Hagayya
Kamisa, Hagayya 1
Warra Yihowaa sodaatanii fi maqaa isaa irratti xiinxalaniifis kitaabni yaadannoo isa duratti ni barreeffame.—Mil. 3:16.
Yihowaan namoota akka isa sodaatan dubbii isaaniitiin argisiisanii fi maqaa isaa irratti xiinxalan ‘kitaaba yaadannoo’ isaa irratti kan barreesse maaliif sitti fakkaata? Wanti dubbannu wanta garaa keenya keessa jiru argisiisa. Yesuus, “Afaan wanta garaa keessa guute dubbata” jedheera. (Mat. 12:34) Yihowaan namoonni isa jaallatan addunyaa haaraa keessa bara baraaf gammachuudhaan akka jiraatan barbaada. Akkaataan itti dubbannu Yihowaan waaqeffannaa keenya akka fudhatu ykn fudhachuu akka dhiisu gochuu dandaʼa. (Yaq. 1:26) Namoonni Yihowaa hin jaallanne tokko tokko dheekkamsaan, karaa gaarummaa hin qabneen, akkasumas kooraan dubbatu. (2 Xim. 3:1-5) Nuti akka isaanii taʼuu hin barbaannu. Kanaa mannaa, wanta dubbannuun Yihowaa gammachiisuu barbaanna. Haa taʼu malee, Yihowaan walgaʼii ykn tajaajila irratti karaa gaarummaa qabuun kan dubbannu taʼus, miseensota maatii keenyaa wajjin garuu karaa gaarummaa ykn jaalala hin argisiisneen kan dubbannu yoo taʼe ni gammadaa?—1 Phe. 3:7. w22.04 5 key. 4-5
Jimaata, Hagayya 2
Sagaagaltuu sana ni jibbu, ishii ni saamu, qullaatti ishii hambisu, foon ishii ni nyaatu, akkasumas guutummaatti ibiddaan ishii gubu.—Mul. 17:16.
Waaqayyo gaanfonni torbaa fi bineensichi Baabilon Guddittii akka balleessan yaada isaa “garaa isaanii keessa kaaʼeera.” Eeyyee, Yihowaan mootummoota kakaasuudhaan amantaa sobaa addunyaa maratti argaman irratti haleellaa akka bananii fi guutummaatti akka balleessan godha; mootummoonni kana gochuuf bineensa isa diimaatti, jechuunis Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanitti fayyadamu. (Mul. 18:21-24) Kun nuuf hiika maalii qaba? Waaqeffannaa ‘akka ilaalcha Waaqa keenyaatti qulqulluu fi xurii hin qabne’ dhiheessuu keenya itti fufuu qabna. (Yaq. 1:27) Barumsawwan sobaa, ayyaanonni, ulaagaaleen naamusaa gadaanoonii fi gochawwan hafuurota xuraaʼoo Baabilon Guddittii dhiibbaa akka nurratti godhan matumaa heyyamuu hin barbaannu. Kana malees, namoonni cubbuu ishii irratti akka hin hirmaanneef “ishii keessaa [akka baʼan]” isaan akeekkachiisuu keenya itti fufna.—Mul. 18:4. w22.05 11 key. 17; 14 key. 18
Sanbadduraa, Hagayya 3
Ani waaʼee gochawwan Yihowaa warra jaalala isaa isa amanamaa argisiisanii . . . nan dubbadha.—Isa. 63:7.
Warra yoo taatan, ijoollee keessan waaʼee Yihowaa fi waaʼee wantoota gaggaarii inni isiniif godhe barsiisuuf carraa barbaadaa. (Kes. 6:6, 7) Keessumaa maatii amantaadhaan qoqqoodame keessa kan jiraattanii fi yeroo baayʼee ijoollee keessanii wajjin qoʼachuu hin dandeessan yoo taʼe, akkas gochuun keessan baayʼee barbaachisaa dha. Obboleettiin Kiristiin jedhamtu akkana jetteetti: “Waaʼee wantoota hafuuraa mariʼachuuf yeroon qabnu baayʼee muraasa waan taʼeef, carraan argadhu hundatti nan fayyadama.” Kana malees, waaʼee jaarmiyaa Yihowaas taʼe waaʼee obbolootaa fi obboleettota keessanii wanta gaarii dubbadhaa. Jaarsolii hin qeeqinaa. Waaʼee jaarsolii wanta gaarii kan dubbattan yoo taʼe, ijoolleen keessan yeroo gargaarsi isaan barbaachisutti jaarsolii haasofsiisuuf ni kakaʼu. Mana keessa nagaan akka jiraatu godhaa. Yeroo hunda jaalala abbaa manaa fi ijoollee keessaniif qabdan ibsaa. Waaʼee abbaa manaa keessanii karaa gaarummaa fi kabaja qabuun dubbadhaa; ijoolleen keessanis akkasuma akka godhan leenjisaa. Taanaan ijoolleen keessan waaʼee Yihowaa barachuun isaaniif salphachuu dandaʼa.—Yaq. 3:18. w22.04 18 key. 10-11
Dilbata, Hagayya 4
Ani hojii kee beeka.—Mul. 3:1.
Ergaan Yesuus gumii Efesooniif erge obboloonni gumicha keessatti argaman jabaatanii akka dhaabbatanii fi rakkina hedduu dandamatanii Yihowaa tajaajiluu isaanii akka itti fufan ibsa. Taʼus, jaalala jalqabarratti qaban dhiisaniiru. Jaalala jalqabarratti qaban sana haaressuun isaan barbaachisa ture; taʼuu baannaan garuu waaqeffannaan isaanii fudhatama hin argatu. Haaluma wal fakkaatuun, yeroo harʼaas jabaannee dhaabbachuu malees wanti nurraa eegamu jira. Sababii sirriidhaan kakaanee jabaannee dhaabbachuu qabna. Waaqni keenya wanta goonerratti qofa utuu hin taʼin, sababii wanta sana gochuuf nu kakaaserrattis ni xiyyeeffata. Waaqeffannaan keenya jaalalaa fi dinqisiifannaa guddaa isaaf qabnurratti akka hundaaʼu waan barbaaduuf, kakaʼumsa keenyaaf iddoo guddaa kenna. (Fak. 16:2; Mar. 12:29, 30) Yeroo hunda dammaqoo taanee jiraachuu qabna. Miseensonni gumii Sardees immoo rakkina kanarraa adda taʼe qabu turan. Sana dura karaa hafuuraa dammaqoo kan turan taʼus, yeroo booda tajaajila Waaqayyootiif dantaa dhabuu jalqaban. Kanaafuu, Yesuus akka ‘dammaqan’ isaanitti himeera. (Mul. 3:1-3) Yihowaan hojii keenya akka hin irraanfanne beekamaa dha.—Ibr. 6:10; w22.05 3 key. 6-7
Wiixata, Hagayya 5
Hojiin ciminaan hojjetamu kam iyyuu buʼaa qaba.—Fak. 14:23.
Solomoon gammachuun jabaatanii hojjechuudhaan argamu “kennaa Waaqayyoo” akka taʼe ibseera. (Lal. 5:18, 19) Solomoon wanti dubbate kun dhugaa taʼuusaa jireenya isaa keessatti argeera. Solomoon nama jabaatee hojjetu ture. Manneen ijaareera, mukeetii wayinii dhaabeera, akkasumas iddoowwan biqiltuu fi bishaan kuufamaa qopheesseera. Magaalota illee ijaareera. (1 Mot. 9:19; Lal. 2:4-6) Akkanatti jabaatee hojjechuun isaa gammachuu akka isaaf argamsiise hin shakkisiisu. Taʼus, Solomoon dhuguma gammachuu argachuuf wanta dabalataa gochuun akka isa barbaachisu beeka ture. Yihowaa tajaajiluufis wantoota hedduu godheera. Fakkeenyaaf, mana qulqullummaa bareedaa Yihowaan itti waaqeffatamu ijaareera; hojiin ijaarsaa kun waggaa torba fudhateera! (1 Mot. 6:38; 9:1) Solomoon jireenya isaa keessatti wantoota hedduu erga raawwatee booda wanti hundumaa caalaa barbaachisaa taʼe Yihowaa tajaajiluu akka taʼe hubateera. “Xumurri wanta dhagaʼame hundumaa kana dha: Waaqa dhugaa sodaadhu, ajajawwan isaas eegi” jedhee barreesseera.—Lal. 12:13. w22.05 22 key. 8
Kibxata, Hagayya 6
Waaqayyo karaa Kiristoos tola isiniif [dhiiseera].—Efe. 4:32.
Kitaaba Qulqulluu keessatti fakkeenyonni Yihowaan tolaan dhiifama akka godhu argisiisan hedduun jiru. Namni gara sammuu keetti dhufe jiraa? Tarii waaʼee Minaasee Mootichaa yaaddee taʼuu dandaʼa. Namni hamaan kun Yihowaarratti cubbuu suukanneessaa taʼe hojjeteera. Waaqeffannaa sobaa babalʼiseera. Ijoollee isaa ajjeesuudhaan waaqolii sobaatiif aarsaa godhee dhiheesseera. Kanarrayyuu darbee mana qulqullummaa Yihowaa keessa fakkii waaqa sobaa kaaʼeera. Kitaabni Qulqulluun waaʼee isaa yeroo dubbatu, “Isa [dheekkamsiisuuf] wanta Yihowaa duratti hamaa taʼe hedduu ni raawwate” jedha. (2 Sen. 33:2-7) Haa taʼu malee, yeroo Minaaseen garaadhaa yaada akka geddarate argisiisetti Yihowaan tolaan dhiifama isaaf godheera. (2 Sen. 33:12, 13) Waaʼee Daawit Mootichaa isa halalummaa fi ajjeechaa dabalatee Yihowaarratti cubbuuwwan ciccimoo hojjetees ni yaadda taʼa. Haa taʼu malee, yeroo Daawit balleessaa isaa amanuudhaan garaadhaa yaada geddaratetti Yihowaan isaafis dhiifama godheera. (2 Sam. 12:9, 10, 13, 14) Eeyyee, Yihowaan dhiifama gochuuf fedhii guddaa akka qabu mirkanaaʼoo taʼuu ni dandeenya. w22.06 3 key. 7
Roobii, Hagayya 7
Obsaa; . . . garaa keessan cimsaa. —Yaq. 5:8.
Abdiin keenya cimaa taʼe akka itti fufu gochuun yeroo hunda salphaa miti. Waaqayyo waadaawwan gale hamma raawwatutti eeguun nutti ulfaachuu dandaʼa. Haa taʼu malee, Yihowaan yeroo hundumaa waan jiruuf, ilaalchi inni yeroodhaaf qabu kan keenyarraa addadha. (2 Phe. 3:8, 9) Kaayyoo isaa kan raawwatu karaa hundarra wayyuun taʼus, yeroo nuti eegnetti taʼuu dhiisuu dandaʼa. Yeroo waadaawwan Waaqayyo gale itti raawwataman obsaan eeggachaa jirru kanatti abdii keenya cimsachuuf maaltu nu gargaara? (Yaq. 5:7) Yihowaa isa abdii amansiisaa nuuf kennetti caalaatti haa dhihaannu. Kitaabni Qulqulluun abdii qabaachuuf Yihowaan akka jiruu fi “warra cimsanii isa barbaaddatan akka badhaasu” amanuu akka qabnu ibsa. (Ibr. 11:1, 6) Yommuu Yihowaan caalaatti nuuf dhugoomaa deemu waadaa gale hundumaa akka raawwatu amanannaan qabnus cimaa deema. Abdii keenya jabeeffachuuf, Yihowaatti kadhannaa dhiheessuu fi Kitaaba Qulqulluu dubbisuu qabna. Yihowaa arguu kan hin dandeenye taʼus, isatti dhihaachuu ni dandeenya. Akka nu dhagaʼu amanannaa qabaachuudhaan kadhannaadhaan isa haasofsiisuu dandeenya.—Er. 29:11, 12. w22.10 26-27 key. 11-13
Kamisa, Hagayya 8
Iyyoob dubbachuu fi guyyaa itti dhalate abaaruu . . . jalqabe.—Iyo. 3:1.
Mee haala isaa yaadi. Iyyoob daaraa keessa taaʼee dhukkubbii wal irraa hin cinneen dararamaa jira. (Iyo. 2:8) Michoonni isaa utuu wal irraa hin kutin nama gaarii akka inni hin taanee fi wanti inni raawwates gatii akka hin qabne isatti himaa jiru. Qorumsi isaa akkuma dhagaa guddaa isatti ulfaateera; duʼa ijoollee isaatiin kan kaʼes gadda guddaadhaan liqimfameera. Jalqabarratti Iyyoob homaa hin dubbanne. (Iyo. 2:13) Michoonni isaa Iyyoob callisuun isaa Uumaa isaa akka dhiise argisiisa jedhanii yaadaniiru yoo taʼe baayʼee dogoggoraniiru. Achiis Iyyoob mataa isaa ol qabee jara kana ilaalaa taʼuu dandaʼaa, “Hamman duʼutti amanamummaa koo hin dhiisu” jedhe. (Iyo. 27:5) Iyyoob rakkinni kun hundi isarra gaʼus hamma kana ija jabeessaa fi cimaa taʼuuf maaltu isa gargaare? Yeroo baayʼee dhiphatee ture kanattillee Waaqni isaa inni jaalala qabeessa taʼe boqonnaa akka isaaf kennu ni abdata ture. Yoo duʼellee Yihowaan duʼaa akka isa kaasu beeka ture.—Iyo. 14:13-15. w22.06 22 key. 9
Jimaata, Hagayya 9
Egaa, isin akkana jedhaa kadhadhaa: “Yaa Abbaa keenya isa samii irra jiraattuu, maqaan kee haa qulqullaaʼu. Mootummaan kee haa dhufu. Fedhiin kee . . . haa taʼu.”—Mat. 6:9, 10.
Uumaan samii fi lafaa mirga ajaaʼibsiisaa taʼe nuuf kenneera. Kadhannaadhaan akka isatti dhihaannu nuuf heyyameera. Mee yaadi! Yeroo kamittiyyuu, afaan kamiiniyyuu wanta garaa keenya keessa jiru Yihowaa duratti dhangalaasuu ni dandeenya. Hospitaala ciisnees taʼe, mana hidhaatti Abbaan keenya inni jaalala qabeessa taʼe akka nu dhagaʼu amanannaa guutuu qabaachuudhaan kadhannaa isatti dhiheessuu ni dandeenya. Mirga kanaaf iddoo guddaa kennina. Daawit Mootichi mirga kadhannaatiif iddoo guddaa kenna ture. Faarfannaa isaarratti Yihowaadhaan, “Kadhannaan koo si duratti akkuma ixaana qopheeffamee . . . haa taʼu” jedheera. (Far. 141:1, 2) Bara Daawititti ixaanni qulqulluun waaqeffannaa dhugaadhaaf ooluu fi luboonni dhiheessan of eeggannoo guddaadhaan qophaaʼa ture. (Bau. 30:34, 35) Daawit ixaana akka fakkeenyaatti caqasuun isaa wantoota kadhannaa isaarratti caqasu of eeggannoodhaan irratti yaaduu akka barbaadu ibsuu isaa ture. Nutis fedhii akkasii qabna. Kadhannaan keenya Yihowaa kan gammachiisu akka taʼu barbaanna. w22.07 20 key. 1-2; 21 key. 4
Sanbadduraa, Hagayya 10
“Haaloo baʼuun kan koo ti; ani deebisee nan kaffala” jedha Yihowaan.—Rom. 12:19.
Haaloo baʼuun kan Yihowaati. Yihowaan namni tokko yeroo cubbuu nurratti hojjetutti nama sanarratti haaloo akka baanu aangoo nuuf hin kennine. (Rom. 12:20, 21) Akkaataan wanta tokko itti ilaallu daangeffamaa fi mudaa kan qabu waan taʼeef, akka Waaqayyoo dhimma tokkorratti murtii sirrii kennuu hin dandeenyu. (Ibr. 4:13) Yeroo tokko tokkommoo miirri keenya wanta sirrii akka hin goone dhiibbaa nurratti godha. Yihowaan, “Dheekkamsi namaa qajeelummaan Waaqayyoo akka raawwatamu hin godhu” jedhee akka barreessu Yaaqoobiin kakaaseera. (Yaq. 1:20) Yihowaan wanta sirrii akka raawwatuu fi haqni akka raawwatamu akka godhu mirkanaaʼoo taʼuu ni dandeenya. Dhiifama gochuun keenya haqa Yihowaarratti amantii akka qabnu argisiisa. Dhimmicha Yihowaadhaaf dhiisuudhaan inni miidhaa sababa cubbuutiin nurra gaʼe hunda akka sirreessu amanannaa akka qabnu argisiisna. Addunyaa haaraa Yihowaan waadaa nuuf gale keessatti wantoonni gaddisiisoon matumaa “hin yaadataman, garaa keessas hin taaʼan.”—Isa. 65:17. w22.06 10 key. 11-12
Dilbata, Hagayya 11
Maqaa kootiin kan kaʼe saboota hundumaa biratti ni jibbamtu.—Mat. 24:9.
Namoonni nu jibbuun isaanii iyyuu Yihowaa biratti fudhatama akka arganne mirkaneessa. (Mat. 5:11, 12) Mormii kana duuba kan jiru Diyaabilosi. Haa taʼu malee, inni Yesuus wajjin wal gituu hin dandaʼu. Gargaarsa Yesuusiin misiraachichi saboota hundumaatiif lallabamaa jira. Mee ragaa jiru haa ilaallu. Haalli rakkisaan nu mudatu inni kan biraan immoo, namoota afaan garaa garaa dubbataniif lallabuudha. Yesuus mulʼata Yohaannis ergamaatti argisiiserratti, bara keenyatti labsitoonni Mootummichaa gufuu kana moʼuudhaan misiraachicha akka lallaban dubbateera. (Mul. 14:6, 7) Akkamitti? Hamma dandaʼametti namoonni hedduun ergaa Mootummichaa dhagaʼuuf carraa akka argatan gargaaraa jirra. Yeroo ammaatti weebsaayitiin keenya jw.org afaanota 1,000 oliin waan argamuuf, namoonni addunyaa maratti argaman barreeffamoota Kitaaba Qulqulluurratti hundaaʼan dubbisuu dandaʼu. Qaamni Ol Aanaan kitaabni adda durummaadhaan namoota barattoota gochuuf itti qoʼachiisnuu fi Bara Baraaf Gammachuudhaan Jiraadhu! jedhamu afaanota 700 oliin akka hiikamu heyyama kenneera. w22.07 9 key. 6-7
Wiixata, Hagayya 12
Gorsitoota hedduudhaan . . . milkaaʼinni ni argama.—Fak. 11:14.
Yesuus namootaaf garaa laafeera. Maatewos, “Namoota hedduu sana yommuu argu, baayʼee isaaniif gadde; sababiin isaas, isaan akka hoolota tiksee hin qabneetti cunqurfamanii fi dagatamanii turan” jedhee gabaaseera. (Mat. 9:36) Yeroo akkasiitti Yihowaatti hoo maaltu dhagaʼama? Yesuus, “Abbaan koo inni samii warra xixinnoo kana keessaa tokko illee akka badu hin barbaadu” jedheera. (Mat. 18:14) Yaanni kun garaa keenya baayʼee tuqa. Yesuusiin caalaatti beekaa yeroo deemnu, jaalalli Yihowaadhaaf qabnu ni guddata. Obbolootaa fi obboleettota bilchaatoo gumii kee keessa jiran caalaatti beekuudhaan akkamitti jaalala argisiisuu akka dandeessu barachuu fi guddina gochuu dandeessa. Obboloonni kun hammam gammadoo akka taʼan hubadhu. Yihowaa tajaajiluuf murteessuu isaaniitti matumaa hin gaabban. Muuxannoo tajaajila Yihowaa keessatti argatan akka sitti himan isaan gaafadhu. Murtoo barbaachisaa taʼe tokko gochuun yeroo si barbaachisu gorsa isaan gaafadhu. ‘Gorsitoota hedduudhaan milkaaʼinni akka argamu’ yaadadhu. w22.08 3 key. 6-7
Kibxata, Hagayya 13
Ijji Yihowaa qajeelota irra jira. —1 Phe. 3:12.
Hunda keenyayyuu qorumsi garaagaraa nu mudata. Haa taʼu malee, qorumsa kan dandamannu kophaa keenya miti. Akkuma abbaa jaalala qabeessa taʼe tokkoo Yihowaanis yeroo hundumaa nu ilaala. Inni nu cinaa jira, kadhannaa keenya dhagaʼuuf qophaaʼaa dha, nu deggeruufis fedhii guddaa qaba. (Isa. 43:2) Yihowaan gaarummaadhaan kakaʼee wanta jabaannee dhaabbachuuf nu barbaachisu hunda waan nuu kennuuf qorumsa kamiyyuu dandamachuu akka dandeenyu amanannaa qabna. Yihowaan mirga kadhannaa, Kitaaba Qulqulluu, nyaata hafuuraa hedduu taʼe, akkasumas obboloota jaalala qabeeyyi yeroo barbaachisuutti nu gargaaran nuuf kenneera. Abbaan keenya inni samii xiyyeeffannaa waan nuu kennuuf baayʼee isa galateeffanna. “Garaan keenya isatti ni gammada.” (Far. 33:21) Qophii nu gargaaruuf godhe hundumaatti fayyadamuudhaan kunuunsa inni jaalalaan kakaʼee nuuf godhu akka dinqisiifannu argisiisuu dandeenya. Kunuunsa Waaqayyoo argachuu keenya itti fufuuf gaʼee keenya raawwachuu qabna. Karaa kan biraatiin Yihowaadhaaf ajajamuu fi wanta isa duratti sirrii taʼe raawwachuuf wanta dandeenyu kan goonu yoo taʼe, Yihowaan bara baraaf nu ilaala, jechuunis xiyyeeffannaa nuuf kenna. w22.08 13 key. 15-16
Roobii, Hagayya 14
Buʼuurri dubbii keetii dhugaa dha. —Far. 119:160.
Namoonni yeroo harʼaa jiran hedduun eenyuun amanuu akka qaban hin beekan. Namoota siyaasaa, saayintistootaa fi daldaltoota dabalatee namoonni isaan kabajanillee dhugumaan akka isaaniif yaadan amanuun isaan rakkisa. Geggeessitoota amantaa Kiristiyaana ofiin jedhaniifis kabaja hin qaban. Kanaafuu, Kitaaba Qulqulluu isa geggeessitoonni amantaa kun akka hordofan dubbatanirratti amantii dhabuun isaanii nu hin dinqisiisu. Nuti tajaajiltoonni Yihowaa garuu, Yihowaan “Waaqa dhugaa” akka taʼee fi yeroo hunda wanta gaarii nuuf gochuu akka barbaadu ni amanna. (Far. 31:5; Isa. 48:17) Wanta Kitaaba Qulqulluurraa dubbisnutti amanuu akka dandeenyu beekna. Yaada hayyuun Kitaaba Qulqulluu tokko dubbatan kanarratti walii galla: “Wanti Waaqayyo dubbate kamiyyuu soba taʼuu hin dandaʼu ykn utuu hin raawwatamin hin hafu. Sabni Waaqayyoo wanta inni dubbate amanuu ni dandaʼu; sababiin isaas, Waaqa isa wanta sana dubbate ni amanu.” w23.01 2 ¶1-2
Kamisa, Hagayya 15
Xiyyeeffannaa waliif haa kenninu. —Ibr. 10:24.
Obboloonni keenya amantii Yihowaarratti qaban akka cimsatan isaan gargaaruudhaan isaan ijaarra. Obboloota keenya tokko tokkotti namoonni hin amanne ni qoosu. Warri kaanimmoo dhibee fayyaa cimaa taʼe ykn miidhaa miiraa isaanirra gaʼe dandamachuuf waldhaansoo godhu. Obboloonni tokko tokkos yeroo dheeraadhaaf dhuma sirna kanaa eegaa turaniiru. Haalawwan kun yeroo harʼaatti amantii Kiristiyaanotaa ni qoru. Kiristiyaanonni jaarraa jalqabaatti turanis rakkoowwan akkasii isaan mudataniiru. Phaawulos ergamaan amantii obboloota isaa ijaaruuf Kitaabota Qulqulluutti fayyadameera. Fakkeenyaaf, Kiristiyaanonni Yihudoota taʼan miseensota maatii isaanii hin amannee fi amantaan Yihudii Kiristiyaanummaarra akka caalutti yaadaniif akkamitti deebii akka kennan hin beekan taʼa. Xalayaan Phaawulos Ibrootaaf barreesse Kiristiyaanota sana baayʼee akka cimse hin shakkisiisu. (Ibr. 1:5, 6; 2:2, 3; 9:24, 25) Yaada amansiisaa isaaniif barreessetti fayyadamanii miseensota maatii isaanii hin amanneef deebii kennuu dandaʼu. w22.08 23-24 key. 12-14
Jimaata, Hagayya 16
Namni Yihowaatti amanamu . . . eebbifamaa dha.—Er. 17:7.
Namoonni addunyaa Seexanaa keessa jiran eenyuun amanuu akka qaban hin beekan. Daldaltootatti, akkasumas geggeessitoota siyaasaa fi geggeessitoota amantaatti abdii kutataniiru. Namoonni baayʼeen michoota isaanii, olloota isaanii fi miseensota maatii isaaniillee amanuu akka hin dandeenye isaanitti dhagaʼama. Kun taʼuun isaa nu ajaaʼibsiisuu hin qabu. Kitaabni Qulqulluun ‘guyyoota dhumaatti namoonni amanamoo kan hin taane, maqaa kan balleessanii fi gantoota akka taʼan’ dubbata. Karaa kan biraatiin namoonni eenyummaa waaqa sirna kanaa isa amanamaa hin taanee calaqqisiisaa jiru. (2 Xim. 3:1-4; 2 Qor. 4:4) Nuti garuu Kiristiyaanota waan taaneef, guutummaatti Yihowaatti amanamuu akka dandeenyu beekna. Inni akka nu jaallatuu fi michoota isaa ‘matumaa akka hin dhiisne’ mirkanaaʼoodha. (Far. 9:10) Yesuus Kiristoos immoo lubbuu isaa waan nuuf kenneef isattis amanamuu dandeenya. (1 Phe. 3:18) Kana malees, Kitaabni Qulqulluun qajeelfama amansiisaa akka qabate jireenya keenya keessatti argineerra.—2 Xim. 3:16, 17. w22.09 2 key. 1-2
Sanbadduraa, Hagayya 17
Namni Yihowaa sodaatu, namni daandiiwwan isaa irra deemu hundi gammadaa dha.—Far. 128:1.
Gammachuu dhugaan miira yeroo taʼe tokko jiraatee yeroo kan biraatti badu miti. Miira umurii keenya guutuu itti fufuu dandaʼudha. Akkas kan jennu maaliifi? Yesuus Lallaba isaa Isa Gaaraarratti, “Warri wantoota hafuuraa dheebotan gammadoo dha” jedheera. (Mat. 5:3) Yesuus namoonni uumamaan Yihowaa isa Uumaa isaanii taʼe beekuu fi waaqeffachuuf fedhii cimaa akka qaban beeka. ‘Wantoota hafuuraa dheebochuu’ jechuun kanadha. Yihowaan, “Waaqa gammadaa waan taʼeef,” warri isa waaqeffatanis gammadoo taʼuu ni dandaʼu. (1 Xim. 1:11) Gammachuu kan argannu jireenya rakkinarraa walaba taʼe yoo jiraanne qofadhaa? Lakki. Yesuus Lallaba Isaa isa Gaaraarratti “warri gaddan” illee gammachuu qabaachuu akka dandaʼan ibseera. Kana malees, Yesuus “warri qajeelummaadhaaf jedhanii ariʼataman” gammadoo akka taʼan dubbateera. (Mat. 5:4, 10, 11) Yesuus gammachuu dhugaa qabaachuu kan dandeenyu jireenya rakkinarraa walaba taʼe jiraachuudhaan utuu hin taʼin, fedhii hafuuraa keenya guuttachuu fi Waaqayyotti dhihaachuudhaan akka taʼe barsiiseera.—Yaq. 4:8. w22.10 6 key. 1-3
Dilbata, Hagayya 18
Namni hubannaa dhugaa qabu . . . calluma jedha.—Fak. 11:12.
Kiristiyaanni tokko hubannaa qabaachuun isaa ‘yoom callisuu akka qabuu fi yoom dubbachuu akka qabu’ beekuuf isa gargaara. (Lal. 3:7) Aadaa tokko tokko keessatti jechamni, “Dubbachuun meetiidha, callisuun garuu warqiidha” jedhu beekamaadha. Kana jechuun yeroo tokko tokko dubbachuurra callisuun gaarii taʼuu dandaʼa jechuudha. Mee fakkeenya tokko haa ilaallu. Jaarsi gumii muuxannoo qabu tokko yeroo baayʼee haala rakkisaa gumiiwwan kan biroo mudaturratti gargaarsa akka godhu ni gaafatama. Jaarsi gumii tokko waaʼee obboleessa kanaa yeroo dubbatu, “Waaʼee gumiiwwan kan biroo wanta iccitii taʼe akka hin dubbanne baayʼee of eeggata” jedheera. Jaarsi kun hubataa taʼuun isaa kabaja obboloota qaama jaarsolii keessatti isa wajjin tajaajilanii isaaf argamsiiseera. Jaarsoliin kun iccitii isaanii warra kaanitti akka jalaa hin himne mirkanaaʼoodha. Amalli amanamoo taʼuuf nu gargaaru kan biraanimmoo dhugaa dubbachuudha. Nama yeroo hundumaa dhugaa dubbatu amanuun nutti hin ulfaatu.—Efe. 4:25; Ibr. 13:18. w22.09 12 key. 14-15
Wiixata, Hagayya 19
Ogummaan, hubannaan yookiin gorsi Yihowaa mormu gatii hin qabu.—Fak. 21:30.
Namoonni heduun ogummaa dhugaan ‘daandii irratti sagalee ishii ol kaastee yommuu iyyitu’ dhagaʼuu hin barbaadan. (Fak. 1:20) Akka Kitaaba Qulqulluutti gareewwan namootaa ogummaa dhagaʼuu didan sadi jiru; isaanis, ‘warra muuxannoo hin qabne’ ‘warra qoosanii’ fi ‘gowwoota’ dha. (Fak. 1:22-25) ‘Warri muuxannoo hin qabne’ namoota wanta dhagaʼan hunda amananii fi salphaatti gowwoomfamanidha. (Fak. 14:15, milj.) Fakkeenyaaf, waaʼee namoota miliyoonaan lakkaaʼamanii fi geggeessitoota amantaa ykn siyaasaatiin gowwoomfamanii yaadi. Isaan keessaa tokko tokko geggeessitoonni kun akka isaan gowwoomsan yommuu hubatan baayʼee naʼu. Warri Fakkeenya 1:22 irratti ibsaman garuu, amalli isaanii kun waan isaanitti toluuf muuxannoo kan hin qabne taʼanii itti fufuu filatu. (Er. 5:31) Wanta Kitaabni Qulqulluun jedhu beekuus taʼe hojiirra oolchuu hin barbaadan. Nuti garuu akka namoota taʼe jedhanii daandii gowwummaa hordofanii taʼu hin barbaannu.—Fak. 1:32; 27:12. w22.10 19 key. 5-7
Kibxata, Hagayya 20
Aangoo namoonni hundeessan hundaaf bitamaa.—1 Phe. 2:13.
Jaarmiyaan Waaqayyoo nageenya keenya eeguuf qajeelfama nuuf kenna. Jaarsoliin yeroo balaan uumamutti nu qunnamuu akka dandaʼaniif teessoo keenya isa ammaa akka isaaniif kenninu yeroo hunda yaadachiisni nuuf kennama. Kana malees, bakkuma jirru akka turru ykn bakka biraa akka deemnu, akkasumas yeroo balaatti gargaarsa argachuu ykn akkamittii fi yoom gargaarsa gochuu akka dandeenyu ilaalchisee qajeelfamni nuuf kennamuu dandaʼa. Ajajamuu yoo didne lubbuu keenyas taʼe, lubbuu jaarsolii eegumsa nuuf godhanii balaadhaaf saaxiluu dandeenya. (Ibr. 13:17) Obboloonni balaa uumamaa, ykn jeequmsa uummataatiin kan kaʼe qeʼee isaaniirraa buqqaʼan hedduun haala isaanii isa haaraatti baruu fi yeruma sana sochiiwwan tiʼookraasiirratti hirmaachuuf carraaqqii godhaniiru. Akkuma Kiristiyaanota jaarraa jalqabaa sababa ariʼatamaatiin bittinnaaʼanii turanii isaanis ‘dubbii Waaqayyoo lallabuu’ isaanii itti fufaniiru. (HoE. 8:4) Hojii lallabaarratti hirmaachuun isaanii haalawwan rakkisoorratti utuu hin taʼin, Mootummicharratti xiyyeeffachuuf isaan gargaareera. Kanaan kan kaʼes, nagaa fi gammachuu isaanii eeggataniiru. w22.12 19 key. 12-13
Roobii, Hagayya 21
Yihowaan na cinaa jira; ani hin sodaadhu.—Far. 118:6.
Yihowaan dhuunfaatti iddoo guddaa nuuf kenna. Yesuus ergamoota isaa tajaajilaaf erguu isaa dura mormii isaan mudatu akka hin sodaanne isaan gargaareera. (Mat. 10:29-31) Simbira Israaʼel keessatti baayʼee beekamtu tokko akka fakkeenyaatti fayyadameera; simbirri kunis dimbiixiidha. Bara Yesuusitti simbirroonni kun gatii gad aanaadhaan gurguramu turan. Taʼus barattoota isaatiin, “Isaan keessaa ishiin tokko illee utuu Abbaan keessan hin beekin lafa irra hin buutu” jedheera. Itti fufuudhaanis, “Isin dimbiixiiwwan hedduu caalaa gatii guddaa qabdu” jedheera. Karaa kanaan Yesuus Yihowaan dhuunfaatti iddoo guddaa waan isaaniif kennuuf, sababa ariʼatama itti sodaatan akka hin qabne barattoota isaatiif mirkaneesseera. Barattoonni kun yommuu magaalotaa fi mandaroota keessatti lallabanitti dimbiixiiwwan yeroo argan wanta Yesuus dubbate kana akka yaadatan hin shakkisiisu. Yeroo simbira xinnoo tokko argitu hundumaatti, Yihowaan dhuunfaatti iddoo guddaa akka sii kennu yaadadhu; atis “dimbiixiiwwan hedduu caalaa gatii guddaa” qabda. Gargaarsa isaatiin ariʼatama ija jabinaan dandamachuu ni dandeessa. w23.03 18 key. 12
Kamisa, Hagayya 22
Isin Faraʼoonii fi tajaajiltoonni isaa akka nu tuffatan [gootan], akkasumas akka nu ajjeesaniif harka isaanii keessa goraadee [keessan].—Bau. 5:21.
Yeroo tokko tokko mormii maatii fi hojii dhabuu dabalatee rakkinni garaa garaa nu mudata. Yeroo dheeraadhaaf rakkinni yommuu nurra gaʼu abdii kutachuu fi dhiphinaan liqimfamuu dandeenya. Seexanni carraa akkasiitti fayyadamee Yihowaan kan nu jaallatu taʼuu isaa akka shakkinu gochuuf yaala. Diyaabilos rakkina nurra gaʼuuf kan itti gaafatamu Yihowaa fi jaarmiyaa isaa akka taʼetti akka yaannu gochuu barbaada. Haalli akkasii Israaʼelota Gibxii keessa turan tokko tokko mudateera. Israaʼelonni jalqabarratti Yihowaan garbummaa jalaa isaan baasuuf Musee fi Aaroniin akka isaaniif muude amananii turan. (Bau. 4:29-31) Haa taʼu malee, yeroo Faraʼoon jireenyi akka isaanitti ulfaatu godhetti rakkina isaanirra gaʼeef Musee fi Aaroniin komataniiru. (Bau. 5:19, 20) Isaan tajaajiltoota Waaqayyoo amanamoo taʼan kana komataniiru. Akkas gochuun isaanii nama gaddisiisa! Yeroo dheeraadhaaf rakkina dandamachaa jirta taanaan, wanta garaa kee keessa jiru kadhannaadhaan Yihowaatti himi, gargaarsa isaa argachuufis yaali. w22.11 15 key. 5-6
Jimaata, Hagayya 23
Dhuguma dhuguman isiniin jedha, saʼaatiin warri duʼan sagalee Ilma Waaqayyoo itti dhagaʼan ni dhufa; saʼaatiin sunis amma dha; warri isa dhagaʼanis ni jiraatu.—Yoh. 5:25.
Yihowaan madda jireenyaa waan taʼeef, namoota duʼan gara jireenyaatti deebisuuf humna qaba. Eeliyaas raajichaaf ilma dubartii abbaan manaa irraa duʼee fi Saraaptaa jiraattuu duʼaa akka kaasuuf humna kenneera. (1 Mot. 17:21-23) Boodas Eelsaaʼi raajichi gargaarsa Waaqayyootiin ilma dubartii Shunaam duʼaa kaaseera. (2 Mot. 4:18-20, 34-37) Seenaawwan kun Yihowaan namoota duʼan duʼaa kaasuuf humna akka qabu nuuf mirkaneessu. Yesuusis yeroo lafarra turetti Abbaan isaa humna kana akka isaaf kenne argisiiseera. (Yoh. 11:23-25, 43, 44) Yeroo ammaatti Yesuus kan jiru samiirra yeroo taʼu, “samii fi lafa irratti aangoon hundi [isaaf] kennameera.” Kanaafuu, waadaa “warri awwaala yaadannoo keessa jiran hundi” bara baraaf jiraachuuf duʼaa akka kaafaman gale raawwachuu ni dandaʼa jechuudha.—Mat. 28:18; Yoh. 5:26-29. w22.12 5 key. 10
Sanbadduraa, Hagayya 24
Manni Israaʼel . . . na dhagaʼuu waan hin barbaanneef, si hin dhagaʼan.—His. 3:7.
Sabichi Hisqiʼeliin dhagaʼuu diduudhaan Yihowaa dhagaʼuu akka hin barbaanne argisiiseera. Jechoonni caqasa guyyaa harʼaa irratti argaman, Yihowaan sabichi ergaa Hisqiʼel fudhachuu diduun isaa hojiin inni raajii taʼuudhaan hojjetu akka isaaf hin milkoofne kan argisiisu akka hin taane isaaf mirkaneesseera. Kana malees, Yihowaan murtiin inni labse yeroo raawwatamu “raajiin isaan gidduu akka ture [akka beekan]” isaaf mirkaneesseera. (His. 2:5; 33:33) Yaadawwan nama jajjabeessan kun Hisqiʼeliif cimina tajaajila isaa raawwachuuf isa barbaachisu akka isaaf argamsiisan hin shakkisiisu. Hojii lallabaa akka raawwannu kan nu erge Yihowaa akka taʼe beekuun keenya cimina nuuf argamsiisa. Yihowaan, “Dhugaa baatota koo” jedhee nu waamuudhaan nu kabajeera. (Isa. 43:10) Kun mirga guddaadha! Yihowaan akkuma Hisqiʼeliin, “Hin sodaatin” jedhe nuunis, “Hin naʼinaa” jedheera. (His. 2:6) Mormitoota keenya sodaachuu kan hin qabne maaliifi? Akkuma Hisqiʼel nuunis kan erge Yihowaa waan taʼeefi, deggersa isaas qabna.—Isa. 44:8. w22.11 3-4 key. 4-5
Dilbata, Hagayya 25
Namni amanamaan . . . iccitii eega. —Fak. 11:13.
Yeroo harʼaatti jaarsolii fi tajaajiltoota gumii amanamoo taʼan qabaachuu keenyatti baayʼee galateeffanna. Obboloonni amanamoon kun akka gaariitti nu kunuunsu; kanaafis Yihowaa baayʼee galateeffanna. Haa taʼu malee, amanamoo taʼuu keenya argisiisuu kan dandeenyu akkamitti? Obbolootaa fi obboleettota keenya waan jaallannuuf haala isaan keessa jiran beekuu barbaanna. Haa taʼu malee, dhimma dhuunfaa isaanii keessa galuu hin qabnu. Obboloonni gumii Kiristiyaanaa jaarraa jalqabaa keessa turan tokko tokko “wantoota dubbachuu hin qabne dubbachuudhaan hamattootaa fi dhimma namootaa keessa kan galan” turan. (1 Xim. 5:13) Nuti akka isaanii taʼuu akka hin barbaanne beekamaadha. Tarii namni tokko iccitii isaa erga nutti himee booda nama kan biraatti akka hin himne nu gaafata. Fakkeenyaaf, obboleettiin tokko dhibee fayyaa qabdu ykn rakkina ishii mudachaa jiru kan biraa erga nutti himtee booda nama kan biraatti akka hin himne nu gaafatti taʼa. Kanaafuu, iccitii ishii eeguufii qabna. w22.09 10 key. 7-8
Wiixata, Hagayya 26
Sammuu keessan haaressuudhaan jijjiiramaa.—Rom. 12:2.
Sammuu keenya haaressuuf wanta gaarii muraasa qofa gochuun keenya gaʼaa miti. Jireenya keenya keessatti hamma nuuf dandaʼame ulaagaalee Yihowaa hordofuu akka dandeenyuuf keessa keenya qoruudhaan jijjiirama barbaachisu kamiyyuu gochuu qabna. Kana gochuu kan qabnu yeroo tokko qofa utuu hin taʼin itti fufiinsaani. Yeroo mudaarraa bilisa taanu wanta goonu hundumaatiin Yihowaa gammachiisuu dandeenya. Hammasitti garuu, galma kanarra gaʼuuf carraaqqii gochuu keenya itti fufuu qabna. Phaawulos Roomaa 12:2 irratti fedhii Waaqayyoo beekuuf sammuu keenya haaressuun akka nu barbaachisu ibseera. Sirni kun dhiibbaa akka nurratti godhu heyyamuu hin qabnu; kanaa mannaa, galmawwanii fi murtoowwan keenyarratti dhiibbaa gochaa kan jiru addunyaa kana utuu hin taʼin ilaalcha Waaqayyoo taʼuu isaa beekuuf jalqaba of qoruu qabna. w23.01 8-9 key. 3-4
Kibxata, Hagayya 27
Baʼaa kee Yihowaa irratti gati, innis si deggera. Namni qajeelaan akka kufu matumaa hin heyyamu. —Far. 55:22.
Yihowaan haala nu mudatu hundumaa keessa ni galaa? Wantoonni gadheen nu mudatan hundi buʼaa gaarii akka argamsiisan gochuuf jecha wanta jireenya keenya keessatti nu mudatu hundumaa ni toʼataa? Lakki, Kitaabni Qulqulluun ilaalcha akkasii hin deeggaru. (Lal. 8:9; 9:11) Wanti beeknu tokko garuu jira: Yihowaan yeroo qorumsi nurra gaʼu ni arga, iyya gargaarsa argachuuf dhageessisnus ni dhagaʼa. (Far. 34:15; Isa. 59:1) Hunda caalaammoo haala rakkisaa nu mudatu milkaaʼinaan akka dandamannu nu gargaara. Akkamitti? Karaa itti Yihowaan nu gargaaru keessaa inni tokko jajjabina nuuf kennuudha; kanas yeroo baayʼee yeroo sirrii taʼetti godha. (2 Qor. 1:3, 4) Yeroo Yihowaan yeroo caalaatti si barbaachisetti si jajjabeessuudhaan itti si gargaare ni yaadattaa? Yeroo baayʼee Yihowaan qorumsa keessatti kan nu gargaare akkamitti akka taʼe kan hubannu rakkinicha keessa darbinee duubatti deebinee yeroo yaannudha. w23.01 17-18 key. 13-15
Roobii, Hagayya 28
Bineensi inni duraan turee fi amma garuu hin jirre sun . . . gara [badiisaatti] ni deema.—Mul. 17:11.
Bineensi kun bineensa mataa torba qabu wajjin baayʼee wal fakkaata; bifti isaa garuu diimaadha. “Bifa fakkeenyaa bineensichaa” jedhamee waamameera, “mootii saddeettaffaa” akka taʼes ibsameera. (Mulʼata 13:14, 15; 17:3, 8) ‘Mootiin’ kun kanaan dura akka ture, achiis akka badee fi boodammoo deebiʼee akka dhufu ibsameera. Kunis Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii isa faayidaa sirna siyaasaa addunyaa raawwachiisu akka gaariitti kan ibsu dha. Dhaabbanni kun jalqaba Waldaa Mootummoota Addunyaa jedhama ture. Achiis dhaabbanni kun yeroo Waraana Addunyaa Lammaffaatti ni bade. Boodammoo maqaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii jedhamuun dhufe. Bineensonni ykn mootummoonni kun olola isaaniitti fayyadamuudhaan Yihowaa fi saba isaa irratti mormii kakaasu. Akka fakkeenyaatti gara waraana Armaagedoonitti, jechuunis “gara waraana isa guyyaa guddaa Waaqa Hundumaa Dandaʼuutti godhamutti” “mootota guutummaa lafaa” walitti qabu.—Mul. 16:13, 14, 16. w22.05 10 key. 10-11
Kamisa, Hagayya 29
Akkamitti hubatta?—Luq. 10:26.
Yesuus Kitaabota Qulqulluu ofii isaatiin dubbisuu barateera; Kitaabota Qulqulluu akka gaariitti beekuu qofa utuu hin taʼin, jaallachuu fi gocha isaarratti dhiibbaa akka godhanis heyyamuu dandaʼeera. Fakkeenyaaf, wanta Yesuus yeroo umuriin isaa waggaa 12 turetti mana qulqullummaa keessatti uumame yaadadhu. Barsiisonni Seera Musee akka gaariitti beekan “hubannaa fi deebii [Yesuus] kennu baayʼee dinqisiifatu turan.” (Luq. 2:46, 47, 52) Nutis yeroo hunda Kitaaba Qulqulluu kan dubbisnu yoo taʼe Dubbii Waaqayyoo beekuu fi jaallachuu dandeenya. Wanta Yesuus barreessitoota seeraa, Fariisotaa fi Saduuqota dabalatee namoota Seericha beekaniin jedherraa barumsa argachuu dandeenya. Geggeessitoonni amantaa kun yeroo baayʼee Kitaabota Qulqulluu kan dubbisan taʼus, wanta dubbisanirraa faayidaa hin arganne. Yesuus wantoota namoonni kun Kitaabota Qulqulluurraa fayyadamuuf gochuu qaban sadii caqaseera. Wanti Yesuus isaaniin jedhe dandeettii (1) wanta dubbisnu hubachuuf, (2) dhugaawwan gatii guddaa qaban argachuuf, akkasumas (3) Dubbiin Waaqayyoo jireenya keenyarratti jijjiirama akka fidu heyyamuuf qabnu guddifachuuf nu gargaara. w23.02 8-9 key. 2-3
Jimaata, Hagayya 30
Namni abshaalli balaa ni arga, jalaas ni dhokata.—Fak. 22:3.
Balaawwan irraa fagaachuu qabnu tokko tokko, kolomsuu, garmalee dhuguu, garmalee nyaachuu, dubbii gadhee dubbachuu, akkasumas bashannana hammina of keessatti qabatee fi poornoogiraafii ilaaluudha. (Far. 101:3) Diyaabilos michummaa Yihowaa wajjin qabnu nu jalaa balleessuuf yeroo hundumaa carraa barbaada. (1 Phe. 5:8) Yoo of eeggachuu baanne Seexanni sanyii hinaaffaa, amanamummaa dhabuu, sassataa, jibbaa, of tuulummaa fi haaloo qabachuu sammuu fi garaa keenya keessatti facaasuu dandaʼa. (Gal. 5:19-21) Of keessaa buqqisuuf dafnee tarkaanfii yoo fudhachuu baanne akkuma biqiltuu summaaʼaa nu keessatti guddachuu fi miidhaa nurraan gaʼuu dandaʼu. (Yaq. 1:14, 15) Balaa dhokataan irraa fagaachuu qabnu tokkommoo hiriyummaa gadheedha. Namoonni yeroo wajjin dabarsinu dhiibbaa guddaa akka nurratti godhan yaadachuu qabna. (1 Qor. 15:33) Kan of eeggannu yoo taʼe, utuu hin barbaachisin namoota ulaagaalee Yihowaa hin hordofne wajjin walitti hin dhihaannu. (Luq. 21:34; 2 Qor. 6:15) Balaa akka qabu waan beeknuuf michummaa akkasii uumuurraa ni fagaanna. w23.02 16 key. 7; 17 key. 10-11
Sanbadduraa, Hagayya 31
Waaqayyoon jaallachuu jechuun ajajawwan isaa eeguu dha. —1 Yoh. 5:3.
Waaʼee Yihowaa caalaatti barachaa yeroo deemtu jaalalli isaaf qabdus guddachaa dhufeera. Ammas taʼe bara baraaf caalaatti isatti dhihaachuu akka barbaaddu beekamaadha. Isatti dhihaachuus ni dandeessa. Inni gaarummaadhaan kakaʼee garaa isaa akka gammachiistu si jajjabeessa. (Fak. 23:15, 16) Kanas dubbiidhaan qofa utuu hin taʼin, gochaan argisiisuu dandeessa. Akkaataan jireenyaa kee garaadhaa Yihowaa akka jaallattu argisiisa. Akkaataa jireenyaa Yihowaa gammachiisu filachuun galma hundarra caaludha. Jaalala Yihowaadhaaf qabdu argisiisuu kan dandeessu akkamitti? Jalqaba kadhannaa addaa dhiheessuudhaan Waaqa dhugaa isa tokkichaaf of murteessita. (Far. 40:8) Achiis, cuuphamuudhaan of murteessuu kee namootatti argisiista. Cuuphaan jireenya kee keessatti wanta gammachiisaa iddoo guddaa qabudha; jireenya haaraa jalqabda; kan jiraattu garuu ofii keetiif utuu hin taʼin Yihowaadhaafi. (Rom. 14:8; 1 Phe. 4:1, 2) Kun murtoo salphaa miti. Taʼus, jireenya hundarra caalu jiraachuuf carraa siif bana. w23.03 5-6 key. 14-15