Akkaataa Buukleetii Kanatti Itti Fayyadamtu
Fuulawwan itti aanan irratti, caqasa tokkoon tokkoon guyyaatiif ramadamee fi yaada caqasicha irratti hundaaʼe argatta. Caqasoota kanaa fi ibsa isaanii saʼaatii kamittiyyuu dubbisuun kan dandaʼamu taʼus, obboloonni hedduun ganama dubbisuun faayidaa akka qabu hubataniiru. Yoo akkas godhan guyyaa guutuu yaadicha irratti xiinxaluu dandaʼu. Maatiidhaan taʼanii caqasicha irratti mariʼachuun baayʼee gaariidha. Maatiiwwan Beetel addunyaa maratti argaman saʼaatii cireetti caqasa guyyaa irratti mariʼatu.
Yaadawwan buukleetii kana irratti argaman Masaraa Eegumsaa (w) Ebla 2022 hanga Bitootessa 2023rraa fudhataman. Lakkoofsi maxxansa Masaraa Eegumsichaatti aanee argamu inni jalqabaa fuula barruu sanaa, inni itti aanummoo keeyyata yaadichi irraa fudhatame argisiisa. (Fakkeenya armaan gadii ilaali.) Dabalataan dubbisuu yoo barbaadde, mata duree yaanni sun irraa fudhatame ilaaluu dandeessa.