LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • es23 ful. 57-67
  • Waxabajjii

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Waxabajjii
  • Kitaaba Qulqulluu Guyyaa Guyyaan Qoruu—2023
  • Mata Dureewwan Xixiqqaa
  • Kamisa, Waxabajjii 1
  • Jimaata, Waxabajjii 2
  • Sanbadduraa, Waxabajjii 3
  • Dilbata, Waxabajjii 4
  • Wiixata, Waxabajjii 5
  • Kibxata, Waxabajjii 6
  • Roobii, Waxabajjii 7
  • Kamisa, Waxabajjii 8
  • Jimaata, Waxabajjii 9
  • Sanbadduraa, Waxabajjii 10
  • Dilbata, Waxabajjii 11
  • Wiixata, Waxabajjii 12
  • Kibxata, Waxabajjii 13
  • Roobii, Waxabajjii 14
  • Kamisa, Waxabajjii 15
  • Jimaata, Waxabajjii 16
  • Sanbadduraa, Waxabajjii 17
  • Dilbata, Waxabajjii 18
  • Wiixata, Waxabajjii 19
  • Kibxata, Waxabajjii 20
  • Roobii, Waxabajjii 21
  • Kamisa, Waxabajjii 22
  • Jimaata, Waxabajjii 23
  • Sanbadduraa, Waxabajjii 24
  • Dilbata, Waxabajjii 25
  • Wiixata, Waxabajjii 26
  • Kibxata, Waxabajjii 27
  • Roobii, Waxabajjii 28
  • Kamisa, Waxabajjii 29
  • Jimaata, Waxabajjii 30
Kitaaba Qulqulluu Guyyaa Guyyaan Qoruu—2023
es23 ful. 57-67

Waxabajjii

Kamisa, Waxabajjii 1

Dubartii hiyyeettiin abbaan manaa irraa duʼe tokko dhuftee saantima xixinnoo gatii gad aanaa qaban lama achi keessa buuste.—Mar. 12:42.

Dubartii hiyyeettii abbaan manaa irraa duʼe kanatti jireenyi baayʼee ulfaatee ture; wantoota jireenyaaf buʼuura taʼan argachuun illee baayʼee ishii rakkisee taʼuu dandaʼa. Taʼus, saanduqawwan buusii keessaa gara isa tokkoo dhaqxee suuta jettee saantima xixinnoo lama keessa buuste. Saantima ishii yommuu saanduqicha keessa buustu sagalee kan hin dhageessisne taʼuu dandaʼa. Yesuus hammam akka buuste beeka; saantima leeptaa lama, jechuunis saantima bara sanatti ture keessaa isa baayʼee xinnoo taʼe buuste. Saantimni kun dimbiixii baayʼee rakasa taatee fi nyaataaf gurguramtu tokko illee bituu hin dandaʼu ture. Yesuus dubartii abbaan manaa irraa duʼe tana baayʼee dinqisiifateera. Kanaafuu, barattoota isaa waamee, dubartii abbaan manaa irraa duʼe sanatti quba qabuudhaan, “Dubartii hiyyeettiin abbaan manaa irraa duʼe tun warra . . . kaan hundumaa caalaa buuste” jedhe. Achiis akkana jedhee ibse: “Hundi isaanii [keessumaa namoonni sooreyyiin] wanta isaan irraa hafe buusan; ishiin garuu hiyyeettii taatus wanta qabdu hundumaa, jechuunis wanta ittiin jiraattu hundumaa buuste.” (Mar. 12:43, 44) Dubartiin amanamtuun abbaa manaa irraa duʼe tun saantima qabdu ishii dhumaa yommuu kennitu, Yihowaan akka ishii kunuunsu isatti amanamtee turte.—Far. 26:3. w21.04 6 key. 17-18

Jimaata, Waxabajjii 2

Kunoo, Yerusaalemiin barumsa keessaniin guuttaniittu.—HoE. 5:28.

Yesuus yeroo lafa irra tajaajilaa ture hundatti ilaalcha sirrii qaba ture; duuka buutonni isaas tajaajilaaf ilaalcha sirrii akka qabaatan barbaada ture. (Yoh. 4:35, 36) Yeroo isaanii wajjin turetti barattoonni isaa hojii lallabaatiif hinaaffaa guddaa qabu turan. (Luq. 10:1, 5-11, 17) Taʼus yeroo inni qabamee ajjeefametti yeroo muraasaaf hinaaffaa lallabuuf qaban dhabanii turan. (Yoh. 16:32) Yesuus erga duʼaa kaʼee booda hojii lallabaa irratti akka xiyyeeffatan isaan jajjabeesseera. Erga gara samiitti ol baʼee booda, hinaaffaa guddaadhaan waan lallabaniif, diinonni isaanii yaada caqasa guyyaa harʼa irra jiru dubbachuudhaan komii dhiheessanii turan. Yesuus hojii Kiristiyaanonni jaarraa jalqabaa hojjetan geggeessee ture. Yihowaanis guddina akka argatan gochuudhaan isaan eebbiseera. Fakkeenyaaf, Dh.K.B. bara 33 guyyaa Phenxeqosxeetti, namoonni gara 3,000 cuuphamaniiru. (HoE. 2:41) Guddinni barattootaa kun immoo dabaluu isaa itti fufee ture. (HoE. 6:7) Taʼus, Yesuus guyyoota dhumaatti namoonni dabalataa hedduun misiraachicha akka fudhatan raajii dubbateera.—Yoh. 14:12; HoE. 1:8. w21.05 14 key. 1-2

Sanbadduraa, Waxabajjii 3

Namni anatti hin gufanne gammadaa dha.—Mat. 11:6.

Yeroo dhugaa akka argatte itti hubatte ni yaadattaa? Wanta ati amantee fudhatte hunda namni hundi fudhachuu akka barbaadu sitti dhagaʼaamee ture. Ergaan Kitaaba Qulqulluu jireenya hiika qabuu fi abdii dinqisiisaa akka isaaniif kennu mirkanaaʼaa turte. (Far. 119:105) Kanaafuu, dhugaa baratte michoota kee fi firoota kee hundatti gammachuudhaan himte. Garuu maaltu taʼe? Baayʼeen isaanii wanta ati isaanitti himte fudhachuu diduun isaanii si dinqisiise. Namoonni ergaa nuti lallabnu fudhachuu yommuu didan nu dinqisiisuu hin qabu. Yesuus yeroo lafa irra ture dinqiiwwan deggersa Waaqayyoo akka qabu argisiisan kan raawwatte taʼus, namoonni hedduun isatti hin amanne. Fakkeenyaaf, Yesuus Alaazaariin duʼaa kan kaase siʼa taʼu, dinqii kanas warri isa morman illee haaluu hin dandeenye. Haa taʼu malee, geggeessitoonni Yihudii Yesuusiin akka Masiihiitti hin simanne. Kanaa mannaa, Yesusiinis taʼee Alaazaariin ajjeesuu barbaadan!—Yoh. 11:47, 48, 53; 12: 9-11. w21.05 2 key. 1-2

Dilbata, Waxabajjii 4

Walitti qabamuu keenya hin dhiisnu; kanaa mannaa, . . . wal haa jajjabeessinu.—Ibr. 10:25.

Yeroo hundumaa walgaʼii irratti argamuuf carraaqqii godhi. Taanaan sagantaa dhihaatu irraa jajjabina argatta, akkasumas obbolootaa fi obboleettota kee wajjin wal baruu dandeessa. Gumii keessaa michoota irraa barachuu dandeessu barbaaddadhu. Tarii, umuriin ykn aadaan isaanii kan kee irraa adda taʼuu dandaʼa. Kitaabni Qulqulluun, “ogummaan warra dullooman gidduutti” akka argamu dubbata. (Iyo. 12:12) Maanguddoonnis dargaggoota amanamoo taʼan irraa wanta hedduu barachuu dandaʼu. Yonaataan umuriidhaan Daawit irra baayʼee caala. Taʼus haalli kun michummaa cimaa akka hin uumne isaan hin daangessine. (1 Sam. 18:1) Daawitii fi Yonaataan haala rakkisaa hedduu keessatti wal gargaaranii Yihowaa tajaajilaniiru. (1 Sam. 23:16-18) Irinaa ishiin maatii ishii keessaa yeroo ammaatti ishiin qofti Dhugaa Baatuu Yihowaa taate akkana jetteetti: “Obboloonnii fi obboleettonni keenya dhugumaan warraa fi obbolaa nuuf taʼuu dandaʼu. Yihowaan isaanitti fayyadamee gargaarsa nu barbaachisu nuuf gochuu dandaʼa.” Michoonni kee si jajjabeessuu fi si deggeruu barbaadu; taʼus kana kan godhan akkamitti akka taʼe akka isaanitti himtu barbaadu. w21.06 10-11 key. 9-11

Wiixata, Waxabajjii 5

Tokkoon tokkoon keessan obboleessa keessaniif garaadhaa dhiifama hin gootan taanaan, Abbaan koo inni samii akkanuma isin irratti godha.—Mat. 18:35.

Yesuus fakkeenya waaʼee mootii tokkoo fi garbicha isaa dubbatu isaanitti hime. Mootiin kun liqii guddaa garbichi isaa matumaa kaffaluu hin dandeenye isaaf dhiiseera. Booda garuu garbichi kun liqii xinnoo garbichi kan biraan isa irraa liqeeffate isaaf dhiisuu dide. Kanaan kan kaʼes mootichi garbicha gara jabeessa taʼe sana mana hidhaa galche. Gochi garbicha sanaa isa qofa utuu hin taʼin warra kaanis miidheera. Tokkoffaa, “hanga inni liqii isa irra jiru kaffalutti mana hidhaa akka galu” gochuudhaan nama akkuma isaa garbicha taʼe sana miidheera. Lammaffaa immoo, garboota gocha isaa kana ilaalaa turan kaan miidheera. “Namoonni akkuma isaa garboota taʼan wanta taʼe kana yommuu argan baayʼee gaddan.” (Mat. 18:30, 31) Haaluma wal fakkaatuun, gochi keenya warra kaan miidhuu dandaʼa. Nama balleessaa nu irratti raawwate tokkoof dhiifama gochuu yoo didne maaltu uumamuu dandaʼa? Tokkoffaa, dhiifama, xiyyeeffannaa fi jaalala keenya isa dhowwachuudhaan isa miina. Lammaffaa immoo, warri gumii keessa jiran kaan nuti nama sanaa wajjin nagaa akka hin qabne waan hubataniif dhiphachuu dandaʼu. w21.06 22 key. 11-12

Kibxata, Waxabajjii 6

[Inni] warra lafa mancaasan [ni balleessa].—Mul. 11:18.

Seexanni naamusni namoota akka bifa Waaqayyootti uumamanii yeroo mancaʼu arguun isa gammachiisa. Waaqayyo bara Nohitti “hamminni namaa lafa irratti akka baayʼate” yeroo argetti “lafa irratti nama tolchuu isaatti ni gaabbe; garaan isaas ni gadde.” (Uma. 6:5, 6, 11) Sana booda hoo addunyaan kun fooyyaʼeeraa? Matumaa. Halalummaa namoota saala walfakkaatu qaban gidduuttii fi saala faallaa qaban gidduutti raawwatamu dabalatee, gosti halalummaa hundi baramaa taʼuun isaa Seexana baayʼee gammachiisa. (Efe. 4:18, 19) Keessumaa Seexanni yeroo namoonni Yihowaa waaqeffatan cubbuu cimaa hojjetan baayʼee gammada. Bulchiinsa Seexanaa jalatti, namni “nama isa kan biraa irratti aangoo kan qabaate isa miidhuuf jedhee ti.” Kana qofa utuu hin taʼin, ilmaan namootaa lafaa fi bineeldota Yihowaan akka isaan kunuunsaniif imaanaadhaan isaanitti kennes miidhaa jiru. (Lal. 8:9; Uma. 1:28) Kun hoo maal geessiseera? Qorattoonni tokko tokko gochi ilmaan namootaa waggoota muraasa keessatti sanyiiwwan dabalataa miliyoona tokko taʼan akka badan gochuu akka dandaʼu akeekkachiisaniiru. w21.07 12 key. 13-14

Roobii, Waxabajjii 7

Dhiifamni [Yihowaa] guddaa [dha].—Isa. 55:7.

Tajaajiltoonni Waaqayyoo tokko tokko dogoggora duraan raawwataniin kan kaʼe miirri balleessaa yeroo hunda isaanitti dhagaʼama. Garaan isaanii inni isaan ceephaʼu cubbuu isaanii irraa yaada kan geddaratan taʼus, Yihowaan matumaa dhiifama akka isaaniif hin goone isaan amansiiseera. Miira akkasii wajjin walʼaansoo gochaa jirta yoo taʼe, Waaqayyo tajaajiltoota isaa amanamootti jaalala amanamaa argisiisuu akka barbaadu beekuun kee qalbii qulqulluu qabaattee gammachuudhaan Yihowaa tajaajiluuf si gargaara. Sababni isaas, “dhiigni Ilma isaa Yesuus cubbuu hundumaa irraa nu qulqulleessa.” (1 Yoh. 1:7) Dogoggora raawwatte tokkoon kan kaʼe jeeqamaa jirta yoo taʼe, Yihowaan nama cubbuu isaa irraa yaada geddarateef dhiifama gochuuf fedhii guddaa akka qabu yaadadhu. Daawit faarfatichi jaalala amanamaa fi dhiifama gochuu akkamitti wal qabsiisee akka ibse qalbeeffadhu. Akkana jedheera: “Hammuma samiin lafa irraa ol fagaatu, jaalalli isaa inni amanamaan namoota isa sodaatanitti argisiisu guddaa dha. Akkuma bahi biiftuu lixa biiftuu irraa fagaatu, balleessaa keenya nu irraa fageesseera.”—Far. 103:11, 12. w21.11 5-6 key. 12-13

Kamisa, Waxabajjii 8

Ijoolleen ishii kaʼanii gammadduu akka taate dubbatu; abbaan manaa ishiis kaʼee ishii jajata.—Fak. 31:28.

Abbaan manaa Kiristiyaana taʼe tokko haadha manaa isaatiif ulfina akka qabu argisiisuu qaba. (1 Phe. 3:7) Nama tokkoof ulfina qabaachuun immoo nama sanaaf xiyyeeffannaa addaa kennuu fi isa kabajuu dabalata. Fakkeenyaaf, abbaan manaa haadha manaa isaatiif ulfina qabu iddoo guddaa ishiidhaaf kenna. Wanta gochuu dandeessu caalaa ishii irraa hin eegu. Kana malees, matumaa dubartoota kaanii wajjin wal bira ishii hin qabu. Akkas kan godhu yoo taʼe dhiibbaa akkamii qabaachuu dandaʼa? Abbaan manaa Roosaa inni Dhugaa Baatuu Yihowaa hin taane yeroo baayʼee dubartoota kaanii wajjin wal bira ishii qaba ture. Dubbii gadheen inni dubbatu Roosaan ofitti amanannaa akka dhabdu qofa utuu hin taʼin, eenyu iyyuu akka ishii hin jaallanne akka ishiitti dhagaʼamu godhee ture. “Yeroo hundumaa namni Yihowaan iddoo guddaa akka naaf kennu na yaadachiisu na barbaachisa ture” jetteetti. Haala kana irraa faallaa taʼeen, abbaan manaa Kiristiyaana taʼe tokko haadha manaa isaa ni kabaja. Akkas gochuun isaa hariiroo ishii wajjinis taʼe Yihowaa wajjin qabu irratti dhiibbaa gaarii akka godhu beeka. Abbaan manaa haadha manaa isaatiif ulfina qabu ishii jajata, akka ishii jaallatu ishiidhaaf mirkaneessa, akkasumas ishii galateeffata. w21.07 22 key. 7-8

Jimaata, Waxabajjii 9

Obsaan nan eeggadha.—Mik. 7:7.

Miʼa barbaaddu tokko yeroo yaaddetti yoo argachuu baatte ni gadditaa? Miʼi sun yeroo ati yaaddetti kan hin dhufne sababii quubsaan waan jiruuf akka taʼe yoo beekte obsaan eeguuf fedhii hin qabaattuu? Yaanni obsi baayʼee barbaachisaa taʼuu isaa argisiisu, Fakkeenya 13:11 irratti ibsameera. Caqasichi akkana jedha: “Qabeenyi saffisaan argame xiqqaachaa deema, qabeenyi namni tokko xinnuma xinnoodhaan walitti qabatu garuu ittuma dabalaa deema.” Caqasa kana irraa maal baranna? Namni wanta tokko obsaan suutuma suuta hojjetu ogeessa dha. Fakkeenyi 4:18, “Daandiin qajeelotaa . . . akkuma ifa ganamaa isa akka gaariitti ifuu ti; hamma akka ifa saafaa taʼuttis ifni isaa ittuma dabalaa deema” jedha. Yaanni kun akkaataa Yihowaan suutuma suuta kaayyoo isaa saba isaatiif itti ibsu akka gaariitti kan argisiisu dha. Caqasni kun akkaataa Kiristiyaanni tokko jireenya isaa keessatti guddina hafuuraa itti godhus kan argisiisu dha. Guddinni hafuuraa wanta ariitiidhaan bira geenyu miti. Kanaa mannaa, wanta yeroo fudhatu dha. w21.08 8 key. 1, 3-4

Sanbadduraa, Waxabajjii 10

Kunoo ani jira! Ana ergi!—Isa. 6:8.

Yeroo dhumni sirna kanaa dhihaachaa deemu hojiin hojjennus dabalaa deema. (Mat. 24:14; Luq. 10:2; 1 Phe. 5:2) Hundi keenya iyyuu hamma nuuf dandaʼame Yihowaa tajaajiluu barbaanna. Obboloonni hedduun tajaajila isaanii balʼifachaa jiru. Tokko tokko qajeelchaa taʼanii tajaajiluuf galma baafataniiru. Warri kaan immoo Beetel keessa tajaajiluuf ykn hojii ijaarsa manneen tiʼookraasii irratti hirmaachuuf abdatu. Obboloonni hedduun ulaagaa tajaajilaa gumii ykn jaarsa gumii taʼuuf barbaachisu guutuuf carraaqaa jiru. (1 Xim. 3:1, 8) Yihowaan obboloota fedhiidhaan of dhiheessan akkasii yeroo argu baayʼee akka gammadu hin shakkisiisu! (Far. 110:3) Haa taʼu malee galma hafuuraa baafatte tokko irra waan hin geenyeef abdii kutatteettaa? Taanaan, wanta sitti dhagaʼamu Yihowaatti himi. (Far. 37:5-7) Akkasumas, tajaajila Yihowaadhaaf dhiheessitu fooyyessuuf maal gochuu akka qabdu gorsa akka siif kennan obboloota bilchina qaban gaafadhu; achiis gorsa siif kenname hojii irra oolchuuf wanta siif dandaʼame hunda godhi. Akkas yoo goote mirga sana argachuu ykn galma sana irra gaʼuu ni dandeessa. w21.08 20 key. 1; 21 key. 4

Dilbata, Waxabajjii 11

Yihowaan . . . warra isaaf amanamoo [taʼan] hin gatu.—Far. 37:28.

Haannaa raajittiin yeroo umuriin ishii waggaa 84 turetti illee ‘mana qulqullummaa keessaa hin dhabamtu’ turte. Yeroo hundumaa mana qulqullummaa waan dhaqxuuf, Yihowaan Yesuusiin akka argitu gochuudhaan ishii eebbiseera. (Luq. 2:36-38) Bara keenyattis, maanguddoonni amanamoo taʼan hedduun dargaggootaaf fakkeenya gaarii taʼaniiru. Muuxannoo gaggaarii jaarmiyaa Yihowaa keessatti argatan akka nutti himan yoo isaan gaafannee fi isaan dhaggeeffanne faayidaa hedduu arganna. Obboloonnii fi obboleettonni keenya maanguddoota taʼan Yihowaa fi jaarmiyaa isaa biratti iddoo guddaa qabu. Yihowaan isaaniinis taʼe jaarmiyaa isaa karaa garaa garaatiin kan eebbise akkamitti akka taʼe arganiiru. Dogoggora raawwatan irraas barumsa guddaa argataniiru. Akka ‘burqaa ogummaatti’ isaan ilaaluudhaan muuxannoo isaanii irraa baradhu. (Fak. 18:4) Isaanitti dhihaachuuf carraaqqii yoo goote amantiin kee ni jabaata. w21.09 3 key. 4; 4 key. 7-8; 5 key. 11, 13

Wiixata, Waxabajjii 12

Inni xinnaan kuma, inni hundumaa irra xinnaatus saba jabaa ni taʼa.—Isa. 60:22.

Sabni Yihowaa isa Isaayyaas, “aannan sabootaa” jechuudhaan dubbatetti fayyadamaa jiru. (Isa. 60:5, 16) Gargaarsa ogummaa fi dandeettii garaa garaa dhiironnis taʼan dubartoonni gatii guddaa qabanii fi gara dhugaatti dhufan qaban kanaan, hojiin lallabaa biyyoota 240 keessatti hojjetamaa jira; barreeffamoonni keenyas afaanota 1,000 oliin qophaaʼaa jiru. Yeroo dhumaa kanatti saboonni sochoʼuun isaanii namoonni murtoo akka godhan dirqisiisaa jira. Maarree, Mootummaa Waaqayyoo deggeruu moo mootummoota addunyaatti amanamuu filatu? Kun murtoo namni hundi gochuu qabu dha. Sabni Yihowaa seera mootummaan biyya isaanii baasuuf kan ajajaman taʼus, siyaasa addunyaa kanaa irraa guutummaatti walaba dha. (Rom. 13:1-7) Rakkoowwan ilmaan namootaatiif furmaata dhugaa kan argamsiisu Mootummaa Waaqayyoo qofa akka taʼe beeku. Mootummaan kun kutaa addunyaa kanaa miti.—Yoh. 18:36, 37. w21.09 17-18 key. 13-14

Kibxata, Waxabajjii 13

Garaa keessan isaaf banaa.—Far. 62:8.

Yommuu namni jaallattan tokko Yihowaa dhiisu of cimsuu fi miseensota maatii kee jajjabeessuu kee itti fufuun kee baayʼee barbaachisaa dha. Kana gochuu kan dandeessu akkamitti? Guyyaa guyyaadhaan Dubbii Waaqayyoo dubbisuu fi irratti xiinxaluu, akkasumas walgaʼiiwwan irratti argamuudhaan Yihowaa irraa jabina argachuu dandeessa. Joʼaanaan ishiin abbaan ishii fi obboleettiin ishii dhugaa dhiisan akkana jetteetti: “Kitaaba Qulqulluu irraa seenaa Abigaayil, Asteer, Iyyoob, Yoseefii fi Yesuus yeroon dubbisu tasgabbiitu natti dhagaʼama. Fakkeenyi isaanii na jajjabeessa, wantoota gaggaarii irratti xiyyeeffachuufis na gargaara.” Yeroo dhiphattutti kadhannaa dhiheessuu irraa duubatti hin jedhin. Haala keessa jirtuuf ilaalcha inni qabu qabaachuuf akka si gargaaruuf, akkasumas ‘hubannaa akka siif kennuu fi karaa irra deemuu qabdu ilaalchisee qajeelfama akka siif kennuuf’ Waaqa keenya isa jaalala qabeessa taʼe cimsii kadhadhu. (Far. 32:6-8) Wanta sitti dhagaʼamu Yihowaatti himuun salphaa taʼuu dhiisuu dandaʼa. Taʼus, Yihowaan dhiphina kee guutummaatti siif hubata. Wanta sitti dhagaʼamu akka isatti himtu barbaada.—Bau. 34:6; Far. 62:7. w21.09 28 key. 9-10

Roobii, Waxabajjii 14

Kun Ilma koo isa jaallatamaa, isa ani itti gammadu dha. Isa dhagaʼaa.—Mat. 17:5.

Dhaloota Kiristoos Booda bara 32​tti, Ayyaana Faasikaa booda ergamoota Yesuus keessaa Pheexiros, Yaaqoobii fi Yohaannis mulʼata ajaaʼibsiisaa tokko argan. Yesuus gaara dheeraa tokko irratti (kutaa Gaara Hermoon taʼuu hin oolu) isaan duratti ni jijjiirame. “Fuulli isaa akka aduu ife; uffanni isaas akka ifaa calaqqise.” (Mat. 17:1-4) Ergamoonni kun sagalee Waaqayyoo, “Kun Ilma koo isa jaallatamaa, isa ani itti gammadu dha. Isa dhagaʼaa” jedhu dhagaʼan. Ergamoonni sadan sunis jireenya isaanii keessatti Yesuusiin akka dhagaʼan argisiisaniiru. Nutis fakkeenya isaanii hordofuu barbaanna. Yihowaan karaa Yesuus Kiristoos isa “gumichaaf mataa” taʼee qajeelfama jaalala irratti hundaaʼe nuuf kennuu isaatti baayʼee isa galateeffanna. (Efe. 5:23) Akkuma Pheexiros, Yaaqoobii fi Yohaannis ‘isa dhagaʼuuf’ haa murteessinu. Kana gochuudhaan, akkasumas daandii qalʼoo gara jireenyaatti geessu irra deemuu keenya itti fufuudhaan, yeroo ammaatti eebba hedduu, gara fuulduraatti immoo gammachuu dhuma hin qabne arganna. w21.12 22 key. 1; 27 key. 19

Kamisa, Waxabajjii 15

Ani hamma siif malu sin adaba.—Er. 30:11.

Kiristiyaanni Qorontos keessa ture tokko haadha manaa abbaa isaa wajjin jireenya addaggummaa jiraachaa ture. Phaawulos ergamaan namni kun gumiidhaa akka baafamu gumii Qorontosiif qajeelfama kenneera. Gochi halalummaa nama kanaa namoota gumii keessa jiran irratti dhiibbaa geessisee waan tureef, isaan keessaa tokko tokko gocha isaa kanatti qaanaʼuu illee dhiisanii turan! (1 Qor. 5:1, 2, 13) Yeroo booda Phaawulos namni kun cubbuu isaa irraa garaadhaa yaada akka geddarate hubate! Phaawulos jaarsoliidhaan, “Gaarummaadhaan dhiifama isaaf gochuu fi isa jajjabeessuu qabdu” jedheera. Sababa akkas itti jedhe yeroo ibsus, “Inni gadda guddaadhaan akka hin liqimfamneef” jedheera. Phaawulos nama yaada geddarate kanaaf garaa laafeera. Balleessaa raawwateen kan kaʼe gadda guddaadhaan liqimfamee, akkasumas abdii kutatee dhiifama argachuuf carraaqqii gochuu isaa akka dhiisu hin barbaanne. (2 Qor. 2:5-8, 11) Jaarsoliin fakkeenya Yihowaa hordofuudhaan gara laafina argisiisu. Yeroo barbaachisaa taʼutti ejjennoo cimaa akka qaban kan argisiisan taʼus, yeroo sababa gaʼaa argatanitti garuu hamma isaaniif dandaʼame gara laafina ni argisiisu. Jaarsoliin nama cubbuu raawwate sirumaa hin adaban taanaan garuu, kun gara laafina akka qaban kan argisiisu miti; kanaa mannaa, balleessaa raawwatame sana akka laayyootti akka ilaalan argisiisa. w21.10 11-12 key. 12-15

Jimaata, Waxabajjii 16

Haaloo hin baʼin yookiin haaloo itti hin qabatin.—Lew. 19:18.

Miirri miidhame madaa qaamaa wajjin wal fakkaata. Madaan tokko tokko salphaa dha, tokko tokko garuu cimaa dha. Fakkeenyaaf, yeroo poostaa bannu fiixeen waraqaa quba keenya muruu dandaʼa. Jalqaba irratti madaan isaa nu dhukkubuu kan dandaʼu taʼus, guyyaa tokko ykn lama booda, bakka madaaʼe sana illee hin yaadannu. Haaluma wal fakkaatun, wantoonni nu mufachiisan tokko tokko salphaa taʼuu dandaʼu. Fakkeenyaaf, michuun keenya tokko wanta nu gaddisiisu dubbachuu ykn raawwachuu kan dandaʼu taʼus, salphaatti dhiifama isaaf gochuu dandeenya. Haa taʼu malee, madaan keenya cimaa yoo taʼe, mana yaalaa deemnee akka hodhamuu fi akka hidhamu gochuun nu barbaachisuu dandaʼa. Madaa sana kan tuttuqnu yoo taʼe garuu, of miina malee wanta nu fayyadu hin qabu. Kan nama gaddisiisu, namni tokko yeroo garmalee mufatu wanta kanaa wajjin wal fakkaatu gochuu dandaʼa. Miirri isaa hammam akka miidhame yaaduu isaa itti fufa taʼa. Haa taʼu malee, namoonni haaloo qabatan ofuma miidhu. Gorsa caqasa guyyaa harʼaa irra jiru hojii irra oolchuun faayidaa guddaa akka qabu ifa dha! w21.12 12 key. 15

Sanbadduraa, Waxabajjii 17

Ati maaliif obboleessa keetti murteessita?—Rom. 14:10.

Jaarsi tokko akkaataan uffannaa fi miidhaginaa Kiristiyaana tokkoo isa yaaddesseera haa jennu. Jaarsi kun, ‘Qajeelfamni Kitaaba Qulqulluu gorsa kennuuf na kakaasu jiraa?’ jedhee of gaafachuu dandaʼa. Jaarsi kun ilaalcha isaa akka hin dubbanne waan of eeggatuuf, jaarsa kan biraa ykn babalʼisaa bilchina qabu mariisisa taʼa. Gorsa Phaawulos akkaataa uffannaa fi miidhaginaa ilaalchisee kenne waliin ilaalu taʼa. (1 Xim. 2:9, 10) Phaawulos uffannaan Kiristiyaanaa seera qabeessaa fi Waaqayyoof ulfina kan fidu taʼuu akka qabu qajeelfama kenneera. Haa taʼu malee, Phaawulos wanta namni tokko uffachuu qabuu fi uffachuu hin qabne ilaalchisee seera hin baasne. Kiristiyaanonni qajeelfama Kitaaba Qulqulluu utuu hin cabsin filannaa dhuunfaa isaanii gochuuf mirga akka qaban beeka. Kanaafuu, jaarsoliin nama tokkoof gorsa kennuu isaanii dura, filannaan inni godhe seera qabeessaa fi hubannaa akka qabu kan argisiisu taʼuu isaa irratti yaaduu qabu. Kiristiyaanonni bilchaatoo taʼan lama filannaa garaa garaa, garuu immoo sirrii taʼe gochuu akka dandaʼan hubachuun keenya barbaachisaa dha. Obboloonni keenya wanta nuti sirrii akka taʼetti yaannu akka fudhatan dirqisiisuuf yaaluu hin qabnu. w22.02 16 key. 9-10

Dilbata, Waxabajjii 18

Jaalala amanamaa fi gara laafina walitti argisiisaa.—Zak. 7:9.

Jaalala amanamaa walitti argisiisuudhaaf sababiiwwan gaʼaa qabna. Sababiiwwan kana keessaa tokko tokko maal faʼi? Kitaabni Fakkeenyaa gaaffii kanaaf deebii akkana jedhu kenna: “Jaalalli amanamaanii fi amanamummaan akka si dhiisan hin godhin. . . . Sana booda Waaqayyoo fi nama duratti fudhatama ni argatta, hubannaa gaarii akka qabdus ni argisiista.” “Namni jaalala amanamaa argisiisu ofii isaa ni fayyada.” “Namni qajeelummaa fi jaalala amanamaa duukaa buʼu kam iyyuu jireenya . . . argata.” (Fak. 3:3, 4; 11:17, milj.; 21:21) Yaadawwan kitaaba Fakkeenyaa irratti argaman kun sababiiwwan jaalala amanamaa argisiisuu itti qabnu sadii ibsu. Tokkoffaa, jaalala amanamaa yommuu argisiisnu Waaqayyo duratti iddoo guddaa qabaanna. Lammaffaa, jaalala amanamaa argisiisuu keenyaan of fayyadna. Fakkeenyaaf, warra kaanii wajjin michummaa cimaa uumna. Sadaffaa, jaalala amanamaa duukaa buʼuun keenya jireenya bara baraa dabalatee eebbawwan hedduu nuuf argamsiisa. Dhuguma iyyuu, ajaja Yihowaan, “Jaalala amanamaa fi gara laafina walitti argisiisaa” jechuudhaan kenneef ajajamuuf sababiiwwan gaʼaa qabna. w21.11 8 key. 1-2

Wiixata, Waxabajjii 19

Amantii keenya nuuf guddisi.—Luq. 17:5.

Qorumsi kanaan dura sirra gaʼe ykn sirra gaʼaa jiru amantiin ati qabdu laafaa akka taʼe kan argisiisu yoo taʼe abdii hin kutatin. Kun carraa amantii kee itti cimsattu akka taʼe godhii ilaali. Cimsi Yihowaa kadhadhu, keessumaa immoo yeroo rakkinni cimaan si mudatutti akkana godhi. Yihowaan wanta si barbaachisu karaa maatii keetii ykn michoota keetii siif dhiheessuu akka dandaʼu hubadhu. Yihowaan qorumsawwan yeroo ammaatti si mudatan moʼuuf akka si gargaaru yoo heyyamte, qorumsawwan gara fuulduraatti si mudachuu dandaʼu kam iyyuu moʼuuf akka si gargaaru caalaatti mirkanaaʼaa taata. Yesuus amantiin barattoota isaa hirʼina akka qabu kan isaanitti hime taʼus, gargaarsa Yihowaatiin qorumsa gara fuulduraatti isaan mudatu keessa darbuu akka dandaʼan garuu hin shakkine. (Yoh. 14:1; 16:33) Tuutni uummataa guddaan, amantii cimaa qabaachuun isaanii rakkina guddaa jalaa ooluuf akka isaan gargaaru amanannaa guddaa qaba. (Mul. 7:9, 14) Yeroo ammaatti carraa argatte hundumaatti fayyadamtee amantii kee yoo cimsatte, gaarummaa Yihowaa isa guddaatiin ooluu ni dandeessa!—Ibr. 10:39. w21.11 25 key. 18-19

Kibxata, Waxabajjii 20

Maleekaan Yihowaa naannoo warra Waaqayyoon sodaatan hundumaa ni buufata.—Far. 34:7.

Yeroo harʼaatti dinqiidhaan eegumsa arganna jennee hin eegnu. Taʼus, namoonni Yihowaatti amanaman miidhaan bara baraa akka isaan irra hin geenye beekna. Dhiheenyatti amantiin dandeettii Yihowaan nu eeguuf qabu irratti qabnu ni qorama. Yommuu Goog inni biyya Maagoog, jechuunis saboonni wal taʼiinsa uuman saba Waaqayyoo irratti haleellaa bananitti jireenyi keenya balaadhaaf kan saaxilame fakkaata. Yihowaan nu oolchuuf humna akka qabuu fi akka nu oolchu amanannaa qabaachuu qabna. Hoolota tiksee hin qabne fakkaannee sabootatti mulʼanna. (His. 38:10-12) Meeshaa waraanaa hin hidhannu, leenjii waraanaas hin fudhannu. Saboonni salphaatti akka nu injifatanitti yaadu. Isaan wanta nuti ija amantiitiin ilaallu, jechuunis maleekota eegumsa nuuf gochuuf naannoo keenyatti marsanii jiran hin argan. Eeyyee, saboonni kana arguu hin dandaʼan. Isaan Waaqayyo irratti amantii hin qaban. Raayyaawwan samii yommuu nuuf loluu dhufan baayʼee rifatu!—Mul. 19:11, 14, 15. w22.01 6 key. 12-13

Roobii, Waxabajjii 21

Guutummaa waldaa obbolootaatiif jaalala qabaadhaa.—1 Phe. 2:17.

Yihowaan obboloota keenya hundaaf iddoo guddaa waan kennuuf, nutis iddoo guddaa isaaniif kennuu qabna. Eegumsa isaaniif gochuu fi isaan kunuunsuuf wanta nuuf dandaʼame hundumaa gochuu qabna. Nama tokko akka miine ykn akka mufachiisne yoo beekne, ‘Inni nama dafee miidhamu waan taʼeef, ilaalcha isaa kana sirreessuu qaba’ jennee yaaduudhaan dhimmicha calluma jennee bira darbuu hin qabnu. Namoonni tokko tokko kan mufatan maaliif taʼuu dandaʼa? Obboloonnii fi obboleettonni tokko tokko akkaataa guddinaa isaaniitiin kan kaʼe ofii isaaniitiif ilaalcha gad aanaa qabaachuu dandaʼu. Warri kaan immoo dhugaadhaaf haaraa waan taʼaniif namoonni tokko tokko dogoggora yommuu raawwatanitti haala isaa akkamitti qabuu akka qaban hin beekan taʼa. Haalli nu muudate maal iyyuu yoo taʼe nagaa buusuuf wanta dandeenyu gochuu qabna. Kana malees, namni tokko yeroo baayʼee warra kaanitti kan mufatu yoo taʼe amalli isaa kun gaarii akka hin taane hubachuudhaan sirreeffama gochuuf carraaquu qaba. Innis taʼe warri kaan nagaa akka qabaataniif akkas gochuun isaa barbaachisaa dha. w21.06 21 key. 7

Kamisa, Waxabajjii 22

Yihowaan warra isa waammatan hundumaatti, warra dhugaadhaan isa waammatan hundumaatti dhihoo dha.—Far. 145:18.

Yesuus miira kee siif hubata. Yeroo dhiphannutti michuu miira keenya nuuf hubatu, keessumaa michuu rakkina keenyaa wajjin wal fakkaatu keessa darbe qabaachuun nu gammachiisa. Yesuus michuu akkasii ti. Dadhabuunii fi gargaarsa barbaaduun miira akkamii akka namatti uumu beeka. Dadhabina keenya nuuf hubata, akkasumas “yeroo gargaarsi nu barbaachisutti” gargaarsa nuuf godha. (Ibr. 4:15, 16) Akkuma Yesuus iddoo biqiltuu Getesemaanee keessatti gargaarsa maleekaa tokkoo fudhate, nutis gargaarsa Yihowaan karaa barreeffamaa, viidiyoo, haasaa ykn karaa jaarsolii gumii fi obboloota bilchaatoo taʼanii nuuf kennu fudhachuu qabna. (Luq. 22:39-44) Yihowaan ‘nagaa Waaqayyoo’ siif kenna. Yeroo kadhannu ‘nagaa Waaqayyoo isa hubannaa hundumaa irra caalu’ arganna.—Filp. 4:6, 7. w22.01 18-19 key. 17-19

Jimaata, Waxabajjii 23

Murtoo ergamoonni . . . murteessan . . . himu turan.—HoE. 16:4.

Yihowaan yeroo hundumaa wanta sirrii raawwata. Haa taʼu malee, namoota inni muude irratti amantii qabaachuun nutti ulfaachuu dandaʼa. Tarii gaaffiin, ‘Namoonni jaarmiyaa Yihowaa keessatti itti gaafatamummaa qaban wanta tokko kan raawwatan qajeelfama Yihowaa hordofuudhaani moo ofuma isaaniitiin kakaʼanii ti?’ jedhu nutti uumamuu dandaʼa. Yihowaan namoota lafa irratti muude irratti amantii qaba. Kanaafuu, nutis obboloota kana irratti amantii utuu hin qabaatin Yihowaa irratti amantii qabna jennee dubbachuu akka hin dandeenye ifa dha. Yeroo harʼaatti Yihowaan kutaa jaarmiyaa isaa isa lafa irraa ‘garbicha amanamaa fi ogeessatti’ fayyadamee geggeessa. (Mat. 24:45) Akkuma qaama ol aanaa jaarraa jalqabaa garbichi kun saba Waaqayyoo addunyaa maratti argaman ni geggeessa, jaarsolii gumiitiifis qajeelfama kenna. Jaarsoliin immoo qajeelfama kana gumii keessatti hojii irra oolchu. Qajeelfama jaarmiyichaa fi jaarsolii irraa arganne hojii irra oolchuudhaan Yihowaan yeroo hunda wanta sirrii akka raawwatu akka amannu argisiisuu dandeenya. w22.02 4 key. 7-8

Sanbadduraa, Waxabajjii 24

Wanta gaarii hojjechuuf abdii hin kutannu.—Gal. 6:9.

Dhugaa Baatota Yihowaa taʼuu keenyatti baayʼee gammanna, akkasumas ni boonna! Namni “jireenya bara baraa argachuuf kakaʼumsa sirrii” qabu Dhugaa Baatuu Yihowaa akka taʼu yeroo gargaarru baayʼee gammanna. (HoE. 13:48) Gama kanaan akkuma Yesuus nutti dhagaʼama; Yesuus yeroo barattoonni isaa duula lallabaa milkaaʼina qabu irratti hirmaatanii deebiʼanitti “hafuura qulqulluudhaan gammadee” ture. (Luq. 10:1, 17, 21) Phaawulos ergamaan, “Ofii keetii fi barumsa barsiistuuf yeroo hunda xiyyeeffannaa kenni” jedhee Ximotewosiin jajjabeesseera. Itti dabaluudhaanis, “Kana yoo goote ofis taʼe warra si dhagaʼan ni oolchita” isaan jedheera. (1 Xim. 4:16) Kanaafuu, hojiin lallabaa keenya lubbuu namootaa kan oolchu dha. Lammiilee Mootummaa Waaqayyoo waan taaneef, ofii keenyaaf yeroo hundumaa xiyyeeffannaa ni kennina. Yeroo hundumaa karaa Yihowaadhaaf ulfina fiduun, akkasumas haala misiraachoo lallabnuu wajjin wal simuun jiraachuu barbaanna. (Filp. 1:27) Tajaajila jalqabuu keenya dura akka gaariitti qophaaʼuudhaan, akkasumas Yihowaan tajaajila keenya akka nuuf eebbisu kadhachuudhaan, ‘barumsa barsiisnuuf xiyyeeffannaa akka kenninu’ argisiisuu dandeenya. w21.10 24 key. 1-2

Dilbata, Waxabajjii 25

Namummaa haaraa . . . uffadhaa.—Qol. 3:10.

‘Namummaa haaraan’ yaadaa fi gocha eenyummaa Yihowaa calaqqisiisu dha. Namni firii hafuura Waaqayyoo argisiisuudhaan namummaa haaraa uffatu tokko hafuurri qulqulluun yaada, miiraa fi gocha isaa irratti dhiibbaa akka godhu heyyama. Fakkeenyaaf, Yihowaa fi saba isaa ni jaallata. (Mat. 22:36-39) Namni akkasii yeroo rakkinni isa mudatutti illee gammachuu isaa hin dhabu. (Yaq. 1:2-4) Nama nagaa uumu dha. (Mat. 5:9) Warra kaanitti obsaa fi gaarummaa argisiisa. (Qol. 3:13) Wanta gaarii taʼe ni jaallata, akkasumas ni raawwata. (Luq. 6:35) Abbaa isaa isa samii irratti amantii cimaa akka qabu gocha isaatiin argisiisa. (Yaq. 2:18) Wanti isa aarsu yeroo isa mudatutti illee garraamummaa argisiisa; yeroo qoramus of toʼata. (1 Qor. 9:25, 27; Tit. 3:2) Namummaa haaraa uffachuuf amaloota Galaatiyaa 5:22, 23 irrattii fi caqasoota Kitaaba Qulqulluu kan biroo irratti ibsaman hunda horachuu qabna. w22.03 8-9 key. 3-4

Wiixata, Waxabajjii 26

Fakkeenya koo hordofaa.—1 Qor. 11:1.

Jaarsoliin manaa gara manaa deemanii lallabuudhaan qofa utuu hin taʼin, carraa argatan hundatti fayyadamanii dhugaa baʼuuf qophaaʼoo taʼuu fi fedhii qabaachuudhaanis fakkeenya Phaawulos ergamaa hordofuu dandaʼu. (Efe. 6:14, 15) Jaarsoliin akkuma Phaawulos yeroo tajaajila irratti dabarsan tajaajiltoota gumii dabalatee warra kaan leenjisuuf itti fayyadamuu dandaʼu. (1 Phe. 5:1, 2) Haa taʼu malee, jaarsoliin hojii lallabaatiif yeroo hamma dhabanitti hojiidhaan qabamuu hin qaban. (Mat. 28:19, 20) Madaallii isaanii eeggachuuf darbee darbee hojii tokko tokko fudhachuu dhiisuun isaan barbaachisuu dandaʼa. Dhimmicha irratti erga yaadanii fi erga kadhatanii booda hojii sana yoo fudhatan wantoota caalaatti barbaachisoo taʼan raawwachuu akka hin dandeenye hubatu taʼa. Wantoonni caalaatti barbaachisoo taʼan kun torban torbaniin waaqeffannaa maatii geggeessuu, hojii lallabaa irratti hirmaannaa guutuu gochuu ykn ijoolleen isaanii tajaajila irratti akka hirmaatan leenjisuu dha. Yihowaan wanta hundumaa irratti madaallii isaanii eeggachuuf fedhii isaan qaban akka hubatu mirkanaaʼoo taʼuu dandaʼu. w22.03 27 key. 4, 7; 28 key. 8

Kibxata, Waxabajjii 27

Warra foon ajjeesuu malee lubbuu ajjeesuu hin dandeenye hin sodaatinaa.—Mat. 10:28.

Dhugaa Baatuu Yihowaa taʼuuf yeroo jettanitti sodaa isinitti dhagaʼamee ture ni yaadattuu? Tarii matumaa manaa gara manaa deemtanii lallabuu akka hin dandeenye isinitti dhagaʼamee taʼuu dandaʼa. Yookiin immoo, ‘Maatiin ykn michoonni koo na mormu’ jettanii sodaattanii taʼuu dandaʼa. Taanaan miirri barataa keessanitti dhagaʼamu isiniif gala. Yesuus sodaan akkasii namoota tokko tokkotti dhagaʼamuu akka dandaʼu dubbateera. Haa taʼu malee, sodaa akkasiitiin moʼamanii Yihowaa tajaajiluu isaanii akka hin dhiisne duuka buutota isaa jajjabeesseera. (Mat. 10:16, 17, 27) Barataan keessan wanta itti amane warra kaanitti akka himu suutuma suuta leenjisaa. Barattoonni Yesuus yeroo inni akka lallaban isaan ergetti sodaan isaanitti dhagaʼamee taʼuu dandaʼa. Taʼus eenyuuf lallabuu akka qabanii fi ergaa akkamii lallabuu akka qaban isaanitti himuudhaan isaan gargaareera. (Mat. 10:5-7) Isin hoo fakkeenya Yesuus hordofuu kan dandeessan akkamitti? Eenyuuf lallabuu akka dandaʼu akka hubatu barataa keessan gargaaraa. Fakkeenyaaf, ‘Nama dhugaa Kitaaba Qulqulluu kana utuu baratee faayidaa argachuu dandaʼu beektaa?’ jedhaa isa gaafadhaa. Achiis karaa salphaa taʼeen dhugaa sana akkamitti ibsuu akka dandaʼu isatti argisiisuudhaan wanta jedhu akka qophaaʼu isa gargaaraa. w21.06 6-7 key. 15-16

Roobii, Waxabajjii 28

Ani saboota hundumaa nan sochoosa; wantoonni gatii guddaa qabanis saboota hundumaa keessaa ni dhufu.—Hag. 2:7.

“Daqiiqaawwan muraasa keessatti suuqiiwwanii fi manneen dullooman jijjiguu jalqaban.” “Namni hundi baayʼee naʼe . . . Namoonni baayʼeen kirkirri lafaa sun daqiiqaa lamaaf qofa akka ture dubbatanii turan. Anatti garuu baayʼee dheeratee ture.” Yaadawwan kun yaada namoonni kirkira lafaa bara 2015​tti Neeppaal keessatti uumame irraa oolan muraasni kennani dha. Nuti garuu, yeroo harʼaatti sochii kana irraa adda taʼe argaa jirra; sochii saboota hundumaa sochoosu dha. Haagee raajichi, “Yihowaan Gooftaan Raayyaa akkana jedha: ‘Yeroo muraasa booda al tokko dabalee samiiwwanii fi lafa . . . nan sochoosa’” jedhee barreesseera. (Hag. 2:6) Sochiin Haageen dubbate akka kirkira lafaa isa badiisa qofa geessisuu miti. Kanaa mannaa, sochii buʼaa gaarii argamsiisu dha. Yihowaan iyyuu, “Ani saboota hundumaa nan sochoosa; wantoonni gatii guddaa qabanis saboota hundumaa keessaa ni dhufu; mana kanas ulfinaan nan guuta” nuun jedheera. w21.09 14 key. 1-3

Kamisa, Waxabajjii 29

Isin qorumsa koo keessatti ana irraa adda hin baane.—Luq. 22:28.

Nama tokkoo wajjin michummaa cimaa kan qabaannu irra deddeebinee garaadhaa yoo walitti haasofne dha. Michummaan Yihowaa wajjin qabnus akkasuma dha. Miira keenya, yaada keenyaa fi wanta nu yaaddessu kadhannaadhaan yommuu isatti himnu isatti akka amanamnuu fi akka inni nu jaallatu akka beeknu argisiisna. (Far. 94:17-19; 1 Yoh. 5:14, 15) Michoota amanamoo wajjin taʼaa; isaan kennaa Yihowaa ti. (Yaq. 1:17) Abbaan keenya inni samii obbolootaa fi obboleettota ‘yeroo hundumaa jaalala argisiisanii’ fi maatii hafuuraa keenya taʼan nuu kennuudhaan dhuunfaatti xiyyeeffannaa nuu kenneera. (Fak. 17:17) Phaawulos ergamaan xalayaa warra Qolosaayisiif barreesse irratti Kiristiyaanota isa deggeran tokko tokko caqasuudhaan isaan, “madda jajjabinaa guddaa naaf taʼaniiru” jedheera. (Qol. 4:10, 11) Yesuus Kiristoos iyyuu maleekotas taʼe namoota irraa deggersi michoota isaa isa barbaachiseera; deggersa argates dinqisiifateera. (Luq. 22:43) Wanta nu yaaddesse tokko michuu keenya bilchaataa taʼetti himuun mallattoo dadhabinaa miti; kanaa mannaa eegumsa nuuf godha. w21.04 24-25 key. 14-16

Jimaata, Waxabajjii 30

[Jaalalli] waan hundumaa dandaʼa, waan hundumaa amana, waan hundumaa abdata, waan hundumaa dandamata.—1 Qor. 13:7.

Obboleessi ykn obboleettiin tokko wanta si miidhu yoo raawwatan maal gochuu qabda? Nagaan akka hin boorofne gochuuf wanta dandeessu hunda godhi. Wanta sitti dhagaʼamu kadhannaadhaan Yihowaatti himi. Nama si mufachiise akka eebbisu, akkasumas amaloota gaggaarii inni qabuu fi Yihowaan jaallatu hubachuuf akka si gargaaru kadhadhu. (Luq. 6:28) Wanta obboleessi sun raawwate calluma jettee bira darbuun yoo sitti ulfaate, akkamitti isa haasofsiisuu akka qabdu irratti yaadi. Matumaa obboleessi sun taʼe jedhee akka si miidhetti hin yaadin. (Mat. 5:23, 24) Yeroo isa haasofsiistutti kakaʼumsa gaarii akka qabutti yaadi. Obboleessi sun sitti araaramuu yoo dide hoo? Isa “dandaʼuu” kee itti fufi. Obboleessa keetti abdii hin kutatin. (Qol. 3:13) Haaloo qabachuun michummaa Yihowaa wajjin qabdu waan si jalaa balleessuuf, matumaa akkas hin godhin. Wanti akkamii iyyuu akka si gufachiisu hin heyyamin. Akkas gochuudhaan, wanta kam iyyuu caalaa Yihowaa akka jaallattu argisiista.—Far. 119:165. w21.06 23 key. 15

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi