Macaafa Qulqulluu Hubachuu Kan Dandeessu Akkamitti?
3. Gargaarsa Warra Kaanii Fudhadhu
Namichi Ediwaardi Joon Eer jedhamu, deemsa dheeraafi rakkisaa lafa onaa Nalarbar Pileen keessatti yommuu godhetti, Aboorjinoonni naannichaa, akkaataa ittiin tulluu cirrachaafi muka baargamoo keessaa bishaan itti baasuun danda’amu isa barsiisan. Eer, namoota waa’ee naannichaa akka gaariitti beekanirraa gorsa fudhachuunsaa balaarraa isa oolcheera.
FAKKEENYA kanarraa, hojii rakkisaa tokko hojjetanii fiixaan baasuuf, yeroo hedduu nama waa’ee hojii sanaa muuxannoo guddaa qaburraa gargaarsa argachuun barbaachisaa akka ta’e hubanna. Haalli kun Macaafa Qulqulluu dubbisuu wajjinis wal fakkaata.
Yesus duuka buutonnisaa warra kaanirraa gargaarsa utuu hin argatin Macaafa Qulqulluu ni hubatu jedhee hin eegne. Yeroo tokko, “macaafa haa hubataniif sammuu isaanii ibseef[ii]” ture. (Luqaas 24:45) Yesus namoonni Macaafa Qulqulluu dubbisan, barumsa Caaffata Qulqullaa’oo hubachuuf gargaarsi akka isaan barbaachisu beeka ture.
Gargaarsi Eessaa Argama?
Yesus duuka buutonnisaa warri dhugaan, gargaarsa kana akka kennan isaan abboomeera. Gara samiitti ol ba’uusaa dura, “Dhaqaa, . . . saba hundumaa bartoota koo godhaa! Waanan isin abboome hundumaa eeguu isaan barsiisaa!” jechuudhaan abboommii kenneera. (Maatewos 28:19, 20) Hojiin Kiristiyaanaa inni hundarra caalu barsiisuu si’a ta’u, kunimmoo seera bu’uuraa Macaafa Qulqulluu akkamitti hojiirra oolchuun akka danda’amu warra kaaniif ibsuu dabalata. Kiristiyaanonni dhugaan, warri kaan yaada Macaafa Qulqulluu akka hubatan gargaaru.
Yesus duuka buutotasaatiif hojii kana erga kennee yeroo muraasa booda, wanti nama ajaa’ibsiisu tokko ni raawwatame. Macaafni Qulqulluun namichi Itoophiyaa abbaa taayitaa ta’e, kutaa macaafa Isaayaas tokko dubbisaa akka ture ibsa. Namichi waan dubbisaa jiru sana hubachuun isa rakkisee ture. Yaanni Macaafa Qulqulluu sun akkas jedha: “Akka ilmoon hoolaa, namni rifeensa ishee yommuu muru sagalee ishee hin dhageessifne, akkasuma innis afaan isaa hin saaqqatu. Nama gad deebi’aa waan ta’eef, dhugaan isaa hin ilaalamne; hidda dhala dhala isaas eenyutu hima ree? Jireenyi isaa lafa irraa in fuudhama.”—Hojii Ergamootaa 8:32, 33; Isaayaas 53:7, 8.
Abbaan taayitaa kun, Filiphos, Kiristiyaana muuxannoo qabuufi Caaffata Qulqullaa’oo akka gaariitti beekuun, “Raajichi waa’ee eenyuutiif kana dubbata? . . . Waa’ee ofii isaatii moo yookiis waa’ee nama biraa ti?” jedhee gaafate. (Hojii Ergamootaa 8:34) Namichi Itoophiyaa garaa qajeelaa qabu kun, waaqeffannaadhaaf gara Yerusaalem kan dhaqe si’a ta’u, gargaarsa argachuufis kadhatee ta’uu danda’a. Hawwii guddaafi gad of deebisuudhaan dubbisaa akka ture ifaadha. Ta’us abbaan taayitaa kun yaada kana hubachuu hin dandeenye. Kanaaf gad of deebisuudhaan Filiphos akka isa gargaaru gaafate. Ibsa Filiphos isaaf kennettis waan gammadeef, Kiristiyaana ta’uuf murteesse.—Hojii Ergamootaa 8:35-39.
Dhugaa Baatonni Yihowaa, hojii Filiphosiifi Kiristiyaanonni jaarraa jalqabaa raawwachaa turan hojjechaa jiru. Biyyoota 235 ol ta’an keessatti, namoonni wanta Macaafni Qulqulluun barsiisu akka hubatan fedhiidhaan gargaaraa jiru. Kanas yaada Caaffata Qulqullaa’oo mataduree matadureetti qoqqoodanii irratti mari’achuudhaan raawwatu. Malli qayyabannaa Macaafa Qulqulluu kun, mataduree ykn dhimma tokkorratti yaada Macaafni Qulqulluun kennu ibsuu dabalata.a—“Gaaffiiwwan Macaafa Qulqulluutiif Deebii Quubsaa Argachuu” jedhu ilaali.
“Gaaffiikoo Hundaaf Deebiin Argadhe”
Istiivan, Baalbaniiraafi Joo’aan warri mataduree jalqabaarratti caqasaman, Dhugaa Baatota Yihowaa wajjin Macaafa Qulqulluu qayyabachuu eegalan. Istiivan akkas jedha: “Seera bu’uuraa Caaffata Qulqullaa’oo ykn seenaawwan achi keessa jiran tokko tokko walbira qabuudhaan, yeroo baay’ee deebiisaanii achumaa argachuunkoo na dinqisiiseera. Dhugaa Baatota Yihowaa wajjin Macaafa Qulqulluu qayyabachuu jalqabuukoo dura, akkamitti dubbisuu akkan qabu namni tokkollee natti hin himne. Macaafni Qulqulluun, kitaaba deebii quubsaa namaa kennuufi yaada wal faallessu kan hin qabne ta’uusaa beekuun, boqonnaa guddaa namaaf argamsiisa.”
Baalbaniiraanis yaada kanarratti walii galti. Akkas jetteetti: “Wantin Dhugaa Baatota Yihowaarraa baradhe hundi ifaafi kan namaa galudha. Wanta tokkotti amanuu kanan qabu, manni ‘Sagadaa’ sun waan jedheef utuu hin ta’in, dhimma sanaaf ibsa sirrii ta’e waanan argadhuuf ture.” Joo’aan akkas jetteetti: “Yihowaan namoonni gaaffiiwwan rakkisaa ta’an akka qaban waan beekuuf, gaaffiiwwansaanii kanaaf deebii quubsaa akka argataniif Macaafa Qulqulluu barreessiseera. Gaaffiikoo hundaaf macaafa kanarraa deebii argachuunkoo, Yihowaadhaaf ulfina guddaa akkan qabaadhu na godheera.”
Namni Dhugaa Baatuu Yihowaa ta’e naannookee jiraa? Taanaan, qayyabannaan kun akkamitti sii godhamuu akka danda’u akka sitti argisiisu gaafachuu dandeessa. Namni Dhugaa Baatuu Yihowaa ta’e hin jiru taanaan, teessoowwan fuula 4rra jiran keessaa bakka sii mijaa’utti barreessuu dandeessa. Gargaarsa hafuura Waaqayyootiin, yaada walaba ta’e qabaachuufi gargaarsa namoonni Macaafa Qulqulluu barsiisan sii kennan fudhachuudhaan, Dubbii Waaqayyoo hubachuu dandeessa. Eeyyee, yaada Macaafa Qulqulluu hubachuu ni dandeessa!
[Miiljaleewwan]
a Kitaabni Macaafni Qulqulluun Maal Barsiisa? jedhamu, Caaffata Qulqullaa’oo mataduree addaddaarratti mariisisuuf gargaaru namoota hedduu fayyadeera.
[Saanduqa/Fakkii fuula 18rra jiru]
Gaaffiiwwan Macaafa Qulqulluutiif Deebii Quubsaa Argachuu
Matadureewwan Dhugaa Baatonni Yihowaa qayyabannaa Macaafa Qulqulluurratti mari’atan keessaa tokko tokko:
• Kaayyoon Waaqayyo lafaaf qabu maalinni?
• Warri du’an eessa jiru?
• Kan jiraannu “guyyoota gara dhumaa” keessadhaa?
• Waaqayyo rakkinni akka jiraatu maaliif heyyame?
u• Maatiinkoo gammachuu akka argatu gochuu kanan danda’u akkamitti?
[Fakkii fuula 17rra jiru]
Yaada Macaafa Qulqulluu hubachuu barbaannaan . . . hafuura Waaqayyoo argachuuf kadhadhu, yaada walaba ta’e qabaachuudhaan dubbisi, gargaarsa warra kaaniis fudhadhu