 17:17; 18:4) Nutis barsiifata namoonni naannoo tajaajilaa keenyatti argaman qaban beekuu qabna. Iddoo fi yeroo namoonni baayʼeen argamuu dandaʼanitti lallabuuf akka haala isaatti jijjiirama gochuu qabna.—1 Qor. 9:19-23. w20.09 4 key. 8-9
Wiixata, Muddee 5
Dhugaa dubbachuudhaan, wanta hundumaan gara isaatti, jechuunis gara Kiristoos isa mataa taʼetti jaalalaan haa guddannu.—Efe. 4:15.
Karaan Yesuusii wajjin michummaa uumuu itti dandeenyu keessaa tokko qophiiwwan gumii Kiristiyaanaa deggeruu dha. Warra karaa hafuuraa akka nu eegan muudamanii wajjin wal gargaarree yommuu hojjennu, walitti dhufeenyi Yesuus isa mataa gumii taʼee wajjin qabnu ni cimsanna. (Efe. 4:16) Fakkeenyaaf, yeroo ammaatti Galmawwan Walgaʼii hundi guutummaatti faayidaa irra akka oolan gochuuf yaalii gochaa jirra. Kanaan kan kaʼes, gumiiwwan tokko tokko gumiiwwan kaanii wajjin walitti makamaniiru. Qophiin kun qarshii jaarmiyaa Yihowaatiif buusii godhame hedduu qusachuuf gargaareera. Haa taʼu malee, kun babalʼistoonni tokko tokko haala haaraa kanaa wajjin sirreeffama akka godhan isaan gaafateera. Babalʼistoonni amanamoo taʼan kun gumii taʼe tokkoo wajjin waggoota hedduu kan tajaajilan, obbolootaa fi obboleettota achi jiranii wajjinis michummaa cimaa kan uuman taʼuu dandaʼu. Amma garuu, gumii kan biraa keessatti akka tajaajilan gaafatamaniiru. Maarree Yesuus barattoonni amanamoo taʼan kun qophii kana akka deggeran yommuu argu hammam gammada laata? w20.04 24 key. 14
Kibxata, Muddee 6
Mootiin inni kibbaa gaanfa isaa gaanfa isaa keessa ni galcha.—Dan. 11:40; milj.
Mootiin kaabaa fi mootiin kibbaa addunyaa irratti mootummaa hunda caalaa humna guddaa qabu taʼuu waan barbaadaniif wal morkachuu isaanii itti fufu. Fakkeenyaaf, Waraana Addunyaa Lammaffaa booda Tokkummaan Sooviyeetii fi michoonni ishii biyyoota Awurooppaa hedduu irratti yommuu ol aantummaa argatanii turanitti wanta raawwatame haa ilaallu. Gochi mootii kaabaa kun mootiin kibbaa dhaabbata raayyaa waraanaa addunyaa, Waldaa Kakuu Waraanaa Kaaba Atilaantikii (NATO) jedhamu akka hundeessu isa dirqisiise. Mootiin kaabaa meeshaawwan waraanaa gatii guddaa qaban qopheessuudhaan mootii kibbaa wajjin wal dorgomuu isaa itti fufeera. Mootiin kaabaa fi mootiin kibbaa biyyoota Afriikaa, Eeshiyaa fi Laatiin Ameerikaa keessatti humnoota diinota walii taʼan deggeruudhaan karaa al kallattii taʼeen wal waraananiiru. Waggoota dhihoodhaa asitti Raashiyaa fi michoonni ishii addunyaa mara irratti biyyoota humna guddaa qaban taʼaniiru. Kompiitaratti fayyadamuudhaanis mootii kibbaa wajjin wal lolaa jiru. Mootonni kun dinagdee fi sirna siyaasaa walii balleessuuf yaaduudhaan sagantaa kompiitaraa balaa geessisutti fayyadamaa akka jiran wal himatu. Akkuma Daaniʼel raajiidhaan dubbatetti immoo mootiin kaabaa saba Waaqayyoo irratti miidhaa geessisuu isaa itti fufeera.—Dan. 11:41. w20.05 13 key. 5-6
Roobii, Muddee 7
Anumti hoolota koo nan barbaada, nan kunuunsas.—His. 34:11.
“Haati mucaa ishee isa harma hodhu irraanfachuu in dandeessii?” Kun gaaffii Yihowaan bara Isaayyaas raajichaatti gaafate dha. Waaqayyo saba isaatiin, “Utuma isheen isa irraanfattee iyyuu, ani matumaa si hin irraanfadhu!” jedhee ture. (Isa. 49:15) Yihowaan haadha tokkoo wajjin wal bira kan of qabu yeroo baayʼee miti. Yeroo kanatti garuu akkas godheera. Yihowaan hariiroo cimaa tajaajiltoota isaa wajjin qabu ibsuuf jaalala cimaa haadhaa fi mucaa ishii gidduu jirutti fayyadameera. Haadhotii hedduun akkuma obboleettii Jaasmiin jedhamtuu isaanitti dhagaʼama. Jaasmiin, “Yommuu mucaa kee hoosistu, isaa wajjin hariiroo umurii guutuu itti fufu uumta” jetteetti. Yihowaan yeroo ijoollee isaa keessaa inni tokko illee gumii Kiristiyaanaa irratti argamuu fi hojii lallabaa irratti hirmaachuu dhaabu ni hubata. Obbolootaa fi obboleettota jaallatamoo qabbanaaʼan kana keessaa hedduun isaanii gara gumiitti ni deebiʼu, nutis gammachuudhaan isaan ni simanna! Yihowaan akka isaan deebiʼan barbaada, nutis akkasuma. 1 Phe. 2:25. w20.06 18 key. 1-3
Kamisa, Muddee 8
Ijji [keessan] . . . wantoota hin mulʼanne irratti akka xiyyeeffatu [godhaa]. Sababiin isaas, wantoonni mulʼatan yeroo muraasaaf turu; wantoonni hin mulʼanne garuu bara baraaf jiraatu.—2 Qor. 4:18.
Ijaan kan argaman kennaawwan hunda miti. Siruma iyyuu kennaan hunda irra caalu ijaan kan hin argamne dha. Yesuus Lallaba isaa isa Gaaraa irratti waaʼee qabeenyawwan samii warra qabeenya lafaa irra baayʼee caalanii caqasee ture. Itti dabaluudhaanis dhugaa, “Bakkuma qabeenyi kee jiru sana garaan kees achuma ni taʼa” jedhu dubbateera. (Mat. 6:19-21) Garaan keenya wanta bakka guddaa kenninuuf duukaa akka buunu nu kakaasa. Waaqayyo biratti maqaa ykn ejjennoo gaarii qabaachuudhaan “samii irratti qabeenya” kuufanna. Yesuus qabeenyawwan kun matumaa baduu ykn hatamuu akka hin dandeenye ibseera. Phaawulos ergamaan, ‘iji keenya wantoota hin mulʼanne irratti akka xiyyeeffatu akka goonu’ nu gorseera. (2 Qor 4:17, 18) Wantoonni hin mulʼanne kun eebbawwan addunyaa haaraa Waaqayyo fidu keessatti argannu kan dabalatani dha. Maarree qabeenyawwan hin mulʼanne kanaaf dinqisiifannaa qabnu ni argisiisnaa? w20.05 26 key. 1-2
Jimaata, Muddee 9
Barumsi koo akka bokkaatti ni rooba.—Kes. 32:2.
Wanti Museen isaan barsiise akkuma bokkaa suuta jedhee biqiltuu irratti tiifuutti amantii isaanii cimsee, akkasumas isaan haaromsee ture. Barumsi keenya akkas akka taʼu gochuu kan dandeenyu akkamitti? Lallaba manaa gara manaa irratti ykn lallaba addabaabayii irratti yommuu hirmaannu, maqaa dhuunfaa Yihowaa namootatti argisiisuuf Kitaaba Qulqulluu keenyatti fayyadamuu dandeenya. Barreeffamoota babbareedoo, viidiyoowwan gaggaarii fi wantoota weebsaayitii keenya irratti baʼan kanneen Yihowaadhaaf ulfina fidan isaan afeeruu dandeenya. Bakka hojiitti, mana barumsaatti ykn yeroo imallutti, waaʼee Waaqa keenya isa jaalala qabeessaa fi wanta inni jaallatuu dubbachuuf carraa barbaaduu ni dandeenya. Kaayyoo Yihowaan ilmaan namootaa fi lafaaf qabu namoota argannutti yommuu himnu, Yihowaadhaaf ilaalcha kanaan dura qaban irraa guutummaatti adda taʼe akka qabaatan isaan taasisuu dandeenya. Waaʼee Abbaa keenya isa jaalala qabeessa taʼee dhugaa isaa warra kaanitti yommuu himnu, nutis maqaa isaa qulqulleessuu irratti gumaacha goona. Akkasumas sobawwanii fi maqaa balleessuu warri kaan waaʼee Yihowaa baratan tokko tokko saaxilla. Kana malees, barumsa hunda caalaa nama fayyaduu fi nama haaromsu isaaniif kennina.—Isa. 65:13, 14. w20.06 10 key. 8-9
Sanbadduraa, Muddee 10
Gara kootti deebiʼaa, anis gara keessanitti nan deebiʼa.—Mil. 3:7.
Warra gara Yihowaatti deebiʼuu barbaadan gargaaruu yoo barbaanne, amalawwan akkamii qabaachuu qabna? Fakkeenya Yesuus waaʼee ilma mana dhiisee bade tokkoo dubbate irraa barumsa argachuu dandeenyu tokko tokko haa ilaallu. (Luq. 15:17-24) Ilmi kun dhuma irratti dogoggora isaa hubachuudhaan gara manaatti deebiʼuuf murteesseera. Abbaan mucichaa isa simachuuf itti fiigee isa hammachuudhaan akka isa jaallatu isaaf mirkaneesseera. Mucaan kun qalbiin isaa waan isa ceephaʼeef, ilma jedhamee waamamuun akka isaaf hin malle isatti dhagaʼameera. Abbaan kun ilma isaa kanaaf gadduudhaan yommuu inni miira isaa isaaf ibsu isa dhaggeeffate. Achiis ilma isaa kana akka nama miseensota maatii isaa warra jaallatamoo keessaa tokko taʼetti isa simachuu isaa isaaf mirkaneessuuf wanta kan biraa godhe. Jaalala isaa isaaf ibsuuf, afeerraa qopheesse, akkasumas ilma isaa yaada geddarate kanaaf uffatawwan babbareedoo kenne. Yihowaan abbaa fakkeenya sana irratti ibsamee wajjin wal fakkaata. Inni obbolootaa fi obboleettota keenya warra qabbanaaʼan ni jaallata, gara isaatti akka deebiʼanis ni barbaada. Nutis fakkeenya Yihowaa hordofuudhaan akka deebiʼan isaan gargaaruu ni dandeenya. Kun immoo obsa qabachuu, miira isaanii hubachuu fi jaalala qabaachuu gaafata. w20.06 25-26 key. 8-9
Dilbata, Muddee 11
Isin dubbii kootiin yoo jiraattan dhuguma barattoota koo ti; dhugaa ni beektu, dhugaanis bilisa isin baasa.—Yoh. 8:31, 32.
Yesuus namoonni tokko tokko dhugaa “gammachuudhaan” kan fudhatan taʼanis, yeroo qorumsi isaan irra gaʼu amantiin isaanii akka laafu dubbateera. (Mat. 13:3-6, 20, 21) Tarii namoonni kun Yesuus duukaa buʼuun rakkinaa fi dhiphina isaanitti fiduu akka dandaʼu hin hubanne taʼa. (Mat. 16:24) Yookiin Kiristiyaana taʼuu jechuun jireenya rakkina irraa walaba taʼe jiraachuu, jechuunis jireenya eebba malee rakkina hin qabne akka taʼetti yaadu taʼa. Haa taʼu malee, addunyaan yeroo harʼaa jiru rakkinaan kan guutame dha. Haalawwan tokko tokko ni jijjiiramu, gammachuu keenyas yeroodhaaf nu jalaa xiqqeessuu dandaʼu. (Far. 6:6; Lal. 9:11) Obboloonnii fi obboleettonni keenya harki caalaan isaanii dhugaa akka qabatan mirkaneeffataniiru. Akkas kan jennu maaliifi? Namni hidhata amantii isaanii taʼe tokko yoo isaan miidhe ykn gocha Kiristiyaana tokko irraa hin eegamne yoo raawwate amantiin isaanii hin raafamu. (Far. 119:165) Yeroo qorumsi isaan mudatu hundatti, amantiin isaanii caalaatti cimaa deema malee hin laafu. (Yaq. 1:2-4) Amantii cimaa akkasii qabaachuu qabna. w20.07 8 key. 1; 9 key. 4-5
Wiixata, Muddee 12
Isin keessaa namni kam iyyuu ogummaan yoo isatti hirʼate, Waaqa kadhachuu isaa itti haa fufu.—Yaq. 1:5.
Kitaaba Qulqulluu dubbisuu jalqabuu kee dura, Yihowaan wanta dubbistu irraa akkamitti akka fayyadamtu hubachuuf akka si gargaaru kadhadhu. Fakkeenyaaf, rakkina si mudate ilaalchisee gorsa barbaadaa jirta yoo taʼe, Yihowaan Dubbii isaa keessaa qajeelfama murtoo sirrii gochuuf si gargaaru akka siif kennu gaafadhu. (Filp. 4:6, 7) Yihowaan dandeettii dinqisiisaa yaadaan ilaaluu nuu kenneera. Seenaa Kitaaba Qulqulluu tokko akka gaariitti hubachuuf akka si gargaaruuf wanta raawwatame sana yaadaan ilaali; akkasumas iddoo nama seenicha keessatti ibsame sanaa of kaaʼuuf yaali. Wanta inni ilaale ilaaluu fi miirri isatti dhagaʼamee taʼuu dandaʼu akka sitti dhagaʼamu gochuuf yaali. Achiis xiinxali. Xiinxaluu jechuun waaʼee wanta dubbistu sanaa fi odeeffannoon achi irraa argattu sun akkamitti akka si fayyadu gadi fageenyaan yaaduu jechuu dha. Kana gochuun kee yaadawwan sana akka wal qabsiistuu fi waaʼee dhimmichaa hubannaa balʼaa akka argattu si gargaara. Kitaaba Qulqulluu utuu hin xiinxalin dubbisuun, carqii hodhaadhaaf mummuramee minjaala irra taaʼe ilaaluu wajjin wal fakkaata. Xiinxaluun haala isaa guutummaatti hubachuuf nu gargaara. w21.03 15 key. 3-5
Kibxata, Muddee 13
Ani Waaqa . . . nan galateeffadha; kanaafuu, wawwaannaa ani halkanii fi guyyaa dhiheessu keessatti yeroo hundumaa sin yaadadha.—2 Xim. 1:3.
Phaawulos ergamaan wanta kanaan dura darbe irratti xiyyeeffachuudhaan, ‘Utuun filannoo kan biraa godheera taʼee hin hidhamun ture’ jedhee yaaduu dandaʼa. Namoota koonyaa Eeshiyaa warra isa dhiisanii deemanitti baayʼee aaruu dandaʼa, akkasumas amanannaa michoota isaa kaan irratti qabu dhabuu dandaʼa ture. Phaawulos garuu wantoota kana keessaa tokkoo isaanii illee hin goone. Phaawulos duuti isaa dhihaatee yeroo turetti illee, Yihowaadhaaf ulfina fiduu isa dhimma guddaa taʼe irratti xiyyeeffachuu hin dhiisne. Akkamitti warra kaan akka jajjabeessu yaaduu isaas itti fufeera. Utuu wal irraa hin kutin kadhachuudhaan Yihowaatti amanameera. Namoota isa dhiisan irratti garmalee xiyyeeffachuu mannaa, michoota isaa amanamummaadhaan gargaarsa qabatamaa isaaf godhaniif galateeffannaa qabu ibseera. Dabalataanis, Phaawulos Dubbii Waaqayyoo qoʼachuu isaa itti fufeera. (2 Xim. 3:16, 17; 4:13) Hunda caalaa immoo, Yihowaa fi Yesuus akka isa jaallatan amanannaa guutuu qaba ture. w21.03 18 key. 17-18
Roobii, Muddee 14
Akkuma inkirdaadichi walitti qabamee ibiddaan gubamu, dhuma sirna kanaattis akkanuma ni taʼa.—Mat. 13:40.
Dhaloota Kiristoos Booda jaarraa lammaffaa yeroo taʼe tokkotti, gumiin Kiristiyaanota dhugaa Kiristiyaanota sobaa warra barumsa namoota Waaqayyoon hin beekne barsiisanii fi dhugaa Dubbii Waaqayyoo keessatti argamu dhoksaniin liqimfamuu jalqabe. Yeroo sanaa jalqabee hamma jaarraa 19ffaa gara boodaatti lafa irratti gareen tajaajiltoota Waaqayyoo qabate tokko hin turre. Kiristiyaanonni sobaa akkuma inkirdaadaatti baayʼatanii eenyummaa Kiristiyaanota dhugaa dhoksanii turan. (Mat. 13:36-43) Kana beekuun barbaachisaa kan taʼe maaliifi? Yaanni kun mootii kaabaa fi mootii kibbaa ilaalchisee wanti Daaniʼel boqonnaa 11 irraa dubbisnu bulchitootaa fi mootummoota bara 100 hanga bara 1870tti aangoo qabatan kan hin ilaallanne taʼuu isaa argisiisa. Yeroo kanatti sabni Waaqayyoo gurmaaʼee fi isaan haleellaa irratti geessisuu dandaʼan hin jiru ture. Haa taʼu malee, bara 1870 booda utuu baayʼee hin turin mootiin kaabaa fi mootiin kibbaa deebiʼee akka mulʼatu eeguu dandeenya. w20.05 3 key. 5
Kamisa, Muddee 15
Sabni . . . tokko biyya koo irratti dhufeera.—Yoe. 1:6.
Yoʼel gurmuun hawaannisaa tokko biyya Israaʼel akka balleessuu fi biqiltoota biyyattii keessa jiran hundumaa akka nyaatu raajii dubbateera! (Yoe. 1:4) Waggoota hedduudhaaf raajiin kun sabni Yihowaa akkuma gurmuu hawaannisaa dhaabbachuu hin dandeenyeetti lallabuu isaanii akka itti fufan kan argisiisudha jennee amanna turre. Hojiin kun ‘biyyattii’ irratti ykn namoota toʼannaa geggeessitoota amantii jala jiran irratti miidhaa cimaa geessisa jennee yaadna turre. Haa taʼu malee, guutummaa raajichaa yommuu ilaallu karaa kana irraa adda taʼeen hubachuun akka nu barbaachisu argina. Weerara hawaannisaa kana ilaalchisee waadaa Yihowaan, “Isa kaabaa [hawaannisa] sana isin irraa nan fageessa” jechuudhaan gale hubadhaa. (Yoe. 2:20) Gurmuun hawaannisaa kun Dhugaa Baatota Yihowaa ajaja Yesuus akka lallabanii fi barattoota akka godhaniif kenne raawwachaa jiran kan argisiisu erga taʼee, Yihowaan isaan fageessuuf waadaa kan gale maaliifi? (His. 33:7-9; Mat. 28:19, 20) Kana irraa ifatti hubachuun akka dandaʼamutti, Yihowaan kan fageessu tajaajiltoota isaa warra amanamoo utuu hin taʼin wanta ykn warra saba isaa jibbani dha. w20.04 3 key. 3-5
Jimaata, Muddee 16
Isin keessaa namni kam iyyuu ogummaan yoo isatti hirʼate, Waaqa kadhachuu isaa itti haa fufu.—Yaq. 1:5.
Yihowaan kadhannaa keenya dafee akka nuuf hin deebisne yoo nutti dhagaʼame hoo maal gochuu qabna? Yaaqoob, Waaqayyoon ‘kadhachuu keenya akka itti fufnu’ dubbateera. Irra deddeebinee ogummaa akka nuuf kennu Yihowaa kadhachuun keenya isa hin aarsu. Yoo akkas goone inni nu hin ceephaʼu. Abbaan keenya inni samii ogummaa qorumsa nu irra gaʼu dandamachuuf nu gargaaru akka nuuf kennu yommuu isa kadhannu ‘arjummaadhaan nuuf kenna.’ (Far. 25:12, 13) Inni qorumsa nu irra gaʼu ni arga, nuuf gadda, nu gargaaruufis hawwii guddaa qaba. Kun immoo baayʼee nu gammachiisa! Maarree, Yihowaan ogummaa kan nuuf kennu akkamitti? Dubbii isaatti fayyadamee ti. (Fak. 2:6) Ogummaa kana argachuuf Dubbii Waaqayyoo fi barreeffamoota Kitaaba Qulqulluu irratti hundaaʼan qoʼachuu qabna. Haa taʼu malee, qoʼachuu malees wanti gochuu qabnu kan biraan jira. Gorsa Waaqayyoo hojii irra oolchuudhaan ogummaa isaa wajjin haala wal simuun jiraachuu qabna. Yaaqoob, ‘Dubbicha hojii irra kan oolchitan taʼaa malee, kan dhageessan qofa hin taʼinaa’ jedhee barreesseera. (Yaq. 1:22) Gorsa Waaqayyoo yommuu hojii irra oolchinu caalaatti naga qabeeyyii, yaada keenyatti kan hin cichinee fi gara laafeyyii taana. (Yaq. 3:17) Amalawwan kunneen gammachuu keenya utuu hin dhabin qorumsawwan nu irra gaʼan kam iyyuu dandamachuuf nu gargaaru. w21.02 29 key. 10-11
Sanbadduraa, Muddee 17
Kutaan qaamaa hundi . . . qaamni sun akka guddatu . . . gumaacha godha.—Efe. 4:16.
Barataan Kitaaba Qulqulluu tokko obboloonni gumii keessa jiran kaan gargaarsa yoo isaaf godhan caalaatti guddina gochuuf kakaʼuu dandaʼa. Babalʼisaan hundi guddina gumichaatiif gumaacha gochuu dandaʼa. Qajeelchituun tokko akkana jetteetti: “Jechamni, ‘Daaʼima tokko guddisuuf namoonni ganda tokko keessa jiraatan hundi gumaacha godhu’ jedhu jira. Jechamni kun barattoota gochuu wajjin haala wal qabateenis ni hojjeta jedheen yaada; yeroo baayʼee namni tokko gara dhugaatti akka dhufu gochuuf gumiin gumaacha gochuu dandaʼa.” Miseensonni maatii, michoonnii fi barsiisonni hundi daaʼimni tokko akka guddatu gargaaruu irratti gaʼee qabu. Daaʼima sana jajjabeessuu fi barumsawwan barbaachisoo taʼan barsiisuudhaan kana gochuu dandaʼu. Haaluma wal fakkaatuun babalʼistoonnis barattoota Kitaaba Qulqulluu gorsuudhaan, jajjabeessuu fi fakkeenya gaarii isaaniif taʼuudhaan guddina godhanii akka cuuphaman gargaaruu dandaʼu. (Fak. 15:22) Babalʼisaan qoʼannaa Kitaaba Qulqulluu geggeessu tokko gargaarsa obboloonni gumii keessa jiran barataa isaatiif kennanitti gammaduu kan qabu maaliifi? Barataan tokko karaa hafuuraa guddina akka godhu namoonni hedduun gumaacha gochuu waan dandaʼaniifi. w21.03 8 key. 1-3
Dilbata, Muddee 18
“Cubbuu hin qabnu” jennee yoo dubbanne of gowwoomsaa jirra.—1 Yoh. 1:8.
Kiristiyaanonni hundi, jechuunis dargaggoonnis taʼan maanguddoonni dhiibbaa jireenya bifa lamaa akka jiraatan isaan irratti godhamu dandamachuu qabu. Yohaannis ergamaan jireenya gadhiisii jiraachaa dhugaa keessa deddeebiʼuu akka hin dandeenye ifatti dubbateera. (1 Yoh. 1:6) Ammas taʼe gara fuulduraatti Waaqayyo duratti fudhatama argachuu yoo barbaanne, wanti goonu hundi ifatti akka mulʼatu akka beeknu haala argisiisuun jiraachuu qabna. Karaa biraatiin, Yihowaan wanta goonu hunda waan arguuf, cubbuun dhoksaatti raawwatamu hin jiru. (Ibr. 4:13) Ilaalcha addunyaan cubbuudhaaf qabu irraa fagaachuu qabna. Bara Yohaannisitti, gantoonni ‘Namni tokko taʼe jedhee cubbuu utuma raawwatuu Waaqayyoo wajjin hariiroo qabaachuu dandaʼa’ jedhu turan. Yeroo harʼaattis, namoota ilaalcha akkasii qaban gidduu jiraachaa jirra. Namoonni hedduun Waaqayyotti akka amanan kan dubbatan taʼanis, ilaalcha Yihowaan cubbuudhaaf qabu, keessumaa immoo dhimma saalqunnamtii wajjin walqabate irratti walii hin galan. Gocha Yihowaan akka cubbuutti ilaalu, isaan immoo filannoo dhuunfaa ykn akkaataa jireenyaa kan biraa akka taʼe dubbatu. w20.07 22 key. 7-8
Wiixata, Muddee 19
Hojii fi dhugaadhaan wal haa jaallannu.—1 Yoh. 3:18.
Yeroo isaan barbaachisutti obboleettota hafuuraa keessan deggertanii ni dubbattuu? Fakkeenyaaf, haala armaan gadii hubadhaa. Babalʼistoonni tokko tokko obboleettiin mana amantaadhaan tokko hin taane keessa jiraattu yeroo baayʼee barfattee akka dhuftuu fi akkuma walgaʼiin xumurameen akka deemtu hubatan. Ijoollee ishiis gara walgaʼii kan fiddu darbee darbee qofa akka taʼe hubataniiru. Abbaa manaa ishii hin amanne wajjin haala walqabateen tarkaanfii cimaa fudhachuu qabdi turte jedhanii yaaduudhaan ishii ceephaʼan. Taʼus, dhugaan isaa obboleettiin kun wanta dandeessu hunda gochaa jirti. Sagantaa ishii guutummaatti toʼachuu hin dandeessu; ijoollee ishii ilaalchisees murtoo isa dhumaa kan godhu ishii miti. Yoo ishii galateeffattee fi wanta gaarii ishiin raawwachaa jirtu warra kaanitti yoo himte dubbii dogoggoraa kana dhaabuu ni dandeessa. Jaarsoliin Yihowaan obboleettonni akka gaariitti akka qabaman akka barbaadu beeku. (Yaq. 1:27) Kanas yeroo gaarummaa argisiisuu fi warra kaan hubachuun caalaatti gaarii taʼutti, seera baasuu dhiisuudhaan argisiisu. (Mat. 15:22-28) Jaarsoliin gargaarsa gochuudhaaf dursa fudhatan obboleettonni isaanii Yihowaa fi Yesuus akka isaan jaallatan akka itti dhagaʼamu godhu. w20.09 24-25 key. 17-19
Kibxata, Muddee 20
[Waaqayyo] wanta . . . raawwatamu Nebukadnezaar Mootichatti beeksiseera.—Dan. 2:28.
Daaniʼel raajichi yeroo hunda gad of qabuudhaan qajeelfama Yihowaa barbaada ture. Fakkeenyaaf, Yihowaan abjuu Nebukadnezaar akka hiiku yommuu isatti fayyadametti, Daaniʼel ofuma isaatiin akka hiike hin dubbanne. Kanaa mannaa, gad of qabuudhaan, ulfinaa fi kabaja hundumaa Yihowaadhaaf kenneera. (Dan. 2:26-28) Kana irraa barumsa akkamii arganna? Obboloonni haasaa nuti kenninu dhaggeeffachuu ni jaallatu yoo taʼe ykn tajaajila irratti hamma tokko milkaaʼina arganneerra yoo taʼe, ulfina hundumaa Yihowaadhaaf kennuu akka qabnu yaadachuu barbaanna. Wantoota kana gargaarsa Yihowaa malee raawwachuu akka hin dandeenye gad of qabuudhaan amannee fudhachuu qabna. (Filp. 4:13) Ilaalcha akkasii yommuu qabaannu fakkeenya Yesuus isa gaariis hordofaa jirra jechuu dha. Yesuus Yihowaatti amanameera. (Yoh. 5:19, 30) Abbaa isaa isa samii irraa aangoo butee fudhachuuf matumaa yaalii godhee hin beeku. Filiphisiyus 2:6 Yesuus, “Aangoo Waaqayyoo saamuuf, jechuunis Waaqayyoo wajjin qixxee taʼuuf hin yaadne” jedha. Yesuus Ilma bitamu waan tureef, humni isaa daangaa akka qabu hubateera, aangoo Abbaa isaas kabajeera. w20.08 10-11 key. 12-13
Roobii, Muddee 21
Badhaasicha akka argattaniif haaluma kanaan fiigaa.—1 Qor. 9:24.
Namoonni daandii jireenyatti geessu irra fiigan tokko tokko haalawwan warri kaan arguus taʼe hubachuu hin dandeenye tokko tokko isaan mudatu. Humni keessan kan daangeffame yoo taʼee fi namoonni karaa sirrii hin taaneen akka isin hubatan yoo isinitti dhagaʼame, fakkeenya Mefii-Bosheet irraa jajjabina argachuu dandeessu. (2 Sam. 4:4) Inni nama humni isaa daangeffamee fi Daawit Mootichi karaa dogoggoraan hubate ture. Haa taʼu malee, kun ilaalcha sirrii hin taane akka qabaatu isa hin goone; kanaa mannaa, wantoota gaggaarii jireenya isaa keessatti argate dinqisiifateera. Gaarummaa Daawit kanaan dura isatti argisiiseef galateeffateera. (2 Sam. 9:6-10) Kanaafuu, yeroo Daawit karaa dogoggora taʼeen isa qabetti, Mefii-Bosheet wanta taʼe hundumaa tilmaama keessa galcheera. Dogoggorri Daawit akka isa mufachiisu hin heyyamne. Wanta Daawit raawwateefis Yihowaa hin komanne. Mefii-Bosheet mootii Yihowaan muude gargaaruuf wanta gochuu dandaʼu irratti xiyyeeffateera. (2 Sam. 16:1-4; 19:24-30) Yihowaanis fakkeenyi gaariin Mefii-Bosheet kaaʼe faayidaa keenyaaf jecha Dubbii Isaa keessatti akka galmeeffamu godheera.—Rom. 15:4. w20.04 26 key. 3; 30 key. 18-19
Kamisa, Muddee 22
Nuti warra Waaqayyoo wajjin hojjennu dha.—1 Qor. 3:9.
Obboloonni gumii keessa jiran tokko tokko misiyoonota, qajeelchitoota addaa ykn qajeelchitoota yeroo hundaa taʼanii muudamuu dandaʼu. Isaan lallabuu fi barattoota gochuu hojii yeroo guutuu hojjetan godhataniiru. Labsitoonni wangeelaa yeroo guutuu kun, qabeenya muraasa kan qaban taʼus, Yihowaan jireenya isaanii eebbaan guutuudhaan isaan kiiseera. (Mar. 10:29, 30) Obbolootaa fi obboleettota kanaaf iddoo guddaa kennina, kutaa gumii taʼuu isaaniitiifis ni galateeffanna! Gumii keessatti iddoo kan qaban obboloota muudamanii fi warra tajaajila yeroo guutuu irratti hirmaatan qofadhaa? Matumaa! Babalʼistoonni misiraachoo labsan hundi Waaqayyoofis taʼe, gumichaaf ni barbaachisu. (Rom. 10:15; 1 Qor. 3:6-8) Kaayyoowwan barbaachisoo gumiin qabu keessaa inni tokko namoonni barattoota Gooftaa keenya Yesuus Kiristoos akka taʼan gargaaruu dha. (Mat. 28:19, 20; 1 Xim. 2:4) Babalʼistoonni cuuphamanis taʼan hin cuuphamne, warri gumii keessa jiran hundi hojii kanaaf dursa kennuuf yaalii godhu.—Mat. 24:14. w20.08 21 key. 7-8
Jimaata, Muddee 23
Ani hanga dhuma sirna kanaatti guyyaa hundumaa isinii wajjinan jira.—Mat. 28:20.
Yaanni caqasa guyyaa harʼaa irra jiru yeroo rakkoowwan garaa garaa nu mudatu Yesuus akka nu gargaaru argisiisa. Jechoonni Yesuus dubbate madda jabinaa nuuf taʼu. Maaliif? Sababiin isaas guyyoota tokko tokko dandamachuun nutti ulfaachuu dandaʼa. Fakkeenyaaf, namni jaallannu tokko yommuu duʼu, gaddi keenya guyyoota muraasaaf qofa utuu hin taʼin, waggoota hedduudhaaf nu irra turuu dandaʼa. Tokko tokko immoo sababa dullumaatiin haala rakkisaa dandamachuun isaan barbaachisuu dandaʼa. Warri kaan immoo, dhiphina isaan mudateen akka liqimfaman isaanitti dhagaʼama. Taʼus, Yesuus jireenya keenya keessatti yeroo rakkisaa dabalatee, “guyyaa hundumaa” akka nu wajjin jiru waan beeknuuf, jabina dandamachuuf nu gargaaru argachuu dandeenya. (Mat. 11:28-30) Dubbiin Waaqayyoo Yihowaan karaa maleekota isaa akka nu gargaaru nuuf mirkaneessa. (Ibr. 1:7, 14) Fakkeenyaaf, ‘misiraachoo Mootummichaa’ namoota ‘saba, gosaa fi qooqa hundumaa’ keessaa taʼaniif yommuu lallabnu deggersaa fi qajeelfama nuuf kennu.—Mat. 24:13, 14; Mul. 14:6. w20.11 13-14 key. 6-7
Sanbadduraa, Muddee 24
Yaanni garaa namaa keessa jiru akka bishaan gad fagoo ti, namni hubataan garuu achi keessaa waraabee ni baasa.—Fak. 20:5.
Barataan keenya wanti inni barachaa jiru, Dubbii Waaqayyoo irraa akka madde akka hubatu barbaanna. (1 Tas. 2:13) Kana gochuu kan dandeenyu akkamitti? Barataan keessan waaʼee wanta barachaa jiru akka dubbatu jajjabeessaa. Yeroo hundumaa caqasoota Kitaaba Qulqulluu baratichaaf ibsuu mannaa muraasa isaanii akka inni ibsu gaafadhaa. Baratichi Dubbii Waaqayyoo dhuunfaatti akkamitti akka hojii irra oolchu akka hubatu gargaaraa. Caqasa dubbise ilaalchisee wanta yaaduu fi wanta isatti dhagaʼamu ibsuu akka dandaʼuuf, gaaffiiwwan ilaalchaa gaafadhaa. (Luq. 10:25-28) Fakkeenyaaf akkas jedhaa gaafadhaa: “Caqasni kun amalawwan Yihowaa hubachuuf kan si gargaare akkamitti?” “Dhugaa Kitaaba Qulqulluu kana irraa kan fayyadamtu akkamitti?” “Waaʼee wanta amma barattee maaltu sitti dhagaʼama?” Wanti caalaatti barbaachisaa taʼe baratichi hammam beeka isa jedhu utuu hin taʼin, wanta beeku hammam jaallata, akkasumas hammam hojii irra oolcha isa jedhu dha. Kitaabni Qulqulluun akka barsiisu taasisaa. Ogummaa barsiisuu kee fooyyeffachuu yoo barbaadde gad of qabuu qabda. w20.10 15 key. 5-6
Dilbata, Muddee 25
Ganamaan sanyii kee facaasi, hamma galgalaattis harki kee hin boqotin.—Lal. 11:6.
Hojiin lallabaa yeroo sirrii taʼetti akka xumuramu mirkanaaʼoo taʼuu dandeenya. Mee wanta bara Nohitti raawwatame haa ilaallu. Yihowaan wanta tokko kan raawwatu yeroo hunda caalaa gaarii taʼetti akka taʼe mirkaneesseera. Inni yeroo bishaan badiisaa itti dhufu gara waggaa 120 dura murteessee ture. Achiis waggoota kudhaniin lakkaaʼaman booda Noh markaba akka ijaaru isatti hime. Noh bishaan badiisaa dhufuu isaa dura gara waggaa 40 ykn 50tiif jabaatee hojjechuu isaa itti fufeera. Hamma Yihowaan ‘Amma yeroon isaa yeroo gara markabichaatti galtu dha’ jedhutti namoonni kan isa hin dhaggeeffanne taʼu illee, ergaa akeekkachiisaa lallabuu isaa itti fufeera. Achiis yeroo sirriitti, “Waaqayyo balbala in cufe.” (Uma. 6:3; 7:1, 2, 16) Dhiheenyatti Yihowaan hojiin Mootummicha labsuu akka xumuramu godha; akkasumas balbala sirna Seexanaa cufuudhaan addunyaa haaraan qajeelummaan keessa buufatu akka dagaagu godha. Kanaafuu hammasitti fakkeenya Noh, Anbaaqomii fi warra harki isaanii akka hin boqonne godhan kaanii haa hordofnu. Hojii lallabaa irratti kan xiyyeeffannu, obsa kan qabnuu fi Yihowaa fi abdii inni kenne irratti amantii cimaa kan qabnu haa taanu. w20.09 13 key. 18-19
Wiixata, Muddee 26
Wanti hundi karaa naamusa qabuun, akkasumas karaa seera qabeessa taʼeen haa raawwatamu.—1 Qor. 14:40.
Qaamni mataa taʼe hin beekamu utuu taʼee, maatiin Yihowaa gurmaaʼiinsaa fi gammachuu kan hin qabne taʼa ture. Fakkeenyaaf, qaamni murtoo dhumaa godhuu fi murtoo kana raawwachiisuu irratti dursa fudhatu eenyu akka taʼe hin beekamu ture. Qophiin Waaqayyo matummaa ilaalchisee godhe baayʼee gaarii erga taʼee, dubartoonni yeroo harʼaa jiran hedduun akka cunqurfaman kan isaanitti dhagaʼamu maaliifi? Kun kan taʼe dhiironni hedduun qajeelfama Yihowaan maatiidhaaf baase hordofuu mannaa, aadaa naannoo isaanii hordofuu waan filataniifi. Fedhii ofittummaa isaanii guuttachuuf jedhanii haadhotii manaa isaanii miidhuu illee ni dandaʼu. Fakkeenyaaf, abbaan manaa tokko kabaja ofiif qabu guddifachuuf ykn immoo “dhiirummaa” isaa argisiifachuuf jecha haadha manaa isaa hacuucuu dandaʼa. ‘Haati manaa koo akka na jaallattu dirqisiisuu hin dandaʼu; akka na sodaattu garuu dirqisiisuu nan dandaʼa’ jedhee yaaduu dandaʼa. Sodaa kanas ishii toʼachuuf itti fayyadamuu dandaʼa. Yaannii fi amalli akkasii kabajaa fi ulfina dubartoonni argachuu qaban isaan dhabsiisa. Akkasumas wanta Yihowaan barbaadu wajjin kallattiidhaan wal faallessa.—Efe. 5:25, 28. w21.02 3 key. 6-7
Kibxata, Muddee 27
Inni isiniif waan yaaduuf, yaaddoo keessan hundumaa isa irratti gataa.—1 Phe. 5:7.
Kiristiyaanonni dhiibbaan isaan irra gaʼu garaadhaa Yihowaatti kadhannaa yommuu dhiheessan boqonnaa argachuu dandaʼu. ‘Nagaa Waaqayyoo isa hubannaa [nama] hundumaa irra caalu’ argachuudhaan kadhannaa keenyaaf deebii arganna. (Filp. 4:6, 7) Yihowaan hafuura qulqulluu isa humna cimaa qabuun yaaddoo garaa keenyaa ni tasgabbeessa. (Gal. 5:22) Yommuu Yihowaatti kadhannaa dhiheessitan wanta garaa keessan keessa jiru isatti himaa. Adda baasaa kadhadhaa. Rakkina isin mudate itti himaa, waaʼee rakkinichaa miira isinitti dhagaʼamus ibsaa. Dhimmichi furmaata argachuu ni dandaʼa yoo taʼe, ogummaa furmaata isaa beekuu fi cimina hojii irra oolchuuf isin gargaaru argachuuf kadhadhaa. Deebiin isaa rakkinichi toʼannaa keessanii ol akka taʼe kan argisiisu yoo taʼe, waaʼee isaa garmalee yaaddaʼuu dhiisuuf akka isin gargaaru Yihowaa kadhadhaa. Kadhannaa keessan kan dhiheessitan adda baastanii yoo taʼe, yeroo booda Yihowaan kadhannaa keessan akkamitti akka deebise ifatti hubachuu dandeessu. Erga kadhannaa dhiheessitanii booda yeruma sana yoo deebii dhabdan, abdii hin kutatinaa. Yihowaan adda baastanii akka kadhattan qofa utuu hin taʼin, kadhachuu keessan akka itti fuftanis ni barbaada.—Luq. 11:8-10. w21.01 3 key. 6-7
Roobii, Muddee 28
[Yesuusis] akkana isaaniin jedhe: “Warra kennaa isaa qaban qofa malee, namni hundi dubbii kana fudhachuu hin dandaʼu.”—Mat. 19:11.
Gumiin yeroo harʼaa jiru hiriyoota gaaʼelaa fi maatiiwwan kan qabate dha. Haa taʼu malee, obbolootaa fi obboleettota gaaʼela hin godhanne hedduus ni dabalata. Warra gaaʼela hin godhanneef ilaalcha akkamii qabaachuu qabna? Mee Yesuus warra gaaʼela hin godhanneef ilaalcha akkamii akka qabu haa ilaallu. Yesuus yeroo lafa irra tajaajilaa turetti gaaʼela hin godhanne. Qeenxee taʼee jiraachuudhaan, yeroo fi xiyyeeffannaan isaa hojii isaaf kenname irratti akka taʼu godheera. Yesuus gaaʼela godhachuun ykn qeenxee taʼuun ulaagaa Kiristiyaana tokko irraa eegamu akka taʼe hin barsiisne. Taʼus, Kiristiyaanonni tokko tokko gaaʼela godhachuu dhiisuuf filachuu akka dandaʼan dubbateera. Yesuus warra gaaʼela hin godhanneef kabaja qaba ture. Namoonni qeenxee taʼan gad aanoo akka taʼan ykn wanti isaanitti hirʼate akka jirutti isaan hin ilaalle. Akkuma Yesuus, Phaawulos ergamaanis yeroo tajaajilaa turetti qeenxee ture. Phaawulos Kiristiyaanni tokko gaaʼela godhachuun isaa dogoggora akka taʼe matumaa barsiisee hin beeku. Phaawulos kun dhimma dhuunfaa akka taʼe beeka ture. w20.08 28 key. 7-8
Kamisa, Muddee 29
Waaqayyo jaalala.—1 Yoh. 4:16.
Yohaannis umurii dheeraa muuxannoo dinqisiisoodhaan guutame jiraateera. Rakkoowwan hedduun amantii isaa laaffisuu dandaʼan isa mudataniiru. Taʼus, ajaja obbolootaa fi obboleettota keenya akka jaallannu kenname dabalatee, ajajawwan Yesuus eeguuf yeroo hunda wanta dandaʼu godheera. Kanaan kan kaʼes, Yihowaa fi Yesuus akka isa jaallatanii fi cimina qorumsa kam iyyuu moʼuuf isa gargaaru akka isaaf kennan mirkanaaʼaa ture. (Yoh. 14:15-17; 15:10) Wanti Seexanni ykn sirni isaa godhe kam iyyuu Yohaannis obboloota akka hin jaallannee fi jaalala isaa dubbii fi gochaan akka hin argisiisne isa hin goone. Akkuma Yohaannis nutis addunyaa Seexanni inni hamaanii fi waaqa sirna kanaa taʼe toʼatu keessa jiraanna. (1 Yoh. 3:1, 10) Inni obbolootaa fi obboleettota keenya jaallachuu akka dhiisnu kan barbaadu taʼus, nuti yoo isaaf heyyamne malee akkas gochuu hin dandaʼu. Obbolootaa fi obboleettota keenya jaallachuuf, akkasumas jaalala keenya dubbii keenyaan argisiisuu fi gocha keenyaan mirkaneessuuf haa murteessinu. Taanaan, gammachuu kutaa maatii Yihowaa taʼuun argamsiisu arganna, jireenyi keenyas hiika qabaata.—1 Yoh 4:7. w21.01 13 key. 18-19
Jimaata, Muddee 30
Waaqayyo . . . jabaatanii dhaabbachuu . . . namaaf [kenna].—Rom. 15:5.
Addunyaa Seexanni toʼatu kana keessatti jireenyi baayʼee ulfaataa dha, yeroo tokko tokko immoo humna keenyaa ol taʼuu dandaʼa. (2 Xim. 3:1) Taʼus, dhiphachuu ykn sodaachuu hin qabnu. Yihowaan haala nuti keessa jirru ni beeka. Yommuu gargaarsi nu barbaachisutti harka isaa mirgaa isa cimaatiin akka nu qabu waadaa galeera. (Isa. 41:10, 13) Deggersa isaatti guutummaatti amanamuudhaan, Kitaaba Qulqulluu irraa jabina argachuu fi rakkina kam iyyuu moʼuu ni dandeenya. Diraamaawwan Viidiyoo fi Oodiyoo keenya, akkasumas mata dureewwan, “Fakkeenya Amantii Isaanii Hordofaa” jedhu jalatti walitti aananii baʼan, seenaa Kitaaba Qulqulluu akka gaariitti hubachuuf si gargaaru. Seenaawwan qophaaʼan kana ilaaluu, dhaggeeffachuu ykn dubbisuu kee dura Yihowaan qabxii hojii irra oolchitu argachuuf akka si gargaaru kadhadhu. Bakka nama seenicha keessa jiru sanaa akka jirtu godhii of ilaali. Tajaajiltoonni Yihowaa jaallatamoon kun maal akka godhanii fi Yihowaan rakkina isaanii akka moʼan akkamitti akka isaan gargaare xiinxali. Achiis barumsa argatte hojii irra oolchi. Gargaarsa Yihowaan sii gochaa jiruuf isa galateeffadhu. Warra kaan jajjabeessuu fi gargaaruuf carraa barbaaduudhaan gargaarsa sii godhame akka dinqisiifattu argisiisi. w21.03 19 key. 22-23
Sanbadduraa, Muddee 31
Ijoolleen dhaala Yihowaa biraa argamani dha.—Far. 127:3.
Hiriyoota gaaʼelaa ijoollee godhachuu barbaaddan yoo taatan akkas jedhaa of gaafadhaa: ‘Nuti namoota gad of qabanii fi Yihowaa fi Dubbii isaa jaallatanidhaa? Daaʼima gatii guddaa qabu akka kunuunsinuuf Yihowaan nu filataa?’ (Far. 127:4) Warra yoo taatan immoo akkas jedhaa of gaafadhaa: ‘Barbaachisummaa jabaatanii hojjechuu ijoollee koo barsiisaan jiraa?’ (Lal. 3:12, 13) ‘Balaa karaa qaamaa fi naamusaa addunyaa Seexanaa keessatti ijoollee koo mudachuu dandaʼu irraa isaan eeguuf wanta naaf dandaʼame hunda gochaan jiraa?’ (Fak. 22:3) Rakkina isaan mudatu hundumaa irraa ijoollee keessan eeguu hin dandeessan. Haa taʼu malee, gorsa argachuuf Dubbii Waaqayyotti akkamitti akka fayyadaman barsiisuudhaan, suutuma suutaa fi jaalalaan rakkoowwan jireenya keessatti isaan mudataniif qopheessuu ni dandeessu. (Fak. 2:1-6) Fakkeenyaaf, firri tokko waaqeffannaa dhugaa dhiisuuf yoo filate, Yihowaadhaaf amanamoo taʼanii jiraachuun barbaachisaa taʼuu isaa Dubbii Waaqayyoo irraa akka baratan ijoollee keessan gargaaraa. (Far. 31:23) Yookiin namni jaallatan tokko yoo duʼe, gadda isaanii dandamachuu fi nagaa argachuuf Dubbii Waaqayyootti akkamitti akka fayyadaman isaanitti argisiisaa.—2 Qor. 1:3, 4; 2 Xim. 3:16. w20.10 27 key. 7