LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • es23 ful. 67-77
  • Adoolessa

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Adoolessa
  • Kitaaba Qulqulluu Guyyaa Guyyaan Qoruu—2023
  • Mata Dureewwan Xixiqqaa
  • Sanbadduraa, Adoolessa 1
  • Dilbata, Adoolessa 2
  • Wiixata, Adoolessa 3
  • Kibxata, Adoolessa 4
  • Roobii, Adoolessa 5
  • Kamisa, Adoolessa 6
  • Jimaata, Adoolessa 7
  • Sanbadduraa, Adoolessa 8
  • Dilbata, Adoolessa 9
  • Wiixata, Adoolessa 10
  • Kibxata, Adoolessa 11
  • Roobii, Adoolessa 12
  • Kamisa, Adoolessa 13
  • Jimaata, Adoolessa 14
  • Sanbadduraa, Adoolessa 15
  • Dilbata, Adoolessa 16
  • Wiixata, Adoolessa 17
  • Kibxata, Adoolessa 18
  • Roobii, Adoolessa 19
  • Kamisa, Adoolessa 20
  • Jimaata, Adoolessa 21
  • Sanbadduraa, Adoolessa 22
  • Dilbata, Adoolessa 23
  • Wiixata, Adoolessa 24
  • Kibxata, Adoolessa 25
  • Roobii, Adoolessa 26
  • Kamisa, Adoolessa 27
  • Jimaata, Adoolessa 28
  • Sanbadduraa, Adoolessa 29
  • Dilbata, Adoolessa 30
  • Wiixata, Adoolessa 31
Kitaaba Qulqulluu Guyyaa Guyyaan Qoruu—2023
es23 ful. 67-77

Adoolessa

Sanbadduraa, Adoolessa 1

Sana booda . . . [adabni] warra ittiin leenjifamaniif firii qajeelummaa isa nagaa isaaniif argamsiisa.—Ibr. 12:11.

Gumiidhaa baasuun qophii Yihowaa ti. Nama balleessaa raawwate dabalatee hundumaa kan fayyadu dha. Tarii gumii keessatti namoonni tokko tokko nama tokko gumiidhaa baasuun isaanii sirrii akka hin taane dubbatu taʼa. Taʼus, namoonni akkasii dogoggora namni sun raawwate dubbachuu akka hin barbaanne yaadadhu. Dhugaa dubbachuuf, dhimma sana ilaalchisee odeeffannoo guutuu hin qabnu. Kanaafuu, jaarsoliin murtii sana dabarsan qajeelfama Kitaaba Qulqulluu hordofuudhaan “Yihowaadhaaf” murteessuuf wanta isaaniif dandaʼame hundumaa akka godhan amanuun ogummaa dha. (2 Sen. 19:6) Murtoo jaarsoliin nama tokko gumiidhaa baasuuf godhan yoo deggertan, tarii namni sun gara Yihowaatti akka deebiʼu gargaaruu dandeessu. Elzaabeet akkana jetteetti: “Ilma keenya isa of dandaʼee jiraatuu waliin walitti dhufeenya akkamii iyyuu qabaachuu dhiisuun baayʼee ulfaataa ture. Gara Yihowaatti erga deebiʼee booda garuu, gumiidhaa baafamuun isaa sirrii akka taʼee fi barumsa hedduu akka argate dubbateera.” w21.09 28-29 key. 11-12

Dilbata, Adoolessa 2

Dubartii hiyyeettiin abbaan manaa irraa duʼe tokko saantima xixinnoo gatii gad aanaa qaban lama yommuu buustu arge.—Luq. 21:2.

Waaʼee dubartii abbaan manaa irraa duʼe sanaa yaadaa. Kana caalaa Yihowaaf utuu kennitee akka ishiitti tolu beekamaa dha. Taʼus, wanta gochuu dandeessu gooteetti. Yihowaaf wanta hundumaa irraa caalu kenniteetti. Yesuusis buusiin ishiin goote Abbaa isaa duratti gatii guddaa akka qabu beeka ture. As irraa barumsi barbaachisaan argannu tokko jira: Yihowaan wanta hundumaa irra caalu yommuu isaaf kenninu, jechuunis garaa guutuu fi lubbuu guutuudhaan yommuu isa tajaajillu baayʼee gammada. (Mat. 22:37; Qol. 3:23) Yihowaan wanta gochuu dandeenyu hunda gochaa akka jirru yommuu argu baayʼee gammada! Dhugaan buʼuuraa kun tajaajilaa fi walgaʼii keenya dabalatee, yeroo fi humna waaqeffannaa keenyaaf ramadnuufis ni hojjeta. Barumsa seenaa waaʼee dubartii abbaan manaa irraa duʼe ibsu irraa argattan hojii irra oolchuu kan dandeessan akkamitti? Namoota wanti isaan godhan Yihowaa akka gammachiisu isaan yaadachiisuun barbaachisu yaadaa. Obboleettii maanguddoo dhibee fayyaatiin ykn humna dhabuudhaan kan kaʼe akka kanaan duraa tajaajiluu dadhabuu ishiitiin of ceephaatu ykn faayidaa akka hin qabne itti dhagaʼamu beektu taʼa. w21.04 6-7 key. 17, 19-20

Wiixata, Adoolessa 3

Namni qorumsa keessatti jabaatee dhaabbachuu isaa itti fufu gammadaa dha; sababiin isaas, inni yeroo fudhatama argatu gonfoo jireenyaa . . . ni argata.—Yaq. 1:12.

Yihowaan yeroo sirrii addunyaa hamaa kana itti balleessu beeka. Obsuun isaa tuutni uummataa guddaan miliyoonaan lakkaaʼaman akka walitti qabamanii fi isa waaqeffachuu fi isa jajachuuf carraa akka argatan godheera. Hundi isaanii iyyuu Yihowaan yeroo dheeraadhaaf obsuu isaatiin kan kaʼe, dhalatanii isaaf jaalala horachuu fi isaaf of murteessuuf carraa argachuu isaaniitti baayʼee gammadu. Yihowaan namoota miliyoonaan lakkaaʼamanii fi hamma dhumaatti jabaatanii dhaabbatan yommuu eebbisu, obsuuf murteessuun isaa sirrii taʼuun isaa ifa taʼa. Gaddii fi rakkinni Seexanni geessisu jiraatus, Yihowaan “Waaqa gammadaa” taʼee itti fufeera. (1 Xim. 1:11) Nutis hamma Yihowaan maqaa isaa qulqulleessuu fi ol aantummaa isaa mirkaneessutti, akkasumas hamma hamminaa fi rakkoowwan nu irra gaʼan hunda balleessuutti gammachuu keenya eeggannee obsuu ni dandeenya. Abbaan keenya inni samiis jabaatee dhaabbachaa akka jiru waan beeknuuf, jabaannee dhaabbachuu fi abdii kutachuu dhiisuuf haa murteessinu. w21.07 13 key. 18-19

Kibxata, Adoolessa 4

Wanti gaariin Naazireet keessaa baʼuu dandaʼaa?—Yoh. 1:46.

Namoonni jaarraa tokkoffaatti turan hedduun Yesuusitti hin amanne. Isaaniif Yesuus ilma anaaxii hiyyeessa taʼe tokkoo qofadha. Inni magaalaa Naazireet ishii iddoo guddaa akka hin qabnetti ilaalamtu irraa dhufe. Naatnaaʼel inni barataa Yesuus taʼe illee, jalqaba irratti, “Wanti gaariin Naazireet keessaa baʼuu dandaʼaa?” jedhee ture. Raajii Miikiyaas 5:2 irra jiruu fi Masiihiin Naazireetitti utuu hin taʼin Beetaliheemitti akka dhalatu dubbatu yaadatti qabatee taʼuu dandaʼa. Isaayyaas raajichi diinonni Yesuus ‘hidda dhalootaa Masihiichaa tokko tokkoon beekuuf xiyyeeffannaa’ akka hin kennine raajii dubbateera. (Isa. 53:8) Namoonni kun yeroo fudhatanii dhugaawwan kana hunda utuu qoraniiru taʼee, Yesuus Beetaliheemitti akka dhalatee fi sanyii Daawit Mootichaa akka taʼe beekuu dandaʼu turan. (Luq. 2:4-7) Kanaafuu, bakki dhalootaa Yesuus Miikiyaas 5:2 irratti raajii dubbatamee wajjin wal sima. Maarree, wanti rakkina taʼe maal ture? Namoonni sun dafanii murteessuuf ariifatu turan. Odeeffannoo guutuu hin qaban turan. Kanaan kan kaʼes gufataniiru. w21.05 2-3 key. 4-6

Roobii, Adoolessa 5

Akkuma zayitii mataa koo irratti dhangalaʼuu waan taʼeef, [namni qajeelaan] na haa adabu.—Far. 141:5.

Kitaabni Qulqulluun fakkeenya namoota gorsa fudhachuudhaan eebba argataniis qabateera. Mee waaʼee Iyyoob haa ilaallu. Iyyoob nama Waaqayyoon sodaatu taʼus mudaa qaba ture. Baayʼee dhiphachuu isaatiin kan kaʼe wanta dogoggora taʼe yeroo itti dubbate qaba. Kanaan kan kaʼes, kallattiidhaan gorsi isaaf kennameera; yeroo kanatti gorsa kan isaaf kenne Eliihuu fi Yihowaa ture. Maarree, yeroo kanatti Iyyoobitti maaltu dhagaʼame? Gad of qabuudhaan gorsa isaaf kenname fudhateera. “Hubannaa malee dubbadheera. . . . Wantan dubbadhetti nan gaabba, biyyoo fi daaraa irra taaʼees yaada nan geddaradha” jedheera. (Iyo. 42:3-6, 12-17) Akka gad of qabu kan argisiises gorsa Eliihuun inni umuriidhaan baayʼee isaa gad taʼe isaaf kenne fudhachuudhaani. (Iyo. 32:6, 7) Amala gad of qabuu qabaachuun keenya, gorsi nuuf kenname tokko akka nu hin barbaachisne yeroo nutti dhagaʼamutti ykn namni gorsa nuu kenne umuriidhaan yeroo nuu gad taʼutti illee gorsa sana hojii irra oolchuuf nu gargaara. Nu keessaa namni firii hafuuraa horachuu irrattii fi tajaajila Kiristiyaanaa raawwachuu irratti guddina gochuun isa hin barbaachisne eenyu? w22.02 11 key. 8; 12 key. 12

Kamisa, Adoolessa 6

Jaalala yoo waliif qabaattan, namoonni hundi akka isin barattoota koo taatan kanaan ni beeku.—Yoh. 13:35.

Miseensonni gumichaa hundi gumichi iddoo nagaa qabu akka taʼu gochuu fi nama hundatti jaalala argisiisuuf itti gaafatamummaa qabu. Kunis eenyutti iyyuu kophummaan akka hin dhagaʼamne godha. Wanti goonuu fi wanti dubbannu namoota kaan baayʼee jajjabeessuu dandaʼa! Obboloonni miseensonni maatii isaanii dhugaa keessa hin jirree fi kophummaan itti dhagaʼamu kutaa gumichaa akka taʼanitti akka isaanitti dhagaʼamu gargaaruu kan dandeessu akkamitti? Namoota haaraa michoota godhachuuf carraaqqii godhi. Wanti gochuu dandeenyu inni jalqabaa namoonni haaraan gara gumii keenyaa yeroo dhufan miira hoʼaadhaan isaan simachuu dha. (Rom. 15:7) Haa taʼu malee, nagaa isaan gaafachuu caalaa wanti gochuu dandeenyu jira. Namoonni haaraan kun yeroo booda michoota keenya akka taʼan waan barbaannuuf, gaarummaa isaanitti argisiisuu fi garaadhaa isaaniif yaaduu qabna. Rakkina isaan mudachaa jiru isaaniif hubachuuf carraaqqii godhi. Taʼus, gaaffii isaan qaanessu isaan hin gaafatin. Namoonni tokko tokko miira isaanii ibsuun isaanitti ulfaata. Kanaafuu, akka dubbatan dhiibbaa akka isaan irratti hin goone of eeggadhu. Kanaa mannaa, gaarummaadhaan isaan gaafadhu. Yeroo deebii siif kennanis obsaan isaan dhaggeeffadhu. Fakkeenyaaf, gara dhugaatti kan dhufan akkamitti akka taʼe isaan gaafachuu dandeessa. w21.06 11 key. 13-14

Jimaata, Adoolessa 7

Isaan sagalee koo ni dhagaʼu, tuuta tokkos ni taʼu; tikseen isaaniis tokko ni taʼa.—Yoh. 10:16.

Mirga “tiksee tokko” jalatti “tuuta tokko” taanee tokkummaadhaan Yihowaa tajaajiluuf arganneef iddoo guddaa kennina! Kitaabni Fedha Yihowaa Raawwachuuf Gurmaaʼuu jedhamu fuula 165 irratti: “Tokkummaa kana irraa fayyadamaa waan jirtuuf tokkummaa kana eeguuf itti gaafatamummaa qabda” jedha. Kanaafuu, “akka Yihowaan isaan ilaalutti ilaaluuf of leenjisuu” qabna. Hundi keenya iyyuu Yihowaa duratti iddoo guddaa qabna. Atoo obbolootaa fi obboleettota keetiif ilaalcha akkasii qabdaa? Yihowaan isaan gargaaruu fi isaan kunuunsuuf wanta gootu hundumaa ni hubata, carraaqqii keetiifis iddoo guddaa kenna. (Mat. 10:42) Obboloota keenya ni jaallanna. Kanaafuu, “wanta nama gufachiisu yookiin wanta nama danqu obboleessa keenya dura kaaʼuu dhiisuuf” murteessineerra. (Rom. 14:13) Obbolootaa fi obboleettonni keenya nu irra akka caalanitti yaanna, akkasumas garaadhaa dhiifama isaaniif gochuu barbaanna. Warri kaan akka nu gufachiisan heyyamuu hin qabnu. Kanaa mannaa, “wantoota nagaa argamsiisanii fi wal ijaaruuf gargaaran haa hordofnu.”—Rom. 14:19. w21.06 24 key. 16-17

Sanbadduraa, Adoolessa 8

[Waaqayyotu guddisa].—1 Qor. 3:7.

Gorsa Dubbii Waaqayyoo fi jaarmiyaa isaa irraa argannu gadi fageenyaan yoo qoʼannee fi hojii irra yoo oolchine suutuma suuta ilaalcha Kiristoos qabaachuu dandeenya. Beekumsi Waaqayyoon ilaalchisee qabnus ni guddata. Yesuus ergaan Mootummichaa nuti lallabnu akkuma sanyii xinnoo namoota garaa qajeelaa qaban keessatti suutuma suuta guddatuu akka taʼe ibsuuf fakkeenya tokkotti fayyadameera. Akkana jedheera: “Sanyichis utuu namichi [facaase] hin beekin biqilee guddata. Lafichis suutuma suuta ofuma isaatiin firii godhata; jalqaba ni guddata, achiis ni daraara, dhuma irrattis mataa isaa irratti midhaan guutuu godhata.” (Mar. 4:27, 28) Yesuus yeroo akkana jedhu akkuma biqiltuun tokko suutuma suuta guddatu, namni ergaa Mootummichaa fudhate tokkos karaa hafuuraa suutuma suuta akka guddatu ibsuu isaa ti. Fakkeenyaaf, namoonni Kitaaba Qulqulluu qoʼachiisnu Yihowaatti yeroo dhihaatan jijjiiramawwan gaggaarii hedduu godhu. (Efe. 4:22-24) Haa taʼu malee, sanyiin xiqqoon sun akka guddattu kan godhe Yihowaa akka taʼe yaadachuu qabna. w21.08 8-9 key. 4-5

Dilbata, Adoolessa 9

Hawwii ofii duukaa buʼanii jooruu mannaa, wanta ijji argutti gammaduu wayya.—Lal. 6:9.

Gammachuu argachuuf bakka sirrii taʼee barbaaduu qabna. Namni “wanta ijji argutti gammadu,” haala keessa jiru dabalatee wanta qabutti ni gammada. Namni hawwii isaa duukaa buʼee jooru garuu, wanta argachuu hin dandeenye barbaaduu isaa itti fufa. Maarree, kana irraa maal baranna? Gammachuu argachuuf wanta qabnuu fi galma bira gaʼuu dandeenyu irratti xiyyeeffachuu qabna. Dhuguma wanta qabdutti gammaddee jiraachuu dandeessaa? Hundi keenya iyyuu, yommuu yeroon darbaa deemu wanta haaraa barachuu waan barbaannuuf, namoonni hedduun kun akka hin dandaʼamne dubbatu. Haa taʼu malee, wanta qabnutti gammannee jiraachuu ni dandeenya. Eeyyee, “wanta ijji argutti” gammaduu ni dandeenya. Kana gochuu kan dandeenyu akkamitti? Deebii isaa beekuuf, fakkeenya Yesuus waaʼee taalaantii dubbatee fi Maatewos 25:14-30 irra jiru haa ilaallu. Caqasa kana irraa haala keessa jirru keessatti gammachuu qabaachuu fi gammachuun keenya akka dabalu gochuu kan dandeenyu akkamitti akka taʼe baranna. w21.08 21 key. 5-6

Wiixata, Adoolessa 10

Ani iddoo ol kaʼaa fi iddoo qulqulluu keessan jiraadha, haa taʼu malee, . . . warra caccabanii fi warra gaddanii wajjinis nan taʼa.—Isa. 57:15.

Yihowaan ‘warra caccabanii fi warra gaddaniif’ ni yaada. Jaarsolii qofa utuu hin taʼin hundi keenya iyyuu, obbolootaa fi obboleettota keenya jajjabeessuu dandeenya. Karaan itti isaan jajjabeessuu dandeenyu keessaa tokko akka isaaniif yaannu argisiisuu dha. Yihowaan hoolota isaa warra isa biratti iddoo guddaa qaban akka jaallatu akka isaanitti argisiisnu barbaada. (Fak. 19:17) Gad of qabuudhaan, akkasumas humna ofii beekuudhaan obbolootaa fi obboleettota keenya gargaaruu dandeenya. Xiyyeeffannaa ofitti harkisuudhaan warri kaan akka nutti hinaafan gochuu hin barbaannu. Kanaa mannaa, dandeettii fi beekumsa keenya warra kaan jajjabeessuuf itti fayyadamna. (1 Phe. 4:10, 11) Walitti dhufeenya Yesuus duuka buutota isaa wajjin qabu irratti yaaduudhaan, walitti dhufeenya warra kaanii wajjin qabaachuu qabnu ilaalchisee wanta hedduu barachuu dandeenya. Inni namoota lafa irra jiraatan hundumaa irra kan caalu dha. Taʼus, ‘garraamii fi kan gad of qabu’ dha. (Mat. 11:28-30) Yeroo barsiisaa turetti karaa salphaa taʼeen dubbateera, akkasumas fakkeenyota salphaa taʼanii fi garaa namoota gad aanoo akka taʼaniitti ilaalamanii tuqanitti fayyadameera.—Luq. 10:21. w21.07 23 key. 11-12

Kibxata, Adoolessa 11

Jaarsolii kee gaafadhu, isaanis si beeksisu.—Kes. 32:7.

Dursa fudhadhuutii maanguddoota haasofsiisi. Iji isaanii dadhabus, miilli isaanii laafus, akkasumas sirriitti dubbachuun kan isaan rakkisu taʼus, onneen isaanii akkuma kan dargaggeessaa ti; Yihowaa birattis “maqaa gaarii” qabu. (Lal. 7:1) Yihowaan iddoo guddaa kan isaaniif kennu maaliif akka taʼe yaadadhu. Isaan kabajuu kee itti fufi. Fakkeenya Eelsaaʼi hordofi. Eelsaaʼi yeroo guyyaa dhumaatiif Eeliyaas wajjin turetti isa irraa gargar baʼuu dideera. Eeliyaasiin siʼa sadii, “Ani si irraa gargar hin baʼu” jedhee ture. (2 Mot. 2:2, 4, 6) Maanguddoota gaarummaadhaan gaaffii gaafachuudhaan garaadhaa akka isaaniif yaaddu argisiisi. (Fak. 1:5; 20:5; 1 Xim. 5:1, 2) Akkana jedhii isaan gaafadhu: “Dhugaa akka argattan wanti isin amansiise maali dha?” “Mudannoon caalaatti Yihowaatti dhihaachuuf isin gargaare isa kami?” “Tajaajila Yihowaa keessatti gammadoo taatanii itti fufuuf kan isin gargaare maali dha?” (1 Xim. 6:6-8) Achiis yommuu seenaa isaanii sitti himan xiyyeeffannaadhaan isaan dhaggeeffadhu. w21.09 5 key. 14; 7 key. 15

Roobii, Adoolessa 12

Waaqayyo wanta isa gammachiisuu wajjin haala wal simuun, fedhii fi humna hojiidhaaf isin barbaachisu isiniif kennuudhaan isin jabeessa.—Filp. 2:13.

Ajaja lallabuu fi barattoota gochuu ilaalchisee kennameef ajajamuuf wanta siif dandaʼame hunda yommuu gootu Waaqayyoon akka jaallattu argisiisaa jirta jechuu dha. (1 Yoh. 5:3) Mee yaadi: Jaalalli Yihowaadhaaf qabdu manaa gara manaatti lallabuuf si kakaaseera. Ajaja kana hojii irra oolchuun siif salphaa turee? Salphaa taʼuu dhiisuu dandaʼa. Yeroo jalqabaatiif yeroo manaa gara manaatti lallabuu eegaltetti sodaattee turtee? Sodaattee akka turte hin shakkisiisu! Taʼus Yesuus hojii kana akka hojjettu akka barbaadu waan beektuuf ajajamteetta. Yeroo booda immoo hojii lallabaa irratti hirmaachuun salphaa siif taʼaa deemeera. Kitaaba Qulqulluu qoʼachiisuu ilaalchisee hoo maaltu sitti dhagaʼama? Waaʼee isaa yommuu yaaddu miirri sodaa sitti dhagaʼamaa? Tarii sitti dhagaʼamuu dandaʼa. Haa taʼu malee, Yihowaan sodaa kee moʼuuf akka si gargaaruu fi qoʼannaa Kitaaba Qulqulluu jalqabsiisuuf ija jabina akka siif kennu yoo isa kadhatte, fedhiin barattoota gochuuf qabdu akka dabalu gochuudhaan si gargaaruu dandaʼa. w21.07 3 key. 7

Kamisa, Adoolessa 13

Harka isaanii mirgaa yookiin adda isaanii irratti [mallattoon ni godhama].—Mul. 13:16.

Garboonni bara durii turan kan eenyuu akka taʼan argisiisuuf, mallattoon isaan irratti ni godhama ture. Haaluma wal fakkaatuun, sirni siyaasaa addunyaa kanaa namni hundi harka isaa irratti ykn adda isaa irratti mallattoo akka godhatu barbaada. Namoonni hundi yaadaa fi gocha isaaniitiin sirna siyaasaa akka deggeran akka argisiisan barbaada. Mallattoo sana godhachuudhaan sirna siyaasaa ni deggerraa? Namoota mallattoo sana hin godhanne irra balaa fi rakkinni ni gaʼa. Kitaabni Mulʼataa itti fufuudhaan, “Nama mallattoo sana . . . qabu malee, eenyu iyyuu bituu yookiin gurguruu akka hin dandeenye” dubbata. (Mul. 13:17) Sabni Waaqayyoo garuu akkuma Mulʼata 14:9, 10 irratti ibsametti Waaqayyo namoota mallattoo sana qabanitti maal akka fidu beeku. Isaan mallattoo sana godhachuu mannaa, akka fakkeenyaatti yaada, “Ani kan Yihowaa ti” jedhu harka isaanii irratti ni barreeffatu. (Isa. 44:5) Amanamummaan Yihowaa irratti qabnu cimaa taʼuu isaa mirkaneeffachuu kan qabnu amma dha. Taanaan, Yihowaan kan isaa akka taane beekuun isaa isa gammachiisa! w21.09 18 key. 15-16

Jimaata, Adoolessa 14

Akkuma sibiilli sibiila qaru namnis michuu isaa ni qara.—Fak. 27:17.

Tajaajila keenya raawwachuuf gargaarsi namoota kaanii nu barbaachisa. Phaawulos ergamaan mala lallabuu fi barsiisuuf itti fayyadamu Ximotewositti himeera. Akkasumas, mala kana fayyadamee warra kaan akka gargaaru isa jajjabeesseera. (1 Qor. 4:17) Akkuma Ximotewos nutis gumii keenya keessaa warra muuxannoo qaban irraa fayyadamuu dandeenya. Akkasumas gargaarsaaf Yihowaa kadhachuu qabna. Tajaajila irratti yeroo hirmaattan hundatti qajeelfama Yihowaa argachuuf yaalaa. Hafuurri isaa inni humna guddaa qabu utuu nu hin gargaaru taʼee eenyuun keenya iyyuu homaa gochuu hin dandeenyu. (Far. 127:1; Luq. 11:13) Gargaarsa Yihowaa argachuuf yommuu kadhattan adda baasaa gaafadhaa. Fakkeenyaaf, nama kakaʼumsa sirrii qabuu fi dhaggeeffachuuf fedhii qabutti akka isin qajeelchu gaafadhaa. Kana malees, qoʼannaa dhuunfaadhaaf yeroo ramaduu qabna. Dubbiin Waaqayyoo, ‘Wanta gaarii, wanta fudhatama qabuu fi fedhii Waaqayyoo isa mudaa hin qabne mirkaneeffadhaa’ jedha. (Rom. 12:2) Waaʼee Waaqayyoo dhugaa akka beeknu caalaatti yommuu mirkanaaʼaa taanu, tajaajila irratti amanannaadhaan warra kaanitti dubbachuu dandeenya. w21.05 18 key. 14-16

Sanbadduraa, Adoolessa 15

Gooftaa wajjin haala wal qabateen, dadhabbiin keessan gatii [qaba].—1 Qor. 15:58.

Nama qoʼachiistu tokko gargaaruuf garaadhaa carraaqqii kan gootee fi kan isaaf kadhatte taʼus, namni sun yoo guddina gochuu baatee fi qoʼannaa keessan addaan kutuun barbaachisaa yoo taʼe maaltu sitti dhagaʼama? Yookiin immoo namni Kitaaba Qulqulluu qoʼachiistee akka cuuphamu gargaarte tokko illee hin jiru yoo taʼe hoo? Kun balleessaa kee akka taʼee fi Yihowaan tajaajila kee eebbisaa akka hin jirre sitti dhagaʼamuu qabaa? Yihowaan milkaaʼina keenya akkamitti akka madaalu hubadhaa. Yihowaan carraaqqii goonuu fi jabaannee dhaabbachuu keenya ni hubata. Namoonni ergaa keenya dhagaʼuuf fedhii kan hin qabne taʼus, Yihowaan tajaajila keenya hinaaffaa fi jaalalaan akka raawwannu yeroo argu hojicha irratti milkaaʼina akka argannetti ilaala. Phaawulos, “Waaqayyo jalʼaa miti; inni hojii keessan, akkasumas qulqulloota tajaajiluu fi tajaajiluu keessan itti fufuudhaan jaalala maqaa isaatiif argisiistan hin irraanfatu” jedhee barreesseera. (Ibr. 6:10) Carraaqqiin goone buʼaa yaadame kan hin argamsiisne taʼus, Yihowaan carraaqqii goonee fi jaalala argisiisne ni yaadata. Wanta Phaawulos caqasa guyyaa harʼaa irratti dubbate ofiif caqasuu dandeenya. w21.10 25 key. 4-6

Dilbata, Adoolessa 16

Warri Abbaan anaaf kennu hundi gara koo ni dhufu; anis isa gara koo dhufu matumaa of irraa hin ariʼu.—Yoh. 6:37.

Yesuus barattoota isaatti gaarummaa fi jaalala argisiiseera. Dandeettii fi haalli isaanii garaa gara akka taʼe beeka ture. Hundi isaanii itti gaafatamummaa wal fakkaataa taʼe fudhachuus taʼe tajaajila irratti buʼaa wal qixa taʼe argachuu hin dandaʼan. Taʼus, Yesuus tokkoon tokkoon isaanii lubbuu guutuudhaan carraaqqii gochuu isaaniitiif isaan dinqisiifateera. Yesuus fakkeenya waaʼee taalaantii dubbate irratti miira dinqisiifannaa akkasii akka qabu argisiiseera. Fakkeenya sana irratti akka ibsametti gooftichi tokkoon tokkoon garboota isaatiif “akkuma dandeettii isaaniitti” hojii isaaniif kennee ture. Garboota cimanii hojjetan lamaan keessaa inni tokko garbicha isa kan biraa caalaa buʼaa buufatee ture. Taʼus, gooftichi yeroo lamaan isaanii iyyuu galateeffatetti, “Garbicha gaarii fi amanamaa nana, baʼeessa goote” jechuudhaan jechoota wal fakkaatanitti fayyadameera. (Mat. 25:14-23) Yesuus nuttis gaarummaa fi jaalala argisiiseera. Dandeettii fi haalli keenya garaa gara akka taʼe waan beekuuf, wanta nuuf dandaʼame hunda yeroo goonu nutti gammada. Nutis fakkeenya Yesuus hordofuu qabna. w21.07 23 key. 12-14

Wiixata, Adoolessa 17

Gooftaa koo irratti harka koo hin kaasu.—1 Sam. 24:10.

Daawit Mootichi gara laafina kan argisiise yeroo hunda hin turre. Fakkeenyaaf, Naabaal inni nama hamaa taʼe karaa Daawitiin salphisuun dubbatee, akkasumas isaa fi namoota isaatiif nyaata kennuu didee ture; yeroo kanatti Daawit baayʼee waan aareef, Naabaalii fi dhiirota mana isaa keessa jiran hundumaa ajjeesuuf murteesse. Haa taʼu malee, haati manaa Naabaal Abigaayil ishiin dubartii gaarii fi obsa qabeettii taate, Daawitiin dhiiga dhangalaasuu irraa oolchiteetti. (1 Sam. 25:9-22, 32-35) Daawit aariidhaan kakaʼee Naabaalii fi dhiironni isaa hundi akka ajjeefaman murteessee ture. Booda immoo, namichi fakkeenya Naataan irratti ibsame ajjeefamuu akka qabu dubbateera. Daawit inni nama garraamii taʼe namicha hoolaa hate irratti gara jabinaan murtii akkasii dabarsuun isaa baayʼee nu ajaaʼibsiisuu dandaʼa. Mee Daawit yeroo sanatti haala akkamii keessa akka ture haa ilaallu. Yeroo sanatti, Daawit sammuun isaa isa ceephaʼaa ture. Namni tokko warra kaan irratti gara jabinaan murtii kan dabarsu yoo taʼe, karaa hafuuraa haala gaarii irra akka hin jirre argisiisa. w21.10 12 key. 17-18; 13 key. 20

Kibxata, Adoolessa 18

Ani qulqulluu waanan taʼeef, isinis qulqulloota taʼaa.—1 Phe. 1:16.

Yaada caqasa guyyaa harʼaa kana irraa akka hubannutti, fakkeenya Yihowaa isa hundumaa caalaa qulqulluu taʼee hordofuu ni dandeenya. Wanta hojjennuun qulqulloota taʼuu qabna. Mudaa waan qabnuuf, qulqulloota taʼuu akka hin dandeenye yaanna taʼa. Pheexiros ergamaan iyyuu dogoggora tokko tokko kan raawwate taʼus, fakkeenyi isaa qulqulloota taʼuu akka dandeenyu nuuf mirkaneessa. Namoonni baayʼeen waaʼee nama qulqulluu taʼe tokkoo yommuu yaadan nama gammachuu hin qabnee fi uffata amantaa uffatu, akkasumas yeroo hundumaa amantii isaa irratti qofa xiyyeeffatutu gara sammuu isaaniitti dhufa. Garuu qulqulluu taʼuu jechuun akkas taʼuu jechuu miti. Yihowaan inni qulqulluu taʼe “Waaqa gammadaa” akka taʼetti ibsameera. (1 Xim. 1:11) Sabni isa waaqeffatus “gammadaa” akka taʼetti ibsameera. (Far. 144:15) Yesuus namoota uffata addaa uffatanii fi gocha qajeelummaa isaanii namoota duratti argisiifatan balaaleffateera. (Mat. 6:1; Mar. 12:38) Kiristiyaanonni dhugaan wanta Kitaabni Qulqulluun barsiisu irraa qulqulluu taʼuu jechuun maal jechuu akka taʼe hubataniiru. Waaqni keenya inni jaalala qabeessa taʼe wanta gochuu hin dandeenye matumaa akka nu hin ajajne mirkanaaʼoo dha. w21.12 2 key. 1, 3

Roobii, Adoolessa 19

Waaqa kee Yihowaa garaa kee guutuudhaan . . . jaalladhu.—Mar. 12:30.

Waaqayyo gaarummaadhaan wantoota hedduu nuuf kenneera, wantoota guguddaa inni nuuf kenne keessaa tokko dandeettii isa waaqeffachuuf qabnu dha. ‘Ajajawwan isaa eeguudhaan’ akka isa jaallannu argisiisna. (1 Yoh. 5:3) Ajajawwan Yihowaan akka eegnu barbaadu keessaa tokko, ajaja Yesuus namoota cuuphuudhaan barattoota akka goonu nuuf kenne dha. (Mat. 28:19) Yesuus akka wal jaallannus nu ajajeera. (Yoh. 13:35) Yihowaan namoota ajajamoo taʼan maatii waaqeffattoota isaa addunyaa maratti argamutti ni simata. (Far. 15:1, 2) Warra kaanitti jaalala argisiisi. Amalli Yihowaa inni guddaan jaalala dha. (1 Yoh. 4:8) Yihowaan jaalala kan nutti argisiise isa beekuu keenya dura dha. (1 Yoh. 4:9, 10) Yommuu jaalala warra kaanitti argisiisnu fakkeenya isaa hordofna. (Efe. 5:1) Karaan namootatti jaalala argisiisuu itti dandeenyu inni guddaan, utuu yeroon hin darbin waaʼee Yihowaa akka baratan isaan gargaaruu dha. (Mat. 9:36-38) Yommuu isaan gargaarru immoo, wanta maatii Waaqayyoo taʼuuf isaan barbaachisu ni beeku. w21.08 5-6 key. 13-14

Kamisa, Adoolessa 20

[Kana] caalaa, eenyu iyyuu jaalala guddaa qabaachuu hin dandaʼu.—Yoh. 15:13.

Yesuus Yihowaadhaaf jaalala guddaa qaba; jaalalli isaa kun Abbaa isaatiifis taʼe nuuf jecha aarsaa akka kaffalu isa kakaaseera. (Yoh. 14:31) Yesuus yeroo lafa irra jiraachaa turetti namoota hammam akka jaallatu argisiiseera. Namoonni tokko tokko kan isa morman taʼus, guyyaa hunda jaalalaa fi gara laafina argisiiseera. Karaan namoota akka jaallatu itti argisiise inni guddaan immoo waaʼee Mootummaa Waaqayyoo isaan barsiisuudhaani. (Luq. 4:43, 44) Kana malees, Yesuus harka cubbamootaa irratti duʼa suukanneessaa duʼuuf of dhiheessuudhaan Waaqayyoo fi namootaaf jaalala ofittummaa irraa walaba taʼe akka qabu argisiiseera. Kana gochuudhaan hundi keenya bara baraaf akka jiraannu karaa nuuf baneera. Nutis Abbaa keenya isa samii waan jaallannuuf isaaf of murteessinee cuuphamneerra. Kanaafuu, akkuma Yesuus akkaataa itti namoota qabnuun jaalala Yihowaadhaaf qabnu argisiisuu qabna. Yohaannis ergamaan, “Namni obboleessa isaa isa ijaan argu hin jaallanne, Waaqayyo isa ijaan hin argine jaallachuu hin dandaʼu” jedhee barreesseera.—1 Yoh. 4:20. w22.03 10 key. 8-9

Jimaata, Adoolessa 21

Kan deddeebitan akka warra ogummaa hin qabneetti utuu hin taʼin, akka warra ogeeyyiitti taʼuu isaa of eeggannoodhaan hubadhaa; . . . yeroo keessan akka gaariitti itti fayyadamaa.—Efe. 5:15, 16.

Yihowaa wajjin yeroo dabarsuun kan nu gammachiisu taʼus, kana gochuun yeroo hunda salphaa miti. Hojiin waan nutti baayʼatuuf, yeroo sochiiwwan hafuuraa irratti hirmaannu qabaachuun nutti ulfaachuu dandaʼa. Hojiin, itti gaafatamummaan maatii fi wantoonni barbaachisoon kaan yeroo baayʼee waan nu jalaa fudhataniif, kadhachuuf, qoʼachuuf ykn xiinxaluuf yeroo akka hin qabne nutti dhagaʼama taʼa. Wanti yeroo keenya nu jalaa fudhatu kan biraanis jira. Yoo of eeggachuu baanne sochiiwwan dogoggora hin taane tokko tokko yeroo Yihowaatti dhihaachuuf itti fayyadamuu dandeenyu nu jalaa fudhachuu dandaʼu. Mee bashannana akka fakkeenyaatti haa ilaallu. Bashannanuun barbaachisaa akka taʼe beekamaa dha. Taʼus, bashannanni gaariin illee yeroo sochiiwwan hafuuraa irratti dabarsinu nu jalaa saamuu dandaʼa. Wanti hundumaa caalaa barbaachisaa taʼe bashannana akka hin taane yaadachuu qabna.—Fak. 25:27; 1 Xim. 4:8. w22.01 26 key. 2-3

Sanbadduraa, Adoolessa 22

Namni biyya ormaa isinii wajjin jiraatu akkuma lammii biyyattii isiniif haa taʼu; isin akka ofii keessaniitti isa jaalladhaa.—Lew. 19:34.

Yihowaan Israaʼelonni nama akka jaallatan yommuu ajaju, namoota sanyii ykn lammii isaanii taʼan qofa jaallachuu akka qaban ibsuu isaa hin turre. Namoota biyya ormaa isaan gidduu jiranis akka jaallatan isaanitti himameera. Yaanni kun Leewwota 19:33, 34 irratti balʼinaan ibsameera. Namni biyya ormaa ‘akkuma lammii biyyattiitti’ ilaalamuu qaba ture; Israaʼelonni ‘akka ofii isaaniitti akka isa jaallatan’ ajajamaniiru. Fakkeenyaaf, Israaʼelonni namni biyya ormaa fi namni hiyyeessa taʼe qophii qaarmii funaannachuu irraa akka fayyadamu heyyamuu qabu turan. (Lew. 19:9, 10) Dhugaan buʼuuraa namoota biyya ormaa akka jaallannu dubbatu Kiristiyaanota yeroo harʼaa jiraniifis ni hojjeta. (Luq. 10:30-37) Akkamitti? Godaantonni miliyoonaan lakkaaʼaman kan jiran yeroo taʼu, tarii muraasni isaanii naannoo keenya jiraatu taʼa. Dhiirota, dubartootaa fi ijoollee kana kabajuu qabna. w21.12 12 key. 16

Dilbata, Adoolessa 23

Warri Yihowaa barbaaddatan . . . wanti gaariin tokko illee isaanitti hin hirʼatu.—Far. 34:10.

Yeroo ammaatti qajeelfama nu barbaachisu akka nuuf kennu Yihowaatti kan amanamnu taanaan, gara fuulduraatti nu oolchuuf dandeettii akka qabu caalaatti amanannaa ni qabaanna. Walgaʼii aanaa ykn walgaʼii naannoo irratti argamuuf heyyama akka nuuf kennu ykn walgaʼiiwwan gumii hundumaa irratti hirmaachuu fi tajaajila irratti saʼaatii dabalataa dabarsuuf sagantaa hojii akka nuuf sirreessu hogganaa keenya gaafachuun, amantii fi fedhii qabaachuu gaafata. Tarii hogganaan keenya gaaffii keenya fudhachuu diduudhaan hojii irraa nu ariʼuu dandaʼa. Yihowaan matumaa akka nu hin dhiisne ykn nu hin gatne, akkasumas yeroo hundumaa wanta jireenyaaf nu barbaachisu akka nuuf guutu amantii qabnaa? (Ibr. 13:5) Obboloonni tajaajila yeroo guutuu keessa jiran hedduun Yihowaan yeroo gargaarsi isaan barbaachisutti akka isaan gargaaru muuxannoo isaanii irraa arganiiru. Yihowaan amanamaa dha. Yihowaan nuu wajjin waan jiruuf yeroo gara fuulduraa sababa itti sodaannu hin qabnu. Jireenya keenya keessatti fedhii isaatiif dursa hamma kenninetti inni matumaa nu hin dhiisu. w22.01 7 key. 16-17

Wiixata, Adoolessa 24

Isin namaaf utuu hin taʼin Yihowaadhaaf [murteessitu].—2 Sen. 19:6.

Amantiin jaarsolii irratti qabnu kan qoramu akkamitti taʼuu dandaʼa? Namni gumiidhaa baafame sun michuu nutti dhihaatu taʼuu dandaʼa; tarii jaarsoliin ragaa jiru hunda hin ilaalle jennee yaaddofna taʼa. Yookiin immoo dhimmicha irratti murtii kan kennan karaa Yihowaan barbaaduun taʼuu isaa shakkina taʼa. Murtii isaan dabarsaniif ilaalcha sirrii qabaachuuf maaltu nu gargaaruu dandaʼa? Qophiin gumiidhaa baasuu qophii Yihowaan godhe akka taʼee fi gumichas taʼe nama balleessaa hojjete sana akka fayyadu yaadachuun keenya gaarii dha. Namni cubbuu hojjetee yaada hin geddaranne tokko gumii keessa akka turu yoo isaaf heyyamame warra kaan irratti dhiibbaa gadhee gochuu dandaʼa. (Gal. 5:9) Kana malees, namni sun cubbuun isaa hammam cimaa akka taʼe hubachuu dhiisuu, akkasumas Yihowaa biratti fudhatama argachuuf ilaalcha isaa fi gocha isaa irratti sirreeffama gochuuf kakaʼumsa qabaachuu dhiisuu dandaʼa. (Lal. 8:11) Jaarsoliin namni tokko gumiidhaa akka baafamu yommuu murteessan itti gaafatamummaa isaanii kana salphisanii akka hin ilaalle mirkanaaʼoo taʼuu dandeenya. w22.02 5-6 key. 13-14

Kibxata, Adoolessa 25

Shomboqqoo buruqfame hin cabsu, foʼaa ibsaa aarus hin dhaamsu.—Mat. 12:20.

Keessumaa yeroo namni tokko gorsa Kitaaba Qulqulluu isaaf kenname fudhachuu didu obsaa fi gaarummaa qabaachuun baayʼee barbaachisaa dha. Jaarsi tokko namni gorfame sun gorsa sana yoo dafee hojii irra oolchuu baate aaruu hin qabu. Kanaafuu, jaarsi sun Yihowaan nama gorfame sana akka eebbisu, akkasumas sababa gorsi itti isaaf kenname hubachuu fi hojii irra oolchuuf akka isa gargaaru kadhachuufii dandaʼa. Obboleessi gorsi isaaf kennames gorsa sana irratti yaaduuf yeroon isa barbaachisa taʼa. Jaarsi sun obsaa fi gaarummaa kan argisiisu yoo taʼe, namni gorsi isaaf kenname akkaataa itti gorsi isaaf kenname irratti utuu hin taʼin, ergaa isaa irratti xiyyeeffachuu dandaʼa. Gorsi kennamu yeroo hundumaa Dubbii Waaqayyoo irratti hundaaʼuu akka qabu beekamaa dha. Galmi keenya gorsa buʼa qabeessa taʼe kennuu qofa utuu hin taʼin, gorsa ‘garaa namaa gammachiisu’ kennuus akka taʼe yaadadhu.—Fak. 27:9. w22.02 18 key. 17; 19 key. 19

Roobii, Adoolessa 26

Abdiin turu garaa nama dhukkubsa.—Fak. 13:12.

Tarii humna rakkina tokko ykn dadhabina tokko dandamachuuf nu barbaachisu erga kadhannee booda yeroo yaannetti dafnee deebii akka hin arganne nutti dhagaʼamuu dandaʼa. Haa taʼu malee, Yihowaan kadhannaa keenya hundaaf yeruma sana deebii kan hin kennine maaliifi? Kadhannaan garaadhaa dhiheessinu amantii isa irratti qabnu kan argisiisu akka taʼetti yaada. (Ibr. 11:6) Yihowaan carraaqqii kadhannaa keenyaa wajjin haala wal simuun jiraachuu fi fedhii isaa raawwachuuf goonu arguu ni barbaada. (1 Yoh. 3:22) Kanaafuu, yommuu amala gaarii hin taane tokko ykn dadhabina tokko moʼuuf yaallutti obsa qabaachuu fi kadhannaa keenyaa wajjin haala wal simuun tarkaanfii fudhachuun keenya barbaachisaa dha. Yesuus kadhannaawwan keenya tokko tokko yeruma sana deebii akka hin arganne dubbateera. Akkana jedheera: “Kadhachuu keessan itti fufaa, isiniif ni kennama; barbaaduu keessan itti fufaa, ni argattu; balbala rurrukutuu keessan itti fufaa, isiniif ni banama; kan kadhatu hundi ni kennamaaf, kan barbaadu hundi ni argata, kan balbala rurrukutu hundis isaaf ni banama.”—Mat. 7:7, 8. w21.08 8 key. 1; 10 key. 9-10

Kamisa, Adoolessa 27

Seera kee baayʼee nan jaalladha! Guyyaa guutuu isa irratti nan yaada.—Far. 119:97.

Amantii Uumaa irratti qabdu cimsachuuf Dubbii Waaqayyoo qoʼachuu kee itti fufuu qabda. (Iya. 1:8) Raajiiwwan Kitaaba Qulqulluu raawwii isaanii kan argatan akkamitti akka taʼee fi wantoonni barreessitoonni Kitaaba Qulqulluu barreessan kan wal siman akkamitti akka taʼe hubadhu. Akkana yoo goote kan nu uumee fi Kitaaba Qulqulluu kan nuuf barreessise Uumaa jaalala qabeessaa fi ogeessa akka taʼe amantii qabdu cimsatta. (2 Xim. 3:14; 2 Phe. 1:21) Dubbii Waaqayyoo yeroo qoʼattu, gorsi isaa hammam faayidaa qabeessa akka taʼe yaadi. Fakkeenyaaf, Kitaabni Qulqulluun waggoota hedduu dura, maallaqa jaallachuun baayʼee akka nama miidhuu fi “dhiphina hedduu” akka namatti fidu dubbateera. (1 Xim. 6:9, 10; Fak. 28:20; Mat. 6:24) Kanaafuu, Kitaabni Qulqulluun maallaqa jaallachuu irraa akka of qusannu nu gorsuun isaa sirrii dha! Gorsa Kitaaba Qulqulluu si fayyade kan biraa caqasuu ni dandeessaa? Hammuma gorsa Kitaaba Qulqulluu irratti xiinxalaa deemne, hammasuma amantiin gorsa Uumaan keenya inni jaalala qabeessa taʼe nuuf kennu irratti qabnus cimaa deema. (Yaq. 1:5) Kun immoo, jireenyi keenya caalaatti gammachiisaa akka taʼu godha.—Isa. 48:17, 18. w21.08 17-18 key. 12-13

Jimaata, Adoolessa 28

Waaqayyo jalʼaa miti; inni hojii keessan, akkasumas . . . jaalala maqaa isaatiif argisiistan hin irraanfatu.—Ibr. 6:10.

Maanguddoo yoo taatan, Yihowaan hojii kanaan dura raawwattan matumaa akka hin irraanfanne mirkanaaʼoo taʼaa. Hojii lallabaa irratti hinaaffaadhaan hirmaattu. Haalawwan baayʼee isin gaddisiisan dabalatee rakkoowwan garaa garaa dandamattaniittu, ulaagaalee Kitaaba Qulqulluu eegdaniittu, itti gaafatamummaa guguddaa raawwattaniittu, warra kaanis leenjistaniittu. Jaarmiyaa Yihowaa isa saffisa qabuu wajjin qixxee deemuuf wanta isiniif dandaʼame hunda gootaniittu. Warra tajaajila yeroo guutuu keessa jiran deggertaniittu, akkasumas jajjabeessitaniittu. Yihowaan amanamoo waan taataniif baayʼee isin jaallata. Inni ‘warra isaaf amanamoo taʼan akka hin gatne’ waadaa galeera. (Far. 37:28) Waadaa, “Hamma harrii baastanittis isinan baadha” jedhus isiniif galeera. (Isa. 46:4) Kanaafuu, ‘Waanan dulloomeef kana booda jaarmiyaa Yihowaa keessatti iddoo hin qabu’ jettanii hin yaadinaa. Jaarmiyicha keessatti iddoo guddaa qabdu! w21.09 3 key. 4

Sanbadduraa, Adoolessa 29

[Yihowaan] warra isa sodaatanitti gara laafina argisiiseera.—Far. 103:13.

Yihowaan gara laafina kan argisiisu ogummaa guddaa waan qabuufi. Kitaabni Qulqulluun, “ogummaan inni ol gubbaadhaa dhufu . . . gara laafinaa fi firii gaariidhaan kan guutame” akka taʼe dubbata. (Yaq. 3:17) Yihowaan akkuma abbaa jaalala qabeessa tokkoo gara laafina argisiisuun isaa ijoollee isaa akka fayyadu beeka. (Isa. 49:15) Cubbuu kan dhaalan taʼus, gara laafinni Yihowaa yeroo gara fuulduraa ilaalchisee abdii akka qabaatan godha. Kanaafuu, ogummaan Yihowaa inni daangaa hin qabne yeroo sababa gaʼaa argatutti gara laafina argisiisuuf isa kakaasa. Taʼus, Yihowaan gara laafina argisiisuu kan qabu yoom akka taʼe beeka. Ogeessa waan taʼef, yeroo dogoggorri raawwatamutti gara laafinaan dogoggora sana calluma jedhee bira hin darbu. Fakkeenyaaf, tajaajilaan Waaqayyoo tokko jireenya addaggummaa jiraachuuf murteesse haa jennu. Yeroo kanatti maal gochuu qabna? Phaawulos hafuura qulqulluudhaan geggeeffamee, ‘michummaa nama sanaa wajjin qabnu akka dhiisnu’ nu gorseera. (1 Qor. 5:11) Namoonni yaada isaanii hin geddaranne gumiidhaa ni baafamu. Obbolootaa fi obboleettota keenya balaa irraa eeguuf, akkasumas ulaagaa Yihowaa hordofuuf tarkaanfii akkasii fudhachuun barbaachisaa dha. w21.10 9-10 key. 7-8

Dilbata, Adoolessa 30

Waaqayyo nama gammachuudhaan kennu [jaallata].—2 Qor. 9:7.

Yeroo buusii gochuudhaan hojii Mootummichaa deggerru Yihowaa waaqeffachaa jirra. Israaʼelonni harka duwwaa Yihowaa duratti dhihaachuu hin qaban turan. (Kes. 16:16) Akkuma humna isaaniitti kennaa fidanii dhufuu qabu turan. Kana gochuudhaan qophii hafuuraa isaaniif godhame hundumaaf dinqisiifannaa akka qaban argisiisu. Nutoo Yihowaadhaaf jaalala akka qabnuu fi qophii hafuuraa nuuf godhameef dinqisiifannaa akka qabnu argisiisuu kan dandeenyu akkamitti? Karaan kana itti goonu keessaa tokko akkuma humna keenyaatti gumii keenyaafis taʼe hojii addunyaa maraatiif deggersa maallaqaa gochuu dha. Phaawulos ergamaan, “Jalqaba fedhiin yoo jiraate, kennaan nama tokkoo keessumaa fudhatama kan argatu, hamma qabuun yoo kenne malee, hamma hin qabneen yoo kenne miti” jedheera. (2 Qor. 8:4, 12) Hammi isaa hammam iyyuu yoo taʼe, Yihowaan buusii garaadhaa kakaanee goonu ni dinqisiifata.—Mar. 12:42-44. w22.03 24 key. 13

Wiixata, Adoolessa 31

Warra dhiphatan akka jajjabeessitan, warra dadhaban akka deggertan, hundumaattis obsa akka argisiistan isin gorsina.—1 Tas. 5:14.

Jaarsoliin rakkoowwan saba Yihowaa mudatan hunda balleessuu akka hin dandeenye beekamaa dha. Taʼus, Yihowaan jaarsoliin hoolota isaa jajjabeessuu fi eeguuf wanta isaaniif dandaʼame hunda akka godhan barbaada. Maarree, jaarsoliin hojiin isaanitti baayʼatu, obboloota isaaniitiif gargaarsa barbaachisu gochuuf yeroo argachuu kan dandaʼan akkamitti? Fakkeenya Phaawulos ergamaa hordofaa. Phaawulos obboloota isaa galateeffachuu fi jajjabeessuuf carraa barbaada ture. Jaarsoliinis saba Yihowaa jaalalaan qabuudhaan fakkeenya isaa hordofuun isaanii gaarii dha. (1 Tas. 2:7) Phaawulos obboloota isaa akka jaalatuu fi Yihowaanis akka isaan jaalatu isaaniif mirkaneesseera. (2 Qor. 2:4; Efe. 2:4, 5) Phaawulos obboloota gumii keessa jiranii wajjin yeroo dabarsuudhaan akka michoota isaatti akka isaan ilaalu argisiiseera. Wanta isa sodaachisuu fi dadhabina isaa ifatti dubbachuudhaan akka isaan amanu argisiiseera. (2 Qor. 7:5; 1 Xim. 1:15) Haa taʼu malee, Phaawulos rakkoowwan isa mudatan irratti hin xiyyeeffanne. Kanaa mannaa, obboloota isaa gargaaruu barbaada ture. w22.03 28 key. 9-10

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi