LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • es23 ful. 77-87
  • Hagayya

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Hagayya
  • Kitaaba Qulqulluu Guyyaa Guyyaan Qoruu—2023
  • Mata Dureewwan Xixiqqaa
  • Kibxata, Hagayya 1
  • Roobii, Hagayya 2
  • Kamisa, Hagayya 3
  • Jimaata, Hagayya 4
  • Sanbadduraa, Hagayya 5
  • Dilbata, Hagayya 6
  • Wiixata, Hagayya 7
  • Kibxata, Hagayya 8
  • Roobii, Hagayya 9
  • Kamisa, Hagayya 10
  • Jimaata, Hagayya 11
  • Sanbadduraa, Hagayya 12
  • Dilbata, Hagayya 13
  • Wiixata, Hagayya 14
  • Kibxata, Hagayya 15
  • Roobii, Hagayya 16
  • Kamisa, Hagayya 17
  • Jimaata, Hagayya 18
  • Sanbadduraa, Hagayya 19
  • Dilbata, Hagayya 20
  • Wiixata, Hagayya 21
  • Kibxata, Hagayya 22
  • Roobii, Hagayya 23
  • Kamisa, Hagayya 24
  • Jimaata, Hagayya 25
  • Sanbadduraa, Hagayya 26
  • Dilbata, Hagayya 27
  • Wiixata, Hagayya 28
  • Kibxata, Hagayya 29
  • Roobii, Hagayya 30
  • Kamisa, Hagayya 31
Kitaaba Qulqulluu Guyyaa Guyyaan Qoruu—2023
es23 ful. 77-87

Hagayya

Kibxata, Hagayya 1

Yaa Abbaa . . . dhiifama isaaniif godhi.—Luq. 23:34.

Yesuus waaʼee loltoota Roomaa harka isaa fi miila isaa mismaaraan rukutanii jechuu isaa taʼuu hin oolu. Yesuus jalʼinni haqaa isa irratti raawwatame akka isa aarsuu fi dhiifama gochuu akka isa dhowwu hin heyyamne. (1 Phe. 2:23) Nutis akkuma Yesuus warra kaaniif dhiifama gochuuf fedhii qabaachuu nu barbaachisa. (Qol. 3:13) Firoota keenya dabalatee, namoonni tokko tokko waaʼee amantii keenyaa fi akkaataa jireenyaa keenya waan hin hubanneef nu mormu taʼa. Waaʼee keenya soba dubbachuu, warra kaan fuulduratti nu salphisuu, barreeffamoota keenya balleessuu ykn miidhaa qaamaa akka nu irraan geessisan illee nu doorsisuu dandaʼu. Isaanitti haaloo qabachuu mannaa, Yihowaan namoonni nu morman sun dhugaa fudhachuuf akka isaan gargaaru isaaniif kadhachuu dandeenya. (Mat. 5:44, 45) Yeroo tokko tokko keessumaa jalʼinni haqaa guddaan yoo nu irratti raawwatame dhiifama gochuun nutti ulfaata taʼa. Taʼus, aaruu fi haaloo qabachuu keenya kan itti fufnu yoo taʼe of miina. (Far. 37:8) Dhiifama gochuuf yommuu murteessinu, wanti nu irra gaʼe akka aarretti akka itti fufnu akka nu taasisu heyyamuu dhiisuuf filachaa jirra jechuu dha.—Efe. 4:31, 32. w21.04 8-9 key. 3-4

Roobii, Hagayya 2

Isaan . . . siʼa meeqa isa gaddisiisan!—Far. 78:40.

Namni jaallattu tokko gumiidhaa baafameeraa? Haalli akkasii baayʼee nama gaddisiisa! Yihowaan yeroo maleekonni miseensota maatii isaa taʼan isa dhiisanitti hammam gaddee taʼuu akka dandaʼu mee yaadi! (Yih. 6) Sabni isaa warri inni baayʼee jaallatu, jechuunis sabni Israaʼel yeroo irra deddeebiʼanii isa irratti fincilanitti baayʼee gaddee ture. (Far. 78:41) Abbaan keenya inni jaalala qabeessa taʼe yommuu namni jaallattu tokko dhugaa dhiisus baayʼee akka gaddu mirkanaaʼaa taʼi. Inni gadda sitti dhagaʼamu ni hubata. Gara laafinaan kakaʼee jajjabina siif kenna; deggersa si barbaachisus siif godha. Yeroo baayʼee warri ilmi isaanii ykn intalli isaanii yeroo Yihowaa dhiisan ijoolleen isaanii dhugaa keessa jiraachuu isaanii akka itti fufaniif wanta isaan irraa eegamu hundumaa akka hin goone isaanitti dhagaʼama. Obboleessi tokko akkana jedheera: “Of ceephaʼaan ture. Abjuu keessa illee waaʼee isaa baayʼeen dhiphadha ture.” Obboleettiin haalli akkasii ishii mudate tokkos, “‘Tarii akka haadhaatti wanta na irraa eegamu hin goonee laata?ʼ jedheen yaada. Ilmi koo Yihowaa akka jaallatu sirriitti akkan hin barsiisne natti dhagaʼama” jetteetti. w21.09 26 key. 1-2, 4

Kamisa, Hagayya 3

[Isaan] namoota hin barannee fi iddoo guddaa hin qabne akka taʼan hubatan.—HoE. 4:13.

Sabni Waaqayyoo mana barumsaa amantii beekamaa taʼe irraa waan hin eebbifamneef namoonni tokko tokko Kitaaba Qulqulluu barsiisuu akka hin dandeenye isaanitti dhagaʼama. Taʼus waaʼee dhimma tokkoo dhugaa jiru qoruun isaan barbaachisa. Barreessaan Wangeelaa Luqaas akkas gochuuf carraaqqii godheera. ‘Wanta hunda jalqabaa kaasee of eeggannoodhaan qoruuf’ carraaqqii guddaa godhee ture. Namoonni ergaa isaa dubbisan wanta waaʼee Yesuus dhagaʼan ‘baʼeessa godhanii akka beekan’ barbaadee ture. (Luq. 1:1-4) Yihudoonni Beriyaa durii keessa jiraatanis akkuma Luqaas turan. Misiraachoon waaʼee Yesuus jalqaba yommuu isaanitti himamu wanti dhagaʼan dhugaa taʼuu isaa mirkaneessuuf Kitaabota Qulqulluu afaan Ibrootaa qoranii turan. (HoE. 17:11) Haaluma wal fakkaatuun, namoonni yeroo harʼaa jiranis dhugaa jiru qoruu qabu. Wanta sabni Waaqayyoo isaan barsiisan wanta Kitaabni Qulqulluun jedhuu wajjin wal bira qabanii ilaaluu qabu. Seenaa Dhugaa Baatota Yihowaa ammayyaas qorachuu qabu. Dhugaa jiru sirriitti yoo mirkaneeffatan jibbi halaalaa ykn oduun dhagaʼan akka isaan burjaajessu hin heyyaman. w21.05 3 key. 7-8

Jimaata, Hagayya 4

Garaa keessan balʼisaa banaa.—2 Qor. 6:13.

Gumii keessan keessa namni mana keetti affeeruu dandeessu jiraa? Yeroon obboloonni keenya isaanii wajjin yeroo dabarsuu keenyatti baayʼee itti gammadan jiraachuu dandaʼa. Tokko tokko firoonni isaanii Dhugaa Baatota Yihowaa hin taane ayyaana yeroo kabajanitti mana ooluun isaanitti ulfaachuu dandaʼa. Kaan immoo guyyoota tokko tokkotti, keessumaa guyyaa nama jaallatan duʼaan dhabanitti baayʼee gaddu. Obbolootaa fi obboleettota haala akkasii keessatti argaman nuu wajjin yeroo akka dabarsan yommuu isaan affeerru ‘garaadhaa akka isaaniif yaannu’ argisiisna. (Filp. 2:20) Kiristiyaanni tokko darbee darbee sababa garaa garaatiin kophummaan itti dhagaʼamuu dandaʼa. Taʼus Yihowaan miira akkasii guutummaatti akka hubatu matumaa dagachuu hin qabnu. Yeroo baayʼee wanta nu barbaachisu nuuf kennuuf obbolootaa fi obboleettota keenyatti fayyadama. (Mat. 12:48-50) Nutis maatii hafuuraa keenya deggeruuf wanta dandeenyu hunda yeroo goonu, qophii Yihowaan jaalalaan nuuf godheef dinqisiifannaa akka qabnu argisiisna. Yeroo tokko tokko kophummaan nutti dhagaʼamus Yihowaan yeroo hundumaa nuu wajjin waan jiruuf matumaa kophaa keenya miti! w21.06 13 key. 18-20

Sanbadduraa, Hagayya 5

Namoota addunyaa gidduutti amala gaarii qabaadhaa; kunis isaan akka isin dogoggora hojjettan godhanii yommuu isin himatan, hojii keessan isa gaarii arganii . . . ulfina akka [Waaqayyoof] kennaniifi.—1 Phe. 2:12.

Yesuus namoonni tokko tokko ergaa isaa dhaggeeffachuu kan hin barbaanne taʼan illee, ilaalcha sirrii qabaachuu fi lallabuu isaa itti fufeera. Maaliif? Namoonni dhugaan hangam akka isaan barbaachisu beeka, akkasumas hanga dandaʼame namoonni hedduun ergaa Mootummichaa fudhachuuf carraa akka argatan gargaaruu barbaada ture. Kana malees namoonni tokko tokko jalqaba irratti fedhii kan hin qabne yoo taʼan illee, yeroo booda fedhii qabaachuu akka dandaʼan beekee ture. Mee wantuma maatii isaa keessatti taʼe haa ilaallu. Tajaajila waggaa sadii fi walakkaaf raawwate keessatti obboloota isaa keessaa tokko illee barataa isaa hin taane. (Yoh. 7:5) Taʼus erga inni duʼaa kaʼee booda Kiristiyaanota taʼaniiru. (HoE. 1:14) Dhugaa Kitaaba Qulqulluu nuti barsiisnu yeroo booda eenyu akka fudhatu hin beeknu. Namoonni tokko tokko dhugaa barachuuf warra kaan caalaa yeroo isaanitti fudhata. Namoonni nu dhaggeeffachuu hin barbaanne illee, amalaa fi ilaalcha gaarii nuti qabnu hubachuu fi yeroo booda ‘Waaqa keenyaaf ulfina kennuu’ jalqabuu dandaʼu. w21.05 18-19 key. 17-18

Dilbata, Hagayya 6

Yommuu [dhaqxan], “Mootummaan samii dhihaateera!” jedhaa lallabaa.—Mat. 10:7.

Yesuus yeroo lafa irra turetti, duuka buutonni isaa hojii kutaa lama qabu akka hojjetan isaan ajajeera. Misiraachoo Mootummichaa akka lallaban isaanitti hime; kana gochuu kan dandaʼan akkamitti akka taʼes isaanitti argisiiseera. (Luq. 8:1) Fakkeenyaaf, namoonni ergaa Mootummichaa hin fudhannee fi namoonni ergaa kana fudhatan yeroo isaan mudatanitti maal gochuu akka qaban barattoota isaatti himeera. (Luq. 9:2-5) Kana malees, saboota hundumaatiif akka lallabamu dubbachuudhaan duuka buutonni isaa namoota baayʼeedhaaf, akkasumas bakkawwan hedduutti akka lallaban ibseera. (Mat. 24:14; HoE. 1:8) Kana malees, Yesuus namoota barattoota isaa taʼuu barbaadan wanta inni ajaje hunda akka eegan akka isaan barsiisan duuka buutota isaatti himeera. Yesuus hojiin baayʼee barbaachisaa taʼe kun hanga bara keenyaatti, jechuunis “hanga dhuma sirna kanaatti” akka itti fufu dubbateera. (Mat. 28:18-20) Mulʼata Yohaannisitti argisiise irrattis, barattoonni isaa hundi namoonni kaan waaʼee Yihowaa akka baratan gargaaruun isaanii barbaachisaa akka taʼe ibseera.—Mul. 22:17. w21.07 2-3 key. 3-4

Wiixata, Hagayya 7

Egaa wal morkii kakaasuu fi walitti hinaafuudhaan of tuuluu haa dhiisnu.—Gal. 5:26.

Namoonni addunyaa yeroo harʼaatti argamu keessa jiraatan hedduun ofittummaadhaan kakaʼanii wal morkatu. Fakkeenyaaf, daldalaan tokko daldaltoota kaan caalaa milkaaʼina argachuu waan barbaaduuf, wanta namoota kaan irratti miidhaa geessisu raawwachuu dandaʼa. Atleetiin tokko tapha ispoortii irratti injifannoo argachuuf jecha, taʼe jedhee atleetii garee biraa keessa jiru miidhuu dandaʼa. Barataan Yuunivarsitii beekamaa taʼe keessaatti barachuu barbaadu tokko immoo qormaata biyyoolessaa hatuu dandaʼa. Nuti garuu Kiristiyaanota waan taaneef amalli akkasii dogoggora akka taʼe beekna; amalli akkasii kutaa “hojiiwwan foonii” ti. (Gal. 5:19-21) Haa taʼu malee, tajaajiltoonni Yihowaa tokko tokko utuu isaanitti hin beekamin wal morkii kakaasuu dandaʼuu? Miirri wal morkii akkasii gumicha waan qoqqooduuf gaaffii kana irratti yaaduun keenya barbaachisaa dha. Kanaafuu, waaʼee dhiirotaa fi dubartoota amanamoo bara duriitti turanii fi wal morkii keessa galuu irraa of qusataniis ilaaluun keenya gaarii dha. w21.07 14 key. 1-2

Kibxata, Hagayya 8

Namni rakkataadhaaf yaadu gammadaa dha; Yihowaan guyyaa rakkinaatti isa ni oolcha.—Far. 41:1.

Jaalalli amanamaan namoota dhiphatan gargaaruuf nu kakaasa. Obboloonni keenya garraamii taʼanii fi yeroo harʼaatti argaman obboloota keenya gaddanii fi abdii kutatanitti maxxanuuf fedhii qabu. Obbolootaa fi obboleettota isaanii waan jaallataniif, wanta dandaʼan hundumaan isaan gargaaruuf hawwii guddaa qabu. (Fak. 12:25, milj.; 24:10) Phaawulos ergamaanis kanuma akka goonu nu jajjabeesse; “Warra dhiphatan akka jajjabeessitan, warra dadhaban akka deggertan, hundumaattis obsa akka argisiistan isin gorsina” jedheera. (1 Tas. 5:14) Obbolootaa fi obboleettota abdii kutatan jajjabeessuuf isaan dhaggeeffachuu fi akka isaan jaallannu akka beekan gochuun keenya yeroo baayʼee buʼaa guddaa argamsiisa. Yihowaan wanta ati tajaajilaa isaa isa jaallatamaa gargaaruuf gooteef iddoo guddaa kenna. Fakkeenyi 19:17, “Namni rakkataatti gaarummaa argisiisu Yihowaadhaaf liqeessa, innis wanta inni godheef gatii isaa isaaf ni deebisa” jedha. w21.11 10 key. 11-12

Roobii, Hagayya 9

Yihowaan gaarii taʼuu isaa dhandhamaa ilaalaa; namni isatti kooluu galu gammadaa dha.—Far. 34:8.

Yeroo gara fuulduraatiif qophaaʼuuf amma maal gochuu dandeenya? Wanta qabnutti gammannee jiraachuu fi hundumaa caalaa michummaa Yihowaa wajjin qabnutti gammaduun nu barbaachisa. Waaqa keenya caalaatti yeroo beekaa deemnu, yeroo Goog inni biyya Maagoog haleellaa banutti nu eeguuf dandeettii akka qabu caalaatti amanannaa qabaanna. Yaanni caqasa guyyaa harʼaa irra jiru Daawit gargaarsa Yihowaan isaaf godhutti kan amaname maaliif akka taʼe ibsa. Daawit yeroo baayʼee Yihowaatti ni amanama, innis isa hin qaanessine. Daawit yeroo dargaggeessa turettii fi Goliyaad isa loltuu Filisxeemotaa guddaa fi cimaa taʼe loluuf baʼetti, “Harʼa Yihowaan harka kootti dabarsee si kenna” isaan jedheera. (1 Sam. 17:46) Yeroo booda, Daawit Saaʼol Mooticha tajaajiluu kan jalqabe yeroo taʼu, innis isa ajjeesuuf irra deddeebiʼee yaalii godheera. Taʼus, “Yihowaan Daawitii wajjin ture.” (1 Sam. 18:12) Daawit sana dura gargaarsa Yihowaa jireenya isaa keessatti waan argeef, yeroo rakkisaa kanattis akka isa gargaaru isatti amanamuu dandaʼeera. w22.01 6 key. 14-15

Kamisa, Hagayya 10

Ilmaan Waaqayyoo [hundi] gammachuudhaan . . . iyyan.—Iyo. 38:7.

Yihowaan namni tokko jijjiirama isa barbaachisu hundumaa godhee hamma xumurutti obsaan ni eega. Kanas kan godhu ulfina maqaa isaatii fi faayidaa warra kaaniitiif jedhee ti. Mee Yihowaan lafa ilmaan namootaatiif suutuma suutaan kan qopheesse akkamitti akka taʼe akka fakkeenyaatti haa ilaallu. Kitaabni Qulqulluun “safartuu isaa” akka kaaʼe, “miiloowwan isaa” akka dhaabe, akkasumas “dhagaa golee isaa” akka kaaʼe dubbateera. (Iyo. 38:5, 6) Wanta hojjete irratti yeroo fudhatee illee yaadeera. (Uma. 1:10, 12) Mee Yihowaan wantoota uume suutuma suuta bareechaa yeroo deemetti wanta maleekotatti dhagaʼame tilmaami! Baayʼee gammadanii akka turan hin shakkisiisu. ‘Gammachuudhaan kan iyyanis’ kanaafi. Kana irraa maal baranna? Yihowaan uumamawwan isaa hundumaa uumee xumuruuf waggoota kuma hedduu isatti fudhateera; taʼus Yihowaan, wantoota of eeggannoodhaan uume hundumaa irra deebiʼee yommuu ilaalu, “baayʼee gaarii” taʼuu isaanii arge.—Uma. 1:31. w21.08 9 key. 6-7

Jimaata, Hagayya 11

Garbicha gaarii fi amanamaa nana, baʼeessa goote!—Mat. 25:23.

Namichi fakkeenya Yesuus dubbate irratti ibsame biyya fagoo deemuuf jedha ture. Deemuu isaa dura garuu, garboota isaa waamee tokkoon tokkoon isaaniitiif taalaantii ittiin daldalan isaaniif kenne. Dandeettii isaanii tilmaama keessa galchuudhaan isa jalqabaatiif taalaantii shan, isa lammaffaatiif taalaantii lama, isa sadaffaatiif immoo taalaantii tokko kenne. Garboonni jalqabaa lamaan jabaatanii hojjetaniiru. Garbichi inni sadaffaan garuu maallaqa sanaan homaa waan hin hojjenneef, gooftaan isaa hojii isaa irraa isa ariʼe. Garbichi inni jalqabaa fi inni lammaffaan itti gaafatamummaa gooftaan isaanii isaaniif kenneef iddoo guddaa kennaniiru; akkasumas gooftaa isaanii tajaajiluuf jabaatanii hojjetaniiru. Kanaafuu, taalaantii gooftaa isaa dachaadhaan buufataniiru. Garboonni kun jabaatanii waan hojjetaniif gooftaan isaanii isaan badhaaseera. Gooftaan isaanii baayʼee kan isaanitti gammade taʼuu isaa irra iyyuu, itti gaafatamummaa dabalataa isaaniif kenneera! w21.08 21 key. 7; 22 key. 9-10

Sanbadduraa, Hagayya 12

Al tokko dabalee samiiwwanii fi lafa . . . nan sochoosa.—Hag. 2:6.

Yihowaan guyyoota dhumaa kanatti obsa guddaa argisiisaa jira. Inni namni tokko illee akka badu hin barbaadu. (2 Phe. 3:9) Namni kam iyyuu yaada jijjiirratee akka isa tajaajilu carraa isaaf kenneera. Taʼus, obsi isaa daangaa qaba. Namoonni carraa kana of dabarsan, haala Faraʼoon isa bara Museetti turee wajjin wal fakkaatutu isaan irra gaʼa. Yihowaan Faraʼooniin akkana jedhee ture: “Amma ani harka koo diriirsee sii fi saba kee dhaʼicha guddaadhaan rukutuu nan dandaʼan ture; atis lafa irraa haxaaʼamtee ni balleeffamta turte. Haa taʼu malee, ati lubbuudhaan akka jiraattu kanan godhe, humna koo sitti argisiisuuf, akkasumas maqaan koo guutummaa lafaa irratti akka labsamu gochuufi.” (Bau. 9:15, 16) Dhuma irratti saboonni hundi Waaqni dhugaan Yihowaa qofa taʼuu isaa ni hubatu. (His. 38:23) Sochiin caqasa guyyaa harʼaa irratti ibsame namoota akka Faraʼoon mirga Yihowaan bulchuuf qabu fudhachuu didan bara baraaf ni balleessa. w21.09 18-19 key. 17-18

Dilbata, Hagayya 13

Warra gammadanii wajjin gammadaa; warra booʼanii wajjin booʼaa.—Rom. 12:15.

Namni jaallattu tokko gumiitii baafamuu isaatiin gadditee jirtaa? Obboloonni gumii keessa jiran tokko tokko wanta si miidhu yoo dubbatan hoo maal gochuu dandeessa? Namni hundi yeroo hunda wanta sirrii dubbata jennee yaaduu hin qabnu. (Yaq. 3:2) Hundi keenya iyyuu cubbuu waan dhaalleef, namni tokko waan jedhu wallaaluu ykn utuu hin beekin wanta si miidhu dubbachuu dandaʼa. Gorsa Phaawulos, “Namni tokko sababii . . . itti komatu yoo qabaate illee, wal dandaʼuu fi tola waliif dhiisuu keessan itti fufaa” jechuudhaan kenne yaadadhu. (Qol. 3:13) Miseensota maatii nama gumiidhaa baafame qaban deggeruu keessan itti fufaa. Yeroo kam iyyuu caalaa jaalallii fi jajjabinni keessan kan isaan barbaachisu amma. (Ibr. 10:24, 25) Yeroo tokko tokko miseensonni maatii nama gumiidhaa baafame qaban, obboloonni gumii keessa jiran isaan irraas akka fagaatan isaanitti dhagaʼama. Miirri akkasii akka isaanitti dhagaʼamu hin godhinaa! Keessumaa dargaggoota warri isaanii dhugaa dhiisan galateeffachuu fi jajjabeessuu qabna. w21.09 29 key. 13-14; 30 key. 16

Wiixata, Hagayya 14

Namni ogeessi ni dhagaʼa, barumsa dabalataas ni argata.—Fak. 1:5.

Maanguddoonnii fi dargaggoonni yeroo waliin haasaʼan lamaan isaanii iyyuu ni fayyadamu. (Rom. 1:12) Dargaggoonni Yihowaan tajaajiltoota isaa amanamoo taʼan akka kunuunsu caalaatti mirkanaaʼoo taʼu; maanguddoonni immoo, ulfina akka argatan isaanitti dhagaʼama. Maanguddoonni Yihowaan hammam akka isaan eebbise dargaggootatti himuun isaan gammachiisa. Yeroo umuriin keenya dabalaa deemu miidhaginni bifa keenyaa badaa deema; namoonni Yihowaadhaaf amanamoo taʼan garuu, yommuu umuriin isaanii dabalaa deemu miidhaginni isaaniis isa biratti caalaatti dabalaa deema. (1 Tas. 1:2, 3) Akkas kan jennu maaliifi? Umurii isaanii keessatti hafuurri Yihowaa akka isaan sirreessuu fi akka isaan haaressu heyyamaniiru. Obbolootaa fi obboleettota keenya maanguddoo taʼan yommuu caalaatti beekaa, isaan kabajaa fi isaan irraa barachaa deemnu caalaatti gatii guddaa akka qabanitti isaan ilaalaa deemna! Gumiin tokko kan cimu yommuu dargaggoonni maanguddootaaf iddoo guddaa kennanitti qofa utuu hin taʼin, yeroo maanguddoonnis dargaggootaaf iddoo guddaa kennanitti dha. w21.09 7 key. 15-18

Kibxata, Hagayya 15

Akka isinitti hin murteeffamneef warra kaanitti murteessuu dhiisaa; sababiin isaas, murtiin namoota irratti murteessitan isin irratti ni murteeffama.—Mat. 7:1, 2.

Gara jabina irraa fagaachuudhaan akkuma Waaqa keenyaa ‘gara laafina guddaa’ argisiisuuf carraaquu qabna. (Efe. 2:4) Gara laafessa taʼuun warra kaaniif gadduu caalaa wanta dabalatu qaba. Namoonni warra kaaniif garaa laafan isaan gargaaruuf tarkaanfii fudhatu. Kanaafuu, hundi keenya iyyuu maatii, gumii fi hawaasa keenya keessaa namni gargaarsi isa barbaachisu eenyu akka taʼe yaaduu ni dandeenya. Yoo akkas goone carraa gara laafina itti argisiisnu hedduu akka argannu hin shakkisiisu! Namni jajjabinni isa barbaachisu jiraa? Nyaata isaaf qopheessuu ykn wanta akka isaaf yaaddan argisiisu tokko gochuudhaan gargaarsa qabatamaa isaaf gochuu ni dandeenyaa? Kiristiyaanni gara gumiitti deebiʼe tokko michuun isa jajjabeessu isa barbaachisaa laata? Misiraachoo nama jajjabeessu warra kaanitti himuu ni dandeenyaa? (Iyo. 29:12, 13; Rom. 10:14, 15; Yaq. 1:27) Xiyyeeffannaa kan kenninu taanaan, carraa gara laafina itti argisiisuu dandeenyu hedduu akka qabnu ni hubanna. Yeroo warra kaanitti gara laafina argisiisnu Abbaan keenya inni samii inni “gara laafinni isaa guddaa” taʼe baayʼee nutti gammada! w21.10 13 key. 20-22

Roobii, Hagayya 16

Yihowaan tiksee koo ti. Homtuu natti hin hirʼatu.—Far. 23:1.

Faarfannaa 23 irratti, Daawit wantoota faayidaa dhugaa argamsiisan caqaseera; isaan keessaa tokko eebbaawwan hafuuraa Yihowaa akka Tiksee isaatti ilaaluudhaan argate dha. Yihowaan “daandii qajeelummaa irra” isa geggeesseera, akkasumas yeroo gaariittis taʼe yeroo hamaatti amanamummaadhaan isa deggereera. Daawit jireenyi “kaloo lalisaa” Yihowaan qopheesse keessa jiraatu rakkina irraa walaba akka hin taane hubateera. Yeroo tokko tokko abdii kutachuu isaatiin kan kaʼe akka waan “sulula dukkanaaʼaa keessa” deemaa jiruuttii isatti dhagaʼameera; diinotas qaba ture. Taʼus, Daawit Yihowaan Tiksee isaa waan taʼeef, “miidhaan na irra gaʼa jedhee hin [sodaatu].” ‘Wanti gaariin tokko illee Daawititti kan hin hirʼanne’ akkamitti? Daawit karaa hafuuraa wanta isa barbaachisu hundumaa qaba ture. Gammachuun isaa kan hundaaʼe qabeenya irratti hin turre. Qophii Yihowaatti gammadee jiraateera. Jireenya isaa keessatti iddoo guddaa kan kennu eebbaa fi eegumsa Waaqayyo irraa argatuuf ture. Yaada Daawit dubbate irraa qabeenyaaf ilaalcha madaalamaa qabaachuun keenya baayʼee barbaachisaa akka taʼe hubanna. w22.01 3-4 key. 5-7

Kamisa, Hagayya 17

Namni hundi akkuma hojii isaatti badhaasa isaa ni fudhata.—1 Qor. 3:8.

Tajaajiltoonni Yihowaa bara durii turanis namoonni ergaa isaaniitiif deebii gaarii hin kennine isaan mudatu turan. Fakkeenyaaf, Noh waggoota hedduudhaaf ‘qajeelummaa lallabaa’ ture. (2 Phe. 2:5) Namoonni ergaa isaa akka fudhatan eegee akka ture hin shakkisiisu. Taʼus, Yihowaan kun akka taʼu hin dubbanne. Kanaa mannaa, yeroo Noh doonii akka ijaaru qajeelfama isaaf kennetti, “Ati doonichatti seeni; ilmaan kee, haati manaa tee fi haadhotiin manaa ilmaan keetiis sii wajjin achi keessa haa seenan” isaan jedhee ture. (Uma. 6:18) Noh yeroo Yihowaan dooniin inni hojjetu guddinni isaa hammam akka taʼu isatti himetti namoonni baayʼeen ergaa isaa akka hin fudhanne tilmaamee taʼuu dandaʼa; sababiin isaas, dooniin inni ijaaru qabachuu kan dandaʼu namoota muraasa qofa ture. (Uma. 6:15) Akkuma beeknu, addunyaa hamaa sana keessaa namni ergaa Noh lallabaa ture fudhate tokko illee hin turre. (Uma. 7:7) Maarree, Yihowaan Nohiin nama hin milkoofne akka taʼetti lakkaaʼeeraa? Matumaa! Noh wanta Yihowaan isa ajaje hundumaa amanamummaadhaan waan raawwateef, Waaqayyo akka nama milkaaʼetti isa ilaaleera.—Uma. 6:22. w21.10 26 key. 10-11

Jimaata, Hagayya 18

Yommuun asii baʼetti guutuun ture; Yihowaan garuu harka duwwaa akkan deebiʼu na godhe.—Rut. 1:21.

Naaʼomiin jechoota kana yeroo dubbattu Ruutitti wanta dhagaʼamee taʼuu dandaʼu mee yaadaa! Ruut Naaʼomii gargaaruuf wanta ishiidhaaf dandaʼame hundumaa gooteetti. Ishii wajjin boosseetti, ishii jajjabeessiteetti, guyyoota hedduudhaafis ishii wajjin imalteetti. Kana hunda gootus, Naaʼomiin garuu, “Yihowaan harka duwwaa akkan deebiʼu na godhe” jetteetti. Wanti Naaʼomiin utuma Ruut ishii dhageessuu dubbatte carraaqqii ishiin ishii gargaaruuf gochaa turteef iddoo akka hin kennine kan argisiisu fakkaata. Kun Ruutiin gaddisiisee taʼuu hin oolu. Taʼus, Naaʼomiitti maxxanuu ishii itti fufteetti. (Rut. 1:3-18) Yeroo harʼaatti, obboleettiin dhiphatte takka ishii gargaaruuf wanta dandeenye hunda kan goone taʼus, jalqaba irratti wanta nu miidhu dubbachuu dandeessi. Taʼus, hin mufannu. Obboleettii keenya gargaarsi ishii barbaachisutti ni maxxanna, ishii jajjabeessuuf akka nu gargaaruufis Yihowaa ni kadhanna. (Fak. 17:17) Obboleettiin gargaarsi ishii barbaachisu takka jalqaba irratti gargaarsa keenya fudhachuu diddi taʼa. Taʼus, jaalalli amanamaan ishiitti maxxanuuf wanta nuuf dandaʼame hunda gochuuf nu kakaasa.—Gal. 6:2. w21.11 11 key. 17-19

Sanbadduraa, Hagayya 19

Wanta hojjettan hundumaatiin qulqulloota taʼaa.—1 Phe. 1:15.

Kitaaba Qulqulluu keessatti jechoonni, “qulqulluu” fi “qulqullummaa” jedhan adda durummaadhaan karaa naamusaa fi karaa amantaa qulqulluu taʼuu argisiisu. Jechoonni kun Waaqayyoon tajaajiluuf adda baafamus argisiisuu dandaʼu. Karaa kan biraatiin, naamusa qulqulluu yoo qabaanne, karaa fudhatama qabuun Yihowaa kan waaqeffannu yoo taʼee fi isaa wajjin michummaa cimaa yoo qabaanne qulqulloota jedhamuu dandeenya. Keessumaa Kitaabni Qulqulluun waaʼee qulqullummaa Yihowaa maal akka dubbatu yeroo hubannu, Waaqni keenya inni guutummaatti qulqulluu taʼe nuu wajjin michummaa cimaa qabaachuu barbaaduun isaa baayʼee nu ajaaʼiba! Yihowaan karaa hundumaatiin qulqulluu dha. Kanas wanta suraafelonni, jechuunis maleekonni teessoo Yihowaatti dhihoo jiran dubbatan irraa ifatti hubanna. Isaan keessaa tokko tokko, “Qulqulluu, qulqulluu, qulqulluu dha Yihowaan Gooftaan Raayyaa” jechuudhaan labsaniiru. (Isa. 6:3) Maleekonni kun Waaqa isaanii isa qulqulluu taʼee wajjin michummaa cimaa qabaachuuf, ofii isaaniitii qulqulloota taʼuu akka qaban ifa dha, qulqulloota dhas. w21.12 3 key. 4-5

Dilbata, Hagayya 20

Kan deddeebitan akka warra ogummaa hin qabneetti utuu hin taʼin, akka warra ogeeyyiitti taʼuu isaa of eeggannoodhaan hubadhaa; . . . yeroo keessan akka gaariitti itti fayyadamaa.—Efe. 5:15, 16.

Dargaggoonni yeroo baayʼeen jireenya hunda irra wayyu jiraachuu kan dandaʼan akkamitti akka taʼe beekuu barbaadu. Barsiisonni isaanii fi miseensonni maatii Dhugaa Baatota Yihowaa hin taane hojii galii gaarii isaaniif argamsiisu argachuuf yunivarsiitii galuu akka qaban isaan jajjabeessu taʼa. Yunivarsiitii galanii barachuun yeroo hedduu isaan jalaa fudhata. Karaa biraatiin immoo, warri isaanii fi obboloonni gumii keessa jiran, jireenya isaanii Yihowaa tajaajiluuf akka itti fayyadaman isaan jajjabeessu. Dargaggeessi Yihowaa jaallatu tokko murtoo gaarii gochuuf maaltu isa gargaara? Efesoon 5:15-17 dubbisee irratti xiinxaluun isaa isa fayyada. Caqasa kana erga dubbisee booda akkana jedhee of gaafachuu dandaʼa: ‘“Fedhiin Yihowaa” maali dha? Murtoo akkamiitu isa gammachiisa? Murtoon yeroo kootti akka gaariitti fayyadamuuf na gargaaru isa kami?’ “Guyyoonni kun hamoo” akka taʼanii fi sirni Seexanni bulchu dhiheenyatti akka badu yaadadhu. w22.01 27 key. 5

Wiixata, Hagayya 21

Obboloonni isaa illee isatti hin amanne turan.—Yoh. 7:5.

Yaaqoob duuka buutuu Yesuus kan taʼe yoomi? Yesuus erga duʼaa kaʼee booda, “Yaaqoobitti, achiis ergamoota hundatti mulʼate.” (1 Qor. 15:7) Sana booda jireenyi Yaaqoob ni jijjiirame. Yeroo ergamoonni Yerusaalem keessa kutaa fooqii irra jiru tokko keessa taaʼanii hafuura qulqulluu eeggachaa turanitti innis achi ture. (HoE. 1:13, 14) Boodas Yaaqoob miseensa qaama ol aanaa jaarraa jalqabaa taʼee tajaajiluuf mirga argateera. (HoE. 15:6, 13-22; Gal. 2:9) Kana malees, Dh.K.B. bara 62 dura hafuura qulqulluudhaan geggeeffamee Kiristiyaanota dibamoodhaaf xalayaa barreesseera. Abdiin keenya samii irra jiraachuus taʼe lafa irra jiraachuu, yeroo harʼaatti xalayaa isaa kana irraa faayidaa ni arganna. (Yaq. 1:1) Barreessaa seenaa Yihudootaa jaarraa jalqabaa kan taʼe Joosefas akka barreessetti, Yaaqoob ajaja Anaaniyaas ilma Haannaas isa luba ol aanaa Yihudootaa taʼeen ajjeefameera. Yaaqoob hamma xumura jireenya isaa isa lafa irraatti amanamummaadhaan Yihowaa tajaajileera. w22.01 8 key. 3; 9 key. 5

Kibxata, Hagayya 22

Yaa Waaqa koo, yaa Waaqa koo, maaliif na dhiiste?—Mat. 27:46.

Wanti caqasa guyyaa harʼaa irraa barannu Yihowaan haalawwan rakkisoo amantii keenya qoran irraa akka nu oolchu eeguu akka hin qabne dha. Akkuma Yesuus hamma duʼaatti qorame, nutis barbaachisaa yoo taʼe hamma duʼaatti amanamoo taʼuuf qophaaʼuu qabna. (Mat. 16:24, 25) Haa taʼu malee, Waaqayyo hamma baachuu dandeenyu caalaa akka qoramnu akka hin heyyamne mirkanaaʼoo taʼuu dandeenya. (1 Qor. 10:13) Lammaffaa, balleessaa qabaachuu baannus akkuma Yesuus dhiphachuu akka dandeenyu baranna. (1 Phe. 2:19, 20) Namoonni nu morman kan nu ariʼatan balleessaa waan raawwanneef utuu hin taʼin, kutaa addunyaa waan hin taanee fi dhugaa waan lallabnuufi. (Yoh. 17:14; 1 Phe. 4:15, 16) Yesuus, Yihowaan akka inni dhiphatu kan heyyame maaliif akka taʼe hubatee ture. Haa taʼu malee, yeroo tokko tokko tajaajiltoonni Yihowaa amanamoon rakkina keessa jiran, Yihowaan wantoonni tokko tokko akka isaan irra gaʼan kan heyyame maaliif akka taʼe gaafatu. (An. 1:3) Waaqni keenya inni araara qabeessaa fi obsa qabeessa taʼe namoonni akkasii amantii akka dhabanitti hin yaadu. Kanaa mannaa, jajjabina inni qofti kennuu dandaʼu akka isaan barbaachisu beeka.—2 Qor. 1:3, 4. w21.04 11 key. 9-10

Roobii, Hagayya 23

Kadhannaan koo si duratti akkuma ixaana qopheeffamee . . . naaf haa taʼu.—Far. 141:2.

Yihowaan kaayyoo isaa wajjin kan wal simu, akkasumas jaalalaa fi ulfinaan kan isaaf dhiheessinu yoo taʼe waaqeffannaa keenya ni fudhata. Waaqeffatamuun kan isaaf malu akka taʼe beekna; waaqeffannaa keenyas qulqullina guddaadhaan isaaf dhiheessuu barbaanna. Karaa Yihowaa itti waaqeffannu keessaa tokko gara isaatti kadhannaa dhiheessuu dha. Kitaabni Qulqulluun kadhannaa keenya ixaana of eeggannaadhaan qophaaʼee fi godoo qulqulluu keessatti, yeroo booda immoo mana qulqullummaa keessatti dhihaachaa turee wajjin wal fakkeessa. Ixaanni sun Waaqayyoon kan gammachiisu dha. Haaluma walfakkaatuun jechoota sasalphaatti kan fayyadamnu taʼus, kadhannaan keenya inni garaadhaa madde “isa gammachiisa.” (Fak. 15:8; Kes. 33:10) Yihowaan jaalalaa fi kabaja isaaf qabnu yeroo ibsinu dhagaʼuun isa gammachiisa. Wanta nu yaaddessu, wanta abdannuu fi wanta hawwinu akka isatti himnu barbaada. Gara Yihowaatti kadhannaa dhiheessuu kee dura wantoota kadhannaa kee irratti caqastu irratti yaaduun kee gaarii dha. Kana gochuudhaan Abbaa kee isa samiitiif “aarsaa ixaanaa” isa gammachiisu dhiheessuu dandeessa. w22.03 20 key. 2; 21 key. 7

Kamisa, Hagayya 24

Isin warri rakkinni irra gaʼe, Gooftaan keenya Yesuus yeroo maleekota isaa humna guddaa qabanii wajjin samii irraa mulʼatu nuu wajjin boqonnaa isiniif kenna.—2 Tas. 1:7.

Armaagedoonitti namoota araara Yihowaa argatanii fi hin arganne kan murteessu nu miti. (Mat. 25:34, 41, 46) Maarree, murtii Yihowaan kennutti ni amanamna moo murtiin inni dabarsu gufuu nutti taʼa? Dhuguma iyyuu, gara fuulduraatti Yihowaatti guutummaatti amanamuuf yeroo ammaatti amanannaa isa irratti qabnu cimsachuun keenya baayʼee barbaachisaa dha. Addunyaa haaraa keessatti miirri akkamii akka nutti dhagaʼamu mee yaadi! Amantaan sobaa, sirni daldalaa sassataan guutamee fi sirni siyaasaa waggoota hedduudhaaf namoota cunqursaa fi dhiphisaa ture hin jiraatan. Dhibeen fayyaa, dullumnii fi nama jaallatan duʼaan dhabuun kutaa jireenya keenyaa hin taʼu. Seexannii fi jinniiwwan waggaa kuma tokkoof ni hidhamu. Yeroo sanatti miidhaan fincila isaaniitiin kan kaʼe gaʼes hin jiraatu. (Mul. 20:2, 3) Yeroo sanatti, Yihowaan yeroo hundumaa wanta sirrii akka raawwatu amanuu keenyatti baayʼee gammanna. w22.02 6-7 key. 16-17

Jimaata, Hagayya 25

Warri nagaa uuman gammadoo dha.—Mat. 5:9.

Yesuus nagaa uumuuf dursa fudhateera, akkasumas warri kaan walitti buʼiinsa isaanii akka furan jajjabeesseera. Yihowaan waaqeffannaa isaanii akka fudhatu yoo barbaadan obboloota isaanii wajjin nagaa uumuu akka qaban isaan barsiiseera. (Mat. 5:23, 24) Kana malees, isaan keessaa hundumaa irra kan caalu eenyu akka taʼe wal falmuu isaanii akka dhiisan irra deddeebiʼee ergamoota isaa gargaareera. (Luq. 9:46-48; 22:24-27) Nama nagaa uumu taʼuuf walitti buʼiinsi akka hin uumamne gochuu caalaa wanta dabalataa gochuu qabna. Nagaa uumuuf dursa fudhachuu fi obboloonnii fi obboleettonni keenya walitti buʼiinsa isaanii akka furan jajjabeessuu qabna. (Filp. 4:2, 3; Yaq. 3:17, 18) Akkana jennee of gaafachuu dandeenya: ‘Warra kaanii wajjin nagaa uumuuf aarsaa kaffaluuf fedhii qabaa? Obboleessi ykn obboleettiin tokko miira koo yoo miidhan haaloo nan qabadhaa? Namni kan biraan dursa fudhatee hamma nagaa uumuttin eega moo, balleessaa koo akka hin taane yoo natti dhagaʼame illee, nama sanaa wajjin nagaa uumuufan carraaqa?’ w22.03 10 key. 10-11

Sanbadduraa, Hagayya 26

Fudhachuu irra kennuutu caalaatti nama gammachiisa.—HoE. 20:35.

Yeroo dheeraa dura Kitaabni Qulqulluun sabni Waaqayyoo qajeelfama Yesuus hordofuudhaan Yihowaa tajaajiluuf ‘fedhiidhaan akka of dhiheessan’ raajii dubbateera. (Far. 110:3) Raajiin kun yeroo harʼaatti guutummaatti raawwatamaa jira. Waggaa waggaadhaan tajaajiltoonni Yihowaa hinaaffaa qaban saʼaatii miliyoona dhibbaan lakkaaʼamu hojii lallabaa irratti dabarsu. Hojii kana irratti kan hirmaatan fedhiidhaan, akkasumas kaffaltii malee dha. Obboloota isaanii karaa qaamaa, karaa miiraa fi karaa hafuuraa gargaaruufis yeroo ni ramadu. Obboloonni muudaman immoo, kutaa gumii qophaaʼuu fi obboloota isaanii jajjabeessuuf saʼaatii hedduu dabarsu. Hojii kana hundumaa raawwachuuf maaltu isaan kakaasa? Jaalala Yihowaa fi namootaaf qabani dha. (Mat. 22:37-39) Yesuus fedhii ofii isaa caalaa kan warra kaaniitiif dursa kennuudhaan fakkeenya guddaa nuuf taʼa. Nutis faana isaa hordofuuf carraaqqii guddaa gochaa jirra. (Rom. 15:1-3) Namoonni fakkeenya isaa hordofan eebba hedduu argatu. w22.02 20 key. 1-2

Dilbata, Hagayya 27

Mindaa nama mindeeffamee hojjetu tokkoo hamma ganamaatti of bira hin bulchin.—Lew. 19:13.

Israaʼel keessatti namoonni baayʼeen hojii qonnaa hojjetu turan. Namoonni mindeeffamanii hojjetan immoo mindaa isaanii kan argatan guyyaa guyyaadhaan ture. Hojjetaa tokko mindaa isaa dhowwachuu jechuun soorata maatii isaatiif guyyaa sanatti barbaachisu dhowwachuu jechuu dha. Yihowaan sababii isaa yeroo ibsu, “Inni rakkataa waan taʼeef, akkasumas jireenyi isaa mindaa isaa irratti kan hundaaʼe waan taʼeef” jedheera. (Kes. 24:14, 15; Mat. 20:8) Yeroo harʼaatti namoonni mindeeffamanii hojjetan hedduun guyyaa guyyaadhaan utuu hin taʼin, jiʼatti al tokko ykn al lama isaaniif kaffalama. Haa taʼu malee, dhugaan buʼuuraa Leewwota 19:13 irratti argamu yeroo harʼaattis ni hojjeta. Namoonni mindeessanii hojjechiisan tokko tokko namoota hojjechiisaniif gatii isaaniif malu hin kaffalan. Hojjettoonni isaanii tarii filannaa kan biraa waan hin qabneef, mindaa gad aanaa akkasiitiin hojjechuu isaanii akka itti fufan beeku. Karaa kan biraatiin ‘nama hojjechiisan mindaa isaa dhowwachaa jiru.’ Kiristiyaanni namoota mindeessee hojjechiisu tokko dhimma kanaaf xiyyeeffannaa kennuu qaba. w21.12 10 key. 9-10

Wiixata, Hagayya 28

Nan dheebodhe.—Yoh. 19:28.

Yesuus rakkinni sun hundi erga isa irra gaʼee booda baayʼee dheebotee taʼuu qaba. Dheebuu baʼuuf gargaarsi isa barbaachisa ture. Yesuus miira isaa ibsuun mallattoo dadhabinaa akka taʼetti hin yaanne. Nutis akkasitti yaaduu hin qabnu. Jireenya keenya keessatti yeroo baayʼee wantoota nu barbaachisan warra kaanitti himuu dhiisuu filanna taʼa. Haa taʼu malee, yeroo gargaarsi nu barbaachisutti gargaarsa gaafachuu irraa duubatti jechuu hin qabnu. Fakkeenyaaf, sababii dullumaatiin ykn dhibee fayyaatiin kan kaʼe haalli keenya waan daangeffameef, michuun keenya tokko suuqiitti ykn mana yaalaatti akka nu geessu gaafachuu qabna taʼa. Yoo gaddine ykn abdii yoo kutanne immoo, jaarsi gumii ykn Kiristiyaanni bilchaataan tokko akka nu dhaggeeffatu ykn “dubbii gaarii” nama gammachiisu nutti himuudhaan akka nu jajjabeessu gaafachuun nu barbaachisa taʼa. (Fak. 12:25) Obboloonnii fi obboleettonni keenya akka nu jaallatanii fi ‘yeroo dhiphinaatti’ nu gargaaruu akka barbaadan yaadadhaa. (Fak. 17:17) Taʼus, keessa keenya beekuu hin dandaʼan. Nuti dursa fudhannee yoo dubbanne malee gargaarsi akka nu barbaachisu beekuu dhiisuu dandaʼu. w21.04 11-12 key. 11-12

Kibxata, Hagayya 29

Guyyaa dhiphinaatti yoo abdii kutatte, humni kee ni xiqqaata.—Fak. 24:10.

Baayʼeen keenya yeroo jijjiiramni nu mudatu haalli isaa nutti ulfaata. Obboloonni tajaajila yeroo guutuu addaa keessatti yeroo dheeraa tajaajilan tokko tokko ramaddiin isaanii jijjiirameera. Warri kaan immoo, umurii isaaniitiin kan kaʼe mirga jaallatan dhaabuun isaan barbaachiseera. Jijjiiramni akkasii yeroo nu mudatu gadduun waanuma jiru dha. Ilaalcha Yihowaan qabu qabaachuuf carraaqqii yoo goone jijjiiramatti baruun nuuf salphata. Yihowaan yeroo harʼaatti wantoota guguddaa raawwachaa jira; nutis isaa wajjin hojjechuuf mirga addaa arganneerra. (1 Qor. 3:9) ‘Jaalalli Yihowaan nuuf qabu yoom iyyuu hin jijjiiramu. Jijjiiramni jaarmiyicha keessatti godhamu tokko dhuunfaatti kan si tuqu yoo taʼe, yeroo hunda sababii jijjiiramni sun itti godhame yaaduudhaan yeroo kee hin gubin. ‘Guyyoota duraanii’ hawwuu mannaa, faayidaa jijjiiramni sun qabu hubachuuf akka si gargaaru Yihowaa kadhadhu. (Lal. 7:10) ‘Ilaalcha gaarii qabaadhu.’ Akkana yoo goone yeroo haalli keenya jijjiiramutti illee gammachuu keenya eeggachuu fi amanamoo taanee itti fufuu ni dandeenya. w22.03 17 key. 11-12

Roobii, Hagayya 30

Yihowaa, Yihowaa Waaqa . . . jaalala amanamaa kumaatamatti . . . argisiisu.—Bau. 34:6, 7.

Yihowaan jaalala amanamaa kan argisiisu eenyu faʼitti? Kitaabni Qulqulluun wantoota hedduu kan akka “hojii qonnaa,” “daadhii wayinii fi zayitii,” “adaba,” “beekumsa,” akkasumas “ogummaa” jiranii jaallachuu akka dandeenyu dubbata. (2 Sen. 26:10; Fak. 12:1; 21:17; 29:3) Haa taʼu malee, jaalalli amanamaan amala namootatti qofa argisiifamu dha malee, amala wantoota kaanitti argisiifamu miti. Taʼus, Yihowaan jaalala amanamaa kan argisiisu nama hundatti miti. Amala kana kan argisiisu warra isaa wajjin walitti dhufeenya addaa qabanitti dha. Waaqni keenya michoota isaatiif amanamaa dha. Kaayyoo adda taʼe isaaniif qaba, matumaas abdii isaanitti hin kutatu. Yihowaan ilmaan namootaa hundatti jaalala ni argisiisa. Yesuus Niqoodimosiin, “Isatti kan amanu hundi jireenya bara baraa akka qabaatuuf malee akka hin badneef, Waaqayyo Ilma isaa isa tokkicha hamma kennutti addunyaa baayʼee jaallateera” jedhee ture.—Yoh. 3:1, 16; Mat. 5:44, 45. w21.11 2 key. 3; 3 key. 6-7

Kamisa, Hagayya 31

Jabaattanii dhaabbachuudhaan lubbuu keessan ni oolfattu.—Luq. 21:19.

Jireenyi sirna kanaa baayʼee ulfaataa dha! Wantoonni gara fuulduraatti nu mudatan immoo isa ammaa caalaa ulfaatoo taʼuu dandaʼu. (Mat. 24:21) Yeroo rakkoowwan kun hundi itti darbanii fi irraanfataman, akkasumas matumaa deebiʼanii itti hin uumamne hawwiidhaan eegganna. (Isa. 65:16, 17) Kanaafuu, amala jabaatanii dhaabbachuu cimsachuu keenya itti fufuun nu barbaachisa. Kana gochuun kan nu barbaachisu maaliifi? Yesuus, “Jabaattanii dhaabbachuudhaan lubbuu keessan ni oolfattu” waan jedheefi. (Luq. 21:19) Waaʼee warra rakkoowwan nuu wajjin wal fakkaatan keessatti jabaatanii dhaabbatanii yaaduun keenya caalaatti jabaannee dhaabbachuuf nu gargaara. Jabaatanii dhaabbachuu irratti fakkeenya hunda irra caalu kan nuuf taʼu eenyu dha? Waaqa keenya Yihowaa dha. Deebiin kun si dinqisiiseeraa? Hamma irratti yaaddutti si dinqisiisuun isaa hin oolu. Addunyaa kana kan toʼatu Diyaabilos waan taʼeef, addunyaan kun rakkinaan guutamteetti. Yihowaan humna rakkoowwan kana yeroo kamitti iyyuu balleessuuf isa dandeessisu qaba. Taʼus hamma yeroon isaa gaʼutti obsaan eegaa jira. (Rom. 9:22) Waaqni keenya jabaatee dhaabbachuudhaan hamma yeroon murteeffame gaʼutti eeguu isaa itti fufa. w21.07 8 key. 2-4

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi