LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • w10 10/15 ful. 32
  • “Garaa Namootaa Tuquuf Na Gargaareera”

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • “Garaa Namootaa Tuquuf Na Gargaareera”
  • Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2010
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Yaada Namoonni Waaʼee Kadhannaa Dubbatan
    The Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Sabaa)—2021
  • Naannoo Tajaajilaa Afaan Biyya Alaa Guddisuu
    Tajaajila Mootummaa—2009
Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2010
w10 10/15 ful. 32

“Garaa Namootaa Tuquuf Na Gargaareera”

MAGAALAAN galaana qarqaraa Poortoo Aleegrii jedhamtuufi kaaba Biraaziilitti argamtu, yeroo muraasa dura walgaʼii biyyoolessaa dhimmoota hawaasaarratti mariʼatu tokko keessummeesitee ture. Namoonni kuma kudhaniin lakkaaʼamaniifi biyyoota 135 keessaa dhufan walgaʼii kanarratti argamanii turan. Namoonni kun yeroo boqonnaadhaaf baʼanitti, Dhugaa Baatonni gumii Poortoo Aleegrii keessa jiran namoota walgaʼii kanaaf dhufan hedduudhaaf ergaa Mootummichaa Macaafa Qulqulluurraa isaanitti himaniiru. Akkamitti walii galuu dandaʼan?

Obboleettiin qajeelchituu taateefi Eelsaabet jedhamtu, “Buukleetii Guud Niiwus foor Piippilsi oov Ool Neeshins jedhamutti fayyadamne” jechuudhaan dubbatteetti. Itti fufuudhaanis akkas jetteetti: “Namoonni walgaʼii kanaaf dhufan hedduun misraachoo Mootummichaa matumaa dhagaʼanii kan hin beekne taʼuyyuu, ergaa keenyaaf deebii gaarii kennaniiru. Namoota Booliiviyaa, Chaayinaa, Faransaay, Hindii, Israaʼeliifi Naayijeeriyaadhaa dhufan haasofsiisneerra. Namoota sana keessaa tokko tokkoof afaansaaniitiin yeroo barruulee Macaafa Qulqulluu isaaniif kenninu gammachuudhaan fudhataniiru.”

Meeksikoo keessatti qajeelchaan Raaʼuul jedhamus buukleetii kanatti fayyadamuusaatiin buʼaa gaarii argatteera. Yeroo muraasa dura, maanguddoo waggaa 80 nama biyya Arbaa taʼaniifi dhiheenya kana haadha manaasaanii duʼaan dhaban tokko haasofsiise. Maanguddoon kun ergaa Mootummichaa buukleetii sanarra jiru afaan Arabaatiin erga dubbisanii booda, gammachuu keessa baʼanii imimmaansaanii dhangalaasan. Maaliif? Abdii Waaqayyo duuni deebiʼee akka hin jiraanne Mulʼata 21:3, 4⁠rratti kenne, afaan dhalootaasaaniitiin yeroo achirraa dubbisan waan garaasaanii tuqeefidha. Yeroo kan biraattimmoo Raaʼuul, karaa al idilee taʼeen utuu lallabuu nama afaan Poortugaal dubbatu tokkoo wajjin wal arge. Namichi kunis ilmasaa isa jaallatu duʼaan kan dhabe ture. Raaʼuul ergaa buukleeticharra jiru afaan Poortugaaliin akka dubbisu godhe. Namichi erga dubbisee booda waaʼee Macaafa Qulqulluu caalaatti barachuu akka barbaaduu kan ibse taʼuusaarrayyuu, Macaafa Qulqulluu qayyabachuuf walii galeera.

Raaʼuul namoota afaan Armeeniyaa, Chaayinaa, Ingiliffaa, Faransaay, Jarman, Hindii, Kooriyaa, Miik, Faarsi, Ruusiyaafi Saappooteek dubbataniif lallabuuf buukleetii Guud Niiwus foor Piippilsi oov Ool Neeshins jedhamutti fayyadameera. Akkas jedheera: “Tajaajila koorratti buukleetii kanatti fayyadamuun hangam barbaachisaa akka taʼe hubadheera. Afaansaanii dubbachuu kanan hin dandeenye taʼus, garaa namootaa tuquuf na gargaareera.”

Namoonni biyyaa biyyatti deemaniifi biyyasaaniitii alaa jiraatan yeroodhaa gara yerootti dabalaa waan dhufaniif, namoota afaan gara biraa dubbataniif lallabuuf carraa hedduu qabna. Buukleetii Guud Niiwus foor Piippilsi oov Ool Neeshins jedhamutti fayyadamuudhaan, ergaa Mootummichaa namootaaf hiruu ni dandeenya. Atoo yeroo hundumaa buukleetii kana ni qabattaa?

[Fakkii fuula 32rra jiru]

Raaʼuul, buukleetii garaa namoota biyya alaatii dhufanii tuquuf itti fayyadamu qabatee

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi