LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • w08 10/1 ful. 5-6
  • Yeroo Rakkisaa Keessa Jiraanna

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Yeroo Rakkisaa Keessa Jiraanna
  • Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2008
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Mallattoon “Guyyoota” ykn “Bara Dhumaa” Maalidha?
    Deebii Gaaffii Kitaaba Qulqulluu
  • Kan Jiraannu “Guyyoota Gara Dhumaa” Keessadhaa?
    Macaafni Qulqulluun Maal Barsiisa?
  • Dhumni Addunyaa Dhihaateeraa?
    Kitaabni Qulqulluun Maal Nu Barsiisa?
  • Hiikni Wantoota Kana Hundaa Maalii?
    Dammaqinaan Eegaa!
Dabalataan Ilaaluuf
Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2008
w08 10/1 ful. 5-6

Yeroo Rakkisaa Keessa Jiraanna

MACAAFNI QULQULLUUN “yeroo sodaachisaan” akka dhufu raajii dubbateera. Yeroo kanas “guyyoota gara dhumaa” jechuudhaan ibsa. (2 Ximotewos 3:1-5; 2 Phexros 3:3-7) Yesus Kiristos, gaaffii duuka buutonnisaa “dhuma barichaa” ilaalchisee isa gaafataniif deebii kennerratti, waa’ee yeroo kanaa dubbateera. (Maatewos 24:3) Guyyoota dhumaa keessa jirraa? Wanta Macaafni Qulqulluun raajiidhaan dubbatu, gabaasawwan dhiheenyatti ba’aniifi armaan gaditti argamanii wajjin wal bira qabuudhaan atumti deebii kenni.

Macaafni Qulqulluun addunyaa maratti waraanni akka ta’u raajiidhaan dubbateera—Luqaas 21:10; Mul’ata 6:4.

Gabaasawwan dhiheenyatti ba’an maal ibsu? “Lakkoofsi namoota jaarraa 20⁠ffaatti waraanaa wajjin haala wal qabateen du’anii, lakkoofsa namoota dhaloota Kiristos booda waraana waggaa 1,900f godhameen du’aniirra harka sadiin caala.”—Worlidwooch Inistiitiyut.

Macaafni Qulqulluun hanqinni nyaataafi dhukkubni akka jiraatu raajii dubbateera—Luqaas 21:11; Mul’ata 6:5-8.

Gabaasawwan dhiheenyatti ba’an maal ibsu? Bara 2004⁠tti tilmaamaan namoonni miliyoona 863 ta’an nyaata ga’aa hin argatan; lakkoofsi kunimmoo lakkoofsa namoota bara 2003⁠tti rakkina kanaan hubamanirra miliyoona 7 kan caaludha.—Dhaabbata Nyaataafi Qonnaa Mootummoota Gamtoomanii.

Namoonni gara biliyoona tokkoo ta’an manneetii dullooman keessa jiraatu; namoonni gara biliyoona 2.6 ta’an mana booliifi bakka kosii itti gatan hin qaban; namoonni gara biliyoona 1.1 ta’animmoo bishaan dhugaatii qulqulluu hin qaban.—Worlidwooch Inistiitiyut.

Namoonni miliyoona 500 ta’an busaadhaan qabamaniiru; namoonni miliyoona 40 ta’an HIV-AIDSiidhaan qabamaniiru; bara 2005⁠tti dhukkubni sombaa namoota miliyoona 1.6 ajjeeseera.—Dhaabbata Fayyaa Addunyaa.

Macaafni Qulqulluun namoonni lafa akka mancaasan raajiidhaan dubbateera—Mul’ata 11:18.

Gabaasawwan dhiheenyatti ba’an maal ibsu? “Ilmaan namootaa uumamarratti balaa waan geessisaniif, sanyiin bineensotaafi biqiltuuwwan hedduu lafarraa baduu ga’aniiru.” “Wantoota jireenyaaf barbaachisaa ta’aniifi uumamaan argannu harka sadii keessaa harki lama manca’aa jira.—Miliiniyam Iikoosiistam Asseesmant.

“Gaaziiwwan namoonni uumaniifi qilleensi naannoo akka ho’u godhan, qilleensa naannoo lafaatti argamu kan faalan yommuu ta’u, lafa kanas balaadhaaf saaxilaniiru.—NASA, Godaard Inistiitiyut foor Ispees Istadiis.

Macaafni Qulqulluun misiraachoon Mootummaa Waaqayyoo addunyaa maratti akka lallabamu raajiidhaan dubbateera—Maatewos 24:14; Mul’ata 14:6, 7.

Gabaasawwan dhiheenyatti ba’an maal ibsu? Bara 2007⁠tti Dhugaa Baatonni Yihowaa 6,957,854 ta’an, biyyoottan 236 keessatti misiraachoo waa’ee Mootummaa Waaqayyoo ibsu lallabuudhaan, sa’aatii biliyoona 1.4 dabarsaniiru.—Kitaaba Waggaa Dhugaa Baatota Yihowaa 2008. (Ingiliffa)

Akkuma olitti ibsame, oduu gadheen baay’ee ta’uyyuu, sababii yeroo gara fuulduraa abdiidhaan itti eeggannu akka qabnu Macaafni Qulqulluun raajiidhaan dubbateera. Yesus waa’ee “misiraachoo” Mootummaa Waaqayyoo dubbateera. Mootummaan Waaqayyoo maalidha? Mootummichi, abdii ilmaan namootaa gara fuulduraatti wanta gaarii argachuuf qabanii wajjin walitti dhufeenya akkamii qaba? Mootummaan Waaqayyoo faayidaa maalii siif argamiisa?

[Yaada gabaabaatti fudhatameefi fuula 5rra jiru]

Macaafni Qulqulluun, haalawwan yeroo ammaa biyya lafaarratti raawwatamaa jiran dursee dubbateera

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi