LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • es23 ful. 17-26
  • Guraandhala

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Guraandhala
  • Kitaaba Qulqulluu Guyyaa Guyyaan Qoruu—2023
  • Mata Dureewwan Xixiqqaa
  • Roobii, Guraandhala 1
  • Kamisa, Guraandhala 2
  • Jimaata, Guraandhala 3
  • Sanbadduraa, Guraandhala 4
  • Dilbata, Guraandhala 5
  • Wiixata, Guraandhala 6
  • Kibxata, Guraandhala 7
  • Roobii, Guraandhala 8
  • Kamisa, Guraandhala 9
  • Jimaata, Guraandhala 10
  • Sanbadduraa, Guraandhala 11
  • Dilbata, Guraandhala 12
  • Wiixata, Guraandhala 13
  • Kibxata, Guraandhala 14
  • Roobii, Guraandhala 15
  • Kamisa, Guraandhala 16
  • Jimaata, Guraandhala 17
  • Sanbadduraa, Guraandhala 18
  • Dilbata, Guraandhala 19
  • Wiixata, Guraandhala 20
  • Kibxata, Guraandhala 21
  • Roobii, Guraandhala 22
  • Kamisa, Guraandhala 23
  • Jimaata, Guraandhala 24
  • Sanbadduraa, Guraandhala 25
  • Dilbata, Guraandhala 26
  • Wiixata, Guraandhala 27
  • Kibxata, Guraandhala 28
Kitaaba Qulqulluu Guyyaa Guyyaan Qoruu—2023
es23 ful. 17-26

Guraandhala

Roobii, Guraandhala 1

Yihowaan warra isa waammatan hundumaatti . . . dhihoo dha.—Far. 145:18.

Yihowaan waaqeffattoonni isaa hundi gammadoo akka taʼan barbaada. Inni tokkoon tokkoon keenyatti dhihoo dha; miirri abdii nama kutachiisu yeroo nutti dhagaʼamus nuuf hubata. (Far. 145:18, 19) Yihowaan Eeliyaas raajichaaf hammam akka yaaduu fi akkamitti akka isa gargaare mee yaadi. Namni amanamaan kun kan jiraate yeroo haalli Israaʼel keessa jiru baayʼee hammaatee turetti dha. Namoonni Israaʼel keessatti aangoo guddaa qabanii fi Yihowaa hin jaallanne waaqeffattoota Yihowaa irratti ariʼatama cimaa geessisaa turan; keessumaa namoonni kun Eeliyaasiin ajjeesuu barbaadu turan. (1 Mot. 19:1, 2) Kana malees, Eeliyaas raajiin Yihowaa tajaajilaa jiru isa qofa akka taʼe isatti dhagaʼamee ture; kun immoo caalaatti abdii isa kutachiisuu hin oolu. (1 Mot. 19:10) Waaqayyo Eeliyaasiin gargaaruuf yeruma sana tarkaanfii fudhate. Yihowaan maleekaa isaa ergee Israaʼel keessa namoonni Waaqayyoon sodaatan hedduun akka jiranii fi inni kophaa isaa akka hin taane isaaf mirkaneesseera! (1 Mot. 19:5, 18) Yesuusis gaarummaadhaan kakaʼee maatii hafuuraa balʼaa taʼe akka argatan duuka buutota isaatiif mirkaneesseera. (Mar. 10:29, 30) Abbaa keenya isa samii kan taʼe Yihowaanis namoota isa tajaajiluu barbaadan akka deggeru waadaa galeera.—Far. 9:10. w21.06 8-9 key. 3-4

Kamisa, Guraandhala 2

Inni Waaqayyo biraa taʼe, dubbii Waaqayyoo ni dhagaʼa.—Yoh. 8:47.

Namoonni hedduun barumsawwan keenya Kitaaba Qulqulluu irratti hundaaʼan yaada amantii sobaa waan saaxilaniif ni gufatu. Geggeessitoonni amantii Waaqayyo cubbamoota ibidda qileetiin akka adabu hordoftoota isaanii barsiisu. Namoota toʼachuuf barumsa sobaa kanatti fayyadamu. Nuti tajaajiltoota Yihowaa Waaqa jaalalaa waaqeffannu waan taaneef, barumsa sobaa kana ni saaxilla. Kana malees, geggeessitoonni amantii lubbuun akka hin duune barsiisu. Barumsi kun dhugaa yoo taʼe, namni kam iyyuu duʼaa kaʼuun isa hin barbaachisu. Kanaafuu, barumsi kun Kitaaba Qulqulluu keessa akka hin jirre ni mirkaneessina. Akkasumas amantiiwwan hedduun wanti raawwannu hundi Waaqayyoon ykn humna hin mulʼanne tokkoon dursee murtaaʼeera jedhanii kan barsiisan taʼus, nuti namoonni mirga filannaa akka qabanii fi Waaqayyoon tajaajiluuf filachuu akka dandaʼan barsiisna. Barumsa sobaa isaanii yommuu saaxillu geggeessitoonni amantii maal godhu? Yeroo baayʼee garmalee aaru. Dhugaa kan jaallannu yoo taʼe wanta Waaqayyo dubbate fudhachuu qabna. (Yoh. 8:45, 46) Seexana irraa haala faallaa taʼeen nuti dhugaa keessa jabaannee dhaabanna. Matumaa amantii keenya hin laaffisnu. (Yoh. 8:44) Waaqayyo sabni isaa akkuma Yesuus, ‘wanta hamaa akka jibbanii fi wanta gaariitti akka maxxanan’ isaan irraa eega.—Rom. 12:9; Ibr. 1:9. w21.05 10 key. 10-11

Jimaata, Guraandhala 3

Diyaabilosiin . . . mormaa, innis isin irraa ni baqata.—Yaq. 4:7.

Kooruu ykn sassatuu akka jalqabne yoo hubanne maal gochuu qabna? Jijjiirama gochuu dandeenya. Phaawulos ergamaan namoonni “utuma lubbuudhaan jiranii” kiyyoo Diyaabilosiin qabaman kiyyoo isaa keessaa baʼuu akka dandaʼan dubbateera. (2 Xim. 2:26) Yihowaan Seexana caalaa humna guddaa akka qabu matumaa hin dagatin. Kanaafuu, gargaarsa Yihowaa kan fudhannu taanaan kiyyoo Seexanni qopheessu kam iyyuu jalaa baʼuu dandeenya. Haa taʼu malee, kiyyoo Seexanaatiin erga qabamnee booda jalaa baʼuuf yaaluu mannaa dursinee kiyyoo isaa irraa of eeguun keenya gaarii dha. Kana gochuu kan dandeenyu garuu gargaarsa Waaqayyoo yoo arganne qofa dha. Kanaafuu, amaloonni jibbisiisoo taʼan kun yaadaa fi gocha kee irratti dhiibbaa gochuu fi dhiisuu isaanii adda baafachuuf akka si gargaaru guyyaa guyyaadhaan Yihowaa kadhadhu. (Far. 139:23, 24) Kiyyoo kanaan akka hin qabamneef wanta dandeessu hunda godhi! Seexanni waggoota kumaan lakkaaʼamaniif namoota adamsaa tureera. Dhiheenyatti garuu ni hidhama; yeroo booda immoo ni balleeffama. (Mul. 20:1-3, 10) Guyyaa sana hawwii guddaadhaan eegganna. Hamma yeroo sanaatti kiyyoo Seexanaa irraa of eegi. Koorrii fi sassanni akka si hin toʼanne wanta siif dandaʼame hunda godhi. Diyaabiloosiin mormuuf murteessi, “innis [si] irraa ni baqata.” w21.06 19 key. 15-17

Sanbadduraa, Guraandhala 4

Gooftaan makarichaa, hojjettoota gara makara isaatti akka ergu kadhadhaa.—Mat. 9:38.

Namni tokko yeroo dhugaa Kitaaba Qulqulluu fudhatuu fi dhugaa sana namoota kaanitti himu Yihowaan ni gammada. (Fak. 23:15, 16) Yihowaan yeroo harʼaatti sabni isaa hinaaffaadhaan yommuu lallabanii fi barsiisan arguu isaatti baayʼee gammada! Fakkeenyaaf, waggaa tajaajilaa 2020​tti addunyaa maratti weerarri dhibee jiraatus, qoʼannaawwan Kitaaba Qulqulluu 7,705,765 geggeeffamaniiru; kunis namoonni 241,994 Yihowaadhaaf of murteessuudhaan akka cuuphaman gargaareera. Barattoonni haaraan kunis namoota kaan Kitaaba Qulqulluu qoʼachiisuudhaan isaanis barattoota akka taʼan gargaaru. (Luq. 6:40) Hojii barattoota gochuu irratti yeroo hirmaannu Yihowaan akka gammadu hin shakkisiisu. Hojiin barattoota gochuu ulfaataa taʼus, gargaarsa Yihowaatiin namoonni kaan Abbaa keenya is samii akka jaallatan gargaaruu irratti gumaacha gochuu ni dandeenya. Yoo xiqqaate nama tokko qoʼachiisuuf galma baafachuu ni dandeenyaa? Carraa arganne hundatti namoonni Kitaaba Qulqulluu qoʼachuu akka jalqaban yoo affeerre buʼaa argannutti dinqisiifamuun keenya hin oolu. w21.07 6-7 key. 14-16

Dilbata, Guraandhala 5

Mana Waaqa kootiif jaalala waanan qabuuf, . . . warqii fi meetii isa qabeenya dhuunfaa koo taʼe mana Waaqa kootiitiif nan kenna.—1 Sen. 29:3.

Daawit Mootichi ijaarsa mana qulqullummaatiif qabeenya isaa hedduu buusii godheera. (1 Sen. 22:11-16) Ijaarsawwan tiʼookraasii irratti hirmaachuuf humni keenya kan nuuf hin heyyamne yoo taʼe, hamma dandeenyu buusii gochuudhaan ijaarsicha deggeruu ni dandeenya. Muuxannoo walitti qabanne dargaggootatti himuudhaanis isaan gargaaruu dandeenya. Phaawulos ergamaan arjummaa argisiisuudhaan fakkeenya akkamii akka nuuf taʼu haa ilaallu. Phaawulos hojii misiyoonummaa irratti akka isaa wajjin hojjetuuf Ximotewosiin affeereera; akkasumas malawwan lallabaa fi barsiisuu isatti himeera. (HoE. 16:1-3) Leenjiin Ximotewos Phaawulos irraa argate misiraachicha babalʼisuuf isa gargaareera. (1 Qor. 4:17) Ximotewosis warra kaan leenjisuuf mala Phaawulos isatti argisiisetti fayyadameera. w21.09 12 key. 14-15

Wiixata, Guraandhala 6

Hinaaffaa fi lolli gidduu keessan jira.—1 Qor. 3:3.

Apholosii fi Phaawulos ergamaa irraa maal baranna? Lamaan isaanii iyyuu Kitaabota Qulqulluu akka gaariitti beeku. Lamaan isaanii iyyuu barsiisota beekamoo fi dandeettii guddaa qabani dha. Kana malees, namoonni hedduun barattoota akka taʼan gargaaraniiru. Taʼus, wal hin morkatan turan. (HoE. 18:24) Phaawulos, Apholos Qorontosii erga baʼee booda deebiʼee akka dhaqu cimsee isa jajjabeesseera. (1 Qor. 16:12) Apholos kennaa isaa kana karaa gaarii taʼeen, jechuunis misiraachoo lallabuu fi obboloota isaa cimsuuf itti fayyadameera. Kana malees, Apholos nama gad of qabu akka taʼe mirkanaaʼoo taʼuu dandeenya. Fakkeenyaaf, yeroo Aqiilaa fi Phirisqiilaan “caalaatti daandii Waaqayyoo sirriitti isaaf [ibsanitti]” akka mufate wanti argisiisu hin jiru. (HoE. 18:24-28) Phaawulos ergamaan hojii gaarii Apholos raawwate beeka ture. Taʼus, isatti hin hinaafne. Phaawulos ergamaan gorsa gumii Qorontosiif kenne irratti nama gad of qabu, nama humna isaa beekuu fi nama yaada isaatti hin cichine akka taʼe argisiiseera.—1 Qor. 3:3-6. w21.07 18-19 key. 15-17

Kibxata, Guraandhala 7

Namoonni hedduun qajeelota taʼu.—Rom. 5:19.

Addaamii fi Hewaan Waaqayyoof ajajamuu kan didan taʼe jedhanii waan taʼeef, miseensota maatii isaa keessaa isaan baasuun isaa sirrii ture. Ijoollee isaanii irra hoo maaltu gaʼa? Yihowaan jaalalaan kakaʼee ijoolleen isaanii jaallatamoon miseensota maatii isaa akka taʼan qophii godheera. Kanas kan godhe aarsaa Ilmi isaa tokkichi dhiheessetti fayyadamee ti. (Yoh. 3:16) Aarsaa Yesuusiin kan kaʼe, namoonni amanamoon 144,000 taʼan ijoollee Waaqayyoo taʼuu dandaʼaniiru. (Rom. 8:15-17; Mul. 14:1) Namoonni amanamoon kan biroon miliyoonaan lakkaaʼamanis, Waaqayyoof ajajamuudhaan fedhii isaa raawwachaa jiru. Qorumsi dhumaa Barkumee booda dhufu erga xumuramee booda, miseensota maatii Waaqayyoo akka taʼan ni abdatu. (Far. 25:14; Rom. 8:20, 21) Abdii kana waan qabaniif, amma iyyuu Yihowaa isa Uumaa isaanii taʼe “Abbaa” keenya jedhanii waamu. (Mat. 6:9) Namoonni duʼaa kaʼanis wanta Yihowaan isaan irraa barbaadu barachuuf carraa ni argatu. Namoonni qajeelfama isaatiif ajajamuu filatan immoo, yeroo booda miseensota maatii isaa taʼu. w21.08 5 key. 10-11

Roobii, Guraandhala 8

Wantoota caalaatti barbaachisoo taʼan adda [baasaa beekaa].—Filp. 1:10.

Phaawulos ergamaan tajaajilaaf muudamee kan ture yeroo taʼu, tajaajila kanas waggoota hedduudhaaf wantoota caalaatti barbaachisoo taʼan keessaa tokko akka taʼetti ilaaleera. “Bakka namoonni walgaʼanittii fi manaa gara manaatti” lallabeera. (HoE. 20:20) Lallabuuf carraa argate hundatti fayyadameera! Fakkeenyaaf, yeroo Ateenaa keessatti michoota isaa eegaa turetti garee namoota beekamoo taʼan tokkotti misiraachicha himeera; isaan keessaa tokko tokkos deebii gaarii kennaniiru. (HoE. 17:16, 17, 34) Phaawulos yeroo ‘hidhamee’ turetti illee namoota naannoo isaa jiraniif lallabeera. (Filp. 1:13, 14; HoE. 28:16-24) Phaawulos yeroo isaatti akka gaariitti fayyadameera. Yeroo baayʼee warri kaan akka isa wajjin tajaajilan affeera ture. Fakkeenyaaf, adeemsa misiyoonummaa isaa isa tokkoffaa irratti Yohaannis Maarqos, isa lammaffaa irratti immoo Ximotewosiin fudhatee deemeera. (HoE. 12:25; 16:1-4) Phaawulos gumii gurmeessuun, tika gochuunii fi barsiisota buʼa qabeeyyii taʼuun kan dandaʼamu akkamitti akka taʼe isaan barsiisuuf carraaqqii godhee akka ture homaa hin shakkisiisu.—1 Qor. 4:17. w22.03 27 key. 5-6

Kamisa, Guraandhala 9

[Waaqayyo] tokkoon tokkoon keenya irraa fagoo miti.—HoE. 17:27.

Namoonni tokko tokko, ‘Kanan amanu wantan ijaa arguu dandaʼutti qofa waan taʼeef, Uumaan jiraachuu isaa hin amanu’ jedhanii dubbatu. Haa taʼu malee, namoonni kun wanta ijaan hin arginettis ni amanu; fakkeenyaaf, humna harkisa lafaa ijaan arguu kan hin dandeenye taʼus, ragaawwan akka jiru argisiisaniin kan kaʼe jiraachuu isaa ni amanu. Gosti amantii Kitaaba Qulqulluu keessatti ibsames, ragaa “wantoonni ijaan hin mulʼanne dhuguma akka jiran [argisiisan]” irratti kan hundaaʼe dha. (Ibr. 11:1) Ragaawwan kana ofuma keenyaan qorachuun yeroo ramaduu fi carraaqqii gochuu gaafata; namoonni hedduun garuu akkas gochuuf fedhii hin qaban. Namni ragaawwan kana ofuma isaatiin hin qoranne Waaqayyo akka hin jirretti yaaduu dandaʼa. Saayintistoonni tokko tokko ragaawwan kana erga qoratanii booda wantoota hundumaa kan uume Waaqayyo akka taʼe amananiiru. Namoonni tokko tokko Uumaan hin jiru jedhanii kan amanan, jalqaba irratti waaʼee kanaa yunivarsiitiitti baratanii waan hin beekneefi. Haa taʼu malee, amma Yihowaa beekuu fi isa jaallachuu dandaʼaniiru. Wanti mana barumsaatti baranne maal iyyuu yoo taʼe, amantii Waaqayyo irratti qabnu cimsachuuf carraaqqii gochuu qabna. w21.08 14 key. 1; 15-16 key. 6-7

Jimaata, Guraandhala 10

Yihowaan uumamawwan hundumaatiif gaarii dha, gara laafinni isaas hojiiwwan isaa hundumaa irratti mulʼata.—Far. 145:9.

Akkuma mata duree darbe irratti ilaalle, Yesuus fakkeenya ilma badee turetti fayyadamee Yihowaan gara laafina argisiisuu akka jaallatu ibseera. Ilmi sun mana abbaa isaatii baʼee “jireenya gadhiisii jiraachuudhaan qabeenya isaa bittinneesse.” (Luq. 15:13) Yeroo booda, jireenya gadhiisii jiraachaa turetti gaabbee gad of qabuudhaan gara mana abbaa isaatti deebiʼeera. Abbaan isaa hoo maal godhe? Yesuus, “Utuma inni fagoo jiruu abbaan isaa isa argee garaan isaa raafame; fiigee isatti maramees isa dhungate” jedheera. Abbaan isaa isa hin qaanessine. Kanaa mannaa, dhiifama isaaf gochuudhaan maatii isaatti akka makamu godheera. Dargaggeessi kun balleessaa cimaa kan raawwate taʼus, yaada waan geddarateef abbaan isaa dhiifama isaaf godheera. Abbaan gara laafessi fakkeenyicha keessatti ibsame Yihowaa argisiisa. Yesuus fakkeenya garaa namaa tuqu kanatti fayyadamee, Abbaan isaa namoota cubbuu isaanii irraa garaadhaa yaada geddarataniif dhiifama gochuuf fedhii akka qabu ibseera.—Luq. 15:17-24. w21.10 8 key. 4; 9 key. 6

Sanbadduraa, Guraandhala 11

Waaqayyo saba maqaa isaatiif taʼu saboota kaan keessaa fudhachuuf, yeroo jalqabaatiif . . . xiyyeeffannaa isaa gara isaaniitti . . . naannesse.—HoE. 15:14.

Yeroo harʼaatti, geggeessitoonni amantaa baayʼeen Waaqayyo maqaa dhuunfaa kan qabu taʼuun isaa akka hin beekamne gochuuf wanta isaaniif dandaʼamu hundumaa godhu. Maqaa kana hiikkaawwan Kitaaba Qulqulluu isaanii keessaa baasaniiru; yeroon waldaa isaanii keessatti maqaa kanatti fayyadamuu itti dhorkanis jira. Maqaa Yihowaatiif ulfina isaaf malu kennaa kan jiran Dhugaa Baatota Yihowaa qofa akka taʼan namni haaluu dandaʼu jiraa? Gareewwan amantaa kaan caalaa maqaan Waaqayyoo balʼinaan akka beekamu gochaa jirra! Kana gochuudhaan, maqaa keenya isa Dhugaa Baatota Yihowaa jedhuu wajjin haala wal simuun jiraachuuf wanta nuuf dandaʼame hundumaa gochaa jirra! (Isa. 43:10-12) Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa koppii miliyoona 240 oliin maxxansineerra; hiikkaan kun maqaa Yihowaa iddoowwan hiiktonni Kitaaba Qulqulluu kaan baasanitti deebiseera. Kana malees, barreeffamoota Kitaaba Qulqulluu irratti hundaaʼanii fi maqaa Yihowaa beeksisan afaan 1,000 oliin qopheessaa jirra! w21.10 20-21 key. 9-10

Dilbata, Guraandhala 12

Obboloota kee keessaa inni tokko si gidduutti hiyyeessa yoo taʼe, obboleessa kee isa hiyyeessa taʼe sanatti garaa hin jabaatin yookiin harka kee isaaf diriirsuu irraa duubatti hin jedhin.—Kes. 15:7.

Obboloota keenya gargaarsi barbaachisu yeroo deggerru Yihowaa waaqeffachaa jirra. Yihowaan Israaʼelota hiyyeeyyiidhaaf garaa laafan akka eebbisu waadaa galee ture. (Kes. 15:10) Eeyyee, Yihowaan yeroo obboleessa gargaarsi isa barbaachisuuf deggersa goonu hundumaatti, akka kennaa isaaf kennineetti ilaala. (Fak. 19:17) Fakkeenyaaf, Phaawulos kennaa Kiristiyaanonni Filiphisiyus utuu inni mana hidhaa jiruu isaaf ergan akka ‘aarsaa fudhatama qabuu fi Waaqayyoon gammachiisuutti’ ilaaleera. (Filp. 4:18) Waaʼee obboloota gumii kee keessa jiranii yaaduudhaan, ‘Namni ani gargaaruu dandaʼu jiraa?’ jedhii of gaafadhu. Yihowaan yommuu nuti yeroo, humna, dandeettii fi qabeenya keenyatti fayyadamnee warra gargaarsi keenya isaan barbaachisuuf deggersa goonu baayʼee gammada. Gocha akkasii akka kutaa waaqeffannaa keenyaatti ilaala. (Yaq. 1:27) Waaqeffannaa dhugaan yeroo fi carraaqqii gaafata. Taʼus, baʼaa miti. (1 Yoh. 5:3) Akkana kan jennu maaliifi? Sababni isaas, Yihowaa kan waaqeffannu jaalala isaaf qabnuun kakaanee ti. w22.03 24 key. 14-15

Wiixata, Guraandhala 13

Inni aduu isaa namoota hamoo fi namoota gaarii irratti ni baasa.—Mat. 5:45.

Obbolootaa fi obboleettota keenyatti gara laafina argisiisuuf, rakkina isaan mudachaa jiru beekuu qabna. Fakkeenyaaf, obboleettiin takka dhukkuba cimaa qabaachuu dandeessi. Waaʼee dhukkuba ishii dubbachuu baattus gargaarsa utuu argattee baayʼee gammaddi. Nyaata qopheessuu ykn mana qulqulleessuu irratti nama ishii gargaaru ni barbaaddii laata? Obboleessi tokko immoo hojii isaa dhabee taʼuu dandaʼa. Hamma hojii argatutti maallaqa xinnoo isaaf kennuu ni dandeenyaa laata? Tarii maallaqichi kan keenya akka taʼe isatti himuun nu hin barbaachisu taʼa. Obbolootaa fi obboleettota keenyatti gara laafina argisiisuuf hamma isaan gargaarsa nu gaafatanitti eeguu hin qabnu. Akkuma Yihowaa dursa fudhachuu qabna. Inni utuu nuti isa hin gaafatin yeroo hundumaa aduu nuuf baasa! Ifa aduu irraa kan fayyadamanis namoota isa galateeffatan qofa utuu hin taʼin namoota hunda dha. Yihowaan wantoota nu barbaachisan nuuf kennuudhaan jaalala nutti argisiisaa jira. Yihowaan gaarii fi arjaa waan taʼeef baayʼee isa jaallanna! w21.09 22-23 key. 12-13

Kibxata, Guraandhala 14

Yaa Yihowaa, ati gaarii dha, dhiifama gochuufis qophaaʼaa dha; warra si waammatan hundumaatti jaalala amanamaa hedduu ni argisiista.—Far. 86:5.

Jaalalli Waaqayyoo inni amanamaan dhiifama gochuuf isa kakaasa. Yihowaan namni cubbuu raawwate tokko cubbuu isaa irraa yaada akka geddaratee fi dogoggora isaa irraa akka deebiʼe yommuu argu, jaalalli isaa inni amanamaan dhiifama isaaf gochuuf isa kakaasa. Daawit faarfatichi waaʼee Yihowaa yeroo dubbatu, “Inni akka cubbuu keenyaatti nu irratti hin raawwanne, akka balleessaa keenyaattis nuuf hin deebisne” jedheera. (Far. 103:8-11) Daawit miirri balleessaa hammam baʼaa akka namatti taʼu muuxannoo isaa irraa argeera. Haa taʼu malee, Yihowaan “dhiifama [gochuuf] qophaaʼaa” taʼuu isaas barateera. Yihowaan dhiifama gochuuf kan isa kakaasu maali dha? Deebiin isaa caqasa guyyaa harʼaa irratti galmeeffameera. Eeyyee, akkuma Daawit kadhannaa isaa irratti ibse, Yihowaan dhiifama kan godhu warra isa waammatan hundumaatiif jaalala amanamaa hedduu waan qabuufi. Cubbuu raawwannetti gaabbuun keenya sirrii dha, akkasumas barbaachisaa dha. Gaabbiin cubbuu keenya irraa yaada geddarachuu fi dogoggora keenya sirreessuuf tarkaanfii fudhachuuf nu kakaasa. w21.11 5 key. 11-12

Roobii, Guraandhala 15

Yaa Abbaa keenya isa samii irra jiraattuu, maqaan kee haa qulqullaaʼu.—Mat. 6:9.

Yihowaan maqaa isaa ni jaallata; namoonni hundis maqaa isaa kanaaf ulfina akka kennan barbaada. (Isa. 42:8) Taʼus maqaan isaa inni gaariin gara waggoota kuma jaʼaatiif arrabsamaa tureera. (Far. 74:10, 18, 23) Kunis yeroo Diyaabilos (hiikni isaa “Maqaa Balleessituu” jechuu dha), Waaqayyo Addaamii fi Hewaan wanta isaan barbaachisu isaan dhowwateera jedhee isa himatetti jalqabe. (Uma. 3:1-5) Yihowaan yeroo sanaa kaasee, ‘Wanta ilmaan namootaatiif barbaachisu isaan dhowwateera’ jedhamee sobaan himatamaa jira. Maqaan Abbaa isaa arrabsamuun isaa Yesuusiin yaaddessee ture. Yihowaan samii fi lafa irratti bulchuuf mirga guutuu qaba; bulchiinsi isaas hunda irra kan caalu dha. (Mul. 4:11) Haa taʼu malee, Diyaabilos maleekotaa fi namoota dogoggorsuudhaan Waaqayyo bulchuuf mirga akka hin qabnetti akka yaadan gochuuf yaalaa jira. Dhiheenyatti dhimmi kun guutummaatti furmaata argata. Lafa irratti nagaa fi tasgabbii dhugaa fiduu kan dandaʼu mootummaa isaa qofa akka taʼe mirkaneessuudhaan maqaa isaa ni qulqulleessa. w21.07 9 key. 5-6

Kamisa, Guraandhala 16

Ani . . . Yihowaatti nan gammada; Waaqa fayyinaa kootiin kan kaʼes nan ililcha.—An. 3:18.

Mataan maatii tokko nyaata gaʼaa, uffataa fi mana jireenyaa haadha manaa isaa fi ijoollee isaatiif barbaachisu dhiheessuuf fedhii qabaachuun isaa sirrii dha. Rakkinni diinagdee si mudachaa jiraa? Taanaan, yeroon kun siif yeroo ulfaataa dha. Haa taʼu malee, yeroo kanatti fayyadamuudhaan amantii kee cimsachuu dandeessa. Yihowaa kadhadhu, achiis yaada Yesuus dubbatee fi Maatewos 6:25-34 irratti galmeeffame dubbisuudhaan irratti xiinxali. Muuxannoowwan bara keenyaa Yihowaan warra isa tajaajiluu irratti xiyyeeffataniif wanta isaan barbaachisu akka isaaniif dhiheessu ibsan ilaali. (1 Qor. 15:58) Akkas kan gootu yoo taʼe, Yihowaan akkuma namoota haala ati keessa jirtuu wajjin wal fakkaatu keessa jiran gargaare, siinis akka gargaaru amanannaan qabdu ni cima. Inni wanta si barbaachisu beeka, wanta sana akkamitti akka siif dhiheessus beeka. Gargaarsa Yihowaa jireenya kee keessatti arguun kee amantiin kee akka cimu godha; kun immoo qorumsawwan guguddaa gara fuulduraatti dhufan moʼuuf si gargaara. w21.11 20 key. 3; 21 key. 6

Jimaata, Guraandhala 17

Namni kam iyyuu cubbuu yoo hojjete nuti Abbaa biraa gargaaraa qabna; innis Yesuus [Kiristoosi].—1 Yoh. 2:1.

Amantiin Kiristiyaanota hedduu cimee itti fufuu kan dandaʼe barumsa furichaatiini dha. Utuma mormiin jiruu lallabuu isaanii itti fufaniiru, akkasumas hamma dullumaatti illee qorumsa hundumaa dandamataniiru. Mee fakkeenya Yohaannis ergamaa haa ilaallu. Dhugaa waaʼee Kiristoosii fi furichaa ibsu gara waggaa 60 oliitiif amanamummaadhaan lallabeera. Dhuma waggoota 90manii keessa yeroo tureetti mootummaa Roomaatiif sodaachisaa akka taʼetti ilaalamee taʼuu hin ooluu, odoola Phaaximoositti hidhamee ture. Yakki isaa maal ture? “Waaʼee Waaqayyoo dubbachuu fi waaʼee Yesuus dhugaa baʼuu” ture. (Mul. 1:9) Yohaannis amantii fi jabaatanii dhaabbachuu irratti fakkeenya guddaa nuuf taʼa! Yohaannis kutaawwan Kitaaba Qulqulluu barreesse irratti jaalala guddaa Yesuusiif qabuu fi dinqisiifannaa furichaaf qabu ibseera. Kitaabota kana keessatti furicha ykn faayidaa furichi argamsiisu al 100 ol caqaseera. (1 Yoh. 2:2) Yohaannis furicha guddaa akka dinqisiifatu ifa dha. w21.04 17 key. 9-10

Sanbadduraa, Guraandhala 18

Nama gurri isaa duude hin abaarin yookiin nama qaro dhabeessa taʼe dura gufuu hin kaaʼin.—Lew. 19:14.

Yihowaan sabni isaa namoota hirʼina qaamaa qabaniif akka yaadan akka argisiisan barbaada. Fakkeenyaaf, Israaʼelonni nama gurri isaa duude akka hin abaarre ajajamaniiru. Abaarsi akkasii nama tokko doorsisuu ykn waaʼee isaa wanta hamaa dubbachuu kan dabalatu taʼuu dandaʼa. Nama gurri isaa duude irratti akkas gochuun hammina guddaa dha! Waaʼee isaa wanta jedhame dhagaʼuu waan hin dandeenyeef falmachuu hin dandaʼu. Kana malees, Baʼuu 19:14 irratti, tajaajiltoonni Waaqayyoo “nama qaro dhabeessa taʼe dura gufuu” akka hin keenye ajajni isaaniif kennameera. Barreeffamni tokko namoota hirʼina qaamaa qaban ilaalchisee, “Baha Giddu Galaa durii keessatti jalʼinni haqaa fi hamminni isaan irratti raawwatama ture” jedheera. Namoonni gara jabeeyyii taʼan tokko tokko nama qaro dhabeessa taʼe tokko miidhuuf ykn itti qoosuuf jecha gufuu isa dura kaaʼu taʼa. Kun gara jabina guddaa dha! Yihowaan ajaja kanatti fayyadamuudhaan sabni isaa namoota haalli isaanii daangeffametti gara laafina argisiisuun isaanii hammam barbaachisaa akka taʼe akka hubatan isaan gargaareera. w21.12 8-9 key. 3-4

Dilbata, Guraandhala 19

Yaaqoob baayʼee sodaate; ni dhiphates.—Uma. 32:7.

Yaaqoob obboleessi isaa amma iyyuu haaloo isatti qabatee akka jirutti waan yaadeef, baayʼee dhiphatee ture. Kanaafuu dhimmicha ilaalchisee cimsee Yihowaa kadhate. Achiis, Esaawuuf kennaa erge. (Uma. 32:9-15) Dhuma irrattis, Yaaqoob dursa fudhatee Esaawuuf kabaja akka qabu argisiiseera. Yaaqoob Esaawu duratti kan sagade siʼa tokko ykn siʼa lama qofa utuu hin taʼin siʼa torba ture! Yaaqoob gad of qabuudhaan, akkasumas kabaja argisiisuudhaan obboleessa isaa wajjin araarameera. (Uma. 33:3, 4) Akkaataa Yaaqoob obboleessa isaa Esaawu wajjin wal arguuf itti qophaaʼee fi isatti dhihaate irraa barumsa guddaa arganna. Yaaqoob gad of qabuudhaan Yihowaan akka isa gargaaru kadhateera. Achiis, obboleessa isaa wajjin araaramuuf wanta dandaʼu hundumaa gochuudhaan kadhannaa isaa wajjin haala wal simuun tarkaanfii fudhateera. Yaaqoob yeroo obboleessa isaa wajjin wal argetti balleessaan kan eenyuu akka taʼe dubbachuudhaan isaa wajjin wal hin falmine. Kaayyoon Yaaqoob obboleessa isaa wajjin araaramuu ture. Atoo fakkeenya Yaaqoob hordofuu ni dandeessaa?—Mat. 5:23, 24. w21.12 25 key. 11-12

Wiixata, Guraandhala 20

Waaqayyo garaa keenya irra ni caala, wanta hundumaas beeka.—1 Yoh. 3:20.

Yesuus cubbuu kee haguuguuf duʼuu isaa yommuu yaaddu, ‘ani kabaja kana argachuun kan naaf malu miti’ jetta taʼa. Akkas kan sitti dhagaʼamu maaliif taʼuu dandaʼa? Garaan keenya inni cubbuu dhaale nu gowwoomsuudhaan gatii akka hin qabne ykn akka hin jaallatamne akka nutti dhagaʼamu godha. (1 Yoh. 3:19) Yeroo akkasiitti ‘Waaqayyo garaa keenya irra akka caalu’ yaadachuu qabna. Jaalallii fi dhiifamni Abbaa keenya isa samii miira dogoggoraa garaa keenya keessa jiru kam irra iyyuu caalaa jabaa dha. Ilaalcha Yihowaan nuuf qabu fudhachuuf of amansiisuu nu barbaachisa. Kana gochuudhaaf Dubbii isaa yeroo yerootti qoʼachuu, irra deddeebinee kadhachuu fi saba isaa wajjin yeroo dabarsuu qabna. Wantoota kana gochuun baayʼee barbaachisaa kan taʼe maaliifi? Amalli Yihowaa inni baayʼee namatti tolu caalaatti ifa isiniif taʼa. Hammam akka isin jaallatu ni hubattu. Kutaa Dubbii Waaqayyoo tokko irratti guyyaa guyyaadhaan xiinxaluun, caalaatti sirriitti yaaduudhaan garaa fi sammuu keenya keessatti “wanta hundumaa sirreessuuf” nu gargaara.—2 Xim. 3:16. w21.04 23-24 key. 12-13

Kibxata, Guraandhala 21

Gara Waaqayyootti nan iyyadha, innis na dhagaʼa.—Far. 77:1.

Amantii cimaa qabaachuuf beekumsi qofti gaʼaa miti. Wanta baranne irratti xiinxaluun nu barbaachisa. Mee muuxannoo barreessaa Faarfannaa 77 haa ilaallu. Barreessaan kun innis taʼe Israaʼelonni kaan Yihowaa biratti fudhatama akka dhaban waan isatti dhagaʼameef baayʼee dhiphatee ture. Baayʼee dhiphachuu isaatiin kan kaʼes halkan hirribni isa dida ture. (Lakkoofsa 2-8) Maarree, maal godhe? Yihowaadhaan, “Gocha kee hundumaa irratti nan xiinxala, wantoota ati raawwatte irrattis nan yaada” jedheera. (Lakkoofsa 12) Faarfataan kun wantoota Yihowaan sana dura saba isaatiif godhe akka gaariitti kan beeku taʼus baayʼee dhiphachuu isaatiin kan kaʼe, “Waaqayyo gaarummaa isaa argisiisuu irraanfateeraa? Aariin isaa hoo gara laafinni isaa akka badu godheeraa?” jedhee yaadee ture. (Lakkoofsa 9) Faarfataan kun gochawwan Yihowaa irrattii fi gara laafina inni sana dura argisiise irratti xiinxaleera. (Lakkoofsa 11) Kana gochuun isaa kan isa fayyade akkamitti? Yihowaan saba isaa akka hin dhiisne mirkanaaʼaa taʼeera. (Lakkoofsa 15) w22.01 30-31 key. 17-18

Roobii, Guraandhala 22

Hundi isaanii isaaf jiraatoo [dha].—Luq. 20:38.

Yihowaan dhiirotaa fi dubartoota amanamoo duʼan ilaalchisee maaltu isatti dhagaʼama? Deebiʼee isaan arguuf ni hawwa. (Iyo. 14:15) Yihowaan michuu isaa Abrahaamiin arguuf hammam hawwaa akka jiru tilmaamuu ni dandeessaa? (Yaq. 2:23) Musee isa “fuulaa fuulatti” haasofsiisaa ture deebiʼee haasofsiisuuf hammam hawwa laata? (Bau. 33:11) Faarfannaa jajannaa Daawitii fi faarfattoonni kaan faarfatan dhaggeeffachuuf baayʼee akka hawwus hin shakkisiisu! (Far. 104:33) Michoonni isaa kun kan duʼan taʼus Yihowaan matumaa isaan hin irraanfatu. (Isa. 49:15) Namoota akkamii akka turan sirriitti ni yaadata. Gaaf tokko gara jireenyaatti isaan deebisuudhaan kadhannaa isaanii isa garaadhaa madde dhagaʼuu fi waaqeffannaa isaanii fudhachuu barbaada. Nama jaallattu duʼaan dhabdeetta yoo taʼe, yaanni kun si jajjabeessuu dandaʼa. Yihowaan yeroo fincilli Eedan keessatti kaʼetti, haalli isaa fooyyaʼuu isaa dura, caalaatti akka hammaatu beeka ture. Yihowaan hammina, jalʼina haqaa fi jeequmsa yeroo harʼaatti addunyaa kana keessatti raawwatamaa jiru ni jibba. w21.07 10 key. 11; 12 key. 12

Kamisa, Guraandhala 23

Hojii fi dhugaadhaan wal haa jaallannu.—1 Yoh. 3:18.

Jaalala akkasii yommuu argisiisnu furicha akka dinqisiifannus argisiisaa jirra. Maaliifi? Yesuus lubbuu isaa kan kenne nuuf qofa utuu hin taʼin, obbolootaa fi obboleettota keenyaafis waan taʼeefi. Inni isaaniif duʼuuf qophaaʼaa erga taʼee isa biratti gatii guddaa akka qaban ifa dha. (1 Yoh. 3:16-18) Karaa itti isaan qabnuun jaalala obbolootaa fi obboleettota keenyaaf qabnu argisiisna. (Efe. 4:29, 31–5:2) Fakkeenyaaf, yommuu dhukkubsatan ykn balaa uumamaa dabalatee qorumsi cimaan yommuu isaan irra gaʼu isaan gargaarra. Haa taʼu malee, obboloonnii fi obboleettonni keenya wanta nu aarsu tokko yommuu godhan ykn dubbatan maal gochuu qabna? Yeroo tokko tokko dhiifama gochuun sitti ulfaataa? (Lew. 19:18) Taanaan, gorsa kana hordofi: “Namni tokko sababii nama kan biraa itti komatu yoo qabaate illee, wal dandaʼuu fi tola waliif dhiisuu keessan itti fufaa. Akkuma Yihowaan tola isiniif dhiise, isinis tola waliif dhiisaa.” (Qol. 3:13) Yeroo obbolootaa fi obboleettota keenyaaf dhiifama goonu hundatti furicha dhugumaan akka dinqisiifannu Abbaa keenya isa samiitiif mirkaneessina. w21.04 18 key. 12-13

Jimaata, Guraandhala 24

Kennaa argattan . . . walii keessan tajaajiluuf itti fayyadamaa.—1 Phe. 4:10.

Tajaajila Yihowaa irratti cimnee hojjechuudhaan namoonni hedduun guddina godhanii akka cuuphaman gargaarreerra taʼa. Taʼus, milkaaʼina kam iyyuu kan arganne gargaarsa Yihowaatiin akka taʼe beekna. Apholosii fi Phaawulos ergamaa irraa wanti barannu kan biraanis jira; yeroo gumii keessatti itti gaafatamummaa qabaannutti nagaa uumuuf wanta dabalataa gochuu dandeenya. Dhiironni muudaman gorsi isaanii Dubbii Waaqayyoo irratti akka hundaaʼu gochuudhaan, akkasumas miseensonni gumichaa isaan irratti utuu hin taʼin, Kiristoos Yesuus isa fakkeenya nuuf taʼu irratti akka xiyyeeffatan gochuudhaan nagaa fi tokkummaa yeroo babalʼisan arguun keenya baayʼee nu gammachiisa. (1 Qor. 4:6, 7) Hundi keenya iyyuu kennaa ykn dandeettii Waaqayyo irraa arganne qabna. Wanti raawwannu baayʼee xiqqoo akka taʼe nutti dhagaʼama taʼa. Taʼus, wanti xinnoon nagaa babalʼisuuf goonu akkuma foʼaawwan qaqalloo uffata walitti hodhuuf gargaaranii ti. Miira wal morkii akkamii iyyuu of keessaa baasuuf haa carraaqnu. Hundi keenya iyyuu gumii keessatti nagaa fi tokkummaa babalʼisuuf wanta dandeenyu hunda gochuuf haa murteessinu.—Efe. 4:3. w21.07 19 key. 18-19

Sanbadduraa, Guraandhala 25

Obboleessi kee ni kaʼa.—Yoh. 11:23.

Namoonni duʼaan dhabde duʼaa akka kaʼan mirkanaaʼaa taʼuu dandeessa. Yesuus imimmaan isaa dhangalaasuun isaa namoota duʼan duʼaa kaasuu akka barbaadu argisiisa. (Yoh. 11:35) Namoota gaddan jajjabeessuu dandeessa. Yesuus Maartaa fi Maariyaamii wajjin booʼuu qofa utuu hin taʼin, isaan dhaggeeffateera, akkasumas isaan jajjabeesseera. (Yoh. 11:25-27) Nutis warra gaddaniif akkasuma gochuu dandeenya. Jaarsi gumii Daan jedhamuu fi Awustiraaliyaa keessa jiraatu akkana jedheera: “Haadha manaa koo ergan duʼaan dhabee booda gargaarsi warra kaanii na barbaachisee ture. Hiriyoonni gaaʼelaa hedduun yeroo hundumaa na dhaggeeffachuuf qophaaʼoo turan. Gadda koo akkan ibsu naaf heyyamu, yeroon booʼuus natti hin qaanaʼan. Yeroon hin dandeenyetti konkolaataa koo naaf dhiqu, wantoota nyaata qopheessuuf barbaachisan naaf bitu, akkasumas nyaata naaf qopheessu. Yeroo baayʼees naa wajjin kadhatu. Michoota dhugaa fi ‘obboleessa yeroo dhiphinaatiif dhalate’ taʼuu isaanii argisiisaniiru.”—Fak. 17:17. w22.01 16 key. 8-9

Dilbata, Guraandhala 26

Namni adaba jireenya argamsiisu dhagaʼu mana keessa namoota ogeeyyii gidduu jiraata.—Fak. 15:31.

Yihowaan wanta hunda irra wayyu akka argannu barbaada. (Fak. 4:20-22) Dubbii isaatti, barreeffama Kitaaba Qulqulluu irratti hundaaʼe tokkotti ykn Kiristiyaana bilchina qabu tokkotti fayyadamee yeroo gorsa nuuf kennu jaalala isaa nuuf ibsaa jira. (Ibr. 12:9, 10) Akkaataa gorsi itti siif kenname irratti utuu hin taʼin, gorsa sana irratti xiyyeeffadhu. Yeroo tokko tokko akkaataan gorsi itti nuuf kenname gaarii akka hin taane nutti dhagaʼama taʼa. Dhugaa dha, namni gorsa kennu kam iyyuu karaa fudhachuuf salphatuun kennuuf yaaluu qaba. (Gal. 6:1) Gorsi nuuf kennameera taanaan garuu, akkaataan itti nuuf kenname nu gammachiisuu baatus, ergaa isaa irratti xiyyeeffachuun keenya gaarii dha. Akkana jennee of gaafachuu dandeenya: ‘Akkaataan itti gorsi naaf kenname natti toluu baatus, gorsa naa kenname keessaa wantin hojii irra oolchuu dandaʼu jiraa? Hirʼina nama sanaa irratti utuu hin taʼin, faayidaa gorsi inni naaf kenne qabu irratti xiyyeeffachuu nan dandaʼaa?’ Gorsi nuuf kennamu kam iyyuu akkamitti akka nu fayyadu yaaduun keenya gamnummaa dha. w22.02 12 key. 13-14

Wiixata, Guraandhala 27

Yaadachiisni Yihowaa kan amanamu dha, isa muuxannoo hin qabne ogeessa godha.—Far. 19:7.

Yihowaan ilaalcha dogoggoraa fi barsiifata gadhee dhiisuun yeroo fi carraaqqii akka gaafatu beeka. (Far. 103:13, 14) Haa taʼu malee, Yihowaan ogummaa, ciminaa fi deggersa eenyummaa keenya jijjiiruuf nu barbaachisu karaa Dubbii isaa, hafuura isaa fi jaarmiyaa isaa nuuf kenna. Kitaaba Qulqulluutti fayyadamuudhaan akka gaariitti of qori. Dubbiin Waaqayyoo akkuma daawwitii ti; akkaataa itti dubbattuu fi gocha kee gamaaggamuuf si gargaara. (Yaq. 1:22-25) Yihowaanis yeroo hunda si gargaaruuf qophaaʼaa dha. Hundumaa caalaa si gargaaruu kan dandaʼu isa dha; sababni isaas, inni wanta garaa kee keessa jiru beeka. (Fak. 14:10; 15:11) Kanaafuu, isa kadhachuu fi guyyaa guyyaadhaan Dubbii isaa qoʼachuu barsiifata godhadhu. Ulaagaaleen Yihowaa hunda irra akka caalan mirkanaaʼaa taʼi. Wanta Yihowaan nu ajaju hunda gochuun nu fayyada. Warri akka ulaagaalee isaatti jiraatan ofiif kabaja qabaatu, jireenyi isaanii kaayyoo qabaata, akkasumas gammachuu dhugaa ni argatu.—Far. 19:8-11. w22.03 4 key. 8-10

Kibxata, Guraandhala 28

Dallaawwan ittisaa ishii qalbeeffadhaa. Waaʼee ishii dhaloota dhufutti himuu akka dandeessaniif, masaraawwan ishii warra dallaa dhagaa qaban qoradhaa.—Far. 48:13.

Bakka waaqeffannaa yeroo ijaarruu fi yeroo suphinu Yihowaa waaqeffachaa jirra. Kitaabni Qulqulluun godoo qulqulluus taʼe miʼawwan godoo qulqulluu hojjechuun “hojii qulqulluu” akka taʼe dubbata. (Bau. 36:1, 4) Yeroo harʼaattis Yihowaan Galma Walgaʼiis taʼe gamoowwan tiʼookraasii kan biroo ijaaruu tajaajila qulqulluu akka taʼetti ilaala. Obboloonnii fi obboleettonni tokko tokko hojii akkasii irratti yeroo dheeraa dabarsu. Gumaacha hojii Mootummichaatiif godhamu kana baayʼee dinqisiifanna. Obboloonni kun hojii lallabaa irrattis ni hirmaatu. Isaan keessaa tokko tokko qajeelchitoota taʼuu illee ni barbaadu. Jaarsoliin gumii obboloonnii fi obboleettonni jabaatanii hojjetan kun ulaagaa isaa kan guutan yoo taʼe qajeelchitoota taʼanii akka tajaajilan isaaniif heyyamuudhaan hojii ijaarsaa akka deggeran argisiisuu dandaʼu. Dandeettii hojii ijaarsaa qabaannus qabaachuu baannus, hundi keenya iyyuu gamoowwan kun qulqulluu akka taʼanii fi haala gaarii irratti akka argamaniif gumaacha gochuu dandeenya. w22.03 22 key. 11-12

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi