Waxabajjii
Sanbadduraa, Waxabajjii 1
Foon koo raammoo fi bungulloo biyyootiin uwwifameera; gogaan koos qonyonyaa fi malaadhaan guutameera.—Iyo. 7:5.
Iyyoob Yihowaa wajjin michummaa cimaa qaba ture. Maatii balʼaa gammachuu qabuu fi qabeenya hedduu qaba ture. (Iyo. 1:1-5) Haa taʼu malee, Iyyoob guyyuma tokkotti wanta qabu hunda dhabe. Jalqaba qabeenya isaa dhabe. (Iyo. 1:13-17) Achiimmoo ijoolleen isaanii hundi jalaa duʼan. Iyyoobii fi haati manaasaa ijoolleen isaanii kurnan takkaatti duʼuu isaanii yeroo dhagaʼan hammam naʼanii, gaddanii, akkasumas abdii kutatanii akka turan tilmaamuu dandeessa. Iyyoob gaddaan uffata isaa tarsaasee lafaan of dhaʼuun isaa nama hin dinqisiisu. (Iyo. 1:18-20) Seexanni itti aansuudhaan Iyyoob dhukkuba cimaa nama salphisuun akka qabamu godhe. (Iyo. 2:6-8) Iyyoob sana dura hawaasa keessa jiraatu gidduutti nama baayʼee kabajamaa ture. Namoonni gorsa argachuuf gara isaa dhufu turan. (Iyo. 31:18) Amma garuu isarraa fagaataniiru. Obboloonni isaa, michoonni isaa fi tajaajiltoonni mana isaallee isa tuffataniiru.—Iyo. 19:13, 14, 16. w22.06 21 key. 5-6
Dilbata, Waxabajjii 2
Wanta hundumaan . . . jaalalaan haa guddannu.—Efe. 4:15.
Hundi keenyayyuu erga cuuphamnee booda gorsa Phaawulos ergamaan obboloota Efesoon keessa jiraniif kenne hordofuu qabna. Kiristiyaanota “bilchaatoo” akka taʼan isaan jajjabeesseera. (Efe. 4:13) Karaa kan biraatiin, ‘Guddina gochuu keessan itti fufaa’ isaaniin jechaa jira. Ammayyuu Yihowaa baayʼee jaallatta. Taʼus jaalalli isaaf qabdu kana caalaa guddachuu dandaʼa. Akkamitti? Phaawulos ergamaan Filiphisiyus 1:9 irratti karaa kana gochuu itti dandeessu tokko caqaseera. Phaawulos jaalalli Kiristiyaanota Filiphisiyus “caalaatti guddachaa akka deemu” kadhateera. Kanaafuu, jaalala Yihowaadhaaf qabnu guddifachuu dandeenya. “Beekumsa sirrii fi hubannaa guutuu” horachuudhaan kana gochuu dandeenya. Caalaatti Yihowaa beekaa yeroo deemnu jaalalli isaaf qabnu ni guddata, akkasumas amaloota isaa fi karaa inni wantoota garaa garaa itti raawwatuuf dinqisiifannaan qabnu ni dabala. Fedhiin isa gammachiisuuf qabnu waan guddatuuf wanta isa gaddisiisu kamiyyuu gochuu hin barbaannu. Fedhiin isaa maal akka taʼe beekuu fi hojiirra oolchuuf carraaqqii guddaa goona. w22.08 2-3 key. 3-4
Wiixata, Waxabajjii 3
Wanta dhiheenyatti taʼuu qabu garboota isaatti argisiisuuf mulʼata Waaqayyo Yesuus Kiristoositti kennee fi karaa isaa mulʼise.—Mul. 1:1.
Wanti kitaaba Mulʼataa irratti barreeffame dimshaashumatti namoota hundaaf utuu hin taʼin, nu warra Waaqayyoon tajaajilluufi. Saba Waaqayyoo waan taaneef, raajiiwwan kitaaba dinqisiisaa kana keessatti argaman akka raawwataman gumaacha gochaa jirra. Yohaannis ergamaa inni maanguddoo taʼe raajiiwwan kun yoom akka raawwataman ibseera. Inni, “Hafuuraan guutamee gara guyyaa Gooftaatti [nan] geeffame” jedheera. (Mul. 1:10) Yohaannis Dh.K.B. bara 96tti yaada kana yeroo barreessu ‘guyyaan Gooftaa’ jalqabuuf waggoonni hedduun ni hafu turan. (Mat. 25:14, 19; Luq. 19:12) Haa taʼu malee, akka raajiin Kitaaba Qulqulluu argisiisutti guyyaan sun kan jalqabe bara 1914 yeroo Yesuus samii keessatti Mootii taʼetti dha. Yeroo sanaa kaasee, raajiiwwan kitaaba Mulʼataa saba Waaqayyoo ilaallatan raawwatamuu jalqaban. Eeyyee, “guyyaa Gooftaa” keessa jiraachaa jirra!—Mul. 1:3. w22.05 2 key. 2-3
Kibxata, Waxabajjii 4
Bineensichi ni qabame, raajii sobduun . . . isaa wajjin ni qabame.—Mul. 19:20.
Bineensichii fi raajii sobduun sun utuma lubbuudhaan jiranii haroo ibiddaa dinyiidhaan bobaʼu keessatti darbataman. Kanaafuu, mootummoonni diinota Waaqayyoo taʼan kun utuma bulchaa jiranii bara baraaf balleeffamu. Kun nuuf hiika maalii qaba? Kiristiyaanota waan taaneef Waaqayyoo fi Mootummaa isaatiif amanamoo taʼuu qabna. (Yoh. 18:36) Dhimmoota siyaasaa addunyaa kanaa irraa walaba taanee jiraachuu qabna. Haa taʼu malee, mootummoonni dubbiidhaanis taʼe gocha keenyaan guutummaatti akka isaan deggerru waan barbaadaniif, kana gochuun baayʼee ulfaataadha. Namoonni dhiibbaa isaaniitiin moʼaman mallattoo bineensichaa fudhatu. (Mul. 13:16, 17) Namni mallattoo sana fudhate kamiyyuu garuu, Yihowaa biratti fudhatama ni dhaba, jireenya bara baraas hin argatu. (Mul. 14:9, 10; 20:4) Mootummoonni akka isaan deggerru hammamiyyuu dhiibbaa yoo nurratti godhan guutummaatti siyaasa irraa walaba taanee jiraachuun keenya baayʼee barbaachisaadha! w22.05 10-11 key. 12-13
Roobii, Waxabajjii 5
Nama hojii isaa irratti dandeettii qabu argiteettaa? Inni mootota dura dhaabbata; namoota kaan dura hin dhaabbatu.—Fak. 22:29.
Galmi baafachuu dandeessu tokko dandeettii kee fooyyeffachuu dha. Dandeettii keenya yoo guddifanne, itti gaafatamummaawwan dabalataa fudhachuuf gaʼumsa qabaanna. Gamoowwan Beetel, Galma Walgaʼii Guguddaa fi Galma Walgaʼii ijaaruuf namoonni hammamii akka barbaachisan yaadi. Baayʼeen isaanii dandeettii hojii ijaarsaa kan horatan obboloota muuxannoo qaban wajjin hojjechuudhaani. Yeroo harʼaatti, obboloonnii fi obboleettonni kun Galma Walgaʼii fi Galma Walgaʼii Guguddaa suphuun kan dandaʼamu akkamitti akka taʼe barachaa jiru. Karaa kanaa fi kan birootiin, “Mootii bara baraa” kan taʼe Yihowaanii fi “Mootii moototaa” kan taʼe Kiristoos Yesuus hojjettoota dandeettii qabanitti fayyadamanii wantoota dinqisiisoo hedduu raawwachaa jiru. (1 Xim. 1:17; 6:15) Jabaannee hojjechuu fi dandeettii keenyatti fayyadamuu kan barbaannu, ofiif utuu hin taʼin Yihowaadhaaf ulfina fiduu waan barbaannuufi.—Yoh. 8:54. w22.04 24 key. 7; 25 key. 11
Kamisa, Waxabajjii 6
Maallaqni eegumsa [argamsiisa]. —Lal. 7:12.
Solomoon baayʼee sooressa waan tureef jireenya qananii jiraata ture. (1 Mot. 10:7, 14, 15) Faallaa kanaatiin garuu Yesuus wanti inni qabu muraasadha; mana keessa jiraatus hin qabu. (Mat. 8:20) Haa taʼu malee, lamaan isaanii iyyuu ogummaa Yihowaa irraa argamu waan qabaniif qabeenyaaf ilaalcha madaalamaa qabu. Solomoon Maallaqa yoo qabaanne wantoota jireenyaaf nu barbaachisanii fi wantoota barbaannu tokko tokko ittiin bitachuu akka dandeenyu hubatee ture. Haa taʼu malee, Solomoon baayʼee sooressa taʼus, wanti maallaqa caalaa barbaachisaa taʼe akka jiru hubateera. Fakkeenyaaf, “Qabeenya guddaa mannaa maqaa gaariin filatamaa dha” jedhee barreesseera. (Fak. 22:1) Kana malees, Solomoon namoonni maallaqa jaallatan yeroo baayʼee wanta qabanitti akka hin gammanne hubateera. (Lal. 5:10, 12) Maallaqa hammamii iyyuu yoo qabaanne akkuma tasaa dhabuu waan dandeenyuuf maallaqatti amanamuu akka hin qabne akeekkachiiseera.—Fak. 23:4, 5. w22.05 21 key. 4-5
Jimaata, Waxabajjii 7
Yihowaan . . . gaarummaa isinitti argisiisuuf obsaan eegaa jira, gara laafina isinitti argisiisuufis ni kaʼa. Sababiin isaas, Yihowaan Waaqa haqa qabeessa taʼe dha. Warri abdiidhaan isa eeggatan hundi gammadoo dha.—Isa. 30:18.
Eebbawwan yeroo ammaatti argachaa jirrurratti xiinxaluun keenya hariiroo Yihowaa wajjin qabnu nuuf cimsa. Eebbawwan Yihowaan gara fuulduraatti nuuf qopheesserratti xiinxaluun keenyammoo abdii bara baraaf isa tajaajiluuf qabnu nuuf cimsa. Wantoonni kun hundi gammachuu yeroo ammaatti Yihowaa tajaajiluudhaan argannuuf gumaacha godhu. Yihowaan addunyaa hamaa kana yeroo balleessu nu gargaaruuf jecha “ni kaʼa.” Yihowaan inni “Waaqa haqa qabeessa taʼe” addunyaan Seexanaa utuu hin barbaachisin guyyaa tokkoofillee akka turu akka hin heyyamne homaa hin shakkinu. (Isa. 25:9) Guyyaan fayyinaa sun hanga gaʼutti Yihowaa obsaan ni eegganna. Hammasitti garuu mirga kadhannaadhaaf iddoo guddaa kennuu, Dubbii Waaqayyoo qoʼachuu fi hojiirra oolchuu, akkasumas eebbawwan argannerratti xiinxaluu keenya itti fufuuf kutanneerra. Yeroo akkas goonu, Yihowaan jabaannee akka dhaabbannuu fi gammachuudhaan isa waaqeffachuu keenya akka itti fufnu nu gargaara. w22.11 13 key. 18-19
Sanbadduraa, Waxabajjii 8
Barumsa haadha [teetii] hin dhiisin.—Fak. 1:8.
Kitaabni Qulqulluun waaʼee guyyaa Ximotewos itti cuuphamee kan hin dubbanne taʼus, haati isaa Ewunqeen guyyaa sana baayʼee gammaddee akka turte tilmaamuu dandeenya. (Fak. 23:25) Ewunqeen salphaa taʼuu baatus ilmi ishii Yihowaa fi Ilma isaa Yesuus Kiristoosiin akka jaallatu barsiisuu irratti milkaaʼina argatteetti. Ximotewos maatii amantaadhaan qoqqoodame keessatti guddate. Abbaan isaa nama Giriikiiti; haati isaa fi akkoon isaa immoo Yihudoota dha. (HoE. 16:1) Ewunqee fi Looyis Kiristiyaanota kan taʼan yommuu Ximotewos umurii waggoota kurnanii keessa turetti taʼuu hin oolu. Abbaan isaa garuu Kiristiyaana hin taane. Ximotewos filannaa akkamii godheree? Haadhotiin Kiristiyaanota taʼanii fi yeroo harʼaa jiranis akkuma Ewunqee maatii isaanii ni jaallatu. Wanta kam iyyuu caalaa ijoolleen isaanii Yihowaa wajjin michummaa cimaa akka qabaatan gargaaruu barbaadu. Waaqni keenyas carraaqqii isaan godhaniif iddoo guddaa kenna. (Fak. 1:8, 9) Yihowaan haadhotii hedduun ijoollee isaanii dhugaa akka barsiisan gargaareera. w22.04 16 key. 1-3
Dilbata, Waxabajjii 9
Waaqayyo . . . yaada isaa akka raawwataniif, . . .garaa isaanii keessa kaaʼeera.—Mul. 17:17.
Dhiheenyatti Yihowaan ‘yaada isaa akka raawwataniif’ humnoota siyaasaa ni kakaasa. Maarree, buʼaan isaa maal taʼa? Humnoonni siyaasaa “mootota kurnan” jedhaman kun dhaabbilee amantaa sobaarratti kaʼanii isaan balleessu. (Mul. 17:1, 2, 12, 16) Badiisni Baabilon Guddittii akka dhihaate akkamitti beekna? Deebii gaaffii kanaa argachuuf magaalaa Baabilon ishii durii yaadachuun keenya nu gargaara. Magaalaan Baabilon Laga Efraaxiis isa guddaa taʼee fi gartokkoon ishiitti marsee jiruun eegumsa argatti turte. Kitaabni Mulʼataa deggertoota Baabilon Guddittii miliyoonaan lakkaaʼaman ‘bishaanota’ eegumsa ishiidhaaf godhanitti fakkeessa. (Mul. 17:15) Kitaabni Mulʼataa bishaanonni sun akka ‘goganis’ ni ibsa. Kunis dhaabbileen amantaa sobaa addunyaa deggertoota isaanii hedduu akka dhaban argisiisa. (Mul. 16:12) Raajiin kun yeroo harʼaatti raawwii isaa argachaa jira. Namoonni hedduun amantaa sobaa hordofuu dhiisanii rakkina isaaniitiif iddoo biraatii furmaata argachuuf yaalaa jiru. w22.07 5-6 key. 14-15
Wiixata, Waxabajjii 10
Namni gara laafina hin argisiisne gara laafina malee isatti murteeffama. Gara laafinni murtii irratti injifannoo ni argata.—Yaq. 2:13.
Dhiifama gochuun keenya dinqisiifannaa akka qabnu argisiisa. Yesuus fakkeenya tokkorratti Yihowaa gooftaa tokko wajjin wal fakkeesseera; gooftaan kun garbicha liqii hedduu isarra jiru kaffaluu hin dandeenyeef liqii dhiise. Haa taʼu malee, garbichi dhiifamni isaaf godhame kun garbicha maallaqa kan isaarra baayʼee xinnaatu isarraa liqeeffatetti gara laafina utuu hin argisiisin hafeera. (Mat. 18:23-35) Barumsi Yesuus dabarsuu barbaade maalidha? Gara laafina guddaa Yihowaan nutti argisiise garaadhaa kan dinqisiifannu yoo taʼe, warra kaaniif dhiifama gochuuf kakaana. (Far. 103:9) Masaraan Eegumsaa waggoota hedduu dura yaada kana yeroo ibsu akkana jedhee ture: “Namoota akkuma keenya taʼaniif hammamiyyuu irra deddeebinee dhiifama kan goone yoo taʼe, hamma Waaqayyo aarsaa Kiristoosirratti hundaaʼuudhaan dhiifama nuuf godhe warra kaaniif dhiifama gochuu hin dandeenyu.” Warra kaaniif dhiifama yoo goone Yihowaan dhiifama nuuf godha. Yihowaan gara laafina kan argisiisu namoota gara laafina argisiisanittidha. (Mat. 5:7) Yesuus akkamitti akka kadhatan barattoota isaa yeroo barsiisetti kana ifa godheera.—Mat. 6:14, 15. w22.06 10 key. 8-9
Kibxata, Waxabajjii 11
Saboonni lafa irraa hundi sanyii keetiin ofii isaaniitiif eebba ni argatu.—Uma. 22:18.
Yesuus yeroo nama taʼee gara lafaa dhufetti eenyummaa Abbaa isaa guutummaatti calaqqisiiseera. (Yoh. 14:9) Kanaafuu, waa’ee Yesuus barachuudhaan Yihowaa beekuu fi jaallachuu dandeenyeerra. Kana malees, barumsawwan Yesuusii fi qajeelfamoota inni yeroo harʼaatti gumii Kiristiyaanaatiif kennurraa faayidaa argachaa jirra. Inni karaa Yihowaa gammachiisuun jiraachuu kan dandeenyu akkamitti akka taʼe nu barsiiseera. Kana malees, hundi keenya duʼuu Yesuusirraa faayidaa argachuu dandeenya. Yesuus yeroo duʼaa kaafametti gatii dhiiga isaa isa ‘cubbuu hundumaarraa nu qulqulleessu’ aarsaa mudaa hin qabne godhee dhiheesseera. (1 Yoh. 1:7) Amma immoo Mootii ulfina qabeessa duʼuu hin dandeenye taʼeera. Dhiheenyatti immoo mataa boficha ni burqsa. (Uma. 3:15) Seexanni yommuu balleeffamu ilmaan namootaa amanamoo taʼan boqonnaa guddaa argatu. Hammasitti garuu abdii hin kutatin. Waaqni keenya amanamaadha. Inni “Saboonni lafa irraa hundi” eebba dhuma hin qabne akka argatan godha. w22.07 18 key. 13; 19 key. 19
Roobii, Waxabajjii 12
Nuti rakkoowwan akkasii akka nu irra hin geenye gochuu [hin dandeenyu].—1 Tas. 3:3.
Yeroo galma baafannu akka haala isaatti jijjiirama gochuunis nu barbaachisa. Maaliif? Haala nu mudatu hunda toʼachuu waan hin dandeenyeefi. Mee fakkeenya tokko haa ilaallu; Phaawulos ergamaan magaalaa Tasalonqee keessatti gumii haaraan akka hundeeffamu gargaarsa godheera. Taʼus mormitoonni magaalaa sanaa akka baʼu isa dirqisiisan. (HoE. 17:1-5, 10) Phaawulos achuma tureera utuu taʼee obboloota isaa balaadhaaf saaxila. Taʼus, Phaawulos abdii hin kutanne. Kanaa mannaa, haala isa haaraatti bareera. Amantii Kiristiyaanota haaraa sanaa akka cimsuuf yeroo booda Ximotewosiin gara isaaniitti ergeera. (1 Tas. 3:1, 2) Obboloonni Tasalonqee baayʼee gammadanii akka turan hin shakkisiisu. Muuxannoo Phaawulos Tasalonqeetti argate irraa barumsa guddaa arganna. Tarii mirga tajaajilaa tokko argachuuf carraaqqii gochaa jirra taʼa; taʼus haalli, toʼannaa keenyaa ala taʼe mirga sana akka hin arganne nu dhoowwuu dandaʼa. (Lal. 9:11) Haalli kee kanaa wajjin kan wal fakkaatu yoo taʼe, galma irra gaʼuu dandeessu kan biraa baafadhu. w22.04 25-26 key. 14-15
Kamisa, Waxabajjii 13
Namni qorumsa keessatti jabaatee dhaabbachuu isaa itti fufu gammadaa dha.—Yaq. 1:12.
Yihowaan yeroo gara fuulduraa ilaalchisee abdii nuu kennuudhaan nu jajjabeessa. Yaadawwan Kitaaba Qulqulluu yommuu qorumsi nu mudatu nu jajjabeessan muraasa haa ilaallu. Yihowaan Kitaaba Qulqulluu keessatti qorumsawwan nu mudatan dabalatee wanti kamiyyuu ‘jaalala isaa irraa gargar nu baasuu’ akka hin dandeenye nuuf mirkaneesseera. (Rom. 8:38, 39) Kana malees, ‘warra isa waammatan hundumaatti dhihoo akka taʼe’ nutti himeera. (Far. 145:18) Yihowaan yoo isatti amanamne qorumsa kamiyyuu keessatti jabaannee dhaabbachuu akka dandeenyuu fi utuma qorumsi nurra gaʼuu gammadoo taʼuu akka dandeenyu nutti himeera. (1 Qor. 10:13; Yaq. 1:2) Kana malees, Dubbiin Waaqayyoo qorumsi nurra gaʼu eebbawwan bara baraaf argannu wajjin yommuu wal bira qabamu yeroodhaaf kan turuu fi gabaabaa akka taʼe nu yaadachiisa. (2 Qor. 4:16-18) Yihowaan warra madda qorumsa nurra gaʼuu taʼan, jechuunis Seexanaa fi warra akkuma isaa hammina raawwatan hundumaa haxaaʼee akka balleessu waadaa galeera. (Far. 37:10) Caqasoota Kitaaba Qulqulluu qorumsawwan gara fuulduraatti si mudatan dandamachuuf si gargaaran sammuutti qabatteettaa? w22.08 11 key. 11
Jimaata, Waxabajjii 14
Wantoota kana yaaduu keessan itti fufaa.—Filp. 4:8.
‘Guyyaadhaa gara guyyaatti, waggaadhaa gara waggaatti ulaagaalee qajeelinaa Yihowaatiin jiraachuu koo itti fufuu nan dandaʼaa laata?’ jettee yaaddee beektaa? Yihowaan qajeelummaan keenya “akkuma dambalii galaanaa” akka taʼu waadaa galeera. (Isa. 48:18) Qarqara galaanaa tokko bira dhaabattee yommuu dambaliiwwan isaa utuu wal irraa hin citin gara keetti yaaʼan ilaalaa akka jirtu yaadaan ilaali. Gaaf tokko dambaliiwwan sun yaaʼuu isaanii ni dhaabu jettee ni yaaddoftaa? Akka hin yaaddofne beekamaadha. Yaaʼuu isaanii akka itti fufan mirkanaaʼaa dha. Qajeelummaan kee akkuma dambalii galaanaa taʼuu dandaʼa. Akkamitti? Murtoo gochuu kee dura jalqaba wanta Yihowaan sirraa barbaadu adda baafadhu. Achiis tarkaanfii fudhadhu. Murtoon ati gootu hammamiyyuu ulfaataa yoo taʼe Abbaan kee inni samii inni jaalala qabeessa taʼe cimina siif kennuu fi guyyaa hundumaa wanta sirrii taʼe raawwachuu kee akka itti fuftu si gargaaruuf qophaaʼaadha.—Isa. 40:29-31. w22.08 30 key. 15-17
Sanbadduraa, Waxabajjii 15
Akkuma waggaan 1,000 sun [xumurameen] Seexanni iddoo itti hidhame sanaa ni gadhiifama.—Mul. 20:7.
Xumura waggaa 1,000 irratti Seexanni ni gadhiifama. Achiis namoota mudaa hin qabne dogoggorsuuf yaala. Yeroo qorumsaa sanatti namoonni mudaa hin qabnee fi lafarra jiraatan hundi maqaa Waaqayyoo akka kabajanii fi oolaantummaa isaa akka deggeran ifatti argisiisuuf carraa argatu. (Mul. 20:8-10) Deebiin isaan dhuunfaatti carraaqqii Seexanni godhuuf kennan maqaan isaanii kitaaba jireenya keessatti dhaabbataadhaan barreeffamuu kan qabu taʼuu fi dhiisuu isaa murteessa. Namoonni lakkoofsi isaanii hin beekamne akkuma Addaamii fi Hewaan amanamoo utuu hin taʼin akka hafanii fi bulchiinsa Yihowaa deggeruu akka hin barbaanne argisiisu. Namoota kana irra maaltu gaʼa? Mulʼanni 20:15 “Kitaaba jireenyaa keessatti barreeffamee kan hin argamne hundi haroo ibiddaa sana keessatti darbatame” jedha. Eeyyee, finciltoonni kun bara baraaf haxaaʼamanii balleeffamu. Ilmaan namootaa mudaa hin qabne harki caalaan isaanii garuu qorumsa dhumaa kana ni darbu. w22.09 23-24 key. 15-16
Dilbata, Waxabajjii 16
Akka Seera Museetti yoo dhaqna qabattan malee fayyuu hin dandeessan.—HoE. 15:1.
Obboloonni gumii jaarraa jalqabaa keessa turan tokko tokko obboloonni Yihudoota hin taane dhaqna akka qabatan dhiibbaa godhu turan; tarii kana kan yaadan Yihudoonni akka isaan hin qeeqneef jedhanii taʼuu dandaʼa. (Gal. 6:12) Phaawulos ergamaan yaada kana cimsee mormeera; taʼus yaada isaa akka fudhatan dhiibbaa gochuu mannaa, gad of qabuudhaan dhimmicha ergamootaa fi jaarsolii Yerusaalem keessa turaniif dhiheesseera. (HoE. 15:2) Phaawulos dhimmicha karaa kanaan qabuun isaa Kiristiyaanonni sun gumii keessatti gammachuu isaanii fi nagaa isaanii akka eeggatan isaan gargaareera. (HoE. 15:30, 31) Waldhabiinsi cimaan yoo uumame, warra gumicha akka kunuunsaniif Yihowaan muuderraa qajeelfama barbaaduudhaan nagaa babalʼisuu dandeenya. Yeroo baayʼee Qajeelfamni Kitaaba Qulqulluurratti hundaaʼe barreeffamoota keenyarraa ykn qajeelfama jaarmiyichi qopheesserraa argachuu ni dandeenya. Ilaalcha mataa keenyaa babalʼisuu mannaa, qajeelfamoota kanarratti kan xiyyeeffannu yoo taʼe nagaa gumichaatiif gumaacha goona. w22.08 22 key. 8-9
Wiixata, Waxabajjii 17
Michuu dhugaan yeroo hundumaa jaalala argisiisa.—Fak. 17:17.
Baayʼeen keenya jireenya keenya keessatti yeroo taʼe tokkotti iccitii keenya michuu itti dhihaannu tokkotti himuun nu barbaachisuun isaa hin oolu. Yeroo tokko tokko akkas gochuun ulfaataa taʼuu dandaʼa. Wanta garaa keenya keessa jiru warra kaanitti himuun salphaa taʼuu dhiisuu dandaʼa; michuun keenya wanta itti himne nama kan biraatti akka hime yoo hubanne baayʼee miidhamna. Karaa kan biraatiin immoo nama iccitii keenya nuuf eegu baayʼee dinqisiifanna. Jaarsoliin iccitii eegan warra kaaniif ‘bakka bubbee jalaa itti baqatanii fi bakka daʼoo itti argatan ni taʼu.’ (Isa. 32:2) Jaarsoliin iccitii keenya akka nuuf eegan waan amannuuf bilisummaadhaan isaan haasofsiisna. Wanta iccitii taʼe akka nutti himanis dhiibbaa isaanirratti hin goonu. Kana malees, haadhotiin manaa jaarsolii abbootiin manaa isaanii waaʼee warra kaanii wanta iccitii taʼe akka isaanitti himan waan hin gaafanneef baayʼee isaan dinqisiifanna. Haati manaa jaarsa gumii tokko waaʼee obboloota ishii wanti iccitii taʼe ishiitti himamuu dhiisuun isaa ishii fayyada. w22.09 11 key. 10-11
Kibxata, Waxabajjii 18
Ani Waaqa [dha] . . . Ani saboota gidduutti . . . ulfina nan argadha. —Far. 46:10.
Yihowaan yeroo ‘rakkina guddaatti’ tajaajiltoota isaa amanamoo taʼan akka oolchu amanannaa qabaachuu dandeenya. (Mat. 24:21; Dan. 12:1) Yihowaan saboonni wal taʼiinsa uumanii fi Goog isa biyya Maagoog jedhamanii beekaman yeroo tajaajiltoota isaa amanamoo addunyaa maratti argamanirratti haleellaa cimaa bananitti saba isaa oolchuuf tarkaanfii ni fudhata. Saboonni wal taʼiinsa uuman kun miseensota Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii 193 kan of keessatti qabatan taʼus, Isa Hundumaa Gararraa fi raayyaa isaa isa samii wajjin wal gituu hin dandaʼan! Yihowaan waadaa akkana jedhu nuuf galeera: “Ani dhugumaan guddaa of nan godha, of nan qulqulleessa, saboota hedduu durattis of nan beeksisa; isaanis ani Yihowaa taʼuu koo dhugumaan ni hubatu.” (His. 38:14-16, 23) Haleellaan Goog banu waraanni Armaagedoon akka jalqabu godha; Yihowaan waraana kanatti fayyadamee “mootota guutummaa lafaa” ni balleessa. (Mul. 16:14, 16; 19:19-21) Sana booda, “qajeelota qofatu lafa irra jiraata; warri amanamummaa isaanii eeganis ishii irratti ni hafu.”—Fak. 2:21, milj. w22.10 16-17 key. 16-17
Roobii, Waxabajjii 19
[Waaqayyo] fedhiin isaa akaakuun namootaa hundi akka fayyanii fi beekumsa dhugaa isa sirrii akka argatani dha.—1 Xim. 2:4.
Nuti wanta garaa namaa keessa jiru beekuu hin dandeenyu; “Yihowaan garuu kakaʼumsa namootaa ni qora.” (Fak. 16:2) Namoota akaakuu hundumaa akkaataa guddinaa fi aadaa garaa garaa qaban ni jaallata. Yihowaan ‘garaa keenya balʼisnee akka bannu’ nurraa eega. (2 Qor. 6:13) Obbolootaa fi obboleettota keenyatti murteessuuf utuu hin taʼin, isaan jaallachuuf carraaqqii goona. Kana jechuun warra gumiidhaa ala jiranittis murteessuu hin qabnu jechuudha. “Namni kun matumaa gara dhugaatti hin dhufu” jechuudhaan fira kee hin amanne tokkotti murteessuu hin qabdu. Akkas gochuun garmalee of tuuluu fi garmalee qajeelaa of gochuudha. Yihowaan “kan jiraatan eessa iyyuu yoo taʼe namoonni hundi” yaada akka geddarataniif ammayyuu carraa isaaniif kennaa jira. (HoE. 17:30) Garmalee qajeelaa of gochuun jalʼina taʼuu isaa yeroo hundumaa yaadadhu. Jaalalli ulaagaalee Yihowaa warra qajeeloo taʼaniif qabnu gammachuu kan nuuf argamsiisuu fi warri kaan nuttis taʼe Yihowaatti akka dhihaatan kan kakaasu haa taʼu. w22.08 31 key. 20-22
Kamisa, Waxabajjii 20
Raajiin isaan gidduu akka ture dhugumaan ni beeku.—His. 2:5.
Hojii lallabaa yeroo raawwannu mormiin akka nu mudatu ni eegna. Gara fuulduraattimmoo mormiin nu mudatu caalaatti dabalaa deemuu dandaʼa. (Dan. 11:44; 2 Xim. 3:12; Mul. 16:21) Taʼus, Yihowaan gargaarsa nu barbaachisu akka nuuf kennu mirkanaaʼoo taʼuu dandeenya. Maaliif? Yihowaan hammamiyyuu ulfaataa yoo taʼe, hojii isaaniif kenname akka raawwatan yeroo hundumaa tajaajiltoota isaa ni gargaara. Waaʼee Hisqiʼel raajicha isa Yihudoota boojuudhaan gara Baabilonitti geeffamaniif lallabaa turee haa ilaallu. Naannoo tajaajilaa Hisqiʼel keessa kan turan namoota akkamiiti? Yihowaan namoonni sun “[kan] hin ajajamnee,” “mata jabeeyyii” fi “finciltoota” akka taʼan dubbateera. Namoonni kun akkuma qoree fi akkuma torbaanqabaa miidhaa guddaa kan geessisan turan. Yihowaan Hisqiʼeliin irra deddeebiʼee, “Hin sodaatin” jechuun isaa nama hin dinqisiisu. (His. 2:3-6) Hisqiʼel hojii lallabaa isaaf kenname raawwachuu dandaʼeera; sababiin isaas, (1) kan isa erge Yihowaadha, (2) hafuurri Waaqayyoo cimina isaaf kenneera, akkasumas (3) wanti Waaqayyo dubbate amantii isaa isaaf cimseera. w22.11 2 key. 1-2
Jimaata, Waxabajjii 21
Guyyaa isa irraa nyaattutti dhugumaan ni duuta.—Uma. 2:17.
Yihowaan ilmaan namootaarraa kan hafe uumama lafarra jiraatu hunda kan uume yeroo booda akka duʼu godheeti. Ilmaan namootaa garuu bara baraaf jiraachuu akka dandaʼan godhee uume. Yihowaan jiraachuuf fedhii cimaa akka qabaannu godhee nu uume. Kitaabni Qulqulluun Waaqayyo “garaa namootaa keessa bara baraaf jiraachuu [akka] kaaʼe” dubbata. (Lal. 3:11) Duʼa akka diina keenyaatti kan ilaallu kanaafi. (1 Qor. 15:26) Dhibee cimaan yoo nu qabe hamma duunutti calluma jennee eegnaa? Lakki. Yeroo baayʼee ogeessa yaalii fayyaa bira deemna, akkasumas qoricha dhukkubicharraa bayyanachuuf nu gargaaru fudhanna. Kana malees, duʼarraa ooluuf wanta nuuf dandaʼame hunda goona. Dargaggeessas taʼe maanguddoo, namni jaallannu tokko yeroo duʼu baayʼee gaddina. (Yoh. 11:32, 33) Uumaan keenya inni jaalala qabeessa taʼe ilmaan namootaa bara baraaf akka jiraatan kaayyoo hin qabu utuu taʼee, dandeettii bara baraaf barachuu fi fedhii bara baraaf jiraachuu nuuf hin kennu ture. w22.12 3 key. 5; 4 key. 7
Sanbadduraa, Waxabajjii 22
Addunyaa maratti guutummaan waldaa obboloota keessanii rakkina akkasii keessa [jiru].—1 Phe. 5:9.
Yeroo baayʼee rakkisaa taʼe kanatti tajaajiltoonni Yihowaa dhukkubsachuu, sodaachuu ykn kophummaan isaanitti dhagaʼamuu dandaʼa taʼa. Obboloota kee wajjin wal qunnamuuf carraaqqii godhi. Dhukkubni daddarbaan obboloota keenya wajjin yeroo taanuttillee fageenya keenya akka eeggannu nu dirqisiisuu dandaʼa. Yeroo akkasiitti akkuma Yohaannis ergamaa sitti dhagaʼama taʼa. Yohaannis michuu isaa Gaayosiin fuulaa fuulatti arguu barbaadee ture. (3 Yoh. 13, 14) Taʼus, Yohaannis yeroodhaaf Gaayosiin arguu akka hin dandeenye hubate. Kanaafuu, Yohaannis wanta gochuu dandaʼu godheera; Gaayosiif xalayaa barreesse. Obboloota kee qaamaan gaafachuu yeroo hin dandeenyetti karaawwan birootiin isaan qunnamuuf yaali. Obboloota kee wajjin yeroo hunda kan wal argitu yoo taʼe caalaatti tasgabbii fi nagaan sitti dhagaʼama. Keessumaa yeroo dhiphinni sitti dhagaʼamutti jaarsolii haasofsiisuuf yaali; jajjabina isaan siif kennanis fudhadhu.—Isa. 32:1, 2. w22.12 17-18 key. 6-7
Dilbata, Waxabajjii 23
Gooftaan Yoseef isa fuudhee mana hidhaa bakka hidhamtoonni mootichaa itti hidhamanitti isa galche.—Uma. 39:20.
Kitaabni Qulqulluun Yoseef miilli isaa hidhaa sibiilaatiin hidhamee akka turee fi mormi isaa sibiila gidduu galee akka ture dubbata. (Far. 105:17, 18) Haalli Yoseef caalaatti hammaachaa deeme. Yoseef inni garba amanamaa ture amma hidhamaa tuffatamaa taʼeera. Irra deddeebitee kadhannaa kan dhiheessite taʼus, haalli dhiphisaan keessa jirtu caalaatti hammaatee beekaa? Haalli akkasii eenyuuniyyuu mudachuu dandaʼa. Yihowaan addunyaa Seexanni bulchu kana keessatti qorumsi akka nurra hin geenye hin godhu. (1 Yoh. 5:19) Taʼus, waaʼee kanaa mirkanaaʼaa taʼuu dandeessa: Yihowaan wanta si mudachaa jiru sirriitti beeka, akkasumas siif yaada. (Mat. 10:29-31; 1 Phe. 5:6, 7) Kana malees Yihowaan, “Ani matumaa si hin dhiisu, matumaas si hin gatu” jechuudhaan waadaa galeera. (Ibr. 13:5) Yihowaan haalli keessa jirtu abdii kan hin qabne yeroo fakkaatuttillee, jabaattee akka dhaabbattu si gargaara. w23.01 16 key. 7-8
Wiixata, Waxabajjii 24
Dhiifamni [Yihowaa guddaadha]. —Isa. 55:7.
Waaqni keenya yeroo dogoggora raawwannuttillee akka nu hin dhiisne nuuf mirkaneessa. Israaʼelonni irra deddeebiʼanii Yihowaarratti cubbuu kan raawwatan taʼus, garaadhaa yeroo yaada geddaratanitti dhiifama isaaniif godheera. Kiristiyaanonni jaarraa jalqabaatti turanis Waaqayyo akka isaan jaallatu hubataniiru. Phaawulos ergamaan hafuura qulqulluudhaan geggeeffamee obboloonni isaa nama cubbuu cimaa hojjechaa turee fi yaada geddarate tokkoof ‘dhiifama akka godhanii fi akka isa jajjabeessan’ isaan gorseera. (2 Qor. 2:6, 7; 1 Qor. 5:1-5) Yihowaan balleessaa waan raawwataniif qofa tajaajiltoota isaa akka hin dhiisne beekuun keenya baayʼee nu jajjabeessa. Yeroo akkasiitti jaalalaan kakaʼee isaan gargaareera, sirreeffama isaaniif kenneera, akkasumas gara isaatti akka deebiʼan isaan affeereera. Yeroo harʼaattis namoota cubbuu hojjetanii yaada geddaratan hundaaf akkas gochuuf waadaa galeera. (Yaq. 4:8-10) Kitaabni Qulqulluun Waaqayyo ogeessa, haqa qabeessaa fi jaalala qabeessa taʼuu isaa ibsa. Akkasumas Yihowaan akka isa beeknu kan barbaadu taʼuu isaa nuuf mirkaneessa. Yihowaan michuu isaa akka taanu barbaada. w23.02 7 key. 16-17
Kibxata, Waxabajjii 25
Dubbii raajii kanaaf xiyyeeffannaa kennuun keessan gaarii dha.—2 Phe. 1:19.
Taʼeewwan addunyaarratti raawwataman raajiin Kitaaba Qulqulluu akka raawwatamu kan godhan akkamitti akka taʼe xiyyeeffannaadhaan hordofuun keenya gaariidha. Fakkeenyaaf, Yesuus taʼeewwan dhumni sirna Seexanaa dhihaachuu isaa beekuuf nu gargaaran nutti himeera. (Mat. 24:3-14) Pheexiros ergamaanis amantiin keenya cimaa taʼee akka itti fufuuf raawwii raajiiwwan Kitaaba Qulqulluutiif xiyyeeffannaa akka kenninu nu jajjabeesseera. (2 Phe. 1:20, 21) Pheexiros ergamaan raajii Kitaaba Qulqulluu qoruu ilaalchisee ilaalcha madaalamaa akka qabaannu nu gorseera. Gorsa, “Guyyaa Yihowaa . . . sammuu keessanitti dhiheessaa yaadaa” jedhu nuuf kenneera. (2 Phe. 3:11-13) Gorsa kana kan hordofnu maaliifi? ‘Guyyaa fi saʼaatii’ itti Yihowaan Armaagedoon fidu beekuuf yaaluu waan barbaannuuf utuu hin taʼin, yeroo hafetti ‘amala qulqulluu qabaachuu fi hojiiwwan Waaqayyoof kan bulle taʼuu keenya argisiisan hojjechuuf’ itti fayyadamuu waan barbaannuufi. (Mat. 24:36; Luq. 12:40) Amala qajeelaa qabaachuu fi carraaqqiin Yihowaa tajaajiluuf goonu jaalala guddaa isaaf qabnu kan argisiisu akka taʼu gochuu barbaanna. Kana gochuufimmoo of eeggachuu qabna. w23.02 16 key. 4, 6
Roobii, Waxabajjii 26
Hoolota kan biroo . . . qaba; isaaniinis fiduun qaba,.—Yoh. 10:16.
‘Hoolonni kan biroon’ Jannata keessa jiraachuuf wantoonni yeroo ammaatti gochuu qaban jiru. Dinqisiifannaa Yesuusiif qabnu argisiisuu qabna. Fakkeenyaaf, obboloota isaa warra dibamoo deggeruudhaan jaalala isaaf qabnu argisiisuu dandeenya. Yesuus hoolotatti kan murteessu kanarratti hundaaʼee akka taʼe dubbateera. (Mat. 25:31-40) Hojii lallabuu fi barattoota gochuurratti obboloota Kiristoos deggeruu dandeenya. (Mat. 28:18-20) Amala Yihowaan namoonni Jannata keessa jiraatan akka qabaatan barbaadu horachuuf hamma yeroo sanaatti eeguun nu hin barbaachisu. Ammumayyuu dubbii fi gocha keenyaan amanamoo taʼuuf, akkasumas barsiifata gaarii qabaachuuf carraaqqii gochuu ni dandeenya. Yihowaadhaaf, hiriyaa gaaʼelaa keenyaa fi obboloota keenyaaf amanamoo taʼuufis carraaqqii gochuu qabna. Addunyaa hamaa kana keessa yeroo jiraannu ulaagaalee Yihowaa kan eegnu yoo taʼe, Jannata keessatti ulaagaalee isaa eeguun nuuf salphata. Dandeettiiwwanii fi amaloota addunyaa haaraa keessa jiraachuuf qophaaʼaa akka jirru argisiisanis horachuu dandeenya. w22.12 11-12 key. 14-16
Kamisa, Waxabajjii 27
Nama na jaallatu hunda Abbaan koo ni jaallata.—Yoh. 14:21.
Yesuus Bulchaa hundarra caalu waan taʼeef, Mootii keenya taʼuu isaatti ni gammanna. Ilma isaa kan leenjisee fi akka bulchu kan isa muude Yihowaadha. (Isa. 50:4, 5) Jaalala ofittummaarraa walaba taʼee fi Yesuus argisiises yaadi. (Yoh. 13:1) Yesuus Mootii kee waan taʼeef isa jaallachuun kee sirriidha. Yesuus namoonni dhugumaan isa jaallatanii fi michoota isaa taʼan ajaja inni kenne eeguudhaan jaalala isaaf qaban akka argisiisan ibseera. (Yoh. 14:15; 15:14, 15) Michuu Ilma Yihowaa taʼuun ulfina guddaadha! Yesuus akka gad of qabuu fi guutummaatti Abbaa isaa akka fakkaatu beekta. Warra beelaʼan akka soore, warra dhiphatan akka jajjabeessee fi warra dhukkubsatan akka fayyise baratteetta. (Mat. 14:14-21) Yeroo harʼaatti gumii isaa akkamitti geggeessaa akka jiru argiteetta. (Mat. 23:10) Gara fuulduraattimmoo Mootummaa Waaqayyootti fayyadamee wantoota kanarra caalan akka raawwatu beekta. Maarree, akka isa jaallattu argisiisuu kan dandeessu akkamitti? Fakkeenya isaa hordofuudhaani. Yihowaadhaaf of murteessuu fi cuuphamuudhaan jalqabuu dandeessa. w23.03 4 key. 8, 10
Jimaata, Waxabajjii 28
Ija keessan gara samiitti ol kaasaatii ilaalaa. Wantoota kana kan uume eenyu?—Isa. 40:26.
Yihowaan samii qofa utuu hin taʼin, laftii fi galaannis uumamawwan ajaaʼibsiisoo barumsa irraa argachuu dandeenyuun akka guutaman godheera. (Far. 104:24, 25) Mee Waaqayyo akkamitti akka nu uume yaadi. Dandeettii uumamawwan babbareedoo dinqisiifachuu akka qabaannu godhee nu uume. Dandeettii ilaaluu, dhagaʼuu, tuttuquu, dhandhamuu fi fuunfachuu waan qabnuuf wantoota inni uume garaa garaatti gammaduu ni dandeenya. Kitaabni Qulqulluun sababii guddaa uumama qorachuuf nu kakaasuu qabu kan biraas ni ibsa. Waaʼee amaloota Yihowaa uumamarraa barachuu dandeenya. (Rom. 1:20) Fakkeenyaaf, waaʼee diizaayinii dinqisiisaa uumamarratti mulʼatuu yaadi. Waaqayyo ogeessa akka taʼe kan argisiisu mitii? Waaʼee nyaata garaa garaa soorannus yaadi. Ilmaan namootaatiif jaalala akka qabu ifatti kan argisiisu mitii? Wantoota Yihowaan uumerraa waaʼee amaloota isaa yeroo barannu caalaatti isa beekna, akkasumas isatti dhihaachuuf kakaana. w23.03 16 key. 4-5
Sanbadduraa, Waxabajjii 29
Buʼuurri dubbii keetii dhugaa dha. —Far. 119:160.
Addunyaan kun caalaatti hammaachaa yeroo deemu amantiin dhugaarratti qabnu qoramuu dandaʼa. Tarii namoonni Kitaabni Qulqulluun dhugaa taʼuu isaa fi Yihowaan yeroo harʼaatti tajaajiltoota isaatiif qajeelfama kennuuf garbicha amanamaa fi ogeessatti kan fayyadamu taʼuu isaa akka shakkinu gochuuf yaalu taʼa. Haa taʼu malee, Dubbiin Yihowaa yeroo hundumaa dhugaa akka taʼe mirkanaaʼoo yoo taane, haleellaa amantii keenyarratti banamu akkasii dandamachuu ni dandeenya. ‘Yeroo hundumaa, hamma dhumaatti, dambiiwwan Yihowaatiif ajajamuuf kutanneerra.’ (Far. 119:112) Dhugaa Kitaaba Qulqulluu namootatti himuunis taʼe jireenya isaanii keessatti akka hojiirra oolchan isaan jajjabeessuun ‘nu hin qaanessu.’ (Far. 119:46) Ariʼatama dabalatee rakkoowwan ciccimoo nu mudatan “obsaa fi gammachuudhaan” dandamachuu ni dandeenya. (Qol. 1:11; Far. 119:143, 157) Dhugaan kun tasgabbii fi amanannaa qabaachuuf nu gargaara, akkasumas addunyaa jeeqamaa taʼe kana keessatti qajeelfama ifa taʼe argachuuf nu gargaara. Abdii gara fuulduraatti Mootummaa Waaqayyoo jala jiraachuus nuuf argamsiiseera. w23.01 7 16-17
Dilbata, Waxabajjii 30
Akka isin wal jaallattaniif ajaja haaraa isiniif nan kenna; akkuman isin jaalladhe, isinis wal jaalladhaa.—Yoh. 13:34.
Yesuus galgala duʼuu isaa dura turetti Abbaan isaa ‘isa hamaa sana irraa akka isaan eegu’ barattoota isaatiif saʼaatii dheeraadhaaf kadhateera. (Yoh. 17:15) Kun Yesuus baayʼee akka isaan jaallatu argisiisa. Yesuus yeroo muraasa booda rakkinni hedduun akka isarra gaʼu kan beeku taʼus nageenyi ergamoota isaa isa yaaddessee ture. Nutis fakkeenya Yesuus waan hordofnuuf wantoota nu barbaachisan qofarratti hin xiyyeeffannu. Kanaa mannaa, yeroo hunda obbolootaa fi obboleettota keenyaaf ni kadhanna. Akkas yeroo goonu ajaja Yesuus akka wal jaallannu nuuf kenne hojiirra oolchina, akkasumas obboloota keenya hammam akka jaallannu Yihowaatti argisiisna. Obbolootaa fi obboleettota keenyaaf kadhachuun yeroo gubuu miti. Dubbiin Waaqayyoo, “Wawwaannaan nama qajeelaa humna qaba” jedha. (Yaq. 5:16) Obboloota keenyarra rakkinni hedduun waan gaʼuuf kadhannaan keenya isaan barbaachisa. w22.07 23-24 key. 13-15