LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • es23 ful. 37-46
  • Ebla

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Ebla
  • Kitaaba Qulqulluu Guyyaa Guyyaan Qoruu—2023
  • Mata Dureewwan Xixiqqaa
  • Sanbadduraa, Ebla 1
  • Dilbata, Ebla 2
  • Wiixata, Ebla 3
  • GUYYAA AYYAANA YAADANNOO
    Erga Biiftuun Lixxee Booda
    Kibxata, Ebla 4
  • Roobii, Ebla 5
  • Kamisa, Ebla 6
  • Jimaata, Ebla 7
  • Sanbadduraa, Ebla 8
  • Dilbata, Ebla 9
  • Wiixata, Ebla 10
  • Kibxata, Ebla 11
  • Roobii, Ebla 12
  • Kamisa, Ebla 13
  • Jimaata, Ebla 14
  • Sanbadduraa, Ebla 15
  • Dilbata, Ebla 16
  • Wiixata, Ebla 17
  • Kibxata, Ebla 18
  • Roobii, Ebla 19
  • Kamisa, Ebla 20
  • Jimaata, Ebla 21
  • Sanbadduraa, Ebla 22
  • Dilbata, Ebla 23
  • Wiixata, Ebla 24
  • Kibxata, Ebla 25
  • Roobii, Ebla 26
  • Kamisa, Ebla 27
  • Jimaata, Ebla 28
  • Sanbadduraa, Ebla 29
  • Dilbata, Ebla 30
Kitaaba Qulqulluu Guyyaa Guyyaan Qoruu—2023
es23 ful. 37-46

Ebla

Sanbadduraa, Ebla 1

Waaqayyo Ilma isaa isa tokkicha hamma kennutti addunyaa baayʼee jaallateera.—Yoh. 3:16.

Yesuus nuuf jecha fedhiidhaan lubbuu isaa kennuudhaan jaalala guddaa nutti argisiiseera. (Yoh. 15:13) Jaalala Yihowaa fi Yesuus nutti argisiisaniif matumaa wanta wal gitu gochuu hin dandeenyu. Taʼus, jireenya keenya guyyaa guyyaa keessatti akka isaan galateeffannu argisiisuu dandeenya. (Qol. 3:15) Dibamtoonni abdiin isaanii inni dinqisiisaan akka raawwatamu waan godhuuf, furichaaf iddoo guddaa kennu. (Mat. 20:28) Aarsaa Kiristoos irratti amantii waan qabaniif, Yihowaan qajeelota akka taʼanitti isaan ilaala, ijoollee isaa godhees isaan fudhateera. (Rom. 5:1; 8:15-17, 23) Hoolonni kan biroonis qophii furichaatiif baayʼee galateeffatu. Dhiiga Kiristoos irratti amantii waan qabaniif, Yihowaa duratti ejjennoo qulqulluu qabaachuu, akkasumas abdii “rakkina guddaa” dhiheenyatti dhufu jalaa ooluu qabaachuu dandaʼaniiru. (Mul. 7:13-15) Karaan gareen lamaanuu qophii furichaatiif akka galateeffatan itti argisiisan inni tokko waggaa waggaadhaan Ayyaana Yaadannoo irratti argamuu dha. w22.01 23 key. 14-15

Dubbisa Kitaaba Qulqulluu tibba Ayyaana Yaadannoo: (Wantoota Niisaan 10 guyyaa raawwataman) Maatewos 21:18, 19; 21:12, 13; Yohaannis 12:20-50

Dilbata, Ebla 2

Kiristoos . . . nu bite.—Gal. 3:13.

Yesuus kan isa dhiphise himata isa ajjeesuuf sababa taʼe ture. Waaqa arrabseera, jechuunis nama Waaqaaf ykn maqaa isaatiif kabaja hin qabnedha jedhamee sobaan himatameera. (Mat. 26:64-66) Himanni kun Yesuusiin baayʼee kan dhiphise siʼa taʼu, Abbaan isaa qaanii kana irraa akka isa oolchu abdateera. (Mat. 26:38, 39, 42) Yesuus Yihudoota abaarsa addaa tokko jalaa bilisa baasuuf muka irratti fannifamuu qaba ture. (Gal. 3:10) Isaan Seera Waaqayyoo eeguuf waadaa kan galan taʼus, utuu hin eegin hafaniiru. Kanaan kan kaʼes, cubbuu sanyii Addaam taʼuudhaan dhaalan irratti abaarsi kun isaanitti dabalameera. (Rom. 5:12) Seerri Waaqayyo kenne namni cubbuu nama ajjeesisu raawwate ajjeefamuu akka qabu ibsa. Sana booda, reeffi isaa muka irratti fannifamuu dandaʼa. (Kes. 21:22, 23; 27:26) Kanaafuu, Yesuus muka irratti fannifamuudhaan sabumti isatti amanuu dide sun aarsaa isaa irraa akka fayyadamu karaa isaaf baneera. w21.04 16 key. 5-6

Dubbisa Kitaaba Qulqulluu tibba Ayyaana Yaadannoo: (Wantoota Niisaan 11 guyyaa raawwataman) Maatewos 21:33-41; 22:15-22; 23:1-12; 24:1-3

Wiixata, Ebla 3

Lubbuu koo dabarsee nan kenna.—Yoh. 10:17.

Guyyaan dhumaa Yesuus lafa irratti dabarse maal akka fakkaatu mee yaadi. Loltoonni Roomaa gara jabinaan isa reebaniiru. (Mat. 26:52-54; Yoh. 18:3; 19:1) Alangaa foon qaama isaa kukkututti fayyadamanii isa garafan. Achiis, dugda isaa madaaʼe irratti muka itti fannifamu baatee akka deemu godhan. Yesuus muka sana gototaa gara bakka itti fannifamuu deemuu kan jalqabe taʼus, yeruma sana loltoonni Roomaa namni kan biraan akka isaaf baatu dirqisiisan. (Mat. 27:32) Bakka itti ajjeeffamu yommuu gaʼu namoonni isa ajjeesan mismaaraan harka isaa fi miilla isaa mukicha irratti rukutan. Achiis ulfaatinni qaama Yesuus bakka mismaarichi itti rukutame baqaqsuu jalqabe. Yeroo kanatti michoonni isaa gaddaa kan jiranii fi haati isaa booʼaa kan jirtu taʼus, bulchitoonni Yihudootaa itti qoosaa jiru. (Luq. 23:32-38; Yoh. 19:25) Yesuus saʼaatii dheeraadhaaf dhiphate. Onneen isaa fi sombi isaa sirriitti hojjechuuf baayʼee rakkate, akkasumas hafuura baafachuun baayʼee isatti ulfaate. Hafuura isaa isa dhumaa yommuu baafatu, kadhannaa xumuraa injifachuu isaa argisiisu dhiheesse. Achiis, mataa isaa gadi qabee lubbuu isaa dabarsee kenne. (Mar. 15:37; Luq. 23:46; Yoh. 10:18; 19:30) Dhuguma iyyuu kun duʼa suutuma suuta, haala dhiphisaa fi qaanessaa taʼeen raawwatame dha! w21.04 16 key. 4

Dubbisa Kitaaba Qulqulluu tibba Ayyaana Yaadannoo: (Wantoota Niisaan 12 guyyaa raawwataman) Maatewos 26:1-5, 14-16; Luqaas 22:1-6

GUYYAA AYYAANA YAADANNOO
Erga Biiftuun Lixxee Booda
Kibxata, Ebla 4

Kana yeroo hundumaa yaadannoo kootiif godhaa.—Luq. 22:19.

Yesuus ergamoota isaa 11​tti waaʼee kakuuwwan ykn walii galteewwan lamaa hime; isaanis, kakuu haaraa fi kakuu Mootummichaa ti. (Luq. 22:20, 28-30) Kakuuwwan kun ergamoonni sunii fi namoonni lakkoofsi isaanii daangeffame kan biroon samii keessatti moototaa fi luboota akka taʼan karaa baneera. (Mul. 5:10; 14:1) Maxinoo fi waynii Ayyaana Yaadannoo irratti dhihaatu irraa hirmaachuu kan dandaʼan dibamtoota hafan warra kakuu lamaan kana keessatti hammataman qofa dha. Yihowaan abdii dinqisiisaa isaaniif kenneera; samii keessatti jireenya hin duunee fi hin tortorre argatu, akkasumas Yesuus Kiristoos isa duʼaa kaafamee fi dibamtoota kaanii wajjin tajaajilu. Hunda caalaa immoo, fuula Waaqa keenya Yihowaa duratti dhihaatu! (1 Qor. 15:51-53; 1 Yoh. 3:2) Dibamtoonni hamma duʼanitti amanamoo taʼuu akka qaban beeku.—2 Xim. 4:7, 8. w22.01 20-21 key. 4-5

Dubbisa Kitaaba Qulqulluu tibba Ayyaana Yaadannoo: (Wantoota Niisaan 13 guyyaa raawwataman) Maatewos 26:17-19; Luqaas 22:7-13 (Wantoota Niisaan 14 erga biiftuun lixxee booda raawwataman) Maatewos 26:20-56

Roobii, Ebla 5

Anaa wajjin Jannata keessa ni taata.—Luq. 23:43.

Yakkamtoonni lama Yesuus biratti fannifamanii turan. (Luq. 23:40, 41) Isaan keessaa inni tokko gara Yesuusitti garagalee, “Yommuu gara Mootummaa keetti dhuftu na yaadadhu” jedhe. (Luq. 23:42) Yesuus Abbaan isaa araara qabeessa akka taʼe waan beekuuf yakkamaa duʼuuf jedhu kanaaf abdii kenneera. (Far. 103:8; Ibr. 1:3) Wantoota gadhee raawwannetti garaadhaa yoo gaabbinee fi karaa dhiiga Yesuus Kiristoos isa dhangalaʼeen cubbuu keenyaaf dhiifama akka argannu yoo amanne, Yihowaan dhiifama nuu gochuu fi araara nutti argisiisuuf hawwii guddaa qaba. (1 Yoh. 1:7) Namoonni tokko tokko Yihowaan dogoggora raawwataniif dhiifama akka isaaniif godhu amanuun isaanitti ulfaata taʼa. Yeroo tokko tokko akkas kan isinitti dhagaʼamu yoo taʼe, yaada kanatti aanee jiru irratti xiinxalaa: Yesuus duʼuu isaa yeroo muraasa dura yakkamaa amantii argisiisuu jalqabe tokkoof dhiifama godheera. Maarree Yihowaan tajaajiltoota isaa amanamoo taʼaniif dhiifama hin godhuu?—Far. 51:1; 1 Yoh. 2:1, 2. w21.04 9 key. 5-6

Dubbisa Kitaaba Qulqulluu tibba Ayyaana Yaadannoo: (Wantoota Niisaan 14 guyyaa raawwataman) Maatewos 27:1, 2, 27-37

Kamisa, Ebla 6

Yesuus . . . “Ni raawwatame!” jedhe.—Yoh. 19:30.

Yesuus, hamma duʼaatti amanamummaa isaa eeguudhaan wantoota hedduu raawwateera. Tokkoffaa, Seexanni sobduu taʼuu isaa mirkaneesseera. Yesuus, namni mudaa hin qabne tokko Seexanni maal iyyuu yoo isa irraan geessise amanamummaa isaa eeguu akka dandaʼu argisiiseera. Lammaffaa, Yesuus lubbuu isaa furii godhee kenneera. Aarsaa taʼee duʼuun isaa ilmaan namootaa mudaa qaban Waaqayyo duratti qajeelota akka taʼanii fi abdii bara baraaf jiraachuu akka qabaatan godheera. Sadaffaa, Yesuus ol aantummaan Yihowaa qajeelaa taʼuu isaa mirkaneesseera, akkasumas maqaa Abbaa isaa arrabsoo irraa qulqulleesseera. Nutis guyyaan hundi amanamummaa keenya eeggachuuf carraa isa dhumaa akka taʼe karaa argisiisuun jiraachuuf haa carraaqnu! Taanaan, duʼaaf yoo saaxilamne illee akkana jechuu dandeenya: “Yaa Yihowaa, amanamummaa koo eeguuf, Seexanni sobduu taʼuu isaa mirkaneessuuf, maqaa kee qulqulleessuu fi ol aantummaa kee deeggaruuf wanta naaf dandaʼame hundumaa godheera!” w21.04 12 key. 13-14

Dubbisa Kitaaba Qulqulluu tibba Ayyaana Yaadannoo: (Wantoota Niisaan 15 guyyaa raawwataman) Maatewos 27:62-66 (Wantoota Niisaan 16 erga biiftuun lixxee booda raawwataman) Maatewos 28:2-4

Jimaata, Ebla 7

Kun Ilma koo isa jaallatamaa, isa ani itti gammadu dha. Isa dhagaʼaa.—Mat. 17:5.

Yesuus sobaan himatamee yakka inni hin raawwanneen erga isatti murteeffamee booda, itti qoosame, gara jabinaan dararame, achiis muka dhiphinaa irratti mismaaraan fannifame. Harki isaa fi miilli isaa mismaaraan waraaname. Yeroo hafuura fudhatus taʼe yeroo dubbatu hundatti baayʼee isa dhukkuba. Taʼus, wantoonni barbaachisoon dubbachuu qabu waan jiraniif dubbachuu qaba ture. Jechoota dhumaa Yesuus dubbate irraa barumsawwan barbaachisoo taʼan arganneerra. Warra kaaniif dhiifama gochuu fi Yihowaan dhiifama akka nuuf godhu isatti amanamuu akka qabnu nu yaadachiisaniiru. Gumii keessaa obbolootaa fi obboleettota nu gargaaruuf qophaaʼoo taʼan arganneerra. Taʼus yeroo gargaarsi nu barbaachisu dursa fudhannee isaan gaafachuu qabna. Yihowaan rakkina nu mudatu kam iyyuu dandamachuuf akka nu gargaaru beekna. Akkasumas yoo duune illee, duʼaa akka nu kaasu amanannaa qabaachuudhaan, guyyaan hundi amanamummaa keenya mirkaneessuuf carraa isa dhumaa akka taʼe karaa argisiisuun jiraachuun barbaachisaa taʼuu isaa baranneerra. w21.04 8 key. 1; 13 key. 17

Dubbisa Kitaaba Qulqulluu tibba Ayyaana Yaadannoo: (Wantoota Niisaan 16 guyyaa raawwataman) Maatewos 28:1, 5-15

Sanbadduraa, Ebla 8

Jireenya bara baraa argachuu akka dandaʼaniif, si Waaqa dhugaa isa tokkichaa fi Yesuus Kiristoos isa ati ergite sana beekuu qabu.—Yoh. 17:3.

Faana Yesuus hordofuun jireenya bara baraa nuuf argamsiisa. Dargaggeessi sooressi tokko jireenya bara baraa argachuuf maal gochuun akka isa barbaachisu yommuu isa gaafatu, Yesuus “Kottuutii duuka buutuu koo taʼi” jedhee isaaf deebise. (Mat. 19:16-21) Yesuus Yihudoota inni Kiristoos taʼuu isaa hin amanne tokko tokkoon, “Hoolonni koo . . . ana duukaa ni buʼu. Ani jireenya bara baraa isaaniif nan kenna” jedheera. (Yoh. 10:24-29) Wanta Yesuus dubbiidhaanis taʼe gochaan fakkeenya taʼuudhaan barsiise hojii irra oolchuudhaan isatti akka amannu argisiisuu dandeenya. Akkas kan goonu yoo taʼe, bara baraaf jiraachuu dandeenya. (Mat. 7:14) Faana Yesuus dhiheenyatti hordofuu keenya dura isa beekuu qabna. Yesuusiin ‘beekuun’ wanta itti fufiinsaan gochuu qabnu dha. Waaʼee amalawwan isaa, ilaalcha isaa fi ulaagaalee isaa barachuu keenya itti fufuudhaan caalaatti isa beekuu qabna. Yeroo hammamiitiif iyyuu dhugaa keessa yoo jiraanne, waaʼee Yihowaa fi Ilma isaa beekuuf carraaqqii gochuu keenya itti fufuu qabna. w21.04 4 key. 9-10

Dilbata, Ebla 9

Ani kanaan dura Waaqayyoon arrabsaa, saba isaa [ariʼachaan] . . . ture.—1 Xim. 1:13.

Phaawulos ergamaan wanta duraan raawwateen yeroo itti dhiphate qabaachuu hin oolu. Inni ‘cubbamaa hunda caalu’ jedhee kan of waame siʼa taʼu, kana jechuun isaas nama hin dinqisiisu. (1 Xim. 1:15) Phaawulos dhugaa beekuu isaa dura magaalaa tokko irraa gara isa kaaniitti Kiristiyaanota utuu wal irraa hin kutin ariʼateera; tokko tokko mana hidhaa galcheera; warra kaan immoo yeroo isaan ajjeefaman deggereera. (HoE. 26:10, 11) Phaawulos deggersa isaatiin dargaggeessa warri isaa Kiristiyaana taʼan jalaa ajjeefaman yommuu argu maaltu isatti dhagaʼamee taʼuu akka qabu mee yaadi? Phaawulos dogoggora raawwatetti kan gaabbe taʼus, wanta darbe jijjiiruu akka hin dandeenye immoo beeka ture. Kiristoos akka isaaf duʼe amanee fudhateera, akkasumas amanannaadhaan, “Gaarummaa Waaqayyoo isa guddaatiin wantan amma taʼe kana taʼeera” jedhee barreesseera. (1 Qor. 15:3, 10) Kana irraa maal baranna? Kiristoos akka siif duʼee fi Yihowaa wajjin hariiroo dhuunfaa akka qabaattu karaa akka siif mijeesse amanii fudhadhu. (HoE. 3:19) Wanti Waaqayyo duratti iddoo guddaa qabu wanta duraan raawwanne utuu hin taʼin, wanta ammaa fi gara fuulduraatti raawwannu dha.—Isa. 1:18. w21.04 23 key. 11

Wiixata, Ebla 10

Dubbiin geggeessaa hafuuraatiin dubbatame Waaqayyo biraa kan dhufe taʼuu isaa beekuuf qoraa; sababiin isaas, raajonni sobaa hedduun gara addunyaatti baʼaniiru.—1 Yoh. 4:1.

Yihudoonni bara Yesuusitti turan hedduun Masiihiin duʼuu akka qabu kan hin eegne taʼus, Kitaabni Qulqulluun dursee akkas jedheera: “Inni lubbuu isaa hamma duʼaatti illee dabarsee kenneera, Yakkamtootaa wajjinis lakkaaʼameera; Cubbuu namoota hedduu ni baate, Yakkamtootaafis ni kadhate.” (Isa. 53:12) Kanaafuu Yihudoonni Yesuus akka cubbamaatti lakkaaʼamee ajjeefamuu isaatti gufachuu hin qaban turan. Yeroo harʼaatti dhugaa jiru barachuudhaan gufachuu irraa ooluu dandeenya. Yesuus Lallaba isaa isa Gaaraa irratti namoonni tokko tokko ‘sobaan wanta hamaa hundumaa akka isaan irratti dubbatan’ dhaggeeffattoota isaa akeekkachiiseera. (Mat. 5:11) Maddi sobawwan kanaa Seexana dha. Inni, mormitoonni warra dhugaa jaallatan irratti soba hamaa akka babalʼisan dhiibbaa isaan irratti godha. (Mul. 12:9, 10) Soba mormitoonni keenya dubbatan mormuu qabna. Sobawwan akkasii akka nu sodaachisan ykn amantii keenya akka laaffisan heyyamuu hin qabnu. w21.05 11 key. 14; 12 key. 16

Kibxata, Ebla 11

Egaa hin sodaatinaa; isin dimbiixiiwwan hedduu caalaa gatii guddaa qabdu.—Mat. 10:31.

Barataan Kitaaba Qulqulluu keessan Yihowaatti akka amanamu gargaaraa. Yesuus Yihowaan waan isaan jaallatuuf, akka isaan gargaaru barattoota isaatti himeera. (Mat. 10:19, 20, 29, 30) Yihowaan isas akka gargaaru barataa keessan yaadachiisaa. Waaʼee galmawwan isaa isaa wajjin kadhachuudhaan Yihowaatti akka amanamu isa gargaaruu dandeessu. Firaansiizki inni Poolaandi jiraatu akkana jedheera: “Barsiisaan koo yeroo baayʼee kadhannaa isaa irratti waaʼee galmawwan koo ni caqasa. Yihowaan kadhannaa barsiisaa kootiif deebii akka kenne yeroon hubadhu anis yeruma sana kadhachuun jalqabe. Walgaʼii gumii fi walgaʼii guguddaa irratti argamuuf hojii koo isa haaraa irraa boqonnaa fudhachuun yeroo na barbaachisetti Yihowaan na gargaareera.” Yihowaan namoota Kitaaba Qulqulluu qoʼachiisnuuf baayʼee yaada. Yihowaan barsiisonni Kiristiyaanota taʼan namoonni kaan akka isatti dhihaatan gargaaruuf cimanii akka hojjetan waan beekuuf baayʼee isaan jaallata. (Isa. 52:7) Yeroo ammaatti namoota Kitaaba Qulqulluu qoʼachiistan hin qabdan yoo taʼe illee, qoʼannaa babalʼistoota kaanii irratti hirmaachuudhaan namoonni Kitaaba Qulqulluu qoʼatan guddina godhanii akka cuuphaman gargaaruu dandeessu. w21.06 7 key. 17-18

Roobii, Ebla 12

Seera Yihowaatti ni gammada, seera isaas halkanii fi guyyaa sagalee isaa gad qabee dubbisa.—Far. 1:2.

Yeroo hundumaa Kitaaba Qulqulluu dubbisuudhaan kennaa kanaaf dinqisiifannaa akka qabnu argisiisuu dandeenya. Qoʼannaa dhuunfaatiif yeroo ramaduu qabna; qoʼannaa dhuunfaa kan goonu yommuu yeroo akka qabnu nutti dhagaʼamutti qofa taʼuu hin qabu. Kitaaba Qulqulluu guyyaa guyyaadhaan qoʼachuudhaan amantiin keenya cimaa taʼee akka itti fufu gochuu dandeenya. Nuti “ogeeyyii fi beektota” addunyaa kanaa irraa haala adda taʼeen, amantii cimaa dubbii Waaqayyoo irratti hudaaʼe qabna. (Mat. 11:25, 26) Kitaaba Qulqulluu waan qoʼanneef, haalli addunyaa hammaachaa kan deemu maaliif akka taʼee fi Yihowaan dhiheenyatti rakkina kana balleessuuf maal akka godhuu beekuu dandeenyeerra. Kanaafuu, amantii keenya cimsachuu fi hamma nuuf dandaʼame namoonni hedduun Uumaa keenya irratti amantii akka qabaatan gargaaruuf haa murteessinu. (1 Xim. 2:3, 4) Yeroo namoonni lafa irra jiran hundi Yihowaa itti jajatanii fi akkuma Mulʼata 4:11 irratti ibsametti, “Yaa Waaqa keenya Yihowaa, ati wantoota hundumaa waan uumteef ulfina, kabajaa fi humna fudhachuun siif ni mala” itti jedhan hawwiidhaan eeggachuu keenya itti haa fufnu. w21.08 19 key. 18-20

Kamisa, Ebla 13

Jaalala obbolummaatiin hoʼisaa wal jaalladhaa.—Rom. 12:10.

Jaarsoliin tiksitoota waan taʼaniif yeroo barbaachisutti gorsa kennuuf itti gaafatamummaa qabu. Gorsa gaarii hojiidhaaf kakaasuu fi ‘garaa namaa gammachiisu’ kennuu qabu. (Fak. 27:9) Jaarsoliin obbolootaa fi obboleettota isaanii ni jaallatu. Yeroo tokko tokko jaalala isaanii kan argisiisan nama daandii dogoggoraa irra jiru gorsuudhaani. (Gal. 6:1) Haa taʼu malee, jaarsi tokko nama tokkoof gorsa kennuu isaa dura wanta Phaawulos jaalala ilaalchisee dubbate irratti yaaduun isaa gaarii dha. “Jaalalli ni obsa, gaarummaas ni argisiisa. . . . Waan hundumaa dandaʼa, waan hundumaa amana, waan hundumaa abdata, waan hundumaa dandamata.” (1 Qor. 13:4, 7) Jaarsi tokko caqasa kana irratti gad fageenyaan yaaduun isaa gorsa kennuuf kan isa kakaase jaalala obboleessa isaatiif qabu taʼuu isaa beekuuf isa gargaara. Namni gorfamu sunis jaarsi sun akka isaaf yaadu yoo hubate, gorsa isaaf kenname fudhachuuf caalaatti fedhii qabaata. w22.02 14 key. 3; 15 key. 5

Jimaata, Ebla 14

Fincila kaasanii hafuura isaa isa qulqulluu gaddisiisan.—Isa. 63:10.

Yihowaan uumamawwan hafuuraa fi ilmaan namootaa warra ijoollee isaa taʼan mudaa malee uume. Booda garuu, Seexanni (hiikni isaa “Mormituu” jechuu dha) inni maleekaa Waaqayyoo ture isa irratti finciluudhaan Addaamii fi Hewaan warri mudaa hin qabnes Yihowaa irratti akka fincilan godhe. Maleekonnii fi namoonni kaanis fincila isaa kana deggeraniiru. (Yih. 6) Yihowaan akka ganame itti dhagaʼameera. Taʼus, obsaa jira; hamma finciltoota kana hunda balleessuttis obsuu isaa itti fufa. Yihowaa fi tajaajiltoonni isaa amanamoon isaa wajjin obsaan eeggachaa jiran sirni hamaan kun yeroo balleeffamutti gammachuu guddaa argatu. Seexanni Iyyoobii fi tajaajiltoonni Yihowaa amanamoon kaan hundi Yihowaa kan waaqeffatan ofittummaadhaan kakaʼanii akka taʼe dubbateera. (Iyo. 1:8-11; 2:3-5) Diyaabilos hamma yoonaatti ilmaan namootaa himachuu isaa itti fufeera. (Mul. 12:10) Rakkinni yeroo nu irra gaʼu jabaannee dhaabbachuudhaan, akkasumas jaalala Yihowaadhaaf qabnuun kakaanee isaaf amanamoo taanee itti fufuudhaan, Seexanni sobduu taʼuu isaa mirkaneessuu dandeenya. w21.07 9 key. 7-8

Sanbadduraa, Ebla 15

Gochawwan hamminaa keessan na duraa balleessaa; wanta hamaa raawwachuu keessan dhiisaa.—Isa. 1:16.

Phaawulos ergamaan akkaataa jireenyaa keenya jijjiiruun hammam barbaachisaa akka taʼe ibsuuf fakkeenya tokkotti fayyadameera. Namummaa keenya isa moofaa ‘muka irratti fannisuu’ akka qabnu barreesseera. (Rom. 6:6) Karaa kan biraatiin fakkeenya Kiristoos hordofuu qabna jechuu dha. Ilaalchaa fi gochawwan Yihowaan jibbu irraa fagaachuun keenya baayʼee barbaachisaa dha. Qalbii qulqulluu qabaachuu fi abdii jireenya bara baraa qabaachuu kan dandeenyu tarkaanfiiwwan kana yoo fudhanne qofa dha. (Yoh. 17:3; 1 Phe. 3:21) Yihowaan nu gammachiisuuf jecha ulaagaalee isaa hin jijjiiru. Kanaa mannaa, nuti namummaa keenya jijjiiruudhaan ulaagaalee isaa wajjin wal simnee jiraachuu qabna. (Isa. 1:17, 18; 55:9) Erga cuuphamtee booda illee fedhii dogoggoraa moʼuuf carraaqqii gochuu qabda. Gargaarsa Yihowaa argachuuf kadhadhu; jabina ofii keetti utuu hin taʼin hafuura Yihowaatti amanami. (Gal. 5:22; Filp. 4:6) Namummaa moofaa of irraa baasnee gatuu fi akkuma of irraa baasnetti itti fufuuf kutachuu qabna. w22.03 6 key. 15-17

Dilbata, Ebla 16

[Yihowaan] si deggera.—Far. 55:22.

Yihowaan Mootummaa isaatiif dursa yoo kenninee fi jireenya keenya keessatti ulaagaalee qajeelummaadhaaf baase yoo eegne nyaata, uffataa fi iddoo jireenyaa akka nuuf kennu waadaa galeera. (Mat. 6:33) Kanaafuu, wantoonni addunyaan kun dhiheessu eegumsaa fi gammachuu itti fufiinsa qabu akka nuuf argamsiisan yaaduu irraa of qusanna. Wanti dhugumaan nagaa sammuu nuuf argamsiisu, fedhii Yihowaa raawwachuu qofa akka taʼe beekna. (Filp. 4:6, 7) Maallaqa wantoota hedduu bituuf nu dandeessisu yoo qabaanne illee, ‘Dhugumaan yeroo fi humna wantoota kana kunuunsuuf na barbaachisu qabaa?’ jennee of gaafachuu qabna. Tarii immoo qabeenya keenya baayʼee jaallachaa jirraa laata? Waaqayyo maatii isaa keessatti hojii hojjennu akka nuuf kenne haa yaadannu. Kanaafuu, xiyyeeffannaan keenya akka hihhiramu heyyamuu hin qabnu. Nuti akka nama qabeenya lafa irratti qabu muraasa baayʼee waan jaallatuuf, carraa Yihowaa tajaajiluu fi ilma isaa taʼuuf qabu of irra dabarsee taʼuu akka hin barbaanne beekamaa dha!—Mar. 10:17-22. w21.08 6 key. 17

Wiixata, Ebla 17

Nama . . . isin gaafatu hundumaaf deebii [kennaa].—1 Phe. 3:15.

Kitaaba Qulqulluu qoʼachaa yommuu deemtu waaʼee eenyummaa fi amalawwan Yihowaa beekuu dandeessa; amalawwan kun amalawwan yeroo waaʼee uumamawwanii qorattetti argitee wajjin wal fakkaatu. Waaʼee amalawwan Yihowaa barachuun keenya inni Qaama dhugumaan jiru taʼuu isaa nu amansiisa. (Bau. 34:6, 7; Far. 145:8, 9) Waaʼee Yihowaa caalaatti beekaa yeroo deemtu, amantiin isa irratti qabduu fi jaalalli isaaf qabdu ni guddata; walitti dhufeenyi isaa wajjin qabdus caalaatti cimaa deema. Amantii Waaqayyo irratti qabdu namoota kaanitti himi. Haa taʼu malee, namni dhugaa baateef tokko Waaqayyo jiraachuu isaa ilaalchisee gaaffii yoo si gaafatee fi maal jettee akka isaaf deebistu yoo beekuu baatte maal gochuu qabda? Deebii Kitaaba Qulqulluu barreeffamoota keenya irratti ibsame tokko argachuuf yaali; achiis wanta argatte sana nama sanatti himi. Dhugaa Baatuun Yihowaa muuxannoo qabu tokko akka si gargaaru gaafachuus ni dandeessa. Namni sun deebii Kitaaba Qulqulluu irraa isaaf kennite fudhatus fudhachuu baatus, ati garuu qorannaa gochuu keetti faayidaa ni argatta. Amantiin kee caalaatti ni cima. w21.08 18 key. 14-15

Kibxata, Ebla 18

Isinitti himuu irraa . . . duubatti hin jenne.—HoE. 20:20.

Yihowaa gammachiisuuf dirqama wantoota nu gammachiisan hunda dhiisuun nu hin barbaachisu. (Lal. 5:19, 20) Haa taʼu malee, fedhii keenya aarsaa gochuu waan hin barbaanneef caalaatti tajaajila Yihowaa irratti hirmaachuu irraa duubatti yoo jenne, dogoggora namicha fakkeenya Yesuus keessatti ibsamee fi jireenya mijataa jiraachuuf jedhee Waaqayyoon dhiisee wajjin wal fakkaatu raawwachuu dandeenya. (Luq. 12:16-21) Yommuu rakkinni nu mudatutti gargaarsa argachuuf kadhachuu fi wanta gochuu dandeenyu irratti yaaduun keenya barbaachisaa dha. (Fak. 3:21) Yihowaan karaa hedduudhaan nu eebbisa. Isa jajachuuf wanta dandeenyu hunda gochuudhaan eebbawwan isaa kana akka dinqisiifannu argisiisuu dandeenya. (Ibr. 13:15) Kana gochuun immoo tajaajila keenya balʼifachuu dabalata; akkas gochuun eebba dabalataa nuuf argamsiisa. Guyyaa hundumaa carraa ‘Yihowaan gaarii taʼuu isaa dhandhamnee itti ilaallu’ haa barbaaddannu. (Far. 34:8) Taanaan akkuma Yesuus, “Nyaanni koo, fedhii isa na erge sanaa raawwachuu fi hojii isaa xumuruu dha” jenna.—Yoh. 4:34. w21.08 30-31 key. 16-19

Roobii, Ebla 19

Koorri kufaatii dura jira, hafuurri of tuulummaas gufannaa dura jira.—Fak. 16:18.

Seexanni akka koorru barbaada. Koorri akka nu toʼatu yoo heyyamne akkuma isaa akka taanuu fi jireenya bara baraa akka dhabnu beeka. Phaawulos ergamaan, ‘boonuudhaan of bokoksinee murtiin Diyaabilos irratti murteeffame akka nu irra hin geenye’ kan nu akeekkachiises kanaafi. (1 Xim. 3:6, 7) Yihowaa tajaajilaa kan turre yeroo muraasaafis taʼe waggoota hedduudhaaf haalli kun eenyuun iyyuu mudachuu dandaʼa. Namoonni kooran namoota ofittoo taʼani dha. Seexanni keessumaa yeroo rakkinni nu irra gaʼu Yihowaa irratti xiyyeeffachuu mannaa of irratti akka xiyyeeffannu gochuuf yaala. Fakkeenyaaf, sobaan himatamtee beektaa? Yookiin jalʼinni haqaa si irra gaʼee beekaa? Seexanni yeroo Yihowaa ykn obboloota kee komattu dhagaʼuun isa gammachiisa. Inni qajeelfama Yihowaa hordofuu mannaa karaa mataa keetii rakkina tokkoof furmaata akka kennitu barbaada.—Lal. 7:16, 20. w21.06 15 key. 4-5

Kamisa, Ebla 20

Yihowaan akkana jedha: “Isin namoonni biyyattii hundi, jabaadhaa hojjedhaa. Yihowaan Gooftaan Raayyaa akkana jedha: ‘Ani isinii wajjinan jira.’”—Hag. 2:4.

Haagee raajichi Yihowaa irraa ergama baayʼee barbaachisaa taʼe fudhatee ture. Dhaloota Kiristoos Dura bara 537​tti Yihudoonni muraasni boojuu Baabilon jalaa baʼanii gara Yerusaalemitti deebiʼaniiru; Haageenis gara Yerusaalemitti kan deebiʼe baruma kanatti taʼuu hin oolu. Namoonni amanamoon kun biyya isaanii gaʼanii utuu baayʼee hin turin buʼuura mana qulqullummaa Yihowaa kaaʼan. (Iz. 3:8, 10) Taʼus, yeruma sana wanti nama gaddisiisu tokko ni uumame. Mormii isaan mudateen abdii waan kutataniif hojii ijaarsaa kana dhaaban. (Iz. 4:4; Hag. 1:1, 2) Kanaafuu, Yihowaan Dh.K.D. bara 520​tti Yihudoonni hinaaffaa isaanii duraanii deebisanii mana qulqullummaa ijaaruu jalqaban akka xumuran isaan kakaasuuf Haagee erge. (Iz. 6:14, 15) Kaayyoon ergaa Haagee amantii Yihudoonni Yihowaa irratti qaban cimsuu dha. Yaanni, “Yihowaan Gooftaan Raayyaa” jedhu isaan jajjabeessee akka ture hin shakkisiisu. Yihowaan raayyaa waraanaa maleekotaa irratti aangoo waan qabuuf, Yihudoonni milkaaʼina argachuu yoo barbaadan isatti amanamuu qabu. w21.09 15 key. 4-5

Jimaata, Ebla 21

Jaalala yoo waliif qabaattan, namoonni hundi akka isin barattoota koo taatan kanaan ni beeku.—Yoh. 13:35.

Yeroo harʼaatti, Dhugaa Baatonni Yihowaa guutummaa addunyaatti argaman jaalalaa fi tokkummaa dhugaa qabu. Biyyoota garaa garaa keessa kan jiraannuu fi aadaa garaa garaa kan qabnu taʼus, dhaabbilee amantaa kaan irraa haala adda taʼeen maatii tokko taaneerra. Walgaʼiiwwan gumii fi walgaʼiiwwan guguddaa irratti jaalalli nu gidduu jiru ifatti mulʼata. Ragaan kun waaqeffannaan keenya waaqeffannaa Yihowaa biratti fudhatama qabu taʼuu isaa ilaalchisee amantii qabnu nuuf cimsa. (Yoh. 13:34) Kitaabni Qulqulluun, “jaalala guddaa waliif qabaadhaa” jechuudhaan nu gorsa. (1 Phe. 4:8) Karaan jaalala akkasii itti argisiisnu keessaa tokko dhiifama waliif gochuu fi wal dandaʼuu dha. Warra nu mufachiisan dabalatee warra gumii keessa jiran hundumaatti carraa arjummaa itti argisiisnuu fi carraa mana keenyatti isaan simannu barbaaduu qabna. (Qol. 3:12-14) Jaalalli akkasii mallattoo Kiristiyaanota dhugaa adda baasee beeksisu dha. w21.10 22 key. 13-14

Sanbadduraa, Ebla 22

Namni ilma isaa jaallatu . . . dhimmee isa adaba.—Fak. 13:24.

Qophiin gumiidhaa baasuu, namni yaada hin geddaranne tokko daandii isaa akka sirreessu isa gargaaruu dandaʼaa? Eeyyee, gargaaruu dandaʼa. Obboloonnii fi obboleettonni cubbuu cimaa raawwachaa turan hedduun, gumiidhaa baafamuun isaanii cubbuun raawwatan hammam cimaa akka taʼe hubachuuf, yaada geddarachuu fi jijjiirama gochuuf, akkasumas gara Yihowaatti deebiʼuuf akka isaan gargaare dubbataniiru. (Ibr. 12:5, 6) Mee fakkeenya tokko haa ilaallu. Tikseen tokko hoolaan isaa tokko akka dhukkubsate hubate. Hoolaa isaa kana walʼaanuuf hoolota kaan irraa adda baasuu akka qabu beeka. Haa taʼu malee, hoolonni waliin taʼuu waan jaallataniif yeroo kophaatti baafaman jeeqamuu dandaʼu. Maarree, tikseen kun hoolaa kana hoolota kaan irraa adda baasuun isaa hamaa ykn gara jabeessa taʼuu isaa argisiisaa? Lakki. Hoolaan dhukkubsate hoolota kaanitti akka makamu yoo godhe dhukkubichi hoolota kaanitti akka darbu beeka. Kanaafuu, hoolaa dhukkubsate sana kophaatti baasuudhaan hoolota kaaniif eegumsa godha. w21.10 10 key. 9-10

Dilbata, Ebla 23

Namoonni hojii keessan isa gaarii arganii Abbaa keessan isa samiitiif ulfina akka kennaniif, ifni keessan namoota duratti haa ifu.—Mat. 5:16.

Miseensota maatii jaalala qabuu fi addunyaa maratti argamuu taʼuun keenya mirga guddaa dha. Hamma dandeenye namoonni hedduun nuu wajjin Waaqa keenya akka waaqeffatan gargaaruu barbaanna. Kanaafuu, wanta maqaa saba Yihowaa ykn maqaa Abbaa keenya isa samii xureessu akkamii iyyuu gochuu hin qabnu. Kanaa mannaa, amalawwan namoota gara misiraachichaatti harkisan qabaachuuf yaalla. Namoonni tokko tokko Abbaa keenya isa samiitiif waan ajajamnuuf nu tuffachuu, darbees nu ariʼachuu dandaʼu. Wanta itti amannu warra kaanitti himuun kan nu sodaachisu yoo taʼe hoo? Yihowaa fi Ilmi isaa akka nu gargaaran mirkanaaʼoo taʼuu dandeenya. Yesuus barattoonni isaa akkamitti dubbachuu ykn maal dubbachuu akka qaban yaaddaʼuun akka isaan hin barbaachisne isaanitti himeera. Maaliif? Yesuus, “Wanti dubbattan saʼaatii sanatti waan isinii kennamuuf, . . . hafuura Abbaa keessaniitu karaa keessan dubbata malee, kan dubbatu isin qofa miti” jedheera.—Mat. 10:19, 20. w21.09 24 key. 17-18

Wiixata, Ebla 24

Ani Yihowaadhaan, “Ati iddoon kooluu itti galuu fi dahoo koo . . . dha” nan jedha.—Far. 91:2.

Museen yaada iddoo kooluu itti galan jedhutti fayyadameera. (Far. 90:1, milj.) Kana malees, Museen duʼuu isaa yeroo muraasa dura ibsa namatti tolu kan biraatti fayyadameera. “Waaqayyo bara duriitii jalqabee dahoo dha; irreen isaa inni bara baraas si jala jira” jedhee barreesseera. (Kes. 33:27) Yaanni, “Irreen isaa inni [bara baraa] si jala jira” jedhu waaʼee Yihowaa maal nu barsiisa? Yihowaan iddoo kooluu itti gallu yeroo nuuf taʼu tasgabbiitu nutti dhagaʼama. Taʼus, yeroo tokko tokko baayʼee dhiphanna, akkasumas miira akkasii keessaa baʼuu akka hin dandeenye nutti dhagaʼama. Yihowaan yeroo akkasiitti gargaarsa akkamii nuuf godha? (Far. 136:23) Irree isaa nu jala kaaʼee suuta jedhee ol nu kaasuudhaan miila keenyaan akka dhaabbannu nu gargaara. (Far. 28:9; 94:18) Yeroo hundumaa deggersa Waaqayyootti amanamuu akka dandeenyu beekuun keenya, eebbawwan arganne lama nu yaadachiisa. Tokkoffaa, kan jiraannu eessa iyyuu yoo taʼe iddoo amansiisaa kooluu itti gallu qabna. Lammaffaa, Abbaan keenya inni samii inni jaalala qabeessa taʼe baayʼee nuuf yaada. w21.11 6 key. 15-16

Kibxata, Ebla 25

Qorumsa garaa garaatiin [dhiphattaniittu].—1 Phe. 1:6.

Yesuus jalʼinni haqaa amantii barattoota isaa akka qoru beeka. Haala kana akka dandamatan isaan gargaaruufis fakkeenya kitaaba Luqaas keessatti argamu isaanitti hime. Yesuus waaʼee dubartii abbaan manaa irraa duʼee fi haqa argachuuf abbaa murtii haqaan hin murteessine irra deddeebitee kadhattee dubbateera. Irra deddeebitee kadhachuun ishii akka ishii kiisu ni amanti turte. Yeroo booda abbaan murtii sun gaaffii ishiitiif deebii kenne. Seenaa kana irraa maal baranna? Yihowaan Waaqa haqa jalʼisu miti. Yesuus, “Maarree, Waaqayyo warra filatee fi halkanii fi guyyaa isatti iyyataniif haqa hin argamsiisuu?” jedheera. (Luq. 18:1-8) Achiis, Yesuus, “Ilmi namaa yommuu dhufu, dhuguma lafa irratti amantii akkanaa ni argataa laata?” jedhe. Yommuu jalʼinni haqaa nu irra gaʼutti obsuu fi irra deddeebinee gaafachuudhaan, akkuma dubartii abbaan manaa irraa duʼe sanaa amantii cimaa akka qabnu argisiisuun nu barbaachisa. Amantiin akkasii Yihowaan dafees taʼe turee nuuf jecha tarkaanfii akka fudhatu mirkanaaʼoo taʼuuf nu gargaara. Kadhannaanis humna guddaa akka qabu amanuu qabna. w21.11 23 key. 12; 24 key. 14

Roobii, Ebla 26

Dargaggeessi akkamitti daandii isaa qulqulluu godhee eeguu dandaʼa? Akka dubbii keetti of eeguudhaani.—Far. 119:9.

Dargaggootaa, yeroo tokko tokko ulaagaaleen Yihowaa bilisummaa akka nama dhowwatan isinitti dhagaʼamaa? Miirri akkasii akka isinitti dhagaʼamu kan barbaadu Seexana dha. Inni wantoota namoonni daandii isa guddaa irra deeman gochaa jiran irratti akka xiyyeeffattan barbaada; sababiin isaas, namoonni sun gammachuu waan qaban fakkaatu. Akka hiriyoota daree keessanii ykn namoota intarneetii irratti argitanii jireenyatti gammadaa akka hin jirretti akka yaaddan barbaada. Seexanni ulaagaaleen Yihowaa jireenyatti sirriitti akka hin gammanne isin gochaa akka jiranitti akka yaaddan barbaada. Haa taʼu malee, kana yaadadhaa: Seexanni namoonni daandii isaa irra deeman wanta dhuma irratti isaan irra gaʼu akka beekan hin barbaadu. (Mat. 7:13, 14) Yihowaan garuu wanta namoonni daandii gara jireenyaatti geessu irra deemuu isaanii itti fufan argatan ifatti dubbateera.—Far. 37:29; Isa. 35:5, 6; 65:21-23. w21.12 23 key. 6-7

Kamisa, Ebla 27

Obboleessa keessaniif garaadhaa dhiifama [godhaa].—Mat. 18:35.

Dhiifama gochuu akka qabnu beekna; dhiifama gochuun wanta sirrii gochuu qabnu dha. Taʼus akkas gochuun salphaa taʼuu dhiisuu dandaʼa. Pheexiros ergamaanis darbee darbee miirri akkasii itti dhagaʼamuu hin oolu. (Mat. 18:21, 22) Maarree, dhiifama gochuuf maaltu nu gargaara? Jalqaba irratti, Yihowaan hammam dhiifama akka siif godhe yaadi. (Mat. 18:32, 33) Dhiifama isaa argachuun kan nuuf malu taʼuu baatus, tolaan dhiifama nuuf godha. (Far. 103:8-10) “Nutis wal jaallachuuf dirqamni nu irra jira.” Kanaafuu, dhiifama gochuun wanta filannaadhaaf dhiifame miti. Obbolootaa fi obboleettota keenyaaf dhiifama gochuuf dirqamni nu irra jira. (1 Yoh. 4:11) Lammaffaa, faayidaa dhiifama gochuun argamsiisu irratti xiinxalaa. Yeroo dhiifama goonutti nama balleessaa nu irratti raawwate ni gargaarra, gumichi tokkummaa akka qabaatu gumaacha goona, michummaa Yihowaa wajjin qabnu balaa irraa eegna, akkasumas boqonnaa guddaa arganna. (2 Qor. 2:7; Qol. 3:14) Dhuma irratti immoo, nama dhiifama nu gaafateef kadhachuu qabna. Seexanni tokkummaa obboloota keessanii wajjin qabdan akka isin jalaa balleessu hin heyyaminaa. (Efe. 4:26, 27) Kiyyoo Seexanaa jalaa ooluuf gargaarsi Yihowaa nu barbaachisa. w21.06 22 key. 11; 23 key. 14

Jimaata, Ebla 28

Ati Israaʼel irratti mootii ni taata.—1 Sam. 23:17.

Daawit lubbuu isaa oolfachuuf baqachaa jira. Saaʼol inni mootii Israaʼel taʼe isa ajjeesuuf kutatee kaʼeera. Daawit nyaata waan barbaadeef utuma baqachaa jiruu magaalaa Noobitti goree daabboo shan qofa akka isaaf kennan gaafate. (1 Sam. 21:1, 3) Boodas, innii fi namoonni isaa holqa tokko keessa dhokatan. (1 Sam. 22:1) Daawit haala kana keessa kan gale akkamitti? Saaʼol beekamtii fi injifannoo Daawit waraana irratti argatetti baayʼee hinaafee ture. Kana malees, Saaʼol Yihowaadhaaf ajajamuu diduun isaa mootii Israaʼel akka hin taane akka isa taasisee fi Yihowaan mootii akka taʼuuf Daawitiin akka filate beeka. (1 Sam. 23:16, 17) Haa taʼu malee, Saaʼol ammayyuu mootii Israaʼel waan tureef, raayyaa waraanaa guddaa fi deggertoota hedduu qaba ture; kanaafuu, Daawit lubbuu isaa oolfachuuf baqachuun isa barbaachiseera. Garuu Saaʼol kaayyoo Waaqayyo Daawitiif qabu fashaleessuu akka dandaʼutti yaadee turee? (Isa. 55:11) Kitaabni Qulqulluun waaʼee kanaa wanta dubbatu hin qabu. Taʼus, Saaʼol balaa keessa of galchee akka ture ifatti hubanna. Warri Waaqayyoon morman yoom iyyuu isaaniif hin milkaaʼu! w22.01 2 key. 1-2

Sanbadduraa, Ebla 29

Niqoodimos . . . halkan keessa gara Yesuus dhufe.—Yoh. 3:1, 2.

Yesuus hinaaffaadhaan tajaajileera. Carraa argate hundatti namoota barsiisuudhaan akka isaan jaallatu argisiiseera. (Luq. 19:47, 48) Akkas gochuuf wanti isa kakaase maali dha? Yesuus namootaaf garaa laafa. Yeroo tokko tokko namoonni hedduun wanta isaan barsiisan dhagaʼuu waan barbaadaniif, Yesuusii fi barattoonni isaa ‘nyaata nyaachuuf illee carraa hin argatan’ ture. (Mar. 3:20) Kana malees, Yesuus yommuu namichi tokko isaa wajjin mariʼachuuf halkan filatetti, yeroo sanatti illee mariʼachuuf fedhii akka qabu argisiiseera. Namoonni jalqaba irratti Yesuusiin dhagaʼan hedduun barattoota isaa hin taane. Taʼus, namoota isa dhagaʼan hundumaatiif guutummaatti dhugaa baʼeera. Nutis yeroo harʼaatti namni hundi carraa itti misiraachoo dhagaʼu akka argatu barbaanna. (HoE. 10:42) Kana galmaan gaʼuuf mala ittiin tajaajillu irratti sirreeffama gochuun nu barbaachisuu dandaʼa. Sagantaa nuuf mijatu qofa hordofuu mannaa, yeroo namoonni argamanitti lallabuuf sagantaa keenya irratti sirreeffama gochuuf fedhii qabaachuu qabna. Akkas yoo goone Yihowaan akka nutti gammadu mirkanaaʼoo taʼuu dandeenya. w22.01 17 key. 13-14

Dilbata, Ebla 30

Namni nama isa kan biraa irratti aangoo kan qabaate isa miidhuuf jedhee ti.—Lal. 8:9.

Yeroo harʼaatti namoonni baayʼeen namoota aangoo qaban amanuun isaanitti ulfaata. Yeroo baayʼee mootummoonnii fi seerri isaan baasan namoota sooreyyii fi aangoo qabaniif yommuu loogan, namoota hiyyeeyyii garuu haqa yommuu dhowwatan ni argu. Kana malees, geggeessitoonni amantaa tokko tokko wanta hamaa taʼe hedduu raawwatu. Kun immoo namoonni tokko tokko Waaqayyo irratti amantii akka dhaban godheera. Kanaafuu, namni Kitaaba Qulqulluu qoʼachiisnu tokko Yihowaa irrattis taʼe namoota inni lafa irratti muude irratti amantii akka qabaatu gargaaruun rakkisaa taʼuu dandaʼa. Dhugaa dha, Yihowaa irrattis taʼe jaarmiyaa isaa irratti amantii qabaachuun kan isaan barbaachisu namoota Kitaaba Qulqulluu qoʼachiisnu qofa miti. Yihowaa kan tajaajille waggoota hedduudhaaf yoo taʼe illee, Yihowaan yeroo hundumaa wanta sirrii akka raawwatu dagachuu hin qabnu. Yeroo tokko tokko, haalli amantii Yihowaa irratti qabnu qoruu dandaʼu nu mudata. w22.02 2 key. 1-2

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi