Fulbaana
Jimaata, Fulbaana 1
Samii irraa mallattoo akka isaanitti argisiisu isa gaafatan.—Mat. 16:1.
Namoonni bara Yesuus turan tokko tokko dandeettiin addaa Yesuus barsiisuu irratti qabu gaʼaa akka taʼe isaanitti hin dhagaʼamne. Kanaafuu, dinqii isaan gaafatan yommuu inni isaanitti argisiisuu dide ni gufatan. (Mat. 16:4) Kitaabni Qulqulluun maal jedha? Isaayyaas raajichi waaʼee Masiihii akkas jedheera: “Inni hin iyyu yookiin sagalee isaa ol hin kaasu, sagaleen isaa daandii irratti akka dhagaʼamus hin godhu.” (Isa. 42:1, 2) Yesuus tajaajila isaa kan raawwate xiyyeeffannaa utuu ofitti hin harkisin ture. Mana Qulqullummaa guddaa hin ijaarre, uffata amantii addaa hin uffanne ykn namoonni maqaa ulfinaa amantiitiin akka isa waaman hin barbaanne. Yeroo ajjeefamuuf murtiitti dhihaatee turetti illee, dinqii raawwachuudhaan Heroodis Mooticha ajaaʼibsiisuu dideera. (Luq. 23:8-11) Yesuus dinqiiwwan tokko tokko kan raawwate taʼus, xiyyeeffannaan isaa inni guddaan misiraachicha labsuu ture. Barattoota isaatiin, “ani kanaafan dhufe” jedheera.—Mar. 1:38. w21.05 4 key. 9-10
Sanbadduraa, Fulbaana 2
Jireenya bara baraa argachuu akka dandaʼaniif, si Waaqa dhugaa isa tokkichaa fi Yesuus Kiristoos isa ati ergite sana beekuu qabu.—Yoh. 17:3.
Nuti namoota “jireenya bara baraa argachuuf kakaʼumsa sirrii qaban” barbaanna. (HoE. 13:48) Namoonni barattoota akka taʼaniif wanta Kitaaba Qulqulluu irraa baratan (1) akka hubatan, (2) akka amananii fi (3) hojii irra akka oolchan gargaaruu qabna. (Qol. 2:6, 7; 1 Tas. 2:13) Obboloonni gumii keessa jiran hundi yommuu barattoonni Kitaaba Qulqulluu gumii irratti argamanitti jaalala isaanitti argisiisuu fi miira hoʼaadhaan isaan simachuudhaan fakkeenya isaaniif taʼuu dandaʼu. (Yoh. 13:35) Barsiisaan Kitaaba Qulqulluu tokko barataan isaa amantii fi barsiifatawwan isaa warra akka “dahoowwan jajjaboo” taʼan akka moʼuuf yeroo fi humna hedduu aarsaa gochuun isa barbaachisa taʼa. (2 Qor. 10:4, 5) Namni tokko jireenya isaa keessatti jijjiirama akkasii gochuudhaan galma cuuphamuuf baafate irra akka gaʼu gargaaruun jiʼoota hedduu nutti fudhachuu dandaʼa. Taʼus, carraaqqiin nuti goonu buʼaa guddaa argamsiisa. w21.07 3 key. 6
Dilbata, Fulbaana 3
Waan hundumaa qoraa mirkaneeffadhaa; wanta gaarii taʼe jabeessaa qabadhaa.—1 Tas. 5:21.
Wanti barsiisnu dhugaa taʼuu isaa fi waaqeffannaan Waaqayyo biratti fudhatama qabu waaqeffannaa Dhugaa Baatonni Yihowaa hordofan qofa akka taʼe guutummaatti ni amannaa? Phaawulos ergamaan dhugaa irratti amantii cimaa qaba ture. (1 Tas. 1:5) Amantiin isaa kun miira irratti kan hundaaʼe miti. Phaawulos Dubbii Waaqayyoo gadi fageenyaan qoʼata ture. “Kitaabonni Qulqulluun hundi geggeessaa hafuura Waaqayyootiin kan barreeffaman” akka taʼanis ni amana. (2 Xim. 3:16) Maarree, Dubbii Waaqayyoo qoruudhaan maal hubate? Kitaabota Qulqulluu keessaa ragaa geggeessitoonni amantaa Yihudii fudhachuu didanii fi Yesuus Masiihii abdachiifame taʼuu isaa ibsu argateera. Geggeessitoonni amantaa fakkeessitoota taʼan kun Waaqayyoon akka bakka buʼan kan dubbatan taʼus, hojii isaaniitiin isa gananiiru. (Tit. 1:16) Phaawulos garuu haala isaan irraa faallaa taʼeen Dubbii Waaqayyoo keessaa wanta itti amanuu fi wanta dhiisu hin filanne. Kanaa mannaa, “gorsa Waaqayyoo hunda” barsiisuu fi hojii irra oolchuuf qophaaʼaa ture.—HoE. 20:27, milj. w21.10 18 key. 1-2
Wiixata, Fulbaana 4
Abbaan inni na erge sun yoo isa harkise malee, namni kam iyyuu gara koo dhufuu hin dandaʼu.—Yoh. 6:44.
Nuti kan dhaabnuu fi bishaan kan obaasnu taʼus, kan guddisu Waaqayyo akka taʼe yaadachuu qabna. (1 Qor. 3:6, 7) Yihowaan lubbuu namootaa hunda gatii guddaa akka qabutti ilaala. Dhumni sirna kanaa dhufuu isaa dura saboota hundumaa keessaa namoota walitti qabuu irratti mirga Ilma isaa wajjin hojjechuu nuu kenneera. (Hag. 2:7) Hojiin lallabaa keenya hojii lubbuu baraaruu wajjin wal fakkeeffamuu dandaʼa. Nuti immoo lubbu baraartota, namoota boolla albuudaa keessatti qabaman baasuuf ergamnee wajjin wal fakkeeffamna. Lubbu baraartota keessaa namoota oolan kan argatan muraasa taʼanis, hojjettoonni hundi hojii barbaachisaa hojjetu. Sirna Seexanaa irraa amma iyyuu namoonni meeqa akka oolan hin beeknu. Taʼus, Yihowaan isaan gargaaruuf nu keessaa nama kamitti iyyuu fayyadamuu dandaʼa. Andireʼaas inni Booliiviyaa jiraatu akkas jedheera: “Nama dhugaa Kitaaba Qulqulluu baratee cuuphame hunda buʼaa namoota hedduu akka taʼettan ilaala.” Nutis tajaajila keenyaaf ilaalcha gaarii akkasii haa qabaannu. Yoo akkas goone Yihowaan nu eebbisa, tajaajilli keenyas madda gammachuu dhugaa nuuf taʼa. w21.05 19 key. 19-20
Kibxata, Fulbaana 5
Kiyyoo [Diyaabilos] keessaa [baʼaa].—2 Xim. 2:26.
Kaayyoon adamsituu tokkoo bineensa tokko qabuu ykn ajjeesuu dha. Akkuma namoota sobaan Iyyoobiin jajjabeessan keessaa inni tokko dubbate adamsituun kun kiyyoowwan garaa garaatti fayyadamuu dandaʼa. (Iyo. 18:8-10) Adamsituun tokko bineensa tokko kiyyeessuuf maal godha? Jalqaba waaʼee bineensa sanaa qorata. Eessa akka dhaqu, maal akka jaallatu, akkasumas kiyyoon salphaatti isa qabu isa kam akka taʼe ni qorata. Seexanni akkuma adamsituu kanaa ti. Innis waaʼee keenya ni qorata. Eessa akka dhaqnuu fi maaltu akka nu hawwatu xiyyeeffannaadhaan hordofa. Achiis yeroo nuti hin eegnetti kiyyoo isaan qabuu dandaʼa jedhee yaadu kaaʼa. Haa taʼu malee, Kitaabni Qulqulluun kiyyoo Seexanaatiin utuu qabamnee illee keessaa baʼuu akka dandeenyu nuuf mirkaneessa. Kiyyoosaatiin akka hin qabamneef dursinee of eeggachuu kan dandeenyu akkamitti akka taʼes nu barsiisa. Kiyyoowwan Seexanaa buʼa qabeeyyii taʼan lama kooraa fi sassata dha. Seexanni waggoota kumaan lakkaaʼamaniif amaloota kanatti fayyadamuu irratti milkaaʼina argateera. Inni akkuma nama simbira gowwoomsee kiyyoodhaan ykn saaphanaan qabuu ti. (Far. 91:3) Haa taʼu malee, kiyyoo Seexanaa jalaa miliquu ni dandeenya. Akkas kan jennu maaliifi? Sababni isaas, Yihowaan tooftaalee Seexanni itti fayyadamu waan nuuf ibseefi.—2 Qor. 2:11. w21.06 14 key. 1-2
Roobii, Fulbaana 6
Daandii qajeelummaa irra deemuudhaan yommuu argamu harriin gonfoo miidhaginaa ti.—Fak. 16:31.
Maanguddoonni amanamoon akkuma almaazii gatii guddaa qabuu ti. Dubbiin Waaqayyoo harrii maanguddoota kanaa gonfoo wajjin wal fakkeesseera. (Fak. 20:29) Haa taʼu malee, maanguddoonni kun gatii guddaa akka qaban hubachuu dhiisuu dandeenya. Dargaggoonni iddoo guddaa maanguddoonni qaban hubatan wanta qabeenya caalaa gatii guddaa qabu argatu. Maanguddoonni amanamoon Yihowaa biratti iddoo guddaa qabu. Inni namoota akkamii akka taʼan beeka, amalawwan gaggaarii qabanis ni dinqisiifata. Yihowaan maanguddoonni ogummaa yeroo dheeraadhaaf amanamummaadhaan isa tajaajiluudhaan argatan dargaggootaaf yeroo hiranitti ni gammada. (Iyo. 12:12; Fak. 1:1-4) Jabaatanii dhaabbachuu isaaniitiifis isaan dinqisiifata. (Mil. 3:16) Jireenyi isaanii rakkina irraa walaba taʼuu baatus, amantiin Yihowaa irratti qaban matumaa hin laafu. Abdiin isaanii isa yeroo dhugaa baratan irra amma caalaatti isaaniif dhugoomeera. “Bara dullumaatti illee” maqaa isaa beeksisuu isaanii waan itti fufaniif Yihowaan isaan jaallata.—Far. 92:12-15. w21.09 2 key. 2-3
Kamisa, Fulbaana 7
Namni hundi hojii ofii isaa haa qoru; achiis . . . waaʼee ofii isaa qofa waan ittiin gammadu argata.—Gal. 6:4.
Yeroo hundumaa of qoruun keenya gaarii dha. Akkana jennee of gaafachuu dandeenya: ‘Miirri gaariin kan natti dhagaʼamu yeroon warra kaan akkan caalu yaadutti qofa dhaa? Gumii keessatti jabaadhee kanan hojjedhu nama hundumaa, yoo xinnaate obboleessa ykn obboleettii tokko caaluu waanan barbaaduufi moo, Yihowaadhaaf wanta hunda irra caalu kennuu waanan barbaaduufi?’ Kitaabni Qulqulluun nama kan biraa wajjin wal bira of qabuu irraa akka fagaannu nu gorsa. Maaliif? Sababiin inni tokko, obboloota keenya akka caallu yoo nutti dhagaʼame kooruu waan dandeenyuufi. Sababiin kan biraan immoo, warri kaan akka nu caalaan yoo nutti dhagaʼame abdii kutachuu waan dandeenyuufi. (Rom. 12:3) Haa taʼu malee, Yihowaan gara isaatti kan nu harkise miidhagina, dandeettii dubbachuu ykn beekamtii waan qabnuuf utuu hin taʼin, isa jaallachuu fi Ilma isaa dhagaʼuuf fedhii waan qabnuuf akka taʼe yaadachuu qabna.—Yoh. 6:44; 1 Qor. 1:26-31. w21.07 14-15 key. 3-4
Jimaata, Fulbaana 8
Humna sammuu keessan hojjechiisuun haareffamuu keessan itti fufaa.—Efe. 4:23.
Humna sammuu keenyaa haaressuuf kadhachuu, dubbii Waaqayyoo qoʼachuu fi irratti xiinxaluu qabna. Wantoota kana gochuuf carraaqi; cimina akka siif kennuufis Yihowaa kadhadhu. Hafuurri qulqulluun Yihowaan siif kennu miira warra kaanii wajjin wal bira of qabuuf si kakaasu kamiyyuu moʼuuf si gargaara. Kana malees, Yihowaan hinaaffaan ykn koorri si keessa yoo jiraate, hubachuu akka dandeessuu fi daftee of keessaa baasuu akka dandeessu si gargaara. (2 Sen. 6:29, 30) Yihowaan garaa keenya beeka. Akkasumas qabsoo hafuura addunyaa fi cubbuu ofii keenyaa wajjin goonu nuuf hubata. Yihowaan qabsoo miirawwan gaarii hin taane akkasii wajjin gochaa jirru arguun isaa caalaatti nu jaallachuuf isa kakaasa. Yihowaan miira akkamii akka nuuf qabu ibsuuf hariiroo haadhaa fi daaʼima ishii gidduu jirutti fayyadameera. (Isa. 49:15) Yihowaan lubbuu guutuudhaan isa tajaajiluuf walʼaansoo gochaa akka jirru yeroo argu jaalala cimaa akkasii akka nuuf qabaatu beekuun keenya baayʼee nu jajjabeessa. w21.07 24-25 key. 17-19
Sanbadduraa, Fulbaana 9
Warra gammadanii wajjin gammadaa.—Rom. 12:15.
Nutis hojii tajaajila Yihowaa keessatti nuuf kennamu kam iyyuu ciminaan hojjechuudhaan gammachuun keenya akka dabalu gochuu ni dandeenya. Hojii lallabaatti ‘guutummaatti qabami,’ sochiiwwan gumii irrattis hirmaannaa guutuu godhi. (HoE. 18:5; Ibr. 10:24, 25) Walgaʼii irratti yaada nama jajjabeessu kennuu akka dandeessuuf wanta qoʼatamu akka gaariitti qophaaʼi. Kutaa barataa siif kennamu kam iyyuu akka gaariitti qophaaʼi. Gumii keessatti hojii tokko irratti gargaarsa akka gootu yoo gaafatamte hojii siif kenname yeroo isaatti xumuri, akkasumas amanamaa taʼi. Hojii siif kennamu kam iyyuu hin tuffatin. Dandeettii kee guddifachuuf carraaqqii godhi. (Fak. 22:29) Sochiiwwan hafuuraa irratti akka gaariitti kan hirmaattuu fi hojiiwwan siif kennaman ciminaan kan hojjettu yoo taʼe, saffisaan guddina hafuuraa goota, gammachuun kees ni dabala. (Gal. 6:4) Yeroo warri kaan mirga ati argachuu barbaaddu argatanitti isaanii wajjin gammaduunis sitti hin ulfaatu.—Gal. 5:26. w21.08 23 key. 11
Dilbata, Fulbaana 10
Ogummaan inni ol gubbaadhaa dhufu . . . hundumaa dura qulqulluu dha, achiis naga qabeessa, yaada ofiitti kan hin cichine, ajajamuuf kan qophaaʼe, gara laafinaa fi firii gaariidhaan kan guutame, kan hin loognee fi kan hin fakkeessine dha.—Yaq. 3:17.
Koora irraa fagaachuudhaan Yihowaa irraa barachuu qabna. Akkuma dhukkubni onneen namaa sirriitti akka hin hojjenne gochuu dandaʼu, koorris qajeelfama Yihowaatiif ajajamuun akka nutti ulfaatu gochuu dandaʼa. Fariisonni sun garaan isaanii didaa akka taʼu waan heyyamaniif, ragaa ifa taʼee fi hafuurri Waaqayyoo isaanitti mulʼise fudhachuu didaniiru. (Yoh. 12:37-40) Koorri jireenya bara baraa waan isaan dhabsiisuuf amala balaa guddaa geessisu dha. (Mat. 23:13, 33) Dubbiinii fi hafuurri Waaqayyoo eenyummaa, ilaalchaa fi murtoo keenya irratti dhiibbaa akka godhu heyyamuu itti fufuun keenya baayʼee barbaachisaa dha! Yaaqoob nama gad of qabu waan tureef, Yihowaa irraa barachuuf fedhii qaba ture. Amala gad of qabuu qabaachuun isaa barsiisaa dandeettii qabu taʼuuf isa gargaareera. w22.01 10 key. 7
Wiixata, Fulbaana 11
Kadhachuu keessan itti fufaa.—Mat. 7:7.
‘Kadhannaatti yoo jabaanne,’ Abbaan keenya inni samii kadhannaa keenya akka dhagaʼuu fi deebii akka nuuf kennu mirkanaaʼoo taʼuu dandeenya. (Qol. 4:2) Kadhannaan keenya deebii utuu hin argatin kan ture fakkaatus, Yihowaan ‘yeroo nu barbaachisutti’ deebii akka nuuf kennu waadaa nuuf galeera. (Ibr. 4:16) Wanti tokko akka yaannetti dafee yoo raawwatamuu baate illee, matumaa Yihowaa komachuu kan hin qabne kanaafi. Fakkeenyaaf, obboloonni hedduun Mootummaan Waaqayyoo sirna hamaa kana akka balleessu waggoota hedduudhaaf kadhachaa turan. Yesuus iyyuu waaʼee kanaa kadhachuu akka qabnu dubbateera. (Mat. 6:10) Haa taʼu malee, namni tokko yeroo ilmaan namootaa yaadanitti, Mootummaan Waaqayyoo waan hin dhufneef amantiin Waaqayyo irratti qabu akka laafu yoo heyyame gowwummaa guddaa dha. (An. 2:3; Mat. 24:44) Kanaa mannaa, Yihowaa eeggachuu fi amantiidhaan isa kadhachuu keenya itti fufuun keenya ogummaa dha. Yihowaan “guyyaa sanaa fi saʼaatii sana” waan murteesseef, dhumni addunyaa kanaa yeroo sirrii taʼetti akka dhufu mirkanaaʼoo taʼuu dandeenya. Yihowaan yeroo murteessetti tarkaanfii fudhachuun isaa namoota hundumaa ni fayyada.—Mat. 24:36; 2 Phe. 3:15. w21.08 10 key. 10-11
Kibxata, Fulbaana 12
Gad of qabuudhaan warri kaan akka isin irra caalan godhaa yaadaa.—Filp. 2:3.
Maanguddoonni gad of qaban umuriin isaanii dabalaa yeroo deemu hamma kanaan duraa hojjechuu akka hin dandeenye ni hubatu. Mee ilaaltota ol aanaa aanaa akka fakkeenyaatti haa ilaallu. Ilaaltonni ol aanaa aanaa yeroo umuriin isaanii waggaa 70 guutu ramaddii kan biraatu isaaniif kennama. Kun ulfaataa taʼuu dandaʼa. Obboloota isaanii tajaajiluun isaan gammachiisa. Haa taʼu malee, dargaggoonni hojicha utuu hojjetanii caalaatti gaarii akka taʼu ni hubatu. Kanaafuu, ilaalcha Leewwonni Israaʼel durii keessa turan qaban akka qaban argisiisu; Leewwonni kun umuriin isaanii waggaa 50 yeroo guutu tajaajila godoo qulqulluu keessatti raawwatan ni dhaabu. Gammachuun Leewwota kanaa mirga taʼe tokko qabaachuu irratti kan hundaaʼe miti. Dargaggoota gargaaruuf wanta isaaniif dandaʼame hunda gochuudhaan mirga qabanitti guutummaatti fayyadamuuf carraaqqii godhu. (Lak. 8:25, 26) Yeroo harʼaattis, obboloonni ilaaltota ol aanaa aanaa turan gumiiwwan hedduu tajaajiluu kan hin dandeenye taʼus, gumii isaanii keessatti gargaarsa guddaa gochaa jiru. w21.09 8-9 key. 3-4
Roobii, Fulbaana 13
Yaa abbaa koo, ani samii fi si irratti cubbuu hojjedheera. Kana booda ilma kee jedhamee waamamuun anaaf hin malu.—Luq. 15:21.
Fakkeenyi Yesuus waaʼee ilma badee turee dubbatee fi garaa namaa tuqu tokko Luqaas 15:11-32 irratti argama. Fakkeenya sana irratti akka ibsametti dargaggeessi tokko abbaa isaa irratti finciluudhaan mana isaatii baʼee “gara biyya fagoo tokko dhaqe.” Achittis jireenya gadhiisii jiraachuu jalqabe. Yeroo rakkina irra buʼetti garuu murtoo isaa irratti gadi fageenyaan yaaduu jalqabe. Mana abbaa isaa keessatti jireenya gaarii jiraachaa akka tures ni hubate. Yesuus dargaggeessi sun yeroo booda gara “qalbii isaatti” akka deebiʼe dubbateera. Achiis gara mana abbaa isaatti deebiʼee abbaa isaa dhiifama gaafachuuf murteesse. Ilmi kun murtoo sirrii hin taane hedduu akka godhe hubachuun isaa baayʼee barbaachisaa ture. Dogoggora isaa sirreessuuf tarkaanfii fudhachuu qaba. Ilmi badee ture sun balleessaa raawwateef garaadhaa yaada akka geddarate argisiiseera. Fakkeenyi kun fakkeenya garaa namaa tuqu qofa miti. Jaarsoliin yeroo namni cubbuu raawwate tokko garaadhaa yaada geddarachuu isaa beekuuf yaalanitti fakkeenyi kun isaan gargaara. w21.10 5 key. 14-15
Kamisa, Fulbaana 14
Samiiwwanii fi lafa . . . nan sochoosa.—Hag. 2:6.
Wanti hin sochoone ykn hin balleeffamne maali dha? Phaawulos ergamaan akkana jedhee barreesseera: “Mootummaa sochoʼuu hin dandeenye fudhachuuf akka jirru waan beeknuuf, . . . sodaa fi ulfina guddaadhaan tajaajila qulqulluu Waaqayyoof dhiheessuu . . . keenya itti haa fufnu.” (Ibr. 12:28) Sochiin inni dhumaa yeroo raawwatamutti kan hin sochoone Mootummaa Waaqayyoo qofa dha. (Far. 110:5, 6; Dan. 2:44) Yeroon hafe muraasa dha! Namoonni akkaataa jireenyaa addunyaan kun babalʼisu hordofuudhaan baduu ykn jireenya isaanii fedhii Waaqayyoo wajjin wal simsiisanii jireenya bara baraa argachuu keessaa tokko filachuu qabu. (Ibr. 12:25) Hojii lallabaa keenyatti fayyadamuudhaan namoonni murtoo baayʼee barbaachisaa taʼe kana akka godhan gargaaruu dandeenya. Akkasumas, yaada Gooftaan keenya Yesuus akkana jechuudhaan dubbate yeroo hundumaa haa yaadannu: “Saboota hundumaatti ragaa akka taʼuuf misiraachoon Mootummichaa guutummaa lafaa irratti ni lallabama; sana booda dhumni ni dhufa.”—Mat. 24:14. w21.09 19 key. 18-20
Jimaata, Fulbaana 15
Ani matumaa si hin dhiisu, matumaas si hin gatu.—Ibr. 13:5.
Jaarsoliin obboloota akkasii jajjabeessuuf itti gaafatamummaa addaa qabdu. (1 Tas. 5:14) Walgaʼii duraa fi booda dursa fudhadhaatii isaan jajjabeessaa. Mana isaanii dhaqaa isaan gaafadhaa; isaanii wajjinis kadhadhaa. Isaanii wajjin tajaajilaa, yeroo tokko tokko immoo waaqeffannaa maatii keessan irratti isaan affeeraa. Tiksitoonni hafuuraa hoolaa Yihowaa gaddee jirutti gara laafinaa fi jaalala argisiisuun, akkasumas xiyyeeffannaa isaaf kennuun isaanii barbaachisaa dha. (1 Tas. 2:7, 8) Yihowaan “hundumtuu yaada akka geddarataniif malee, namni tokko illee akka badu [hin barbaadu].” (2 Phe. 3:9) Namni tokko cubbuu cimaa kan raawwate taʼus, Waaqayyo duratti iddoo guddaa qaba. Yihowaan tokkoon tokkoon keenyaaf wanta gatii guddaa qabu, jechuunis aarsaa furii Ilma isaa isa baayʼee jaallatuu akka kaffale yaadadhu. Yihowaan gara laafinaan kakaʼee namoonni isa irraa fagaatan gara isaatti akka deebiʼan gargaaruu barbaada. Akkuma fakkeenya Yesuus waaʼee ilma badee dubbate irratti ibsametti gara isaatti deebiʼuuf akka filatan ni abdata.—Luq. 15:11-32. w21.09 30-31 key. 17-19
Sanbadduraa, Fulbaana 16
Isin . . . buʼaa dadhabbii isaanii irraa hirmaattan.—Yoh. 4:38.
Haala fayyaa keetiin kan kaʼe, akka kanaan duraa hojii lallabuu fi barsiisuu irratti hirmaachuu hin dandeessu yoo taʼe hoo? Gumaacha amma hojii lallabaa irratti gochaa jirtutti gammaduu dandeessa. Mee yeroo Daawit Mootichii fi namoonni isaa, maatii isaanii fi qabeenya isaanii namoota Amaaleq irraa deebifatanitti wanta taʼe haa ilaallu. Isaan keessaa namoonni dhibbi lama baayʼee dadhabuu isaaniitiin kan kaʼe waraana irratti hirmaachuu waan hin dandeenyeef, isaan biraa hafanii miʼa eegaa turan. Daawit waraanicha irratti injifannoo erga argatanii booda boojuun argame hunduma isaaniitiif qixxeetti hiramuu akka qabu ajaje. (1 Sam. 30:21-25) Hojiin barattoota gochuu addunyaa maratti raawwatamaa jirus kanaa wajjin wal fakkaata. Wanta dandeessu hundumaa hamma gootetti yeroo namni haaraan tokko Yihowaa beekuu fi cuuphamu hundumaatti gammachuu guddaa argachuu ni dandeessa. Yihowaan hammam jabaannee akka hojjennuu fi jaalala argisiisnu ni hubata; kanaafis nu badhaasa. Gaʼee hojii makaraa irratti qabnu irraa gammachuu argachuu kan dandeenyu akkamitti akka taʼes, nu barsiisa. (Yoh. 14:12) Yoo abdii kutachuu baanne, Waaqayyo biratti fudhatama akka argannu mirkanaaʼoo taʼuu ni dandeenya. w21.10 27-28 key. 15-17
Dilbata, Fulbaana 17
Ulfinni dargaggootaa jabina isaanii ti.—Fak. 20:29.
Yommuu dulloomaa deemnu Yihowaan akka yeroo dargaggummaa keenyaatti nutti hin fayyadamu jennee sodaanna taʼa. Akka yeroo dargaggummaa keenyaatti karaa qaamaa cimoo taʼuu baannus ogummaa fi muuxannoo argannetti fayyadamnee dargaggoonni jaarmiyaa Yihowaa keessatti tajaajiluuf gaʼumsa akka qabaatanii fi itti gaafatamummaa dabalataa fudhachuu akka dandaʼan gargaaruu dandeenya. Maanguddoonni, dargaggoota gargaaruu yoo barbaadan gad of qabuun isaan barbaachisa. Namni gad of qabu warri kaan akka isa irra caalan yaada. (Filp. 2:3, 4) Maanguddoonni gad of qaban wanti tokko dhugaa buʼuuraa Kitaaba Qulqulluu wajjin utuu walitti hin buʼin, karaa buʼa qabeessa taʼe garaa garaatiin hojjetamuu akka dandaʼu ni hubatu. Kanaafuu, wanti hundi karaadhuma isaan baraniin akka hojjetamu hin eegan. (Lal. 7:10) Muuxannoowwan gaggaarii dhaloota haaraadhaaf dabarsan hedduu qabaatanis, “doʼiin addunyaa kanaa jijjiiramaa” akka jiruu fi haala haaraa wajjin wal baruun akka isaan barbaachisu ni hubatu.—1 Qor. 7:31. w21.09 8 key. 1, 3
Wiixata, Fulbaana 18
Yaa Yihowaa, waaqolii gidduudhaa kan akka keetii eenyu? Akka kee qulqullummaadhaan hundumaa irra kan caalu eenyu?—Bau. 15:11.
Yihowaan waaqolii tolfamoo kana irraa haala faallaa taʼeen, waaqeffattoonni isaa wanta isaan salphisu kam iyyuu akka raawwatan hin barbaadu. Inni guutummaatti qulqulluu dha. Wanta diriiraa warqii irraa tolfamee fi marata mataa luba ol aanaa irratti maxxanfame irraa kana ifatti hubanna. Achi irratti yaanni, “Qulqullummaan kan Yihowaa ti” jedhu bocamee ture. (Bau. 28:36-38) Namni barreeffama kana ilaalu kam iyyuu Yihowaan dhugumaan qulqulluu taʼuu isaa ifatti hubata. Tarii namni Israaʼel tokko luba ol aanaatti dhihaachuu waan hin dandeenyeef, barreeffama kana arguu hin dandaʼu taʼa. Maarree, namni kun Yihowaan qulqulluu taʼuu isaa beekuu hin dandaʼu jechuu dhaa? Lakki! Israaʼelonni hundi yeroo Seerichi dhiirota, dubartootaa fi ijoollee duratti dubbifametti ergaa kana dhagaʼaniiru. (Kes. 31:9-12) Yeroo sanatti achi jirta utuu taʼee jechoota, “Ani Waaqa keessan Yihowaa dha; ani qulqulluu waanan taʼeef, . . . qulqulloota taʼuu qabdu,” akkasumas “Ani Yihowaan qulqulluu waanan taʼeef, . . . isin anaaf qulqulloota taʼaa” jedhan ni dhageessa turte.—Lew. 11:44, 45; 20:7, 26. w21.12 3 key. 6-7
Kibxata, Fulbaana 19
Akka malee dhiphachuu dhiisaa.—Luq. 12:29.
Namoonni tokko tokko wantoonni jireenyaaf isaan barbaachisan isaan yaaddessu. Tarii biyya namoonni hedduun hiyyeeyyii itti taʼanii fi hojii argachuun ulfaataa itti taʼe keessa jiraatu taʼa. Maallaqa maatii isaanii deggeruuf isaan barbaachisu argachuun isaanitti ulfaachuu dandaʼa. Yookiin namni maaticha maallaqaan deggaru waan duʼeef, maatichi maallaqa jireenyaaf isa barbaachisu argachuun isatti ulfaachuu dandaʼa. Waaʼee rakkoo keenyaa dhiphachuu mannaa, Yihowaatti amanamuun keenya barbaachisaa dha. Abbaan keenya Yihowaan inni jaalala qabeessa taʼe, wantoota hafuuraatiif dursa yoo kennine wantoota jireenyaaf nu barbaachisan akka nuuf kennu waadaa nuuf galuu isaa yaadadhaa. (Mat. 6:32, 33) Inni yeroo hunda waadaa isaa eeguudhaan beekama. (Kes. 8:4, 15, 16; Far. 37:25) Yihowaan simbirrootaa fi abaaboowwaniif wanta isaan barbaachisu kan dhiheessu erga taʼee, nutis wanta nyaannuu fi wanta uffannuuf yaaddaʼuu hin qabnu. (Mat. 6:26-30; Filp. 4:6, 7) Akkuma jaalalli warri ijoollee isaaniitiif qaban wantoota isaan barbaachisan akka isaaniif dhiheessan isaan kakaasu, jaalalli Yihowaan saba isaatiif qabus wantoota isaan barbaachisan isaaniif dhiheessuuf isa kakaasa. w21.12 16-17 key. 4-5; 18 key. 8
Roobii, Fulbaana 20
Yihowaan . . . Yoseefii wajjin ture; jaalala amanamaa isatti argisiisuu . . . isaas hin dhiisne.—Uma. 39:21.
Namni tokko, tarii immoo obboleessi tokko baayʼee si miidhee beekaa? Fakkeenya Yoseef isa obboloonni isaa jalʼina haqaa isa irratti raawwatan yaadaa. Yoseef tajaajila Yihowaadhaaf dhiheessu irratti xiyyeeffateera; Yihowaanis obsaa fi jabaatee dhaabbachuu isaatiif isa kiiseera. Yoseef yeroo booda dhiifama isaaniif godheera, akkasumas Yihowaan hammam akka isa eebbise arguu dandaʼeera. (Uma. 45:5) Nutis akkuma Yoseef Yihowaatti kan dhihaannuu fi jalʼina nu irratti raawwatame isaaf kan dhiisnu yoo taʼe ni jajjabaanna. (Far. 7:17; 73:28) Jalʼina haqaatiin ykn sababa kan biraatiin miidhaan sirra gaʼaa jira yoo taʼe Yihowaan “warra garaan isaanii cabetti” dhihoo akka taʼe yaadadhu. (Far. 34:18) Obsa qabeessa waan taateef, akkasumas baʼaa kee isa irratti waan gattuuf si jaallata. (Far. 55:22) Inni Abbaa Murtii guutummaa lafaa ti. Wanti isa duraa dhokatu tokko iyyuu hin jiru. (1 Phe. 3:12) Maarree, rakkinni furmaata kennuufii hin dandeenye sirra gaʼaa jira yoo taʼe obsaan isa eeguuf fedhii qabdaa? w21.08 11 key. 14; 12 key. 16
Kamisa, Fulbaana 21
Fedhiin Yihowaa maal akka taʼe hubachuu keessan itti fufaa.—Efe. 5:17.
Jireenya keenya karaa Yihowaa gammachiisuun itti fayyadamuun keenya ogummaa dha. Wanta dursi kennamuufii qabuuf dursa kennaa. Yeroo tokko tokko, yeroo keenyatti akka gaariitti fayyadamuun sochiiwwan dogoggora hin taane keessaa illee filachuu gaafata. Seenaa beekamaan Yesuus mana Maariyaamii fi Maartaatti akka affeerame dubbatu qabxii kana akka gaariitti ibsa. Maartaan nyaata gaarii qopheessitee Yesuusiin simachuu ishiitti akka gammaddu hin shakkisiisu. Obboleettiin ishii Maariyaam garuu gooftaa ishii bira teessee barumsa isaa dhaggeeffachaa turte. Wanti Maartaan raawwatte dogoggora taʼuu baatus, Yesuus, Maariyaam “gaʼee hunda irra caalu” akka filatte dubbateera. (Luq. 10:38-42, milj.) Yeroo booda Maariyaam nyaata yeroo sanatti nyaatte irraanfachuu dandeessi; wanta Yesuus irraa baratte garuu akka hin irraanfanne beekamaa dha. Akkuma Maariyaam yeroo Yesuusii wajjin dabarsiteef iddoo guddaa kennite, nutis yeroo Yihowaa wajjin dabarsinuuf iddoo guddaa kennina. w22.01 27 key. 5-6
Jimaata, Fulbaana 22
Dubbii ani isa ilaalchisee dubbadheen kan kaʼe Ahaab akkam akka gad of qabe ni argitaa?—1 Mot. 21:29.
Ahaab Yihowaa duratti kan gad of qabe taʼus, amalli inni yeroo booda argisiise garaadhaa akka yaada hin geddaranne argisiisa. Mootummaa isaa keessaa waaqeffannaa Baʼaal balleessuuf carraaqqii hin goone. Waaqeffannaa Yihowaas hin babalʼisne. Ahaab erga duʼee booda Yihowaan ilaalcha akkamii akka isaaf qabu dubbateera. Yehuu inni raajii Yihowaa taʼe, “nama hamaa” taʼuu isaa ibseera. (2 Sen. 19:1, 2) Mee yaadi: Ahaab garaadhaa yaada geddarateera utuu taʼee raajichi, ‘Nama hamaa Yihowaa jibbu’ jedhee waaʼee isaa hin dubbatu ture. Kana irraa ifatti hubachuun akka dandaʼamutti, Ahaab hamma tokko gocha isaatti kan gaabbe taʼus garaadhaa yaada hin geddaranne. Seenaa Ahaab irraa maal baranna? Ahaab yeroo jalqaba Eeliyaas maatiin isaa haxaaʼamee akka balleeffamu isatti himetti gad of qabee ture. Akkas gochuun isaa gaarii ture. Wanti inni yeroo booda godhe garuu garaadhaa yaada akka hin geddaranne ifa godheera. Kanaafuu, yaada geddarachuun akka gaddine argisiisuu caalaa wanta dabalatu qaba. w21.10 3 key. 4-5, 7-8
Sanbadduraa, Fulbaana 23
Misiraachoon Mootummichaa guutummaa lafaa irratti ni lallabama.—Mat. 24:14.
Isaayyaas raajii ture; haati manaa isaas “raajittii” waan jedhamteef ishiinis raajii dubbachuu hin ooltu. (Isa. 8:1-4) Isaayyaasii fi haati manaa isaa hiriyoota gaaʼelaa jireenyi isaanii Yihowaa waaqeffachuu irratti akka xiyyeeffatu godhan akka taʼan beekamaa dha. Hiriyoonni gaaʼelaa yeroo harʼaa jiranis tajaajila Yihowaa keessatti wanta dandaʼan hundumaa gochuudhaan jireenyi isaanii isa tajaajiluu irratti akka xiyyeeffatu gochuu dandaʼu. Waliin taʼanii raajiiwwan Kitaaba Qulqulluu qoʼachuudhaan, akkasumas raajiiwwan kun akkamitti akka raawwataman hubachuudhaan amantii Yihowaa irratti qaban cimsachuu dandaʼu. (Tit. 1:2) Raajiiwwan tokko tokko raawwii isaanii akka argatan gochuu irratti gaʼee isaanii baʼuu kan dandaʼan akkamitti akka taʼe irratti yaaduu dandaʼu. Fakkeenyaaf, raajiin Yesuus dhumni dhufuu isaa dura guutummaa lafaa irratti misiraachichi akka lallabamu dubbate akka raawwatamu gochuu irratti gaʼee isaanii baʼuu dandaʼu. Hiriyoonni gaaʼelaa raajiin Kitaaba Qulqulluu tokko akka raawwatamu yoo amanan Yihowaa tajaajiluuf wanta dandaʼan hundumaa gochuuf kakaʼu. w21.11 16 key. 9-10
Dilbata, Fulbaana 24
Barataa sanaan, “Ilaa, haadha tee!” jedhe!—Yoh. 19:27.
Yesuus waaʼeen haadha isaa ishiin yeroo sanatti abbaan manaa irraa duʼee taʼuu dandaʼuu isa yaaddessee ture. Yesuus Maariyaamiif jaalala waan qabuu fi waan ishiidhaaf yaaduuf, Yohaannis Yihowaa tajaajiluu ishii akka itti fuftu akka ishii gargaaru imaanaadhaan isatti kenneera. Guyyaa sanaa jalqabee Yohaannis Maariyaamiif akka ilma ishii taʼeera, akkasumas akka haadha isaatti ishii kunuunseera. Yesuus dubartii iddoo guddaa qabduu fi erga inni dhalatee kaasee jaalalaan isa kunuunsaa turteef, akkasumas yeroo inni duʼutti isa bira dhaabbachaa turteef jaalala guddaa akka qabu argisiiseera! Wanta Yesuus dubbate irraa maal baranna? Hariiroon Kiristiyaanota obbolootaa fi obboleettota keenya taʼanii wajjin qabnu, hariiroo miseensota maatii keenyaa wajjin qabnu irra baayʼee caala. Firoonni keenya nu mormuu ykn nu dhiisuu dandaʼu; taʼus Yihowaa fi jaarmiyaa isaatti kan maxxannu yoo taʼe, akkuma Yesuus waadaa gale wanta dhabne “dachaa 100” ni arganna. Baayʼeen isaanii akkuma ilma, intala, haadha ykn abbaa jaallatamoo nuuf taʼu. (Mar. 10:29, 30) Maarree maatii hafuuraa amantii, akkasumas jaalala Yihowaa fi walii isaaniitiif qabaniin tokko taʼan keessa jiraachuu keessaniin maaltu isinitti dhagaʼama?—Qol. 3:14; 1 Phe. 2:17. w21.04 9-11 key. 7-8
Wiixata, Fulbaana 25
Wanta gaarii gochuu fi waan qabdan warra kaaniif hiruu hin dagatinaa.—Ibr. 13:16.
Jaalalli amanamaan wanta nu irraa eegamuu ol akka goonu nu kakaasa. Akkuma tajaajiltoota Yihowaa bara durii, obboloonnii fi obboleettonni keenya hedduun warra hin beekne dabalatee obboloota isaanitti jaalala amanamaa argisiisuuf filataniiru. Fakkeenyaaf, yeroo balaan uumamaa akka gaʼe dhagaʼanitti akkamitti gargaarsa gochuu akka dandaʼan dafanii beekuu barbaadu. Namni gumii keessa jiru tokko rakkinni maallaqaa yeroo isa mudatu, obboloonni gumii keessa jiran dafanii wanta isa barbaachisu adda baafachuudhaan isa gargaaruuf carraaqqii godhu. Akkuma obboloota Maqedooniyaa jaarraa tokkoffaatti turanii wanta isaan irraa eegamu caalaa godhu. Obboloota isaanii harka qalleeyyii taʼan gargaaruuf “humna isaaniitii olitti illee” kennuudhaan aarsaa kaffalu. (2 Qor. 8:3) Jaarsoliin yeroo harʼaatti argamanis carraaqqii obboloonnii fi obboleettonni warra kaan gargaaruuf godhaniif isaan ni galateeffatu. Yeroo barbaachisaa taʼetti isaan galateeffachuun isaanii, jabina abdii akka hin kutanne isaan gargaaru isaaniif kenna.—Isa. 32:1, 2. w21.11 11 key. 14; 12 key. 21
Kibxata, Fulbaana 26
Gurra kee itti qabiitii dubbii ogeeyyii dhaggeeffadhu.—Fak. 22:17.
Hundi keenya iyyuu darbee darbee gorsi nu barbaachisa. Yeroo tokko tokko nama kabajnu tokko gorsa gaafanna taʼa. Yeroo tokko tokko immoo, obboleessi waaʼeen keenya isa yaaddesse tokko gara keenya dhufee, tarkaanfiin fudhachuuf jennu dogoggoraa fi booda kan itti gaabbinu akka taʼe nutti hima taʼa. (Gal. 6:1) Tarii immoo gorsi kan nuuf kennamu dogoggora cimaa erga raawwannee booda taʼuu dandaʼa. Karaan gorsa itti argannu maal iyyuu yoo taʼe gorsa dhagaʼuu qabna. Akkas gochuun keenya baayʼee nu fayyada. Lubbuu keenya illee nuuf oolchuu dandaʼa. (Fak. 6:23) Caqasni guyyaa harʼaa keenya ‘dubbii ogeeyyii akka dhaggeeffannu’ nu jajjabeessa. Namni wanta hundumaa beeku hin jiru. Yeroo hundumaa namni beekumsaan ykn muuxannoodhaan nu caalu jira. (Fak. 12:15) Kanaafuu, gorsa dhagaʼuun keenya akka gad of qabnu argisiisa. Dadhabina keenya akka beeknuu fi galma keenya irra gaʼuuf gargaarsi warra kaanii akka nu barbaachisu akka hubanne argisiisa. Solomoon inni mootii ogeessa taʼe, “Gorsitoota hedduudhaan . . . milkaaʼinni ni argama” jedhee barreesseera.—Fak. 15:22. w22.02 8 key. 1-2
Roobii, Fulbaana 27
Namni balleessaa isaa dhoksu milkaaʼina hin argatu, namni balleessaa isaa himatuu fi isa dhiisu garuu araara ni argata.—Fak. 28:13.
Dhugumaan garaadhaa yaada geddarachuun cubbuu raawwachaa turretti akka gaddine dubbachuu caalaa wanta dabalatu qaba. Yaadaa fi miira keenya irratti jijjiirama gochuu qabna. Balleessaa keenya irraa deebiʼuudhaan daandii Yihowaa irra deemuu kan dabalatu dha. (His. 33:14-16) Namni cubbuu raawwate tokko wanti baayʼee isa yaaddessu michummaa Yihowaa wajjin qabu haareffachuu taʼuu qaba. Michuun keenya tokko cubbuu cimaa yoo raawwate maal gochuu qabna? Cubbuu isaa isaaf dhoksuuf yaaluun keenya isa miidha malee isa hin fayyadu. Yihowaan dhimmicha waan ilaaluuf, cubbuun isaa dhokatee akka hafu gochuu hin dandeenyu. (Fak. 5:21, 22) Kanaafuu, jaarsoliin isa gargaaruu akka barbaadan isa yaadachiisuudhaan michuu keenya kana gargaaruu dandeenya. Michuun kee kun cubbuu isaa jaarsoliitti himachuu yoo dide garuu, ati dhimmicha jaarsoliitti himuu qabda; kun dhugumaan isa gargaaruu akka barbaaddu argisiisa. w21.10 7 key. 19-21
Kamisa, Fulbaana 28
Faayidaa warra kaaniis yaadaa malee, faayidaa ofii keessanii qofa hin yaadinaa.—Filp. 2:4.
Hundi keenya iyyuu fedhii ofii aarsaa gochuu irratti fakkeenya Yesuus hordofuu barachuu ni dandeenya. Kitaabni Qulqulluun Yesuus “bifa garbummaa” akka qabaate dubbata. (Filp. 2:7) Garbi ykn tajaajilaan tokko gooftaa isaa gammachiisuuf carraa barbaada. Atis garba Yihowaa fi tajaajilaa obboloota keetii waan taateef, Yihowaa fi obboloota kee caalaatti fayyaduuf akka hawwitu hin shakkisiisu. ‘Warra kaan gargaaruuf jedhee aarsaa kaffaluuf fedhii qabaa?’ jedhii of gaafadhu. Bakka walgaʼii guddaan itti geggeeffamu qulqulleessuuf ykn Galma Walgaʼii suphuuf gargaarsi yeroo barbaachisutti dafee of nan dhiheessaa? Kallattiiwwan tokko tokkoon sirreeffama gochuun akka si barbaachisu kan hubatte taʼus, jijjiirama barbaachisu gochuuf kakaʼumsa akka hin qabne sitti dhagaʼama taʼa. Yeroo akkasiitti kadhannaa garaadhaa madde Yihowaatti dhiheessi. Wanta dhugumaan sitti dhagaʼamu Yihowaatti himi. Akkasumas “fedhii fi humna hojiidhaaf [si] barbaachisu” akka siif kennu isa kadhadhu.—Filp. 2:13. w22.02 22-23 key. 9-11
Jimaata, Fulbaana 29
Ani boqonnaa isiniif nan kenna.—Mat. 11:28.
Yesuus haala rakkisaa keessatti illee garraamii fi nama yaada isaatti hin cichine taʼuudhaan gaarummaa argisiiseera. (Mat. 11:29, 30) Fakkeenyaaf, dubartiin biyya Fiinqee takka mucaa ishii akka fayyisu yeroo isa kadhattetti jalqaba irratti wanta ishiin gaafatte kan ishiidhaaf hin goone taʼus, amantii guddaa akka qabdu yeroo argu gaarummaadhaan ilma ishii fayyiseera. (Mat. 15:22-28) Yesuus gaarummaa kan argisiise taʼus, gorsa kennuu irraa duubatti hin jenne. Dhiibbaa michoota isaatiin ejjennoo isaa laaffisuu dhiisuudhaanis gaarummaa argisiiseera. Fakkeenyaaf, yommuu Pheexiros fedhii Yihowaa akka hin raawwanne abdii isa kutachiisuuf yaaletti barattoota kaan fuulduratti isa sirreesseera. (Mar. 8:32, 33) Kana kan godhe Pheexirosiin qaanessuuf utuu hin taʼin, isa leenjisuu fi barattoonni kaanis akka of hin tuulle akeekkachiisuuf jedheeti. Pheexiros hamma tokko akka qaanaʼe beekamaa dha; taʼus, adaba isaaf kenname irraa fayyadameera. Namoota jaallattutti garaadhaa gaarummaa argisiisuuf yeroo tokko tokko gorsa isaaniif kennuun si barbaachisuu dandaʼa. Yeroo akkas gootu gorsi kennitu qajeelfama Dubbii Waaqayyoo keessatti argamu irratti akka hundaaʼu gochuudhaan fakkeenya Yesuus hordofi. w22.03 11 key. 12-13
Sanbadduraa, Fulbaana 30
Yeroo hunda Waaqayyoof aarsaa galataa haa dhiheessinu; kunis firii hidhii keenyaa isa waaʼee maqaa isaa namoota duratti labsinu dha.—Ibr. 13:15.
Yommuu Yihowaa jajannu isa waaqeffachaa jirra. (Far. 34:1) Waaʼee amalootaa fi gochawwan isaa warra dinqisiisoo taʼanii namootatti himuudhaan Yihowaa jajanna. Isa jajachuuf kan kakaanu garaan keenya galateeffannaadhaan yoo guutame dha. Wantoota gaggaarii inni nuuf godhe irratti yeroo fudhannee yommuu xiinxallu sababii itti isa jajannu hedduu arganna. Hojiin lallabaa ‘Waaqayyoof aarsaa galataa, jechuunis firii hidhii keenyaa’ dhiheessuuf carraa addaa nuuf bana. Yihowaatti kadhannaa dhiheessuu keenya dura, wanta kadhannaa keenya irratti caqasuu barbaannu irratti of eeggannoodhaan yaaduun akkuma nu barbaachisu, wanta namoota tajaajila irratti argannutti himnu irrattis of eeggannoodhaan yaaduun keenya barbaachisaa dha. ‘Aarsaa galataa’ keenya garaa guutuudhaan dhiheessuu barbaanna. Namootatti yeroo dhugaa himnu garaadhaa dubbanna. w22.03 21 key. 8