Fulbaana
Dilbata, Fulbaana 1
Namni tokko Waaqa akka waaqeffatu kan yaadu taʼus, arraba isaa kan hin toʼanne yoo taʼe, inni garaa isaa gowwoomsa, waaqeffannaan isaas gatii hin qabu. —Yaq. 1:26.
Dandeettii dubbachuu keenyatti akka gaariitti kan fayyadamnu yoo taʼe, tajaajiltoota Yihowaa akka taane argisiisna. Namoonni kaan garaa garummaa “nama Waaqayyoon tajaajiluu fi nama isa hin tajaajille gidduu jiru” ifatti akka hubatan gargaarra. (Mil. 3:18) Mee wanta obboleettii Kiimbarlii jedhamtu mudate haa ilaallu. Kiimbarliin barattuu daree ishii wajjin piroojektii mana barumsaa tokko akka hojjettu ramadamtee turte. Erga waliin hojjetanii booda barattuun daree ishii sun Kiimbarliin barattoota kaan irraa adda akka taate hubatte. Kiimbarliin nama hin hamattu, karaa gaarummaa qabuun dubbatti, wanta gadhee dubbachuu irraas of qusatti. Barattuun daree ishii sunis amalli Kiimbarlii baayʼee waan ishii ajaaʼibsiiseef, yeroo booda Kitaaba Qulqulluu ishii wajjin qoʼachuu jalqabde. Yihowaan akkaataan itti dubbannu namoota gara dhugaatti kan harkisu taʼuu isaa yeroo argu baayʼee gammada. Hundi keenyayyuu karaa Yihowaadhaaf ulfina fiduun dubbachuu barbaanna. w22.04 5-6 key. 5-7
Wiixata, Fulbaana 2
Dubartoota . . . warra qabeenya isaaniitiin isaan tajaajilan turan.—Luq. 8:3.
Yesuus Maariyaam ishii Magdalaa dhiibbaa jinniiwwan torbarraa bilisa ishii baaseera! Galateeffannaan qabdu duuka buutuu isaa taʼuu fi tajaajila isaarratti akka isa deeggartu ishii kakaaseera. (Luq. 8:1-3) Maariyaam wanta Yesuus dhuunfaatti ishiidhaaf godheef dinqisiifannaa guddaa kan qabdu taʼus, Yesuus gara fuulduraatti wanta kanarra caalu akka ishiidhaaf godhu hin beektu taʼa. Yesuus “isatti kan amanu hundi” jireenya bara baraa qabaachuu akka dandaʼuuf lubbuu isaa kenneera. (Yoh. 3:16) Maariyaam Yesuusiif amanamtuu taʼuudhaan dinqisiifannaa qabdu argisiisteetti. Yesuus muka dhiphinaarratti fannifamee yeroo turetti Maariyaam isa bira dhaabbachuudhaan isaafis taʼe warra kaaniif karaa miiraa deeggarsa gooteetti. (Yoh. 19:25) Yesuus erga duʼee booda Maariyaamii fi dubartoonni kan biroon lama urgooftuu fidanii gara iddoo awwaalchaa isaa dhufan. (Mar. 16:1, 2) Maariyaam Yesuus erga duʼaa kaʼee booda isa wajjin wal arguu fi isa haasofsiisuuf mirga argatteetti; mirga kana barattoonni hedduun hin arganne.—Yoh. 20:11-18. w23.01 27 key. 4
Kibxata, Fulbaana 3
Utuu qorraa yookiin hoʼaa taatee natti tola ture.—Mul. 3:15.
Wanti kanaan dura Yihowaa tajaajiluuf goone gaʼaa akka taʼe nutti dhagaʼamuu hin qabu. Haalli keenya isa kanaan duraa caalaa kan daangeffame taʼus, hamma dhumaatti dammaqoo taanee jiraachuudhaan “hojiin Gooftaa” kan nuuf baayʼate taʼuu qabna. (1 Qor. 15:58; Mat. 24:13; Mar. 13:33) Hinaaffaa fi garaa guutuudhaan Yihowaa waaqeffachuu qabna. Ergaan Yesuus warra Lodooqiyaa keessa jiraniif erge rakkina kan biraas akka qaban argisiisa. Waaqeffannaa isaaniirratti akkuma bishaan “laphii” taʼanii turan. Dantaa dhabuu isaaniitiin kan kaʼe Yesuus gumichi ‘deegaa fi rakkataa’ akka taʼe dubbateera. Yihowaa fi waaqeffannaa isaatiif hinaaffaa guddaa qabaachuun isaan barbaachisa ture. (Mul. 3:16, 17, 19) Kanarraa barumsa akkamii arganna? Hinaaffaan keenya hamma tokko yoo hirʼate, dinqisiifannaa wantoota hafuuraatiif qabnu guddifachuu qabna. (Mul. 3:18) Jireenya qananii jiraachuuf jennee jireenya keenya keessatti sochiiwwan hafuuraatiif matumaa iddoo lammaffaa kennuu hin barbaannu. w22.05 3-4 key. 7-8
Roobii, Fulbaana 4
Warra Yihowaa [sodaataniif] . . . kitaabni yaadannoo isa duratti ni barreeffame.—Mil. 3:16.
Yihowaan waggoota kumaan lakkaaʼamaniif kitaaba adda taʼe tokko barreessaa tureera. Kitaabni kun Abeel isa dhugaa baatuu amanamaa taʼee irraa jalqabee maqaa namoota garaa garaa kan qabatee dha. (Luq. 11:50, 51) Yihowaan yeroo sanaa kaasee kitaaba kana keessatti maqaawwan dabalataa barreesseera; kitaabni kun yeroo harʼaatti maqaawwan miliyoonaan lakkaaʼaman qabateera. Kitaaba Qulqulluu keessatti kitaabni kun ‘kitaaba yaadannoo,’ “kitaaba jireenyaa” fi “maraa kitaaba jireenyaa” jedhameera. (Mil. 3:16; Mul. 3:5; 17:8) Kitaabni adda taʼe kun maqaa namoota sodaa guddaadhaan Yihowaa waaqeffatanii fi maqaa isaatiif ulfina kennanii hunda kan qabatedha. Namoonni kun jireenya bara baraa argachuuf carraa qabu. Yeroo harʼaa aarsaa furii Yesuus Kiristoosirratti hundoofnee Yihowaa wajjin hariiroo cimaa yoo qabaanne maqaan keenya kitaabicharratti ni barreeffama. (Yoh. 3:16, 36) Abdiin keenya samiirra jiraachuus taʼe lafarra jiraachuu, hundumti keenyayyuu maqaan keenya kitaaba sana keessatti akka argamu barbaanna. w22.09 14 key. 1-2
Kamisa, Fulbaana 5
Diyaabilos inni isaan dogoggorsaa [ture] haroo ibiddaa fi dinyii keessatti . . . darbatame.—Mul. 20:10.
Kitaabni Mulʼataa waaʼee “jawwee guddaa diimaa” tokkoo ni dubbata. (Mul. 12:3) Jawween kun Yesuusii fi maleekota isaa wajjin wal lola. (Mul. 12:7-9) Saba Waaqayyoo irrattis haleellaa ni bana, akkasumas bineensota sanaaf, jechuunis mootummootaaf aangoo ni kenna. (Mul. 12:17; 13:4) Jawween kun eenyu? ‘Bofa isa jalqabaa isa Diyaabilosii fi Seexana jedhamudha.’ (Mul. 12:9; 20:2) Diinota Yihowaa kaan hundumaa kan toʼatu isadha. Jawwee sanarra maaltu gaʼa? Mulʼanni 20:1-3 maleekaan tokko Seexana qilee keessatti akka darbatu dubbata; kunis hidhamee sochiidhaa ala akka taʼu argisiisa. Seexanni erga hidhamee booda “hamma waggaan 1,000 sun xumuramutti sana booda saboota [hin dogoggorsu].” Dhumarrattis, Seexannii fi jinniiwwan isaa “haroo ibiddaa fi dinyii” keessatti darbatamu; kunis bara baraaf akka balleeffaman argisiisa. Addunyaan Seexannii fi jinniiwwan isaa keessa hin jiraanne maal akka fakkaatu mee yaadi. Yeroon sun yeroo baayʼee gammachiisaa taʼa. w22.05 14 key. 19-20
Jimaata, Fulbaana 6
Nama rakkateef wanta kennu akka qabaatuuf harka isaatiin jabaatee hojii gaarii haa hojjetu.—Efe. 4:28.
Yesuus jabaatee hojjeta ture. Yeroo lafa irra turetti dargaggummaa isaatti anaaxii taʼee hojjeteera. (Mar. 6:3) Warri isaa maatii isaanii isa balʼaa taʼeef wanta barbaachisu guutuuf carraaqqii godhan irratti isaan gargaaruu isaatti akka gammadan hin shakkisiisu. Yesuus nama mudaa hin qabne waan tureef hojiin isaas mudaa hin qabu; kanaafuu, namoonni hedduun wantoota inni hojjetu argachuu akka barbaadan tilmaamuu dandeenya. Yesuusis hojii isaa akka jaallatu ifadha. Yesuus nama jabaatee hojjetu taʼus, sochiiwwan hafuuraatiif yeroo ni ramada ture. (Yoh. 7:15) Tajaajila isaa yeroo guutuu erga jalqabee boodas dhaggeeffattoota isaatiif gorsa, “Nyaata baduuf utuu hin taʼin, nyaata hin badnee fi jireenya bara baraa argamsiisuuf . . . hojjedhaa” jedhu kenneera. (Yoh. 6:27) Lallaba Gaaraa irratti, “Samii keessatti qabeenya kuufadhaa” jedhee barsiiseera. (Mat. 6:20) Ogummaan Waaqayyo biraa argamu hojiidhaaf ilaalcha madaalamaa qabaachuuf nu gargaara. Kiristiyaanota waan taaneef ‘jabaannee hojii gaarii hojjechuu’ akka qabnu baranneerra. w22.05 22 key. 9-10
Sanbadduraa, Fulbaana 7
Haati tee ni [gammaddi].—Fak. 23:25.
Ewunqeen Ximotewosiif fakkeenya gaarii taateetti. Haati isaa jaalala cimaa Yihowaadhaaf qabduun kakaatee wantoota adda addaa yeroo raawwattuu fi Yihowaa tajaajiluun ishii gammachuu akka ishiidhaaf argamsiise hubatee taʼuu qaba. Haaluma walfakkaatuun yeroo harʼaas, haadhotii hedduun “dubbii malee” miseensonni maatii isaanii Yihowaa akka tajaajilan kakaasuu dandaʼaniiru. (1 Phe. 3:1, 2) Isinis akkasuma gochuu dandeessu. Akkamitti? Walitti dhufeenya Yihowaa wajjin qabduuf dursa kenni. (Kes. 6:5, 6) Akkuma haadhotii hedduun godhan atis aarsaa baayʼee kaffalta. Wanta karaa qaamaa ijoollee kee barbaachisu guutuuf yeroo, maallaqa, hirribaa fi wanta kan biraa aarsaa goota. Haa taʼu malee, walitti dhufeenya Yihowaa wajjin qabdu matumaa aarsaa gochuu hin qabdu. Yeroo hunda dhuunfaatti kadhachuuf, qoʼannaa dhuunfaa gochuu fi walgaʼii gumii irratti argamuuf yeroo ramadi. Akkas gochuudhaan, walitti dhufeenya Yihowaa wajjin qabdu cimsachuu fi maatii keetiifis taʼe warra kaaniif fakkeenya gaarii taʼuu dandeessa. w22.04 16 key. 1; 19 key. 12-13
Dilbata, Fulbaana 8
Isa hamaa yakkamaa taʼuu isaa ibsitee wanta inni raawwate mataa isaa irratti deebisuudhaan, isa qajeelaa taʼe immoo qulqulluu taʼuu isaa ibsitee . . . isa kiisuudhaan . . . tajaajiltoota [keetiif] murtii kenni.—1 Mot. 8:32.
Nama kamirrattiyyuu murteessuun akka nu hin barbaachisne beekuun keenya boqonnaa guddaa nuuf argamsiisa. Hojii baayʼee barbaachisaa taʼe kana kan hojjetu Yihowaa isa Abbaa Murtii Hundumaa Gararraa taʼedha. (Rom. 14:10-12) Inni yeroo hundumaa murtii kan kennu ulaagaalee wanta sirrii fi dogoggora taʼe ilaalchisee baasee fi mudaa hin qabne wajjin haala wal simuun akka taʼe amanannaa guutuu qabaachuu dandeenya. (Uma. 18:25) Inni matumaa jalʼina hin raawwatu. Yeroo Yihowaan wantoota gadhee sababa mudaa fi cubbuu ilmaan namootaatiin dhufan hundumaa guutummaatti itti sirreessu hawwiidhaan eegganna. Yeroo sanatti madaan karaa qaamaas taʼe karaa miiraa nurra gaʼe hundi guutummaatti fayyifama. (Far. 72:12-14; Mul. 21:3, 4) Wantoonni akkasii matumaa hin yaadataman. Yommuu yeroo dinqisiisaa taʼe sana eeggannu kanatti, Yihowaan dhiifama gochuudhaan fakkeenya isaa akka hordofnu dandeettii waan nuu kenneef baayʼee isa galateeffanna. w22.06 13 key. 18-19
Wiixata, Fulbaana 9
Abbaan murtii guutummaa lafaa wanta sirrii taʼe hin raawwatuu ree? —Uma. 18:25.
Abbaa murtii gaarii taʼuuf seera baʼe akka gaariitti hubachuun barbaachisaa dha. Wanta sirrii taʼee fi dogoggora taʼe adda baasee akka gaariitti beekuu qaba. Abbaa murtii gaarii taʼuuf wanti barbaachisu kan biraan maalidha? Abbaan murtii tokko murtii kennuu isaa dura dhugaa jiru hunda beekuun isa barbaachisa. Yihowaan yoomiyyuu taanaan dhugaa jiru hunda waan beekuuf, Abbaa Murtii gaʼumsa adda taʼe qabu dha. Yihowaan abbootii murtii kaanirraa haala adda taʼeen, yeroo hundumaa dhimma kamiyyuu ilaalchisee dhugaawwan jiran sirriitti beeka. (Uma. 18:20, 21; Far. 90:8) Inni wanta namoonni arganiin ykn dhagaʼaniin hin daangeffamu. Amalli namni tokko warra isaarraa dhaale, akkaataan guddinaa isaa fi naannoon itti guddate, akkasumas sammuu isaa fayyaa taʼuun isaa gocha isaarratti akkamitti dhiibbaa akka godhu guutummaatti ni hubata. Yihowaan wanta garaa namaa keessa jirus beeka. Miira, kakaʼumsaa fi fedhii nama hundumaa guutummaatti ni hubata. Wanti Yihowaa jalaa dhokachuu dandaʼu hin jiru. (Ibr. 4:13) Kanaafuu, Yihowaan nama tokkoof dhiifama kan godhu haala nama sanaa guutummaatti waan hubatuufi. w22.06 4 key. 8-9
Kibxata, Fulbaana 10
Namni lubbuu isaatiif jedhee wanta qabu hundumaa ni kenna.—Iyo. 2:4.
Tooftaalee Seexanni Iyyoobiin qoruuf itti fayyadameef xiyyeeffannaa kennuun keenya barbaachisaadha; sababiin isaas, Seexanni yeroo harʼaattis tooftaalee kanatti ni fayyadama. Karaa kan biraatiin Seexanni akka nuti garaadhaa Yihowaa hin jaallannee fi lubbuu keenya oolfachuuf jennee isa akka dhiisnu dubbachaa jira. Kana malees, Seexanni Yihowaan akka nu hin jaallannee fi carraaqqii isa gammachiisuuf goonuuf xiyyeeffannaa akka hin kennine dubbateera. Tooftaalee Seexanaa dursinee waan beeknuuf nuti warri Yihowaa abdannu tooftaalee kanaan hin gowwoomfamnu. Qorumsawwan nurra gaʼan carraa waaʼee ofii keenyaa beekuuf nu gargaaran akka taʼanitti ilaaluu qabna. Qorumsawwan Iyyoob irra gaʼan dadhabina isaa tokko tokko beekuu fi sirreessuuf isa gargaaraniiru. Fakkeenyaaf, amala gad of qabuu caalaatti horachuun akka isa barbaachisu hubateera. (Iyo. 42:3) Nutis yeroo qorumsi nurra gaʼu waaʼee ofii keenyaa wanta baayʼee hubachuu dandeenya. Dadhabinni keenya maal akka taʼe erga adda baafannee booda sirreessuuf carraaqqii gochuu dandeenya. w22.06 23 key. 13-14
Roobii, Fulbaana 11
Yihowaan akkana jedha: “Isin dhugaa baatota koo ti, eeyyee, tajaajilaa koo isan filadhe dha.”—Isa. 43:10.
Yihowaan akka nu gargaaru waadaa nuuf galeera. Fakkeenyaaf Yihowaan, “Isin dhugaa baatota koo ti” jechuu isaa dura akkana jedheera: “Ati yommuu bishaan keessa ceetu ani sii wajjin nan taʼa. Yommuu lageen keessa ceetus isaan si hin liqimsan. Ati yommuu ibidda keessa darbitu hin gubattu, laboobni isaas si hin waxalu.” (Isa. 43:2) Tajaajila keenya yommuu raawwannu yeroo tokko tokko gufuuwwan akka lolaa taʼanii fi qorumsawwan akka ibiddaa taʼan nu mudatu. Taʼus, gargaarsa Yihowaatiin lallabuu keenya itti fufna. (Isa. 41:13) Namoonni yeroo harʼaa jiran hedduun ergaa isaanitti himnu hin fudhatan. Taʼus, kun kan taʼu waan nuti akka gaariitti hin lallabneef akka hin taane beekna. Yihowaan yommuu amanamummaadhaan ergaa isaa labsuu keenya itti fufnu akka nutti gammadu beekuun keenya jajjabinaa fi cimina nuuf argamsiisa. Phaawulos ergamaan, “Namni hundi akkuma hojii isaatti badhaasa isaa ni fudhata” jedheera.—1 Qor. 3:8; 4:1, 2. w22.11 4 key. 5-6
Kamisa, Fulbaana 12
Namoota addunyaa gidduutti amala gaarii qabaadhaa.—1 Phe. 2:12.
Yeroo harʼaatti, raajiiwwan Kitaaba Qulqulluu yeroo raawwataman ifatti argaa jirra. Namoonni “qooqawwan sabootaa hundumaa keessaa dhufan” “qooqa qulqulluu,” jechuunis dhugaa Kitaaba Qulqulluu barachaa jiru. (Zak. 8:23; Sef. 3:9) Namoonni 8,000,000 ol biyyoota 240 keessatti kutaa jaarmiyaa Yihowaa taaneerra. Waggaa waggaadhaanis namoonni kumaatamaan lakkaaʼaman cuuphamaa jiru. Haa taʼu malee, wanti baayʼina isaanii caalaa barbaachisaa taʼe amaloota Kiristiyaanaa, jechuunis “namummaa haaraa” horachuu isaaniiti. (Qol. 3:8-10) Namoonni baayʼeen gocha naamusaan ala taʼe hojjechuu, hammina raawwachuu, halaalatti nama jibbuu fi miira sabboonummaa dhiisuu dandaʼaniiru. Raajiin Isaayyaas 2:4 irratti argamu raawwatamaa jira; “isaan kana booda waraana hin baratan.” Namummaa haaraa uffachuuf carraaqqii yeroo goonu namoonni gara jaarmiyaa Waaqayyoo akka dhufan gargaarra, akkasumas geggeessaa keenya Yesuus Kiristoos duukaa buʼaa akka jirru argisiisna. (Yoh. 13:35) Kun hundi taʼuu kan dandaʼe akkamitti? Yesuus gargaarsa nu barbaachisu nuuf gochaa waan jiruufi. w22.07 9 key. 7-8
Jimaata, Fulbaana 13
Kadhannaan koo si duratti akkuma ixaana qopheeffamee . . . haa taʼu.—Far. 141:2.
Yeroo Yihowaatti kadhannaa dhiheessinu, kadhannaa keenya kabaja guddaadhaan dhiheessuu qabna. Waaʼee mulʼatawwan ajaaʼibsiisoo Isaayyaas, Hisqiʼel, Daaniʼelii fi Yohaannis arganii yaadi. Hundi isaaniiyyuu Yihowaan Mootii ulfina guddaa qabu akka taʼe ibsaniiru. Isaayyaas, “Yihowaan teessoo dheeraa fi ol kaʼaa taʼe irra taaʼee” argeera. (Isa. 6:1-3) Hisqiʼel, Yihowaan ‘ifa guddaa sabbata waaqaa fakkaatuun’ marfamee saragallaa samiirra taaʼee argeera. (His. 1:26-28) Daaniʼel, “Inni Bara Dheeraa Jiraate” uffata adii akka uffatee fi teessoo isaa keessaa laboobni ibiddaa yeroo baʼu argeera. (Dan. 7:9, 10) Yohaannis immoo, Yihowaan teessoo sabbata waaqaa imeraaldi fakkaatuun marfamerra taaʼee argeera. (Mul. 4:2-4) Ulfinni Yihowaa gita kan hin qabne akka taʼe yeroo xiinxallu, kadhannaadhaan isatti dhihaachuun mirga addaa akka taʼee fi yeroo kadhannaadhaan isatti dhihaannu kabaja guddaa argisiisuu akka qabnu hubanna. w22.07 20 key. 3
Sanbadduraa, Fulbaana 14
Gowwoomsaa namootaa [irraa of eeggadhaa].—Efe. 4:14.
Dargaggootaa, Seexanni guddina hafuuraa akka hin goone dhiibbaa isinirratti gochuuf yaala. Karaa inni kana itti godhu keessaa tokko barumsawwan Kitaaba Qulqulluu tokko tokko ilaalchisee shakkiin keessa keessanitti akka uumamu gochuudhaani. Fakkeenyaaf, ammas taʼe gara fuulduraatti barumsa jijjiirama tirannaa Waaqayyoof ulfina hin kennine akka fudhattan dhiibbaan isinirra gaʼuu dandaʼa. Xinnummaa keessanitti waaʼee dhimma kanaa yaaddanii hin beektan taʼa; amma garuu mana barumsaatti waaʼee kanaa barachaa jirtu taʼa. Wanti barsiisonni keessan waaʼee jijjiirama tirannaa barsiisan sirrii fi amansiisaa fakkaachuu dandaʼa. Haa taʼu malee, barsiisonni keessan ragaa Uumaan akka jiru argisiisurratti qorannoo godhanii hin beekan taʼa. Yaada Fakkeenya 18:17 irra jiru hubadhaa: “Hamma namni inni kan biraan dhufee cimsee isa qorutti, namni jalqaba irratti dhimma isaa dhiheeffatu sirrii fakkaata.” Wanta mana barumsaatti barattan akkasumatti fudhachuu mannaa, dhugaa Kitaaba Qulqulluu fi barreeffamoota keenya keessatti argamu of eeggannoodhaan qoraa. w22.08 2 key. 2; 4 key. 8
Dilbata, Fulbaana 15
Wanta achi keessatti barreeffame hundumaa of eeggannoodhaan [eegi] . . . akkana yoo goote, daandiin kee milkaaʼina ni argata, ogummaadhaanis ni deddeebita.—Iya. 1:8.
Wanti Dubbii Waaqayyoorraa dubbisnu hiika akkamii akka qabu hubachuu barbaanna. Taʼuu baannaan, wanta dubbisnurraa faayidaa guutuu argachuu hin dandeenyu. Fakkeenyaaf, marii Yesuus “nama Seericha beeku tokko” wajjin godhe haa ilaallu. (Luq. 10:25-29) Namichi kun jireenya bara baraa argachuuf maal gochuu akka qabu yeroo isa gaafatu Yesuus deebii isaa Dubbii Waaqayyoorraa akka argatu isa gargaareera. Yesuus, “Seericha keessatti kan barreeffame maali dha? Ati hoo akkamitti hubatta?” jedhee isa gaafate. Namichis caqasa waaʼee Waaqayyoon jaallachuu fi nama jaallachuu ibsu caqasuudhaan deebii sirrii kennuu dandaʼeera. (Lew. 19:18; Kes. 6:5) Garuu namichi itti fufuudhaan, “Nama isa kam?” jechuu isaa yaadadhu. Karaa kanaan wanta dubbise sirriitti akka hin hubanne argisiiseera. Kanaan kan kaʼes, namichi kun wanta Kitaabota Qulqulluurraa dubbisu karaa sirrii taʼeen akkamitti hojiirra akka oolchu hin beekne. Kitaaba Qulqulluu hubachuuf gargaarsi Yihowaa nu barbaachisa. Kanaaf wanta dubbisaa jirturratti xiyyeeffachuuf hafuura isaa akka siif kennu isa kadhadhu, akkasumas wanta dubbiste hojiirra oolchuuf akka si gargaaru gaafadhu. w23.02 9 key. 4-5
Wiixata, Fulbaana 16
Dhugaa keessa deddeebiʼaa.—3 Yoh. 4.
“Dhugaa kan dhageesse akkamitti?” Gaaffiin kun yeroo baayʼee akka siif dhihaate hin shakkisiisu. Obboleessa tokko wajjin yeroo wal barru gaaffiin jalqabarratti nu gaafatu keessaa tokko kanadha. Obboloonni fi obboleettonni keenya waaʼee Yihowaa kan baratanii fi isa kan jaallatan akkamitti akka taʼe dhagaʼuun nu gammachiisa; dhugaa dhagaʼuu keenyaan miira nutti dhagaʼaame isaanitti himuunis nu gammachiisa. (Rom. 1:11) Obboloota keenya wajjin marii akkanaa gochuun keenya dhugaan gatii guddaa akka qabu nu yaadachiisa. Murtoo ‘dhugaa keessa deddeebiʼuuf’ goones nuuf cimsa. Karaa eebba Yihowaa nuuf argamsiisuu fi isa biraatti fudhatama nuuf argamsiisuun jiraachuu keenya itti fufuu barbaanna. Dhugaa jaallachuuf sababii hedduu qabna. Hunda caalaa Yihowaa isa Madda dhugaa taʼe ni jaallanna. Karaa Kitaaba Qulqulluu Yihowaan qaama humna guddaa qabuu fi samii fi lafa uume qofa utuu hin taʼin, Abbaa jaalala qabeessa garaadhaa nuuf yaadu taʼuu isaas baranneerra.—1 Phe. 5:7. w22.08 14 key. 1, 3
Kibxata, Fulbaana 17
Hiyyeeyyii [yaadachuu keessan itti fufaa].—Gal. 2:10.
Phaawulos ergamaan obboloonni isaa “hojii gaarii” hojjechuudhaan jaalala akka argisiisan isaan jajjabeesseera. (Ibr. 10:24) Phaawulos dubbiidhaan qofa utuu hin taʼin gocha isaatiinis obboloota isaa gargaareera. Fakkeenyaaf, yeroo obboloonni Yihudaa keessa jiran beelli isaan mudatetti wantoota isaan barbaachisan isaaniif raabsuurratti gargaarsa godheera. (HoE. 11:27-30) Hojii lallabuu fi barsiisuutiin qabamee kan ture taʼus, yeroo hundumaa carraa warra karaa foonii gargaarsi isaan barbaachisu itti gargaaru ni barbaaddata ture. Akkana gochuudhaan obboloonni isaa Yihowaan akka isaan kunuunsu amanannaa qaban isaaniif cimseera. Harʼas yeroo balaan uumamaa gaʼutti, warra kaan gargaaruuf yommuu fedhiidhaan kakaanee yeroo, humnaa fi dandeettii keenya aarsaa goonu amantii obboloota keenyaa cimsina. Hojii addunyaa maraatiif dhaabbataadhaan buusii gochuudhaanis gargaarsa gochuu dandeenya. Karaa kanaafi karaawwan kan birootiin obboloonni keenya Yihowaan yoomiyyuu akka isaan hin gatne amanannaa akka qabaatan isaan gargaarra. w22.08 24 key. 14
Roobii, Fulbaana 18
Raajiin yoom iyyuu fedhii namaatiin hin dhufne; kanaa mannaa, namootatu ergaa Waaqayyo biraa dhufe hafuura qulqulluudhaan geggeeffamee dubbate.—2 Phe. 1:21.
Kitaabni Qulqulluun raajiiwwan raawwii isaanii argatan hedduu qabateera; isaan keessaa tokko tokko raawwii isaanii kan argatan erga barreeffamanii waggoota dhibbaan lakkaaʼaman boodadha. Raajiiwwan kun raawwatamuu isaanii seenaanis ni mirkaneessa. Raajiin Kitaaba Qulqulluu hundi kan dhufe Yihowaa biraa akka taʼe waan beeknuuf kun taʼuun isaa nu hin dinqisiisu. Mee raajiiwwan kufaatii magaalaa Baabilon ishii durii ilaalchisee dubbataman haa ilaallu. Dhaloota Kiristoos Dura jaarraa saddeettaffaatti Isaayyaas raajichi hafuura qulqulluudhaan geggeeffamee magaalaan Baabilon ishiin yeroo sanatti humna guddaa qabdu akka kuftu raajii dubbatee ture. Namichi magaalattii injifatu Qiiros akka jedhamuu fi magaalattiin kan qabamtu akkamitti akka taʼes dubbateera. (Isa. 44:27–45:2) Isaayyaas Baabilon yeroo booda akka balleeffamtuu fi guutummaatti ona akka taatu raajii dubbateera. (Isa. 13:19, 20) Warri Meedonii fi Faarsi Dh.K.D. bara 539tti Baabiloniin kan qabatan yeroo taʼu, magaalaan guddoon sun yeroo ammaatti tuullaa jijjigaa taateetti. w23.01 4 10
Kamisa, Fulbaana 19
Wal jajjabeessuu . . . keessan itti fufaa.—1 Tas. 5:11.
Yihowaan kutaa maatii waaqeffattoota isaa addunyaa maraa akka taanu nu filateera. Kun mirga addaa faayidaa guddaa nuuf argamsiisudha. (Mar. 10:29, 30) Addunyaa maratti obbolootaa fi obboleettota akkuma keenya Yihowaa jaallatanii fi ulaagaalee isaatiin jiraachuuf carraaqqii godhan qabna. Afaan keenya, aadaan keenyaa fi akkaataan uffannaa keenya kan isaaniirraa adda taʼus, yeroo jalqaba wal arginuttillee akka baayʼee walitti dhihaannu nutti dhagaʼama. Keessumaa waliin taanee Abbaa keenya isa samii isa jaalala qabeessa taʼe jajachuunii fi waaqeffachuun, akkasumas isaanii wajjin tokkummaa qabaannee itti fufuun keenya baayʼee nu gammachiisa. (Far. 133:1) Yeroo tokko tokko obboloonni keenya baʼaa keenya baachuu nu gargaaru. (Rom. 15:1; Gal. 6:2) Tajaajila Yihowaa keessatti dammaqinaan hirmaachuu fi karaa hafuuraa cimoo taanee akka itti fufnu nu jajjabeessu. (Ibr. 10:23-25) Dhiibbaa Seexanaa fi addunyaa isaa warra diinota hunda keenyaa taʼanii akka dandamannuuf gumiin eegumsa nuuf hin godhu utuu taʼee miira nutti dhagaʼamu mee yaadi. w22.09 2-3 key. 3-4
Jimaata, Fulbaana 20
Namni arraba isaa toʼatu hundi . . . of eeggataa dha.—Fak. 10:19.
Tarii yeroo miidiyaalee hawaasaa fayyadamnu of toʼachuun rakkisaa nutti taʼuu dandaʼa. Yoo of eeggachuu baanne wanta iccitii taʼe utuu nutti hin beekamin namoota hedduutti himuu dandeenya. Meeshaa elektirooniksiitti fayyadamnee oduu tokko erga babalʼisnee booda akkaataa warri kaan odeeffannoo sana itti fayyadaman ykn balaa inni geessisu toʼachuu hin dandeenyu. Of toʼachuun keenya yeroo mormitoonni odeeffannoo obboloota keenya balaadhaaf saaxilu akka isaanitti himnu nu gowwoomsuuf yaalanittis callisuuf nu gargaara. Tarii haalli akkasii biyya hojiin keenya itti dhorkame ykn daangeffame keessatti yeroo poolisiin nu qoratutti nu mudachuu dandaʼa. Haala akkasiis taʼe kan biroo keessatti qajeelfama ‘afaan keenya hiinee eeggachuuf’ nu gargaaru hordofuu dandeenya. (Far. 39:1) Maatii, michoota, obbolootaa fi obboleettota keenya dabalatee nama kamiyyuu wajjin haala wal qabateen amanamoo taʼuu qabna. Amanamoo taʼuuf immoo of toʼachuun nu barbaachisa. w22.09 13 key. 16
Sanbadduraa, Fulbaana 21
Seera Yihowaatti ni gammada, seera isaas halkanii fi guyyaa sagalee isaa gad qabee dubbisa.—Far. 1:1, 2.
Gammachuu dhugaa argachuuf nyaata hafuuraa soorachuu qabna. Nyaanni hafuuraa nu barbaachisa. Yesuus, “Namni dubbii afaan Yihowaa keessaa baʼu hundumaatiin malee, nyaata qofaan jiraachuu hin dandaʼu” kan jedhe kanaafi. (Mat. 4:4) Kanaafuu, nyaata hafuuraa Dubbii Waaqayyoo keessaa argamu utuu hin sooratin guyyaan tokkollee akka nutti darbu gochuu hin qabnu. Yihowaan waan nu jaallatuuf jireenya gammachiisaa jiraachuuf maal gochuu akka qabnu Kitaaba Qulqulluu keessatti nuuf ibseera. Kitaaba Qulqulluurraa kaayyoo inni nuuf qabu baranna. Akkamitti isatti dhihaachuu fi cubbuu keenyaaf dhiifama argachuu akka dandeenyu, akkasumas waaʼee abdii dinqisiisaa inni nuuf kennee ni baranna. (Er. 29:11) Dhugaawwan Kitaaba Qulqulluu qoʼachuudhaan baranne kun garaan keenya gammachuudhaan akka guutamu godhu. Rakkina jireenya kee keessatti si mudateen yommuu abdii kutattu, Kitaaba Qulqulluu dubbisuu fi irratti xiinxaluudhaan yeroo dabalataa dabarsi. w22.10 7 key. 4-6
Dilbata, Fulbaana 22
Hubannaa keessaniin gaʼeessota taʼaa.—1 Qor. 14:20.
Kitaabni Qulqulluun muuxannoo kan hin qabne akka hin taane kan nu jajjabeessu taʼuun isaa sirriidha. Muuxannoo sirrii kan argannu dhugaawwan buʼuuraa Kitaaba Qulqulluu jireenya keenya keessatti hojiirra oolchuudhaani. Dhugaawwan buʼuuraa kun rakkinarraa kan nu eeganii fi murtoo gaarii gochuuf kan nu gargaaran akkamitti akka taʼe suutuma suuta hubachaa deemna. Gama kanaan guddina goone gamaaggamuun keenya barbaachisaa dha. Fakkeenyaaf, Kitaaba Qulqulluu kan qoʼattuu fi walgaʼiirratti kan argamtu taʼus jireenya kee Yihowaadhaaf murteessitee hin cuuphamne taanaan, galma kanarra gaʼuuf wanta gochuu dandeessurratti yaaduu qabda. Cuuphamteetta taanaanimmoo, misiraachicha lallabuu fi barsiisuurratti guddina gochaa jirtaa? Murtoon gootu qajeelfama Kitaaba Qulqulluutiin akka geggeeffamtu ni argisiisaa? Hariiroo namoota kaan wajjin qabdurratti amaloota Kiristiyaanaa ni argisiistaa? Gama kanaan fooyyaʼiinsa gochuu akka qabdu yoo hubatte ‘yaadachiisa Yihowaa isa nama muuxannoo hin qabne ogeessa godhuuf’ xiyyeeffannaa kenni.—Far. 19:7. w22.10 20 key. 8
Wiixata, Fulbaana 23
Isaan bakka hafuurichi . . . akka deeman isaan kakaasu ni deemu turan.—His. 1:20.
Hisqiʼel hafuurri Waaqayyoo humna guddaa akka qabu argeera. Hafuurri qulqulluun uumamawwan jiraatoo humna guddaa qaban yeroo gargaaruu fi geengoowwan saragallaa isa samii yeroo sochoosu mulʼataan argeera. (His. 1:21) Yeroo kanatti Hisqiʼelitti maaltu dhagaʼame? Hisqiʼel wanta uumame galmeesseera. “Yommuun kana argetti adda kootiin nan gombifame” jedheera. Hisqiʼel baayʼee waan sodaateef lafatti kufe. (His. 1:28) Sana booda Hisqiʼel yeroo mulʼata ajaaʼibsiisaa taʼe kanarratti xiinxalu hundatti hafuurri Waaqayyoo tajaajila isaa raawwachuuf akka isa gargaaru amantiin qabu akka isaaf cimu hin shakkisiisu. Yihowaan Hisqiʼeliin, “Yaa ilma namaa, sii wajjin akkan dubbadhuuf miila keetiin dhaabbadhu” jedhee ajaje. Ajajni kunii fi hafuurri Waaqayyoo Hisqiʼeliif cimina lafarraa kaʼuuf isa barbaachisu isaaf argamsiiseera. (His. 2:1, 2) Hisqiʼel guutummaa tajaajila isaa keessatti “harki” Waaqayyoo, jechuunis hafuurri qulqulluun isa geggeesseera.—His. 3:22; 8:1; 33:22; 37:1; 40:1. w22.11 4 key. 7-8
Kibxata, Fulbaana 24
Duuba keetiin gurri kee sagalee . . . ni dhagaʼa.—Isa. 30:21.
Isaayyaas raajichi asirratti Yihowaan barsiisaa karaa fuuldura isaanii jiru isaanitti argisiisuu fi qajeelfama isaaniif kennuuf barattoota isaa duuba deemuudhaan xiyyeeffannaa isaaniif kennu akka taʼeetti ibseera. Yeroo harʼaatti sagalee Waaqayyoo duuba keenyaan ni dhageenya. Akkamitti? Dubbiin Waaqayyoo Kitaaba Qulqulluu keessatti kan galmeeffame yeroo dheeraa dura dha. Kanaafuu, Kitaaba Qulqulluu yeroo dubbisnu akkuma waan sagalee Waaqayyoo duuba keenyaan dhagaʼaa jirruuti. (Isa. 51:4) Qajeelfama Yihowaan nuuf kennaa jiru irraa faayidaa guutuu argachuu kan dandeenyu akkamitti? Isaayyaas wantoota lama akka dubbate qalbeeffadhu. Tokkoffaa, “Karichi isa kana” jedheera. Lammaffaammoo, “Isa irra deemaa” jedheera. ‘Karicha’ beekuun qofti gaʼaa miti. ‘Isa irra deemuu’ qabna. Dubbii Yihowaa fi ibsa jaarmiyaan isaa nuuf kennurraa wanta Yihowaan nurraa barbaadu barachuu dandeenya. Wanta baranne hojiirra oolchuu kan dandeenyu akkamitti akka taʼes ni baranna. Yihowaa gammachuudhaan tajaajiluu keenya itti fufuuf tarkaanfiiwwan lamaan kana fudhachuu qabna. Eebba Yihowaa akka argannu mirkanaaʼoo taʼuu kan dandeenyu yoo akkas goone qofadha. w22.11 11 key. 10-11
Roobii, Fulbaana 25
Ergan deemee booda, yeeyyiiwwan hamoo taʼan isin gidduu [ni seenu].—HoE. 20:29.
Ergamoonni Yesuus duʼanii utuma baayʼee hin turin Kiristiyaanonni sobaa gumichatti makamuu jalqaban. (Mat. 13:24-27, 37-39) Namoonni kun “barattoota ofitti fudhachuuf dubbii micciiramaa” dubbatu turan. (HoE. 20:30) “Dubbii micciiramaa” Kiristiyaanonni sobaa kun yeroo booda barsiisuu jalqaban keessaa tokko aarsaan Yesuus irra deddeebiʼee dhihaachuu akka qabu kan ibsu ture. Akka Kitaabni Qulqulluun barsiisutti garuu Yesuus “cubbuu namoota hedduu baachuuf yeroo hundumaatiif akka taʼutti al tokkicha” duʼe. (Ibr. 9:27, 28) Yeroo harʼaatti namoonni garaa qajeelaa qaban hedduun barumsa sobaa kana ni amanu. Aarsaa Yesuus amantaawwan tokko tokko Qurbaana jedhanii waaman kabajuuf torban torbaniin, yeroo tokko tokkommoo guyyaa guyyaadhaan gara bataskaanaa dhaqu. Dhaabbileen amantaa kaanimmoo akka kanaatti yeroo gabaabaa keessatti irra deddeebiʼanii kabajuu baatanis, miseensonni isaanii aarsaan Yesuus hiika akkamii akka qabu sirriitti hin beekan. w23.01 21 key. 5
Kamisa, Fulbaana 26
Wanta gaarii gochuu fi waan qabdan warra kaaniif hiruu hin dagatinaa. —Ibr. 13:16.
Yeroo Bulchiinsa Barkumeetti namoonni duʼan duʼaa ni kaafamu; ilmaan namootaa ajajamoo taʼan cubbuurraa guutummaatti walaba taʼu. Namoonni Yihowaan qajeelota akka taʼanitti isaaniif murteesse “lafa ni dhaalu, bara baraafis ishii irra ni jiraatu.” (Far. 37:10, 11, 29) Kan nama gammachiisu, “diina isa dhumaa kan taʼe duuti ni balleeffama.” (1 Qor. 15:26) Abdiin bara baraaf jiraachuuf qabnu ragaa cimaa Dubbii Waaqayyoo keessatti argamurratti kan hundaaʼedha. Abdiin kunis guyyoota dhumaa baayʼee ulfaatoo taʼan kana keessatti amanamoo taanee jiraachuuf nu gargaara. Yihowaa gammachiisuuf garuu fedhii jiraachuuf qabnu caalaa sababiin amanamoo taʼuuf nu kakaasu kan biraan jiraachuu qaba. Sababiin Yihowaa fi Yesuusiif amanamoo taʼuuf nu kakaasu inni guddaan jaalala guddaa isaaniif qabnudha. (2 Qor. 5:14, 15) Jaalalli isaaniif qabnu fakkeenya isaanii hordofuu fi waaʼee abdii keenyaa warra kaanitti himuuf nu kakaasa. (Rom. 10:13-15) Yommuu ofittummaarraa fagaannuu fi arjaa taanu, Yihowaan bara baraaf michoota isaa akka taanu nuuf heyyama. w22.12 7 key. 15-16
Jimaata, Fulbaana 27
Namoonni Kiristoos Yesuusii wajjin tokkummaa qabaachuudhaan Waaqayyoof kan bulan taʼanii jiraachuu barbaadan hundi ni ariʼatamu.—2 Xim. 3:12.
Ariʼatamni wantoota nagaa nuuf argamsiisan hedduu nu dhabsiisuu dandaʼa. Wanta sana booda nu mudachuu dandaʼu sodaachuudhaan dhiphachuu dandeenya. Miirri akkasii nutti dhagaʼamuun isaa dogoggora miti. Taʼus of eeggachuu qabna. Yesuus duuka buutonni isaa sababa ariʼatamaatiin gufachuu akka dandaʼan dubbateera. (Yoh. 16:1, 2) Yesuus ariʼatamni akka nurra gaʼu eeguu akka qabnu kan dubbate taʼus, amanamummaa keenya eeggachuu akka dandeenyus nuuf mirkaneesseera. (Yoh. 15:20; 16:33) Hojiin keenya yoo dhorkame ykn yoo daangeffame waajjira damee fi jaarsoliirraa qajeelfamni nuuf kennamuu dandaʼa. Qajeelfamoonni kun kan nuu kennaman eegumsa nuuf gochuuf, akkasumas nyaata hafuuraa argachuu keenya akka itti fufnuu fi hamma dandaʼametti hojii lallabaarratti hirmaachuu keenya akka itti fufnu nu gargaaruufi. Qajeelfama sii kennameef ajajamuuf wanta siif dandaʼame hunda godhi. (Yaq. 3:17) Waaʼee obboloota keenyaa namoota isaaniif hin malleef odeeffannoo akka hin kennine of eeggadhu.—Lal. 3:7. w22.12 20-21 key. 14-16
Sanbadduraa, Fulbaana 28
[Dhimmaa hojjedhaa].—Ibr. 6:11.
Yeroo harʼaatti Yesuus barattoonni isaa waaʼee Mootummaa Waaqayyoo guutummaa lafaatti yeroo lallaban isaan geggeessuu isaa itti fufeera. Inni waadaa gale eegeera. Jaarmiyaa Yihowaatti fayyadamee akkamitti akka lallabnu nu leenjiseera, meeshaalee misiraachicha babalʼisuuf nu barbaachisanis nuu qopheesseera. (Mat. 28:18-20) Nutis hojii lallabuu fi barsiisuurratti jabaannee hojjechuudhaan, akkasumas yeroo itti Yihowaan dhuma sirna kanaa fidu yommuu eeggannutti dammaqoo taanee itti fufuudhaan gaʼee keenya raawwachuu qabna. Gorsa Ibroota 6:11, 12 irratti argamu hojiirra oolchuudhaan abdii keenya “hamma dhumaatti” cimsinee qabanna. Yihowaan guyyaa fi saʼaatii itti sirna Seexanaa kana balleessu murteesseera. Guyyaan sun yeroo gaʼu, Yihowaan raajiiwwan Dubbii isaa keessatti barreessise hunda ni raawwata. Hammasitti garuu yeroo tokko tokko dhumni sirna kanaa akka ture nutti dhagaʼama taʼa. Haa taʼu malee, guyyaan Yihowaa “hin turu.” (An. 2:3) Kanaafuu, ‘Waaqa fayyinaa keenya obsaan eeggachuudhaan dammaqinaan Yihowaa eeggachuu keenya itti fufuuf’ haa murteessinu.—Mik. 7:7. w23.02 19 key. 15-16
Dilbata, Fulbaana 29
Kan siin gitu tokko illee hin jiru.—Far. 40:5.
Namni gaara baʼu tokko kaayyoon isaa fiixee gaarichaarra gaʼuudha. Haa taʼu malee, namni gaara baʼu kun bakka garaagaraatti dhaabbatee wantoota babbareedoo taʼan ilaala. Haaluma wal fakkaatuun, Yihowaan qorumsa keessattillee milkaaʼina akka argattu si gargaaraa kan jiru akkamitti akka taʼe yeroo ramaduudhaan takka dhaabbadhuu irratti yaadi. Yeroo hundumaa galgala rafuu kee dura akkana jedhii of gaafadhu: ‘Harʼa eebba Yihowaa kanan arge karaa kamiini? Ammayyuu rakkina keessa kanan jiru taʼus, Yihowaan haala isaa dandamachuuf na gargaaraa kan jiru akkamitti?’ Yoo xinnaate eebba Yihowaan sii kennee fi milkaaʼina argachuuf si gargaare tokko adda baafachuuf yaali. Qorumsi sirra gaʼu akka dhaabbatuuf akka kadhattu beekamaadha. (Filp. 4:6) Taʼus, eebba amma arganne hubachuun keenyas barbaachisaadha. Yihowaanis nu cimsuu fi jabaannee akka dhaabbannu nu gargaaruuf waadaa galeera. Kanaafuu, deeggarsa Yihowaan siif godhuuf yeroo hunda galateeffadhu. Akkas yoo goote Yihowaan qorumsa keessattillee milkaaʼina akka argattu si gargaaraa kan jiru akkamitti akka taʼe hubachuu dandeessa.—Uma. 41:51, 52. w23.01 19 key. 17-18
Wiixata, Fulbaana 30
Dhufaatii guyyaa Yihowaa . . . sammuu keessanitti dhiheessaa yaadaa! —2 Phe. 3:12.
Akkana jedhii of gaafadhu: ‘Akkaataan jireenyaa koo dhumni sirna kanaa dhihaachuu isaa akkan hubadhe argisiisaa? Murtoon barumsaa fi hojii ilaalchisee godhu jireenya koo keessatti tajaajila Yihowaatiif iddoo guddaa akkan kennu argisiisaa? Yihowaan anaafis taʼe maatii kootiif wanta barbaachisu akka qopheessu nan amanaa?’ Yihowaan karaa fedha isaa wajjin wal simuun yeroo jiraannu hammam akka gammadu mee yaadi. (Mat. 6:25-27, 33; Filp. 4:12, 13) Yeroo hunda ilaalcha keenya qoruudhaan sirreeffama barbaachisu kamiyyuu gochuu qabna. Phaawulos warra Qorontosiif gorsa, “Amantii keessa jiraachuu keessan beekuuf yeroo hunda of qoraa; eenyummaa keessan beekuuf yeroo hunda of gamaaggamaa” jedhu kenneera. (2 Qor. 13:5) Kanaafuu, Dubbii Waaqayyoo dubbisuudhaan, akka inni yaadutti yaaduudhaan, akkasumas fedhii isaa wajjin walsimnee jiraachuuf sirreeffama barbaachisu kamiyyuu gochuudhaan sammuu keenya haaressuu qabna.—1 Qor. 2:14-16. w23.01 9 key. 5-6