LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • es24 ful. 67-77
  • Adoolessa

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Adoolessa
  • Kitaaba Qulqulluu Guyyaa Guyyaan Qoruu—2024
  • Mata Dureewwan Xixiqqaa
  • Wiixata, Adoolessa 1
  • Kibxata, Adoolessa 2
  • Roobii, Adoolessa 3
  • Kamisa, Adoolessa 4
  • Jimaata, Adoolessa 5
  • Sanbadduraa, Adoolessa 6
  • Dilbata, Adoolessa 7
  • Wiixata, Adoolessa 8
  • Kibxata, Adoolessa 9
  • Roobii, Adoolessa 10
  • Kamisa, Adoolessa 11
  • Jimaata, Adoolessa 12
  • Sanbadduraa, Adoolessa 13
  • Dilbata, Adoolessa 14
  • Wiixata, Adoolessa 15
  • Kibxata, Adoolessa 16
  • Roobii, Adoolessa 17
  • Kamisa, Adoolessa 18
  • Jimaata, Adoolessa 19
  • Sanbadduraa, Adoolessa 20
  • Dilbata, Adoolessa 21
  • Wiixata, Adoolessa 22
  • Kibxata, Adoolessa 23
  • Roobii, Adoolessa 24
  • Kamisa, Adoolessa 25
  • Jimaata, Adoolessa 26
  • Sanbadduraa, Adoolessa 27
  • Dilbata, Adoolessa 28
  • Wiixata, Adoolessa 29
  • Kibxata, Adoolessa 30
  • Roobii, Adoolessa 31
Kitaaba Qulqulluu Guyyaa Guyyaan Qoruu—2024
es24 ful. 67-77

Adoolessa

Wiixata, Adoolessa 1

Warra amanamoo taʼaniif, dubbiidhaan . . . fakkeenya taʼi.—1 Xim. 4:12.

Dandeettiin dubbachuu kennaa Waaqa keenya isa jaalala qabeessa taʼe irraa arganne dha. Haa taʼu malee, dandeettiin dubbachuu karaa dogoggoraatiin hojiirra ooluu jalqabe. Seexanni Hewaanitti soba dubbate; sobni kun immoo ilmaan namootaa cubbuu fi mudaa akka qabaatan godheera. (Uma. 3:1-4) Addaam dogoggora raawwateef Hewaaniin, darbees Yihowaa yeroo komatetti dandeettii dubbachuu isaa karaa dogoggoraatiin itti fayyadameera. (Uma. 3:12) Qaayin obboleessa isaa Abeeliin erga ajjeesee booda Yihowaa sobeera. (Uma. 4:9) Yeroo harʼaatti, fiilmiiwwan dubbii gadhee of keessaa hin qabne argachuunis baayʼee ulfaataadha. Barattoonni mana barumsaatti, namoonni guguddaan immoo bakka hojii isaaniitti dubbii akkasiitiif saaxilamu. Yoo of eeggachuu baanne dubbii gadhee yeroo baayʼee dhagaʼuu keenyaan kan kaʼe itti fayyadamuu jalqabuu dandeenya. Kiristiyaanota waan taaneef Yihowaa gammachiisuu barbaanna; kanaafuu, matumaa dubbii gadhee hin dubbannu. Kennaa dinqisiisaa taʼe kana karaa gaarii taʼeen, jechuunis Waaqa keenya jajachuuf itti fayyadamuu barbaanna. w22.04 4 key. 1-3

Kibxata, Adoolessa 2

Waaqayyoo fi Qabeenyaaf garbicha taʼuu hin dandeessan.—Mat. 6:24.

Yesuus qabeenyaaf ilaalcha madaalamaa qaba ture. Nyaachuu fi dhuguunis isa gammachiisa ture. (Luq. 19:2, 6, 7) Yeroo tokko dinqii raawwate isa jalqabaa irratti bishaan gara daadhii wayinii gaarii taʼeetti jijjiireera. (Yoh. 2:10, 11) Guyyaa ajjeefametti uffata gatii guddaa qabu uffatee ture. (Yoh. 19:23, 24) Taʼus, Yesuus jireenya isaa keessatti iddoo guddaa kan kennu qabeenyaaf hin turre. Yesuus Mootummichaaf dursa yoo kennine Yihowaan wanta nu barbaachisu akka nuuf kennu barsiiseera. (Mat. 6:31-33) Obboloonnii fi obboleettonni keenya hedduun gorsa Yihowaan maallaqa ilaalchisee kenne hojiirra oolchuudhaan faayidaa guddaa argataniiru. Mee obboleessa qeenxee Daaniʼel jedhamu akka fakkeenyaatti haa ilaallu. “Umurii waggoota kurnanii keessa yeroon turetti jireenya koo keessatti sochiiwwan hafuuraatiif dursa kennuuf murteesseen ture” jedheera. Daaniʼel jireenya isaa salphaa waan godheef yeroo isaa fi dandeettii isaa tajaajila Yihowaatiif oolchuu dandaʼeera. Akkana jedheera: “Maallaqni hammamii iyyuu eebban Yihowaa irraa argadhee wajjin walgituu hin dandaʼu.” w22.05 21-22 key. 6-7

Roobii, Adoolessa 3

[Yihowaan] dukkana keessaa gara ifa isaa isa dinqisiisaa taʼetti isin waame.—1 Phe. 2:9.

Kitaaba Qulqulluu fi barreeffamoota Kitaaba Qulqulluurraatti hundaaʼan yeroo hunda qoʼachuudhaan dhugaa akka jaallannu argisiisuu dandeenya. Dhugaa keessa kan turre yeroo hammamiitiifiyyuu yoo taʼe, barachuu keenya itti fufna. Qoʼachuun hojii salphaa miti; taʼus si kiisa. Dubbisuu fi qoʼachuu kan jaallatu hunda keenya miti. Taʼus, Yihowaan dhugaa caalaatti akka hubannuuf ‘barbaaduu keenya akka itti fufnu’ nu affeereera. (Fak. 2:4-6) Carraaqqii akkasii yommuu goonu faayidaa arganna. Kooreyi qoʼannaa dhuunfaa isaa ilaalchisee yommuu ibsu al takkatti caqasa tokkorratti akka xiyyeeffatu dubbateera. Akkana jedheera: “Miiljalee hunda nan dubbisa, caqasa biratti kenname hunda nan ilaala, akkasumas qorannaa dabalataan godha. . . . Mala kanatti fayyadamee dubbisuu kootti faayidaa guddaa argadheera.” Malli fayyadamnu kanas taʼe kan biraa dhugaa gad fageenyaan beekuuf yeroo kan ramadnuu fi carraaqqii kan goonu yoo taʼe dinqisiifannaa dhugaadhaaf qabnu mulʼisaa jirra.—Far. 1:1-3. w22.08 17 key. 13; 18 key. 15-16

Kamisa, Adoolessa 4

Ani hojjetaa dandeettii qabu taʼee isa maddiin ture. Inni guyyaa guyyaadhaan haala adda taʼeen natti gammada ture; anis yeroo hunda isa duratti nan gammadan ture.—Fak. 8:30.

Yeroo gara lafaa dhufetti barattoota isaa waaʼee Abbaa isaa barsiisuuf uumamatti fayyadameera. Mee wantoota inni barsiise keessaa tokko haa ilaallu. Yihowaan namoota hundumaatti jaalala argisiiseera. Yesuus lallaba isaa isa gaaraarratti ifa aduu fi bokkaa caqaseera; namoonni baayʼeen wantoota kanaaf xiyyeeffannaa hin kennan. Jireenyi akka itti fufu gochuuf garuu wantoonni kun lamaanuu barbaachisoodha. Yihowaan namoota isa hin tajaajille wantoota kana dhowwachuu ni dandaʼa ture. Inni garuu jaalalaan kakaʼee hundi keenyayyuu aduu fi bokkaa akka argannu godheera. (Mat. 5:43-45) Yesuus, Yihowaan namoota hundumaatti jaalala argisiisuu akka barbaadu barattoota isaa barsiisuuf fakkeenya kanatti fayyadameera. Yeroo aduun lixxu ykn yeroo bokkaan roobu jaalala Yihowaan namoota hundumaatti argisiiserratti xiinxaluu dandeessa. Fakkeenyi isaa kun namoota hundaaf lallabuudhaan jaalala akkasii argisiisuuf nu kakaasuu dandaʼa. w23.03 17 key. 9-10

Jimaata, Adoolessa 5

Baayʼeen ajaaʼibsiifadhe.—Mul. 17:6.

Wanti Yohaannis ergamaa ajaaʼibsiise maalidha? Dubartii bineensa diimaa tokkorra teessee dha. Dubartiin tun “sagaagaltuu guddittii” dha; maqaan ishiis “Baabilon Guddittii” jedhama. Mootota lafaa wajjin “halalummaa” ni raawwatti. (Mul. 17:1-5) ‘Baabilon Guddittiin’ eenyu? Dubartiin tun geggeessitoota siyaasaa addunyaa wajjin halalummaa waan raawwatteef, dhaabbata siyaasaa hin argisiistu. (Mul. 18:9) Bineensicha irra akka teesse ibsamuun isaas geggeessitoota siyaasaa kana toʼachuuf carraaqqii akka gootu argisiisa. Kana malees, dubartiin tun sirna daldalaa addunyaa Seexanaa sassataan guutame hin argisiistu. Sirni daldalaa bakka biraatti ‘daldaltoota lafaa’ jedhamee ibsameera. (Mul. 18:11, 15, 16) Baabilon ishiin durii wiirtuu waaqeffannaa sobaa turte. Kanaafuu, Baabilon Guddittiin amantaa sobaa addunyaarra jiru hunda kan argisiistu taʼuu qaba.—Mul. 17:5, 18. w22.05 11 key. 14-16

Sanbadduraa, Adoolessa 6

Diinni keessan Diyaabilos nama liqimsu barbaadee akka leenca barooduutti naannaʼaa jira.—1 Phe. 5:8.

Haati takka, ‘Ijoolleen koo Yihowaa tajaajiluu ni filatuu laata?’ jettee yaaddaʼuun ishii waanuma jiru dha. Warri, addunyaan Seexanaa ijoollee isaanii irratti dhiibbaa hammamii akka godhu beeku. Kana malees, haadhotii hedduun kophaa isaanii ijoollee guddisu; tokko tokko immoo abbootiin manaa isaanii Yihowaa hin waaqeffatan. Haalli rakkisaan kan mudatu maatii amantaadhaan qoqqoodame qofa miti. Warri lamaanuu dhugaa keessa kan jiran yoo taʼe illee, garaa ijoollee tuquudhaan tajaajiltoota Yihowaa amanamoo akka taʼan gargaaruun rakkisaa taʼuu dandaʼa. Haalli isaa maal iyyuu yoo taʼe garmalee hin yaaddaʼin. Yihowaan si gargaara. Meeshaalee jiran waaqeffannaa maatii irratti itti fayyadamuun kan dandaʼamu akkamitti akka taʼe warra muuxannoo qaban gaafachuu dandeessa. (Fak. 11:14) Yihowaan ijoollee kee yeroo haasofsiistus si gargaaruu dandaʼa. Wanta sammuu fi garaa isaanii keessa jiru hubachuuf akka si gargaaru kadhadhu.—Fak. 20:5. w22.04 17 key. 4, 7; 18 key. 9

Dilbata, Adoolessa 7

Jaalalli keessan beekumsa sirrii fi hubannaa guutuudhaan caalaatti guddachaa akka deemu kadhachuu koo ittan fufa.—Filp. 1:9.

Waaʼee ilma Yihowaa isa amala Abbaa isaa guutummaatti calaqqisiisee caalaatti beekuudhaan jaalala Yihowaadhaaf qabnu guddifachuu dandeenya. (Ibr. 1:3) Karaan Yesuusiin beekuu itti dandeenyu inni gaariin Wangeelota arfan qoʼachuudhaani. Guyyaa guyyaadhaan Kitaaba Qulqulluu dubbisuu hin eegalle taanaan, amma maaliif hin eegaltu? Waaʼee Yesuus yeroo dubbistu amaloota isaatiif xiyyeeffannaa addaa kenni. Yesuus nama itti dhihaatamu ture; ijoollee xixinnoos jaalalaan hammata ture. (Mar. 10:13-16) Barattoonni isaa baayʼee isatti dhihaatu turan; miira isaaniis bilisummaadhaan isaaf ibsaniiru. (Mat. 16:22) Yesuus fakkeenya Abbaa isaa waan hordofeef, Yihowaanis salphaatti kan itti dhihaatamu akka taʼe hubanna. Kadhannaadhaan isa haasofsiisuu dandeenya. Kadhannaa keenyarratti wanta garaa keenya keessa jiru isatti himuu dandeenya. Yeroo kana goonu akka nu hin ceephaane mirkanaaʼoo taʼuu dandeenya. Yihowaan nu jaallata, akkasumas nuuf yaada.—1 Phe. 5:7. w22.08 3 key. 4-5

Wiixata, Adoolessa 8

Yaa Yihowaa, ati gaarii dha, dhiifama gochuufis qophaaʼaa dha.—Far. 86:5.

Yihowaan Uumaa keenya waan taʼeef waaʼee keenya waan hundumaa beeka. Mee yaadi, waaʼee namoota lafa kanarra jiran hundumaa wanti inni hin beekne tokkollee hin jiru. (Far. 139:15-17) Kanaafuu, mudaa warra keenyarraa dhaalle hunda arguu ni dandaʼa. Kanarra darbees, wantoota jireenya keenya keessatti nu mudatanii fi eenyummaa amma qabnu akka qabaannu godhan hundumaa beeka. Maarree, Yihowaan waaʼee keenya akka gaariitti beekuun isaa maal gochuuf isa kakaasa? Gara laafina nutti argisiisuuf isa kakaasa. (Far. 78:39; 103:13, 14) Yihowaan dhiifama nuu gochuuf fedhii guddaa akka qabu ifatti argisiiseera. Balleessaa Addaam raawwateen kan kaʼe hundi keenyayyuu cubbamoota akka taanee fi duʼaaf akka saaxilamne beeka. (Rom. 5:12) Ofii keenyas taʼe nama kan biraa cubbuu fi duʼarraa oolchuuf wanti gochuu dandeenyu hin jiru. (Far. 49:7-9) Haa taʼu malee, Waaqni keenya inni jaalala qabeessa taʼe gara laafinaan kakaʼee bilisa nu baasuuf qophii godheera. Yohaannis 3:16 irratti akka ibsametti nuuf jedhee akka duʼuuf Ilma isaa isa tokkicha ergeera.—Mat. 20:28; Rom. 5:19. w22.06 3 key. 5-6

Kibxata, Adoolessa 9

Namni garraamiin ofii isaa ni fayyada.—Fak. 11:17.

Wanta Yihowaan tajaajilaa isaa Iyyoobiif godhe, namni warra kaaniif dhiifama godhu dhiifama akka argatu ifa nuuf godha. Namni amanamaan kun wanta namoonni sadan, jechuunis Eliifaaz, Bildaadii fi Zofaar dubbataniin baayʼee miidhamee ture. Yihowaan akka isaaniif kadhatu Iyyoobitti himee ture. Iyyoob erga isaaniif kadhatee booda Yihowaan isa eebbiseera. (Iyo. 42:8-10) Haaloo qabachuun numa miidha. Haaloo qabachuun baʼaa ulfaataadha; Yihowaan haaloo qabachuu dhiisuudhaan boqonnaa akka argannu barbaada. (Efe. 4:31, 32) ‘Dheekkamsa irraa akka of dhowwinu, aariis akka dhiisnuʼ nu jajjabeessa. (Far. 37:8) Gorsa kana hordofuun ogummaadha. Haaloo qabachuun qaama keenyas taʼe sammuu keenya miidhuu dandaʼa. (Fak. 14:30) Fakkeenyaaf, summii yoo dhugne nu miidha; haaluma wal fakkaatuun haaloo yoo qabannes kan miidhamu nama nu gaddisiise utuu hin taʼin numadha. Kanaafuu, yeroo dhiifama goonus ofuma fayyadaa jirra jechuudha. Nagaa sammuu ni qabaanna, Yihowaa tajaajiluu keenyas itti fufuu ni dandeenya. w22.06 10 key. 9-10

Roobii, Adoolessa 10

Uffata qomaa amantii fi jaalalaas haa uffannu; akkasumas abdii fayyinaa akka baarmeexaa sibiilaatti haa kaaʼannu.—1 Tas. 5:8.

Abdiin keenya inni akkuma baarmeexaa sibiilaa taʼe sammuu keenyaaf eegumsa godha, akkasumas garmalee ofirratti xiyyeeffachuudhaan hariiroo Yihowaa wajjin qabnu balaadhaaf akka hin saaxille nu gargaara. (1 Qor. 15:33, 34) Abdiin keenya Yihowaa gammachiisuun gatii akka hin qabnetti yaaduurraas nu eega. Eliifaaz wantuma kana wajjin wal fakkaatu Iyoobitti himee akka ture yaadadhu. Eliifaaz, “Namni duʼu qulqulluu taʼuu . . . ni dandaʼaa?” jedheera. Yeroo waaʼee Waaqayyoo dubbatu, “Kunoo, inni qulqulloota isaa irratti amantii hin qabu, samiin illee ija isaa duratti qulqulluu miti” jedheera. (Iyo. 15:14, 15) Kun soba guddaadha! Yaada akkasii duuba kan jiru Seexana akka taʼe yaadadhu. Seexanni yaada akkasiirratti kan xiyyeeffattu yoo taʼe abdiin kee akka badu beeka. Kanaafuu, soba akkasiirraa fagaadhu. Yihowaan bara baraaf akka jiraattu akka barbaaduu fi galma kanarra akka geessu akka si gargaaru matumaa hin shakkin.—1 Xim. 2:3, 4. w22.10 25-26 key. 8-10

Kamisa, Adoolessa 11

Iyyoob afaan isaatiin cubbuu hin dubbanne.—Iyo. 2:10.

Seexanni Iyyoob rakkinni isarra gaʼaa kan ture Yihowaa biratti fudhatama waan dhabeef akka taʼe isa amansiisuu barbaadee ture. Fakkeenyaaf, Seexanni bubbee cimaan mana ijoolleen Iyyoob kurnan keessatti waliin nyaachaa turan akka rukutu godheera. (Iyo. 1:18, 19) Kana malees, ibiddi samii irraa buʼee beeladoota Iyyoob qofa utuu hin taʼin, tajaajiltoota isaa warra isaan eegaa turanis akka balleessu godheera. (Iyo. 1:16) Bubbee fi ibiddi sun qaama humna namaatii ol taʼerraa akka dhufan ifadha; kanaafuu, Iyyoob bubbee fi ibiddi sun Yihowaa biraa akka dhufan yaadee ture. Kanaan kan kaʼes, Iyyoob karaa taʼe tokkoon Yihowaa akka gaddisiise isatti dhagaʼame. Taʼus, Abbaa isaa isa samii arrabsuu dideera. Iyyoob waggoota hedduudhaaf wantoota gaggaarii baayʼee Yihowaa irraa argachaa akka ture dubbateera. Kanaafuu, wanta gaarii fudhachuun erga isa gammachiisee, wanta hamaas fudhachuuf fedhii qabaachuu akka qabu dubbateera. “Maqaan Yihowaa yeroo hundumaa haa jajamu” kan jedhe kanaafi.—Iyo. 1:20, 21. w22.06 21 key. 7

Jimaata, Adoolessa 12

Maqaa kootiin kan kaʼe nama hundumaa biratti ni jibbamtu. Namni hanga dhumaatti jabaatee dhaabbatu garuu ni fayya.—Mar. 13:13.

Yesuusis yeroo duuka buutota isaatiif Yohaannis 17:14 irratti akeekkachiisa kana wajjin wal fakkaatu kenneera. Keessumaa waggoottan 100 darban keessatti kutaan raajiin kun yeroo raawwatamu argineerra. Akkamitti? Bara 1914​tti Yesuus akkuma Mootii taʼee muudameen Seexanni samiirraa gad darbatameera. Amma sochiin isaa lafarratti qofa kan daangeffamedha, akkasumas badiisa isaa eeggachaa jira. (Mul. 12:9, 12) Haa taʼu malee, yeroo sanaa kaasee sochii cimaa gochaa jira. Seexanni baayʼee waan aareef, saba Waaqayyoorratti haleellaa baneera. (Mul. 12:13, 17) Addunyaan Seexanaa caalaatti saba Waaqayyoo kan jibbe kanaafi. Taʼus, Seexanaa fi duuka buutota isaa hin sodaannu. Kanaa mannaa, akkuma Phaawulos ergamaa amanannaadhaan, “Waaqayyo nuu wajjin yoo taʼe, eenyutu nu mormuu dandaʼa?” jenna. (Rom. 8:31) Guutummaatti Yihowaatti amanamuu dandeenya. w22.07 18 key. 14-15

Sanbadduraa, Adoolessa 13

Saboota hundumaatti ragaa akka taʼuuf misiraachoon Mootummichaa guutummaa lafaa irratti ni lallabama.—Mat. 24:14.

Yesuus dhuma sirna kanaatti hanqinni hojjettootaa na mudata jedhee hin yaaddofne. Raajiin faarfatichi, “Guyyaa humna waraanaa kee geggeessitutti sabni kee fedhiidhaan of dhiheessa” jechuudhaan dubbate akka raawwatamu beeka. (Far. 110:3) Hojii lallabaarratti hirmaachaa jirta yoo taʼe, Yesuusii fi garbicha amanamaa deggeraa, akkasumas raajiin kun akka raawwatamu gargaarsa gochaa jirta jechuudha. Hojiin kun hojjetamaa jira, garuu haalli rakkisaanis jira. Haalli rakkisaan labsitoota Mootummichaa mudatu inni tokko mormiidha. Gantoonni, akkasumas geggeessitoonni amantaa fi siyaasaa hojii keenya ilaalchisee namoota hedduutti soba dubbatu. Firoonni keenya, namoonni beeknuu fi namoonni wajjin hojjennu odeeffannoo sobaa kana amananii Yihowaa tajaajiluu fi lallabuu keenya akka dhaabnu dhiibbaa nurratti gochuu dandaʼu. Biyyoota tokko tokkotti diinonni keenya obbolootaa fi obboleettota keenya doorsisuu, miidhuu, akkasumas mana hidhaallee isaan galchuu dandaʼu. w22.07 8 key. 1; 9 key. 5-6

Dilbata, Adoolessa 14

Mootummaa Waaqayyootti galuuf rakkina hedduu keessa darbuu qabna.—HoE. 14:22.

Yihowaan yeroo hundumaa Kitaaba Qulqulluu dubbisuu fi wanta dubbisnerratti gadi fageenyaan yaaduuf yeroo akka ramadnu nurraa eega. Wanta baranne yommuu hojiirra oolchinu amantiin keenya ni cima, akkasumas gara Abbaa keenya isa samiitti caalaatti dhihaanna. Kunimmoo jabina qorumsa dandamachuuf nu gargaaru nuuf kenna. Kana malees, Yihowaan warra Dubbii isaatti amanamaniif hafuura isaa ni kenna. Hafuurri qulqulluun immoo ‘humna humna caaluu’ fi qorumsa nu mudatu kamiyyuu dandamachuuf nu gargaaru nuuf kenna. (2 Qor. 4:7-10) “Garbichi amanamaanii fi ogeessi” gargaarsa Yihowaatiin barreeffamoota, viidiyoowwanii fi muuziqaawwan amantii keenya cimsuu fi karaa hafuuraa dammaqoo taanee itti fufuuf nu gargaaran nuuf qopheessaa jira. (Mat. 24:45) Yihowaan akka wal jaallatanii fi yeroo rakkinaatti akka wal jajjabeessan saba isaa leenjiseera. (2 Qor. 1:3, 4; 1 Tas. 4:9) Obboloonni fi obboleettonni keenya yeroo rakkinni nu mudatu amanamummaa keenya akka eeggannu nu gargaaruuf fedhii guddaa qabu. w22.08 12 key. 12-14

Wiixata, Adoolessa 15

Hidhaa nagaa isa tokko godhuun tokkummaa hafuuraa eeguuf carraaqqii cimaa godhaa.—Efe. 4:3.

Amaloota gaggaarii obboloonni keenya qaban ifatti dubbachuudhaan, obboloonni keenya caalaatti akka walitti dhihaatanii fi jaalalli isaan gidduu jiru akka cimu gumaacha goona. Darbee darbee Kiristiyaanonni bilchina qabanillee walii galtee dhabuu ykn wal falmuu dandaʼu. Haalli akkasii Phaawulos ergamaa fi michuu isaa Barnaabaas gidduutti uumamee ture. Adeemsa misiyoonummaa ittaansuudhaan godhanirratti Maarqosiin fuunee deemuu qabna moo dhiisuu qabna jedhanii cimsanii wal falmanii turan. “Falmii guddaan isaan gidduutti waan kaʼeef” waliin deemuu dhaaban. (HoE. 15:37-39) Taʼus Phaawulos, Barnaabaasii fi Maarqos deebiʼanii nagaa uumaniiru. Phaawulos yeroo booda waaʼee Barnaabaasii fi Maarqos wanta gaarii dubbateera. (1 Qor. 9:6; Qol. 4:10) Nutis waldhabiinsa nu gidduutti uumamuuf furmaata kennuu qabna; achiis amaloota gaggaarii warri kaan qabanirratti xiyyeeffachuu keenya itti fufuu qabna. Karaa kanaan nagaa fi tokkummaan akka babalʼatu goona. w22.08 23 key. 10-11

Kibxata, Adoolessa 16

Akka isinitti hin murteeffamneef warra kaanitti murteessuu dhiisaa.—Mat. 7:1.

Ulaagaalee qajeelinaa Yihowaa hordofuuf kan carraaqnu taʼus, warra kaanitti murteessuu fi garmalee qajeelaa of gochuurraa fagaachuu qabna. “Abbaan murtii guutummaa lafaa” Yihowaa taʼu isaa yaadachuu qabna. (Uma. 18:25) Yihowaan warra kaanitti akka murteessinu aangoo nuuf hin kennine. Fakkeenya Yoseef isa nama qajeelaa taʼee haa ilaallu. Yoseef namoota baayʼee isa miidhan irrattillee murteessuurraa fagaateera. Obboloonni isaa isa reebanii, garbummaatti isa gurguranii, akkasumas duʼeera jedhanii abbaa isaa amansiisanii turan. Waggoota hedduu booda Yoseef maatii isaa wajjin wal argeera. Yeroo kanatti Yoseef bulchaa aangoo guddaa qabu taʼee waan tureef, gara jabinaan obbolootasaatti murteessuudhaan isaan irratti haaloo baʼuu dandaʼa ture. Obboloonni Yoseef wanta godhanii turanitti garaadhaa gaabbanii kan turan taʼus, Yoseef akkas akka godhu eeganii taʼuu dandaʼa. Yoseef garuu, “Hin sodaatinaa. Ani iddoo Waaqayyoon jiraa?” isaaniin jedhe. (Uma. 37:18-20, 27, 28, 31-35; 50:15-21) Yoseef gad of qabuudhaan warra kaanitti murteessuu Yihowaadhaaf dhiiseera. w22.08 30 key. 18-19

Roobii, Adoolessa 17

Gargaaruuf humna yoo qabaatte, warra isaan barbaachisuuf wanta gaarii hin dhowwatin.—Fak. 3:27.

Yihowaan kadhannaa namni tokko garaadhaa dhiheessuuf deebii kennuuf sitti fayyadamuu akka dandaʼu beektaa? Jaarsas taate tajaajilaa gumii, qajeelchaa ykn babalʼisaa atis warra kaan gargaaruu ni dandeessa. Dargaggeessas taate maanguddoo, dhiiras taate durba kana gochuu ni dandeessa. Yihowaan namni isa jaallatu tokko yommuu gargaarsaaf isatti iyyatu, jaarsoliin gumii ykn tajaajiltoonni isaa amanamoo kan biroon “madda jajjabinaa guddaa” akka isaaf taʼan gochuu dandaʼa. (Qol. 4:11) Karaa kanaan Yihowaa fi obboloota keenya tajaajiluun mirga guddaadha. Yeroo dhukkubni daddarbaan jiraatutti, yeroo balaan mudatutti ykn yeroo ariʼatamni jiraatutti akkas gochuu dandeenya. Warra kaan gargaaruu kan barbaannu taʼus, miseensonni maatii keenyas dhukkubicha wajjin waldhaansoo gochaa jiru taanaan akkas gochuun rakkisaa nutti taʼa. Taʼus, obboloota keenya gargaaruu barbaanna, Yihowaanis isaan gargaaruuf wanta dandeenyu gochaa akka jirru yeroo argu ni gammada.—Fak. 19:17. w22.12 22 key. 1-2

Kamisa, Adoolessa 18

Ajajni koo kana dha: Akkuman isin jaalladhe isinis wal jaalladhaa.—Yoh. 15:12.

Amanamaa taʼuuf jaalalli baayʼee barbaachisaadha. Yesuus ajajawwan guguddaa lamaan Yihowaa jaallachuu fi nama jaallachuu akka taʼe dubbateera. (Mat. 22:37-39) Jaalalli Yihowaadhaaf qabnu fakkeenya inni guutummaatti amanamaa taʼuudhaan nuuf kaaʼe hordofuuf nu kakaasa. Jaalalli obbolootaa fi obboleettota keenyaaf qabnus iccitii isaanii eeguuf nu kakaasa. Wanta isaan miidhu, isaan qaanessu ykn isaan gaddisiisu matumaa gochuu hin barbaannu. Gad of qabuunis amanamoo taʼuuf nu gargaara. Kiristiyaanni gad of qabu tokko wanta tokko dursee dubbachuudhaan warra kaan ajaaʼibsiisuuf hin yaalu. (Filp. 2:3) Akkasumas iccitii warra kaanitti himamuu hin qabne akka beeku dubbachuudhaan of hin jaju. Gad of qabuun dhimmoota Kitaaba Qulqulluu fi barreeffamoota keenyarratti hin ibsamne ilaalchisee ilaalcha mataa keenyaa babalʼisuurraa of qusachuuf nu kakaasa. w22.09 12 key. 12-13

Jimaata, Adoolessa 19

Beekumsi [dhugaan] ni baayʼata. —Dan. 12:4.

Maleekan tokko sabni Waaqayyoo raajii kitaaba Daaniʼel keessatti ibsame caalaatti akka hubatu Daaniʼelitti himameera; taʼus, “jalʼoota keessaa tokko illee dubbii kana hin hubatu.” (Dan. 12:10) Yeroon itti jalʼoota akka hin taane argisiisnu ammadha. (Mil. 3:16-18) Yihowaan namoota akka “qabeenya addaa” ykn qabeenya gatii guddaa qabuutti ilaalu walitti qabaa jira. Nutis isaan keessaa tokko taʼuu akka barbaannu hin shakkisiisu. Dhugumayyuu, yeroo gammachiisaa keessa jiraachaa jirra. Dhiheenyatti immoo wantoonni caalaatti nu gammachiisan ni raawwatamu. Yeroo hamminni guutummaatti balleeffamu ni argina. Sana boodammoo waadaa Yihowaan, “Dhuma barichaatti gaʼee kee argachuuf ni kaata” jechuudhaan Daaniʼeliif gale yeroo raawwatamu ni argina. (Dan. 12:13) Daaniʼeliin dabalatee namoonni jaallattu deebiʼanii yeroo ‘kaʼaan’ arguuf ni hawwitaa? Taanaan, amanamaa taʼuuf wanta dandeessu hundumaa godhi; yoo akkas goote maqaan kee kitaaba jireenyaa Yihowaa keessatti akkuma barreeffametti akka itti fufu mirkanaaʼaa taʼuu dandeessa. w22.09 24 key. 17; 25 key. 19-20

Sanbadduraa, Adoolessa 20

Ani . . . sin erga.—His. 2:3.

Hisqiʼel wanta Yihowaan dubbate kanarraa jajjabina akka argate hin shakkisiisu. Akkas kan jennu maaliifi? Hisqiʼel Yihowaan Musee fi Isaayyaas warra raajota isaa taʼan yeroo ergettis akkasuma akka isaaniin jedhe akka yaadate hin shakkisiisu. (Bau. 3:10; Isa. 6:8) Kana malees, Hisqiʼel Yihowaan raajota isaa lamaan kana haala rakkisaa isaan mudate akka dandamatan akkamitti akka gargaares beeka. Kanaafuu, Hisqiʼel Yihowaan siʼa lama, “Ani . . . sin erga” yeroo isaan jedhu deggersa isaa akka argatu amanannaa qabaachuu ni dandaʼa jechuudha. Kana malees, kitaaba Hisqiʼel keessatti yaanni, “Dubbiin Yihowaa akkana jedhu gara koo ni dhufe” jedhu siʼa hedduu argama. (His. 3:16) Yaanni, “Ammas dubbiin Yihowaa akkana jedhu gara koo ni dhufe” jedhus siʼa baayʼee argama. (His. 6:1) Kanaafuu, Hisqiʼel kan isa erge Yihowaa akka taʼe amanannaa guutuu qabaachuu ni dandaʼa ture. Kana malees, Hisqiʼel ilma lubaa waan taʼeef, abbaan isaa Yihowaan yeroo hunda raajota isaa deggeraa akka ture isa barsiisee taʼuu qaba. Yihowaan Yisihaaq, Yaaqoobii fi Ermiyaasiin, “Ani sii wajjinan jira” jedheera.—Uma. 26:24; 28:15; Er. 1:8. w22.11 2 key. 3

Dilbata, Adoolessa 21

Kennaan Waaqayyo kennu . . . jireenya bara baraa ti.—Rom. 6:23.

Addaamii fi Hewaan cubbuu raawwachuu isaaniitiin kan kaʼe ijoollee isaaniirratti duʼa kan fidan taʼus, Yihowaan kaayyoo isaa hin jijjiirre. (Isa. 55:11) Ammayyuu kaayyoon isaa namoonni amanamoon bara baraaf akka jiraatanidha. Wanta Yihowaan kaayyoo isaa fiixaan baasuuf jecha dubbatee fi raawwate haa ilaallu. Yihowaan namoota duʼan duʼaa kaasuudhaan carraa bara baraaf jiraachuu akka isaaniif kennu waadaa galeera. (HoE. 24:15; Tit. 1:1, 2) Iyyoob inni nama amanamaa ture Yihowaan warra duʼan duʼaa kaasuuf akka hawwu mirkanaaʼaa ture. (Iyo. 14:14, 15) Daaniʼel raajichi namoonni duʼan abdii bara baraaf jiraachuu qabaatanii akka duʼaa kaafaman beeka ture. (Far. 37:29; Dan. 12:2, 13) Yihudoonni bara Yesuusitti turan Yihowaan tajaajiltoota isaa amanamoodhaaf “jireenya bara baraa” akka kennu beeku turan. (Luq. 10:25; 18:18) Yesuusis irra deddeebiʼee waaʼee waadaa kanaa dubbateera; yeroo inni duʼetti Abbaan isaa duʼaa isa kaaseera.—Mat. 19:29; 22:31, 32; Luq. 18:30; Yoh. 11:25. w22.12 5 key. 8-9

Wiixata, Adoolessa 22

Yaa Yihowaa, ani . . . sittan amanama.—Far. 31:14.

Yihowaan akka isatti dhihaannu nu afeereera. (Yaq. 4:8) Inni Waaqa keenya, Abbaa keenyaa fi Michuu keenya taʼuu barbaada. Kadhannaa keenyaaf deebii ni kenna, akkasumas yeroo haalli ulfaataan nu mudatutti nu gargaara. Kana malees, jaarmiyaa isaatti fayyadamee nu barsiisa, akkasumas eegumsa nuuf godha. Yihowaatti kadhannaa dhiheessuudhaan, akkasumas Kitaaba Qulqulluu dubbisuu fi irratti xiinxaluudhaan isatti dhihaachuu dandeenya. Akkas gochuun keenya garaan keenya jaalalaa fi dinqisiifannaa isaaf qabnuun akka guutamu godha. Akkasumas, isaaf ajajamuu fi ulfina isaaf malu isaaf kennuuf kakaana. (Mul. 4:11) Caalaatti Yihowaa beekaa yommuu deemnu, isattis taʼe jaarmiyaa inni nu gargaaruuf qopheessetti caalaatti amanamaa deemna. Haa taʼu malee, Diyaabilos suutuma suuta amantii Yihowaa fi jaarmiyaa isaarratti qabnu balleessuuf yaalii godha. Taʼus, tooftaa isaa kanarraa of eeguu ni dandeenya. Amantiin Waaqa keenyarratti qabnu cimaa yoo taʼe isas taʼe jaarmiyaa isaa hin dhiisnu.—Far. 31:13, 14. w22.11 14 key. 1-3

Kibxata, Adoolessa 23

Isaan . . . Waaqa isaaniitiin alatti waaqa kam iyyuu tajaajiluu yookiin waaqeffachuu mannaa duʼa filataniiru.—Dan. 3:28.

Kiristiyaanonni dhugaa hedduun jaalala Yihowaa isa Bulchaa Ol Aanaa taʼeef qabaniin kakaʼanii bilisummaa isaanii, darbees lubbuu isaanii balaadhaaf saaxilaniiru. Kiristiyaanonni kun akkuma Ibroota Isa Hundaa Oliitiif amanamoo taʼanii itti fufan sadanii amanamummaa isaanii eeguuf kutataniiru; Yihowaan Ibroota kana ibidda bobaʼu keessaa oolcheera. Daawit faarfatichi amanamummaa Waaqayyoof qabnu eeguun hammam barbaachisaa akka taʼe yeroo ibsu, “Yihowaan namoota irratti murtii ni dabarsa. Yaa Yihowaa, akka qajeelummaa kootti, akka amanamummaa koottis murtii naaf kenni” jedheera. (Far. 7:8) Kana malees Daawit, “Amanamummaa fi qajeelummaan koo na haa eegan” jedhee barreesseera. (Far. 25:21) Akkaataan jireenyaa hundarra wayyu Yihowaadhaaf amanamoo taʼanii itti fufuudha. Akkas yoo goone akkuma faarfatichaa, “Warri amanamummaa isaanii eegan, warri seera Yihowaatiin deddeebiʼan gammadoo dha” jechuu ni dandeenya.—Far. 119:1, milj. w22.10 17 key. 18-19

Roobii, Adoolessa 24

Amalawwan isaa warri ijaan hin argamne . . . wantoota uumaman irraa ifatti hubachuun ni dandaʼama.—Rom. 1:20.

Iyyoob yeroo adda addaatti namoota garaa garaa wajjin haasaʼeera; wanti Yihowaa wajjin haasaʼe garuu baayʼee addadha. Yihowaan ogummaa isaa fi dandeettii tajaajiltoota isaa kunuunsuuf qaburratti amanannaa qabu akka guddifatu Iyyoobiin gargaaruuf, amaloota addaa uumamawwan isaa tokko tokko qaban caqaseera. Fakkeenyaaf, Waaqayyo bineeldotaaf wanta isaan barbaachisu akka isaaniif kennu isa yaadachiiseera; kanaafuu, Iyyoobiinis kunuunsuu ni dandaʼa jechuudha. (Iyo. 38:39-41; 39:1, 5, 13-16) Iyyoob uumama ilaaluudhaan waaʼee amaloota Waaqayyoo barumsa hedduu argateera. Nutis wantoota Waaqayyo uume qorachuudhaan waaʼee isaa caalaatti beekuu dandeenya. Yeroo tokko tokko garuu akkas gochuun rakkisaa nutti taʼuu dandaʼa. Kan jiraannu magaalaa keessa yoo taʼe uumamawwan hedduu guyyaa guyyaadhaan arguu dhiisuu dandeenya. Baadiyyaa keessa kan jiraannu yoo taʼellee uumama qorachuuf yeroo akka hin qabne nutti dhagaʼamuus, uumama qorachuuf yeroo ramaduun keenyaa fi carraaqqii gochuun keenya kan nu fayyadu akkamitti akka taʼe haa ilaallu. w23.03 15 key. 1-2

Kamisa, Adoolessa 25

Namni abshaalli balaa ni arga, jalaas ni dhokata.—Fak. 22:3.

Yesuus dhumni dhufuu isaa dura ‘kirkirri lafaa guguddaanii’ fi balaawwan kan biroon akka jiraatan dubbateera. (Luq. 21:11) Kana malees, ‘hamminni dabalaa akka deemu’ dubbateera; yakka, jeequmsaa fi haleellaa shororkeessitootaa kan arginu kanaafi. (Mat. 24:12) Yesuus balaawwan kun kan gaʼan namoota Yihowaan dhiise qofarra akka taʼe hin dubbanne. Balaawwan kun tajaajiltoota Yihowaa amanamoo taʼan hedduurras gaʼaniiru. (Isa. 57:1; 2 Qor. 11:25) Yihowaan balaawwan hundarraa dinqiidhaan nu eeguu dhiisuu dandaʼa; taʼus wanta tasgabbaaʼuu fi nagaa qabaachuuf nu gargaaru kamiyyuu nuuf kenna. Dursinee karoora yoo baafanne tasgabbaaʼuun nuuf salphata. Haa taʼu malee, dursinee qophaaʼuun Yihowaarratti amantii akka hin qabne argisiisaa? Matumaa hin argisiisu. Balaadhaaf dursinee qophaaʼuun keenya dandeettii inni nu kunuunsuuf qaburratti amantii akka qabnu argisiisa. Akkamitti? Dubbiin Waaqayyoo balaawwan nu mudachuu dandaʼaniif dursinee akka qophoofnu nu jajjabeessa. w22.12 18 key. 9-10

Jimaata, Adoolessa 26

Waaqayyo lubbuu oolchuuf isin dura . . . na erge.—Uma. 45:5.

Yoseef mana hidhaa yeroo turetti Yihowaan mootiin Gibxii abjuu sammuu isaa jeequ lama akka argu godhe. Mootichi Yoseef dandeettii abjuu hiikuu akka qabu yeroo dhagaʼu isa waamsise. Gargaarsa Yihowaatiin Yoseef abjuuwwan kana ni hiike, akkasumas Faraʼooniif gorsa gaarii kenne; kunis Faraʼooniin baayʼee ajaaʼibsiise. Faraʼoon Yihowaan Yoseef wajjin akka jiru yeroo argu guutummaa Gibxiirratti itti gaafatamaa midhaanii godhee isa muude. (Uma. 41:38, 41-44) Yeroo booda beelli cimaan Gibxii keessatti qofa utuu hin taʼin Kanaʼaan keessattis babalʼate ni kaʼe; maatiin isaa kan jiraatan Kanaʼaan keessa ture. Yoseef amma maatii isaa oolchuu fi hiddi dhalootaa Masiihichaa akka eegamu gochuu dandaʼa. Yoseef wanta godhu hundumaarratti milkaaʼina akka argatu kan godhe Yihowaa akka taʼe ifadha. Obboloonni Yoseef isa ajjeesuu barbaadanii kan turan taʼus, Yihowaan fedhii isaa raawwachuuf jecha haala isaa jijjiireera. w23.01 17 key. 11-12

Sanbadduraa, Adoolessa 27

Of eeggadhaa.—Luq. 21:34.

Namni of eeggatu haala walitti dhufeenya Yihowaa wajjin qabu balaadhaaf saaxilu beeka, irraa fagaachuufis tarkaanfii fudhata. Kana gochuudhaan jaalala Waaqayyoo keessatti of eega. (Fak. 22:3; Yih. 20, 21) Phaawulos ergamaanis Kiristiyaanonni akka of eeggatan gorseera. Fakkeenyaaf, Kiristiyaanota Efesooniin, “Kan deddeebitan akka warra ogummaa hin qabneetti utuu hin taʼin, akka warra ogeeyyiitti taʼuu isaa of eeggannoodhaan hubadhaa” jedheera. (Efe. 5:15, 16) Michummaan Yihowaa wajjin qabnu yeroo hundumaa balaadhaaf kan saaxilamedha; kanaafuu, Kitaabni Qulqulluun balaa kamirraayyuu of eeguuf, “fedhiin Yihowaa maal akka taʼe hubachuu [keenya akka itti fufnu]” nu gorsa. (Efe. 5:17) Filannaa ogummaarratti hundaaʼe gochuuf “fedhiin Yihowaa maal akka taʼe hubachuu” qabna. Yeroo hunda Dubbii Waaqayyoo qoʼachuu fi irratti xiinxaluudhaan kana gochuu dandeenya. Fedhiin Yihowaa maal akka taʼe caalaatti hubachaa fi “yaada Kiristoos” qabaachaa yeroo deemnu yeroo seerri kallattiidhaan ibsame hin jiraannettillee “akka warra ogeeyyiitti” deddeebiʼuu dandeenya.—1 Qor. 2:14-16. w23.02 16-17 key. 7-9

Dilbata, Adoolessa 28

Wanta gaarii, wanta fudhatama qabuu fi fedhii Waaqayyoo isa mudaa hin qabne mirkaneeffachuu akka dandeessaniif, sammuu keessan haaressuudhaan jijjiiramaa.—Rom. 12:2.

Mana kee yeroo hammamiitti qulqulleessita? Tarii itti galuu kee dura akka gaariitti qulqulleessiteetta taʼa. Garuu sana booda hin qulqulleessitu yoo taʼe maaltu uumama? Yeruma sana deebiʼee xuraaʼa. Qulqulluu taʼee akka itti fufuuf yeroo hunda qulqulleessuu qabda. Haaluma walfakkaatuun ilaalchaa fi eenyummaa keenya sirreessuu keenya itti fufuu qabna. Cuuphamuu keenya dura “wanta foonii fi hafuura xureessu hundumaa irraa of [qulqulleessuudhaan]” jireenya keenya jijjiiruuf carraaqqii cimaa akka goone beekamaadha. (2 Qor. 7:1) Amma garuu gorsa Phaawulos ergamaan, “Haareffamuu keessan itti fufaa” jechuudhaan kenne hordofuu qabna. (Efe. 4:23) Dhiibbaan addunyaa kanaa dafee nu xureessuu dandaʼa. Yihowaa duratti qulqulluu taanee akka argamnuuf yeroo hunda ilaalcha, eenyummaa fi fedhii keenya qoruu qabna. w23.01 8 key. 1-2

Wiixata, Adoolessa 29

Hafuurri Waaqayyoo akka gugeetti gad dhufee yommuu isa irra buʼu ni arge.—Mat. 3:16.

Yesuus yeroo barsiisu dhaggeeffachuun miira akkamii akka namatti uumu mee yaadi. Yesuus yeroo baayʼee caqasoota Kitaabota Qulqulluu sammuu isaatti qabate dubbata ture. Haala isaarraa hubachuun akka dandaʼamutti, Yesuus yeroo cuuphamee fi yeroo hafuura qulqulluudhaan dibametti, jireenya isaa isa samii yaadachuu dandaʼeera. Wanti cuuphamee utuu baayʼee hin turin dubbatee fi duʼuu isaa yeroo muraasa dura dubbate Kitaabota Qulqulluurraa kan fudhatamanidha. (Kes. 8:3; Far. 31:5; Luq. 4:4; 23:46) Waggaa sadii fi walakkaa lafarratti tajaajilaa ture keessatti yeroo baayʼee namoota duratti Kitaabota Qulqulluurraa dubbisaa fi caqasaa, akkasumas wanta dubbisu ibsaa ture. (Mat. 5:17, 18, 21, 22, 27, 28; Luq. 4:16-20) Yesuus tajaajila isaa jalqabuu isaa yeroo dheeraa durayyuu, Dubbii Waaqayyoo irra deddeebiʼee dubbisaa fi dhagaʼaa ture. Mana keessatti Maariyaamii fi Yoseef haasaa isaanii keessatti Kitaabota Qulqulluurraa yeroo caqasan dhagaʼee akka ture hin shakkisiisu. (Kes. 6:6, 7) Kana malees, torban torbaniin guyyaa Sanbataatti maatii isaa wajjin gara mana sagadaa ni dhaqa ture. (Luq. 4:16) Achitti Kitaabota Qulqulluurraa yeroo dubbifamu xiyyeeffannaadhaan dhaggeeffatee taʼuu qaba. w23.02 8 key. 1-2

Kibxata, Adoolessa 30

Waaqa kee Yihowaa . . . jaalladhu. —Mar. 12:30.

Sababiiwwan Yihowaa jaallachuuf si kakaasan hedduun jiru. Fakkeenyaaf, inni “madda jireenyaa” akka taʼee fi “kennaan gaariinii fi kennaan guutuun hundi” isa biraa akka argamu hubatteetta. (Far. 36:9; Yaq. 1:17) Wanti gaariin qabdu hundi Waaqa keenya isa arjaa fi jaalala qabeessa taʼerraa argame. Furichi kennaa dinqisiisaa Yihowaan nuuf kennedha. Akkas kan jennu maaliifi? Walitti dhufeenya cimaa Yihowaa fi Ilma isaa gidduu jiru yaadi. Yesuus, ‘Abbaan na jaallata,’ akkasumas ‘Abbaa nan jaalladha’ jedheera. (Yoh. 10:17; 14:31) Waggoota biliyoonaan lakkaaʼamaniif yeroo waliin jiraatanitti walitti dhufeenyi isaan gidduu jiru caalaatti cimaa deemeera. (Fak. 8:22, 23, 30) Kanaafuu, Waaqayyo Ilmi isaa dhiphatee akka duʼu yeroo heyyametti hammam akka gadde yaadi. Yihowaan siin dabalatee ilmaan namootaa hunda baayʼee waan jaallatuuf, Ilma isaa isa jaallatu aarsaa akka taʼuuf dabarsee kenneera; kana kan godhe atis taate warri kaan jireenya bara baraa akka argattan waan barbaaduufi. (Yoh. 3:16; Gal. 2:20) Sababiin Waaqayyoon jaallachuuf nu kakaasu inni guddaan kanadha. w23.03 4-5 key. 11-13

Roobii, Adoolessa 31

Wanta qabdan jabeessaa qabadhaa. —Mul. 2:25.

Barumsa gantootaarraa fagaachuu qabna. Yesuus namoonni gumii Phergaamoon keessa jiran tokko tokko wal qoqqoodinsa waan babalʼisaniif isaan komateera. (Mul. 2:14-16) Namoonni gumii Tiyaaxiraa keessatti argaman “wantoota Seexanaa gad fagoo” taʼanirraa waan fagaataniif isaan galateeffateera, dhugaa ‘jabeessanii akka qabatanis’ isaan jajjabeesseera. (Mul. 2:24-26) Kiristiyaanonni karaa hafuuraa dadhaboo taʼanii fi barumsa sobaa hordofuu jalqaban yaada geddarachuun isaan barbaachisa ture. Nutoo? Barumsa yaada Yihowaa wajjin walfaallessu kamirraayyuu fagaachuu qabna. Gantoonni ‘Waaqa kan sodaatan fakkaachuu’ dandaʼu; “humna isaa garuu ni ganu.” (2 Xim. 3:5) Dubbii Waaqayyoo akka gaariitti kan qoʼannu yoo taʼe barumsawwan sobaa salphaatti adda baafachuu fi irraa fagaachuu dandeenya. (2 Xim. 3:14-17; Yih. 3, 4) Waaqeffannaan keenya Yihowaa duratti fudhatama kan argatu taʼuusaa mirkaneeffachuun barbaachisaadha. Wanta waaqeffannaan keenya fudhatama akka hin arganne godhu raawwachaa jirra yoo taʼe, jijjiirama gochuuf dafnee tarkaanfii fudhachuu qabna.—Mul. 2:5, 16; 3:3, 16. w22.05 4 key. 9; 5 key. 11

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi