Ebla
Wiixata, Ebla 1
Amantiin keessan inni qoramee ilaalame jabaatanii dhaabbachuu [isiniif argamsiisa].—Yaq. 1:3.
Akkana jedhii of gaafadhu: ‘Gorsa naaf kennamuuf deebii akkamiin kenna? Balleessaa koo dafeen amana moo sababa dhiheessuufan yaala? Balleessaan isaa kan warra kaanii akka taʼe dubbachuufan ariifadhaa?’ Kitaaba Qulqulluu irraa waaʼee dhiirotaa fi dubartoota amanamoo kan biroo yeroo dubbistus, rakkinni isaan irra gaʼeef furmaata akkamii akka kennan yaadi. Yeroo akkas gootu hundatti, ‘Tajaajilaa Yihowaa amanamaa kana fakkaachuu kanan dandaʼu akkamitti?’ jedhii of gaafadhu. Obboloota dargaggootaa fi maanguddoota taʼan ilaaluudhaanis fakkeenya isaanii irraa barachuu dandeenya. Fakkeenyaaf, waaʼee nama rakkina isarra gaʼaa jiru amanamummaadhaan dandamachaa jiru tokkoo yaadi. Tarii namni kun dhiibbaa hiriyaa, mormii maatii ykn dhibee fayyaa wajjin waldhaansoo gochaa jiraa laata? Amalli gaariin namni kun qabuu fi ati horachuu barbaaddu jiraa? Fakkeenya isaa ilaaluudhaan barumsa rakkina kee dandamachuuf si gargaaru argachuu dandeessa. Obbolootaa fi obboleettota amantii argisiisuu irratti fakkeenya gaarii nuuf taʼan akkasii qabaachuu keenyatti baayʼee galateeffanna.—Ibr. 13:7. w22.04 13 key. 13-14
Kibxata, Ebla 2
Fudhachuu irra kennuutu caalaatti nama gammachiisa.—HoE. 20:35.
Jireenya keenya keessatti yeroo haalli rakkisaan nu mudatu jaarsoliin gara laafeyyii taʼan yeroo ramadanii yommuu nu dhaggeeffatanii fi yommuu nu jajjabeessan baayʼee isaan galateeffanna. Qoʼannaa Kitaaba Qulqulluu geggeessuu irratti gargaarsi yeroo nu barbaachisu qajeelchaan muuxannoo qabu tokko nu wajjin qoʼannaa sana irratti argamee yaada yeroo nuuf kennu baayʼee gammanna. Obboloonnii fi obboleettonni kun hundi nu gargaaruu isaaniitti ni gammadu. Nutis obboloota keenya tajaajiluuf yoo of dhiheessine gammachuu akkasii arganna. Karaa kanaa fi karaawwan kan birootiin tajaajila kee balʼifachuu kan barbaaddu yoo taʼe, galma kee irra gaʼuuf maaltu si gargaara? Galma waliigalaa hin baafatin. Tarii, ‘Gumii keessatti sochii dabalataa utuun godhee natti tola’ jettee yaadda taʼa. Taʼus, galma akkasii irra gaʼuu kan dandeessu akkamittii fi yoom akka taʼe beekuun si rakkisuu dandaʼa. Kanaafuu, galma ifa taʼe tokko qabaadhu. Tarii, galmi kee sun maal akka taʼee fi akkamitti irra gaʼuu akka dandeessu barreeffachuu dandeessa. w22.04 25 key. 12-13
Roobii, Ebla 3
Nama akka ofii keetti jaalladhu. —Yaq. 2:8.
Yeroo ammaatti Yihowaan ‘tuuta uummataa guddaa’ walitti qabuudhaan Mootummaa isaa jalatti akka bulaniif leenjisaa jira. (Mul. 7:9, 10) Namoonni kutaa tuuta uummataa guddaa taʼan addunyaa jibbaa fi waraanaan qoqqoodame keessa kan jiraatan taʼus, jibba akkamiirraayyuu fagaachuuf carraaqqii cimaa godhu. Ammayyuu akka fakkeenyaatti goraadee isaanii tumanii gara maarashaatti jijjiiruuf carraaqqii gochaa jiru. (Mik. 4:3) Waraana namoonni hedduun akka dhuman godhurratti hirmaachuu mannaa, waaʼee Waaqa dhugaa fi kaayyoo isaa namoota barsiisuudhaan “jireenya isa dhugaa” akka argatan isaan gargaaraa jiru. (1 Xim. 6:19) Mootummaa Waaqayyoo deggeruu isaaniitiin kan kaʼe, miseensonni maatii isaanii isaan mormu ykn rakkinni dinagdee isaan mudachuu dandaʼa; taʼus, Yihowaan wanta isaan barbaachisu isaaniif kenna. (Mat. 6:25, 30-33; Luq. 18:29, 30) Kunis Mootummaan Waaqayyoo dhugumaan akka jiruu fi kaayyoo isaa raawwachuu isaa akka itti fufu nuuf mirkaneessa. w22.12 6 key. 13
Kamisa, Ebla 4
Ameen! Gooftaa Yesuus, kottu. —Mul. 22:20.
Xumura waggaa 1,000 irratti namoonni lafarra jiraatan hundi cubbuu irraa walaba taʼu. Sana booda namni cubbuu Addaam irraa dhaalleen kan kaʼe dhiibbaan isarra gaʼu hin jiraatu. (Rom. 5:12) Abaarsi sababa cubbuu Addaam raawwateen dhufes guutummaatti haqameera. Kana jechuun, xumura waggaa 1,000 irratti namoonni lafarra jiraatan hundi cubbuu irraa walaba waan taʼaniif ‘gara jireenyaatti deebiʼu’ jechuudha. (Mul. 20:5) Yesuus carraaqqii Seexanni ejjennoo isaa laaffisuuf godhe akka dandamate beekna. Yeroo qorumsi isarra gaʼetti amanamummaa isaa eegeera. Haa taʼu malee, namoonni cubbuu irraa walaba taʼan hundi yeroo Seexanni isaan qoruuf yaalutti amanamummaa isaanii ni eeguu? Xumura waggaa 1,000 irratti yeroo Seexanni qilee keessaa gadhiifamutti tokkoon tokkoon isaanii Yihowaadhaaf amanamoo taʼuu isaanii argisiisuuf carraa ni argatu. (Mul. 20:7) Namoonni yeroo qorumsa dhumaa kanatti amanamummaa isaanii eegan jireenya bara baraa argatu, akkasumas bilisummaa dhugaa qabaatanii gammachuudhaan jiraatu. (Rom. 8:21) Namoonni Yihowaa irratti fincilan immoo bara baraaf balleeffamu.—Mul. 20:8-10. w22.05 19 key. 18-19
Jimaata, Ebla 5
Ati . . . koomee isaa ni madeessita. —Uma. 3:15.
Raajiin kun Seexanni yeroo Yihudootaa fi warra Roomaa kakaasuudhaan Ilma Waaqayyoo akka ajjeesan godhetti raajiin kun raawwatameera. (Luq. 23:13, 20-24) Akkuma namni tokko koomeen isaa yoo madaaʼe yeroodhaaf deemuu hin dandeenye, Yesuusis yeroo duʼee awwaalametti yeroodhaaf sochiidhaa ala taʼeera. (Mat. 16:21) Raajiin Uumama 3:15 irratti ibsame akka argisiisutti Yesuus akkuma awwaalametti hin hafu. Akkana kan jennu maaliifi? Raajiin kun akka argisiisutti sanyichi mataa bofichaa ni buruqsa. Yesuus kana gochuu kan dandaʼu yoo madaan koomee isaa fayyedha. Wanti taʼes kanuma. Yesuus guyyaa sadaffaatti uumama hafuuraa duʼuu hin dandeenye taʼee duʼaa kaafameera. Yeroo Waaqayyo murteessetti Yesuus Seexana guutummaatti ni balleessa. (Ibr. 2:14) Kiristoosii fi warri isa wajjin bulchan diinota Waaqayyoo warra sanyii bofichaa taʼan guutummaatti balleessu.—Mul. 17:14; 20:4, 10. w22.07 16 key. 11-12
Sanbadduraa, Ebla 6
Namni ogeeyyii wajjin deemu ogeessa taʼa.—Fak. 13:20.
Warra kan taatan ijoolleen keessan michoota gaarii akka filatan gargaaraa. Dubbiin Waaqayyoo michoonni keenya dhiibbaa gaarii ykn dhiibbaa gadhee nurraan gaʼuu akka dandaʼan ifatti dubbata. Maarree, hiriyoota ijoollee keessanii beektuu? Ijoolleen keessan namoota Yihowaa jaallatan wajjin michummaa akka uuman gargaaruuf maal gochuu dandeessu? (1 Qor. 15:33) Namoonni karaa hafuuraa haala gaarii irratti argaman maatii keessan wajjin yeroo akka dabarsan affeeruudhaan ijoollee keessan gargaaruu dandeessu. (Far. 119:63) Abbaan Toonii jedhamu akkana jedheera: “Waggoota hedduudhaaf anii fi haati manaa koo obbolootaa fi obboleettota umurii garaa garaa irratti argamanii fi akkaataa guddinaa garaa garaa qaban mana keenyatti affeerra turre. Obboloota kana wajjin nyaata ni nyaanna, waaqeffannaa maatii keenya irrattis waliin hirmaanna. Kunis namoota Yihowaa jaallatanii fi gammachuudhaan isa tajaajilan beekuuf carraa gaarii nuuf bana. . . . Muuxannoon isaanii, hinaaffaan isaanii fi Yihowaa tajaajiluuf carraaqqiin isaan godhan ijoollee keenya irratti dhiibbaa guddaa godheera; akkasumas Yihowaatti dhihaachuuf isaan gargaareera.” w22.05 29-30 key. 14-15
Dilbata, Ebla 7
Wanti isin lafa irratti hiitan kam iyyuu dursee samii irratti hidhameera.—Mat. 18:18.
Jaarsoliin yeroo nama cubbuu hojjete tokko haasofsiisan kaayyoon isaanii murtoo dursee samiirratti murteeffame lafarratti murteessuudha. Qophiin kun gumicha kan fayyadu akkamitti? Cubbamoonni yaada hin geddaranne gumiidhaa akka baafamanii fi tajaajiltoota Yihowaa akka hin miine gochuudhaan gumichaaf eegumsa godha. (1 Qor. 5:6, 7, 11-13; Tit. 3:10, 11) Namni cubbuu hojjete sun yaada akka geddaratuu fi dhiifama Yihowaa akka argatus gumaacha gochuu dandaʼa. (Luq. 5:32) Jaarsoliin nama yaada geddarate sana bakka buʼuudhaan Yihowaan karaa hafuuraa bayyanachuuf akka isa gargaaru kadhatu. (Yaq. 5:15) Fakkeenyaaf, namni tokko jaarsoliin yeroo isa haasofsiisan yaada geddarachuu dide haa jennu. Yeroo akkasiitti namni sun gumiidhaa baafama. Taʼus, namni sun yeroo booda gara qalbii isaatti yoo deebiʼee fi garaadhaa yaada yoo geddarate, akkasumas cubbuu isaa irraa yoo deebiʼe Yihowaan dhiifama isaaf gochuuf fedhii qaba. (Luq. 15:17-24) Namni sun akkas yoo godhe cubbuun inni hojjete cimaa yoo taʼellee Yihowaan dhiifama isaaf godha.—2 Sen. 33:9, 12, 13; 1 Xim. 1:15. w22.06 9 key. 5-6
Wiixata, Ebla 8
Dandeettii hubannaa keessanii eeggadhaa, dammaqoo taʼaa! Diinni keessan Diyaabilos nama liqimsu barbaadee akka leenca barooduutti naannaʼaa jira.—1 Phe. 5:8.
Kiristiyaanonni addunyaa maratti argaman gargaarsa Yihowaatiin haalawwan rakkisoo moʼuu fi Diyaabilosiin mormuu dandaʼaniiru. (1 Phe. 5:9) Atis ni dandeessa. Dhiheenyatti Yihowaan Yesuusii fi warri isaa wajjin bulchan ‘hojii Diyaabilos akka diigan’ ajaja isaaniif kenna. (1 Yoh. 3:8) Sana booda sabni Waaqayyoo ‘homaa utuu hin sodaatin, sababa itti jeeqamanis utuu hin qabaatin’ lafarratti isa tajaajilu. (Isa. 54:14; Mik. 4:4) Hammasitti garuu sodaa keenya moʼuuf carraaqqii gochuun nu barbaachisa. Yihowaan tajaajiltoota isaa akka jaallatuu fi akka eegu amanannaa qabnu cimsachuu keenya itti fufuu qabna. Yihowaan tajaajiltoota isaa bara duriitti turaniif akkamitti eegumsa akka godhe xiinxaluu fi dubbachuun keenyas kana gochuuf nu gargaara. Kana malees, dhuunfaatti haalawwan nama dhiphisan akka dandamannu kan nu gargaare akkamitti akka taʼe yaadachuu dandeenya. Eeyyee, gargaarsa Yihowaatiin sodaa keenya moʼuu ni dandeenya.—Far. 34:4. w22.06 19 key. 19-20
Kibxata, Ebla 9
[Dhagichi] siidaa sana miila isaa isa sibiilaa fi suphee irraa tolfame sana rukute.—Dan. 2:34.
Mootummaa addunyaa inni miila “sibiilaa fi suphee” irraa tolfameen bakka buufame yeroo ammaatti bulchaa jira. Mootummaan kun bulchuu kan jalqabe yeroo Waraana Addunyaa Tokkoffaatti Biritaaniyaa fi Yuunaayitid Isteetis tokkummaa uumuudhaan mootummaa Angiloo Ameerikaa taʼanittidha. Siidaan Nebukadnezaar abjuu isaatiin arge wantoota mootummaa addunyaa kana mootummoota isa dura turanirraa adda godhan ibsa. Mootummoota addunyaa isa dura turanirraa haala adda taʼeen mootummaan Angiloo Ameerikaa kan bakka buufame sibiila jabaa kan akka warqii fi meetiitiin utuu hin taʼin makaa sibiilaa fi supheetiini. Supheen “sanyii ilmaan namootaa” argisiisa. (Dan. 2:43, milj.) Yeroo harʼaatti ifatti akka hubannutti dhiibbaan namoonni yeroo filannootti godhan, duulli mirga isaaniitiif falmuuf geggeessan, mormiin kaasanii fi sochiin dhaabbileen mirga hojjettootaa eegsisan godhan mootummaan addunyaa kun wanta yaade raawwachuun akka isatti ulfaatu godheera. w22.07 4-5 key. 9-10
Roobii, Ebla 10
Nyaanni koo, fedhii isa na erge sanaa raawwachuu . . . dha.—Yoh. 4:34.
Cuuphamuu irraa duubatti jechaa jirtaa? Taanaan ‘Maalan eegaree?’ jettee of gaafachuun kee si gargaaruu dandaʼa. (HoE. 8:36) Yesuus fedhii Abbaa isaa raawwachuu nyaata wajjin akka wal fakkeesse hubadhu. Maaliif? Nyaanni nu fayyada. Yesuus wanti Yihowaan akka raawwannu nu gaafatu akka nu fayyadu beeka. Yihowaan wanta nu miidhu kamiyyuu akka raawwannu hin barbaadu. Maarree, Yihowaan akka cuuphamtu ni barbaadaa? Eeyyee. (HoE. 2:38) Kanaafuu, ajaja kana hojiirra oolchuun akka si fayyadu mirkanaaʼaa taʼuu dandeessa. Nyaata baayʼee gaarii taʼe tokko nyaachuurraa duubatti hin jettu erga taʼee, cuuphamuurraa maaliif duubatti jettaree? Namoonni tokko tokko duubatti kan jedhan maaliifi? Baayʼeen isaanii, “Ani qophaaʼaa miti” jedhanii deebisu taʼa. Yihowaadhaaf of murteessitee cuuphamuun murtoo jireenya kee keessatti gootu hundarra kan caaludha. Kanaafuu, of eeggannoodhaan irratti yaaduu qabda; qophaaʼuunis yeroo fi carraaqqii gaafata. w23.03 7 key. 18-20
Kamisa, Ebla 11
Akka nama tokkoof taʼetti “sanyii keetiif” jedha; innis Kiristoosi.—Gal. 3:16.
Yesuus yeroo dibametti kutaa sanyii dubartittii isa jalqabaa taʼeera. Yesuus duʼee erga duʼaa kaafamee booda Waaqayyo ‘ulfinaa fi kabaja isa gonfachiiseera,’ akkasumas hojii Diyaabilos diiguu dabalatee ‘samii fi lafarratti aangoo hunda isaaf kenneera.’ (Ibr. 2:7; Mat. 28:18; 1 Yoh. 3:8) Haa taʼu malee, sanyiin kun kutaa lammaffaas qaba. Phaawulos ergamaan Kiristiyaanota dibamoo Yihudoota taʼanii fi Yihudoota hin taaneen, “Isin kan Kiristoos yoo taatan, dhuguma sanyii Abrahaam warra waadaa isaaf galame dhaaltani dha” yeroo jedhetti kutaa lammaffaan sanyii kanaa eenyufaa akka taʼan ifa godheera. (Gal. 3:28, 29) Yihowaan Kiristiyaana tokko hafuura qulqulluudhaan yeroo dibutti namni kun kutaa sanyii dubartittii taʼa. Kanaafuu, sanyichi Yesuus Kiristoosii fi dibamtoota isa wajjin bulchan 144,000 kan of keessatti qabatedha. (Mul. 14:1) Hundi isaanii fakkeenya Abbaa isaanii Yihowaa hordofuuf yaalu. w22.07 16 key. 8-9
Jimaata, Ebla 12
Ani jireenya koo baayʼeen jibbe; jiraachuu koo itti fufuu hin barbaadu.—Iyo. 7:16.
Guyyoota dhumaa kanatti qorumsi garaagaraa akka nurra gaʼu beekna. (2 Xim. 3:1) Yeroo akkasiitti baayʼee dhiphanna; qorumsi akkasii keessumaa walitti aansee ykn takkaatti yeroo nu mudatu dhiphinaan liqimfamuu fi abdii kutachuu dandeenya. Haa taʼu malee, Yihowaan haala keessa jirru akka beeku haa yaadannu; gargaarsa isaatiin qorumsa nu mudata kamiyyuu dandamachuu ni dandeenya. Yihowaan Iyyoob isa nama amanamaa taʼe kan gargaare akkamitti akka taʼe haa ilaallu. Iyyoob yeroo gabaabaa keessatti qorumsi ulfaataa taʼe hedduun isarra gaʼeera. Guyyuma tokko keessatti beeladoota isaa akka dhabee fi tajaajiltoonni isaa akka ajjeefaman dhagaʼeera. Kanarra kan hammaatummoo, ijoolleen isaa akka duʼan guyyuma kanatti dhagaʼe. (Iyo. 1:13-19) Iyyoob utuma gadda cimaarra jiruu, dhibee dhukkubbii cimaa qabuu fi bifa isaa balleessuun qabame. (Iyo. 2:7) Yihowaan, Iyyoobiin ilaalaa ture. Waan isa jaallatuuf qorumsa isarra gaʼe milkaaʼinaan akka dandamatu isa gargaareera. w22.08 11 key. 8-10
Sanbadduraa, Ebla 13
Yihowaan warra jaallatu ni adaba. —Ibr. 12:6.
Yeroo adabni nuuf kennamu miirri keenya baayʼee miidhamuu dandaʼa. Adabni nuuf kenname nuuf akka hin hojjenne ykn gara jabinarratti kan hundaaʼe akka taʼetti yaanna taʼa. Akkasitti yaaduun keenyammoo wanta baayʼee barbaachisaa taʼe, jechuunis Yihowaan kan nu adabu waan nu jaallatuuf akka taʼe nu dagachiisuu dandaʼa. (Ibr. 12:5, 11) Kanaafuu adaba fudhadhu, sirreeffama barbaachisus godhi. Yesuus yeroo garaa garaatti ergamoota kaan duratti Pheexirosiif sirreeffama kenneera. (Mar. 8:33; Luq. 22:31-34) Tarii, haalli kun Pheexirosiin qaanessee taʼuu dandaʼa. Haa taʼu malee, Pheexiros Yesuusiif amanamaa taʼee itti fufeera. Sirreeffama isaaf kenname fudhateera, dogoggora isaarraas barateera. Yihowaan Pheexiros amanamaa taʼuu isaatiif isa eebbiseera; gumii keessattis itti gaafatamummaa guguddaa isaaf kenneera. (Yoh. 21:15-17; HoE. 10:24-33; 1 Phe. 1:1) Adaba nuuf kennameen kan kaʼe qaanii nutti dhagaʼamurratti xiyyeeffachuu mannaa, adaba nuuf kenname fudhannee sirreeffama barbaachisu gochuun keenya nuunis taʼe warra kaan ni fayyada. Akkas kan goonu taanaan, Yihowaas taʼe obboloota keenya caalaatti fayyadna. w22.11 21-22 key. 6-7
Dilbata, Ebla 14
Aarsaa gubamu godhiitii [Yisihaaqiin] dhiheessi.—Uma. 22:2.
Yihowaan matumaa gocha jalʼinaas taʼe jaalala hin argisiisne akka hin raawwanne beeka. Phaawulos ergamaan akka galmeesseetti, Abrahaam Yihowaan ilma isaa Yisihaaqiin duʼaa kaasuu akka dandaʼu yaadee ture. (Ibr. 11:17-19) Kana malees, Yihowaan Yisihaaq abbaa saba tokkoo akka taʼu waadaa galee ture; yeroo sanattimmoo Yisihaaq ijoollee hin godhanne. Abrahaam Abbaa isaa Yihowaa waan jaallatuuf, yeroo hunda wanta sirrii taʼe akka godhu isatti amanama ture. Amantiin isaa ajaja baayʼee ulfaataa taʼe kana fudhachuuf isa kakaaseera. (Uma. 22:1-12) Fakkeenya Abrahaam hordofuu kan dandeenyu akkamitti? Akkuma isaa waaʼee Yihowaa barachuu keenya itti fufuu qabna. Akkas yoo goone, caalaatti Yihowaatti dhihaanna, jaalalli isaaf qabnus ni guddata. (Faarfanna 73:28) Qalbiin keenya waan leenjiʼuuf ilaalcha Waaqayyoo qabaanna. (Ibr. 5:14) Kanaan kan kaʼes, yeroo namni tokko wanta dogoggora taʼe akka raawwannu nu qoruuf yaalutti tole hin jennu. Wanta Abbaa keenya gaddisiisuu fi hariiroo isa wajjin qabnu miidhu raawwachuuf yaaduullee hin barbaannu. w22.08 28-29 key. 11-12
Wiixata, Ebla 15
Yaaddoon garaa namaa keessa jiru gad isa qaba, dubbii gaariin garuu isa gammachiisa.—Fak. 12:25.
Phaawulos ergamaanii fi Barnaabaas yeroo gara Lisxiraa, Iqooniyumii fi Anxokiyaa deebiʼanii dhaqanitti “tokkoon tokkoon gumiiwwanii keessatti jaarsolii isaaniif muudan.” (HoE. 14:21-23) Obboloonni muudaman sun akkuma jaarsolii yeroo harʼaa jiranii gumichaaf madda jajjabinaa taʼanii akka turan hin shakkisiisu. Jaarsoliin namoota “dubbii gaarii” dhagaʼuun isaan barbaachisu jajjabeessuuf dammaqoo taʼuu qabu. Phaawulos “dhugaa [baatonni] akka duumessa guddaa” taʼan gargaarsa Yihowaatiin haala rakkisaa dandamachuu akka dandaʼan obboloota isaa yaadachiiseera. (Ibr. 12:1) Phaawulos seenaan namoota bara duriitti rakkina garaa garaa milkaaʼinaan dandamatanii, obboloonni isaa ija jabina akka qabaatanii fi “magaalaa Waaqa jiraataa” irratti xiyyeeffachuu isaanii akka itti fufan gargaaruu akka dandaʼu hubateera. (Ibr. 12:22) Yeroo harʼaattis haalli isaa akkasuma. Yihowaan Giidewon, Baaraaq, Daawitii fi Saamuʼeliin dabalatee tajaajiltoota isaa hedduu akkamitti akka gargaare yeroo dubbisnu baayʼee jajjabaanna.—Ibr. 11:32-35. w22.08 21-22 key. 5-6
Kibxata, Ebla 16
Dhuunfaatti akka hojii hojii isaaniitti murtiin isaaniif kenname.—Mul. 20:13.
Warri duʼaa kaafaman murtiin kan isaaniif kennamu “hojii” isaanii isa kamirratti hundaaʼuudhaani? Hojii duʼuu isaanii dura hojjetanirratti hundaaʼuudhaanii? Lakki. Yommuu duʼanitti cubbuun isaanii inni duraanii akka isaaniif haqamu yaadadhu. Kanaafuu, “hojii” kan jedhame wanta duʼuu isaanii dura hojjetan kan argisiisu taʼuu hin dandaʼu. Kanaa mannaa, deebii leenjii addunyaa haaraa keessatti isaaniif kennamuuf kennan argisiisa. Namoonni amanamoon kanneen akka Noh, Saamuʼel, Daawitii fi Daaniʼel illee waaʼee Yesuus Kiristoos barachuu fi aarsaa isaarratti amantii akka qaban argisiisuu qabu. Jalʼoonni immoo kana caalaa wanta hedduu barachuu akka qaban ifadha. Warra carraa addaa kana fudhachuu didanirra maaltu gaʼa? Mulʼanni 20:15, “Kitaaba jireenyaa keessatti barreeffamee kan hin argamne hundi haroo ibiddaa sana keessatti darbatame” jedha. Eeyyee, badiisa bara baraatu isaanirra gaʼa. Kanaafuu, maqaan keenya kitaaba jireenyaa keessatti barreeffamuu isaa fi akkuma barreeffamee jirutti itti fufuu isaa mirkaneeffachuun keenya baayʼee barbaachisaa dha. w22.09 19 key. 17-19
Roobii, Ebla 17
Waaqayyoo fi namoota duratti qalbii qulqulluu [qabaadhaa jiraadhaa]. —HoE 24:16.
Fayyaa keenyaa fi yaalii fayyaa nuuf godhamu ilaalchisee murtoo baayʼee kan goonu sammuu keenya isa Kitaaba Qulqulluudhaan leenjiʼetti fayyadamneeti. (1 Xim. 3:9) Murtoo yeroo goonuu fi waaʼee kanaa warra kaanii wajjin yeroo mariʼannu dhugaa buʼuuraa Filiphisiyus 4:5 irratti argamu hojiirra oolchuun keenya gaariidha. Caqasichi, “Yaada ofiitti kan hin cichine taʼuun keessan namoota hundumaa biratti kan beekame haa taʼu” jedha. Yaada keenyatti hin cichinu taanaan, waaʼee fayyaa keenyaa garmalee hin yaaddofnu. Obboloonni fi obboleettonni keenya murtoo nurraa adda taʼe yoo godhanillee isaan ni jaallanna, akkasumas isaan ni kabajna. (Rom. 14:10-12) Jireenya keenyaaf eegumsa gochuudhaan, akkasumas wanta qabnu keessaa isa hundarra caalu isaaf kennuudhaan Yihowaa isa madda jireenyaa taʼe akka galateeffannu argisiisna. (Mul. 4:11) Yeroo ammaatti dhukkubnii fi balaan nu mudachuu dandaʼa. Taʼus, jireenyi Uumaan keenya nuuf yaade kana hin turre. Yeroo dhihootti dhiphinaa fi duʼarraa bilisa taanee bara baraaf akka jiraannu godha. (Mul. 21:4) Hammasitti garuu lubbuudhaan jiraannee Abbaa keenya isa jaalala qabeessa taʼe tajaajiluun mirga guddaa akka taʼetti ilaalla. w23.02 25 key. 17-18
Kamisa, Ebla 18
Mootummaan kee ni hirame; Meedonii fi Faarsiif ni kenname.—Dan. 5:28.
Yihowaan, “abbootii taayitaa iddoo ol aanaa qaban” irratti olaantummaa akka qabu ifatti argisiiseera. (Rom. 13:1) Mee fakkeenya sadii haa ilaallu. Mootii Gibxii kan taʼe Faraʼoon saba Yihowaa garba godhatee fi isaan gad dhiisuu didee ture. Taʼus, Waaqayyoo saba isaa bilisa baaseera; Faraʼooniin immoo Galaana Diimaa keessatti akka liqimfamu godheera. (Bau. 14:26-28; Far. 136:15) Mootii Baabilon kan taʼe Belshaazaar affeerrii qopheessuudhaan “Gooftaa samiirratti ol of qabeera,” akkasumas Yihowaa utuu hin taʼin, ‘waaqolii meetii fi warqii jajateera.’ (Dan. 5:22, 23) Taʼus, Waaqayyo namicha of tuultuu taʼe kana salphiseera. “Halkanuma sana” Belshaazaar ni ajjeefame, mootummaan isaa warra Meedonii fi Faarsiif kennameera. (Dan. 5:30, 31) Mootii Paalastiinaa kan taʼe Heroodis Agriiphaa Tokkoffaan Yaaqoob ergamaa ajjeesisee ture; Pheexirosiinis ajjeesisuu waan barbaadeef mana hidhaa galchee ture. Taʼus, Yihowaan Heroodis wanta yaade kana akka hin raawwanne isa dhowweera. “Maleekaan Yihowaa isa rukute,” innis ni duʼe.—HoE. 12:1-5, 21-23. w22.10 15 key. 12
Jimaata, Ebla 19
[Ani] isin nan dhagaʼa.—Er. 29:12.
Yihowaan bara duriitti tajaajiltoota isaa amanamoo taʼan kan kunuunse akkamitti akka taʼe yommuu dubbisnu abdiin keenya caalaatti cimaa deema. Wantoonni Dubbii Waaqayyoo keessatti barreeffaman hundi “jabaannee dhaabbachuu keenyaan, akkasumas jajjabina Kitaabota Qulqulluu keessaa argamuun abdii qabaachuu akka dandeenyuuf, . . . barumsa akka irraa argannuuf barreeffaman.” (Rom. 15:4) Yihowaan waadaa gale kan raawwate akkamitti akka taʼe xiinxali. Mee wanta Waaqayyo Abrahaamii fi Saaraadhaaf raawwate haa ilaallu. Umurii ijoollee godhachuu itti dandaʼanirra darbanii kan turan taʼus, Waaqayyo mucaa akka godhatan waadaa isaaniif gale. (Uma. 18:10) Garuu Abrahaam waadaa kanaaf ilaalcha akkamii qaba ture? Kitaabni Qulqulluun, “Abbaa saboota hedduu akka taʼu amaneera” jedha. (Rom. 4:18) Akka ilaalcha namaatti haalli isaa abdii kan hin qabne fakkaatus, Abrahaam Yihowaan waadaa gale akka eegu amanannaa qaba ture. Wanti inni abdate kunis utuu hin raawwatamiin hin hafne. (Rom. 4:19-21) Seenaawwan akkasii Yihowaan yeroo hundumaa waadaa gale akka raawwatu amanannaa qabaachuu akka dandeenyu nu barsiisu. w22.10 27 key. 13-14
Sanbadduraa, Ebla 20
Ijuma keetiin Barsiisaa kee Isa Guddicha ni argita.—Isa. 30:20.
Yaanni kun yeroo Yihudoonni boojuudhaa bilisa baʼan raawwii isaa argateera. Yihowaan Barsiisaa isaanii Isa Guddicha taʼuu isaa mirkaneesseera, akkasumas qajeelfama isaa jalatti sabichi waaqeffannaa qulqulluu deebisee hundeessuurratti milkaaʼina argateera. Yeroo harʼaatti Yihowaan Barsiisaa keenya Isa Guddicha taʼuu isaatti baayʼee gammanna. Isaayyaas itti fufuudhaan nuti barattoota Yihowaa irraa barannu akka taane ibseera. “Ijuma keetiin Barsiisaa kee Isa Guddicha ni argita” jedheera. Fakkeenya kanarratti barsiisichi akka waan bartoota dura dhaabbatee jiruutti ibsameera. Yeroo harʼaatti barumsa isaarraa fayyadamuuf mirga arganneerra. Yihowaan kan nu barsiisu akkamitti? Jaarmiyaa isaatti fayyadameeti. Qajeelfama ifaa jaarmiyaa Yihowaarraa argannuuf baayʼee galateeffanna. Barumsi karaa walgaʼiiwwanii fi karaa barreeffamoota, biroodkaastiingii fi karaawwan kan birootiin argannu haala rakkisaa nu mudatu gammachuudhaan dandamachuuf nu gargaara. w22.11 10 key. 8-9
Dilbata, Ebla 21
Mallattoon . . . dhuma sirna kanaa maali dha?—Mat. 24:3.
Yesuus yeroo itti sirni Yihudootaa balleeffamuu fi waaʼee dhuma sirna nuti keessa jiraachaa jirru ilaalchisee, “Waaʼee guyyaa sanaa yookiin saʼaatii sanaa, Abbaa malee kan beeku tokko illee hin jiru; maleekonni samiis taʼan Ilmi hin beekan” jedheera. Achiis barattoota isaa hunda, “Yeroo hundumaa dammaqaa eegaa” jedhee akeekkachiiseera. (Mar. 13:32-37) Kiristiyaanonni jaarraa jalqabaa Yihudoota taʼan lubbuudhaan ooluu akka dandaʼaniif yeroo hunda dammaqoo taʼuu qabu turan. Yesuus duuka buutota isaatiin, “Yerusaalem loltootaan marfamtee yommuu argitan, yeroo sana badiisni ishii akka dhihaate beekaa” jedheera. Yeroo sanatti barattoonni Yesuus akeekkachiisa inni isaaniif kenne hordofuudhaan ‘gara gaarotaatti baqachuu’ qabu turan. (Luq. 21:20, 21) Namoonni akeekkachiisa kanaaf xiyyeeffannaa kennan yeroo warri Roomaa Yerusaalemiin balleessanitti lubbuudhaan ooluu dandaʼaniiru. Yeroo ammaatti kan jiraannu yeroo dhumni sirna hamaa kanaa baayʼee itti dhihaate keessadha. Kanaafuu, nutis dandeettii hubannaa keenyaa eeggachuu fi dammaqoo taanee jiraachuu qabna. w23.02 14 key. 1-2; 16 key. 3
Wiixata, Ebla 22
Waaqa dhugaa kan taate yaa Yihowaa.—Far. 31:5.
Yihowaan tajaajiltoonni isaa amanamoo fi qajeeloo akka taʼan isaan barsiisa. Kunimmoo ofii isaaniitiif kabaja akka qabaatanii fi nagaa sammuu akka argatan isaan gargaara. (Fak. 13:5, 6) Yihowaan Kitaaba Qulqulluu yeroo qoʼattu faayidaawwan kana akka argattu si gargaareeraa? Daandiin Yihowaa ilmaan namootaa hundumaafis taʼe dhuunfaatti siif hundarra kan wayyu taʼuu isaa baratteetta. (Far. 77:13) Kanaafuu, qajeelummaa Waaqayyoo cinaa dhaabbachuu barbaadda. (Mat. 6:33) Dhugaadhaaf dhaabbachuudhaan wanti Seexanni waaʼee Yihowaa dubbate soba taʼuu isaa saaxiluu barbaadda. Kana gochuu kan dandeessu akkamitti? Soba Seexanaa akka mormituu fi dhugaa akka deggartu karaa ifatti argisiisuun jiraachuu dandeessa. Yihowaan Bulchaa kee akka taʼu akka barbaadduu fi wanta isa duratti sirrii taʼe raawwachuu akka barbaaddu argisiisuu ni dandeessa. Ejjennoo akkasii akka qabdu argisiisuu kan dandeessu akkamitti? Bara baraaf isa tajaajiluu akka barbaaddu Yihowaadhaaf waadaa galuu fi cuuphamuudhaani. Jaalalli wanta dhugaa fi wanta sirrii taʼeef qabdu cuuphamuuf si kakaasa. w23.03 3 key. 4-5
Kibxata, Ebla 23
Garaan keessan akka raafamus taʼe sodaadhaan akka guutamu hin godhinaa.—Yoh. 14:27.
Nagaan addunyaan kun hin beekne tokko jira. Innis ‘nagaa Waaqayyoo,’ jechuunis tasgabbii Abbaa keenya isa samii wajjin walitti dhufeenya qabaachuudhaan argannudha. Nagaa Waaqayyoo yeroo qabaannu tasgabbiitu nutti dhagaʼama. (Filp. 4:6, 7) Warra isa jaallatan wajjin michummaa cimaa qabaanna. ‘Waaqa nagaa’ wajjinis walitti dhufeenya cimaa qabaanna. (1 Tas. 5:23) Abbaa keenya kan beeknu, kan isatti amanamnuu fi kan isaaf ajajamnu yoo taʼe yeroo haalli rakkisaan nu mudatutti nagaan Waaqayyoo garaa keenya isa dhiphate nuuf tasgabbeessa. Rakkoowwan akka dhukkuba daddarbaa, balaa, jeequmsa uummataa ykn ariʼatamaa jiran yeroo nu mudatanitti dhuguma nagaa Waaqayyoo qabaachuu ni dandeenyaa? Rakkoowwan kun sodaan akka nutti dhagaʼamu gochuu dandaʼu. Kan nama gammachiisu garuu, akkuma caqasa guyyaa harʼaa irratti ibsame obboloonnii fi obboleettonni hedduun gorsa Yesuus hojiirra oolchaniiru. Yeroo rakkoowwan ciccimoon isaan mudatanitti gargaarsa Yihowaatiin nagaa qabaachuu dandaʼaniiru. w22.12 16 key. 1-2
Roobii, Ebla 24
Hafuuraan kan gubattan taʼaa. Akka garbaatti Yihowaa tajaajilaa.—Rom. 12:11.
Wanta jireenya keenya keessatti nu mudatu hundumaa toʼachuu hin dandeenyu. Kanaafuu, mirga tajaajilaa qabnuun of madaaluu irraa, akkasumas mirga nuti qabnu mirga warri kaan qabanii wajjin wal bira qabuu irraa fagaachuun keenya barbaachisaa dha. (Gal. 6:4) Karaa warra kaan itti gargaarruu fi Yihowaa itti tajaajillu barbaaduun keenya barbaachisaa dha. Jireenyi kee salphaa akka taʼu yoo gootee fi liqii hin barbaachisne keessa galuu irraa yoo of qusatte, tajaajila Yihowaa keessatti mirga dabalataa argachuun siif salphata. Galmawwan xixinnaa galmawwan guguddaa irra gaʼuuf si gargaaran baafadhu. Fakkeenyaaf, qajeelchaa yeroo hundaa taʼuuf galma baafatteetta yoo taʼe, ammumaa kaastee qajeelchaa gargaaraa taatee tajaajiluu ni dandeessaa? Tajaajilaa gumii taʼuuf galma baafatteetta yoo taʼe immoo, tajaajila irratti caalaatti hirmaachuuf yeroo dabalataa ramaduu ni dandeessaa? Muuxannoon amma argattu gara fuulduraatti mirga tajaajilaa dabalataa argachuuf karaa sii banuu dandaʼa. Hojii siif kennamu kam iyyuu hojjechuuf wanta dandeessu hundumaa gochuuf murteessi. w22.04 26 key. 16-17
Kamisa, Ebla 25
Sagalee koo, kadhatan gargaarsa argachuuf dhiheessus waan dhagaʼuuf, ani Yihowaa nan jaalladha.—Far. 116:1.
Yihowaan rakkina jireenya keessatti nu mudatu akka dandamannuu fi tajaajila qulqulluu isaaf dhiheessinurraa gammachuu akka argannu nu gargaara. Yihowaan wanta nu yaaddesse tokko yeroo isatti himnu wanti inni jalqabarratti godhu cimina haala isaa dandamachuuf nu gargaaru nuuf kennuu taʼuu dandaʼa. Qorumsi nurra gaʼaa jiru sun yeroo eegnetti yoo dhaabbachuu baate, cimina haala isaa dandamachuuf nu barbaachisu akka nuuf kennu irra deddeebinee Yihowaa kadhachuun keenya gaariidha. Yihowaan akkas akka goonu nu affeereera. Wanti Isaayyaas, “Boqonnaa tokko iyyuu [Yihowaadhaaf] hin kenninaa” jechuudhaan dubbate kana argisiisa. (Isa. 62:7) Kana jechuun maal jechuudha? Akkuma waan Yihowaa boqonnaa dhowwannuutti irra deddeebinee kadhachuu qabna jechuu dha. Yaanni Isaayyaas dubbate fakkeenya Yesuus Luqaas 11:8-10, 13 irratti kadhannaa ilaalchisee dubbate nu yaadachiisa. Yesuus caqasa kanarratti hafuura qulqulluu argachuuf ‘kadhachuu keenya akka itti fufnu’ nu jajjabeesseera. Kana malees, qajeelfama murtoo sirrii gochuuf nu barbaachisuu akka nuuf kennu cimsinee Yihowaa kadhachuu dandeenya. w22.11 8 key. 1; 9-10 key. 6-7
Jimaata, Ebla 26
Mootummaa Waaqayyootti galuuf rakkina hedduu keessa darbuu qabna.—HoE. 14:22.
Atii fi maatiin kee ariʼatamaaf ammuma qophaaʼuu ni dandeessu. Rakkina gaʼuu dandaʼu hundumaa tilmaamuuf hin yaalin. Kanaa mannaa, michummaa Yihowaa wajjin qabdu cimsadhu, ijoolleen kees akkasuma akka godhan isaan gargaari. Darbee darbee dhiphinni yoo sitti dhagaʼame, miira sitti dhagaʼamu hundumaa kadhannaadhaan Waaqayyotti himi. (Far. 62:7, 8) Yihowaatti amanamuu kan dandeessan maaliif akka taʼe maatiidhaan irratti mariʼadhaa. Yeroo balaatiif dursitanii qophaaʼuun keessan ijoollee kee akkuma gargaaru, ariʼatamaaf dursitanii qophaaʼuun keessanis isaan gargaara; Yihowaatti akka amanaman dursitee waan isaan barsiisteef, yeroo akkasiitti ija jabina qabaachuu fi tasgabbaaʼuu ni dandaʼu. Nagaan Waaqayyoo tasgabbiin akka nutti dhagaʼamu godha. (Filp. 4:6, 7) Yihowaan yeroo dhukkubni daddarbaan jiraatutti, yeroo balaan gaʼutti, akkasumas yeroo ariʼatamni gaʼutti nagaa kanatti fayyadamee garaa keenya tasgabbeessa. Jaarsolii jabaatanii hojjetanitti fayyadamee tika nuuf godha. Kana malees, hunda keenyaafiyyuu akka wal gargaarru mirga nuuf kenneera. Nagaan amma qabnu yeroo qorumsaatiif, darbees ‘rakkina guddaadhaaf’ nu qopheessa.—Mat. 24:21. w22.12 27 key. 17-18
Sanbadduraa, Ebla 27
Ani qajeelota utuu hin taʼin, cubbamoota waamuufan dhufe.—Mat. 9:13.
Miira balleessaa cubbuu cimaa kanaan dura raawwanneen kan kaʼe nutti dhagaʼamurraa bilisa taʼuuf carraaqqii gochuu qabna. Haa taʼu malee, aarsaan furichaa ‘taʼe jennee cubbuu hojjechuu amaleeffachuuf’ akka nu dandeessisutti matumaa yaaduu hin qabnu. (Ibr. 10:26-31) Taʼus, cubbuu cimaa raawwanneerra taanaan, garaadhaa yoo yaada geddaranne, qophii Yihowaan nu gargaaruuf godhetti yoo fayyadamnee fi gocha keenya yoo dhiisne Yihowaan dhiifama nuuf godha. (Isa. 55:7; HoE. 3:19) Aarsaan furichaa humna guddaa waan qabuuf cubbuu keenya hunda haguuguu dandaʼa akkasumas jannata keessatti jireenya akka argannu nu taasisa. Jireenyi Jannata keessaa matumaa kan nama nuffisiisu miti. Yeroo hunda kan wal arginu namoota gaggaarii taʼan wajjini; hojiin hojjennu hundis kan nama gammachiisudha. Hunda caalaammoo guyyaa guyyaadhaan caalaatti Abbaa keenya isa samii beekuu fi qophii inni nuuf godhetti gammaduu dandeenya. Waaʼee isaa yeroo hunda wanta haaraa barachuu keenya itti fufna, waaʼee uumamawwan isaas wanta hedduu baranna. w22.12 13 key. 17, 19
Dilbata, Ebla 28
Sii fi dubartittii gidduutti . . . diinummaan akka jiraatu nan godha.—Uma. 3:15.
‘Dubartittiin’ Hewaan taʼuu hin dandeessu. Raajiin dubbatame akka argisiisutti sanyiin dubartittii mataa bofichaa ni “buruqsa.” Bofichi kan argisiisu Seexana isa uumama hafuuraa taʼedha. Kanaafuu, sanyiin Hewaan mudaa qabu mataa bofichaa buruqsuu hin dandaʼu. Maarree, Seexana balleessuu kan dandaʼu eenyu? Dubartiin Uumama 3:15 irratti caqasamte eenyuun akka argisiistu kitaaba Mulʼataa keessatti ifa godhameera. (Mul. 12:1, 2, 5, 10) Dubartiin asirratti ibsamte dubartii lafarratti argamtu kan argisiistu miti. Dubartiin tun miila ishii jalaa addeessa, mataa ishiirraa immoo gonfoo urjiilee 12 akka qabdu ibsameera. Mucaa adda taʼe tokko, jechuunis Mootummaa Waaqayyoo akka deesses ibsameera. Mootummaan kun Mootummaa samii waan taʼeef, dubartiin tunis samii keessatti kan argamtu akka taate ifadha. Kanaafuu, dubartiin tun kutaa jaarmiyaa Yihowaa isa samii isa uumamawwan hafuuraa amanamoo of keessatti qabate argisiisti. (Gal. 4:26) Dubbiin Waaqayyoo sanyii dubartittii isa jalqabaa hubachuufis nu gargaara. Sanyiin kun karaa Abrahaam akka dhufu dubbatameera.—Uma. 22:15-18. w22.07 15-16 key. 6-8
Wiixata, Ebla 29
Akka dubbii namaatti utuu hin taʼin, akka dubbii Waaqayyootti fudhattan; inni dhuguma dubbii Waaqayyoo ti.—1 Tas. 2:13.
Yihowaan Kitaabni Qulqulluun inni kennaa isaa taʼe ogummaa isaatiin kan guutamedha. Gorsi Kitaaba Qulqulluu namootarratti dhiibbaa gaarii godha. Kitaabni Qulqulluun jireenya namootaa ni jijjiira. Kitaabonni Kitaaba Qulqulluu jalqabaa yeroo barreeffamanitti Museen Israaʼelota saba Waaqayyoo taʼaniin, “Kun jireenya keessani malee, isiniif dubbii gatii hin qabne miti” jedheera. (Kes. 32:47) Namoonni gorsa Kitaaba Qulqulluu hojiirra oolchan jireenya gammachiisaa fi milkaaʼina qabu jiraachuu dandaʼu. (Far. 1:2, 3) Dubbiin Waaqayyoo erga barreeffamee yeroo dheeraan kan darbe taʼus, ammayyuu jireenya namootaa jijjiiruuf humna qaba. Qajeelfamoonni ogummaarratti hundaaʼanii fi Kitaaba Qulqulluu keessatti argaman bara baraaf jiraatu, akkasumas namoota bara kamittiyyuu jiraatan ni fayyadu. Kitaaba Qulqulluu yeroo dubbisnuu fi irratti xiinxallu Abbaan kitaabichaa hafuura isaatti fayyadamee gorsa kitaabicha keessatti argamu jireenya keenya keessatti akkamitti hojiirra oolchuu akka dandeenyu akka hubannu nu gargaara. (Far. 119:27; Mil. 3:16; Ibr. 4:12) Eeyyee, Waaqa jiraataa kan taʼe Yihowaan inni Kitaaba Qulqulluu barreessise nu gargaaruuf fedhii guddaa qaba. Kunimmoo yeroo hunda Kitaaba Qulqulluu dubbisuuf nu kakaasa. w23.02 3 key. 5-6
Kibxata, Ebla 30
Inni badiisa adda taʼe ni geessisa. —Dan. 8:24.
Mulʼanni boqonnaan 13 mataa torbaffaan, jechuunis Mootummaan Addunyaa Angiloo Ameerikaa bineensa ‘akka hoolaa gaanfa lama qabu’ akka fakkaatu, garuummoo ‘akka jawweetti dubbachuu akka jalqabe’ ibsa. Bineensi kun “hamma ibidda samii irraa gara lafaatti gad buusutti illee ilmaan namootaa duratti mallattoowwan guguddaa ni raawwata.” (Mul. 13:11-15) Mulʼanni boqonnaan 16 fi 19 bineensi kun “raajii sobduu” akka taʼe dubbata. (Mul. 16:13; 19:20) Daaniʼelis wanta kanaa wajjin wal fakkaatu dubbateera; Mootummaan Addunyaa Angiloo Ameerikaa “badiisa hamaa ni geessisa.” (Dan. 8:19, 23, 24, milj.) Yeroo Waraana Addunyaa Lammaffaatti wanti taʼes kanuma. Boombiin atoomikii waraanichi Paasifiik keessatti akka xumuramu gaʼee guddaa taphatan lamaan saayintistoota Biritaaniyaa fi Ameerikaatiin hojjetaman. Yeroo sanatti Mootummaan Addunyaa Angiloo Ameerikaa “ibidda samii irraa gara lafaatti gad [buuseera]” jechuun ni dandaʼama. w22.05 10 key. 9