LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • w11 1/1 ful. 26
  • Qarshiifi Qabeenya Utuu Hin Taʼin, Namoota Jaalladhu

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Qarshiifi Qabeenya Utuu Hin Taʼin, Namoota Jaalladhu
  • Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2011
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Maallaqni Hundee Wantoota Miidhaa Geessisan Hundumaa Tii?
    Deebii Gaaffii Kitaaba Qulqulluu
  • Qarshiidhaaf Ilaalcha Madaalamaa Qabaachuu
    Dammaqaa!—2015
  • Jaalala Akkamiitu Gammachuu Dhugaa Argamsiisa?
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2018
  • Qarshiitti Sirriitti Fayyadamuu
    Maatiin Keessan Gammachuu Qabaachuu Ni Dandaʼa
Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2011
w11 1/1 ful. 26

Tarkaanfii 1

Qarshiifi Qabeenya Utuu Hin Taʼin, Namoota Jaalladhu

MACAAFNI QULQULLUUN MAAL BARSIISA? “Horii jaallachuun hundee wanti hamaan hundinuu irraa latuu dha.”—1 Ximotewos 6:10.

QORUMSA AKKAMIITU JIRA? Namoonni beeksisa daldalaa hojjetan, waan qabnutti gammannee akka hin jiraanne dhiibbaa nurratti godhu. Qarshii miʼa haaraa, gaggaariifi gurguddaa taʼan bitachuuf nu gargaaru argachuuf utuu walirraa hin kutin saʼaatii dheeraadhaaf akka hojjennu barbaadu. Qarshiinis wanta nama hawwisiisu waan taʼeef, salphaadhumatti jaalalasaatiin qabamuu dandeenya. Haataʼu malee, Macaafni Qulqulluun, namni badhaadhummaa jaallatu matumaa akka hin quufne akeekkachiisa. Solomoon Mootichi, “Namni horii jaallatu horii hin quufu, namni badhaadhummaa jaallatus isa hin quufu” jechuudhaan barreesseera.—Lallaba 5:10.

MAAL GOCHUU DANDEESSA? Fakkeenya Yesus hordofi; miʼa caalaas namoota jaalladhu. Yesus jaalala namootaaf qabuun kan kaʼe, lubbuusaallee dabalatee waan qabu hundumaa kennuuf fedhii qaba ture. (Yohannis 15:13) Yesus, “Fudhachuu irra kennuutu caalaa nama gammachiisa” jedheera. (Hojii Ergamootaa 20:35) Yeroofi qabeenya keenya namoota kaaniif kan kenninu yoo taʼe isaanis akkasuma nuu godhu. Yesus, ‘Kennaa isiniifis in kennama’ jedheera. (Luqaas 6:38, hiika bara 1899) Namoonni qarshiifi qabeenya hordofan waraansaafi dhiphina ofirraan geessisu. (1 Ximotewos 6:9, 10) Karaa gara biraammoo gammachuu dhugaan, namoota jaallachuufi namoota biratti jaallatamuurraa argama.

Akkaataa jireenyaakee salphaa gochuuf of gamaaggamuu ni dandeessaa? Baayʼina miʼa qabduu ykn bitachuu barbaadduu hirʼisuu ni dandeessaa? Kana yoo goote, wantoota jireenya keessatti baayʼee barbaachisaa taʼan, jechuunis namoota gargaaruufi Waaqa isa waan hundumaa sii kenne tajaajiluuf yeroofi humna gaʼaa argatta.—Maatewos 6:24; Hojii Ergamootaa 17:28.

[Fakkii fuula 26rra jiru]

‘Kennaa isiniifis in kennama’

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi