LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • kp ful. 6-8
  • Hiikni Wantoota Kana Hundaa Maalii?

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Hiikni Wantoota Kana Hundaa Maalii?
  • Dammaqinaan Eegaa!
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Kan Jiraannu “Guyyoota Gara Dhumaa” Keessadhaa?
    Macaafni Qulqulluun Maal Barsiisa?
  • Addunyaan kun Yoom Balleeffama? Yesuus Maal Jedhe?
    The Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Sabaa)—2021
  • Mallattoon “Guyyoota” ykn “Bara Dhumaa” Maalidha?
    Deebii Gaaffii Kitaaba Qulqulluu
  • “Guyyoota Gara Dhumaa” Keessa Akka Jirru Akkamitti Beekuu Dandeenya?
    Dhugumaan Waaqayyo Waa’ee Keenya Ni Yaadaa?
Dabalataan Ilaaluuf
Dammaqinaan Eegaa!
kp ful. 6-8

Hiikni Wantoota Kana Hundaa Maalii?

YESUS KRISTTOS: ‘Dhumni barichaa’ waraana, beela, dhukkubaafi sochii lafaatiin akka adda baafamee beekamu dubbateera.​—Maatewos 24:​1-8; Luqaas 21:​10, 11.

Bara 1914 eegalee, waraana sabootaafi, gosawwan garaagaraa gidduutti godhameen, yeroo baay’ee luboonni siyaasa keessa harkasaanii galchuusaaniitiin kan ka’e, akkasumas yeroo dhihoodhaa asitti balaa shororkeessitoonni geessisaniin, lubbuun namoota hedduu galaafatameera.

Gama callaa guddisuutiin guddinni yoo argamellee, namoonni addunyaa maratti argamaniifi miiliyoonaan lakkaa’aman, hanqina midhaan nyaataatiin garmalee rakkachaa jiru. Waggaa waggaadhaan, namoonni miiliyoonaan lakkaa’aman hanqina midhaan nyaataatiin du’aa jiru.

Dhukkubni hamaan namaa namatti darbus, mallatto Yesus guyyoota dhumaa ilaalchisee dubbate keessaa isa tokkodha. Waraana Addunyaa 1⁠ffaatti aansee dhukkubni influweenzaa lubbuu namoota 21,000,000 ol ta’anii galaafateera. Dhukkuboonni duraan bakka murtaa’e qofaatti uumaman, biyyoottan bishaaniin marfamaniifi fagoo jiran dabalatee, saboota addunyaa maratti argamanirra miidhaa geessisaniiru. Yeroo har’aatti EEDSIIN, namoota hedduu addunyaa maratti argamanirratti balaa geessisaa kan jiru yeroo ta’u; Daranyoon Sombaa, Busaan, dhukkubni ija namaa jaamsuufi dhukkubni Chaagaas jedhamu, biyyoota guddachaa jiran keessatti namoota hedduu fixaa jiru.

Waggaa waggaadhaan, sochiin lafaa gurguddaan kumaatama kudhaniin lakkaa’amu akka uumamu gabaafameera. Meeshaan sochiin lafaa ittiin safaramuufi malli kun ittiin gabaafamu jiraatullee, bakka namoonni heddumminaan argamanitti balaan sochii lafaatiin ga’u, oduu yeroo hundaa ta’eera.

Macaafni Qulqulluunis akkas jechuudhaan raajeesseera: “Guyyoota gara dhumaatti yeroon sodaachisaan akka dhufu hubadhu! Namoonni warra ofittoo, sassatoota, of-jajoo, afuufamoo, arrabsituuwwan, warra abboota isaanii fi haadhota isaaniif hin abboomamne, galata hin qabnee, warra wanta qulqullaa’aadhaan morman in ta’u. Warra jaalala of keessaa hin qabne, warra araara hin jaallanne, warra maqaa namaa balleessan, warra of hin qabne, warra namatti hin madaqne, warra waan gaarii jibban, warra dabarsanii nama kennan, warra eeggannaa hin qabne, warra of arguu dhabuudhaan of bokoksan, Waaqayyoon jaallachuu caalaa, warra waan isaan gammachiisu jaallatan ta’uuf jiru. Akka bakkeedhaan mul’atutti nama Waaqayyoo in fakkaatu, humna isa nama akkasii keessa jiru garuu in ganu; warra akkasii irraa fagaadhu!”​—2Ximotewos 3:​1-5.

Atoo “yeroo sodaachisaa” keessa akka jiraannu sitti dhaga’amuu?

Namoonni garmalee ofittoo, warra horii jaallataniifi kan boonan ta’uusaanii hubatteettaa?

Biyyi lafaa kun, namoota faayidaa dhuunfaatiif fiiganiin, kan hin galateeffanne, warra araara hin jaallanneefi hin amanamneen kan guutamte ta’uushee namni haaluu jiraa?

Warraaf abboomamuu dhiisuuniifi gara jabinni nama suukanneessu bakka murtaa’an qofaatti utuu hin ta’in, addunyaa maratti dabaluunsaa sitti dhaga’amaa?

Addunyaa bashannana jaallatuufi wanta gaarii ta’e jibbuu keessa jiraachuu keenya akka hubatte hin shakkisiisu. Macaafni Qulqulluun amala namootaa “guyyoota gara dhumaatti” ifatti mul’atan akkasitti ibsa.

Yeroo keessa jirru addaan baafnee hubachuuf ragaawwan garabiraa argachuun nu barbaachisaa? Kana malees, yeroo kanatti wangeelli Mootummaa Waaqayyoo guutummaa biyya lafaatti akka lallabamu Yesus raajiidhaan dubbateera. (Maatewos 24:​14) Kun raawwatameeraa?

Barreeffama Macaafa Qulqulluurratti hundaa’eefi misraachoo Mootummaa Yihowaa beeksisuuf kan tajaajilu Masaraan Eegumsaa, barruulee kamiyyuu caalaa afaan hedduudhaan utuu walirraa hin citin maxxanfama.

Waggaa waggaadhaan, Dhugaa Baatonni Yihowaa waa’ee Mootummaa Waaqayyoo namootaaf lallabuudhaan sa’atii biiliyoona 1 caalu dabarsu.

Namoota biyyoota fagoo jiraniifi saba xiqqoo qaban dabalatee, barreeffamawwan waa’ee Macaafa Qulqulluu ibsan afaan 400 ta’uun, utuu walirraa hin citin Dhugaa Baatota Yihowaatiin maxxansamu. Dhugaa Baatonni Yihowaa misraachoo kana saboota hundaatiin ga’aniiru; akkasumas, biyyoota bishaaniin marfamaniifi naannoowwan xinnoo haala siyaasaatiin kan ka’e iddoon hin kennamneefittis lallabaniiru. Biyyoota baay’eettimmoo, hojii Macaafa Qulqulluu barsiisuu utuu walirraa hin kutin raawwataniiru.

Misraachoon Mootummaa kun guutummaa biyya lafaatti kan lallabamaa jiru, addunyaa kana jijjiiruuf utuu hin ta’in, saba hundumaatti akka dhugaa ba’amuufi. Namoonni bakka fedhe jiran isa bantii waaqaafi lafa uumeef akka dhaabatanfi hin dhaabanne, seerawwansaatiif akka ajajamaniifi hin ajajamne, akkasumas, namootaaf jaalala akka argisiisaniifi hin argisiisne akka filatan carraan banameeraaf.​—Luqaas 10:​25-​27; Mul’ata 4:​11.

Mootummaan Waaqayyoo, yeroo dhihootti hammeenya guutummaatti balleessuudhaan lafa kana ni qulqulleessa; akkasumas, guutummaa biyya lafaa jannata godha.​—Luqaas 23:​43.

[Saanduqa fuula 7rra jiru]

Guyyoota Dhumaa Maaliiti?

Guyyoota dhumaa ilmaan namootaa miti. Macaafni Qulqulluun, namoota jaalala Waaqayyoo raawwataniif abdii jireenya bara baraa kenna.​—Yohannis 3:​16, 36; 1Yohannis 2:​17.

Guyyaan dhumaa badiisa biyya lafaa miti. Sagaleen Waaqayyoo, lafattin kun akka barabaraan jiraattu waadaa galeera.​—Faarfannaa 37:​29; 104:​5; Isaayaas 45:​18.

Kanaa mannaa, badiisni kun sirna wantootaa isa hamaa, jaalala hin qabneefi namoota sirnichatti cichan kan balleessudha.​—Fakkeenya 2:​21, 22.

[Saanduqa/Fakkii fuula 7rra jiru]

Macaafni Qulqulluun Dhugumaan Sagalee Waaqayyootii?

Raajonni Macaafa Qulqulluu irra deddeebi’anii: “Waaqayyo akkana jedha” jechuudhaan barreessaniiru. (1 Mootota 12:​24; 1 Seenaa 17:​4) Ilma Waaqayyoo kan ta’e Yesus Kristosillee, ‘yaada ofiisaatii akka hin dubbanne’ jabeessee ibseera. (Yohannis 14:​10) Macaafni Qulqulluunis: “Caaffanni qulqullaa’aan hundinuu geggeessaa hafuura Waaqayyootiin caafame” jedha.​—2Ximotewos 3:​16.

Akka gabaasa Waldaan Tokkummaa Macaafa Qulqulluu dhiheessetti, Macaafni Qulqulluun afaan​—2,200 ol ta’uun hiikameera. Akka macaafa kanaa afaan hedduudhaan kan hiikame kitaabni gara biraan hin jiru. Baay’ina biiliyoonaafurii oliin waan maxxanfameef, yeroo ammaa akka kitaaba kanaatti baay’inaan kan tamsa’e hin jiru. Ergaan Waaqayyo ilmaan namaa hundaaf erge, akkas ta’uu qaba jettee hin eegduu?

Macaafni Qulqulluun geggeessaa hafuura Waaqayyootiin barreeffamuusaatiif ragaa guutuu argachuuf, kitaaba Dhugaa Baatota Yihowaatiin maxxanfame, Macaafni Qulqulluun Sagalee Waaqayyootimoo kan Namaati? jedhamu ilaali.

Macaafni Qulqulluun Sagalee Waaqayyoo akka ta’e fudhachuudhaan kan dubbistu yoo ta’e, baay’ee fayyadamta.

[Saanduqa/Fakkii fuula 8rra jiru]

Mootummaan Waaqayyoo Maalidha?

Bulchiinsa addaa samiirratti argamudha; akkasumas bittaa Waaqa dhugaa, Uumaa lafaafi samii kan ta’e Yihowaan dhaabedha.​—Ermiyaas 10:​10, 12.

Macaafni Qulqulluun, Waaqayyo, bulchiinsa akkasii kanarratti aangoo kan kenne Yesus Kristosiif ta’uusaa ibsa. (Mul’ata 11:​15) Yesus yommuu lafarra turetti, qilleensaafi bishaan abboomuuf, dhukkuboota akaakuu hundaa fayyisuufi namoota du’anillee kaasuuf​—Waaqayyo aangoo adda ta’e akka kenneef argisiiseera. (Maatewos 9:​2-8; Maarqos 4:​37-​41; Yohannis 11:​11-44) Raajiiwwan Macaafa Qulqulluu keessatti argamanis, Waaqayyo “warri gosa garaa garaa, warri afaan garaa garaa dubbatan hundinuu akka isa waaqessaniif, [“tajaajilan” NW] gooftummaan, ulfinni, mootummaan” akka kennamuuf gochuusaa dubbatu. (Daani’el 7:​13, 14) Bulchiinsi kun Mootummaa waaqaa jedhama; Yesus Kristos amma bulchaa kan jiru samiirra ta’eeti.

[Fakkii fuula 7rra jiru]

Misraachoo addunyaa maratti lallabamu

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi