Muddee
Jimaata, Muddee 1
Isaan sagalee koo ni dhagaʼu.—Yoh. 10:16.
Yesuus walitti dhufeenya duuka buutota isaa wajjin qabu, walitti dhufeenya cimaa tiksee tokkoo fi hoolota isaa gidduu jirutti fakkeesseera. (Yoh. 10:14) Yesuus kanatti fakkeessuun isaa sirrii dha. Hoolonni tiksee isaanii ni beeku, isas ni dhagaʼu. Imaltuun tokko kana argee akka ture dubbateera. Akkana jedheera: “Yeroo tokko hoolota suuraa kaasuu waan barbaanneef, gara keenya akka dhufan gochuuf yaallee turre. Garuu sagalee keenya waan hin beekneef, gara keenya dhufuu didan. Mucaan xiqqoon isaan tiksu tokko dhufee yeroo isaan waamu garuu, yeruma sana isa duukaa buʼan.” Wanti imalaan sun arge, jechoota Yesuus hoolota isaa jechuunis, barattoota isaa ilaalchisee dubbate nu yaadachiisa. Yesuus, “Isaan sagalee koo ni dhagaʼu” jedheera. Haa taʼu malee, Yesuus kan jiraatu samii irra waan taʼeef, sagalee isaa dhagaʼuu kan dandeenyu akkamitti? Karaan sagalee Gooftaa keenyaa dhagaʼaa akka jirru itti argisiisnu inni guddaan barumsa isaa jireenya keenya keessatti hojii irra oolchuudhaani.—Mat. 7:24, 25. w21.12 16 key. 1-2
Sanbadduraa, Muddee 2
Hundi isaanii cubbuu hojjetaniiru, ulfina Waaqayyoo calaqqisiisuus hin dandaʼan.—Rom. 3:23.
Phaawulos ergamaan nama mata jabeessaa fi Kiristiyaanota irratti ariʼatama cimaa geessisaa ture dha. Booda garuu wanti gochaa ture dogoggora akka taʼe waan hubateef ilaalchaa fi eenyummaa isaa jijjiireera. (1 Xim. 1:12-16) Phaawulos gargaarsa Yihowaatiin tiksee jaalala qabeessa, gara laafessaa fi gad of qabu taʼuu dandaʼeera. Wantoota kanaan dura raawwate irratti xiyyeeffachuu mannaa, Yihowaan dhiifama akka isaaf godhu amaneera. (Rom. 7:21-25) Nama mudaa hin qabne taʼuuf hin yaalle. Kanaa mannaa, namummaa Kiristiyaanaa uffate fooyyessuuf carraaqqii godheera. Akkasumas hojii isaa fiixaan baasuuf gad of qabuudhaan Yihowaatti amanameera. (1 Qor. 9:27; Filp. 4:13) Jaarsoliin kan muudaman cubbuu irraa bilisa waan taʼaniif miti. Haa taʼu malee, Yihowaan dogoggora isaanii amananii akka fudhatanii fi namummaa Kiristiyaanaa uffatan akka fooyyessan isaan irraa eega. (Efe. 4:23, 24) Jaarsi tokko Dubbii Waaqayyootti fayyadamee of qoruu fi sirreeffama barbaachisu kam iyyuu gochuu qaba. Akkas yoo godhe, Yihowaan gammachuu akka qabaatuu fi milkaaʼina akka argatu isa gargaara.—Yaq. 1:25. w22.03 29-30 key. 13-15
Dilbata, Muddee 3
Warra kaanitti murteessuu dhiisaa.—Mat. 7:1.
Obboleessa keenya tokkotti murteessaa akka jirru yoo hubanne maal gochuu qabna? Obboloota keenya jaallachuu akka qabnu yaadachuu qabna. (Yaq. 2:8) Kana malees, Yihowaan warra kaanitti murteessuu akka dhiisnu akka nu gargaaru cimsinee kadhachuu qabna. Nama komannu sanaa wajjin yeroo dabarsuuf dursa fudhachuudhaan tarkaanfii kadhannaa keenyaa wajjin wal simu fudhachuu dandeenya. Nuu wajjin akka tajaajilu isa gaafachuu ykn mana keenyatti nyaata isa affeeruu dandeenya. Obboleessa keenya caalaatti beekuun keenya, fakkeenya Yihowaa fi Yesuus hordofuudhaan wanta gaarii inni qabu irratti xiyyeeffachuuf nu gargaara. Akkas gochuudhaan ajaja tikseen keenya inni gaariin warra kaan irratti murteessuu akka dhiisnu nuuf kenne dhagaʼaa akka jirru argisiisna. Akkuma hoolonni sagalee tiksee isaanii dhagaʼan, duuka buutonni Yesuusis sagalee isaa ni dhagaʼu. Kutaa ‘tuuta xinnoos’ taane “hoolota kan biroo,” sagalee tiksee isa gaarii dhagaʼuu fi ajajamuu keenya itti haa fufnu.—Luq. 12:32; Yoh. 10:11, 14, 16. w21.12 19 key. 11; 21 key. 17-18
Wiixata, Muddee 4
Inni gorsa maanguddoonni isaaf kennan fudhachuu dide.—1 Mot. 12:8.
Rooboʼaam yeroo mootii Israaʼel taʼetti namoonni isa jalatti bulan gaaffii tokko isa gaafachuuf gara isaa dhufanii turan. Baʼaa abbaan isaa Solomoon isaan irratti feʼe akka isaaniif salphisu isa gaafatanii turan. Rooboʼaam namoota kanaaf maal jedhee akka deebisu maanguddoota Israaʼel gorsa gaafachuun isaa gaarii ture. Maanguddoonni kunis mootichi wanta sabichi isa gaafate yoo godhe sabichi yeroo hundumaa akka isa deggeru isa gorsan. (1 Mot. 12:3-7) Rooboʼaam garuu gorsa isaanii kanatti waan hin gammanneef, namoota isaa wajjin guddatan mariisise. Isaanis sabichatti baʼaa akka dabalu gorsa isaaf kennan. (1 Mot. 12:9-11) Rooboʼaam gorsa isa kam fudhachuu akka qabu Yihowaa gaafachuu ni dandaʼa ture. Taʼus, Rooboʼaam wanta hiriyoonni isaa jedhan gochuuf murteesse. Kunis, Rooboʼaam irrattis taʼe saba Israaʼel irratti rakkina guddaa fideera. Haaluma wal fakkaatuun, nutis gorsi nutti hin tolle nuuf kennamuu dandaʼa. Taʼus, gorsi sun Dubbii Waaqayyoo irratti kan hundaaʼe yoo taʼe fudhachuu qabna. w22.02 9 key. 6
Kibxata, Muddee 5
Ulfinni dargaggootaa jabina isaanii ti.—Fak. 20:29.
Namni gad of qabuu fi humna isaa beeku dargaggoonni muuxannoo kan hin qabne taʼuu isaanii irratti utuu hin taʼin, jabina isaanii irratti xiyyeeffata. Akka morkattoota isaatti utuu hin taʼin, akka namoota isaa wajjin hojjetaniitti isaan ilaala. Maanguddoonni, dargaggoonni kennaa Yihowaa akka taʼan waan beekaniif kennaa kanaaf ni galateeffatu. Maanguddoonni humni isaanii dadhabaa yommuu deemu dargaggoonni cimina qaban bakka isaanii buʼuudhaan gumicha tajaajiluuf yommuu of dhiheessan arguun baayʼee isaan gammachiisa. Maanguddoon Naaʼomii jedhamtuu fi Kitaaba Qulqulluu keessatti ibsamte dargaggoota irraa gammachuudhaan gargaarsa fudhachuu irratti fakkeenya gaarii nuuf taati. Jalqaba Naaʼomiin haadha manaa ilma ishii kan taate Ruut gara saba ishiitti akka deebitu gochuuf yaaltee turte. Haa taʼu malee, Ruut yaada ishii fudhachuu diduudhaan gara Beeteliheem ishii waliin deemte. Naaʼomiinis kanatti gammaduudhaan gargaarsa Ruut fudhatteetti. (Rut. 1:7, 8, 18) Kun lamaan isaaniif iyyuu eebba guddaa argamsiiseera! (Rut. 4:13-16) Maanguddoonni gad of qaban fakkeenya Naaʼomii hordofu. w21.09 10-11 key. 9-11
Roobii, Muddee 6
Waaqayyo jalʼaa miti; inni hojii keessan, akkasumas . . . jaalala maqaa isaatiif argisiistan hin irraanfatu.—Ibr. 6:10.
Abbaan keenya inni samiis haala keenya nuuf hubata. Tarii, namoota beektuu fi jaallattu hedduu caalaa wanta baayʼee hojjechuu dandeessa taʼa. Yookiin immoo sababii umurii, fayyaa ykn itti gaafatamummaa maatii keessatti qabduun kan kaʼe hamma warra kaanii hojjechuu hin dandeessu taʼa. Taʼus, abdii hin kutatin. (Gal. 6:4) Yihowaan hojii kee hin irraanfatu. Kakaʼumsa gaariidhaan wanta qabdu keessaa isa hunda irra caalu yoo kennite sitti gammada. Yihowaan wanta gochuu barbaaddu illee beeka. Inni waaqeffannaa isaaf dhiheessuu dandeessutti akka gammaddu barbaada. Yihowaan yeroo rakkinni isaan irra gaʼu tajaajiltoota isaa akka gargaaru waan beeknuuf ammayyuu nagaa sammuu qabna. (Isa. 41:9, 10) Abbaa keenya isa jaalala qabeessa isa uumamawwan isaa hundumaa irraa ‘ulfinaa fi kabaja fudhachuun isaaf malu’ waan waaqeffannuuf gammaduuf sababa qabna.—Mul. 4:11. w22.03 24 key. 16; 25 key. 18
Kamisa, Muddee 7
Ajajawwan kee eeguuf, nan ariifadha, hin turus.—Far. 119:60.
Fakkeenya Yesuus hordofuu barbaanna, haa taʼu malee fakkeenya isaa guutummaatti hordofuu yoo dadhabne abdii kutachuu hin qabnu. (Yaq. 3:2) Barataan tokko barsiisaa isaa hin caalu. Taʼus, dogoggora isaa irraa barachaa yommuu deemuu fi hamma isaaf dandaʼame barsiisaa isaa fakkaachuuf yommuu carraaqqii godhu fooyyaʼiinsa gochuu dandaʼa. Haa taʼu malee, wanta karaa qoʼannaa Kitaaba Qulqulluu baranne hojii irra kan oolchinu yoo taʼe, akkasumas dadhabina qabnu kam iyyuu sirreessuuf wanta nuuf dandaʼame hunda yoo goone fakkeenya Yesuus dhiheenyatti hordofuu dandeenya. (Far. 119:59) Addunyaa ofittummaadhaan guutame keessa jiraanna. Sabni Yihowaa garuu namoota kaan irraa adda dha. Amalli fedhii ofii aarsaa gochuu Yesuus qabu garaa keenya baayʼee tuqeera. Nutis fakkeenya isaa hordofuuf kutanneerra. (1 Phe. 2:21) Fedhii keenya aarsaa gochuudhaan fakkeenya Yesuus hordofuuf wanta nuuf dandaʼame hunda gochuun keenya, Yihowaa biratti fudhatama waan nuuf argamsiisuuf gammachuu guddaa arganna. w22.02 24 key. 16; 25 key. 18
Jimaata, Muddee 8
Wantoonni hubachuuf ulfaataa taʼan tokko tokko jiru.—2 Phe. 3:16.
Yeroo harʼaatti Yihowaan Dubbii isaa Kitaaba Qulqulluutti fayyadamuudhaan saba isaa geggeessa. Wanta Yihowaan nu barsiisu irratti yaaduuf yeroo kan ramannu yoo taʼe, qajeelfama isaa hordofuu fi tajaajila keenya irratti milkaaʼina argachuu ni dandeenya. (1 Xim. 4:15, 16) Karaan Yihowaan qajeelfama itti nuuf kennu kan biraan immoo ‘garbicha amanamaa fi ogeessatti’ fayyadamuudhaani. (Mat. 24:45) Yeroo tokko tokko, qajeelfama garbichi kun kennu guutummaatti hubachuun nu rakkisuu dandaʼa. Fakkeenyaaf, qajeelfamni balaa uumamaa tokkoof qophaaʼuuf nu gargaaru nuuf kennamuu dandaʼa. Tarii balaan uumamaa kun naannoo keenyatti akka hin uumamne yaanna taʼa. Qajeelfamni kenname buʼa qabeessa akka hin taane yoo nutti dhagaʼame maal gochuu qabna? Waaʼee seenaawwan Kitaaba Qulqulluu irraa dubbisne yaada. Yeroo tokko tokko qajeelfamni saba Waaqayyootiif kenname akka ilaalcha namaatti buʼa qabeessa fakkaachuu baatus lubbuu isaanii isaaniif oolcheera.—Abo. 7:7; 8:10. w22.03 18-19 key. 15-16
Sanbadduraa, Muddee 9
Yaa Abbaa, ani hafuura koo imaanaadhaan harka keetti nan kennadha.—Luq. 23:46.
Yesuus amanannaa guutuudhaan yaada caqasa guyyaa harʼaa irra jiru dubbateera. Jireenyi isaa gara fuulduraa Yihowaa irratti kan hundaaʼe akka taʼe beeka ture, Abbaan isaa akka isa yaadatus mirkanaaʼaa ture. Wanta Yesuus dubbate irraa maal baranna? Lubbuun keessan balaadhaaf yoo saaxilame illee, Yihowaadhaaf amanamoo taʼaa jiraadhaa. Akkas gochuuf, ‘garaa keessan guutuudhaan Yihowaatti amanamuu’ qabdu. (Fak. 3:5) Mee fakkeenya Dhugaa Baatuu umuriin isaa waggaa 15 taʼee fi Jooshuwaa jedhamuu haa ilaallu. Jooshuwaan dhukkuba fayyuu hin dandeenyeen qabamee ture. Yaalii fayyaa seera Waaqayyoo wajjin wal faallessu fudhachuu didee ture. Duʼuu isaa yeroo muraasa dura haadha isaatiin akkana jedhe: “Harmee, ani harka Yihowaa keessan jira. . . . Kana guutummaatti mirkanaaʼaa taʼeen sitti hima: Yihowaan duʼaa kaasee gara jireenyaatti akka na deebisu sirriittan beeka. Inni keessa garaa koo beeka, anis dhugumaan isa nan jaalladha.” Tokkoon tokkoon keenya akkana jennee of gaafachuun keenya gaariidha: ‘Haalli lubbuu koo balaadhaaf saaxiluu fi amantii koo qoru yoo na mudate, jireenya koo harka Yihowaatti kennachuu fi akka inni na yaadatu isatti amanamuu nan dandaʼaa?’ w21.04 12-13 key. 15-16
Dilbata, Muddee 10
Namni warra kaan dheebuu baasu [hundi] ofii isaatiif dheebuu ni baʼa.—Fak. 11:25.
Sabni Yihowaa tajaajila irraa jabina argatu. Dhugaa Kitaaba Qulqulluu warra kaaniif yommuu hirru namoonni deebii gaarii kennanis, kennuu baatanis ni haaromna, ni jajjabaannas. Obboloonni tokko tokko haala isaaniitiin kan kaʼe tajaajila irratti baayʼee hirmaachuu akka hin dandeenye isaanitti dhagaʼama taʼa. Miirri akkasii sitti dhagaʼama yoo taʼe, Yihowaan wanta hunda irra caalu yommuu isaaf kennitu akka gammadu yaadadhu. Yoo manaa baʼuu dadhabne illee Yihowaan fedhii nuti tajaajila irratti hirmaachuuf qabnu ni arga, akkasumas ni dinqisiifata. Namoota nu kunuunsaniif ykn ogeeyyii fayyaatiif akka dhugaa baanu carraa nuu banuu dandaʼa. Wanta amma gochuu dandeenyu, wanta kanaan dura gochaa turree wajjin yoo wal bira qabne abdii kutachuu dandeenya. Taʼus, Yihowaan akkamitti nu gargaaraa akka jiru yoo hubanne, jabina qorumsa nu mudatu kam iyyuu gammachuudhaan dandamachuuf nu gargaaru ni qabaanna. Sanyii dhugaa facaasne keessaa inni kam akka qabatuu fi guddachuu akka jalqabu hin beeknu.—Lal. 11:6. w21.05 24-25 key. 14-17
Wiixata, Muddee 11
Ati wanta ija isaa duratti hamaa taʼe gochuudhaan dubbii Yihowaa kan tuffatte maaliifi?—2 Sam. 12:9.
Yihowaan Daawit Mootichi qabeenya, beekamtii fi diinota isaa hedduu irratti injifannoo akka argatu isa gargaareera. Taʼus sassanni wanta Yihowaan isaaf kenne akka irraanfatu isa godheera. Daawit galateeffannaadhaan kakaʼee kennaawwan Waaqayyoo “lakkoofsi isaanii gita” akka hin qabne dubbateera. (Far. 40:5) Haa taʼu malee, Daawit yeroo taʼe tokkotti wanta Yihowaan isaaf kenne irraanfatee ture. Daawit haadhotii manaa hedduu utuma qabuu haadha manaa nama biraa hawwe. Dubartiin tun Baat Sheebaa haadha manaa Uuriyaa Heetichaa ti. Daawit ofittummaadhaan kakaʼee Baat Sheebaa wajjin saalqunnamtii raawwate. Ishiinis yeroo booda ni ulfoofte. Daawit Baat Sheebaa wajjin ejja raawwachuun itti xinnaatee Uuriyaan akka ajjeefamuuf haala mijeesse. (2 Sam. 11:2-15) Daawit garuu kan akkas godhe maal taʼee ti? Yihowaan akka isa argu hin beekuu? Daawit amanamummaadhaan Yihowaa tajaajilaa ture. Taʼus, sassataa taʼuun isaa rakkina hedduudhaaf isa saaxileera. Kan nama gammachiisu garuu, Daawit yeroo booda cubbuu isaa amanee yaada geddarateera. Yihowaan dhiifama isaaf gochuu isaatti baayʼee akka gammade hin shakkisiisu.—2 Sam. 12:7-13. w21.06 17 key. 10
Kibxata, Muddee 12
Gaʼumsa hojii kana hojjechuuf nu dandeessisu . . . , akka qabaannu kan nu gargaaru Waaqayyo dha.—2 Qor. 3:5.
Kitaaba Qulqulluu qoʼachiisuuf dandeettii akka hin qabne nutti dhagaʼama taʼa. Tarii nama tokko qoʼachiisuu keenya dura beekumsa ykn dandeettii dabalataa barsiisuuf nu gargaaru qabaachuu akka qabnu nutti dhagaʼama taʼa. Akkas sitti dhagaʼama taanaan, mee wantoota ofitti amanamummaa kee siif guddisan sadii haa ilaallu. Tokkoffaa, Yihowaan gaʼumsa warra kaan barsiisuuf si barbaachisu siif kenna. Lammaffaa, akka barsiistu kan si ajaje Yesuus isa “samii fi lafa irratti aangoon hundi” isaaf kenname dha. (Mat. 28:18) Sadaffaa immoo, gargaarsa Yihowaa fi obboloota keetii argachuu dandeessa. Yihowaan wanta jechuu qabu Yesuusiin barsiisuudhaan gargaarsa isaaf godheera; siinis gargaaruu ni dandaʼa. (Yoh. 8:28; 12:49) Dabalataanis, qoʼannaa Kitaaba Qulqulluu jalqabsiisuu fi geggeessuu irratti akka si gargaaruuf ilaaltuu ol aanaa garee tajaajilaa kee, qajeelchaa gaʼumsa qabu ykn babalʼisaa muuxannoo qabu gargaarsa gaafachuu dandeessa. Karaan ofitti amanamummaa kee guddifachuu itti dandeessu keessaa tokko immoo, qoʼannaa Kitaaba Qulqulluu babalʼistoonni kun geggeessan irratti hirmaachuu dha. w21.07 6 key. 12
Roobii, Muddee 13
Namni wanta xinnoo irratti amanamaa taʼe, wanta hedduu irrattis amanamaa taʼa; namni wanta xinnoo irratti amanamaa hin taane, wanta hedduu irrattis amanamaa hin taʼu.—Luq. 16:10.
Yeroo kam iyyuu caalaa dhumni sirna kanaa yommuu dhihaachaa deemu Yihowaan yeroo hunda wanta sirrii akka raawwatu amanuun keenya baayʼee barbaachisaa dha. Maaliif? Yeroo rakkina guddaatti qajeelfamni hubachuun ykn hojii irra oolchuun ulfaataa fakkaatu nuuf kennamuu dandaʼa. Dhugaa dha, Yihowaan dhuunfaatti nutti hin dubbatu. Obboloota muudetti fayyadamuudhaan qajeelfama nuu kennuun isaa garuu hin oolu. Yeroon sun yeroo itti qajeelfama nuuf kennamu shakkinu ykn ‘Qajeelfamni kun Yihowaa biraa dhufe moo, ilaalchuma obboloota itti gaafatamummaa qabanii ti?’ jennee itti yaannu miti. Yeroo baayʼee murteessaa taʼe sanatti Yihowaa fi jaarmiyaa isaatti ni amanamtaa? Deebiin gaaffii kanaa ilaalcha qajeelfama tiʼookraasii yeroo ammaatti nuu kennamuuf qabdu irratti kan hundaaʼe taʼuu dandaʼa. Qajeelfama yeroo ammaatti kennamu kan fudhattuu fi fedhiidhaan kan ajajamtu yoo taʼe, yeroo rakkina guddaattis akkasuma gochuun kee hin oolu. w22.02 6 key. 15
Kamisa, Muddee 14
Wanta isin gootanii wajjin yeroo wal bira qabamu ani maalan raawwadhe?—Abo. 8:2.
Giidewonii fi namoonni isaa 300 taʼan gargaarsa Yihowaatiin waraana irratti injifannoo guddaa argatanii turan. Kunis akka kooran isaan gochuu dandaʼa ture. Namoonni Efreem gara isaa ni dhufan; kan dhufan garuu, isa galateeffachuuf utuu hin taʼin waraana irratti akka hirmaatan waan isaan hin waamneef isa mormuufi. (Abo. 8:1) Giidewoon, fakkeenya Yihowaan akka isaan eebbise argisiisu tokko isaaniif caqase. Yeroo kanatti “isaan ni tasgabbaaʼan.” (Abo. 8:3) Giidewon saba Waaqayyoo gidduutti nagaan akka buʼu gochuuf gad of qabeera. Fakkeenya warra Efreem irraa ulfina Yihowaa caalaa ulfina keenyaaf iddoo guddaa kennuu akka hin qabne baranna. Warri mataa maatii fi jaarsolii gumii taanes Giidewon irra wanta barachuu dandeenyu qabna. Namni tokko wanta raawwannetti yoo aare maaliif akka aare hubachuuf carraaqqii gochuu qabna. Kana malees, wanta gaarii namni sun raawwateef isa galateeffachuu qabna. Akkas gochuun gad of qabuu gaafata. Nagaa uumuun nuti balleessaa akka hin qabne mirkaneessuu caalaa baayʼee barbaachisaa dha. w21.07 16-17 key. 10-12
Jimaata, Muddee 15
Akka bifa keenyaatti . . . nama haa tolchinu.—Uma. 1:26.
Yihowaan akka bifa isaatti nu uumuudhaan nu kabajeera. Kan uumamne bifa Waaqayyootiin waan taʼeef, amalawwan isaa warra dinqisiisoo hedduu kan akka jaalalaa, gara laafinaa, amanamummaa fi qajeelummaa horachuu fi argisiisuu ni dandeenya. (Far. 86:15; 145:17) Amalawwan akkasii yeroo horannu Yihowaadhaaf ulfina finna, akkasumas akka isa galateeffannu argisiisna. (1 Phe. 1:14-16) Karaa Abbaa keenya isa samii gammachiisuun yommuu jiraannu gammachuu arganna. Kan uumamne bifa Yihowaatiin waan taʼeef, namoota inni miseensota maatii isaa akka taʼan barbaadu taʼuu ni dandeenya. Yihowaan bakka jireenyaa adda taʼe nuuf qopheesseera. Yihowaan ilmaan namootaatiif lafa kan qopheesse nama uumuu isaa yeroo dheeraa dura dha. (Iyo. 38:4-6; Er. 10:12) Inni gara laafessaa fi arjaa waan taʼeef, wanta itti gammannu hedduu nuuf qopheesseera. (Far. 104:14, 15, 24) Yeroo fudhatee wanta uume irratti yaaduudhaan “gaarii taʼuu isaa [argeera].”—Uma. 1:10, 12, 31. w21.08 3 key. 5-6
Sanbadduraa, Muddee 16
Firiin hafuuraa jaalala, gammachuu, nagaa, obsa, gaarummaa, arjummaa, amantii, garraamummaa, of toʼachuu dha.—Gal. 5:22, 23.
Hundi keenya iyyuu mirga lallabuu fi barattoota gochuu qabna. (Mat. 28:19, 20; Rom. 10:14) Maarree, dandeettii hojii hunda irra caalu kana irratti qabdu guddifachuu ni barbaaddaa? Birooshura Barsiisuu jedhamu qoʼachuu fi wanta irraa baratte hojii irra oolchuuf galma baafadhu. Waaʼee galma baafachuu yeroo yaaddu, wanta hundumaa caalaa barbaachisaa taʼe, jechuunis amaloota Kiristiyaanaa horachuu hin dagatin. (Qol. 3:12; 2 Phe. 1:5-8) Hundi keenya iyyuu Yihowaadhaaf isa amma hojjechaa jirru caalaa hojjechuu akka barbaannu hin shakkisiisu. Addunyaa haaraa keessatti isa ammaa caalaa isa tajaajiluu ni dandeenya. Hammasitti garuu carraa arganne hundatti akka gaariitti fayyadamuudhaan gammachuun keenya akka dabalu gochuu fi miira abdii kutannaa mooʼuu ni dandeenya. Hunda caalaa immoo Yihowaa isa “Waaqa gammadaa” taʼeef ulfinaa kennina, akksumas isa jajanna. (1 Xim. 1:11) Kanaafuu, mirgawwan qabnutti haa gammannu! w21.08 25 key. 18-20
Dilbata, Muddee 17
Namni Waaqayyotti dhihaatu hundi, inni akka jiru . . . amanuu qaba.—Ibr. 11:6.
Kan guddatte maatii Dhugaa Baatota Yihowaa taʼan keessatti yoo taʼe, ijoollummaa keetii jalqabdee waaʼee Yihowaa barachaa akka guddatte hin shakkisiisu. Inni Uumaa akka taʼe, amalawwan gaggaarii akka qabuu fi ilmaan namootaatiif kaayyoo gammachiisaa akka qabu baratteetta. (Uma. 1:1; HoE. 17:24-27) Haa taʼu malee, namoonni hedduun Waaqayyo Uumaa taʼuu isaa amanuun haa hafuutii jiraachuu isaa illee hin amanan. Kanaa mannaa, jireenyi akkuma tasaa akka jalqabee fi suutuma suuta gara jireenya wal xaxaa taʼetti jijjiiramaa akka dhufe amanu. Namoota akkas jedhanii amanan keessaa tokko tokko namoota baayʼee baratani dha. Saayinsiin Kitaabni Qulqulluun dogoggora taʼuu isaa akka mirkaneessuu fi namoonni Uumaatti amanan namoota hin baranne, namoota dadhaboo fi salphaatti gowwoomfaman akka taʼan dubbatu. Dhugaa Baatota Yihowaa kan taanee waggoota hedduu dura yoo taʼe illee, hundi keenya iyyuu amantii keenya cimsachuuf carraaqqii gochuu qabna. Akkana yoo goone, “falaasamaa fi gowwoomsaa homaa of keessaa hin qabne” isa namoonni Dubbii Waaqayyoo morman barsiisaniin hin gowwoomfamnu.—Qol. 2:8. w21.08 14 key. 1-3
Wiixata, Muddee 18
Yaa Waaqa keenya Yihowaa, . . . ulfina, kabajaa fi humna fudhachuun siif ni mala.—Mul. 4:11.
Abeel, Noh, Abrahaamii fi Iyyoob Yihowaadhaaf ajajamuudhaan, amantii isa irratti qabaachuudhaan, akkasumas aarsaa isaaf dhiheessuudhaan jaalalaa fi kabaja akka qaban argisiisaniiru. Yihowaadhaaf ulfina kennuuf wanta isaaniif dandaʼame hundumaa akka godhanii fi waaqeffannaan isaaniis Yihowaa duratti fudhatama akka argate ifa dha. Yeroo booda Yihowaan sanyii Abrahaamiif Seera Musee kenneera. Seerri kun qajeelfamoota waaqeffannaa Yihowaa biratti fudhatama qabu dhiheessuu kan dandaʼan akkamitti akka taʼe ibsan qabateera. Yesuus erga duʼee fi duʼaa kaafamee booda Yihowaan tajaajiltoonni isaa akka Seera Musee keessatti ibsametti akka isa waaqeffatan isaan irraa eeguu dhiiseera. (Rom. 10:4) Kiristiyaanonni seera haaraa, jechuunis “seera Kiristoos” akka eegan isaan irraa eegama. (Gal. 6:2) “Seera” kanaaf kan ajajaman seerota hedduu hordofuudhaan utuu hin taʼin, fakkeenya Yesuus hordofuu fi barumsa isaa hojii irra oolchuudhaani. Kiristiyaanonni yeroo harʼaa jiranis Yihowaa gammachiisuu fi ofii isaaniitiif ‘boqonnaa argachuuf’ fakkeenya Yesuus hordofuuf wanta isaaniif dandaʼame hunda godhu.—Mat. 11:29. w22.03 20-21 key. 4-5
Kibxata, Muddee 19
Kadhachuuf yeroo baayʼee bakka namni hin jirre dhaqa ture.—Luq. 5:16.
Yihowaan ijoollee isaa ni dhaggeeffata. Yeroo Ilmi isaa lafa irra turetti kadhannaawwan inni dhiheessaa ture akka dhagaʼe hin shakkisiisu. Yihowaan, kadhannaawwan Yesuus yeroo murtoowwan ciccimoo godhutti dhiheesse dhagaʼeera. Fakkeenyaaf, kadhannaa inni yeroo ergamoota 12n filatetti dhiheesse dhagaʼeera. (Luq. 6:12, 13) Yihowaan kadhannaawwan Yesuus yeroo dhiphatee turetti dhiheesses dhagaʼeera. Yesuus dabarfamee kennamuu jala yeroo gaʼetti qorumsa cimaa isa irra gaʼu ilaalchisee cimsee Abbaa isaa kadhateera. Yihowaan kadhannaa Yesuus dhagaʼuu qofa utuu hin taʼin, Ilma isaa jaallatamaa kana akka jajjabeessuuf maleekaa tokko ergeera. (Luq. 22:41-44) Yihowaan yeroo harʼaattis kadhannaa tajaajiltoonni isaa dhiheessan dhagaʼuu isaa itti fufeera; kadhannaa isaaniitiif yeroo sirrii taʼettii fi karaa hunda irra wayyuun deebii kenna. (Far. 116:1, 2) Mee obboleettiin biyya Hindii keessa jiraattu takka kana jireenya ishii keessatti kan argite akkamitti akka taʼe haa ilaallu. Obboleettiin tun dhiphina sammuu cimaa taʼee wajjin walʼaansoo gooti turte; kana ilaalchisees cimsitee Yihowaa kadhatteetti. Akkana jettee barreessiteetti: “Sagantaan JW Biroodkaastingii Caamsaa 2019 inni yaaddoo fi dhiphina dandamachuun kan dandaʼamu akkamitti akka taʼe ibsu baayʼee na gargaareera. Deebii kadhannaa kootii ture.” w21.09 21-22 key. 6-7
Roobii, Muddee 20
Gara gaarotaatti [baqadhaa].—Luq. 21:21.
Kiristiyaanota jaarraa jalqabaatiif wanta qaban hundumaa dhiisanii deemuunii fi bakka kan biraatti jireenya haaraa jalqabuun hammam ulfaataa akka taʼe mee yaadi. Yihowaan wantoota buʼuuraa jireenyaaf isaan barbaachisan akka isaaniif guutu amantii qabaachuu qabu. Gargaarsa amantii isaanii guddifachuuf isaan dandeessisus argataniiru. Warri Roomaa Yerusaalemitti marsuu isaanii waggaa shan dura Phaawulos ergamaan gorsa gaarii akkana jedhu warra Ibrootaatiif kennee ture: “Akkaataan jireenyaa keessan jaalala maallaqaa irraa walaba haa taʼu, wantoota amma qabdanitti gammadaa jiraadhaa. Sababiin isaas inni, ‘Ani matumaa si hin dhiisu, matumaas si hin gatu’ jedheera. Kanaafuu, ija jabina guddaadhaan, ‘Yihowaan gargaaraa koo ti; ani hin sodaadhu. Namni maal na gochuu dandaʼa?’ jenna.” (Ibr. 13:5, 6) Namoonni warri Roomaa Yerusaalemiin weeraruu isaanii dura gorsa Phaawulos kanaaf xiyyeeffannaa kennan, naannoo haaraa jiraatan keessatti wanta xinnoo qabanitti gammadanii jiraachuun isaaniif salphata. Yihowaan wantoota jireenyaaf isaan barbaachisan akka isaaniif guutu mirkanaaʼoo taʼuu dandaʼu. w22.01 4 key. 7, 9
Kamisa, Muddee 21
Gara laafinni [Yihowaa] hojiiwwan isaa hundumaa irratti mulʼata.—Far. 145:9.
Yommuu waaʼee nama gara laafessa taʼe tokkoo yaannu nama gaarummaa, jaalalaa fi arjummaa qabutu gara samuu keenyaatti dhufa. Fakkeenyi nama Samaariyaa Yesuus waaʼee isaa dubbates gara sammuu keenyaatti dhufa taʼa. Namni sanyii biraa taʼe kun nama Yihudii hattootaan saamametti “gara laafina [argisiiseera].” Namichi biyya Samaariyaa sun namicha biyya Yihudii miidhame sanaaf ‘baayʼee waan gaddeef’ jaalalaan kakaʼee kunuunsa akka argatuuf qophii godheera. (Luq. 10:29-37) Fakkeenyi kun waaʼee amala Waaqayyoo nama hawwatu tokkoo, jechuunis waaʼee gara laafina isaa nu barsiisa. Waaqayyo waan nu jaallatuuf, guyyaa guyyaadhaan karaa adda addaa gara laafina nutti argisiisa. Karaan itti gara laafina argisiisuu dandeenyu kan biraanis jira. Namni gara laafessa taʼe tokko yeroo sababa gaʼaa qabaatutti nama adabamuu qabu tokko adabuu dhiisuuf murteessuu dandaʼa. Yihowaan gama kanaan gara laafina guddaa nutti argisiiseera. Akkuma faarfatichi jedhe, “inni akka cubbuu keenyaatti nu irratti hin raawwanne.” (Far. 103:10) Yeroo tokko tokko garuu Yihowaan nama cubbuu raawwateef adaba cimaa kennuu dandaʼa. w21.10 8 key. 1-2
Jimaata, Muddee 22
Jaalalli koo inni amanamaan . . . si irraa hin kaafamu.—Isa. 54:10.
Yihowaan jaalala amanamaa kan argisiisu tajaajiltoota isaa warra isaa wajjin walitti dhufeenya cimaa qabanitti qofa dha. Wanta Daawit Mootichii fi Daaniʼel raajichi dubbatan irraa kana ifatti hubanna. Fakkeenyaaf Daawit, “Warra si beekanitti jaalala kee isa amanamaa . . . argisiisuu kee itti fufi,” akkasumas, “Yihowaan . . . jaalala isaa isa amanamaa warra isa sodaatanitti bara baraaf ni argisiisa” jedheera. Daaniʼel immoo, “Warra si jaallatanii fi ajajawwan kee eeganiif . . . jaalala amanamaa kan argisiistu, Waaqa dhugaa . . . kan taate yaa Yihowaa” jedheera. (Far. 36:10; 103:17; Dan. 9:4) Yaadawwan geggeessaa hafuura qulqulluutiin barreeffaman kana irraa ifatti akka hubannutti, Yihowaan tajaajiltoota isaatti jaalala amanamaa kan argisiisu waan isa beekaniif, isa sodaataniif, isa jaallatanii fi ajajawwan isaa eeganiifi. Yihowaan jaalala amanamaa kan argisiisu namoota karaa sirrii taʼeen isa tajaajilanitti qofa dha. Yihowaa tajaajiluu jalqabuu keenya duras jaalala inni ilmaan namootaa hundatti argisiisu arganneerra. (Far. 104:14) Isa tajaajiluu erga jalqabnee booda garuu, jaalala isaa isa amanamaa irraas fayyadamaa jirra. w21.11 4 key. 8-9
Sanbadduraa, Muddee 23
Waaqa kee Yihowaa waaqeffadhu.—Mat. 4:10.
Wanti fedhe iyyuu yoo dhufe, ajaja Yesuus, “Waaqa kee Yihowaa waaqeffadhu” jechuudhaan kenneef ajajamuuf murteessineerra. Yeroo harʼaa, namoonni baayʼeen geggeessitoota amantaa beekamoo taʼan hordofuu jaallatu. Dinqisiifannaan isaaniif qaban isaan kabajuu irra iyyuu darbee waanuma isaan waaqeffatan fakkaata. Namoonni baayʼeen waldaa isaanii ni dhaqu, kitaabota isaanii ni bitu, akkasumas maallaqa hedduudhaan isaan deggeru. Namoonni tokko tokko wanta isaan jedhan hundumaa ni amanu. Namoonni kun yeroo geggeessitoota isaanii argan baayʼee gammadu. Utuu Yesuus isaanitti mulʼatee illee hamma kana waan gammadan hin fakkaatu! Namoonni karaa sirrii taʼeen Waaqayyoon waaqeffatan garuu namoota hin hordofan. Warra dura buutota taʼan kan kabajnu taʼus, yaada Yesuus, “Isin hundi keessan obbolaa dha” jechuudhaan dubbate hordofna. (Mat. 23:8-10) Geggeessitoota amantaas taʼe geggeessitoota siyaasaa akka waaqaatti hin ilaallu. Galmawwan isaaniis hin deggerru. Kanaa mannaa, ilaalcha isaanii irraa walaba taʼuudhaan kutaa addunyaa akka hin taane argisiisna. Karaawwan kanneeniin nuti gareewwan Kiristiyaana ofiin jedhan irraa adda dha.—Yoh. 18:36. w21.10 20 key. 6-7
Dilbata, Muddee 24
Ani Waaqa kee Yihowaa . . . dha. Ana biratti waaqolii kan biroo akkamii iyyuu hin qabaatin.—Bau. 20:2, 3.
Kiristiyaanni qulqulluu taʼuu barbaadu hundi wanti akkamii iyyuu ykn eenyu iyyuu michummaa Waaqa isaa wajjin qabu akka jalaa balleessu heyyamuu hin qabu. Dhugaa Baatota Yihowaa waan taaneef, gocha maqaa isaa salphisu ykn xureessu kam irraa iyyuu fagaachuuf murteessineerra. (Lew. 19:12; Isa. 57:15) Israaʼelonni, Yihowaan Waaqa isaanii akka taʼe kan argisiisan seerawwan isaatiif ajajamuudhaan ture. Leewwonni 18:4, “Heerawwan koo raawwadhaa; dambiiwwan koo hordofaa, ittiinis deddeebiʼaa. Ani Waaqa keessan Yihowaa dha” jedha. Boqonnaan 19 “dambiiwwan” Israaʼelotaaf kennaman keessaa muraasa isaanii qabateera. Fakkeenyaaf, lakkoofsi 5-8, 21, 22 waaʼee aarsaa horii dubbata. Israaʼelonni aarsaa akkasii dhiheessuu kan qaban karaa ‘wanta qulqulluu isa kan Yihowaa taʼe hin xureessineen’ taʼuu qaba. Caqasoota kanneen dubbisuun keenya, Yihowaa gammachiisuu fi akkuma Ibroota 13:15 irratti jajjabeeffamnetti, aarsaa galataa isa biratti fudhatama qabu isaaf dhiheessuuf nu kakaasuu qaba. w21.12 5 key. 14-15
Wiixata, Muddee 25
Haadha manaa dargaggummaa [keetti] gammadi.—Fak. 5:18.
Hiriyoonni gaaʼelaa dargaggoota taʼan muuxannoo namoota Yihowaatti amanamuu baratan irraa faayidaa argachuu dandaʼu. Hiriyoonni gaaʼelaa tokko tokko waggoota hedduudhaaf tajaajila yeroo guutuu keessatti dabarsaniiru. Isinis galma keessan irratti yaaduun yoo isin barbaachise gorsa isaan gaafachuu dandeessu. Kun karaa Yihowaatti akka amanamtan itti argisiistani dha. (Fak. 22:17, 19) Gaaʼelli kennaa Yihowaa biraa argame akka taʼe yaadadhaa. (Mat. 19:5, 6) Inni hiriyoonni gaaʼelaa kennaa kanatti akka gammadan barbaada. Hiriyoonni gaaʼelaa dargaggoota taatan jireenya keessanitti akkamitti fayyadamaa akka jirtan maaliif hin qortan? Kennaa Yihowaan isiniif kenne kana akka dinqisiifattan argisiisuuf wanta isiniif dandaʼame hunda gochaa jirtuu? Kadhannaadhaan Yihowaa haasofsiisaa. Qajeelfama haala keessaniif taʼu argachuuf, Dubbii isaa irratti qorannaa godhaa. Achiis, gorsa Yihowaan isiniif kennu hojii irra oolchaa. Jireenyi keessan Yihowaa tajaajiluu irratti akka xiyyeeffatu yoo gootan, jireenya gammachuu qabu akka jiraattan mirkanaaʼoo taʼuu dandeessu! w21.11 19 key. 16, 18
Kibxata, Muddee 26
Hundi keenya yeroo baayʼee dogoggora ni raawwanna.—Yaq. 3:2, milj.
Yaaqoob ilaalcha sirrii ofiif qaba ture. Obboleessa Yesuus taʼuu isaatiin ykn mirga qabuun kan kaʼe, obboloota kaan irra akka caalu isatti hin dhagaʼamne. Kanaa mannaa, “Obboloota koo jaallatamo” jedhee isaan waameera. (Yaq. 1:16, 19; 2:5) Warri kaan inni nama mudaa hin qabne akka taʼetti akka yaadan hin goone. Barumsa argannu: Hundi keenya iyyuu cubbuu akka dhaalle yaadadhu. Namoota barsiisnu irra hamma tokko akka caallu nutti dhagaʼamuu hin qabu. Maaliif? Barataan keenya nuti mudaa akka hin qabnetti akka yaadu yoo goone, ulaagaalee Waaqayyoo matumaa guutuu akka hin dandeenye itti dhagaʼamuu dandaʼa. Yeroo tokko tokko ulaagaalee Kitaaba Qulqulluu hordofuun akka nutti ulfaatu ifatti yeroo dubbannuu fi Yihowaan rakkina nu mudate akka dandamannu kan nu gargaare akkamitti akka taʼe yeroo ibsinu garuu, innis Yihowaa tajaajiluu akka dandaʼu akka hubatu isa gargaarra. w22.01 11-12 key. 13-14
Roobii, Muddee 27
Ilaalcha Kiristoos Yesuus qabu kana qabaadhaa.—Filp. 2:5.
Yeroo akka Yesuusitti yaadaa deemnu, caalaatti wanta inni godhe gochuu fi eenyummaa isaa calaqqisiisuu irratti milkaaʼina argachuu dandeenya. (Ibr. 1:3) ‘Yesuus mudaa hin qabu. Ani matumaa akka isaa taʼuu hin dandaʼu’ jennee yaanna taʼa. Atis akkas sitti dhagaʼama yoo taʼe dhugaawwan armaan gadii yaadadhu: Tokkoffaa, uumamumaan dandeettii Yihowaa fi Yesuusiin fakkaachuu qabda. Kanaafuu, isaan fakkaachuuf filachuu ni dandeessa; hamma tokkos isaan fakkaachuu irratti milkaaʼina argachuu ni dandeessa. (Uma. 1:26) Lammaffaa, hafuurri Waaqayyoo humna kamirra iyyuu ni caala. Gargaarsa isaatiin wantoota ofii keetiin raawwachuu hin dandeenye raawwachuu ni dandeessa. Sadaffaa, Yihowaan yeroo ammaatti firii hafuuraa guutummaatti akka argisiistu sirraa hin eegu. Abbaan keenya inni jaalala qabeessa taʼe namoonni bara baraaf lafa irra jiraachuuf abdii qaban mudaa kan hin qabne akka taʼan gochuuf waggaa 1,000 ramadeera. (Mul. 20:1-3) Yihowaan yeroo ammaatti wanta nuuf dandaʼame hunda akka goonuu fi gargaarsa argachuuf akka isatti amanamnu nurraa eega. w22.03 9 key. 5-6
Kamisa, Muddee 28
Dubbiin tokko illee arraba koo irra hin jiru, ati garuu yaa Yihowaa, kunoo akka gaariitti isa beekteetta.—Far. 139:4.
Wanti michummaa Waaqayyoo wajjin qabnu cimsachuuf nu gargaaru kadhannaa qofa miti. Dubbii Waaqayyoo qoʼachuu fi walgaʼiiwwan gumii irratti argamuunis Waaqayyotti dhihaachuuf nu gargaara. Yeroo qoʼannaadhaaf ramaddee fi yeroo gumii irratti dabarsitu akka gaariitti fayyadamuuf wanti gochuu dandeessu jiraa? ‘Yeroon walgaʼiiwwan irratti argamu ykn yeroon qoʼadhutti wanti xiyyeeffannaa koo hihiruu maali dha?’ jedhii of gaafadhu. Bilbila sii bilbilamu, iimeelii ykn ergaa gabaabaa moobaayilii kee irratti ykn meeshaa elektiroonikii kan biraa irratti siif ergamu dhaa? Yeroo qoʼattutti ykn yeroo walgaʼii gumii irratti argamtutti xiyyeeffannaan kee kan hihhiramu taanaan, yaada kee sassaabbachuuf akka si gargaaru Yihowaa kadhadhu. Wantoota hafuuraa irratti xiyyeeffachuun rakkisaa sitti taʼuu dandaʼa. Taʼus, akkas gochuun kee baayʼee barbaachisaa dha. Nagaa isa garaa kee qofa utuu hin taʼin “yaada” kees eegu akka siif kennu Yihowaa kadhadhu.—Filp. 4:6, 7. w22.01 29-30 key. 12-14
Jimaata, Muddee 29
Gurra kee itti qabiitii dubbii ogeeyyii dhaggeeffadhu.—Fak. 22:17.
Ooziyaa Mootichi gorsa fudhachuu didee ture. Mana qulqullummaa keessa iddoo luboonni qofti akka seenan heyyamamu seenuudhaan ixaana aarsuuf yaalee ture. Luboonni Yihowaa garuu, “Yaa Ooziyaa, ati Yihowaadhaaf ixaana aarsuun kee sirrii miti! . . . ixaana aarsuu kan qaban luboota qofa dha” isaan jedhan. Ooziyaan maal godhe ree? Gad of qabuudhaan gorsa isaaf kenname fudhatee yeruma sana mana qulqullummaa keessaa baʼeera utuu taʼee, silaa Yihowaan dhiifama isaaf gochuu dandaʼa ture. ‘Ooziyaan garuu ni dheekkame.’ Gorsa isaaf kenname fudhachuu kan dide maaliifi? Mootii waan taʼeef wanta barbaade gochuu akka dandaʼu isatti dhagaʼamuu hin oolu. Yihowaan garuu akkas isatti hin dhagaʼamne. Ooziyaan gocha of tuulummaa raawwachuu isaatiin kan kaʼe “hamma guyyaa duʼa isaatti dhukkuba nadaayiitiin qabamee jiraate.” (2 Sen. 26:16-21) Fakkeenyi Ooziyaa aangoon qabnu maal iyyuu yoo taʼe, gorsa Kitaaba Qulqulluu irratti hundaaʼe fudhachuu diduun Yihowaa biratti fudhatama akka nu dhabsiisu nu barsiisa. w22.02 9 key. 7
Sanbadduraa, Muddee 30
Kanaafuu, cubbuun keessan akka isinii haqamuuf yaada geddaradhaa, deebiʼaas; Yihowaa biraa yeroon haareffamuu isiniif ni dhufa.—HoE. 3:19.
Namni ‘namummaa moofaan’ isa toʼate yaannii fi gochi isaa fedhii foonii kan calaqqisiisu dha. (Qol. 3:9) Tarii nama ofittoo, dafee kan aaru, galata kan hin qabnee fi kan kooru taʼuu dandaʼa. Akkasumas poornoogiraafii ilaaluu fi fiilmiiwwan naamusaan ala taʼan ykn hammeenya babalʼisan daawwachuun isa gammachiisa taʼa. Namni kun amaloota gaggaarii tokko tokko akka qabu hin shakkisiisu. Wanta gadhee dubbate ykn raawwateen kan kaʼe sammuun isaa isa ceephaʼa taʼa. Taʼus, ilaalchaa fi amala isaa jijjiiruuf kakaʼumsa dhaba. (Gal. 5:19-21; 2 Xim. 3:2-5) Hundi keenya iyyuu mudaa waan qabnuuf nu keessaa namni yaadaa fi fedhii dogoggoraa garaa fi sammuu isaa keessaa guutummaatti balleessuu dandaʼu hin jiru. Yeroo tokko tokko wanta booda itti gaddinu ykn itti gaabbinu ni dubbanna ykn ni raawwanna. (Er. 17:9; Yaq. 3:2) Namummaa moofaa of irraa baasnee yeroo gannu garuu ilaalchii fi hojiin foonii nu hin toʼatu. Sana booda amaloonni kun kutaa eenyummaa keenyaa hin taʼan.—Isa. 55:7. w22.03 3 key. 4-5
Dilbata, Muddee 31
Gad of qabuudhaan warri kaan akka isin irra caalan godhaa yaadaa.—Filp. 2:3.
Jaarsoliin, amaloota gaggaarii obboloonni keessan qaban irratti xiyyeeffadhaa. Namni hundi mudaa kan qabu taʼus amala gaariis qaba. Jaarsoliin darbee darbee obboleessa ykn obboleettii tokkoof gorsa kennuun isaan barbaachisuu dandaʼa. Tarii wanti namni sun dubbatuu fi raawwatu kan nama aarsu taʼuu dandaʼa. Taʼus jaarsoliin akkuma Phaawulos ergamaa wanta akkasii irratti xiyyeeffachuu mannaa, jaalala namni sun Yihowaadhaaf qabu, tajaajila Waaqayyoo keessatti jabaatee dhaabbachuu isaa fi wanta sirrii taʼe raawwachuuf fedhii inni qabu irratti xiyyeeffachuun isaanii gaarii dha. Jaarsoliin ilaalcha gaarii qaban gumii keessa nagaa fi gammachuun akka jiraatu gumaacha guddaa godhu. Yihowaan cubbuu irraa walaba akka taatan akka isin irraa hin eegne yaadadhaa. Kanaa mannaa, amanamoo akka taatan isin gaafachaa jira. (1 Qor. 4:2) Isinis wanta tajaajila isaa keessatti raawwattaniif Waaqayyo iddoo guddaa akka kennu mirkanaaʼoo taʼuu dandeessu. Yihowaan matumaa “hojii keessan, akkasumas qulqulloota tajaajiluu fi tajaajiluu keessan itti fufuudhaan jaalala maqaa isaatiif argisiistan hin irraanfatu.”—Ibr. 6:10. w22.03 31 key. 19, 21