LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • es24 ful. 98-108
  • Onkoloolessa

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Onkoloolessa
  • Kitaaba Qulqulluu Guyyaa Guyyaan Qoruu—2024
  • Mata Dureewwan Xixiqqaa
  • Kibxata, Onkoloolessa 1
  • Roobii, Onkoloolessa 2
  • Kamisa, Onkoloolessa 3
  • Jimaata, Onkoloolessa 4
  • Sanbadduraa, Onkoloolessa 5
  • Dilbata, Onkoloolessa 6
  • Wiixata, Onkoloolessa 7
  • Kibxata, Onkoloolessa 8
  • Roobii, Onkoloolessa 9
  • Kamisa, Onkoloolessa 10
  • Jimaata, Onkoloolessa 11
  • Sanbadduraa, Onkoloolessa 12
  • Dilbata, Onkoloolessa 13
  • Wiixata, Onkoloolessa 14
  • Kibxata, Onkoloolessa 15
  • Roobii, Onkoloolessa 16
  • Kamisa, Onkoloolessa 17
  • Jimaata, Onkoloolessa 18
  • Sanbadduraa, Onkoloolessa 19
  • Dilbata, Onkoloolessa 20
  • Wiixata, Onkoloolessa 21
  • Kibxata, Onkoloolessa 22
  • Roobii, Onkoloolessa 23
  • Kamisa, Onkoloolessa 24
  • Jimaata, Onkoloolessa 25
  • Sanbadduraa, Onkoloolessa 26
  • Dilbata, Onkoloolessa 27
  • Wiixata, Onkoloolessa 28
  • Kibxata, Onkoloolessa 29
  • Roobii, Onkoloolessa 30
  • Kamisa, Onkoloolessa 31
Kitaaba Qulqulluu Guyyaa Guyyaan Qoruu—2024
es24 ful. 98-108

Onkoloolessa

Kibxata, Onkoloolessa 1

Gumii [gidduutti] sin jajadha.—Far. 22:22.

Hundi keenya iyyuu sagalee keenya ol kaasnee faarfachuu fi akka gaariitti qophoofnee yaada kennuudhaan gumii keenyaaf gumaacha gochuu dandeenya. Obboloonni tokko tokko namoota duratti faarfachuun ykn yaada kennuun isaanitti ulfaata. Atoo kana gochuun sitti ulfaataa? Taanaan, warri kaan sodaa isaanii akka injifatan kan isaan gargaare maal akka taʼe ilaali. Obboloonni tokko tokko garaa guutuudhaan faarfachuun akka nama gargaaru hubataniiru. Sababiin faarfannaawwan Mootummichaa itti faarfannu inni guddaan Yihowaa jajachuuf taʼuu qaba. Kanaafuu, walgaʼiidhaaf yeroo qophooftu faarfannaas qophaaʼi; akkasumas walaloon isaanii wanta walgaʼicha irratti dhihaatuu wajjin walitti dhufeenya akkamii akka qabu hubachuuf yaali. Kana malees, dandeettii faarfachuu kee irratti utuu hin taʼin yaada isaa irratti xiyyeeffadhu. Yaada kennuun obboloota tokko tokkotti baayʼee akka ulfaatu beekamaa dha. Gama kanaan maaltu si gargaaruu dandaʼa? Yeroo hunda akkas gochuuf carraaqqii godhi. Deebiin kee gabaabaa, salphaa fi yaada ijoo irratti qofa kan xiyyeeffate yoo taʼe rakkina akka hin qabne yaadadhu. Yihowaan walgaʼii irratti yaada kennuuf wanta nuuf dandaʼame hunda yommuu goonu baayʼee gammada. w22.04 7-8 key. 12-15

Roobii, Onkoloolessa 2

Yihowaan gargaaraa koo ti; ani hin sodaadhu.—Ibr. 13:6.

Jechi “gargaaraa” jedhu qaama nama gargaarsa argachuuf iyyatu gargaaruuf ariifatu argisiisa. Mee Yihowaan nama dhiphina keessa jiru tokko oolchuuf yeroo ariifatu yaadaan ilaali. Ibsi kun fedhii guddaa Yihowaan gargaaraa keenya taʼuuf qabu kan addeessu taʼuu isaa akka irratti walii galtu hin shakkisiisu. Yihowaan nu cinaa waan jiruuf qorumsa nu mudatu gammachuudhaan dandamachuu dandeenya. Karaawwan Yihowaan itti nu gargaaru tokko tokko kamfaʼi? Deebii gaaffii kanaa kitaaba Isaayyaas irraa arganna. Akkas kan jennu maaliifi? Raajiiwwan Isaayyaas hafuura qulqulluudhaan geggeeffamee barreesse hedduun tajaajiltoota Waaqayyoo yeroo harʼaa jiraniif waan hojjetuufi. Kana malees, Isaayyaas yeroo baayʼee waaʼee Yihowaa kan ibse jechoota salphaatti hubachuu dandeenyutti fayyadameeti. Mee Isaayyaas boqonnaa 30 akka fakkeenyaatti haa ilaalu. Boqonnaa kana keessatti Isaayyaas Yihowaan saba isaa kan gargaaru akkamitti akka taʼe fakkeenyota gaggaariitti fayyadamee ibseera. Yihowaan (1) kadhannaa keenya xiyyeeffannaadhaan dhaggeeffatee deebii kennuudhaan, (2) qajeelfama nuuf kennuudhaan, akkasumas (3) yeroo ammaattis taʼe gara fuulduraatti nu eebbisuudhaan akka nu gargaaru barreesseera. w22.11 8 key. 2-3

Kamisa, Onkoloolessa 3

Rakkina si irra gaʼuuf jiru hin sodaatin. . . . Hanga duʼaatti amanamaa taʼuu kee argisiisi; anis gonfoo jireenyaa siif nan kenna.—Mul. 2:10.

Ergaa Yesuus gumiiwwan Simirnaa fi Filaadelfiyaatiif erge irratti, Kiristiyaanonni gumii kana keessatti argaman amanamoo taʼuunsaanii badhaasa waan isaaniif argamsiisuuf ariʼatama sodaachuu akka hin qabne isaanitti himeera. (Mul. 3:10) Ariʼatamni akka nurra gaʼu eeguu qabna; yeroo nurra gaʼus dandamachuuf fedhii qabaachuu qabna. (Mat. 24:9, 13; 2 Qor. 12:10) Kitaabni Mulʼataa sabni Waaqayyoo “guyyaa Gooftaatti,” jechuunis bara keenyatti ariʼatamni akka isaanirra gaʼu dubbata. (Mul. 1:10) Mulʼanni boqonnaan 12 Mootummaan Waaqayyoo akkuma dhalateen samii keessatti waraanni akka kaʼe dubbata. Mikaaʼel, jechuunis Yesuus Kiristoosii fi raayyaan isaa Seexanaa fi jinniiwwan irratti waraana banan. (Mul. 12:7, 8) Kanaan kan kaʼes, diinonni Waaqayyoo kun moʼamanii gara lafaatti gad darbataman; kunis lafaa fi jiraattota ishii irratti rakkina hangana hin jedhamne fideera.—Mul. 12:9, 12. w22.05 5 key. 12-13

Jimaata, Onkoloolessa 4

Haqa jalʼisuun . . . Waaqa keenya Yihowaa bira [hin jiru].—2 Sen. 19:7.

Murtiin Yihowaa yeroo hundumaa haqa qabeessaa fi sirriidha. Inni matumaa hin loogu. Yihowaan nama tokkoof dhiifama kan godhu namni sun miidhagaa, sooressa ykn beekamaa waan taʼeef ykn dandeettii hedduu waan qabuuf miti. (1 Sam. 16:7; Yaq. 2:1-4) Eenyuyyuu isarratti dhiibbaa gochuus taʼe mattaʼaa isaaf kennuu hin dandaʼu. Murtoon isaas miirarratti kan hundaaʼe miti. (Bau. 34:7) Yihowaan waaʼee keenyas taʼe haala keenya guutummaatti waan beekuuf Abbaa Murtii hundarra caaludha. (Kes. 32:4) Barreessitoonni Kitaaba Qulqulluu Afaan Ibrootaa akkaataan Yihowaan dhiifama itti godhu adda akka taʼe hubataniiru. Jecha Afaan Ibrootaa isaan itti fayyadaman ilaalchisee barreeffamni tokko akkana jedheera: “Jechi kun kan itti hojjetame akkaataa Waaqayyo cubbamootaaf dhiifama itti godhu argisiisuuf qofadha; jechi kun akkaataa daangeffamaa taʼee fi namni tokko nama kan biraatiif dhiifama itti godhu argisiisuu hin dandaʼu.” Cubbamaa yaada geddarate tokkoof guutummaatti dhiifama gochuu kan dandaʼu Yihowaa qofadha. w22.06 4 key. 10-11

Sanbadduraa, Onkoloolessa 5

Daaʼima karaa inni irra deemuu qabu barsiisi; innis yeroo dulloomutti illee isa irraa hin goru.—Fak. 22:6.

Ijoollee kee guddisaa kan jirtu kophaa kee ykn maatii amantaadhaan qoqqoodame keessatti yoo taʼe, amanamummaan kee warra kaan jajjabeessuu fi hojiidhaaf kakaasuu akka dandaʼu yaadadhu. Ijoolleen kee carraaqqii gootuuf deebii gaarii hin kennan yoo taʼe hoo? Ijoollee leenjisuun yeroo akka gaafatu yaadadhu. Sanyii tokko erga dhaabdee booda, ‘Tarii guddatee firii ni godhataa laata?’ jettee yaadda taʼa. Biqiltuun sun firii akka godhatu mirkanaaʼaa taʼuu kan hin dandeenye taʼus, akka guddatuuf bishaan obaasuu kee itti fufta. (Mar. 4:26-29) Haaluma walfakkaatuun, haadha waan taateef yeroo tokko tokko, ‘Garaa ijoollee kootii tuquu nan dandaʼaa laata?’ jettee yaadda taʼa. Murtoo ijoollee keetii toʼachuu hin dandeessu. Haa taʼu malee, ijoollee kee leenjisuuf wanta dandeessu gochuu kee yoo itti fufte, ijoolleen kee karaa hafuuraa akka guddatan haala isaaniif mijeessita. w22.04 20 key. 16-17

Dilbata, Onkoloolessa 6

Koorri kufaatii dura jira, hafuurri of tuulummaas gufannaa dura jira.—Fak. 16:18.

Solomoon yeroo amanamummaadhaan Yihowaa tajaajilaa turetti ofiif ilaalcha madaalamaa qaba ture. Yeroo dargaggeessa turetti, gad of qabuudhaan hanqina isaa waan hubateef qajeelfama argachuuf Yihowaa kadhateera. (1 Mot. 3:7-9) Akkuma mootii taʼeen kooruun balaa akka qabu hubateera. Kan nama gaddisiisu Solomoon yeroo booda gorsa ofii isaatiin barreesse kana utuu hojiirra hin oolchin hafeera. Mootii taʼee yeroo taʼe tokkotti kooraan kakaʼee ulaagaalee Waaqayyoo tuffachuu jalqabe. Fakkeenyaaf, seerota mootota Ibroota taʼaniif kennaman keessaa tokko, “Garaan isaa karaa irraa akka hin jalʼanneef, haadhotii manaa hedduu fuudhuu hin qabu” jedha. (Kes. 17:17) Solomoon gorsa kana tuffachuudhaan haadhotii manaa 700 fi saajjatoota 300 fuudheera. (1 Mot. 11:1-3) Tarii Solomoon, kun rakkina isatti akka hin finne yaadee taʼuu dandaʼa. Taʼus Solomoon ajajamuu diduu isaatiin kan kaʼe yeroo booda miidhaan isa irra gaʼeera.—1 Mot. 11:9-13. w22.05 23 key. 12

Wiixata, Onkoloolessa 7

“Tajaajilaan koo inni qajeelaan amantiidhaan jiraata,” “gara duubaatti yoo deebiʼe ani isatti hin gammadu.” —Ibr. 10:38.

Namoonni yeroo harʼaa jiran murtoo baayʼee barbaachisaa taʼe tokko gochuu qabu. Maarree, Yihowaa isa uumama hunda bulchuuf mirga qabu deggeru moo, diina isaa isa hamaa kan taʼe Seexana cinaa dhaabbatu? Namni hundi wantoota lamaan kana keessaa isa tokko filachuu qaba. Murtoon godhan jireenya bara baraa isaaniif argamsiisa ykn abdii kana isaan dhabsiisa. (Mat. 25:31-33, 46) Yeroo ‘rakkina guddaatti’ badiisa irraa akka oolan ykn akka balleeffaman mallattoon isaan irratti ni godhama. (Mul. 7:14; 14:9-11; His. 9:4, 6) Bulchiinsa Yihowaa deggeruuf filatteetta taanaan murtoo gaarii gooteetta. Namoonni kaanis filannaa sirrii akka godhan gargaaruu barbaadda. Namoonni amanamummaadhaan bulchiinsa Yihowaa deggeran eebba ni argatu. Dhugaawwan barbaachisoo taʼan kana ilaaluun keenya nu fayyada. Kana gochuun keenya murtoo Yihowaa tajaajiluu keenya itti fufuuf goone nuuf cimsa. Kana malees, wanta barannetti fayyadamnee warri kaan Yihowaa tajaajiluuf akka murteessanii fi isa tajaajiluu isaanii akka itti fufan gargaaruu dandeenya. w22.05 15 key. 1-2

Kibxata, Onkoloolessa 8

Yommuu namoonni . . . sobaan wanta hamaa hundumaa isin irratti dubbatan gammadaa.—Mat. 5:11.

Diinota keenya utuu hin taʼin Yihowaa dhaggeeffachuu qabna. Iyyoob yeroo Yihowaan isatti dubbatu xiyyeeffannaadhaan dhaggeeffateera. Waaqayyo akkuma waan akkana jedhee Iyyoobiin gaafatetti yaaduu dandeenya: ‘Wanta sirra gaʼe hunda beeka. Si kunuunsuu akkan hin dandeenye sitti dhagaʼamaa?’ Iyyoob gad of qabuudhaan karaa gaarummaa Yihowaatiif dinqisiifannaa guddaa akka qabu argisiisuun deebii kenneera. “Gurri koo waaʼee kee dhagaʼee ture, amma garuu ijuma kootiin si argeera” jedhe. (Iyo. 42:5) Iyyoob kana kan dubbate daaraa keessa taaʼee, qaamni isaas madaadhaan uwwifamee gaddaa yeroo turetti taʼuu hin oolu. Taʼus, Yihowaan akka isa jaallatuu fi isa biratti fudhatama akka argate isaaf mirkaneesseera. (Iyo. 42:7, 8) Yeroo harʼaattis, namoonni nu arrabsuu fi akka waan gatii hin qabneetti nu ilaaluu dandaʼu. Maqaa keenyas taʼe kan jaarmiyaa keenyaa balleessuuf yaalu taʼa. Seenaa Iyyoob irraa akka barannutti Yihowaan qorumsi yeroo nurra gaʼu amanamummaa keenya akka eeggannu nurratti amantii qaba. w22.06 24 key. 15-16

Roobii, Onkoloolessa 9

Guyyaan Hoolichi gaaʼela itti godhatu [gaʼeera].—Mul. 19:7.

Yeroo Baabilon Guddittiin balleeffamtutti samii irra gammachuu guddaan kan jiraatu taʼus, wanti kana caalaa gammachuu argamsiisus jira. (Mul. 19:1-3) Kunis wantoota Kitaaba Mulʼataa keessatti barreeffaman keessaa isa iddoo guddaa qabu, jechuunis “[guyyaa] Hoolichi gaaʼela itti godhatu” dha. Waraanni Armaagedoon jalqabuu isaa yeroo muraasa dura warri kutaa 144,000 taʼan hundi samii irratti walitti ni qabamu. Taʼus, guyyaan Hoolichi gaaʼela itti godhatu yeroo kanatti miti. (Mulʼata 21:1, 2) Guyyaan Hoolichi gaaʼela itti godhatu kan dhufu waraanni Armaagedoon erga geggeeffamee fi diinonni Waaqayyoo hundi erga balleeffamanii boodadha. (Far. 45:3, 4, 13-17) Guyyaan Hoolichi gaaʼela itti godhatu warra gaaʼelicha keessatti hammatamaniif hiika maalii qaba? Akkuma dhiirri tokkoo fi dubartiin takka yeroo gaaʼela godhatanitti tokko taʼan, gaaʼelli fakkeenyaan ibsame kunis Yesuus Kiristoos Mootichaa fi dibamtoota 144,000 warra “misirroo” isaa taʼan tokko godha. Taʼeen baayʼee barbaachisaa taʼe kun mootummaa haaraan waggaa 1,000f lafa bulchu akka hundeeffamu godha.—Mul. 20:6. w22.05 17 key. 11-13

Kamisa, Onkoloolessa 10

Gooftaan isaa . . . utuu inni akkana godhuu yoo isa arge garbichi sun gammadaa dha!—Mat. 24:46.

Yesuus bara dhumaatti nyaata hafuuraa dhiheessuuf “garbicha amanamaa fi ogeessa” akka muudu dubbateera. (Mat. 24:45) Wanti taʼaa jirus kanuma. Geggeessaan keenya saba Waaqayyoo fi namoota fedhii qabaniif yeroo sirrii taʼetti ‘nyaata hafuuraa dhiheessuuf’ garee xinnoo dhiirota dibamoo qabate kanatti fayyadama. Dhiironni kun amantii warra kaaniirratti gooftolii akka taʼanitti of hin ilaalan. (2 Qor. 1:24) Kanaa mannaa, Yesuus Kiristoos “geggeessaa fi ajajaa” saba isaa akka taʼe ni hubatu. (Isa. 55:4) Bara 1919 kaasee garbichi amanamaan barreeffamoota namoonni fedhii qaban dhugaa Dubbii Waaqayyoo akka baratan gargaaran qopheessaa tureera. Bara 1921​tti garbichi amanamaan namoonni fedhii qaban barumsa buʼuuraa Kitaaba Qulqulluu akka baratan gargaaruuf kitaaba Baganaa Waaqayyoo jedhamu qopheesse. Yeroon jijjiiramaa yommuu deemu barreeffamoonni dabalataa qophaaʼaniiru. Barreeffamni Abbaa keenya isa samii akka beektuu fi akka jaallattu si gargaare isa kami? w22.07 10 key. 9-10

Jimaata, Onkoloolessa 11

Bara baraaf of dura na jiraachista. —Far. 41:12.

Qaamni hamma Yihowaa arjaa taʼe hin jiru. Maaliyyuu yoo isaaf kennite inni yeroo hundumaa wanta sanarra baayʼee caalu siif kenna. (Mar. 10:29, 30) Addunyaa moofaa baduuf jedhu kana keessattillee jireenya baayʼee gammachiisaa fi kaayyoo qabu siif kenna. Kun garuu jalqabbii qofadha. Abbaa kee isa jaallatamaa bara baraaf tajaajiluu kee itti fufuu dandeessa. Jaalalli sii fi Abbaa kee gidduu jiru guddachuu isaa itti fufa; atis akkuma isaa bara baraaf jiraatta. Waaqayyoof of murteessitee yeroo cuuphamtu wanta gatii guddaa qabu tokko Abbaa keetiif kennuuf mirga argatta. Wanti gaariin qabdu hundii fi yeroo gammachiisaan dabarsitu hundi kennaa isaati. Atis Uumaa samii fi lafaatiif wanta inni hin qabne tokko kennuu dandeessa. Innis tajaajila amanamummaadhaan dhiheessitudha. (Iyo. 1:8; 41:11; Fak. 27:11) Kana caalaa karaa gaariin jireenya keetti akka gaariitti itti fayyadamuu dandeessu kan biraan jiraaree? w23.03 6 key. 16-17

Sanbadduraa, Onkoloolessa 12

Dargaggeessi akkamitti daandii isaa qulqulluu godhee eeguu dandaʼa? Akka dubbii keetti of eeguudhaani. —Far. 119:9.

Umurii dargaggummaatti fedhiin saalaa baayʼee dabala, akkasumas saalqunnamtii akka raawwattu dhiibbaa cimaan sirra gaʼuu dandaʼa. Seexanni fedhii keetiin akka moʼamtu barbaada. Maarree, karaa naamusaa qulqulluu taatee itti fufuuf wanti si gargaaru maalidha? (1 Tas. 4:3, 4) Kadhannaa keerratti miira sitti dhagaʼamu Yihowaatti himi. Cimina akka siif kennus kadhadhu. (Mat. 6:13) Yihowaan si ceephaʼuu utuu hin taʼin si gargaaruu akka barbaadu yaadadhu. (Far. 103:13, 14) Rakkina si mudate kophaa kee furuuf hin yaalin. Walʼaansoo gochaa jirtu warra keetti himi. Dhimma dhuunfaa akkasii warra kaanitti himuun salphaa taʼuu baatus, akkas gochuun barbaachisaadha. Kitaaba Qulqulluu kan dubbistuu fi dhugaawwan buʼuuraa isaarratti kan xiinxaltu yoo taʼe, murtoo Yihowaa gammachiisu gochuun siif salphata. Ilaalcha Yihowaan dhimmoota garaa garaatiif qabu waan hubattuuf, haala hundumaa keessatti seerri akka si hin barbaachisne hubatta. w22.08 5 key. 10-12

Dilbata, Onkoloolessa 13

Namni kam iyyuu warra kan isaa taʼaniif . . . wanta barbaachisu yoo dhiheessuu baate, amantii kan gane [dha]. —1 Xim. 5:8.

Kiristiyaanni mataa maatii taʼe tokko itti gaafatamummaa karaa qaamaa maatii isaa kunuunsuuf qabuuf iddoo guddaa kenna. Mataa maatii yoo taate maatii keetiif nyaata dhiheessuus taʼe, kiraa manaa kaffaluu akka hin dandeenye sitti dhagaʼamee taʼuu dandaʼa. Kana malees, hojii kana yoon dhabe hojii biraa hin argadhu jettee sodaatta taʼa. Yookiin immoo maallaqa xinnoodhaan jiraachuu akka hin dandeenye sitti dhagaʼama taʼa. Seexanni sodaa akkasiitti fayyadamee namoota hedduu gufachiisuu dandaʼeera. Seexanni Yihowaan dhuunfaatti akka nuuf hin yaannee fi carraaqqii maatii keenya kunuunsuuf goonurratti akka inni nu hin gargaarre nu amansiisuuf yaala. Kanaan kan kaʼes, qajeelfama Waaqayyoo akka dagannu kan nu godhu yoo taʼellee hojii keenya akka hin dhabneef aarsaa kamiyyuu kaffaluuf murteessina taʼa. w22.06 15 key. 5-6

Wiixata, Onkoloolessa 14

Abdii jabaa fi amansiisaa akka qofoo dooniitti lubbuu qabee dhaabu kana qabna. —Ibr. 6:19.

Waaqni keenya, “Waaqa araara qabeessaa fi gara laafessa taʼe, aariidhaaf suuta kan jedhu, jaalalli isaa inni amanamaanii fi dhugaan isaa baayʼee kan taʼe” akka taʼe beekna. (Bau. 34:6) Yihowaan haqa jaallata. (Isa. 61:8) Yeroo dhiphannu baayʼee gadda, rakkina nurra gaʼu hundumaa yeroo itti balleessuus hawwidhaan eega. (Er. 29:11) Nutis yeroo kun itti taʼu hawwidhaan eegna. Kanaafuu, Yihowaa baayʼee jaallachuun keenya nama hin dinqisiisu. Sababiin dhugaa itti jaallannu kan biraan maalidha? Dhugaan faayidaa guddaa nuuf argamsiisa. Mee fakkeenya tokko haa ilaallu. Dhugaan Kitaaba Qulqulluu abdii gara fuulduraa dabalata. Akkuma qofoon bidiruun iddoo isaatii akka hin sochoone godhu, abdiin keenya inni Kitaaba Qulqulluu irratti hundaaʼes jireenya keenya keessatti yeroo qorumsi nu mudatu jabaannee dhaabbachuuf nu gargaara. Akkuma caqasa guyyaa harʼaa keenya irratti ibsame, Phaawulos ergamaan asirratti dubbachaa kan jiru waaʼee abdii samii Kiristiyaanonni dibamoon qabaniiti. Taʼus, wanti inni dubbate Kiristiyaanota lafarra bara baraaf jiraachuuf abdii qabaniifis ni hojjeta. (Yoh. 3:16) Dhugumayyuu, waaʼee abdii jireenya bara baraa beekuun keenya jireenyi gammachiisaa akka nuuf taʼu godheera. w22.08 14-15 key. 3-5

Kibxata, Onkoloolessa 15

Utuu aartanii jirtanii aduun isinitti hin lixin.—Efe. 4:26.

Warra kaan amanuuf jaalalli baayʼee barbaachisaadha. Qorontos Tokkoffaa boqonnaan 13 amaloota jaalalli argisiisu garaa garaa ibsa; amaloonni kun warra kaan amanuuf, akkasumas amantii isaanirratti qabnu deebifachuuf nu gargaaru. (1 Qor. 13:4-8) Fakkeenyaaf, lakkoofsi 4 “Jaalalli ni obsa, gaarummaas ni argisiisa” jedha. Yihowaan yeroo cubbuu isarratti hojjennuttillee nuuf obsa. Kanaafuu, nutis obboloonni keenya wanta nu aarsu ykn wanta nu gaddisiisu yeroo dubbatanis taʼe yeroo raawwatanitti isaaniif obsuu qabna. Lakkoofsi 5 immoo, “[Jaalalli] hin aaru. Miidhaa isa irra gaʼes galmeessee hin qabatu” jedha. Obboloonni keenya akka nu gaddisiisan yeroo hunda yaadachuu hin barbaannu. Lallabni 7:9, “Aariidhaaf hin ariifatin” jedha. Ilaalcha Yihowaan obbolootaa fi obboleettota keenyaaf qabu qabaachuuf carraaqqii godhaa. Waaqayyo isaan jaallata, cubbuu isaaniis galmeessee hin qabatu. Nutis akkas gochuu hin qabnu. (Far. 130:3) Dogoggora isaaniirratti xiyyeeffachuu mannaa, amaloota gaggaarii isaan qaban irratti xiyyeeffadhaa.—Mat. 7:1-5. w22.09 3-4 key. 6-7

Roobii, Onkoloolessa 16

Yeroon dhiphinaa . . . ni taʼa.—Dan. 12:1.

Kitaabni Daaniʼel taʼeewwan yeroo dhumaa keessatti raawwataman duraa duuba akkamiitiin akka raawwataman ibsa. Fakkeenyaaf, Daaniʼel 12:1 Mikaaʼel, jechuunis Yesuus Kiristoos “saba [Waaqayyootiif] akka dhaabbatu” dubbata. Raajiin kun raawwii isaa argachuu kan jalqabe bara 1914​tti yeroo Yesuus Mootii Mootummaa Waaqayyoo taʼee muudamettidha. Haa taʼu malee, Yesuus ‘kan kaʼu’ yeroo “yeroon dhiphinaa erga sabni hundeeffamee kaasee hamma yeroo sanaatti taʼee hin beekne” jiraatu keessa akka taʼus Daaniʼelitti himameera. “Yeroon dhiphinaa” kun ‘rakkina guddaa’ Maatewos 24:21 irratti ibsamedha. Yesuus saba Waaqayyootiif eegumsa gochuuf kan kaʼu ykn tarkaanfii kan fudhatu dhuma yeroo dhiphinaa kanatti, jechuunis yeroo Armaagedoonittidha. Kitaabni Mulʼataa warri kun ‘tuuta uummataa guddaa rakkina guddaa keessaa dhufan’ akka taʼan ibsa.—Mul. 7:9, 14. w22.09 21 key. 4-5

Kamisa, Onkoloolessa 17

Nama ana irratti cubbuu hojjete kam iyyuu kitaaba koo irraa nan haqa. —Bau. 32:33.

Maqaan kitaaba jireenyaa keessatti argamu haqamuu dandaʼa jechuudha. Haalli isaa akkuma waan Yihowaan jalqabarratti maqaa sana irsaasiidhaan barreesseeti. (Mul. 3:5) Maqaan keenya dhaabbataadhaan qalamaan hamma barreeffamutti kitaaba sana keessatti kan argamu taʼuu isaa mirkaneeffachuu qabna. Gareen namootaa maqaan isaanii kitaaba jireenyaa keessatti galmeeffamee fi samii keessatti Yesuus wajjin akka bulchan filataman kan of keessatti qabatedha. Akka yaada Phaawulos ergamaan Kiristiyaanota Filiphisiyus warra ‘isaa wajjin hojjetaniif’ barreesse argisiisutti maqaan dibamtoota Yesuus wajjin akka bulchaniif affeeramanii yeroo ammaatti kitaaba jireenyaa keessatti barreeffameera. (Filp. 4:3) Haa taʼu malee, maqaan isaanii akkuma barreeffamee jirutti akka itti fufuuf amanamoo taʼuu qabu. Duʼuu isaanii dura ykn rakkinni guddaan jalqabuu isaa dura chaappaa isaanii isa dhumaa yeroo fudhatan maqaan isaanii kitaaba kana keessatti dhaabbataadhaan barreeffama.—Mul. 7:3. w22.09 14 key. 3; 15 key. 5-6

Jimaata, Onkoloolessa 18

Gammadoon . . . namoota dubbii Waaqayyoo dhagaʼanii hojii irra oolchani dha!—Luq. 11:28.

Haalli armaan gadii si mudatee beekaa? Namni tokko nyaata jaallattu tokko siif qopheesse. Taʼus, baayʼee jarjaruudhaan ykn sammuun kee wayitti qabamee utuu hin dhandhamin nyaaticha saffisaan nyaatte. Erga nyaattee xumurtee booda garuu saffisa guddaadhaan akka nyaatte sitti beekame. Kanaafuu, ‘Utuun suuta jedhee dhandhamaa nyaadhee maal taʼa?’ jettee yaadda. Haaluma wal fakkaatuun, yeroo tokko tokko Kitaaba Qulqulluu ariitiidhaan dubbisuu keetiin kan kaʼe ergaa isaa utuu hin hubatin haftee beekta taʼa. Taanaan, dubbisni Kitaaba Qulqulluu kee gammachiisaa akka siif taʼuuf yeroo dubbistu haala raawwatamaa jiru ilaaluuf, sagalee naannoo isaa jiru dhagaʼuuf, akkasumas wanta dubbisturratti yaaduuf yeroo ramadi. Akkas gochuun kee gammachuun kee akka dabalu godha. Yesuus yeroo sirrii taʼetti nyaata hafuuraa akka qopheessuuf, ‘garbicha amanamaa fi ogeessa’ muudeera. Karaa hafuuraa akka gaariitti soorachaa kan jirru kanaafi. (Mat. 24:45) Wanti garbichi amanamaan kun qopheessu hundi Dubbii Waaqayyoo isa geggeessaa hafuuraatiin barreeffamerratti kan hundaaʼedha.—1 Tas. 2:13. w22.10 7-8 key. 6-8

Sanbadduraa, Onkoloolessa 19

Qoosaa warra ofitti amanamanii . . . quufneerra.—Far. 123:4.

Kitaabni Qulqulluun guyyoota dhumaatti qoostonni hedduun akka jiraatan dubbata. (2 Phe. 3:3, 4) Akkas kan godhan “fedhii isaanii isa hamaa” hordofuu waan barbaadaniifi. (Yih. 7, 17, 18) Daandii qoostotaa hordofuurraa of eeguu kan dandeenyu akkamitti? Karaan kana gochuu itti dandeenyu inni tokko, namoota warra kaan qeequu amaleeffatanirraa fagaachuudha. (Far. 1:1) Kana jechuun, wanta gantoonni qopheessan hin dhaggeeffannu ykn hin dubbisnu jechuudha. Yoo of eeggachuu baanne salphaadhumatti warra kaan qeequu amaleeffachuu fi Yihowaa fi qajeelfama karaa jaarmiyaa isaa argannu shakkuu jalqabuu akka dandeenyu beekna. Daandii akkasiirraa fagaachuuf akkana jennee of gaafachuu dandeenya: ‘Yeroo baayʼee qajeelfama ykn ibsa haaraa nuuf kennamu nan komadhaa? Warra dura buutota taʼanirratti dogoggora nan funaanaa?’ Ilaalcha dogoggoraa qabnu akkasii dafnee kan sirreessinu yoo taʼe Yihowaan nutti gammada.—Fak. 3:34, 35. w22.10 20 key. 9-10

Dilbata, Onkoloolessa 20

Manni Israaʼel . . . si hin dhagaʼan. —His. 3:7.

Hafuurri Waaqayyoo Hisqiʼeliif cimina hojii isaa raawwachuuf, jechuunis namoota “boqu jabeeyyii fi mata jabeeyyii” naannoo tajaajilaa isaa keessa jiraniif lallabuuf isa barbaachisu isaaf kenneera. Yihowaan Hisqiʼeliin akkana jedheera: “Fuulli kee akkuma fuula isaanii jabaa akka taʼu, addi kees akkuma adda isaanii jabaa akka taʼu godheera. Adda kee akkuma almaazii godheera; dhagaa jabaa caalaas cimaa godheera. . . . isaan hin sodaatin yookiin fuulli isaanii si hin naasisin.” (His. 3:8, 9) Karaa kan biraatiin Yihowaan Hisqiʼeliin, ‘Sabichi mata jabeeyyii taʼuu isaaniitiin kan kaʼe abdii hin kutatin. Ani sin cimsa’ jechaa jira. Sana booda, Hisqiʼel naannoo tajaajilaa isaa keessatti yeroo tajaajilu hafuurri Waaqayyoo isa deggereera. Hisqiʼel, “Harki Yihowaa inni [cimaan] na irra buufatee ture” jedhee barreesseera. Raajichi ergaa labsu akka gaariitti hubachuuf torban tokko isatti fudhateera. (His. 3:14, 15) Achiis Yihowaan gara dirree sulula keessatti argamu tokko akka dhaqu isatti hime; achittis “hafuurri [isa] keessa seene.” (His. 3:23, 24) Hisqiʼel tajaajila isaa jalqabuuf qophaaʼee ture. w22.11 4-5 key. 8-9

Wiixata, Onkoloolessa 21

Yaa Yihowaa, iyya ani gargaarsa argachuuf dhageessisu kan hin dhageenye hamma yoomiitti? . . . Cunqursaa hoo maaliif callistee ilaalta?—An. 1:2, 3.

Anbaaqom raajicha rakkoowwan hedduun mudataniiru. Yeroo taʼe tokkotti Yihowaan akka isaaf yaadu shakkee waan ture fakkaata. Kanaafuu, miira isaa kadhannaadhaan Yihowaatti hime. Yihowaanis kadhannaa tajaajilaan isaa amanamaan kun garaadhaa dhiheesseef deebii kenneera. (An. 2:2, 3) Anbaaqom gocha fayyinaa Yihowaarratti erga xiinxalee booda gammachuu isaa deebisee argateera. Yihowaan akka isaaf yaaduu fi rakkina isa mudate kamiyyuu akka dandamatu akka isa gargaaru mirkanaaʼaa taʼeera. (An. 3:17-19) Seenaa kanarraa barumsa akkamii arganna? Rakkinni yeroo si mudatu, miira sitti dhagaʼamu kadhannaadhaan Yihowaatti himi. Achiis gargaarsa isaa argachuuf yaali. Yoo akkas goote Yihowaan cimina jabaattee dhaabbachuuf si barbaachisu akka siif kennu amanannaa qabaachuu dandeessa. Yommuu gargaarsa isaa argattummoo amantiin isarratti qabdu ni cima. Barsiifata hafuuraa gaarii yoo qabaatte, rakkinni ykn shakkiin Yihowaarraa gargar akka si baasu hin heyyamtu.—1 Xim. 6:6-8. w22.11 15 key. 6-7

Kibxata, Onkoloolessa 22

Ani dhuguman sitti hima harʼa, anaa wajjin Jannata keessa ni taata. —Luq. 23:43.

Yesuusii fi yakkamtoonni lamaan isa biratti fannifamanii turan kan duʼan baayʼee dhiphataniiti. (Luq. 23:32, 33) Yakkamtoonni kun lamaan isatti qoosaa turan. (Mat. 27:44; Mar. 15:32) Haa taʼu malee, inni tokko ilaalcha isaa jijjiireera. Yesuusiin, “Yaa Yesuus, yommuu gara Mootummaa keetti dhuftu na yaadadhu” jedheera. Yesuusis yaada caqasa guyyaa harʼaa irra jiru isaaf deebiseera. (Luq. 23:39-42) Wanti Yesuus yakkamaa sanatti hime jireenyi Jannata keessaa maal akka fakkaatu akka yaannu nu kakaasuu qaba. Bulchiinsa Solomoon Mootichaa isa naga qabeessa turerraas waaʼee Jannataa wanta barannu qabna. Yesuus inni Solomoonirra baayʼee caalu lafarra haalli gaariin akka jiraatu gochuuf warra isa faana bulchan wajjin taʼuudhaan akka hojjetu eeguu dandeenya. (Mat. 12:42) ‘Hoolonni kan biroon’ ulaagaan Jannata keessa jiraachuuf isaan barbaachisu maal akka taʼe beekuuf fedhii qabaachuu akka qaban ifadha.—Yoh. 10:16. w22.12 8 key. 1; 9 key. 4

Roobii, Onkoloolessa 23

Ati yommuu gargaarsa argachuuf iyyitu, inni dhugumaan gaarummaa sitti ni argisiisa.—Isa. 30:19.

Isaayyaas Yihowaan yeroo gargaarsaaf gara isaatti iyyinu xiyyeeffannaadhaan akka nu dhagaʼuu fi iyyannoo keenyaaf yeruma sana deebii akka kennu nuuf mirkaneesseera. Isaayyaas itti dabaluudhaan, “Iyya kee akkuma dhagaʼeenis deebii siif ni kenna” jedheera. Yaanni nama jajjabeessu kun, Abbaan keenya yommuu gargaarsa argachuuf gara isaatti iyyinu nu gargaaruuf fedhii guddaa akka qabu argisiisa. Kana beekuun keenya gammachuudhaan jabaannee dhaabbachuuf nu gargaara. Yihowaan kadhannaa tokkoon tokkoon keenyaatiif xiyyeeffannaa kenna. Akkana kan jennu maaliifi? Isaayyaas boqonnaa 30 kutaa jalqabaarratti, Yihowaan sabicha akka gareetti argisiisuuf jecha “isin” jedhutti fayyadameera. Lakkoofsa 19 irratti garuu, jecha “ati” jedhutti fayyadameera; kunis ergaan kun dhuunfaatti kan kenname akka taʼe argisiisa. Isaayyaas akkana jedhe barreesseera: “Ati matumaa hin boossu”; “inni dhugumaan gaarummaa sitti ni argisiisa”; “deebii siif ni kenna.” Yihowaan Abbaa jaalala qabeessa waan taʼeef, dhuunfaatti waan nuuf yaaduuf kadhannaa keenya xiyyeeffannaadhaan dhaggeeffata.—Far. 116:1; Isa. 57:15. w22.11 9 key. 5-6

Kamisa, Onkoloolessa 24

Akka bofaa of eeggataa, akka gugees garraamii taʼaa.—Mat. 10:16.

Mormiin utuma jiruu lallabuu fi barsiisuun gammachuu fi nagaa nuuf argamsiisa. Jaarraa jalqabaatti abbootiin taayitaa Yihudii ergamoonni lallabuu isaanii akka dhaaban yeroo isaan ajajanitti namoonni amanamoon kun Waaqayyoof ajajamuu filataniiru. Lallabuu isaanii itti fufaniiru; akkas gochuun isaaniis gammachuu isaaniif argamsiiseera. (HoE. 5:27-29, 41, 42) Hojiin keenya yeroo daangeffamutti yommuu lallabnu of eeggannoo gochuu akka qabnu beekamaadha. Wanta nuuf dandaʼame kan goonu yoo taʼe garuu, nagaa Yihowaa gammachiisuudhaan, akkasumas ergaa lubbuu baraaru lallabuudhaan argamu argachuu dandeenya. Yeroo baayʼee rakkisaa taʼettillee nagaa qabaachuu akka dandeenyu amanannaa qabaadhu. Yeroo akkasiitti wanti nu barbaachisu nagaa Yihowaan kennu akka taʼe yaadachuu qabna. Dhukkubni daddarbaan, balaan ykn ariʼatamni yeroo si mudatu isatti amanami. Jaarmiyaa isaatti maxxanii jiraadhu. Yeroo dinqisiisaa gara fuulduraatti si eeggaturratti xiyyeeffadhu. Akkas yoo goote ‘Waaqni nagaa si wajjin taʼa.’—Filp. 4:9. w22.12 21 key. 17-18

Jimaata, Onkoloolessa 25

Namummaa haaraa . . . uffadhaa. —Efe. 4:24.

Kana gochuun carraaqqii guddaa gaafata. Amaloota kanneen akka jibba guddaa, aarii fi dheekkamsaa jiran dhiisuuf carraaqqii gochuu qabna. (Efe. 4:31, 32) Kun ulfaataa taʼuu kan dandaʼu maaliifi? Amaloonni gaarii hin taane akkasii nu keessatti hidda waan gadi fageeffataniifi. Kitaabni Qulqulluun namoonni tokko tokko ‘dafanii akka aaranii’ fi ‘dheekkamsa akka jaallatan’ dubbata. (Fak. 29:22) Namni amaloota akkasii qabu erga cuuphamee boodallee, amaloota kana toʼachuuf carraaqqii gochuu isaa itti fufuu qaba. (Rom. 7:21-23) Yihowaan akka si dhagaʼuu fi akka si gargaaru amantii qabaachuudhaan amala jijjiiruun si rakkise sana ilaalchisee isatti kadhannaa dhiheessi. (1 Yoh. 5:14, 15) Yihowaan amala sana dinqiidhaan siif balleessuu baatus, jabina amala sana toʼachuuf si barbaachisu siif kenna. (1 Phe. 5:10) Atis wantoota namummaa moofaan akka sitti deebiʼan godhanirraa fagaachuudhaan tarkaanfii kadhannaa kee wajjin wal simu fudhadhu. Sammuun kee fedhii sirrii hin taanerratti akka xiyyeeffatu hin godhin.—Filp. 4:8; Qol. 3:2. w23.01 10 key. 7, 9-10

Sanbadduraa, Onkoloolessa 26

Namni Waaqayyoon jaallatu hundi obboleessa isaas jaallachuu qaba. —1 Yoh. 4:21.

Karaan jaalala keenya itti argisiisnu tokko hojii lallabaarratti hinaaffaadhaan hirmaachuudha. Tajaajilarratti nama arganne hundumaa haasofsiisna. Sanyii, gosa, qabeenya ykn iddoo namoonni hawaasicha keessatti qaban ilaallee hin loognu. Akka kanaan kaayyoo Yihowaa wajjin wal simnee hojjenna; kaayyoon isaa “akaakuun namootaa hundi akka fayyanii fi beekumsa dhugaa isa sirrii akka argatani dha.” (1 Xim. 2:4) Obbolootaa fi obboleettota keenyatti jaalala argisiisuudhaanis Waaqayyoo fi Kiristoosiin akka jaallannu argisiisuu dandeenya. Yeroo rakkinni isaan mudatu isaaniif yaanna, akkasumas isaan deeggarra. Nama jaallatan yeroo duʼaan dhaban isaan jajjabeessina, yeroo dhukkubsatan isaan gaafanna, akkasumas yeroo abdii kutatan isaan jajjabeessuuf wanta nuuf dandaʼame hunda goona. (2 Qor. 1:3-7; 1 Tas. 5:11, 14) ‘Wawwaannaan nama qajeelaa humna akka qabu’ yaadachuudhaan isaaniif kadhachuu keenya itti fufna.—Yaq. 5:16. w23.01 28-29 key. 7-8

Dilbata, Onkoloolessa 27

Wal jajjabeessuu fi wal ijaaruu keessan itti fufaa.—1 Tas. 5:11.

Akkuma namni hojii ijaarsaa hojjetu tokko dandeettiisaa yeroodhaa gara yerootti fooyyessaa deemu nutis wal ijaaruurratti caalaatti buʼa qabeeyyii taʼuu dandeenya. Warra kaanitti muuxannoo namoota kanaan dura qorumsa dandamatanii himuudhaan isaanis qorumsa keessatti jabaatanii akka dhaabbatan gargaaruu dandeenya. (Ibr. 11:32-35; 12:1) Obboloota keenyatti wanta gaarii isaanirratti arginu isaanitti himuudhaan, yeroo rakkinni uumamu nagaa keenya eeggachuudhaan, akkasumas yeroo waldhabiinsi jiraatutti nagaa uumuudhaan nagaa babalʼisuu dandeenya. (Efe. 4:3) Dhugaawwan Kitaaba Qulqulluu barbaachisoo taʼan isaanitti himuudhaan, gargaarsa isaaniif gochuudhaan, akkasumas warra karaa hafuuraa dadhaban deggeruudhaan amantii obboloota keenyaa ijaaruu keenya itti fufuu ni dandeenya. Nutis obboloota keenya karaa hafuuraa ijaaruudhaan gammachuu guddaa argachuu dandeenya. Ijaarsa gamoo yeroo booda baduu dandaʼurraa haala adda taʼeen buʼaan hojii keenyaa bara baraaf kan itti fufuudha. w22.08 22 key. 6; 25 key. 17-18

Wiixata, Onkoloolessa 28

Yihowaan ogummaa ni kenna; beekumsii fi hubannaanis afaan isaa keessaa ni baʼu.—Fak. 2:6.

Yesuus amala yeroo Dubbii Waaqayyoo dubbisnutti qabaachuun nu barbaachisu tokko adda baasee ibseera; innis hubannaadha. (Mat. 24:15) Hubannaan maalidha? Hubannaan dandeettii yaanni tokko yaada kan biraa wajjin akkamitti akka wal qabatuu fi garaa garummaa akkamii akka qabu beekuuf, akkasumas yaada ifatti hin mulʼanne ilaaluuf nu gargaarudha. Kana malees, akkuma Yesuus dubbatetti taʼeewwan raajiin Kitaaba Qulqulluu akka raawwatamu godhan adda baafachuuf hubannaa qabaachuun nu barbaachisa. Kitaaba Qulqulluu yeroo dubbisnu wanta dubbisnurraa faayidaa guutuu argachuufis amala kana qabaachuun nu barbaachisa. Yihowaan tajaajiltoota isaatiif hubannaa ni kenna. Kanaafuu, amala kana guddifachuuf akka si gargaaru isa kadhadhu. Garuu, tarkaanfii kadhannaa kee wajjin wal simu fudhachuu kan dandeessu akkamitti? Wanta dubbisturratti of eeggannoodhaan yaadi, akkasumas wantoota beektu kan biroo wajjin akkamitti akka wal qabatu hubachuuf yaali. Hiika caqasni Kitaaba Qulqulluu tokko qabu qori, jireenya kee keessatti akkamitti hojiirra oolchuu akka dandeessu beekuuf carraaqqii godhi. (Ibr. 5:14) Hubannaadhaan yeroo dubbistu Kitaaba Qulqulluu ilaalchisee beekumsi qabdu ni guddata. w23.02 10 key. 7-8

Kibxata, Onkoloolessa 29

Jireenya kan arganne, kan sochoonuu fi kan jiraannu isaani.—HoE. 17:28.

Mee michuun kee tokko fakkii dulloomaa, garuummoo gatii guddaa qabu siif kenne haa jennu. Bifti isaa gadhiiseera, xuraaʼeera, akkasumas iddoo itti tatarsaʼe qaba. Fakkichi hanqinoota kana hunda kan qabu taʼus, qarshii miliyoonaan lakkaaʼamu baasa. Kanaafuu, fakkichaaf dinqisiifannaa guddaa akka qabaattuu fi eegumsa akka isaaf gootu hin shakkisiisu. Haaluma walfakkaatuun Yihowaanis kennaa gatii guddaa qabu nuuf kenneera; innis jireenya keenya. Yihowaan Ilmi isaa aarsaa furii akka taʼu nuuf kennuudhaan jireenya keenyaaf hammam iddoo guddaa akka kennu argisiiseera. (Yoh. 3:16) Yihowaan madda jireenyaati. (Far. 36:9) Phaawulos ergamaan, “Jireenya kan arganne, kan sochoonuu fi kan jiraannu isaani” jechuudhaan dhugaa kana akka amanu argisiiseera. (HoE. 17:25, 28) Kanaafuu, jireenyi keenya kennaa Yihowaati jechuu dandeenya. Jaalalaan kakaʼee wantoota jireenyaaf nu barbaachisan nuu kenneera. (HoE. 14:15-17) Taʼus, Yihowaan jiraachuu keenya akka itti fufnu gochuuf dinqii hin raawwatu. Kanaa mannaa, karaa qaamaa fi karaa hafuuraa fayyaa keenya eeguuf wanta dandeenyu hunda akka goonu nurraa eega.—2 Qor. 7:1. w23.02 20 key. 1-2

Roobii, Onkoloolessa 30

Dubbii ani sitti himu hundumaa kitaaba irratti barreessi.—Er. 30:2.

Kitaaba Qulqulluu qabaachuu keenyatti Yihowaa baayʼee galateeffanna! Yihowaan kitaaba kanatti fayyadamee gorsa ogummaarratti hundaaʼee fi rakkoowwan yeroo harʼaatti nu mudatan milkaaʼinaan dandamachuuf nu gargaaru nuuf kenna. Yeroo gara fuulduraa ilaalchisees abdii dinqisiisaa nuuf kenneera. Kana malees, Yihowaan Kitaaba Qulqulluutti fayyadamee waaʼee eenyummaa isaa wantoota baayʼee nuuf ibseera. Amaloota gaggaarii inni qaburratti yeroo xiinxallu garaan keenya waan tuqamuuf caalaatti isatti dhihaachuuf kakaana. (Far. 25:14) Yihowaan namoonni akka isa beekan barbaada. Bara duriitti abjuu, mulʼataa fi maleekotatti fayyadamee namoonni waaʼee isaa akka beekan godheera. (Lak. 12:6; HoE. 10:3, 4) Haa taʼu malee, abjuuwwan, mulʼatawwan ykn ergaawwan maleekotarraa dhufan kun yoo barreeffaman malee, namoonni hubachuu kan dandaʼan akkamitti? Yihowaan namoonni wanta akka inni beeknu barbaadu “kitaaba irratti” akka barreessan kan godhe kanaafi. “Daandiin Waaqa dhugaa mudaa kan hin qabne” taʼuu isaa waan beeknuuf malli kun baayʼee gaarii fi kan nu fayyadu akka taʼe mirkanaaʼoo taʼuu dandeenya.—Far. 18:30. w23.02 2 key. 1-2

Kamisa, Onkoloolessa 31

Fudhachuu irra kennuutu caalaatti nama gammachiisa.—HoE. 20:35.

Galmawwan buʼa qabeeyyii baafadhu. Galmawwan amantii kee cimsanii fi Kiristiyaana bilchaataa taʼuuf si gargaaran filadhu. (Efe. 3:16) Fakkeenyaaf, barsiifata qoʼannaa dhuunfaa fi dubbisa Kitaaba Qulqulluu kee fooyyessuuf murteessuu dandeessa. (Far. 1:2, 3) Yookiin immoo, yeroo hunda kadhachuu fi kadhannaa garaadhaa madde dhiheessuurratti fooyyaʼiinsa gochuun akka si barbaachisu hubatteetta taʼa. Tariimmoo filannaa bashannanaa fi itti fayyadama yeroo keerratti caalaatti of toʼachuun si barbaachisuu dandaʼa. (Efe. 5:15, 16) Warra kaan gargaaruun kee guddina gochuuf si gargaara. Fakkeenyaaf, gumii keessan keessaa maanguddootaa fi namoota humni isaanii daangeffamaa taʼe gargaaruuf galma baafachuu dandeessa. Tarii gabaa isaaniif dhaquu ykn meeshaa elektirooniksiitti akkamitti akka fayyadaman isaanitti argisiisuu dandeessa. Misiraachoo Mootummichaa labsuudhaanis warra gumiidhaa ala jiranitti jaalala argisiisuu dandeessa. (Mat. 9:36, 37) Kan dandeessu yoo taʼemmoo, gosa tajaajila yeroo guutuu tokkorratti hirmaachuuf galma baafadhu. w22.08 6 key. 16-17

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi