LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • es23 ful. 98-108
  • Onkoloolessa

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Onkoloolessa
  • Kitaaba Qulqulluu Guyyaa Guyyaan Qoruu—2023
  • Mata Dureewwan Xixiqqaa
  • Dilbata, Onkoloolessa 1
  • Wiixata, Onkoloolessa 2
  • Kibxata, Onkoloolessa 3
  • Roobii, Onkoloolessa 4
  • Kamisa, Onkoloolessa 5
  • Jimaata, Onkoloolessa 6
  • Sanbadduraa, Onkoloolessa 7
  • Dilbata, Onkoloolessa 8
  • Wiixata, Onkoloolessa 9
  • Kibxata, Onkoloolessa 10
  • Roobii, Onkoloolessa 11
  • Kamisa, Onkoloolessa 12
  • Jimaata, Onkoloolessa 13
  • Sanbadduraa, Onkoloolessa 14
  • Dilbata, Onkoloolessa 15
  • Wiixata, Onkoloolessa 16
  • Kibxata, Onkoloolessa 17
  • Roobii, Onkoloolessa 18
  • Kamisa, Onkoloolessa 19
  • Jimaata, Onkoloolessa 20
  • Sanbadduraa, Onkoloolessa 21
  • Dilbata, Onkoloolessa 22
  • Wiixata, Onkoloolessa 23
  • Kibxata, Onkoloolessa 24
  • Roobii, Onkoloolessa 25
  • Kamisa, Onkoloolessa 26
  • Jimaata, Onkoloolessa 27
  • Sanbadduraa, Onkoloolessa 28
  • Dilbata, Onkoloolessa 29
  • Wiixata, Onkoloolessa 30
  • Kibxata, Onkoloolessa 31
Kitaaba Qulqulluu Guyyaa Guyyaan Qoruu—2023
es23 ful. 98-108

Onkoloolessa

Dilbata, Onkoloolessa 1

Namni anatti hin gufanne gammadaa dha.—Mat. 11:6.

Wanti barsiisnus taʼe, wanti itti amannu dubbii Waaqayyo irratti kan hundaaʼe dha. Taʼus, namoonni baayʼeen waaqeffannaan keenya sirna amantii addaa waan hin qabneef ni gufatu. Wanti barsiisnus wanta isaan dhagaʼuu barbaadanii wajjin wal hin simu. Gufachuu irraa ooluu kan dandeenyu akkamitti? Phaawulos ergamaan Kiristiyaanota Roomaa jiraataniin, “amantiin dubbicha dhagaʼuu irraa argama. Dubbichi immoo kan dhagaʼamu yeroo namni tokko waaʼee Kiristoos lallabutti dha” jedheera. (Rom. 10:17) Kanaafuu, sirnawwan amantii kun hammam iyyuu kan bareedan yoo taʼan, amantii keenya kan guddifannu Kitaaba Qulqulluu qoʼachuudhaan malee, sirnawwan amantii deggersa Kitaaba Qulqulluu hin qabne irratti hirmaachuudhaan miti. ‘Amantii malee akka gaariitti Waaqa gammachiisuun waan hin dandaʼamneef,’ amantii cimaa beekumsa sirrii irratti hundaaʼe qabaachuu qabna. (Ibr. 11:1, 6) Kanaafuu, dhugaa akka arganne mirkaneeffachuuf samii irraa mallattoo dinqisiisaa arguun nu hin barbaachisu. Of amansiisuu fi shakkii akkamii iyyuu of keessaa baasuuf barumsawwan Kitaaba Qulqulluu amantii namaa cimsan sirriitti qoʼachuun gaʼaa dha. w21.05 4-5 key. 11-12

Wiixata, Onkoloolessa 2

Haalli ani keessa jiru caalaatti misiraachicha babalʼisuuf gumaacha [godheera].—Filp. 1:12.

Phaawulos ergamaan rakkinni hedduun isa mudateera. Keessumaa yeroo uleedhaan reebame, dhagaadhaan tumamee fi hidhametti jabinni isa barbaachisee ture. (2 Qor. 11:23-25) Phaawulos yeroo tokko tokko miira dogoggoraa wajjin akka qabsaaʼu ifatti dubbateera. (Rom. 7:18, 19, 24) Kana malees dhibee fayyaa, ‘qoree foon waraanutti’ fakkeeffame qaba ture, kanas Waaqayyo akka isa irraa balleessu baayʼee barbaadee ture. (2 Qor. 12:7, 8) Yihowaan Phaawulos utuma rakkinni kun hundi isa irra gaʼuu tajaajila isaa akka raawwatu humna isaaf kenneera. Mee wanta Phaawulos raawwate haa ilaallu. Fakkeenyaaf, Roomaatti mana keessatti hidhamee yeroo turetti, dura buutota Yihudootaa fi tarii immoo qondaaltota mootummaa duratti misiraachichaaf falmeera. (HoE. 28:17; Filp. 4:21,22) Kana malees, Waardiyyoota Mootii Roomaa fi namoota isa gaafachuu dhufan hundaaf lallabeera. (HoE. 28:30, 31; Filp. 1:13) Yeruma kanatti Phaawulos xalayaawwan Kiristiyaanota hamma harʼaatti jiran fayyadan geggeessaa hafuuraatiin barreesseera. w21.05 21 key. 4-5

Kibxata, Onkoloolessa 3

Boonuudhaan akka of hin bokoksineef seera buʼuuraa, “Wantoota barreeffaman irra hin darbin” jedhu [eegaa].—1 Qor. 4:6.

Koorri Ooziyaa Mootichi gorsa akka hin dhageenyee fi gocha of tuulummaa akka raawwatu isa godheera. Ooziyaan nama milkaaʼina hedduu argate ture. Duula waraanaa irratti, akkasumas hojii ijaarsaa fi hojii qonnaa irratti milkaaʼina guddaa argateera. Kitaabni Qulqulluun akkana jedha: “Waaqni dhugaan badhaadhina isaaf ni kenne.” (2 Sen. 26:3-7, 10) “Haa taʼu malee, inni akkuma jabaachaa deemeen, of tuuluudhaan badiisa ofitti fide.” Yihowaan mana qulqullummaa keessatti ixaana aarsuun kan heyyamamu luboota qofaaf akka taʼe dubbatee ture. Ooziyaa Mootichi garuu of tuulummaadhaan kakaʼee ixaana aarsuuf mana qulqullummaa seene. Yihowaanis gocha isaa kanatti waan hin gammanneef dhukkuba nadaayiitiin isa rukute. (2 Sen. 26:16-21) Nuti hoo akkuma Ooziyaa koorri kiyyoo nutti taʼuu dandaʼaa? Eeyyee waaʼee ofii keenyaa garmalee yoo yaanne kiyyoo nutti taʼuu dandaʼa. Dandeettiin qabnus taʼe mirgi gumii keessatti arganne kam iyyuu Yihowaa biraa akka argame yaadachuun keenya baayʼee barbaachisaa dha. (1 Qor. 4:7) Kan koorru yoo taʼe Yihowaan nutti hin fayyadamu. w21.06 16 key. 7-8

Roobii, Onkoloolessa 4

Maqaan keessan samii irratti waan barreeffameef gammadaa malee, hafuuronni hamoon waan isiniif ajajamaniif hin gammadinaa.—Luq. 10:20.

Yesuus barattoonni isaa tajaajila isaanii irratti buʼaa adda taʼe kan argatan yeroo hunda akka hin taane beeka. Namoota barattoota kana dhaggeeffatan keessaa namoonni hammamii amantoota akka taʼan hin beeknu. Barattoonni kun gammaduu kan qaban buʼaa argatanitti utuu hin taʼin, Yihowaan carraaqqii isaanitti akka gammade beekuu isaanitti taʼuu qaba. Tajaajiluu keenya yoo itti fufne jireenya bara baraa arganna. Sanyiiwwan dhugaa Mootummichaa garaa guutuudhaan kan facaasnuu fi kan kunuunsinu yoo taʼe, hafuurri Yihowaa jireenya keenya keessatti bilisummaadhaan akka hojjetu heyyamuudhaan ‘hafuuraaf jennee akka facaasnu’ argisiisna. Namni tokko Waaqayyoof of murteessee akka cuuphamu gargaaruu baannus, “yoo abdii kutachuu baanne” Yihowaan jireenya bara baraa akka nuuf kennu waadaa nuuf galeera.—Gal. 6:7-9. w21.10 26 key. 8-9

Kamisa, Onkoloolessa 5

Baayʼee isaaniif gadde . . . Wanta hedduus isaan barsiisuu jalqabe.—Mar. 6:34.

Gaaf tokko Yesuusii fi barattoonni isaa yeroo dheeraadhaaf hojii lallabaa irratti waan hirmaataniif baayʼee dadhabanii turan. Iddoon itti boqotan isaan barbaachisa ture; taʼus namoonni hedduun gara isaanii dhufan. Yesuus baayʼee waan isaaniif gaddeef “wanta hedduu” isaan barsiisuu jalqabe. Kanas kan godhe iddoo namoota sanaa waan of kaaʼeefi. Baayʼee akka dhiphatanii fi abdiin akka isaan barbaachisu waan hubateef, isaan gargaaruu barbaade. Namoonni yeroo harʼaa jiranis haaluma akkasii keessa jiru. Jireenyi isaanii gammachiisaa kan fakkaatu taʼus, rakkina hedduu qabu, akkasumas abdiin isaan barbaachisa. Isaan akkuma hoolota badanii fi tiksee hin qabnee ti. Phaawulos ergamaan namoonni akkasii namoota Waaqayyo malee jiraatanii fi abdii hin qabne akka taʼan dubbateera. (Efe. 2:12) Namoonni naannoo keenya keessa jiran karaa hafuuraa haala akkamii irra akka jiran yommuu yaannu, jaalalli isaaniif qabnuu fi gara laafinni isaan gargaaruuf nu kakaasa. Karaan isaan gargaaruu itti dandeenyu inni guddaan immoo Kitaaba Qulqulluu akka qoʼatan isaan affeeruu dha. w21.07 5 key. 8

Jimaata, Onkoloolessa 6

Walitti hinaafuudhaan of tuuluu haa dhiisnu.—Gal. 5:26.

Namni of tuulu ni koora, akkasumas ofittoo dha. Namni hinaafu ykn goomatu wanta namni tokko qabu argachuuf hawwuu qofa utuu hin taʼin namni sun wanta qabu sana akka dhabus ni barbaada. Kana jechuun nama sanaaf jibba qaba jechuu dha. Amalli of tuulummaa fi hinaaffaa rirma hundee manaa nyaatuu wajjin wal fakkaachuu dandaʼu. Manni sun baayʼee miidhagaa fakkaatus, rirmaan nyaatameera taanaan yeroo booda kufuun isaa hin oolu. Haaluma wal fakkaatuun, namni tokkos yeroo muraasaaf Yihowaa tajaajiluu dandaʼa. Of tuulummaa fi hinaaffaa irraa yoo fagaachuu baate garuu, kufuun isaa hin oolu. (Fak. 16:18) Yihowaa tajaajiluu isaa waan dhaabuuf, ofii isaas taʼe warra kaan ni miidha. Gorsa Phaawulos kenne kana yoo hojii irra oolchine of tuuluu irraa fagaachuu ni dandeenya: “Gad of qabuudhaan warri kaan akka isin irra caalan godhaa yaadaa malee, morkiidhaan yookiin of tuulummaadhaan kakaatanii waan tokko illee hin godhinaa.”—Filp. 2:3. w21.07 15-16 key. 6-8

Sanbadduraa, Onkoloolessa 7

Misiraachoon nuti isiniif lallabne gara keessan kan dhufe humnaa fi hafuura qulqulluudhaan, akkasumas amantii cimaadhaan malee dubbii qofaan miti.—1 Tas. 1:5.

Namoonni tokko tokko, ‘Amantaa dhugaan gaaffiiwwan deebiin isaanii kallattiidhaan Kitaaba Qulqulluu keessatti hin argamne dabalatee, gaaffii hundaaf deebii kennuu qaba’ jedhanii yaadu. Garuu akkas jedhanii yaaduun sirrii dhaa? Mee fakkeenya Phaawulos ergamaa haa qorru. Phaawulos, “Waan hundumaa qoraa mirkaneeffadhaa” jechuudhaan Kiristiyaanota jajjabeesseera. Taʼus, wanti inni hin hubanne hedduun akka jirus ifatti dubbateera. (1 Tas. 5:21) “Beekumsi nuti qabnu guutuu miti” jechuudhaan barreesseera. Itti dabaluudhaanis, “Daawwitii sibiilaatiin bifa dimimmisaaʼu argina” jedheera. (1 Qor. 13:9, 12) Phaawulos wanta hundumaa hin hubanne; nutis wanta hundumaa hubachuu hin dandeenyu. Taʼus, Phaawulos Yihowaa ilaalchisee dhugaawwan buʼuuraa beeka ture. Ragaa gaʼaa dhugaa akka argate isaaf mirkaneessu qaba ture! Karaan dhugaa akka arganne caalaatti mirkanaaʼoo taʼuu itti dandeenyu keessaa inni tokko, waaqeffannaa ilaalchisee fakkeenya Yesuus nuuf kaaʼee fi wanta Dhugaa Baatonni Yihowaa yeroo harʼaatti gochaa jiran wal bira qabuu dha. w21.10 18-19 key. 2-4

Dilbata, Onkoloolessa 8

Umuriin isaa waggaa 50 erga taʼee booda . . . soorama ni baʼa.—Lak. 8:25.

Maanguddoonni, tajaajila yeroo guutuu keessa jiraattanis jiraachuu baattanis, warra kaan gargaaruuf wanta baayʼee gochuu dandeessu. Kana gochuu kan dandeessan akkamitti? Haala keessan isa haaraa wajjin wal baraa, galmawwan haaraa baafadhaa, akkasumas wanta gochuu hin dandeenye irratti utuu hin taʼin wanta gochuu dandeessan irratti xiyyeeffadhaa. Daawit Mootichis Yihowaadhaaf mana ijaaruuf baayʼee hawwee ture. Haa taʼu malee, Yihowaan mirga kana Solomooniif akka kenne yeroo itti himu Daawit murtoo Yihowaa fudhateera, ijaarsa sanas garaa guutuudhaan deggereera. (1 Sen. 17:4; 22:5) Daawit Solomoon ‘ijoollee fi muuxannoo kan hin qabne’ waan taʼeef, ofuma isaatii utuu hojjetee gaarii akka taʼu hin yaanne. (1 Sen. 29:1) Daawit milkaaʼinni hojii kanaa kan hundaaʼe umurii ykn muuxannoo namoota geggeessanii irratti utuu hin taʼin, eebba Yihowaa irratti akka taʼe beeka ture. Maanguddoonni yeroo harʼaa jiranis fakkeenya Daawit hordofuudhaan, yeroo hojiin hojjetan jijjiiramutti illee jabaatanii hojjechuu isaanii itti fufu. Yihowaan dargaggoota hojii isaan kanaan dura hojjechaa turan hojjetan akka eebbisus ni amanu. w21.09 9 key. 4-5; 10 key. 8

Wiixata, Onkoloolessa 9

Inni garraamota karaa sirrii taʼe irra ni geggeessa, daandii isaas isaan barsiisa.—Far. 25:9.

Galmawwan hafuuraa jireenyi keenya kaayyoo akka qabaatu godhu. Haa taʼu malee, galma baafachuu kan qabnu galma warri kaan baafatan irratti hundaaʼuudhaan utuu hin taʼin, dandeettii fi haala keenya irratti hundaaʼuudhaan taʼuu qaba. Taʼuu baannaan garuu, galmi baafanne abdii nu kutachiisuu dandaʼa. (Luq. 14:28) Tajaajilaa Yihowaa waan taateef, ati miseensa jaallatamaa maatii Yihowaa ti; akkasumas namni akka keetii kan biraan hin jiru. Yihowaan ofitti kan si harkise namoota kaan irra waan caaltuuf miti. Kanaa mannaa, garaa kee ilaaluudhaan nama garraamii isa irraa barachuu fi jijjiirama gochuuf fedhii qabdu taʼuu kee waan argeefi. Isa tajaajiluuf yeroo wanta dandeessu hundumaa gootu akka sitti gammadu mirkanaaʼaa taʼi. Jabaattee dhaabbachuu kee fi amanamummaan kee “garaa qajeelaa fi gaarii” taʼe akka qabdu argisiisa. (Luq. 8:15) Kanaafuu, Yihowaadhaaf wanta qabdu hundumaa keessaa isa hundumaa irra caalu kennuu kee itti fufi. Taanaan, waaʼee ofii keetii qofa ‘wanta ittiin gammaddu’ ni argatta.—Gal. 6:4. w21.07 24 key. 15; 25 key. 20

Kibxata, Onkoloolessa 10

Namni cubbamaa tokko daandii dogoggoraa irraa deebisu kam iyyuu duʼa irraa [isa oolcha].—Yaq. 5:20.

Hamma haqa argannutti obsaan eeguun nu barbaachisa taʼa. Fakkeenyaaf, jaarsoliin gumii keessatti cubbuu cimaan akka raawwatame yommuu beekanitti, dhimmicha irratti ilaalcha Yihowaa qabaachuu akka dandaʼaniif, “ogummaa . . . ol gubbaadhaa dhufu” argachuuf ni kadhatu. (Yaq. 3:17) Kaayyoon isaanii dandaʼamnaan nama cubbuu cimaa raawwate sana “daandii dogoggoraa irraa [deebisuu]” dha. (Yaq. 5:19, 20) Kana malees, gumichaaf eegumsa gochuu fi namoota miidhaman jajjabeessuuf wanta isaaniif dandaʼame hunda godhu. (2 Qor. 1:3, 4) Jaarsoliin namni tokko cubbuu cimaa akka raawwate yeroo beekanitti jalqaba dhugumaan maaltu akka raawwatame adda baafachuu qabu. Kun immoo yeroo fudhata. Achiis erga kadhatanii booda of eeggannoodhaan gorsa Kitaaba Qulqulluu irratti hundaaʼe nama sanaaf kennu, akkasumas “hamma [isaaf] malu” sirreeffama isaaf kennu. (Er. 30:11) Jaarsoliin ariifatanii murtoo hin kennan. Jaarsoliin qajeelfama Yihowaa yeroo hordofanitti namni hundi akka fayyadamu gumichi ni hubata. w21.08 10-11 key. 12-13

Roobii, Onkoloolessa 11

Bakka ati dhaqxu anis nan dhaqa, . . . sabni kee saba koo, Waaqni kees Waaqa koo ni taʼa.—Rut. 1:16.

Beela Israaʼel keessatti buʼeen kan kaʼe Naaʼomiin, abbaan manaa ishii fi ilmaan ishii lamaan Moʼaabitti godaananii turan. Utuma achi jiranii, abbaan manaa Naaʼomii ni duʼe. Boodas ilmaan ishii lamaan gaaʼela godhatan; kan nama gaddisiisu garuu isaanis ni duʼan. (Rut. 1:3-5) Haalli kunis Naaʼomiin gadda guddaadhaan akka liqimfamtu godheera. Yihowaan akka ishii mormaa jirutti waan yaaddeef caalaatti abdii kutatte. Waaqayyoon ilaalchisee wanta ishiitti dhagaʼamu, “Harki Yihowaa na adabuuf [anatti garagaleera].” “Inni Hundumaa Dandaʼu jireenya koo baayʼee [natti hadheesseera]” jechuudhaan dubbatteetti. Akkasumas, “Yihowaan na morme . . . , Inni Hundumaa Dandaʼu rakkina natti fide” jetteetti. (Rut. 1:13, 20, 21) Yihowaan “hacuuccaan nama ogeessa maraachuu [akka dandaʼu]” beeka. (Lal. 7:7) Ruut Naaʼomitti jaalala amanamaa akka argisiistu ishii kakaaseera. Ruut amaatiin ishii karaa miiraa fi karaa hafuuraa madaallii ishii akka eeggattu gargaaruuf fedhii qabdi turte. w21.11 9 key. 9, 10; 10 key. 13

Kamisa, Onkoloolessa 12

Waaqa kadhachuu [keessan itti fufaa].—Yaq. 1:5.

Hojii amma nuuf kenname irratti xiyyeeffanna jechuun tajaajila keenya balʼifachuuf carraaqqii gochuu dhiisuu qabna jechuu dhaa? Matumaa akkas jechuu miti! Galmawwan hojii lallabaa fi barsiisuu irratti caalaatti buʼa qabeeyyii taʼuuf, akkasumas obbolootaa fi obboleettota keenya caalaatti fayyaduuf nu gargaaran baafachuu qabna. Galmawwan kana irra gaʼuu kan dandeenyu of irratti utuu hin taʼin warra kaan tajaajiluu irratti yoo xiyyeeffanne dha. (Fak. 11:2; HoE. 20:35) Galmawwan akkamii baafachuu dandeessa? Galmawwan bira gaʼuu dandeessu beekuuf akka si gargaaru Yihowaa gaafadhu. (Fak. 16:3) Galmawwan akka qajeelchaa gargaaraa ykn qajeelchaa yeroo hundaa taʼuu, Beetel keessatti tajaajiluu ykn ijaarsa manneen tiʼookraasii irratti hirmaachuu baafachuu fi bira gaʼuuf carraaqqii gochuu ni dandeessaa? Yookiin immoo misiraachicha babalʼisuu fi naannoo biraatti lallabuuf afaan haaraa barachuu ni dandeessa. w21.08 23 key. 14-15

Jimaata, Onkoloolessa 13

Jaalalli [Yihowaa] inni amanamaan bara baraaf jabaatee dhaabbata.—Far. 136:1.

Yihowaan jaalala amanamaatti ni gammada. (Hos. 6:6) Waaqayyo karaa Miikiyaas raajichaa “jaalala amanamaa akka [jaallannu]” nu gorseera. (Mik. 6:8, milj.) Haa taʼu malee, akkas gochuuf jaalala amanamaa jechuun maal jechuu akka taʼe beekuun nu barbaachisa. Jaalala amanamaa jechuun maal jechuu dha? Yaanni, ‘Jaalala amanamaa’ jedhu Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa keessatti gara siʼa 230 argama. Hiikni isaa hoo maali dha? Akka “Ibsa Jechoota Kitaaba Qulqulluu” hiikkaa sanaa keessatti ibsametti, jaalalli amanamaan “jaalala kutannoo, qulqullummaa, amanamummaa fi michummaa cimaa irratti hundaaʼe argisiisa. Yeroo baayʼee jaalala Waaqayyo namootaaf qabu kan argisiisu taʼus, namoonnis jaalala kana walitti ni argisiisu.” Jaalala amanamaa argisiisuu irratti Yihowaadhaan kan gitu hin jiru. Daawit Mootichi, “Yaa Yihowaa, jaalalli kee inni amanamaan hamma samii . . . ni gaʼa. Yaa Waaqayyo, jaalalli kee inni amanamaan hammam ulfina qabeessa dha!” jechuuf kakaʼuun isaa nama hin dinqisiisu. (Far. 36:5, 7) Nuti hoo, akkuma Daawit jaalala Waaqayyoo isa amanamaa taʼeef dinqisiifannaa guddaa qabnaa? w21.11 2 key. 1-2; 3 key. 4

Sanbadduraa, Onkoloolessa 14

Egaa, isin akkana jedhaa kadhadhaa: “Yaa Abbaa keenya isa samii irra jiraattuu.”—Mat. 6:9.

Maatiin waaqeffattoota Yihowaa, Yesuus isa “angafa uumama hundumaa” taʼee fi maleekota kan dabalatu dha. (Qol. 1:15; Far. 103:20) Yesuus yeroo lafa irra turetti namoonni amanamoo taʼan Yihowaa akka Abbaa isaanitti ilaaluu akka dandaʼan ibseera. Waaʼee Yihowaa barattoota isaatti yeroo himu, “Abbaa koo fi . . . Abbaa keessan” isaaniin jedheera. (Yoh. 20:17) Yeroo Yihowaadhaaf of murteessinee cuuphamnutti maatii obbolootaa fi obboleettota jaalala qabeeyyii taʼaniitti makamna. (Mar. 10:29, 30) Yihowaan Abbaa jaalala qabeessa dha. Yesuus ilaalcha Yihowaadhaaf qabu nutis akka qabaannu barbaada. Akka qaama yeroo hundumaa ajaja dabarsuutti utuu hin taʼin, akka Abbaa gaarii fi jaalala qabeessa salphaatti itti dhihaatamutti akka isa ilaallu barbaada. Kadhannaa fakkeenya taʼu, “Yaa Abbaa keenya” jechuudhaan jalqabe. Yesuus Yihowaa “Isa Hundumaa Dandaʼu,” “Uumaa” ykn “Mootii bara baraa” jennee akka waamnu nutti himuu dandaʼa ture. Maqaawwan ulfinaa kun Kitaaba Qulqulluu keessatti waan ibsamaniif maqaawwan kanatti fayyadamuun dogoggora miti. (Uma. 49:25; Isa. 40:28; 1 Xim. 1:17) Haa taʼu malee, Yesuus jecha “Abbaa” jedhutti fayyadameera. w21.09 20 key. 1, 3

Dilbata, Onkoloolessa 15

Minaaseen Yihowaan Waaqa dhugaa taʼuu isaa ni beeke.—2 Sen. 33:13.

Minaasee Mootichi akeekkachiisa Yihowaan karaa raajota isaa isaaf kenne dhagaʼuu didee ture. Dhuma irratti, “Yihowaan ajajjoota raayyaa waraanaa mootii Asoor [Yihudaa irratti] fide; isaanis Minaasee hokkoodhaan qabanii, hidhaa sibiila diimaa lamaanis hidhanii gara Baabilonitti isa geessan.” Minaaseen mana hidhaa biyya ormaa keessa yeroo turetti waaʼee gochawwan isaa of eeggannoodhaan yaaduu jalqabe. “Waaqa abbootii isaa durattis akka malee gad of qabe.” Minaaseen wanta kana irra caalus godheera. “Isa biratti fudhatama argachuuf Waaqa isaa Yihowaa ni kadhate.” Eeyyee, “irra deddeebiʼee Waaqayyoon ni kadhate.” (2 Sen. 33:10-12) Boodas, Yihowaan kadhannaa Minaaseen dhiheesseef deebii kenneera. Kadhannaa isaa irraa garaadhaa jijjiirama akka godhe hubateera. Yihowaan wawwaannaa Minaaseen dhiheesse dhagaʼuudhaan gara aangoo isaatti isa deebiseera. Minaaseenis garaadhaa yaada akka geddarate argisiisuudhaaf wanta dandaʼu hundumaa godheera. w21.10 4 key. 10-11

Wiixata, Onkoloolessa 16

Hojii jabaatanii hojjetaniif badhaasa gaarii waan argataniif, tokko taʼuu mannaa lama taʼuu wayya.—Lal. 4:9.

Phirisqiilaa fi Aqiilaan naannoo beekan dhiisanii deemuun, mana haaraa barbaaddachuun, akkasumas hojii dunkaana hodhuu naannoo haaraatti jalqabuun isaan barbaachisa. Aqiilaa fi Phirisqiilaan Qorontositti gumii naannichaa gargaaraa fi Phaawulos ergamaa wajjin taʼuudhaan obboloota cimsaa turan. Yeroo boodas, gara magaalota babalʼistoonni caalaatti barbaachisanii dhaqaniiru. (HoE. 18:18-21; Rom. 16:3-5) Jireenyi isaanii gammachiisaa fi kaayyoo kan qabu akka ture hin shakkisiisu! Hiriyoonni gaaʼelaa yeroo harʼaa jiran fakkeenya Phirisqiilaa fi Aqiilaa hordofuudhaan Mootummichaaf dursa kennuu dandaʼu. Gaaʼela dhaabbachuu isaanii dura waaʼee galmawwan isaanii mariʼachuun isaanii gaarii dha. Hiriyoonni gaaʼelaa waliin taʼuudhaan galma yommuu baafatanii fi galma isaanii irra gaʼuuf yeroo carraaqqii godhanitti, jireenya isaanii keessatti gargaarsa Yihowaa arguuf carraa argatu.—Lal. 4:12. w21.11 17 key. 11-12

Kibxata, Onkoloolessa 17

Tokkoon tokkoon namaa haadha isaa fi abbaa isaa haa kabaju . . . Ani Waaqa keessan Yihowaa dha.—Lew. 19:3.

Qajeelfama Yihowaan warra keenya akka kabajnu nuuf kenneef ajajamuu qabna. Qajeelfamni Leewwota 19:3 irratti argamuu fi haadha keenyaa fi abbaa keenya akka kabajnu ajaju yaada, “Ani Waaqni keessan Yihowaan qulqulluu waanan taʼeef, isinis qulqulloota taʼuu qabdu” jedhutti aansee kan caqasame taʼuu isaa yaadadhu. (Lew. 19:2) Ajaja Yihowaan warra keenya akka kabajnu nuuf kenne irratti yeroo yaannu, ‘Ani gama kanaan akkami?’ jennee of gaafanna taʼa. Kanaan dura wanta gochuu qabdu akka hin goone yoo sitti dhagaʼame, gara fuulduraatti fooyyaʼiinsa gochuuf murteessuu dandeessa. Wanta kanaan dura goote jijjiiruu hin dandeessu; taʼus caalaatti warra kee wajjin yeroo dabarsuu fi caalaatti isaan gargaaruuf ammuma murteessuu dandeessa. Tarii yeroo dabalataa isaanii wajjin dabarsitu argachuuf sirreeffama tokko tokko gochuun si barbaachisuu dandaʼa. Yookiin karaa qaamaa, karaa hafuuraa fi karaa miiraa isaan deggeruudhaaf wanta dabalataa gochuu dandeessa taʼa. Akkana yoo goote ajaja Leewwota 19:3 irra jiru hojii irra oolchaa jirta jechuu dha. w21.12 4-5 key. 10-12

Roobii, Onkoloolessa 18

Warra kaanitti murteessuu dhiisaa.—Mat. 7:1.

Daawit Mootichi cubbuuwwan ciccimoo raawwatee ture. Fakkeenyaaf, Baat Sheebaa wajjin ejja raawwateera, abbaa manaa ishiis ajjeesiseera. (2 Sam. 11:2-4, 14, 15, 24) Kanaan kan kaʼes, ofii isaa irratti qofa utuu hin taʼin, haadhotii manaa isaa dabalatee guutummaa maatii isaa irratti rakkina fideera. (2 Sam. 12:10, 11) Yeroo biraatti immoo karaa seeraan ala taʼeen raayyaan Israaʼel akka lakkaaʼamu gochuudhaan Yihowaatti guutummaatti utuu hin amanamin hafeera. Kun hoo rakkina akkamii fide? Israaʼelonni 70,000 taʼan golfaadhaan duʼan! (2 Sam. 24:1-4, 10-15) Daawit gara laafinni Yihowaa isaaf hin malu ture jettee yaaddaa? Yihowaan garuu akkas isatti hin dhagaʼamne. Amanamummaa Daawit jireenya isaa keessatti argisiisee fi garaadhaa yaada geddarachuu isaa irratti xiyyeeffateera. Kanaafuu, cubbuuwwan ciccimoo Daawit raawwateef dhiifama godheera. Yihowaan Daawit garaadhaa akka isa jaallatuu fi wanta sirrii taʼe gochuu akka barbaadu beeka. Yihowaan amalawwanii fi gochawwan keenya warra gaggaarii irratti kan xiyyeeffatu taʼuu isaatti baayʼee galateeffanna!—1 Mot. 9:4; 1 Sen. 29:10, 17. w21.12 19 key. 11-13

Kamisa, Onkoloolessa 19

[Namichi] agartuun isaa yeruma sana isaaf deebiʼe; achiis Waaqayyoon galateeffachaa isa duukaa buʼuu jalqabe.—Luq. 18:43.

Yesuusis namoota hirʼina qaamaa qabanitti gara laafina argisiiseera. Yohaannis Cuuphaadhaaf, “Warri qaro dhabeeyyiin argaa jiru, warri naafatan deemaa jiru, warri dhukkuba nadaayiitiin qabaman fayyaa jiru, warri gurri isaanii duude dhagaʼaa jiru, warri duʼan duʼaa kaafamaa jiru” jedhee akka deebise yaadadhu. Dinqiiwwan Yesuus raawwate erga ilaalanii booda, “Namoonni hundi . . . Waaqayyoon jajatan.” (Luq. 7:20-22) Kiristiyaanonni fakkeenya Yesuus hordofuudhaan namoota hirʼina qaamaa qabanitti gara laafina argisiisuu barbaadu. Namoota akkasiitti gaarummaa kan argisiisnu, kan isaaniif yaannuu fi obsa kan isaanitti argisiisnu kanaafi. Yihowaan dandeettii dinqii raawwachuu akka nuuf hin kennine beekamaa dha. Haa taʼu malee, namoota karaa qaamaas taʼe karaa hafuuraa qaro dhabeeyyii taʼan dabalatee, namoota hundumaatti misiraachoo waaʼee jannataa ibsu itti himuuf mirga arganneerra. Jannata keessatti namni hundi mudaa kan hin qabne taʼa, Waaqayyo wajjinis walitti dhufeenya gaarii qabaata. (Luq. 4:18) Misiraachoon kun amma iyyuu namoonni baayʼeen Waaqayyoon akka jajatan gochaa jira. w21.12 9 key. 5

Jimaata, Onkoloolessa 20

Iyyoob jabaatee akka dhaabbate dhageessaniittu; wanta Yihowaan isaaf godhes argitaniittu.—Yaq. 5:11.

Barumsi Yaaqoob barsiise Kitaabota Qulqulluu irratti kan hundaaʼe taʼuu isaa hubadhu. Dubbii Waaqayyootti fayyadamuudhaan dhaggeeffattoonni isaa Yihowaan namoota akkuma Iyyoob isaaf amanamoo taʼan yeroo hundumaa akka eebbisu akka hubatan gargaareera. Yaaqoob yeroo kanatti jechootaa fi ibsawwan salphaa taʼanitti fayyadameera. Karaa kanaan xiyyeeffannaa ofitti harkisuu mannaa, Yihowaa irratti akka xiyyeeffatan godheera. Barumsa argannu: Ergaan kee salphaa akka taʼu godhi, akkasumas Dubbii Waaqayyootti fayyadami. Galmi keenya beekumsa hangamii akka qabnu namootatti argisiisuudhaan isaan ajaaʼibsiisuu utuu hin taʼin, beekumsa Yihowaan qabuu fi hammam akka isaaniif yaadu isaan hubachiisuu dha. (Rom. 11:33) Galma kana bira gaʼuu kan dandeenyu, yeroo hundumaa wanti dubbannu Kitaaba Qulqulluu irratti akka hundaaʼu gochuudhaani. Fakkeenyaaf, barataa keenyatti nuti utuu iddoo isaa taanee maal akka goonu itti himuu mannaa, fakkeenyota Kitaaba Qulqulluu irratti xiinxaluudhaan yaadaa fi ilaalcha Yihowaan qabu akka hubatu isa gargaaruu qabna. Yoo akkas goone nuun utuu hin taʼin, Yihowaa gammachiisuuf jecha wanta barate hojii irra oolchuuf kakaʼa. w22.01 10-11 key. 9-10

Sanbadduraa, Onkoloolessa 21

Nama akka ofii keetti jaalladhu.—Lew. 19:18.

Waaqayyo kan nu irraa barbaadu nama miidhuu irraa akka fagaannu qofa miti. Maarree, maal nu irraa barbaada? Namni tokko Waaqayyoon gammachiisuu yoo barbaade, ajaja nama akka ofii isaatti akka jaallatu kenname kana hojii irra oolchuu qaba. Yesuus barbaachisummaa ajaja Leewwota 19:18 irratti argamuu kan addeesse akkamitti akka taʼe haa ilaallu. Fariisiin tokko Yesuusiin, “Seericha keessaa ajajni hunda irra caalu isa kami?” jedhee gaafatee ture. Yesuusis, ‘ajajni hunda irra caaluu fi inni duraa’ garaa guutuu, lubbuu guutuu fi sammuu guutuu Yihowaa jaallachuu akka taʼe dubbate. Achiis Yesuus Leewwota 19:18 irraa caqasuudhaan akkana jedhe: “Ajajni inni lammataas kanaa wajjin wal fakkaata; innis, ‘Nama akka ofii keetti jaalladhu’ jedha.” (Mat. 22:35-40) Karaan namoota akka jaallannu itti argisiisnu hedduun jira. Karaan inni tokko gorsa Leewwota 19:18 irra jiru hojii irra oolchuu dha. Caqasichi, “Haaloo hin baʼin yookiin haaloo itti hin qabatin” jedha. w21.12 10-11 key. 11-13

Dilbata, Onkoloolessa 22

Yeroo obomboleettii sana ilaalu garuu ni sodaate. Yommuu liqimfamuu jalqabus, “Yaa Gooftaa, na oolchi!” jedhee iyye.—Mat. 14:30.

Yesuus hiixatee Pheexiros ergamaa qabee isa oolche. Pheexiros yommuu Yesuus irratti xiyyeeffatee turetti bishaan raafamaa ture sana irra deemuu akka dandaʼe yaadadhaa. Yeroo obomboleettii sana ilaalu garuu, baayʼee waan sodaatee fi waan shakkeef liqimfamuu jalqabe. (Mat. 14:24-31) Seenaa Pheexiros irraa barumsa guddaa arganna. Pheexiros yommuu bidiricha irraa buʼee galaanicha irra deemuu jalqabetti, yaanni isaa hihiramee liqimfamuu akka dandaʼu hin yaanne ture. Hamma Gooftaa isaa bira gaʼutti bishaanicha irra deemuu akka dandaʼu yaadee ture. Taʼus galma isaa kana irratti xiyyeeffachuu hin dandeenye. Nuti yeroo harʼatti bishaan irra deemuu akka hin dandeenye beekamaa dha; taʼus rakkoowwan amantii keenya qoran nu mudatu. Yihowaa fi waadaawwan isaa irratti xiyyeeffachuu yoo dhaabne karaa hafuuraa liqimfamuu dandeenya. Jireenya keenya keessatti rakkoowwan akka obomboleettii taʼan akkamii iyyuu yoo nu mudatan, sammuun keenya Yihowaa fi dandeettii inni nu gargaaruuf qabu irratti akka xiyyeeffatu gochuu keenya itti fufuu qabna. w21.12 17-18 key. 6-7

Wiixata, Onkoloolessa 23

Jaalala kee isa amanamaadhaan kan kaʼe gara mana keetti nan seena.—Far. 5:7.

Kadhannaan, qoʼachuu fi xiinxaluun kutaa waaqeffannaa keenyaa akka taʼe yaadadhu. Yommuu kadhannu, Abbaa keenya isa samii baayʼee nu jaallatu haasofsiisna. Yommuu Kitaaba Qulqulluu qoʼannu, “beekumsa Waaqayyoo” isa madda ogummaa hundumaa taʼee arganna. (Fak. 2:1-5) Yommuu xiinxallu immoo, amalawwan Yihowaa fi kaayyoo dinqisiisaa inni nuun dabalatee uumama hundumaatiif qabu irratti yaanna. Kana gochuun keenya yeroo keenyatti akka gaariitti fayyadamuuf nu dandeessisa. Haa taʼu malee, yeroo keenya akka gaariitti fayyadamuuf maaltu nu gargaara? Dandaʼamnaan, iddoo tasgabbii qabu filadhu. Mee fakkeenya Yesuus haa ilaallu. Tajaajila isaa isa lafa irraa jalqabuu isaa dura, guyyoota 40 lafa onaa keessatti dabarseera. (Luq. 4:1, 2) Yesuus yeroo tasgabbii qabu kanatti, gara Yihowaatti kadhannaa dhiheessuu fi wanta Abbaan isaa akka godhu barbaadu irratti xiinxaluu ni dandaʼa. Kana gochuun isaa qorumsa dhiheenyatti isa mudatuuf akka isa qopheesse hin shakkisiisu. w22.01 27 key. 7-8

Kibxata, Onkoloolessa 24

Gorsitoota hedduudhaan . . . milkaaʼinni ni argama.—Fak. 15:22.

Jaarsi gumii tokko ykn obboleessi gaʼumsa qabu kan biraan wanta irratti hojjechuu qabnu adda baasee nutti hima taʼa. Namni tokko gorsa Kitaaba Qulqulluu irratti hundaaʼe nuuf kennuudhaan hammam akka nu jaallatu erga argisiisee, nuti immoo gorsa isaa sana fudhachuu qabna. Gorsa kallattiidhaan nuuf kennamu hojii irra oolchuun ulfaataa taʼuu akka dandaʼu beekamaa dha. Tarii nu mufachiisuu illee dandaʼa. Maaliif? Mudaa akka qabnu kan amannu taʼus, namni tokko dogoggora raawwanne tokko adda baasee caqasuudhaan gorsa yeroo nuuf kennu gorsa isaa fudhachuun nutti ulfaachuu dandaʼa. (Lal. 7:9) Tarii sababa dhiheessuuf yaalla taʼa. Kakaʼumsa nama gorsa nuu kenne sanaa shakkina ykn immoo akkaataa itti gorsa nuu kennetti mufanna taʼa. ‘Inni na gorsuuf mirga maalii qaba? Innis dogoggora ni raawwata!’ jechuudhaan nama gorsa nuuf kenne sana qeeqna taʼa. Kana malees, gorsa isaa hin jaallanne taanaan, gorsa inni nuu kenne dhiisnee nama wanta barbaannu nutti himu gorsa gaafanna taʼa. w22.02 8-9 key. 2-4

Roobii, Onkoloolessa 25

Tasgabbaaʼuu fi anatti amanamuudhaanis jabina ni argattu.—Isa. 30:15.

Addunyaa haaraa keessattis haalawwan amantii Yihowaan yeroo hunda wanta sirrii kan raawwatu taʼuu isaa irratti qabnu qoran tokko tokko nu mudachuu dandaʼu. Mee Israaʼeloonni garbummaa Gibxii jalaa baʼanii utuma baayʼee hin turin wanta raawwatame akka fakkeenyaatti haa ilaallu. Namoonni tokko tokko nyaata biyya Gibxiitti nyaachaa turan waan hawwaniif gungumuu jalqabanii turan; mannaa Yihowaan isaaniif kennes tuffatanii turan. (Lak. 11:4-6; 21:5) Nuti hoo rakkinni guddaan erga darbee booda miirri akkasii nutti dhagaʼamaa laata? Lafa qulqulleessuunii fi gara jannataatti jijjiiruun hojii hammamii akka gaafatu hin beeknu. Jalqaba irratti hojii hedduunii fi wantoonni hin mijanne tokko tokko jiraachuu dandaʼu. Maarree, yeroo sanatti qophii Yihowaa irratti gungumuuf ija ni jabaannaa laata? Yeroo ammaatti qophii Yihowaa hin dinqisiifannu yoo taʼe, yeroo sanattis akkasuma akka goonu hin shakkisiisu. w22.02 7 key. 18-19

Kamisa, Onkoloolessa 26

Uffata nama Yihudii tokkoo . . . cimsanii qabatanii, “. . . Nuti isinii wajjin deemuu barbaanna” jedhu.—Zak. 8:23.

Raajii Zakkaariyaas 8:23 irra jiru irratti ibsawwan “Yihudii tokkoo” fi “isin” jedhan dibamtoota hafan argisiisu. (Rom. 2:28, 29) “Namoonni qooqawwan sabootaa hundumaa keessaa dhufan kudhan” immoo hoolota kan biroo argisiisu. Waaqeffannaa qulqulluu irratti isaanii wajjin hirmaachuudhaan dibamtoota “cimsanii qabatanii” jiru, jechuunis amanamummaadhaan isaanitti dhihaatanii jiraatu. Haaluma wal fakkaatuun, Yihowaan raajiin Hisqiʼel 37:15-19, 24, 25 irra jiru akka raawwatamu gochuudhaan, dibamtoonnii fi hoolonni kan biroon tokkummaa cimaa baduu hin dandeenye akka qabaatan godheera. Raajiin kun waaʼee uleewwan lamaa dubbata. Warri samii irra jiraachuuf abdii qaban akkuma ulee ‘Yihudaadhaaf’ jedhamee irratti barreeffamee ti (gosti Yihudaa gosa mootonni Israaʼel keessaa filatamani dha). Namoonni lafa irra jiraachuuf abdii qaban immoo akkuma ulee “Efreem” jedhamee irratti barreeffamee ti. Yihowaan gareewwan lamaan kun akkuma ‘ulee tokkoo’ akka taʼaniif tokkummaa akka qabaatan godheera. Kana jechuun, Mootii isaanii Kiristoos Yesuus jalatti tokkummaadhaan tajaajilu jechuu dha.—Yoh. 10:16. w22.01 22 key. 9-10

Jimaata, Onkoloolessa 27

Namootatti argisiifachuuf jettanii hojii qajeelummaa keessan isaan duratti akka hin hojjenne of eeggadhaa.—Mat. 6:1.

Yesuus waaʼee namoota hiyyeeyyiidhaaf kennaa erga kennanii booda warri kaan akka isaaniif beekan godhanii dubbateera. Namoonni kun arjummaa kan argisiisan taʼus, Yihowaan isaanitti hin gammanne. (Mat. 6:2-4) Garaadhaa arjummaa argisiisuu kan dandeenyu wanta sirrii taʼe miira ofittummaa irraa walaba taʼeen kakaanee yoo raawwanne qofa dha. Kanaafuu akkana jettee of gaafachuu dandeessa: ‘Wanta sirrii taʼe beekuu qofa utuu hin taʼin raawwachaan jiraa? Arjummaa argisiisuuf kan na kakaasu maalidha?’ Yihowaan waa hojjechuuf hafuura isaatti fayyadama. (Uma. 1:2) Kanaafuu, amaloonni kutaa firii hafuuraa taʼan hundi hojiidhaaf nu kakaasuu dandaʼu, nu kakaasuus qabu. Fakkeenyaaf, Yaaqoob baratichi, “Amantiin hojii hin [qabne] duʼaa dha” jedhee barreesseera. (Yaq. 2:26) Amaloonni kutaa firii hafuura Waaqayyoo taʼan kaanis akkasuma. Firii hafuuraa yeroo argisiisnu hundatti hafuurri Waaqayyoo nu keessatti hojjechaa akka jiru mirkaneessina. w22.03 11-12 key. 14-16

Sanbadduraa, Onkoloolessa 28

Akkuma Isa Qulqulluu isin waame sanaa, wanta hojjettan hundumaatiin qulqulloota taʼaa.—1 Phe. 1:15.

Sochiiwwan hafuuraa garaa garaa irratti kan hirmaannuu fi hojiiwwan gaggaarii hedduu kan hojjennu taʼus, Pheexiros ergamaan wanta tokko adda baasee caqaseera. Pheexiros wanta hojjennu hundumaatiin qulqulluu akka taanu gorsa kennuu isaa dura, “Sammuu keessan hojiidhaaf qopheessaa” jedheera. (1 Phe. 1:13) Kana gochuun maal dabalata? Pheexiros obboloonni Kiristoos warri dibaman ‘ulfina isa isaan waame sanaa balʼinaan akka labsan’ jajjabeesseera. (1 Phe. 2:9) Kiristiyaanonni yeroo harʼaa jiran hundi hojii baayʼee barbaachisaa taʼe kana, jechuunis hojii hundumaa caalaa namoota fayyadu hojjechuuf mirga argataniiru. Saba qulqulluu taʼuudhaan yeroo hundumaa hinaaffaadhaan hojii lallabuu fi barsiisuu irratti hirmaachuun mirga adda taʼe dha! (Mar. 13:10) Kana hojii irra oolchuuf yommuu carraaqnu, Waaqa keenyaa fi namootaaf jaalala akka qabnu argisiisna, akkasumas wanta hojjennu hundumaatiin “qulqulloota” taʼuu akka barbaannu argisiisna. w21.12 13 key. 18

Dilbata, Onkoloolessa 29

Isin balleessaa namni tokko raawwate kamiif iyyuu dhiifama yoo gootan, anis dhiifama isaaf nan godha.—2 Qor. 2:10.

Phaawulos ergamaan obbolootaa fi obboleettota isaatiif ilaalcha gaarii qaba ture. Phaawulos amala gadhee qabaachuunii fi nama hamaa taʼuun garaa garummaa akka qabu beeka. Obboloota isaa waan jaalatuuf amaloota gaggaarii isaan qaban irratti xiyyeeffateera. Wanta sirrii taʼe raawwachuuf waldhaansoo gochaa akka jiran yeroo argu kakaʼumsi isaanii sirrii akka taʼee fi gargaarsi akka isaan barbaachisu yaada ture. Phaawulos obboleettota gumii Filiphisiyus keessa jiran lama kan gargaare akkamitti akka taʼe haa ilaallu. (Filp. 4:1-3) Ewodiyaa fi Sinxiikeen garaa garummaan isaanii akka walitti isaan buusu heyyamanii taʼuu dandaʼa. Taʼus, Phaawulos ergamaan gaarummaa utuu isaanitti hin argisiisin hin hafne ykn isaan hin qeeqne; kanaa mannaa, amaloota gaggaarii isaan qaban irratti xiyyeeffateera. Obboleettonni amanamoon kun waggoota hedduudhaaf Yihowaa tajaajilaa turaniiru. Phaawulos Yihowaan akka isaan jaalatu beeka. Ilaalchi gaariin Phaawulos obboleettota kanaaf qabu walitti buʼiinsa isaanii akka furan isaan jajjabeessuuf isa kakaaseera. Ilaalcha akkasii qabaachuun isaa gammachuu isaa akka eeggatuu fi obboloota gumii sana keessa jiranii wajjin michummaa cimaa akka qabaatu isa gargaareera. w22.03 30 key. 16-18

Wiixata, Onkoloolessa 30

Yihowaan warra garaan isaanii cabetti dhihoo dha; warra hafuurri isaanii caccabes ni oolcha.—Far. 34:18.

Nagaan Waaqayyoo nu tasgabbeessa, sirriitti yaaduufis nu gargaara. Obboleettiin Luuz jedhamtu kana jireenya ishii keessatti argiteetti. Akkana jetteetti: “Kophummaan natti dhagaʼama. Yeroo tokko tokko miirri kun Yihowaan akka na hin jaallanne akka natti dhagaʼamu godha. Yeroo miirri akkasii natti dhagaʼamutti garuu, dafeen miira natti dhagaʼamu Yihowaatti hima. Kadhannaan miira koo toʼachuuf na gargaara.” Muuxannoo ishii irraa akka hubannutti kadhannaan nagaa sammuu nuuf argamsiisa. (Filp. 4:6, 7) Yeroo namoota jaallannu duʼaan dhabnutti Yihowaa fi Yesuus akka nu gargaaran beekna. Waaqni keenya Yihowaanii fi Yesuus Kiristoos warra kaanitti gara laafina waan argisiisaniif nutis gara laafinaan lallabuu fi barsiisuuf kakaana. Yihowaa fi Ilmi isaa inni jaallatamaan dadhabina keenya akka nuuf hubatan, akkasumas jabaannee akka dhaabbannu nu gargaaruu akka barbaadan beekuun keenya nu jajjabeesseera. Yeroo itti Yihowaan “imimmaan hundumaa ija keenya irraa [haqu]” hawwiidhaan eegganna.—Mul. 21:4. w22.01 16 key. 7; 19 key. 19-20

Kibxata, Onkoloolessa 31

Karra isa dhiphaadhaan ol seenaa; karri badiisatti geessu balʼaa dha, daandiin isaas guddaa dha; namoonni achiin seenanis baayʼee dha.—Mat. 7:13.

Yesuus karrawwan garaa garaa lama warra daandiiwwan garaa garaa lamatti geessan akka caqase hubadhaa. Daandiiwwan kunis daandii isa “guddaa” fi daandii isa “qalʼoo” dha. (Mat. 7:14) Daandii sadaffaan hin jiru. Daandii irra deemnu ofuma keenyaa filachuu qabna. Kun murtoo baayʼee barbaachisaa taʼe dha. Sababiin isaas, jireenya bara baraa argachuun keenya kana irratti kan hundaaʼe dha. Daandii isa “guddaa” irra deemuun salphaa waan taʼeef, namoonni irra deeman baayʼee dha. Kan nama gaddisiisu, namoonni baayʼeen namoota hedduu duukaa buʼuudhaan daandii kana irra deemuu isaanii itti fufaniiru. Isaan daandii gara duʼaatti geessu kana irra akka buʼan dhiibbaa isaan irratti gochaa kan jiru Seexana akka taʼe hin hubanne. (1 Qor. 6:9, 10; 1 Yoh. 5:19) Daandii isa “guddaa” irraa haala faallaa taʼeen, daandiin inni kan biraan “qalʼoo” dha. Yesuus, namoonni daandicha argachuu dandaʼan muraasa akka taʼanis dubbateera. Daandii kana argachuun ulfaataa kan taʼe maaliifi? Yesuus lakkoofsa itti aanu irratti duuka buutonni isaa raajota sobaa irraa akka of eeggatan akka isaan akeekkachiise hubadhaa.—Mat. 7:15. w21.12 22-23 key. 3-5

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi