Sadaasa
Roobii, Sadaasa 1
Hundi isaanii Yihowaa irraa kan baratan ni taʼu.—Yoh. 6:45.
Jireenya kee keessatti gargaarsa Yihowaan siif godhu karaawwan hedduudhaan argaa jirta. Inni yeroo namni si mormu si mudatu akka tasgabbooftu si gargaareera. Caqasa sirrii nama fedhii qabutti himtu akka yaadattus si gargaareera. Yeroo namoonni naannoo tajaajilaa kee keessa jiran si dhagaʼuu hin barbaannetti humna tajaajila kee itti fufuuf si gargaarus siif kenneera. (Er. 20:7-9) Yihowaan tajaajilaaf nu leenjisuudhaanis gaarummaa nutti argisiiseera. Walgaʼii torban gidduutti geggeeffamu irratti maree fakkeenya taʼuu fi akka gaariitti qophaaʼe ni dhaggeeffanna, tajaajila irratti akka itti fayyadamnus ni jajjabeeffamna. Wanta haaraa yaaluun jalqaba irratti nu sodaachisuu dandaʼa; erga yaallee booda garuu namoota naannoo tajaajilaa keenya keessa jiran akka hawwatu hubanna. Walgaʼiiwwan gumii fi walgaʼiiwwan guguddaa irrattis malawwan tajaajilaa kanaan dura yaallee hin beekne akka yaallu jajjabeeffamna. Malawwan kana yaaluunis nu sodaachisa taʼa; taʼus yoo akkas goone eebba Yihowaa arganna. w21.08 27 key. 5-6
Kamisa, Sadaasa 2
Guyyoonni kun hamoo waan taʼaniif, yeroo keessan akka gaariitti itti fayyadamaa.—Efe. 5:16.
Phaawulos ergamaan xalayaa warra Qorontosiif barreesse irratti gorsa cimaa kenneera. Xalayaa sana erga isaaniif barreessee booda Tiitoo gara isaaniitti ergeera. Gorsa isaa akka fudhatan yeroo dhagaʼu baayʼee gammade! (2 Qor. 7:6, 7) Jaarsoliin obboloota isaanii wajjin yeroo dabarsuudhaan fakkeenya Phaawulos hordofuu dandaʼu. Karaan itti kana gochuu dandaʼan inni tokko warra kaanii wajjin akka gaariitti haasaʼuu akka dandaʼaniif dursanii gara Galma Walgaʼii dhaquu dha. Yeroo baayʼee obboleessa ykn obboleettii tokko jajjabeessuuf daqiiqaa muraasni gaʼaa dha. (Rom. 1:12) Jaarsi fakkeenya Phaawulos hordofu tokko Dubbii Waaqayyootti fayyadamee obboloota isaa jajjabeessuu fi Waaqayyo akka isaan jaalatu isaaniif mirkaneessuudhaan amantii isaanii cimsuu dandaʼa. Yeroo hunda isaan galateeffachuuf carraa barbaada. Jaarsi tokko gorsa kennuun yoo isa barbaachise gorsi isaa Dubbii Waaqayyoo irratti akka hundaaʼu godha. Ifatti kan dubbatu taʼus, obboloonni gorsa isaa akka fudhatan waan barbaaduuf gaarummaadhaan gorsa kenna.—Gal. 6:1. w22.03 28-29 key. 11-12
Jimaata, Sadaasa 3
Humni humna caalu kun kan keenya utuu hin taʼin, kan Waaqayyoo taʼuun isaa akka beekamuuf, qabeenya gatii guddaa qabu kana qodaa suphee keessaa qabna.—2 Qor. 4:7.
Yeroo harʼaa Yihowaan sabni isaa amanamummaadhaan isa tajaajiluu isaanii akka itti fufaniif ‘humna humna caalu’ isaaniif ni kenna. Karaan jabina itti argannu keessaa tokko kadhannaa dha. Akkuma Efesoon 6:18 irratti ibsame Phaawulos ergamaan ‘yeroo hundumaa gara Waaqayyootti kadhannaa akka dhiheessinu’ nu jajjabeesseera. Yihowaanis gargaarsa nuu gochuudhaan kadhannaa keenyaaf deebii kenna. Yeroo tokko tokko rakkinni keenya humnaa ol akka taʼee fi maal jennee kadhachuu akka qabnu illee wallaaluu dandeenya. Taʼus yaadaa fi miira keenya jechaan ibsuun yoo nutti ulfaate illee Yihowaan kadhannaa akka isatti dhiheessinu nu afeera. (Rom. 8:26, 27) Kitaaba Qulqulluutti fayyadamees jabina nuuf kenna. Akkuma Phaawulos jabinaa fi jajjabina argachuuf Kitaaba Qulqulluutti amaname nutis akkasuma gochuu qabna. (Rom. 15:4) Dubbii Waaqayyoo yommuu dubbisnuu fi irratti xiinxallu, Yihowaan hafuura isaatiin yaadni Kitaaba Qulqulluu haala keenyaaf akkamitti akka hojjetu caalaatti akka hubannu nu gargaara.—Ibr. 4:12. w21.05 22 key. 8-10
Sanbadduraa, Sadaasa 4
Waaqayyo . . . fedhii fi humna hojiidhaaf isin barbaachisu isiniif kennuudhaan isin jabeessa.—Filp. 2:13.
Haalawwan hamma barbaannu hojii barattoota gochuu irratti hirmaachuun rakkisaa akka nutti taʼu godhan jiraatanis, ajaja akka barsiisnu nuu kennameef bakka guddaa kennina. Hamma barbaannu hojjechuu akka hin dandeenye nutti dhagaʼama taʼa. Fakkeenyaaf, babalʼistoonni tokko tokko dulloomaniiru ykn dhibee fayyaa qabu. Atoo haala akkasii keessa jirtaa? Taanaan meeshaa elektirooniksiitti fayyadamnee karaa buʼa qabeessa taʼeen Kitaaba Qulqulluu qoʼachiisuu akka dandeenyu hubanneerra! Kanaafuu, karaa siif mijatuun manuma kee teessee qoʼannaa Kitaaba Qulqulluu jalqabsiisuu fi geggeessuu dandeessa. Kun faayidaa kan biraas qaba. Namoonni tokko tokko Kitaaba Qulqulluu qoʼachuu kan barbaadan taʼus, yeroo obboloonni keenya tajaajilaaf ramadanitti qoʼachuun isaaniif hin mijatu. Kanaa mannaa, ganama barii ykn galgala qoʼachuu filatu taʼa. Maarree, yeroo akkasiitti nama sana Kitaaba Qulqulluu qoʼachiisuu ni dandeessaa? Yesuus Niqoodimosiin kan barsiise galgala, jechuunis yeroo Niqoodimosiif mijatutti ture.—Yoh. 3:1, 2. w21.07 5 key. 10-11
Dilbata, Sadaasa 5
Sabni kun afaan isaatiin natti dhihaata,hidhii isaatiinis ulfina naaf kenna, garaan isaa garuu ana irraa baayʼee fagoo dha.—Isa. 29:13.
Barattoonni Yesuus waan hin soomneef, barattoonni Yohaannis cuuphaa bitaa isaanitti galee ture. Yesuus utuu inni lubbuudhaan jiruu barattoonni isaa sababii itti sooman akka hin qabne ibseera. (Mat. 9:14-17) Taʼus, Fariisonnii fi mormitoonni isa kaan Yesuus aadaa fi duudhaa isaanii waan hin hordofneef isa balaaleffataniiru. Guyyaa Sanbataatti namoota dhukkubsatan waan fayyiseef aaranii turan. (Mar. 3:1-6; Yoh. 9:16) Gama tokkoon seera Sanbataa kabajuu isaanitti ni boonu, gama biraatiin immoo mana qulqullummaa keessatti daldaluun rakkina akka hin qabnetti ilaalu. Yesuus gocha isaanii kana yeroo balaaleffatu baayʼee aaran. (Mat. 21:12, 13, 15) Yesuus namoonni inni mana sagadaa Naazireetitti isaaniif lallabe, ofittoo fi amantii kan hin qabne taʼuu isaanii argisiisuuf fakkeenyota seenaa Israaʼel keessa jiran yommuu caqasu baayʼee aaranii turan. (Luq. 4:16, 25-30) Amalli addaa Yesuus argisiise namoonni hedduun akka gufatan godheera.—Mat. 11:16-19. w21.05 5-6 key. 13-14
Wiixata, Sadaasa 6
Nuti akeeka isaa beekna.—2 Qor. 2:11.
Kooraa fi sassata ilaalchisee karaa Yihowaan itti nu akeekkachiisu keessaa tokko muuxannoo warra kaanii irraa akka barannu nu jajjabeessuudhaani. Yeroo waaʼee sassataa yaannu Seexanni gara sammuu keenyaatti dhufa. Seexanni maleekaa Yihowaa waan tureef mirgawwan hedduu akka qabu hin shakkisiisu. Garuu mirga dabalataa barbaade. Mirga waaqeffannaa Yihowaadhaaf qofa malu barbaade. Seexanni akkuma isaa akka taanu waan barbaaduuf, wanta qabnutti akka hin gammanne nu gochuu barbaada. Inni yeroo jalqabaatiif fedhii kana akka qabu kan argisiise yeroo Hewaanii wajjin haasaʼetti dha. Yihowaan jaalalaan kakaʼee Hewaanii fi abbaan manaa ishii muka isa tokko irraa kan hafe “muka iddoo biqiltuu sana keessa jiru hundumaa irraa” akka nyaatan isaaniif heyyamuudhaan nyaatawwan isaan gammachiisan hedduu isaaniif kenneera. (Uma. 2:16) Haa taʼu malee, Seexanni Hewaaniin gowwoomsuudhaan muka isa dhowwame irraa nyaachuu akka qabdu akka ishiitti dhagaʼamu godhe. Hewaan wanta qabdutti gammaduu mannaa wanta dabalataa barbaadde. Kun immoo maal akka ishii irraan geessise beekna. Hewaan cubbuu waan raawwatteef yeroo booda ni duute.—Uma. 3:6, 19. w21.06 14 key. 2-3; 16 key. 9
Kibxata, Sadaasa 7
Horaa, baayʼadhaa, lafa guutaa; isas toʼannaa keessan jala galfadhaa.—Uma. 1:28.
Addaamii fi Hewaan ijoollee godhachuu fi lafa ishii iddoo jireenyaa isaanii taate kunuunsuu qabu turan. Yihowaadhaaf ajajamuudhaan kaayyoo inni isaaniif qabu deggeraniiru utuu taʼee, isaanis taʼan sanyiiwwan isaanii bara baraaf miseensota maatii Waaqayyoo taʼanii itti fufu turan. Addaamii fi Hewaan maatii Yihowaa keessatti iddoo ulfina qabeessa taʼe qabu turan. Akka Faarfannaa 8:5 fi miiljalee isaa irratti galmaaʼetti Daawit ilmaan namootaa warra uumama Yihowaa taʼan ilaalchisee, “Ati maleekota irra xinnuma isa xiqqeessite, ulfinaa fi simboos isa gonfachiiste” jedheera. Ilmaan namootaa fi maleekotaaf humnii fi dandeettiin wal qixa taʼe akka hin kennamne beekamaa dha. (Far. 103:20) Taʼus, ilmaan namootaa uumamawwan humna guddaa qaban kana irra ‘xinnuma xiqqaatu.’ Kan nama gaddisiisu garuu, Addaamii fi Hewaan iddoo maatii Yihowaa keessatti qaban dhabaniiru. Kun sanyiiwwan isaanii irratti miidhaa guddaa geessiseera. Haa taʼu malee, kaayyoon Yihowaa hin jijjiiramne. Namoonni ajajamoo taʼan bara baraaf ijoollee isaa akka taʼan barbaada. w21.08 2-3 key. 2-4
Roobii, Sadaasa 8
“Humna waraanaatiin yookiin jabina namaatiin utuu hin taʼin, hafuura kootiin raawwatamu” jedha Yihowaan.—Zak. 4:6.
Yeroo harʼaa tajaajiltoonni Yihowaa hedduun mormiin isaan irra gaʼaa jira. Fakkeenyaaf, obboloonni keenya tokko tokko biyyoota hojiin keenya itti daangeffame keessa jiraatan qabamanii ‘bulchitootaa fi mootota duratti dhiheeffamuu’ dandaʼu; kun immoo isaaniif dhugaa baʼa. (Mat. 10:17, 18) Mormiin Dhugaa Baatota kaan irra gaʼu immoo kana irraa adda dha. Kan jiraatan biyya bilisummaadhaan Yihowaa waaqeffachuu itti dandaʼan keessa taʼus, miseensota maatii isaanii irraa mormiin isaan irra gaʼa. (Mat. 10:32-36) Yeroo baayʼee miseensonni maatii kun obboloonni keenya Yihowaa tajaajiluu isaanii akka hin dhiisne yeroo argan isaan mormuu isaanii ni dhiisu. Kana malees, namoonni cimsanii mormaa turan tokko tokko yeroo booda Dhugaa Baatota Yihowaa hinaaffaa cimaa qaban taʼaniiru. Yommuu mormiin sirra gaʼu abdii hin kutatin. Ija jabeessa taʼi. Gargaarsa Yihowaa fi gargaarsa hafuura isaa waan qabduuf wanti si sodaachisu tokko iyyuu hin jiru! w22.03 16 key. 8
Kamisa, Sadaasa 9
Isin warri Yihowaa jaallattan, wanta hamaa jibbaa.—Far. 97:10.
Kitaabni Qulqulluun Yihowaan, “ija of tuulu, arraba sobuu fi harka dhiiga qulqulluu dhangalaasu” akka jibbu dubbata. (Fak. 6:16, 17) Kana malees, “Namoota hammina raawwatanii fi warra kaan gowwoomsan ni balfa.” (Far. 5:6) Yihowaan namoota bara Nohitti lafa hamminaan guutan haxaaʼee balleessuudhaan ilaalchaa fi gocha akkasii baayʼee akka jibbu argisiiseera. (Uma. 6:13) Kana malees, Yihowaan karaa Miilkiyaas raajichaa namoota haxxummaadhaan haadhotii manaa isaanii balleessaa hin qabne hiikan akka jibbu dubbateera. Waaqayyo waaqeffannaa isaanii hin fudhatu, gocha isaaniitiifis isaan gaafata. (Mil. 2:13-16; Ibr. 13:4) Yihowaan nutis ‘wanta hamaa akka jibbinu’ barbaada. (Rom. 12:9) Jechi ‘jibbuu’ jedhu miira cimaa argisiisa; wanta tokko balfuu jechuu dha. Kanaafuu, wanta Yihowaan hamaa akka taʼetti ilaalu raawwachuu mitii, yaaduun illee nu jibbisiisuu qaba. w22.03 4-5 key. 11-12
Jimaata, Sadaasa 10
Warri abdiidhaan isa eeggatan hundi gammadoo dha.—Isa. 30:18.
Abbaan keenya inni samii dhiheenyatti Mootummaa isaatti fayyadamuudhaan eebba hedduu nuuf kenna. Namoonni obsaan Yihowaa eeggatan ammas taʼe addunyaa haaraa keessatti eebba hedduu argatu. Sabni Waaqayyoo addunyaa haaraatti erga galanii booda, dhiphinaa fi rakkina yeroo harʼatti isaan irra gaʼu irraa walaba taʼu. Jalʼinni haqaas taʼe dhiphinni sana booda hin jiraatu. (Mul. 21:4) Yeroo sanatti wanti namootaaf barbaachisu hedduminaan waan jiraatuuf hanqinni ni jiraata jennee hin yaaddofnu. (Far. 72:16; Isa. 54:13) Kun eebba dinqisiisaa dha! Hammasitti garuu Yihowaan barsiifatawwan gadhee taʼan akka moonuu fi amaloota isa gammachiisan akka horannu nu gargaaruudhaan jireenya bulchiinsa isaa jala jiraatuuf nu qopheessa. Kanaafuu, abdii kutachuudhaan Yihowaa tajaajiluu kee hin dhaabin. Gara fuulduraatti jireenya hunda irra caalutu si eeggata! Kanaafuu, hamma Yihowaan hojii isaa xumurutti fedhiidhaan, akkasumas obsaan isa eeggachuu keenya itti haa fufnu! w21.08 13 key. 17-19
Sanbadduraa, Sadaasa 11
Wanta gaarii gochuu fi waan qabdan warra kaaniif hiruu hin dagatinaa; Waaqayyo aarsaawwan akkasiitti baayʼee gammada.—Ibr. 13:16.
Kiristiyaanonni Yihudaa xalayaa Phaawulos ergamaan isaaniif barreesse kun isaan gaʼee utuma baayʼee hin turin mana isaanii, hojii isaanii fi firoottan isaanii warra hin amanne dhiisanii ‘gara gaarotaatti baqachuun’ isaan barbaachiseera. (Mat. 24:16) Yeroo sanatti wal gargaaruun baayʼee isaan barbaachisa ture. Sana dura wanta qaban waliif hiruudhaan gorsa Phaawulos hojii irra oolchaniiru yoo taʼe, jireenya isaanii isa haaraatti baruun isaanitti hin ulfaatu. Obboloonnii fi obboleettonni keenya wanta isaan barbaachisu yeroo hunda nutti himuu dhiisuu dandaʼu. Kanaaf warri kaan sitti dhihaachuun akka isaanitti salphatu godhi. Obboloonnii fi obboleettonni yeroo hundumaa warra kaan gargaaruuf qophaaʼoo taʼan gumii kee keessa akka jiran hin shakkisiisu. Obboloonni kun matumaa baʼaa akka isaanitti taane akka nutti dhagaʼamu hin godhan. Yeroo gargaarsi nu barbaachisu hundatti nu gargaaruuf fedhii akka qaban beekna. Nutis akka isaanii taʼuuf hawwina. w22.02 23-24 key. 13-15
Dilbata, Sadaasa 12
Hidhaa nagaa isa tokko godhuun tokkummaa hafuuraa [eegaa].—Efe. 4:3.
Waggoota dhihoodhaa asitti gumiiwwanii fi aanaalee hedduun akka haaraatti gurmaaʼaniiru. Gumii haaraa tokko akka dhaqnu yoo gaafatamne michootaa fi maatii keenya irraa adda baʼuun nutti ulfaachuu dandaʼa. Jaarsoliin babalʼistoota eessatti akka ramadan ilaalchisee Waaqayyo biraa kallattiidhaan qajeelfama ni argatuu? Lakki! Kun qajeelfama isaan nuuf kennan fudhachuun akka nutti ulfaatu gochuu dandaʼa. Haa taʼu malee, Yihowaan murtoo akkasii akka godhan jaarsoliidhaaf itti gaafatamummaa kan kenne waan isaan amaneefi. Kanaafuu, nutis isaan amanuu qabna. Murtoon jaarsoliin godhan yoo nutti toluu baate illee, murtoo isaanii deggeruu kan qabnu maaliifi? Akkas gochuun keenya saba Yihowaa gidduu tokkummaan akka jiraatu gumaacha godha. Obboloonni gumii keessa jiran hundi gad of qabuudhaan murtoo qaamni jaarsolii dabarseef kan bitaman yoo taʼe gumichi ni guddata. (Ibr. 13:17) Hundumaa caalaa immoo obboloota Yihowaan amanee akka nu kunuunsaniif muude deggeruudhaan akka isa amannu argisiisna.—HoE. 20:28. w22.02 4-5 key. 9-10
Wiixata, Sadaasa 13
Dubbisuuf, gorsuu fi barsiisuuf carraaqqii gochuu kee itti fufi.—1 Xim. 4:13.
Obboleessa cuuphame yoo taate dandeettii dubbachuu fi barsiisuu kee guddifachuuf carraaqqii gochuu dandeessa. Maaliif? Sababiin isaas, dubbisuu, dubbachuu fi barsiisuudhaaf “xiyyeeffannaa guddaa” yoo kennite, warri si dhagaʼan faayidaa guddaa argatu. (1 Xim. 4:15) Dandeettiiwwan birooshura Dubbisuu fi Barsiisuuf Carraaqqii Godhi jedhamu irratti ibsaman hundumaa qoʼachuu fi hojii irra oolchuuf galma baafadhu. Dandeettii tokko filadhuu qoʼadhuutii mana keessatti irra deddeebiʼii shaakali; achiis haasaa dhiheessitu irratti argisiisuuf carraaqqii godhi. Gargaaraan gorsa kennaa ykn jaarsoliin “dubbachuu fi barsiisuudhaan jabaatanii hojjetan” kaan gorsa akka siif kennan gaafadhu. (1 Xim. 5:17) Barumsa birooshuricha irra jiru hojii irra oolchuu irratti qofa utuu hin taʼin, dhaggeeffattoonni kee amantii isaanii akka cimsatan gargaaruu fi wanta baratan hojii irra akka oolchan kakaasuu irrattis xiyyeeffachuu qabda. Akkana yoo goote, atis taate isaan caalaatti gammachuu argattu. w21.08 24 key. 17
Kibxata, Sadaasa 14
Gad of qabuudhaan warri kaan akka isin irra caalan godhaa yaadaa.—Filp. 2:3.
Warri kaan akka nu caalaan yoo yaanne namoota dandeettii nu caalaa qabanii wajjin wal hin morkannu. Kanaa mannaa, isaaniif gammanna. Keessumaa dandeettii isaanii kan itti fayyadaman tajaajila Yihowaatiif yoo taʼe immoo baayʼee isaaniif gammanna. Akka kanaan, hundi keenya gumii keessa nagaa fi tokkummaan akka jiraatu gumaacha goona. Hinaaffaa irraa fagaachuuf humna ofii beekuun keenya nu gargaara. Humna keenya beekna taanaan, warra kaan akka caallu argisiisuuf hin yaallu. Kanaa mannaa, namoota dandeettiidhaan nu caalan irraa barachuuf carraaqqii goona. Fakkeenyaaf, obboleessi tokko gumii keessatti haasaa gaarii yoo dhiheesse, haasaa isaa akkamitti akka qophaaʼe isa gaafachuu dandeenya. Obboleettiin takka nyaata bilcheessuu irratti dandeettii qabdi taanaan, yaada gama kanaan dandeettii keenya fooyyeffachuuf nu gargaaru akka nuuf kennitu ishii gaafachuu dandeenya. w21.07 16 key. 8-9
Roobii, Sadaasa 15
[Yihowaan Waaqa ] matumaa haqa hin jalʼisne dha.—Kes. 32:4.
Kitaabni Lakkoofsaa namni Israaʼel tokko guyyaa Sanbataatti qoraan waan funaaneef Yihowaan duʼa akka isatti murteesse dubbata. Kitaaba Saamuʼel isa lammaffaa irratti immoo jaarraawwan hedduu booda Daawit Mootichi ejjaa fi ajjeechaa kan raawwate taʼus, Yihowaan dhiifama akka isaaf godhe ibsameera. (Lak. 15:32, 35; 2 Sam. 12:9, 13) Tarii, ‘Yihowaan Daawit isa ejjaa fi ajjeechaa raawwateef dhiifama godhee, namicha cubbuu hamma isaa hin raawwanne irratti garuu duʼa kan murteesse maaliifi?’ jennee gaafanna taʼa. Kitaabni Qulqulluun waaʼee seenaa tokkoo ibsa balʼaa kan kennu yeroo hunda miti. Fakkeenyaaf, Daawit balleessaa isaa irraa garaadhaa yaada akka geddarate beekna. (Far. 51:2-4) Garuu namichi seera Sanbataa cabse sun nama akkamii ture? Wanta raawwatetti gaabbeeraa? Kanaan dura seera Yihowaatiif utuu hin ajajamin hafeeraa laata? Akeekkachiisa sana dura isaaf kenname tuffateeraa? Yookiin fudhachuu dideeraa? Kitaabni Qulqulluun waaʼee kanaa hin dubbatu. Haa taʼu malee, Waaqa keenya sirriitti waan beeknuuf inni “karaawwan isaa hundumaatiin qajeelaa” akka taʼe shakkii tokko illee hin qabnu.—Far. 145:17. w22.02 3 key. 3-4
Kamisa, Sadaasa 16
Ogummaan . . . warra humna isaanii beekan biratti argama.—Fak. 11:2.
Namni humna isaa beeku wanta gochuu dandaʼu caalaa of irraa hin eegu. Kanaafuu, gammadaa taʼuu isaa fi jabaatee hojjechuu isaa itti fufa. Namni humna isaa beeku konkolaachisaa konkolaataa isaa tabbatti oofutti fakkeeffamuu dandaʼa. Konkolaachisaan kun konkolaataan isaa tabba akka baʼuuf maarshii isaa hirʼisuu isa barbaachisa. Yeroo kanatti kan inni deemu suuta taʼus fuulduratti deemuu isaa itti fufeera. Haaluma wal fakkaatuun, namni humna isaa beekus saffisa isaa yoom hirʼisuu akka qabu beeka; kun immoo tajaajila Yihowaa keessatti dammaqaa fi buʼa qabeessa taʼee itti fufuuf isa gargaara. (Filp. 4:5) Mee fakkeenya Baarzilaay isa yeroo umuriin isaa waggaa 80 turetti Daawit Mootichi masaraa mootummaa keessa akka isa waliin jiraatu isa affeeree haa ilaallu. Baarzilaay inni humna isaa beeku affeerraa mootichaa fudhachuu dideera. Humni isaa akka daangeffame waan hubateef, Kimhaam inni dargaggeessa taʼe bakka isaa akka deemu yaada dhiheesseera. (2 Sam. 19:35-37) Maanguddoonni yeroo harʼaa jiranis akkuma Baarzilaay dargaggootaaf carraa tajaajilaa kennuun isaan gammachiisa. w21.09 10 key. 6-7
Jimaata, Sadaasa 17
Abbaa malee Ilmi eenyu akka taʼe kan beeku tokko illee hin jiru; akkasumas Ilmaa fi nama Ilmi isatti mulʼisuu barbaadu qofa malee Abbaan eenyu akka taʼe kan beeku tokko illee hin jiru.—Luq. 10:22.
Yihowaa akka Abbaa jaalala qabeessa taʼetti ilaaluun sitti ulfaataa? Obboloota tokko tokkotti ni ulfaata. Tarii akkaataan guddinaa keenya gaarii waan hin taaneef, yaada abbaa jaalala qabeessa jedhu fudhachuun nutti ulfaachuu dandaʼa. Haa taʼu malee, Yihowaan miira keenya guutummaatti akka hubatu beekuun baayʼee nu jajjabeessa. Inni nutti dhihaachuu barbaada. Dubbiin isaa, “Waaqayyotti dhihaadhaa, innis isinitti ni dhihaata” jedhee kan nu jajjabeessus kanaafi. (Yaq. 4:8) Yihowaan nu jaallata, akka Abbaa keenyaatti akka isa ilaallus nu affeereera. Yesuus Yihowaatti akka dhihaannu nu gargaara. Inni Yihowaa akka gaariitti beeka; amalawwan isaa guutummaatti waan calaqqisiiseef, “Namni ana arge hundi Abbaas argeera” jedheera. (Yoh. 14:9) Yesuus akkuma obboleessa angafaa, Abbaa keenya kabajuu fi isaaf ajajamuu, akkasumas wanta isa gaddisiisu irraa fagaachuu fi isa biratti fudhatama argachuu kan dandeenyu akkamitti akka taʼe nu barsiisa. Keessumaa Yesuus yeroo lafa irra jiraatetti Yihowaan hammam gaarii fi jaalala qabeessa akka taʼe argisiiseera. w21.09 21 key. 4-5
Sanbadduraa, Sadaasa 18
Tuuta hoolota Waaqayyoo warra eegumsa keessan jala jiran tiksaa.—1 Phe. 5:2.
Sabni Yihowaa tokkummaadhaan Waaqa dhugaa isa tokkicha waaqeffatu. Yihowaan jaarsoliin qulqullina gumii akka eeganiif itti gaafatamummaa guddaa isaaniif kenneera. Kiristiyaanni tokko cubbuu cimaa yoo hojjete, Yihowaan jaarsoliin Kiristiyaanni sun gumiidhaa akka baafamu ykn gumii keessa akka turu akka murteessan isaan irraa eega. Jaarsoliin hundumaa caalaa namni sun cubbuu hojjeteef garaadhaa yaada geddarachuu fi dhiisuu isaa beekuu barbaadu. Tarii yaada akka geddarate ni dubbata taʼa. Garuu dhugumaan gocha raawwate sana ni jibbaa? Cubbuu sanatti deebiʼuu dhiisuuf kutateeraa? Cubbuu akka raawwatu kan isa taasise michummaa gadhee yoo taʼe, michummaa akkasii kana addaan kutuuf fedhii qabaa? Jaarsoliin waaʼee dhimmichaa ni kadhatu; ragaawwan jiranii fi wanta Kitaabni Qulqulluun jedhus ni ilaalu. Akkasumas, namni cubbuu hojjete sun wanta raawwate ilaalchisee maaltu akka isatti dhagaʼame ni qoru. Achiis, namni sun gumii keessa turuu kan dandaʼu taʼuu fi dhiisuu isaa murteessu. Haala tokko tokko keessatti namni sun gumii keessaa baafamuun isa barbaachisuu dandaʼa.—1 Qor. 5:11-13. w22.02 5 key. 11-12
Dilbata, Sadaasa 19
Namummaa haaraa . . . uffadhaa.—Qol. 3:10.
Kan cuuphamne guyyoota muraasa duras taʼe waggoota hedduu dura, hundi keenyayyuu namummaa Yihowaan jaallatu qabaachuu barbaanna. Nama akkasii taʼuuf yaada keenya toʼachuu qabna. Maaliif? Sababiin isaas, wanti namummaa keenya irratti dhiibbaa godhu inni guddaan yaada keenya dha. Yeroo hunda waaʼee of gammachiisuu kan yaannu yoo taʼe, wanta gadhee dubbachuu ykn raawwachuu dandeenya. (Efe. 4:17-19) Sammuu keenya yaadawwan gaggaariidhaan kan guunnu yoo taʼe garuu, wanta Abbaa keenya Yihowaa gammachiisu dubbachuu fi raawwachuun keenya hin oolu. (Gal. 5:16) Haa taʼu malee, yaanni gaarii hin taane matumaa gara sammuu keenyaatti akka hin dhufne gochuu hin dandeenyu. Yaadawwan kanaan mooʼamuu dhiisuuf filachuu garuu ni dandeenya. Cuuphamuu keenya dura wanta Yihowaan jibbu dubbachuu fi raawwachuu dhiisuun nu barbaachisee ture. Kun namummaa moofaa of irraa baasnee gatuuf tarkaanfii isa jalqabaa fi isa guddaa dha. Haa taʼu malee, guutummaatti Yihowaa gammachiisuuf namummaa haaraa uffachuu qabna. w22.03 8 key. 1-2
Wiixata, Sadaasa 20
Isin dhimma kana ilaalchisee karaa hundumaa qulqulluu taʼuu keessan argisiistaniittu.—2 Qor. 7:11.
Namni cubbuu cimaa raawwate tokko dhugumaan garaadhaa yaada akka geddarate beekuun salphaa miti. Maaliif? Jaarsoliin garaa namaa dubbisuu waan hin dandeenyeef, obboleessi isaanii sun garaadhaa yaada geddarachuu isaa beekuuf wanta ragaa isaaniif taʼu arguun isaan barbaachisa. Yaanni, miirrii fi amalli nama kanaa jijjiiramuu isaa beekuuf wanti ragaa isaaniif taʼu isaan barbaachisa. Namni sunis jijjiirama barbaachisu hundumaa gochuudhaan garaadhaa yaada akka geddarate argisiisuun yeroo itti fudhachuu dandaʼa. Namni gumiidhaa baafame tokko garaadhaa yaada geddarachuu isaa argisiisuuf yeroo hundumaa walgaʼii irratti argamuu fi gorsa jaarsoliin yeroo hundumaa akka kadhatuu fi qoʼannaa dhuunfaa akka godhatu isaaf kennan hojii irra oolchuu qaba. Wanta cubbuu duraan raawwatetti akka deebiʼu isa gochuu dandaʼu irraa fagaachuufis carraaqqii cimaa gochuu qaba. Michummaa Yihowaa wajjin qabu haareffachuuf jabaatee yoo hojjete, inni guutummaatti dhiifama akka isaaf godhuu fi jaarsoliin gara gumiitti akka isa deebisan mirkanaaʼaa taʼuu dandaʼa. w21.10 6 key. 16-18
Kibxata, Sadaasa 21
Wanta ol gubbaa samii keessa jiru yookiin gad lafa irra jiru . . . kam iyyuu fakkeessitee ofii keetiif fakkii bocame yookiin fakkii kan biraa hin tolfatin. Ati isaaniif hin sagadin.—Bau. 20:4, 5.
Yesuus Yihowaadhaaf jaalala guddaa waan qabuuf yeroo samii keessa turettis taʼe yeroo lafa irra turetti isa qofa waaqeffata. (Luq. 4:8) Barattoonni isaas akkasuma akka godhan isaan barsiiseera. Yesuusis taʼe barattoonni isaa amanamoon waaqeffannaadhaaf fakkiitti fayyadamanii hin beekan. Waaqayyo hafuura waan taʼeef, wanti ilmaan namootaa hojjetan kam iyyuu isa fakkaachuu hin dandaʼu! (Isa. 46:5) Fakkii namoota qulqulloota jedhamanii kaasuudhaan kadhannaa isaanitti dhiheessuun hoo fudhatama qabaa? Yihowaan ajajawwan kurnan kenne keessaa isa lammaffaa irratti yaada caqasa guyyaa harʼaa irratti ibsame dubbateera. Namoota Waaqayyoon gammachiisuu barbaadaniif ajajni kun ifa dha. Hayyoonni seenaa Kiristiyaanonni jaarraa jalqabaa Waaqayyoon qofa waaqeffachaa akka turan dubbataniiru. Yeroo harʼaatti, Dhugaa Baatonni Yihowaas gama kanaan fakkeenya Kiristiyaanota jaarraa jalqabaa hordofu. w21.10 19-20 key. 5-6
Roobii, Sadaasa 22
Namni baaxii manaa irra jiru mana isaa keessaa miʼa fudhachuuf gad hin buʼin.—Mat. 24:17.
Yesuus magaalaan Yerusaalem ‘loltootaan akka marfamtu’ Kiristiyaanota jaarraa jalqabaa Yihudaa keessa jiraatan akeekkachiisee ture. (Luq. 21:20-24) Yeroo kun raawwatamutti ‘gara gaarotaatti baqachuu’ qabu. Baqachuun isaanii fayyina kan isaaniif argamsiisu taʼus, qabeenya isaanii dhiisanii deemuu isaan gaafata. Waggoota muraasa dura Masaraan Eegumsaa yaada akkana jedhu qabatee baʼee ture: “Maasii isaanii fi mana isaanii dhiisanii baʼan; qabeenya mana isaanii keessa jiru illee fudhachuu hin dandeenye. Yihowaan akka isaan eeguu fi akka isaan deggeru waan amananiif, wanta barbaachisaa fakkaatu kam iyyuu caalaa waaqeffannaa isaatiif dursa kennaniiru.” Itti fufuudhaan akkana jedheera: “Ilaalcha qabeenyaaf qabnuu wajjin haala wal qabateen gara fuulduraatti qorumsi nu mudata; iddoo guddaa kan kenninu qabeenyaaf moo fayyina Waaqayyoof amanamoo taʼuudhaan argannuufi? Yeroo dhumni dhihaachaa deemu rakkinni garaa garaa nu mudata, aarsaa kaffaluunis nu barbaachisa. Nutis aarsaa barbaachisu kam iyyuu kaffaluuf qophaaʼoo taʼuu qabna.” w22.01 4 key. 7-8
Kamisa, Sadaasa 23
Yaa Waaqayyo, jaalalli kee inni amanamaan hammam ulfina qabeessa dha!—Far. 36:7.
Israaʼelonni biyya Gibxiitii baʼanii utuu baayʼee hin turin, Yihowaan waaʼee maqaa isaa fi amalawwan isaa Museetti himee ture. Akkana jedhe: “Yihowaa, Yihowaa Waaqa araara qabeessaa fi gara laafessa taʼe, aariidhaaf suuta kan jedhu, jaalalli isaa inni amanamaanii fi dhugaan isaa baayʼee kan taʼe, jaalala amanamaa kumaatamatti kan argisiisu, dogoggora, balleessaa fi cubbuu kan namaaf dhiisu.” (Bau. 34:6, 7) Yihowaan jechoota namatti tolan kanatti fayyadamuudhaan waaʼee jaalala isaa isa amanamaa wanta baayʼee adda taʼe tokko Museetti himeera. Wanti inni isatti hime kun maali dha? Yihowaan waaʼee ofii isaa yeroo dubbatu jaalala amanamaa akka qabu qofa utuu hin taʼin, “jaalalli isaa inni amanamaan baayʼee” akka taʼe dubbateera. Ibsi kun Kitaaba Qulqulluu keessatti siʼa baayʼee caqasameera. (Lak. 14:18; Nah. 9:17; Far. 86:15; 103:8; Yoe. 2:13; Yon. 4:2) Jaalalli isaa inni amanamaan baayʼee ykn hedduu akka taʼe kan dubbatame Yihowaadhaaf qofa dha; namoota keessaa eenyuuf iyyuu akkas jedhamee hin beeku. Yihowaan iyyuu yeroo baayʼee Kitaaba Qulqulluu keessatti jaalala amanamaa baayʼee ykn hedduu akka qabu dubbachuun isaa xiyyeeffannaa namaa kan harkisu dha. w21.11 2-3 key. 3-4
Jimaata, Sadaasa 24
Waaʼee jireenya keessanii . . . yaaddaʼuu keessan dhiisaa.—Mat. 6:25.
Hiriyoonni gaaʼelaa Pheexirosii fi haadha manaa isaa irraa barumsa argachuu dandaʼu. Pheexiros ergamaan Yesuusii wajjin wal argee jiʼa jaʼaa hanga waggaa tokkoo gidduutti murtoo barbaachisaa tokko gochuu qaba ture. Pheexiros maatii isaatiif wanta barbaachisu dhiheessuuf hojii qurxummii kiyyeessuu hojjeta ture. Kanaafuu, yommuu Yesuus yeroo guutuu akka isa duukaa buʼu isa gaafatetti waaʼee haadha manaa isaa yaaduun isa barbaachisee ture. (Luq. 5:1-11) Pheexiros Yesuusii wajjin iddoo garaa garaa deemuudhaan tajaajiluu filateera. Haati manaa isaas murtoo isaa akka deggerte haala isaa irraa hubachuun ni dandaʼama. Yesuus erga duʼaa kaʼee booda Pheexirosii wajjin iddoo tokko tokko akka deemte Kitaabni Qulqulluun ni ibsa. (1 Qor. 9:5) Pheexiros bilisummaadhaan abbootii manaa fi haadhotii manaa Kiristiyaanota taʼaniif gorsa kennuu kan dandaʼe, haati manaa isaa fakkeenya gaarii waan taateef akka ture hin shakkisiisu. (1 Phe. 3:1-7) Pheexiros ergamaa fi haati manaa isaa, waadaa Yihowaan jireenya isaanii keessatti Mootummichaaf dursa yoo kennan wanta isaan barbaachisu akka isaaniif kennu galetti akka amanaman beekamaa dha.—Mat. 6:31-34. w21.11 18 key. 14
Sanbadduraa, Sadaasa 25
Fakkeenya koo hordofaa.—1 Qor. 11:1.
Phaawulos ergamaan obboloota isaa ni jaallata. Isaan kunuunsuuf dadhabe utuu hin jedhin hojjeteera. (HoE. 20:31) Kanaan kan kaʼes, obboloonni isaa baayʼee isa jaallatu turan. Yeroo tokko jaarsoliin Efesoon deebiʼanii akka isa hin argine yeroo hubatan “akka malee booʼan.” (HoE. 20:37) Haaluma wal fakkaatuun jaarsoliin yeroo harʼaa jiranis obbolootaa fi obboleettota isaanii baayʼee jaallatu; isaan gargaaruufis wanta isaaniif dandaʼame hunda ni godhu. (Filp. 2:16, 17) Yeroo tokko tokko garuu jaarsoliin haalli rakkisaan isaan mudata. Haala rakkisaa isaan mudatu kana mooʼuuf maaltu isaan gargaaruu dandaʼa? Jaarsoliin cimanii hojjetan fakkeenya Phaawulos qoruun isaan fayyada. Phaawulos akkuma isaanii nama ture. Nama mudaa qabuu fi yeroo tokko tokko wanta sirrii taʼe gochuuf qabsaaʼaa ture dha. (Rom. 7:18-20) Rakkoowwan hedduunis isa mudataniiru. Haa taʼu malee, Phaawulos abdii hin kutanne ykn gammachuu isaa hin dhabne. Jaarsoliinis fakkeenya Phaawulos kan hordofan yoo taʼe, rakkoowwan isaan mudatan mooʼuudhaan gammachuudhaan Yihowaa tajaajiluu isaanii itti fufuu dandaʼu. w22.03 26 key. 1-2
Dilbata, Sadaasa 26
Sanbatawwan koos eegaa. Ani Waaqa keessan Yihowaa dha.—Lew. 19:3.
Leewwonni 19:3 waaʼee Sanbata eeguu dubbata. Kiristiyaanonni garuu Seericha jala waan hin jirreef, Sanbata hin eegan. Haa taʼu malee, akkaataa Israaʼelonni Sanbata itti eeganii fi faayidaa kana gochuu isaaniitiin argatan irraa barumsa hedduu arganna. Guyyaan Sanbataa yeroo hojii isaanii irraa boqochuudhaan dhimmoota hafuuraatiif xiyyeeffannaa itti kennani dha. Yesuus guyyaa Sanbataatti gara mana sagadaa magaalaa itti guddate keessa jiru tokkoo dhaquudhaan Dubbii Waaqayyoo irraa kan dubbise kanaafi. (Bau. 31:12-15; Luq. 4:16-18) Ajajni Waaqayyo Leewwota 19:3 irratti, “Sanbatawwan [koo] eegaa” jechuudhaan kenne jireenya keenya guyyaa guyyaa keessatti dhimmoota hafuuraatiif caalaatti xiyyeeffannaa kennuuf nu kakaasuu qaba. Kana ilaalchisee sirreeffama gochuun akka si barbaachisu sitti dhagaʼamaa? Yeroo hundumaa dhimmoota hafuuraa irratti xiyyeeffachuuf yeroo kan ramaddu yoo taʼe Yihowaatti ni dhihaatta. Kun immoo qulqulluu taʼuuf wanta baayʼee barbaachisaa taʼe dha. w21.12 5 key. 13
Wiixata, Sadaasa 27
Ani namoota qajeeloo waamuuf utuu hin taʼin, cubbamoonni akka yaada geddaratan waamuufan dhufe.—Luq. 5:32.
Yesuus yeroo lafa irra turetti namoota hunda wajjin yeroo dabarsa ture. Sooressootaa fi namoota aangoo qabanii wajjin nyaata kan nyaate taʼus, namoota hiyyeeyyii fi cunqurfamanii wajjinis yeroo balʼaa dabarseera. Kana malees namoota “cubbamoota” akka taʼanitti ilaalamanitti gara laafina argisiiseera. Namoonni qulqulluu of godhan tokko tokko wanta Yesuus raawwate kanatti gufataniiru. Isaan, “Isin warra qaraxa sassaabanii fi cubbamootaa wajjin kan nyaattanii fi kan dhugdan maaliifi?” jedhanii barattoota isaa gaafatan. Yesuusis yaada caqasa guyyaa harʼaa irra jiru deebise. (Luq. 5:29-31) Masiihiin dhufuu isaa yeroo dheeraa dura Isaayyaas raajichi addunyaan akka isa hin fudhanne raajii dubbatee ture. Raajichi akkas jedha: “Namoonni isa ni tuffatan, ni jibbanis . . . Akka waan fuulli isaa nu jalaa dhokfamee taʼee ture. Inni kan tuffatame ture, nutis akka waan gatii hin qabneetti isa ilaalle.” (Isa. 53:3) Masiihiin ‘namootaan’ jibbamuu waan qabuuf Yihudoonni jaarraa jalqabaatti turan Yesuus fudhatama akka dhabu eeguu qabu turan. w21.05 8-9 key. 3-4
Kibxata, Sadaasa 28
Yihowaan . . . isa ni kaasa.—Yaq. 5:15.
Kiristiyaanonni jaarraa jalqabaa tokko tokko gorsa isaaniif kenname dafanii hojii irra hin oolchan turan. (Yaq. 1:22) Namoonni tokko tokko immoo sooreyyiidhaaf ni loogu turan. (Yaq. 2:1-3) Kaan immoo arraba isaanii toʼachuun isaan rakkisa. (Yaq. 3:8-10) Kiristiyaanonni kun rakkoowwan guddaa kan qaban taʼus, Yaaqoob abdii isaanitti hin kutanne. Gaarummaadhaan gorsa cimaa isaaniif kenneera. Akkasumas, namoonni karaa hafuuraa gargaarsi isaan barbaachisu jaarsolii gargaarsa akka gaafatan jajjabeesseera. (Yaq. 5:13, 14) Barumsa argannu: Dhugaa jiru hin haalin, taʼus namootaaf ilaalcha gaarii qabaadhu. Namoonni Kitaaba Qulqulluu qoʼachiisnu hedduun wanta baratan hojii irra oolchuun isaan rakkisuu dandaʼa. (Yaq. 4:1-4) Amaloota gaarii hin taane dhiisanii amaloota Kiristiyaanaa horachuun yeroo isaanitti fudhachuu dandaʼa. Barattoonni keenya gama kamiin fooyyaʼiinsa gochuun akka isaan barbaachisu isaanitti himuu qabna. Taʼus, ilaalcha gaarii qabaachuun nu barbaachisa. Yihowaan namoota gad of qaban ofitti akka harkisuu fi jabina jijjiirama gochuuf isaan dandeessisu akka isaaniif kennu amanuu qabna.—Yaq. 4:10. w22.01 11 key. 11-12
Roobii, Sadaasa 29
Namni iyya isa rakkataa dhagaʼuu didee gurra isaa qabatu kam iyyuu innis ni iyya, garuu deebii hin argatu.—Fak. 21:13.
Kiristiyaanonni hundi gara laafina argisiisuudhaan fakkeenya Yihowaa hordofuu barbaadu. Maaliif? Sababiin inni tokko, Yihowaan kadhannaa namoota gara laafina hin argisiisnee kan hin dhageenye taʼuu isaa ti. Hundi keenya iyyuu kadhannaan keenya Yihowaa biratti akka dhagaʼamu barbaanna; kanaafuu, gara jabeeyyii taʼuu irraa fagaachuu qabna. Obboleessi keenya utuu dhiphatuu calluma jennee bira darbuu mannaa, yeroo hundumaa “iyya isa rakkataa” dhagaʼuuf qophaaʼaa taʼuu qabna. Gorsa Kitaaba Qulqulluu, “Namni gara laafina hin argisiisne gara laafina malee isatti murteeffama” jedhus dagachuu hin qabnu. (Yaq. 2:13) Gad of qabuudhaan gara laafinni hammam akka nu barbaachisu yoo yaadanne, caalaatti gara laafina argisiisuuf kakaana. Keessumaa namni balleessaa isaa irraa yaada geddarate tokko gara gumiitti yeroo deebiʼu gara laafina isatti argisiisuu barbaanna. Seenaawwan Kitaaba Qulqulluu keessatti ibsaman gara laafina argisiisuu fi gara jabina irraa fagaachuuf nu gargaaru. w21.10 12 key. 16-17
Kamisa, Sadaasa 30
Ani yommuun achi dhaqee kadhadhu isin asuma taaʼaa.—Mat. 26:36.
Galgala dhumaa Yesuus lafa irratti dabarsetti, jechuunis yeroo tajaajila isaa xumuruuf jedhutti xiinxaluu fi kadhachuuf iddoo tasgabbii qabu barbaaddate. Kanaafuu, iddoo biqiltuu Getesemaanee dhaqe. Yeroo kanatti Yesuus, kadhannaa ilaalchisee barattoota isaatiif gorsa baayʼee barbaachisaa taʼe kenneera. Iddoo biqiltuu Getesemaanee kan gaʼan halkan walakkaa booda taʼuu hin oolu. Yeroo kanatti Yesuus ergamoota isaatiin, “Dammaqaa eegaa” erga jedhee booda, kadhachuuf isaan irraa xiqqoo fagaate. (Mat. 26:37-39) Utuma inni kadhachaa jiruu isaan ni rafan. Yesuus rafanii yommuu isaan argu ammas, “Dammaqaa eegaa; yeroo hundas kadhadhaa” isaaniin jedhe. (Mat. 26:40, 41) Yesuus baayʼee akka dadhabanii fi akka dhiphatan hubatee ture. Gara laafinaan kakaʼee, “Foon garuu dadhabaa dha” isaaniin jedhe. Yesuus ammas siʼa lama kadhachuuf isaan irraa adda kan baʼe yeroo taʼu, yeroo deebiʼee isaan argu kadhachaa utuu hin taʼin rafaa turan.—Mat. 26:42-45. w22.01 28 key. 10-11