Bitootessa
Roobii, Bitootessa 1
Wanti obboloota koo warra hundumaa irra xinnaatan kana keessaa isa tokkoof gootan, akka anaaf gootanitti lakkaaʼama.—Mat. 25:40.
‘Hoolonni’ fakkeenya Maatewos 25:31-36 irratti ibsaman qajeelota bara dhumaatti argamanii fi abdii lafa irra jiraachuu qaban, jechuunis hoolota kan biroo argisiisu. Hoolonni kan biroon obboloota Kiristoos lafa irratti hafan amanamummaadhaan deggeru; adda durummaadhaan kana kan godhan hojii lallabuu fi barattoota gochuu addunyaa maratti raawwatamaa jiru irratti isaan gargaaruudhaani. (Mat. 24:14; 28:19, 20) Hoolonni kan biroon waggaa waggaadhaan torbeewwan muraasa Ayyaana Yaadannoo dura jiranitti duula addunyaa maratti namoonni fedhii qaban ayyaanicha irratti akka argaman affeeruuf geggeeffamu irratti hirmaannaa guutuu gochuudhaan obboloota Kiristoos deggeru. Gumiiwwan addunyaa maratti argaman hundumaa keessatti Ayyaana Yaadannoo kabajuun akka dandaʼamuuf qophii barbaachisu hundumaa gochuu irrattis gargaarsa ni godhu. Hoolonni kan biroon karaawwan kanaan obboloota Kiristoos deggeruun baayʼee isaan gammachiisa. Hoolonni kun Yesuus wanta isaan obboloota isaa dibamaniif godhan akkuma isaaf godhanitti akka ilaalu beeku.—Mat. 25:37-40. w22.01 22 key. 11-12
Kamisa, Bitootessa 2
Namni ana arge hundi Abbaas argeera.—Yoh. 14:9.
Amalawwan Yesuus argisiisee fi akkaataa inni namoota itti qabe hordofuu dandeenya. Fakkeenyaaf, nama dhukkuba nadaayiitiin qabame tokkoo fi dubartii dhukkuba cimaadhaan qabamteef gaddeera, akkasumas warra namoota jaallatan duʼaan dhabaniif garaa laafeera. Kanaafuu, fakkeenya Yesuus yommuu hordofnu fakkeenya Yihowaa hordofaa jirra jechuu dha. (Mar. 1:40, 41; 5:25-34; Yoh. 11:33-35) Yommuu caalaatti Yihowaa fakkaannu, caalaatti isatti dhihaanna. Faana Yesuus hordofuun addunyaa hamaa kanaan yaanni keenya akka hin hihhiramne nu gargaara. Yesuus galgala dhumaa jireenya isaa isa lafaa irratti “Ani addunyaa moʼeera” jechuu kan dandaʼe kanaaf ture. (Yoh. 16:33) Akkas yommuu jedhu ilaalchi, galmii fi gochi addunyaa kanaa dhiibbaa akka isa irratti godhu akka hin heyyamne dubbachuu isaa ti. Yesuus sababiin gara lafaa itti ergame ol aantummaa Yihowaa mirkaneessuuf akka taʼe matumaa hin daganne. Nuti hoo? Addunyaa kana keessa wantoonni yaada keenya hihhiran hedduun jiru. Haa taʼu malee, akkuma Yesuus fedha Yihowaa raawwachuu irratti kan xiyyeeffannu yoo taʼe, nutis addunyaa ‘moʼuu’ dandeenya.—1 Yoh. 5:5. w21.04 3-4 key. 7-8
Jimaata, Bitootessa 3
[Wanti] akkamii iyyuu jaalala Waaqayyoo . . . irraa gargar nu baasuu [hin dandaʼu].—Rom. 8:39.
Phaawulos ergamaan yaada Yesuus, ‘isatti kan amanu hundi jireenya bara baraa akka qabaatu’ dubbate akka gaariitti beeka ture. (Yoh. 3:16; Rom. 6:23) Phaawulos namoota furicha irratti amantii qaban keessaa tokko akka ture hin shakkisiisu. Inni warri cubbuu cimaa raawwatan illee, yoo yaada geddaratan Yihowaan dhiifama isaaniif gochuuf qophaaʼaa akka taʼe mirkanaaʼaa ture. (Far. 86:5) Kana malees, humna jaalala Waaqayyoo isa karaa Kiristoos ibsame irratti amantii qaba ture. Jechoota xumura Galaatiyaa 2:20 irratti argamanii fi nama jajjabeessan hubadhu. Phaawulos, “Ilma Waaqayyoo isa na jaallatee fi anaaf jedhee dabarsee of kenne” jedheera. ‘Yihowaan obboloota koo jaallachuu dandaʼa, anaan garuu jaallachuu hin dandaʼu’ jedhee jaalala Yihowaa irraatti daangaa hin keenye. ‘Cubbamoota taanee utuu jirruu Kiristoos nuuf jedhee duʼeera’ jechuudhaan warra Roomaa yaadachiisee ture. (Rom. 5:8) Jaalala Waaqayyoo wanti daangessu hin jiru! Phaawulos jaalalli Waaqayyoo humna akka qabu guutummaatti mirkanaaʼaa ture. Yihowaan saba Israaʼel hammam obsaan akka qabe beeka. w21.04 22 key. 8-10
Sanbadduraa, Bitootessa 4
Waaqayyoon jaallachuu jechuun ajajawwan isaa eeguu dha.—1 Yoh. 5:3.
Kitaaba Qulqulluu yommuu qoʼachiistan barataan keessan Yihowaa akka jaallatu gargaaraa. Akkamitti? Barataan keessan amalawwan Yihowaa irratti akka xiyyeeffatu gochuuf, carraa argattanitti fayyadamuuf yaalaa. Yihowaan Waaqa gammadaa namoota isa jaallatan gargaaru taʼuu isaa akka hubatu isa gargaaraa. (1 Xim. 1:11; Ibr. 11:6) Wanta barate sana hojii irra oolchuun akka isa fayyadu barataa keessan hubachiisaa; akkasumas faayidaan argatu kun jaalala Yihowaan isaaf qabu kan argisiisu akka taʼe isaaf ibsaa. (Isa. 48:17, 18) Jaalalli Yihowaadhaaf qabu guddachaa yeroo deemu jijjiirama barbaachisu gochuuf caalaatti kakaʼa. Namni Kitaaba Qulqulluu qoʼatu tokko guddina godhee cuuphamuuf aarsaa kaffaluun isa barbaachisa. Barattoonni tokko tokko qabeenya isaanii aarsaa gochuun isaan barbaachisuu dandaʼa. Barattoonni hedduun michummaa namoota Yihowaa hin jaallannee wajjin qaban dhaabuun isaan barbaachisa. Warri kaan immoo miseensonni maatii isaanii Dhugaa Baatota Yihowaa waan hin jaallanneef isaan irraa fagaataniiru. Yesuus warri isa duukaa buʼan akka hin gaabbine waadaa isaaniif galeera. Namoonni isa duukaa buʼan maatii hafuuraa isaan jaallatan argachuudhaan eebba guddaa argatu.—Mar. 10:29, 30. w21.06 4-5 key. 8-9
Dilbata, Bitootessa 5
Ija keessan ol kaasaatii maasicha ilaalaa; inni addaatee haamaadhaaf gaʼeera.—Yoh. 4:35.
Phaawulos ergamaan hojii barattoota gochuu biqiltuu misoomsuu wajjin wal fakkeesseera; kun immoo biqiltuu dhaabuu caalaa wanta dabalatu akka qabu kan argisiisu dha. Obboloota gumii Qorontosiif, “Ani nan dhaabe, Apholos bishaan obaase . . . Isin maasii Waaqayyoo isa misoomaa jiru dha” jedhee barreesseera. (1 Qor. 3:6-9) Nuti namoota “maasii Waaqayyoo” irratti hojjetan waan taaneef, biqiltuu dhaabuu qofa utuu hin taʼin, bishaan obaasuu fi yeroo yerootti guddina isaa hordofuu qabna. Garuu, biqiltuu sana kan guddisu Waaqayyo akka taʼe beekna. Dhugaa namoota kaaniif lallabuu fi isaan barsiisuun mirga guddaa dha! Hojiin kun gammachuu dhugaa nuuf argamsiisa. Phaawulos ergamaan inni obboloonni Tasalonqee keessa jiran hedduun barattoota akka taʼan gargaare, miira isatti dhagaʼame akkas jechuudhaan ibseera: “Gooftaan keenya Yesuus yeroo argamu, isa duratti abdiin keenya yookiin gammachuun keenya yookiin gonfoon ililchuu keenya eenyu? Isinuma mitii ree? Isin dhuguma ulfinaa fi gammachuu keenya dha.”—1 Tas. 2:19, 20; HoE. 17:1-4. w21.07 3 key. 5; 7 key. 17
Wiixata, Bitootessa 6
Warra xixinnoo kana keessaa isa tokko akka hin tuffanne of eeggadhaa.—Mat. 18:10.
Yihowaan tokkoon tokkoon keenya gara isaatti harkiseera. (Yoh. 6:44) Mee kana jechuun maal jechuu akka taʼe yaadi. Yihowaan garaa namoota biliyoonaan lakkaaʼamanii fi addunyaa maratti argamanii yeroo qoru garaa qajeelaa isa jaallachuu dandaʼu akka qabdu si keessatti arge. (1 Sen. 28:9) Yihowaan si beeka, haala keessa jirtu ni hubata, si jaallatas. Kun baayʼee nama jajjabeessa! Yihowaan garaadhaa siif yaada; obbolootaa fi obboleettota kee hundaafis ni yaada. Yesuus haala kana fakkeenyaan ibsuuf Yihowaa tiksee tokkoo wajjin wal fakkeesseera. Hoolota 100 keessaa hoolaan 1 yoo bade tikseen hoolota sanaa maal godha? “Hoolota 99n sana gaara irratti dhiisee isa jalaa bade sana barbaacha” deema. Tikseen sun hoolaa sana yeroo argatu baduu isaatti isatti hin aaru. Kanaa mannaa isa argachuu isaatti ni gammada. Kana irraa maal baranna? Hoolonni hundi Yihowaa biratti iddoo guddaa qabu. Yesuus, “Abbaan koo inni samii warra xixinnoo kana keessaa tokko illee akka badu hin barbaadu” jedheera.—Mat. 18:12-14. w21.06 20 key. 1-2
Kibxata, Bitootessa 7
Waaqayyotti dhihaadhaa.—Yaq. 4:8.
Jaalala Waaqayyoo isa hin banne irratti yeroo xiinxallu, jaalalli Yihowaadhaaf qabnuu fi michummaan isaa wajjin qabnu cimaa deema. (Rom. 8:38, 39) Fakkeenya Yesuus hordofuuf kakaana. (1 Phe. 2:21) Guyyoota Ayyaana Yaadannoo dura jiranitti, seenaawwan Kitaaba Qulqulluu waaʼee torban dhumaa Yesuus lafa irratti dabarsee, waaʼee duʼa isaa fi duʼaa kaʼuu isaa ibsan dubbisna. Ayyaanicha irratti immoo, haasaan jaalala Yesuus nutti argisiise nu yaadachiisu nuuf dhihaata. (Efe. 5:2; 1 Yoh. 3:16) Seenaawwan Yesuus fedhii isaa aarsaa akka godhe ibsan yeroo dubbisnee irratti xiinxallu, “akka inni deddeebiʼetti deddeebiʼuuf” dirqamni akka nu irra jiru nutti dhagaʼama. (1 Yoh. 2:6) Jaalala Waaqayyoo keessa jiraachuu keenya itti fufuuf nu kakaasa. (Yih. 20, 21) Waaqayyoof ajajamuuf wanta dandeenyu hundumaa gochuudhaan, maqaa isaa qulqulleessuudhaan, akkasumas garaa isaa gammachiisuudhaan jaalala isaa keessa jiraachuu keenya itti fufuu dandeenya. (Fak. 27:11; Mat. 6:9; 1 Yoh. 5:3) Ayyaana Yaadannoo irratti argamuun keenya guyyaa guyyaadhaan karaa Yihowaan barbaaduun jiraachuudhaan, ‘Jaalala kee keessa bara baraaf jiraachuu nan barbaada!’ isaan jechuuf nu kakaasa. w22.01 23 key. 17; 25 key. 18-19
Roobii, Bitootessa 8
Isa kam akka tajaajiltan . . . filadhaa.—Iya. 24:15.
Yihowaan mirga filannaa nuuf kenneera. Jireenya keenya keessatti wanta hojjechuu barbaannu filachuu dandeenya. Waaqni keenya inni jaalala qabeessa taʼe yeroo isa tajaajiluu filannu ni gammada. (Far. 84:11; Fak. 27:11) Mirga filannaa keenyatti fayyadamnee murtoowwan gaggaarii taʼan hedduu gochuu ni dandeenya. Fakkeenya Yesuus hordofuudhaan, fedhii keenya caalaa fedhii warra kaaniitiif dursa kennuu filachuu dandeenya. Yeroo tokko Yesuusii fi ergamoonni isaa baayʼee dadhabanii waan turaniif, iddoo tasgabbii qabu dhaqanii xiqqoo boqochuu barbaadanii turan. Haa taʼu malee, boqochuu hin dandeenye. Namoonni Yesuus irraa barachuu barbaadan hedduun gara isaanii dhufan. Taʼus, Yesuus isaanitti hin aarre. Kanaa mannaa, baayʼee isaaniif gadde. Maarree, Yesuus maal godhe? “Wanta [hedduu] isaan barsiisuu jalqabe.” (Mar. 6:30-34) Fakkeenya Yesuus hordofuudhaan warra kaan gargaaruuf yeroo fi humna keenya yommuu aarsaa goonu Abbaa keenya isa samiitiif ulfina finna.—Mat. 5:14-16. w21.08 3 key. 7-8
Kamisa, Bitootessa 9
Namni hundi . . . nama kan biraa wajjin utuu wal bira of hin qabin, waaʼee ofii isaa qofa waan ittiin gammadu argata.—Gal. 6:4.
Yihowaan wanti hundi, akkasumas namni hundi wal fakkaataa akka taʼu hin barbaadu. Ilmaan namootaa dabalatee uumamawwan isaa warra dinqisiisoo taʼan irraa kana hubanna. Hundi keenya iyyuu wanta namoota kaan irraa adda nu godhu qabna. Yihowaan matumaa namoota kaanii wajjin wal si hin dorgomsiisu. Inni keessa garaa kee ni qora. (1 Sam. 16:7) Cimina, dadhabinaa fi akkaataa guddinaa kee ni hubata. Wanta humna keetii ol taʼe sirraa hin eegu. Ilaalcha Yihowaan nuuf qabu ofiif qabaachuudhaan fakkeenya isaa hordofuu dandeenya. Taanaan, “sammuu fayyaa” waan qabaannuuf, namoota kaan akka caalluttis taʼe, namoota kaanii gad akka taanetti hin yaannu. (Rom. 12:3) Fakkeenya obbolootaa fi obboleettota amanamoo tajaajila isaanii irratti buʼa qabeeyyii taʼanii irraa akka fayyadamnu beekamaa dha. (Ibr. 13:7) Kana gochuudhaan karaawwan tajaajila keenya irratti buʼa qabeeyyii taʼuu itti dandeenyu hubachuu dandeenya. (Filp. 3:17) Haa taʼu malee, fakkeenya gaarii nama tokkoo hordofuu fi nama sanaa wajjin wal bira of qabuun garaa gara dha. w21.07 20 key. 1-2
Jimaata, Bitootessa 10
Ija keessan gara samiitti ol kaasaatii ilaalaa. Wantoota kana kan uume eenyu?—Isa. 40:26.
Bineeldota, biqiltootaa fi urjiilee irratti xiinxaluudhaan, amantii Uumaa irratti qabdu cimsachuu dandeessa. (Far. 19:1) Wantoota kana caalaatti qorachaa yeroo deemtu amantiin Yihowaan Uumaa taʼuu isaa irratti qabdus caalaatti cimaa deema. Uumamawwan naannoo kee jiran irratti qorannaa yeroo gootu wantoonni kun waaʼee Uumaa keenyaa maal akka si barsiisan hubachuuf yaali. (Rom. 1:20) Fakkeenyaaf, aduu irraa hoʼaa fi ifa jireenyaaf nu barbaachisu kan argannu taʼus, carallaawwan aduu tokko tokko garuu miidhaa guddaa geessisu. Kanaafuu, wanti carallaawwan kana irraa eegumsa nuuf godhu nu barbaachisa. Maarree carallaawwan kana irraa eegumsa argachaa kan jirru akkamitti? Lafti keenya golgaa oozoonii jedhamuu fi eegumsa ishiidhaaf godhu qabdi; oozooniin carallaawwan miidhaa geessisan akka gad hin buune dhoowwa. Carallaawwan miidhaa geessisan dabalaa yeroo deeman hammi oozooniis dabalaa deema. Maarree, kun Uumaan akka jiruu fi Uumaan kunis jaalala qabeessaa fi dandeettii guddaa kan qabu akka taʼe kan argisiisu mitii? w21.08 17 key. 9-10
Sanbadduraa, Bitootessa 11
Namni Waaqayyoon jaallatu hundi obboleessa isaas jaallachuu qaba.—1 Yoh. 4:21.
Namni tokko erga cuuphamee boodas jaalalaa fi kabaja isatti argisiisuu keenya itti fufuu qabna. (1 Yoh. 4:20) Kana gochuu kan dandeenyu akkamitti? Fakkeenyaaf, kakaʼumsa sirrii akka qabu amanuu qabna. Wanta tokko kan raawwate maaliif akka taʼe yeroo hin hubannetti illee, ofittummaadhaan kakaʼee wanta sana raawwate jennee hin yaannu. Kanaa mannaa, obboleessi keenya nu irra akka caalu yaaduudhaan akka isa kabajnu argisiisna. (Rom. 12:10; Filp. 2:3) Namoota hundumaatti gara laafinaa fi gaarummaa argisiisuu akka qabnu beekamaa dha. Bara baraaf miseensa maatii Waaqayyoo taʼuu yoo barbaanne, jireenya keenya keessatti Dubbii isaa hojii irra oolchuu qabna. Fakkeenyaaf, diinota keenya dabalatee, namoota hundumaatti gara laafinaa fi gaarummaa akka argisiisnu nu barsiiseera. (Luq. 6:32-36) Yeroo tokko tokko garuu akkas gochuun nutti ulfaata taʼa. Taanaan, ilaalchaa fi gocha Yesuus barachuu qabna. Yihowaaf ajajamuu fi fakkeenya Yesuus hordofuuf wanta dandeenyu hunda yeroo goonu, bara baraaf kutaa maatii isaa taʼuu akka barbaannu Abbaa keenya isa samiitti argisiisna. w21.08 6 key. 14-15
Dilbata, Bitootessa 12
Ani foddaawwan samii banee hamma iddoo kaaʼattan dhabdanitti eebba kanan isin irratti roobsu taʼuu fi dhiisuu [koo ilaalaa].—Mil. 3:10.
Yihowaatti amanamuu baradhu. Yihowaan kan isatti amanamnuu fi wanta qabnu keessaa isa hunda irra caalu kan isaaf kenninu yoo taʼe akka nu eebbisu waadaa galeera. Kitaabni Qulqulluun fakkeenya namoota tajaajila Yihowaa keessatti jabaatanii hojjetaniin kan guutamedha. Yeroo baayʼee eebba addaa kan argatan tarkaanfii erga fudhatanii booda dha. Fakkeenyaaf, Abrahaam Yihowaan kan isa eebbise “eessa akka dhaqu kan hin beekne” taʼus, mana isaa dhiisee erga baʼee booda dha. (Ibr. 11:8) Yaaqoob eebba addaa kan argate maleekaa wajjin waldhaansoo erga wal qabanii booda dha. (Uma. 32:24-30) Sabni Israaʼel yommuu Biyyattii Abdachiifamtetti galuuf jedhanitti, uummatichi Laga Yordaanos ceʼuu kan dandaʼe, luboonni bishaan yaaʼu sana keessa miila isaanii erga galchanii booda dha. (Iya. 3:14-16) Fakkeenya Dhugaa Baatota Yihowaa bara keenyatti argamanii fi Yihowaatti amanamuudhaan carraaqqii godhan irraa barumsa argachuu dandeessa. w21.08 29-30 key. 12-14
Wiixata, Bitootessa 13
“Guyyoonni duraanii warra ammaa irra kan wayyan maaliifi?” hin jedhin.—Lal. 7:10.
Isin obboloonnii fi obboleettonni maanguddoota taatan kanaan dura wanti tokko kan raawwatamu akkamitti akka taʼe muuxannoo keessan irraa beektu; taʼus haalawwan jijjiiramanii wajjin wal baruun akka isin barbaachisu ni hubattu. Maanguddoonni dhiheenyatti cuuphamtanis wanta kennitan hedduu qabdu. Dargaggoonni muuxannoo keessanii fi barumsa argattan dhagaʼuu barbaadu. Muuxannoo keessanitti fayyadamtanii warra kaan leenjisuudhaan ‘kennaa yoo kennitan’ Yihowaan baayʼee isin eebbisa. (Luq. 6:38) Isin maanguddoonni dargaggootatti yoo dhihaattan wal deggeruu dandeessu. (Rom. 1:12) Isin wanta dargaggoonni hin qabne qabdu, dargaggoonni immoo wanta isin hin qabne qabu. Maanguddoonni ogummaa fi muuxannoo umuriidhaan argatan qabu. Dargaggoonni immoo, humnaa fi cimina qabu. Dargaggoonnii fi maanguddoonni akka michuutti yommuu wajjin hojjetan, Abbaa keenya isa samii isa jaalala qabeessa taʼeef ulfina argamsiisu, obboloota gumii keessa jiran hundumaafis eebba taʼu. w21.09 8 key. 3; 13 key. 17-18
Kibxata, Bitootessa 14
Nuti . . . Kiristoos isa muka irratti fannifame lallabna; kunis Yihudootaaf wanta gufachiisu . . . dha.—1 Qor. 1:23.
Yesuus muka irratti fannifamee ajjeefamuun isaa Yihudoonni hedduun akka isa hin fudhanne kan godhe maaliifi? Akka ilaalcha isaaniitti Yesuus muka irratti fannifamee duʼuun isaa Masiihii utuu hin taʼin, yakkamaa fi cubbamaa isa fakkeessa. (Kes. 21:22, 23) Yihudoonni Yesuusitti gufatan, inni qulqulluu akka taʼe, sobaan akka himatamee fi jalʼinni haqaa akka isa irratti raawwatame utuu hin hubatin hafaniiru. Namoonni Yesuusitti murteessan waaʼeen haqaa isaan hin yaaddessine. Miseensonni Manni murtii ol aanaa Yihudootaa Yesuusitti murteessuuf hatattamaan walitti qabaman, seera mana murtiis hin hordofne. (Luq. 22:54; Yoh. 18:24) Abbootiin murtii sun, himataa fi ragaa Yesuus irratti dhihaate loogii malee dhaggeeffachuu mannaa Yesuusiin ajjeesuuf ofuma isaaniitiin “ragaa sobaa isa irratti barbaadu turan.” (Mat. 26:59; Mar. 14:55-64) Yesuus erga duʼaa kaʼee booda immoo abbootiin murtii jalʼoota taʼan kun, sababii awwaalichi duwwaa itti taʼe ilaalchisee oduu sobaa akka babalʼisaniif loltoota Roomaa awwaalicha eegaa turaniif, “saantima meetii hedduu” kennan.—Mat. 28:11-15. w21.05 11 key. 12-13
Roobii, Bitootessa 15
Waaʼee guyyaa sanaa fi saʼaatii sanaa, Abbaa qofa malee kan beeku tokko illee hin jiru; maleekonni samiis taʼan Ilmi hin beekan.—Mat. 24:36.
Yihowaan sirna hamaa kana yeroo kamitti iyyuu balleessuu dandaʼa. Taʼus obsi isaa eebba nuuf argamsiiseera. Namoonni sanyii Addaamii fi Hewaan taʼan hundi cubbuu dhaalaniiru. Taʼus Yihowaan isaan jaallata, isaaniif ni yaada, akkasumas sirna hamaa kana balleessuuf waadaa galeera. (1 Yoh. 4:19) Yihowaan yeroo rakkoowwan ilmaan namootaa irra gaʼan hundumaa itti balleessu murteesseera. Maarree, jaalalli Yihowaan nuuf qabu hamma yeroon isaa gaʼutti isa waliin jabaannee dhaabbachuuf nu kakaasuu hin qabuu? Yihowaan jabaatanii dhaabbachuu irratti fakkeenya hunda irra caalu nuuf taʼa. Yesuusis fakkeenya jabaatanii dhaabbachuu Abbaa isaa hordofeera. Yesuus yeroo lafa irra turetti nuuf jecha yeroo arrabsamu, yeroo salphifamuu fi yeroo muka dhiphinaa irratti fannifamu obsaan dandaʼeera. (Ibr. 12:2, 3) Yihowaan jabaatee dhaabbachuudhaan fakkeenya taʼuun isaa Yesuusiin akka gargaare hin shakkisiisu. Nutis jabaannee dhaabbachuu akka dandeenyu nu gargaara. w21.07 12-13 key. 15-17
Kamisa, Bitootessa 16
Akkuma Abbaan keessan gara laafessa taʼe, gara laafeyyii taʼuu keessan itti fufaa.—Luq. 6:36.
Abbaan keenya inni samii guyyaa guyyaadhaan dhiifama nuuf godha. (Far. 103:10-14) Yesuus duuka buutonni isaa dogoggora kan raawwatan taʼus, dhiifama isaaniif godha ture. Cubbuu keenyaaf dhiifama akka argannuuf lubbuu isaa illee aarsaa godheera. (1 Yoh. 2:1, 2) Yommuu “tola waliif [dhiisnu]” jaalalli maatii hafuuraa keenya gidduu jiru akka cimu gumaacha goona. (Efe. 4:32) Yeroo tokko tokko dhiifama gochuun baayʼee ulfaataa taʼuu waan dandaʼuuf carraaqqii gochuu qabna. Obboleettiin takka mata dureen Masaraa Eegumsaa “Waliif Dhiisaa” jedhu, kana gochuuf akka ishii gargaare dubbatteetti. Akkana jettee barreessiteetti: “Mata dureen sun akka ibsutti dhiifama gochuuf fedhii qabaachuu jechuun, amala gadhee namoonni argisiisan gaarii akka taʼetti lakkaaʼuu ykn miidhaa amalli isaanii geessisu xiqqeessanii ilaaluu jechuu miti. Dhiifama gochuu jechuun, gocha gadhee raawwatame sanatti haaloo qabachuu dhiisuudhaan nagaa ofii eeggachuu jechuu dha.” Obbolootaa fi obboleettota keenyaaf yeroo tola dhiisnu akka isaan jaallannuu fi fakkeenya Abbaa keenya Yihowaa akka hordofnu argisiisna. w21.09 23-24 key. 15-16
Jimaata, Bitootessa 17
Warri [Waaqayyoon] waaqeffatan . . . dhugaadhaan waaqeffachuu qabu.—Yoh. 4:24.
Yesuus dhugaa jechuunis, dhugaa waaʼee Waaqayyoo fi kaayyoo isaa dubbatu ni jaallata. Yesuus dhugaa kanaa wajjin haala wal simuun jiraateera, dhugaa kanas namoota kaanitti beeksiseera. (Yoh. 18:37) Duuka buutonni Yesuus warri dhugaanis dhugaa ni jaallatu. (Yoh. 4:23) Pheexiros ergamaan amantiin Kiristiyaanaa ‘daandii dhugaa’ akka taʼe dubbateera. (2 Phe. 2:2) Kiristiyaanonni jaarraa jalqabaa dhugaadhaaf jaalala guddaa waan qabaniif yaadawwan amantaa, aadaa fi ilaalcha dhuunfaa dhugaa kanaa wajjin wal hin simne irraa fagaataniiru. (Qol. 2:8) Haaluma wal fakkaatuun, yeroo harʼaattis Kiristiyaanonni dhugaan, wanti itti amanan hundii fi jireenyi isaanii Dubbii Waaqayyoo irratti akka hundaaʼu gochuudhaan ‘dhugaa keessa deddeebiʼuu’ isaanii itti fufuuf, wanta isaaniif dandaʼamu hunda gochaa jiru. (3 Yoh. 3, 4) Dhugaa Baatonni Yihowaa wanta Kitaaba Qulqulluu keessa jiru hunda guutummaa guutuutti hubanneerra jedhanii hin dubbatan. Yeroo tokko tokko akkaataan barumsa Kitaaba Qulqulluu itti ibsanii fi akkaataan gumii itti gurmeessan dogoggora qabaachuu dandaʼa. Dhimma isaa sirriitti yommuu hubatan sirreeffama barbaachisu ni godhu. w21.10 22 key. 11-12
Sanbadduraa, Bitootessa 18
Namni Yihowaatti amanamu . . . jaalala isaa isa amanamaadhaan marfameera.—Far. 32:10.
Bara duriitti dallaan magaalaa tokkotti marsee jiru jiraattota magaalattiitiif eegumsa godha ture. Haaluma wal fakkaatuun, jaalalli Yihowaa inni amanamaan nutti marsee jirus, wantoota amanamummaa keenya balaadhaaf saaxilan irraa eegumsa hafuuraa nuuf godha. Kana malees, jaalalli Yihowaa inni amanamaan ofitti nu dhiheessuuf isa kakaasa. (Er. 31:3) Daawit faarfatichi eegumsa sabni Waaqayyoo argatan karaa kan biraatiinis ibseera. “Waaqayyo iddoo amansiisaa ani kooluu itti galu, Waaqa isa jaalala amanamaa natti argisiisu dha” jedhee barreesseera. Kana malees, Daawit waaʼee Yihowaa, “Inni isa jaalala amanamaa natti argisiisuu fi isa dahoo koo taʼe dha, inni iddoo amansiisaa ani kooluu itti galuu fi isa na oolchu, gaachana koo fi isa ani gaaddisa godhadhe dha” jedheera. (Far. 59:17; 144:2) Daawit jaalala Yihowaa isa amanamaa iddoo kooluu itti galanii fi dahoo wajjin kan wal fakkeesse maaliifi? Yihowaan kan jiraannu eessa iyyuu yoo taʼe, tajaajiltoota isaa hamma taanetti, eegumsa michoota isaa taanee itti fufuuf nu barbaachisu hundumaa nuuf godha. w21.11 6 key. 14-15
Dilbata, Bitootessa 19
Gocha kee hundumaa irratti nan xiinxala.—Far. 77:12.
Yesuusii fi barattoonni isaa galaana irra utuu deemanii obomboleettiin yeroo kaʼetti, Yesuus haala kanatti fayyadamee barattoonni isaa amantii cimaa qabaachuun akka isaan barbaachisu isaan hubachiiseera. (Mat. 8:23-26) Obomboleettichi cimaa yeroo deemettii fi bishaanichi bidirichatti namʼuu yeroo jalqabetti Yesuus rafaa ture. Barattoonni isaa baayʼee waan sodaataniif, isa dammaqsanii akka isaan oolchu isa gaafatan; inni garuu tasgabbiidhaan, “Isin warri amantii xinnoo qabdan nana, maaliif akkana sodaattan?” isaaniin jedhe. Jireenya kee keessatti obomboleettii cimaan si mudachaa jiraa? Tarii balaa uumamaatiin kan kaʼe rakkinni sirra gaʼaa jira taʼa. Yookiin immoo wanti akka obomboleettiitti fakkeeffamu, kan akka dhibee fayyaa cimaa abdii akka kutattuu fi wanta gootu akka wallaaltu si taasise si mudatee taʼuu dandaʼa. Yeroo tokko tokko dhiphachuu dandeessa; taʼus, dhiphinni amantii Yihowaa irratti qabdu akka si jalaa balleessu hin heyyamin. Kadhannaa garaadhaa maddeen isatti dhihaadhu. Gargaarsa Yihowaan kanaan dura siif godhe irratti xiinxaluudhaan amantii kee cimsadhu. (Far. 77:11) Inni ammas taʼe gara fuulduraatti matumaa akka si hin dhiisne mirkanaaʼaa taʼuu dandeessa. w21.11 22 key. 7, 10
Wiixata, Bitootessa 20
Hin hatinaa.—Lew. 19:11.
Namni tokko wanta kan isaa hin taane hamma hin tuqnetti, ajaja kana eegaa akka jiru isatti dhagaʼamuu dandaʼa. Taʼus, karaa kan biraatiin hatuu dandaʼa. Fakkeenyaaf, daldalaan maamiltoota isaa gowwoomsuuf jecha, madaallii ykn safartuu sirrii hin taanetti fayyadamu isaan jalaa hataa jira jechuu dha. Leewwonni 19:13 hojii daldalaa, amanamummaa hirʼisuu wajjin wal qabsiisee yommuu ibsu, “Nama hin gowwoomsin” jedha. Hojiin daldalaa nama gowwoomsuudhaan raawwatamu hannaa fi saamichaa wajjin wal fakkeeffameera. Ajajni saddeettaffaan hanni dogoggora akka taʼe dubbata; ibsi balʼaan kitaaba Leewwotaa keessatti argamu garuu, dhugaa buʼuuraa seera kana duuba jiru hojii irra akka oolchinu, jechuunis wanta raawwannu hundumaatiin amanamoo taʼuu kan qabnu akkamitti akka taʼe hubachuuf nu gargaara. Ilaalcha Yihowaan amanamaa taʼuu dhiisuu fi hannaaf qabu irratti xiinxaluun keenya nu fayyada. Akkana jennee of gaafachuu dandeenya: ‘Yaada Leewwota 19:11-13, irratti ibsamee wajjin haala walqabateen wantin jireenya koo keessatti sirreessuu qabu jiraa? Daldala ykn hojiin hojjedhu kan biraa irratti sirreeffama gochuun na barbaachisaa?’ w21.12 9-10 key. 6-8
Kibxata, Bitootessa 21
Akkuma Yihowaan tola isiniif dhiise, isinis tola waliif dhiisaa.—Qol. 3:13.
Kadhannaa dhuunfaatti dhiheessitu irratti dogoggora guyyaa keessatti raawwatte yaadi. Achiis, Yihowaan dhiifama akka siif godhu gaafadhu, dhugaadha cubbuu cimaa yoo raawwatte jaarsoliis gargaarsa gaafachuu qabda. Isaan si dhaggeeffatu, Dubbii Waaqayyoo irraas gorsa jaalala irratti hundaaʼe siif kennu. Yihowaan gatii aarsaa Yesuusitti fayyadamee karaa hafuuraa ‘akka si fayyisu’ si wajjin isa kadhatu. (Yaq. 5:14-16) Kana malees, furicha irratti xiinxaluunis faayidaa qaba. Waaʼee dhiphina guddaa Ilma Waaqayyoo irra gaʼee yommuu yaaddu miirri walfakkaatu sitti dhagaʼamuu dandaʼa. Taʼus, aarsaa Yesuus irratti caalaatti yommuu xiinxaltu jaalalli isaa fi fedhii Abbaa isaatiif qabdu caalaatti guddata. Waggaa waggaadhaan Ayyaanaa Yaadannoo duʼa Kiristoos irratti argamuu fi warri kaanis akka argaman hinaaffaadhaan afeeruudhaan dinqisiifannaa keenya guddisna. Yihowaan waaʼee ilma isaa warra kaan akka barsiisnu mirga guddaa nuuf kenneera! w21.04 18-19 key. 13-16
Roobii, Bitootessa 22
Wanta [hedduu] isaan barsiisuu jalqabe.—Mar. 6:34.
Yesuus gaara tokko biratti yeroo namoonni hedduun gara isaa dhufan maal akka godhe yaadi! Halkan guutuu kadhachaa waan buleef, baayʼee dadhabee taʼuu qaba. Taʼus, namoota hiyyeeyyii fi dhukkubsatan hedduu yommuu argu baayʼee isaaniif gadde. Yesuus namoota kana fayyisuu qofa utuu hin taʼin, haasaa baayʼee nama jajjabeessuu fi Lallaba Gaaraa jedhamee beekamu isaaniif dhiheesseera. (Luq. 6:12-20) Yesuus warra kaan gargaaruuf yeroo isaas arjummaadhaan kenneera. Yesuus michuun isaa Yohaannis Cuuphaan akka ajjeefame yeroo dhagaʼetti maaltu akka isatti dhagaʼame tilmaamuu dandeessaa? Kitaabni Qulqulluun, “Yesuus yeroo kana dhagaʼu, kophaa isaa taʼuuf achii kaʼee bidiruu yaabbatee iddoo namni hin jirre deeme” jedha. (Mat. 14:10-13) Taʼus, namoonni baayʼeen isa dursanii bakka sana gaʼan. (Mar. 6:31-33) Karaa hafuuraa jajjabinni akka isaan barbaachisu hubatee ture.—Luq. 9:10, 11. w22.02 21 key. 4, 6
Kamisa, Bitootessa 23
Namoota hundumaa wajjin nagaadhaan jiraadhaa.—Rom. 12:18.
Obboleessa keenya akka mufachiisne yoo beekne maal gochuu qabna? Cimsinee Yihowaa kadhachuu qabna. Carraaqqii obboleessa keenyaa wajjin nagaa uumuuf goonu akka nuuf eebbisu isa kadhachuu qabna. Kana malees, yeroo ramannee of qoruu qabna. Gaaffiiwwan armaan gadii of gaafachuu dandeenya: ‘Balleessaa akkan qabu ifatti dubbachuudhaan gad of qabee dhiifama gaafachuu fi nagaa uumuuf fedhii qabaa? Obboleessa ykn obboleettii koo wajjin araaramuuf dursa yoon fudhadhe Yihowaa fi Yesuusitti maaltu dhagaʼama?’ Deebiin keenya Yesuusiin dhagaʼuudhaan obboleessa keenyaa wajjin nagaa uumuuf jecha gad of qabuuf nu kakaasuu dandaʼa. Nutis nagaa uumuuf obboleessa keenya bira yommuu deemnutti amala gad of qabuu argisiisuun keenya baayʼee barbaachisaa dha. (Efe. 4:2, 3) Nama mufachiisne sana haasofsiisuu fi deebiʼee hariiroo gaarii nuu wajjin akka qabaatu gargaaruu qabna. Balleessaan kan eenyuu akka taʼe mirkaneessuu caalaa obboleessa kee wajjin nagaa uumuun barbaachisaa akka taʼe yaadadhu.—1 Qor. 6:7. w21.12 26 key. 13-16
Jimaata, Bitootessa 24
Yommuu magaalattiitti [dhihaatu] ishii ilaalee booʼeef.—Luq. 19:41.
Yesuus baayʼee kan gadde Yihudoonni hedduun ergaa Mootummichaa akka hin fudhanne waan beekeef ture. Kanaan kan kaʼes, Yerusaalem ni balleeffamti, namoonni badiisa sana irraa oolanis boojuudhaan ni fudhatamu. (Luq. 21:20-24) Kan nama gaddisiisu, akkuma Yesuus jedhe namoonni hedduun ergaa isaa hin fudhanne. Namoonni naannoo kee jiraatan hedduun ergaa Mootummichaatiif deebii akkamii kennu? Carraaqqii isaan barsiisuuf gootuuf deebii gaarii kan kennan namoota muraasa yoo taʼan, Yesuus imimmaan isaa dhangalaasuu isaa irraa maal barachuu dandeessa? Yihowaan namootaaf ni yaada. Yesuus imimmaan isaa dhangalaasuun isaa Yihowaan namootaaf hammam akka yaadu argisiisa. Yihowaan “hundumtuu yaada akka geddarataniif malee, namni tokko illee akka badu [hin barbaadu].” (2 Phe. 3:9) Nutis yeroo harʼaatti namoonni misiraachoo Mootummichaa akka baratan carraaqqii gochuudhaan akka isaan jaallannu argisiisna.—Mat. 22:39. w22.01 16-17 key. 10-12
Sanbadduraa, Bitootessa 25
Ani sitti nan maxxana; harki kee mirgaa yeroo hunda cimsee na qaba.—Far. 63:8.
Wanta Yihowaan saba isaatiif godhee fi wanta dhuunfaatti siif godhe irratti kan xiinxaltu yoo taʼe amantiin kee ni cima. Hundumaa caalaa immoo jaalalli Yihowaadhaaf qabdu ni guddata. Amala kam iyyuu caalaa jaalalli Yihowaadhaaf ajajamuuf, isa gammachiisuuf jecha aarsaa kaffaluuf, akkasumas qorumsa kam iyyuu dandamachuuf si kakaasa. (Mat. 22:37-39; 1 Qor. 13:4, 7; 1 Yoh. 5:3) Wanti Yihowaa wajjin michummaa cimaa jaalala irratti hundaaʼe qabaachuu irra nuuf caalu hin jiru! (Far. 63:1-7) Kadhannaan, qoʼannaanii fi xiinxaluun kutaa waaqeffannaa keenyaa akka taʼe yaadadhu. Akkuma Yesuus Yihowaa wajjin yeroo dabarsuuf iddoo tasgabbii qabu filadhu. Wantoota xiyyeeffannaa hihhiran of irraa fageessi. Yeroo sochiiwwan hafuuraa irratti hirmaattu yaada kee sassaabbachuuf akka si gargaaru Yihowaa kadhadhu. Amma yeroo keetti akka gaariitti kan fayyadamtu yoo taʼe, Yihowaan addunyaa haaraa keessatti jireenya bara baraa akka argattu gochuudhaan si eebbisa.—Mar. 4:24. w22.01 31 key. 18-20
Dilbata, Bitootessa 26
Wanta hamaa jibbaa.—Rom. 12:9.
Yaanni keenya gocha keenya irratti dhiibbaa godha. Yesuus yaadawwan cubbuu cimaa raawwachuutti nu geessan irraa fagaachuu akka qabnu kan barsiise kanaafi. (Mat. 5:21, 22, 28, 29) Abbaa keenya isa samii gammachiisuu akka barbaannu beekamaa dha. Kanaafuu, yaada dogoggoraa gara sammuu keenyaatti dhufu kam iyyuu yeruma sana of keessaa baasuun keenya baayʼee barbaachisaa dha. Yesuus, “Wanti afaan namaa keessaa baʼu kam iyyuu garaa keessaa baʼa” jedheera. (Mat. 15:18) Eeyyee, wanti dubbannu keessa keenyatti nama akkamii akka taane argisiisa. Kanaafuu, akkana jedhii of gaafadhu: ‘Dhugaa dubbachuun koo rakkina kan natti fidu yoo taʼe illee soba dubbachuu irraa nan fagaadhaa? Hiriyaa gaaʼelaa kootiin alatti nama kan biraa akkan hin kolomsine ofan eeggadhaa? Dubbii naamusaan ala taʼe irraa guutummaatti nan fagaadhaa? Namni tokko yeroo na aarsu tasgabbiidhaanan deebii kennaa?’ Gaaffiiwwan kana irratti xiinxaluun si fayyada. Haaluma wal fakkaatuun, arrabsoo, sobaa fi dubbii naamusaan ala taʼe irraa fagaachuuf carraaqqii yoo goote, namummaa moofaa of irraa baastee gatuun siif salphata. w22.03 5 key. 12-14
Wiixata, Bitootessa 27
Ogummaan . . . kan warra gorsa barbaadanii ti.—Fak. 13:10.
Namoonni hamma namni tokko gara isaanii dhufee gorsa isaaniif kennutti eeguu mannaa, ofuma isaaniitiin gorsa gaafatan namoota gorsa hin barbaanne caalaa guddina hafuuraa godhu. Kanaafuu, ofuma keetii dursa fudhadhuutii gorsa gaafadhu. Kiristiyaana tokko gorsa gaafachuun kan nu barbaachisu yoom taʼuu dandaʼa? Mee haalawwan tokko tokko haa ilaallu. (1) Obboleettiin takka babalʼistuu muuxannoo qabdu qoʼannaa ishii irratti erga affeertee booda, akkaataa itti barsiistu fooyyessuu kan dandeessu akkamitti akka taʼe gorsa ishii gaafatti. (2) Obboleettiin qeenxeen takka uffata bitachuuf jettee obboleettiin bilchina qabdu filannaa ishii irratti yaada akka ishiidhaaf kennitu gaafatti. (3) Obboleessi tokko immoo yeroo jalqabaatiif haasaan sabaa isaaf kenname. Obboleessi kun obboleessi haasaa kennuu irratti muuxannoo qabu akka isa dhaggeeffatuu fi wantoota fooyyessuu qabu ilaalchisee gorsa akka isaaf kennu gaafata. Obboleessi waggoota hedduudhaaf haasaa dhiheessaa ture illee obboloota haasaa dhiheessuu irratti muuxannoo qaban gorsa gaafatee gorsa isaaf kenname hojii irra oolchuun isaa baayʼee isa fayyada.—Fak. 19:20. w22.02 13 key. 15-17
Kibxata, Bitootessa 28
Abbaan inni na erge anaa wajjin waan [jiruuf ani] kophaa koo [miti].—Yoh. 8:16.
Yihowaan akkuma Yesuusiin jaallatuu fi yeroo inni lafa irra turetti akka isaaf yaadu argisiisaa ture, nuunis nu jaallata, akkasumas nuuf yaada. (Yoh. 5:20) Inni wanta karaa hafuuraa, karaa miiraa fi karaa qaamaa Yesuusiif barbaachisu hundumaa isaaf guuteera. Yihowaan Ilma isaa akka jaallatuu fi akka isatti gammadu dubbachuu irraa duubatti hin jenne. (Mat. 3:16, 17) Yesuus Abbaan isaa inni jaalala qabeessa taʼe, yeroo hundumaa isaa wajjin akka taʼee fi akka isa gargaaru waan beekuuf, kophummaan isatti dhagaʼamee hin beeku. Hundi keenya iyyuu akkuma Yesuus, jaalala Yihowaan nuuf qabu karaa garaa garaatiin argineerra. Mee yaadi: Yihowaan ofitti nu harkiseera, akkasumas gammachuu fi jajjabina argachuu akka dandeenyuuf maatii hafuuraa jaalalaa fi tokkummaa qabu nuuf kenneera. (Yoh. 6:44) Nyaata hafuuraa amantiin keenya cimee akka itti fufu nu gargaarus nuuf kenna. Wantoota jireenyaaf nu barbaachisan akka argannu illee nu gargaara. (Mat. 6:31, 32) Jaalala Yihowaan nutti argisiise irratti yeroo yaannu jaalalli isaaf qabnu ni guddata. w21.09 22 key. 8-9
Roobii, Bitootessa 29
Namummaa moofaa gochawwan isaa wajjin of irraa baasaa gataa.—Qol. 3:9.
Dhugaa Baatota Yihowaa wajjin Kitaaba Qulqulluu qoʼachuu jalqabuu kee dura jireenyi kee maal fakkaata ture? Baayʼeen keenya waaʼee kanaa yaaduun illee nu sodaachisa. Ilaalchaa fi namummaa keenya irratti dhiibbaa kan godhe ulaagaalee addunyaan kun wanta sirrii fi dogoggora taʼe ilaalchisee baase ture. Kanaafuu, ‘addunyaa keessatti abdii malee fi Waaqayyo malee jiraachaa turre.’ (Efe. 2:12) Kitaaba Qulqulluu qoʼachuu kee yeroo itti fuftetti garuu Abbaa samii irra jiraatuu fi baayʼee si jaallatu akka qabdu hubatte. Yihowaa gammachiisuu fi miseensa maatii tajaajiltoota isaa taʼuu yoo barbaadde, akkaataa jireenyaa, ilaalchaa fi yaada kee irratti jijjiirama guddaa gochuun akka si barbaachisu hubatte. Ulaagaalee isaa warra ol aanoo wajjin walsimtee jiraachuu barachuunis si barbaachisee ture. (Efe. 5:3-5) Yihowaan inni Uumaa keenyaa fi Abbaa keenya taʼe, miseensonni maatii isaa amala akkamii qabaachuu akka qaban murteessuuf mirga qaba. Akkasumas, cuuphamuu keenya dura ‘namummaa moofaa gochawwan isaa wajjin of irraa baasnee akka gannu’ nurraa eega. w22.03 2 key. 1-3
Kamisa, Bitootessa 30
Hoolota kan biroo . . . qaba.—Yoh. 10:16.
Hoolonni kan biroon, Ayyaana Yaadannoo irratti argamuunii fi abdii isaanii irratti xiinxaluun isaan gammachiisa. Haasaa Ayyaana Yaadannoo isa wanta Kiristoosii fi namoonni 144,000 isaa wajjin bulchan Waggaa Bulchiinsa Barkumee keessatti namoota amanamoodhaaf godhan irratti xiyyeeffatu dhaggeeffachuuf hawwu. Bulchitoonni samii kun qajeelfama Mootiin isaanii Yesuus Kiristoos isaaniif kennuun lafa gara jannataatti jijjiiruu irratti, akkasumas ilmaan namootaa ajajamoo taʼan mudaa irraa bilisa akka taʼan gochuu irratti gargaarsa godhu. Namoonni miliyoonaan lakkaaʼamanii fi Ayyaana Yaadannoo irratti argaman, raajiiwwan Kitaaba Qulqulluu kanneen akka Isaayyaas 35:5, 6; 65:21-23 fi Mulʼata 21:3, 4 yeroo raawwataman yaadaan ilaaluun baayʼee isaan gammachiisa. Namoota jaallatanii wajjin addunyaa haaraa keessa yeroo jiraatan yaadaan ilaaluudhaan, abdii isaanii fi murtoo Yihowaa tajaajiluu isaanii itti fufuuf godhan jabeeffatu.—Mat. 24:13; Gal. 6:9. w22.01 21 key. 5-7
Dubbisa Kitaaba Qulqulluu tibba Ayyaana Yaadannoo: (Wantoota Niisaan 9 erga biiftuun lixxee booda raawwataman) Maatewos 26:6-13
Jimaata, Bitootessa 31
Ilmi namaa . . . kan dhufe . . . lubbuu isaa bakka namoota hedduu furii godhee kennuufi.—Mar. 10:45.
Furiin maali dha? Gatii Yesuus wanta Addaam dhabe deebisee bituuf kaffale dha. (1 Qor. 15:22) Furiin kan nu barbaachisu maaliifi? Ulaagaan haqaa Seericha keessatti ibsame bakka lubbuu lubbuun kennamuu akka qabu waan argisiisuufi. (Bau. 21:23, 24) Addaam lubbuu isaa isa mudaa hin qabne dhabeera. Haaqa Waaqayyoo raawwachuudhaaf Yesuus lubbuu isaa isa mudaa hin qabne aarsaa godhe. (Rom. 5:17) Akka kanaan namoota furichatti akka amanan argisiisan hundumaaf “Abbaa Bara Baraa” taʼa. (Isa. 9:6; Rom. 3:23, 24) Yesuus Abbaa isaa isa samii fi nuuf jaalala guddaa waan qabuuf lubbuu isaa aarsaa godhee kennuuf fedhii qaba ture. (Yoh. 14:31; 15:13) Jaalala kanaan kakaʼee hamma dhumaatti amanamaa taʼuu fi fedha Abbaa isaa raawwachuuf murteessee ture. Kanas hamma dhumaatti amanamaa taʼuudhaan argisiiseera. Kanaan kan kaʼes, kaayyoon jalqabaa Yihowaan ilmaan namootaatii fi lafaaf qabu ni raawwatama. w21.04 14 key. 2-3
Dubbisa Kitaaba Qulqulluu tibba Ayyaana Yaadannoo: (Wantoota Niisaan 9 guyyaa raawwataman) Maatewos 21:1-11, 14-17