Guraandhala
Kamisa, Guraandhala 1
Akkuman isin jaalladhe isinis wal jaalladhaa.—Yoh. 15:12.
Yaanni caqasa guyyaa harʼaarra jiru maal jechuudha? Akkuma Yesuus itti aansuudhaan ibsetti, jaalalli akkasii jaalala fedhii ofii aarsaa gochuu gaafatuu fi barbaachisaa taanaan obboloota keenyaaf lubbuu keenyallee dabarsinee akka kenninu nu kakaasudha. Dubbiin Waaqayyoo jaalalli baayʼee barbaachisaa taʼuu isaa barsiisa. Namoonni baayʼeen caqasoota Kitaaba Qulqulluu kanneen armaan gadii ni jaallattu: “Waaqayyo jaalala.” (1 Yoh. 4:8) “Nama akka ofii keetti jaalladhu.” (Mat. 22:39) “Jaalalli cubbuu hedduu ni haguuga.” (1 Phe. 4:8) “Jaalalli matumaa hin badu.” (1 Qor. 13:8) Caqasoonni kunii fi kan biroon amala baayʼee bareedaa taʼe kana horachuu fi argisiisuun baayʼee barbaachisaa akka taʼe ibsu. Jaalalli dhugaan Yihowaa biraa dhufa; jaalala dhugaa akkasii qabaachuu kan dandaʼan warra hafuura Yihowaa fi eebba isaa argatan qofadha. (1 Yoh. 4:7) Yesuus jaalalli ofittummaarraa walaba taʼe duuka buutota isaa warra dhugaa adda baasee akka beeksisu kan dubbate kanaafi. Akkuma Yesuus dursee dubbatetti jaalala dhugaa barattoonni isaa walitti argisiisaniin kan kaʼe namoonni baayʼeen duuka buutota isaa warra dhugaa adda baasanii beekuu dandaʼaniiru. w23.03 27-28 key. 5-8
Jimaata, Guraandhala 2
Cubbuun kee siif dhiifameera.—Luq. 7:48.
Caalaatti warra kaaniif dhiifama gochuu irratti fooyyaʼiinsa gochuu barbaaddaa? Tarii Kitaaba Qulqulluu irraa waaʼee namoota tolaan dhiifama godhanii fi waaʼee namoota dhiifama gochuu didanii dubbisuu fi irratti xiinxaluudhaan jalqabda taʼa. Mee fakkeenya Yesuus haa ilaallu. Yesuus fedhii isaatiin warra kaaniif dhiifama godheera. (Luq. 7:47) Kana malees, dogoggora isaan raawwatan irratti utuu hin taʼin, wanta gochuu dandaʼan irratti xiyyeeffateera. Faallaa kanaatiin, Fariisonni bara Yesuusitti turan ‘warra kaan ni tuffatu’ turan. (Luq. 18:9) Fakkeenya Yesuus irratti erga xiinxaltee booda, ‘Warra kaaniif ilaalcha akkamiin qaba? Amala isaanii isa kam irrattin xiyyeeffadha?’ jedhii of gaafadhu. Nama tokkoof dhiifama gochuun yoo si rakkise amaloota gaggaarii inni qabu hundumaa barreeffachuuf yaali. Achiis, ‘Yesuus nama kanaaf ilaalcha akkamii qaba? Dhiifama isaaf ni godhaa?’ jedhii of gaafadhu. Akka kanaan qorannaa gochuun ilaalcha keenya sirreessuuf nu gargaaruu dandaʼa. Jalqaba irratti, nama nu mufachiise tokkoof dhiifama gochuun carraaqqii gochuu nu gaafachuu dandaʼa. Carraaqqii gochuu keenya yoo itti fufne garuu, yeroo booda dhiifama gochuuf caalaatti fedhii qabaanna. w22.04 23 key. 6
Sanbadduraa, Guraandhala 3
Maleekaa isaa ergee karaa isaa mallattoowwaniin . . . [mulʼata] isaa . . . mulʼise.—Mul. 1:1.
Kitaaba Mulʼataa keessatti, waaʼeen bineensota diinota Waaqayyoo argisiisanii ibsameera. Fakkeenyaaf, ‘bineensi tokko galaanicha keessaa akka ol baʼe’ ibsameera. Bineensi kun “gaanfa kudhanii fi mataa torba” qaba. (Mul. 13:1) Bineensa kana boodammoo, “bineensi kan biraan lafa keessaa [ol baʼe].” Bineensi kun akka jawweetti dubbata, akkasumas “ibidda samii irraa gara lafaatti gad [buusa].” (Mul. 13:11-13) Sana boodammoo, ‘bineensi diimaan’ sagaagaltuun takka irra teessee jirtu ibsameera. Bineensonni sadan kun diinota Yihowaa fi Mootummaa isaa yeroo dheeraadhaaf mormaa turan bakka buʼu. Kanaafuu, bineensonni kun maal akka argisiisan beekuun keenya barbaachisaadha. (Mul. 17:1, 3) Mallattoowwan kun maal akka argisiisan beekuu qabna. Kana hubachuuf ibsa Kitaabni Qulqulluun kennu haa ilaallu. Mallattoowwan kitaaba Mulʼataa keessatti argaman hedduun kitaabota Kitaaba Qulqulluu kan biroo keessatti ibsamaniiru. w22.05 8-9 key. 3-4
Dilbata, Guraandhala 4
Waaqa kee Yihowaa garaa kee guutuudhaan . . . jaalladhu.—Mat. 22:37.
Tajaajiltoonni Yihowaa tokko tokko yeroo sababa umuriitiin ykn sababa fayyaatiin haalli isaanii jijjiiramu itti baruun isaanitti ulfaata. Yeroo tokko tokko haala si daangessu tokkoon kan kaʼe abdii kan kutattu yoo taʼe, ‘Yihowaan maal narraa barbaada?’ jedhii of gaafadhu. Yihowaan haalli amma keessa jirtu maal iyyuu yoo taʼe wantuma dandeessu akka gootu barbaada. Mee fakkeenya tokko haa ilaallu: Obboleettiin waggaa 80 takka wanta yeroo umurii ishii waggaa 40tti raawwachaa turte yaadachuudhaan, hamma yeroo sanaa tajaajila irratti hirmaachuu waan hin dandeenyeef abdii kutatte. Wanta dandeessu hunda gochaa kan jirtu taʼus, Yihowaa gammachiisuu akka hin dandeenye ishiitti dhagaʼama. Garuu kun dhugaa dhaa? Mee yaadi. Obboleettiin tun yeroo waggaa 40 turtetti wanta dandeessu gooteetti erga taʼee, amma yeroo umuriin ishii waggaa 80 taʼettis wanta dandeessu gochaa jirti; kana jechuun wanta dandeessu hunda gochuu ishii hin dhiisne jechuu dha. Wanta dandeenyu hamma goonetti Yihowaan, “Baʼeessa goote!” nuun jedha. (Maatewos 25:20-23 wajjin walbira qabii ilaali.) Wanta gochuu hin dandeenye irratti utuu hin taʼin, wanta gochuu dandeenyu irratti kan xiyyeeffannu yoo taʼe gammachuu keenya eeggachuu dandeenya. w22.04 10 key. 2; 11 key. 4-6
Wiixata, Guraandhala 5
Magaalaa [qulqulluu], Yerusaalem Haaraa . . . nan arge.—Mul. 21:2.
Itti aansuudhaan, Mulʼanni boqonnaan 21 warra 144,000 fi magaalaa bareedduu “Yerusaalem Haaraa” jedhamtu wal bira qabee ibsa. Magaalaan kun dhagoota buʼuuraa 12 qabdi; dhagoota kanarratti “maqaawwan 12n ergamoota Hoolichaa 12anii” barreeffameera. (Mul. 21:10-14; Efe. 2:20) Magaalaan kun magaalota kaan irraa baayʼee adda dha. Magaalattiin daandii guddaa warqii qulqulluurraa tolfame tokko, karrawwan calleerraa tolfaman 12, akkasumas dallaa fi buʼuura dhagoota gatii guddaa qabaniin miidhagfame qabdi; dalgi ishii fi ol dheerinni ishiis wal qixadha. (Mul. 21:15-21) Taʼus, Yohaannis wanti hafe tokko akka jiru hubatee ture. Yohaannis itti aansuudhaan akkana jedheera: “Waaqni keenya Yihowaan Inni Hundumaa Dandaʼuu fi Hoolichi mana qulqullummaa ishii waan taʼaniif, ani ishii keessatti mana qulqullummaa hin argine. Ulfinni Waaqayyoo waan ishiidhaaf ibsuuf, Hoolichis ibsaa ishii waan taʼeef, aduunis taate addeessi ishiidhaaf ibsuun isaan hin barbaachisu.” (Mul. 21:22, 23) Warri kutaa Yerusaalem Haaraa taʼan Yihowaa wajjin taʼu.—Ibr. 7:27; Mul. 22:3, 4. w22.05 17-18 key. 14-15
Kibxata, Guraandhala 6
Wal dandaʼuu fi tola waliif dhiisuu keessan itti fufaa. Akkuma Yihowaan tola isiniif dhiise, isinis tola waliif dhiisaa.—Qol. 3:13.
Yihowaan Uumaa keenya, seera kan nuuf kennuu fi Abbaa Murtii keenya qofa utuu hin taʼin, Abbaa jaalala qabeessadha. (Far. 100:3; Isa. 33:22) Yeroo isarratti cubbuu hojjennuu fi garaadhaa yaada geddarannu dhiifama nuu gochuuf dandeettii qofa utuu hin taʼin, fedhii guddaas qaba. (Far. 86:5) Yihowaan karaa Isaayyaas raajichaa, “Cubbuun keessan diimaa dhiiga fakkaatu yoo taʼe illee, akkuma cabbii adii ni taʼa” jedheera. (Isa. 1:18) Cubbamoota waan taaneef wanta warra kaan mufachiisu dubbachuu fi raawwachuu dandeenya. (Yaq. 3:2) Kana jechuun garuu namoota wajjin walitti dhufeenya cimaa qabaachuu hin dandeenyu jechuu miti. Warra kaaniif dhiifama gochuu yoo baranne isaan wajjin walitti dhufeenya cimaa qabaachuu dandeenya. (Fak. 17:9; 19:11; Mat. 18:21, 22) Namni tokko wanta nu miidhu yoo dubbate ykn yoo raawwate Yihowaan dhiifama akka goonu barbaada. Akkas gochuuf sababa gaarii qabna. Yihowaan “dhiifamni isaa guddaa” waan taʼeef tolaan dhiifama nuuf godha.—Isa. 55:7. w22.06 8 key. 1-2
Roobii, Guraandhala 7
Fakkeenya warra amantii fi obsaan abdii sana dhaalanii [hordofaa].—Ibr. 6:12.
Warra kaanii wajjin wal bira of qabuu irraa fagaachuu kan qabnu taʼus, fakkeenya namoota amanamoo irraa barachuu dandeenya. Fakkeenyaaf, Yesuus irraa wanta hedduu baranna. Nuti akka isaa cubbuu irraa walaba taʼuu baannus, amaloota isaa fi wantoota gaggaarii inni raawwate irraa barachuu ni dandeenya. (1 Phe. 2:21) Hamma nuuf dandaʼametti fakkeenya isaa hordofuuf carraaqqii kan goonu yoo taʼe, karaa caalaatti fooyyaʼaa taʼen Yihowaa tajaajiluu dandeenya. Dubbii Waaqayyoo keessaa seenaawwan dhiirotaa fi dubartoota amanamoo mudaa qabaatanis fakkeenya nuuf taʼanii hedduu arganna. Mee waaʼee Daawit Mootichaa yaadi; Yihowaan Daawitiin ilaalchisee, “Nama akka garaa koo taʼe” jedheera. (HoE. 13:22) Taʼus, Daawit cubbuuwwan ciccimoo illee raawwateera. Taʼus, fakkeenya gaarii nuuf taʼa. Akkana kan jennu maaliifi? Sababiin isaas, balleessaa isaatiif sababa dhiheessuuf hin yaalle. Kanaa mannaa, gorsa cimaa isaaf kenname fudhateera, akkasumas gocha isaatti garaadhaa akka gaabbe argisiiseera. Kanaan kan kaʼes, Yihowaan dhiifama isaaf godheera.—Far. 51:3, 4, 10-12. w22.04 13 key. 11-12
Kamisa, Guraandhala 8
Namni lubbuu isaatiif jedhee wanta qabu hundumaa ni kenna.—Iyo. 2:4.
Kitaabni qulqulluun duuti diina akka taʼe dubbata. (1 Qor. 15:25, 26) Keessumaa yeroo baayʼee dhukkubsannu ykn namni jaallannu yeroo baayʼee dhukkubsatu waaʼee duʼaa yaaduun nu dhiphisuu dandaʼa. Duʼa kan sodaannu maaliifi? Yihowaan bara baraaf jireenyatti akka gammannu godhee waan nu uumeefi. (Lal. 3:11) Duʼa sodaachuun keenya jireenya keenya balaarraa eeguuf nu gargaaruu dandaʼa. Nyaata madaalamaa akka nyaannuu fi sochii qaamaa akka goonu, yeroo barbaachisutti mana yaalaa akka deemnu, akkasumas utuu hin barbaachisin lubbuu keenya balaadhaaf akka hin saaxille nu kakaasuu dandaʼa. Seexanni jireenya keenyaaf iddoo guddaa akka kenninu beeka. Inni lubbuudhaan jiraachuuf jennee michummaa Yihowaa wajjin qabnullee aarsaa akka goonu dubbateera. (Iyo. 2:5) Wanti Seexanni dubbate sobadha. Taʼus, inni, “isa duʼa fiduuf humna qabu sana” waan taʼeef, Yihowaa akka dhiisnu gochuuf sodaa uumamaan qabnu kanatti fayyadamuuf yaala.—Ibr. 2:14, 15. w22.06 18 key. 15-16
Jimaata, Guraandhala 9
Utuu aartanii jirtanii aduun isinitti hin lixin.—Efe. 4:26.
Yeroo dhorkaan jiraatutti walitti qabamuu kan dandeenyu obboloota keenya muraasa qofaa wajjin taʼuu dandaʼa. Kanaafuu, yoomiyyuu caalaa yeroo akkasiitti nagaa keenya eeggachuun keenya barbaachisaadha. Obboloota keessan utuu hin taʼin Seexana lolaa. Dogoggora obboloonni kee hojjetan irra isaaniif darbuuf yaali, akkasumas walitti buʼiinsa gidduu keessanitti uumamu hundumaatiif hatattamaan furmaata kennuuf yaali. (Fak. 19:11) Warra kaan gargaaruuf dursa fudhadhu. (Tit. 3:14) Gareen tajaajilaa tokko obboleettii gargaarsi barbaachisu tokko gargaaruun isaanii guutummaa garee tajaajilaa tokkorratti dhiibbaa gaarii godheera. Obboloonni garee sana keessatti tajaajilan akkuma maatiitti baayʼee walitti dhihaataniiru. (Far. 133:1) Obboloonni keenya kuma kudhaniin lakkaaʼaman dhorkaan mootummaa jiraatus Yihowaa tajaajilaa jiru. Isaan keessaa tokko tokko sababii amantii isaaniitiin hidhamaniiru. Isaaniifis taʼe maatiiwwan isaaniitiif, akkasumas obboloota bilisummaa isaanii balaadhaaf saaxilanii karaa hafuuraa, karaa qaamaa fi gama seeraatiin isaan gargaaraniif kadhachuu dandeenya. (Qol. 4:3, 18) Humna kadhannaan kee qabu salphistee hin ilaalin.—2 Tas. 3:1, 2; 1 Xim. 2:1, 2. w22.12 26-27 key. 15-16
Sanbadduraa, Guraandhala 10
Ati inni nama kan biraa barsiistu, of hin barsiistuu?—Rom. 2:21.
Ijoolleen yeroo baayʼee fakkeenya warra isaanii hordofu. Abbaan ykn haati mudaa hin qabne hin jiran. (Rom. 3:23) Taʼus, warri ogeeyyii taʼan ijoollee isaaniitiif fakkeenya gaarii taʼuuf wanta isaaniif dandaʼame hunda godhu. Abbaan tokko akkana jedheera: “Akkuma ispoonjii waan hundumaa ofitti fudhatu. Wanti goonu wanta isaan barsiisuuf yaallu wajjin yeroo wal hin simnetti nutti himu.” Kanaafuu, ijoolleen keenya Yihowaa akka jaallatan yoo barbaanne, jaalalli nuti isaaf qabnu cimaa fi ifatti kan mulʼatu taʼuu qaba. Warri karaa hedduudhaan ijoollee isaanii waaʼee Yihowaa barsiisuu dandaʼu. Obboleessi waggaa 17 Andiriwu jedhamu akkana jedheera: “Warri koo kadhannaan baayʼee barbaachisaa akka taʼe yeroo hunda na barsiisu. Yeroo hunda galgala galgala dursee kophaa koo kanan kadhadhe yoo taʼellee abbaan koo na wajjin kadhata. . . . Amma gara Yihowaatti kadhannaa dhiheessuunii fi akka Abbaa jaalala qabeessa taʼeetti isa ilaaluun natti hin ulfaatu.” Warri, jaalalli isin Yihowaadhaaf qabdan ijoolleen keessanis akka isa jaallatan isaan gargaaruu akka dandaʼu hin dagatinaa. w22.05 28 key. 7-8
Dilbata, Guraandhala 11
Cuuphaan . . . amma isin fayyisaa jira.—1 Phe. 3:21.
Wantoota jalqabarratti gochuun nu barbaachisu keessaa tokko cubbuu keenyarraa garaadhaa yaada geddarachuudha. (HoE. 2:37, 38) Garaadhaa yoo yaada geeddaranne jijjiirama guddaa goona. Halalummaa, tamboo xuuxuu, dubbii gadhee dubbachuu fi arrabsoo dabalatee wantoota Yihowaa gaddisiisan dhiisteettaa? (1 Qor. 6:9, 10; 2 Qor. 7:1; Efe. 4:29) Jijjiirama gochuuf carraaquu kee itti fufi. Nama Kitaaba Qulqulluu si qoʼachiisu haasofsiisi ykn jaarsolii gumii gargaarsa gaafadhu. Mucaa warra kee wajjin jiraattu yoo taatemmoo, barsiifata gadhee akka hin cuuphamne gufuu sitti taʼu kamiyyuu moʼuuf akka si gargaaran warra kee gaafadhu. Barsiifata hafuuraa gaarii qabaachuunis barbaachisaadha. Kunis walgaʼiiwwan Kiristiyaanaarratti argamuu fi hirmaannaa gochuu dabalata. (Ibr. 10:24, 25) Tajaajiluuf ulaagaa barbaachisu guutteetta taanaan, yeroo hunda tajaajilarratti hirmaachuuf carraaqqii godhi. w23.03 10-11 key. 14-16
Wiixata, Guraandhala 12
Yihowaan bofichaan akkana jedhe: “Ati kana waan gooteef . . . kan abaaramte ni taata.”—Uma. 3:14.
Qaamonni Uumama 3:14, 15 irratti galmeeffaman “bofichaa” fi “sanyii” bofichaa kan dabaltu dha. Bofni tokko wanta Yihowaan iddoo biqiltuu Eedan keessatti dubbate hubachuu hin dandaʼu. Kanaafuu, Yihowaan murtii kan dabarse uumama yaaduu dandaʼurratti akka taʼe ifadha. Uumamni kun eenyu? Mulʼanni 12:9 eenyummaa bofa kanaa ifatti dubbata. Caqasa kanarratti “bofti inni jalqabaa” Seexana isa Diyaabilos jedhame akka taʼe ibsameera. Kitaabni Qulqulluun yeroo tokko tokko jecha sanyii jedhu warra qaama tokko baayʼee fakkaachuu isaaniitiin kan kaʼe akkuma ijoollee isaatti ilaalamuu dandaʼan argisiisuuf itti fayyadama. Kanaafuu, sanyiin bofichaa uumamawwan hafuuraa fi namoota akkuma Seexanaa Yihowaa fi saba isaa morman kan argisiisudha. Gareen kun maleekota bara Nohitti iddoo samii keessatti qaban dhiisan, akkasumas namoota hamoo amala abbaa isaanii Diyaabilos calaqqisiisan kan dabalatudha.—Uma. 6:1, 2; Yoh. 8:44; 1 Yoh. 5:19; Yih. 6. w22.07 14-15 key. 4-5
Kibxata, Guraandhala 13
Wantoota caalaatti barbaachisoo taʼan adda [baasaa beekaa].—Filp. 1:10.
Phaawulos ergamaan obboloota isaa baayʼee jaallata ture. Innis qorumsa garaa garaa keessa waan darbeef, obboloota qorumsa keessa jiraniif garaa ni laafa, akkasumas isaaniif gadda. Yeroo tokko Phaawulos maallaqni jalaa dhumee waan tureef ofii isaas taʼe obboloota isa wajjin tajaajilan gargaaruuf hojii hojjechuun isa barbaachisee ture. (HoE. 20:34) Phaawulos hojii dunkaana hodhuu hojjechuu ni dandaʼa ture. Yeroo gara Qorontos deemetti jalqabarratti Aqiilaa fi Phirisqiilaa wajjin hojii dunkaana hodhuu hojjeta ture. Haa taʼu malee, “yeroo hundumaa guyyaa sanbataa” Yihudootaa fi Giriikotaaf lallaba ture. Boodas Siilaasii fi Ximotewos gara isaa yeroo dhufan “Phaawulos guutummaatti dubbicha lallabuudhaan qabame.” (HoE. 18:2-5) Phaawulos jireenya isaa keessatti kaayyoo isaa isa guddaa, jechuunis Yihowaa tajaajiluu matumaa dagatee hin beeku. Jabaatee waan hojjetuuf obboloota isaa jajjabeessuu dandaʼeera. Rakkinni jireenya keessatti isaan mudatuu fi carraaqqiin wanta maatii isaaniitiif barbaachisu dhiheessuuf godhan “wantoota caalaatti barbaachisoo taʼan,” jechuunis waaqeffannaa Yihowaadhaaf dhiheessan akka isaan dagachiisu akka hin heyyamne isaan yaadachiiseera. w22.08 20 key. 3
Roobii, Guraandhala 14
Saba hundumaatiif misiraachoon lallabamuu qaba.—Mar. 13:10.
Yeroo harʼaatti fedhiin Waaqayyoo misiraachoon Mootummichaa guutummaa lafaarratti akka lallabamudha. (1 Xim. 2:3, 4) Kun hojii Yihowaati. Hojiin kun baayʼee barbaachisaa waan taʼeef, Yihowaan hojii kana akka geggeessuuf Ilma isaa isa jaallatamaa filateera. Yesuus nu geggeessaa waan jiruuf, hojiin lallabaa dhumni dhufuu isaa dura akka Yihowaan barbaadutti akka xumuramu mirkanaaʼoo taʼuu dandeenya. (Mat. 24:14) Kana mirkanaaʼoo taʼuu kan dandeenyu akkamitti? Yesuus gara samii deemuu isaa yeroo muraasa dura gaara Galiilaa keessatti argamu tokkorratti duuka buutota isaa amanamoo taʼan muraasa wajjin wal argee ture. “Samii fi lafa irratti aangoon hundi anaaf kennameera” isaaniin jedhe. Itti aansuudhaan maal akka isaaniin jedhe hubadhaa: “Kanaafuu, dhaqaatii saboota hundumaa keessaa namoota barattoota koo godhaa.” (Mat. 28:18, 19) Kanarraa akka hubannutti, aangoo Yesuusiif kenname keessaa tokko hojii lallabaa geggeessuudha. Hojiin lallabaa sun geggeessaa Yesuus jalatti hanga harʼaatti raawwatamuu isaa itti fufeera. w22.07 8 key. 1, 3; 9 key. 4
Kamisa, Guraandhala 15
Saʼaatiin warri awwaala yaadannoo keessa jiran hundi sagalee isaa itti dhagaʼan ni dhufa; warri wanta gaarii hojjetan duʼaa kaʼuu jireenyaatiif . . . awwaala keessaa ni baʼu.—Yoh. 5:28, 29.
Qajeelonni duʼuu isaanii dura wanta gaarii hojjetan maqaan isaanii kitaaba jireenyaa keessatti waan argamuuf “duʼaa kaʼuu jireenyaa” argatu. Kana jechuun duʼaa kaʼuun ‘warra wanta gaarii hojjetanii’ fi Yohaannis 5:29 irratti ibsame duʼaa kaʼuu ‘qajeelotaa’ Hojii Ergamootaa 24:15 irratti ibsame wajjin tokko dha. Hubannaan kun yaada Roomaa 6:7 irratti argamuu fi “Namni duʼe cubbuu isaa irraa bilisa baʼeera” jedhu wajjin wal sima. Cubbuun qajeelonni kun raawwatan yeroo duʼanitti isaaniif haqameera. Gochi amanamummaa isaan raawwatan garuu yaadatamuu isaa itti fufa. (Ibr. 6:10) Haa taʼu malee, qajeelonni duʼaa kaafaman kun maqaan isaanii kitaaba jireenyaa keessaa akka hin balleeffamneef amanamoo taʼanii itti fufuu qabu. w22.09 18 key. 13, 15
Jimaata, Guraandhala 16
Wanti Waaqayyo godhu [hundi] kan amanamu dha.—Far. 33:4.
Daaniʼel raajichi amanamaa taʼuurratti fakkeenya guddaa nuuf taʼa. Boojuudhaan gara Baabilonitti fudhatamee utuma baayʼee hin turin, amanamaa taʼuu isaa argisiiseera. Yommuu gargaarsa Yihowaatiin abjuu Nebukadnezaar isa mootii Baabilon taʼee hiikettimmoo namoonni caalaatti isa amananiiru. (Dan. 4:20-22, 25) Waggoota hedduu boodas Daaniʼel amanamaa taʼuu isaa argisiiseera; Baabilon keessatti ergaa iccitii girgiddaa mana mootiirratti barreeffame sirriitti hiikeera. (Dan. 5:5, 25-29) Boodas Daariyos inni nama Medoon taʼee fi abbootiin taayitaa isaa “hafuurri adda taʼe isa keessa [akka] jiru” hubataniiru. Daaniʼel “amanamaa, kan hin dhiboofnee fi balleessaa tokko illee kan hin qabne” akka taʼe ifatti hubataniiru. (Dan. 6:3, 4) ‘Nama amanamuu dandaʼu akka taʼettan ilaalamaa?’ jennee of haa gaafachuun keenya gaariidha. Amanamoo taʼuun keenya Yihowaadhaaf ulfina fida. w22.09 8-9 key. 2-4
Sanbadduraa, Guraandhala 17
Ijoollee jaallatamoo waan taataniif, Waaqayyoon kan fakkaattan taʼaa. —Efe. 5:1.
Ulaagaalee Yihowaan wanta sirrii fi dogoggora taʼe ilaalchisee baasee hordofuun faayidaa nuuf argamsiisa. Akkas kan jennu maaliifi? Fakkeenyaaf, baankiin hundi utuu gatii sharafaa ofii isaatii murteessee ykn dhaabbanni ijaarsaa hundi ulaagaa ijaarsaa mataa isaa utuu baafatee wanta uumamu tilmaamuu dandeessa. Rakkina guddaatu uumama. Ogeeyyiin fayyaas ulaagaalee yaalii fayyaa isaaniif kenname hin hordofan taanaan dhukkubsattoonni tokko tokko duʼaaf saaxilamu. Akkuma ifatti hubannutti, ulaagaaleen amansiisoon eegumsa nuuf godhu. Haaluma wal fakkaatuun, ulaagaaleen Waaqayyo wanta sirrii fi dogoggora ilaalchisee baases eegumsa nuuf godhu. Yihowaan namoota ulaagaalee isaatiin jiraachuuf carraaqan ni eebbisa. “Qajeelonni lafa ni dhaalu, bara baraafis ishii irra ni jiraatu” jechuudhaan waadaa galeera. (Far. 37:29) Namoonni hundi ulaagaalee Yihowaa yeroo hordofanitti tokkummaa, nagaa fi gammachuu ilmaan namootaa qabaatan tilmaamuu dandeessaa? Yihowaan jireenya akkasii akka qabaattu barbaada. Hundi keenyayyuu qajeelummaa jaallachuuf sababii gaʼaa qabna. w22.08 27-28 key. 6-8
Dilbata, Guraandhala 18
Wantoota hundumaa keessatti dandeettii hubannaa kee eeggadhu.—2 Xim. 4:5.
Yommuu rakkinni garaa garaa nu mudatu amanamummaan Yihowaa fi jaarmiyaa isaatiif qabnu qoramuu dandaʼa. Maarree, rakkina nu mudatu dandamachuu kan dandeenyu akkamitti? Amantiitti cimnee dhaabbachuudhaan dandeettii hubannaa keenya eeggachuu fi dammaqoo taanee itti fufuu qabna. Dandeettii hubannaa keenya eeggachuuf tasgabbaaʼuu, sirriitti yaaduu fi wantoota garaa garaatiif ilaalcha Yihowaa qabaachuuf carraaqqii gochuu qabna. Akkas kan goonu yoo taʼe, miirri keenya yaada keenya hin toʼatu. Obboleessi tokko tarii immoo namni itti gaafatamummaa qabu tokko akka nu miidhe nutti dhagaʼama taʼa. Obboleessi sun wanta sana kan godhe si miidhuuf yaadee taʼuu dhiisuu dandaʼa. (Rom. 3:23; Yaq. 3:2) Taʼus, wanti inni godhe si aarsee taʼuu dandaʼa. Tariimmoo, ‘Obboleessi tokko wanta akkasii kan raawwatu taanaan, kun dhuguma jaarmiyaa Waaqayyoo taʼuu dandaʼaa?’ jettee yaaddeetta taʼa. Seexannis akkas akka sitti dhagaʼamu barbaada. (2 Qor. 2:11) Ilaalcha akkasii qabaachuun Yihowaa fi jaarmiyaa isaarraa nu fageessuu dandaʼa. Kanaafuu garmalee akka hin mufanne of eeggachuu qabna. w22.11 20 key. 1, 3; 21 key. 4
Wiixata, Guraandhala 19
Yihowaa abdadhu.—Far. 27:14.
Yihowaan abdii jireenya bara baraa nuuf kenneera. Nu keessaa namoonni tokko tokko samiirra uumama hafuuraa hin duune taʼanii bara baraaf jiraachuuf abdatu. (1 Qor. 15:50, 53) Baayʼeen keenya garuu fayyaa guutuu fi gammachuu qabaannee bara baraaf lafarra jiraachuuf abdanna. (Mul. 21:3, 4) Bara baraaf jiraachuuf kan abdannu samiirras taʼe lafarra abdii keenyaaf iddoo guddaa kennina. Yeroo gara fuulduraa ilaalchisee abdii kan arganne Yihowaa biraa waan taʼeef, abdiin keenya amansiisaadha. (Rom. 15:13) Wantoota inni waadaa nuuf gale beekna; waadaa gale yeroo hundumaa akka eegus beekna. (Lak. 23:19) Yihowaan waadaa gale raawwachuuf fedhiis taʼe humna waan qabuuf, waadaa gale akka eegu mirkanaaʼoodha. Abbaan keenya inni samii nu jaallata, akkasumas akka isatti amanamnu barbaada. Abdiin Yihowaarratti qabnu cimaa yoo taʼe qorumsa keessatti jabaannee dhaabbachuu, akkasumas gara fuulduraatti haalli akkamiiyyuu yoo nu mudate ija jabeeyyii taanee fi gammachuu qabaannee itti fufuu dandeenya. w22.10 24 key. 1-3
Kibxata, Guraandhala 20
Isaan saba fincilu . . . seera Yihowaa dhagaʼuuf fedhii hin qabne dha. —Isa. 30:9.
Isaayyaas sabichi Yihowaa dhagaʼuu waan dideef, Yihowaan rakkinni akka isaanirra gaʼu akka heyyamu raajii dubbateera. (Isa. 30:5, 17; Er. 25:8-11) Yommuu warri Baabilon boojuudhaan isaan fudhatanitti wanti taʼes kanuma. Haa taʼu malee, isaan keessaa Yihudoonni amanamoon tokko tokko waan jiraniif Isaayyaas Yihowaan gaaf tokko gara Yerusaalemitti akka isaan deebisu isaanitti hime. (Isa. 30:18, 19) Wanti taʼes kanuma. Yihowaan yeroon boojuudhaan itti jiraatan akka xumuramu godheera. Taʼus, bilisa kan baʼan yeruma sana hin turre. Yaanni, “Yihowaan . . . gaarummaa isinitti argisiisuuf obsaan eegaa jira” jedhu namoonni amanamoon bilisa baʼuu isaanii dura yeroon murtaaʼe akka darbu argisiisa. Namoonni lubbuudhaan oolan gara Yerusaalemitti akka deebiʼan isaaniif heyyamamuu isaa dura Israaʼelonni boojuudhaan Baabilon keessa waggaa 70 turaniiru. (Isa. 10:21; Er. 29:10) Gara biyya dhalootaa isaaniitti yeroo deebiʼan imimmaan gaddaa dhangalaasaa turan gara gammachuutti jijjiirameera. w22.11 9 key. 4
Roobii, Guraandhala 21
Warri qajeelummaadhaaf jedhanii ariʼataman gammadoo dha.—Mat. 5:10.
Yeroo harʼaatti, biyyoota hedduutti haalli obboloota keenya mudachaa jiru haala ergamoota jaarraa jalqabaatti turan mudate wajjin wal fakkaata; ergamoonni sun waaʼee Yesuus lallabuu isaaniitiin kan kaʼe ariʼatamaa turan. Abbootiin murtii mana murtii ol aanaa Yihudootaa, “maqaa Yesuusiin waan tokko iyyuu akka hin dubbanne yookiin akka hin barsiisne” irra deddeebiʼanii isaan ajajanii turan. (HoE. 4:18-20; 5:27, 28, 40) Haa taʼu malee, ergamoonni sun waaʼee Kiristoos ‘namootaaf akka lallabanii fi guutummaatti dhugaa akka baʼan kan isaan ajaje’ qaama aangoo hundarra caalu qabu akka taʼe beeku. (HoE. 10:42) Kanaafuu, Pheexirosii fi Yohaannis warri isaan bakka buʼanii dubbachaa turan, abbootii murtii sanaaf utuu hin taʼin Waaqayyoof akka ajajaman, akkasumas waaʼee Yesuus warra kaanitti himuu isaanii akka hin dhiisne ija jabinaan dubbatan. (HoE. 5:29) Amanamummaa isaanii eeguu isaaniitiin kan kaʼe erga reebamanii booda, “maqaa [Yesuusiif] jedhanii salphifamuu akka ulfinaatti lakkaaʼanii gammadaa” mana murtii ol aanaa Yihudootaa keessaa baʼan, akkasumas lallabuu isaanii itti fufan.—HoE. 5:41, 42. w22.10 12-13 key. 2-4
Kamisa, Guraandhala 22
Gama kootiin . . . Waaqayyotti dhihaachuun anaaf gaarii dha.—Far. 73:28.
Jalqabarratti waaʼee Yihowaa wantoota buʼuuraa qofa baranna. Phaawulos ergamaan xalayaa Ibrootaaf barreesserratti barumsa buʼuuraa kana “wantoota jalqabaa” jedhee ibseera. Phaawulos “barumsi jalqabaa” barbaachisaa miti jechaa hin jiru; kanaa mannaa, barumsa buʼuuraa aannan daaʼimman guddisutti fakkeesseera. (Ibr. 5:12; 6:1) Taʼus, barumsawwan buʼuuraa kanarra darbanii dhugaawwan gad fagoo dubbii Waaqayyoo keessatti argaman akka baratan Kiristiyaanota hunda jajjabeesseera. Barumsawwan Kitaabaa Qulqulluu gadi fageenya qaban barachuuf fedhii qabdaa? Guddina gochuu kee, akkasumas waaʼee Yihowaa fi kaayyoo isaa barachuu kee itti fufuuf hoo fedhii qabdaa? Haa taʼu malee, baayʼeen keenya qoʼachuun nutti ulfaata. Atoo akkami? Mana barumsaatti akka gaariitti dubbisuu fi qoʼachuu baratteettaa? Qoʼachuun si gammachiisaa? Qoʼannaa keerraa hoo faayidaa akka argatte sitti dhagaʼamaa? Moo kitaaba dubbisuun akka si hin gammachiisne sitti dhagaʼama? Taanaan, akkas kan itti dhagaʼamu si qofa miti. Taʼus, Yihowaan si gargaara. Inni barsiisaa mudaa hin qabnee fi hundarra caaludha. w23.03 9-10 key. 8-10
Jimaata, Guraandhala 23
Dubbicha isa isin keessa dhaabamee fi isin fayyisuu dandaʼu sana garraamummaadhaan fudhadhaa.—Yaq. 1:21.
Garraamii yoo taane, Dubbiin Waaqayyoo garaa keenya keessatti hidda akka fageeffatu ni heyyamna. Barumsi Kitaaba Qulqulluu waaʼee araaraa, gara laafinaa fi jaalalaa dubbatu jireenya keenyarratti jijjiirama fiduu kan dandaʼu warra kaan qeequu fi of tuuluurraa yoo fagaanne qofadha. Dubbiin Waaqayyoo jireenya keenyarratti jijjiirama akka fidu yoo heyyamne akkaataa warra kaan itti qabnurratti ni mulʼata. Fariisonni Dubbiin Waaqayyoo garaa isaanii akka tuqu waan hin heyyamneef, ‘namoota balleessaa hin qabne ni balaaleffatu’ turan. (Mat. 12:7) Haaluma wal fakkaatuun, ilaalchi warra kaaniif qabnuu fi akkaataan itti isaan qabnu Dubbiin Waaqayyoo jireenya keenyarratti jijjiirama akka fidu heyyamuu fi dhiisuu keenya argisiisa. Fakkeenyaaf, yeroo baayʼee waaʼee warra kaanii kan dubbannu wanta gaarii isaanirratti arginemoo dadhabina isaaniiti? Gara laafeyyii taʼuudhaan warra kaaniif dhiifama gochuuf qophaaʼoo taanamoo, warra kaan qeequu fi haaloo qabachuutu nutti salphata? Karaa kanaan of qoruun keenya wanti dubbisnu yaada, miiraa fi gocha keenyarratti jijjiirama akka fidu heyyamuu fi dhiisuu keenya hubachuuf nu gargaara.—1 Xim. 4:12, 15; Ibr. 4:12. w23.02 12 key. 13-14
Sanbadduraa, Guraandhala 24
Ani Waaqni kee Yihowaan, isa harka kee mirgaa qabee, “Hin sodaatin. Ani sin gargaara” siin jedhu sana dha.—Isa. 41:13.
Mee namicha biyya Armaatiyaa Yoseef jedhamu akka fakkeenyaatti haa ilaallu. Yihudoota biratti nama kabajamaa ture. Miseensa mana murtii olaanaa Yihudootaa Saanhediriin jedhamuu ture. Haa taʼu malee, yeroo Yesuus lafarratti tajaajilaa turetti Yoseef ija jabina hin argisiisne. Yohaannis Yoseef “Yihudoota waan sodaateef dhoksaatti barataa Yesuus [akka] ture” dubbateera. (Yoh. 19:38) Yoseef ergaa Mootummichaatiif fedhii akka qabu kan argisiise taʼus, Yesuusitti akka amanu warra kaan jalaa dhokseera. Kana kan godhe iddoo olaanaa hawaasicha keessatti qabu akka hin dhabne waan sodaateef akka ture hin shakkisiisu. Taʼus, Kitaabni Qulqulluun Yesuus erga duʼee booda Yoseef “ija jabinaan Philaaxos duratti dhihaatee reeffi Yesuus akka isaaf kennamu [gaafachuu]” isaa dubbata. (Mar. 15:42, 43) Yoseef barataa Yesuus taʼuu isaa sana booda dhoksuuf hin yaalle. Atoo akkuma Yoseef nama sodaattee beektaa? w23.01 30 key. 13-14
Dilbata, Guraandhala 25
Namoonni kee gammadoo dha; tajaajiltoonni kee warri yeroo hunda si dura dhaabbatanii ogummaa kee dhaggeeffatanis gammadoo dha!! —1 Mot. 10:8.
Mootuun Sheebaa waaʼee nagaa fi badhaadhina Israaʼelonni bulchiinsa Solomoon jala jiran qaban dhageessee turte. Ishiinis haala jiru ilaaluuf jecha biyya fagoodhaa gara Yerusaalem dhufte. (1 Mot. 10:1) Mootummaa Solomoon akka gaariitti erga ilaaltee booda yaada armaan olitti ibsame dubbatetti. Haa taʼu malee, wanti Yihowaan bulchiinsa Ilma isaa Yesuus jalatti ilmaan namootaatiif godhu wanta bulchiinsa Solomoon jalatti turerra baayʼee kan caaludha. Yesuus karaa hundumaatiin Solomoonirra baayʼee caala. Solomoon nama mudaa qabu waan taʼeef, murtii kennuu wajjin haala wal qabateen cubbuuwwan ciccimoo yeroo booda saba Waaqayyoorratti rakkina fidan raawwateera. Faallaa kanaatiin Yesuus bulchaa mudaa hin qabne waan taʼeef dogoggora tokkollee hin raawwatu. (Luq. 1:32; Ibr. 4:14, 15) Kiristoos matumaa cubbuu akka hin raawwanne ykn wanta namoota amanamoo isa jalatti bulan miidhu akkamiiyyuu akka hin raawwanne argisiiseera. Kiristoos Mootii keenya taʼuun isaa nuuf ulfina guddaadha. w22.12 11 key. 9-10
Wiixata, Guraandhala 26
Warra gidduu keessanitti dura buutota taʼaniif ajajamaa, akkasumas bitamaa; isaan . . . dhimmanii isin eegu.—Ibr. 13:17.
Naannoo keenyatti dhukkubni daddarbaan yoo kaʼe maal gochuu qabna? Irra deddeebinee harka keenya dhiqachuu, fageenya keenya eeggachuu, maaskii godhachuu fi warra kaanirraa adda of baasuu dabalatee qajeelfama mootummaan nuuf kennuuf ajajamuu qabna. Akkas yoo goone jireenya Waaqayyo nuuf kenneef dinqisiifannaa akka qabnu argisiisna. Yeroo balaan uumamutti michoota keenya, olloota keenyaa fi miidiyaarraa odeeffannoo dogoggoraa dhagaʼuu dandeenya. “Wanta dubbatamu hundumaa” amanuu mannaa, odeeffannoo amansiisaa mootummaanii fi dhaabbileen fayyaa kennan hordofuun keenya gaariidha. (Fak. 14:15) Qaamni Olaanaanii fi waajjiroonni damee walgaʼiiwwan gumii fi hojii lallabaa ilaalchisee qajeelfama kennuu isaanii dura odeeffannoo sirrii taʼe argachuuf carraaqqii godhu. Qajeelfama kana hojiirra oolchuudhaan ofii keenyas taʼe warra kaan balaarraa eeguu dandeenya. Namoonni naannoo sanaa Dhugaa Baatota Yihowaatiif ilaalcha gaarii akka qabaatanis gumaacha goona.—1 Phe. 2:12. w23.02 23 key. 11-12
Kibxata, Guraandhala 27
[Dhagaʼaa; Waaqa keessan] Yihowaa sodaachuus [baradhaa].—Kes. 31:13.
Israaʼelonni Biyyattii Abdachiifamte yeroo galanitti bakka garaa garaa buufatan. Israaʼelonni naannoo tokko jiraatan waaʼee nageenya Israaʼelota naannoo kan biraa jiraatanii salphaatti yaaduu dhiisuu dandaʼu turan. Taʼus, Yihowaan yeroo garaa garaatti Israaʼelonni Dubbiin isaa yeroo dubbifamuu fi yeroo ibsamu dhaggeeffachuuf akka walitti qabaman qophii godheera. (Kes. 31:10-12; Nah. 8:2, 8, 18) Namni Israaʼel amanamaa taʼe tokko gara Yerusaalem dhufee namoonni miliyoonaan lakkaaʼaman kutaa biyyattii garaa garaatii dhufanii yeroo argu miirri akkamii akka isatti dhagaʼamu mee yaadi. Akka kanaan Yihowaan sabni isaa tokkummaa akka qabaatan gargaareera. Yeroo booda gumiin Kiristiyaanaa yeroo hundeeffametti gumichi dhiirotaa fi dubartoota afaan, akkaataa guddinaa fi sadarkaa jireenyaa garaa garaa qaban kan of keessatti qabate taʼe. Taʼus, tokkummaadhaan Waaqa dhugaa waaqeffachuu dandaʼaniiru. Namoonni amantoota taʼan Dubbii Waaqayyoo hubachuu kan dandaʼan obboloota isaaniirraa gargaarsa yoo argatanii fi isaanii wajjin yoo walitti qabaman qofa ture.—HoE. 2:42; 8:30, 31. w23.02 3 key. 7
Roobii, Guraandhala 28
Kennaan Waaqayyo kennu . . . jireenya bara baraa ti.—Rom. 6:23.
Yihowaan namoonni isaaf ajajaman “jireenya bara baraa” akka argatan waadaa galeera. (Rom. 6:23) Waadaa Yihowaan nuuf galerratti yeroo xiinxallu jaalalli isaaf qabnu ni guddata. Mee yaadi: Abbaan keenya inni jaalala qabeessa taʼe baayʼee waan nu jaallatuuf, matumaa isarraa gargar hin baanu. Abdiin jireenya bara baraa Waaqayyo nuuf kenne qorumsawwan yeroo ammaatti nu mudatan dandamachuuf nu gargaara. Diinonni keenya akka nu ajjeesan yoo nu doorsisanillee, matumaa Yihowaa tajaajiluu hin dhaabnu. Maaliif? Sababiin inni tokko isaaf amanamoo taanee yoo duune Yihowaan duʼaa akka nu kaasuu fi abdii jireenya bara baraa akka qabaannu waan beeknuufi. (Yoh. 5:28, 29; 1 Qor. 15:55-58; Ibr. 2:15) Yihowaan madda jireenyaa waan taʼeef, akkasumas bara baraaf waan jiraatuuf, bara baraaf akka jiraannu gochuu akka dandaʼu beekna. (Far. 36:9) Kitaabni Qulqulluun Yihowaan jalqaba akka hin qabnee fi bara baraaf akka jiraatu argisiisa.—Far. 90:2; 102:12, 24, 27. w22.12 2 key. 1-3
Kamisa, Guraandhala 29
Jaalala Kiristoos irraa eenyutu gargar nu baasa? Rakkina moo, dhiphina moo, ariʼatama . . . dha?—Rom. 8:35.
Saba Yihowaa waan taaneef qorumsi nurra gaʼuun isaa nu hin ajaaʼibsiisu. Akkuma Kitaabni Qulqulluun jedhu “Mootummaa Waaqayyootti galuuf rakkina hedduu keessa darbuu” akka qabnu beekna. (HoE. 14:22) Rakkoowwan keenya tokko tokko hamma addunyaa haaraa Waaqayyo fidutti gallutti guutummaatti akka hin balleeffamnes beekna; yeroo sanatti ‘duuti hin jiraatu; gaddis taʼe iyyi yookiin dhiphinni hin jiraatu.’ (Mul. 21:4) Yihowaan qorumsi akka nurra hin geenye hin godhu. Qorumsa nurra gaʼu akka dandamannu garuu nu gargaara. Phaawulos ergamaan Kiristiyaanota Roomaa keessa jiraataniin maal akka jedhe hubadhu. Qorumsawwan obboloota isaa mudatan hedduu erga tarreessee booda, “Karaa isa nu jaallate sanaa wantoota kana hunda keessatti guutummaatti injifannoo arganna” jedheera. (Rom. 8:36-37) Kana jechuun Yihowaan qorumsa keessa utuma jirtuullee milkaaʼina akka argattu si gargaaruu dandaʼa jechuudha. w23.01 14 key. 1-2