LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • es24 ful. 108-118
  • Sadaasa

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Sadaasa
  • Kitaaba Qulqulluu Guyyaa Guyyaan Qoruu—2024
  • Mata Dureewwan Xixiqqaa
  • Jimaata, Sadaasa 1
  • Sanbadduraa, Sadaasa 2
  • Dilbata, Sadaasa 3
  • Wiixata, Sadaasa 4
  • Kibxata, Sadaasa 5
  • Roobii, Sadaasa 6
  • Kamisa, Sadaasa 7
  • Jimaata, Sadaasa 8
  • Sanbadduraa, Sadaasa 9
  • Dilbata, Sadaasa 10
  • Wiixata, Sadaasa 11
  • Kibxata, Sadaasa 12
  • Roobii, Sadaasa 13
  • Kamisa, Sadaasa 14
  • Jimaata, Sadaasa 15
  • Sanbadduraa, Sadaasa 16
  • Dilbata, Sadaasa 17
  • Wiixata, Sadaasa 18
  • Kibxata, Sadaasa 19
  • Roobii, Sadaasa 20
  • Kamisa, Sadaasa 21
  • Jimaata, Sadaasa 22
  • Sanbadduraa, Sadaasa 23
  • Dilbata, Sadaasa 24
  • Wiixata, Sadaasa 25
  • Kibxata, Sadaasa 26
  • Roobii, Sadaasa 27
  • Kamisa, Sadaasa 28
  • Jimaata, Sadaasa 29
  • Sanbadduraa, Sadaasa 30
Kitaaba Qulqulluu Guyyaa Guyyaan Qoruu—2024
es24 ful. 108-118

Sadaasa

Jimaata, Sadaasa 1

Dubbii tortoraan afaan keessan keessaa hin baʼin; kanaa mannaa, . . . dubbii gaarii ijaaruuf gargaaru dubbadhaa.—Efe. 4:29.

Kiristiyaanni tokko matumaa dubbii gadhee dubbachuu hin qabu. Haa taʼu malee, gosoonni dubbii gadhee dhokatoo taʼanii fi irraa of eeggachuu qabnu kan biroonis jiru. Fakkeenyaaf, waaʼee namoota aadaa, gosa ykn lammummaa nu irraa adda taʼe qabanii wanta gaarii hin taane akka hin dubbanne of eeggachuu qabna. Kana malees, wanta warra kaan salphisu dubbachuudhaan isaan miidhuu hin barbaannu. Karaa warra kaan ijaaruun dubbadhu. Warra kaan qeequu ykn gungumuu mannaa, galateeffachuuf carraaqqii godhi. Israaʼelonni wanta galateeffachuuf isaan kakaasu hedduu kan qaban taʼus, yeroo baayʼee ni gungumu turan. Amalli gungumuu warra kaanitti darbuu dandaʼa. Gabaasa sirrii hin taanee fi basaastonni kurnan fidanii dhufaniin kan kaʼe ‘Israaʼelonni hundi Musee irratti gungumanii’ akka turan yaadadhu. (Lak. 13:31–14:4) Karaa biraatiin immoo, galateeffachuun warra kaan irratti dhiibbaa gaarii gochuu dandaʼa. Kanaafuu, garaadhaa warra kaan galateeffachuuf carraa barbaadi. w22.04 8 key. 16-17

Sanbadduraa, Sadaasa 2

Ergan dhaladhee jalqabee kunuunsa keetti nan amanama; gadameessa haadha tiyyaa irraa jalqabees ati Waaqa koo ti.—Far. 22:10.

Bara duriitii kaasee Yihowaan dargaggoonni hedduun michoota isaa akka taʼan gargaareera. Ijoolleen kees yoo barbaadan karaa hafuuraa akka guddatan isaan gargaara. (1 Qor. 3:6, 7) Yihowaan ijoolleen kee yoo isarraa fagaatan illee isaan jaallachuu isaa hin dhiisu. (Far. 11:4) Hamma tokko illee ‘kakaʼumsa sirrii akka qaban’ yoo argisiisan isaan gargaaruuf qophaaʼaa dha. (HoE. 13:48; 2 Sen. 16:9) Wanta ijoolleen kee dhagaʼuun isaan barbaachisu yeroo sirrii taʼetti akka dubbattu si gargaaruu dandaʼa. (Fak. 15:23) Yookiin immoo obboleessi gumii keessa jiru tokko xiyyeeffannaa addaa akka isaaniif kennu kakaasuu dandaʼa. Ijoolleen kee erga guddatanii booda illee Yihowaan wanta ijoollummaa isaaniitti baratan akka yaadatan gochuu dandaʼa. (Yoh. 14:26) Dubbiidhaanis taʼe gochaan ijoollee kee leenjisuu kee yoo itti fufte Yihowaan si eebbisa. w22.04 21 key. 18

Dilbata, Sadaasa 3

Jawween sun [ni] aare.—Mul. 12:17.

Seexanni akka durii gara samii dhaquu waan hin dandeenyeef, dibamtoota lafarratti hafan irratti waraana bane; dibamtoonni kun lafarratti bakka buutota Mootummaa Waaqayyoo warra “waaʼee Yesuus dhugaa akka baʼan hojiin isaaniif kenname” dha. (2 Qor. 5:20; Efe. 6:19, 20) Bara 1918​tti obboloonni beekamoon saddeet sobaan himatamanii hidhaan waggoota hedduu isaanitti murtaaʼee ture. Hojiin dibamtoonni kun hojjetan kan dhaabbate fakkaata ture. (Mul. 11:3, 7-11) Haa taʼu malee, jalqaba bara 1919​tti obboloonni dibamoon kun mana hidhaatii gadhiifaman; yeroo boodas himanni isaanirratti dhihaatee ture ni haqame. Obboloonni kun yeruma sana hojii Mootummichaatti deebiʼan. Haa taʼu malee, kun haleellaan Seexanni saba Waaqayyoo irratti geessisu akka dhaabbatu hin goone. Yeroo sanaa kaasee Seexanni “laga” ariʼatamaa gadhiiseera. (Mul. 12:15) Eeyyee, tokkoon tokkoon keenya ‘jabaannee dhaabbachuu fi amantiin kan nu barbaachisu kana irratti.’—Mul. 13:10. w22.05 5-6 key. 14-16

Wiixata, Sadaasa 4

Lakkoofsa warra chaappaan itti godhame sanaa nan dhagaʼe; lakkoofsi isaanii 144,000. —Mul. 7:4.

Yohaannis ergamaan mulʼata isaa irratti gareewwan bulchiinsa Yihowaa deggeranii fi jireenya bara baraa argatan lama akka arge dubbateera. Garee isa jalqabaa keessa namoota 144,000tu jira. Namoonni kun warra Yesuus wajjin samii keessatti Mootummaa tokko akka hundeessan filatamanidha. Isa wajjin taʼuudhaan lafa bulchu. (Mul. 5:9, 10; 14:3, 4) Yohaannis mulʼata isaa irratti Yesuus wajjin samii keessa Gaara Xiyoon irra dhaabbatanii argeera. (Mul. 14:1) Jaarraa jalqabaatii kaasee hanga ammaatti namoonni kumaan lakkaaʼaman kutaa 144,000 akka taʼan filatamaa jiru. (Luq. 12:32; Rom. 8:17) Haa taʼu malee, guyyoota dhumaatti lafarra kan jiraatan dibamtoota hafan, jechuunis dibamtoota muraasa qofa akka taʼe Yohaannisitti himameera. (Mul. 12:17) Achiis rakkinni guddaan jalqabee yeroo taʼe tokkotti dibamtoonni hafan kun dibamtoota kutaa 144,000 taʼanii fi amanamummaadhaan duʼanii badhaasa isaanii argatan wajjin taʼuuf gara samii dhaqu. Achitti Mootummaa Waaqayyoo keessatti Yesuus wajjin bulchu.—Mat. 24:31; Mul. 5:9, 10. w22.05 16 key. 4-5

Kibxata, Sadaasa 5

Ajajawwan koo xiyyeeffannaadhaan [dhageeffadhu].—Isa. 48:18.

Yesuus duuka buutonni isaa ofiif ilaalcha madaalamaa akka qabaatan barsiiseera. Yesuus, “Rifeensi mataa keessanii hundi iyyuu lakkaaʼameera” isaaniin jedhee ture. (Mat. 10:30) Keessumaa yeroo ilaalcha sirrii hin taane ofiif qabaannutti yaanni kun baayʼee nu jajjabeessa. Yaanni kun Abbaan keenya inni samii garaadhaa akka nuuf yaaduu fi iddoo guddaa akka nuuf kennu argisiisa. Yihowaa waaqeffachuu fi addunyaa haaraa keessa bara baraaf jiraachuun akka nuuf hin malle yaaduudhaan matumaa murtii isaa shakkuu hin barbaannu. Waggaa 15 dura Masaraan Eegumsaa yaada ofii keenyaaf ilaalcha madaalamaa qabaachuu akka qabnu ibsu qabatee baʼee ture. Akkana jedha: “Waaʼee ofii keenyaa garmalee yaaduudhaan kooruu akka hin barbaanne ifadha; haa taʼu malee, ofiif ilaalcha gad aanaa qabaachuus hin barbaannu. Kanaa mannaa, ofii keenyaaf ilaalcha sirrii qabaachuuf yaaluu qabna; kana jechuun cimina keenyas taʼe dadhabina keenya hubachuu qabna jechuudha. w22.05 24-25 key. 14-16

Roobii, Sadaasa 6

Kanan [kadhadhu], hundi isaanii tokko akka [taʼaniifi].—Yoh. 17:21.

Tokkummaa gumichaatiif dhuunfaatti gumaacha gochuu kan dandeenyu akkamitti? Nagaa kan uumnu taʼuudhaani. (Mat. 5:9; Rom. 12:18) Warra gumii keessa jiran wajjin nagaadhaan jiraachuuf dursa fudhannee yeroo carraaqqii goonu hundatti miidhagina jannata hafuuraatiif gumaacha goona. Tokkoon tokkoon jiraattota jannata hafuuraa gara waaqeffannaa qulqulluutti kan harkise Yihowaa akka taʼe dagachuu hin qabnu. (Yoh. 6:44) Yihowaan nagaa fi tokkummaa tajaajiltoota isaa warra isa duratti iddoo guddaa qaban gidduu jiru cimsuuf carraaqqii goonu yommuu argu hammam akka gammadu mee yaadi! (Isa. 26:3; Hag. 2:7) Eebbawwan tajaajiltoota Waaqayyoo taʼuu keenyaan argannurraa guutummaatti fayyadamuu kan dandeenyu akkamitti? Dubbii Waaqayyoo qoʼachuu fi gadi fageenyaan irratti yaaduudhaani. Qoʼachuu fi xiinxaluun keenya amaloota Kiristiyaanaa gumii keessatti ‘jaalala obbolummaatiin hoʼisnee wal jaallachuuf’ nu kakaasan horachuuf nu gargaara.—Rom. 12:10. w22.11 12-13 key. 16-18

Kamisa, Sadaasa 7

Ani balleessaa isaanii isaaniif nan dhiisa, cubbuu isaaniis sana booda hin yaadadhu.—Er. 31:34.

Yihowaan dhiifama akka nuuf godhe yommuu amannee fudhannu isa biraa “yeroon haareffamuu” nuuf dhufa; kunimmoo nagaa sammuu fi qalbii qulqulluu nuuf argamsiisa. Miira akkasii qabaachuu kan dandeenyu yoo ‘Yihowaan’ dhiifama nuuf godhe qofadha. (HoE. 3:19) Yihowaan yeroo dhiifama nuuf godhu deebinee michoota isaa akka taanu nuuf heyyama; guutummaatti waan nuu dhiisuuf, akka waan cubbuu sana hin hojjennetti nu ilaala. Yihowaan takkaa dhiifama erga nuuf godhee booda, cubbuu sanaaf lammata nu hin komatu ykn nu hin adabu. (Isa. 43:25) Yihowaan “akkuma bahi biiftuu lixa biiftuu irraa fagaatu” cubbuu keenya nurraa fageessa. (Far. 103:12) Dhiifamni Yihowaa hammam guddaa akka taʼe yeroo yaannu keessi keenya galateeffannaa fi dinqisiifannaadhaan guutama. (Far. 130:4) Yihowaan dhiifama gochuuf ykn dhiisuuf kan murteessu cubbuun nama sanaa cimaa ykn salphaa waan taʼeef miti. Yihowaan dhiifama nuu gochuuf ykn dhiisuuf yeroo murteessutti beekumsa Uumaa keenya, seera kan kennuu fi Abbaa Murtii keenya taʼuudhaan qabutti fayyadama. w22.06 5 key. 12-14

Jimaata, Sadaasa 8

Namni Waaqayyotti dhihaatu hundi, inni akka jiruu fi warra cimsanii isa barbaaddatan akka badhaasu amanuu qaba.—Ibr. 11:6.

Yihowaan namoota isa jaallataniif abdii dinqisiisaa kenneera. Yeroo dhihootti dhukkuba, gaddaa fi duʼa ni balleessa. (Mul. 21:3, 4) “Garraamonni” isa abdatan lafa gara jannataatti akka jijjiiran isaan gargaara. (Far. 37:9-11) Akkasumas, tokkoon tokkoon keenya isa ammaa caalaa isa wajjin walitti dhufeenya cimaa adda taʼe akka qabaannu godha. Kun abdii dinqisiisaadha mitii? Haa taʼa malee, abdiiwwan Waaqayyo kenne akka raawwataman amanuuf sababii akkamii qabna? Yihowaan yeroo hundumaa waadaa gale ni raawwata. Kanaafuu, ‘Yihowaa abdachuufʼ sababii gaʼaa qabna. (Far. 27:14) Waaqni keenya kaayyoo isaa hamma raawwatutti obsaa fi gammachuudhaan eeguudhaan isa akka abdannu argisiisuu dandeenya. (Isa. 55:10, 11) Yihowaan “warra cimsanii isa barbaaddatan” akka badhaasu amantii qabaachuudhaan nutis amanamummaa keenya eeggannee itti haa fufnu. w22.06 20 key. 1; 25 key. 18

Sanbadduraa, Sadaasa 9

Abbaan keessan utuu isa hin gaafatin iyyuu wanta isin barbaachisu beeka.—Mat. 6:8.

Yihowaan mataa maatii waan taʼeef wanta 1 Ximotewos 5:8 irratti mataawwan maatii ajaje akka raawwatu amanannaa qabaachuu dandeenya. Yihowaan nuunis taʼe maatii keenya akka jaallatu mirkanaaʼoo yoo taane wantoota nu barbaachisan akka argannu amanuun nu hin rakkisu. (Mat. 6:31-33) Yihowaan wanta nu barbaachisu nuuf qopheessuuf fedhii qaba; inni Abbaa jaalala qabeessaa fi arjaadha. Yommuu lafa uume kan inni nuuf kenne wantoota jireenyaaf nu barbaachisan qofa miti. Jaalalaan kakaʼee lafti wantoota nu gammachiisan hedduudhaan akka guutamtu godheera. (Uma. 2:9) Yeroo tokko tokko wanti nuti qabnu wantuma nu barbaachisu qofa yoo taʼellee, wanta nu barbaachisu kan nuuf qopheesse Yihowaa akka taʼe yaadachuun keenya barbaachisaadha. (Mat. 6:11) Qabeenyi yeroo ammaatti aarsaa goonu kamiyyuu wanta Waaqni keenya yeroo ammaattis taʼe gara fuulduraatti nuuf kennu wajjin kan wal gitu akka hin taane yaadachuu qabna.—Isa. 65:21, 22. w22.06 15 key. 7-8

Dilbata, Sadaasa 10

Nyaanni jabaan . . . kan namoota bilchaatoo . . . ti.—Ibr. 5:14.

Nyaanni hafuuraa jabaan kan barbaachisu namoota haaraadhaaf qofa miti. Hunda keenyayyuu ni barbaachisa. Phaawulos ergamaan wanta Kitaaba Qulqulluurraa baranne hojiirra oolchuun, “wanta sirrii fi dogoggora taʼe gargar baasuuf” akka nu gargaaru dubbateera. Yeroo namoonni hedduun karaa naamusaa mancaʼan kanatti ulaagaalee Yihowaa hordofuun baayʼee ulfaataa taʼuu dandaʼa. Haa taʼu malee, Yesuus nyaata hafuuraa amantii cimaa qabaannee itti fufuuf nu dandeessisu akka argannu nu gargaara. Maddi nyaata kanaa Kitaaba Qulqulluu isa geggeessaa hafuura qulqulluutiin barreeffamedha. Nutis akkuma Yesuus maqaa Waaqayyootiif ulfina isaaf malu kennaa jirra. (Yoh. 17:6, 26) Fakkeenyaaf, bara 1931 kaasee maqaa Kitaaba Qulqulluurratti hundaaʼee fi Dhugaa Baatota Yihowaa jedhuun waamamuu jalqabne. Kana gochuudhaan maqaa Waaqayyootiif iddoo guddaa akka kenninuu fi maqaa kanaan beekamuu akka barbaannu argisiisneerra. (Isa. 43:10-12) Kana malees, Kitaabni Qulqulluun Hiikni Addunyaa Haaraa maqaa Waaqayyoo bakka isa sirriitti deebisee galcheera. w22.07 11 key. 11-12

Wiixata, Sadaasa 11

Dubbiin kee miila kootiif ibsaa, daandii kootiifis ifa dha.—Far. 119:105.

Dhugaan Kitaaba Qulqulluu misiraachoo waaʼee Mootummaa Waaqayyoo ibsus kan dabalatudha. Yesuus dhugaa waaʼee Mootummaa kanaa ibsu qabeenya dhokfameetti fakkeesseera. Yesuus Maatewos 13:44 irratti akkana jedheera: “Mootummaan samii qabeenya guddaa maasii keessa dhokfamee wajjin wal fakkaata; namni tokko qabeenya kana argatee dhokse; gammaduu isaa irraa kan kaʼes wanta qabu hunda gurguree maasicha bitate.” Namichi kun qabeenya kana barbaadaa akka hin turre hubadhu. Yeroo argatetti garuu, kan ofii isaa godhachuuf aarsaa guddaa kaffaleera. Eeyyee, wanta qabu hundumaa gurgureera. Maaliif? Qabeenyi kun hammam gatii guddaa akka qabu waan hubateefi. Wanti addunyaan kun nuuf dhiheessu kamiyyuu, gammachuu yeroo ammaatti Yihowaa tajaajiluudhaan argannuu fi jireenya bara baraa gara fuulduraatti Mootummaa isaa jalatti argannu wajjin wal bira qabamuu akka hin dandeenye beekna. Yihowaa wajjin dhuunfaatti hariiroo cimaa qabachuuf aarsaa akkamiyyuu kaffaluun kan nama gaabbisiisu miti. Wanti gammachuu guddaa nuuf argamsiisu “guutummaatti isa gammachiisuu” dha.—Qol. 1:10. w22.08 15 key. 8-9; 17 key. 12

Kibxata, Sadaasa 12

Ani badii guddaa kana akkamittan raawwadha? Waaqayyo irrattis akkamittan cubbuu hojjedha?—Uma. 39:9.

Yoseef Waaqni isaa ejja akka ‘badii guddaatti’ akka ilaalu akkamitti beeke? Seerri Musee inni ajaja ifa taʼee fi “Hin ejjin” jedhu of keessatti qabate kan barreeffame waggaa dhibba lama boodadha. (Bau. 20:14) Taʼus, Yoseef Yihowaa akka gaariitti waan beekuuf ilaalcha inni gocha addaggummaatiif qabu beeka ture. Fakkeenyaaf, Yoseef Yihowaan gaaʼela kan hundeesse dhiira tokkoo fi dubartii takka gidduutti qofa akka taʼe beeka ture. Yeroo garaa garaa lamatti akaakileen isaa Saaraan wanti balaadhaaf ishii saaxilu ishii mudatee Yihowaan ulfina ishii akka hin dhabne akka ishii eege dhagaʼeera. (Uma. 2:24; 12:14-20; 20:2-7) Yoseef dhimmoota akkasiirratti yaaduun isaa wanti Waaqayyo duratti sirrii fi dogoggora taʼe maal akka taʼe akka adda baafatu isa gargaareera. Yoseef Waaqa isaa waan jaallatuuf ulaagaalee qajeelinaa isaa ni jaallata ture, akkasumas wanta sirrii taʼe raawwachuuf kutatee ture. w22.08 26 key. 1-2

Roobii, Sadaasa 13

Namoota biyyoo lafaa keessa rafanii jiran keessaa hedduun isaanii ni kaʼu; isaan keessaa tokko tokko jireenya bara baraatiif, . . . ni kaʼu.—Dan. 12:2.

Akka kanaan dura hubachaa turretti, raajiin kun duʼaa kaʼuu fakkeenyaa isa bara dhumaa keessatti raawwatamu, jechuunis tajaajiltoonni Waaqayyoo karaa hafuuraa bayyanachuu isaanii kan argisiisu miti. Kanaa mannaa, yaanni kun kan argisiisu duʼaa kaʼuu warra duʼanii addunyaa haaraa keessatti raawwatamudha. Akkas kan jennu maaliifi? Jechi “biyyoo” jedhu jecha Iyyoob 17:16 irratti “Awwaala” jedhame wajjin tokkodha. Dhugaan kun yaanni Daaniʼel 12:2 irratti argamu duʼaa kaʼuu guyyoonni dhumaa erga xumuramanii fi waraanni Armaagedoon erga geggeeffamee booda raawwatamu akka argisiisu ifa godha. Haa taʼu malee, yaanni Daaniʼel 12:2 irratti argamuu fi namoonni tokko tokko “jireenya bara baraatiif” duʼaa akka kaafaman dubbatu hiika akkamii qaba? Yaanni kun waggaa 1,000 keessatti namoonni duʼaa kaafamanii fi waaʼee Yihowaa fi waaʼee Yesuus beekumsa argatan ykn beekumsa argachuu isaanii itti fufanii fi ajajaman dhumarratti jireenya bara baraa akka argatan argisiisa.—Yoh. 17:3. w22.09 21 key. 6-7

Kamisa, Sadaasa 14

[Jaalalli] waan hundumaa amana.—1 Qor. 13:7.

Kana jechuun, Yihowaan sababii malee akka isaan amannu nurraa eega jechuu miti; kanaa mannaa, amanamoo taʼuu isaanii waan argisiisaniif akka isaan amannu barbaada. Nama tokko amanuun yeroo gaafata. Maarree, obboloota kee amanuu kan dandeessu akkamitti? Akka gaariitti isaan beekuuf carraaqqii godhi. Walgaʼiiwwan gumiirratti isaan haasofsiisi. Isaan wajjin tajaajiluuf sagantaa qabadhu. Obsa isaanitti argisiisi, amanamoo taʼuu isaanii akka argisiisan carraa isaaniif kenni. Nama akka gaariitti hin beekne tokkotti, jalqabarratti dhimma dhuunfaa kee hunda itti himuu dhiisuu dandeessa. Hariiroon keessan cimaa yeroo deemu garuu, miira sitti dhagaʼamu isaaf ibsuuf caalaatti bilisummaan sitti dhagaʼamuu dandaʼa. (Luq. 16:10) Haa taʼu malee, obboleessi tokko iccitii kee yoo siif eeguu baate maal gochuu dandeessa? Daftee abdii isatti hin kutatin; kanaa mannaa, yeroo dabalataa isaaf kenni. Kana malees, gochi namoota tokko tokkoo amantii obboloota keerratti qabdu akka si dhabsiisu hin heyyamin. w22.09 4 key. 7-8

Jimaata, Sadaasa 15

Ijji Yihowaa xiyyeeffannaadhaan guutummaa lafaa ni ilaala.—2 Sen. 16:9.

Jaarsa gumii Miikiyaas jedhamu yeroo tokko obboloonni itti gaafatamummaa qaban muraasni akka isa miidhan isatti dhagaʼamee ture. Taʼus, dandeettii hubannaa isaa eeggachuu fi miira isaa toʼachuuf jabaatee hojjeteera. Hafuura qulqulluu akka isaaf kennuu fi cimina haala isaa dandamachuuf isa barbaachisu akka isaaf kennu irra deddeebiʼee Yihowaa kadhateera. Barreeffamoota keenyarraas yaada isa gargaaru argachuuf carraaqqii godheera. Kanarraa maal baranna? Obboleessi ykn obboleettiin tokko akka si miidhan yoo sitti dhagaʼame tasgabbaaʼuu fi miira sirrii hin taane kamiiyyuu toʼachuuf carraaqqii godhi. Wanti namni sun wanta sana akka dubbatu ykn akka raawwatu isa taasise maal akka taʼe beekuu dhiisuu dandeessa. Kanaafuu, Yihowaan ilaalcha namni sun haala sanaaf qabu hubachuuf akka si gargaaru kadhadhu. Namni sun wanta sana kan godhe si miidhuuf jedhee akka hin taane yaaduu fi tolaan dhiifama gochuuf carraaqqii godhi. (Fak. 19:11) Yihowaan haala kee akka hubatuu fi cimina haala isaa dandamachuuf si barbaachisu akka siif kennu yaadadhu.—Lal. 5:8. w22.11 21 key. 5

Sanbadduraa, Sadaasa 16

Warra eenyummaa isaanii dhoksan [irraa] nan fagaadha.—Far. 26:4.

Namoota Yihowaa jaallatan michuu godhadhu. Namoonni michoota godhattu guddina hafuuraa keerratti dhiibbaa guddaa godhu. (Fak. 13:20) Juuliyaan inni yeroo ammaatti jaarsa gumii taʼee tajaajilu akkana jedheera: “Yeroon dargaggeessa turetti tajaajila irratti yeroon hirmaadhu michoota gaariin horadhe. Michoonni koo kun hinaaffaa kan qaban turan; tajaajilli hammam gammachiisaa akka taʼe akkan hubadhu na gargaaraniiru. . . . Ijoollee umurii koorratti argaman qofatti dhihaachuun koo michoota gaggaarii fi amala namatti tolu qaban na dhabsiisee akka turen hubadhe. Namni gumii keessa jiru tokko michuu gaarii akka siif hin taane yoo hubatte maal goota? Phaawulos namoonni gumii Kiristiyaanaa jaarraa jalqabaa keessa turan tokko tokko ilaalcha hafuuraa akka hin qabne waan beekuuf akka isaan irraa fagaatu Ximotewosiin akeekkachiiseera. (2 Xim. 2:20-22) Michummaa Yihowaa wajjin qabnuuf iddoo guddaa kennina. Abbaa keenya isa samiitti dhihaachuuf carraaqqii guddaa gooneerra; kanaafuu, eenyuyyuu michummaa kana akka nu dhabsiisu heyyamuu hin qabnu. w22.08 5-6 key. 13-15

Dilbata, Sadaasa 17

Nama gowwaa irraa fagaadhu. —Fak. 14:7.

Namoota gorsa Waaqayyoo jibbanirraa haala faallaa taʼeen, ulaagaalee isaa dabalatee karaa Waaqayyo hundaaf jaalala ni horanna. Jaalala kanas buʼaa ajajamuun argamsiisuu fi miidhaa ajajamuu diduun geessisu wal bira qabuudhaan cimsachuu dandeenya. Namoota gowwoota gorsa Yihowaa isa ogummaarratti hudaaʼe fudhachuu didanirra rakkinni akkamii akka gaʼu hubadhu. Achiis Waaqayyoof ajajamuu keetiin kan kaʼe jireenyi kee hammam akka fooyyaʼe yaadi. (Far. 32:8, 10) Yihowaan namni hundi ogummaa akka argatuuf carraa baneera. Taʼus, ogummaa isaa akka fudhatu eenyuuniyyuu hin dirqisiisu. (Fak. 1:29-32) Namoonni akkasii “miidhaa daandiin isaanii isaanitti fidu ni baatu.” Akkaataan jireenyaa isaanii dhiphina, rakkina, yeroo boodammoo badiisa isaanirraan geessisa. Karaa kanarraa adda taʼeen, warra gorsa Yihowaa isa ogummaarratti hundaaʼe dhagaʼanii fi hojiirra oolchaniif waadaan, “Namni na dhagaʼu garuu tasgabbiidhaan jiraata, balaan na irra gaʼa jedhees hin jeeqamu” jedhu galameera.—Fak. 1:33. w22.10 21 key. 11-13

Wiixata, Sadaasa 18

Namni Yihowaa sodaatu, namni daandiiwwan isaa irra deemu hundi gammadaa dha.—Far. 128:1.

Yihowaa sodaachuu jechuun kabaja guddaa isaaf qabnuun kakaanee wanta isa gaddisiisu akkamiiyyuu raawwachuurraa fagaachuu jechuudha. (Fak. 16:6) Kanaafuu, ulaagaalee Yihowaan wanta sirrii fi dogoggora taʼe ilaalchisee baasee fi Kitaaba Qulqulluu keessatti argamu hordofuuf carraaqqii goona. (2 Qor. 7:1) Wanta Yihowaan jaallatu yeroo goonuu fi wanta inni jibburraa yeroo fagaannu gammadoo taana. (Far. 37:27; 97:10; Rom. 12:9) Namni tokko Yihowaan wanti sirrii fi wanti dogoggora taʼe isa kam akka taʼe murteessuuf aangoo akka qabu beeka taʼa; taʼus ulaagaa isaa kana kabajuu qaba. (Rom. 12:2) Ulaagaalee Yihowaa hordofuun akkaataa jireenyaa hundarra wayyu taʼuu isaa garaadhaa akka amannu gocha keenyaan argisiisna. (Fak. 12:28) Daawit akkas isatti dhagaʼamee ture; Yihowaadhaan akkana kan jedhe kanaafi: “Daandii jireenyaa na beeksisteetta. Fuula kee dura gammachuu hedduutu jira; gara harka mirgaa keetiinis bara baraaf gammachuutu jira.”—Far. 16:11. w22.10 8 key. 9-10

Kibxata, Sadaasa 19

Ilmi waanuma Abbaan isaa yeroo hojjetu arge qofa malee, ofii isaatiin kakaʼee wanta tokko illee hojjechuu hin dandaʼu.—Yoh. 5:19.

Yesuus ofiif ilaalcha madaalamaa qaba ture, akkasumas akka gad of qabu argisiiseera. Gara lafaa dhufuu isaa duras tajaajila Yihowaa keessatti wantoota dinqisiisoo taʼan hedduu raawwateera. “Wantoonni samii keessa jiranii fi lafa irra jiran kaan hundi . . . karaa [Yesuus] uumaman.” (Qol. 1:16) Yesuus yeroo cuuphametti wantoota Abbaa isaa wajjin yeroo turetti raawwate yaadateera. (Mat. 3:16; Yoh. 17:5) Kana beekuun isaa garuu akka kooru isa hin goone. Namoota kaan irra akka caalu argisiisuufis yaalii godhee hin beeku. Akkuma barattoota isaatti himetti gara lafaa kan dhufe “warra kaan tajaajiluu fi lubbuu isaa bakka namoota hedduu furii godhee kennuufi malee, akka isa tajaajilaniif miti.” (Mat. 20:28) Kana malees, ofii isaatiin kakaʼee wanta tokko illee hojjechuu akka hin dandeenye gad of qabuudhaan dubbateera. Yesuus nama baayʼee gad of qabu ture! Gama kanaan fakkeenya guddaa nuuf taʼa. w22.05 24 key. 13

Roobii, Sadaasa 20

Gara [Yihowaatti deebiʼaa].—Isa. 55:7.

Dhiifama gochuuf yeroo murteessutti, Yihowaan namni cubbuu hojjete sun wanti raawwate dogoggora taʼuu isaa beekuu fi dhiisuu isaa xiyyeeffannaa keessa galcha. Yesuus Luqaas 12:47, 48 irratti kana ifa godheera. Namni tokko taʼe jedhee wanta hamaa Waaqayyoon gaddisiisu kan raawwatu yoo taʼe cubbuu cimaa hojjeteera jechuudha. Namni kun dhiifama argachuu dhiisuu dandaʼa. (Mar. 3:29; Yoh. 9:41) Yeroo akkasitti wanti tilmaama keessa galu kan biraan jiraa? Eeyyee! Yihowaan namni cubbuu hojjete sun garaadhaa yaada geddarachuu isaa tilmaama keessa galcha. Yaada geddarachuu jechuun, “yaada, ilaalchaa fi kaayyoo ofii jijjiiruu” jechuudha. Gaabbii fi gadda cimaa namni tokko wanta gadhee raawwatetti ykn wanta sirrii raawwachuu qabu raawwachuu dhiisuu isaatiin isatti dhagaʼamu kan dabalatudha. Namni yaada geddarate tokko dogoggora raawwatetti qofa utuu hin taʼin, dadhabina hafuuraa dogoggora sana raawwachuutti isa geessettis ni gadda. w22.06 5-6 key. 15-17

Kamisa, Sadaasa 21

Namoonni Kiristoos Yesuusii wajjin tokkummaa qabaachuudhaan Waaqayyoof kan bulan taʼanii jiraachuu barbaadan hundi ni ariʼatamu.—2 Xim. 3:12.

Diinonni keenya waaʼee obboloota jaarmiyaa Yihowaa keessatti itti gaafatamummaa qabanii soba ykn odeeffannoo sirrii hin taane babalʼisu. (Far. 31:13) Obboloonni tokko tokko hidhamaniiru, akkasumas yakkamtoota akka taʼanitti himatamaniiru. Kiristiyaanonni jaarraa jalqabaa yeroo Phaawulos dogoggoraan hidhamee turetti haalli akkasii isaan mudatee ture. Tokko tokko yeroo Phaawulos ergamaan hidhamee turetti isa deggeruu dhiisanii turan. (2 Xim. 1:8, 15; 2:8, 9) Wanta Phaawulositti dhagaʼamu mee yaadi. Phaawulos isaaniif jecha rakkina hedduu dandamateera, lubbuu isaallee balaadhaaf saaxileera. (HoE. 20:18-21; 2 Qor. 1:8) Nuti matumaa akka namoota Phaawuloos irraa fagaatan sanaa taʼuu hin barbaannu! Kanaafuu, Seexanni keessumaa obboloota itti gaafatamummaa qaban miidhuu barbaaduun isaa nu hin dinqisiisu. Wanti inni barbaadu obboloonni kun amanamummaa isaanii akka laaffisan gochuu fi nu sossodaachisuudha. (1 Phe. 5:8) Obboloota kee deggeruu fi amanamummaadhaan isaanitti maxxanuu kee itti fufi.—2 Xim. 1:16-18. w22.11 16-17 key. 8-11

Jimaata, Sadaasa 22

Ati matumaa Waaqa hin sodaattuu? —Luq. 23:40.

Yakkamaan yaada geddaratee fi Yesuusii wajjin fannifamee ture sun Yihudii taʼuu hin oolu. Yihudoonni Waaqa tokko waaqeffatu turan; saboonni kaan garuu waaqolii hedduutti amanu turan. (Bau. 20:2, 3; 1 Qor. 8:5, 6) Yakkamaan kun utuu Yihudii miti taʼee yakkamaa isakan biraa gaaffii caqasa guyyaa harʼaarra jiru, “Ati matumaa waaqolii hin sodaattuu?” jedhee gaafata ture. Kana malees, Yesuus kan ergame saboota kaaniif utuu hin taʼin, ‘hoolota mana Israaʼel keessaa badaniifi.’ (Mat. 15:24) Yihowaanis namoota duʼan duʼaa akka kaasu Israaʼelotatti himeera. Yakkamaan inni yaada geddarate kana beekuu hin oolu; wanti inni dubbates Yihowaan Yesuusiin duʼaa kaasuudhaan Mootummaa isaarratti Mootii akka isa godhu akka beeku argisiisa. Namichi kun Waaqayyo duʼaa akka isa kaasu abdatee akka tures ifadha. Yakkamaan yaada geddarate sun Yihudii waan taʼeef, waaʼee Addaamii fi Hewaan beeka ture. Kanaafuu, yakkamaan yaada geddarate sun Jannanni Yesuus waaʼee isaa dubbate fi Luqaas 23:43 irratti argamu iddoo biqiltuu bareedaa lafarratti argamu akka taʼe hubatee taʼuu qaba.—Uma. 2:15. w22.12 8-9 key. 2-3

Sanbadduraa, Sadaasa 23

Namoonni kun hundi . . . yaada tokkoon cimsanii kadhatu turan.—HoE. 1:14.

Hojii lallabaa keenya raawwachuu kan dandeenyu gargaarsa hafuura Waaqayyoo yoo arganne qofadha. Akkana kan jennu maaliifi? Sababiin isaas, Seexanni hojii lallabaa akka dhaabnu gochuuf waraana nurratti baneera. (Mul. 12:17) Akka ilaalcha namaatti matumaa Seexana injifachuu kan dandeenyu hin fakkaatu. Taʼus, karaa hojii lallabaa keenyaa isa injifachaa jirra. (Mul. 12:9-11) Akkas kan jennu maaliifi? Yommuu hojii lallabaarratti hirmaannu doorsisa Seexanaa akka hin sodaanne argisiisaa jirra. Yeroo lallabnu hundatti Seexana injifachaa jirra. Kunis Yihowaan karaa hafuura isaa humna nuuf kennaa akka jiruu fi isa biratti fudhatama akka arganne nu hubachiisa. (Mat. 5:10-12; 1 Phe. 4:14) Hafuurri Waaqayyoo haala rakkisaa tajaajilarratti nu mudatu kamiyyuu moʼuuf cimina nu barbaachisu nuuf kenna. (2 Qor. 4:7-9) Maarree, hafuura Waaqayyoo argachuu keenya itti fufuuf maal gochuu dandeenya? Yihowaan kadhannaa keenya akka dhagaʼu mirkanaaʼoo taʼuudhaan, hafuura isaa akka nuuf kennu utuu walirraa hin kutin kadhachuu qabna. w22.11 5 key. 10-11

Dilbata, Sadaasa 24

Yaa obbolootaa, warra seeraan ala deddeebiʼan akka akeekkachiistan, warra dhiphatan akka jajjabeessitan, warra dadhaban akka deggertan, hundumaattis obsa akka argisiistan isin gorsina.—1 Tas. 5:14.

Obbolootaa fi obboleettota keenya wajjin nagaadhaan jiraachuuf carraaqqii gochuudhaan akka isaan jaallannu argisiisuu dandeenya. Dhiifama gochuurratti fakkeenya Yihowaa hordofuuf ni carraaqna. Yihowaan Ilmi isaa cubbuu keenyaaf akka duʼu erga heyyamee nuti hoo obboloonni keenya yeroo cubbuu nurratti hojjetan tolaan dhiifama isaaniif gochuu hin qabnuu? Akka garbicha hamaa fakkeenya Yesuus keessatti ibsame sanaa taʼuu hin barbaannu. Garbichi sun gooftaan isaa liqii hedduu kan isaaf dhiise taʼus inni garuu garbicha liqii muraasa isarraa liqeeffateef dhiifama gochuu dideera. (Mat. 18:23-35) Nama gumii keessa jiru tokko wajjin yoo walitti buute Ayyaana Yaadannoorratti argamuu kee dura nagaa uumuuf dursa fudhachuu dandeessaa? (Mat. 5:23, 24) Akkas gochuun kee Yihowaa fi Yesuusiif jaalala guddaa akka qabdu argisiisa. w23.01 28-29 key. 8-9

Wiixata, Sadaasa 25

Namni rakkataatti gaarummaa argisiisu Yihowaadhaaf liqeessa.—Fak. 19:17.

Karaan wanta obboloota kee barbaachisu beekuu itti dandeessu inni tokko malaan gaaffii isaan gaafachuudha. (Fak. 20:5) Nyaata gaʼaa, qorichaa fi wantoota isaan barbaachisan kan biroo qabuu? Hojii isaanii dhabuuf jedhuu? Yookiin maallaqa kiraa manaatiif kaffalan hin qabanii laata? Gargaarsa mootummaa gaafachuuf xalayaa barreessuurratti gargaarsi isaan barbaachisaa? Yihowaan hundi keenyayyuu warra kaan akka jajjabeessinuu fi akka gargaarru barbaada. (Gal. 6:10) Nama dhukkubsate tokko gargaaruuf wanta xinnoollee yoo goone baayʼee isa jajjabeessuu dandaʼa. Ijoolleen xixinnoonillee abbaa ykn haadha isaanii wajjin taʼuudhaan obboleessa tokko gargaaruu ni dandaʼu. Dargaggoonni obboleettii tokkoof gabaa dhaquu ykn wanta kan biraarratti ishii gargaaruu ni dandaʼu. Obboloonni gumii keessa jiran kan biroonimmoo obboleessa dhukkubsate tokkoof nyaata qopheessanii geessuufii dandaʼu. Obboloonni tokko tokko jaarsolii yeroo dhukkubni daddarbaan jiraatutti hojiin isaanitti baayʼatu galateeffachuuf kaardii isaaniif erganiiru. ‘Wal jajjabeessuu fi wal ijaaruu keenya itti fufuuf’ gaʼee keenya yeroo raawwannu buʼaa gaariitu argama.—1 Tas. 5:11. w22.12 22 key. 2; 23 key. 5, 6

Kibxata, Sadaasa 26

Isin baayʼee dogoggortaniittu. —Mar. 12:27.

Saduuqonni kitaabota Kitaaba Qulqulluu Afaan Ibrootaa jalqabaa shanan akka gaariitti beeku turan; taʼus, dhugaawwan barbaachisoo kitaabota kana keessatti argaman dagataniiru. Fakkeenyaaf, Yesuus yeroo Saduuqonni waaʼee duʼaa kaʼuu isa gaafatanitti deebii akkamii akka isaaniif kenne haa ilaallu. Yesuus, “Kitaaba Musee keessaa, seenaa waaʼee harangamaa bobaʼuu dubbatu irratti Waaqayyo, ‘Ani Waaqa Abrahaam, Waaqa Yisihaaqii fi Waaqa Yaaqoobi’ akka isaan jedhe hin dubbisnee?” jedhee isaan gaafate. (Mar. 12:18, 26) Saduuqonni yaada kana yeroo baayʼee akka dubbisan hin shakkisiisu; taʼus, gaaffiin Yesuus isaan gaafate dhugaa Kitaabota Qulqulluu barbaachisaa taʼe tokko, jechuunis barumsa waaʼee duʼaa kaʼuu dubbatu akka dagatan saaxileera. (Luq. 20:38) Nuti kanarraa maal baranna? Yeroo Kitaaba Qulqulluu dubbisnu barumsa caqasa ykn seenaa tokkorraa argannuuf xiyyeeffannaa kennuu barbaanna. Barumsawwan buʼuuraa qofa utuu hin taʼin, dhugaawwan gadi fageenya qabanii fi salphaatti hin argamnes hubachuu barbaanna. w23.02 11 key. 9-10

Roobii, Sadaasa 27

Nuti dhugaa baatota akka duumessa guddaa nutti marsanii jiran [qabna]. —Ibr. 12:1.

Dhugaa baatonni caqasa guyyaa harʼaa irratti ibsaman hundi isaanii qorumsa cimaa keessa darbaniiru; taʼus jireenya isaanii guutuu Yihowaadhaaf amanamoo taʼaniiru. (Ibr. 11:36-40) Maarree, jabaatanii dhaabbachuun isaanii fi carraaqqii guddaa gochuun isaanii homaa gatii hin qabuu? Matumaa. Yeroo lubbuudhaan jiranitti waadaawwan Waaqayyo gale hundi yeroo raawwataman arguu baatanis Yihowaa abdachuu isaanii itti fufaniiru. Yihowaa biratti fudhatama akka argatan mirkanaaʼoo waan turaniif, waadaawwan kun yommuu raawwataman akka argan amanannaa qabu turan. (Ibr. 11:4, 5) Fakkeenyi isaanii murtoo Yihowaa abdachuu keenya itti fufuuf goone nuuf cimsa. Yeroo ammaatti jiraachaa kan jirru addunyaa isa gadheerraa gara isa caalaatti gadhee taʼetti deemu keessadha. (2 Xim. 3:13) Seexanni saba Waaqayyoo qoruu isaa itti fufeera. Gara fuulduraatti rakkinni akkamiiyyuu yoo nu mudate, ‘Waaqa isa jiraataa taʼe abdachuudhaanʼ Yihowaadhaaf jabaannee hojjechuuf haa murteessinu.—1 Xim. 4:10. w22.06 25 key. 17-18

Kamisa, Sadaasa 28

Duʼuun koo . . . buʼaa maalii qaba? Biyyoon si jajataa?—Far. 30:9.

Sababiin fayya buleeyyii taanee jiraachuuf carraaqqii gochuun itti nu barbaachisu inni tokko, hamma nuuf dandaʼame Yihowaa tajaajiluu waan barbaannuufi. (Mar. 12:30) Kanaaf wantoota fayyaa keenya miidhanirraa ni fagaanna. (Rom. 12:1) Wanta akkamiiyyuu yoo goone dhukkubarraa guutummaatti of eeguu akka hin dandeenye beekamaadha. Taʼus, jireenya isa kennaa taʼe akka dinqisiifannu Abbaa keenya isa samiitti argisiisuu waan barbaannuuf, fayyaa keenya eeggachuuf wanta dandeenyu ni goona. Dhukkubaa fi dullumaan kan kaʼe wantoota kanaan dura raawwachaa turre hedduu raawwachuu hin dandeenyu taʼa. Kanaan kan kaʼes, gadduu fi abdii kutachuu dandeenya. Taʼus, fayyaa keenyaaf kunuunsa gochuuf wanta dandeenyu hunda gochuu qabna. Maaliif? Sababiin isaas, yoo dulloomne ykn yoo dhukkubsannellee akkuma Daawit Mootichaa Yihowaa jajachuu ni dandeenya. Waaqayyo mudaa kan qabnu taʼus, iddoo guddaa akka nuuf kennu beekuun keenya baayʼee nu jajjabeessa. (Mat. 10:29-31) Yoo duunellee duʼaa nu kaasuuf baayʼee hawwa. (Iyo. 14:14, 15) Yeroo lubbuudhaan jirrutti fayyaa keenyaa fi jireenya keenya eeggachuuf wanta dandeenyu hunda gochuu barbaanna. w23.02 21 key. 3-5

Jimaata, Sadaasa 29

Namni hafuura qulqulluu arrabsu kam iyyuu bara baraaf . . . dhiifama hin argatu.—Mar. 3:29.

Maqaan tuuta uummataa guddaa hoolota kan biroo waraana Armaagedoon irraa erga oolanii boodas kitaaba jireenyaa keessatti akkuma barreeffametti itti fufaa? Eeyyee. (Mul. 7:14) Yesuus warri hoolotatti fakkeeffaman kun “gara jireenya bara baraatti” akka deeman dubbateera. (Mat. 25:46) Haa taʼu malee, warri waraana Armaagedoon irraa oolan jireenya bara baraa kan argatan yeruma sana miti. Yeroo Bulchiinsa Barkumeetti Yesuus “isaan ni tiksa; gara burqaa bishaan jireenyaattis isaan ni geessa.” Warri qajeelfama Yesuusiif ajajamanii fi Yihowaadhaaf amanamoo akka taʼanitti isaaniif murteeffame maqaan isaanii kitaaba jireenyaa keessatti dhaabbataadhaan barreeffama. (Mul. 7:16, 17) Haa taʼu malee, warri reʼootatti fakkeeffaman waraana Armaagedoonirratti balleeffamu. Yesuus warri kun “gara badiisa bara baraatti” akka deeman dubbateera. (Mat. 25:46) Phaawulos ergamaan hafuura qulqulluudhaan geggeeffamee namoonni kun ‘badiisa bara baraatiin akka adabaman’ dubbateera.—2 Tas. 1:9; 2 Phe. 2:9. w22.09 16 key. 7-8

Sanbadduraa, Sadaasa 30

Wanti hundi yeroo isaaf murteeffame qaba.—Lal. 3:1.

Maatiiwwan wantoota Yihowaan uume ilaalaa gammaduu fi yeroo gaarii waliin dabarsuu dandaʼu; kunimmoo jaalalli isaan gidduu jiru akka cimu godha. Yihowaan lafarratti iddoowwan babbareedoo itti bashannanuu dandeenyu nuuf uumeera. Maatiiwwan hedduun naannoowwan fincaaʼaan, gaarreen ykn haroon jiranitti waliin yeroo dabarsuun isaan gammachiisa. Addunyaa haaraa Yihowaan fidu keessatti, warrii fi ijoolleen yeroo kamiyyuu caalaa wantoota inni uumetti ni gammadu. Yeroo sanatti bineensota sodaachuun nu hin barbaachisu, isaanis nu hin sodaatan. (Isa. 11:6-9) Wantoota Yihowaan uumetti bara baraaf gammanna. (Far. 22:26) Haa taʼu malee, ijoolleen keessan uumamatti akka gammadan gargaaruuf hamma yeroo sanaatti eeguun isin hin barbaachisu. Ijoollee keessan waaʼee Yihowaa barsiisuuf uumamatti yeroo fayyadamtan isaanis akkuma Daawit Mootichaa, ‘Yaa Yihowaa, hojiin kan akka hojii keetii hin jiru’ jechuu dandaʼu.—Far. 86:8. w23.03 25 key. 16-17

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi