Bitootessa
Jimaata, Bitootessa 1
Maaliif of jajja?—1 Qor. 4:7.
Pheexiros ergamaan dandeettii qaban kamiyyuu obboloota isaanii jajjabeessuuf akka itti fayyadaman obboloota isaatiif gorsa kenneera. Pheexiros, “Gaarummaa Waaqayyoo isa [guddaadhaaf] tajaajiltoota gaarii waan taataniif, kennaa argattanitti hammuma fudhattan sanaan walii keessan tajaajiluuf itti fayyadamaa” jedheera. (1 Phe. 4:10) Warri kaan hinaafuu ykn abdii kutachuu dandaʼu jennee yaaduudhaan dandeettii keenyatti akka gaariitti fayyadamuu irraa duubatti jechuu hin qabnu. Haa taʼu malee, akka ittiin of hin jajne of eeggachuu qabna. (1 Qor. 4:6) Dandeettiin uumamaan arganne kamiyyuu kennaa Waaqayyoo akka taʼe yaadachuu qabna. Kennaa akkasii ittiin of jajuuf utuu hin taʼin, gumicha ijaaruuf itti fayyadamuu qabna. (Filp. 2:3) Humnaa fi dandeettii keenya fedha Waaqayyoo raawwachuuf kan itti fayyadamnu yoo taʼe waan ittiin gammannu arganna; kan gammannu garuu warra kaan caalaa waan hojjenneef ykn isaan irra waan caalleef utuu hin taʼin, kennaa keenyatti fayyadamnee Yihowaa jajachuu waan dandeenyeefi. w22.04 11-12 key. 7-9
Sanbadduraa, Bitootessa 2
Wantoota dinqisiisoo seera kee keessa jiran sirriitti arguu akkan dandaʼuuf ija koo naaf bani.—Far. 119:18.
Yesuus Kitaabota Qulqulluudhaaf jaalala guddaa qaba, miirri isaa kunis Faarfannaa 40:8 irratti raajiidhaan ibsameera. Caqasichi akkana jedha: “Yaa Waaqa koo, fedhii kee raawwachuun na gammachiisa. Seerri kees garaa koo keessa jira.” Kanaan kan kaʼes, tajaajila Yihowaarratti gammachuu fi milkaaʼina argachuu dandaʼeera. Nutis Dubbiin Waaqayyoo garaa keenya akka tuqu gochuuf carraaqqii yoo goone gammachuu fi milkaaʼina argachuu dandeenya. (Far. 1:1-3) Wanta Yesuus dubbatee fi fakkeenya isaa hordofuudhaan dandeettii Kitaaba Qulqulluu dubbisuurratti qabnu haa fooyyeffannu. Kadhannaa dhiheessuudhaan, suuta jennee dubbisuudhaan, gaaffii of gaafachuudhaan, akkasumas yaadannoo gabaabaa qabachuudhaan ergaa Kitaaba Qulqulluu caalaatti hubachuu dandeenya. Barreeffamoota Kitaaba Qulqulluurratti hundaaʼanitti gargaaramnee wanta dubbisnerratti of eeggannoodhaan yaaduudhaan dandeettii hubannaa keenyatti fayyadamuu dandeenya. Kana malees, yeroo dubbisnu ilaalcha sirrii qabaachuudhaan Dubbiin Waaqayyoo jireenya keenyarratti jijjiirama akka fidu heyyamuu dandeenya. Wantoota kana gochuuf carraaqqii yoo goone dubbisa Kitaaba Qulqulluu keenyarraa caalaatti fayyadamuu fi caalaatti Yihowaatti dhihaachuu dandeenya.—Far. 119:17; Yaq. 4:8. w23.02 13 key. 15-16
Dilbata, Bitootessa 3
Karoorri nama dhimmee hojjetuu gara milkaaʼinaatti geessa.—Fak. 21:5.
Galma tokko baafadhuutii, galma kee kana irra gaʼuuf tarkaanfii fudhadhu. Kana gochuu kan dandeessu akkamitti? Fakkeenyaaf, dandeettii barsiisuu fooyyeffachuu barbaadde haa jennu. Birooshura Dubbisuu fi Barsiisuuf Carraaqqii Godhi jedhamu akka gaariitti qoʼachuu dandeessa. Walgaʼii torban gidduu irratti kutaan yoo siif kenname obboleessi gaʼumsa qabu tokko kutaa kee dhiheessuu kee dura akka si dhaggeeffatuu fi yaada fooyyessuuf si gargaaru akka siif kennu gaafachuu dandeessa. Namoonni dandeettii kee qofa utuu hin taʼin, ciminaan kan hojjettuu fi kan amanamtu taʼuu kees ifatti akka arganiif dursii qophaaʼi. (2 Qor. 8:22) Dandeettiin guddifachuu barbaaddu tokko baayʼee kan sitti ulfaatu yoo taʼe hoo? Abdii hin kutatin. Ximotewos nama haasaa dhiheessuu irratti ykn barsiisuu irratti dandeettii guddaa qabu taʼeeraa? Kitaabni Qulqulluun waaʼee kanaa hin dubbatu. Taʼus, Ximotewos gorsa Phaawulos isaaf kenne hojii irra waan oolcheef, ramaddii isaa irratti caalaatti buʼa qabeessa akka taʼe ifa dha.—2 Xim. 3:10. w22.04 24-25 key. 8-11
Wiixata, Bitootessa 4
Anis Bineensi gaanfa kudhanii fi mataa torba qabu tokko utuu galaanicha keessaa ol baʼuu nan arge.—Mul. 13:1.
Bineensi mataa torba qabu maal argisiisa? Bineensi kun qeerransa kan fakkaatu taʼus miilli isaa miila amaaketaa, afaan isaa immoo afaan leencaa fakkaata; akkasumas gaanfa torba qaba. Bineensonni arfan Daaniʼel boqonnaa 7 irratti ibsamanis bifawwan kana qabu. Kitaaba Mulʼataa keessatti garuu bineensota garaa garaa afur utuu hin taʼin, bineensa bifa kana hundumaa qabu tokkotu ibsame. Bineensi kun mootummaa ykn bulchiinsa addunyaa tokko qofa kan argisiisu miti. “Gosa, uummata, qooqaa fi saba hundumaa [irratti] aangoo” akka qabus ibsameera. Kanaafuu, bineensi kun mootummaa biyya tokkoo qofa kan argisiisu taʼuu hin dandaʼu. (Mul. 13:7) Kanaa mannaa, humnoota siyaasaa hanga ammaatti ilmaan namootaa bulchan hunda kan argisiisu taʼuu qaba. (Lal. 8:9) Bineensi mataa torba qabu kun humnoota siyaasaa hunda akka argisiisu wanti ragaa nuuf taʼu kan biraanimmoo, lakkoofsi kudhan yeroo baayʼee Kitaaba Qulqulluu keessatti guutuu taʼuu argisiisuuf itti hojjetamuu isaati. w22.05 9 key. 6
Kibxata, Bitootessa 5
Inni imimmaan hundumaa ija isaanii irraa ni haqa; duutis kana booda hin jiraatu; gaddis taʼe iyyi yookiin dhiphinni kana booda hin jiraatu.—Mul. 21:4.
Qophiiwwan dinqisiisoo taʼan kanarraa faayidaa kan argatan eenyufaʼi? Warri jalqabarratti faayidaa argatan tuuta uummataa guddaa Armaagedoon irraa oolanii fi ijoollee addunyaa haaraa keessatti dhalatanidha. Mulʼata boqonnaa 20 irratti namoonni duʼan duʼaa akka kaafamanis ibsameera. (Mul. 20:11-13) “Qajeelonni” amanamummaa isaanii eeganii duʼanii fi “jalʼoonni” waaʼee Yihowaa barachuuf carraa hin arganne lafarra akka jiraataniif duʼaa kaafamu. (HoE. 24:15; Yoh. 5:28, 29) Kana jechuun namoonni duʼan hundi yeroo Bulchiinsa Barkumeetti duʼaa ni kaafamu jechuudhaa? Akkas jechuu miti. Namoonni duʼuu isaanii dura carraa Yihowaa tajaajiluuf qaban hamminaan of dabarsan duʼaa hin kaafaman. Carraa argatanitti utuu hin fayyadamin hafuudhaan lafa jannata taaterra jiraachuuf gaʼumsa akka hin qabne argisiisaniiru.—Mat. 25:46; 2 Tas. 1:9; Mul. 17:8; 20:15. w22.05 18 key. 16-17
Roobii, Bitootessa 6
Gara eenyuu dhaqna? Ati dubbii jireenya bara baraa qabda.—Yoh. 6:68.
Yesuus ‘garbicha amanamaa fi ogeessatti’ fayyadamee lafarratti jaarmiyaa dinqisiisaa waaqeffannaa qulqulluu babalʼisu hundeesseera. (Mat. 24:45) Jaarmiyaa kana ilaalchisee maaltu sitti dhagaʼama? Tarii akkuma Pheexiros ergamaa yaada caqasa guyyaa harʼaa jiru Yesuusitti dubbatee sitti dhagaʼama taʼa. Jaarmiyaa Yihowaa hin beeknu utuu taʼee harʼa haala akkamii keessatti argamna turre? Kiristoos jaarmiyaa kanatti fayyadamee karaa hafuuraa akka gaariitti nu sooraa jira. Tajaajila keenyas karaa buʼa qabeessa taʼeen akka raawwannu nu leenjisaa jira. Kana malees, Yihowaa gammachiisuu akka dandeenyuuf “namummaa haaraa” akka uffannu nu gargaaraa jira. (Efe. 4:24) Yesuus yeroo rakkinaattis qajeelfama ogummaarratti hundaaʼe nuuf kenna. Buʼaan qajeelfama kanaa yeroo weerarri dhibee KOOVIID-19 jalqabetti ifatti mulʼateera. Namoonni addunyaa hedduun maal akka godhan yeroo wallaalanitti Yesuus qajeelfama nageenya keenya eeggachuuf nu gargaaru nuuf kenneera. w22.07 12 key. 13-14
Kamisa, Bitootessa 7
Wantoota caalaatti barbaachisoo taʼan adda [baasaa beekaa].—Filp. 1:10.
Yihowaan yeroo hunda ijoollee isaanii akka barsiisan Israaʼelota durii ajajee ture. (Kes. 6:6, 7) Warri kun guyyaa guutuu ijoollee isaanii wajjin haasaʼuu fi Yihowaa akka jaallatan gargaaruuf carraa hedduu qabu turan. Fakkeenyaaf, dargaggeessi Israaʼel tokko sanyii facaasuu ykn midhaan sassaabuu irratti abbaa isaa gargaaruudhaan yeroo dheeraa dabarsuu dandaʼa. Obboleettiin isaammoo wayyaa hodhuu fi dhaʼuudhaan, akkasumas hojii mana keessaa kan biraa hojjechuudhaan guyyaa guutuu haadha ishii gargaaraa oolti taʼa. Warrii fi ijoollee yeroo waliin hojjetan waaʼee dhimmoota barbaachisoo taʼan hedduu waliin haasaʼuu dandaʼu. Fakkeenyaaf, waaʼee gaarummaa Yihowaa fi Yihowaan maatii isaanii gargaaraa kan jiru akkamitti akka taʼe waliin haasaʼuu dandaʼu. Biyyoota hedduu keessatti warrii fi ijoolleen guyyaa guutuu yeroo waliin dabarsuu hin dandaʼan. Warri bakka hojii oolu, ijoolleen immoo mana barumsaa oolu. Kanaafuu, warri yeroo itti ijoollee isaanii wajjin haasaʼan argachuuf carraaqqii gochuu qabu.—Efe. 5:15, 16. w22.05 28 key. 10-11
Jimaata, Bitootessa 8
Namoonni jalʼoota taʼan Mootummaa Waaqayyoo akka hin dhaalle hin beektanii?—1 Qor. 6:9.
Cubbuuwwan ciccimoon gochawwan hamoo seera Waaqayyoo cabsuudhaan raawwatamanidha. Kiristiyaanni tokko cubbuu akkasii yoo hojjete kadhannaadhaan Yihowaatti dhihaachuu fi jaarsolii gumii haasofsiisuu qaba. (Far. 32:5; Yaq. 5:14) Jaarsoliin itti gaafatamummaa akkamii qabu? Aarsaa furichaarratti hundaaʼuudhaan cubbuu keenyaaf guutummaatti dhiifama gochuu kan dandaʼu Yihowaa qofadha. Haa taʼu malee, Yihowaan jaarsoliin gumii namni cubbuu hojjete sun gumii keessa turuu kan dandaʼu taʼuu fi dhiisuu isaa Kitaaba Qulqulluutti fayyadamanii akka murteessan itti gaafatamummaa isaaniif kenneera. (1 Qor. 5:12) Wantoota jaarsoliin gochuu qaban keessaa tokko gaaffilee armaan gadiitiif deebii argachuudha: Cubbuun kun taʼe jedhamee kan hojjetamedhaa? Namni kun cubbuu kana kan hojjete dursee itti yaadeetii? Warra kaan jalaa dhoksuuf hoo yaaleeraa? Cubbuu kana yeroo dheeraadhaaf hojjechaa tureeraa? Hunda caalaammoo, garaadhaa yaada akka geddarate ragaan argisiisu jiraa? Wanti Yihowaan dhiifama akka isaaf godhe argisiisu hoo jiraa?—HoE. 3:19. w22.06 9 key. 4
Sanbadduraa, Bitootessa 9
Dhugaa . . . jaalladhaa.—Zak. 8:19.
Yesuus duuka buutonni isaa qajeelummaa akka hordofan jajjabeesseera. (Mat. 5:6) Kana jechuun namni tokko wanta Waaqayyo duratti sirrii, gaarii fi qulqulluu taʼe raawwachuuf fedhii cimaa qabaachuu qaba jechuudha. Dhugaa fi qajeelummaa ni jaallattaa? Akka jaallattu hin shakkinu. Wanta soba, sirrii hin taanee fi hamaa taʼe hunda ni jibbita. (Far. 119:128, 163) Namni sobu Seexana isa bulchaa addunyaa kanaa taʼe fakkaata. (Yoh. 8:44; 12:31) Kaayyoon Seexanaa inni tokko maqaa Yihowaa isa qulqulluu taʼe balleessuudha. Seexanni Eedan keessatti fincila erga kaasee jalqabee waaʼee Waaqa keenyaa soba babalʼisaa tureera. Namoonni, Yihowaan Bulchaa ofittoo, amanamaa hin taanee fi ilmaan namootaa wanta gaarii dhowwatu akka taʼetti akka yaadan gochuuf yaalaa tureera. (Uma. 3:1, 4, 5) Sobni Seexanni waaʼee Yihowaa dubbate sammuu fi garaa namootaa faaluu isaa itti fufeera. Namoonni ‘dhugaa jaallachuu’ dhiisuuf yeroo filatan Seexanni jalʼinaa fi hammina hundumaa akka raawwatan dhiibbaa isaanirratti gochuu dandaʼa.—Rom. 1:25-31. w23.03 2 key. 3
Dilbata, Bitootessa 10
Jaalalli [Yihowaa] . . . bara baraaf . . . jabaatee dhaabbata.—Far. 100:5.
Barsiifata gadhee tokko dhiisuuf carraaqqii kan gootu taʼus darbee darbee sitti deebiʼuu dandaʼa. Yookiinimmoo galma keerra gaʼuu akka hin dandeenye yaaduudhaan obsa dhabuu ykn abdii kutachuu dandeessa. Maarree, jabaattee dhaabbachuuf maaltu si gargaara? Jaalalli Yihowaadhaaf qabdu si gargaara. Jaalalli Yihowaadhaaf qabdu amala hundarra caaluu fi baayʼee barbaachisaa taʼedha. (Fak. 3:3-6) Waaqayyoof jaalala cimaa qabaachuun kee rakkina jireenya keessatti si mudatu dandamachuuf si gargaara. Kitaabni Qulqulluun jaalala amanamaa Yihowaan tajaajiltoota isaatiif qabu irra deddeebiʼee ibsa. Yihowaan tajaajiltoota isaatiif jaalala amanamaa qaba jechuun matumaa isaan hin gatu ykn isaan jaallachuu isaa hin dhiisu jechuudha. Atis bifa Waaqayyootiin uumamte. (Uma. 1:26) Maarree, jaalala akkasii argisiisuu kan dandeessu akkamitti? Wanta Yihowaan siif godheef galateeffachuudhaan jalqabi. (1 Tas. 5:18) Guyyaa guyyaadhaan, ‘Yihowaan jaalala kan natti argisiise akkamitti?’ jedhii of gaafadhu. Achiis wanta Yihowaan siif godhe caqasuudhaan kadhannaadhaan isa galateeffadhu. Yihowaan dhuunfaatti wantoota gaggaarii kan siif godhe waan si jaallatuuf akka taʼe hubadhu. w23.03 12 key. 17-19
Wiixata, Bitootessa 11
[Yesuus] wanta nama keessa jiru [beeka].—Yoh. 2:25.
Yesuus 12n isaaniiyyuu gaarummaa fi jaalalaan qabeera. Kanarraa maal baranna? Jijjiirama kan fidu wanta namoonni kaan godhan qofa miti; akkaataan balleessaa fi dogoggora isaanii itti qabnus jijjiirama fida. Obboleessa tokkotti yeroo aarru akkana jennee of gaafachuu dandeenya: ‘Gochi isaa hamma kana kan na aarse maaliifi? Dadhabinni ani sirreessuu qabu akka jiru na hubachiiseeraa? Namni na aarse sun haala rakkisaa dandamachaa jiru qabaa laata? Aaruuf sababii gaʼaa yoon qabaadhellee, balleessaa isaa irra isaaf darbuudhaan jaalala ofittummaarraa walaba taʼe itti argisiisuu nan dandaʼaa?’ Namoota kaanitti caalaatti jaalala kan argisiisnu yoo taʼe, duuka buutota Yesuus warra dhugaa taʼuu keenya caalaatti mirkaneessina. Haala obboloota keenyaa hubachuuf yaaluu akka qabnus Yesuusirraa ni baranna. (Fak. 20:5) Dhugaadha, Yesuus wanta namoonni garaa isaaniitti yaadan beeka. Nuti garuu beekuu hin dandeenyu. Taʼus, yeroo obboloonnii fi obboleettonni keenya dogoggora raawwatanitti isaaniif obsuu dandeenya. (Efe. 4:1, 2; 1 Phe. 3:8) Waaʼee isaanii caalaatti yoo beekne akkas gochuun nuuf salphata. w23.03 30 key. 14-16
Kibxata, Bitootessa 12
Inni Waaqa warra jiraatoo ti malee, Waaqa warra duʼanii miti.—Luq. 20:38.
Seexanni ejjennoo keenya akka laaffisnu gochuuf dhukkuba cimaa nu mudatetti fayyadamuuf yaala. Ogeeyyiin fayyaa fi miseensonni maatii keenya hin amanne, seera Waaqayyoo cabsinee dhiiga akka fudhannu dhiibbaa nurratti godhu taʼa. Yookiin immoo, namni kan biraan yaalii fayyaa Kitaaba Qulqulluu wajjin wal hin simne akka fudhannu nu amansiisuuf yaala taʼa. Duʼuu kan hin barbaanne taʼus Yihowaan yoo duunellee nu jaallachuu isaa akka itti fufu beekna. (Rom. 8:37-39) Yihowaan michoota isaa duʼan akka waan lubbuudhaan jiraniitti yaadata. (Luq. 20:37) Gara jireenyaatti isaan deebisuufis ni hawwa. (Iyo. 14:15) ‘Jireenya bara baraa akka qabaannuuf’ jecha gatii guddaa kaffaleera. (Yoh. 3:16) Yihowaan baayʼee akka nu jaallatuu fi akka nuuf yaadu beekna. Kanaafuu, yeroo dhukkubsannutti ykn yeroo duʼaaf saaxilamnutti Yihowaarraa fagaachuu mannaa, jajjabina, ogummaa fi cimina argachuuf isatti dhihaanna.—Far. 41:3. w22.06 18 key. 16-17
Roobii, Bitootessa 13
Ogummaa dhugaan daandii irratti sagalee ishii ol kaastee iyyiti.—Fak. 1:20.
Kitaabni Qulqulluun akkana jedha: “Yihowaa sodaachuun, jalqaba ogummaa ti, Isa Hundumaa Caalaa Qulqulluu taʼe sana beekuunis hubannaa dha.” (Fak. 9:10) Kanaafuu, yommuu murtoo barbaachisaa taʼe tokko goonu murtoon keenya ilaalcha Yihowaarratti, jechuunis beekumsa “isa Hundumaa Caalaa Qulqulluu taʼe” sanaarratti akka hundaaʼu gochuu qabna. Kana gochuu kan dandeenyu Kitaaba Qulqulluu fi barreeffamoota keenya Kitaaba Qulqulluurratti hundaaʼanirratti qorannoo gochuudhaani. Yommuu akkas goonu ogummaa dhugaa akka qabnu argisiisna. (Fak. 2:5-7) Ogummaa dhugaa nuuf kennuu kan dandaʼu Yihowaa qofa dha. (Rom. 16:27) Yihowaan madda ogummaati kan jennu maaliifi? Tokkoffaa, Uumaa waan taʼeef, waaʼee uumamawwan isaa beekumsaa fi hubannaa daangaa hin qabne qaba. (Far. 104:24) Lammaffaa, gochi Yihowaa hundi ogummaa isaa calaqqisiisa. (Rom. 11:33) Sadaffaa, namoonni gorsa Yihowaa isa ogummaarratti hundaaʼe hojiirra oolchan yeroo hundumaa faayidaa argatu. (Fak. 2:10-12) Ogummaa dhugaa argachuu yoo barbaanne dhugaawwan buʼuuraa kana amannee fudhachuu, akkasumas murtoo fi gocha keenya akka nuuf qajeelchan heyyamuu qabna. w22.10 19 key. 3-4
Kamisa, Bitootessa 14
Samii keessatti waraanni ni kaʼe: Mikaaʼelii fi maleekonni isaa jawwee sana irratti waraana banan; jawween sunii fi maleekonni isaas isaan irratti waraana banan; haa taʼu malee, isaan ni moʼaman, sana booda samii keessatti iddoon isaaniif hin argamne.—Mul. 12:7, 8.
Akkuma Mulʼata boqonnaa 12 irratti ibsametti Seexanni waraana kanarratti waan moʼameef innii fi jinniiwwan isaa gara lafaatti gad darbatamaniiru. Kanaan kan kaʼes, Seexanni baayʼee aaree ilmaan namootaarratti miidhaa geessisaa jira. (Mul. 12:9-12) Raajiiwwan kun kan nu fayyadan akkamitti? Haalli addunyaa fi ilaalchi namootaa baayʼee jijjiiramuun isaa Yesuus Mootii akka taʼe hubachuuf nu gargaara. Kanaafuu, namoonni ofittummaa fi jibba yeroo argisiisan aaruu mannaa gochi isaanii kun raajiin Kitaaba Qulqulluu akka raawwatamu gochaa akka jiru haa yaadannu. Mootummaan Waaqayyoo bulchaa jira! (Far. 37:1) Armaagedoon dhihaachaa yeroo deemu rakkinni addunyaarratti mulʼatu caalaatti dabalaa deema. (Mar. 13:8; 2 Xim. 3:13) Abbaan keenya inni jaalala qabeessa taʼe addunyaarratti rakkinni kan baayʼate maaliif akka taʼe akka hubannu waan nu gargaareef baayʼee isa galateeffanna. w22.07 3-4 key. 7-8
Jimaata, Bitootessa 15
Wawwaannaan nama qajeelaa humna qaba, namoota gargaaruus ni dandaʼa.—Yaq. 5:16.
Yihowaan dhukkuba, balaa uumamaa, waraana, ariʼatamaa fi rakkoowwan kan biroo dandamachuuf obbolootaa fi obboleettota keenya akka gargaaru kadhachuu dandeenya. Obbolootaa fi obboleettota keenya fedhii ofii aarsaa gochuudhaan warra gargaarsi barbaachisu gargaaruuf carraaqqii godhaniifis kadhachuu dandeenya. Tarii obboloota rakkoowwan akkasii wajjin waldhaansoo gochaa jiran tokko tokko beekta taʼa. Maarree, maqaa isaanii caqastee maaliif isaaniif hin kadhattu? Yihowaan jabaatanii dhaabbachuuf akka isaan gargaaru kadhachuudhaan jaalala obbolummaa dhugaa akka qabnu argisiisna. Obboloonni gumii keessatti itti gaafatamummaa qaban kadhannaa keenya keessatti waaʼee isaanii yeroo caqasnu baayʼee gammadu. Kadhannaan isaaniif dhiheessinu baayʼee isaan gargaara. Phaawulos kun dhugaa taʼuu isaa dubbateera. Akkana jedhee barreesseera: “Iccitii qulqulluu misiraachichaa beeksisuu irratti ija jabinaan dubbachuu akkan dandaʼutti, yommuun afaan koo saaqqadhu wanti ani dubbadhu akka naaf kennamu anaafis kadhadhaa.” (Efe. 6:19) Yeroo harʼaas obboloota nu gidduutti dura buutota taʼanii jabaatanii hojjetan hedduu qabna. Yihowaan hojii isaanii akka eebbisu kadhachuudhaan jaalala isaanitti argisiisuu dandeenya. w22.07 23-24 key. 14-16
Sanbadduraa, Bitootessa 16
Abdii fayyinaa akka baarmeexaa sibiilaatti haa kaaʼannu.—1 Tas. 5:8.
Loltuun tokko baarmeexaa sibiilaa kan kaawwatu mataa isaa eeguufi. Lola Seexana wajjin goonurrattis sammuu keenya haleellaa isaarraa eeguu qabna. Seexanni nu qoruu fi ilaalcha keenya mancaasuuf wantoota garaa garaatti fayyadama. Akkuma baarmeexaan sibiilaa mataa loltuu tokkoof eegumsa godhu, abdiin keenyas Yihowaadhaaf amanamoo taanee itti fufuu akka dandeenyuuf sammuu keenyaaf eegumsa godha. Abdiin keenya yoo laafee fi ilaalchi foonii akka nu toʼatu yoo heyyamne galma keenya isa guddaa, jechuunis jireenya bara baraarratti xiyyeeffachuu dhiisna. Kiristiyaanota gumii Qorontos durii keessa jiraachaa turan tokko tokko akka fakkeenyaatti haa ilaallu. Isaan waadaa Waaqayyo gale isa guddaa, jechuunis abdii duʼaa kaʼuurratti amantii dhabanii turan. (1 Qor. 15:12) Phaawulos namoonni yeroo gara fuulduraa ilaalchisee abdii hin qabne fedhii foonii isaanii guuttachuurratti akka xiyyeeffatan dubbateera. (1 Qor. 15:32) Yeroo harʼaatti namoonni waadaawwan Waaqayyo galerratti amantii hin qabne hedduun gammachuu argachuuf wanta kamiiyyuu gochuurraa duubatti hin jedhan. Nuti garuu waadaa Waaqayyo yeroo gara fuulduraa ilaalchisee galerratti amantii qabna. w22.10 25-26 key. 8-9
Dilbata, Bitootessa 17
Yeroo hundumaa kadhadhaa.—1 Tas. 5:17.
Yihowaan kadhannaadhaan akka isatti dhihaattu si afeereera. Inni rakkina sirra gaʼaa jiru ni arga, akkasumas kadhannaa yeroo kamittiyyuu dhiheessitu akka dhagaʼu siif mirkaneesseera. Yihowaan kadhannaa tajaajiltoonni isaa dhiheessan dhagaʼuun isa gammachiisa. (Fak. 15:8) Yommuu kophummaan sitti dhagaʼamu waaʼee maalii kadhachuu dandeessa? Wanta garaa kee keessa jiru hundumaa isatti himi. (Far. 62:8) Wantoonni akka yaaddoftu si taasisan maalfaa akka taʼanii fi wantoonni kun miirri akkamii akka sitti dhagaʼamu akka godhan isatti himi. Miira sitti dhagaʼamu dandamachuuf akka si gargaaru, yoo sodaattes ija jabina yaada kee ibsuuf si gargaaru akka siif kennu Yihowaa kadhadhu. Ogummaa wantoota itti amantu malaan ibsuuf si gargaaru akka siif kennus kadhachuu dandeessa. (Luq. 21:14, 15) Dhiphina sitti dhagaʼamu wajjin walʼaansoo gochaa jirta taanaan Kiristiyaana muuxannoo qabu tokko haasofsiisuuf akka si gargaaru Yihowaa kadhadhu. Yihowaan namni miira kee itti himtu sun akka si hubatu akka isa gargaarus kadhachuu dandeessa. Kadhannaa keetiif akkamitti deebii akka kennu hubadhu, akkasumas gargaarsa warra kaanii fudhadhu. Yoo akkas goote kophummaan sitti dhagaʼamu ni hirʼata. w22.08 10 key. 6
Wiixata, Bitootessa 18
Namoonni kun . . . wanta seera Qeesaariin mormu gochaa jiru.—HoE 17:7.
Gumiin Tasalonqee inni haaraan utuu baayʼee hin turin mormii cimaan isarra gaʼuu jalqabe. Gareen mormitootaa baayʼee aaran tokko ‘obboloota tokko tokko lafa irra harkisanii gara bulchitoota magaalattiitti geessan.’ (HoE. 17:6) Namoonni dhiheenyatti Kiristiyaanota taʼan kun hammam naʼanii akka turan tilmaamuu dandeessaa? Obboloonni kun hinaaffaa tajaajila Yihowaatiif qaban laaffisuu dandaʼu turan; Phaawulos ergamaan garuu kun akka taʼu hin barbaanne. Gumiin haaraan kun akka gaariitti kunuunsa kan argatu taʼuu isaa mirkaneeffateera. Phaawulos obboloota Tasalonqee keessa jiraniin, “Amantii keessanitti akka isin cimsuu fi akka isin jajjabeessuuf obboleessa keenya Ximotewos . . . ergine; kunis namni kam iyyuu rakkoowwan kanaan akka hin raafamneefi” jedheera. (1 Tas. 3:2, 3) Ximotewos Phaawulos obboloota Lisxiraa jiran akkamitti akka jajjabeesse argeera. Yihowaan obboloota sana akkamitti akka gargaare waan argeef, haalli obboloota dhiheenyatti Kiristiyaanota taʼan kanaas akka fooyyaʼu isaaniif mirkaneessuu dandaʼeera.—HoE. 14:8, 19-22; Ibr. 12:2. w22.08 21 key. 4
Kibxata, Bitootessa 19
Nuti karaa isaa jireenya [arganne]. —1 Yoh. 4:9.
Dhuma jaarraa 19ffaatti gareen barattoota Kitaaba Qulqulluu Chaarlis Teez Raasiliin geggeeffamu tokko Kitaaba Qulqulluu gadi fageenyaan qorachuu jalqabe. Barattoonni kun aarsaan Yesuus gatii akkamii akka qabuu fi duuti isaa akkamitti yaadatamuu akka qabu beekuu barbaadanii turan. Yeroo harʼaatti qorannoo isaan geggeessanirraa fayyadamaa jirra. Akkamitti? Hiika aarsaan Yesuus qabuu fi faayidaa nuufis taʼe ilmaan namootaa hundumaatiif argamsiisu hubachuu dandeenyeerra. (1 Yoh. 2:1, 2) Kana malees, abdii namoonni Waaqayyoon gammachiisan qaban lama, jechuunis namoonni muraasni samii keessatti qaama duʼuu hin dandeenye akka argatan, namoonni kaanimmoo lafarratti jireenya barabaraa akka argatan Kitaaba Qulqulluurraa baranneerra. Yihowaan hammam akka nu jaallatuu fi aarsaa Yesuusirraa dhuunfaatti faayidaa hammamii akka arganne yeroo yaannu Yihowaatti caalaatti dhihaanna. (1 Phe. 3:18) Kanaafuu, Ayyaana Yaadannoo akkuma Yesuus nu ajajetti yeroo kabajnu, akkuma obboloota keenya amanamoo duraanii namoonni nu wajjin akka argaman ni affeerra. w23.01 21 key. 6-7
Dubbisa Kitaaba Qulqulluu tibba Ayyaana Yaadannoo: (Wantoota Niisaan 9 erga biiftuun lixxee booda raawwataman) Maarqos 14:3-9
Roobii, Bitootessa 20
Warri lubbuudhaan jiran isa isaaniif jedhee duʼee fi duʼaa kaafameef malee, kana booda ofii isaaniitiif akka hin jiraanneef inni hundumaaf duʼeera.—2 Qor. 5:15.
Yesuus eebbawwan Mootummaan Waaqayyoo fidu namoota barsiiseera. Furichi Yihowaa fi Yesuus wajjin michummaa cimaa akka qabaannu karaa waan nuu baneef baayʼee galateeffanna. Namoonni Yesuusirratti amantii qaban bara baraaf jiraachuu fi namoota duʼaan dhaban deebisanii argachuuf abdii qabu. (Yoh. 5:28, 29; Rom. 6:23) Eebbawwan kun kan nuuf malan miti; wanta Waaqayyoo fi Kiristoos nuuf godhaniifis matumaa gatii kaffaluu hin dandeenyu. (Rom. 5:8, 20, 21) Garaadhaa akka isaan galateeffannu argisiisuu garuu ni dandeenya. Akkamitti? Qabeenya keenya hojii Mootummichaatiif oolchuudhaan wanta Yihowaa fi Yesuus nuuf godhaniif galateeffannaa qabnu argisiisuu dandeenya. Fakkeenyaaf, hojii galma waaqeffannaa qulqulluu ijaaruu fi suphuuf hojjetamurratti gargaarsa gochuuf of dhiheessuu dandeenya. w23.01 26 key. 3; 27 key. 5
Dubbisa Kitaaba Qulqulluu tibba Ayyaana Yaadannoo: (Wantoota Niisaan 9 guyyaa raawwataman) Maarqos 11:1-11
Kamisa, Bitootessa 21
[Hoolicha] nan arge, . . . warri 144,000 . . . isaa wajjin turan —Mul. 14:1.
Warri Mootummaa Waaqayyoo keessatti bulchan namoota biliyoonaan lakkaaʼamanii fi guutummaa lafaarratti argamaniif kunuunsa godhu. Warri 144,000 akkuma Yesuus moototaa fi luboota taʼanii tajaajilu. (Mul. 5:10) Seera Musee jalatti luboonni sabichi karaa qaamaas taʼe karaa hafuuraa fayya buleeyyii akka taʼu gargaaruuf itti gaafatamummaa qabu turan. Seerichi “gaaddidduu wantoota gaggaarii dhufuuf jiranii” waan taʼeef, warri Yesuus wajjin bulchan saba Waaqayyootiif karaa qaamaas taʼe karaa hafuuraa kunuunsa addaa akka godhan eeguu dandeenya. (Ibr. 10:1) Mootonnii fi bulchitoonni kun namoota lafarratti Mootummaa Waaqayyoo jalatti bulan wajjin kan wal qunnaman akkamitti akka taʼe amma hin beeknu. Jannata dhufu keessatti warri lafarra jiraatan qajeelfama isaan barbaachisu akka argatan amanannaa qabaachuu ni dandeenya.—Mul. 21:3, 4. w22.12 11 key. 11-13
Dubbisa Kitaaba Qulqulluu tibba Ayyaana Yaadannoo: (Wantoota Niisaan 10 guyyaa raawwataman) Maarqos 11:12-19
Jimaata, Bitootessa 22
Hanga inni dhufutti duʼa Gooftaa labsuu keessan itti fuftu.—1 Qor. 11:26.
Sababiin namoonni Ayyaana Yaadannoo nu wajjin akka kabajan itti affeerru tokko namoonni yeroo jalqabaatiif ayyaanicharratti argaman wanta Yihowaanii fi Yesuus hunda keenyaaf godhan akka beekan isaan gargaaruu waan barbaannuufi. (Yoh. 3:16) Wanti Ayyaana Yaadannoorratti arganii fi dhagaʼan waaʼee Yihowaa caalaatti barachuu fi tajaajiltoota isaa taʼuuf akka isaan kakaasu abdanna. Namoota Yihowaa tajaajiluu dhiisanis ayyaanicharratti ni affeerra. Akkas kan goonu Waaqayyo ammas akka isaan jaallatu isaan yaadachiisuufi. Baayʼeen isaanii affeerraa keenya ni fudhatu; yeroo ayyaanicharratti isaan arginus baayʼee gammanna. Ayyaana Yaadannoorratti argamuun isaanii hammam gammachuudhaan Yihowaa tajaajilaa akka turan isaan yaadachiisa. (Far. 103:1-4) Yihowaan dhuunfaadhaan namoota ayyaanicharratti argamanirratti akka xiyyeeffatu waan beeknuuf namoonni affeerrii keenya fudhatanis fudhachuu baatanis Ayyaana Yaadannoorratti akka argaman affeeruuf wanta dandeenyu hunda ni goona.—Luq. 15:7; 1 Xim. 2:3, 4. w23.01 20 key. 1; 22-23 key. 9-11
Dubbisa Kitaaba Qulqulluu tibba Ayyaana Yaadannoo: (Wantoota Niisaan 11 guyyaa raawwataman) Maarqos 11:20–12:27, 41-44
Sanbadduraa, Bitootessa 23
Ijji Yihowaa warra isa sodaatan . . . ni ilaala.—Far. 33:18.
Yesuus galgala duʼuu isaa dura turetti gara Abbaa isaatti kadhannaa adda taʼe tokko dhiheessee ture. Duuka buutota isaa akka eegu Yihowaa gaafateera. (Yoh. 17:15, 20) Yihowaan yeroo hunda saba isaa ni ilaala, akkasumas eegumsaa fi kunuunsa isaaniif ni godha. Yesuus, Seexanni duuka buutota isaarratti mormii cimaa akka geessisu beeka. Kana malees, haleellaa hamaa Diyaabilos isaanirraan geessisu dandamachuuf gargaarsi Yihowaa akka isaan barbaachisu hubateera. Sirni Seexanaa Kiristiyaanota yeroo harʼaa jiran irratti dhiibbaa guddaa geessisa. Rakkoowwan abdii nu kutachiisuu dandaʼanii fi amanamummaa Yihowaadhaaf qabnu qoran nu mudatu. Haa taʼu malee, sodaachuun nu hin barbaachisu. Yihowaan nu ilaalaa waan jiruuf, rakkoowwan nu mudatan ni arga, akkasumas akka dandamannu nu gargaaruuf qophaaʼaa dha. Eeyyee, ‘Yihowaan warra isa sodaatan ni ilaalaa, kanas kan godhu, isaan oolchuufi.’—Far. 33:18-20. w22.08 8 key. 1-2
Dubbisa Kitaaba Qulqulluu tibba Ayyaana Yaadannoo: (Wantoota Niisaan 12 guyyaa raawwataman) Maarqos 14:1, 2, 10, 11; Maatewos 26:1-5, 14-16
GUYYAA AYYAANA YAADANNOO
Erga Biiftuun Lixxee Booda
Dilbata, Bitootessa 24
Kana yeroo hundumaa yaadannoo kootiif godhaa.—Luq. 22:19.
Waggaa waggaadhaan tibba Ayyaana Yaadannootti faayidaa duuti Yesuus nuuf argamsiiserratti xiinxaluu fi waaʼee kanaa kadhachuudhaan dinqisiifannaa wanta inni nuu godheef qabnu argisiisna. Hamma nuuf dandaʼame namoonni hedduun ayyaana adda taʼe kanarratti akka argaman ni afeerra. Haalli akkamiiyyuu yoo nu mudate Ayyaana Yaadannoorratti argamuuf akka kutanne beekamaadha. Ayyaana Yaadannoorratti ilmaan namootaa furiin kan isaan barbaachise maaliif akka taʼee fi duuti nama tokkoo cubbuu namoota hedduutiif dhiifama argamsiisuu kan dandaʼu akkamitti akka taʼe baranna. Maxinoo fi wayiniin maal akka argisiisanii fi irraa hirmaachuu kan qaban eenyufaa akka taʼanis yaadachiisni nuuf kennama. (Luq. 22:19, 20) Kana malees, eebbawwan namoonni lafarra barabaraaf jiraachuuf abdatan argatanirratti ni xiinxalla. (Isa. 35:5, 6; 65:17, 21-23) Dhugaawwan kana matumaa salphisnee ilaaluu hin qabnu. w23.01 20 key. 2; 4
Dubbisa Kitaaba Qulqulluu tibba Ayyaana Yaadannoo: (Wantoota Niisaan 13 guyyaa raawwataman) Maarqos 14:12-16; Maatewos 26:17-19 (Wantoota Niisaan 14 erga biiftuun lixxee booda raawwataman) Maarqos 14:17-72
Wiixata, Bitootessa 25
Isatti kan amanu hundi jireenya bara baraa akka qabaatuuf . . . Waaqayyo Ilma isaa isa tokkicha hamma kennutti addunyaa baayʼee jaallateera.—Yoh. 3:16.
Cubbuu keenya haguuguuf Ilma isaa furii godhee nuuf kennuudhaan jireenya bara baraa argachuu akka dandeenyuuf karaa nuuf baneera. (Mat. 20:28) Phaawulos akkana jedheera: “Akkuma duuti karaa nama tokkoo dhufe, duʼaa kaʼuun warra duʼaniis karaa nama tokkoo dhufa. Akkuma hundi isaanii karaa Addaam duʼan, hundi isaanii karaa Kiristoos ni jiraachifamu.” (1 Qor. 15:21, 22) Yesuus Mootummaan Waaqayyoo akka dhufuu fi fedhiin isaa lafarratti akka raawwatamuuf akka kadhatan duuka buutota isaa barsiiseera. (Mat. 6:9, 10) Kutaan kaayyoo Waaqayyoo inni tokko ilmaan namootaa bara baraaf lafarra akka jiraatanidha. Yihowaan kana galmaan gaʼuuf jecha Ilma isaa Mootii Mootummaa Masihiichaa godhee muudeera. Yesuus wajjin hojjechuudhaan fedhii isaa akka galmaan gaʼaniif namoota 144,000 lafarraa walitti qabaa tureera.—Mul. 5:9, 10. w22.12 5 key. 11-12
Dubbisa Kitaaba Qulqulluu tibba Ayyaana Yaadannoo: (Wantoota Niisaan 14 guyyaa raawwataman) Maarqos 15:1-47
Kibxata, Bitootessa 26
Warri lubbuudhaan jiran . . . kana booda ofii isaaniitiif akka hin jiraanneef [jaalalli Kiristoos isaan dirqisiisa].—2 Qor. 5:14, 15.
Nama jaallannu tokko yeroo duʼaan dhabnu nama sana baayʼee yaanna. Jalqabarratti, keessumaa namni jaallannu sun duʼuu isaa dura baayʼee dhukkubsateera taanaan, baayʼee dhiphanna. Yeroon darbaa yommuu deemu garuu wanta namni sun nu barsiisee fi wanta inni nu jajjabeessuuf ykn nu gammachiisuuf dubbate ykn raawwate yeroo yaannu hamma tokko ni gammanna. Haaluma wal fakkaatuun, seenaa Yesuus dhiphachuu isaa fi duʼuu isaa ibsu yeroo dubbisnu baayʼee gaddina. Tibba Ayyaana Yaadannootti keessumaa hiika aarsaan furichaa qaburratti xiinxaluuf yeroo ramadna. (1 Qor. 11:24, 25) Taʼus, wanta Yesuus yeroo lafarra turetti dubbatee fi raawwaterratti xiinxaluun baayʼee nu gammachiisa. Wanta inni yeroo ammaatti raawwachaa jiruu fi gara fuulduraatti nuu godhurratti yaaduunis nu jajjabeessa. w23.01 26 key. 1-2
Dubbisa Kitaaba Qulqulluu tibba Ayyaana Yaadannoo: (Wantoota Niisaan 15 guyyaa raawwataman) Maatewos 27:62-66 (Wantoota Niisaan 16 erga biiftuun lixxee booda raawwataman) Maarqos 16:1
Roobii, Bitootessa 27
Hundumaa dura Mootummichaa [barbaadaa].—Mat. 6:33.
Yesuus yeroo duʼetti barattoonni isaa baayʼee gaddanii turan. Barattoonni Yesuus michuu isaanii baayʼee jaallatan qofa utuu hin taʼin, abdii isaaniis akka dhaban isaanitti dhagaʼamee ture. (Luq. 24:17-21) Haa taʼu malee, Yesuus yeroo isaanitti mulʼatetti raajiin Kitaaba Qulqulluu akka raawwatamu gochuurratti gaʼee inni qabu akka hubatan yeroo fudhatee isaan gargaareera. Hojii barbaachisaa taʼe tokkos isaaniif kenneera. (Luq. 24:26, 27, 45-48) Yeroo Yesuus gara samiitti deebiʼu gaddi isaanii gara gammachuu guddaatti jijjiiramee ture. Gooftaan isaanii lubbuudhaan akka jiruu fi hojii haaraa isaaniif kenname fiixaan baasuurratti isaan gargaaruuf qophaaʼaa akka taʼe beekuun isaanii isaan gammachiiseera. Gammachuun isaaniis utuu walirraa hin kutin Yihowaa jajachuuf isaan kakaaseera. (Luq. 24:52, 53; HoE. 5:42) Fakkeenya barattoota Yesuus hordofuun jireenya keenya keessatti Mootummaa Waaqayyootiif dursa kennuu gaafata. Yihowaa tajaajiluu keenya itti fufuuf jabaannee dhaabbachuun kan nu barbaachisu taʼus, jireenya keenya keessatti akkas yoo goone inni akka nu eebbisu waadaa nuuf galeera.—Fak. 10:22. w23.01 30-31 key. 15-16
Dubbisa Kitaaba Qulqulluu tibba Ayyaana Yaadannoo: (Wantoota Niisaan 16 guyyaa raawwataman) Maarqos 16:2-8
Kamisa, Bitootessa 28
Biyyootti ni deebita.—Uma. 3:19.
Nuti dogoggora Addaamii fi Hewaan raawwatan raawwachuu akka hin barbaanne beekamaadha. Dogoggora akkasii raawwachuurraa fagaachuu kan dandeenyu waaʼee Yihowaa, waaʼee amalawwan isaa fi akkaataa inni itti yaadu barachuu keenya yoo itti fufnedha. Yeroo akkas goonu jaalalli Yihowaadhaaf qabnu ni guddata. Mee waaʼee Abrahaam haa ilaallu. Abrahaam Yihowaadhaaf jaalala guddaa qaba ture. Yeroo murtoo Yihowaa hubachuun isatti ulfaatee turettillee hin fincille. Kanaa mannaa, Yihowaa caalaatti beekuuf carraaqqii godhe. Fakkeenyaaf, Yihowaan Sodoomii fi Gomoraa balleessuuf akka murteesse yeroo beeketti jalqabarratti, ‘“Abbaan murtii guutummaa lafaa” nama qajeelaa isa hamaa wajjin ni balleessaa laata?’ jedhee sodaatee ture. Abrahaam kun matumaa wanta taʼuu hin dandeenye akka taʼe waan yaadeef, gad of qabuudhaan Yihowaa gaaffilee garaa garaa gaafateera. Yihowaanis obsaan deebii isaaf kenneera. Dhumarratti, Abrahaam Yihowaan garaa nama hundumaa akka qoruu fi matumaa nama balleessaa hin qabne nama hamaa wajjin akka hin adabne hubateera.—Uma. 18:20-32. w22.08 28 key. 9-10
Jimaata, Bitootessa 29
Namni amanamaan . . . iccitii eega.—Fak. 11:13.
Dhaloota Kiristoos Dura bara 455tti Nahimiyaan inni bulchaa ture dallaawwan Yerusaalem erga ijaaree booda namoota amanamoo magaalattiidhaaf eegumsa godhan barbaadaa ture. Namoota Nahimiyaan filate keessaa tokko ajajaa Dallaa Dhagaa kan taʼe Hanaaniyaa ture. Kitaabni Qulqulluun Hanaaniyaan “namoota kaan hundumaa caalaa nama baayʼee amanamaa taʼee fi Waaqa dhugaa sodaatu” akka taʼe dubbata. (Nah. 7:2) Hanaaniyaan Yihowaadhaaf jaalala qabaachuun isaa fi akka isa hin gaddisiisne sodaachuun isaa hojii isaaf kenname kamiyyuu hojjechuuf isa kakaaseera. Amaloonni kun tajaajila Yihowaa keessatti amanamoo taʼuuf nu gargaaru. Mee amma immoo fakkeenya Tikiqoos isa Phaawulosiif michuu amanamaa turee haa ilaallu. Phaawulos, Tikiqoos “tajaajilaa . . . amanamaa” akka taʼetti ibsuudhaan akka isatti amanamu argisiiseera. (Efe. 6:21, 22) Obboloota Efesoonii fi Qolosaayis keessa jiraniif xalayaa akka geessu qofa utuu hin taʼin, akka isaan jajjabeessus isatti amanameera. Tikiqoos obboloota amanamoo yeroo harʼaatti karaa hafuuraa kunuunsa nuuf godhan nu yaadachiisa.—Qol. 4:7-9. w22.09 9-10 key. 5-6
Sanbadduraa, Bitootessa 30
Jaalalli cubbuu hedduu ni haguuga. —1 Phe. 4:8.
Yoseef waggaa 13f rakkoowwan ciccimoon isa mudataniiru. Yeroo kanatti Yoseef Yihowaan akka isa jaallatu shakkuu dandaʼa ture. Yeroo gargaarsi isaa isa barbaachisutti akka isarraa fagaatettis yaaduu dandaʼa ture. Taʼus, Yoseef gaddaan hin liqimfamne. Kanaa mannaa, tasgabbaaʼuudhaan dandeettii hubannaa isaa eeggateera. Obboloota isaarratti haaloo baʼuuf yeroo carraa argatetti akkas gochuurraa of qusateera; darbees jaalala isaanitti argisiiseera, akkasumas dhiifama isaaniif godheera. (Uma. 45:4, 5) Yoseef amala akkasii kan argisiise sirriitti yaaduu waan dandaʼeefi. Rakkina isa mudaterratti xiyyeeffachuu mannaa, dhimma isa guddaarratti, jechuunis kaayyoo Yihowaarratti xiyyeeffateera. (Uma. 50:19-21) Kanarraa maal baranna? Warri kaan wanta si miidhu raawwataniiru taanaan, Yihowaatti hin mufatin ykn ‘Na dhiiseeraa laata?’ jettee hin yaadin. Kanaa mannaa, qorumsa si mudachaa jiru akka dandamattu si gargaaraa kan jiru akkamitti akka taʼe xiinxali. Kana malees, yeroo warri kaan si miidhanitti balleessaa isaanii jaalalaan irra darbuuf yaali. w22.11 21 key. 4
Dilbata, Bitootessa 31
Mootummoonni hundis isaan ni tajaajilu, akkasumas isaaniif ni ajajamu.—Dan. 7:27.
Daaniʼel raajichi mulʼata isaarratti aangoon Yihowaa aangoo hundumaarra baayʼee akka caalu ifatti argeera. Jalqabarratti Daaniʼel bineensota guguddaa mootummoota addunyaa kanaan duraa fi yeroo ammaa jiran argisiisan afur argeera; isaanis Baabilon, Meedo Faarsi, Giriik, Roomaa fi Angiloo Ameerikaa isa yeroo harʼaatti bulchaa jirudha. (Dan. 7:1-3, 17) Sanatti aansuudhaan Daaniʼel Yihowaan teessoo mana murtii samii keessatti argamurra taaʼee akka jiru argeera. (Dan. 7:9, 10) Waaqayyo mootummoota ilmaan namootaarraa bulchiinsa hundumaa fuudhee qaamota isaaniif maluu fi isaan caalaa humna qabaniif kenna. Qaamonni kun eenyufaʼi? “Ilma namaa kan fakkaatu” Yesuus Kiristoosii fi “[qulqulloota] kan Isa Hundumaa Gararraa taʼan” 144,000 warra “baraa hamma bara baraatti” bulchanidha. (Dan. 7:13, 14, 18) Ifatti hubachuu akka dandeenyutti Yihowaan “Isa Hundumaa Gararraa” jedhamuun isaa sirriidha. Wanti Daaniʼel arge wanta dursee dubbatame wajjin kan wal simudha. Daaniʼel, “[Waaqni samii] mootota iddoo isaaniitii ni kaasa, ni muudas” jedheera.—Dan. 2:19-21. w22.10 14-15 key. 9-11