LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • es23 ful. 7-17
  • Amajjii

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Amajjii
  • Kitaaba Qulqulluu Guyyaa Guyyaan Qoruu—2023
  • Mata Dureewwan Xixiqqaa
  • Dilbata, Amajjii 1
  • Wiixata, Amajjii 2
  • Kibxata, Amajjii 3
  • Roobii, Amajjii 4
  • Kamisa, Amajjii 5
  • Jimaata, Amajjii 6
  • Sanbadduraa, Amajjii 7
  • Dilbata, Amajjii 8
  • Wiixata, Amajjii 9
  • Kibxata, Amajjii 10
  • Roobii, Amajjii 11
  • Kamisa, Amajjii 12
  • Jimaata, Amajjii 13
  • Sanbadduraa, Amajjii 14
  • Dilbata, Amajjii 15
  • Wiixata, Amajjii 16
  • Kibxata, Amajjii 17
  • Roobii, Amajjii 18
  • Kamisa, Amajjii 19
  • Jimaata, Amajjii 20
  • Sanbadduraa, Amajjii 21
  • Dilbata, Amajjii 22
  • Wiixata, Amajjii 23
  • Kibxata, Amajjii 24
  • Roobii, Amajjii 25
  • Kamisa, Amajjii 26
  • Jimaata, Amajjii 27
  • Sanbadduraa, Amajjii 28
  • Dilbata, Amajjii 29
  • Wiixata, Amajjii 30
  • Kibxata, Amajjii 31
Kitaaba Qulqulluu Guyyaa Guyyaan Qoruu—2023
es23 ful. 7-17

Amajjii

Dilbata, Amajjii 1

Isaan geggeessitoota jaamota taʼani dha.—Mat. 15:14.

Yesuus gocha fakkeessaa geggeessitoonni amantii bara isaa turan raawwatan ija jabinaan balaaleffateera. Fakkeenyaaf, fakkeessitummaa Fariisotaa saaxileera, isaan warra isaanii kunuunsuu caalaa akkaataa harka isaanii itti dhiqataniif xiyyeeffannaa kennu. (Mat. 15:1-11) Yesuus geggeessitoonni amantii isatti aaruun isaanii dhugaa dubbachuu akka dhiisu isa hin goone. Yesuus barumsa amantii sobaas saaxileera. Inni barumsi amantii hundi Waaqayyo biratti fudhatama qaba hin jenne. Kanaa mannaa, namoonni daandii balʼaa badiisatti geessu irra jiran baayʼee akka taʼan, namoonni daandii dhiphaa jireenyatti geessu irra jiran immoo muraasa akka taʼan dubbateera. (Mat. 7:13, 14) Namoonni tokko tokko Waaqayyoon akka tajaajilan kan dubbatan taʼus, dhugumaan isa tajaajilaa akka hin jirre ifa godheera. “Raajota sobaa, keessa isaaniitti yeeyyii beelaʼe taʼanii utuu jiranii, kalʼee hoolaa uffatanii gara keessan dhufan irraa of eeggadhaa. Firii isaaniitiin adda baastanii isaan beektu” jedhee akeekkachiiseera.—Mat. 7:15-20. w21.05 9 key. 7-8

Wiixata, Amajjii 2

Sana booda fuula ishii irratti gaddi hin mulʼanne.—1 Sam. 1:18.

Hannaan namicha gosa Leewwii Elqaanaa jedhamuu fi baayʼee ishii jaallatu tokkotti heerumtee turte. Haa taʼu malee, Elqaanaan haadha manaa Peniinaa jedhamtus qaba ture. Garuu Peniinaa caalaa Haannaa jaallata ture. “Peniinaan ijoollee kan qabdu yeroo taʼu, Haannaan garuu ijoollee hin qabdu turte.” Kanaafuu Peniinaan, Haannaa “aarsuudhaaf yeroo hundumaa ishii tuttuqxi turte.” Haannaan hamma “boossuttii fi nyaata lagattutti” baayʼee gadditee turte. Taʼus, Kitaabni Qulqulluun Haannaan haaloo baʼuuf akka yaalte hin dubbatu. Kanaa mannaa, Yihowaan wanta hundumaa akka sirreessu waan amanteef wanta ishiitti dhagaʼamu hundumaa isatti himatte. (1 Sam. 1:2, 6, 7, 10) Haannaa irraa maal barachuu dandeenya? Namni tokko karaa taʼe tokkoon siin morkachuu yoo barbaade, haala isaa toʼachuu akka dandeessu yaadadhu. Morkii keessa galuu irraa of qusachuu qabda. Hamaa hamaadhaan deebisuu mannaa, nama sanaa wajjin nagaa uumuuf yaali. (Rom. 12:17-21) Namni sun yoo jijjiiramuu baate illee, ati nagaa kee eeggachuu dandeessa. w21.07 17 key. 13-14

Kibxata, Amajjii 3

Of eeggadhaa, . . . sassata hundumaa irraa of eegaa.—Luq. 12:15.

Yihudaa Asqorotichi sassataa taʼuun isaa Yesuusiin dabarsee akka kennu isa godheera. Garuu Yihudaan sana dura nama akkasii hin turre. (Luq. 6:13, 16) Saanduqni maallaqaa itti gaafatamummaadhaan kan isaaf kennames nama amanamaa waan tureef akka taʼe ifa dha. Yeroo booda garuu, Yihudaan akeekkachiisa Yesuus sassata ilaalchisee kenne yeroo baayʼee kan dhagaʼe taʼus hatuu jalqabe. (Mar. 7:22, 23; Luq. 11:39) Wanti Yihudaan Yesuus duʼuu isaa yeroo muraasa dura raawwate tokko sassataa taʼuu isaa ifa godheera. Maariyaamii fi obboleettii ishii Maartaa dabalatee, Yesuusii fi barattoonni isaa mana Simoon isa dhukkuba nadaayiitiin qabamee turetti affeeramanii turan. Utuma maaddiitti dhihaatanii jiranii Maariyaam kaatee zayitii urgaaʼaa gatii guddaa qabu mataa Yesuus irratti dhangalaaste. Yeroo kanatti Yihudaa fi barattoonni kaan baayʼee aaran. Barattoonni kaan maallaqicha tajaajila isaanii irratti utuu itti fayyadamanii caalaatti gaarii akka taʼu yaadanii taʼuu dandaʼa. Ilaalchi Yihudaa garuu kana irraa adda ture. ‘Hattuu waan taʼeef’ saanduqicha keessaa maallaqa hatuu barbaadee ture.—Yoh. 12:2-6; Mat. 26:6-16; Luq. 22:3-6. w21.06 18 key. 12-13

Roobii, Amajjii 4

Ani nama gadadamaa dha! . . . Eenyutu na oolcha?—Rom. 7:24.

Yeroo tokko tokko itti gaafatamummaa hedduu akka qabduu fi hunduma isaanii raawwachuun humna keetii ol akka taʼe sitti dhagaʼamaa? Taanaan miira Phaawulositti dhagaʼame ni hubatta. Inni waaʼee gumii tokkoo qofa utuu hin taʼin, ‘waaʼee gumiiwwan hundumaa yaaddaʼee’ ture. (2 Qor. 11:23-28) Dhibee fayyaa gammachuu si dhabsiisu qabdaa? Phaawulos ‘qoree foon isaa waraanuun’ utuu wal irraa hin kutin dhiphachaa tureera. Qoreen kun dhibee fayyaa taʼuu kan dandaʼu siʼa taʼu, Phaawulos akka isa irraa baduuf baayʼee barbaadee ture. (2 Qor. 12:7-10) Mudaa kan qabdu taʼuun kee abdii si kutachiisaa jiraa? Phaawulosis yeroo tokko tokko akkas itti dhagaʼameera. Inni, mudaa qabuu wajjin utuu wal irraa hin kutin qabsoo gochaa waan tureef, “ani nama gadadamaa dha” ofiin jedheera. (Rom. 7:21-24) Phaawulos qorumsawwan gara garaa fi haalawwan abdii nama kutachiisan kan isa mudatan taʼus, Yihowaa tajaajiluu isaa itti fufeera. Akkas akka godhu jabina kan isaaf kenne maalidha? Dadhabina qabu sirriitti kan beeku taʼus, furicha irratti amantii cimaa qaba ture. w21.04 22 key. 7-8

Kamisa, Amajjii 5

Ilmi namaa . . . kan dhufe warra kaan tajaajiluu fi lubbuu isaa bakka namoota hedduu furii godhee kennuufi.—Mar. 10:45.

Addaam inni gonka qabeessa taʼe yeroo cubbuu hojjetetti, ofii isaa qofa utuu hin taʼin ijoollee isaa gara fuulduraatti dhalatanis carraa jireenya bara baraa dhabsiiseera. Addaam wanta raawwateef dhiifama argachuu hin dandaʼu. Cubbuu kan hojjete taʼe jedhee ti. Haa taʼu malee, ijoolleen isaa hoo? Isaan cubbuu Addaam raawwate irratti hirmaannaa tokko illee hin qaban. (Rom. 5:12, 14) Maarree, Yihowaan ilmaan Addaam jireenya bara baraa akka argataniif wanti godhu jiraa? Eeyyee! Yihowaan akkuma Addaam cubbuu hojjeteen ilmaan Addaam miliyoonaan lakkaaʼaman, abaarsa cubbuu fi duʼaa jalaa akkamitti akka oolchu ifa godheera. (Uma. 3:15) Mudaa kan qabnu taʼus, furichaan kan kaʼe Yihowaa wajjin michummaa cimaa qabaachuu ni dandeenya. Akkasumas furichaan kan kaʼe hojiin Seexanaa guutummaatti diigama. (1 Yoh. 3:8) Furichaan kan kaʼe kaayyoon jalqabaa Yihowaan lafaaf qabu ni raawwatama. Guutummaan lafaa jannata taati. w21.04 14 key. 1; 19 key. 17

Jimaata, Amajjii 6

Tokkoon tokkoon keessan . . . cuuphamaa.—HoE. 2:38.

Dhiiroonnii fi dubartoonni hedduun Yerusaalemitti walitti qabamanii turan; namoonni kun biyyoota garaa garaatii dhufan, kan dubbatanis afaan garaa garaa ti. Guyyaa sanatti wanta baayʼee ajaaʼibsiisaa taʼe tokkotu raawwatame. Yihudoonni tokko tokko akkuma tasaa afaan namoota sanaa dubbachuu jalqaban! Kunis namoota achi turan baayʼee ajaaʼibsiise! Wanti caalaatti isaan ajaaʼibsiise garuu wanta Yihudoonni sunii fi Pheexiros ergamaan isaaniin jedhani dha. Wanta baratan keessaa tokko amantii Yesuus Kiristoos irratti qaban argisiisuudhaan fayyuu akka dandaʼan kan ibsu ture. Ergaan kunis dhiibbaa isaan irratti godheera. Garaan isaanii baayʼee waan tuqameef, “Maal gochuu qabna ree?” jedhanii gaafachuuf illee kakaʼaniiru. Pheexirosis, “Tokkoon tokkoon keessan . . . cuuphamaa” jedhee isaaniif deebise. (HoE. 2:37, 38) Wanti sana booda raawwatame immoo baayʼee kan nama dinqisiisu ture. Guyyaa sanatti namoonni gara 3,000 taʼan cuuphamanii duuka buutota Kiristoos taʼan. Kun, jalqaba hojii barattoota gochuu Yesuus duuka buutonni isaa akka raawwatan ajajee ti. Hojiin kun hanga yeroo harʼaatti hojjetamaa jira. w21.06 2 key. 1-2

Sanbadduraa, Amajjii 7

Ani nan dhaabe, Apholos bishaan obaase, kan guddise garuu Waaqayyo dha; kanaafuu, ulfina argachuu kan qabu Waaqa isa guddisu malee, isa dhaabus taʼe isa bishaan obaasu miti.—1 Qor. 3:6, 7.

Naannoo qoʼannaa Kitaaba Qulqulluu jalqabsiisuun ulfaataa itti taʼe keessa jiraanna taʼa. Namoonni tokko tokko ergaa keenyaaf fedhii hin qaban, tarii nu mormuu illee dandaʼu. Naannoo akkanaatiif ilaalcha gaarii qabaachuuf wanti nu gargaaruu dandaʼu maali dha? Haalli namoota addunyaa jeeqamaa jiru kana keessa jiranii saffisaan jijijjiiramuu akka dandaʼu yaadadhu; namoonni kana dura fedhii hin qabne yeroo booda qajeelfama Waaqayyoo barbaaduu dandaʼu. (Mat. 5:3) Namoonni barreeffamoota keenya fudhachuu hin barbaanne tokko tokkos yeroo booda qoʼannaa Kitaaba Qulqulluu jalqabaniiru. Yihowaan Gooftaa makarichaa akka taʼes beekna. (Mat. 9:38) Inni, dhaabuu fi bishaan obaasuu keenya akka itti fufnu barbaada; garuu kan guddisu isa dha. Yeroo ammaatti qoʼannaa Kitaaba Qulqulluu geggeessuu baannu illee, Yihowaan kan nu eebbisu buʼaa arganne irratti utuu hin taʼin, carraaqqii goone irratti hundaaʼuudhaan akka taʼe yaadachuun keenya baayʼee nu jajjabeessa! w21.07 6 key. 14

Dilbata, Amajjii 8

Ijoolleen dhaala Yihowaa biraa argamani dha.—Far. 127:3.

Yihowaan ilmaan namootaatiif dandeettii ijoollee godhachuu kenneera. Akka isa jaallatanii fi akka isa tajaajilan akka isaan barsiisaniifis itti gaafatamummaa isaaniif kenneera. Maleekonni Yihowaa irraa eebba guddaa kan argatan taʼus, mirgi kun isaaniif hin kennamne. Namoonni ijoollee guddisan kana sammuutti qabachuudhaan, mirga isaanii kanaaf iddoo guddaa akka kennan argisiisuu qabu. Warri ijoollee isaanii “adabaa fi gorsa Yihowaatiin” akka guddisaniif adaraan isaanitti kennameera. (Efe. 6:4; Kes. 6:5-7) Jaarmiyaan Waaqayyoo warra gargaaruuf jecha, meeshaalee Kitaaba Qulqulluu irratti hundaaʼan, kanneen akka barreeffamootaa, viidiyoowwan, muuziqaa fi mata dureewwan intarneetii irratti baʼan hedduu qopheesseera. Ifatti hubachuun akka dandaʼamutti, Abbaan keenya inni samiis taʼe Ilmi isaa ijoollee keenya baayʼee jaallatu. (Luq. 18:15-17) Yihowaan yommuu warri isatti amanamanii fi ijoollee isaanii jaallatamoo taʼan kunuunsuuf wanta dandaʼan hundumaa godhan baayʼee gammada. Warri akkas godhan ijoolleen isaanii abdii bara baraaf kutaa maatii Yihowaa taʼanii jiraachuu akka qabaatan isaan gargaaru. w21.08 5 key. 9

Wiixata, Amajjii 9

Amantiin . . . ragaa wantoonni ijaan hin mulʼanne dhuguma akka jiran argisiisu dha.—Ibr. 11:1.

Namoonni tokko tokko amantii qabaachuu jechuun ragaa malee akkasumaan amanuu jechuu akka taʼetti yaadu. Akka Kitaabni Qulqulluun jedhutti garuu amantii dhugaan akkas miti. Yihowaa, Yesuusii fi Mootummaa isa samii arginee kan hin beekne taʼus, amantiin isaan irratti qabnu ragaa amansiisaa taʼe irratti kan hundaaʼe akka taʼe yaadadhu. (Ibr. 11:3) Saayintistiin Dhugaa Baatuu Yihowaa taʼe tokko, “Amantiin Dhugaa Baatonni Yihowaa qaban ragaa qabatamaa taʼe irratti kan hundaaʼe dha; amantiin isaanii kun dhugaawwan saayinsii wajjinis kan wal simu dha” jedheera. Tarii, ‘Ragaa amansiisaan Uumaan akka jiru mirkaneessu erga jiraatee, namoonni hedduun Waaqayyo wantoota hundumaa akka uume kan hin amanne maaliifi?’ jennee gaafanna taʼa. Namoonni tokko tokko kana kan hin amanne ofii isaaniitiin ragaawwan jiran qoratanii waan hin beekneefi. Roobarti inni yeroo booda Dhugaa Baatuu Yihowaa taʼe akkana jedheera: “Mana barumsaatti waaʼee uumamaa barannee waan hin beekneef barumsi kun dhugaa akka hin taaneettan yaada ture. Achiis yeroo umuriin koo waggaa 22 turetti, Kitaabni Qulqulluun ragaawwan Waaqayyo wantoota hundumaa akka uume argisiisan akka qabate dhagaʼeen ture.” w21.08 15 key. 4-5

Kibxata, Amajjii 10

Yihowaan gaarii taʼuu isaa dhandhamaa ilaalaa.—Far. 34:8.

Kitaaba Qulqulluu dubbisuu fi yeroo warri kaan eebba argatan dubbatan dhagaʼuudhaan hamma tokko waaʼee gaarummaa Yihowaa barachuu ni dandeenya. Haa taʼu malee, Yihowaan hammam gaarii akka taʼe dhugumaan hubachuu kan dandeenyu ofii keenyaan gaarummaa isaa ‘dhandhamnee’ yoo ilaalle dha. Kana fakkeenyaan ibsuuf, tarii gosa tajaajila yeroo guutuu tokko irratti hirmaachuu barbaanna taʼa. Galma keenya irra gaʼuuf garuu jireenya keenya salphisuun nu barbaachisa. Waadaa Yesuus Mootummichaaf dursa yoo kennine Yihowaan wantoota hundumaa akka nuuf guutu gale beekna. Taʼus, waadaan kun jireenya keenya keessatti yeroo raawwatamu arginee hin beeknu taʼa. (Mat. 6:33) Haa taʼu malee, waadaa Yesuus gale kanatti amanamuudhaan, baasii keenyaa fi yeroo hojii keenya irratti dabarsinu hirʼisuudhaan tajaajila keenya irratti xiyyeeffanne. Yeroo akkas goonu, Yihowaan wantoota nu barbaachisan akka nuuf guutu jireenyuma keenya irraa ni hubanna. Akka kanaan gaarummaa Yihowaa dhuunfaatti ‘dhandhamna.’ w21.08 26 key. 2

Roobii, Amajjii 11

Namoonni barumsa gaarii taʼe . . . hin [obsan].—2 Xim. 4:3.

Yeroo harʼaatti rakkinni wal fakkaatu jiraa? Eeyyee. Geggeessitoonni amantii hedduun namoonni iddoo guddaa qaban, sooreyyii taʼanii fi addunyaa biratti akka ogeeyyiitti ilaalaman yommuu miseensa isaanii taʼan gammachuudhaan simatu. Isaan miseensonni isaanii haaraan kun naamusaa fi akkaataa jireenyaa ulaagaa Waaqayyoo wajjin wal hin simne yoo qabaatan iyyuu, gammachuudhaan simatu. Dhugaa Baatota Yihowaa hinaaffaa qabanii fi naamusaan qulqulluu taʼan garuu, akka ulaagaa addunyaatti iddoo guddaa waan hin qabneef qofa isaan tuffatu. Akkuma Phaawulos jedhe Waaqayyo warra “tuffatamoo” taʼan filate. (1 Qor. 1:26-29) Haa taʼu malee, Yihowaaf tajaajiltoonni isaa amanamoon hundi gatii guddaa qabu. Ilaalcha addunyaatiin gowwoomfamuu irraa ooluu kan dandeenyu akkamitti? (Mat. 11:25, 26) Ilaalchi addunyaan saba Waaqayyootiif qabu dhiibbaa akka si irratti godhu hin heyyamin. Yihowaan namoota gad of qabuudhaan fedha isaa raawwatan qofatti akka fayyadamu hubadhu. (Far. 138:6) Namoota addunyaan ogeeyyii ykn beektota akka hin taanetti ilaalu kana fayyadamee waan hedduu akka raawwates yaadi. w21.05 8 key. 1; 9 key. 5-6

Kamisa, Amajjii 12

Wanta na barbaachisu . . . naaf ergitaniittu.—Filp. 4:16.

Phaawulos ergamaan gargaarsa argateef galateeffateera. Obbolootaa fi obboleettota isaa irraa gargaarsa fudhachuun isatti hin ulfaanne. (Filp. 2:19-22) Isin maanguddoonni, dargaggoota gumii keessan keessa jiran akka galateeffattan karaa garaa garaatiin argisiisuu dandeessu. Gama geejjibaatiin, gabaa isiniif dhaquudhaan ykn karaa kan biraatiin isin gargaaruu yoo barbaadan gargaarsa isaanii fudhadhaa. Gargaarsa akkasii karaa Yihowaan jaalala isaa itti argisiisu keessaa tokko akka taʼetti ilaalaa. Kun immoo namoota isin gargaaranii wajjin michummaa cimaa uumuuf isin gargaara. Yeroo hundumaa dargaggoonni michoota keessan taʼan karaa hafuuraa guddina akka godhan gargaaraa; dargaggoonni caalaatti gumii keessatti yommuu tajaajilan arguu keessanitti hammam akka gammaddan isaanitti himaa. Muuxannoo keessan isaanitti himuudhaan isaanii wajjin yeroo dabarsaa. Akkas gochuudhaan, Yihowaan dargaggoota gara gumiitti waan harkiseef “kan galateeffattan taʼuu keessan [argisiistu].”—Qol. 3:15; Yoh. 6:44; 1 Tas. 5:18. w21.09 12 key. 12-13

Jimaata, Amajjii 13

Gara laafina [kanaan] ifni akka barii ganamaa ol gubbaadhaa nuu baʼa.—Luq. 1:78.

Yihowaan obbolootaa fi obboleettota keenya ni jaallata. Nuuf garuu, miseensota maatii hafuuraa keenyaaf jaalala qabaachuu fi jaalala keenya isaaniif ibsuun yeroo hunda salphaa taʼuu dhiisuu dandaʼa. Kun kan taʼes, aadaa fi akkaataan guddinaa keenya garaa gara waan taʼeefi. Akkasumas, hundi keenya iyyuu dogoggora warra kaan aarsu ykn gaddisiisu ni raawwanna. Taʼus, jaalalli maatii hafuuraa keenya gidduu jiru akka cimu gumaacha gochuu dandeenya. Kana gochuu kan dandeenyu akkamitti? Jaalala Abbaan keenya obbolootaa fi obboleettota keenyatti argisiise hordofuudhaani. (Efe. 5:1, 2; 1 Yoh. 4:19) Namni gara laafessa taʼe karaa itti namoota gargaaruu fi isaan jajjabeessuu barbaada. Yesuus akkaataa namoota itti qabe irratti akkuma Yihowaa akka isaaniif yaadu argisiiseera. (Yoh. 5:19) Yeroo namoota hedduu argetti, “baayʼee isaaniif gadde; sababiin isaas, isaan akka hoolota tiksee hin qabneetti cunqurfamanii fi dagatamanii turan.” (Mat. 9:36) Yesuus garaa isaaniif laafuun isaa isaaniif gadduuf qofa utuu hin taʼin, isaan gargaaruufis isa kakaaseera. Namoota dhukkubsatan fayyiseera, namoonni ‘dadhabanii fi baʼaan isaanitti ulfaates’ boqonnaa akka argatan gargaareera.—Mat. 11:28-30; 14:14. w21.09 22 key. 10-11

Sanbadduraa, Amajjii 14

[Waaqayyo] gara laafessa ture; balleessaa isaanii isaaniif dhiisa, akka badanis hin godhu ture.—Far. 78:38.

Yihowaan gara laafina argisiisuu jaallata. Phaawulos ergamaan hafuura qulqulluudhaan geggeeffamee, “Waaqayyo gara laafinni isaa guddaa dha” jedhee barreesseera. Phaawulos as irratti Waaqayyo tajaajiltoonni isaa dibamtoota taʼanii fi cubbuu dhaalan abdii samii irra jiraachuu akka qabaatan gochuudhaan gara laafina akka isaanitti argisiise dubbachaa jira. (Efe. 2:4-7) Garuu Yihowaan gara laafina kan argisiise tajaajiltoota isaa dibamtoota taʼanitti qofa miti. Daawit faarfatichi, “Yihowaan uumamawwan hundumaatiif gaarii dha, gara laafinni isaas hojiiwwan isaa hundumaa irratti mulʼata” jechuudhaan barreesseera. (Far. 145:9) Yihowaan namoota waan jaallatuuf, yeroo sababa gaʼaa argatutti namootatti gara laafina ni argisiisa. Eenyu iyyuu caalaa Yesuus, Yihowaan gara laafina argisiisuu akka jaallatu beeka. Innii fi Abbaan isaa waggoota hedduudhaaf samii keessa waliin jiraachaa turan. (Fak. 8:30, 31) Yesuus yeroo baayʼee Abbaan isaa namoota cubbamoota taʼanitti gara laafina argisiisuu isaa argeera. (Far. 78:37-42) Waaʼee amala Abbaa isaa isa nama hawwatu kanaa irra deddeebiʼee barsiiseera. w21.10 8-9 key. 4-5

Dilbata, Amajjii 15

Yaa Abbaa, maqaa keetiif ulfina kenni.—Yoh. 12:28.

Yihowaanis samii keessaa sagalee kakawweetiin maqaa isaatiif ulfina akka kennu waadaa gale. Yesuus guutummaa tajaajila isaa irratti maqaa Abbaa isaatiif ulfina kenneera. (Yoh. 17:26) Kiristiyaanonni dhugaan maqaa Waaqayyootti fayyadamuu isaaniitti, akkasumas maqaa kana warra kaanitti beeksisuu isaaniitti boonuun isaanii nama hin dinqisiisu. Dhaloota Kiristoos Booda jaarraa jalqabaatti, gumiin Kiristiyaanaa hundeeffamee utuu baayʼee hin turin, Yihowaan ‘saba maqaa isaatiif taʼu saboota kaan keessaa fudhachuuf, yeroo jalqabaatiif xiyyeeffannaa isaa gara isaaniitti naannesseera.’ (HoE. 15:14) Kiristiyaanonni jaarraa jalqabaa sun maqaa Waaqayyootti fayyadamuu fi maqaa isaa kana warra kaanitti beeksisuu isaaniitti ni boonu turan. Maqaa Waaqayyoo tajaajila isaanii irrattis taʼe yeroo Kitaabota Qulqulluu barreessanitti balʼinaan itti fayyadamaniiru. Akkas gochuudhaan saba maqaa Waaqayyoof taʼu taʼuu isaanii argisiisaniiru. (HoE. 2:14, 21) Haaluma wal fakkaatuun yeroo harʼaatti, Dhugaa Baatonni Yihowaa saba maqaa Yihowaatiif taʼani dha. w21.10 20-21 key. 8-10

Wiixata, Amajjii 16

Gochawwan Yihowaa warra jaalala isaa isa amanamaa irratti hundaaʼan . . . ilaala.—Far. 107:43.

Jaalalli Waaqayyoo inni amanamaan bara baraaf jabaatee dhaabbata. Yaanni kun Faarfannaa 136 irratti siʼa 26 caqasameera. Caqasni jalqabaa, “Inni gaarii waan taʼeef, Yihowaadhaaf galata galchaa; jaalalli isaa inni amanamaan bara baraaf jabaatee dhaabbata” jedha. (Far. 136:1) Faarfannaa kana irratti yaanni, “Jaalalli isaa inni amanamaan bara baraaf jabaatee dhaabbata” jedhu lakkoofsa hunda irratti argama. Akkuma faarfannaa kana keessatti ibsame Yihowaan utuu addaan hin kutin karaawwan garaa garaatiin jaalala isaa isa amanamaa argisiisuun isaa baayʼee nama dinqisiisa. Yaanni, “Jaalalli isaa inni amanamaan bara baraaf jabaatee dhaabbata” jedhu siʼa hedduu caqasamuun isaa jaalalli Waaqayyo saba isaatiif qabu kan hin jijjiiramne akka taʼe nuuf mirkaneessa. Yihowaan tajaajiltoota isaatti dafee abdii akka hin kutanne beekuun keenya baayʼee nu jajjabeessa! Inni warra isa tajaajilanitti ni maxxana; keessumaa yeroo dhiphina isaanitti baayʼee isaanitti dhihaata. Yihowaan akka nutti maxxanu beekuun keenya, gammachuu fi jabina dhiphina keenya dandamachuu fi daandii jireenyaa irra deemuu keenya itti fufuuf nu barbaachisu nuuf argamsiisa.—Far. 31:7. w21.11 4 key. 9-10

Kibxata, Amajjii 17

Garaan keessan hin raafamin . . . amanaa.—Yoh. 14:1.

Yeroo tokko tokko wantoota gara fuulduraatti raawwataman, jechuunis waaʼee badiisa amantii sobaa, haleellaa Goog inni biyya Maagoog geessisuu fi waraana Armaagedoon yommuu yaaddu sodaan sitti dhagaʼamaa? ‘Yommuu wantoonni sodaachisoon kun raawwatamanitti amanamummaa koo eeguu nan dandaʼaa?’ jettee of gaafattee beektaa? Yaanni akkasii gara sammuu keetti dhufee beeka yoo taʼe, yaanni Yesuus caqasa guyyaa harʼaa irratti dubbate si gargaaruu dandaʼa. Yesuus barattoota isaatiin, “Garaan keessan hin raafamin . . . Amanaa” jedhee ture. Amantii cimaan, wantoota gara fuulduraatti raawwataman akka hin sodaanne nu gargaara. Qorumsawwan yeroo ammaatti nu mudatan akkamitti akka dandamanne irratti yaaduudhaan qorumsawwan gara fuulduraatti nu mudataniif amantii keenya cimsachuu dandeenya. Akkasumas, gama kamiin amantii keenya cimsachuun akka nu barbaachisu hubanna. Qorumsa nu mudatu yommuu moonu amantiin keenya caalaatti cimaa deema. Kunis qorumsawwan gara fuulduraatti nu mudatan moʼuuf nu gargaara. w21.11 20 key. 1-2

Roobii, Amajjii 18

Yeroon dadhabu yeroo sanatti humna nan qabaadha.—2 Qor. 12:10.

Phaawulos ergamaan, Ximotewos tajaajila isaa guutummaatti akka raawwatu isa jajjabeessee ture; gorsi kun Kiristiyaanota hundaaf ni hojjeta. (2 Xim. 4:5) Taʼus, kana gochuun salphaa miti. Mee waaʼee obboloota keenya biyya hojiin keenya itti daangeffame ykn dhorkame keessa jiraatanii yaadaa. Sabni Yihowaa rakkoowwan abdii isaan kutachiisuu dandaʼan gara garaa isaan irra gaʼu. Fakkeenyaaf, baayʼeen isaanii wantoota maatii isaaniitiif barbaachisan dhiheessuuf saʼaatii dheeraa hojjechuu qabu. Tajaajila irratti yeroo dheeraa dabarsuu barbaadu, taʼus dhuma torbaniitti humni isaan qaban muraasa taʼa. Warri kaan immoo dhibee cimaadhaan ykn umuriin isaanii dabaluu isaatiin kan kaʼe wanti isaan raawwachuu dandaʼan baayʼee muraasa dha; tarii immoo manaa baʼuu illee hin dandaʼan taʼa. Kaan immoo miira gatii akka hin qabne isaanitti dhagaʼamuu wajjin walʼaansoo godhu. Haalli keenya maali iyyuu yoo taʼe, Yihowaan humna rakkina nu mudatu dandamachuu fi hamma haalli keenya nuu heyyame isa tajaajiluuf nu gargaaru nuu kenna. w21.05 20 key. 1-3

Kamisa, Amajjii 19

Maqaa Waaqa keessanii hin xureessinaa.—Lew. 19:12.

Yeroo tokko tokko namoonni kaan sochiiwwan waaqeffannaa keenya nu jalaa tuqan irratti akka hirmaannu dhiibbaa nu irratti gochuu dandaʼu. Haalli akkasii yeroo nu mudatu murtoo baayʼee barbaachisaa taʼe gochuu qabna. Mee dhugaa buʼuuraa xiyyeeffannaa namaa harkisuu fi Leewwota 19:19 irratti galmeeffame haa ilaallu; seerri kun, “Uffata foʼaa akaakuu adda addaa lama irraa dhaʼame hin uffatin” jedha. Seerri kun Israaʼelota saboota naannoo isaanii jiran irraa adda baasuuf tajaajileera. Yeroo harʼaatti, uffata foʼaa akaakuu adda addaa kan akka jirbii fi suufii irraa dhaʼame akka hin uffanne ajajni nuuf hin kennamne. Taʼus, namoota amantii ykn amala barumsa Kitaaba Qulqulluu wajjin wal faalleessu qaban akka hin fakkaanne of eegganna. Firoota keenyaafis taʼe namoota kaaniif jaalala akka qabnu beekamaa dha. Haa taʼu malee, murtoowwan jireenya keenya keessatti goonu namoota naannoo keenya jiran irraa adda baanee akka mulʼannu kan godhan taʼanis, Yihowaadhaaf ajajamuu keenya itti fufna. Qulqulloota taʼuu yoo barbaanne, Waaqayyoof adda baʼuun waan nu barbaachisuuf, kun wanta baayʼee murteessaa taʼe dha.—2 Qor. 6:14-16; 1 Phe. 4:3, 4. w21.12 5 key. 14; 6 key. 16

Jimaata, Amajjii 20

Karri gara jireenyaatti geessu . . . dhiphaa dha, daandiin isaas qalʼoo dha.—Mat. 7:14.

Daandii gara jireenyaatti geessu argachuun ni dandaʼama. Yesuus, “Isin dubbii kootiin yoo jiraattan dhuguma barattoota koo ti; dhugaa ni beektu, dhugaanis bilisa isin baasa” jedheera. (Yoh. 8:31, 32) Namoota hedduu hordofuu mannaa, ofuma keetii dhugaa barbaaduun kee gaarii dha. Waaqayyo maal nu irraa akka barbaadu beekuuf, Dubbii isaa gadi fageenyaan qoʼachuu jalqabdeetta, akkasumas barumsawwan Yesuus barsiise dhageesseetta. Yihowaan barumsawwan amantaa sobaa irraa akka fagaannuu fi ayyaanawwan ykn barsiifatawwan amantii sobaa irraa maddan irratti hirmaachuu akka dhiisnu akka nu irraa barbaadu baratteetta. Wanta Yihowaan nu irraa barbaadu raawwachuu fi barsiifatawwan isa biratti fudhatama hin qabne dhiisuun salphaa akka hin taanes baratteetta. (Mat. 10:34-36) Sirreeffama barbaachisu gochuun siif salphaa hin turre taʼa. Haa taʼu malee, Abbaa kee isa samii waan jaallattuu fi isa biratti fudhatama argachuu waan barbaadduuf jijjiirama gochuuf carraaquu kee itti fufteetta. Akkas gochuu keetiin akka sitti gammades hin shakkisiisu!—Fak. 27:11. w21.12 22 key. 3; 23 key. 5

Sanbadduraa, Amajjii 21

Yaa ilma koo, dhagaʼi, dubbii koo fudhadhu.—Fak. 4:10.

Gorsa yeroo dogoggora cimaa raawwannutti nuuf kennamu fudhachuu irratti Museen fakkeenya gaarii nuuf taʼa. Museen yeroo tokko aaruu isaatiin kan kaʼe Yihowaadhaaf ulfina utuu hin kennin hafee ture. Kanaan kan kaʼes, Museen mirga Biyyattii Abdachiifamtetti galuu dhabeera. (Lak. 20:1-13) Museen murtoo kanatti gadduu isaa yeroo ibsetti Yihowaan, “Kana booda dhimma kana natti hin kaasin” isaan jedhee ture. (Kes. 3:23-27) Taʼus, Museen kanatti hin mufanne. Kanaa mannaa, murtoo Yihowaa fudhateera. Yihowaanis saba Israaʼel geggeessuuf isatti fayyadamuu isaa itti fufeera. (Kes. 4:1) Museen gorsa fudhachuu irratti fakkeenya gaarii nuuf taʼu. Museen mirga baayʼee jaallatu dhabus Yihowaadhaaf amanamaa taʼee itti fufuudhaan gorsa isaa akka fudhate argisiiseera. Fakkeenya namoota amanamoo kan akka Musee hordofuun keenya faayidaa guddaa nuuf argamsiisa. (Fak. 4:11-13) Obboloonni keenya hedduun fakkeenya isaa hordofaniiru. w22.02 11 key. 9-10

Dilbata, Amajjii 22

Yesuus imimmaan isaa dhangalaase.—Yoh. 11:35.

Dhaloota Kiristoos Booda bara 32 waqtii gannaatti michuu Yesuus kan taʼe Alaazaar dhukkubsatee duʼe. (Yoh. 11:3, 14) Alaazaar obboleettota Maariyaamii fi Maartaa jedhaman qaba; Yesuusis maatii kana baayʼee jaallata. Maartaan, Yesuus dhufaa akka jiru yommuu dhageessetti isa simachuuf ariitiidhaan baate. “Yaa Gooftaa, utuu ati as jiraattee silaa obboleessi koo hin duʼu ture” yeroo jettetti hammam gadditee akka turte mee yaadi. (Yoh. 11:21, 32, 33) Yesuus, Maariyaamii fi Maartaan duʼa obboleessa isaaniitti hammam akka gaddan arguun isaas imimmaan isaa dhangalaasuuf isa kakaaseera. Michuu kee tokko duʼaan dhabdeetta yoo taʼe, Yihowaan miira kee siif hubata. Yesuus “eenyummaa [Abbaa isaa] sirriitti bakka buʼa.” (Ibr. 1:3) Yeroo booʼetti miira Abbaa isaa calaqqisiiseera. (Yoh. 14:9) Nama jaallattu duʼaan dhabdeetta yoo taʼe, Yihowaan gaddi akka sitti dhagaʼamu beekuu qofa utuu hin taʼin, baayʼee akka siif gaddus mirkanaaʼaa taʼi. Yihowaan garaa kee isa cabe fayyisuu barbaada.—Far. 34:18; 147:3. w22.01 15-16 key. 5-7

Wiixata, Amajjii 23

Amantiin dubbicha dhagaʼuu irraa argama.—Rom. 10:17.

Yihowaa haasofsiisuu, isa dhaggeeffachuu, akkasumas waaʼee isaa yaaduuf yeroo kan ramaddu taanaan faayidaa guddaa argatta. Tokkoffaa, murtoowwan gaggaarii goota. Kitaabni Qulqulluun, “Namni ogeeyyii wajjin deemu ogeessa taʼa” jechuudhaan nuuf mirkaneessa. (Fak. 13:20) Lammaffaa, barsiisaa buʼa qabeessa taata. Nama tokko Kitaaba Qulqulluu yeroo qoʼachiisnu galmi keenya inni guddaan barataan sun Yihowaatti akka dhihaatu gargaaruu dha. Hammuma Abbaa keenya isa samiitti dhihaannu jaalalli isaaf qabnu ni guddata, akkasumas caalaatti barataan keenya akka isa jaallatu gargaaruu dandeenya. Mee fakkeenya Yesuus nuuf taʼe irratti yaadi. Waaʼee Abbaa isaa miira hoʼaadhaan, akkasumas karaa jaalala akka qabu argisiisuun waan dubbatuuf, duuka buutonni isaas Yihowaa jaallachuu dandaʼaniiru. (Yoh. 17:25, 26) Sadaffaa, amantiin keenya ni cima. Qajeelfama, jajjabinaa fi deggersa Waaqayyoo argachuuf yommuu kadhattu faayidaa guddaa argatta. Yeroo Yihowaan kadhannaa keetiif deebii kennu hundumaatti amantiin kee cimaa deema.—1 Yoh. 5:15. w22.01 30 key. 15-17

Kibxata, Amajjii 24

Namummaa moofaa gochawwan isaa wajjin of irraa baasaa gataa.—Qol. 3:9.

Yihowaan ilaalcha dogoggoraa fi barsiifata gadhee akka dhiisnu kan nu jajjabeessu baayʼee waan nu jaallatuu fi jireenya gammachiisaa akka jiraannu waan barbaaduufi. (Isa. 48:17, 18) Inni namoonni fedhii dogoggoraatiin moʼaman, ofii isaaniis taʼe namoota naannoo isaanii jiran akka miidhan beeka. Kana arguun immoo baayʼee isa gaddisiisa. Michoonni keenyaa fi miseensonni maatii keenya tokko tokko namummaa moofaa jijjiiruuf carraaqqii yeroo goonu jalqaba irratti nutti qoosu taʼa. (1 Phe. 4:3, 4) Wanta barbaanne gochuuf mirga akka qabnuu fi warri kaan wanta goonu akka nutti himan heyyamuu akka hin qabne nutti himu taʼa. Taʼus, namoonni ulaagaalee Yihowaatiif kabaja hin qabne bilisummaa dhugaa hin qaban. Kanaa mannaa, addunyaan Seexanni toʼatu dhiibbaa akka isaan irratti godhu heyyamaa jiru. (Rom. 12:1, 2) Hundi keenya iyyuu, namummaa moofaa isa cubbuu fi addunyaa Seexanaatiin bocame qabaannee itti fufuu fi Yihowaan namummaa gaarii qabaachuuf akka nu gargaaru heyyamuu keessaa tokko filachuu qabna.—Isa. 64:8. w22.03 3 key. 6-7

Roobii, Amajjii 25

Dubbiin Waaqayyoo jiraataa fi humna qabeessa dha; goraadee karaa lamaan qara qabu kam iyyuu caalaa qaramaa dha . . . yaadaa fi kaayyoo garaa namaas hubachuu dandaʼa.—Ibr. 4:12.

Dubbii Waaqayyoo irratti xiinxaluudhaan haala keessa jirruuf ilaalcha sirrii qabaachuu ni dandeenya. Mee Kitaabni Qulqulluun dubartii duʼa abbaa manaa ishiitti gaddaa jirtu tokko akkamitti akka gargaare haa ilaallu. Jaarsi gumii tokko barumsa ishii gargaaru argachuuf kitaaba Iyyoob akka dubbistu yaada ishiidhaaf kenne. Jalqaba irratti yommuu dubbistu Iyyoob yaada dogoggoraa qabaachuu isaatti isatti murteessiti turte. Yaada ishiitti, “Iyyoob! Rakkina kee qofa hin yaadin!” jettee isa akeekkachiisti turte. Booda garuu ishiinis ilaalchuma akka Iyyoob akka qabdu hubatte. Kunis ilaalcha ishii akka sirreessituu fi gadda abbaa manaa ishii dhabuudhaan ishii irra gaʼe akka dandamattu ishii gargaareera. Karaa kan biraan Yihowaan Kiristiyaanota itti jabeessu namoota hidhata amantii isaanii taʼanitti fayyadamuudhaani. Phaawulos obbolootaa fi obboleettota isaa wajjin ‘wal jajjabeessuuf’ isaan arguuf akka hawwu barreessee ture.—Rom. 1:11, 12. w21.05 22 key. 10-11; 24 key. 12

Kamisa, Amajjii 26

Bakka Yihowaan filatutti guyyaa torba Waaqa kee Yihowaadhaaf ayyaana ni kabajja.—Kes. 16:15.

Israaʼelota duriitiif ajajni, “Dhiironni kee hundi bakka inni filatutti waggaatti siʼa sadii . . . Waaqa kee Yihowaa duratti haa dhihaatan” jedhu kennamee ture. (Kes. 16:16) Yeroo kanatti namni mana isaaniis taʼe maasii isaanii isaaniif eegu hin jiraatu. Taʼus Yihowaan, “Fuula Waaqa kee Yihowaa ilaaluuf yommuu ol baatutti eenyu iyyuu biyya kee hin hawwu” jechuudhaan waadaa isaaniif galee ture. (Bau. 34:24) Israaʼelonni kun Yihowaa irratti amantii guutuu waan qabaniif ayyaanota waggaa irratti argamaniiru. Kana gochuu isaaniitiinis eebba guddaa argataniiru; seera Waaqayyoo caalaatti hubachuu, gaarummaa isaa irratti xiinxaluu, akkasumas obboloota isaanii wajjin yeroo dabarsuudhaan jajjabina argachuu dandaʼaniiru. Nutis aarsaa kaffaluudhaan walgaʼiiwwan Kiristiyaanaa irratti yeroo argamnu faayidaa akkasii arganna. Gara walgaʼii dhufuu keenya dura deebii gabaabaa itti yaadame yeroo qophoofnu Yihowaan hammam akka gammadu mee yaadi. w22.03 21 key. 9

Jimaata, Amajjii 27

Warra qorumsa keessa jiran gargaaruu ni dandaʼa.—Ibr. 2:18.

Yihowaan gaʼe Yesuus fuulduratti Luba Ol Aanaa keenya taʼuudhaan taphatuuf isa leenjisaa ture. Yesuus qorumsa cimaa keessatti Waaqayyoof abboomamuun hangam cimaa akka taʼe argeera. Dhibbaa guddaan waan isa irra gaʼeef, “sagalee guddaa fi imimmaaniin” gargaarsa argachuuf kadhatee ture. Yesuus dhiphina miiraa cimaa keessa waan darbeef wanta nu barbaachisu ni hubata, akkasumas yeroo qoramnutti nu gargaaruu ni dandaʼa! Yihowaan Luba Ol Aanaa gara laafessa dadhabina keenyatti nuuf gaddu nuu muuduu isaatti baayʼee isa galateeffanna. (Ibr. 2:17; 4:14-16; 5:7-10) Yihowaan Yesuus garmalee akka dhiphatu kan heyyame gaaffii barbaachiisaa tokkoof deebii kennuufi, innis: ‘Namoonni yeroo qorumsi cimaan isaan irra gaʼutti illee Waaqayyoof amanamoo taʼanii itti fufuu?’ kan jedhu dha. Seexanni lakki jedha! Inni, namoonni Waaqayyoon kan tajaajilan ofittummaadhaan kakaʼanii ti, akkasumas Yihowaadhaaf hin bulan jedhe falma. (Iyo. 1:9-11; 2:4, 5) Yesuus amanamaa taʼuudhaan Seexanni sobduu taʼuu isaa mirkaneesseera. w21.04 16-17 key. 7-8

Sanbadduraa, Amajjii 28

Dhaqaatii . . .  namoota barattoota koo godhaa; . . . wanta ani isin ajaje hunda akka eeganis isaan barsiisaa.—Mat. 28:19, 20.

Barataan Kitaaba Qulqulluu tokko cuuphamuu isaa dura wanta Kitaaba Qulqulluu irraa barate hojii irra oolchuu qaba. Barataan sun wanta barate yeroo hojii irra oolchu akkuma “nama hubataa” fakkeenya Yesuus irratti ibsamee fi mana isaa qarsaa cimaa taʼe irratti ijaarrachuuf gadi fageessee qotee taʼa. (Mat. 7:24, 25; Luq. 6:47, 48) Barataan keessan akkaataa jireenyaa isaa akka jijjiiru gargaaraa. (Mar. 10:17-22) Yesuus namni sooressi tokko wanta qabu hundumaa gurguruun akka isatti ulfaatu hubatee ture. (Mar. 10:23) Taʼus, namichi kun jireenya isaa keessatti jijjiirama guddaa akkasii akka godhu itti himeera. Kan itti hime maaliifi? Waan isa jaallateefi. Yeroo tokko tokko barataan keenya jijjiirama barbaachisaa taʼe gochuuf qophaaʼaa akka hin taane waan nutti dhagaʼamuuf, wanta barate hojii irra akka oolchu isa jajjabeessuu irraa duubatti jenna taʼa. (Qol. 3:9, 10) Haa taʼu malee, jijjiirama gochuu qabu irratti daftanii barataa keessanii wajjin irratti mariʼattu taanaan innis dafee jijjiirama gochuu dandaʼa. Dhimma akkasii irratti isaa wajjin mariʼachuun keessan akka isaaf yaaddan argisiisa.—Far. 141:5; Fak. 27:17. w21.06 3 key. 3, 5

Dilbata, Amajjii 29

Kiristoos faana isaa dhiheenyatti akka hordoftan fakkeenya isiniif [taʼeera].—1 Phe. 2:21.

Pheexiros ergamaan, kallattiidhaan fakkeenya gaarii Yesuus rakkina dandamachuudhaan nuuf taʼe irratti yaada kennaa ture; haa taʼu malee, karaawwan kan biroon fakkeenya isaa hordofuu itti dandeenyu hedduun jiru. (1 Phe. 2:18-25) Eeyyee, guutummaan jireenya Yesuus, jechuunis wanti inni dubbatee fi raawwate hundi fakkeenya hordofuu dandeenyu nuuf taʼu. Haa taʼu malee, namoota mudaa qabnu taanee utuu jirruu dhugumaan fakkeenya Yesuus hordofuu ni dandeenyaa? Eeyyee, ni dandeenya. Pheexiros ‘faana Yesuus dhiheenyatti hordofaa’ jedhe malee guutummaatti hordofaa akka hin jenne yaadadhaa. Faana isaa of eeggannoodhaan yoo hordofne, akkasumas namoota mudaa qabnu taanus faana isaa hordofuuf wanta nuuf dandaʼame hunda yoo goone, gorsa Yohaannis ergamaan, ‘akka Yesuus deddeebiʼetti deddeebiʼuu’ akka qabnu kenne hojii irra oolchina. (1 Yoh. 2:6) Faana Yesuus hordofuun caalaatti Yihowaatti nu dhiheessa. Akkas kan jennu maaliifi? Yesuus karaa Waaqayyoon gammachiisuun jiraachuu kan dandeenyu akkamitti akka taʼe fakkeenya guddaa nuuf taʼa. (Yoh. 8:29) Kanaafuu, faana Yesuus hordofuudhaan, Yihowaa gammachiisuu dandeenya. Abbaan keenya inni samiis namoota michoota isaa taʼuuf carraaqqii guddaa godhanitti akka dhihaatu mirkanaaʼoo taʼuu dandeenya.—Yaq. 4:8. w21.04 3 key. 4-6

Wiixata, Amajjii 30

Yihowaan saba isaatti ni gammada.—Far. 149:4.

Yihowaan amalawwan gaggaarii qabnu ni hubata; dandeettii keenya ni arga, akkasumas ofitti nu harkisa. Isaaf amanamoo taanee yoo itti fufne, innis nutti dhihaachuu isaa bara baraaf itti fufa. (Yoh. 6:44) Yihowaan akka nu jaallatuu fi akka nu deggeru mirkanaaʼaa yoo taane utuma rakkinni nu mudatuu illee garaa guutuudhaan isa tajaajiluuf kakaana. Karaa biraa immoo, Yihowaan akka nuuf yaadu kan shakkinu yoo taʼe, ‘humni keenya ni xiqqaata.’ (Fak. 24:10) Kana malees, yommuu abdii kutannuu fi jaalala Waaqayyoo irratti amantii dhabnu haleellaa Seexanaatiif saaxilamna. (Efe. 6:16) Kiristiyaanonni amanamoon yeroo ammaa jiran tokko tokko shakkiidhaan kan kaʼe, karaa hafuuraa laafaniiru. Maarree jaalala Waaqayyoo yommuu shakkinu maal gochuu qabna? Yeruma sana shakkii sana of keessaa baasuu qabna. Yaadawwan nama jeeqan sana ‘nagaa Waaqayyoo isa garaa fi sammuu kee eeguun’ bakka buusuuf akka si gargaaru Yihowaa kadhadhu. (Far. 139:23; milj.; Filp. 4:6, 7) Dabalataanis kophaa kee akka hin taane yaadadhu. w21.04 20 key. 1; 21 key. 4-6

Kibxata, Amajjii 31

Waaqayyo . . . fedhii fi humna hojiidhaaf isin barbaachisu isiniif [kenna].—Filp. 2:13.

Dhugaa Baatuu Yihowaa kan taate akkamitti? Jalqaba ‘misiraachicha’ dhageesse; misiraachoo kana kan dhageesses maatii kee, namoota wajjin hojjettu ykn wajjin barattu irraa ykn manaa gara manaatti yeroo lallabamu taʼuu dandaʼa. (Mar. 13:10) Achiis, namni tokko yeroo dheeraadhaaf, akkasumas carraaqqii cimaa gochuudhaan Kitaaba Qulqulluu si qoʼachiise. Yeroo qoʼachaa turte sanatti Yihowaa jaallachuu jalqabde, innis akka si jaallatu ni hubatte. Yihowaan gara dhugaatti waan si harkiseef, barataa Yesuus Kiristoos taʼuudhaan abdii bara baraaf jiraachuu argatteetta. (Yoh. 6:44) Yihowaan nama tokkotti fayyadamee dhugaa waan si barsiisee fi tajaajilaa isaa akka taatu waan sii heyyameef akka isa galateeffattu beekamaa dha. Amma dhugaa barteettaa; namoonni kaan daandii gara jireenyaatti geessu irra akka deeman isaan gargaaruufis mirga argatteetta. Manaa gara manaatti lallabuun sitti hin ulfaatu taʼa; qoʼannaa Kitaaba Qulqulluu jalqabsiisuu fi qoʼachiisuun garuu sitti ulfaachuu dandaʼa. w21.07 2 key. 1-2

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi