Amajjii
Wiixata, Amajjii 1
Ximotewos isa karaa Gooftaa ilma koo jaallatamaa fi amanamaa taʼe gara keessanitti [nan erga].—1 Qor. 4:17.
Yihowaan Ximotewositti kan fayyadame maaliifi? Amaloota Kiristiyaanaa waan qabuufi. (Filp. 2:19-22) Wanta Phaawulos ergamaan waaʼee isaa dubbate irraa akka hubannutti Ximotewos nama gad of qabu, amanamaa fi nama jabaatee hojjetu dha. Akkasumas nama obboloota isaatiif garaadhaa yaadu dha. Phaawulos kan isa jaallatee fi ramaddiiwwan ulfaatoo taʼan isaaf kennuu irraa duubatti kan hin jenne kanaafi. Haaluma wal fakkaatuun, amaloota Yihowaan jaallatu kan horannu yoo taʼe, Yihowaan baayʼee nu jaallata, gumiin keenyas caalaatti nutti fayyadama. (Far. 25:9; 138:6) Kanaafuu, eenyummaa kee irratti gama kamiin fooyyaʼiinsa gochuun akka si barbaachisu beekuuf akka si gargaaru Yihowaa kadhadhu, akkasumas irratti yaadi. Amala irratti xiyyeeffachuu barbaaddu tokko filadhu. Obboloota keetiif caalaatti garaa laafuu ni dandeessaa? Caalaatti naga qabeessa taʼuu fi warra kaaniif dhiifama gochuun si barbaachisaa? Tarii michuun kee amantu tokko karaawwan fooyyaʼiinsa gochuu itti dandeessu akka sitti himu gaafachuu dandeessa.—Fak. 27:6. w22.04 23 key. 4-5
Kibxata, Amajjii 2
Namni hundi hojii ofii isaa haa qoru.—Gal. 6:4.
Yihowaan gammachuu akka qabaannu barbaada. Kana hubachuuf kan nu gargaaru gammachuun kutaa firii hafuura Waaqayyoo taʼuu isaati. (Gal. 5:22) Fudhachuu irra kennuun caalaatti waan nama gammachiisuuf, tajaajila keenya irratti hirmaannaa guutuu yeroo goonu, akkasumas karaa garaa garaatiin obboloota keenya yeroo gargaarru baayʼee gammanna. (HoE. 20:35) Akkuma caqasa guyyaa harʼaa irratti ibsame Phaawulos ergamaan wantoota gammachuu keenya eeggachuuf nu gargaaran lama caqaseera. Tokkoffaa, galmi keenya wanta qabnu keessaa isa hundarra caalu Yihowaadhaaf kennuu taʼuu qaba. Akkas hamma goonetti gammaduu qabna. (Mat. 22:36-38) Lammaffaa, warra kaanii wajjin wal bira of qabuu irraa fagaachuu qabna. Haalli fayyaa keenyaa, leenjiin arganne ykn dandeettiin qabnu maal iyyuu yoo taʼe, wanta raawwachuu dandeenyeef Yihowaa galateeffachuu qabna. Karaa kan biraatiin immoo, obboloonni kaan gosa tajaajilaa tokko tokko irratti nu caalaa buʼa qabeeyyii yoo taʼan, dandeettii isaanii Yihowaa jajachuuf itti fayyadamaa waan jiraniif gammaduu qabna. w22.04 10 key. 1-2
Roobii, Amajjii 3
Fayyinni keessan [dhihaateera]. —Luq. 21:28.
Karaa addunyaa dinqisiisuun akkuma tasaa Baabilon Guddittiin ni baddi. (Mul. 18:8-10) Badiisni Baabilon Guddittii guutummaa addunyaarratti dhiibbaa guddaa geessisa. Namoonni rakkinaaf saaxilamuu dandaʼu. Nuti garuu gammaduuf yoo xinnaate sababiiwwan lama ni qabaanna. Tokkoffaa, amantaan sobaa yeroo dheeraadhaaf diina Yihowaa ture sana booda hin jiraatu, lammaffaa yeroon sirna hamaa kanarraa itti oollu dhihaateera. Daaniʼel ‘beekumsi dhugaan akka baayʼatu’ dubbateera. Yeroo harʼaatti raajiin kun raawwatamaa jira. Yeroo ammaatti raajiiwwan waaʼee bara keenyaa dubbataman hubachuu dandeenyeerra. (Dan. 12:4, 9, 10) Raajiiwwan kun tokko tokkoon raawwatamaa waan jiraniif, Yihowaa fi Dubbii isaa isa hafuura qulqulluudhaan barreeffameef caalaatti dinqisiifannaa akka qabaannu godhaniiru. (Isa. 46:10; 55:11) Kanaafuu, Kitaaba Qulqulluu akka gaariitti qoʼachuudhaan, akkasumas namoonni kaan Yihowaa wajjin walitti dhufeenya cimaa akka qabaatan gargaaruudhaan amantii kee cimsachuu kee itti fufi. Yihowaan namoota guutummaatti isatti amanaman ni eega, ‘nagaa wal irraa hin cinnes’ isaaniif ni kenna.—Isa. 26:3. w22.07 6-7 key. 16-17
Kamisa, Amajjii 4
Gara bakka Afaan Ibrootaatiin Armaagedoon jedhamutti walitti isaan qaban.—Mul. 16:16.
Kitaabni Mulʼataa Mootummaan Waaqayyoo inni samii akka hundeeffamee fi Seexanni samiirraa akka gad darbatame dubbata. (Mul. 12:1-9) Seexanni gad darbatamuun isaa warra samiirra jiraniif boqonnaa kan argamsiise taʼus, nurratti garuu rakkina fideera. Akkas kan jennu maaliifi? Sababiin isaas, Seexanni waan aareef namoota lafarratti amanamummaadhaan Yihowaa tajaajilanirratti haleellaa baneera. (Mul. 12:12, 15, 17) Seexanni haleellaa kan nurratti bane taʼus amanamummaadhaan Yihowaa tajaajiluu keenya itti fufuu kan dandeenyu akkamitti? (Mul. 13:10) Wanti nu gargaaru inni tokko wantoota gara fuulduraatti raawwataman beekuu keenyadha. Fakkeenyaaf, Yohaannis ergamaan kitaaba Mulʼataa keessatti eebbawwan dhiheenyatti argannu tokko tokko ibseera. Eebbawwan kana keessaa tokko diinonni Waaqayyoo balleeffamuu isaaniiti. Kitaabni Mulʼataa lakkoofsa jalqabaarratti wanti kitaabicha keessatti galmeeffame “mallattoowwaniin” akka ibsame dubbata.—Mul. 1:1. w22.05 8 key. 1-3
Jimaata, Amajjii 5
Yaa Goog, yommuun karaa kee isaan duratti of qulqulleessutti saboonni akka na beekaniif guyyoota dhumaatti ani biyya koo irratti sin fida.—His. 38:16.
Ejjennoo cimaa tajaajiltoonni Yihowaa qaban dheekkamsa mormitoota Yihowaa kakaasa. Kanaan kan kaʼes, saboonni waltaʼiinsa uuman saba Waaqayyoo guutummaa lafaa irratti argaman irratti haleellaa banu. Kitaabni Qulqulluun haleellaa kana haleellaa Goog isa biyya Maagoog jedhee waama. (His. 38:14, 15) Yeroo kanatti Yihowaan maal godha? “Aariin koo inni guddaan ni bobaʼa” jedheera. (His. 38:18, 21-23) Mulʼanni boqonnaan 19 wanta itti aansuudhaan taʼu dubbata. Yihowaan saba isaatiif eegumsa gochuu fi diinota isaa balleessuuf Ilma isaa erga. “Raayyaawwan samii,” jechuunis maleekonni amanamoonii fi warri kutaa 144,000 taʼan Yesuus wajjin taʼuudhaan Goog isa biyya Maagoog irratti waraana banu. (Mul. 17:14; 19:11-15) Waraanni kun buʼaa akkamii argamsiisa? Namoonnii fi jaarmiyaaleen Yihowaa morman hundi haxaaʼamanii akka balleeffaman godha!—Mul. 19:19-21. w22.05 17 key. 9-10
Sanbadduraa, Amajjii 6
Sii fi dubartittii gidduu . . . diinummaan akka jiraatu nan godha.—Uma. 3:15.
Addaamii fi Hewaan cubbuu hojjetanii utuma baayʼee hin turin, Yihowaan raajii dinqisiisaa tokko dubbachuudhaan sanyii isaaniitiif abdii kenneera. Wanti inni dubbate Uumama 3:15 irratti galmeeffameera: “Sii fi dubartittii gidduutti, sanyii kee fi sanyii ishii gidduuttis diinummaan akka jiraatu nan godha. Inni mataa kee ni buruqsa, ati immoo koomee isaa ni madeessita.” Raajiin kun kutaa Kitaaba Qulqulluu isa jalqabaa keessatti argama. Haa taʼu malee, kitaabonni Kitaaba Qulqulluu kan biroonis raajii kana wajjin karaa taʼe tokkoon wal qabatu. Akkuma qolli duubaa kitaaba tokkoo fuulawwan kitaabichaa hundumaa walitti qabu, jechoonni Uumama 3:15 irratti argamanis ergaa kitaabota Kitaaba Qulqulluu hundumaa walitti qabanii ibsu. Ergaan kunis Waaqayyo Fayyisaa, Seexanaa fi duuka buutota isaa hundumaa balleessu tokko akka ergu kan ibsudha. Kun warra Yihowaa jaallataniif eebba guddaadha. Kitaaba Qulqulluu qoʼachuun keenya, raajiiwwan kunneen akkamitti akka raawwatamanii fi nutis kana irraa fayyadamuu kan dandeenyu akkamitti akka taʼe hubachuuf nu gargaara. w22.07 14 key. 1-3
Dilbata, Amajjii 7
Yihowaan ogummaa ni kenna.—Fak. 2:6.
Yihowaan ogummaa ijoolleen keessan isaaf jaalala akka horatan gargaaruuf isin barbaachisu akka isiniif kennu kadhadhaa. (Yaq. 1:5) Hundumaa caalaa gorsa gaarii isiniif kennuu kan dandaʼu isadha. Sababii akkas itti jennu hedduu qabna. Mee isaan keessaa lama haa ilaallu. Tokkoffaa, Yihowaan Abbaa taʼuudhaan hundumaa caalaa muuxannoo qaba. (Far. 36:9) Lammaffaa, gorsi inni kennu yeroo hundumaa faayidaa argamsiisa. (Isa. 48:17) Yihowaan karaa Dubbii isaa fi karaa jaarmiyaa isaa nyaata hafuuraa Kitaaba Qulqulluu irratti hundaaʼee fi ijoolleen keessan akka isa jaallatan ittiin gargaaruu dandeessan hedduu qopheesseera. (Mat. 24:45) Fakkeenyaaf, mata duree walitti aansee baʼuu fi “Gargaarsa Maatiidhaaf Taʼu” jedhu irraa gorsa gaarii argachuu dandeessu. Mata dureen kun waggoota hedduudhaaf barruu Dammaqaa! irratti baʼaa tureera; ammammoo weebsaayitii keenya irratti baʼa. Kana malees, viidiyoowwan jw.org irratti baʼan hedduun warri ijoollee isaanii yeroo guddisan gorsa Yihowaa hojiirra oolchuu kan dandaʼan akkamitti akka taʼe hubachuuf isaan gargaaru.—Fak. 2:4, 5. w22.05 27 key. 4-5
Wiixata, Amajjii 8
Yaa Yaah, ati dogoggora hordofta utuu taʼee, . . . eenyutu dhaabbachuu dandaʼa ture?—Far. 130:3.
Yihowaan Waaqa dhiifamni isaa guddaa taʼedha. Tokkoffaa, yeroo hundumaa dhiifama gochuuf qophaaʼaadha. Lammaffaa, akka gaariitti nu beeka. Waaʼee keenya waan hundumaa waan beekuuf garaadhaa yaada geddarachuu fi dhiisuu keenya ni hubata. Sadaffaa, Yihowaan yeroo dhiifama nuuf godhu guutummaatti waan nuu dhiisuuf, akka waan cubbuu sana hin raawwannetti nu ilaala. Kunimmoo qalbii qulqulluu akka qabaannuu fi isa biratti fudhatama akka argannu godha. Mudaa waan qabnuuf cubbuu hojjechuun keenya hin oolu. Haa taʼu malee, yaanni kitaaba Iinsaayitii, Jildii 2ffaa, fuula 771 irratti argamu kun nu jajjabeessa: “Yihowaan araara qabeessa waan taʼeef, tajaajiltoonni isaa dadhaboo akka taʼan ni hubata; kanaafuu, mudaa kan qabanii fi cubbuu kan raawwatan taʼuu isaaniitti yeroo hunda gadduun isaan hin barbaachisu. (Fr 103:8-14; 130:3) Yeroo hunda daandii Waaqayyoorra deemuuf carraaqqii kan godhan yoo taʼe gammadoo taʼuu ni dandaʼu. (Flp 4:4-6; 1Yo 3:19-22).” w22.06 7 key. 18-19
Kibxata, Amajjii 9
Maqaa kootiif jettaniis moototaa fi bulchitoota duratti ni dhiheeffamtu. —Luq. 21:12.
Meeshaan waraanaa Seexanni itti fayyadamu mormii mootummaa sodaachuu qofa miti. Namoonni tokko tokko, ‘Dhugaa Baatuu Yihowaa yoon taʼe maatii kootti maaltu dhagaʼama?ʼ jedhanii sodaatu; miidhaa qaamaa isaanirra gaʼu caalaa waaʼee kanaatu isaan sodaachisa. Firoota isaanii baayʼee waan jaallataniif, waaʼee Yihowaa akka beekanii fi akka isa jaallatan barbaadu. Firoonni isaanii waaʼee Waaqa isaanii fi waaʼee tajaajiltoota isaa tuffiidhaan yeroo dubbatan dhagaʼuun baayʼee isaan gaddisiisa. Haa taʼu malee, firoonni jalqaba mormaa turan tokko tokko yeroo booda gara dhugaa dhufaniiru. Maarree, miseensonni maatii keenya amantaa keenya isa haaraadhaan kan kaʼe, walitti dhufeenya nu wajjin qaban yoo addaan kutan maal gochuu qabna? Yaanni Faarfannaa 27:10 irratti argamu baayʼee nu jajjabeessa. Yihowaan hammam akka nu jaallatu yoo yaadanne mormii nurra gaʼuun kan kaʼe hin yaaddofnu. Jabaannee dhaabbachuu keenyaafis akka nu kiisu amanannaa qabna. Yihowaan eenyuyyuu caalaa wanta karaa qaamaa, karaa miiraa fi karaa hafuuraa nu barbaachisu nuuf guuta. w22.06 17 key. 11-13
Roobii, Amajjii 10
Kiristoos faana isaa dhiheenyatti akka hordoftan fakkeenya isiniif taʼuudhaan isiniif jedhee dhiphateera.—1 Phe. 2:21.
Yesuus yeroo tajaajilaa turetti machooftuu, albaadhessa, bakka buʼaa Diyaabilos, Sanbata kan cabsuu fi Waaqa kan arrabsu jedhamee sobaan himatameera. (Mat. 11:19; 26:65; Luq. 11:15; Yoh. 9:16) Taʼus, Yesuus dheekkamuudhaan haaloo hin baane. Nutis akkuma Yesuus namoonni karaa gaarummaa hin qabneen yeroo nutti dubbatanitti illee matumaa haaloo baʼuu hin qabnu. (1 Phe. 2:22, 23) Taʼus yeroo akkasiitti of toʼachuun salphaa miti. (Yaq. 3:2) Maarree, maaltu nu gargaara? Tajaajila irratti namni haasofsiistu wanta gaarii hin taane yoo sitti dubbate wanta inni dubbate irratti xiyyeeffachuu dhiisuuf yaali. Obboleessi Saam jedhamu, “Namnin haasofsiisu dhugaa dhagaʼuun akka isa barbaachisuu fi jijjiiramuu akka dandaʼu yaaduufan yaala” jedheera. Yeroo tokko tokko namni haasofsiisnu sun kan aaru yeroo gaarii hin taanetti waan dhaqneef qofa taʼuu dandaʼa. Namni dheekkamu yeroo nu mudatu Yihowaan akka tasgabboofnuu fi wanta gaarummaa ykn kabaja hin argisiisne dubbachuu irraa akka nu eegu kadhannaa gabaabaa dhiheessuu dandeenya. w22.04 6 key. 8-9
Kamisa, Amajjii 11
Waaqayyotti dhihaadhaa.—Yaq. 4:8.
Karaa guddaan ijoolleen keessan Yihowaatti akka dhihaatan gargaaruu itti dandeessan tokko Kitaaba Qulqulluu isaan qoʼachiisuudha. (2 Xim. 3:14-17) Taʼus, Kitaabni Qulqulluun karaa ijoolleen waaʼee Yihowaa barachuu itti dandaʼan kan biraas ni dubbata. Kitaaba Fakkeenyaa keessatti abbaan tokko amaloota Yihowaa warra uumamarratti mulʼatan akka hin daganne ilma isaa akka yaadachiise ibsameera. (Fak. 3:19-21) Warri, manaa alatti ijoollee keessan wajjin yeroo dabarsuun akka isin gammachiisu beekamaadha. Yeroo akkasii ‘wantoonni uumamanii’ fi amaloonni Yihowaa walitti dhufeenya akkamii akka qaban akka hubatan isaan gargaaruuf itti fayyadamaa. (Rom. 1:20) Yesuus barsiisuuf uumamatti kan fayyadame akkamitti akka taʼe hubadhaa. Yeroo tokko barattoonni isaa arraagessotaa fi abaaboowwan akka ilaalan affeereera. (Luq. 12:24, 27-30) Waaʼee arjummaa fi gaarummaa Abbaa isaanii isa samii barumsa barbaachisaa taʼe tokko isaan barsiiseera: Yihowaan akkuma arraagessotaa fi abaaboowwan dirreetiif godhu tajaajiltoota isaa warra amanamoo taʼan ni soora, akkasumas isaanitti ni uwwisa. w23.03 20-21 key. 1-4
Jimaata, Amajjii 12
Abbaan karaa Ilmaa ulfina akka argatuuf, wanta isin maqaa kootiin kadhattan kam iyyuu ani isiniif nan raawwadha.—Yoh. 14:13.
Karaa Ilma isaa gara isaatti kadhannaa dhiheessuu dandaʼuu keenyaaf Yihowaa ni galateeffanna. Yihowaan kadhannaa keenyaaf deebii kennuuf Yesuusitti fayyadama. Yihowaan kadhannaa maqaa Yesuusiin dhiheessinu ni dhagaʼa, akkasumas deebii ni kenna, akkasumas aarsaa furii Yesuusirratti hundaaʼee dhiifama nuuf godha. (Rom. 5:1) Kitaabni Qulqulluun Yesuus ‘luba ol aanaa keenya isa samii keessatti mirga teessoo isa Ulfina Qabeessa sanaa taaʼe’ akka taʼe ibsa. (Ibr. 8:1) Yesuus ‘gargaaraa Abbaa biraa qabnu dha.’ (1 Yoh. 2:1) Yihowaan Luba Ol Aanaa dadhabina keenyatti nuuf gadduu fi “nuuf kadhatu” nuu kennuu isaatti baayʼee galateeffanna. (Rom. 8:34; Ibr. 4:15) Aarsaa Yesuus malee kadhannaadhaan gara Yihowaatti dhihaachuu hin dandeenyu. Kennaa guddaa Yihowaan nuu kenneef, jechuunis Ilma isaa isa jaallatamaadhaaf galateeffannaa qabnu jechaan ibsuu hin dandeenyu yoo jedhame akka irratti walii galtu beekamaadha. w22.07 23 key. 10-12
Sanbadduraa, Amajjii 13
Namni amanamaan . . . iccitii eega. —Fak. 11:13.
Namni amanamaan waadaa gale eeguu fi dhugaa dubbachuuf carraaqqii godha. (Far. 15:4) Warri kaanis isa amanu. Obboloonni keenyas waaʼee keenya akkas akka isaanitti dhagaʼamu barbaanna. Warri kaan akka nu amanan dirqisiisuu hin dandeenyu. Namoonni akka nu amananiif amanamoo taʼuu keenya argisiisuu qabna. Warri kaan akka nu amanan gochuun maallaqa argachuu wajjin wal fakkaata. Argachuun carraaqqii kan gaafatu taʼus, salphaatti dhabuu dandeenya. Yihowaan amanamaa akka taʼe argisiiseera. ‘Wanti inni godhu hundi kan amanamudha.’ (Far. 33:4) Yihowaan fakkeenya isaa akka hordofnu nurraa eega. (Efe. 5:1) Yihowaan kutaa obboloota jaalala qabeeyyii fi amanamoo taʼanii akka taanu nuuf heyyamuu isaatti baayʼee isa galateeffanna. Hundi keenyayyuu obbolootaa fi obboleettota keenyaaf amanamoo taʼuuf itti gaafatamummaa qabna. Tokkoon tokkoon keenya jaalala argisiisuudhaan, gad of qabuudhaan, hubannaa argisiisuudhaan, dhugaa dubbachuu fi of toʼachuudhaan gumii keessa wal amanuun akka jiraatu gumaacha gochuu dandeenya. Kanaafuu, fakkeenya Waaqa keenya Yihowaa hordofuudhaan amanamoo taʼuu keenya argisiisuu keenya itti haa fufnu. w22.09 8 key. 1-2; 13 key. 17
Dilbata, Amajjii 14
[Yihowaan] ni ilaala.—Far. 33:18.
Gumii keessaa obbolootaa fi obboleettota hedduu kan qabnu taʼus, darbe darbee kophummaan nutti dhagaʼama taʼa, akkasumas dhiphinaa wajjin walʼaansoo gochaa jirra taʼa. Tarii miirawwan kana kophuma keenya dandamachuu akka qabnu nutti dhagaʼamuu dandaʼa. Yihowaan akkas akka nutti dhagaʼamu matumaa hin barbaadu. Mee Eeliyaas raajicha akkamitti akka haasofsiise haa ilaallu. Yihowaan miira isaa akka ibsu isa jajjabeesseera. Siʼa lama, “Asii maal hojjetta?” jedhee isa gaafateera. (1 Mot. 19:9, 13) Yeroo lamaanuu Yihowaan, Eeliyaas miira isaa yeroo isaaf ibsu isa dhaggeeffateera. Namoonni Yihowaa waaqeffatan kan biroo hedduun akka jiranis isaaf mirkaneesseera. (1 Mot. 19:11, 12, 18) Eeliyaas miira isaa Yihowaadhaaf erga ibsee fi deebii Yihowaa erga dhagaʼee booda boqonnaa guddaan akka isatti dhagaʼame hin shakkisiisu. Yihowaan hojiiwwan barbaachisoo garaa garaa Eeliyaasiif kenneera. Hazaaʼeliin Sooriyaa irratti, Yehuu immoo Israaʼel irratti mootii godhee akka muudu, akkasumas Eelsaaʼiin raajii godhee akka muudu isatti himeera. (1 Mot. 19:15, 16) Yihowaan Eeliyaasiif hojiiwwan kana kennuudhaan wantoota gaggaariirratti akka xiyyeeffatu isa gargaareera. Kana malees, michuu isatti dhihaatu isaaf kenneera, innis Eelsaaʼi. w22.08 8 key. 3; 9 key. 5
Wiixata, Amajjii 15
Wal jajjabeessuu fi wal ijaaruu keessan itti fufaa.—1 Tas. 5:11.
Galmi walgaʼii haaraan isiniif ijaaramee ykn galmi keessan haareffamee beekaa? Taanaan, yeroo jalqaba galma sana keessatti itti walitti qabamtan akka hin irraanfanne beekamaadha. Yeroo sanatti Yihowaa baayʼee galateeffatte. Tarii baayʼee gammaduu keetiin kan kaʼe imimmaan si hudhee faarfannaa isa jalqabaa faarfachuunillee sitti ulfaatee ture taʼa. Galmawwan keenya akka gaariitti ijaaraman Yihowaadhaaf ulfina fidu. Hojii ijaarsaa kan biraarratti yeroo hirmaannummoo kana caalaa Yihowaadhaaf ulfina finna. Kun gamoo ijaaruu caalaa gatii guddaa qaba. Hojichi namoota waaqeffannaadhaaf gara iddoowwan kanaa dhufan ijaaruu kan dabalatudha. Phaawulos ergamaan yaada caqasa guyyaa harʼaa keenya irra jiru yeroo barreessetti gosa ijaarsaa kana sammuutti qabatee ture. Phaawulos ergamaan obboloota isaa ijaaruurratti fakkeenya guddaa nuuf taʼa. Isaaniif ni gadda ture. Fakkeenya isaa hordofuudhaan obboloota keenya ijaaruu dandeenya.—1 Qor. 11:1. w22.08 20 key. 1-2
Kibxata, Amajjii 16
Akka Yihowaadhaaf taʼutti [deddeebiʼaa].—Qol. 1:10.
Kiristiyaanni Waaqayyo duratti qajeelaa taʼuu barbaadu hojii daldalaa isaarratti guutummaatti amanamaa taʼuu qaba. Kana malees, namni qajeelaan haqa waan jaallatuuf, nama tokkorratti jalʼinni yeroo raawwatamu baayʼee gadda. Kanaafuu, namni dhugumaan qajeelaa taʼe tokko “guutummaatti [Yihowaa] gammachiisuuf” Yihowaan murtoo isaatiif ilaalcha akkamii akka qabu irratti yaaduu qaba. Kitaabni Qulqulluun Yihowaan Madda qajeelinaa akka taʼe ibsa. “Iddoo boqonnaa isa qajeelaa” jedhamee kan waamame kanaafi. (Er. 50:7) Yihowaan Uumaa waan taʼeef, wanta sirrii fi dogoggora taʼe ilaalchisee ulaagaa sirrii baasuu kan dandaʼu isa qofadha. Inni wanti sirrii fi dogoggora taʼe maal akka taʼe sirriitti beeka. (Fak. 14:12; Isa. 55:8, 9) Haa taʼu malee, kan uumamne bifa Waaqayyootiin waan taʼeef ulaagaalee qajeelinaa isaatiin jiraachuu ni dandeenya. (Uma. 1:27) Akkas gochuun nu gammachiisa. Jaalalli Abbaa keenyaaf qabnu hamma nuuf dandaʼame isa fakkaachuuf nu kakaasa.—Efe. 5:1. w22.08 27 key. 5-6
Roobii, Amajjii 17
Fedhiin Yihowaa maal akka taʼe hubachuu keessan itti fufaa.—Efe. 5:17.
Sababa taʼe tokkoon yeroo dhiphannu ykn abdii kutannu, dhiphina keenyarraa boqonnaa argachuuf wanta tokko gochuun akka nu barbaachisu nutti dhagaʼama taʼa. Kun waanuma jirudha; taʼus wanta Yihowaan jibbu akka hin raawwanne of eeggachuu qabna. (Efe. 5:10-12, 15, 16) Phaawulos ergamaan xalayaa warra Filiphisiyusiif ergerratti Kiristiyaanonni wanta ‘qajeelaa, qulqulluu, jaallatamaa fi gaarii’ taʼe yaaduu isaanii akka itti fufan jajjabeesseera. (Filp. 4:8) Phaawulos asirratti waaʼee bashannanaa adda baasee kan hin dubbanne taʼus, wanti inni barreesse kun wanta yeroo ittiin dabarsuuf filannurratti dhiibbaa gochuu qaba. Kana gochuuf yaali: Yeroo jecha caqasicha keessatti “wanta” jedhu argitu hundatti jecha “sirba,” “fiilmii,” “asoosama” ykn “geemii” jedhuun bakka buusii dubbisi. Kana gochuun kee wanta Waaqayyo biratti fudhatama qabuu fi fudhatama hin qabne adda baafachuuf si gargaara. Akkaataan jireenyaa keenya ulaagaa qajeelinaa Yihowaa warra olaanoo wajjin akka wal simu barbaanna.—Far. 119:1-3. w22.10 9 key. 11-12
Kamisa, Amajjii 18
Inni wanta nama keessa jiru [beeka]. —Yoh. 2:25.
‘Jalʼoota’ keessaa tokko tokko duʼuu isaanii dura gocha suukanneessaa raawwachaa turan. Kanaafuu, ulaagaalee qajeelinaa Yihowaatiin akkamitti jiraachuu akka qaban barachuu qabu. Mootummaan Waaqayyoo kana galmaan gaʼuuf sagantaa barumsaa seenaa ilmaan namootaa keessatti raawwatamee hin beekne geggeessa. Jalʼoota kan barsiisu eenyufaʼi? Tuuta uummataa guddaa fi qajeeloota duʼaa kaafamanidha. Jalʼoonni maqaan isaanii kitaaba jireenyaa keessatti akka barreeffamuuf Yihowaa wajjin michummaa uumuu fi isaaf of murteessuun isaan barbaachisa. Yesuus Kiristoosii fi dibamtoonni, warri jalʼoota jedhaman wanta barataniif deebii akkamii akka kennan samii keessaa xiyyeeffannaadhaan hordofu. (Mul. 20:4) Namni gargaarsa isaaf godhamuuf deebii gaarii hin kennine kamiyyuu umuriin isaa waggaa 100 yoo taʼe illee ni balleeffama. (Isa. 65:20) Yihowaa fi Yesuus garaa namaa dubbisuu waan dandaʼaniif, addunyaa haaraa keessatti eenyuyyuu rakkina akka uumu isaaf hin heyyaman.—Isa. 11:9; 60:18; 65:25. w22.09 17 key. 11-12
Jimaata, Amajjii 19
Namni hundi abbootii taayitaa iddoo ol aanaa qabaniif haa bitamu.—Rom. 13:1.
Caqasa kanarratti yaanni “abbootii taayitaa iddoo ol aanaa qaban” jedhu bulchitoota warra kaanirratti aangoo qaban argisiisa. Kiristiyaanonni bulchitoota kanaaf ajajamuu qabu. Bulchitoonni kun hawaasa keessatti nagaan akka jiraatu, akkasumas seerri akka eegamu godhu; yeroo tokko tokkommoo Dhugaa Baatota Yihowaatiifillee eegumsa godhu. (Mul. 12:16) Kanaafuu, gibira, qaraxa, sodaa fi kabaja nurraa barbaadan akka isaaniif kenninu ajajamneerra. (Rom. 13:7) Haa taʼu malee, bulchitoonni kun aangoo qabaachuu kan dandaʼan Yihowaan waan isaaniif heyyameef qofadha. Wanti Yesuus bulchaan Roomaa Phonxos Philaaxos yeroo isa qorachaa turetti dubbate kana ifa nuuf godha. Philaaxos isa oolchuufis taʼe akka ajjeefamu dabarsee isa kennuuf aangoo akka qabu yeroo dubbatetti Yesuus, “Waaqayyo biraa utuu siif hin kennamne taʼee, ana irratti aangoo tokko illee hin qabaattu turte” isaan jedheera. (Yoh. 19:11) Akkuma Philaaxos bulchitoonni ilmaan namootaa yeroo harʼaatti argaman hundis aangoon qaban daangeffamaadha. w22.10 14 key. 6
Sanbadduraa, Amajjii 20
Namoonni hamoon hin jiraatan. —Far. 37:10.
Daawit Mootichi yeroo mootiin ogeessaa fi amanamaa taʼe bulchutti jireenyi maal akka fakkaatu hafuura qulqulluudhaan geggeeffamee barreesseera. (Far. 37:10, 11, 29) Yeroo baayʼee waaʼee Jannata gara fuulduraatti dhufuu namoota kaan wajjin yeroo mariʼannu Faarfannaa 37:11 isaaniif dubbisna. Yesuus lallaba isaa isa gaaraarratti yaada kana caqasuudhaan gara fuulduraatti akka raawwatamu waan ibseef akkas gochuun keenya sirriidha. (Mat. 5:5) Taʼus, wanti Daawit dubbate kun bara Solomoon Mootichaatti jireenyi maal akka fakkaatus ni argisiisa. Yeroo Solomoon Israaʼeliin bulchaa turetti sabichi nagaa hedduu qaba ture. Akkasumas biyya “aannanii fi damma maddisiistu” keessatti badhaadhinaan jiraatu turan. Waaqayyo akkana jedhee ture: “Akka dambiiwwan kootti deddeebiʼuu . . . keessan yoo itti fuftan, . . . biyya keessan keessatti nagaa nan buusa; namni tokko illee utuu isin hin sodaachisin ciistu.” (Lew. 20:24; 26:3, 6) Waadaan Yihowaan gale kun yeroo Solomoon bulchaa turetti raawwii isaa argateera. (1 Sen. 22:9; 29:26-28) Yaanni Faarfannaa 37:10, 11, 29 irratti argamu bara duriitti raawwii isaa argateera, gara fuulduraattis ni raawwatama. w22.12 10 key. 8
Dilbata, Amajjii 21
Warri cimsanii [ogummaa qabatan] gammadoo jedhamu.—Fak. 3:18.
Kiristiyaanoota dhugaa waan taaneef, qajeelfama hordofuu qabna. Kitaabni Qulqulluun gorsa gaarii akkana jedhu nuuf kenna: “Qajeelfama ogummaa irratti hundaaʼeen waraana kee ni geggeessita, gorsitoota hedduudhaanis milkaaʼinni ni argama.” (Fak. 24:6, milj.) Mee yaada kana hojiirra oolchuun keenya hojii lallabuu fi barsiisuurratti milkaaʼina akka qabaannu kan nu gargaaru akkamitti akka taʼe haa ilaallu. Karaa mataa keenyaan tajaajila keenya raawwachuuf yaaluu mannaa, yaadawwan nuuf kennaman hojiirra oolchuuf yaalla. Walgaʼii keenyarraa qajeelfamoota ogummaarratti hundaaʼan ni arganna. Obboloonni muuxannoo qabanis haasaa Kitaaba Qulqulluurratti hundaaʼee fi kutaa nu leenjisu nuuf dhiiheessu. Dabalataanis, jaarmiyaan Yihowaa meeshaalee nu fayyadan, jechuunis barreeffamootaa fi viidiyoowwan namoonni Kitaaba Qulqulluu akka hubatan gargaaran nuuf qopheessa. Gorsa gaarii Kitaaba Qulqulluurraa argannuuf Yihowaa baayʼee galateeffanna. Gorsa Yihowaa malee jiraachuu ykn gammachuu qabaachuu hin dandeenyu. Gorsa Yihowaan nuuf kenne jireenya keenya hundumaa keessatti hojiirra oolchuuf haa murteessinu.—Fak. 3:13-17. w22.10 23 key. 18-19
Wiixata, Amajjii 22
Dubbiin kee laagaa koo keessatti akkam miʼaawa! Afaan koo keessattis damma caalaa miʼaawa!—Far. 119:103.
Yeroo nyaata nyaannuu fi qaamni keenya nyaata sana bulleessee itti fayyadamu akkuma fayya buleeyyii taanu, yeroo Dubbii Waaqayyoo qoʼannuu fi irratti xiinxallus karaa hafuuraa fayya buleeyyii taana. Yihowaan Dubbii isaa akka gaariitti akka hubannu barbaada. Kana gochuuf kan nu gargaaru kadhachuu, dubbisuu fi xiinxaluudha. Jalqaba, yaada Waaqayyoo fudhachuuf akka nu gargaaruuf garaa keenya qopheeffachuuf kadhanna. Achiis, kutaa Kitaaba Qulqulluu tokko dubbisuu jalqabna. Itti aansuudhaanimmoo, takka dhaabbannee wanta dubbisnerratti xiinxalla, akkasumas gadi fageenyaan yaanna. Kun faayidaa akkamii nuuf argamsiisa? Caalaatti xiinxaluun keenya garaan keenya Dubbii Waaqayyoo caalaatti akka hubatu taasisa; kunimmoo amantii keenya nuuf cimsa. Kitaaba Qulqulluu dubbisuu fi irratti xiinxaluun barbaachisaa kan taʼe maaliifi? Akkas gochuun keenya yeroo ammaatti ergaa Mootummichaa lallabuuf, akkasumas ergaa murtii cimaa tarii dhiheenyatti lallabnuuf jabina nu barbaachisu nuuf argamsiisa. Amaloota Yihowaa warra nama hawwatanirratti yeroo xiinxallus hariiroon isa wajjin qabnu caalaatti cimaa deema. w22.11 6-7 key. 16-17
Kibxata, Amajjii 23
Jaalala yoo waliif qabaattan, namoonni hundi akka isin barattoota koo taatan kanaan ni beeku.—Yoh. 13:35.
Yesuus duuka buutonni isaa jaalala ofittummaarraa walaba taʼe akka walitti argisiisan barattoota isaa qofa utuu hin taʼin namoonni gumii Kiristiyaanaatii ala jiranis akka hubatan dubbateera. Jaalalli gumii Kiristiyaanaa keessa jiru dhugumayyuu addadha. Dhugaadha, Dhugaa Baatonni Yihowaa namoota mudaa hin qabne miti. (1 Yoh. 1:8) Warra gumii keessa jiranitti yeroo dhihaannu dadhabina isaanii tokko tokko arguun keenya hin oolu. (Rom. 3:23) Kan nama gaddisiisu, namoonni tokko tokko dadhabinni warra kaanii akka isaan gufachiisu heyyamaniiru. Yesuus ergamoota isaatti jaalala kan argisiise akkamitti? Yeroo harʼaatti fakkeenya Yesuus hordofuun kan dandaʼamuhoo akkamitti?’ Nutis deebii gaaffilee kanaarratti xiinxaluun keenya gaariidha. Akkas gochuun keenya keessumaa yeroo warri kaan dogoggora raawwatanitti caalaatti jaalala argisiisuuf nu gargaara.—Efe. 5:2. w23.03 26-27 key. 2-4
Roobii, Amajjii 24
Nama amanamaa taʼeef amanamaa ni taata.—Far. 18:25.
Dhumni sirna kanaa caalaatti dhihaachaa yeroo deemu, gumii keessatti haalawwan rakkisoon garaa garaa akka nu mudatan eegna. Rakkoowwan kun amanamummaa Yihowaadhaaf qabnu qoruu dandaʼu. Kanaafuu, dandeettii hubannaa keenya eeggachuu qabna. Obboleessi tokko wanta si miidhu akka godhe yoo sitti dhagaʼame gaddaan hin liqimfamin. Adabni yoo siif kenname, qaanii sitti dhagaʼamurratti xiyyeeffachuu mannaa, gorsa siif kenname fudhachuudhaan sirreeffama barbaachisu godhi. Jaarmiyaan Yihowaa jijjiirama si tuqu yeroo godhutti, jijjiirama kana garaa guutuudhaan deggeri, qajeelfama kennamuufis ajajami. Amanamummaan kee yeroo qoramu amantii Yihowaa fi jaarmiyaa isaarratti qabdu eeggadhu. Tasgabbaaʼi, sirriitti yaadi, akkasumas dhimmoota garaa garaatiif ilaalcha Yihowaan qabu qabaadhu. Yihowaan akka si gargaaru kadhadhu. Matumaa gumiirraa of hin fageessin. Akkas kan gootu taanaan, haalli akkamiiyyuu yoo uumame, Seexanni Yihowaa fi jaarmiyaa isaarraa gargar si baasuu hin dandaʼu.—Yaq. 4:7. w22.11 24-25 key. 14-16
Kamisa, Amajjii 25
Guutummaa waldaa obbolootaatiif jaalala qabaadhaa.—1 Phe. 2:17.
Jaarsolii kan taatan, obboloonni keessan balaan gaʼuu isaa dura akka qophaaʼan gargaaraa. Obboloonni gumii keessa jiran hundi nageenya isaanii eeguu fi jaarsolii wajjin wal qunnamuuf tarkaanfii fudhachuu qaban beekuu isaanii mirkaneeffadhaa. Isin dhuunfaatti maal gochuu dandeessu? Naannoo sitti dhihoo taʼetti balaan yoo gaʼe, gargaarsa gochuu kan dandeessu akkamitti akka taʼe jaarsolii gaafadhu. Obboloonni qeʼee isaaniitii buqqaʼan ykn obboloonni fedhiidhaan hojii ijaarsaarratti hirmaatan yeroodhaaf mana kee akka buufatan gargaaruu dandeessa taʼa. Kana malees, babalʼistoota gargaarsi isaan barbaachisuuf nyaataa fi wantoota kan biroo geessuu ni dandeessa taʼa. Balaan kan gaʼe naannoo sirraa fagaatutti yoo taʼeyyuu gargaarsa gochuu ni dandeessa. Akkamitti? Obboloota balaan irra gaʼeef kadhachuu dandeessa. (2 Qor. 1:8-11) Hojii addunyaa maraatiif buusii gochuudhaan hojii gargaarsaa maallaqaan deggeruus ni dandeessa. (2 Qor. 8:2-5) Naannoo balaan gaʼe dhaqxee gargaaruu kan dandeessu yoo taʼe, kana gochuu kan dandeessu akkamitti akka taʼe akka sitti himan jaarsolii gaafadhu. Gargaarsa akka gootu yoo affeeramtemmoo, iddoo fi yeroo gargaarsi kee caalaatti barbaachisutti gargaarsa gochuu akka dandeessuuf leenjiin siif kennamuu dandaʼa. w22.12 24 key. 8; 25 key. 11-12
Jimaata, Amajjii 26
Qorumsi isa namoota kaan irra gaʼu irraa adda taʼe isin irra hin geenye.—1 Qor. 10:13.
Hiikkaa kan biraan yaada caqasa guyyaa kana, “Qorumsi ilmaan namootaatiif baramaa hin taane isinirra hin geenye” jedhee hiikeera. Yaanni kun kan barreeffame Kiristiyaanota Qorontos keessa jiraniifi. Isaan keessaa tokko tokko ejjitoota, warra nama gadhoomsanii fi machooftota turan. (1 Qor. 6:9-11) Erga cuuphamanii booda hoo fedhii sirrii hin taane hin qabaatan jettee yaaddaa? Kun taʼuu hin dandaʼu. Hundi isaanii Kiristiyaanota dibamoo taʼanis, namoota mudaa qaban turan. Isaanis darbee darbee fedhii sirrii hin taane wajjin walʼaansoo gochaa akka turan hin shakkisiisu. Kanarraa jajjabina guddaa arganna. Akkas kan jennu maaliifi? Fedhii dogoggoraa ati wajjin walʼaansoo gochaa jirtu kamiyyuu namni dandamachuu dandaʼe akka jiru waan argisiisuufi. Dhugumayyuu, ‘addunyaa maratti guutummaan waldaa obboloota keetii rakkina akkasii keessa akka jiran beekuudhaan amantiitti cimtee’ itti fufuu ni dandeessa.—1 Phe. 5:9. w23.01 12 key. 15
Sanbadduraa, Amajjii 27
Addunyaa keessatti rakkinni isin irra gaʼa, garuu jabaadhaa! Ani addunyaa moʼeera.—Yoh. 16:33.
Yesuus, Yihowaan duuka buutota isaa akka eegu kadhateera. (Yoh. 17:11) Kun ija jabina qabaachuuf nu gargaara kan jennu maaliifi? Yihowaan diina keenya kamiyyuu caalaa humna waan qabuufi. (1 Yoh. 4:4) Wanti ija isaa duraa dhokatu tokkollee hin jiru. Yihowaatti yoo amanamne sodaa keenya injifachuu fi ija jabina qabaachuu akka dandeenyu beekna. Yeroo tokko tokko Dhugaa Baatuu Yihowaa akka taate dubbachuun si qaanessaa? Wanti namoonni waaʼee kee yaadan waan si yaaddessuuf babalʼisaa taʼuu ykn cuuphamuurraa duubatti jettaa? Miirri akkasii wanta sirrii raawwachuu akka si dhoowwu hin heyyamin. Yihowaatti kadhannaa garaadhaa madde dhiheessi. Ija jabina fedhii isaa raawwachuuf si barbaachisu akka siif kennu kadhadhu. Yihowaan kadhannaa keetiif deebii kennaa kan jiru akkamitti akka taʼe yeroo argitu caalaatti cimta, akkasumas ija jabeessa taata.—Isa. 41:10, 13. w23.01 29 key. 12; 30 key. 14
Dilbata, Amajjii 28
Hin dubbisnee?—Mat. 12:3.
Yesuus ilaalcha dogoggoraa Fariisonni Kitaabota Qulqulluudhaaf qaban saaxiluuf, “Hin dubbisnee?” jedhee isaan gaafateera. (Mat. 12:1-7) Yeroo sanatti Fariisonni barattoonni Yesuus seera Sanbataa akka cabsan dubbachaa turan. Yesuusis fakkeenyota Kitaaba Qulqulluu lamaa fi caqasa kitaaba Hosee keessatti argamu tokko caqasuudhaan Fariisonni seerri Sanbataa kan kenname maaliif akka taʼe akka hin hubannee fi kanaan kan kaʼes gara laafina utuu hin argisiisin akka hafan dubbateera. Namoonni kun wanti Dubbii Waaqayyoorraa dubbisan jireenya isaaniirratti jijjiirama kan hin fidne maaliifi? Sababiin isaas, kan dubbisan warra kaan ittiin qeequuf, akkasumas of tuulummaadhaan kakaʼaniiti. Ilaalchi isaanii kun wanta dubbisan akka hin hubanne gufuu isaanitti taʼeera. (Mat. 23:23; Yoh. 5:39, 40) Maatewos 19:4-6s ilaali; Yesuus achirratti Fariisota, “Hin dubbisnee?” jedhee gaafateera. Fariisonni sun seenaa waaʼee uumamaa ibsu kan dubbisan taʼus, barumsa seenaan kun ilaalcha Waaqayyo gaaʼelaaf qabu ilaalchisee barsiisu garuu dagataniiru. Wanta Yesuus dubbate kanarraa yeroo Kitaaba Qulqulluu dubbisnu ilaalcha sirrii qabaachuun akka nu barbaachisu baranna. Fariisotarraa haala adda taʼeen gad of qabuudhaan barachuuf fedhii qabaachuu qabna. w23.02 12 key. 12-13
Wiixata, Amajjii 29
Dandeettiin yaaduu si eega.—Fak. 2:11.
Yihowaan saba Israaʼeliif Seera balaa mana keessattis taʼe iddoo hojiitti gaʼurraa isaan eegu isaaniif kenneera. (Bau. 21:28, 29; Kes. 22:8) Namni tokko utuu hin beekin nama kan biraa yoo ajjeese miidhaa guddaan isarra gaʼuu dandaʼa. (Kes. 19:4, 5) Seerichi namni utuu itti yaadin daaʼima hin dhalanne miidhellee akka adabamu ajaja. (Bau. 21:22, 23) Kitaabni Qulqulluun ifatti akka dubbatutti Yihowaan balaan akka hin uumamne of eeggannoo akka goonu barbaada. Mana keessattis taʼe bakka hojiitti balaan akka hin uumamne of eeggachuudhaan jireenya isa kennaa Waaqayyoo taʼeef dinqisiifannaa akka qabnu argisiisna. Wantoota qara qaban, keemikaalota summaaʼoo ykn qoricha yeroo gannu miidhaa akka hin geessisne of eegganna; akkasumas wantoota akkasii iddoo daaʼimman bira hin geenye keenya. Ibidda yeroo qabsiisnu, bishaan yeroo danfisnu, akkasumas maashinootatti yeroo fayyadamnu of eeggannoo goona; wantoota kana utuma fayyadamnuu dhiisnee deemuu hin qabnu. Qoricha fudhanneen, dhugaatii alkoolii dhugneen ykn hanqina hirribaatiin kan kaʼe dandeettiin hubannaa keenyaa dadhabeera taanaan konkolaataa oofuurraa of qusanna ykn yeroo konkolaataa oofnutti bilbila keenya tuttuquurraa ni fagaanna. w23.02 21-22 key. 7-9
Kibxata, Amajjii 30
Barsiisaa kee Isa Guddicha ni argita. —Isa. 30:20.
Yihowaan barsiisaa obsa qabeessa, gaarii fi miira namaa hubatudha. Amala gaarii barattoonni isaa qabanirratti xiyyeeffata. (Far. 130:3) Wanta humna keenyaa ol taʼe matumaa nurraa hin eegu. Sammuu kee isa dinqisiisaa taʼes kan uume isa akka taʼe yaadadhu. (Far. 139:14) Uumaan keenya bara baraaf barachuu keenya akka itti fufnuu fi akka itti gammannu barbaada. Kanaafuu, ammuma dhugaa Kitaaba Qulqulluutiif ‘dharraa’ qabaachuun keenya gaariidha. (1 Phe. 2:2) Galmawwan irra gaʼuu dandeessu baafadhu, akkasumas sagantaa Kitaaba Qulqulluu dubbisuu fi qoʼachuuf baafatte sirriitti hordofi. (Iya. 1:8) Gargaarsa Yihowaatiin waaʼee isaa dubbisuu fi barachuun caalaatti akka si gammachiisu gochuu dandeessa. Haa taʼu malee, beekumsi qofti gaʼaa miti. Beekumsi kan si barbaachisu waaʼee Yihowaa caalaatti barachuuf, akkasumas jaalala isaaf qabaachuu fi amantii isarratti qabaachuu dabalatee amaloota gaggaarii horachuufi. (1 Qor. 8:1-3) Barachuu kee yeroo itti fuftu Yihowaan amantii kee akka siif guddisu kadhadhu. (Luq. 17:5) Inni kadhannaa akkasiitiif arjummaadhaan deebii kenna. w23.03 10 key. 11, 13
Roobii, Amajjii 31
Yeroo keessan akka gaariitti itti [fayyadamaa].—Qol. 4:5.
Barattoonni Yesuus dhuma sirna kanaa yeroo eeggachaa turanitti hojii hin hiikne. Yesuus hojii hojjetan isaaniif kenneera. Misiraachicha “Yerusaalemitti, guutummaa Yihudaa fi Samaariyaatti, akkasumas hanga andaara lafaatti” akka lallaban isaan ajajeera. (HoE. 1:6-8) Hojiin duuka buutota Yesuusiif kenname kun hojii guddaadha. Namootaaf lallabuuf wanta isaaniif dandaʼame hunda gochuudhaan yeroo isaaniitti akka gaariitti fayyadamu. Nutis of eeggachuuf yeroo keenyatti akkamitti akka fayyadamnu irratti yaaduu qabna. “Wanti hin eegamne” hunda keenyayyuu mudachuu dandaʼa. (Lal. 9:11) Fakkeenyaaf, akka tasaa lubbuu keenya dhabuu dandeenya. Fedhii Yihowaa raawwachuudhaan, akkasumas michummaa isa wajjin qabnu cimsachuudhaan yeroo keenyatti akka gaariitti fayyadamuu dandeenya. (Yoh. 14:21) Gorsa, “Jabaadhaa dhaabbadhaa, hin sochoʼinaa, yeroo hunda hojiin Gooftaa kan isiniif baayʼate taʼaa” jedhu hojiirra oolchuu qabna. (1 Qor. 15:58) Akkas yoo goone yeroo duʼuuf akka jennu beeknuttis taʼe dhumni sirna kanaa dhufutti wanti nu gaabbisiisu hin jiraatu.—Mat. 24:13; Rom. 14:8. w23.02 18-19 key. 12-14