Caamsaa
Wiixata, Caamsaa 1
Isa . . . dandaʼe sana akka gaariitti yaadaa.—Ibr. 12:3.
Yihowaan waaʼee Ilma isaa akka beeknu nu gargaaruuf jaalalaan kakaʼee Wangeelonni arfan Dubbii isaa keessatti akka dabalaman godheera. Wangeelonni seenaa waaʼee jireenyaa fi tajaajila Yesuus ibsan qabataniiru. Seenaan kun wanta Yesuus dubbate nutti hima, wanta inni raawwatee fi miira isatti dhagaʼames ni ibsa. Kitaabonni arfan kunneen fakkeenya Yesuus irratti ‘akka gaariitti yaaduuf’ nu gargaaru. Akkasumas akka fakkeenyaatti mallattoo faana Yesuus qabataniiru jechuun ni dandaʼama. Kanaafuu, Wangeelota kana qoruudhaan Yesuusiin caalaatti beekuu dandeenya. Akkas yoo goone, faana isaa dhiheenyatti hordofuu dandeenya. Wangeelota irraa guutummaatti fayyadamuuf dubbisuu caalaa wanti gochuu qabnu jira. Of eeggannoodhaan qoʼachuu fi gad fageenyaan irratti xiinxaluuf yeroo ramaduu qabna. (Iyyaasuu 1:8 wajjin wal bira qabii ilaali, miiljalee.) Seenaan Wangeelotaa akka isiniif dhugoomu godhaa. Wanta raawwatamaa jiru sana ilaaluuf, dhagaʼuu fi hubachuuf dandeettii yaadaan ilaaluu keessanitti fayyadamaa. Kana gochuuf akka isin gargaaruuf, barreeffamoota jaarmiyaa Yihowaatiin qophaaʼanii fi qorannaa gochuuf gargaaranitti fayyadamaa. w21.04 4-5 key. 11-13
Kibxata, Caamsaa 2
Nuti . . . Kiristoos isa muka irratti fannifame lallabna; kunis Yihudootaaf wanta gufachiisu . . . dha.—1 Qor. 1:23.
Yesuus gara lafaa dhufuu isaa jaarraawwan hedduu dura, Masiihiin meetii sheeqilii 30n dabarfamee akka kennamu Yihowaan dubbii isaa keessatti ibseera. (Zak. 11:12, 13) Namni dabarsee isa kennus michoota isatti dhihaatan keessaa tokko dha. (Far. 41:9) Zakkaariyaas raajichis, “Tiksee sana rukuti, hoolonnis haa bittinnaaʼan” jedhee barreesseera. (Zak. 13:7) Namoonni garaa qajeelaa qaban haala kanatti gufachuu mannaa raajiin kun Yesuus irratti yommuu raawwatamu arguun isaanii amantii isaanii cimsee taʼuu qaba. Yeroo harʼaa rakkinni wal fakkaatu jiraa? Eeyyee. Bara keenyatti Dhugaa Baatonni beekamoo taʼan muraasni dhugaa dhiisaniiru, gantoota taʼaniiru, achiis warra kaan dhugaa irraa fageessuuf yaalaniiru. Miidiyaalee fi intarneetii fayyadamanii waaʼee Dhugaa Baatotaa oduu gadhee, oduu nama dogoggorsuu fi soba babalʼisu. Taʼus namoonni garaa qajeelaa qaban hin gufatan. Faallaa kanaatiin, Kitaabni Qulqulluun wantoonni kun akka raawwataman dursee akka dubbate ni hubatu.—Mat. 24:24; 2 Phe. 2:18-22. w21.05 11 key. 12; 12-13 key. 18-19
Roobii, Caamsaa 3
Daandiin qajeelotaa garuu akkuma ifa ganamaa isa akka gaariitti ifuu ti; hamma akka ifa saafaa taʼuttis ifni isaa ittuma dabalaa deema.—Fak. 4:18.
Kitaabni Qulqulluun beekumsi sirriin yeroodhaa gara yerootti dabalaa akka deemu dubbata. (Qol. 1:9, 10) Yihowaan dhugaa suutuma suuta ibsa; kanaafuu, hamma dhugichi caalaatti ifutti obsa qabaachuu qabna. Obboloonni dura buutota taʼan hubannaan barumsa Kitaaba Qulqulluu tokko irratti qabnu sirreeffamuu akka qabu yommuu hubatanitti sirreessuu irraa duubatti hin jedhan. Waldaaleen Kiristiyaanaa hedduun jijjiirama kan godhan hordoftoota isaanii gammachiisuuf ykn caalaatti addunyaatti dhihaachuuf jedhanii ti; jaarmiyaan Yihowaa garuu jijjiirama kan godhu caalaatti Waaqayyotti dhihaachuu fi fakkeenya Yesuus waaqeffannaa ilaalchisee kaaʼe hordofuufi. (Yaq. 4:4) Sirreeffama kan goonu ilaalchi addunyaa waan jijjiirameef utuu hin taʼin, dhugaa Kitaaba Qulqulluu caalaatti waan hubanneefi. Dhugaa ni jaallanna!—1 Tas. 2:3, 4. w21.10 22 key. 12
Kamisa, Caamsaa 4
Yaaddoo keessan hundumaa isa irratti gataa.—1 Phe. 5:7.
Kophaa akka taate yoo sitti dhagaʼame maal gochuu dandeessa? Gargaarsa Yihowaan siif gochaa jiru irratti xiyyeeffadhu. (Far. 55:22) Akkas gochuun kee haala keessa jirtuuf ilaalcha madaalamaa qabaachuuf si gargaara. Yihowaan obboloota kophummaan itti dhagaʼamu gargaaraa kan jiru akkamitti akka taʼes yaadi. (1 Phe 5:9, 10) Hirooshiin inni waggoota hedduudhaaf maatii isaa keessaa Dhugaa Baatuu Yihowaan isa qofa ture akkana jedheera: “Namoonni akkuma koo kophaa isaanii dhugaa keessa jiran, hundi keenya iyyuu Yihowaa tajaajiluuf wanta dandeenyu hunda gochaa akka jirru beekuun isaanii isaan jajjabeessuu dandaʼa.” Akkasumas barsiifata hafuuraa gaarii qabaadhu. Kun wanta sitti dhagaʼamu ifatti Yihowaatti himuu dabalata. Dubbii Waaqayyoo yeroo hundumaa dubbisuun kee barbaachisaa dha, akkasumas seenaawwan jaalala Yihowaan siif qabu addeessan irratti xiinxali. Kiristiyaanonni tokko tokko caqasoota baayʼee nama jajjabeessan kanneen akka Faarfannaa 27:10 fi Isaayyaas 41:10 sammuutti qabataniiru. Obboloonni kaan immoo yeroo walgaʼii gumiitiif qophaaʼan ykn yeroo Kitaaba Qulqulluu dubbisanitti wantoota waraabamanitti fayyadamuun isaanii miira kophummaa dandamachuuf akka isaan gargaare dubbataniiru. w21.06 9-10 key. 5-8
Jimaata, Caamsaa 5
Naasuu akka tasaa dhufu kam iyyuu . . . hin sodaattu.—Fak. 3:25.
Nama jaallattu duʼaan dhabuu keetiin gaddaa jirtaa? Taanaan, yeroo ramaddee seenaa Kitaaba Qulqulluu waaʼee namoota duʼaa kaʼanii ibsu dubbisuudhaan amantii abdii duʼaa kaʼuu irratti qabdu cimsadhu. Miseensi maatii kee tokko gumiidhaa waan baafameef gaddaa jirtaa? Taanaan, akkaataan Waaqayyo adaba itti kennu yeroo hunda sirrii taʼuu isaa mirkaneeffachuuf, qorannoo godhi. Rakkinni kam iyyuu yommuu si mudatu carraa kana amantii kee cimsachuuf itti fayyadami. Wanta sitti dhagaʼamu hundumaa Yihowaatti himi. Warra kaan irraa adda of hin baasin, kanaa mannaa, obboloota kee fi obboleettota keetti dhihaachuu kee itti fufi. (Fak. 18:1) Yommuu wanta sirra gaʼe yaadatutti kan boossu taʼu illee, sochiiwwan haala isaa dandamachuuf si gargaaran irratti hirmaadhu. (Far. 126:5, 6) Walgaʼiiwwan irratti argamuu, tajaajila baʼuu fi Kitaaba Qulqulluu dubbisuu kee itti fufi. Wantoota dinqisiisoo Yihowaan gara fuulduraatti siif qopheesse irratti xiyyeeffadhu. Yihowaan akkamitti si gargaaraa akka jiru hubachuun kee amantiin isa irratti qabdu caalaatti akka cimu godha. w21.11 23 key. 11; 24 key. 17
Sanbadduraa, Caamsaa 6
Haaluma wal fakkaatuun, Abbaan koo inni samii warra xixinnoo kana keessaa tokko illee akka badu hin barbaadu.—Mat. 18:14.
Barattoonni Yesuus “warra xixinnoo” kan taʼan karaa kan biraa kamiini? Addunyaan kun iddoo guddaa kan kennu namoota akkamiitiifi? Namoota sooreyyii, beekamoo taʼanii fi aangoo qabaniifi. Barattoonni Yesuus garuu akka namoota gatii hin qabneetti ykn akka ‘warra xixinnootti’ ilaalamu. (1 Qor. 1:26-29) Ilaalchi Yihowaan isaaniif qabu garuu kana irraa baayʼee adda dha. Yesuus waaʼee ‘warra xixinnoo kanaa’ kan dubbate maaliifi? Barattoonni isaa, “Mootummaa samii keessatti hundumaa irra kan caalu eenyu?” jedhanii isa gaafatanii turan. (Mat. 18:1) Yihudoonni hedduun aangoodhaaf iddoo guddaa kennu turan. Hayyuun tokko, “Dhiironni ulfina, maqaa gaarii, beekamtii fi kabaja argachuuf iddoo guddaa kennu turan” jedheera. Yesuus barattoonni isaa miira wal dorgommii aadaa Yihudootaa keessatti babalʼatee ture garaa isaanii keessaa buqqisanii gatuuf carraaqqii cimaa gochuu akka qaban beeka. w21.06 20 key. 2; 21 key. 6, 8, 9
Dilbata, Caamsaa 7
Zayitii fi ixaanni garaa namaa ni gammachiisu; michuun garaadhaa gorsa kennus akkanuma dha.—Fak. 27:9.
Phaawulos ergamaan jaarsa gumii fakkeenya gaarii taʼu dha. Fakkeenyaaf, yeroo obboloonni Tasalonqee gorsi isaan barbaachisetti gorsa isaaniif kennuu irraa duubatti hin jenne. Haa taʼu malee, xalayaa isaaniif barreesse irratti jalqaba hojii amanamummaadhaan hojjetaniif, carraaqqii jaalalaan kakaʼanii godhaniif, akkasumas jabaatanii dhaabbachuu isaaniitiif isaan galateeffateera. Haala isaaniis isaaniif hubateera; jireenyi isaanii salphaa akka hin taanee fi ariʼatama dandamachaa akka jiran akka beeku isaanitti himeera. (1 Tas. 1:3; 2 Tas. 1:4) Kiristiyaanota kaaniif fakkeenya akka taʼan illee isaanitti himeera. (1 Tas. 1:8, 9) Isaanis Phaawulos garaadhaa isaan galateeffachuu isaatti baayʼee gammadaniiru. Phaawulos obboloota isaa baayʼee akka jaallatu namni shakku hin jiru. Xalayaa isaa lamaan warra Tasalonqeetiif barreesse irratti gorsa buʼa qabeessa taʼe kennuu kan dandaʼe kanaafi.—1 Tas. 4:1, 3-5, 11; 2 Tas. 3:11, 12. w22.02 15 key. 6
Wiixata, Caamsaa 8
Inni imimmaan hundumaa ija isaanii irraa ni haqa; duutis kana booda hin jiraatu.—Mul. 21:4.
Seexanni geggeessitoota amantaa sobaatti fayyadamee, Yihowaan hamaa akka taʼee fi rakkina ilmaan namootaa irra gaʼuuf kan itti gaafatamu isa akka taʼe dubbachaa jira. Isaan keessaa tokko tokko immoo, yeroo ijoolleen duʼanitti, Waaqayyo maleekota dabalataa waan barbaadeef gara samiitti akka isaan fudhate dubbatu. Kun maqaa Waaqayyoo balleessuu dha. Nuti garuu Yihowaan Abbaa jaalala qabeessa taʼuu isaa beekna. Yeroo dhukkubni cimaan nu qabutti yookiin yeroo nama jaallannu duʼaan dhabnutti matumaa Waaqayyoon hin komannu. Kanaa mannaa, inni gara fuulduraatti namoota dhukkubsatan akka fayyisuu fi warra duʼan akka duʼaa kaasu ni amanna. Namoota nu dhagaʼan hundumaatti Yihowaan Waaqa jaalala qabeessa taʼuu isaa ni himna. Kun immoo isa isa arrabsuuf deebii gaarii kennuuf isa dandeessisa. (Fak. 27:11) Yihowaan Waaqa gara laafessa dha. Ariʼatamaan, dhukkubaan ykn cubbamoota taʼuu keenyaan kan kaʼe dhiphannee yeroo iyyinu baayʼee gadda. (Far. 22:23, 24) Yihowaan dhiphina keenya nuuf hubata, rakkina keenya balleessuu barbaada, ni balleessas.—Baʼuu 3:7, 8; Isaayyaas 63:9 wajjin wal bira qabii ilaali. w21.07 9-10 key. 9-10
Kibxata, Caamsaa 9
Ulfinaa fi simboos isa gonfachiiste.—Far. 8:5.
Dhiheenyatti ilmaan namootaa ajajamoo taʼan ulfina hunda irra caalu, jechuunis mirga bara baraaf Yihowaa jaallachuu fi isa waaqeffachuu argatu. Yesuus rakkoowwan Addaamii fi Hewaan maatii Waaqayyoo irraa adda baʼuuf murteessuu isaaniitiin kan kaʼe dhufan hundumaa ni balleessa. Yihowaan namoota miliyoonaan lakkaaʼaman duʼaa kaasuudhaan lafa gara jannataatti jijjiiramte irra fayya buleeyyii taʼanii bara baraaf akka irra jiraatan carraa isaaniif kenna. (Luq. 23:42, 43) Kutaan maatii Waaqayyoo warri lafa irra jiraatan, yeroo cubbuu irra walaba taʼan akka Daawit barreessetti, “ulfinaa fi simboo” ni qabaatu. Kutaa ‘tuuta uummataa guddaa’ yoo taate eebba dinqisiisaatu si eeggata. (Mul. 7:9) Waaqayyo si jaallata; miseensa maatii isaa akka taatus ni barbaada. Kanaafuu, isa gammachiisuuf wanta siif dandaʼame hunda godhi. Guyyaa hundumaa waadaa Waaqayyo siif gale irratti yaadi. Mirga Abbaa keenya isa samii waaqeffachuu fi bara baraaf isa jajachuuf argatte dinqisiifadhu! w21.08 7 key. 18-19
Roobii, Caamsaa 10
Yoo abdii kutachuu baanne [ni haammanna].—Gal. 6:9.
Ermiyaas raajichi namoota dantaa hin qabnee fi isa mormaniif waggoota hedduudhaaf lallabeera. Namoonni isa morman ‘isa arrabsuu fi isatti qoosuu’ isaaniitiin kan kaʼe baayʼee waan gaddeef, hojii isaaf kenname hojjechuu dhiisuuf illee yaadee ture. (Er. 20:8, 9) Taʼus, Ermiyaas abdii hin kutanne! Maarree, ilaalcha isaa sirreessuu fi tajaajila isaa irraa gammachuu argachuuf maaltu isa gargaare? Wantoota baayʼee barbaachisoo taʼan lama irratti xiyyeeffachuu isaa ti. Tokkoffaa, ergaan Waaqayyoo Ermiyaas sabichatti himaa ture, “wanta gara fuulduraatti abdiidhaan [eeggatan]” kan dabalatu ture. (Er. 29:11) Lammaffaa, Yihowaan maqaa isaatiin akka waamamu isa filachuu isaa ti. (Er. 15:16) Nutis ergaa namoonni abdii akka qabaatan godhu lallabna, akkasumas maqaa Yihowaatiin waamamna. Kanaafuu, dhugaawwan kana irratti kan xiyyeeffannu taanaan, deebiin namoonni kennan maal iyyuu yoo taʼe tajaajila keenya irraa gammachuu argachuu dandeenya. Kanaafuu, namni Kitaaba Qulqulluu qoʼachiisnu guddina gochuuf isa yaanne caalaa yeroo dheeraa yoo fudhate abdii kutachuu hin qabnu. Hojiin barattoota gochuu obsa gaafata.—Yaq. 5:7, 8. w21.10 27 key. 12-13
Kamisa, Caamsaa 11
Baʼaa hundumaa fi cubbuu isa salphaatti nu sakaalu of irraa [haa gannu].—Ibr. 12:1.
Yihowaa kan tajaajille yeroo hammamiif iyyuu yoo taʼe amantii isa irratti qabnu cimsachuu keenya itti fufuu qabna. Akkas gochuu kan qabnu maaliifi? Yoo of eeggachuu baanne amantiin keenya laafuu waan dandaʼuufi. Amantiin ragaa wantoonni ijaan hin mulʼanne dhugumaan akka jiran argisiisu irratti kan hundaaʼe akka taʼe yaadadhu. Wanta ijaan arguu hin dandeenye salphaatti irraanfachuu dandeenya. Phaawulos amantii dhabuun “cubbuu isa salphaatti nu sakaalu” akka taʼe kan ibse kanaafi. Maarree, kiyyoo kana irraa of eeguu kan dandeenyu akkamitti? (2 Tas. 1:3) Tokkoffaa, Yihowaan hafuura isaa akka siif kennu yeroo hundumaa kadhadhu. Akkas gochuu kan qabnu maaliifi? Amantiin kutaawwan firii hafuuraa keessaa tokko waan taʼeefi. (Gal. 5:22, 23) Gargaarsa hafuura isaa malee Uumaa keenya irratti amantii cimaa qabaachuus taʼe amantii kana eeggachuu hin dandeenyu. Yihowaan hafuura isaa akka nuuf kennu kadhachuu keenya yoo itti fufne hafuura isaa nuuf kenna. (Luq. 11:13) “Amantii keenya nuuf guddisi” jennee illee kadhachuu dandeenya. (Luq. 17:5) Dabalataanis, yeroo hundumaa Dubbii Waaqayyoo qoʼadhu.—Far. 1:2, 3. w21.08 18-19 key. 16-18
Jimaata, Caamsaa 12
Harriin gonfoo miidhaginaa ti.—Fak. 16:31.
Maanguddoonni jaarmiyaa Yihowaatiif wanta kennan hedduu qabu. Amma akka duraanii jabina qabaachuu dhiisuu dandaʼu; taʼus, muuxannoowwan waggoota hedduudhaaf kuufatan qabu. Yihowaan karaa garaa garaatiin maanguddootatti fayyadamuu isaa itti fufeera. Fakkeenyaaf, Kitaabni Qulqulluun waaʼee maanguddoota amanamoo bara dullumaa isaanitti garaa guutuudhaan Yihowaa tajaajilanii nutti hima. Akkasumas, Museen yeroo Yihowaan raajii isaa akka taʼuu fi saba Israaʼel akka geggeessu isa filattetti umuriin isaa gara waggaa 80 ture. Yihowaan Daaniʼel umuriin isaa waggaa 90 erga darbee boodas raajii isaa taʼee akka itti fufu isaaf heyyameera. Yohaannis ergamaanis hafuura qulqulluudhaan geggeeffamee yeroo kitaaba Mulʼataa barreessetti umuriin isaa waggaa 90 ol taʼuu hin oolu. Simiʼoon isa “qajeelaa fi nama Waaqayyoof bule” ilaalchisee wanti Kitaaba Qulqulluu keessatti ibsame muraasa dha; taʼus Yihowaan Yesuusiin akka argu, akkasumas waaʼee mucichaa fi haadha isaa raajii akka dubbatu mirga isaaf kennuudhaan akka isa beeku argisiiseera.—Luq. 2:22, 25-35. w21.09 3-4 key. 5-7
Sanbadduraa, Caamsaa 13
Yaa Yihowaa, garaan koo of tuultuu miti, . . . ani wantoota baayʼee guguddaa taʼan. . . hin hawwine.—Far. 131:1.
Warri ijoollee isaanii wal dorgomsiisuu irraas taʼe, wanta humna isaaniitii ol taʼe isaan irraa eeguu irraa of qusachuu qabu. Akkas godhu taanaan garuu, ijoolleen isaanii abdii kutachuu dandaʼu. (Efe. 6:4) Obboleettiin Saachikoo jedhamtu akkana jetteetti: “Haati koo qormaata irratti dhibba keessaa dhibba akkan argadhu barbaaddi turte; kana gochuu immoo matumaa hin dandaʼun ture. Barumsa ergan xumuree waggoonni hedduun kan darban taʼus, amma iyyuu darbee darbee, wantin Yihowaadhaaf kennaa jiru gaʼaa akka hin taane natti dhagaʼama.” Daawit Mootichi “wantoota baayʼee guguddaa taʼan” ykn wantoota humna isaatii ol taʼan hin hawwine. Amala gad of qabuu fi humna ofii beekuu qabaachuun isaa ‘isa tasgabbeesseera, akkasumas isa callisiiseera.’ (Far. 131:2) Warri wanta Daawit dubbate irraa maal barachuu dandaʼu? Warri wanta of irraa eeganiin qofa utuu hin taʼin, wanta ijoollee isaanii irraa eeganiinis akka gad of qabanii fi humna isaanii akka beekan argisiisuu qabu. Warri galma akka baafatan ijoollee isaanii yeroo gargaaranitti, ciminaa fi dadhabina isaanii isaaniif hubachuudhaan gatii akka qaban akka isaanitti dhagaʼamu isaan gargaaruu dandaʼu. w21.07 21 key. 5-6
Dilbata, Caamsaa 14
Namni hundi baʼaa ofii isaa baata.—Gal. 6:5.
Yihowaan hunda keenyaaf iyyuu mirga filannaa akka kenne yaadachuu qabna. Kana jechuun isaaf ajajamuuf ykn dhiisuuf filachuu dandeenya jechuu dha. Ijoolleen tokko tokko, warra fakkeenya gaarii isaaniif taʼan kan hin qabne taʼus, Yihowaa tajaajiluu filataniiru, isaaf amanamoo taʼaniis itti fufaniiru. Ijoolleen tokko tokko immoo, warri isaanii Yihowaa akka jaallataniif carraaqqii cimaa kan godhan taʼus, yeroo booda Yihowaa dhiisaniiru. Tokkoon tokkoon keenya Yihowaa tajaajiluuf ykn dhiisuuf filachuu qabna. (Iya. 24:15) Kanaafuu, warri mucaan keessan Yihowaa dhiisuu isaatiin gaddaa jirtan, kun balleessaa keessan akka taʼe isinitti dhagaʼamuu hin qabu! Yeroo tokko tokko, abbaan ykn haati dhugaa dhiisuu dandaʼu, tarii immoo maatii isaanii illee dhiisanii deemuu dandaʼu. (Far. 27:10) Ijoollee warra isaanii akka fakkeenya guddaatti ilaalaniif kun baayʼee ulfaataa taʼuu dandaʼa. Dargaggootaa, abbaan keessan ykn haati keessan gumiidhaa baafamaniiru yoo taʼe, Yihowaan miidhama keessan akka isiniif hubatu mirkanaaʼoo taʼaa. Yihowaan isin jaallata, amanamummaa argisiistanis ni dinqisiifata. Murtoo warri keessan godhaniif isin akka itti hin gaafatamne yaadadhaa. w21.09 27 key. 5-7
Wiixata, Caamsaa 15
Yihowaan warra jaallatu ni adaba.—Ibr. 12:6.
Kiristiyaanni tokko yommuu gumiidhaa baafamu hoolaa dhukkubsatee fi karricha faalu akka taʼe goonee yaanna taʼa. Kiristiyaanni kun karaa hafuuraa dhukkubsateera. (Yaq. 5:14) Akkuma dhukkuba tokko tokkoo dhukkubni hafuuraas warra kaanitti daddarbuu dandaʼa. Kanaafuu, yeroo tokko tokko namoota karaa hafuuraa dhukkubsatan gumiidhaa baasuun barbaachisaa dha. Adabni akkasii jaalala Yihowaan hoolota isaa amanamoo taʼaniif qabu argisiisa; namni cubbuu raawwate sunis yaada akka geddaratu gochuu dandaʼa. Yeroo gumiidhaa baafamee jirutti illee, walgaʼii irratti argamee karaa hafuuraa of sooruudhaan amantii isaa cimsachuu dandaʼa. Kana malees, barreeffama fudhachuu fi sagantaa JW Biroodkaastingii® ilaaluu ni dandaʼa. Jaarsoliin jijjiirama gochaa akka jiru yeroo argan, deebiʼee Dhugaa Baatuu Yihowaa taʼuu akka dandaʼuuf gorsaa fi qajeelfama hariiroo Yihowaa wajjin qabu cimsachuuf isa gargaaru isaaf kennu. w21.10 10 key. 9, 11
Kibxata, Caamsaa 16
Mootummaa samiitti kan galu, nama . . . “Yaa Gooftaa, yaa Gooftaa” naan jedhu hunda miti.—Mat. 7:21.
Yeroo harʼaatti, karaawwan waaqeffannaa ilaalchisee fakkeenya Kiristiyaanota jaarraa jalqabaa itti hordofnu jiru. Fakkeenyaaf, akkaataan jaarmiyaan keenya itti gurmaaʼe akkaataa Kiristiyaanonni jaarraa jalqabaa itti gurmaaʼanii wajjin wal fakkaata. Akkuma isaanii daawwattoota ol aanaa, jaarsolii fi tajaajiltoota gumii qabna. (Filp. 1:1; Tit. 1:5) Akkuma isaanii seera Yihowaan saalqunnamtii fi gaaʼelaaf baase, akkasumas qajeelfama dhiiga ilaalchisee kenne ni kabajna, namoota cubbuu isaanii irraa yaada hin geddaranne gumiidhaa baasuudhaanis gumichaaf eegumsa ni goona. (HoE. 15: 28, 29; 1 Qor. 5:11-13; 6:9, 10; Ibr. 13:4) Kitaabni Qulqulluun amantiin Waaqayyo biratti fudhatama qabu “amantii tokko” qofa akka taʼe ifatti dubbata. (Efe. 4:4-6) Saba Yihowaa keessaa tokko taʼuun keenya, akkasumas dhugaa waaʼee Yihowaa fi kaayyoo isaa dubbatu beekuun keenya mirga guddaa dha! Kanaafuu, amantii cimaa dhugaa irratti qabnu jabeessinee qabachuu keenya itti haa fufnu. w21.10 23 key. 15-17
Roobii, Caamsaa 17
Iddoo keessan qabadhaatii dhaabbadhaa; fayyina Yihowaan isiniif argamsiisus ilaalaa.—2 Sen. 20:17.
Yoshaafaax Mooticha rakkina guddaa tokkotu isa mudate. Raayyaan waraanaa guddaan Amoonota, Moʼaabotaa fi namoota naannoo gaarotaa Seʼiir of keessatti qabate isa, maatii isaa fi saba isaa doorsisuu jalqabe. (2 Sen. 20:1, 2) Maarree, Yoshaafaax maal godhe? Yihowaan akka isa gargaaruu fi akka isa cimsu gaafate. Kadhannaan Yoshaafaax gad of qabuudhaan dhiheessee fi 2 Seenaa Baraa 20:5-12 irratti galmeeffame Abbaa isaa isa samii jaalala qabeessa taʼe irratti amantii guddaa akka qabu argisiisa. Yihowaan karaa Yaahaaziʼel Leewwichaa Yoshaafaaxiif deebii yeroo kennu yaada caqasa guyyaa harʼaa irratti argamu dubbateera. Yoshaafaaxis Waaqa isaatti guutummaatti amanamuudhaan, akkuma inni isaan jedhe godhe. Yommuu innii fi sabni isaa diinota isaaniitti dhihaatanitti fuuldura kan dhaabe loltoota dandeettii guddaa qaban utuu hin taʼin, faarfattoota meeshaa waraanaa hin hidhanne ture. Yihowaanis Yoshaafaaxiin hin qaanessine; diina isaanitti dhufe isaaniif injifateera.—2 Sen. 20:18-23. w21.11 15-16 key. 6-7
Kamisa, Caamsaa 18
Nuti kan hin dhumne jaalala Yihowaa isa amanamaa taʼeen kan kaʼe dha, sababiin isaas, gara laafinni isaa matumaa dhuma hin qabu.—Faru. 3:22.
Yeroo rakkinni nu mudatu Yihowaan amanamummaa keenya eeggachuuf akka nu gargaaru amanannaa qabaachuu ni dandeenya. (2 Qor. 4:7-9) Akkuma faarfatichi, “Ijji Yihowaa warra isa sodaatan, warra jaalala isaa isa amanamaa eeggatan ni ilaala” jechuudhaan nuuf mirkaneesse, Yihowaan jaalala amanamaa nutti argisiisuu isaa akka itti fufu amanannaa qabaachuu ni dandeenya. (Far. 33:18-22) Yihowaa tajaajiluu jalqabuu keenya duras, jaalala inni ilmaan namootaa hundatti argisiisu argachaa turre. Isa waaqeffachuu erga jalqabnee booda garuu jaalala isaa isa amanamaa irraas fayyadamaa jirra. Yihowaan jaalala kanaan kakaʼee irree isaa isa eegumsa argamsiisuun nu hammateera. Yeroo hundumaas ofitti nu dhiheessa; kaayyoo nuuf qabus ni raawwata. Inni akka nuuf milkaaʼu barbaada! (Far. 46:1, 2, 7) Kanaafuu, rakkinni akkamii iyyuu yoo nu mudate, Yihowaan jabina amanamummaa keenya eeguuf nu barbaachisu nuuf kenna. w21.11 7 key. 17-18
Jimaata, Caamsaa 19
Wal dandaʼuu fi tola waliif dhiisuu keessan itti fufaa.—Qol. 3:13.
Baayʼeen keenya namoota nama isaanii wajjin hojjetutti, nama isaanii wajjin baratutti, fira isaaniitti ykn miseensa maatii isaaniitti waggoota hedduudhaaf haaloo qabatan beekna! Obboloonni Yoseef kurnan haaloo isatti qabachuun isaanii yeroo booda jibbaan kakaʼanii miidhaa akka isa irraan geessisan akka godhe yaadadhu. (Uma. 37:2-8, 25-28) Yoseef garuu haaloo isaanitti hin baane! Yeroo aangoo haaloo isaanitti baʼuuf isa dandeessisu argatetti illee, gara laafina isaanitti argisiiseera. Yoseef haaloo isaanitti hin qabanne. Kanaa mannaa, tarkaanfiin inni fudhate gorsa yeroo booda Leewwota 19:18 irratti kennamee wajjin kan wal simu dha. (Uma. 50:19-21) Yoseef haaloo qabachuus taʼe haaloo baʼuu dhiisuun isaa Kiristiyaanota Waaqayyoon gammachiisuu barbaadaniif fakkeenya guddaa taʼa. Yesuus nama balleessaa nu irratti raawwateef dhiifama akka goonu nu gorseera. (Mat. 6:9, 12) Haaluma wal fakkaatun, Phaawulos ergamaanis Kiristiyaanota hidhata isaa taʼaniin, “Yaa obboloota jaallatamo . . . ofii keessanii haaloo hin baʼinaa” jechuudhaan gorseera.—Rom. 12:19. w21.12 11 key. 13-14
Sanbadduraa, Caamsaa 20
Inni fedhii warra isa sodaatanii ni quubsa; iyya gargaarsa argachuuf dhageessisan ni dhagaʼa, isaan ni oolchas.—Far. 145:19.
Dhaloota Kiristoos Booda, Niisaan 14, bara 33tti erga galgalaaʼee booda Yesuus gara iddoo biqiltuu Getesemaanee dhaqe. Achittis kadhannaa garaadhaa madde Yihowaatti dhiheesse. (Luq. 22:39-44) Yeroo kanatti Yesuus “sagalee guddaa fi imimmaaniin . . . wawwaannaa” dhiheesse. (Ibr. 5:7) Waaʼee maalii kadhate? Yihowaadhaaf amanamaa taʼee itti fufuu fi fedhii isaa raawwachuuf jabina isa barbaachisu akka isaaf kennu kadhateera. Yihowaan kadhannaa Ilmi isaa dhiphina guddaadhaan dhiheesse dhagaʼuudhaan maleekaan tokko akka isa jajjabeessu ergeera. Yesuus maqaa Abbaa isaa qulqulleessuuf itti gaafatamummaa guddaan akka isa irra jirus hubatee ture. Yihowaan kadhannaa Yesuus isa garaadhaa madde dhagaʼeera. Maaliif? Wanti hunda caalaa Yesuusiin yaaddessu Abbaa isaatiif amanamaa taʼee itti fufuu fi maqaa isaa qulqulleessuu waan taʼeefi. Nutis wanti hunda caalaa nu yaaddessu akkasuma gochuu yoo taʼe, inni kadhannaa gargaarsaaf dhiheessinuuf deebii akka kennu mirkanaaʼoo taʼuu dandeenya.—Far. 145:18. w22.01 18 key. 15-17
Dilbata, Caamsaa 21
Kanaafuu, dhaqaatii saboota hundumaa keessaa namoota barattoota koo godhaa . . . isaan cuuphaa; [akkasumas] . . . isaan barsiisaa.—Mat. 28:19, 20.
Namoonni yeroo harʼaa jiran hedduun siyaasa irraa walaba waan taaneef nutti gufatu. Filannoo irratti akka hirmaannu nurraa eegu. Taʼus, akka ilaalcha Yihowaatti namni tokko akka nu bulchu yoo filanne, isa tuffachuu akka taʼe ni hubanna. (1 Sam. 8:4-7) Kana malees namoonni, manneen barumsaa fi hospitaalota akka ijaarru, akkasumas hojiiwwan gargaarsaa irratti hirmaachuu akka qabnu isaanitti dhagaʼama. Rakkoowwan addunyaatiif furmaata hatattamaa fiduu mannaa, hojii misiraachicha labsuu irratti waan xiyyeeffannuuf ni gufatu. Gufachuu irraa ooluu kan dandeenyu akkamitti? (Mat. 7:21-23) Galmi keenya inni guddaan hojii Yesuus akka hojjennu nu ajaje hojjechuu taʼuu qaba. Dhimma siyaasaa fi hawaasaa addunyaa kanaatiin matumaa yaanni keenya hihhiramuu hin qabu. Namoota kan jaallannuu fi rakkinni isaanii kan nu yaaddessu taʼus, karaan ollaawwan keenya itti gargaarru inni guddaan waaʼee Mootummaa Waaqayyoo isaan barsiisuu fi Yihowaa wajjin hariiroo akka uuman isaan gargaaruu akka taʼe beekna. w21.05 7 key. 19-20
Wiixata, Caamsaa 22
Guyyoota dhumaatti yeroon addaa baayʼee rakkisaa taʼe [ni dhufa].—2 Xim. 3:1.
Bulchitoonni sabootaa hedduun Waaqayyoon akka tajaajilan kan dubbatan taʼus, aangoo isaanii dabarsanii kennuu hin barbaadan. Kanaafuu, akkuma bulchitoonni bara Yesuus turan godhan, bulchitoonni yeroo harʼaatti argamanis duuka buutota isaa irratti haleellaa banuudhaan isa Yihowaan dibe mormaa jiru. (HoE. 4:25-28) Yihowaan saboota ergaa isaa hin fudhanne irratti murtoo akkamii dabarsa? Faarfannaan 2:10-12 deebii akkana jedhu kenna: “Kanaafuu, isin mootonni hubannaa qabaadhaa; isin abbootiin murtii lafaas sirreeffama fudhadhaa. Sodaadhaan Yihowaa tajaajilaa, isaaf hollachuuttis gammadaa. Ilma isaatiif ulfina kennaa, taʼuu baannaan Waaqayyo ni dheekkama, isinis karaa irraa ni balleeffamtu, sababiin isaas, dheekkamsi isaa dafee bobaʼa. Warri isatti kooluu galan hundi gammadoo dha.” Yihowaan gaarummaadhaan kakaʼee mormitoota kanaaf carraa kenneera. Amma iyyuu yaada isaanii jijjiiranii Mootummaa Yihowaa fudhachuu ni dandaʼu. Taʼus, jiraachaa kan jirru “guyyoota dhumaa” sirna kanaa keessa waan taʼeef yeroon hafe muraasa dha. (Isa. 61:2) Kanaafuu, dafanii dhugaa barachuudhaan Yihowaa tajaajiluu caalaa wanti ariifachiisaa taʼe hin jiru. w21.09 15-16 key. 8-9
Kibxata, Caamsaa 23
Nyaataa fi uffata yoo qabaanne wantoota kanatti gammannee jiraachuu qabna.—1 Xim. 6:8.
Phaawulos, wanta qabnu kamitti iyyuu gammannee jiraachuu qabna jechaa jira. (Filp. 4:12) Hundumaa caalaa iddoo guddaa kan kenninu qabeenya keenyaaf utuu hin taʼin, michummaa Yihowaa wajjin qabnuufi dha. (An. 3:17, 18) Israaʼelonni waggoota 40f lafa onaa keessa erga jiraatanii booda wanta Museen isaaniin jedhe qalbeeffadhu: “Waaqni kee Yihowaan wanta goote hundumaa irratti si eebbiseera. . . . Waggoota 40 kanatti Waaqni kee Yihowaan sii wajjin ture; wanti sitti hirʼates hin jiru.” (Kes. 2:7) Yihowaan waggoota 40mman kana keessatti Israaʼelota mannaa sooraa ture. Uffanni Gibxii keessaa uffatanii baʼan isaan irratti hin dhumne. (Kes. 8:3, 4) Yihowaan wanta qabnutti gammannee yoo jiraanne nutti gammada; wanta xixinnoo nuu kenneef illee akka galateeffannuu fi wantoonni kun kennaa isaa akka taʼan akka hubannu barbaada. w22.01 5 key. 10-11
Roobii, Caamsaa 24
Garaa kee guutuudhaan Yihowaatti amanami, hubannaa ofii keetiittis hin hirkatin.—Fak. 3:5.
Abbootiin manaa maatii keessan kunuunsuuf itti gaafatamummaa waan qabdaniif, eegumsa isaaniif gochuu fi wanta isaaniif barbaachisu isaaniif dhiheessuuf jabaattanii hojjettu. Yommuu rakkinni isin mudatu rakkina sanaaf ofuma keessanii furmaata kennuu akka dandeessan isinitti dhagaʼama taʼa. Haa taʼu malee, jabina ofii keessaniitti amanamuu irraa of eegaa. Kanaa mannaa, dhuunfaatti Yihowaan akka isin gargaaru isa kadhadhaa. Kana malees, haadha manaa keessanii wajjin taʼuudhaan kadhannaa garaadhaa madde dhiheessaa. Kitaaba Qulqulluu fi barreeffamoota jaarmiyaan Waaqayyoo qopheesse qoʼachuudhaan qajeelfama Yihowaa argachuuf yaalaa, akkasumas gorsa argattan hojii irra oolchaa. Tarii warri kaan murtoo Kitaaba Qulqulluu irratti hundaaʼuudhaan murteessitan irratti walii hin galan taʼa. Tarii qarshiinii fi wanti qarshiin bitu maatii keessaniif eegumsa akka argamsiisu dubbachuu dandaʼu. Haa taʼu malee, seenaa Yoshaafaax Mootichaa yaadadhaa. (2 Sen. 20:1-30) Inni Yihowaatti amanameera; kanas gocha isaatiin argisiiseera. Yihowaan nama amanamaa kana hin dhiisne; isiniinis hin dhiisu.—Far. 37:28; Ibr. 13:5. w21.11 15 key. 6; 16 key. 8
Kamisa, Caamsaa 25
[Waaqni] matumaa haqa hin [jalʼisu].—Kes. 32:4.
Waaqayyo akka bifa isaatti waan nu uumeef namoonni haqa akka argatan barbaanna. (Uma. 1:26) Haa taʼu malee, dhimma tokko ilaalchisee wanta hunda akka beeknu yeroo nutti dhagaʼamutti illee cubbamoota waan taaneef murtoo sirrii hin taane kennuu dandeenya. Fakkeenyaaf, Yoonaas murtoo Yihowaan namoota Nanawweetti gara laafina argisiisuuf godhetti hammam akka gadde yaadadhu. (Yon. 3:10–4:1) Haa taʼu malee, Yihowaan gara laafina isaanitti argisiisuun isaa buʼaa akkamii argamsiise? Namoonni Nanawwee yaada geddaratan 120,000 ol taʼan ooluu dandaʼaniiru. Dhuma irratti ilaalcha dogoggoraa kan qabu Yihowaa utuu hin taʼin, Yoonaas akka ture ifa taʼeera. Yihowaan sababii murtoo tokko itti godhe namootaaf ibsuuf dirqamni isa irra hin jiru. Dhugaa dha, Yihowaan kanaan dura tajaajiltoonni isaa murtoo inni godhe ykn gochuuf jedhu tokko ilaalchisee miira isaanii akka ibsan heyyameera. (Uma. 18:25; Yon. 4:2, 3) Murtoo tokko kan godhe maaliif akka taʼe yeroo itti ibses qaba. (Yon. 4:10, 11) Haa taʼu malee, Yihowaan tarkaanfii tokko fudhachuu isaa dura ykn erga fudhatee booda heyyama keenya argachuun isa hin barbaachisu.—Isa. 40:13, 14; 55:9. w22.02 4 key. 5-6
Jimaata, Caamsaa 26
Isin keessaa inni hunda irra caalu, akka isa quxisuu hundumaa haa taʼu; inni dura buʼaa taʼes akka tajaajilaa haa taʼu.—Luq. 22:26.
‘Warri kaan akka nu irra caalan goonee yoo yaanne,’ ‘akka isa quxisuu hundumaatti’ of ilaalla. (Filp. 2:3) Ilaalcha akkasii caalaatti horachaa yeroo deemnu carraan warra kaan itti gufachiisnu xiqqaachaa deema. Obboloonnii fi obboleettonni keenya hundi karaa taʼe tokkoon nu caalu. Amaloota gaggaarii isaan qaban irratti yoo xiyyeeffanne kana hubachuun nuuf salphata. Gorsa Phaawulos warra Qorontosiif kenne kanaaf xiyyeeffannaa kennuu qabna: “Eenyutu siin isa kaan irraa adda godhe? Wanta hin fudhanne maal qabda? Fudhatteetta taanaan immoo, akka waan hin fudhanneetti maaliif of jajja?” (1 Qor. 4:7) Xiyyeeffannaa akka ofitti hin harkisne ykn warra kaan irra akka caallutti akka hin yaanne of eeggachuu qabna. Obboleessi tokko haasaa dhiheessuu irratti dandeettii guddaa qaba taʼa; obboleettiin tokko immoo qoʼannaa Kitaaba Qulqulluu jalqabsiisuu irratti dandeettii guddaa qabdi taʼa; taʼus lamaan isaanii iyyuu milkaaʼina argatan kanaaf Yihowaadhaaf ulfina kennuu qabu. w21.06 21-22 key. 9-10
Sanbadduraa, Caamsaa 27
Sanyii kee facaasi, . . . harki kee hin boqotin.—Lal. 11:6.
Dhugaa Baatonni hedduun namoota manatti argachuun caalaatti isaanitti ulfaachaa dhufeera. Babalʼistoonni tokko tokko naannoo appaartaamaa eegumsa cimaa qabuu jiraatu. Namni jiraattota achi keessaatiin hin afeeramne kam iyyuu akka ol hin seenne eegduun dhowwu jiraachuu dandaʼa. Babalʼistoonni kaan immoo namoonni isaan manatti argatan muraasa dha ykn naannoowwan namoonni muraasni qofti jiraatanitti lallabu. Nama tokko qofa argachuuf karaa dheeraa deemuu dandaʼu. Tarii immoo innumti iyyuu mana jiraachuu dhiisuu dandaʼa. Rakkinni akkasii nu mudachaa jira taanaan abdii kutachuu hin qabnu. Yeroo kan biraatti namoota argachuuf yaalaa. Yeroo namoonni manatti argamuu dandaʼanitti yoo lallabne namoota dabalataa argachuu dandeenya. Sababiin isaas namni hundi yeroo taʼe tokkotti manatti ni deebiʼa. Obboloonnii fi obboleettonni hedduun saʼaatii booda ykn gara galgalaa lallabuun gaarii taʼee argataniiru. Sababiin isaas namoota hedduu argachuu dandaʼu. Dabalataanis namoonni kun yeroo kanatti caalaatti tasgabbaaʼuu fi mariʼachuuf fedhii qabaachuu dandaʼu. w21.05 15 key. 5, 7
Dilbata, Caamsaa 28
Akka waan dubbii koo taʼetti ajaja namootaa waan barsiisaniif, isaan akkanumaan na waaqeffatu.—Mar. 7:7.
Yeroo harʼaatti rakkinni walfakkaatu jiraa? Eeyyee. Namoonni Yeroo harʼaa jiran hedduun Dhugaa Baatonni Yihowaa aadaawwan deggersa Kitaaba Qulqulluu hin qabne, kan akka guyyaa dhalootaa fi Ayyaana Qillee isaanii wajjin waan hin kabajneef ni gufatu. Kaan immoo, Dhugaa Baatonni Yihowaa ayyaana biyyoolessaa waan isaan wajjin hin kabajneef ykn aadaa awwaalchaa deggersa Kitaaba Qulqulluu hin qabne irratti waan hin hirmaanneef ni aaru. Namoonni karaa kanaan gufatan Waaqayyoon karaa fudhatama qabuun waaqeffachaa akka jiran garaadhaa amanu taʼa. Haa taʼu malee, barumsa Kitaaba Qulqulluu dhiisanii aadaa addunyaa yoo filatan isa hin gammachiisan. (Mar. 7:8, 9) Gufachuu irraa ooluu kan dandeenyu akkamitti? Seerawwanii fi qajeelfamoota Yihowaatiif jaalala guddaa horachuu qabna. (Far. 119:97, 113, 163-165) Yihowaa yommuu jaallannu aadaawwan isa hin gammachiisne kam irraa iyyuu ni fagaanna. Wanti kam iyyuu jaalala Yihowaaf qabnu akka caalu hin heyyamnu. w21.05 6 key. 15-16
Wiixata, Caamsaa 29
Wantoota hundumaa keessatti dandeettii hubannaa kee eeggadhu, rakkina keessatti jabaadhuu dhaabbadhu, hojii lallabaan wangeelaa hojjetu hojjedhu.—2 Xim. 4:5.
Gorsa Phaawulos ergamaa kana hojii irra oolchuu kan dandeenyu akkamitti? Dhaabbataadhaan qoʼachuu, yeroo hunda kadhachuu fi hojii Yihowaan nuu kenne hojjechuu irratti qabamuudhaan amantii keenya cimsachuu qabna. (2 Xim. 4:4) Amantii kan qabnu yoo taʼe, oduu dogoggoraa yommuu dhageenyu garmalee hin sodaannu. (Isa. 28:16) Jaalalli Yihowaaf, Dubbii isaa fi obboloota keenyaaf qabnu warra dhugaa dhiisanii baʼaniin akka hin gufanne nu eega. Jaarraa tokkoffaatti namoonni hedduun waan gufataniif Yesuusiin fudhachuu didaniiru. Taʼus, namoonni isatti amanan hedduunis jiru. Kun immoo yoo xinnaate miseensa Saanhediriin tokkoo fi ‘luboota hedduu’ dabalata. (HoE. 6:7; Mat. 27:57-60; Mar. 15:43) Haaluma wal fakkaatuun, yeroo harʼaa namoonni miliyoonaan lakkaaʼaman hin gufanne. Maaliifi? Dhugaa Kitaaba Qulqulluu keessa jiru beeku, ni jaallatus. Dubbiin Waaqayyoo, “Warri seera kee jaallatan nagaa hedduu qabu; Homtuu isaan gufachiisuu hin dandaʼu” jedha.—Far. 119:165. w21.05 13 key. 20-21
Kibxata, Caamsaa 30
Humni koo guutuu kan taʼu yeroo ati dadhabdutti dha.—2 Qor. 12:9.
Phaawulos ergamaan wanta tajaajila Yihowaa keessatti raawwate hunda jabina ofii isaatiin utuu hin taʼin, gargaarsa Waaqayyootiin akka raawwate hubateera. Phaawulos ariʼatamni, hidhaa fi rakkoowwan kan biroon kan isa mudatan taʼus, Yihowaan hafuura qulqulluu isaatiin humna tajaajila isaa guutummaatti raawwachuuf isa gargaaru isaaf kenneera. Ximotewos inni michuu Phaawulos taʼes tajaajila isaa raawwachuuf humna Waaqayyootti amanamuun isa barbaachisee ture. Ximotewos imala misiyoonummaa dheeraa Phaawulos godhe irratti isaa wajjin deemeera. Kana malees, adeemsa dabalataa gochuudhaan gumiiwwan akka daawwatuu fi akka jajjabeessu Phaawulos isa ergeera. (1 Qor. 4:17) Ximotewos gaʼumsa akka hin qabne isatti dhagaʼamee taʼuu dandaʼa. Tarii Phaawulos, “Eenyu illee dargaggummaa kee akka tuffatu hin heyyamin” jedhee kan isa gorse kanaaf taʼuu dandaʼa. (1 Xim. 4:12) Ximotewosis yeroo kanatti qoree foon waraanu, jechuunis ‘dhukkuba deddeebiʼee itti kaʼu’ qaba ture. (1 Xim. 5:23) Taʼus Ximotewos Yihowaan hafuura isaa isa humna guddaa qabuun jabina misiraachicha labsuu fi obboloota isaa tajaajiluuf isa gargaaru akka isaaf kennu beeka ture.—2 Xim. 1:7. w21.05 21 key. 6-7
Roobii, Caamsaa 31
Hoolota kee akka gaariitti kunuunsi.—Fak. 27:23.
Qajeelfamni Yaaqoob 1:19 irratti argamu warra gorsa kennaniifis ni hojjeta. Yaaqoob, “Namni hundi dhaggeeffachuuf ariifataa, dubbachuuf suuta jedhaa, dheekkamuufis suuta jedhaa haa taʼu” jedhee barreesseera. Jaarsi tokko waaʼee nama tokkoo guutummaatti akka beeku isatti dhagaʼama taʼa; garuu dhuguma beekaa? Fakkeenyi 18:13 yaadachiisa, “Namni kam iyyuu odeeffannoo jiru dhagaʼuu isaa dura dhimma tokkoof deebii yoo kenne, gowwummaa fi salphina isatti taʼa” jedhu nuuf kenna. Waaʼee wanta tokkoo kallattiidhaan namuma sana irraa dhagaʼuun gaarii dha. Kun immoo dubbachuu dura dhaggeeffachuu gaafata. Jaarsi tokko akkana jedhee gaafata taʼa: ‘Rakkinni si mudate jiraa? Maal si gargaaru?’ Jaarsoliin yeroo fudhatanii haala isaan keessa jiran beekuuf kan carraaqan yoo taʼe, obbolootaa fi obboleettota isaanii caalaatti gargaaruu fi jajjabeessuu dandaʼu. Kennuun caqasoota muraasa dubbisuu fi yaada tokko tokko kennuu caalaa wanta dabalatu qaba. Obboloonnii fi obboleettonni keenya akka isaaniif yaannu, miira isaanii akka isaaniif hubannu, akkasumas isaan gargaaruu akka barbaannu hubachuu qabu. w22.02 17 key. 14-15