Caamsaa
Roobii, Caamsaa 1
Kana booda nan arge . . . tuutni uummataa guddaan eenyu iyyuu lakkaaʼuu hin dandeenyee fi saba hundumaa keessaa, gosa hundumaa keessaa, nama hundumaa keessaa fi qooqa hundumaa keessaa dhufan.—Mul. 7:9.
Yohaannis garee isa samii booda ‘tuuta uummataa guddaa’ argeera. Garee namoota 144,000 qabate irraa haala adda taʼeen tuutni uummataa guddaan namoota meeqa akka of keessatti qabate hin beekamu. Waaʼee isaanii maal beekna? Yohaannis, “Warri kun warra rakkina guddaa keessaa dhufani dha; isaan uffata isaanii dhiiga Hoolichaatiin miiccatanii addeeffataniiru” jedheera. (Mul. 7:14) “Tuutni uummataa guddaan” kun rakkina guddaa irraa erga oolanii booda lafarra jiraatu, akkasumas eebbawwan dinqisiisoo hedduu argatu. (Far. 37:9-11, 27-29; Fak. 2:21, 22; Mul. 7:16, 17) Abdiin keenya samiirra jiraachuus taʼe lafarra jiraachuu, raajii Mulʼata boqonnaa 7 irratti argamu keessatti of arginaa? Akkas gochuun keenya barbaachisaadha. Gareewwan tajaajiltoota Waaqayyoo lamaanuu eebba baayʼee gammachiisaa taʼetu eeggata. Yeroo sanatti, bulchiinsa Yihowaa deggeruu filachuu keenyatti baayʼee gammanna. w22.05 16 key. 6-7
Kamisa, Caamsaa 2
Yihowaan ogummaa ni kenna.—Fak. 2:6.
Kanaan dura jireenya kee keessatti murtoo guddaa gooteetta yoo taʼe, ogummaan baayʼee waan si barbaachisuuf akka siif kennu Yihowaa akka kadhatte hin shakkisiisu. (Yaq. 1:5) Solomoon Mootichi, ‘ogummaan wanta baayʼee barbaachisaa akka taʼe’ barreesseera. (Fak. 4:7) Solomoon as irratti dubbachaa kan jiru waaʼee ogummaa namootaa utuu hin taʼin waaʼee ogummaa Waaqa keenya Yihowaa biraa argamuuti. Haa taʼu malee, ogummaan Waaqayyo biraa argamu rakkina guyyaa guyyaadhaan nu mudatu dandamachuuf nu gargaaraa? Eeyyee, nu gargaara. Karaan dhugumaan ogeeyyii taʼuu itti dandeenyu tokko, barumsa namoonni ogeeyyii taʼuu isaaniitiin beekaman lamaan barsiisan qoʼachuu fi hojiirra oolchuudha. Mee jalqaba waaʼee Solomoon yaadi. Kitaabni Qulqulluun, “Waaqayyos ogummaa fi hubannaa guddaa . . . Solomooniif ni kenne” jedha. (1 Mot. 4:29) Itti aansuudhaan immoo waaʼee Yesuus isa namoota hunda caalaa ogeessa taʼee yaadi. (Mat. 12:42) Yesuusiin ilaalchisee raajiin, “Hafuurri Yihowaa isa irra ni buufata, hafuurri ogummaa fi hafuurri hubannaa . . . isa irra ni buufata” jedhu dubbatameera.—Isa. 11:2. w22.05 20 key. 1-2
Jimaata, Caamsaa 3
Waaʼee humna keetii dhaloota itti aanutti . . . nan hima.—Far. 71:18.
Galma hafuuraa baafachuu fi irra gaʼuuf umuriin nu hin daangessu. Mee obboleettii Beevarlii jedhamtuu fi umuriin ishii waggaa 75 taʼe akka fakkeenyaatti haa ilaallu. Obboleettii Beevarliin dhukkuba cimaa waan qabduuf miilaan deemuun ishiitti ulfaata. Taʼus, duula affeerrii Ayyaana Yaadannoo irratti hirmaannaa guutuu gochuuf baayʼee waan hawwiteef galma baafatte. Galma duula sana irratti hirmaachuuf baafatte irra yeroo geessu baayʼee gammadde. Carraaqqiin ishiin goote warri kaanis tajaajila irratti caalaatti akka hirmaatan kakaaseera. Obboloonnii fi obboleettonni maanguddoota taʼan haalli isaanii wanta gochuu dandaʼan kan daangessu taʼus, Yihowaan hojii isaan hojjetaniif iddoo guddaa kenna. (Far. 71:17) Galma irra gaʼuu dandeessu baafadhu. Amaloota Yihowaa gammachiisan horadhu. Dandeettii Waaqa keenyaa fi jaarmiyaa isaa caalaatti tajaajiluuf si gargaaru baradhu. Karaa obbolootaa fi obboleettota kee caalaatti tajaajiluu itti dandeessu barbaaddadhu. Taanaan, akkuma Ximotewos eebba Yihowaatiin “guddinni kee namoota hundumaatti ifatti [ni mulʼata].”—1 Xim. 4:15. w22.04 27 key. 18-19
Sanbadduraa, Caamsaa 4
Daaʼimummaa keetii jalqabdee Kitaabota Qulqulluu . . . baratteetta.—2 Xim. 3:15.
Carraaqqii guddaa kan gootan taʼus, ijoollee keessan keessaa tokko Yihowaa tajaajiluu akka hin barbaanne yoo dubbate hoo? Balleessaa keessan akka taʼe yaaduu hin qabdan. Yihowaan ijoollee keessan dabalatee hundi keenya isa tajaajiluuf ykn dhiisuuf akka filannu nuuf heyyameera. Gaaf tokko deebiʼuu akka dandaʼu abdachuu keessan hin dhiisinaa. Fakkeenya waaʼee ilma badee turee ibsu yaadadhaa. (Luq. 15:11-19, 22-24) Dargaggeessi kun wantoota gadhee kan raawwate taʼus, dhuma irratti deebiʼeera. Warri, dhaloota haaraa Yihowaa waaqeffatu guddisuuf mirga guddaa argattaniittu. (Far. 78:4-6) Kun hojii salphaa miti; ijoolleen keessan Yihowaa akka jaallatan gargaaruuf, akkasumas adabaa fi gorsa Yihowaatiin guddisuuf carraaqqii guddaa waan gootaniif baayʼee isin galateeffanna. Abbaan keenya inni jaalala qabeessis akka isinitti gammadu mirkanaaʼoo taʼuu dandeessu.—Efe. 6:4. w22.05 30-31 key. 16-18
Dilbata, Caamsaa 5
Guutummaan qaamichaa . . . wal simee kan wal qabate [dha].—Efe. 4:16.
Gumii keessa nagaa fi tokkummaan akka jiraatu gochuuf hundi keenya wanta qabnu keessaa isa hundarra caalu kennuu qabna. Mee fakkeenya Kiristiyaanota jaarraa jalqabaa haa ilaallu. Kiristiyaanonni sun dandeettiin isaanii fi hojiin isaan hojjetan garaa gara ture. (1 Qor. 12:4, 7-11) Kun taʼuun isaa garuu, akka wal dorgomanii fi akka wal qoqqoodan isaan hin goone. Kanaa mannaa, Phaawulos “qaama Kiristoos [ijaaruuf]” wanta barbaachisu akka godhan isaan jajjabeesseera. Phaawulos Kiristiyaanota Efesooniif, “Kutaan qaamaa hundi akka gaariitti yommuu hojii isaa hojjetu, qaamni sun akka guddatuu fi jaalalaan akka of ijaaru gochuu irratti gumaacha godha” jedhee barreesseera. (Efe. 4:1-3, 11, 12) Namoonni gorsa Phaawulos kenne kana hojii irra oolchan nagaa fi tokkummaan akka jiraatu gumaacha godhaniiru; amaloonni kun amaloota yeroo harʼaatti gumii keenya keessatti arginu dha. Warra kaanii wajjin wal bira of qabuu irraa fagaachuuf murteessi. Akkasumas, Yesuus irraa barachuu fi amaloota isaa horachuuf carraaqqii godhi. Yihowaan ‘jalʼaa akka hin taanee fi hojii kee akka hin irraanfanne’ yaadadhu. (Ibr. 6:10) Carraaqqii garaa guutuudhaan isa gammachiisuuf gootu ni dinqisiifata. w22.04 14 key. 15-16
Wiixata, Caamsaa 6
Kiristoos Yesuus gara addunyaa kan dhufe cubbamoota fayyisuufi.—1 Xim. 1:15.
Yihowaan nama tokkoof dhiifama gochuu fi dhiisuu isaa murteessuun akka nu hin barbaachisne beekuun keenya nu gammachiisa. Taʼus, wanti murteessuun nu barbaachisu tokko jira. Wanti kun maalidha? Yeroo tokko tokko namni tokko cubbuu nurratti hojjechuu dandaʼa; sana booda dhiifama akka isaaf goonu nu gaafata taʼa. Yeroo tokko tokko garuu dhiifama gaafachuu dhiisuu dandaʼa. Haala akkasii keessatti illee nama sanaaf dhiifama gochuudhaan haaloo qabachuu fi isatti aaruu dhiisuuf filachuu dandeenya. Dhugaa dubbachuuf garuu, keessumaa baayʼee miidhamneerra yoo taʼe, kun yeroo fi carraaqqii gaafachuu dandaʼa. Masaraan Eegumsaa Fulbaana 15, 1994 akkana jedha: “Nama cubbuu hojjete tokkoof dhiifama gooteetta jechuun cubbuu sana salphistee ilaalta jechuu miti. Kiristiyaanni tokko dhiifama yeroo godhu Yihowaatti amanamuudhaan dhimmicha Yihowaadhaaf dhiisa. Inni Abbaa Murtii qajeelaa uumama hundumaa waan taʼeef, yeroo sirrii taʼetti haqa ni raawwachiisa.” w22.06 9 key. 6-7
Kibxata, Caamsaa 7
Yihowaa abdadhu.—Far. 27:14.
Yihowaan bara keenyatti namoota saba hundumaa keessaa, gosa hundumaa keessaa, akkasumas afaan dubbatamu hundumaa keessaa walitti qabee tokkummaadhaan waaqeffannaa qulqulluu akka isaaf dhiheessan akka godhu waadaa galeera. Yeroo harʼaatti gareen namootaa adda taʼe kun ‘tuuta uummataa guddaaʼ jedhamee beekama. (Mul. 7:9, 10) Gareen kun dhiirota, dubartootaa fi ijoollee akkaataa guddinaa garaa garaa qaban kan of keessatti qabate taʼus, waldaa obbolummaa addunyaa maraa nagaa fi tokkummaa qabudha. (Far. 133:1; Yoh. 10:16) Yeroo hundumaa addunyaa haaraan akka dhufu namoota dhagaʼuuf fedhii qaban hundatti himuuf qophaaʼoodha. (Mat. 28:19, 20; Mul. 14:6, 7; 22:17) Miseensa tuuta uummataa guddaa yoo taate, abdii kee kanaaf iddoo guddaa akka kennitu homaa hin shakkisiisu. Diyaabilos abdii kana si dhabsiisuu barbaada. Kaayyoon isaa Yihowaan waadaa gale akka hin raawwanne si amansiisuudha. Seexanni abdii keenya nu dhabsiisuu yoo dandaʼe, ija jabina dhabuu, darbees Yihowaa tajaajiluullee dhaabuu dandeenya. w22.06 20-21 key. 2-3
Roobii, Caamsaa 8
Abdii jabaa fi amansiisaa akka qofoo dooniitti lubbuu qabee dhaabu kana qabna.—Ibr. 6:19.
Yeroon rakkina keenya keessaa itti baanu akka dhufu mirkanaaʼoo waan taaneef, qorumsa ulfaataa keessattillee abdiin keenya inni cimaan tasgabbaaʼuuf nu gargaara. Yesuus ariʼatamni akka nurra gaʼu dubbachuu isaa yaadadhu. (Yoh. 15:20) Kanaafuu, waadaa Yihowaan nuuf galerratti xiinxaluun keenya isa tajaajiluu keenya itti fufuuf nu gargaara. Yesuus duuti suukanneessaa taʼe akka isa eeggatu kan beeku taʼus, abdii qabaachuun isaa jabaatee dhaabbachuuf kan isa gargaare akkamitti akka taʼe haa ilaallu. Dhaloota Kiristoos Booda bara 33 guyyaa Phenxeqosxeetti Pheexiros ergamaan raajii kitaaba Faarfannaarratti argamuu fi Yesuus baayʼee akka tasgabbaaʼuu fi amanannaa cimaa akka qabaatu ibsu caqasee ture. Akkana jedheera: “Ani abdiidhaan nan jiraadha; sababiin isaas ati Awwaala keessatti na hin dhiistu; inni siif amanamaa taʼe akka tortoru hin heyyamtu. . . . Fuula kee duratti gammachuu na quubsita.” (HoE. 2:25-28; Far. 16:8-11) Yesuus Waaqayyo duʼaa akka isa kaasuu fi gara samiitti deebiʼee Abbaa isaa wajjin gammachuudhaan akka jiraatu abdii cimaa qaba ture.—Ibr. 12:2, 3. w22.10 25 key. 4-5
Kamisa, Caamsaa 9
Hundi keenya yeroo baayʼee ni gufanna.—Yaq. 3:2.
Yeroo tokko ergamoota isaa kan taʼan Yaaqoobii fi Yohaannis, Mootummicha keessatti aangoo olaanaa akka isaaniif kennu karaa haadha isaanii Yesuusiin gaafatanii turan. (Mat. 20:20, 21) Yaaqoobii fi Yohaannis of tuulummaa akka qabanii fi warra kaan caaluu akka barbaadan argisiisaniiru. (Fak. 16:18) Yeroo sanatti amala gaarii hin taane akka qaban kan argisiisan Yaaqoobii fi Yohaannis qofa hin turre. Ergamoota kaanitti maaltu akka dhagaʼame hubadhu: “Barattoonni kurnan yommuu waaʼee kanaa dhagaʼan obbolaa lamaan kanatti ni aaran.” (Mat. 20:24) Yaaqoob, Yohaannisii fi ergamoonni kaan cimsanii akka wal falman tilmaamuu dandeenya. Maarree, Yesuus maal godhe? Isaanitti hin aarre. Ergamoota isaanirra wayyan, isaan caalaa gad of qabanii fi yeroo hunda jaalala walitti argisiisan akka barbaadu hin dubbanne. Kanaa mannaa, Yesuus namoota garaa qajeelaa qaban kana obsaan haasofsiiseera. (Mat. 20:25-28) Jaalalaan isaan qabuu isaa itti fufeera. w23.03 28-29 key. 10-13
Jimaata, Caamsaa 10
Isa na arrabsuuf deebii kennuu akkan dandaʼutti, yaa ilma koo, ogeessa taʼi, garaa koos gammachiisi.—Fak. 27:11.
Wantoota gaggaarii hedduu raawwatteetta. Tarii waggoota muraasaaf Kitaaba Qulqulluu ciminaan qoʼatteetta taʼa. Qoʼannaan kee Kitaabni Qulqulluun Dubbii Waaqayyoo taʼuu isaa siif mirkaneesseera. Kanarra darbees, qaama Kitaaba Qulqulluu barreessise beekuu fi jaallachuu dandeesseetta. Jaalalli Yihowaadhaaf qabdu waan guddateef, isaaf of murteessitee cuuphamuudhaan tajaajilaa isaa taateetta. Kun murtoo baayʼee gaarii taʼedha. Hamma cuuphamuu bira geessutti amantiin kee karaa garaa garaatiin akka qorame beekamaadha. Yeroo karaa hafuuraa guddachaa deemtummoo qorumsawwan haaraan si mudatu. Seexanni jaalalli Yihowaadhaaf qabdu akka laafuu fi isa tajaajiluu akka dhaabdu gochuuf yaala. (Efe. 4:14) Kun akka taʼu heyyamuu hin qabdu. Maarree, Yihowaaf amanamaa taatee itti fufuu fi waadaa galte eeguuf maaltu si gargaara? Guddina gochuuf, jechuunis Kiristiyaana bilchaataa taʼuuf “carraaqqii” gochuu kee itti fufuu qabda.—Ibr. 6:1. w22.08 2 key. 1-2
Sanbadduraa, Caamsaa 11
Bara dheeraa akka jiraattuu fi badhaadhaa akka taatuuf, akkuma Waaqni kee Yihowaan si ajajetti abbaa kee fi haadha tee kabaji.—Kes. 5:16.
Maatii keessatti miseensonni maatii hundi iccitii maatii eeguuf itti gaafatamummaa qabu. Fakkeenyaaf, obboleessi tokko haati manaa isaa amala isa kolfisiisu qabaachuu dandeessi. Maarree, wanta kana warra kaanitti himuudhaan ishii qaanessuu qabaa? Akkas gochuu akka hin qabne ifadha. Haadha manaa isaa waan jaallatuuf matumaa wanta ishii miidhu gochuu hin barbaadu. (Efe. 5:33) Ijoolleen umurii waggoota kurnanii keessa jiran hamma tokko kabajamuu barbaadu. Warri kana yaadachuun isaanii barbaachisaadha. Dogoggora ijoolleen isaanii raawwatan warra kaanitti himuudhaan isaan qaanessuu hin qabani. (Qol. 3:21) Ijoolleenis odeeffannoo miseensota maatichaa tokko tokko qaanessuu dandaʼu warra kaanitti akka hin himne barachuu qabu. Miseensonni maatii hundi iccitii maatichaa eeguudhaaf gaʼee mataa isaanii yeroo baʼan walitti dhufeenyi maatichaa ni cima. w22.09 10 key. 9
Dilbata, Caamsaa 12
Yaa Iyyoob, kana dhagaʼi, dhaabbadhuutii . . . of eeggannoodhaan ilaali.—Iyo. 37:14.
Yeroo isa haasofsiisetti ogummaa daangaa hin qabne akka qabuu fi uumamawwan isaatiif akka yaadu isa yaadachiiseera. Waaʼee bineeldota dinqisiisoo taʼan hedduu isatti himeera. (Iyo. 38:1, 2; 39:9, 13, 19, 27; 40:15; 41:1, 2) Kana malees, dargaggeessa amanamaa Eliihuu jedhamutti fayyadamee isa cimseera, akkasumas isa jajjabeesseera. Eliihuun, Yihowaan tajaajiltoota isaa jabaatanii dhaabbatan yeroo hundumaa akka badhaasu isaaf mirkaneesseera. Taʼus, Yihowaan Eliihuutti fayyadamee gorsa jaalala irratti hundaaʼes isaaf kenneera. Eliihuun namoonni Yihowaa isa waan hundumaa uume wajjin yommuu wal bira qabaman baayʼee xinnoo akka taʼan isa yaadachiisuudhaan ofii isaarratti akka hin xiyyeeffanne isa gargaareera. Kana malees, Yihowaan Iyyoobiif hojii tokko kenneera; michoota isaa cubbuu raawwatan sadaniif akka kadhatu isatti himeera. (Iyo. 42:8-10) Yihowaan yeroo harʼaatti yommuu qorumsi cimaan nu mudatu kan nu gargaaru akkamitti? Yihowaan akkuma Iyyoobiin haasofsiise kallattiidhaan nu hin haasofsiisu. Kanaa mannaa, karaa Dubbii isaa Kitaaba Qulqulluu nu haasofsiisa.—Rom. 15:4. w22.08 11 key. 10-11
Wiixata, Caamsaa 13
Obboleessa kee kan gufachiisu yoo taʼe, foon nyaachuu yookiin daadhii wayinii dhuguu yookiin wanta akkamii iyyuu gochuu dhiisuun gaarii dha.—Rom. 14:21.
Gumiin Roomaa keessa ture Yihudootaa fi namoota Yihudoota hin taane kan of keessatti qabate ture. Kiristiyaanonni Seera Musee jala waan hin taaneef seera nyaata tokko tokko akka hin nyaanne ajaju hordofuun isaanirraa hin eegamu. (Mar. 7:19) Kanaafuu, Kiristiyaanonni Yihudoota taʼan tokko tokko nyaata akaakuu kamiyyuu nyaachuuf bilisummaan isaanitti dhagaʼamee ture. Kiristiyaanonni Yihudoota taʼan kan biroon garuu akkas gochuuf bilisummaan isaanitti hin dhagaʼamne. Kanaan kan kaʼes, gumicha keessatti qoqqoodinsi ni uumame. Phaawulos ergamaan nagaa isaanii eeggachuun akka isaan barbaachisu isaan hubachiiseera. Phaawulos karaa kanaan falmiin akkasii obboloota tokko tokkos taʼe guutummaa gumichaa hammam akka miidhu akka hubatan isaan gargaareera. (Rom. 14:19, 20) Warra kaan akka hin gufachiisneef jedhee amala isaa jijjiiruuf fedhii akka qabus argisiiseera. (1 Qor. 9:19-22) Nutis dhimmoota dhuunfaarratti falmii kaasuurraa fagaachuudhaan warra kaan ijaaruu fi nagaa keenya eeggachuu ni dandeenya. w22.08 22 key. 7
Kibxata, Caamsaa 14
Yihowaan . . . nama qajeelummaa hordofu . . . ni jaallata.—Fak. 15:9.
Tajaajila Yihowaa keessatti galma tokkorra gaʼuu barbaanna taanaan galma keenya sanarra gaʼuuf carraaqqii guddaa goona. Yommuu qajeelummaa hordofnus akkasuma goona. Yihowaanis irraa jalaan guddina akka goonu obsaan nu gargaara. (Far. 84:5, 7) Yihowaan jaalalaan kakaʼee qajeelummaan baʼaa akka hin taane nu yaadachiiseera. (1 Yoh. 5:3) Qajeelummaan eegumsa nuuf godha; eegumsi kunimmoo guyyaa hundumaa nu barbaachisa. Waaʼee meeshaalee waraanaa Phaawulos ergamaan ibsee yaadadhu. (Efe. 6:14-18) Meeshaalee waraanaa kana keessaa onnee loltuu tokkootiif eegumsa kan godhu isa kami? “Uffata qomaa qajeelinaa” isa ulaagaalee qajeelinaa Yihowaa argisiisudha. Akkuma uffanni qomaa loltuun tokko uffatu onnee isaatiif eegumsa godhu, ulaagaaleen qajeelinaa Yihowaan baases garaa keenya, jechuunis keessa namummaa keenya nuuf eegu. Meeshaalee waraanaa uffannu keessa uffanni qomaa qajeelinaa jiraachuu isaa mirkaneeffachuu kan qabnu kanaafi.—Fak. 4:23. w22.08 29 key. 13-14
Roobii, Caamsaa 15
Dubbiin Waaqa keenyaa . . . bara baraaf jabaatee ni dhaabbata.—Isa. 40:8.
Dubbiin Waaqayyoo waggoota kumaan lakkaaʼamaniif namoota amanamoo taʼaniif qajeelfama gaarii kennaa tureera. Kun taʼuu kan dandaʼe akkamitti? Yihowaan namoonni barreeffamoota qulqulluu kana akka garagalchan godheera. Namoonni barreeffamoota kana garagalchan mudaa kan qaban taʼanis baayʼee of eeggatu turan. Kitaabota Qulqulluu Afaan Ibrootaa ilaalchisee hayyuun tokko, “Kitaabni bara durii ergaan isaa utuu hin jijjiiramin sirriitti garagalfame kan biraan hin jiru” jedhanii barreessaniiru. Kanaafuu, ergaan yeroo harʼaatti Kitaaba Qulqulluurraa dubbisnu yaada Yihowaa isa Abbaa kitaabichaa taʼee akka taʼe mirkanaaʼoo taʼuu dandeenya. “Kennaan gaariinii fi kennaan guutuun hundi” Yihowaa biraa argama. (Yaq. 1:17) Kitaabni Qulqulluun kennaawwan gaggaarii Yihowaan nuu kenne keessaa tokkodha. Kennaan tokko namni kennaa sana nuuf kenne nuunis taʼe wanta nu barbaachisu akka beeku argisiisa. Yihowaa isa Kitaaba Qulqulluu nuu kennee wajjin haala walqabateenis akkasuma. Waaʼee kennaa kanaa yeroo qorru waaʼee Yihowaa wanta baayʼee baranna. Nuunis taʼe wanta nu barbaachisu hammam akka beeku nu hubachiisa. w23.02 2-3 key. 3-4
Kamisa, Caamsaa 16
[Lafti] dhugumaan beekumsa Yihowaatiin ni guutamti.—Isa. 11:9.
Yeroo Bulchiinsa Barkumee Kiristoositti lafarratti guyyaan namoonni duʼaa kaafamuu itti jalqaban baayʼee gammachiisaa taʼa. Namoonni nama jaallatan duʼaan dhaban hundi deebiʼanii isaan arguuf baayʼee hawwu. Yihowaanis akkasuma isatti dhagaʼama. (Iyo. 14:15) Namoonni hundi namoonni jaallatan yeroo duʼaa kaafaman hammam akka gammadan mee yaadi. “Qajeelonni” maqaan isaanii kitaaba jireenyaa keessatti barreeffame “duʼaa kaʼuu jireenyaatiif” awwaala keessaa ni baʼu. (HoE. 24:15; Yoh. 5:29) Tarii namoonni jaallannu hedduun warra lafarratti jalqaba duʼaa kaafaman keessaa tokko taʼuu dandaʼu. Kana malees, “jalʼoonni,” jechuunis namoonni duʼuu isaanii dura Yihowaa beekuu fi isa tajaajiluuf carraa gaʼaa hin arganne “duʼaa kaʼuu murtiitiif” awwaala keessaa ni baʼu. Namoonni duʼaa kaafaman hundi barumsa argachuun isaan barbaachisa. (Isa. 26:9; 61:11) Kanaafuu, sagantaan barnootaa guddaan seenaa ilmaan namootaa keessatti geggeeffamee hin beekne ni barbaachisa.—Isa. 11:10. w22.09 20 key. 1-2
Jimaata, Caamsaa 17
Inni Waaqa jiraataa . . . dha.—Dan. 6:26.
Yihowaan bulchitoota wal taʼiinsa uumanirratti olaantummaa akka qabu argisiiseera. Israaʼelotaaf loluudhaan Biyyattii Abdachiifamte harka caalaa isaa akka qabatan isaan gargaareera. (Iya. 11:4-6, 20; 12:1, 7, 24) Yihowaan yeroo garaa garaatti Isa Hundumaa Gararraa taʼuu isaa argisiiseera. Fakkeenyaaf, mootii Baabilon kan taʼe Nebukadnezaar ulfinni Yihowaadhaaf akka malu beekamtii kennuu mannaa, waaʼee ‘guddina ulfina isaaf, akkasumas waaʼee humnaa fi jabina isaa’ of tuuluudhaan yeroo dubbatetti Yihowaan akka maraatu isa godheera. Gara qalbii isaatti erga deebiʼee booda Nebukadnezaar, ‘Isa Hundaa Olii sana jajateera,’ akkasumas “bulchiinsi [Yihowaa] bulchiinsa bara baraa” akka taʼe beekamtii kenneera. Itti dabaluudhaanis, ‘Isa dhowwuu kan dandaʼu hin jiru’ jedheera. (Dan. 4:30, 33-35) Faarfatichi “Sabni Waaqni isaa Yihowaa taʼe, sabni inni qabeenya dhuunfaa isaa godhee filates gammadaa dha” jedheera. (Far. 33:12) Dhugumayyuu amanamummaa Yihowaadhaaf qabnu eeggachuuf sababii gaarii qabna. w22.10 15-16 key. 13-15
Sanbadduraa, Caamsaa 18
[Dubbiin kee] dhugaa dha.—Far. 119:160.
Raajiiwwan Kitaaba Qulqulluu hanga ammaatti raawwataman amantii waadaawwan Waaqayyo yeroo gara fuulduraa ilaalchisee galerratti qabnu nuuf cimsu. Akkuma faarfaticha isa, “Dubbiin kee abdii koo waan taʼeef, fayyina si irraa argamu nan hawwa” jedhee Yihowaa kadhatee nutti dhagaʼama. (Far. 119:81) Yihowaan gaarummaadhaan kakaʼee Kitaaba Qulqulluutti fayyadamee “egeree gaarii fi abdii” nuuf kenneera. (Er. 29:11) Abdiin keenya carraaqqii namoonni godhanirratti utuu hin taʼin, waadaawwan Yihowaan galerratti kan hundaaʼedha. Kanaafuu, raajiiwwan Kitaaba Qulqulluu akka gaariitti qoʼachuudhaan amantii Dubbii Waaqayyoorratti qabnu cimsachuu keenya itti haa fufnu. Ragaan Kitaaba Qulqulluutti amanuuf nu kakaasu dabalataa namoonni gorsa isaa hojiirra oolchan buʼaa gaarii argachuu isaaniiti. (Far. 119:66, 138) Fakkeenyaaf, hiriyoonni gaaʼelaa wal hiikuu jala gaʼanii turan yeroo ammaatti gaaʼela gammachiisaa qabaachuu dandaʼaniiru. Ijoolleen isaaniis maatii Kiristiyaanaa keessatti kunuunsaa fi jaalala warra isaanii argatanii guddachuu dandaʼaniiru.—Efe. 5:22-29. w23.01 5 12-13
Dilbata, Caamsaa 19
Abdichatti gammadaa.—Rom. 12:12.
Waadaa Waaqayyo galee fi Kitaaba Qulqulluu keessatti argamu raawwatamuu isaatti dhuunfaatti kan fayyadamte akkamitti akka taʼe yaadi. Fakkeenyaaf, Yesuus Abbaan isaa wanta si barbaachisu akka siif guutu dubbateera. (Mat. 6:32, 33) Kana malees, Yihowaan hafuura qulqulluu yoo isa kadhatte akka siif kennu siif mirkaneesseera. (Luq. 11:13) Yihowaan waadaawwan kana nuuf raawwateera. Waaʼee waadaawwan kan biroo inni siif raawwatees yaaduu dandeessa. Fakkeenyaaf, dhiifama siif gochuuf, si jajjabeessuu fi karaa hafuuraa si sooruuf waadaa siif galeera. (Mat. 6:14; 24:45; 2 Qor. 1:3) Wanta Waaqayyo hamma yoonaatti siif godherratti yeroo xiinxaltu yeroo gara fuulduraa ilaalchisee abdii qabdu jabeeffatta. Yihowaan waadaa gale akka eegu mirkanaaʼoodha. Akkuma faarfatichi barreesse, ‘namni Waaqa isaa Yihowaa abdatu gammadaa dha; inni yeroo hundumaa amanamaadha.’—Far. 146:5, 6. w22.10 27 key. 15; 28 key. 17
Wiixata, Caamsaa 20
Si irratti . . . Yihowaan ni ibsa.—Isa. 60:2.
Raajiin Waaqeffannaa qulqulluu iddootti deebisuu ilaalchisee dubbatame yeroo harʼaatti nuuf ni hojjetaa? Eeyyee, ni hojjeta! Akkas kan jennu maaliifi? Dhaloota Kiristoos Booda bara 1919 kaasee namoonni miliyoonaan lakkaaʼaman boojuu Baabilon Guddittii ishii amantaa sobaa addunyaa maraa argisiistu jalaa bilisa baʼaa jiru. Namoonni kun gara iddoo Biyyattii Abdachiifamterra baayʼee caalutti dhufaa jiru. Iddoon kunis jannata hafuuraati. (Isa. 51:3; 66:8) Dhaloota Kiristoos Booda bara 1919 kaasee Kiristiyaanonni dibamoon mirga jannata hafuuraa keessa jiraachuu argataniiru. Yeroon darbaa yommuu deemummoo, ‘hoolonni kan biroon’ warri abdii lafarra jiraachuu qabanis gara jannata hafuuraa kanaatti galuudhaan eebba Yihowaa argachaa jiru. (Yoh. 10:16; Isa. 25:6; 65:13) Jannanni hafuuraa isaan keessa jiraatanis addunyaa maratti argama. Yeroo harʼaatti kan jiraannu eessayyuu yoo taʼe, waaqeffannaa dhugaa amanamummaadhaan deggeruu keenya hamma itti fufnetti kutaa jannata hafuuraa taʼuu ni dandeenya. w22.11 11-12 key. 12-15
Kibxata, Caamsaa 21
Yaa Yihowaa, ati bara baraa kaasee jirta mitii? Yaa Waaqa koo, yaa Qulqulluu koo, ati hin duutu.—An. 1:12.
Yaada Yihowaan “bara baraaf” jira jedhu hubachuun sitti ulfaataa? (Isa. 40:28) Yaanni kun namoota baayʼeetti ni ulfaata. Eliihuun, “Barri [isaa] hubannaa keenyaa oli” jedheera. (Iyo. 36:26) Haa taʼu malee, nuti yaada tokko hin hubanne jechuun yaanni sun sobadha jechuu miti. Fakkeenyaaf, humni ibsaa akkamitti akka hojjetu guutummaatti hubachuu dhiisuu dandeenya; haa taʼu malee, kun taʼuun isaa humni ibsaa akka hin jirre argisiisaa? Matumaa! Haaluma wal fakkaatuun Yihowaan jalqaba kan hin qabne taʼuu isaa fi gara fuulduraattis bara baraaf akka jiraatu guutummaatti hubachuun nutti ulfaachuu dandaʼa. Kana jechuun garuu Waaqayyo bara baraaf hin jiraatu jechuu miti. Uumaan keenya wanta nuti hubachuu dandeenyuun ykn hubachuu hin dandeenyeen hin daangeffamu. (Rom. 11:33-36) Inni maddawwan ifaa kan akka aduu jiran dabalatee uumamni cufti uumamuu isaa dura jira ture. Inni ‘samiiwwan diriirsuu’ isaa dura jira ture.—Er. 51:15. w22.12 2-3 key. 3-4
Roobii, Caamsaa 22
Kadhannaan koo si duratti akkuma ixaana qopheeffamee . . . haa taʼu.—Far. 141:2.
Yeroo tokko tokko warra kaan bakka buunee kadhannaa akka dhiheessinu affeeramna. Fakkeenyaaf, obboleettiin qoʼannaa Kitaaba Qulqulluu geggeessaa jirtu obboleettiin ishii wajjin qoʼachiisaa jirtu kadhannaa akka dhiheessitu gaafachuu dandeessi. Obboleettiin affeeramte sun barattuu sana sirriitti beekuu dhiisuu dandeessi. Kanaafuu, qoʼannaan isaanii erga xumuramee booda kadhannaa dhiheessuu filatti taʼa. Akkas gochuun ishii yeroo kadhattu wanta barattuu sana barbaachisurratti xiyyeeffachuuf ishii gargaara. Obboleessi tokko walgaʼii tajaajila dirreerratti ykn walgaʼii gumiirratti kadhannaa akka dhiheessu gaafatamuu dandaʼa. Obboloonni mirga akkasii argatan kaayyoo walgaʼichaa dagachuu hin qaban. Yeroo kadhannaa dhiheessan gumichaaf gorsa kennuun ykn beeksisa himuun sirrii miti. Walgaʼiiwwan gumii hedduurratti yeroon faarfannaa fi kadhannaadhaaf ramadame daqiiqaa shan qofadha. Keessumaa obboleessi jalqaba walgaʼichaarratti kadhannaa dhiheessu “jechoota baayʼee” dubbachuu hin qabu.—Mat. 6:7. w22.07 24 key. 17-18
Kamisa, Caamsaa 23
Waraanaa fi oduu waraanaa ni dhageessu. Wantoonni kun taʼuu waan qabaniif, akka hin sodaanne of eeggadhaa; dhumni sirnichaa garuu hin geenye.—Mat. 24:6.
Yesuus guyyoota dhumaatti “bakka garaa garaatti” golfaan ykn dhukkubni daddarbaan akka jiraatu raajii dubbateera. (Luq. 21:11) Kana beekuun keenya nagaa kan nuuf argamsiisu akkamitti? Dhukkuboonni daddarboon yeroo kaʼan nu hin ajaaʼibsiisu. Akkuma Yesuus dubbatetti wantoonni kun akka raawwataman beekna. Kanaafuu, gorsa Yesuus, “Akka hin sodaanne of eeggadhaa” jechuudhaan namoota bara dhumaatti jiraataniif kenne hojiirra oolchina. Dhukkubni daddarbaan jiraachuun isaa barsiifatawwan kee tokko tokkorratti dhiibbaa akka godhu beekamaadha; taʼus qoʼannaa dhuunfaa gochuu ykn walgaʼiirratti argamuu akka si dhoowwu hin heyyamin. Muuxannoowwan barreeffamootaa fi viidiyoowwan keenyarratti argaman obboloonni kee rakkoowwan akkasii isaan mudatus amanamummaa isaanii akka eeggatan si yaadachiisu. w22.12 17 key. 4, 6
Jimaata, Caamsaa 24
Wanti hin eegamne hunduma isaanii irra ni gaʼa.—Lal. 9:11.
Yaaqoob ilma isaa Yoseefiin baayʼee akka jaallatu ifatti argisiisa ture. (Uma. 37:3, 4) Kanaan kan kaʼes, ijoolleen Yaaqoob warri hangafaa Yoseefitti hinaafuu jalqaban. Carraa yommuu argatanitti Yoseefiin daldaltoota Miidiyaanitti gurguran. Daldaltoonni kunis gara Gibxii ishii kiilomeetira dhibbaan lakkaaʼamu fagaattee argamtutti isa geessan; achittis ajajaa waardiyyootaa Faraʼoon kan taʼe Phoxifaaritti isa gurguran. Yoseef inni mucaa abbaa isaa biratti jaallatamaa ture jireenyi isaa guutummaatti jijjiiramee garba namicha Gibxii tokkoo taʼe. (Uma. 39:1) Yeroo tokko tokko haalli rakkisaan “namoota kaan irra gaʼu,” jechuunis qorumsi ilmaan namootaa hundumaarra gaʼu nu mudachuu dandaʼa. (1 Qor. 10:13) Yookiinimmoo barattoota Yesuus waan taaneef qofa rakkinni nurra gaʼuu dandaʼa. Fakkeenyaaf, sababii amantii keenyaatiin namoonni nutti qoosuu, nu mormuu, darbees ariʼatama nurraan gaʼuu dandaʼu. (2 Xim. 3:12) Qorumsi akkamiiyyuu yoo sirra gaʼe Yihowaan milkaaʼina akka argattu si gargaara. w23.01 14-15 key. 3-4
Sanbadduraa, Caamsaa 25
Bakka qoraan hin jirretti ibiddi ni dhaama.—Fak. 26:20.
Yeroo tokko tokko obboleessa nu aarse sana haasofsiisuun nu barbaachisuu dandaʼa. Jalqaba garuu, akkana jennee of gaafachuun keenya gaariidha: ‘Wanti uumame guutummaatti naa galeeraa?’ (Fak. 18:13) ‘Utuu itti hin yaadin akkas godhee laata?’ (Lal. 7:20) ‘Anoo dogoggora akkasii raawwadhee beekaa?’ (Lal. 7:21, 22) ‘Nama sana haasofsiisuun koo furmaata argamsiisuu mannaa, rakkinichi akka hammaatu godhaa laata? Yeroo fudhannee gaaffilee akkasiirratti yoo yaanne, jaalalli obboleessa keenyaaf qabnu dhimmicha calluma jennee irra darbuuf nu kakaasuu dandaʼa. Obboloonnii fi obboleettonni keenya dogoggora yeroo raawwatanittis jaalala ofittummaarraa walaba taʼe isaanitti argisiisuudhaan dhuunfaatti duuka buutuu Yesuus warra dhugaa taʼuu keenya argisiisna. Akkas gochuudhaan warri kaan amantaa dhugaa adda baasanii beekuudhaan nu wajjin Yihowaa akka waaqeffatan gargaaruu dandeenya. Kanaafuu, jaalala Kiristiyaanota dhugaa adda baasee beeksisu argisiisuu keenya itti fufuuf haa murteessinu. w23.03 31 key. 18-19
Dilbata, Caamsaa 26
Waaqayyo jaalala.—1 Yoh. 4:8.
Kitaabni Qulqulluun amalli Yihowaa inni guddaan jaalala akka taʼe dubbata. Yihowaan waan nu jaallatuuf ibsa balʼaa hubachuun nutti ulfaatu nuuf hin kennine. (Yoh. 21:25) Kana malees, Yihowaan walitti dhufeenya nu wajjin qaburratti akka nu kabaju argisiisuudhaan jaalala nuuf qabu argisiiseera. Kitaaba Qulqulluu keessatti seera hedduu jireenya keenya hundumaa toʼatu nuuf hin kennine. Kanaa mannaa, murtoo gaarii akka goonu nu gargaaruuf seenaawwan jireenyaa, raajiiwwan garaa namaa tuqanii fi gorsawwan gaggaarii taʼanitti fayyadama. Karaawwan kanaan Dubbiin Waaqayyoo garaadhaa akka isa jaallannuu fi akka isaaf ajajamnu nu kakaasa. Kitaabni Qulqulluun Yihowaan baayʼee akka nuuf yaadu nuuf mirkaneessa. Akkas kan jennu maaliifi? Dubbiin isaa seenaawwan miira namaa ibsaniin kan guutamedha. Namoonni seenaan isaanii Kitaaba Qulqulluu keessatti ibsame ‘namootuma miira akka keenyaa qaban’ waan taʼaniif, miira isaanii hubachuu ni dandeenya. (Yaq. 5:17) Hunda caalaammoo hariiroo inni namoota akka keenyaa taʼan wajjin qabu ilaaluudhaan “Yihowaan jaalala guddaa kan qabuu fi gara laafessa” taʼuu isaa caalaatti hubachuu dandeenya.—Yaq. 5:11. w23.02 6 key. 13-15
Wiixata, Caamsaa 27
Dandeettii hubannaa keessanii eeggadhaa, dammaqoo taʼaa!—1 Phe. 5:8.
Kutaan Kitaaba Qulqulluu inni dhumaa, “Wanta dhiheenyatti taʼuu qabu garboota isaatti argisiisuuf mulʼata Waaqayyo Yesuus Kiristoositti kennee fi karaa isaa mulʼise” jechuudhaan jalqaba. (Mul. 1:1) Kanaafuu, wantoota yeroo ammaatti addunyaarratti raawwatamaa jiraniif xiyyeeffannaa guddaa kennina; wantoonni kun raajiiwwan Kitaaba Qulqulluu akka raawwataman kan godhan akkamitti akka taʼe beekuufis fedhii guddaa qabna. Wantoota kanarratti warra kaan wajjin mariʼachuunis nu gammachiisa. Haa taʼu malee, raajii Kitaaba Qulqulluurratti yeroo mariʼannu wanta taʼuuf jedhu tilmaamuurraa of qusachuu qabna. Maaliif? Sababiin isaas, wanta tokkummaa gumii diigu dubbachuu hin barbaannu. Fakkeenyaaf, geggeessitoonni addunyaa walitti buʼiinsa tokko furuudhaan nagaa fi tasgabbii kan fidan akkamitti akka taʼe yeroo dubbatan ni dhageenya taʼa. Wanti isaan dubbatan kun raajiin 1 Tasalonqee 5:3 irratti argamu akka raawwatamu akka godhu tilmaamuu mannaa, wanta dhiheenyatti waaʼee kanaa ibsame beekuuf yaaluu qabna. Mariin keenya wantoota jaarmiyaan Yihowaa baaserratti kan xiyyeeffate akka taʼu yoo goone, gumichi “kaayyoodhaan guutummaatti tokkummaa akka [qabaatu]” gumaacha goona.—1 Qor. 1:10; 4:6. w23.02 16 key. 4-5
Kibxata, Caamsaa 28
Dhugaadhaaf, gad of qabuu fi qajeelummaadhaaf jedhiitii gulufi, harki kee mirgaa wantoota sodaachisoo taʼan ni raawwata.—Far. 45:4.
Yesuusiin kan jaallattu maaliifi? Yesuus dhugaa, gad of qabuu fi qajeelummaa ni jaallata. Dhugaa fi qajeelummaa kan jaallattu yoo taʼe Yesuusiinis akka jaallattu beekamaadha. Yesuus wanta dhugaa fi sirrii taʼeef ija jabinaan akkamitti akka falme yaadi. (Yoh. 18:37) Haa taʼu malee, Yesuus gad of qabuu akka jaallatu kan argisiise akkamitti? Yesuus gad of qabuu akka jaallatu ifatti argisiiseera. Fakkeenyaaf, ulfinni hundi isaaf utuu hin taʼin Abbaa isaatiif akka kennamu godheera. (Mar. 10:17, 18; Yoh. 5:19) Yesuus hamma kana akka gad of qabu yeroo beektu maaltu sitti dhagaʼame? Isa jaallachuu fi isa duukaa buʼuuf si hin kakaasnee? Akka si kakaase beekamaadha. Yesuus kan gad of qabu maaliifi? Abbaa isaa isa gad of qabu waan jaallatuu fi fakkeenya isaa hordofuu waan barbaaduufi. (Far. 18:35; Ibr. 1:3) Maarree, Yesuus isa amaloota Yihowaa guutummaatti calaqqisiisetti dhihaachuuf hin kakaatuu? w23.03 3-4 key. 6-7
Roobii, Caamsaa 29
Qajeelonnis taʼan jalʼoonni duʼaa [ni kaafamu].—HoE. 24:15.
Kitaabni Qulqulluun waaʼee garee namoota abdii lafarra bara baraaf jiraachuu qabaatanii duʼaa kaafaman lamaas ni dubbata; isaanis, ‘qajeelotaa’ fi ‘jalʼoota’ dha. ‘Qajeelota’ kan jedhaman warra yeroo lubbuudhaan jiranitti amanamummaadhaan Yihowaa tajaajilani dha. Warri ‘jalʼoota’ jedhaman garuu akkas hin goone. Haa taʼu malee, gareen namootaa lamaanuu waan duʼaa kaafamaniif, maqaan isaanii kitaaba jireenyaa keessatti barreeffameera jechuu ni dandeenyaa? “Qajeeloonni” kun duʼuu isaanii dura maqaan isaanii kitaaba jireenyaa keessatti barreeffameera. Maarree, yeroo duʼanitti maqaan isaanii kitaaba sana keessaa ni haqamaa? Lakki. Sababiin isaas, isaan ammayyuu yaadannoo Yihowaa keessatti “jiraatoo” dha. “Hundi isaanii isaaf jiraatoo waan taʼaniif, inni Waaqa warra jiraatoo ti malee, Waaqa warra duʼanii miti.” (Luq. 20:38) Kana jechuun qajeelonni yommuu lafarratti duʼaa kaafaman maqaan isaanii kitaaba jireenyaa keessatti ni argama jechuu dha. Taʼus, jalqabarratti maqaan isaanii kan barreeffame “irsaasiidhaani.”—Luq. 14:14. w22.09 16 key. 9-10
Kamisa, Caamsaa 30
Yihowaan akka inni iddoo biqiltuu Eedan misoomsuu fi kunuunsuuf namicha fuudhee achi keessa kaaʼe.—Uma. 2:15.
Yihowaan Addaam uumamatti akka gammadu barbaadee ture. Yeroo isa uumetti jannata bareedduu taate keessa akka jiraatu godheera; jannata sana akka misoomsuu fi akka babalʼisus hojii isaaf kenneera. (Uma. 2:8, 9) Addaam sanyiin dhaabe yeroo biqiluu fi abaaboon yeroo daraaru arguu isaatti hammam akka gammadu tilmaamuu dandeessa. Iddoo biqiltuu Eedan kunuunsuuf mirga argachuun isaa ulfina guddaadha! Yihowaan bineeldota garaa garaatiif maqaa akka baasus Addaamiif mirga kenneera. (Uma. 2:19, 20) Yihowaan ofuma isaatiin hunduma isaaniitiif maqaa baasuu ni dandaʼa ture; taʼus hojii kana Addaamiif kenneera. Addaam maqaa isaaniif baasuu isaa dura bineeldota sana of eeggannoodhaan qoratee amala addaa isaan qaban adda baafachuuf akka yaale hin shakkisiisu. Addaam hojii kanatti gammadee taʼuu qaba. Hojiin kun Abbaan isaa hammam ogeessa akka taʼe, akkasumas wantoonni inni uume kan nama hawwatanii fi mimmiidhagoo akka taʼan caalaatti hubachuuf carraa akka isaaf bane beekamaadha. w23.03 15 key. 3
Jimaata, Caamsaa 31
[Inni] mootummoota kana hundumaa caccabsee ni balleessa; kophaa isaas bara baraaf ni dhaabbata.—Dan. 2:44.
Angiloo Ameerikaan miila siidaa isa guddaatiin waan bakka buufameef Mootummaa addunyaa Kitaaba Qulqulluu keessatti ibsame isa dhumaati. (Dan. 2:31-33) Mootummaan ilmaan namootaa bakka isaa buʼu kan biraan hin jiraatu. Kanaa mannaa, Mootummaan Waaqayyoo yeroo waraana Armaagedoonitti mootummoota ilmaan namootaa kaan hundumaa wajjin isa balleessa. (Mul. 16:13, 14, 16; 19:19, 20) Raajiin kun kan nu fayyadu akkamitti? Raajiin Daaniʼel bara dhumaa keessa jiraachaa akka jirru ragaa dabalataa nuuf kenna. Waggoota 2,500 dura Daaniʼel raajichi Baabilon booda mootummoonni addunyaa afur saba Waaqayyoorratti dhiibbaa akka godhan raajii dubbateera. Kana malees, Mootummaan Addunyaa Angiloo Ameerikaa mootummoota kana keessaa isa dhumaa akka taʼu ibseera. Dhiheenyatti Mootummaan Waaqayyoo mootummoota ilmaan namootaa hundumaa balleessuudhaan lafa akka bulchu beekuun keenya nu jajjabeessa, akkasumas abdii nutti hora. w22.07 4 key. 9; 5 key. 11-12