LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • es24 ful. 118-128
  • Muddee

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Muddee
  • Kitaaba Qulqulluu Guyyaa Guyyaan Qoruu—2024
  • Mata Dureewwan Xixiqqaa
  • Dilbata, Muddee 1
  • Wiixata, Muddee 2
  • Kibxata, Muddee 3
  • Roobii, Muddee 4
  • Kamisa, Muddee 5
  • Jimaata, Muddee 6
  • Sanbadduraa, Muddee 7
  • Dilbata, Muddee 8
  • Wiixata, Muddee 9
  • Kibxata, Muddee 10
  • Roobii, Muddee 11
  • Kamisa, Muddee 12
  • Jimaata, Muddee 13
  • Sanbadduraa, Muddee 14
  • Dilbata, Muddee 15
  • Wiixata, Muddee 16
  • Kibxata, Muddee 17
  • Roobii, Muddee 18
  • Kamisa, Muddee 19
  • Jimaata, Muddee 20
  • Sanbadduraa, Muddee 21
  • Dilbata, Muddee 22
  • Wiixata, Muddee 23
  • Kibxata, Muddee 24
  • Roobii, Muddee 25
  • Kamisa, Muddee 26
  • Jimaata, Muddee 27
  • Sanbadduraa, Muddee 28
  • Dilbata, Muddee 29
  • Wiixata, Muddee 30
  • Kibxata, Muddee 31
Kitaaba Qulqulluu Guyyaa Guyyaan Qoruu—2024
es24 ful. 118-128

Muddee

Dilbata, Muddee 1

Akkan hin cuuphamne maaltu na dhowwa?—HoE. 8:36.

Abbaan taayitaa Itoophiyaa cuuphamuuf qophaaʼee turee? Mee yaadi: Namichi Itoophiyaa kun “waaqeffachuudhaaf gara Yerusaalem dhaqee ture.” (HoE. 8:27) Kanaafuu, namichi kun amantaa Yihudii fudhachuu hin oolu. Kitaaba Qulqulluu Afaan Ibrootaarraa waaʼee Yihowaa akka barate homaa hin shakkisiisu. Taʼus, caalaatti barachuuf fedhii qaba ture. Namichi Itoophiyaa kun Filiphoos wajjin yeroo wal argu maraa kitaaba Isaayyaas raajichaa dubbisaa ture. (HoE. 8:28) Barachuu isaa itti fufuu barbaadee ture. Mana qulqullummaa Yerusaalemitti argamutti Yihowaa waaqeffachuuf Itoophiyaadhaa kaʼee karaa dheeraa kan deeme kanaafi. Namichi Itoophiyaa kun eenyummaa Masiihichaa dabalatee Filiphoosirraa dhugaawwan haaraa barbaachisoo taʼan tokko tokko barateera. (HoE. 8:34, 35) Jaalala Yihowaa fi Ilma isaatiif qabu guddifateera. Murtoo jireenya isaa jijjiiru gochuuf, jechuunis duuka buutuu Yesuus taʼee cuuphamuuf kakaʼeera. Filiphoosis namni kun cuuphamuuf qophaaʼaa taʼuu isaa yeroo argu isa cuupheera. w23.03 8-9 key. 3-6

Wiixata, Muddee 2

Dubbiin keessan yeroo hunda gurratti kan tolu . . . haa taʼu.—Qol. 4:6.

Wanta dhugaa hin taane kan dubbannu yoo taʼe Yihowaa gaddisiisna. (Fak. 6:16, 17) Namoonni yeroo harʼaa jiran hedduun sobuun rakkina kan hin qabne akka taʼetti kan yaadan taʼus, nuti garuu ilaalcha Yihowaan qabu qabaachuuf carraaqqii goona. (Far. 15:1, 2) Kallattiidhaan soba akka hin dubbanne ifa dha; taʼus, taʼe jennee odeeffannoo dogoggoraa kennuu irraas of qusachuu qabna. Kana malees, hamii babalʼisuu irraa fagaachuu qabna. (Fak. 25:23; 2 Tas. 3:11) Haasaan tokko gara hamiitti jijjiiramaa akka jiru yeroo hubattu gara haasaa gaariitti akka jijjiiramu gochuuf yaali. Addunyaan keessa jiraannu dubbii gadheedhaan kan guutame waan taʼeef, wanti dubbannu Yihowaa kan gammachiisu akka taʼu gochuuf carraaquu qabna. Tajaajila irratti, walgaʼii gumii irrattii fi namoota kaanii wajjin yeroo haasofnu, dandeettii dubbachuu keenya karaa gaarii taʼeen itti fayyadamuuf carraaqqii yeroo goonu Yihowaan carraaqqii keenya nuuf eebbisa. Yihowaan addunyaa hamaa kana yeroo balleessu wanta dubbannuun ulfina isaaf fiduun nuuf salphata.—Yih. 15. w22.04 9 key. 18-20

Kibxata, Muddee 3

Inni dursee waan nu jaallateef, nuti jaalala ni argisiisna.—1 Yoh. 4:19.

Yihowaa fi Yesuus hammam akka nu jaallatan yeroo yaannu nutis isaan jaallachuuf kakaana. (1 Yoh. 4:10) Yesuus dhuunfaatti akka nuuf duʼe yeroo hubannummoo jaalalli isaaniif qabnu caalaatti dabala. Phaawulos ergamaan kana waan hubateef xalayaa warra Galaatiyaatiif barreesserratti, “Ilma Waaqayyoo isa na jaallatee fi anaaf jedhee dabarsee of kenne” jechuudhaan dinqisiifannaa qabu ibseera. (Gal. 2:20) Yihowaan furicharratti hundaaʼuudhaan michuu isaa akka taatuuf ofitti si harkiseera. (Yoh. 6:44) Yihowaan wanta gaarii tokko si keessatti argee michuu isaa akka taatuuf gatii guddaa akka kaffale beekuun kee gammachuudhaan akka guutamtu si hin taasisuu? Jaalalli Yihowaa fi Yesuusiif qabdu akka guddatu hoo hin godhuu? ‘Jaalalli kun maal gochuuf na dirqisiisa?’ jennee of gaafachuun keenya gaariidha. Jaalalli Waaqayyoo fi Kiristoosiif qabnu warra kaanitti jaalala argisiisuuf nu kakaasa.—2 Qor. 5:14, 15; 6:1, 2. w23.01 28 key. 6-7

Roobii, Muddee 4

Qooqa sabootaa qooqa qulqulluu tokkotti nan jijjiira.—Sef. 3:9.

Kitaabni Qulqulluun meeshaa guddaa Yihowaan sabni isaa “harka wal qabatanii akka isa tajaajilan” gargaaruuf itti fayyadamudha. Yihowaan kutaawwan Kitaaba Qulqulluu hedduun karaa namoonni gad of qaban qofti hubachuu itti dandaʼaniin akka barreeffaman godheera. (Luq. 10:21) Namoonni bakka hunda jiran Kitaaba Qulqulluu ni dubbisu. Wanta inni dubbatu hubachuu fi hojiirra oolchuu kan dandaʼan garuu, namoota gad of qaban qofadha. (2 Qor. 3:15, 16) Ogummaa Yihowaa Kitaaba Qulqulluu keessatti argamu hubachuu dandeenya. Yihowaan akka gareetti nu barsiisuuf qofa utuu hin taʼin, dhuunfaatti nu barsiisuu fi nu jajjabeessuufis Kitaaba Qulqulluutti ni fayyadama. Hundi keenya Dubbii isaa yeroo dubbisnu Yihowaan dhuunfaatti xiyyeeffannaa akka nuuf kennu hubachuu ni dandeenya. (Isa. 30:21) Kitaaba Qulqulluu yeroo dubbistu caqasa sumaaf akka barreeffame sitti dhagaʼame argattee beektaa? Kitaabni Qulqulluun karaa namoonni miliyoonaan lakkaaʼaman hubachuu dandaʼaniin barreeffame. Maarree, odeeffannoo yeroon itti hin dabarree fi dhuunfaatti si barbaachisu qabachuu kan dandaʼe akkamitti? Kun taʼuu kan dandaʼe Abbaan kitaabichaa ogummaa hundarra caaluu fi adda taʼe waan qabuufi.—2 Xim. 3:16, 17. w23.02 4-5 key. 8-10

Kamisa, Muddee 5

Guddinni kee namoota hundumaatti ifatti akka mulʼatuuf, wantoota kana irratti xiinxali, xiyyeeffannaa guddaas isaaniif kenni.—1 Xim. 4:15.

Kiristiyaanota dhugaa waan taaneef, Yihowaadhaaf jaalala guddaa qabna. Wanta qabnu keessaa isa hunda irra caalu isaaf kennuu barbaanna. Yihowaadhaaf wanta dandeenyu hunda gochuu yoo barbaanne garuu, galmawwan hafuuraa baafachuun nu barbaachisa; galmawwan kun amaloota Kiristiyaanaa horachuu, dandeettii keenya guddifachuu, akkasumas karaa warra kaan itti tajaajillu barbaaduu taʼuu dandaʼu. Karaa hafuuraa guddina gochuuf fedhii qabaachuu kan qabnu maaliifi? Sababiin inni guddaan, Abbaa keenya isa samii isa jaalala qabeessa taʼe gammachiisuu waan barbaannuufi. Yihowaan tajaajila isaa irratti dandeettii keenyatti guutummaatti yeroo fayyadamnu ni gammada. Sababiin guddina hafuuraa gochuu itti barbaannu kan biraan immoo, obbolootaa fi obboleettota keenya caalaatti gargaaruu waan barbaannuufi. (1 Tas. 4:9, 10) Gara dhugaatti erga dhufnee yeroo hammamii iyyuu yoo taʼe, hundi keenya iyyuu guddina hafuuraa gochuu ni dandeenya. w22.04 22 key. 1-2

Jimaata, Muddee 6

Foon ishii ni nyaatu, akkasumas guutummaatti ibiddaan ishii gubu.—Mul. 17:16.

Geggeessitoonni siyaasaa addunyaa kanaa yeroo dhihootti Baabilon Guddittii ishii amantaa sobaa hundumaa argisiistu irratti haleellaa ni banu. Kun mallattoo rakkinni guddaan akka jalqabe argisiisu taʼa. Maarree, sababii kanaatiin namoonni hedduun Yihowaa waaqeffachuu ni jalqabuu? Lakki. Faallaa kanaatiin, akkuma Mulʼata boqonnaa 6 irratti ibsame namoonni Yihowaa hin tajaajille yeroo sanatti sirnoota siyaasaa fi daldalaa addunyaa kanaa gaarreenitti fakkeeffaman irraa eegumsa argachuuf carraaqqii godhu. Namoonni kun Mootummaa Waaqayyoo waan hin deggerreef Yihowaan mormitoota isaa akka taʼanitti isaan ilaala. (Luq. 11:23; Mul. 6:15-17) Tajaajiltoonni Yihowaa amanamoon yeroo rakkina guddaa sanatti namoota kaan irraa adda taʼanii mulʼatu. Lafa irratti gareen Yihowaa tajaajiluu fi “bineensicha” hin deggerre isaan qofa taʼa.—Mul. 13:14-17. w22.05 16-17 key. 8-9

Sanbadduraa, Muddee 7

Inni misiraachoo bara baraa warra lafa irra jiraataniif, jechuunis saba, gosa, qooqaa fi nama hundumaaf labsu qabatee ture.—Mul. 14:6.

Ergaan sabni Waaqayyoo lallaban ‘misiraachoo Mootummichaa’ qofa miti. (Mat. 24:14) Hojii maleekonni Mulʼata boqonnaa 8 hanga 10 irratti ibsaman raawwatanis deggeruu qabu. Maleekonni kun dhaʼichawwan namoota Mootummaa Waaqayyoo hin deggerre irra gaʼan beeksisu. Kanaafuu, Dhugaa Baatonni Yihowaa ergaa murtii “cabbii fi ibiddatti” fakkeeffame labsaa jiru; ergaan kun murtii Waaqayyo kutaalee addunyaa Seexanaa garaa garaa irratti dabarsu argisiisa. (Mul. 8:7, 13) Namoonni jireenya isaanii irratti jijjiirama guddaa gochuudhaan guyyaa dheekkamsa Yihowaa irraa ooluuf dhumni akka dhihaate beekuun isaan barbaachisa. (Sef. 2:2, 3) Haa taʼu malee, ergaan kun namoota baayʼee biratti fudhatama hin argatu. Ergaa kana labsuun ija jabina gaafata. Ergaan murtii inni dhumaa yeroo rakkina guddaatti lallabnummoo caalaatti namoota kan aarsu taʼa.—Mul. 16:21. w22.05 7 key. 18-19

Dilbata, Muddee 8

Waaqa kee Yihowaa garaa kee guutuudhaan, lubbuu kee guutuudhaan, sammuu kee guutuudhaan jaalladhu.—Mat. 22:37.

Hiriyoota gaaʼelaa Kiristiyaanota taʼanii fi ijoollee godhachuuf jedhan yaadaa. Waggoota hedduudhaaf haasaawwan waaʼee ijoollee guddisuu ibsan baayʼee dhagaʼaniiru. Haa taʼu malee, gorsi haasaawwan kana keessatti kenname amma baayʼee isaan barbaachisa. Amma ijoollee ofiisaanii guddisuu jalqabaniiru. Kunimmoo itti gaafatamummaa guddaadha. Dhugumayyuu haalli keenya jijjiiramuun isaa ilaalcha qajeelfamoota Kitaaba Qulqulluu sirriitti beeknuuf qabnu jijjiiruu dandaʼa. Kiristiyaanni tokko Kitaaba Qulqulluu dubbisuu fi akkuma mootonni Israaʼel ajajamanitti “bara jireenyaa isaa hundumaatti” irratti xiinxaluu kan qabu kanaafi. (Kes. 17:19) Warri, mirgoota guguddaa Kiristiyaanni tokko qabaachuu dandaʼu keessaa tokko qabdu; kunis ijoollee keessan waaʼee Yihowaa barsiisuudha. Haa taʼu malee, waaʼee Waaqa keenyaa dhugaawwan tokko tokko isaan barsiisuu caalaa wanta dabalataa gochuu barbaaddu. Ijoolleen keessan Yihowaadhaaf jaalala guddaa akka qabaatan gargaaruu barbaaddu. w22.05 26 key. 2-3

Wiixata, Muddee 9

Namummaa haaraa . . . uffadhaa. —Qol. 3:10.

Daandii cubbuutti geessu irra deemuu keenyatti ykn cubbuu raawwannetti gaabbuu qofti gaʼaa miti. Tarkaanfii fudhachuufis qophaaʼoo taʼuu qabna. Wanti Yihowaan yeroo dhiifama godhutti tilmaama keessa galchu inni guddaan jijjiiramuudha. Jijjiiramuu jechuun “deebiʼuu” jechuudha. Jecha biraatiin, namni tokko wanta gadhee raawwachuu dhiisee daandii Yihowaa hordofuu qaba jechuudha. (Isa. 55:7) Namni kun yaada Yihowaatiin geggeeffamuu akka dandaʼuuf yaada isaa jijjiirrachuu qaba. (Rom. 12:2; Efe. 4:23) Yaadaa fi gocha isaa isa gadhee dhiisuuf kutachuu qaba. (Qol. 3:7-9) Yihowaan dhiifama akka nuuf godhuu fi cubbuu keenyarraa akka nu qulqulleessuuf buʼuura kan taʼu amantii aarsaa Kiristoosirratti qabnu akka taʼe beekamaadha. Jijjiirama gochuuf garaadhaa carraaqqii gochaa akka jirru yeroo argu aarsaa kanarratti hundaaʼuudhaan dhiifama nuuf godha.—1 Yoh. 1:7. w22.06 6 key. 16-17

Kibxata, Muddee 10

Rakkina si irra gaʼuuf jiru hin sodaatin.—Mul. 2:10.

Addaamii fi Hewaan Waaqayyorratti erga fincilanii kaasee ilmaan namootaa miidhaa walirratti geessisaa jiru. (Lal. 8:9) Fakkeenyaaf, namoonni aangoo qaban aangoo isaaniitti karaa sirrii hin taaneen fayyadamu, namoonni tokko tokko yakka raawwatu, ijoolleen abbaa humnaa taʼan ijoollee isaan wajjin baratan ni arrabsu, akkasumas ni sossodaachisu, namoonni tokko tokkommoo maatii isaanii irrattillee wanta hamaa taʼe raawwatu. Kanaafuu, namoonni wal sodaachuun isaanii nama hin dinqisiisu. Maarree, Seexanni miira kanatti kan fayyadamu akkamitti? Seexanni nama sodaannee ejjennoo keenya akka laaffisnuu fi lallabuu akka dhaabnu gochuuf yaala. Mootummoonni dhiibbaa Seexanaatiin hojii keenyarra dhorkaa kaaʼu, akkasumas ariʼatama nurraan geessisu. (Luq. 21:12) Addunyaan Seexanaa Dhugaa Baatota Yihowaa ilaalchisee odeeffannoo dogoggoraa fi soba babalʼisa. Namoonni soba kana amanan nutti qoosuu, darbees miidhaa qaamaa nurraan gaʼuu dandaʼu. (Mat. 10:36) Tooftaaleen Seexanaa nu dinqisiisuu qabuu? Matumaa. Seexanni jaarraa jalqabaattis tooftaalee kanatti fayyadamaa ture.—HoE. 5:27, 28, 40. w22.06 16 key. 10-11

Roobii, Muddee 11

Warri namoota hedduu gara qajeelummaatti [fidan] akka urjiileetti baraa hamma bara baraatti ni ifu.—Dan. 12:3.

‘Namoonni hedduun’ gara qajeelummaatti fidaman eenyufaʼi? Namoota duʼaa kaafaman, warra Armaagedoon irraa oolan, akkasumas ijoollee addunyaa haaraa keessatti dhalatan kan dabalatudha. Xumura waggaa 1,000 irratti namoonni lafarra jiraatan hundi mudaa kan hin qabne taʼu. Namni tokko mudaa kan hin qabne taʼeera jechuun yeruma sana jireenya bara baraa argata jechuu akka hin taane yaadachuu qabna. Waaʼee Addaamii fi Hewaan yaadi. Isaan mudaa hin qaban turan; taʼus jireenya bara baraa argachuuf Yihowaadhaaf ajajamoo taʼuu isaanii argisiisuu qabu turan. Kan nama gaddisiisu garuu, utuu isaaf hin ajajamin hafan. (Rom. 5:12) Dhuma waggaa 1,000​tti hundi isaaniiyyuu mudaa kan hin qabne waan taʼaniif bulchiinsa Yihowaa bara baraaf ni deggeruu laata? Moo isaan keessaa tokko tokko akkuma Addaamii fi Hewaan mudaa kan hin qabne taʼanis amanamoo utuu hin taʼin hafu? Gaaffiiwwan kun deebii argachuu qabu. w22.09 22-23 key. 12-14

Kamisa, Muddee 12

Mootummaan addunyaa, Mootummaa Gooftaa keenyaa fi Mootummaa Kiristoos ni taʼe.—Mul. 11:15.

Haala addunyaa yeroo ilaaltu ilaalcha gaarii qabaattee itti fufuun sitti ulfaataa? Miseensonni maatii akka kanaan duraa wal hin jaallatan. Walumaa galatti namoonni caalaatti lola kan jaallatanii fi ofittoo taʼaa jiru. Namoonni baayʼeen warra aangoorra jiran amanuun isaanitti ulfaata. Haa taʼu malee, wantoonni kuniyyuu haalawwan amma jiran akka fooyyaʼan ragaa taʼu. Akkana kan jennu maaliifi? Sababiin isaas, namoonni akkuma Kitaabni Qulqulluun “guyyoota dhumaa” ilaalchisee raajiidhaan dubbate gochaa jiru. (2 Xim. 3:1-5) Namni garaa qajeelaa qabu kamiyyuu raajiin kun raawwii isaa argachaa akka jiru haaluu hin dandaʼu. Raawwiin raajii kanaa Kiristoos Yesuus Mootii Mootummaa Waaqayyoo taʼee bulchaa akka jiru argisiisa. Raajiin kun raajiiwwan waaʼee Mootummichaa dubbataman hedduu keessaa tokko qofadha. Akkuma kutaawwan garaagaraa fakkii tokkoo yeroo walitti dhufan fakkii barbaadame tokko nuuf argamsiisan, raajiiwwan kun hundi wal faana raawwatamuun isaaniis yeroo akkamii keessa akka jirru ifatti hubachuuf nu gargaaru. w22.07 2 key. 1-2

Jimaata, Muddee 13

Ogummaan qajeelaa taʼuun ishii hojii ishiitiin mirkanaaʼeera.—Mat. 11:19.

Yeroo weerarri dhibee KOOVIID-19 jirutti walgaʼiiwwan gumii godhachuu kan dandeenyuu fi hojii lallabaarratti hirmaachuu kan dandeenyu akkamitti akka taʼe qajeelfamni ifa taʼe nuuf kennamaa tureera. Yeroo gabaabaa keessatti walgaʼiiwwan gumii, walgaʼiiwwan aanaa fi walgaʼiiwwan naannoo karaa viidiyookonfiransii godhachuu jalqabne. Xalayaa fi bilbilaanis dhugaa baʼuu jalqabne. Yihowaan carraaqqii keenya eebbiseera. Waajjiroonni damee hedduun lakkoofsi babalʼistootaa baayʼee akka dabale gabaasaniiru. Obboloonni hedduun yeroo kanatti muuxannoowwan nama jajjabeessan argataniiru. Namoonni tokko tokko jaarmiyichi weerara dhibee ilaalchisee garmalee akka of eeggatu isaanitti dhagaʼama taʼa. Haa taʼu malee, qajeelfamni nuuf kennamu ogummaarratti kan hundaaʼe akka taʼe irra deddeebinee argineerra. Yesuus saba isaa jaalalaan geggeessaa kan jiru akkamitti akka taʼe yommuu xiinxallu, gara fuulduraatti maaliyyuu yoo nu mudate Yihowaa fi Ilmi isaa jaallatamaan nu wajjin akka taʼan mirkanaaʼoo taana.—Ibr. 13:5, 6. w22.07 13 key. 15-16

Sanbadduraa, Muddee 14

Yeroo hundumaa kadhadhaa. Waan hundumaatiif galateeffadhaa. Kun karaa Kiristoos Yesuus fedhii Waaqayyo isiniif qabu dha.—1 Tas. 5:17, 18.

Kadhannaa keenyarratti Yihowaa jajachuuf qofa utuu hin taʼin wantoota ajaaʼibsiisoo inni raawwateef isa galateeffachuufis ni kakaana. Fakkeenyaaf, halluuwwan babbareedoo abaaboowwan qabaniif, nyaatawwan miʼaawoo taʼan garaagaraatii fi michoota baayʼee itti dhihaannu qabaachuu keenyattis galateeffachuu dandeenya. Abbaan keenya inni jaalala qabeessa taʼe wantoota kanaa fi kan biroo kan nuuf kenne akka gammannu waan barbaaduufi. (Far. 104:12-15, 24) Kana malees, Yihowaan nyaata hafuuraa hedduu fi abdii dinqisiisaa waan nuu kenneef isa galateeffanna. Wanta Yihowaan nuuf godhu hundaaf isa galateeffachuu salphaatti dagachuu dandeenya. Maarree akka hin daganne maaltu nu gargaara? Wantoota Yihowaa kadhatte barreessuudhaan, yeroo booda kadhannaa keetiif akkamitti deebii akka kenne ilaaluu dandeessa. Achiis gargaarsa isaatiif isa galateeffadhu.—Qol. 3:15. w22.07 22 key. 8-9

Dilbata, Muddee 15

Inni seera Yihowaatti ni gammada, seera isaas halkanii fi guyyaa sagalee isaa gad qabee dubbisa.—Far. 1:2.

Dhugaa akka gaariitti beekuun qofti gaʼaa akka hin taane beekna. Faayidaa guutuu argachuuf, dhugaa baranne sana jireenya keenya keessatti hojiirra oolchuu qabna. Dhugaan gammachuu dhugaa kan nuuf argamsiisu yoo akkas goone qofa dha. (Yaq. 1:25) Maarree, dhugaa jireenya keenya keessatti hojiirra oolchaa akka jirru mirkaneeffachuu kan dandeenyu akkamitti? Akkuma obboleessi tokko dubbatetti kallattii itti hojjechaa jirru beekuu fi kallattii fooyyessuun itti nu barbaachisu beekuuf of qoruun keenya gaariidha. Phaawulos ergamaan, “Guddina hammamii iyyuu yoo goone, daandiidhuma kana irra seeraan deddeebiʼuu keenya itti haa fufnu” jedheera. (Filp. 3:16) ‘Dhugaa keessa deddeebiʼuuf’ carraaqqii gochuun keenya faayidaa hammamii akka nuuf argamsiise yaadi. Dhugaa beekuun keenya jireenya keenya fooyyessuu qofa utuu hin taʼin, Yihowaa fi obboloota keenya gammachiisuufis nu dandeessiseera. (Fak. 27:11; 3 Yoh. 4) Kun sababii gaarii dhugaa jaallachuu fi dhugaa keessa deddeebiʼuuf nu kakaasu mitii? w22.08 18-19 key. 16-18

Wiixata, Muddee 16

Hoolota Waaqayyoo . . . tiksaa. —1 Phe. 5:2.

Jaarsoliin Yihowaa fi Yesuusiin akka jaallatan argisiisuu kan dandaʼan akkamitti? Karaa guddaan kana gochuu itti dandaʼan inni tokko hoolota Yesuusiif kunuunsa gochuudha. (1 Phe. 5:1, 2) Yesuus yaada kana Pheexiros ergamaadhaaf ifa godheera. Pheexiros Yesuusiin siʼa sadi erga ganee booda akka isa jaallatu mirkaneessuuf baayʼee barbaadee ture. Yesuus erga duʼaa kaʼee booda, “Yaa Simoon ilma Yohaannis, na jaallattaa?” jedhee isa gaafateera. Pheexiros jaalala Gooftaa isaatiif qabu argisiisuuf wanta kamiyyuu gochuuf qophaaʼaa akka taʼe beekamaadha. Yesuus, “Ilmoolee hoolaa koo tiksi” isaan jedheera. (Yoh. 21:15-17) Pheexirosis jireenya isaa isa hafe keessatti hoolota Gooftaatiif kunuunsa gochuudhaan Yesuusiin akka jaallatu argisiiseera. Jaarsoliin wanta Yesuus Pheexirosiin jedhe kanaaf iddoo guddaa akka kennitan argisiisuu kan dandeessan akkamitti? Hojii tikaarratti yeroo hunda hirmaachuudhaan, akkasumas namoonni karaa hafuuraa qabbanaaʼan gara Yihowaatti akka deebiʼan gargaaruuf carraaqqii addaa gochuudhaan Yihowaa fi Yesuusiin hammam akka jaallattan argisiisuu dandeessu.—His. 34:11, 12. w23.01 29 key. 10-11

Kibxata, Muddee 17

Waaqayyo amanamaa waan taʼeef, hamma baachuu dandeessan caalaa akka qoramtan hin heyyamu.—1 Qor. 10:13.

‘Namni haala rakkisaa ani dandamachaa jiru hubachuu dandaʼu hin jiru’ jettee hin yaadin. Akkasitti yaaduun kee haalli kee abdii akka hin qabnee fi fedhii dogoggoraa toʼachuuf humna akka hin qabnetti akka yaaddu si taasisuu dandaʼa. Kitaabni Qulqulluun gorsa kanarraa adda taʼe kenna. Akkana jedha: “Jabaattanii dhaabbachuu akka dandeessaniif, yeroo qoramtanitti karaa ittiin keessaa baatan isiniif qopheessa.” Kanaafuu, fedhii dogoggoraa cimaa taʼellee milkaaʼinaan dandamachuu ni dandeenya. Gargaarsa Yihowaatiin fedhii dogoggoraa raawwachuurraa fagaachuu ni dandeenya. Hundi keenyayyuu mudaa waan qabnuuf, fedhii sirrii hin taanerraa guutummaatti fagaachuu akka hin dandeenye yaadadhu. Taʼus, yeroo fedhii dogoggoraa qabaattutti akkuma Yoseef hatattamaan haadha manaa Phoxiifaar jalaa baqate atis daftee fedhii sanarraa fagaachuu ni dandeessa. (Uma. 39:12) Fedhii sirrii hin taane toʼachuu ni dandeessa. w23.01 12-13 key. 16-17

Roobii, Muddee 18

Waaqayyo bira looguun hin jiru. —Rom. 2:11.

Amalawwan Yihowaa keessaa tokko haqadha. (Kes. 32:4) Haqni loogiirraa fagaachuu wajjin wal qabata; Yihowaanimmoo matumaa hin loogu. (HoE. 10:34, 35) Kitaabni Qulqulluun afaan bara sanatti namoonni hedduun dubbataniin akka barreeffamu gochuun isaa kana argisiisa. Yihowaan bara dhumaatti “beekumsi dhugaan” Kitaaba Qulqulluu ‘akka baayʼatu’ waadaa galeera. Namoonni baayʼeen ni hubatu. (Dan. 12:4) Beekumsi kun akka baayʼatu wanti gumaacha godhe tokko Kitaabni Qulqulluunii fi barreeffamoonni Kitaaba Qulqulluurratti hundaaʼan baayʼinaan hiikamuu, maxxanfamuu fi raabsamuu isaaniiti. Sabni Yihowaa Dubbii Waaqayyoo guutuu isaa ykn gartokkoo isaa afaanota 240 oliin hiikaniiru; namni kamiyyuu kaffaltii malee kitaaba kana argachuu dandaʼa. Kanaan kan kaʼes, namoonni saba hundumaa keessaa dhufan dhumni dhufuu isaa dura waaʼee ‘misiraachoo Mootummichaa’ barachaa jiru. (Mat. 24:14) Waaqni keenya inni haqa qabeessa taʼe hamma dandaʼametti namoonni hedduun Dubbii isaa dubbisuudhaan carraa itti isa beekan akka argatan barbaada. Akkas kan godhe hunda keenyayyuu baayʼee waan jaallatuufi. w23.02 5 key. 11-12

Kamisa, Muddee 19

Sammuu keessan haaressuudhaan jijjiiramaa malee, sirni kun dhiibbaa akka isin irratti godhu hin heyyaminaa.—Rom. 12:2.

Qajeelummaa ni jaallattaa? Akka jaallattu hin shakkisiisu. Taʼus, hundi keenyayyuu mudaa waan qabnuuf, yoo of eeggachuu baanne ilaalchi addunyaan qajeelummaadhaaf qabu salphaatti dhiibbaa nurratti gochuu dandaʼa. (Isa. 5:20) Namoonni waaʼee nama qajeelaa taʼe tokkoo yommuu yaadan yeroo baayʼee gara sammuu isaaniitti kan dhufu nama of tuulu, warra kaan qeequ ykn garmalee qajeelaa of godhudha. Garuu Waaqayyo amaloota kana hundumaa ni jibba. Yesuus yeroo lafarra turetti geggeessitoota amantii bara sana turanii fi ulaagaalee qajeelinaa mataa isaanii baasan cimsee balaaleffateera. (Lal. 7:16; Luq. 16:15) Namni dhugumaan qajeelaa taʼe matumaa warra kaanirra akka caalu isatti hin dhagaʼamu. Qajeelummaan amala baayʼee namatti toludha. Qajeelummaa jechuun Yihowaa duratti wanta sirrii taʼe raawwachuu jechuudha. Kitaaba Qulqulluu keessatti jechi “qajeelummaa” jedhu ulaagaalee Yihowaa warra ol aanoo taʼaniin jiraachuu argisiisa. w22.08 27 key. 3-5

Jimaata, Muddee 20

Michoota jedhee isin waameera. —Yoh. 15:15.

Yesuus barattoonni isaa dogoggora kan raawwatan taʼus, amantii isaanirratti hin dhabne. (Yoh. 15:16) Yeroo Yaaqoobii fi Yohaannis Mootummicha keessatti iddoo adda taʼe akka isaaniif kennu isa gaafatanitti, sababa Yihowaa tajaajiluuf itti kakaʼan hin shakkine ykn mirga ergamoota isaa taʼuu isaan hin dhoowwine. (Mar. 10:35-40) Boodas, galgala Yesuus qabametti barattoonni isaa hundi isa dhiisanii baqataniiru. (Mat. 26:56) Taʼus, Yesuus matumaa amantii isaanirratti hin dhabne. Dadhabina isaanii akka gaariitti kan beeku taʼus, “hamma dhumaatti [isaan] ni jaallate.” (Yoh. 13:1) Yesuus erga duʼaa kaafamee booda hojii barattoota gochuu akka geggeessanii fi hoolota isaa jaallatamoo akka kunuunsaniif ergamoota isaa amanamoo 11f itti gaafatamummaa guddaa kenneera. (Mat. 28:19, 20; Yoh. 21:15-17) Yesuus dhiirota mudaa qaban kana amanuuf sababii gaʼaa qaba ture. Hundi isaaniiyyuu hamma jireenya isaanii isa lafarraa xumuranitti amanamummaadhaan tajaajilaniiru. Dhugumayyuu, Yesuus namoota mudaa qaban amanuurratti fakkeenya gaarii nuuf taʼu. w22.09 6 key. 12

Sanbadduraa, Muddee 21

Yihowaan na cinaa jira; ani hin sodaadhu.—Far. 118:6.

Yihowaan akka nu jaallatuu fi nu cinaa akka jiru mirkanaaʼoo yoo taane, carraaqqii Seexanni nu sodaachisuuf godhu ni injifanna. Fakkeenyaaf, barreessaan Faarfannaa 118 haalli baayʼee nama dhiphisu isa mudateera. Namoota beekamoo dabalatee diinota hedduu qaba (lakkoofsa 9, 10). Yeroo tokko tokko haalli isaa baayʼee hammaata (lakkoofsa 13). Yihowaanis adaba cimaa isaaf kennee ture (lakkoofsa 18). Taʼus faarfataan sun, “Ani hin sodaadhu” jedhee faarfachuuf kakaʼeera. Abbaa isaa isa samii kan taʼe Yihowaan adaba kan isaaf kenne taʼus, akka isa jaallatu beeka. Faarfataan kun haalli akkamiiyyuu yoo isa mudate Waaqni isaa inni jaalala qabeessi yeroo hundumaa isa gargaaruuf qophaaʼaa akka taʼe mirkanaaʼaadha. (Far. 118:29) Yihowaan dhuunfaatti akka nu jaallatu mirkanaaʼoo taʼuu qabna. Amanannaa akkasii qabaachuun keenya wantoota yeroo baayʼee nu sodaachisan sadii moʼuuf nu gargaara. Isaanis, (1) wanta maatii kootiif barbaachisu dhiheessuu hin dandaʼu jedhanii sodaachuu, (2) nama sodaachuu fi (3) duʼa sodaachuudha. w22.06 15 key. 3-4

Dilbata, Muddee 22

Namni qorumsa keessatti jabaatee dhaabbachuu isaa itti fufu gammadaa dha; sababiin isaas, inni yeroo fudhatama argatu gonfoo jireenyaa . . . ni argata.—Yaq. 1:12.

Jireenya keenya keessatti waaqeffannaa Yihowaatiif dursa kennuu qabna. Yihowaan Uumaa keenya waan taʼeef, isa waaqeffachuu qabna. (Mul. 4:11; 14:6, 7) Kanaafuu, jireenya keenya keessatti karaa inni barbaaduun, jechuunis “hafuuraa fi dhugaadhaan” isa waaqeffachuuf dursa kennuu qabna. (Yoh. 4:23, 24) Waaqeffannaan keenya dhugaa Dubbii Waaqayyoo keessatti argamuu wajjin akka wal simuuf hafuurri qulqulluun akka nu qajeelchu barbaanna. Kan jiraannu biyya hojiin keenya itti dhorkame ykn daangeffame keessa yoo taʼellee waaqeffannaa keenyaaf dursa kennuu qabna. Yeroo ammaatti obboloonnii fi obboleettonni keenya 100 ol taʼan Dhugaa Baatota Yihowaa waan taʼaniif qofa hidhamanii jiru. Taʼus kadhachuuf, qoʼachuu fi waaʼee Waaqayyoo fi Mootummaa isaa namootatti himuuf gammachuudhaan wanta isaaniif dandaʼame hunda godhu. Yeroo arrabsamnu ykn yeroo ariʼatamni nurra gaʼu Yihowaan nu wajjin akka jiruu fi akka nu eebbisu waan beeknuuf gammadoo taʼuu dandeenya.—1 Phe. 4:14. w22.10 9 key. 13

Wiixata, Muddee 23

[Ogummaan] eegumsa argamsiisa. —Lal. 7:12.

Guutummaa kitaaba Fakkeenyaa keessatti Yihowaan gorsa yeroon itti hin darbinee fi yoo hojiirra oolchine jireenya keenya nuuf fooyyessu nuuf kenneera. Mee isaan keessaa lamaan isaanii qofa haa ilaallu. Tokkoffaa, wanta qabdutti gammadii jiraadhu. Fakkeenyi 23:4, 5 gorsa akkana jedhu nuuf kenna: “Qabeenya argachuuf of hin dhamaasin. . . . Sababiin isaas, inni qoochoo akka risaa baasee gara samiitti barrisa.” Taʼus, sooreyyiinis taʼan hiyyeeyyiin waaʼee maallaqa baayʼee dhiphatu. Yeroo baayʼee wanta maqaa isaanii balleessu, hariiroo namoota wajjin qaban mancaasuu fi fayyaa isaaniillee miidhu kan raawwatan kanaafi. (Fak. 28:20; 1 Xim. 6:9, 10) Lammaffaa, dubbachuu kee dura irratti yaadi. Of hin eeggannu taanaan, wanta dubbannuun miidhaa guddaa geessisuu dandeenya. Fakkeenyi 12:18 akkana jedha: “Dubbiin utuu itti hin yaadamin dubbatamu akkuma goraadee nama waraana, arrabni ogeessotaa garuu nama fayyisa.” Dogoggora warri kaan raawwatan namoota kaanitti himuudhaan babalʼisuurraa yommuu of qusannu nagaa uumna.—Fak. 20:19. w22.10 21 key. 14; 22 key. 16-17

Kibxata, Muddee 24

Maraa kitaabaa kana nyaadhuutii dhaqii mana Israaʼelitti dubbadhu.—His. 3:1.

Hisqiʼel ergaa labsuuf jedhu guutummaatti hubachuun isa barbaachisa. Ergaa sana lallabuuf kan kakaʼu ergichatti yoo amanedha. Sana booda wanti nama dinqisiisu ni uumame. Hisqiʼel maraan kitaabaa sun “akka dammaa kan miʼaawu” taʼuu isaa hubate. (His. 3:3) Akkas kan isatti dhagaʼame maaliifi? Yihowaa bakka buʼuudhaan ulfina argachuun Hisqiʼeliif muuxannoo miʼaawaa, jechuunis gammachiisaa taʼedha. (Far. 19:8-11) Yihowaan raajii isaa taʼee akka tajaajilu isaaf heyyamuu isaatti baayʼee isa galateeffateera. Boodas Yihowaan Hisqiʼeliin, “Dubbii koo isan sitti dubbadhu hundumaa dhagaʼi, garaattis qabadhu” jedheera. (His. 3:10) Yihowaan qajeelfama kana Hisqiʼeliif kennuudhaan wantoota maraa kitaabaa sana keessatti barreeffaman yaadachuuf akka yaaluu fi akka irratti xiinxalu itti himeera. Hisqiʼel akkas gochuun isaa amantii isaa isaaf cimseera. Kana malees, ergaa humna guddaa qabu sabichatti himuuf qophaaʼaa akka taʼu isa gargaareera. (His. 3:11) Hisqiʼel ergaa Waaqayyoo guutummaatti hubachuu fi amanuun isaa, hojii isaaf kenname fudhachuu fi raawwachuuf qophaaʼaa taʼuuf isa gargaareera. w22.11 6 key. 12-14

Roobii, Muddee 25

Ajajamuun aarsaa irra . . . ni caala.—1 Sam. 15:22.

Jijjiirama jaarmiyichi godheen kan kaʼe amanamummaan kee yoo qorame maal gochuu qabda? Jijjiirama jaarmiyichi godhu guutummaatti deggeri. Yeroo lafa onaa keessa imalaa turanitti, Qehaatonni namoota hundumaa duratti taabota kakuu baatu turan. (Lak. 3:29, 31; 10:33; Iya. 3:2-4) Kun mirga guddaadha! Haa taʼu malee, yeroo Israaʼelonni Biyyattii Abdachiifamtetti galan haalli isaa ni jijjiirame. Sana booda Taabotichi yeroo hunda iddoodhaa gara iddootti geeffamuun isa hin barbaachisu. Kanaafuu, Qehaatonni hojiiwwan kan biroo akka hojjetan ramadaman. (1 Sen. 6:31-33; 26:1, 24) Qehaatonni sana dura mirga addaa waan qabaniif, hojiin kun isaaniif kennamuu isaatti akka gunguman ykn hojiin adda taʼe kan biraan akka isaaniif kennamu akka gaafatan yaanni argisiisu hin jiru. Kanarraa maal baranna? Jijjiirama ramaddii keenya tuqu dabalatee jijjiirama jaarmiyaan Yihowaa godhu kamiyyuu garaa guutuudhaan deggeri. Ramaddii siif kennamu kamittiyyuu gammadi. Iddoon Yihowaa duratti qabdu ramaddii keerratti kan hundaaʼe akka hin taane yaadadhu. Yihowaan mirga qabdu kamiyyuu caalaa ajajamuu keetiif iddoo guddaa kenna. w22.11 23 key. 10-11

Kamisa, Muddee 26

Inni . . . funcaadhaan hidhamuu [kootti] hin qaanofne.—2 Xim. 1:16.

Oneesiforos dhimmee Phaawulos ergamaa barbaadeera, yeroo isa argatettis isa gargaaruuf carraaqqii godheera. Akkas gochuudhaan, lubbuu isaa balaadhaaf saaxileera. Nuti kanarraa maal baranna? Nama sodaannee obboloota keenya ariʼatamni irra gaʼaa jiru deggeruurraa duubatti jechuu hin qabnu. Kanaa mannaa, isaaniif haa falminu, akkasumas isaan gargaaruuf wanta dandeenyu hunda haa goonu. (Fak. 17:17) Jaalallii fi deggersi keenya isaan barbaachisa. Mee obboloonnii fi obboleettonni keenya Raashiyaa jiraatan obboloota isaanii hidhamanii jiran kan gargaaran akkamitti akka taʼe haa ilaallu. Isaan keessaa tokko tokko yeroo mana murtiitti dhihaatan, obboloonnii fi obboleettonni hedduun isaan deggeruuf mana murtii dhaqaniiru. Nuti kanarraa maal baranna? Obboloonni itti gaafatamummaa qaban yeroo maqaan isaanii balleeffamu, yeroo hidhaman ykn yeroo ariʼatamni isaanirra gaʼu hin sodaatinaa. Isaaniif kadhadhaa, miseensota maatii isaanii kunuunsaa, akkasumas karaa isaan gargaaruu itti dandeessan kan biraa barbaadaa.—HoE. 12:5; 2 Qor. 1:10, 11. w22.11 17 key. 11-12

Jimaata, Muddee 27

Isaan madda jajjabinaa guddaa naaf taʼaniiru.—Qol. 4:11.

Jaarsoliin karaa hafuuraa fi karaa miiraas obboloota isaaniitiif gargaarsa ni godhu. (1 Phe. 5:2) Balaan tokko yeroo gaʼu, jaarsoliin jalqabarratti obboloonni hundi nagaa taʼuu isaanii, akkasumas nyaata, uffataa fi iddoo buufatan qabaachuu isaanii mirkaneeffachuu qabu. Jiʼoota hedduu sana booda jiranitti garuu karaa hafuuraa fi karaa miiraa jajjabinni isaan barbaachisa. (Yoh. 21:15) Harooldi inni miseensa Koree Waajjira Damee taʼee fi obboloota balaadhaan miidhaman hedduu wajjin wal arge akkana jedheera: “Hamma bayyanatanitti yeroo fudhata. Jireenya isaanii duriitti erga deebiʼanii boodas, nama duʼaan dhaban, qabeenya isaanii iddoo guddaa kennaniif ykn haala gaddisiisaa balaan sun isaanirraan gaʼe yaadachuu isaanii itti fufu. Kunis akka haaraatti gaddi cimaan akka isaanitti dhagaʼamu godha. Kun amantii akka dhaban kan argisiisu utuu hin taʼin, miira nama kamittiyyuu dhagaʼamudha.” Jaarsoliin gorsa, “Warra booʼanii wajjin booʼaa” jedhuuf xiyyeeffannaa ni kennu.—Rom. 12:15. w22.12 22 key. 1; 24-25 key. 10-11

Sanbadduraa, Muddee 28

Hafuuraan deddeebiʼuu keessan itti fufaa; yoo akkas gootan matumaa fedhii foonii hin raawwattan.—Gal. 5:16.

Yihowaan wanta sirrii taʼe raawwachuuf carraaqqii goonurratti akka nu gargaaruuf arjummaadhaan hafuura isaa nuuf kenna. Dubbii Waaqayyoo yeroo qoʼannu hafuurri qulqulluun jireenya keenyarratti dhiibbaa akka godhu heyyamna. Walgaʼiiwwan keenyarratti yeroo hirmaannus hafuura qulqulluu ni arganna. Walgaʼiiwwan keenyarratti obbolootaa fi obboleettota keenya warra akkuma keenya wanta sirrii taʼe raawwachuuf carraaqqii godhan wajjin yeroo dabarsina; kunimmoo nu jajjabeessa. (Ibr. 10:24, 25; 13:7) Yihowaan dadhabina keenyarratti akka nu gargaaru garaadhaa yoo isa kadhanne hafuura isaatti fayyadamee cimina walʼaansoo gochuu keenya itti fufuuf nu gargaaru nuuf kenna. Sochiiwwan kun fedhiin dogoggoraa akka nu keessaa badu gochuu baatanis, gocha keenyarratti dhiibbaa akka hin goone toʼachuuf nu gargaaru. Barsiifata hafuuraa gaarii taʼe erga qabaannee booda, barsiifata kana eeggachuu fi fedhii sirrii taʼe horachuu keenya itti fufuu qabna. w23.01 11 key. 13-14

Dilbata, Muddee 29

Wanti kam iyyuu akka na toʼatu hin heyyamu.—1 Qor. 6:12.

Kitaabni Qulqulluun kitaaba yaalii fayyaa ykn kitaaba waaʼee sirna nyaataa dubbatu taʼuu baatus, wantoota kana ilaalchisee Yihowaatti maaltu akka dhagaʼamu ni dubbata. Fakkeenyaaf, wantoota ‘qaama keenya’ miidhanirraa akka fagaannu gorsa nuuf kenna. (Lal. 11:10) Kitaabni Qulqulluun garmalee nyaachuu fi garmalee dhuguu ni balaaleffata; wantoonni kun duʼaafillee nu saaxiluu dandaʼu. (Fak. 23:20) Yihowaan wanta nyaannuu fi wanta dhugnu wajjin haala wal qabateen akka of toʼannu nurraa eega. (1 Qor. 9:25) Murtoo yeroo goonutti dandeettii yaaduu keenyatti fayyadamuudhaan jireenya isa kennaa Waaqayyoo taʼeef dinqisiifannaa guddaa akka qabnu argisiisuu dandeenya. (Far. 119:99, 100; Fak. 2:11) Fakkeenyaaf, wanta nyaannu ilaalchisee filannaa gaarii goona. Nyaata tokko kan jaallannu taʼus, nyaatichi akka nu dhukkubsu yoo beekne nyaachuurraa of qusanna. Hirriba gaʼaa rafuuf ykn sochii qaamaa gochuuf, akkasumas qulqullina qaama keenyaa fi mana keenyaa eeggachuuf carraaqqii gochuun keenyas ogeeyyii akka taane argisiisa. w23.02 21 key. 6-7

Wiixata, Muddee 30

Akkamitti hubatta?—Luq. 10:26.

Yeroo Kitaaba Qulqulluu dubbistu dhugaawwan gatii guddaa qaban adda baafachuu kan dandeessu akkamitti? Mee 2 Ximotewos 3:16, 17 maal akka jedhu haa ilaallu. “Kitaabonni Qulqulluun hundi” (1) barsiisuuf, (2) balleessaa hubachiisuuf, (3) wanta hundumaa sirreessuuf, akkasumas (4) leenjisuuf akka fayyadan hubadhu. Kitaabota Kitaaba Qulqulluu yeroo baayʼee itti hin fayyadamne irraallee faayidaawwan arfan kana argachuu dandeessa. Seenaan dubbistu waaʼee Yihowaa, waaʼee kaayyoo isaa ykn waaʼee qajeelfamoota isaa maal akka si barsiisu irratti yaadi. Balleessaa hubachiisuuf kan gargaaru akkamitti akka taʼes yaadi. Caqasoonni dubbistu fedhii fi ilaalcha dogoggoraa adda baafachuu fi irraa fagaachuuf, akkasumas amanamummaa kee eegdee jiraachuuf kan si gargaaran akkamitti akka taʼe hubachuudhaan kana gochuu dandeessa. Ilaalcha dogoggoraa tajaajilarratti si mudatu sirreessuuf yaada dubbiste sanatti fayyadamuu kan dandeessu akkamitti akka taʼes qorannaa gochuu dandeessa. Caqasoonni sun ilaalcha Yihowaan qabu qabaachuuf kan si leenjisan akkamitti akka taʼes hubachuuf yaali. Faayidaawwan arfan kana yommuu sammuutti qabattu dhugaawwan gatii guddaa qabanii fi dubbisa Kitaaba Qulqulluu keerraa caalaatti fayyadamuuf si gargaaran argatta. w23.02 11 key. 11

Kibxata, Muddee 31

Mootummaan [isaa] hin balleeffamu.—Dan. 7:14.

Raajiin kitaaba Daaniʼel keessatti ibsame tokko Yesuus Mootummaa isaa kan fudhatu yeroon bara torba jedhamee waamame erga xumuramee booda akka taʼe argisiisa. Yesuus Mootii kan taʼe yoom akka taʼe beekuun ni dandaʼamaa? (Dan. 4:10-17) “Barri torba” waggoota 2,520 argisiisa. Yeroon kun kan jalqabe, Dh.K.D. bara 607​tti yeroo warri Baabilon mootii isa dhumaa teessoo Yihowaa isa Yerusaalem keessatti argamurraa kaasanitti ture. Yeroon kun kan xumurame immoo, Dh.K.B. bara 1914​tti yeroo Yihowaan Yesuus isa “mirga seeraa qabu” Mootii Mootummaa Waaqayyoo godhee muudettidha. (His. 21:25-27) Raajiin kun kan nu fayyadu akkamitti? Raajii waaʼee ‘bara torbaa’ dubbatu hubachuun keenya Yihowaan waadaa gale yeroo sirrii taʼetti akka raawwatu nuuf mirkaneessa. Yihowaan yeroo Yesuusiin Mootii godhee itti muudu murteessee ture; yeroon murteesse sun yeroo gaʼettis kana godheera. Kanaafuu, raajiiwwan inni dubbate kaan hundis yeroo inni murteessetti akka raawwataman akka godhu mirkanaaʼoo taʼuu dandeenya. Eeyyee, guyyaan Yihowaa “hin turu.”—An. 2:3. w22.07 3 key. 3-5

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi